You are on page 1of 5

QAJEELFAMA ISKIRIIPTII RAADIYOO BARREESSUU

(Writing Scripts for Radio)



Afaan:
- Gabaajee : namni odeeggannoo/seenaa qophii tokko barreessu akka dubbisuuf
isatti toluun jechoota sababii garagaraatiif gabaabsuu/gabaajessuu dandaa.
Sababni tokko, yeroo qusachuu taa. Fakkeenyaaf jecha Doktora jedhu Dr
jechuun barreessuun nidandaama.
- Lakkoofsa/Lakkoobsa Barreessuu: lakkoobsa yoo iskiriiptii raadiyoo
keessatti barreessinu akka mamiin hinjiraane qubeessuun barreessuun
dubbisuutu gaarii taa, keessattuu, lakkoobsa baayee yoo tae. Fakkeenyaaf,
45678 jennee barreessuurra miiliyoona afuriifi kuma dhibba shaniifi dhibba
jahaafi torbaatamii saddeeti jechuutu gaarii taa. Yookaan miiliyoona afuriifi
kuma dhibba shanii ol jechuunis nidandaama. Garuu dogongorri waan nama
ajaaibsiisu yeroo baayee miliyoona afuriifi tuqaa/qabxii shank an jennee
dubbisnu. Kun siruma ifa waan hintaaneef, haala kanaan barreeffamuu hinqabu.
Kan biraa lakkoobsa 3989 gara lakkoobsa guutuutti siksuun gara kuma afurii
tau/taa jennee barreessuun rakkoo hinqabu.
- Gabaajee Diiganii Barreessuu: gabaajee babaliisanii/diiganii barreessuun
dhageeffattoota raadiyootiif bareeda taa. Tokkoffaa hiikkaa gabaajee sanaa akka
dhageeffataan baru gargaara. Lammaffaa qubeewwan jechoota akkamii irraa
akka gabaajeffamanii barreeffaman hubata. WALQO jechuurra Waldaa
Aksiyoonaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa yoo jenne bareeda. Gabaajee UNESCO
garuu akkuma jirutti dubbisuutu irra wayya; idil-addunyaatti beekkama waan
taeef. Yoo barbaanne bifuma tokkoon ammaa amma irra deddeebiuurra
dhaabbata barnootaa, saayinsiifi aadaa biyyoota gamtaayanii jechuunis
maalummaa gabaajee sanaa ibsinee itti fayyadamuuf nu gargaara. IMX, BLTO,
ILQSSO jennee akka jirutti dubbisuu hindandeenyu; garuu gabaajee isaa
barreessinee diigaa dubbisuun rakkoo hinqabu.
- Sirna Tuqaalee: sirni tuqaalee iskiriiptii raadiyootif bayee barbaachisa. Namni
dubbisu eessatti hafuura akka baafatuufi eessaa hima dubbisuu eegalee eessatti
akka xumuruu qabu beekuu qaba waan taeef. Sirni tuqaalee, iskiriiptiin akka
haala gaaritti dhangalaufi namni waa dubbisu yoom maal akka jechuu malu
seera qabsiisa. Gulaalaan kana sirritti ilaaluu qaba. Abbaab barreessullee waan
akkanaa yoo eeggate guggufataa iskiriiptii hindubbisu.
- Jechoota ogummaa: jechoonni ogummaa kan ogeeyyiin ogummaa tokkoo
qofti itti fayyadaman kan garuu namoonni biroo hubachuu hindandeenye
jechuudha. Yeroo dhimma teknoolojii qofarratti dubbatamu ogeeyyiin jechoota
ofiif beekan qofatti fayyadamu dhageeffataa irraanfatanii yookaan jechoota bakka
buusan dhabanii. Dhageeffatannii waan isaaf hingalle dhageeffachuuf dirqama
hinqabu waan taeef, gara filannoo biraa deemuu dandaa. Kun akka hintaane,
haala salphaa namoonni hubataniin barreessuu qabna. Roobootii ibsuudhaaf
waan dhageeffataan beeku saa jabbiin jalaa duutee tolee tolchanii ittiin elmatan
irraa kauun ibsuunis mala tokko. Toleen waan jabbii bakka buuun faayidaa
kennaati. Roobootiinis akkasuma nama bakka buuun tajaajila kenniti.
- Qubeessuu: jechoonni akkuma jedhamanitti yookaan akkuma hiikkaa sirrii itti
kennanitti sagaleeffamuu qabu. Akkas tauu baannaan hiikkaa yaadame dhiisanii
hiikkaa biraa kennu. Kan gabaabachuu qabu yoo dheerate; kan dheerachuu qabu
gabaabachuun hiikkaa jijjiira. Fakkeenyaaf, Dalloo Maannaa, Dalloo Mannaa,
Dalloomannaa jennee barreessuun garaagarummaa hiikkaa qaba. Abbayyii
Coomman, Abbayyii Cooman, Abbayi Cooman/Coomman jechuunis akkasuma
garagarummaa qaba. Saqa Coqorsaafi Saqqaa Coqorsaallee tokkoo miti.
Qubeessiifi hiikkaanis gargar. Shaale, Shaalle, Shaalee jechuunis abbaa maqaa
kanaan waamamu nikomachiisa. Nama aadaa ummataa hinbeekne nu fakkeessa.
Wallaalaallee nu fakkeessa. Jabeessanii waa ilaaluu dhabuullee muldhisa.
Sirrummaa odeeffannoo keenyaa shakkisiisa. Kabajaa nu dhabsiisa. Aadaa
ummataa gaafachuun; maqaa namaatis taanaan abbaa maqaa saniin waamamu
gaafachuun salphina hinqabdu rakkoo jalaa nu baasti yoo tae malee. Mee maqaa
keessan yoo haala isin ittiin of hinwaamneen namni aadaafi afaanicha hinbeekne
isin waame maaltu isinitti dhagahama? Gulaalaan dhimma akkanaa irratti dursee
abbaa iskiriiptii barreesse duukaa dubbachuun haala itti
sagaleeffamu/dubbisamu waliigaluun waan ummanni jaalatu qabachuun
qilleensatti bahuun waan filannoo biraa hinqabne. Qubeessuu akka waan xiqqaa
tokkootti warri ilaalan jiran waan taeef, dogongora qubeessuu wallaaluun qabu
kana irraa hubachuu dandau. Jechoota dubbisuun nama dhibu dursa irra
deddeebisanii dubbisuu/sagaleessuun ofitti fudhachuuf mala tokko.
Haala Itti Barreessinu/Akkaataa Itti Barreessinu(style)
- Dhageettiif barreessi: nama si dhageeffatutti akkaataa ergaa itti himtutti
barreessi iskiriiptii kee. Akkaataa namoota lama walitti haasawaniin
walfakkeessii barreessi iskiriiptii kee. Istuudiyoo yoo seentus nihimata malee
hindubbistu. Haasawa fakkeessii himi. Yoo akkaan itti beektee himuu wallaalte
shaakali. Jechoota filadhu, hima gaggabaabsi, haasawaa dubbisi! Dhageeffattatti
haasawi malee iskiriiptii hindubbisiniif!
- Seensaa/bahiinsa: akkaataan itti barreessitu haasawa fakkaannaan yoo gara
dhimma tokkootti seentu dhimmicha beeksistee, jidduuttis irra deebitee, yoo
baatus akkasuma. Fakkeenayaaf, obbo caalaan akkas nuun jedhan yoo
seentu...jiddutti haala jireenyaa/hojii obbo Caalaa irraa muuxannoon
fudhatamu... jettee yoo baatu ammo ...obbo Caalaa yaada nuuf kennaniif
baayee galateeffanna. Haala kanaan yoo hojjatan hiyyummaa waliin waggaa
baayee hinturan akka nuti arginetti. Sia sadeenuu obbo Caalaan xiyyeeffannaa
gaazexeessaa keessaa hinbaane. Dhageeffataan jalqaba, jidduutti yookaan
xumura irratti raadiyoo bane dhageeffatus waaee nama Caalaa jechamuu akka
dubbatamaa jiru nihubata. Dogongorri yeroo baayee muldhatu, nama tokko osoo
hinbeeksine yookaan sia tokko qofa maqaa dhahuun, achi booda qonnaan
bulaan kun, qonnaan bultichi, qonnaan bulaa adda dureen kun,... jedhama.
Qonnaan bulaa kam akka tae wanti beekamu hinjiru. Kun, sun, -ichi,
kunneen, as... dhamjechoota iskiriiptii raadiyoo/dhageettiif barreeffamu
keessatti faayidaa hinqabne akka taan hubadhu.
o Manni barumsaa kun (raadiyoorratti akkamiin agarsiifta?)
o Aanicha/aanichatti/aanichi (Aanaa kami?)
o Kan ani uffadhe kun qoloo jehama. (kamtu?)
o Rifeensi dhahadhe kun ammoo quttoo jedhama. (akkamitti dhahame?)
- Sagalee Uumamaa: iskiriiptii yoo barreessitu sagaleen uumamaa kan akkamii
akka qabdu adda baafadhu. Dhageeffattoonni kee qaamaan waan ati argite arguu
baatanis miiraan si hubachuu dandau. Sagaleen uumamaa lubbuu raadiyooti
waan taeef yeroo mara irraanfatamuu hinqabu. Fakkeenyaaf, deeggartoota
kubbaa miilaa dirree kubbaa miilaatti iyyan waraabuun qofa eessa akka
dhaqxeefi waaee maali akka odeessuuf deemtu yoosuu baru. Lafa daggalaa yoo
deemtes sagaleen shimbiraafi bineensota gara garaa qophii keetiif dhama tau.
Kanaaf yoo mara, waaee sagalee uumamaa hindagatin qophii raadiyoo yoo
hojjattu/iskiriiptii raadiyoo yoo barreessitu.