You are on page 1of 4

YAA WAAq Share Wed at 1:20am YAA WAAQ Hunduma ni uumte Dhiiraaf dhalaa gootee Samii diriirsitee Dachee

bareechitee Hundaa tottolchitee Maaloo maaluma ta'a Saba baatu ba'aa Ummata Oromoo Waliif ta'u qomoo Yoo... Yoo walii galchite Caalaa tokkoomsite Diina irraa haate Yoo barbadeessite Dheebuu bilisummaa nadha isa baafte Ana ilma Oromoos garaa na ciibsite!!!! Abba Firaa : Ayyootu gaafa nu goorsite Akkas hin jenne natti fakkaate "Yaa ijoollee koo tokko ta'a... See More Diina keessan naa loola mo'a Fuula keessan diinaaf hin laatina Waan darbuuf jettani wal hin dhabina Walitti bu'iinsi keessan kan jaalala Dhuma irratti walii gala Diina ijaa ishee dhangalaasa Qe'ee koo deebisa naa hirkisaa!" Kanaaf ta'iinna laata kan walitti gootomne Ormaa duratti daboomne Osoo afaan qabnu caalline dabarree Osoo biyya qabnu kan gargaar facaane! Wed at 1:31am Report

Mootuu Diinaa @Sanyii lubbuun kan kee bilisummaa hawwitee? Dararaa saba kee garaan kee jibbitee? Teessee yaaduu dhiistee waan dandeessu yoo hojjatte wallaalaa lammii kee waan beektu barsiiste ... See More Yoo badii dalages suuu...ta jettee itti himte Garaa kee qulqulluun yoo isaafillee dhiiste Yaada isaas fudhattee kan kees yaada itti himte Yoo atis balleessite badii kee hubatte Badii dalaguu keef dhiifama gaafatte Lammii kee saba kee onneerraa jaallatte Lubbuu kee haa boqottu yoo kana mara goote. Gaafa dukkanaa'e waan bari'u hin fakkaatu Seeraa Uumaa waan taheef bari'uun hin ooltu

Seenaan dura malee duubatti hin deebitu! Yoo guyyaan fagaattes bilisoomuu hin ooltu. Wed at 7:27am Report Robson Balcha sanyii baayyee galatoomi!!!!!!!!!. Dhirrii qomoo leencaa akkaa kee kana: yoo tokkummaa ilmaan oromootiif dhiphatee bilisummaa biyyaa isaatiif gubatee rakkoo kalessaa isaa mudatee hubatee... See More tarsimoo bilisummaa mijeefatee kaayyoo isaa qalbeefatee abdii boruu yoo qabatee diinaa dura dhaabbatee bilisoomuu hin ooluu yoo falmiin diinaa duraa dhaabbatee!!!! lolluu malee akkaa hin moonee beekuun qarummaadhaa!!!!!!!!!!!!!!!! Bara durii garee muuziqaa "Kubur Zebenya" keessa hojjechaa turan.Gaheen hojii isaanii - walaloo barreessuu - yeedaloo kennuu -meeshaa Muuziqaa adda addaa taphachuu -Muuziqaa qinddeessuu ture. Koloneel Sahilee Dagagoo umurii isaanii ganna 79 tti addunyaa kana irraa du'aan boqotan.Bara 1923 tti dhiha /lixa Oromiyaa magaalaa Najjootti dhalatanii barnoota sadarkaa tokkoffaa magalaa Naqamteetti baratan. Barumsa sadarkaa lammaffaa magaalaa Finfinneetti ittifufuun bara 1942tti Raayyaa Kubur Zebenyaa keessa qacaramuun dandeettii addaa agarsiisun nama jalqabaa tahuun Meedaaliyaa adda addaa badhaafamaniiru. Koloneel Sahilee Dagaagoo dandeetti isaanii kanaan Wellistoota akka Ilfinesh Qannoo, Tilahun Gassesee, Zerihuun Wadaajoo, Bizunesh Bekelee, fi Wallistoota Oromoo hedduuf walaloo fi yeedaloo kennuufiin gargaaraa turan. Kolonel Sahilee Dagaagoo biyyeen itti haa salphattu jechaa, akkasumas Firoottan fi maatii isaanii hundaaf Waaqni isin haa jajjabeessu jenna. Madda ooduu..VOA..S/Oromiyaatiin

ILMAAN HAADHA TOKKOO!!!! Share by Sanyii Gootaa (notes) Friday, December 25, 2009 at 1:38am ILMAAN HARMEE MARRUU ALAAF KEESSA JIRRU ASHAMAA AKKAM JIRTUU DHIIGONNIKOO MARTUU ILMAAN HAADHA TOKKOO WALIIN BAANNE RAKKOO DARARAMA BARAA HIN JEDHAMU YARAA MIIDHAMA BAROOTAA GABRUMMAA JAARROTAA NU GURGURAN WAGGAA DHIBBA NU QUNCISAN HARKAAF JILBA OROMOON WAL BUUSEE HUNDUU HAAJAA WALII GUUTUMMAAN WALDHIISEE HARQOONNI GABRUMMAA TOORAAN WAL HARKISEE YEROO IYYUU QABUTTI HUNDUMTUU CALLISEE HIN HARQA YEROO JENNU AKKA MAJAA YUUSEE JAALALAAF TOKKUMMAA GARASITTI HAMBISEE GAARII HAMMA GODHU HUNDUU WAL RAKKISEE AMANTAAF IMAANAA WAL TAUU HAPHISEE

YAADA DIINOTASAA GAMMACHUUN GABBISEE NYAAPHNI AKKA GARMAAMUU DAANGAASAA BALISEE KAM HIMEEN KAM DHIISA ISA KAMIIN JEDHEEN KAMIINIS HAMBISAA BITAA NATTI TAA DHIISEEMAN CALLISA OBSEE YOON DABARSE SAMMUU NA GABBISA TARII GUYYAAN DHUFEE RAKKOO MARA LUFEE JINNII MARRI KUFEE HUNDUU SEENAA TAEE DUAAN LAFAA KAEE SEENAANIS HAARAEE DIINONNI HARMEEDHAA HUNDUU RARRAATAEE KAANEE WAL HAMMANNA ADDA WAL DHUNGANNA BAGA ITTIIN SI GAE BAGA GALTE JENNA ANAA DHUFU JENNEE BOOLEETTIN WAL SIMANNA KAN DARBEE XIINXALLEE BORIIF WAL ABDANNA ROORROO IRRAANFANNEE HAALAAN WAL JAALLANNA WAAN DABARSINEFAA MUDANNOO HIMANNA MADDA WALAABUUTTI IRREECHA BUUFANNEE ABBOOTAAF BEEKTOTA WALDURA BUUFANNEE SEEXAA FI TOKKUMMAA SINDHAARA GUUTTANNEE MAAL GOCHUU AKKA QABNU HAALAAN MARIANNEE DACHEE OROMIYAA MARA WALIIN GEENYEE ODAA ABBAA GADAA JALATTI WAL GEENYEE HANGAFAAF QUXISUUN UMURIIDHAAN TEENYEE COOMAAF BOOKA BUUFNEE AADAAN WAL EEBBIFNEE GOLEEWWAN OROMIYAA BAKKA MARA SEENNEE SIRNA GADAA KEENYA IDDOO MARAAN GEENYEE IRRAANFACHUUF JIRRA GADADOO BAROOTAA ROORROO BARA DHEERAA EELAA OROMOOTAA KUN AKKA TAUUF XIQQOON ISIN GORSAA ILMAAN HARMEE MARTI QALBII NAAF ERGISAA HANGAFA BOORANAA TAKKAA NA TAASISAA IMAANAAN DHAAMMADHA YAADAAN NA HUBADHAA ADARAA JABAADHAA WALIIN MARIADHAA TOKKUMMAA CIMSADHAA HAADHAKOOF DHAABADHAA RAKKOOSHEE GAAFADHAA MAALOO WAL HIN BUUSNU MEE WAL IYYAAFADHAA BIYYAKOO OROMIYAA SEENAASHEE QORADHAA JAALLADHAA ITTI SIQAA WAAEESHEEF GUBADHAA ACHII DHUFA ISHEE BALINAAN HUBADHAA ABBOOTAAF BEEKTOTA OROMOO GAAFADHAA FAKKEENYA ADDUNYAA GODHAA OLKAAFADHAA RAKKOO HUMNAA OLII RABBITTI IYYADHAA IMAANAA KOO KANAAF ISINAN ABDADHA TAAJJABIIF GAAF TOKKO ISINAN GAAFADHA GARAAKOO GUUTUUDHAAN ISINAN JAALLADHA

You might also like