You are on page 1of 2

walaloo

Maqaan boollaa oli! Dhalatanii guddachuun Guddatanii darbuun Jiraatanii duuun ykn Osoo hin jiraatiin darbuun Yakka harka namaan baduun Mirga jireenyaa sarbamuun Meeqatu galaafatame akka malee Dararama garmaleen Gashareewwan kan akka Eebbisaa Meeqaatam himeen, kamiin dhiisa Biqiltuuwwan egeree Oromiyaa Abdii lammii fi biyyaa Manni haa lakkaau Seenaan haa galmaau Taus kan Eebbisaa, nama rifachiisa , nama guba, nama aarsa Haa jannattu malee, Ekeraan isaa! Yaa Eebbisaa! Akkam jedheen si faarsa Kam himeen kam dhiisa Kan daabee kee moo bifa kee Sirboota kee moo seenaa qabsoo kee Kamiin himeen, kam dhiisa Martuu nama harkisaa! Osoo bilisummaa hawwituu Halkanii guyyaa faarsituu Hanga siif dandaame osoo dhamaatuu Diinni sitti dammaqxee Sitti hidhuuf eegalte, haxxee Shira baraniin mariyatanii Halkan dukkana si marsanii Guyyaa sambata barii, mana kee weeraranii Hirriba keessaa si dammaqsanii Gara jabinaan dhukaasanii Yakka tokko malee si galaafatan Budoonni sun si nyaatan! Warri dhiiga namaa xuuxuu baratan Guyyaa gaafa sanaa, kan dua kee dhagahe Magaalaa Finfinnee maratu nahe

Namuu iyyee gadoode Lammii qofa miti, alagaa maratu gadde Ati duutus seenaa keetu galmaawe Qabsoo saba keetu haarawe Dhugaa keetu mulate Diina keetu rifate Gitaarri kee ol kaate, Isheen alaabaa ABO faayamte Bakkalcha barii taatee Addunyaa maratti iftee mulatte, Qabsoo saba kee daran ifa baafte. Ati duutus, maqaan kee hin duune Seenaan kee hin awwaalamne Suuraa fi walleen kee Geerarsaa fi dhaamsi kee Bara baraan jiraatti Dhaloota haarawaa dammaqsiti Lafa hin buutu dhaamsi kee Abjuu taatee hin haftu hawwiin kee Dhangalaatee hin haftu dhiigni kee Kumaatamaan baati gumaan kee Qabsoo lammii keetiin, fiixa baati kaayyoon kee Alaabaa bilisummaatu dhaabbata, awwaalcha keerra Ifee mulata Oromiyaa mararra Maqaan kee barumaan yaadanna, Akka ujubaa, itti irreeffanna Dhaamsa kees, dhaloota egeree dhaalchifna Kanaaf nu gargaara Waaqni Abbaa Uumaa Uumaan ilmaan namaa Gurraachi garaa garbaa Tokkich maqaa dhibbaa Isuma abdiin keenya Bilisummaa taati galmi keenya. Yaadannoo Eebbisaa Addunyaaf Hundasaa Waaqwayyaa irraa

You might also like