You are on page 1of 173

Qajeelfamoota

hojiirra oolmaa
riifoormii Caffee

Caamsaa 2004
Finfinnee

© 2005
Kan Maxxansiise
Waajjira Caffee Oromiyaa
Diizaayinii Lammaa Shifarraw
011-663-60-40
21383-1000
Email: caffee@net.et

BAAFATA

FUULA
1. Qajeelfama Lak. 2/2004 – Qajeelfama Sima Hojimaata
Koree Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Murteessuuf Bahe
Lak. 2/2004 …………………………………………………........1
2. Qajeelfama Lak. 3/2004- Qajeelfama Naamusa Miseensota
Caffee M.N. Oromiyaa Murteessuuf Bahe
Lak. 3/2004 …………………………..............................................9
3. Qajeelfama Lak. 4/2004- Qajeelfama Hojimaata Akkaataa
Ajandaan ittiin Qophaa’u murteessuuf Bahe
Lak. 4/2004 ……………………………..............................….......20
4. Qajeelfama Lak. 5/2004 – Qajeelfma Sirna Hojimaata
Ramaddii Yeroo mariifi Haasawaa Miseensota Caffee
Walgahii irratti Dubbatan ittiin filataman Murteessuuf
Bahe Lak. 5/2004…………………………..........…………….....26
5. Qajeelfama Lak. 6/2004 – Qajeelfama Sirna Gaaffiin
Adeemsaa Caffee Motummaa Naannoo oromiyaa ittiin
Dhiyaatu Murteessuuf Bahe
Lak 6/2004 ……………………….......…………………...……....32
6. Qajeelfama Lak. 7/2004 – Qajeelfama Akkaataa Kenniinsa
Sagalee Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf
Bahe Lak. 7/2004 ………………………………….....………......36
7. Qajeelfama Lak. 8/2004 – Qajeelfama Adeemsa Baajanni
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ittiin Ragga’u Murteessuuf
Bahe Lak. 8/2004………………………………………………....42

8. Qajeelfama Lak. 9/2004 – Qajeelfama Adeemsa Seera Tumuu
Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe
Lak.9/2004 ……………………………………………………….53
9. Qajeelfama Lak. 10/2004 – Qajeelfama Hojimaata Hordoffiifi
To’annoo Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe Lak. 10/2004 …………………………………68
10. Qajeelfama Lak. 11/2004 – Qajeelfama Sirna Ragaan Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif Ittiin Dhiyaatuu
fi Qoratamu Murteessuuf Bahe Lak. 12/2004 …………………...85
11. Qajeelfama Lak. 12/2004 – Qajeelfama Sirna Naamusa
Marii, Haasawaafi Falmii Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 12/2004 ……….............……..95
12. Qajeelfama Lak. 13/2004 – Qajeelfama Mirgaafi Eegumsa
Miseensota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe Lak. 13/2004 …………………………........…113
13. Qajeelfama Lak. 14/2004 – Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila
Qaboo Yaa’ii fi Odoovizyuwaalii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 14/2004 …………..125
Unkaa Lak. 1 – Unkaa Qaboo Yaa’ii Waliin Miseensotaaf
Ergamu …………………..................................................................136
14. Qajeelfama Lak. 15/2004 – Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila
Mana Kitaabaafi Dookimenteeshinii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 15/15/2004………..137
15. Qajeelfama Lak. 16/2004 – Qajeelfama Sirna Eeruufi Iyyaannoo
Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif Ittiin Dhiyaatu
Murteessuuf Bahe Lak. 16/2004 …………………………………144

Unkaa 1 – Unka Akkaataa Eeruun Itti Dhiyaatu fi
Keessummaa’u ………..................................................……….........153
16. Qajeelfama Lak. 17/2004 – Qajeelfama Sirna Yaadni Murtii Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ittiin Dhiyaatuu fi Mirkanaa’u
Murteessuuf Bahe Lak. 17/2004 ……………………….......…….154
17. Qajeelfama Lak. 18/2004 – Qajeelfama Murtii Afyaa’ii Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Kennamu Ilaalchisee
Bahe Lak. 18/2004 ……………………………………………...159
18. Qajeelfama Lak. 19/2004 – Qajeelfama Sirna dhaqqabsiisaa fi
Raabsaa Seerota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe
Lak. 19/2004 …………………....................................................….164

Qajeelfama Lak. 2/2004
Qajeelfama Sirna Hojimaata Koree Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee
Murteessuuf Bahe Lak. 2/2004
Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Hojimaata Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Murteessuuf Bahe Lak. 2/2004” jedhamee waamamuu ni
danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya'ee bahe
jechuudha.
2) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walga’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe
Lakk 3/2001 jechuudha.
3) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati
5) “Koree” jechuun akkaataa Qajeelfama kanaatiin Koree Mari’achiistuu
Dhimmoota Caffee jechuudha.
6) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
7) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namummaa kennameef jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee
aangoo ajandaa mirkaneessuu fi yeroo marii ramaduu seeraan kennameef
bahuu akka danda’u, naamusa hordofuu qabu ifatti tumuudhaan adeemsa

1

hojii isaanii keessatti akka ittiin gaggeeffaman dandeessisuu fi hojii isaanii
hojimaata iftoomaa fi ittigaafatamummaa qabuun akka raawwatu, akkasumas itti gaafatamummaa isaa haala saffisaa fi qulqullina qabuun akka bahu
taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee fi miseensota isaa
irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Keewwata 5: Gurmaa’inaa fi Baay’ina Miseensota Korichaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 71tiin Korichi miseensota armaan
gadii ni qabaata:
1) Afyaa’ii;
2) Itti Aanaa Afyaa’ii;
3) Bakka Bu’oota Paartilee fi Garee Caffee, Caffee keessaa teessoo qaban irraa
kan bakka bu’an miseensota tokko, tokko ni qabaata.
4) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti tumame akkuma jirutti
ta’ee, Paartiilee fi Gareen Caffee Caffee keessaa teessoo qaban, barbaachisaa
ta’ee yoo argame baay’ina teessoo 120 qabaniin dabalataan bakka bu’aa tokko, tokko qabaachuu ni danda’u.
5) Miseensonni Paartii isaanii bakka bu’uun Koricha keessatti hirmaatan
Paartii ykn Garee Caffee isaaniitiin kan bakka bu’an ta’a.
Keewwata 6: Yeroo Walga’ii Korichaa
1) Iddoon walga’ii Korichaa Waajjira Afyaa’ii fi Caffee keessatti ta’ee, akkaataa
barbaachisummaasaatti iddoo Korichaan murtaa’e biroos ta’uu ni danda’a.
2) Yeroon walga’ii Korichaa Walgahiin Caffee gaggeeffamuun guyyoota 10
dura ta’a.
3) Walga’iin Korichaa Afyaa’iidhaan kan waamamu ta’ee, Afyaai’chi guyyaa fi
sa’aatii walga’ii dursaan miseensota Korichaa beeksisuu qaba.
4) Miseensi Korichaa kamiyyuu walgahiin ariifachiisaan akka waamamuuf
barreeffamaan Afyaa’ii gaafachuu ni danda’a. Afyaa’iinis yoo itti amane walgahicha waamuu ni danda’a.
Keewwata 7: Waa’ee Ajandaa Burqisiisuu
Ajandaalee Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee irratti mari’atu bur-

2

qisiisuu kan danda’an:
1) Afyaa’ii;
2) Bakka Bu’aa Mootummaa;
3) Paartiilee fi Garee Caffee, Caffee keessaa teessoo qaban;
4) Miseensota Korichaa ta’u.
Keewwata 8: Akkaataa Qophii fi Dhiyeessa Ajandaa
1) Walgahiin Korichaa kamiyyuu ajandaa irratti mari’atu guyyaa 7 dura Miseensonni Korichaa hundi akka beekan ni taasifama; barreeffamni walga’iif
dhiyaatu yoo jiraates akka barbaachisummaa dhimmichaatti guyyaa 2 dursee dhaqqabuu qaba.
2) Qajeelfama hojimaata haala ajandaan ittiin qophaa’u murteessuuf bahe
Lak. 4/2004tiin kan tumame akkuma eeggametti ta’ee, miseensi Caffee kamiyyuu ajandaan akka qabamuuf dhimma barbaade irratti dursaan Afyaa’iitti
barreeffamaan dhiyeessuudhaan eeyyamsisee ajandaa qabsiisuu ni danda’a.
Barreeffamni ykn sanadni ajandaa waliin wal qabatu yoo jiraate gaaffii waliin
wal-qabsiisee dhiyeessuu qaba.
3) Korichi ajandaalee irratti mari’atamuuf dhiyaataniif walta’uudhaan murteessuu ni danda’a. Waliigaltee irra kan hin ga’amne yoo ta’e, sagalee caalmaan murtaa’a. Tartiibnisaa Afyaa’iidhaan murtaa’a.
4) Korichi yeroo kamiyyuu ajandaa Mootummaatiif dursa ni kenna.
Keewwata 9: Akkaataa Ramaddii Yeroo Marii
Akkaataa Dambii Lakk. 3/2001 Keewwata 29tiin tokkoon tokkoon ajandaaleetiif yeroon marii barbaachisu akka armaan gadiitti ibsameen ni ramadama.
1) Yeroon marii ajandaalee tokko tokkootiif barbaachisu kan ramadamu
murtee koree mari’achiiftu Dhimmoota Caffeetiin ta’a.
2) Koreen Mari’achiiftuu yeroo mariif ramadamu dhimmoota armaan gadii
yaada keessa galchuun ta’a.
a) Bal’ina wixinee seeraa mariif dhiyaatu;
b) Ulfinaa fi bal’ina gabaasa, yaada murtee fi ajandaalee dhiyaatan;
c) Haala dhimmoota marii Caffeef dhiyaatan.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalattti tumame jiraatu llee karoorri, gabaasnii fi yaada Pirezidaantii Mootummaa Naannichaatiin
dhihaatan irratti daangaan yeroo hintaasifamu.

3

Keewwata 10: Akkaataa Adeemsa Walgahii
1) Walgahiin Korichaa bu’uura Dambii lak. 3/2001 Keewwata 71(1) tiin
Afyaa’iidhaan gaggeeffama.
2) Bakka Afyaa’iin hin jirretti walga’ichi kan gaggeeffamu Itt Aanaa
Afyaa’iitiin ta’a.
3) Walgahiin Korichaa kan jalqabamu ajandaa guyyichaa raggaasuudhaan
ta’a.
4) Sirni haasawaafi naamusni Miseensotaa akkaataa Dambii Lak. 3/2001
keewwata 23 irratti tumame kan bu’uureeffate ta’uu qaba.
Keewwata 11: Waa’ee Guutummaa Walgahii
Walga’ii Korichaa irratti Miseensota keessaa walakkaa oli (%50+1) yoo argaman walga’ichi guutuu ta’a.
Keewwata 12: Waa’ee Walduraa-duuba Dubbattootaa
1) Miseensi tokko dubbachuu yoo barbaade, harkasaa baasuudhaan
Afyaa’iitti mul’isuu qaba.
2) Afyaa’iinis bu’uura tartiiba carraa kennuutiin walduraa duuba dubbattootaa ni murteessa.
3) Miseensa akka dubbatu eeyyamameefii dubbachaa jiru tokko, miseensi
biroo haasaa isaa addaan kutuu hin qabu.
4) Haata’u malee, mariin roga gadi-lakkiseera ykn sirnisaa hir’ateera jechuudhaan hubachiisuu fi ragaa ykn ibsa irratti kennuuf eeyyama Afyaa’ii namni argate kamiyyuu jidduudhaan dubbachuu ni danda’a.
5) Afyaa’iinis gaaffii adeemsa sirnaatiif carraa dursaa ni kenna. Itti aansuudhaanis gaaffiileen ragaa fi ibsaa akkaataa walduraa duubasaaniitiin ni
keessummaa’u.
Keewwata 13: Maricha Xumuruu
Mariin Korichaa kan xumuramu;
1) Afyaa’iin dhimma dhiyaate irratti mariin gahaan taasifamee jira jechuun
yoo amane, yookiin
2) Miseensi Korichaa kamiyyuu marichi akka xumuramu yoo gaafatuu fi
Afyaa’iitiin yoo fudhatama argateedha.
3) Haala armaan olitti Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti ibsameen,
yaada dhiyaate irratti mormiin yoo jiraate Afyaa’iin sagalee kennisiisuudhaan marichi akka xumuramu ni taasisa.
4

Keewwata 14: Haala Kenniinsa Murtee
1) Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee, haala qophii ajandaalee fi
ramaddii yerootiin alatti murtiilee Koree sagalee caalmaan ni murteessa.
Sagaleen walqixa yammuu ta’u yaadni Afyaa’iidhaan deeggarame murtee
Korichaa ta’a.
2) Murteen Korichaan murtaa’e irra deebiidhaan kan ilaalamu:
a) Yammuu Korichi murteessu hanqinni ture sirreeffamee ykn guutamee
irra deebiidhaan yoo dhiyaate, ykn ;
b) Murteen hojiirra ooluu hindandeenye kan murteeffame yoo ta’e;
c) Ajandaa duraan murteen irratti kenname irratti yoo dogonggorri seeraa ykn ijoo dubbii bu’uuraa raawwatamuu fi sababa murtee kanaatiinis
miidhaan bu’uuraa gaheera jedhamuudhaan dhiyaateedha.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 (a), (b) fi (c) jalatti tumame
jiraatuyyuu, murtiin korichaa yeroo tokko caalaa irra deebiidhaan hin ilaalamu.
Keewwata 15: Aangoo fi Gahee Hojii Korichaa
Aangoo fi gaheen hojii Korichaa akkaataa Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 72
irratti tumameen kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 16: Aangoo fi Gahee Hojii Walitti Qabaa Korichaa
1) Ajandaalee Korichaa ni qopheessa.
2) Miseensonni Korichaa ajandaalee marii irratti hubannoo gahaa akka qabaatan ni taasisa.
3) Mariiwwan ajandaalee irratti gaggeeffaman sirna marii fi naamusaatiin ala
akka hin taane maricha kallattii ni qabsiisa.
4) Miseensonni Korichaa sirna walga’iichaa akka hin cabsine ni gorsa, ni
to’ata.
5) Qunnamtii maqaa Korichaatiin taasisu kamiyyuu irratti murtee yookiin
ijjannoo Korichaa ni calaqqisiisa.
6) Walga’ii irratti tartiiba dubbattootaa walduraa duubaan ni qabata;
bu’uuruma kanaanis carraa dubbachuu ni kenna.
7) Miseensota sababa humnaa ol ta’een walga’icharratti argamuu hindandeenyee fi kanneen erga walga’ichi jalqabamee booda hanga dhumaatti hordofuu hin dandeenyeef akkuma haalasaatti eeyyama ni kenna.

5

8) Qaboon yaa’ii guyyaa walga’ichaa qabamuusaa ni mirkaneeffata; qaboon
yaa’ii walgahii darbe irratti qabame dhiyaatee akka mirkanaa’u ni taasisa.
9) Afyaaiin raawwannaa hojii Korichaatiif dhimmoonni guutamuu qaban
hanga danda’ametti akka guutaman ni taasisa.
Keewwata 17: Sirna Hojimaata Korichaa
Sirni hojimaata korichaa akkaataa Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 73 jalatti tumameen ta’ee, Labsii fi Dambii Akkaataa Gurmaawina, Hojimaata,
Naamusaa Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffeerratti yaada fooyya’iinsaa
yoo dhiyeessu sirna hojimaata armaan gadii hordofuu qaba.
1) Labsii fi Dambicha ilaalchisee miseensotaan ykn Koreewwaniin ykn
kaka’umsa mataasaatiin yaada fooyya’iinsaa burqisiisuu ni danda’a.
2) Yaada fooyya’iinsaa dhiyaate kan fudhate yoo ta’e, wixineen qophaa’ee akka
dhiyaatuuf Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraatiif ni qajeelcha.
3) Koreen Dhaabbii Dhimmaa Bulchiinsaa fi Seeraatis wixinee akka qopheessuuf qajeelfameef qopheessee Afyaa’iif ni dhiyeessa.
4) Wixinee qophaa’ee dhiyaateef qorachuun karaa Afyaa’iitiin Caffeef dhiyaatee akka ragga’u ni taasisa.
5) Gaaffiin hiikkaa Labsii fi Dambichaa ilaalchisee miseensotaan ykn Koreedhaan yookiin Afyaa’iitiin yoo dhiyaatuuf ni hiikka.
6) Gaaffii hiikkaa Labsii fi Dambicha kanaa ilaalchisee dhiyaateef:
a) Ogeessotaan qoratamee yaadni murtee barbaachisummaa isaa akka
dhiyaatuuf;
b) Yaada murtee hiikkaarratti dhiyaateef qorachuudhaan raggaasuu ykn
kuffisuudhaan murtee irratti kenna.
7) Korichi aangoo fi gahee hojii seeraan kennameef raawwachuuf akka isa
gargaaru waltajjii marii qopheessuu ni danda’a.
Keewwata 18: Mirgaafi Dirqama Miseensota Korichaa
1) Miseensi Korichaa kamiyyuu mirgoota armaan gadii ni qabaata:
a) Walgahii irratti yaadasaa ibsachuu fi yaada addaa yoo qabaates yaadni isaa
akka galmeeffamuuf taasisuu;
b) Yeroo walgahii fi ajandaa walga’ichaa dursee beekuu fi argachuu;
c) Hojiiwwan Korichaa hojjachuuf deeggarsa barbaachisaa ta’e Waajjiricharraa argachuu;
d) Dhimmoota hojicha waliin qunnamtii qaban irratti leenjii Caffeen

6

qopheessu irratti hirmaachuu.
2) Miseensonni Koree dirqamoota armaan gadii ni qabaatu:
a) Miseensi kamiyyuu dhimmoota sababa hojiitiin ykn haala biraatiin
beeke iccitummaansaanii faayidaa Mootummaa fi Ummataatiif eegamuu
qaban iccitiidhaan eeguu qaba.
b) Dhimmoonni Keewwata kana keewwata xiqqaa 2(a) jalatti tumaman
akkuma eegamamitti ta’ee dhimmota biroorrattis eeyyama Walitti Qabaa
Korichaatiin ala Dhaabbata Sabquunnamtiif dabarsee ibsuu hin qabu.
c) Qajeelfama hojimaataa kana kabajuuf dirqama qaba.
d) Karooraa fi sagantaalee hojiitiin gaggeeffamuu qaba.
Keewwata 19: Akkaataa Tarkaanfiin Sirreeffamaa Miseensota Koree
Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Dhimmoota Caffee Dirqama Isaanii
Hinbaane Irratti Fudhatamu
1) Miseensa Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee eeyyama malee walgahii irraa hafe irratti:
a) Miseensa guyyaa tokkoof walgahii irraa hafeef ykn yeroo lamaa oli yeroo walgahii osoo hin kabajin hafeef gorsi ni kennamaaf.
b) Gorsa yeroo jalqabaatiif kennameef hojiirra oolchuu yoo baate of-eeggannoon afaanii ni kennamaaf.
c) Eeyyama malee miseensa irra deddeebi’ee walgahii Koree Mari’achiiftuu
Dhimmota Caffee irraa hafeef ragaa qabatamaa fi amansiisaa ta’e yoo dhiyeeffate malee of-eeggannoon barreeffamaa Afyaa’iichaan ni kennamaaf.
d) Miseensi Koree tokko akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1(c)
jalatti tumameen alatti, walitti aansee yeroo 4f walgahii Koreerraa yoo
hafe miseensummaa Koreerraa ni haqama.
e) Tarkaanfiilee armaan oliitiin miseensi badiisaarraa sirratuu yoo baate
miseensummaasaarraa akka dhoorgamu taasifamee, bakkasaa namni
biraa akka bakka bu’u paartii bakka isa buufateef Afyaa’iichaan barreeffamaan ni ibsamaaf.
f) Hanqinoonni mul’atan haala humnaa olitiin ta’uunsaa yoo hubatame,
adabbiiwwan armaan olitti kaa’aman hojiirra hin oolan.
2) Miseensa Koree ta’uusaatiin iccitii beeke qaama sadaffaatti namni dabarsee kennee argame:
a) Ragaa qabatamaadhaan yoo irratti mirkanaa’e miseensummaa Koree

7

irraa ni haqama, Miseensummaa Korichaa keessaa haqamuun isaa qaama
bakka isa buufateef ni beeksifama.
b) Dhimmi nama iccitii beeke dabarsee otoo kennuu argame Koree
Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraatiin qoratamuun qulqullaa’ee akkaataa Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 112(8) tiin tarkaanfiin naamuusaa
akka irratti fudhatamu ni taasifama.
Keewwata 20: Haala Murteen Korichaa Qaama Sadaffaaf Itti Ibsamu
Murteewwan Korichaa kan ibsaman Walitti Qabaa Korichaatiin ykn Miseensa inni bakka buuse qofaan ta’a.
Keewwata 21: Akkaataa Qaboon Yaa’ii Itti Qabamu
Walga’iin korichaa kamiyyuu qaboo yaa’ii hojjetaa dhimma kanaaf ramadameen ni qabama. Haalli raawwii isaa akkaataa Qajeelfama 14 Keewwata 9
tiin kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 22: Waa’ee Gabaasaa
Korichi waa’ee raawwii hojiisaa waliigalaa waggaatti yeroo tokko karaa
Afyaa’iitiin Caffeef ni dhiyeessa.
Keewwata 23: Bara Hojii Korichaa
Barri hojii Korichaa bara hojii Caffee ta’a.
Keewwata 24: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamoonnii fi barmaatileen hojii dhimmoota qajeelfama kana keessatti
tumaman waliin wal-faallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 25: Yeroo Qajeelfamichi Hojii Irratti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

8

Qajeelfama Lak. 3/2004
Qajeelfama Naamusa Miseensota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 3/2004
Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun "Qajeelfama Naamusa Miseensota Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 3/2004" jedhamee waamamuu
ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Heera” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya'ee bahe
jechuudha.
2) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi sirna Walga’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe
Lak 3/2001 jechuudha.
3) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
6) “Kabajaa fi Ulfina Caffee” jechuun sadarkaa Heeraan kennameefiin maqaa
gaarii Caffeen hawaasicha ykn qaamolee biroo biratti qabaatuudha.
7) “Amaloota ykn gochoota hin barbaachifne” jechuun gochoota kabajaa
fi ulfinna Caffichaa xiqqeessan ykn tuqan ta’ee, kan akka sagaagalummaa,
machii, iddoowwan hin taanetti argamuu, jette jettee, gowwoomsaa fi kkf
kan dabalatuudha.
8) “Miseensa” jechuun Miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
jechuudha.

9

Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa Miseensonni dirqama Heeraan fi Seeraan, Ummataa fi Caffeen kennameef bahuu akka danda’an naamusa hordofuu qaban
ifatti tumuudhaan adeemsa hojii isaanii keessatti akka ittiin gaggeeffaman
dandeessisuu fi hojii isaanii hojimaata iftoomaa fi ittigaafatamummaa qabuun akka raawwatan, akkasumas itti gaafatamummaa isaanii haala saffisaa
fi qulqullina qabuun akka bahan taasisuudhaan amantaa ummanni bakka
bu’oota isaa irratti qabu cimsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun miseensa Caffee kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Naamusa Miseensotaa
Keewwata 5: Qajeeltoowwan Naamusaa
1) Miseensi kamiyyuu qajeeltoowwan Naamusaa sadarkaa addunyaattis ta’ee
biyya keessatti ifatti beekaman hojiisaa waliin walsimsiisee hojii irra oolchuu
qaba.
2) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokko jalatti tumame akka eegametti ta’ee, miseensi kamiyyuu qajeeltoowwan naamusaa armaan gadii
kabajuu qaba.
a) Duudhaalee Naannichaa gabbisuu;
b) Amanamummaa;
c) Iftooma;
d) Aangootti seeraan fayyadamuu;
e) Ittigaafatamummaa sirnaan bahuu;
f) Iccitii eeguu;
g) Malaammaltummaa irraa bilisa ta’uu;
h) Kabajaa fi ulfina Caffichaa eeguu;
i) Gochoota uummattoota walitti buusan irraa of-eeguu;
j) Ittigaafatamummaa;
k) Fakkeenyummaa gaarii;
l) Walitti bu’iinsa faayidaa hambisuu.
Keewwata 6: Duudhaalee Naannichaa Gabbisuu
Miseensi kamiyyuu:

10

1) Ummata Oromoo fi ummata Naannichaatiif kan amaname, haqaan kan
tajaajiluu fi fakkeenya gaarii ta’uu qaba.
2) Heera Mootummaa Federaalawaa fi Naannichaa, akkasumas Seerota biroo kabajuu fi kabajchiisuu qaba.
3) Hojiin raawwatu kamiyyuu faayidaa biyyaa fi ummataatiif kan dursa kennu, kan eegsisu, kan kabajuu fi kan kabachiisu ta’uu qaba.
Keewwata 7: Amanamummaa
Miseensi Caffee kamiyyuu:
1) Sochiisaa kamiiniyyuu amanamaa ta’uu qaba.
2) Ragaalee sobaa ykn dhimmoota hin qulqullaa’in dhugaa fakkeessee Caffeef dhiyeessuu hin qabu.
3) Hojiilee Caffee keessatti raawwatu odeeffannoo hin qulqulloofne irratti
hundaa’ee raawwachuu hin qabu.
4) Hir’ina sirnaa ykn naamusaa yoo raawwate ykn miseensi biraa yoo raawwate qaama qorataa jiru seeraan ala murteessisuuf ragaa sobaa kennuu, dhiibbaa irratti gochuu ykn bifa kamiiniyyuu sossobuu hin qabu.
Keewwata 8: Iftooma
Miseensi kamiyyuu:
1) Murtii yoo murteessus ta’ee tarkaanfii yoo fudhatu iftoomarratti kan
hundaa’e ta’uu qaba.
2) Dhimma bu’uura Qajeelfama kanaa Keewwata 10 jalatti tumame akkuma
eegametti ta’ee, hojii raawwatu hundaaf odeeffannoo kennuu qaba.
3) Barbaachisaa yoo ta’ee fi Caffeen kan dhorkame yoo ta’e malee, hojiin Caffee haala ummataaf ifa ta’een akka raawwatamu taasisuu qaba.
Keewwata 9: Aangootti Haala Seera Qabeessa Ta’een Fayyadamuu
Miseensi kamiyyuu:
1) Aangoo kennameef seeraan ala ofii isaa ykn nama biraa fayyaduuf ykn
miidhuuf oolchuu hin qabu.
2) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma eegametti
ta’ee aangoosaa:
a) Faayidaa ummataa fi lammiilee haala haqa-qabeessa ta’een kabachiisuuf oolchuu qaba.
b) Loogii raawwachuuf itti fayyadamuu hin qabu.

11

3) Aangoo Caffeen kennameefitti fayyadamee nama kamiyyuu dirqisiisuudhaan ykn dhiibbaa irratti gochuudhaan maallaqa akka liqeessuuf, meeshaa
akka kennuuf, akka bituuf ykn gatii akka hir’isuuf ykn faayidaa biroo akka
kennuuf gaafachuu hin qabu.
Keewwata 10: Iccitii Eeguu
Miseensi Caffee kamiyyuu bu’uura Qajeelfama Kana Keewwata 8tiin hojii
isaa iftoomaan raawwachuun akka eegametti ta’ee:
1) Odeeffannoowwan faayidaa Mootummaa ykn Ummataa, nagaafi tasgabbii biyyaa ykn Naannichaa miidhuu danda’an ykn iccitii nama dhuunfaa kan
qabaatan sababa hojii ykn kan birootiin beeke iccitiidhaan qabuu fi eeguu
qaba.
2) Dhimma yaa’ii cufaa Caffeen ilaalame haala sirna qabeessa ta’een ifa ta’uun
dura nama kamiifuu ibsuu hin qabu.
3) Miseensa Koree yoo ta’e, dhimmi Koreedhaan ilaalamaa jiru Caffeef hamma gabaafamutti Korichi iccitiidhaan akka qabamu yoo murteesse iccitiidhaan eeguu qaba.
Keewwata 11: Malaammaltummaa Irraa Bilisa Ta’uu
Miseensi kamiyyuu:
1) Gocha malaammaltummaa irraa bilisa of-taasisuudhaan gochoota Malaammaltummaa balaaleffachuu, qabatamaan irratti qabsaa’uu fi qabsoo
farra malaammaltummaa irratti geggeeffamu keessatti fakkeenya gaarii ta’uu
qaba.
2) Dhimma Caffeef ykn koreef dhiyaate ykn dhimma dhiyaachuuf yaadame
akka deeggaru ykn akka mormuuf kennaa kennamu, kaffaltii ykn badhaasa
fudhachuu ykn kennuu hin qabu.
3) Aangoo isaatti fayyadamee firasaa ykn nama biraa beeku seeraan ala qacarsiisuuf xalayaa deeggarsaa barreessuu ykn abbootii aangoo Mootummaa
dhimma kanaaf haasofsiisuun dhoorkaadha.
4) Maallaqa ummataa qisaasuu, waliin dhahuu, amantaa hir’isuu fi yakkoota
kkf irraa bilisa ta’uu qaba.
5) Odeeffannoo adeemsa hojii keessatti argate bifa kamiiniyyuu tooftaa
maallaqa ittiin argatu gochuu hin qabu.
6) Waan seeraan hayyamameefiin alatti faayidaalee ykn qabeenya kamiyyuu
fayyadamuu hin qabu.

12

7) Bu’uura seera dhimmi ilaaluun qabeenyasaa galmeessisuuf dirqama qaba.
Keewwata 12: Gochoota Ummattoota Walitti Buusan Irraa Of-Eeguu
Miseensi kamiyyuu karaa kamiiniyyuu:
1) Amantaa tokko deeggaree isa kan biroo jibbisiisuu irraa of-qusachuu qaba.
2) Afaan, aadaa ykn eenyummaa sabaa fi Sablammootaa fi Ummattootaa
xiqqeessuu ykn tuffachuu ykn walqixxoomaan ilaaluu dhaburraa of-qusachuu qaba.
3) Jeequmsa, tumaa, hojii dhaabuu ykn gochoota seeraan alaa wixineessuu,
gurmeessuu ykn gochoota jibbiinsa Ummanii fi kkf irraa of-qusachuu qaba.
4) Nama tokko deeggaruu fi isa biraa jibbisiisuudhaan yaada kamiyyuu dhiyeessuudhaan sabaa fi sablammoota, qomoo fi qomoo ykn lammii fi lammii
walitti bu’insaaf kakaasuu ykn walitti buusuu hin qabu.
Keewwata 13: Kabajaa fi Ulfina Caffee Eeguu
Miseensi kamiyyuu:
1) Iddoo kamittuu kabajaa fi ulfina Caffee eeguu qaba.
2) Mooraa Caffee keessatti:
a) Nama biraa arrabsuu, ildiimuu, maqaa balleessuu, dubbii barbaaduu
ykn hojii Caffee jeequu hin qabu.
b) Sagantaa amantaa kamiyyuu ykn sirna waaqeeffannaaf garee waamuu
ykn gaggeessuu hin qabu.
c) Naamusaa fi Sirna Walga’ii Caffee jeequu hin qabu.
3) Mooraa Caffee fi naannoosaa keessatti jeequmsa kakaasuu, tumaa ykn
hiriira nagaa kamiyyuu waamuu ykn gaggeessuu hin qabu.
4) Mirgi addaa irraa ka’e kamiyyuu qaamolee seera kabajchiisaniin akka hin
qabamne Caffee akka dawootti fayyadamuu hin qabu.
5) Walgahii hirmaachuuf yammuu dhufu:
a) Kootii ykn kobbortaa isaa harkatti qabatee Galma Caffee seenuu hin
qabu.
b) Hayyama Afyaa’iitiin yoo ta’e malee, kooffiyyaa keewwatee Galma Caffee seenuu hin qabu.
c) Koofiyyaasaa miinjaala galma Caffee keessa jiru irra kaa’uu hin qabu.
d) Haala addaatiin Afyaa’iidhaan yoo hayyamame malee, ulee kamiyyuu
qabatee gara Galma Caffeetti seenuu hin qabu.

13

e) Barreeffama hojii Caffee wajjin walhinqabanne kamiyyuu mooraa Caffee keessatti raabsuu hin qabu.
f) Walgahiin Caffee ifatti Afyaa’iidhaan osoo hin cufamin ykn Afyaa’ii
osoo hin heyyamsisiin yaa’ii Caffee irratti beeksisa kamiyyuu himuu hin
qabu.
g) Walgahiin Caffee ifatti Afaa’iidhaan osoo hin cufamiin ykn afyaa’ii
osoo hin eeyyamsifne yaa’ii Caffee addaan kutee deemuu hin qabu.
6) Alaabaa fi asxaa dhaabbata siyaasaa ykn mallattoowwan biroo haala kamiinuu qabatee gara mooraa Caffeetti galuu fi agarsiisuu, akkasumas dhaadannoo dhageessisuu hin qabu.
7) Hojii ittigaafatamummaa Heera, Seeraa fi ummataan irratti gatame waliin
walhinsimne, amaanaa ittikenname hir’isuu, kabajaa fi ulfina Caffee xiqqeessu irratti qaxaramuunis ta’ee dhuunfaasaatiin bobba’ee hojjachuu hin qabu.
8) Dhimma marii Caffeetiif dhiyaate irratti kallattiidhaanis ta’e al-kallattiidhaan dhimma faayidaa itti argatu yoo ta’e, teessoo Caffee keessaa qabutti
fayyadamee Qaamolee Mootummaa Dhimmicha dhiyeessan irratti dhiibbaa
kamiyyuu taasisuu hin qabu.
9) Mooraa Caffee yoo seenu sakkatta’amuuf hayyamamaa ta’uu qaba.
10) Hojii Caffee ykn Koree irra yoo jiraatan uffannaa ulfinaa fi kabaja Caffee
eege uffachuu qabu.
Keewwata 14: Ittigaafatamummaa
Miseensi kamiyyuu akkaataa Heera Mootummaa Naannichaa Keewwata 12
fi Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 104 tiin:
1) Hojii hojjatu hundaaf ittigaafatamummaa qaba.
2) Hojiisaa yammuu raawwatu qajeelfama ittigaafatamummaa giddugaleessa
godhachuudhaan ta’uu qaba.
Keewwata 15: Walitti Bu’insa Faayidaa Dhabamsiisuu
Miseensi kamiyyuu:
1) Walitti bu’insa faayidaa dhuunfaa isaa fi ummata jiddutti uumamu dhabamsiisuu qaba.
2) Faayidaa maallaqaa ykn kan biroo hojii Caffeen filatamee ykn bakka
bu’ee raawwatu waliin walqabate qabaachuusaa yoo mirkaneeffatu akka barbaachisummaasaatti:
a) Caffichaaf;

14

b) Afyaa’iidhaaf ykn
c) Koree Miseensa itti ta’eef dhiyeesseefii beeksisuudhaan dhimmicha
qorachuu, murtii kennuu ykn haala biraa kamiiniyyuu ilaalurraa ofqusachuu qaba.
3) Walitti bu’iinsi faayidaa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame jiraachuunsaa kan beekame ykn kan muldhate, erga miseensichi hojicha
hojjachuu jalqabee booda yoo ta’e, akka haalasaatti Caffeef ykn Koree Miseensichi Miseensa itti ta’eef dhimmicha qorachaa jiruuf ykn Afyaa’iidhaaf
waa’ee dhimmichaa ibsuudhaan walga’icha ykn hojicha keessaa bahuu qaba.
Keewwata 16: Faayidaa Ummataaf Dursa Kennuu
1) Miseensi kamiyyuu murtee murteessuu fi hojii hojjatu keessatti faayidaa
ummataaf dursa kennuu qaba.
2) Miseensi kamiyyuu haala faallaa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokko
ta’een aangoosaa bu’aa maatiisaa, ijoolleesaa, qaama biraa ykn garee biraa
eegsisuuf oolchuu hin qabu.
Keewwata 17: Fakkeenyummaa Gaarii Ta’uu
Miseensi kamiyyuu:
1) Ofitti amanamummaadhaan, dandeettii cimsachuudhaan, miira ittigaafatamummaatiin hojii gaggeessuu, murteessuu fi raawwachuudhaan fakkeenya gaarii ta’uutu irraa eeggama.
2) Miirri ittigaafatamummaa kan ittidhaga’amu, jijjiirama fooyya’aa kan
deeggaruu fi aadaan hojii fi ofitti amanamummaa akka gabbatu kan taasisu
ta’uu qaba.
3) Ittigaafatamummaa Heera, Seeraa fi Ummataan kennameef haalaan kan
raawwatu, gaggeessummaa isaatiin miiltoolee hojii isaatiifi ummataaf fakkeenya gaarii ta’uu qaba.
Kutaa Sadii
Sirna ykn Naamusa Eegsisuu
Keewwata 18: Waliigala
1) Afyaa’iin sirna kan ittiin kabachiisuu fi murtii Caffee ykn kansaa ittiin
raawwachiisu aangoon barbaachisaan Keewwata Dambichaa 24 fi Keewwatoota biroottin ykn Qajeelfama kanaan kennameefii jira.
2) Kan seerota birootiin tumame akkuma eegametti ta’ee, naamusa miseen15

sotaa kabajchiisuu ilaalchisee bu’uura Dambii Lak.3/2001 Keewwata 110 ykn
haala kutaa kanaa keessatti tarreeffameen ni raawwatama.
3) Miseensi kamiyyuu Caffeen, Afyaa’iin ykn Koreen Dhimmicha ilaalaa
jiru hir’ina sirnaa ykn naamusaa yoo qulqulleessuu fi tarkaanfii yoo fudhatu
atoomuu qaba.
Keewwata 19: Naamuusa Kabajchiisuu
1) Miseensi kamiyyuu hir’inni naamusaa ykn sirnaa jiraachuu isaa yoo hubate miseensa hir’ina raawwate kamiyyuu irratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e
akka fudhatu Caffee gaafachuu ni danda’a.
2) Gaaffiin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokkoon dhiyaatu:
a) Hir’inna naamusaa ykn sirnaa Walga’ii Caffee irratti dhaqqabeen yoo
ta’e miseensi gaafficha dhiyeessu Afaaniin battalumatti ykn barreeffamaan
yeroo biraa dhiyeessuu ni danda’a.
b) Hir’ina naamusaa ykn sirnaa Walga’ii Caffeen alatti raawwatame yoo
ta’e, miseensichi gaafficha barreeffamaan dhiyeessuu qaba.
3) Gaaffiin hir’inni naamusaa ykn sirnaa gahee jira jedhamee dhiyaatu kamiyyuu, ragaa waliin Afyaa’iidhaaf dhiyaachuu qaba.
4) Miseensi kamiyyuu miseensi biraa hir’ina naamusaa ykn sirnaa agarsiisee
jira jedhee yoo gaaffii dhiyeessu:
a) Dhugummaa dhimma dhiyeessuu mirkaneeffachuu qaba.
b) Ragaa barbaachisaa ta’een kan deeggarame ta’uu qaba.
5) Miseensi tokko soba irratti hundaa’ee ykn ta’e jedhee maqaa balleessuuf
hir’inni naamusaa ykn sirnaa raawwatamee jira jedhee yoo dhiyeessee fi kunumti yoo mirkanaa’e , Caffeen bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 27 tiin
tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu ni danda’a.
6) Caffeen ykn Koreewwan hojiisaanii akka hin raawwanne ykn miseensonni ittigaafatamummaasaanii akka hin baane kan bacancarsu, gufachiisu ykn
gochoota biroo kana fakkaatan kan raawwatu ykn miidhaa geessisuuf yaadee
himannaa mirgi addaa cabee jira jedhu sobarratti hundaa’ee nama dhiyeesse
kamiyyuurratti bu’uura seeraatiin tarkaanfiin ni fudhatama.
Keewwata 20: Daangaa Yeroo Gaaffii Tarkaanfiin Naamusaa Akka
Fudhatamuuf Dhiyaatu
Gaaffiin tarkaanfiin naamuusaa akka fudhatamuuf dhiyaatu kamiyyuu:
1) Hir’inni naamuusaa raawwatame jedhamu guyyaa raawwatame irraa

16

kaasee waggaa tokko booda gaaffiin irratti dhiyaachuu hin danda’u.
2) Bara hojii Caffee itti aanutti ce’uu hin danda’u.
Keewwata 21: Gaaffii Tarkaanfiin Naamusaa akka Fudhatamuuf Dhiyaatu Qorachuu
1) Afyaa’iin bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 19 Keewwata Xiqqaa 2 tiin:
a) Gaaffii hir’ina sirnaa afaaniin dhiyaate battalumatti Caffeen irratti
mari’atee murtii akka itti kennu ni taasisa.
b) Gaaffii hir’ina sirnaa ykn naamusaa barreeffamaan dhiyaate Koree
Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraatiif ni qajeelcha.
2) Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa bu’uura Keewwata kana
Keewwata Xiqqaa 1(b)tiin dhimma qajeelfameef:
a) Ragaa barbaachisaa qorachuudhaan;
b) Miseensa gaaffii hir’ina naamusaa dhiyeesse raggummaa isaa dhagahuu fi
c) Miseensi hir’ina naamusaa raawwate jedhame akka of-irraa ittisu
taasisuu fi qulqulleessuudhaan akka haala isaatti gabaasa ykn yaada
murtii Caffeef ykn Afyaa’iidhaaf ni dhiyeessa.
3) Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa lamaatiin gabaasaa
fi yaada murtii dhiyaateef akkaataa Qajeelfama Qophii Ajandaa Lak.4/2004
tiin ajandummaadhaan qabamee Caffeedhaaf akka dhiyaatu ni taasisa.
4) Caffichi:
a) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 ykn 3 tiin gabaasaa fi
yaada murtii dhiyaateef dhaggeeffachuu fi;
b) Bu’uura Dambichaa Keewwata 112 Keewwata Xiqqaa 7 tiin ykn Qajeelfama kana Keewwata 23 tiin ragaa ittisaa miseensichaa tarkaanfiin
naamuusaa akka irratti fudhatamu gaaffiin irratti dhiyaatee erga dhagayee booda bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 25 tiin murtii barbaachisaa
ta’e ni kenna.
5) Murtiin Caffeen bu’uura Qajeelfama kanaatiin kennu isa dhumaa ta’a.
Keewwata 22: Iyyata Dhiyeeffachuu
Iyyanni Miseensaan dhiyaatu kamiyyuu Qajeelfama sirna iyyannoon ittiin
dhiyaatuutiin kan keessummeeffamu ta’a.

17

Keewwata 23: Ragaa Ittisaa Dhiyeessuu
1) Miseensi tokko hir’ina naamusaa ykn sirnaa cabsuudhaan qaama dhimmi
ilaaluun yoo qoratamu ibsa afaaniin ykn barreeffamaan dhiyeessuun of-irraa
ittisuuf mirga qaba.
2) Miseensi ragaa gahaadhaan of-irraa ittisuusaa Caffeen yoo mirkaneesse
bilisaan ni gaggeeffama.
Keewwata 24: Hir’ina Sirnaa ykn Naamusaa Ilaalchisee Tarkaanfii Caffeedhaan Fudhatamu
1) Caffeen bu’uura Dambichaa Keewwata 112 ykn Qajeelfama kanaatiin
sirnawwan ykn naamusawwan tumaman miseensa cabse ykn hojii irra hin
oolchine kamiyyuu irratti tarkaanfii naamusaa barbaachisaa ta’e ni fudhata.
2) Caffeen akka haala isaatti sadarkaa isaa eegee tarkaanfiiwwan naamusaa
armaan gadii fudhachuu ni danda’a.
a) Of-eeggannoo afaanii kennuu;
b) Of-eeggannoo barreeffamaa kennuu;
c) Walgahii irraa baasuu;
d) Akka ulfina balleessichaatti walgahii Caffee yeroo tokko ykn lamarraa
ittisuu;
e) Walgahii Caffeerraafi faayidaalee adda addaarraa ittisuu;
f) Dhimmichi baay’ee cimaa yoo ta’e ykn hanqina naamusaa irra deddeebiidhaan kan raawwate yoo ta’e Cafficharraa ittisuu ykn bu’uura Heeraafi
Seeraatiin ari’uudhaan kanuma ummataaf ifaan beeksisuu.
g) Hanga murtii xumuraa argatu ykn murtii isaa xumuratu miseensummaarraa ittisuu ykn
h) Yakkaan akka gaafatamu taasisuu ta’uu ni danda’a.
3) Miseensi tokkko Caffee keessatti yakka yoo raawwate, Caffeen miseensicharratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu dabalee mirga himatamuu dhabuu
miseensichaa kaasuudhaan dhimmichi Mana Murtiitti akka ilaallamu
taasisuu ni danda’a.
4) Tarkaanfiin sirnaa fi naamusa kabachiisuuf Caffeedhaan ykn Afyaa’iidhaan
fudhatame Caffeedhaan alatti qaama birootiin qoratamuu hin danda’u.
Keewwata 25: Teessoo Hir’ate Guutuu
Caffichi:
1) Bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 24(2(d))tiin tarkaanfii fudhate

18

Boordii Filannoo Biyyoolessaa ni beeksisa.
2) Teessoo Caffee tarkaanfii naamusaa ykn sirnaa fudhatameen duwwaa ta’e,
akkaataa seera filannootiin akka guutamuuf Boordii Filannoo Biyyoolessaatiif ni dabarsa.
Kutaa Afur
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 26: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti tumaman waliin wal-fallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 27: Yeroo Qajeelfamni kun Itti Ragga’u
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

19

Qajeelfama Lak. 4/2004
Qajeelfama Hojimaata Akkaataa Ajandaan Ittiin Qophaa’u Murteessuuf
Bahe Lak. 4/2004
Koreen Mari’achistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Hojimaata Akkaataa Ajandaan Ittiin Qophaa’u
Murteessuuf Bahe Lak. 4/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Heera” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya'ee bahe
jechuudha.
2) “Afyaa’ii’’ jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
4)
“Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walga’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe
Lakk 3/2001 jechuudha.
6) “Koree” jechuun hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haalasaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Mari’achiistuu Dhimmoota
Caffee, Koree Qindeessituu, Koree Dhaabbii, Koree Yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
7) “Garee Caffee” jechuun paartiin tokko ykn buufata filannoo tokkotti
waliisaaniitiin kan wal-hindorgomin sagantaa siyaasaa paartii tokkoo jalatti
miseensota dorgoman kan of-keessatti qabate paartii ykn paartiilee fi Tuuta
Miseensota kudhanii gadi hintaane Caffee keessaa teessoo kan qabu yookaan
kan qabaniidha.

20

8) “Ajandaa Mootummaa” jechuun ajandaa Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’ee Caffeedhaaf dhiyaatu kamiyyuu jechuudha.
9) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
jechuudha.
10) “Nama’’ jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha.
Keewwata 3. Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa Miseensotni koreewwanii fi Garee Caffee hojimaata ifaa fi hirmaachisaa ta’e diriirsuun Caffeen ittigaafatamummaa isaa
haala quubsaa ta’een akka raawwatu taasisuudha.
Keewwata 4. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kuni Qaamolee ajandaa Burqisiisuuf aangoon seeraan kennameef irratti raawwatiinsa ni qabaata
Kutaa Lama
Akkaataa Qophii Ajandaalee Caffichaa
Keewwata 5: Aangoo Ajandaa Burqisiisuu
Ajandaaleen Caffeen irratti mari’atu kan burqan:
1) Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin;
2) Afyaa’iitiin;
3) Koreewwan Caffeetiin;
4) Miseensota Caffeetiin;
5) Paartiilee Caffee keessaa teessuma Qaban;
6) Garee Caffeetiin;
7) Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi
8) Qaamoolee kallattiidhaan Caffeedhaaf itti waamamaniin ta’uu ni danda’a.
Keewwata 6: Aangoo Ajandaa Mirkaneessuu
1) Ajandaaleen Caffeen irratti mari’atu Koree Mari’achiistuun qophaa’anii
Afyaa’iitiin Caffeetti dhiyaatanii kan ragga’an ta’u.
2) Kan Kewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu
ajandaaleen akka seeraatti haala addaatti akka dhiyaatan tumame Koree

21

mari’achiistuu osoo irratti hin mari’atin Caffeetti dhiyaatanii ragga’uu ni
danda’u.
3) Ajandaalee Koree Mari’achiistuun qophaa’anii Afyaa’ichaan Caffeetti dhiyaatan irratti Caffeen ajandaalee tokko tokkoon irratti mari’achuun sagalee
kenna; sagalee caalmaadhaan yammuu deeggaramu ajandaa ta’ee qabama.
4) Yeroo kamiyyuu ajandaalee Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatti qophaa’anii dhiyaataniif dursi ni kennamaaf.
5) Yeroon marii ajandaalee tokko tokkootiif barbaachisu kan ramadamu
murtee Koree Mari’achiistuutiin ta’a.
Keewwata 7: Ajandaalee Koree Mari’achiistuun Osoo Hin Ilaalamin Caffeef Dhiyaatan
1) Dhimmoonni akka ajandaatti hin qabamin, garuu bu’aa hawaasaaf qabanii fi ariifachisummaa qaban irraa kan ka’e Afyaa’iidhaan yoo itti amaname
miseensotaan ykn Garee Caffeetiin yoo dhiyaatan Caffeen irratti ni mari’ata.
2) Afyaa’iin Caffee dhimmoota armaan gadii ajandaan qabatee kallattiidhaan
Caffeetti dhiyeessuu ni danda’a.
a) Kakuu raawwachiisuu;
b) Haalli gaddisisaan Naannicha keessatti yoo uumame Caffeedhaaf ibsuu;
c) Seenaa jireenyaa Miseensotaa gabaabinaan, yookin Hoggantoota
Mootummaa yookiin namoota beekkamoo du’aan addunyaa kana irraa
darban Caffeedf dhiyeessuudhaan yaadannoon sammuu akka godhamuuf gaafachuu;
d) Gaaffii miseensummaa Caffee gadilakkisuuf miseensota irraa dhiyaatuuf Caffeedha beeksisuu;
e) Dhimmi mirgi addaa miseensa Caffee tokkorraa akka ka’u taasise
hafuusaa Caffeedhaaf ibsuu;
f) Qaboon yaa’ii Caffee akka mirkanaa’u Caffeedhaaf dhiyeessuu;
g) Dhimma nageenyaa fi tasgabbii arifachiisummaan isaa Mootummaan
itti amanamee Afyaa’iitiif ergame Caffee beeksisuu.
3) Afyaa’iin akkuma haalasaatti dhimmoota armaan gadii Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffeetti dhiyeessuun yeroon marii akka ramadamuuf erga taasiseen booda akka ajandaatti qabatee Caffeef dhiyeessuu ni
danda’a.

22

a) Dura Taa’oota, Itti Aantoota Dura Taa’oota Koreewwaniifi miseensota
isaanii Caffeetti dhiyeessuun Mogaasiisuu;
b) Qaamoolee Caffeen akka seeraatti bakka bu’u keessatti miseensota
bakka bu’an filachuudhaan Caffeetti dhiyeessee moggaasisuu;
c) Dhimma balleessaa naamuusa cimaa irra deddeebiidhaan miseensa
tokkoon raawwatame irratti tarkaanfii fudhachiisuuf bu’uura Dambii
Lak. 3/2001 Keewwata 112 Keewwata xiqqaa (5 fi 6) jalatti tumameen
Caffeedhaaf dhiyeessuu;
d) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 45 Keewwata xiqqaa (1)tiin
gabaasa Preesidaantii Mootummaa Naannichaatiin Caffichaaf dhiyaatu;
e) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 32tiin ajandaa qabamerratti
murteen yeroo biraatiif akka darbu taasisuu;
f) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 45 Keewwata xiqqaa (2)tiin
gabaasota Qaamolee Mootummaa irraa kallattiidhaan Caffeef dhiyaatu.
Keewwata 8: Haala Wixineen Ajandaa Koree Mari’achiistuuf Itti Dhiyaatu
1) Ajandaaleen Mootummaa fi Garee Caffeetiin burqan karaa bakka bu’oota
isaaniitiin ni dhiyaatu.
2) Ajandaaleen Afyaa’iidhaan, koreewwanii fi miseensota Caffeetiin burqan
karaa Afyaa’iitiin Koree Mari’achistuutiif ni dhiyaata.
3) Wixineen seeraa Miseensotaan burqee akka ajandaatti qabamuuf dhiyaatu
barreeffamaan ta’ee, yoo xinnaate mallatoo miseensota 20 ta’aniin mallattaa’ee
karaa Afyaa’iitiin Koree Mari’achiiftuuf dhiyaachuu qaba.
4) Wixineen seeraa koreedhaan burqee akka ajandaatti akka qabamu dhiyaatu
Dura Taa’aa Korichaatiin mallattaa’ee karaa Afyaa’iitiin Koree Mari’achiistuu
Dhimmoota Caffeetiif dhiyaachuu qaba.
5) Wixineen seeraa qaamoolee biroo aangoon seeraan kennameefiin burqee akka ajandaatti akka qabamuuf dhiyaatu hogganaa mana hojichaatiin
mallattaa’ee karaa Afyaa’iitiin Koree Mari’achiistuu Dhimmoota Caffeetiif
dhiyaachuu qaba.
6) Wixineen seeraa Mootummaadhaan burqee akka ajandaatti akka qabamuuf dhiyaatu bakka bu’aa Mootummaatiin Koree Mari’achiistuudhaaf
dhiyaachuu qaba.
7) Afyaa’iin wixinee seeraa bu’uura Dambiichaatiin dhiyaateef walga’ii Caf-

23

feetti akka dhiyaatuuf ajandaadhaan akka qabamuuf Koree Mari’achiistuu
Dhimmoota Caffeetiif dhiyeessuu qaba. Wixinichi akkaataa dambichaatiin
hin dhiyaanne yoo ta’e, hanqina isaa ibsuudhaan sirreeffamee akka dhiyaatu
qaama dhiyeesseef ni deebisa.
8) Wixineen baajata Mootummaa Naannichaa Mana Marii Bulchiinsa
Mootummaa Naannichaatiin qophaa’ee Afyaa’iidhaaf ni dhiyaata.
9) Qaamni wixinee ajandaa dhiyeessu kamiyyuu waraabbii wixinichaa
guyyaa walga’iin Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee itti gaggeeffamu
irraa guyyaa torba dursee Afyaa’iidhaaf erguu qaba.
Keewwata 9: Sirna Ajandaan Qophaa’e Marii Caffeetiif Itti Dhiyaatu
1) Afyaa’iin ajandaa Koree Mari’achiistuutiin irratti waliigalame ykn ajandaa
ofii isaatiin qopheessee fi sanadoota ajandicha waliin wa-qabatan Ittigaafatamaa Waajjirichaatti ni erga.
2) Ittigaafatamaan Waajjirichaas akkaataa walduraa duuba dhimmichaa
murtaa’een ajandaa ni qopheessa. Sanadoota dhimmichaan wal-qabatan
waliin miseensotaaf ni raabsa.
3) Wal-duraa duubni ajandaalee dhiyaatanii Afyaa’iidhaan ni murtaa’a.
4) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa sadii jalatti kan tumame yoo
jiraateyyuu, yaadni akkaataan wal- duraa duuba ajandaa dhiyaatuu akka
sirraa’u ykn yeroo biraatti akka darbu dhiyaatee miseensotaan yoo deeggarame akka sirraa’u ykn yeroo biraatti akka darbu taasifamuu ni danda’a.
5) Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa afuriitiin ajandaan yeroo biraatti akka darbu murtaa’ee Walga’ii Caffee itti aanutti ajandaalee biroo irraa
dursa argachuu ni danda’a.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 10: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamoonnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
tumaman waliin walfaallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.

24

Keewwata 11: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

25

Qajeelfama Lak. 5/2004
Qajeelfama Sirna Hojimaata Ramaddii Yeroo Mariifi Haasawaa Miseensota Caffee Walga’ii Irratti Dubbatan Ittiin Filataman Murteessuuf Bahe
Lak. 5/2004
Koreen Mari’achistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Hojimaata Ramaddii Yeroo Marii fi Miseensota Caffee Walga’ii Irratti Dubbatan Ittiin Filataman Murteessuuf Bahe
Lak. 5/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna walga’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe Lak.
3/2001 jechuudha.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati
5) “Afyaa’ii Duraa” jechuun Caffeen haaraan hojii eegaluun dura nama Caffee hojiirra ture Afyaa’ii ta’uun gaggeessaa ture jechuudha.
6) “Koree” jechuun hojiilee Caffee raawwachiisuudhaaf akka haala isaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiiftuu dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree Yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
7) “Garee Caffee” jechuun paartiin tokko ykn buufata filannoo tokkotti walii isaaniitiin kan wal hin dorgomin, sagantaa siyaasaa paartii tokkoo jalatti
miseensota argaman kan of-keessatti qabate paartii ykn paartiilee fi tuuta
miseensota kudhanii gadi hin taane Caffee keessaa teessoo kan qabu ykn kan
qabaniidha.
8) “Ajandaa Mootummaa” jechuun ajandaa Mana Maree Bulchiinsa

26

Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’ee Caffeedhaaf dhiyaatu jechuudha.
9) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati
10 ‘‘Nama’’ jechuun nama uumamman ykn seeraan mirgi namoomma
kennameef jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa hirmaannaa miseensotaa fi Garee Caffee dammaqina qabu kan mirkaneessu ramaddii yeroo fi tartiiba miseensota walga’ii
irratti dubbatan ittiin filataman hojimaata ifaa fi haqa qabeessa ta’e diriirsuudhaan Caffeen ittigaafatamummaa kennameef sirnaan akka bahu taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kuni akkaataa Labsii Hojimaata Caffee Keewwata 17 keewwata
xiqqaa 3tiin fi 4tti Bakka Bu’oota Paartiilee, Garee Caffeefi Bakka Bu’oota
Dhuunfaa Caffee keessaa teessoo qabaniifi miseensota Caffee irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Yeroo Marii Ajandaa Caffichaatiif Ramadamu
Keewwata 5: Ramaddii Yeroo Marii
1) Bu’uura Dambii Lakk. 3/2001 Keewwata 72 keewwata xiqqaa 1tiin yeroon
marii ajandaa tokko tokkootiif barbaachisu kan ramadamu waliigaltee Koree
Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffeetiin ta’a.
2) Akkaataa Keewwata kanaa Keewwata Xiqqaa 1tiin ramaddii yeroo irratti
dhimmi irratti walii hin galamin yoo jiraate, miseensonni dhimmicha irratti
garaagarummaa qaban yaada isaanii gabaabinaan akka ibsatan erga taasifamee booda sagalee caalmaa Korichaatiin ni murtaa’a.
3) Afyaa’iin yeroo marii Caffeedhaan murtaa’e akkaataa Qajeelfama kana
Keewwata 10tiin ni raawwachiisa.
Keewwata 6: Yaada Ka’umsaa Yeroo Marii Dhiyeessuu
1) Qaamni wixinee ajandaa dhiyeessu kamiyyuu tilmaama yeroo marii
ajandaa dhiyaateef barbaachisu akka ka’umsaatti Koree Mari’achiftuutiif dhi-

27

yeessuu qaba.
2) Yeroo marii bu’uura Keewwata kana keewwata xiqqaa 1tiin dhiyaate irratti qaamni ajandaa dhiyeesse yaada akka kennu ni taasifama. Afyaa’iin
dhimmicha irratti mariin gahaan taasifamee jira jedhee yoo amanu waliigaltee miseensotaa ni gaafata. Bu’uura yaada irratti waliigalameetiin yeroo
marii ni ramada.
Keewwata 7: Dhimmoota Rammaddii Yeroo Marii Irratti Yaada Keessa
Galuu Qaban
1) Wixinee seeraa kamiifiyyuu yeroon dubbisaa,marii,gaaffii fi deebiif barbaachisu tokkoo tokkoosaatiif akka barbaachisummaa isaatti ni ramadamaaf.
2) Gabaasni ykn yaadni murtii Caffeedhaaf dhiyaatu akka barbaachisummaa
isaatti yeroon dhiyeessaa fi marii akka barbaachisummaa isaatti ni ramadamaaf.
3) Gabaasa Pirezidaantiin Naannichaa dhiyeessu irratti daangaan yeroo hintaasifamu. Haata’u malee, dhimma dhiyaate irratti marii taasifamuuf yeroon
barbaachisu ni ramadama.
4) Wixine Baajataa Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin
dhiyaatuuf yeroon marii gahaan ni ramadamaaf.
5) Dhimma biroo Caffeetti dhiyaatu kamiifuu akka barbaachisummaasaatti
yeroon marii ni ramadamaaf.
Keewwata 8: Rammaddii Yeroo Marii Guyyaa Mormitootaa
Caffeen waggaa tokko keessatti guyyaa tokkoof ajandaa mormitoonni dhiyeeffatan irratti marii ni gaggeessa. Tartiibni raawwii isaa yeroo ajandaan
dhaabbilee siyaasaa mormitootaa Caffee keessaa teessoo qaban irraa dhiyaatu yeroo fi guyyaa Koreen Mari’achiftuu Dhimmoota Caffee ajandichi Caffeetti akka dhiyaatu murteessuun kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 9: Yeroo Marii Sirna Baniinsa Walgahii Duraa Caffeetiif Ramadamu
Bu’uura Dambichaa Keewwata 6 tiin yeroon marii sirna baniinsa walgahii
duraa Caffeetiif barbaachisu Afyaa’ii duraatiin kan ramadamu ta’a.

28

Kutaa Sadii
Yeroo Marii Caffee fi Akkaataa Filannoo Miseensota Marii Irratti Yaada
Kennanii
Keewwata 10: Akkaataa Ramaddii Yeroo Marii
1) Afyaa’iin yeroo marii ajandaaleedhaaf murtaa’e bu’uura godhachuun
yaada dhiyaatuuf yeroo ni ramada.
2) Dhaabbileen siyaasaa Caffee keesaa teessoo qabaniifi Gareen Caffee akkaataa baay’ina teessoo Caffee keessaa qaban bu’uura gochuun yaada dhiyeessaniif yeroo waliigalaa ajandichaaf qabame keessaa yeroon ni ramadamaaf.
3) Miseensonni yaada isaanii ibsachuuf akka danda’an yeroo waliigalaa
ajandichaaf ramadame keessaa akka barbaachisummaasaatti yaada akka
dhiyeessan yeroon ni ramadamaaf.
4) Afyaa’iin yeroo marii bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2tiin
ramadame karaa Ittigaafatamaa Waajjira Afyaa’ii fi Caffeetiin Paartiilee fi
Gareen Caffee akka beekanii fi tartiiba maqaa miseensota Dhaaba isaanii
ykn Garicha bakka bu’uun yaada dhiyeessuu qaban dursanii akka beeksisan
ni taasisa.
5) Itti fayyadamni yeroo bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2tiin
ramadame Dhaabbilee Siyaasaa ykn Garee Caffeetiin murtaa’a.
6) Gaaffii fi yaada ajandicha irratti dhiyaatuuf qaamni dhimmi ilaalu deebii ykn yaada kennuuf yeroo waliigalaa dhimmichaaf qabame keessaa kan
ramadamu ta’a.
7) Ibsawwan Afyaa’iin Caffee kennu, akkasumas qaama ykn nama dhuunfaa
kamiinuu ibsi ykn ragummaan Caffeef kennamu irratti daangaan yeroo hin
taasifamu.
8) Afyaa’iin yeroo gaaffichaaf ramadame keessatti deebii Hoggantoota Manneen Hojii Mootummaatiin deebi’e bu’uura gochuun gaaffiin ibsa dabalataa
qaama gaafficha dhiyeesseen ykn miseensa birootiin akka dhiyaatu carraa
kennuu ni danda’a.
Keewwata 11: Akkaataa Filannoo Yaada Kennitootaa ykn Kenniinsa
Carraa
1) Afyaa’iin walga’ii kamiyyuu yeroo gaggeessu qajeeltoowwan bu’uuraa kan
akka al-loogummaa, haqummaa fi madaalawaa ta’e hordofuun irra jiraata.
29

2) Afyaa’iin;
a) Wixinee seeraa dhiyaate irratti mariin gaggeeffamuun dura qaama wixinicha dhiyeesseen ibsi gabaabaan akka itti kennamu ni taasisa.
b) Gabaasaa fi yaada murtii Caffeedhaaf dhiyaate irratti mariin gaggeeffamuun dura gabaasaa fi yaada murtii koree dhimmichi ilaallatuun
qophaa’e dursee akka dhiyaatu ni taasisa.
c) Caffeen gabaasa Mootummaa ykn ajandaa biroo irratti marii gaggeessuun dura hogganaan dhimmi ilaallatu ibsa barbaachisaa ta’e akka itti
kennu ni taasisa.
3) Afyaa’iin hoggantonni ykn bakka bu’oonni ykn Dhaabbileen Siyaasaa ykn
Gareen Caffee, Paartii ykn Garee isaanii Bakka Bu’uudhaan yaada akka dhiyeessan carraa dursaa ni kennaaf. Itti aansee miseensota Caffee kan biroo
maqaan isaanii bakka bu’aa paartii ykn Garee isaanitiin Afyaa’iitiif darbeef
yaada akka dhiyeessan carraa kennuufi ni danda’a.
4) Dhuma irratti miseensonni Caffee kan biroo gaaffilee fi yaada isaanii akka
dhiyeessaniif bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 9Keewwata Xiqqaa3tiin
Afyaa’iin carraa ni kenna.
5) Afyaa’iin miseensa haala adeemsa Walga’ii Caffee irratti yaada kaasuuf
carraa duraa kennuufii qaba.
Keewwata 12: Yeroo Itti Hin Fayyadamamne Bakka Buusuu
1) Afyaa’iin yeroon haasawaa miseensa tokkoof ramadame yoo xumurame
haasawicha dhaabsisuu qaba.
2) Miseensi kamiyyuu yaada isaa yoo ibsatu tumaalee Dambii Lak. 3/2001
Keewwata 23 irraa fi tumaalee birootiin kan ibsaman hanga hin dabarretti, Afyaa’ichi gidduu seenuudhaan haasaa Miseensichaa addaan kutuu hin
qabu.
3) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti
ta’ee, sababa yaada adeemsaa ka’een ykn sababa balleessaa miseensichaatiin
ala ta’een Miseensa haasaan isaa adda jalaa citeef Afyaa’iin yeroo itti hin fayyadamne bakka buusuufii ni danda’a.
Keewwata 13: Haala Carraa Haasawaa Irra Deebiidhaan Argachuun
Ittidanda’amu
1)
Miseensi tokko dhimma tokkoof yeroo tokkoo ol carraa haasa’uu

30

hin argatu. Haata’u malee, Afyaa’iin barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate yeroo
haasaa dabalataa kennuu ni danda’a.
2) Afyaa’iin miseensi haasaa taasise tokko yaada haaraa osoo hin dabalin
dhimmicha dubbate irratti yaada isaa sirreessuuf yoo gaafate carraa dabalataa kennuufii ni danda’a.
3) Afyaa’iin kaka’umsa mataa isaatiin carraa haasaa addaa ykn dabalataa
miseensotaaf kennuu yoo barbaade hirmaannaa Garee hundaa yaada keessa
galchuu qaba.
Keewwata 14: Tarreeffama Dubbattootaa Dursaan Afyaa’icha Beeksisuu
1) Paarticha ykn Garee Caffee Bakka Bu’uun Miseensi yaada isaa ibsuu barbaade karaa bakka bu’aa paartii ykn Garee Caffeetiin ykn karaa bakka bu’aa
isaatiin maqaan miseensa dubbatuu Afyaa’iidhaaf dursee darbuu qaba.
2) Miseensi dhuunfaa isaatiin yaada dhiyeessuu barbaadu kamiyyuu dursee
maqaa isaa Afyaa’iidhaaf beeksisuu qaba.
3) Tarreeffamni maqaa akkaataa Keewwata kanaatiin darbu guyyaa Walga’ii
dursee Afyaa’ii dhaqqabuu qaba.
Kutaa Afur
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 15: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti tumamaniin walfaallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 16: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

31

Qajeelfama Lak. 6/2004
Qajeelfama Sirna Gaaffiin Adeemsaa Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Ittiin Dhiyaatu Murteessuuf Bahe Lak. 6/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lakk. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tuumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Gaaffiin Adeemsaa Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Ittiin Dhiyaatu Murteessuuf Bahe Lak.6/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooya'ee bahe
jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
6) “Dambii” jechuun Dambii akkaataa gurmaa’ina, hojimaata, naamusa
miseensotaa fi sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 irra deebiidhaan Fooyyessuuf Dambii Bahe Lak.
3/2001 jechuudha.
7) “Walga’ii Caffee” jechuun Walga’ii Caffee idilee, ykn ariifachiisaa jechuudha.
8) “Nama” jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha.
Keewwata 4: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa sirna gaaffiin adeemsaa Walga’ii Caffeerratti
miseensota Caffeetiin beekamuufi hordofamuu qabu ittiin dhiyaatu murteessuudha.

32

Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun gaaffii adeemsaa Walga’ii Caffee irratti dhiyaatu irratti
raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Yeroo fi Dhimmoota Gaaffiin Adeemsaa Irratti Dhihaatu
Keewwata 5: Gaaffii Adeemsaa
1) Gaaffiin adeemsaa Walga’ii Caffeedhaan gaggeeffamu ilaalchisee gaaffii
miseensotaan dhiyaatudha.
2) Gaaffiin adeemsaa tokko yoo dhiyaatu adeemsa gaggeeffamaa jiru dhaabsisuu ni danda’a.
3) Gaaffiin adeemsaa miseensa kamiiniiyyuu dhiyaatu:a) Raawwii ykn hiikkaa Dambii ykn Qajeelfama Caffee kan ilaallatu ta’uu
qaba.
b) Afyaa’iidhaan murtiin kan irratti kennamuu danda’u ta’uu qaba.
Keewwata 6: Yeroo Gaaffiin Adeemsaa Itti Dhiyaatu
1) Miseensi hir’inni naamusa adeemsaa jira jedhu kamiyyuu gaaffii isaa battalumatti dhiyeessuu qaba.
2) Gaaffiin adeemsichaa kan dhiyaate tartiiba ajandaa guyyichaa dhiyaate
irratti yoo ta’e, gaaffichi jalqaba yaa’ichaa irratti ykn yeroo ajandaalee lama
gidduu jirutti akka dhiyaatu Afyaa’iin eeyyamuu ni danda’a.
Keewwata 7: Yeroo Gaaffiin Adeemsaa Itti Dhiyaachuu Hin Dandeenye
1) Yeroo Afyaa’iin dubbatu ykn yeroo sagaleen kennamu gaaffiin adeemsaa
dhiyaachuu hin danda’u.
2) Miseensi adeemsa sagalee kennuu irratti rakkoon uumamee jira jedhee
amane lakkoofsi sagalee akka xumuramee fi bu’aan isaa akka ibsameen battalumatti gaaffii isaa dhiyeessuu qaba.
Keewwata 8: Dhimmoota Gaaffiin Adeemsaa Irratti Dhiyaachuu
Hindandeenye
1) Dhimmoota armaan gadii irratti gaaffiin adeemsaa dhiyaachuu hindanda’u:
a) Dhimma Afyaa’iin murtii irratti kenne irratti;
b) Dhimma Caffeen duraan Walga’ii irratti adeemsise irratti;
c) Dhimma Afyaa’iin murtii ykn furmaata itti kennuu hindandeenye.

33

2) Miseensi kamiyyuu:
a) Ejjannoosaa ibsuuf;
b) Ibsa gaafachuuf ykn ibsa kennuuf ykn yaada dhiyaate irra deebi’ee ibsuuf;
c) Ajandaa guyyichaa irratti dhimmi haaraan ykn dabalataa akka qabamu
gaafachuuf;
d) Odeeffannoo gaafachuuf gaaffiin adeemsaa dhiyaatu fudhatama hinqabu.
3) Gaaffiin adeemsaa dhiyaatu kamiyyuu tilmaama irratti kan hundaa’e ta’uu
hinqabu.
4) Gaaffii adeemsaa dhiyaate irratti gaaffii adeemsaa biroo dhiyeessuun hin
hayyamamu.
5) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan tumame jiraatuyyuu,
miseensi kamiyyuu gaaffiin dhiyaachaa jiru gaaffii adeemsaa miti jechuun
gaaffii adeemsaa dhiyeessuu ni danda’a.
Keewwata 9: Aangoo Afyaa’ii
1) Afyaa’iin gaaffii adeemsichaa ilaalchisee:
a) Miseensa gaaffii dhiyeessuuf carraa kennuu;
b) Gaaffiin dhiyaate gaaffii adeemsaa ta’uu ykn ta’uu dhabuu isaa murteessuu;
c) Gaaffii adeemsaa seeraan ala dhiyaate dhaabsisuuf aangoo ni qaba.
2) Murtii Afyaa’iin gaaffii adeemsaa irratti kennuu murtii dhumaa ta’a.
3) Murtii Afyaa’iin gaaffii adeemsaa irratti kennef gaaffii dhiyeessuun
hindanda’amu.
Keewwata 10: Haala Gaaffiin Adeemsaa Itti Dhiyaatu
1) Miseensi gaaffii adeemsaa dhiyeessuu barbaadu harka baasuudhaan
Afyaa’ii heeyyama gaafachuu qaba.
2) Afyaa’iin miseensa gaaffii adeemsaa dhiyeessuuf dursa ni kenna.
3) Afyaa’iitiin yoo hayyamameef hir’inna adeemsichaa fi Dambii ykn Qajeelfama cabe gabaabinaan ibsuun gaaffii isaa ni dhiyeessa.
4) Gaaffii adeemsaa irratti ibsa kennuun hin eeyyamamu.
5) Miseensi tokko carraa dubbachuuf kennameef al-tokkotti gaaffii adeemsaa tokko qofa dhiyeessuu qaba.

34

Keewwata 11: Gaaffii Adeemsaa Irratti Falmiin Kan Hin Hayyamamne
Ta’uu
1) Gaaffii adeemsaa miseensa tokkoon dhiyaate irratti falmiin hingaggeeffamu.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko jalatti kan tumame yoo jiraateyyuu,
barbaachisaa ta’ee yoo argame Afyaa’iin gaaffii adeemsaa dhiyaate irratti ibsi
akka kennamu gaafachuu ni danda’a.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 12: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii kamiyyuu dhimmoota Qajeelfama kana
keessatti tumaman waliin wal faalleessan raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 13: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee MootummaaNaannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

35

Qajeelfama Lak. 7/2004
Qajeelfama Akkaataa Kenniinsa Sagalee Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 7/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko:
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Akkaataa Kenninsa Sagalee Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk.7/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Heera Mootummaa” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
fooyya’ee bahe labsii Lakk. 46/1994 jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, hojimaata, Naamuusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe Lak. 3/2001
jechuudha.
5) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
6) “Koree” jechuun hojilee Caffichaa raawwachuudhaaf akka haalasaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree Yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
7) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
8) “Sagalee” jechuun tokkoon tokkoo miseensaa Walga’ii Caffee tokkotti
dhimma falmiidhaan ykn falmii malee murtiin irratti kennamurratti harka
baasuudhaan ykn iccitiidhaan fedhii qabu haala itti ibsatuudha.
9) “Waajjira” jechuun Waajjira Afyaa’ii fi Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaati.

36

Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa dhimma Caffeen mariidhaaf qabate yeroo
taa’eef keessatti marii gahaa taasisuudhaan akkaataa sagaleen itti kennamuu
fi murtii itti dabarsu tumuudhaan hojimaata iftooma qabu diriirsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun dhimma Caffeetti dhiyaatee falmiidhaan ykn falmii malee
murtiin irratti kennamu kamiyyuurratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Akkaataa Kenniinsa Murtee fi Sagalee
Keewwata 5: Dhimmoota Falmiidhaan ykn Falmii Malee Caffeedhaan
Murtaa’an
1) Dhimmi Caffeedhaan falmiidhaan ykn falmii malee murtiin irratti kennamu akkaataa Dambichaan tumameen kan raawwatamu ta’a.
2) Miseensi kamiyyuu dhimma falmiidhaan ykn falmii malee murtaa’u irratti sagalee kennuuf mirga qaba.
3) Dhimma falmiidhaan ykn falmii malee Caffeen murtee akka itti kennu
miseensi yaada dhiyeesserratti sagalee kennuu ni danda’a.
Keewwata 6: Akaakuu Kenniinsa Murtee
Caffeen gosa dhimmoota dhiyaataniif irratti akkaataa Heeraatiin, Dambii fi
Qajeelfama kanaan murtee dabarsuu kan danda’u:
1) Sagalee caalmaa miseensotaatiin;
2) Sagalee lama-sadeessoo miseensotaatiin;
3) Sagalee sadii-afreesoo (3/4) miseensotaatiin ykn
4) Sagalee guutuu miseensotaatiin yoo raggaasissan ta’uu ni danda’a.
Keewwata 7: Sagalee Caalmaatiin Murteessuu
1) Akkaataa Heera Mootummaa fi Dambiichaatiin yoo murtaa'e malee,
murtiin Caffee kamiyyuu kan darbu sagalee caalmaa miseensotaatiin ta’a.
2) Afyaa’iin dhimma Caffeen sagalee caalmaan murteessu irratti sagalee
hinkennu. Sagaleen walqixa yoo ta’e yaadni Afyaa’iin deeggare murtee Caffichaa ta’a.

37

Keewwata 8: Dhimmoota Sagalee Lama-sadeessoofi Isaa Oliin Murtaa’an
Caffeen Heera Mootummaa fi Dambicha bu’uureffachuun dhimmoota
armaan gadii irratti sagalee lama-sadeessoo (2/3) fi sadi-afreessoo (3/4) miseensotaatiin murtii ni dabarsa.
1) Bu’uura Heera Mootummaa Keewwata 108 Keewwata Xiqqaa (3) tiin tumaa yeroo ariifachiisaa dheeressuuf murteessu.
2) Akkaataa Heera Mootummaa Keewwata 112 Keewwata Xiqqaa (2(b)) fi
Keewwata Xiqqaa 3(b) tiin Heera Mootummaa fooyyeessuuf murtii kennamu.
Keewwata 9: Sagalee Guutuu Miseensotaatiin Murtee Dabarsuu
1) Sagalee guutuu miseensotaatiin murtee dabarsuu jechuun, dhimma tokkorratti mariin gahaan erga gaggeeffamee booda miseensonni Walga’ii Caffee
irratti argaman hundi garaagarummaa malee haala sagalee itti kennaniidha.
2) Miseensi kamiyyuu dhimma Walga’ii Caffeef dhiyaate garaa garummaa
malee miseensonni hundinuu kan irratti waliigaluu danda’an yoo ta’e, sagalee guutuudhaan murteen irratti yaa kennamu yaada jedhu dhiyeessuu ni
danda’a.
3) Caffeen dhimma tokkorratti sagalee guutuudhaan murtee dabarsuu kan
danda’u mariin dhimmicharratti taasifame xumuramuusaa akkaataa Qajeelfama kanaa Keewwata 10 tiin yaada dhiyaate ykn Afyaa’iin mariin gahaan taasifamee jira jedhee yoo amanee fi dhimma murteef dhiyaate irratti
“Sagalee Guutuudhaan Murteen yaa Darbu” yaadni jedhu yoo jiraate ykn
Afyaa’iin yaadni mormii yoo jiraate gaafachuudhaan kan hin jirre ta’uusaa
yoo mirkaneeffateedha.
4) Afyaa’iin akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin dhimma murteedhaaf dhiyaaterratti mormiin jiraachuusaa yoo mirkaneeffate murteen
kan darbu akka haalasaatti sagalee caalmaadhaan ykn lama-sadeessoon ykn
isaa oliin ta’a.
Keewwata 10: Akkaataa Kenniinsa Sagalee
1) Dhimmi ajandaadhaan qabame tokko yeroo qabameef keessatti mariin
gahaan erga irratti taasifameen booda, Afyaa’iin mariin gahaan taasifamee
jira jedhee yoo itti amane sagaleen akka irratti kennamu ni taasisa.
2) Miseensi kamiyyuu dhimma Caffeetti dhiyaatee mariin gahaan irratti
taasifamee jira jedhee yoo amane, mariin dhimmicha irratti taasifamaa jiru

38

dhaabatee murtiin akka itti kennamu Afyaa’ii hayyamsiisee fudhatama yoo
argate Afyaa’iin sagaleen akka itti kennamu ni taasisa.
3) Afyaa’iin yeroo marii yaadota garagaraa miseensota irraa dhiyaatan kenniinsa sagaleetiif haala mijaa’uun gurmeessuudhaan sagaleen akka itti kennamu ni taasisa.
4) Dhimmi sagaleen irratti kennamu kutaa kutaadhaan akka ragga’u kan
barbaachisu yoo ta’e, adeemsi murtii kennuu haaluma kanaan raawwatama.
Dhimmicha irratti sagaleen akka waliigalaatti kennamee akka ragga’u ni
taasifama.
5) Dhimmoonni marii Caffeetiin murtii argatan guyyaa fi tartiibni lakkoofsaa kennameefii ni galmaa’u.
6) Dhimmi kamiyyuu erga murteedhaaf dhiyaate booda yaadni irratti kennamuu ykn mariin irratti gaggeeffamuu hin danda’amu.
Keewwata 11: Tooftaa Kenniinsi Sagalee Ittiin Raawwatamu
Caffeen dhimma dhiyaateef irratti murtii kan dabarsu miseensonni ifatti
harka baasuudhaan, meeshaa sagaleen ittiin kennamu fayyadamuudhaan
ykn iccitiidhaan sagalee akka kennan taasisuudhaan ta’a.
Keewwata 12: Harka Baasuudhaan ykn Meeshaa Sagaleen Ittiin Kennamu Fayyadamuun Sagalee Kennuu
Afyaa’iin dhimma Caffeef dhiyaate irratti sagaleen akka kennamuuf yoo dhiyeessu:
1) Dhimmicha dhiyaate irratti sagalee deeggarsaa, mormii, sagalee kan
hinkennine tartiibaan sagaleen akka itti kennamu ni taasisa.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokkootiin miseensonni sagalee kan kennan harka baasuudhaan ykn meeshaa sagalee ittiin kennamu
fayyadamuudhaan ta’a.
Keewwata 13: Iccitiidhaan Sagalee Kennuu
1) Dhimmi iccitiidhaan sagaleen itti kennamu:
a) Sagalee caalmaa Caffeetiin ykn
b) Afyaa’iidhaan murtaa’uu ni danda’a.
2) Bu’uura kewwata kana keewwata xiqqaa tokkootiin dhimmi tokko iccitiidhaan sagaleen kan itti kennamu ta’uu ykn ta’uu dhiisuusaa murtiin kan itti
kennamu tarreeffamni ajandaa guyyichaa Caffeef akkuma dhiyaateen ta’a.

39

3) Bu’uura keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokkootiin dhimma murtaa’e
irratti Afyaa’iin iccitiidhaan sagaleen akka itti kennamu haala ni mijeessa.
4) Iccitiidhaan sagaleen kan kennamu iddoo dhimmicha irratti mariin taasifametti ta’a.
Keewwata 14: Dhimma Tokko Irratti Sagalee Tokko Qofa Kennuu
1) Miseensi tokko dhimma tokko irratti sagalee tokko qofa qaba.
2) Miseensi kamiyyuu qaamaan argamee sagalee kennuu qaba.
3) Nama bakka buusuun sagalee kennuun dhoorkaadha.
Keewwata 15: Dogongora Yeroo Sagaleen Kennamu Uumamu Sirreessuu
1) Afyaa’iin dhimma sagaleen itti kennamu miseensonni sagalee kennuun
dura ifatti akka beekan ni taasisa.
2) Caffeen dhimma tokko irratti adeemsa kallattiidhaan harka baasuudhaan/
meehsaadhaan sagaleen osoo itti kennamaa jiruu:
a) Dhimmi murtiidhaaf Afyaa’iidhaan dhiyaate ifatti adda bahee dhiyaachuu dhabuu isaatiin yaada dhiyaate ykn
b) Dogoggorri lakkoofsa sagalee hojjettoota sagalee lakkaa’aniin raawwatamuu isaa ilaalchisee yaadni dhiyaate Afyaa’iidhaan fudhatama yoo
argate Afyaa’iin dhimma sagaleen itti kennamu ifatti addaan baasuudhaan
irra deebiidhaan sagaleen akka itti kennamu ykn sagaleen irra deebi’amee
akka lakkaa’amu taasisuu ni danda’a.
3) Afyaa’iin bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 16tiin bu’aa ibsame irratti
dogoggorri uumameera jedhee yoo amane battalumatti akka sirratu ni taasisa.
Keewwata 16: Lakkoofsa Sagalee fi Bu’aa Isaa Ibsuu
1) Caffeen dhimma dhiyaateef irratti yeroo lakkoofsi sagalee kennamu
kamiyyuu kan raawwatamu nama Afyaa’iin hojjataa deeggarsaa Waajjirichaa
keessaa ramaduun ta’a.
2) Lakkoofsi sagalee erga xumuramee booda bu’aan isaa afaaniin ykn guca
dhimma kanaaf qophaa’e irratti guutuudhaan Afyaa’iidhaaf ni ibsama.
3) Afyaa’iin bu’aan lakkoofsa sagalee akkuma isa gaheen:
a) Kenniinsi sagalee harka baasuudhaan yoo ta’e dhimmicha irratti deeggarsaan, mormiidhaanii fi sagalee kennuu dhiisuudhaan sagalee kenname
ykn murtii murtaa’e battalumatti Caffee ni beeksisa.

40

b) Kenniinsi sagalee iccitiidhaan yoo ta’e akkuma haala isaatti dhimmicha
irratti deeggarsaan, mormiidhaan ykn sagalee kennuu dhiisuudhaan sagalee kennameef murtii murtaa’e battalumatti Caffee ni beeksisa.
Keewwata 17: Sagalee Kenname Jijjiiruu
1) Miseensi tokko sagalee dhimma tokko irratti kenne akka jijjiiramuuf
gaaffii dhiyeessuu kan danda’u sagalee harka baasuudhaan kennamu qofaa
irratti ta’a.
2) Miseensi tokko dhimma tokko irratti sagalee kenne jijjiiruu kan danda’u:
a) Gaaffii isaa Afyaa’iidhaaf yoo dhiyeessee fi Afyaa’iins yoo hayyamee fi
b) Gaaffiin sagaleen naaf haa jijjiiramu jedhu kan dhiyaatu sagaleen
lakkaa’ame ida’amuun ykn bu’aan isaa ibsamuun dura ta’uu qaba.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 18: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota qajeelfama kana keessatti tumaman waliin wal faalleessan raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 19: Yeroo Qajeelfamichi Hojii Irra itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannnoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

41

Qajeelfama Lak. 8/2004
Qajeelfama Adeemsa Baajanni Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ittiin
Ragga’u Murteessuuf Bahe Lak. 8/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Adeemsa Baajanni Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Ittiin Ragga’u Murteessuuf Bahe Lak. 8/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooya'ee bahe
jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walga’ee Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyessuuf Dambii Bahe lakk.
3/2001 jechuudha.
6) “Mana Hojii Baajataan Bulu” jechuun mana hojii guutummaan guutuutti ykn gartokkeedhaan baajata Mootummaatiin bulu jechuudha.
7) “Baajata Deeggarame” jechuun gaaffii baajata marmaartuu fi kaappitaalaa imaammata, tarsiimoo fi xiyyeeffannaa Mootummaa baaxii baajata
mana hojii tokkoon tokkoo, karooraa fi sagantaa hojii waliin baajatichi Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaatiin ittiin xiinxalamuu fi ibsi
deeggarsa adeemsaa ittiin qophaa’uudha.
8) "Nama" jechuun Nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kan
kennameef jechuudha.
9) "Biiroo" jechuun, Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaati.
10) “Marii Waliigalaa” jechuun Koreen Qindeessituu ibsa baajataa erga

42

dhagahee booda akkaataa Qajeelfama kanaa Keewwata 14 tiin marii gaggeeffamuudha.
11) “Marii Tarree” jechuun yaada baajatni haa hir’atu jechuun ulaagaa
guutee dhiyaatu, wixinee baajataa manneen hojii tokkoon tokkoo abbootii
baajataafi gabaasaafi yaada murtii Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi Faayinaansiitiin dhiyaatu irratti marii Caffichaan adeemsifamuudha.
12) “Koree” jechuun hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haala isaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, koree Qindeessituu, koree
Mari’achiiftuu dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree yeroo fi Koreewwan Xixxiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
13) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa adeemsi baajata raggaasisuu Caffee hojimaata
ifa, saffisaa fi hirmaachisaa ta’een akka gaggeeffamu taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Labsii Baajataa Caffeen bahan kamirrattiyyuu raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Wixinee Baajataa
Keewwata 5: Qaama Wixinee Baajataa Caffeedhaaf Dhiyeessuuf Ittigaafatamummaa Qabu
Baajata Mootummaa Naannichaa qopheessee Caffeef kan dhiyeessu Mana
Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaati.
Keewwata 6: Qophii Wixinee Baajataa
1) Oromiyaatiin qophaa'a.
2) Biiroon Maallaqaafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Manneen hojii gaaffii
baajataa yeroo dhiyeessan dhimmoota hordofuu qabanii fi manneen hojii
tokkoon tokkoof baaxii baajata marmaartuu fi kaappitaalaa qoodame waliin
mana hojichaatiif waamicha ni dabarsa.
3) Manneen Hojii tokko tokkoon akkuma waamichi baajataa isaan dhaqqa-

43

been tartiiba gaaffii baajataa waggaa tokkoof isaan barbaachisu qopheessee
Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdeetiif ni dhiyeessu.
4) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, gaaffiin baajatichaa daangaa yeroo waraqaa waamichaa irratti ibsame
keessatti kan hin dhiyeessine yoo ta’e, Biiroon Maallaqaafi Misooma Diinagdee odeeffannoo qabu irratti hundaa’uudhaan baajata isaanii deeggaree
Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif dhiyeessa.
5) Biiroon Maallaqaafi Misooma Diinagdee Oromiyaa gaaffii baajataa
manneen hojii tokkoon tokkoo deeggaruun dura sagantaa marii Baajataa
qopheessuudhaan gaaffii baajataa manneen hojii tokkoon tokkoon tartiibaan
ni qorata. Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti manneen hojii abbaa
Baajataa waliin mari’achuudhaan murtii irra gahu bu’uura godhachuudhaan
baajata deeggaramaa ni qopheessa.
6) Biiroon Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa gaaffii Baajataa
adeemsa qorannaa baajataa mana hojii kamiyyuu keessatti koreen dhaabbii
dhimma Baajataa fi Faayinaansi fi qaamni biroo dhimmichi ilaallatu akka
irratti hirmaatan ni taasisa.
7) Biiroon Maallaqaafi Misooma Dinagdee bu’uura Keewwata kanaatiin gaaffii wixinee baajataa dhiyaatan sanada tokko irratti walitti qabee ni
qopheessa. Wixinee baajataa sanada tokko irratti qophaa’e kanas murtiidhaaf Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa.
8) Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa wixinee Baajataa Biiroo Maallaqaafi Misooma Diinagdeetiin qophaa’ee dhiyaatu ni qorata; akka
heyyamamuuf ibsa gahaa waliin Caffeef ni dhiyeessa.
9) Kan Keewwata kanaan keewwata xiqqaa 8 jalatti kan tumame jiraatuyyuu,
wixineen baajataa Caffee kan qophaa’u bu’uura qajeelfama kana keewwata
9tiin ta’a.
10) Wixineen baajataa Caffeedhaaf dhiyaate osoo hin ragga’in dura gaaffii
Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin jijjiramni irratti taasifamuu ni danda’a. Afyaa’iinis Miseensotaa fi Koreewwan Dhimmichi ilaallatutti battalumatti beeksisuu qaba.
11) Miseensi kamiyyuu Wixinee Baajataa Caffeedhaaf dhiyaate hanga Caffeen ibsa Baajataa irratti mari’atutti iccitiidhaan eeguu qaba.
12) Tumaaleen keewwata kanaa akkaatuma haalasaatti qajeelfama kana keewwata 10 fi 12 irratti raawwatiinsa ni qabaata.

44

Keewwata 7: Wixinee Labsii Baajataa
1) Aangoon wixinee labsii baajataa qopheessuu kan Mana Marii Bulchiinsa
Mootummaa Naannichaa qofa ta’a.
2) Wixineen Labsii Baajataa Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin qophaa’ee Afyaa’ii Caffeetiif dhiyaatu Afaan Oromoo, Amaariffaa
fi Ingiliffaan qophaa’ee sanada ibsa baajataa waliin Caffeef dhiyaachuu qaba.
3) Wixineen Labsii Baajataa:
a) Gaaffii waliigala Baajataa waggaa baajata tokko keessatti dhiyaatuu fi
b) Gaaffii Baajata dabalataatiif ni qophaa’a.
4) Wixineen Labsii Baajataa Caffeef ergame tokko dubbisa tokkoffaaf dhiyaachuu hin qabu ykn Koree dhimmi ilaaluuf qajeelfamuu hin qabu jechuudhaan mormii dhiyeessuun hindanda’amu.
Keewwata 8: Yeroo Wixineen Labsii Baajataa Caffichaaf Itti Dhiyaatu
1) Sababni humnaa ol ta’e yoo mudate malee, Wixineen Labsii Baajatni
Mootummaa Naannichaa waggaan baajatichaa xumuramuun dura ji’a tokko
dursee Afyaa’iif dhiyaachuu qaba.
2) Wixineen Labsii Baajataa erga Waajjira Afya’ii fi Caffee gahee booda
guyyaa fi yeroo Afyaa’iin ramaduun hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wixinicharratti Koree Qindeessituu Caffeetiif ibsi akka kennamu ni taasifama.
3) Mariin waliigalaa wixinee labsii baajatichaarratti taasifamu akkuma xumurameen wixinicha gadifageenyaan qoratee yaada murtee akka dhiyeessuuf Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansiitti ni qajeelfama.
4) Afyaa’iin wixineen Baajataa yeroodhaan Caffeetti dhiyaatee ragga’uu isaa
to’achuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.
Keewwata 9: Akkaataa Wixineen Baajata Caffee Itti Qophaa’u
1) Koreen Qindeessituu Caffee bu’uura Dambiichaa Keewwata 70 Keewwata
Xiqqaa 5tiin wixinee baajata waggaa Caffee akka armaan gadiitti qopheessee
ni dhiyeessa:
a) Qajeelfama Koreen Qindeessituu kennu irratti hundaa’uudhaan Itti
gaafatamaan waajjira Afyaa’ii fi Caffee Oromiyaa wixinee baajata waggaa
qopheessee Afyaa’iidhaaf ni dhiyeessa;
b) Afyaa’iin wixineen baajatichaa akka qoratamu Koree Dhaabbii Dhim-

45

ma Baajataa fi faayinaansiitti ni qajeelcha;
c) Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansii Biiroo Maallaqaa fi
Misooma Diinagdee Oromiyaa waliin mari’achuun wixinee baajatichaa
ni qorata, yaada isaa itti dabalee karaa Afyaa’iitiin Koree qindeessituutiif
ni dhiyeessa;
d) Koreen Qindeessituu wixinee baajataa dhiyaateef erga irratti mari’ate
booda, Caffeetti dhiyaatee akka labsamu Biiroo Maallaqaa fi Misooma
Diinagdee Oromiyaatti ni erga.
2) Koreen Qindeessituu wixinee baajataa ennaa qoratu seera faayinaansii fi
seerota biroo Naannichaa hordofuu qaba.
Keewwata 10: Baajata Dabalataa
1) Baajanni waggaa mana hojii tokkoof ramadame hanqatee yoo argame ykn
waggaa bajataa sana keessatti dhaabbata haaraa hundeeffameef barbaachisu
bu’uura gaaffii Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa dhiyeessuun baajanni dabalataa Caffeedhaan hayyamamuu ni danda’a.
2) Sababni humnaa ol ta’e yoo jiraate malee, gaaffiin dabalata baajataa kan
dhiyaatu waggaatti al-tokko qorannoon raawwii hojii ji’a jaha erga gaggeeffamee booda ta’a.
Keewwata 11: Baasii Tasaatiif Baajata Jijjiiruu
Bu’uura Seera Bulchiinsa Faayinaansii Mootummaa Naannichaatiin daangaan Labsii baajata waggaatiif kaa’ame akkuma eegametti ta’ee, sochii hojii
bara baajatichaatiif wanti baay’ee ariifachisaa ta’ee fi baajanni waggichaa yeroo qophaa’u maallaqni dabalataa kan hin yaadamin yoo gaafatame Manni
Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa baasii tasaatiif baajata qabame
keessaa baasii dabalataan gaafatameef kan ta’u baajata naannessuu ni danda’a.
Keewwata 12: Baasii Baajata Hayyamamee Olitti Taasifame
1) Baajata hayyamamee olitti baasii taasisuun hin danda’amu. Hoogganaan mana hojii baajata waggaa keessatti dhimma sanaaf qabame jiraachuu
osoo hin mirkaneeffatin waliigaltee Mootummaan Naannichaa kaffaltii
akka raawwatu dirqisiisu kan mallatteesse ykn akka mallattaa’u kan taasise
bu’uura Seera Bulchiinsa Faayinaansii Naannichaatiin kan itti gaafatamu ta’a.
2) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eeggametti ta’ee, Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa ykn Manni
Hojii Odiitii Muummichaa Naannichaa hanga baasii baajata ramadamee ol-

46

taasifamee, dhimma baasii hordofsiise ibsaa fi yaada murtii ka’umsaa waliin
Caffeedhaaf ni dhiyeessa. Caffeenis dhimmicha irratti murtii ni dabarsa.
Keewwata 13: Akaakuu Marii Wixinee Baajataa Irratti Taasifaman
1) Marii Caffeen wixinee baajataa irratti taasisu sadarkaa lamatti kan qoodamu yoo ta’u, isaanis:
a) Marii waliigalaa fi
b) Marii tarree jedhamuun beekamu.
2) Marii Caffeen gaggeessu haguuggii sab-qunnamtii akka argatu ni taasifama.
Keewwata 14: Marii Waliigalaa Wixinee Labsii Bajataa Irratti Taasifamu
Afyaa’iin:
1) Wixinee baajataa dhiyaate Koree Mari’achiistuutiin akka ajandaatti qabamee marii Caffeetiif akka dhiyaatu ni taasisa.
2) Wixineen baajataa erga Waajjira Afyaa’ii fi Caffee gahee booda guyyaa fi
yeroo Afyaa’iin ramaduun Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wixinicha irratti ibsa ni kenna.
3) Ibsi baajataa kennamus:
a) Xiinxala haala qabatamaa diinagdee Naannichaa;
b) Tilmaama galii bara baajataa keessatti hojii irra oolu;
c) Kallatti xiyyeeffannoo Mootummaa bara baajata itti aanuu;
d) Qabiyyee waliigalaa wixinee baajataa Caffeef dhiyaatu;
e) Mootummaan wixinee baajataa qopheessuu keessatti kallattii hordofeefi uwwisa baasii kan of-keessatti qabate ta’uu qaba.
4) Wixinee labsii baajataa irratti mariin waliigalaa ni taasifama.
5) Mariin waliigalaa wixinee labsii baajatichaa irratti taasifamu akkuma xumurameen, wixinicha gadifageenyaan qoratee yaada murtii akka dhiyeessuus Koree Dhaabbii Dhimma Baajetaa fi Faayinaansiitti ni qajeelcha.
6) Koreen Wixineen labsii baajetaa qajeelfameef qaamota dhimmi ilaallatuu waliin wixinicha irratti erga mari’ateen booda wixinichi Caffeetti dhihaatee akka ragga’u Afyaa’iin Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee waliin
ta’uudhaan yeroon marii gahaan akka ramadamu ni taasisa.
Keewwata 15: Marii Tarree Wixinee Baajatichaa Irratti Taasifamu
1) Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa fi Dura

47

Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansii guyyaa fi sa’atii
qabameefitti Caffeetti dhiyaachuun baajata irratti ibsa akka kennan ni taasifama.
2) Caffeen ibsa baajataa erga dhageeffatee booda marii waliigalaa wixinee
baajataa irratti ni taasisa. Marichi kan xiyyeeffatu:
a) Haala qoophii fi gurmaa’ina wixinee baajatichaa irratti,
b) Qajeeltowwan bu’uuraa fi imaammata gibiraa (tax) wixinee baajataa
ykn ibsa baajataa keessatti hammataman irratti;
c) Faayidaa baajatni dhimma tokkoof ramadame qabu waliin ilaaluudhaan baajatni akka dabalamu ykn akka hir’atu dimshaashumatti gaafachuudhaan;
d) Hir’ina baajataa eeruudhaan;
e) Gibira (tax) sassaabuuf yaadame tilmaamuuf tooftaa itti fayyadamee fi;
f) Haala Bulchiinsa manneen hojii sakatta’uudhaan ta’a.
3) Guyyaa Caffeen marii tarree gaggeessutti yaadni hir’ifama baajataa
Afyaa’iidhaan fudhatama argate yoo jiraate akka dhiyaatu ni taasifama.
Yaada hir’ifama baajataa tokkoon tokkoo irratti miseensonni marii tarree
akka gaggeessan ni taasifama. Haata’u malee, yaada fooyya’iinsaa yaada ka’e
irratti kaasuun hindanda’amu.
4) Hogganaan Biirichaa fi Dura Taa’aan Korichaa dhuma marichaa irratti
deebii fi yaada akka kennan ni taasifama.
5) Afyaa’iin deebii fi yaada kenname irratti yaadni xumuraa Caffeen akka
irratti kennamu ni taasisa
6) Afyaa’iin marii gahaan taasifamee jira jedhee yoo amane Koree Dhaabbii
Dhimma Baajataa fi Faayinaansii yaada murtee akka dhiyeessu ni gaafata.
7) Afyaa’iin Caffeen yaada murtee fi gabaasa Koree Dhaabbii Dhimma
Baajataa fi Faayinaansiitiin dhiyaate ka’uumsa godhachuudhaan marii tarree
ni gaggeessa, sagaleenis akka itti kennamu ni taasifama.
Keewwata 16: Marii Gaaffii Baajata Dabalataa Irratti Taasifamu
1) Caffeen akkuma haalasaatti adeemsa hojimaataa gaaffii baajata idileetiif
fayyadan bu’uureeffachuudhaan marii ni gaggeessa.
2) Mariin gaaffii baajata dabalataa irratti taasifamu:
a) Gaaffii sirreeffamaa ykn
b) Akka haqamuu gaafatu ta’uu ni danda’a.

48

3) Yaadni hir’inna bajataa ilaalchisee dhiyaatu kamiyyuu mata-duree baajata
gaaffii irratti dhiyaateetiin kan wal-qabate ta’uu qaba.
4) Mariin Caffee mata-duree baajataa gaaffiin irratti ka’e qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.
5) Baajata waggaa darbee Caffeen ragga’e ykn gaaffilee imaammata ykn qajeeltoowwan bu’uuraa baajata ragga’e waliin wal-qabate irratti marii taasisuun hin eeyyamamu.
6) Miseensonni barbaachisummaa gaaffii dabalata baajataa dhiyaate irratti
marii taasisuu qabu.
7) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokko jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, akkaataa Dambii fi Qajeelfama kanaatiin:
a) Ramaddii yeroo marii;
b) Ramaddii yeroo haasawaa;
c) Akkaataa dhiyeessa yaada hir’isuu baajataa, beeksisa, madaallii fi kkf;
d) Wixinee baajataa koreedhaan qorachuu;
e) Kenniinsa sagalee fi dhimmoota kana fakkaatan ilaalchisee tumaaleen
jiran akka haalasaatti gaaffii baajata dabalataa irratti raawwatiinsa ni qabaatu.
Keewwata 17: Akkaataa Ramaddii Yeroo Marii
1) Afyaa’iin yeroo marii waliigalaa fi tarree wixinee baajatichaatiif barbaachisu Koree Mari’achistuu Dhimmoota Caffee waliin mari’achuudhaan
ni ramada.
2) Afyaa’iin yeroo marii keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokko jalatti ibsame ilaalchisee, prooppoozaalii qopheessee Koree Mari’achistuu dhimmoota Caffeetiif ni dhiyeessa; Korichaan mariin gabaabaan erga irratti
taasifamee boodas akka irratti waliigalan ni gaafata, yoo irratti waliigalamuu
baate yeroon marii Afyaa’iin ramadu hojiirra ni oola.
3) Mariin waliigalaa fi marii tarree wixinee baajataa irratti taasifamuuf yeroon marii gahaan ramadamuufii qaba.
Keewwata 18: Yeroo Haasawaa
1) Wixinee baajataa irratti marii taasifamuuf yeroon miseensota haasawa
taasisaniif ramadamu bu’uura qajeelfama ramaddii yeroo marii fi akkaataa
filannoo miseensota haasawaniitiin kan raawwatamu ta’a.
2) Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa fi Dura

49

Taa’aan Korichaa deebii fi yaada kennan irratti daangaan yeroo hin taasifamu.
Keewwata 19: Wixinee Baajataa Koreedhaan Qorachuu
1) Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansii gaaffii baajataa
Afyaa’iitiin qajeelfamuuf kamiyyuu tokko tokkoon ni qorata.
2) Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansii:
a) Wixinee baajataa qorachuudhaan gabaasaa fi yaada murtii Afyaa’iitiif
ni dhiyeessa.
b) Gabaasnii fi yaadni murtii karaa Afyaa’iitiin Koree Mari’achiistuutti
dhiyaatee ajandaadhaan erga qabamee booda Caffeetti ni dhiyaata.
3) Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa qorachuuf tooftaalee armaan gaditti ni fayyadama:
a) Qaama dhimmi ilaallatu waliin sadarkaa koreetti wixinee baajatichaa
irratti mari’achuu;
b) Waltajjii ummataa uumuudhaan wixinee baajataa irratti yaada sassaabuu,
c) Waltajjii Ummataa uumame irratti dhimmamtoonni (stakeholders)
qaamaan ykn barreeffamaan wixinee baajataa irratti yaada isaanii akka
kennan taasisuu;
d) Hojimaataa fi muuxannoowwan adda addaa barbaachisaa ta’anitti
fayyadamuu;
e) Koreen baajaticha yoo qoratu akkaataa ulaagaa qooddii baajataa jiruun
qoodamuu isaa mirkaneeffachuu qaba.
4) Koreen Dhaabbii marii qaama dhimmi ilaalu waliin sadarkaa koreetti
taasisu akkuma haala isaatti waltajjiin marii Ummataa osoo hingaggeeffamin
dura ykn booda adeemsisuu ni danda’a.
5) Koreen Dhaabbii wixinee baajataa yoo qoratu Qajeelfama kana keewwata
9 Keewwata Xiqqaa 2 tiin Koreewwan Dhaabbii biroo hunda hirmaachisuu
qaba.
6) Haalli dirqisiisaa /humnaa oli/ ta’uu jiraachuu isaa yoo itti amaname
malee, yeroon wixinee baajatichaa qorachuuf Koree Dhaabbiitiif ramadamu
guyyaa hojii 20 gadi ta’uu hinqabaatu.
7) Korichi yaada hir’isuu wixinee baajataa ilaalchisee dhiyaate gabaasaa fi
yaada furmaataa keessatti dabalee dhiyeessuu hin qabu.
8) Koreen qooddii baajatichaa irratti hanqinni jiraachuusaa yoo argee

50

ykn amanee Biiroo Maallaqaa fi Misoomma Dinagdee Oromiyaa waliin
mari’achuun akka sirreefamu taasisuu ni danda’a.
Keewwata 20: Wixinee Baajataa Raggaasuu
1) Wixinee baajataa irratti gabaasaa fi yaada murtii Koree Dhimma Baajataa
fi Faayinaansiitiin dhiyaate ka’umsa godhachuun Caffeen marii tarree erga
irratti taasisee booda wixinichi akka ragga’u sagaleen itti kennama.
2) Akkaataa Seera Faayinaansiitiin Caffeen jalqaba bara baajataatti baajata
waggaa osoo hin raggaasiin yoo hafe baajatichi hanga ragga’utti baajatni bara
darbe ragga’e ji’a ji’aan ilaalamee akka raawwatamu ni taasisa.
3) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti tumame jiraatuyyuu, Hoogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa proojektoota
kaappitaalaa duraan qabamaniif kaffaltii raawwachuu kan danda’u qaamolee
dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun ta’a.
Keewwata 21: Sagalee Wixinee Baajataa Irratti Kennamu
1) Afyaa’iin dhimma ajandaan qabame yeroo ramadameef keessatti mariin
ga’aan erga irratti taasifameen booda murtiin akka irratti kennamu ni taasisa.
2) Caffeen waliigalteedhaan murtii dabarsuu yoo barbaade Afyaa’iin mormiin yoo jiraate gaafatee mormiin kan hinjirre ta’uu isaa yoo mirkaneeffate Caffeen sagalee guutuudhaan murtii akka dabarsetti fudhatama. Haata’u malee,
mormiin yoo dhiyaatu harka baasisuudhaan ykn iccitiidhaan sagaleedhaan
akka murtaa’u ni taasifama.
3) Afyaa’iin yeroo marii yaadota garagaraa miseensota irraa ka’an kenniinsa
sagaleetiif haala mijaa’uun gurmeessuun sagalee itti kennisiisuudhaan wixineen baajataa akka ragga’u ni taasisa.
Keewwata 22: Baajata Ragga’e Beeksisuu
1) Afyaa’iin Baajatni Caffeedhaan ragga’ee erga hayyamamee booda Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oroomiyaa manneen hojii abbaa
baajataatiif baajata hayyamameef burqaa faayinaansii fi mata duree baasii
isaa waliin akka beeksiisan ni taasisa.
2) Qoodiinsi Baajataa osoo hin raawwatamin dura manneen hojii abbaa
baajataa, Baajata hayyamameef beekanii yaada qoodiinsa Baajataa akka dhiyeessan ni taasifama.
3) Koreewwan Dhaabbii Caffee Baajanni Caffeedhaan ragga’ee manneen
51

hojiitiif ramadame dhimma ramadameef irra oluu isaa ni hordofu,ni to’atu,
bu’aa isaas Caffeef ni gabaasu.
Keewwata 23: Gabaasa Itti Fayyadama Baajataa
1) Tokkoon tokkoon manneen hojii haala itti fayyadama baajata isaanii
kurmaana kurmaanaan erguun akkuma jirutti ta’ee, gabaasa itti fayadama
waggaa fi gaaffii ka’umsa baajataa bara itti aanuutiif dhimmoota bu’uura
ta’an gabaabinaan qopheessanii barri baajataa osoo hin xumuraminiin dura
Afyaa’iidhaaf erguu qabu. Afyaa’iins gabaasa isa gahe Koree Dhaabbii Dhimmi ilaaluuf ni qajeelcha.
2) Tokkoon tokkoon koree dhaabbii:
a) Gabaasa itti fayyadama baajataa ergameef ni qorata;
b) Waltajjii ummataa Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataa fi Faayinaansiitiin qophaa’uu fi marii ogeessota waliin taasifamu irratti argamuudhaan
dhimmoota gama Korichaan xiyyeeffannoo barbaadan kaasuudhaan irratti ni mari’ata.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 24: Seerota Raawwatiinsa hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
hammataman waliin wal- faalleessan raawwatiinsa hin qabaatan.
[
Keewwata 25: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootumma Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

52

Qajeelfama Lak. 9/2004
Qajeelfama Adeemsa Seera Tumuu Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 9/2004
Koreen Mari’achiisfuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lakk. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Adeemsa Seera Tumuu Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 9/2004” jedhamee waamamuu
ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Heera Mootummaa” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
fooyya’ee bahe Lak. 46/1994 jechuudha.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe Dambii Lak.
3/2001 jechuudha.
6) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
7) “Koree” jechuun hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haalasaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree Yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
8) “Dura Taa’aa Koree” jechuun Dura Taa'aa ykn Itti Aanaa Dura Taa'aa
Koree Dhaabbii Caffee jechuudha.
9) “Garee Caffee” jechuun paartii tokko ykn buufata filannoo tokkotti walii
isaaniitiin kan wal hin dorgomin sagantaa siyaasaa paartii tokkoo jalatti miseensota argaman kan of-keessatti qabate paartii ykn paartiilee fi tuuta mis-

53

eensota kudhanii gadi hin taane Caffee keessaa teessoo kan qabu ykn kan
qabaniidha.
10) “Qaamota Seera Burqisiisan” jechuun Labsii Lak. 153/2001 fi Dambii
Lak. 3/2001 tiin qaamolee aangoon seera burqisiisuu kennameef jechuudha.
11) “Wixinee Seeraa Mootummaa” jechuun wixinee Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin qophaa’ee Caffeef dhiyaatu jechuudha.
12) “Dubbisa Duraa” jechuun wixineen seeraa yeroo duraaf Koree Qindeessituuf dhiyaatee qabiyyee bu’uuraa irratti mariin waliigalaa erga taasifamee
booda tarreeffamaan akka ilaalamuuf adeemsa Koree Dhaabbii Dhimmi ilaaluuf qajeelchuu ykn walga’ii Caffeetti kallattiidhaan akka dhiyaatu taasisuu
jechuudha.
13) “Dubbisa Lammaffaa” jechuun dubbisa duraa booda, wixineen seeraa
Koree dhimmichi ilaaluun tarreeffamaan akka ilaalamuu fi qoratamu erga
ta’ee booda gabaasaa fi yaada murtii koreen dhaabbichaa Koree Qindeessituuf ykn Caffeef dhiyeessu; akkasumas marii sanada Korichaan dhiyaatu irratti
taasifamu jechuudha.
14) “Dubbisa Sadaffaa” jechuun dubbisa lammaffaa booda Koree Qindeessituun ykn Caffeen caalmaa fi bal’inaan akka qoratamee yaadni murtee dhiyaatu wixineen seeraa yeroo lammaffaaf qajeelfamee gara Koree Qindeessituutti ykn Caffeetti deebi’ee adeemsa mariin dhumaa taasifamuu fi murteen
irratti kennamu jechuudha.
15) “Sirreeffama Teekiniikaa” jechuun seerri tokko erga ragga’ee booda otoo
hin maxxanfamin dura dogoggora qooqaa, tartiibaa fi kkf sirreessuu yoo ta’u
haaluma kamiiniyyuu kan sirreeffama qabiyyee seeraa hin geessisneedha.
16) “Nama” jechuun qaama seeraan mirgi namummaa kennameef ykn nama
uumamaa jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa aangoo fi hojimaata seera burqisiisuu, qorachuu, raggaasuu fi maxxansiisuu keessatti adeemsi seera tumuu ifa, saffisaa,
hirmaachisaa fi qulqullina akka qabaatu taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun seerota Caffeedhaan bahan kamirrattiyyuu raawwatiinsa ni
qabaata.

54

Kutaa Lama
Aangoofi Adeemsa Wixinee Seeraa Burqisiisuufi Dhiyeessuu
Keewwata 5: Wixinee Seeraa Caffichaaf Dhiyaatu
Wixineen Seeraa Caffeedhaaf dhiyaatu kan armaan gadii ni dabalata.
1) Seerota haaraa tumuu;
2) Seerota hojii irra turan fooyyeessuu ykn haquu;
3) Waliigaltee adda addaa raggaasuu fi
4) Murtiilee adda addaa dabarsuu.
Keewwata 6: Aangoo Wixinee Seera Burqisiisuu
1) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 37 keewwata xiqqaa 2tiin aangoon
wixinee seeraa burqisiisuu adda dureedhaan kan Mana Maree Bulchiinsa
Mootummaa Naannichaati.
2) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu,
a) Afyaa’ii Caffee;
b) Mana Murtii Waliigalaa;
c) Koreewwan Caffee;
d) Miseensonni Caffee fi
e) Qaamolee Mootummaa biroo ittiwaamamni isaanii Caffeef ta'an wixinee seeraa burqisiisuu ni danda’u.
3) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti tumame jiraatuyyuu, aangoon wixinee seera faayinaansii fi nageenyaa burqisiisuu kan Mana Maree
Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa qofaadha.
4) Miseensi ykn qaamni aangoo seera burqisiisuu qabu kamiyyuu, wixinee
seeraa yoo burqisiisu dhimma aangoo Caffee jalatti kufu ta’uusaa mirkaneeffachuu qaba.
Keewwata 7: Caaseffamaa fi Qabiyyee Wixinee Seeraa
1) Wixineen seeraa kamiyyuu fuula jalqabaarratti yoo xinnaate caaseffama
armaan gadii kan of-keessatti qabate ta’uu qaba:
a) Mata duree dheeraa kaayyoo fi qabiyyee seerichaa agarsiisu;
b) Seensa, kaayyoo fi galma seerichaa agarsiisu;

55

c) Mata-duree gabaabaa maqaa seerichaa ta’uu danda’u.
2) Wixineen seerichaa akka barbaachisummaa isaatti kutaadhaan, boqonnaadhaan, Keewwataan kan qoqqoodame ta’ee, seerichaan seerri fooyya’e
ykn haqame yoo jiraate dhuma wixinichaa irratti ibsamuu qaba.
3) Tumaaleen Keewwata kanaa yaada murtii irrattis raawwatiinsa qabaatan.
Keewwata 8: Ibsa Wixinee Seeraa
1) Wixineen seeraa kamiyyuu yoo xinnaate ibsa qabiyyee armaan gadii kan
of-keessatti qabate ta’uu qaba.
a) Kaayyoo fi barbaachisummaa wixinee seerichaa;
b) Tarree qabiyyee wixinee seeraa;
c) Wixineen seerichaa yoo ragga’e dhiibbaa inni baajata Mootummaa irratti qabuu fi
d) Akka haala isaatti wixinicha qopheessuuf qo’annoo gaggeeffame.
2) Ibsi wixinichaa gabaabinaan ifa ta’ee qophaa’ee wixinicha waliin wal qabatee dhiyaachuu qaba.
Keewwata 9: Afaan Wixineen Seeraa Ittiin Qophaa’u
Wixineen seeraa kamiyyuu Afaan Oromoo, Amaarriffaa fi Ingiliffaatiin barreeffamaan qophaa’ee dhiyaachuu qaba.
Keewwata 10: Haala Wixineen Seeraa Fudhatama Itti Dhabu
Wixineen seeraa kamiyyuu:
1) Kanaan dura Caffeetti dhiyaatee sababni inni fudhatama ittiin dhabe
fooyya’ee kan hin dhiyaanne yoo ta’e;
2) Wixinee seeraa Caffeen qoratamaa jiru ykn koree dhaabbiif qajeelfamee
jiru irratti hundaa’uudhaan kan dhiyaate yoo ta’e;
3) Dhimmoota aangoo mootummaa naannichaatiin ala ta'an irratti kan
qophaa'e yoo ta'e;
4) Yaada bu’uuraa seera kanaan dura Caffeedhaan ragga’e ykn fooyya’e irratti
kan xiyyeeffatee fi jijjiirama bu’uuraa fi yaada haaraa kan hinqabne yoo ta’e;
5) Qabiyyee wixinneen seeraa qabaachu qabu yoo qabachu baatee;
fudhatama hin qabaatu.

56

Keewwata 11: Haala Wixineen Seeraa Afyaa’ichaaf Itti Dhiyaatu
1) Wixineen seeraa kamiyyuu haalawwan armaan gadii guutuudhaan
Afyaa’iidhaaf dhiyaachuu qaba:
a) Wixineen seeraa Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiin dhiyaatu mallattoo Ittigaafatamaa Waajjira Pirezidaantii fi
chaappaa Waajjirichaatiin mirkanaa’ee dhiyaachuu qaba.
b) Wixineen seeraa miseensa Caffeetiin dhiyaatu mallattoo miseensichaa
dabalatee miseensota digdamaan (20) deeggaramee dhihaachuu qaba.
c) Wixineen seeraa koreedhaan dhiyaate mallattoo Dura Taa’aa Korichaatiin kan mirkanaa’ee ta’uu qaba,
d) Wixineen seeraa qaamolee biroo kallattiin Caffeedhaaf ittiwamamaniin dhiyaatu hogganaa mana hojichaatiin kan mallattaa’ee fi chaappaa
mana hojichaatiin kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin, qaamni wixinee seerichaa burqisiise wixinicha burqisiisuu isaa kan mirkaneessu fuula tokkoon
tokkoon wixinee seerichaa irratti akka haala isaatti chaappaadhaan ykn mallattoodhaan mirkaneessuu qaba.
3) Wixineen seeraa kamiyyuu xalayaa gaggeessituu waliin wal qabatee dhiyaachuu qaba.
4) Akkaataa Qajeelfama kanaatiin wixineen seeraa guutamee kan hin dhiyaanne yoo ta’e, Afyaa’iin:
a) Wixinee seerichaa guutee akka dhiyeessu qaama ykn miseensa wixinee
seerichaa burqisiisetti deebisuu ni danda’a.
b) Wixinichi tumaalee Qajeelfama kana Keewwata 6 keewwata xiqqaa 4kan
hin guunne yoo ta’e, fudhatama hin qabu jedhee qaama ykn miseensa wixinee seerichaa burqisiiseef deebisuu ni danda’a, ykn
c) Qabiyyee isaatiin wixinee seeraa duraan dhiyaateef waliin kan wal fakkaatu yoo ta’e kanuma ibsee qaama dhiyeesseef ni deebisa.
Keewwata 12: Wixinee Seeraa Miseensotaaf Raabsuu
1) Bu’uura Labsii Lak. 153/2001 Keewwata 14 keewwata xiqqaa 8tiin wixineen seeraa kamiyyuu Walga’ii Caffeetti dhiyaachuu isaatiin dura akkaataa
haalasaatti guyyoota 15 ykn guyyoota 3-5 dursee miseensota Caffee akka
dhaqqabu taasifamu qaba.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu, ariifachiisummaa wixinee seerichaa irraa kan ka’e dursee miseensota kan hin

57

dhaqqabne yoo ta'e, Walga’ii Caffee irratti qaama wixinicha qopheesseen
miseensotaaf akka dubbifamu ni taasifama.
Kutaa Sadii
Dubbisa Caffeen Wixinee Seeraa Irratti Adeemsisuu
Keewwata 13: Haala Wixineen Seeraa Mariidhaaf Itti Dhiyaatu
1) Wixineen seeraa kamiyyuu bu’uura Qajeelfama Hojimaata Akkaataa
Ajandaan Ittiin Qophaayu Murteesuuf Bahe Lak. 4/2004tiin marii Caffeetiif
ni dhiyaata.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee,
wixineen seeraa Afyaa’iidhaan fudhatama argate kamiyyuu ariifachiisummaa isaatiin, faayidaa olaanaa ummataaf qabuu fi yeroo Afyaa’iidhaaf itti
dhiyaate tilmaama keessa galchuudhaan akkaataa wal- duraa duuba isaatiin
Caffeedhaaf ni dhiyaata.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame jiraatuyyuu, wixineen seeraa Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin dhiyaate
dursi kennameefii Caffeef ni dhiyaata.
Keewwata 14: Sadarkaalee Dubbisa Wixinee Seeraa
Wixineen seeraa tokko, akkaataa Dambichaa Keewwata 38 keewwata xiqqaa
1tiin sadarkaalee dubbisaa armaan gadii keessa darbuu ni danda’a:
1) Dubbisa duraa;
2) Dubbisa lammaffaa;
3) Dubbisa sadaffaa.
Keewwata 15: Dubbisa Duraa
Bu’uura Dambichaa Keewwata 38 keewwata xiqqaa 2tiin dubbisni duraa akkaataa armaan gadiitiin ni raawwatama.
1) Wixinee seeraa ajandaadhaan qabame qaamni ykn miseensi burqisiise eeyyama Afyaa’iidhaan kennamuufiitiin kaayyoo fi qabiyyee wixinichaa Koree
Qindeessituutiif ni ibsa; mariin barbaachisaanis irratti ni adeemsifama.
2) Ariifachiisummaa isaa irraa kan ka’e wixineen seeraa sa’aatii 48 dura Miseensota Koree Qindeessituuf yoo hin dhaqqabne wixinichi koree qindeessituuf ni dubbifama.
3) Wixineen seerichaa sadakraa kanatti walga’ii Caffeetti dhiyaatee kan
ragga’u yoo ta’e malee, mariin waliigalaa wixinicha irratti gaggeeffamu akkuma xumurameen Afyaa’iin wixinee seerichaa gara Koree ykn Koreewwan

58

dhaabbii dhimmi ilaallatutti ni qajeelcha.
4) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti ibsame jiraatuyyuu, wixinicha irratti marin gahaan erga gaggeeffamee booda miseensota keessaa
harka lama sadeessoon yaadicha kan deeggaran yoo ta’e osoo Koree dhaabbii
dhimmi ilaallatutti qajeelchuun hin barbaachisin kallattiidhaan walga’ii Caffichaatiif dhiyeessuun ni danda’ama.
5) Wixineen seeraa tokko Koree Dhaabbii lamaa fi isaa ol ta’aniin akka ilaalamu yoo murtaa’e Koreen Dhaabbi adda dureedhaan wixinichi qajeelfameef
addaan bahee ifatti ibsamuu qaba.
6) Wixineen Seeraa Koree ykn Koreewwan Dhaabbii dhimmi ilaallatuuf qajeelfamu aangoo isaanii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
Keewwata 16: Dubbisa Lammaffaa
1) Kan Qajeelfama kana Keewwata 2 keewwata xiqqaa 12 jalatti tumame
akkuma eegametti ta’ee, sadarkaan dubbisa lammaffaa Koree (koreewwan) Dhaabbii sadarkaa dubbisa duraa irratti wixineen seeraa qajeelfameef
gabaasaa fi yaada murtii dhiyaatu irratti Koreen Qindeessituu marii tarree ni
gaggeessa.
2) Dubbisni lammaffaan akka armaan gadiitti ni raawwatama:
a) Koreen (koreewwan) dhaabbii wixineen seeraa qajeelfameef yaada
murtii fi gabaasa wixinicha irratti dhiyeessan koree qindeessituutiif akka
dhiyeessan ni taasifama.
b) Gabaasaa fi yaada murtii dhiyaate ka’umsa godhachuudhaan akka haala isaatti boqonnaadhaan, kutaadhaan ykn keewwata keewwataan mariin
tarree ni gaggeeffama.
c) Mariin wixinee seerichaa irratti Koree Qindeessituun taasifamu erga
xumuramee booda akka irratti mari’atamee ragga’u Caffeetti akka dhiyaatu ni taasifama.
Keewwata 17: Dubbisa Saddaffaa
1) Bu’uura Dambichaa Keewwata 38 keewwata xiqqaa 4(a) tiin, koreen ykn
Koreewwan Dhaabbii wixineen seeraa irra deebiidhaan akka qoratu ykn
qoratan qajeelfameef gabaasaa fi yaada murtii xumuraa Koree Qindeesituuf
ykn Caffeedhaaf ni dhiyeessa ykn ni dhiyeessu.
2) Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin gabaasaa fi yaada murtii
Koree ykn Koreewwan Dhaabbiitiin dhiyaate irratti Caffeen ykn Koree

59

Qindeessituu marii gahaa erga adeemsisee booda murtee gara raggaasuu ykn
raggasuu hafuutti ceesisu ni dabarsa.
Keewwata 18: Wixinee Seeraa Raggaasuu
1) Afyaa’iin wixinee seerichaarratti mariin gahaan taasifamee jira jedhee yoo
amane yookiin yaadni miseensotarraa dhiyaatee fudhatama yoo argate Caffeen akka haalasaatti wixinicha keewwata keewwataan, kutaa kutaadhaan,
boqonnaa boqonnaadhaan ykn guutummaa wixinichaarratti murtee ni dabarsa.
2) Caffeen wixinee seeraa irratti mari’atee yammuu raggaasu, keewwata, keewwataan murtee dabarsa; dhumma irrattis wixinee seerichaa waliigalaarratti
sagalee kennuudhaan seera ta’ee akka bahu wixinicha ni raggaasa.
3) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin, murteen erga itti kennamee booda Afyaa’iin seericha ragga’eef tartiibaan lakkoofsa ni kenna.
Kutaa Afur
Qorannaa Wixinee Seeraafi Akkaataa Dhiyeessa
Gabaasaafi Yaada Murtii
Keewwata 19: Tooftaa Wixineen Seeraa Koreedhaaf Qajeelfame Ittiin
Qoratamu Koreen ykn Koreewwan wixineen seeraa qajeelfameef wixinicha qorachuuf tooftaalee armaan gadii fayyadamuu ni danda’u.
1) wixinichi qorannoon deeggaramee dhiyaachuusaa qorachuu;
2) Qaamoolee dhimmichi ilaalu waliin sadarkaa koreetti wixinee seerichaarratti mari’achuu;
3) Qaamolee dhimmichi kallattiidhaan ilaallatu adda baafachuun wixinicha
dursanii erguun yaada akka itti kennan taasisuu;
4) Waltajjii ummataa qopheessuun wixinicharratti yaada walitti qabuu;
5) Qaamoleen dhimmi ilaallatu ykn namoonni dhuunfaa waltajjii ummataarratti qaamaan argamuun ykn wixinicharratti yaada isaanii barreeffamaan
akka kennan taasisuu;
6) Koree xixiqqaadhaan qulqullaa’ee akka dhiyaatu taasisuu;
7) Muuxannoo fi hojimaatawwan wixinichaaf fayyadanitti gargaaramuun
qorachuu ni danda’u

60

Keewwata 20: Adeemsa Qorannoo Wixinee Seeraa Irratti Haala Keessummoonni Affeeraman Itti Waamaman
1) Koreen ykn Koreewwan wixineen seeraa qajeelfameef kamiyyuu, adeemsa
qorannoo wixinichaa keessatti namoota dhuunfaa ykn qaamolee wixinicha
gabbisuuf yaada bu’aa qabeessa kennuu danda’an affeeruu ni danda’u.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin, keessummoonni affeeraman beeksisaan, xalayaadhaan ykn haala mijaa’aa ta’e kamiinuu waamamuu
ni danda’u.
Keewwata 21: Qabiyyee Beeksisa Waamichaa fi Haala Simannaa Keessummoota Affeeramanii
1) Beeksisni ykn xalayaan waamichaa keessummoota affeeramanii qabiyyee
armaan gadii qabaachuu qaba.
a) Ajandaa Walga’ichaa;
b) Yeroo fi iddoon walga’iin ittigaggeeffamu;
c) Teessoo fi maqaa koree ykn koreewwan walga’icha qopheessanii;
d) Tooftaa namoota ykn qaamoleen walga’ii irratti argamuu hin dandeenye ajandaa qophaa’ee irratti yaada isaanii ittiin ibsuu danda’an.
2) Koreen maqaa keessummoota affeeramanii dursee akka isa dhaqqabu ni
taasisa.
3) Koreen adda dureedhaan wixineen seerichaa qajeelfameef keessummonni
affeeraman walga’icha seenuu akka danda’an dursee haala ni mijeessa.
Keewwata 22: Waltajjii Yaadni Ummataa Itti Kennamuuf Iddoo Qopheessuu
1) Waltajjii yaadni ummataa itti kennamu akka haalasaatti mooraa Caffee
keessatti qophaa’uu ni danda’a.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu,
barbaachisaa ta’ee yoo argame eeyyama Afyaa’iidhaatiin iddoo kamittuu
qophaa’uu ni danda’a.
3) Korichi wixineen seeraa qajeelfameef Waajjira Afyaa’ii fi Caffee ykn qaama
dhimmi ilaalu waliin dursee mari’achuun galma waltajjiin ummataa ittigaggeeffamu akka qophaa’u ni taasisa.

61

Keewwata 23: Wixinee Seeraa Sirreeffamaaf Qaama ykn Miseensa Dhimmi Ilaaluuf Deebi’u
1) Koreen ykn Koreewwan wixineen seeraa qajeelfameef wixinichi dogoggora bu’uuraa qabaachuusaa yoo amane/amanan Afyaa’ii beeksisuun dogoggorichi sirreeffamee akka deebi’uuf qaama wixincha dhiyeeseef deebisuu ni
anda’a/danda’u.
2) Koreen ykn Koreewwan wixineen seeraa qajeelfameef kamiyyuu, dogoggorichi sirreeffamee akka ergamuuf qaama dhimmi ilaaluuf yoo deebisu/
deebisan:
a) Hanqinoota wixinichi qabu adda baasuun beeksisuu qaba/qabu.
b) Bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 27 keewwata xiqqaa 3 fi 5tiin yeroo dabalataa Afyaa’iidhaan kennamuuf tilmaamaama keessa galchuun
yeroo sirreeffamichi xumuramee isaan qaqqabuu qabu murteessuun irraa
eegama.
Keewwata 24: Marii Koreen Dhaabbii Adeemsa Wixinee Seeraa Qorachuu Keessatti Taasisu
Koreen Dhaabbii kamiyyuu wixinee seeraa irratti ogeessota ykn hubachiistota waliin ykn waltajjii ummataa irratti marii taasifamu akka haala isaatti
akka armaan gaditti ni gaggeessa.
1) Dura Taa’aan Koree Dhaabbii:
a) Keessummoota hubachisitummaan ykn hirmaattummaan affeeraman
ni beeksisa.
b) Ajandaa guyyichaa beeksisuun hubachiistonni affeeraman wixinee
seerichaa akka hubachiisan carraa ni kennaaf.
2) Sirna walga’ichaa kabachiisuudhaan mareen wixinee seeraa irratti gaggeeffamu haalaan akka raawwatamu ni taasisa.
3) Hubachiistoonni affeeraman barbaachisummaa wixinee seerichaa fi qabiyyee gurguddaa wixinichaa hirmaattootaaf ni dhiyeessu.
4) Dura Taa’aan Korichaa wixinee seeraa mariif dhiyaate irratti gaaffii akka
dhiheessan ykn yaada akka kennan miseensota koree fi hirmaattota biroof
carraa ni kenna.
5) Mariin wixinee seeraa irratti gaggeeffamu ajandaan ala yoo ta’u akka sirreeffamu ni taasisa.
6) Hubachiistonni ykn ogeessonni gaaffii fi yaada hirmaattota Irraa dhi-

62

yaateef ibsa tarree akka kennan ni taasisa.
7) Ibsa tarree hubachiistonni ykn ogeessonni kennan irratti gaaffiin ykn
yaadni dabalataa akka dhiyaatu ni taasisa.
8) Hubachiistonni ykn ogeessonni gaaffii fi yaada dabalataan dhiyaatan irratti deebii ykn ibsa akka kennan ni taasisa.
9) Gaaffilee hirmaattootaan ka’anii ibsaa fi deebii gahaa hin arganne bal’inaan
akka ibsaman ni taasisa.
10) Adeemsa marii wixinee seeraa irratti taasifamu keessatti yaadonni dogoggoraan hiikaman akka sirreeffaman yaada ni dhiyeessa.
11) Dura Taa’aan korichaa marii wixinee seeraa dhiyaate irratti taasifameef
yaada waliigalaa kennuu fi kallattii kaa’uudhaan walgahicha ni xumura.
12) Koree ykn koreewwan wixinee seeraa irratti marii ogeessota ykn hubachiistota, akkasumas ummata waliin taasisan akka barbaachisummaa
isaatti irra deddeebiidhaan adeemsisuu ni danda’u.
Keewwata 25: Walgahii Koreewwan Waliin Adeemsisan
Wixineen seeraa tokko koreewwan lamaa fi isaa ol ta’aniif yoo qajeelfame:
1) Murteen kamiyyuu koreewwaniin yoo dabarfamu tokkoon tokkoon koreerraa miseensonni walakkaa ol ta’an walga’icharratti argamuu qabu.
2) Mariin hubachiistota waliin taasifamu waltajjii yaadni ummataa itti kennamu ykn gabaasaa fi yaada murtee koree qopheessuudhaaf miseensota muraasa koreewwan wixineen seerichaa qajeelfameef irraa bakka bu’aniin raawwatamuu ni danda’a.
3) Wixineen seeraa tokko koreewwan lamaa ol ta’aniif kan qajeelfame yoo ta’e
walga’icha kan gaggeessu dura taa’aa koree wixinichi adda durummaan qajeelfameefii ykn itti aanaa isaa ykn lamaan bakka hin jirretti dura ta’a ykn itti
aanaa dura taa’aa bakka bu’aa koreewwan wixinichi waliin qajeelfameefii ta’a.
Keewwata 26: Marii Sadarkaa Koreetti Hubachiistota Waliin
Gaggeeffamu
1) Koreen dhaabbii wixineen seeraa qajeelfameef kamiyyuu marii sadarkaa
koreetti hubachiistota waliin taasisu akka haala isaatti waltajjii yaadni ummataa irratti kennamu adeemsifamuu isaatiin dura ykn booda ta’uu ni
danda’a.
2) Bu’uura Dambichaa fi qajeelfama kanaatiin koree dhaabbii wixineen seeraa qorannaa dabalataatiif qajeelfameef hubachiistota ykn qaamolee dhim-

63

michi ilaallatu irra deebiin waamuu fi sanadoota dabalataa akka erganiif
taasisuu ni danda’a.
Keewwata 27: Yeroo Wixineen Seeraa Itti Qoratamu
1) Ariifachiisummaan dhimmichaa koree qindeessituutiin yoo itti amaname
malee koreen wixineen seeraa qorannoodhaaf qajeelfameef yaada murtii
akka dhiyeessuuf yoo xiqqaate guyyaan hojii digadamni (20) ni ramadamaaf.
2) Koreen qindeessituu ariifachiisummaa seerichaatti yoo amane kallattiidhaan walga’ii Caffeetti akka dhiyaatu yeroo guyyoota digdamaa gadiitiin
qoratamee gabaasaa fi yaadni murtii akka dhiyaatu taasisuu ni danda’a.
3) Wixineen seeraa koree ykn koreewwan lamaa oliif yoo qajeelfame bu’uura
Keewwata kana Keewwata xiqqaa 2tiin yeroo dabalataa barbaachisu dura
taa’aan koree wixineen qajeelfameef guyyaa kurnaffaatti (10ffaatti) barreeffamaan Afyaa’iin gaafachuu ni danda’a.
4) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3tiin koreen wixineen seeraa
qajeelfameef yeroo dabalataa osoo hin gaafatin hafee, haalli yeroo dabalataa
gaafachiisu kan quunnamu yoo ta’e wixineen qajeelfameefii hanga guyyaa
15ffaa qofatti gaaffii yeroo dabalataa dhiyeessuu qaba.
5) Afyaa’iin ulfinaa fi bal’ina wixinee seeraa koree/koreewwaniif qajeelfame
ilaalcha keessa galchuun bu’uura keewwata kana keewwata Xiqqaa 3tiin yeroo dabalataa gaafatame murteessee eeyyamuu ni danda’a.
6) Afyaa’iin bu’uura keewwata kanaatiin yeroo dabalataa kennee koree
dhaabbii gabaasaa fi yaada murtii hin dhiyeessine koree qindeessituutti dhiyaatee akka gaafatamu ni taasisa.
Keewwata 28:Yaada Murtii Wixinee Seeraa fi Gabaasarratti Koree ykn
Koreewwaniin Dhiyaatu
1) Koreen ykn koreewwan wixineen seeraa bu’uura Dambii fi qajeelfama
kanaatiin qajeelfameef wixinicha erga qorate/qorataniin booda gabaasaa fi
yaada murtii koree qindeessituu fi Caffeef ni dhiyeessa/dhiyeessu.
2) Gabaasaa fi yaadni murtii koreewwan dhiyeessan kamiyyuu barreeffamaan ta’ee:
a) Seensa, Mata duree wixinichaa, yaada murtichaa, akkasumas lakkofsa gabaasaa;
b) Haala adeemsa wixineen seerichaa ittiin qoratame;
c) Waltajjii ummataa fi tooftaalee birootiin ragaalee fi ijoowwan dubbii

64

bu’uuraa walitti qabaman;
d) Yaada fooyya’insaa wixinee seerichaa irratti taasifame yoo jiraate;
e) Yaada murtii korichaa fi
f) Maqaa Koree ykn Koreewwan gabaasaa fi yaada murtii dhiyeessanii
kan qabate ta’uu qaba.
3) Gabaasnii fi yaadni murtii sadarkaa koreetti dhiyaatu kamiyyuu wixinicha irratti murtiin yoo darbu garaagarummaa yaada miseensota lakkoofsa
xiqqaa qabanii kan qabate ta’uu qaba.
4) Qaboon yaa’ii adeemsa qorannoo wixinee seerichaatiin wal qabatu
gabaasaa fi yaada murtee waliin walqabatee Koree Qindeessituu fi walga’ii
Caffeetiif dhiyaachuu qaba.
5) Gabaasaa fi yaadni murtii bu’uura keewwata kanaatiin dhiyaatu:
a) Wixineen seeraa koree dhaabbii dhimmi ilaaluuf kan qajeelfame yoo
ta’e gabaasaa fi yaadni murtii isaa koree qindeessituuf ykn yaa’ii Caffeetiif
kan dhiyaatu Dura Taa’aa ykn Itti Aanaa Dura Taa’aa Korichaa ykn Miseensa Koree keesaa nama bakka bu’een ta’a.
b) Gabaasaa fi yaadni murtii dhiyaatu wixinee seeraa koreewwan lama
ykn isaa ol ta’aniif yoo ta’e, gabaasichi kan dhiyaatu Dura Taa’aa ykn Itti
Aanaa Dura Taa’aa Koree Dhaabbii wixinichi adda durummaan itti qajeelfameetiin ta’a.
c) Dura taa’aa fi Itti aanaa dura taa’aan koree dhaabbii wixinichi adda durummaan qajeelfameef kan hin jirre yoo ta’e Afyaa’iin Dura taa’aa ykn
Itti Aanaa Dura Taa’aa Koreewwan biroo wixinichi waliin qajeelfameef
gabaasaa fi yaada murtii Koree Qindeessituuf ykn Walga’ii Caffeetiif akka
dhiyeessu ni taasisa.
Kutaa Shan
Seera Ragga’e Mallattoof Pireezidaantichaaf Erguufi Maxxansiisuu
Keewwata 29: Seera Ragga’e Mallattoodhaaf Pireezidaantiif Erguu
1) Akkaataa Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 39 keewwata xiqqaa 1tiin,
Afyaa’iin Labsii ragga’e akka mallatteessuuf Pireezidaantii Naannichaatiif ni
erga.
2) Pireezidaantichi seera akkaataa keewwata kana keewwata Xiqqaa 1tti dhiyaateef guyyoota 15 keessatti mallatteessee gara Afyaa’iitti ni deebisa.
3) Pireezidaantichi daangaa yeroo keewwata kana keewwata Xiqqaa 2 jalatti

65

ibsameen seericha yoo hin mallatteesin bu’uura Dambi lakk 3/2001 keewwata 39 keewwata xiqqaa 2tiin hojii irra ni oola.
Keewwata 30: Sirreeffama Teeknikaa Taasisuu
1) Seerri Caffeen ragga’e Magalata Oromiyaatiin maxxanfamee osoo hin
ba’in dura sirreeffamni teeknikaa barbaachisaa ta’e karaa Afyaa’iitiin raawwatamuu ni danda’a.
2) Afyaa’iin sirreeffama teekiniikaa kan taasise erga Pirezidaantichi mallatteesse booda yoo ta’e sirreeffamicha taasifame Pirezidaantichi akka beeku ni
taasisa.
3) Sirreeffamni teekiniikaa yoo taasifamu dhimmoonni armaan gadii hubannoo keessa akka galan taasifamuu qabu:
a) Wixinee seerichaa mirkaneessuuf gabaasaa fi yaada murtii Koree/Koreewwan irraa dhiyaate;
b) Wixineen seerichaa yoo mirkanaa’u ykn gabaasaa fi yaadni murtii
korichi dhiyeesse keessatti akka dabalamu, akka keessaa bahu ykn akka
sirreeffamu murtii Caffeen dabarse.
Keewwata 31: Seera Ragga’e Maxxansiisuu
1) Afyaa’iin seerri ragga’e Magalata Oromiyaatti akka maxxanfamee bahu ni
taasisa.
2) Caffeen Mana Maxxansaa seerota maxxansu kan ofii isaa yoo hin qabaanne hojii maxxansichaa qulqullinaa fi si’aayinaan dhaabbata maxxansuu
danda’u dorgomsiisee waliigaltee gala.
3) Seerri ragga’e gara dhaabbata maxxansiisaatti osoo hin ergamin dura akkaataa murtee Caffeetiin waraabbiin seerichaa Afaan Oromoo, Amaariffaa fi
Ingiliffa waliin sirreeffamee mana maxxansaatti ergamuu qaba.
4) Kutaan Caffee dhimmi ilaallatu hiikkoo afaanii fi hojii maxxansa seerotaa
haala waliigalteetiin raawwatamuu isaa ciminaan hordofuu qaba.
5) Afyaa’iin seera dursi kennameefii ariifachiisummaadhaan maxxanfamuu
qabu yoo jiraate kanuma ibsuudhaan Waajjira keessatti kutaa dhimmichi ilaallatuuf qajeelfama kenna.
6) Seerri kamiyyuu erga maxxanfamee booda dhimmi sadarkaa sirreeffama
teekiniikaatti osoo ilaalamuu qabuu dagannoodhaan ykn haala biraatiin bira
darbame yoo argame sirreeffamee maxxanfamuun seerichaan akka walqabatee bahu Afyaa’iin ni taasisa.

66

Keewwata 32: Seerota Bahan Tartiibaan Qabachuu
1) Waajjira Afyaa’ii fi Caffeetti qaamni dhimmi ilaallatu seerota bahan tartiibaan galmeessee qabachuu qaba.
2) Keewwata kana Kewwata Xiqqaa 1 jalatti akka ibsametti, tartiibni seerota
bahanii kan qabamu ajandaa waggaa Caffeettin, barruulee Waajjirichaatiin,
kaalaandarii waggaatiin ykn weebsaayitii Waajjirichaatiin ta’uu ni danda’a.
3) Waajjirri Afyaa’iifi Caffee tartiiba seerotaa bu’uura Keewwata kanaatiin
bahan qaamoleen dhimmi ilaallatu akka beekan ni taasisa.
Keewwata 33: Seerota Maxxanfamanii Bahan Fayyadamtoota Dhaqqabsiisuu
1) Seerota maxxanfamanii bahan Waajjirri Afyaa’ii fi Caffee fayyadamtoota
sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif gurgurtaadhaan akka dhaqqabu ni taasisa.
2) Haalli gurgurtaa seerota bahanii akkaataa Qajeelfama Lak.19/2004 tiin
kan raawwatamu ta’a.
3) Koreewwan dhaabbii Caffee seeronni fayyadamtoota dhaqqabuu isaaniitii
fi bu’aa barbaadame buusuu isaanii irratti yeroo yeroon hordoffii fi to’annaa
ni gaggeessu.
Kutaa Jaha
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 34: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamoonni fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
ibsamaniin wal- faallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 35: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.

Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

67

Qajeelfama Lakk. 10/2004
Qajeelfama Hojimaata Hordoffiifi To’annoo Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 10/2004
Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Hojimaata Hordoffii fi Too’annoo Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 10/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee Qajeelfama
kana keessatti:
10 “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2. “Heera Mootummaa” jechuun, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
fooyya’ee bahe Lak. 46/1994 jechuudha.
3. “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Koree” jechuun hojilee Caffee raawwachuudhaaf akka haalasaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee Koree Qindeessituu, Koree Dhaabbii,
Koree Yeroo fi koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan hundeeffamaniidha.
6) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojiimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Dambii Lak. 2/1998 Fooyyeessuuf Dambii Bahe Lak. 3/2001
jechuudha.
7) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha
8) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
9) “Hordoffii fi Too’annoo” jechuun Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii
sochii raawwii hojii qaamolee Mootummaa ittiin too’atu kan akka karooraa
fi gabaasa qorachuu, dhaggeeffachuu, bakka hojiin qaamolee Mootummaa
itti raawwatamutti qaamaan argamuun hojicha gamaaggamuu fi yaada dub-

68

deebii ykn tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisaa ta’e fudhachuun ykn gaaffiidhaaf waamuu fi kkf ni dabalata.
10) “Qaamolee Mootummaa” jechuun qaamolee Mootummaadhaan baajatni ramadameefii Caffeen kallattiidhaan isaan hordofuu fi too’atu jechuudha.
11) "Gochootaa fi Amaloota Barbaachisaa Hin Taane" jechuun gochawwan
kabajaa fi ulfina Caffee balleessan ta'anii kan akka sagaagalummaa, machii,
iddoowwan hin taanetti argamuu, jette jettee, gowwoomsaa fi gochawwan
kkf kan dabalatuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa hojiiwwan hordoffii fi too’annoo Caffeedhaan
ykn Koreewwan Dhaabbii Caffeetiin gaggeeffaman ifatti tumuudhaan hojimaataa fi raawwii hojii Mootummaa keessatti iftoomaa fi ittigaafatamummaan diriiree jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf haala mijaa’aa uumuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun hojiiwwan hordoffii fi too’annoo Caffeen ykn Koreewwan
Dhaabbii Caffee gaggeessan irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Dhimmoota Gurgurddoo Caffeen Hordoffiifi To’annoo
Irratti Gaggeessu
Keewwata 5: Haala Hordoffii fi To’annoo
Caaffichi hordoffii fi too’annoo qaamolee Mootummaa irratti yoo gaggeessu
dhimmoota armaan gadiirratti xiyyeeffachuun ta’a:
1) Qaamoleen Mootummaa hojii gaggeessan keessatti daangaa aangoo seeraan kennameef sirnaan hojii irra oolchuusaanii,
2) Heera Mootummaa kabajuu fi kabajichiisuusaanii,
3) Gochoota seeraan ala ittisuu fi maqsuusaanii irratti hordoffii fi too’annoo
taasisuudhaan mirgaa fi bilisummaa lammiiwwanii kabajchisiisuusaanii,
4) Qaamoleen Mootummaa qabeenya Mootummaa fi ummataa sirnaan
hojii irra oolchuusaanii, hojiileesaanii seera bu’uura godhachuun raawwachuusaanii,
5) Qaamoleen Mootummaa sochii hojii taasisaniin misooma haqa qabeessaa
fi saffisaa ta’e fiduu, demookiraasii fi bulchiinsa gaarii dagaagsuu, akkasumas

69

biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii dagaagsuu isaanii,
6) Qaamoleen Mootummaa, tarsimoo, imaammata, seerota, karoorawwan
Mootummaan bahanii fi murtileen Caffeen dabarse qaamolee Mootummaa
biroo waliin haala qindoomina qabuun kallattii bu’aa gaarii fiduun hojiirra
oolchuusaanii fi,
7) Qaamoleen Mootummaa miira iftoomaa fi ittigaafatamummaatiin akkasumas qajeeltoo hirmaachisummaatiin hojjachuudhaan uummanni
Mootummaa irratti amantaa akka qabaatu hojimaata dandeessisu hordofuu
isaanii mirkaneeffachuudhaan ta’a.
8) Bu’uura argannoowwan Caffeen hordoffii fi too’annoo gaggeessu irraa argatuutiin rakkoowwan muldhatan akka sirreeffamanii fi hojimaanni raawwii
hojii Mootummaa akka fooyya’u taasisuu, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu akkasumas qaamoleen Mootummaa ittigaafatamummaa Heeraa
fi Seeraan kennameef waldeeggaruudhaan ga’ee isaanii bahuudhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf tattaafii taasisan haala deeggaruun ta’u
qaba.
Keewwata 6: Qajeeltoo Bu’uuraa Hojiin Hordoffiifi To’annoo Ittiin Gaggeeffamu
1) Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii ittigaafatamummaa fi hojiisaanni yoo
raawwatan qaamolee Mootummaa biroo waliin waliigaluudhaan fi daangaa
aangoo fi gahee hojii Heeraa fi seeraan qaamolee Mootummaa birootiif kenname kabajuudhaan ta’uu qaba.
2) Hojimaanni Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii hordofuu qaban qajeltoowwan iftoomaa, ittigaafatamummaa, qindoominaa fi hirmaachisummaa
mirkaneessuu ta’uu qaba.
3) Qindoominni Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii qaamolee biroo waliin
taasisan, qajeeltummaa fi walamantaa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
4) Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii qaamolee Mootummaa yoo
hordofanii fi too’atan sochii hojii isaan guyyaa guyyaan taasisan keessa seenuu hin qaban.
5) Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii bu’uura Heera Mootummaatiin ykn
Labsiiwwan birootiin qaamoleen Mootummaa hojiisaanii karaa bilisa ta’ee fi
giddu-galtummaa tokko malee akka raawwataniif Caffeen adeemsa hordoffii
fi too’annoo yammuu gaggeessu bilisummaa isaan qaban eeguudhaan ta’a.

70

Keewwata 7: Dhimmoota Hordoffiifi To’annoon Irratti Taasifamuu
Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii dhimmoota armaan gadii irratti hordoffii
fi too’annoo ni taasisu.
1) Imaammatootni, tarsiimoowwanii fi hojimaanni Mootummaa Naannichaa haala barbaadameen hojiirra ooluusaanii fi kallattii guddinaaf mijatuun adeemaa jiraachuusaanii;
2) Karoorri waggaa fi yeroo dheeraa Mootummaa Naannichaa hojiirra ooluusaanii;
3) Heerri Mootummaa fi seeronni biroo kabajamuu fi hojiirra ooluusaanii;
4) Bilisummaa fi mirgoonni bu’uuraa lammiwwaniif kabajamuusaanii;
5) Qabeenyii fi baajatni Mootummaa Naannichaa dhimma karoorfameef
irra ooluusaa;
6) Paakeejiin Bulchinsa Gaarii fi Tarsimoon Muuxannoo Gaggaarii baba’isuu
hojii irra oluu isaa;
7) Riifoormiiwwan adda addaa qaamolee Mootummaatiin hojiirra oolan ifa,
saffisaa fi baasii Mootummaa kan qusatan, tajaajila haqa qabeessa ta’e kan
mirkaneessanii fi haala barbaadameen kan milkaa’an ta’uusaanii.
Keewwata 8: Qaamolee Mootummaa Hordoffii fi Too’annoon Irratti Gaggeeffamu
Caffichi ykn Koreewwan Dhaabbii qaamolee armaan gadii irratti hordoffii fi
too’annoo ni gaggeessu.
1) Qaamolee Mootummaa Naannichaa;
2) Damee qaamolee Mootummaa caasaalee garjallaa jiran;
3) Qaamolee kallattiidhaan Caffeef itti waamaman.
Keewwata 9: Tooftaa Hordoffiifi To’annoon Itti Gaggeeffamu
1) Caffeen hojii hordoffii fi too’annoo kallattiidhaan ykn Koreewwan dhaabuun ni gaggeessa.
2) Caffeen hordoffii fi too’annoo qaamolee Mootummaa irratti kan gaggeessu tooftaalee armaan gadiitiin ta’a:
a) Qaamoleen Mootummaa Naannichaa Karooraa fi gabaasa hojii isaanii yeroo yeroon kallattiidhaan Caffichaaf ykn koree Dhimmichi ilaaluuf
akka dhiyeessan taasisuu;
b) Hooggantoonni Qaamolee Mootummaa naannichaa qaamaan dhiyaatanii gabaasa isaanii akka dhiyeessan taasisuun,

71

c) Hojiilee qaamolee Mootummaa Naannichaa qaamaan argamuun
daawwachuun;
d) Eeruu fi odeeffannoowwan sochii qaamolee Mootummaa ilaalchisee
dhiyaatuuf qorachuun;
e) Raawwiin hojii qaamolee Mootummaa Naannichaa sab-qunnamtii
adda addaatiin akka darbu taasisuun;
f) Akkaataa barbaachisummaa isaatti Qaamni Mootummaa Naannichaa
Odiitii taasifamee gabaasni odiitii akka dhiyaatuuf taasisuun;
g) Bu’aa hordoffii fi too’annoon argame bu’uura gochuun rakkoowwan
akka sirreeffaman taasisuudhaan;
h) Gabaasa Mana Hojii Odiitii Muummichaa Oromiyaa bu’uura gochuun
qorannoo gaggeessuudhaan,
i) Akka barbaachisummaa isaatti koreewwan yeroo dhaabuun dhimmoota qulqulleessuun;
j) Miseensi kallattiidhaan ummata isa filate qunnamuudhaan gabaasa
inni fide bu’uura godhachuudhaan qorannoo taasisuun;
k) Dhimma hordoffii fi too’annoon taasifamu irratti qaama dhimmi ilaallatuun qo’annoon adeemsifamee akka dhiyaatu taasisuun;
l) Barbaachisaa ta’ee yoo argame waltajjii ummanni yaada itti kennu
qopheessuun ta’a.
Keewwata 10: Akkaataa Hordoffii fi Too’annoon Raawwii Seeraa Ittiin
Gaggeeffamu
1. Caffeen ykn Koreen dhimmi ilaallatu haala raawwii seerotaa irratti hordoffii fi too’annoo ni taasisa.
2. Caffeen ykn Koreen dhaabbii Dhimmi ilaalu Hordoffii fi too’annoo raawwii seerotaa kan taasisu:
a) Labsii Caffeen Naannichaa baaseef Dambiin ykn Qajeelfamoonni barbaachisaa ta’an bahuufi hojii irra ooluu isaanii mirkaneeffachuun;
b) Dambiin ykn qajeelfamni Qaama Mootummaa Naannichaatiin bahe
Labsii Caffeen baase waliin kan wal simu ta’uu isaa mirkaneeffachuun;
c) Dambiiwwan ykn Qajeelfamoonni bahan qaama Mootummaa aangoo
qabuun ta’uu isaa mirkaneeffachuu;
d) Dambiiwwan ykn Qajeelfamonni Qaama Mootummaatiin bahan tajaajilamtoota bira gahuu isaanii mirkaneeffachuudhaan ta’a.

72

3) Seeronni Caffeedhaan bahan haalaan hojii irra ooluun isaanii kan mirkaneeffamu:
a. Yeroodhaan maxxanfamanii ummata ykn qaama dhimmi ilaallatu
hunda bira gahuu isaanii mirkaneeffachuun;
b. Qaamoleen Mootummaa seerota bahan kabajuu fi kabachiisuu isaanii
mirkaneeffachuun,
c. Bu’aa seerota ragga’anii hojii irra oolanii qorachuun ta’a;
Kutaa Sadii
Haala Caffeen Gabaasa Itti Dhaggeeffatu
Keewwata 11: Karooraa fi Gabaasa Hojii Qaamolee Mootummaa Qorachuu
Caffeen karooraa fi gabaasa qaamolee Mootummaa haala armaan gadiitiin
ni qorata.
1) Akkaataa Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 45 keewwata xiqqaa 1tiin Pireezidaantiin Mootummaa Naannichaa:
a) Walgahii Caffee waggaa calqabaa irratti karoora waliigalaa ilaalchisee;
b) Walakkaa waggaa fi dhuma waggaarratti sochii hojii waliigalaa ilaalchisee gabaasa ni dhiyeessa.
c) Caffeen karooraa fi gabaasa dhiyaatan irratti mari’atee dhimmoonni
sirreeffamu qabaatan yoo jiraatan akka sirreeffaman qajeelfama kennuun
gabaasicha ni raggaasa.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu, Pireezidaantichi dhimmi Caffeetti dhiyaachuu qaba jedhee amanu yoo jiraate
Caffeedhaaf gabaasa dhiyeessuu ni danda’a.
3) Caffeen yeroo barbaachisaadha jedhee amanetti Hoggantoota Qaamolee
Mootummaa ykn Qaama seera raawwachiiftuu gaaffiidhaaf ni waama, ni
qorata.
4) Caffeen Qaamni Mootummaa kamiyyuu kallattiidhaan gabaasa akka dhiyeessuuf ajajuu ni danda’a.

73

Keewwata 12: Haala Gabaasni Caffeedhaaf Kallattiidhaan Itti Dhiyaatu
Gabaasni kallattiidhaan Caffeedhaaf kan dhiyaatu:
1) Qaamolee Mootummaa seeraan kallattidhaan Caffeef gabaasa dhiyeessuu
qaban yoo ta’e;
2) Qaamni Mootummaa dhimmoota ariifachiisaa irratti ibsa akka kennu
kan barbaachise ta’ee yoo argame;
3) Qaamni Mootummaa Koreedhaaf gabaasa yoo dhiyeessu ykn Korichi
Hordoffii fi Too’annaa yoo gaggeessu rakkooleen bu’uuraa kan mul’atan yoo
ta’e;
4) Qaama Mootummaa irrati komiin irra deddeebiidhaan ummataan ykn
miseensotaan gaaffiin kan ka’u yoo ta’eedha.
Keewwata 13: Haala Qaamni Gabaasa Dhiyeessu Ittiin Waamamu
1) Caffeen sagantaa gabaasa qaamolee Mootummaa itti dhaggeeffatu karoora
waggaa isaa keessatti dabaluun ni baasa.
2) Afyaa’iin qaamota kallattiidhaan Caffeedhaaf gabaasa dhiyeessaniif sagantaa bahe barreeffamaan ni beeksisa.
3) Afyaa’iin yeroo fi iddoo gabaasichi itti dhiyaatu guyyaa gabaasichi itti dhiyaatu dura yoo xiqqaate ji’a tokko dursee qaama Mootummaa gabaasicha
dhiyeessuuf beeksisuu qaba.
4) Yeroon gabaasni itti dhiyaatu mijahaa kan hin taane ta’uusaa qaama
Mootummaa dhimmi ilaaluun gaaffiin yoo dhiyaatee fi Afyaa’iin kan itti
amane yoo ta’e yeroon isaa jijjiiramuu ni danda’a. Afyaa’iin jijjiiramni yeroo
taasifame qaamoleen dhimmi ilaalu akka beekan ni taasisa.
5) Qaamni Mootummaa gabaasicha dhiyeessu tarreeffama maqaa namoota
bakka bu’anii Walgahii Caffee irratti argamuu qabanii guyyaa gabaasichi itti
dhiyaatu guyyaa torba dursee Waajjira Afyaa’ii fi Caffee beeksisuu qaba.
6) Gabaasni qaama Mootummaatiin Caffichaaf dhiyaatu guyyaa gabaasni itti
dhiyaatu dura yoo xiqqaate guyyaa torba dura Afyaa’ii dhaqqabu qaba.
7) Afyaa’iin akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa jahaatiin gabaasa
dhiyaateef koree dhaabbi dhimmi ilaaluuf battalumatti dabarsuu qaba.
Keewwata 14: Akkaataa Gabaasni Itti Dhiyaatu
1) Gabaasa Qaama Mootummaa kallattiidhaan Caffeedhaaf kan dhiyeessu
hogganaa mana hojichaati.

74

2) Hooggantichi namoota isa gargaaruu danda’an kudhan kan hin caalle
waajjirasaa keessaa qabatee dhiyaachuu ni danda’a.
3) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa tokko jalatti kan tumame jiraatuyyuu,
rakkoon humnaa olii hogganicha yoo mudate itti aanaa isaatiin ykn nama
inni bakka buuseen gabaasichi dhiyaachuu ni danda’a.
4) Hoogganaan manahojii bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa sadiitiin gabaasichi itti Aanaa isaatiin ykn bakka bu’aa isaatiin akka dhiyaatu
taasisuun dura sababa isaa dursee Afyaa’iidhaaf beeksisuu qaba.
5) Afyaa’iin sababni Keewwata kana Keewwata xiqqaa 4tiin dhiyaate amansiisaa ta’uusaa yoo itti amane, gabaasicha akkaataa Keewwata Xiqqaa 3tiin
akka dhiyaatu taasisuu ni danda’a.
Keewwata 15: Qabiyyee Gabaasa Caffeedhaaf ykn Koreewwan Dhaabbiitiif Dhiyaatu
1) Gabaasni Caffeedhaaf ykn Koreewwan Dhaabbiitiif dhiyaatu kamiyyuu
sochii hojii Qaama Mootummaa irratti kan xiyyeeffate ta’ee:
a) Karoora waggaa fi hojiilee hojjataman ykn raawwii hojii hanga yeroo
gabaasichi itti dhiyaatetti jiru;
b Hojiilee karoorfamanii osoo hin raawwatamin hafan sababa isaanii wajjiin;
c) Karoora baajataa fi raawwii isaa;
d) Bulchiinsa humna namaa;
e) Dhimmota manneen hojii hunda keessatti idileeffamuun hojjatamuu
qaban hunda;
f) Raawwii karoorichaatiin bu’aa argame;
g) Rakkoolee gurguddoo qunnamanii fi tarkaanfiiilee furmaataa fudhataman;
h) Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan kan biroo kan of-keessatti qabate ta’uu qaba.
2) Gabaasni dhiyaatu kamiyyuu dhimmoota barbaachisaa ta’an kan of-keessatti qabate, dhugaa irratti kan hundaa’e, kan nama hin dogoggorsine, qajeeltoo iftoomaa irratti kan bu’uureffate, wayitawaa fi kan dubbifamu ta’uu qaba.
3) Gabaasni Qaama Mootummaa kamiyyuu barreeffamaan kan qophaa’e,
mallattoo hoogganaa fi chaappaa mana hojichaatiin kan mirkanaa’e ta’uu
qaba.

75

4) Gabaasni Caffeedhaaf ykn Koreewwan Dhaabbiitiif dhiyaatu dhimma
Caffeen ykn Koreewwan Dhaabbii barbaadan tokko irratti kan xiyyeeffate
yoo ta’e dhimmicha barbaadame ifatti kan ibsu ta’uu qaba.
5) Qabiyyeen gabaasa Caffeedhaaf ykn Koreewwan Dhaabbiitiif dhiyaatu
akkuma eegametti ta’ee:
a) Gabaasa Pirezidaantii Bulchinsa Mootummaa Naanichaa, Pirezidaantii
Mana Murtii Waliigalaatii fi Mana Hojii Odiitara Muummichaatiin Caffeedhaaf dubbisaan kan dhiyaatu yoo ta’e, yoo gabaabbate haala iftooma
qabuun qophaa'ee dhiyaachuu qaba.
b) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 5(a) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, gabaasni qaama Mootummaa Caffeedhaaf dhiyaatu guyyaa
20 dura koree dhimmi ilaaluuf bal’inaan tarreedhaan dhiyaachuu qaba.
Keewwata 16: Qabiyyee Raawwii Karoora Baajataa
1) Qabiyyeen raawwii karoora baajataa kamiyyuu:
2) Karoora baajata waggaa;
3) Raawwii karoora baajata waggaa ykn raawwii hanga gabaasichi qophaa’etti
jiru;
4) Tooftaa Hordoffii fi Too’annoo qaamni Mootummichaa raawwii karoora
baajataa ittiin taasisu;
5) Garaagarummaa raawwii baajatni waggaa baajata waggota biroo waliin
qabuu fi sababa isaa;
6) Raawwii gad-aanaa bara baajataa keessatti mul’atee fi sababa isaa;
7) Haala walsimiinsa raawwii baajataa fi hojii hojjatamee;
8) Rakkoolee gurguddoo raawwii baajataa keessatti mul’atan;
9) Raawwiin baajataa akkaataa seeraatiin raawwatamuu isaa;
10) Itti fayyadamummaa dubartootaa kan mirkaneesse ta’uu isaa ifatti kan
of-keessatti qabate ta’uu qaba.
11) Gabaasni raawwii baajataa kamiyyuu haala ifa ta’een kan barreeffameefi
kan dubbifamu ta’ee bulchiinsaa fi qulqullina raawwii isaa madaaluuf odeeffannoowwan dandeessisan kan qabate ta’uu qaba.
12) Gabaasni raawwii baajataa lakkoofsaan dhiyaate kamiyyuu ibsa
gabaabaadhaan deeggaramuu qaba.
13) Gabaasni raawwii baajata Qaama Mootummaa kamiyyuu yaada odiitarri
keessaa ykn Manni Hojii Odiitara Mummichaa raawwii baajatichaa irratti

76

kennee fi tarkaanfiiwwan fudhataman kan of-keessatti qabate ta’uu qaba.
Keewwata 17: Sagantaa Caffichi Gabaasa Itti Dhaggeeffatu
1) Haala adda ta’een qaama dhimmi ilaaluun kan murtaa’u yoo ta’e malee,
Caffeen gabaasa qaamolee Mootummaa kan dhaggeeffatu yaa’ii idilee irratti
ta’a.
2) Caffeen sagantaa gabaasa itti dhaggeeffatu dursee qopheessuu fi qaamoleen dhimmi ilaallatu akka beekan taasisuu qaba.
3) Sagantaan Caffeen qopheessu ittigaafatamummaa isaa bahuu fi karaa
bu’aa qabeessa isa taasisuu danda’uun ta’uu qaba.
4) Sagantaan gabaasa dhaggeeffachuuf qabame haala amansiisaa ta’een kan
jijjiiramu yoo ta’e Afyaa’iin qaamolee dhimmi ilaallatu ni beeksisa.
Keewwata 18: Naamusaa fi Pirotokoolii Dhiyeessitoota Gabaasaa
1) Namni gabaasa Caffeedhaaf dhiyeessu kamiyyuu pirotokoolii fi naamusa
kabajaa fi ulfina Caffee eegsisu qabaachuu qaba.
2) Namni Caffeedhaaf gabaasa dhiyeessu kamiyyuu sirnaa fi naamusa armaan gadii hordofuu qaba:
a) Bu’uura seensa qophaa’eetiin gara mooraatti erga galee booda karaa
Pirotokoolii Caffeetiin iddoo isaaf qophaa’ee ni qabata.
b) Akkaataan uffannaa isaatis haala kabajaa fi ulfina Caffee eegeen ta’uu
qaba.
c) Namni gabaasa dhiyeessu meeshaalee barreeffamaa fi kanneen biroo
gabaasa dhiyeessuudhaaf isa gargaaraniin alatti qabachuu hinqabu.
d) Namni gabaasa Caffeedhaaf dhiyeessu kamiyyuu Galma Caffee keessatti alkoolii dhugee seenuu, tamboo xuuxuu fi gochaawwan barbaachisaa
hin taane kanneen biroo raawwachuun irra hin jiraatu.
e) Adeemsa gaaffii fi deebii keessatti gaaffilee gaafatamuuf deebii yoo kennu amala sirnummaa hin qabne agarsiisuu, Caffee ykn miseensota Caffee
tuffachuu fi sagalee fi sochii hinbarbaachisne irraa kan of-eege ta’uu qaba.
Keewwata 19: Sirna Simannaa Nama Gabaasa Dhiyeessuu
Kutaan Pirotokoolii Caffee:
1) Dhiyeessitoota gabaasaa ni simata, ni gaggeessa.
2) Keessummoota yoo simatuu fi gaggeessu:

77

a) Dhiyeessaa gabaasaatiif dursee eeyyamni seensaa qophaa’uufii isaa
mirkaneeffachuu qaba.
b) Gara Galma walga’ii Caffee yammuu galan qophaa’ee eeguudhaan sirnaan simachuutu irra jiraata.
c) Dhiyeessaan gabaasaa dhufuu isaa Afyaa’iitti beeksisuu fi qajeelfama
Afyaa’iin kennuuf raawwachuutu irra jiraata.
d) Yeroon walgahii yammuu gahu gara Galma Caffeetti geessuudhaan
iddoo isaaf qophaa’e akka qabatu ni taasisa.
e) Gabaasa dhiyeessaan gabaasa isaa Caffeef dhiyeessee yoo xumuru sirnaan geggeessutu irra jiraata.
Keewwata 20: Akkaataa Dhiyeessii Gabaasa fi Marii Gaggeessuu
1) Affeerraa Afyaa’iitiin Dura Taa’aan Koree Dhimmi ilaaluu dhiyeessaan
gabaasichaa gabaasa isaa akka dhiyessu ni affeera.
2) Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimmi ilaalu mata-duree gabaasichaa fi
dhiyeessaa isaa beeksisuudhaan gabaasicha akka dhiyeessu ni affeera.
3) Dhiyeessaan gabaasichaa akkuma haala isaatti gabaasicha dubbisuudhaan
ykn ibsuudhaan dhiyeessuu ni danda’a.
4) Gabaasichi erga dhaga’ameen booda Afyaa’iin koree Dhaabbii dhimmi ilaaluun kan qophaa’an:
a) Dhimmota korichaan furmaata argachuu hin dandeenye irratti kan xiyyeeffatan,
b) Gaaffiilee fi yaada hawaasa irraa dhiyaatan,
c) Gaaffiilee fi yaadota raawwii Imaammataa fi Tarsiimoo waliin wal -qabatan akka dhiyaatan ni affeera.
5) Gaaffiilee fi yaadota Koree Dhaabbii irraa dhiyaataniif deebiin erga kennamee booda Paartiilee, Garee Caffee fi Miseensonni gaaffii fi yaada akka
dhiyeessan ni taasifama.
6) Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 5 gaaffiilee fi yaadota
dhiyaatan irratti deebii akka kennuuf dhiyeessaa gabaasichaatiif carraa ni
kenna.
7) Dhiyeessaan gabaasaa yaadaa fi deebii isaa erga xumuree booda Koree
Dhaabbii dhimmi ilaaluun ykn miseensaan yaadni xumuraa akka itti kennamu Afyaa’iin ni taasisa.
8) Bu’uura keewwata kanaatiin gabaasni dhiyaate Qaamni Mootummaa

78

raawwii hojii gaarii kan agarsiise ta’uu isaa yoo mul’ise Caffeen fakkeenyummaa isaa ibsuudhaan ni jajjabeessa.
9) Caffeen bu’uura keewwata kanaatiin gabaasni dhiyaateef qaama Mootummaa gabaasa dhiyeesse irratti haala nama hin shakkisiisneen rakkoon
jiraachuu isaa yoo hubate, tarkaanfiiwwan qajeelfama kana keewwata 32 irratti tumaman akka barbaachisummaa isaatti hojii irra ni oolcha.
Keewwata 21: Gabaasa Qaamolee Mootummaa Koreedhaan
Qulqulleessuu
Caffichi:
1) Bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 20 tiin gabaasa Qaama Mootummaatiin dhiyaateef irratti shakkii yoo qabaate ykn haala quubsaa ta’een hin
dhiyaanne jedhee yoo amane, koreedhaan qulqullaa’ee akka dhiyaatuuf
taasisuu ni danda’a.
2) Gabaasni Koreedhaan qulqullaa’ee dhiyaatuuf Qaama Mootummichaa irratti rakkoon jiraachuu isaa yoo agarsiise bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 32 tiin tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata.
3) Bu’uura gabaasa Koreedhaan qulqullaa’ee dhiyaateen Qaama Mootummichaa irratti rakkoon kan hinjirre ta’uusaa yoo mirkaneeffate, kanuma qaamoleen dhimmi ilaalu akka beekan ni taasisa.
Keewwata 22: Gabaasa Koreen Dhaabbii Caffichaaf Dhiyeessu
1) Tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii sochii hojii isaa ilaalchisee Caffeedhaaf
gabaasa dhiyeessuu ni danda’a.
2) Gabaasni koree Dhaabbiitiin dhiyaatu:
a) Hojii raawwatame;
b) Tattaaffii hojicha raawwachuuf taasifamee fi tooftaalee hordofaman;
c) Adeemsa raawwii hojichaa keessatti rakkoolee mudataniif furmaatawwan kennaman;
d) Adeemsa hojichaa keessatti arganoowwan muummeyyii;
e) Yaada murtee fi yaada Korichaa;
f) Lakkoofsa addaa yaada murtichaa fi
g) Qaama yaada murtichaa dhiyeesse hammachuu qaba.
3) Gabaasni korichaa Dura Taa’aa ykn Itti Aanaa Dura Taa’aa Korichaatiin
kan dhiyaatu ta’a.
4) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin Dura taa’aan ykn Itti

79

Aanaan Dura Taa’aa korichaa haalli gabaasa hin dhiyeessisisne yoo uumamee fi Afyaa’ichaan fudhatama yoo argate bakka bu’aa korichaatiin dhiyeessuu ni danda’ama.
5) Koreen yeroo kamiyyuu bu’uura qajeelfama Caffeen kennuufitiin gabaasa
Caffeef ni dhiyeessa.
Kutaa Shan
Hordoffiifi To’annoo Koree Dhaabbiitiin Gaggeeffamu
Keewwata 23: Tooftaa Koreen Dhaabbii Hordoffii fi Too’annoo Ittiin
Gaggeessu
1) Koreen dhaabbii kamiyyuu hordoffii fi too’annoo Qaamolee Mootummaa
irratti gaggeessuuf tooftaalee armaan gadiitti ni fayyadama:
a) Labsii Qaamni Mootummaa ittiin dhaabbate Dambiifi Qajeelfama Labsicha raawwachiisuuf bahan, sanadoota barbaachisaa Qaama Mootummaa ilaallatan akkasumas Imaammataa fi karoora Qaama Mootummaa
qorachuu;
b) Waggaatti yeroo afur (4) gabaasa Qaama Mootummichaa dhaggeeffachuun ykn qorachuun;
c) Barbaachisaa ta’ee yoo argame bu’aa adeemsa hordoffii fi too’annoo
keessatti argate Caffeettif gabaasuudhaan;
d) Barbaachisaa yoo ta’e Manneen Hojii Mootummaatti qaamaan argamuun hojiisaanii daawwachuunii fi ilaaluudhaan;
e) Iddoo hojiiwwan hojjatamaa jiranitti qaamaan argamuun hojiiwwan
hojjatamaa jiran daawwachuun;
f) Gabaasa Qaamolee Mootummaa ogeessaan xinxalamee akka dhiyaatuuf taasisuudhaan;
g) Sochii hojii Qaama Mootummaa irratti qo’annoo gaggeessuudhaan.
2) Tokkoon Tokkoo Koreen Dhaabbii Qajeelfama kana Keewwata 9 jalatti
tooftaalee tumaman hojiisaa waliin wal-simsisuudhaan hojii irra ni oolcha.
Keewwata 24: Adeemsa Hordoffii fi To’annoo Keessatti Haala Hawaasni
Ittiin Hirmaatu
Caffeen ykn Koreen kamiyyuu adeemsa Hordoffii fi To’annoo Qaamolee
Mootummaa irratti gaggeessu keessatti hawaasni eeruu fi gaaffii dhiyeessu-

80

udhaan, yaada erguudhaan fi waltajjii marii ummataa irratti hirmaachuudhaan akka hirmaatu ni taasisa.
Keewwata 25: Haala Koreen Dhaabbii Gabaasa Qaamolee Mootummaa
Itti Dhaggeeffatu
1) Tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii gabaasa Qaamolee Mootummaa yoo
dhaggeeffatu,
a) Caasaalee gadii itti waamamni isaanii Qaamolee Mootummaa Hordoffii fi Too’annaan irratti taasifamu irraa jalqabuu qaba,
b) Gabaasa hojii caasaalee garjallaa dirree bahuun erga ilaalee booda
gabaasni raawwii hojii Qaamolee Mootummaa sadarkaa gara oli jiran
dhuma irratti akka dhiyaatu taasiisuun dhaggeeffata.
2) Koreen Dhaabbii bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1(a)tiin
Gabaasa yoo dhaggeeffatu rakkoolee, ykn dhimmoota sirraa’uu qaban qaamni olaanaan Mootummaa kan sirreessuu qabu ta’anii yoo arge furmaata akka
argatan ni taasisa.
3) Bu’uura Qajeelfama kana keewwata 13-21tiin sirni dhiyeessa gabaasa
Qaamolee Mootummaatiif tumame akka barbaachisummaa isaatti gabaasa
Koree Dhaabbiif dhiyaatu irrattis raawwatiinsa ni qabaata.
Keewwata 26: Raawwii Hojiilee Wal Irra Bu’anii
Koreen kamiyyuu hojii Qaamolee Mootummaa hordofuu keessatti walirra
bu’iinsi hojii koree biroo waliin yoo isa qunname:
1) Gaaffii ykn yaada barbaachisaadha jedhee amanu barreeffamaan qopheessee mallattoo Dura Taa’aa Koreetiin deeggaruudhaan Koree Dhaabbii biroo
Qaama Mootummichaa Hordofuu fi Too’atuuf erguu ni danda’a, ykn
2) Sagantaa too’annoo fi Hordoffiin Qaama Mootummichaa irratti taasifamu
irratti qaamaan argamuudhaan gaaffii ykn yaada dhiyeessuun dhimmicha
qulqulleeffachuu ni danda’a.
Keewwata 27: Tarkaanfii Koree Dhaabbiitiin Fudhatamu
1) Koreen Dhaabbii kamiyyuu;
a) Barbaachisaa ta’ee yoo arge Qaama Mootummichaa irratti qorannoon herregaa akka gaggeeffamu gabaasaa fi yaada murtii Caffeef dhiyeessuu ni danda’a,
b) Rakkooleen adeemsa Hordoffii fi Too’annaa keessatti argaman rak81

koolee seeraa yoo ta’an, seeraan akka deeggaraman ykn qaawwaaleen
jiran seeraan akka guutaman wixinee seeraa qopheessee Caffeedhaaf dhiyeessuun qaba,
c) Rakkoolee adeemsa hordoffii fi too’annaa keessatti argate baajata
waliin kan wal-qabate yoo ta’ee fi kunis qaama dhimmi ilaaluun yoo itti
amaname Caffeen murtii barbaachisaa ta’e akka itti kennu gabaasaa fi
yaada murtii dhiyeessuu qaba,
d) Bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 32 keewwata xiqqaa 2 (c)tiin
manni hojichaa rakkoosaa akka beekuu fi dadhabbiisaa akka sirreeffatu
qajeelfama kennuun sirreessuu isaa hordofuu qaba,
e) Rakkoon Qaama Mootummichaa irratti mul’ate rakkoo bu’uuraa
yoo ta’ee fi bu’uura dub-deebii korichaatiin rakkoon kun kan hin sirroofne yoo ta’e, Caffeen tarkaanfii seeraa akka fudhatu Afyaa’ii waliin
mari’achuun gabaasaa fi yaada murtii Caffeef dhiyeessuu qaba.
2) Tokkoon tokkoo koree dhaabbii hojii hordoffii fi too’annoo yoo gaggeessu
hojii guyyaa guyyaa manneen hojii, bilisummaa hojii isaanii fi haalawwan
dirqisiisaa seerotaan taa’an darbuudhaan ta’uu hin qabu.
3) Seerota birootiin kan tumaman akkuma eegamanitti ta’ee, Koreen Dhaabbii hojicha ilaalchisee ibsa kennuu ni danda’a.
4) Tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii Qaama Mootummaa inni hordofu ibsa
akka kennu ajajuu ni danda’a.
5) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4 ibsi kennamu eeyyama
Afyaa’ii argachuu qaba.
Kutaa Jaha
Eeruu Fudhachuu, Ragaa Qorachuu, Odiitiin Akka Taasifamuuf
Qajeelfama Kennuufi Tarkaanfii Fudhatamu
Keewwata 28: Ragaa Qorachuu
1) Caffeen ykn Koreen kamiyyuu barbaachisaa ta’ee yoo arge, ragaa afaanii
ykn sanadaa qorachuu ni danda’a,
2) Hojimaanni ragaan ittiin qoratamu akkaataa Qajeelfama
Lakk. 11/2004tiin kan gaggeeffamu ta’a.

82

Keewwata 29: Odiitiin Akka Taasifamu Ajaja Kennuu
1) Caffeen:
a) Qaamni Mootummaa kamiyyuu baajata ramadameef kaayyoo
ramadameefiin ala oolchuu isaa, hanqinni sirna itti fayyadama baajataa
mul’achuu ykn qisaasni jiraachuu isaa yoo hubatu ykn eeruun yoo isa
ga’e ykn gabaasni Koree Dhaabbii dhimmi ilaallatuun yoo dhiyaateef hojiin herrega qulqulleessuu (odiitii) akka taasifamuu fi gabaasni akka dhiyaatuuf ajaja kennuu ni danda’a.
b) Caffeen ajaja odiitii kan kennu akka haalasaatti Mana Hojii Odiitara
Mummichaa Naannootiif ykn Odiitara waliigaltee waliin taasisuuf ta’a.
2) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1(a) jalatti tumame kan kennamu
karaa Afyaa’iitiin ta’ee, ajajni odiitichaa:
a) Qaama qoratamuuf barbaadame;
b) Dhimma qoratamuu fi;
c) Yeroo gabaasni odiitii itti dhiyaatu kan agarsiisu ta’uu qaba.
3)
Caffeen gabaasa odiitichaa erga dhagayee booda akka haala isaatti
tarkaanfiiwwan Qajeelfama kana Keewwata 32 jalatti caqafame ni fudhata.
Keewwata 30: Waa’ee Eeruu Keessummeessuu
Caffeen, Afyaa’iin ykn koreen kamiyyuu:
1) Eeruu fudhachuu fi keessummeessuu ni danda’a.
2) Hojimaatni eeruun ittiin fudhatamuu fi ittiin keessummeeffamu bu’uura
Qajeelfama Eeruun Ittiin Fudhatamu Murteesuuf Bahe Lak.16/2004tiin kan
gaggeeffamu ta’a.
Keewwata 31: Hojii To’annaa fi Hordoffii Ummanni Akka Beeku Taasisuu
1) Caffeen hojiisaa dhaabbilee sab-qunnamtii haqummaadhaan dabarsuu
danda’anitti fayyadamuudhaan ykn barruulee fi weebsaayitii isaatiin hawaasni akka beekan ni taasisa.
2) Odeeffannoon sab-qunnamtii kamiyyuu kabajaafi ulfina Caffee kan eege,
haqummaa irratti kan bu’uureffatee fi madaalawaa ta’uu qaba.
3) Caffeen ykn tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii dhaabbileen sab-qunnamtii
hojii hordoffii fi too’annoo akka deeggaran taasisuun lammiileen Hordoffii
fi Too’annoo Qaamolee Mootummaa irratti taasifamu keessatti hirmaannaa
akka qabaatan ni taasisa.

83

Keewwata 32: Tarkaanfiiwwan Caffichaan Fudhataman
1) Caffeen argannoowwan too’annoo fi hordoffii Qaamolee Mootummaa
irratti taasisuun argatu bu’uureffachuun tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu ni danda’a.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumameen tarkaanfiin
furmaataa fudhatamu:
a) Rakkoon Qaamolee Mootummaa irratti mul’ate rakkoo seeraa irraa
kan madde yoo ta’e, seeraan akka deeggaramu ykn qaawwi isaa seeraan
akka guutamu taasisuudhaan;
b) Rakkoon Qaamolee Mootummaa irratti mul’ate baajata waliin kan
walqabatee fi qaama dhimmi ilaaluun kan mirkanaa’e yoo ta’e, tarkaanfiin
sirreeffamaa barbaachisaa ta’e akka fudhatamu taasisuudhaan,
c) Qaamni Mootummichaa rakkoo isaa akka beekuu fi dadhabbii isaa
akka sirreeffatu qajeelfama kennuun raawwii isaas hordofuudhaan;
d) Rakkoon kan hin sirreeffamnee fi rakkoo bu’uuraa yoo ta’e qaama
rakkoo uumameef ittigaafatamaa ta’e irratti karaa Pirezidaantii Bulchiinsa
Mootummaa Naannichaatiin tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuudhaan
raawwii isaas hordofuudhaan;
e) Rakkoon kan uumame qaamolee kallattiidhaan Caffeedhaaf itti
waamamaniin yoo ta’e bu’uura Dambii Lak.3/2001 Keewwata 44 keewwata xiqqaa 7(c)tiin Caffeen kallattiidhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e
fudhachuun ta’u ni danda’a.
Kutaa Torba
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 33: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
hammataman waliin wal-faallessan raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 34: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa koreen mari’achiiftuu dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

84

Qajeelfama Lakk. 11/2004
Qajeelfama Sirna Ragaan Caffee Mootummaa Naannoo Oroomiyaatiif
Ittiin Dhiiyaatuu fi Qoratamu Murteessuuf Bahe Lakk. 11/2004
Koreen Mari’achistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sirna Ragaan Ittiin Qoratamu Murteessuuf Bahe Lak. 11/2004” jedhamee
waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa foyya'ee bahe
jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamuusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe Dambii
Lak. 3/2001 jechuudha.
6) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namummaa kennameef jechuudha
7) “Koree” jechuun Hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haalasaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree yeroo fi Koreewwan xixiqqaa koreewwan kanaan hundeeffamaniidha.
8) “Ragaa” jechuun ragaa namaa ykn sanada ijoo dubbii dhimma tokko ibsuuf ykn dhugoomsuuf dhihaatu jechuudha.
9) “Ragaa Sanadaa” jechuun waraqaa irratti kan barreeffame, fakkii fi sagaleen kan waraabame ykn meeshaalee elektirooniksiitiin ragaa namaan
85

qabame ni dabalata.
10) “Ragaa Namaa” jechuun nama qaamaan dhiyaatee qaama raagummaaf
isa barbaadeef jecha ragummaa kennuu jechuudha.
11) “Ragaa Ogeessaa” jechuun ogeessa qaamaan dhiyaatee ykn barreeffamaan
ragaa ogummaa kennuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa dhimma Caffee ykn Koreen qoratu ykn murtee
itti kennu irratti hojimaata ifaa sanadni barbaachisaa ta’e itti dhiyaatuu fi ittiin qoratamu ykn ragaan namaa ittiin dhagahamu diririsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun ragaa sanadaa ykn ragaa namaa Caffeen ykn Koree qoratu
ykn dhagahu kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Ragaa Namaa fi Sanadaa Qorachuu
Keewwata 5: Ragaa Namaa Dhagahuu ykn Ragaa Sanadaa Qorachuu
Caffeen akka barbaachisummaasaatti ofiisaatii ykn Koreewwaniin ragaa
namaa dhagahuu ykn ragaa sanadaa qorachuu ni danda’a.
Keewwata 6: Mirgaa fi Dirqama Ragaa Kennuu
1) Lammiin biyyattii kamiyyuu, dhimmoota Qajeelfama kana keessatti tumaman ilaalchisee, ragaa jechaa (Afaanii) fi/ykn sanadaa Caffeedhaaf ykn
Koreedhaaf kennuuf mirgaa fi dirqama qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatuyyuu, Caffeen ykn koreen kamiyyuu dhimma qorachaa jiruuf barbaachisaa kan ta’e:
a) Ragaa jechaa akka kennuuf ykn/fi
b) Ragaa sanadaa kamiyyuu akka dhiyeessu nama kamiyyuu yeroo kamittuu ajajuu ni danda’a.
Keewwata 7: Namoota Ragummaaf Waamaman
1) Caffeen ykn Koreen kamiyyuu dhimma qorachaa jiru irratti eenyuun ragummaa fi /ykn ragaa sanadaa akka dhiyeessuuf akka waamu murteessuu ni
danda’a.
2) Caffeen ykn Koreen kamiyyuu:
86

a) Hoogganaa Qaama Mootummaa, ogeessa ykn nama biroo dhimma
qoratamaa jiru waliin walqabatu irraa;
b) Nama dhimma qoratamaa jiruun kallattiidhaan ykn al-kallattiidhaan faayidaa argate ykn miidhame fi/ykn
c) Hoogganaa Qaama Mootummaa dhimma qoratamaa jiru waliin
walqunnamtii hin qabne, ogeessota dhaabbilee Mootummaa keessatti
hojjatan ykn dhimmicharratti qu’annoo fi qorannoo kan gaggeessan ykn
hayyoota dhimmicharratti barreessan ykn nama kamiyyuu, ragummaa fi/
ykn ragaa sanadaa akka dhiyeessaniif waamuu ni danda’a.
3) Caffeen ykn Koreen lammiilee naannoo dhimmi qoratamaa jiru itti raawwatame ykn raawwatamuuf karoorfame jiraatan walitti qabee dubbisuun ragaa walitti qabachuu ni danda’a.
Keewwata 8: Qophii Ragaa Dhagahuuf Taasifamu
1) Caffeen ykn Koreen ragaa kamiyyuu dhagahuu ykn ragaan sanadaa akka
dhiyaatuuf barbaadu yeroo ragaan itti dhagahamu ykn sanadni itti dhiyaachuu qabu dursee:
a) Ibsa seenaa gabaabaa dhimma ragaan irratti dhagahamuu ykn ragaan
sanadaa irratti dhiyaatuu fi
b) Namoota ragaa jechaa kennanii fi/ykn ragaa sanadaa dhiyeessaniif gaaffilee barreeffamaan dhiyaatan gabaabinaa fi walduraa duubaan
qopheessuu qaba.
2) Gaaffiin Caffeen ragootaaf dhiyeessu Koree dhimmichi ilaaluun qophaa’uu
qaba.
3) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin kan tumame jiraatuyyuu,
gaaffiilee haaraa gaafachuun ni danda’ama.
4) Namni kamiyyuu ragummaa guutuu kan hin kennine yoo ta’e guyyaa biraa deebi’ee akka ragaa bahu taasifamuu ni danda’a.
5) Namni ragaa bahu kamiyyuu, yeroo ragummaasaa kennu dhimmi inni
guutummaan hin dhageessifanne yoo jiraate jecha ragummaasaa erga kennee booda barreeffamaan dhiyeessuu ni danda’a.
Keewwata 9: Waraqaa Waamicha Ragootaa
1) Ragaa Caffeedhaan ykn Koreedhaan waamamu fi/ykn ragaa sanadaa dhiyeessu kamiyyuu akka haalasaatti guyyaa ragaan itti dhagahamu ykn ragaan
sanadaa itti qoratamu guyyoota 5-10 dursee waraqaan waamichaa akka isa

87

dhaqqabu ni taasifama.
2) Namni akka ragaa bahu fi/ykn sanada ragaa dhiyeesu waraqaan waamichaa isa dhaqqabu kamiyyuu yeroo fi iddoo waraqaa waamichaa irratti ibsamutti argamuun ragaa bahu fi/ykn ragaa sanadaa gaafatame dhiheesuu
qaba.
3) Waraqaan waamichaa ragaa ykn nama ragaa sanadaa dhiyeessuf ergamu
dhimmoota armaan gadii kan qabate ta'uu qaba.
a) Maqaa fi teessoo nama ragaa bahuu fi/ykn nama ragaa sanadaa
harkaa qabuu;
b) Iddoo fi yeroo ragaan itti dhagahamu ykn ragaan sanadaa itti dhiyaatu;
c) Dhimma ragaan irratti dhagahamu ykn ragaan sanadaa irratti dhiyaatu;
d) Qaama ragaa dhagahu ykn ragaa sanadaa fudhatuu fi
e) Ragicha ykn nama sanada dhiyeessu irraa maqaa fi qabiyyee sanadoota barbaadamanii; yeroo ragaan sanadichaa itti qophaa’e, eenyuun
harka akka jiruu fi kkf kan qabate ta’uu qaba.
4) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu, namni ragaa bahu ykn ragaa sanadaa dhiyeessu kamiyyuu qaama dhimmi ilaaluun yoo eeyyamamuuf waraqaa waamichaa malee kaka’umsa mataa isaatiin
Caffeetti ykn Koree dhimmi ilaallatutti dhiyaatee dhimma qoratamaa jiru
irratti jecha ragummaa ykn ragaa sanadaa kennuu ni danda’a.
5) Unkaan waraqaa waamichaa namni ragaa bahu ykn sanada ragaa dhiyeessu ittiin waamamu Waajjira Afyaa’ii fi Caffeetiin dursee ni qophaa’a.
6) Waraqaan waamichaa kamiyyuu:
a) Ragaan kennamu Caffeedhaaf yoo ta’e Afyaa’iidhaan ykn
b) Ragaan kan kennamu koreedhaaf yoo ta’e, Dura Taa’aa Korichaatiin
mallattaa’ee nama ykn qaama dhimmi ilaallatuuf ni ergama.
7) Koreen kamiyyuu ragaa namaa ykn nama ragaa sanadaa dhiyeessu
waamuun dura eeyyama Afyaa’ii gaafachuu ykn Afyaa’iidha beeksisuu qaba.
8) Namni ragaaf waamamee hin dhiyaatin hafe kamiyyuu seera dhimmichi
ilaallatuun kan gaafatamu ta’a.
9) Caffeen ykn Koreen dhimma tokko qorachaa jiru barbaachisaa ta’ee yoo
arge kallattii ragaa bahaan jecha ragummaa itti kennu ykn walduraa duubni
isaa bilbilaan ykn qaamaan akka itti himamu taasisuu ni danda’a.

88

Keewwata 10: Adeemsa Ragaan Itti Kennamu
Caffeen ykn Koreen ragaa dhagahuu barbaadu kamiyyuu:
1) Ragaan dhaga’amu walgahii cufaadhaan ykn ifaan ta’uu isaa ni murteessa.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin akaakuu walgahii ragaan
itti dhagahamu ykn ragaan sanadaa itti qoratamuu bu’uura Dambichaatiin
murteessa.
3) Ragaan jechaa ykn sanadaa walgahii Caffeetiin qoratamu:
a) Dhimmichi iccitiidhaan kan qabamuu qabu yoo ta’e;
b) Nageenya ragichaa ykn dhiyeessaa sanadaa eeguuf yoo ta’e;
c) Dhimmi ragaan irratti dhagahamu dhimma dhuunfaa iccitiidhaan
qabamuu qabu yoo ta’eedha.
4) Ragaan jechaa ykn sanadaa kamiyyuu walgahii cufaan kan qoratamu
adeemsa ragaa qorachuu fi bu’aa isaatiif ta’uu ni danda’a.
5) Namni ragaa bahu tokko akka haalasaatti gaaffiin barreeffamaan ykn
jechaan dabare dabareedhaan dhiyaachaafii jechaan deebii kennaa ragaa ni
baha.
6) Caffeen ykn koreen kamiyyuu barbaachisaa ta’ee yoo argu ykn ragaa tartiibaan lakkoofsaan ibsamu kan barbaadu yoo ta’e gaaffiin ragichaaf dhiyaachuu danda’u bu’uura Keewwata 9tiin waraqaa waamichaa waliin teessoosaatti akka isa dhaqqabu taasisuu ni danda’a.
7) Adeemsa ragaa dhagahuu keessatti jecha ragummaa ragichi kennu dhagahuu fi gaaffii dhiyeessuun ala miseensonni yaada isaanii dhiyeessuudhaan
akka mari’atan hin hayyamamu.
8) Namni ragaa bahu kamiyyuu dhimma gaaffiin hin dhiyaatiniif, garuu ammoo odeeffannoo dhimmichaaf barbaachisu kan beeku yoo ta’e, akka haalasaatti Caffeen ykn Koricha hayyamsiisuun dhimmicha dabalataan ibsuu ni
danda’a.
Keewwata 11: Eegumsa Nama Ragaa Bahu ykn Dhiyeessuuf Taasifamu
1) Namni ragaa bahu ykn ragaa sanada dhiyeessu kamiyyuu sababa ragummaa Caffeef kennuutiin ykn ragaa sanadaa dhiyeessuutiin hin himatamu,
tarkaanfiin bulchiinsaatis itti hin fudhatamu.
2) Nama Caffeedhaaf ykn Koreedhaaf ragaa kenne ykn kennu:
a) Ragaa kennuuf gara Caffee yoo dhaqu hayyama dhoowwachuun ykn
faayidaalee adda addaa mana hojii itti hojjatan irraa argatu dhabsiisuun
dhoorkaadha.

89

b) Caffichatti ykn koreetti akka hin dhiyaanne sossobuun ykn doorsisuun gonkumaa dhoorkaadha,
c) Haala kaminiyyuu hojii irraa dhoorkuun, gaggeessuu, ykn
naamusaan adabuun gonkumaa dhoorkaadha.
3) Caffeen ykn koreen kamiyyuu namni kamiyyuu dhiyaatee jecha ragummaa ykn ragaa sanadaa akka kennu yoo taasisu, bilisummaa fi daangaawwan
Heera Mootummaa fi seerota birootiin tumaman kabajuu qaba.
4) Namni ragummaa bahe ykn ragaa sanadaa Caffeedhaaf ykn Koreedhaaf
dhiyeesse ragaan inni bahe ykn ragaan sanadaa dhiyeesse akka ragaatti isarratti dhiyaachuu hin danda’u.
5) Kan qajeelfama kana Keewwata 14 Keewwata Xiqqaa1 jalatti tumame
jiraatuyyuu, namni ragaa bahu kamiyyuu nageenya isaatiif ykn nama birootiif jecha fakkiidhaan waraabbamee akka hin qabamne ykn qaama biraatiif
akka hin dabarfamne waan barbaadu adda baasee iyyachuu ni danda’a. Fakkichis akka hin waraabamne ni taasifama.
6) Namni ragaa jechaa ykn ragaa sanadaa Caffeedhaaf ykn Koreedhaaf dhiyeesse (kenne) kamiyyuu yeroo dhimma kanaaf Caffee tureef ragaan barreeffamaan ni kennamaaf.
Keewwata 12: Haala Raawwii Kakuu Nama Ragaa Bahuu ykn Ragaa Sanadaa Dhiyeessuu
1) Namni ragaa bahu ykn ragaa sanadaa dhiyeessu kamiyyuu haqarratti
hundaa’ee waan dhugaa ta’ee fi beeku ragaa bahuu ykn ragaa dhiyeessuu qaba.
2) Namni ragaa bahu ykn ragaa sanadaa Caffeef ykn Koreedhaaf dhiyeessu
kakuu armaan gadii ni raawwata.
“Ani
___________________________________________
___________guyyaa har’aa, Caffee kana duratti ykn Koree
____________________________ kana duratti dhiyaadhee jechin kennu
ykn ragaan barreeffamaa ani dhiyeessu sirrii ta’uu fi wantiin dhoksu kan hin
jirre ta’uusaa nan mirkaneessa.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee akka barbaachisummaa isaatti akkaataa sirna kakuu aadaa fi duudhaa
Ummata oromootiin raawwachuu ni danda’a.
4) Kakuun Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame Dura-Taa’aa
ykn Itti Aanaa Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa

90

Caffeetiin kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 13: Ragaa Caffeef ykn Koreef Kenname Iccitiidhaan Eeguu
1) Namni kamiyyuu ragaa jechaa ykn ragaa barreeffamaa Caffeen ykn koreen walgahii cufaadhaan dhagahe ykn iccitiidha jedhame dhaabbilee sabqunnamtiif ykn nama biraa kamittuu dabarsuu ykn himuu hin qabu.
2) Ragaan barreeffamaa Caffee ykn Koree harka gale kamiyyuu qaama ykn
nama dhimmi ilaaluun ummataaf yoo ibsame malee iccitiidhaan eegamuu
qaba.
Keewwata 14: Ragaa Kenname Barreeffamaan Qabachuu
1) Ragummaan kamiyyuu sagalee fi/ykn fakkiidhaan erga waraabamee booda barreeffamatti jijjiriamee qabamuu qaba.
2) Waraabbiin ragaa, sanadaa kamiyyuu Caffeedhaan sandummaan qabamuu qaba.
Keewwata 15: Iddoo Ragaan Itti Dhagahamuu fi/ykn Ragaan Barreeffamaa Itti Dhiyaatu
1) Caffeen ykn Koreen ragaa kan dhagahu fi/ykn ragaa barreeffamaa kan
fudhatu mooraa Caffee keessatti ta’a.
2) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, ragaan koreedhaan dhagahamu hayyama Afyaa’iitiin iddoo biraatti
raawwatamuu ni danda’a.
Keewwata 16: Ragaa Barreeffamaa Deebisanii Kennuu
Caffeen ykn Koreen kamiyyuu ragaa barreeffamaa akka dhiyaatuuf taasise
erga qoratee fi waraabbii barbaachisaa ta’e erga fudhatee booda barreeffama
dhiyaateef qaama ykn nama dhuunfaa dhimmichi ilaallatuuf sirnaan eeggamee akka deebi’uuf ni taasisa.
Keewwata 17: Ragaa Barreeffamaan Kennamu Fudhachuu
1) Caffeen ykn Koreen kamiyyuu Qajeelfama kana Keewwata 7Keewwata
Xiqqaa 2 jalatti qaamolee ykn namoota ibsaman irraa barreeffamaan ragaa
fudhachuu ni danda’a.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin namni ykn qaamni ragaa

91

barreeffamaan akka dhiyeessu gaafatame ragaan dhiyeessu iccitii dhuunfaa
ykn dhimma iccitii biyyaati jedhamee akka eegamu kan taasifame yoo ta’e
malee dabarsee hin kennu jechuu hin danda’u.
Keewwata 18: Ragaa Nama Mana Sirreessaa Jiru Waamuu
1) Caffeen ykn Koreen Dhaabbii dhimma qoratamaa jiru irratti ragaa bahuu
ykn ragaa barreeffamaa dhiyeessuu namni danda’u mana sirreessaa keessa
kan jiru yoo ta’e Afyaa’iin Itti gaafatamaan mana Sirreessichaa nama jedhame
akka dhiyeessu ajajuu ni danda’a.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin Itti Gaafatamaan mana
sirreessichaa nama akka dhiyeessuuf ajajame of-eeggannoodhaan qabee ni
dhiyeessa. Qaamni dhimmi ilaalu ragaa barbaachisaa ta’e erga fudhatee booda dhiyeessaan ragichaa haaluma dhufeen gara mana sirreessaatti deebi’uutu
irra jiraata.
Keewwata 19: Naamusa Nama Ragaa Dhiyeessuu
1) Namni ragaa bahuu fi/ykn ragaa barreeffamaa Caffeef ykn koreef dhiyeessu naamusa kabajaa fi ulfina Caffee eegu qabaachuu qaba.
2) Namni Caffeedhaaf ykn Koreedhaaf ragaa dhiyeessu kamiyyuu:
a) Karaa seensa qophaa’eefitiin mooraa Caffee keessa dursee galee iddoo qophaa’eef ni qabata,
b) Meeshaalee ragummaaf isa barbaachisan ykn akka ragaatti dhiyaachuu qabaniin ala wantoota barbaachisaa hin taane qabatee mooraa
Caffee keessa galuu hin qabu,
c) Galma Caffeedhaan ykn golgee/koriidara/ keessatti tamboo xuxuu
hin qabu,
d) Mooraa Caffee keessatti nama kamiyyuu wajjiin wal-loluu hin qabu.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2(b) jalatti tumame jiraatuyyuu,
dhiyeessaan ragaa kamiyyu meeshaa waraanaa, meeshaa qara qabu, wantoota boba’uu danda’an qabatee mooraa Caffee keessa seenuu hin qabu.
Keewwata 20: Waa’ee Kaffaltii
1) Nama ragaa bahu ykn ragaa barreeffamaa akka dhiyeessu ajajame kamiifuu kaffaltiin durgoo oolmaa fi geejjibaa barbaachisaa ta’e ni kaffalamaaf.
2) Kaffaltiin Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame Waajjirri

92

Afyaa’ii fi Caffee qaamota dhimmi ilaalu irraa yoo mirkaneeffate bu’uura
seeraatiin kaffaltii ni raawwata.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 21: Ragaalee Dhiyaachuu Hin qabne
1) Caffeen ykn Koreen kamiyyuu dhimma mana Murtiitiin bu’uura seeraatiin qaamoleen guutumaan guututti aangoo murtii kennuu ykn murtii
bulchinsaa kennaniin ykn qaama dhimma tokko akka qulqulleessuu fi qoratuu dhaabbateen qabame irratti ragaa dhagahuun ykn walitti qabuu hin
danda’u.
2) Caffeen ykn Koreen kammiyyuu ragaa seeraan akka hin kennamne dhorkame akka dhiyaatu ajajuu hin danda’u.
Keewwata 22: Adabbii
Namni kamiyyuu:
1) Bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 7 Keewwata Xiqqaa 2 tiin ragummaadhaaf akka dhiyaatu fi/ykn ragaa barreeffamaa akka dhiyeessu ajajamee
kan hin dhiyaanne ykn ragaa barreeffamaa gaafatame kan hin dhiyeessine
yoo ta’e;
2) Sobaan yoo ragaa bahe ykn ragaa sobaa kan dhiyeesse yoo ta’e;
3) Kabajaa fi ulfina Caffee kan hin eegne yoo ta’e;
4) Ragaa akka hin baane odeeffannoo akka hin dhiyeessine, akka dhoksu
ykn ragaa sobaa dhiyeessuuf mattaa’aa kan fudhate yoo ta’ee ykn
5) Iccitii kan hin eegne yoo ta’e; seera dhimmicha ilaallatuun kan gaafatamu
ta’a.
Keewwata 23: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi Barmaatileen hojii dhimmota Qajeelfama kana keessatti
hammataman waliin walfaalleessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.

93

Keewwata 24: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Ooluu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.

Addee Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

94

Qajeelfama Lak. 12/2004
Qajeelfama Sirna Naamusa Marii, Haasawaafi Falmii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 12/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Naamusa Marii fi Falmii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 12/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee Qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooya'ee bahe
jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe
Lak. 3/2001 jechuudha.
6) “Keessummaa Affeerame” jechuun dhimma ykn ajandaa tokko ilaalchisee
gabaasa akka dhiyeessu ykn akka hubachiisu ykn akka taajjabaatti akka hirmaatuuf Caffeedhaan ykn koreedhaan nama affeeramu kamiyyuu jechuudha.
7) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namummaa kennameef jechuudha
8) “Kabajaa fi Ulfina Caffee” jechuun Sadarkaa Heeraan kennameefiin maqaa
gaarii Caffeen hawaasicha ykn qaamolee biroo biratti qabu jechuudha.
9) “Amala ykn Gochawwan Barbaachisaa Hin Taane” jechuun gochawwan
kabajaa fi ulfina Caffee balleessan ta’anii kan akka sagaagalummaa, machii,
95

iddoowwan hin taanetti argamuu, jette jettee, gowwomsaa fi gochawwan kkf
kan haammataniidha.
10) “Walgahii Idilee” jechuun walgahii Caffee idilummaadhaan bara baajataa
tokko keessatti yeroo sadii (3) gadi hintaaneef adeemsisuudha.
11) “Walgahii Ariifachiisaa” jechuun dhimmoonni murtee Caffichaa barbaadan ariifachiisaan yoo uumaman walga’ii Caffeedhaan waamamu jechuudha.
12) “Walgahii Cufaa” jechuun Caffeen walgahii cufaadhaan akka adeemsisuuf miseensota Caffichaa ykn Qaama Raawwachiiftuu Naannichaatiin
gaafatamee miseensonni Caffee walakkaa ol yoo deeggaran walgahii Caffeen
cufaadhaan gaggeessu jechuudha.
13) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
jechuudha.
14) ”Jechoota Walga’ii Caffee Irratti Fayyadamuu Hin Qabne”Jechuun raawwatiinsa Qajeelfama kanaatiif maqaa dhaabbata ykn nama biroo xureessan,
kabaja kan hir’isan, ykn maqaa gaarii qaban kan balleessanii fi kkf jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa:
1) Caffeen keessatti garaagarummaan yaadaa, sirnaan kan itti keessumaa'u,
sagaleen caalmaa kan itti kabajamuu, sagaleen miseensota teessoo xiqqaa
qabanii kan itti dhaga’amu, aadaa fi hojimaatni dimookiraasii akka dagaagu
taasisuu fi
2) Haasaan miseensonni Walgahii Caffeerratti taasisanii fi naamusni hordofan kabajaa fi ulfina Caffee kan eege, akkasumas, kabaja miseensotaa, lammiilee fi qaamolee biroo akka hintuqne seeraan akka gaggeeffamu taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Haalawwan addaa Dambichaa fi Qajeelfama kana keessatti tumaman akkuma eegamanitti ta’anii Qajeelfamni kun gosa walga’ii Caffee kamiyyuu irratti
raawwatiinsa ni qabaata.

96

Kutaa Lama
Adeemsa Walgahiin Ittiin Gaggeeffamu
Keewwata 5: Haalawwan Walgahii Adeemsisuuf Barbaachisan
Bu’uura Dambichaa fi Qajeelfama kanaatiin Waajjirri Afyaa’ii fi Caffee dhimmoota walgahii adeemsisuuf barbaachisan;
1) Ibsaan, meeshaaleen sagalee guddistuu fi fakkii kaasan galma walgahichaa
keessatti qophaa’uu isaanii ni mirkaneeffata.
2) Hojjattoonni walgahii Caffee irratti deeggarsa kennan iddoo hojii isaaniif
ramadameetti argamuu isaanii ni mirkaneeffata.
3) Bu’uura Dambichaa Keewwata 21 Keewwata Xiqqaa 6 tiin, miseensota
Caffee keessaa walakkaa ol yoo argaman Yaa’ichi guutuu ta’a.
4) Afyaa’iin Walgahii guutuu ta’uusaa karaa Ittigaafatamaa Waajjira Caffeetiin ni mirkaneeffata.
5) Bu’uura Dambichaa Keewwata 20 tiinii fi Qajeelfama kanaan miseensonni galma Caffee seenanii iddoo isaanii akka qabataniin Itti gaafatamaan
Waajjira Afyaa’ii fi Caffee guca too’annoo maqaan miseensotaa irra jiru dhiyeessee miseensonni Walgahii rratti argamuu isaaniitiif fuuldura maqaa
isaaniitti akka mallatteessan ni taasisa.
6) Too’annaan walga’ii irratti argamuu miseensaa kun hanga walga’iin xumuramutti waaree duraa fi booda haaluma kanaan ni raawwatama.
7) Bu’uura Keewwata kanaatiin gucni too’annoo maqaa miseensota walgahi
irratti argamanii akka sanadaatti qabamuu qaba.
8) Miseensota walgahii irratti hin argamne akkaataa Dambichaa Keewwata
20 Keewwata Xiqqaa 3 tiin tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’a.
Keewwata 6: Walgahii Adeemsisuuf Haalawwan Barbaachisan Guutamuu Dhabuu
1) Bu’uura Dambichaa fi Qajeelfama kanaatiin walgahii Caffee adeemsisuuf:
a) Haalawwan barbaachisaa ta’an kan hin guutamne yoo ta’e ykn
b) Haalli humnaa ol ta’e kan quunname yoo ta’e, Itti gaafatamaan
waajjirichaa battalumatti Afyaa’iin beeksisuu qaba.
2) Haalawwan barbaachisaa ta’an guutamuu dhabuudhaan ykn sababni
humnaa ol ta’e qunnamuu isaatiin walgahii Caffee adeemsisuun kan hin
danda’amne ta’uusaa Afyaa’iin miseensonnii fi hirmaattonni biroo akka beekan ni taasisa.
97

3) Sababni walgahiin addaan cite yeroo gabaabaa keessatti furmaata kan argatu yoo ta’e yeroo itti miseensi deebi’ee argamuu qabu beeksisuun addaan
ni ba’ama.
4) Sababni walgahiin addaan cite yeroo gabaabaa keessatti furmaata kan hin
argannee yoo ta’e miseensi yeroo biraa waamichi kan taasifamuufi akka dhufu beeksifamee akka deeman ni tasifama.
5) Yeroo walga’iin addaan citu faayidaan miseensaa guutummaan guutuutti
ni eegamaaf
6) Tumaaleen keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-5tti tumamman rakkoolee
osoo waltajjiin gaggeeffamaa jiruu uumame irrattis raawwatiinsa ni qabaata.
Keewwata 7: Yeroon Walgahii Gahuu Isaa Beeksisuu
1) Yeroon walgahii ga’uusaa beeksisuufi miseensonni gara galma walgahii
galanii iddoo isaanii akka qabatan taasisuuf bilbilli seensaa ni bilbilama ykn
haala biraatiin akka ol galan ni taasifama.
2) Haala miseensonni Caffee dhagahuu danda’aniin bilbilli seensaa Caffee
ni mijaawa. Qaamni ilaallatus haalli kun guutamuusaafi yeroo hundaa hojii
irra ooluusaa ittifufiinsaan hordoffii ni taasisa.
3) Yeroon walga’ii guyyichaa ga’uu isaa bilbilaan ykn haala biraatiin akkuma
beeksifameen miseensonni gara galma walga’ii Caffeetti galanii teessoo isaanii qabachuu qabu.
Keewwata 8: Akkaataa Walga’iin Caffichaa Itti Jalqabamu
1) Miseensonni Galma walgahii Caffee seenanii iddoo ni qabatu,
2) Faaruun Oromiyaa ni faarfatama.
3) Eebbi maangudootaa ni taasifama.
4) Haasawa baniinsaa Afyaa’iin ni taasifama.
5) Haalawwan biroon Dambii Lak. 3/2001 keewwata 19 irratti ibsaman erga
guutaman booda Afyaa’iin hojjataa Pirotokooliitiin iddoosaa ni qabata.
6) Afyaa’iin walgahii gaggeessuuf haalawwan barbaachisan mijaa’uu isaanii
erga mirkaneeffatee booda walgahicha sagalee burruusaatiin banuudhaan
ajandaa guyyichaa manaaf ni ibsa.
Keewwata 9: Yaa’ii Caffichaa Ifatti Gaggeessuu
Kan Dambicha keewwata 13 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, walgahii

98

Caffee kamiyyuu ifatti gaggeeffama.
Kutaa Sadii
Gosoota, Iddoo, Yeroo fi Waamicha Walgahii Caffichaa
Keewwata 10: Gosoota Walgahii Caffichaa
1) Caffeen Oromiyaa gosoota walgahii kanatti aanan ni qabaata.
a) Walgahii idilee;
b) Walgahii ariifachiisaa;
c) Walgahii Cufaa.
2) Walgahiin Caffee kamiyyuu ifatti gaggeeffama.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti
ta’ee, Caffeen bu’uura Dambichaatiin walgahii cufaa adeemsisuu ni danda’u.
4) Caffeen haala kamiyyuu barbaachisaa ta’ee yoo argu, keessummoota walgahiisaa hordofaa jiran galma walgahichaa keessaa akka bahan taasisuu ni
danda’a.
5) Dhimmonni walgahii cufaatiin ilaalamanii fi sanadoonni dhimmicha waliin walqabatan iccitiidhaan qabamuu qabu.
6) Bu’uura murtii Caffeetiin ibsa qaamni dhimmi ilaaluun kennamuun alatti
namni kamiyyuu adeemsa walgahii cufaa gabaasuu ykn dhimma walgahii
cufaatiin ilaalame irratti ibsa kennuu hin danda’u.
Keewwata 11: Iddoo Walgahii Caffichaa
1) Walgahiin idilee Caffee Galma walgahii Caffee keessatti ni gaggeeffama.
2) Walgahii ariifachiisaan iddoo Afyaa’iin mija’aadha jedhetti adeemsifama.
3) Iddoon walgahii cufaan itti gaggeeffamu akka haala walgahichaatti
Afyaa’iidhaan kan murtaa’u ta’a.
Keewwata 12: Yeroo Walgahii Caffichaa
1) Walga’iin Caffee ariifachiisaan erga waamameen booda hanga dhimmi
walga’ichi waamaeef fala argatutti guyyaa fi yeroo kamittu ni gaggeeffama.
2) Walga’iin cufaan akka adeemsifamu yoo murtaa’e, yeroon walga’ichaa
bu’uura Dambichaa keewwata 13 Keewwata Xiqqaa 3 tiin Afyaa’iidhaan kan
murtaa’u ta’a.
3) Haalli addaa yoo jiraate malee, walga’iin guyyoota gaggeeffamu:

99

a) Ganama sa’atii
2:30-7:00 tti
b) Waaree booda sa’atii 9:00-12:00tti ta’a.
Keewwata 13: Tooftaalee Waamicha Walgahii
1) Tooftaaleen walgahiiwwan waamuuf Caffeen itti fayyadamu hanga
danda’ameen miseensonni Caffee fi qaamoleen biroo ifatti arguu yookiin
dhaga’uu ykn beekuu karaa isaan dandeessisuun ta’uu qaba.
2) Walgahiin sagantaa qabameen kan hin adeemsifamne yoo ta’e Waajjirri
Afyaa’ii fi Caffee jijjiirama jiru haaluma Keewwata kana Keewwata Xiqqaa
1tiin miseensotaa fi qaamoleen biroo akka beekan ni taasisa.
Keewwata 14: Pirotokoolii Teessuma Walga’ii
1) Walgahiin Caffee kamiyyuu yammuu adeemsifamu Galma Caffee keessatti
akkaataa teessuma miseensonni Caffees ta’ee namoonni biroo qabaachuu qaban kan raawwatamu bu’uura Afyaa’iin qaamolee biroo waliin mari'achuun
murteessuun ta’a.
2) Miseensota Caffees ta’ee namoonni biroo adeemsa walgahichaa irratti
teessoo ykn iddoo ramadameefiin ala taa’uu hin qaban.
3) Kutaan pirotokoolii Caffee kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti
tumame hojii irra ooluu isaa ni hordofa, ni too’ata.
Kutaa Afur
Falmii Cafficha Keessatti Gaggeeffamu
Keewwata 15: Afaan Hojii Caffee
1) Afaan hojii Caffee Afaan Oromooti. Mariiwwan Caffee kamiyyuu afaanuma kanaan gaggeeffamu.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akka eegametti
ta’ee, keessummoonni affeeramtoonni yammuu walgahii Caffee irratti hirmaatan marii walgahichaa akka dhaga’an ykn yaada kennuun yeroo eeyyamamuuf afaan dubbachuu danda’aniin dubbachuu ni danda’u.
3) Yaada keessummoonni affeeramtoonni kennanii fi adeemsa marii walgahichaa Miseensonni Caffee fi keessummoonni affeeramtoonni akka hubachuu danda’aniif Caffeen tajaajila hiikkoo afaanii ni kenna.
Keewwata 16: Akkaataa Walgahiin Itti Gaggeeffamu
1) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 22tiin walgahiiwwan Caffee kamiyyuu Afyaa’iidhaan gaggeeffamu.

100

2) Afyaa’iin walgahiiwwan Caffee yeroo gaggeessu:
a) Qajeeltoowwan al-loogummaa, haqummaa fi madaalawaa ta’an hordofuu qaba.
b) Adeemsi waliigalaa walgahiichaa kabajaa fi ulfinna Mootummaa fi
Caffeen haala eegsiseen adeemsisuu qaba.
3) Afyaa’iin:
a) Yaada ofiisaatiin miseensota Caffeetiif carraa dubbachuu adda ta’e
kennuu yoo barbaadu hirmaannaa qaamolee dhimmi ilaallatuu tilmaama
keessa galchuu qaba.
b) Miseensota gaaffii sirnaa fi adeemsaa kaasaniif carraa dursaa kennuu
qaba.
c) Mariin dhimma ajandaadhaan qabamee yeroo ramadameef keessatti
akka xumuramu ni taasisa.
d) Yaadota gara garaa yeroo marii ajandaa irratti miseensotaan ka’aniif
haala murtiidhaaf tolutti gurmeessee bu’uura sagaleen akka itti kennamu
ni taasisa.
4) Miseensi kamiyyuu yeroo yaadasaa ibsu, sirnaafi naamusa Dambichaa fi
Qajeelfama kana keessatti tumaman yoo cabse malee, Afyaa’iin jidduu seenee haasawa isaa dhaabuu hin qabu.
Keewwata 17: Dhimmoota Caffichi Irratti Mari’atu
Dambicha keewwata 16n ajandaa Caffeen irratti mari’atu ilaalchisee kan tumame akkuma eegametti ta’ee Caffeen dhimmoota armaan gadiitti tarreeffaman irratti marii ni gaggeessa:
1) Yaada Afyaa’ii fi Itti Aanaa Afyaa’ii filachuuf dhiyaatu;
2) Miseensota koree fi qaamolee Caffeen akkaataa seeraatiin keessatti bakka
bu’u miseensota bakka bu’an bakka buusuuf, filachiisuufi itti guutuuf yaada
Afyaa’iitiin dhiyaatu,
3) Yaada walgahii cufaa adeemsisuuf dhiyaatu;
4) Hir’ina naamusaa cimaa ykn irra deddeebiidhaan miseensi tokko agarsiise
ilaalchisee yaada dhiyaatu,
5) Dhimma ajandaa guyyaa tokkoof qabame yeroo biraatti akka darbu ykn
tartiibuma qabameen akka raawwatamu ykn dursi akka kennamuuf yaada
dhiyaatu;
6) Gabaasa fi yaada murtii Koreedhaan dhiyaate irratti mariin erga taasifamee booda murteen akka itti kennamu yaada dhiyaatu,

101

7) Caffeen dhimma ajandaadhaan qabame tokkorratti mariin gahaan waan
taasifameef, marichi dhaabbatee murteen akka itti kennamu yaada dhiyaatu,
8) Dhimma ajandaa qabame tokkorratti mariin erga taasifamee booda
murtiinsaa yeroo biraatti akka darbu yaada dhiyaatu,
9) Ajandicharratti mariin dabalataa kan barbaachisu ta’uusaa yaada dhiyaatu,
10) Ragaan murtiidhaaf barbaachisu osoo hin dhiyaatiin hafuusaa ilaalchisee yaada dhiyaatu,
11) Sababa gaaffii adeemsaatiin mariin Caffeen akka addaan citu yaada dhiyaatu;
12) Mariin ajandaa tokkorratti jalqabame osoo hin xumuramin ajandaan
arifachisaa fi dursaan ilaalamuu qabu uumamee jira jechuun yaada dhiyaat;
13) Yaada murtii(Resolution) Caffeedhaaf dhiyaatu;
14) Wixinee seeraa dhiyaaterratti mariin gahaan taasiifamu illee, hanqina
kan qabu yoo ta’e akka irra deebi’amee ilaalamu jechuun yaada dhiyaatu.
Keewwata 18: Dhimmoota Falmiin Irratti Hin Gaggeeffamne
1) Dambichaan haala addaatiin kan tumame ykn murtee Caffeetiin yoo ta’e
malee, dhimmoota Qajeelfama kana Keewwata 18 jalatti tarreeffamaniin ala
yaada dhiyaatu irratti falmin hin gaggeeffamu.
2) Yaada Caffeedhaaf dhiyaaterratti falmiin yaa gaggeeffamu ykn hin gaggeeffamin jechuudhaan falmiin yoo ka’e, Afyaa’iin Caffeen sagaleedhaan akka
murteessu taasisuu ni danda’a.
3) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame jiraatuyyuu, tumaalee dambichaa haala faalleessuun dhiyaachuu hin qabu.
Keewwata 19: Mirga Yaada Ofii Bilisummaadhaan Ibsachuu
1) Miseensi kamiyyuu bu’uura Dambichaa keewwata 85 jalatti tumameen
walgahii Caffeerratti mirgi yaadasaa bilisummaadhaan ibsachuu egamaadha.
2) Mirgi yaada ofii bilisummaadhaan ibsachuu akkuma eegametti ta’ee, miseensi kamiyyuu sirnaa fi naamusa Dambichaa fi Qajeelfama kana keessatti
tumame kabajuu qaba.
Keewwata 20: Naamusa Haasawa Miseensota Caffee
1) Miseensi Caffee kamiyyuu bu’uura Dambichaa Keewwata 23 fi Qajeelfama
kanaatiin haasawa walgahii Caffeeirratti taasisuu:

102

a) Ajandaa qabame wajjin kan walsime ta’uu qaba.
b) Gabaabaa, ifaa fi kan irra hin deddeebi’amne ta’uu qaba.
c) Yeroo hayyamameef kan eeggate ta’uu qaba.
d) Haqaa fi dhugaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
e) Kabajaa fi ulfina Caffee, miseensotaa, akkasumas kan namoota biroo
fi dhaabbilee kan eege ta’uu qaba.
f) Qajeeltowwan yaada ibsuu, deeggaruu, ykn mormuu, kan hordofee fi
mirga miseensota Caffee biroo kan hin dhiibne ta’uu qaba.
g) Afuuraa fi adeemsa gaarii waliigala walgahichaa kan jeequ, lola kan
uumuu ykn fedhiiwwan walitti bu’insaa calanqqisiisu ykn raawwatu ta’uu
hin qabu.
2) Miseensi kamiyyuu dhimma Mana Murtiitiin ilaalamaa jiruu fi murtii
dhumaa hin argatiin irratti hundaa’ee haasawa taasisuu ykn yaada kennuu
hin qabu.
3) Miseensi kamiyyuu haasawa nagaa fi tasgabbii ummata Naannichaa jeequ
taasisuu hin qabu.
4) Miseensi kamiyyuu keessummaa gaalaarii irra jiru maqaa dhawuudhaan
yaada kennuun, haasofsiisuu ykn ragummaadhaaf eeruun dhorkaadha.
5) Kan keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4 jalatti tumame jiraatuyyuu,
Afyaa’iin keessummoota afeeramanii gaalaarii irra jiran maqaasaanii waamee miseensota Caffeettif beeksisuu ni danda’a.
6) Miseensi Caffee tokko yaadasaa ibsaa osoo jiruu, miseensonni Caffee biroon gumgumuudhaan, iyyuudhaan, harka walitti dhahuudhaan, fooricuudhaa fi akka waliigalaatti haala naamusummaa hin qabneen haasawa akka
addaan kutu taasisuu hin qaban.
7) Miseensi kamiyyuu mirga bilisummaan haasawuusaatti fayyadamuun
dhaabbata faayidaa irraa argatu ykn irraa argate kamiyyuu beeksisuu hin
qabu.
Keewwata 21: Haala Miseensi Carraa Haasawuu Itti Argatu
1) Yeroo walga’iin Caffee gaggeeffamaa jiru miseensi yaada kennuu ykn
gaaffii adeemsaa dhiyeessuudhaan Afyaa’iitti of muliisuun carraa dubbachuu
argachuu ni danda’a.
2) Miseensonni lama ykn isaa olii walfaana harka baasuun carraa dubbachuu
yoo gaafatan, wal-duraa dubnii fi baay’inni miseensota carraa dubbachuu

103

argatanii Afyaa’iidhaan murtaa’a.
3) Miseensi yaadasaa ibsuu barbaadu kamiyyuu, haalli carraa dubbachuu itti
argatu bu’uura Qajeelfama Sirna Hojimaata Ramaddii Yeroo Mariifi Miseensota Caffee Walgahiirratti Dubbatan Itti Filataman Murteessuuf Bahe Lak.
5/2004 tiin kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 22: Haala Hin Barbaachisneen Carraa Dubbachuu Argachuuf
Yaaluun Dhorkaa Ta’uusaa
1) Miseensi dubbachuuf carraa gaafachaa jiru kamiyyuu osoo hin hayyamaminiif dubbachuu hin qabu.
2) Miseensi carraa dubbachuu argachuu barbaadu kamiyyuu, sagalee dhageessisuun, sochii fi amala hin barbaachifne argisiisuun carraa dubbachuu
argachuuf yaaluu hin qabu.
3) Miseensa carraan dubbachuu osoo hin kennaminiif akka carraan kennameefitti lakkaa’uun dubbachuu jalqabe Afyaa’iin haasaa isaa ni dhaabsisa,
Carrichas miseensa hayyamameefiif ni kenna.
4) Miseensi dubbachaa jiru kamiyyuu Afyaa’iin yoo haasaa dhaabsise haasaa
isaa dhaabuu fi qajeelfama Afyaa’iidhaan kennamuufis kabajuu qaba.
Keewwata 23: Dhimma Tokko Irratti Al-Tokko Qofaa Dubbachuu
1) Miseensi tokko dhimma walga’ii tokko irratti dhiyaate tokko irratti si’a
tokko caalaa dubbachuu hin danda’u.
2) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame jiraatuyyuu:
a) Miseensi dhimma tokko irratti yaada dhiyeesse dhimmuma kana irratti yaada haaraa osoo hindabalin yaada isaa sirreessuu ykn yaada
sirreeffamaa irratti kennuuf eeyyama Afyaa’iitiin irra deebiin dubbachuu
ni danda’a,
b) Koreen ykn miseensonni koreewwanii dhimma tokko irratti
gabaasaa fi yaada murtee dhiyeessan irratti yeroo tokko caalaa dubbachuu ni danda’u,
c) Hoogganaan mana hojii tokko dhimma tokko irratti yeroo tokkoo
oli dubbachuu ni danda’a,
d) Ibsawwan Afyaa’iin kennu, akkasumas qaamni ykn namni dhuunfaa
kamiyyuu ibsi ykn ragummaan Caffeedhaaf akka kennamu barbaadame
daangaan yeroo irratti hin taasifamu,

104

e) Miseensi carraa dubbachuu argate kamiyyuu dhimmicha irratti
bu’uura Qajeelfama Sirna Gaaffii Adeemsaa Caffee Murteessuuf Bahe
Lak. 6/2004 Keewwata 5tiin gaaffii adeemsaa dhiyeessuu ni danda’a.
Keewwata 24: Yaada Dhihaate Kaasuu
1) Miseensi mariidhaaf yaada dhiyeesse kamiyyuu dhimmicha irratti murtiin kennamuun dura yeroo kamittu yaada dhiyeesse kaasuu ni danda’a.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin akkuma inni yaada isaa
kaaseen mariin dhimmicha irratti jalqabame ni dhaabbata.
Keewwata 25: Sirna Haasaa Miseensota Caffee
1) Miseensi kamiyyuu carraa argatee haasaa yoo jalqabu “Galatoomaa Kabajamoo Afyaa’ii” jechuutu irra jiraata.
2) Miseensi tokko yoo dubbatu:
a) Miseensa Caffee biroo maqaa dhahuu yoo barbaadu “Kabajamoo” jecha jedhutti fayyadamuu qaba.
b) Maqaa abbaa aangoo olaanaa mootummaa dhawuu yoo
barbaadu"kabajamaa" ykn " kabajamtuu" jecha jedhutti akka haalasaatti
fayyadamuu qaba.
Keewwata 26: Naamusa Miseensonni Walga’ii Irratti Qabaachuu Qaban
Bu’uura Dambichaa boqonnaa 13 ykn Qajeelfama Sirna Naamusa Miseensotaa Lak. 3/2004 tiin kan tumame akkuma eegametti ta’ee:
1) Miseensi kamiyyuu walga’ii Caffeerratti kitaaba, gaazeexaa, xalayaa, ykn
barreeffama biroo dhimma walga’icha irratti mari’atamaa jiru waliin wal hin
qabanne dubbisuu hin qabu.
2) Miseensi kamiyyuu:
a) Miseensi Caffee biroon dubbachaa osoo jiruu haasaadhaan, hasaasuudhaan dubbachuun ykn haala dubbii isaa gufachiisu kamiinuu jeequu
hin qabu.
b) Miseensi tokko dubbachaa osoo jiruu haala Afyaa’ii miseensa dubbachaa jiru arguu dhoorkuun fuuldura isaatiin darbuun dhorkaadha.
c) Afyaa’iin sirni akka kabajamu yoo dubbatu sagalee dhaggeessisuun
dhorkaadha.
d) Afyaa’iin dubbachaa osoo jiruu akkasumas sagaleen kennamaa fi
lakkaa’amaa osoo jiruu walgahii irraa bahuun dhoorkaadha.

105

e) Yaada kennee ykn gaaffii gaafatee battalumatti walgahii irraa bahuun
dhorkaadha.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2(d) fi (e) jalatti kan tumame akkuma
eegametti ta’ee, miseensi Caffee kamiyyuu yeroo Caffeen falmii gaggeessu
galma keessaa yoo ba’u ykn yoo seenu haala kamiinuu falmii gaggeeffamaa
jiru jeequu hinqabu.
4) Miseensi kamiyyuu Afyaa’iin walga’ii gaggeessaa osoo jiruu qaamaan bira
dhaqee haasofsiisuu hinqabu.
5) Miseensonni haala walga’ii Caffee jeequun walitti haasa’uun dhoorkaadha.
6) Miseensi kamiyyuu marii Caffee irratti qoosuudhaan yaadni kennamaa
jiru xiyyeeffannoo akka hin arganne taasisuu fi/ykn gocha biroo walga’ii Caffee jeequ kamiyyuu raawachuu hinqabu.
7) Miseensi kamiyyuu sanada ykn barreeffama hojimaata Caffichaatiin ala
walga’ii Caffee irratti raabsuu hinqabu.
8) Miseensi kamiyyuu Walga’ii Caffee irratti waraqaa ykn sanada tarsaasuudhaan mormii isaa ibsuun doorkaadha.
9) Miseensi kamiyyuu yeroo walgahii Caffeetti golgee (kooriidara) galma
Caffee irratti haala walga’ichaa jeequun sagalee dhaggeessisee haasa'uun
dhoorkaadha.
10) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 9 jalatti tumame jiraatuyyuu
bishaan, dhugaatii lallaafaa fi bishaan Amboo Afyaa’iin fi nama dhimma
tokko Caffeedhaaf ibsuuf dhiyaatu hindabalatu.
11) Miseensi kamiyyuu Walga’ii Caffee irratti dhaadannoo dhageessisuu hin
qabu.
12) Miseensi kamiyyuu uffannaa raayyaa ittisa biyyaa uffachuu ykn gonfa
gonfachuu hin qabu.
13) Miseensi kamiyyuu Galma Caffee keessatti tamboo xuxuu hin qabu.
14) Miseensi kamiyyuu teessoo kennameefin alatti taa’uu ykn teessoo kennameefin ala taa’ee carraan dubbachuu kennamuufi hin danda’u.
15) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 14 jalatti tumame jiraatuyyuu, miseensi carraan dubbachuu kennameef meeshaaleen sagalee guddistuu isaaf
ramadame kan hin hojjanne yoo ta’e ykn kan sagalee hin dhageesisne yoo
ta’e, hayyama Afyaa’iitiin teessoo mijaa’aa kan biroo irra taa’ee dubbachuu ni
danda’a.

106

Keewwata 27: Walitti Bu’insa Faayidaa
Kan Dambicha Keewwata 108 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, miseensi kamiyyuu dhimma marii Caffeedhaaf dhiyaate irratti faayidaa maallaqaa ykn kan biroo kallattiidhaan ykn al-kallattiidhaan kan qabu yoo ta’e
ykn qabaachuu kan danda’u yoo ta’e dursee Caffee beeksisuu qaba.
Keewwata 28: Ibsawwan Kabajaa fi Ulfinna Caffichaa Hin Eegne Hambisuu
1) Miseensi kamiyyuu jechoota kabajaa fi ulfina nama tokkoo ykn qaama
biroo tuqan fayyadamuu hin qabu.
2) Kan Qajeelfama kana Keewwata 22 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame
jiraatuyyuu, miseensi kamiyyuu ibsoota armaan gadii fayyadamuu hin qabu.
a) Bu’aa Naannichaa kan miidhu,
b) Walqunnamtii Naannichi Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee biroo waliin qabu kan midhu;
c) Eenyummaa, afaan, amantaa fi aadaa sablammootaa fi Ummattoota
naannoo fi biyyatti kan hin kabajne;
d) Kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Nageenya naannichaa kan
tuqu,
e) Ibsa kabaja Caffee, Afyaa’ii fi miseensotaa tuqu ykn namni biroo
akka tuqu affeeruun fayyadamuun irra hin jiraatu.
3) Miseensichi ofumasaatiin dursee tarkaanfii sirreeffamaa kan fudhate
yoo ta’e malee, Afyaa’iin murtii ofiisaatiin ykn gaaffii adeemsaa miseensi biroo kaasuun miseensichi jecha sirna naamusaa hin eegganne dubbate ykn
haasawa seera hin kabajne haal-duree tokko malee battalumatti akka kaasu,
dhiifama akka gaafatu ykn yeroo biraa akka itti hin deebine waadaa akka
galu taasisuu ni danda’a.
4) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin miseensi carraan kennameefitti hin fayyadamne akkaataa Dambicha keewwata 24 jalatti tumamee fi
Qajeelfama Sirna Naamusa Miseensotaa Lak. 3/2004 tiin Afyaa’iin tarkaanfii
barbaachisaa ta’e ni fudhata.
5) Jechi, ”gaaleen” ykn ”himni” tokko kan Walgahii Caffee irratti dubbatamuu hin qabne ykn qabu ta’uusaa Afyaa’iin haala dubbichaa irraa ka’uun ni
murteessa.

107

Keewwata 29: Qaboo Yaa’ii Caffee
1) Walgahiin Caffee kamiyyuu qaboo yaa’itiin qabamuu qaba.
2) Hojimaanni tarreeffama galmeessaa fi qabiinsa qaboo yaa’ii walgahii Caffee bu’uura Qajeelfama Tajaajila Qaboo Yaa’ii fi Odoovizyuwaalii (Audiovisual) Lak. 14/2004tiin kan raawwatamu ta’a.
Kutaa Shan
Keessummoota Affeeruufi Falmii Caffichaa Ummata Beeksisuu
Keewwata 30: Falmii Caffeen Gaggeessu Irratti Qaamaan
Argamanii Hordofuu
1) Bu’uura Dambii fi Qajeelfama kanaatiin namni kamiyyuu Caffeedhaan
affeeramee ykn ofisaatii gaafatee yoo hayyamameef falmii Caffeen gaggeessu
irratti qaamaan argamee hordofuu ni danda’a.
2) Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin Caffeen keessummoota
simachuu kan danda’u hanga teessumni gaalaarii Galma Caffee danda’utti
qofa ta’a.
Keewwata 31: Adeemsa Falmii Caffee Uummataaf Beeksisuu
1) Adeemsi falmii Caffee tamsaasa kallattiin ykn waraabamee sagantaadhaan
darbee ummanni akka beeku ni taasifama.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1jalatti tumame jiraatuyyuu:
a) Hayyama Caffeetiin yoo ta’e malee, falmii Caffee walgahii cufaatiin
gaggeeffamu maxansiisuun ykn raabsuun dhorkaadha.
b) Tamsaasa kallattiin darbuun ala falmii Caffee hinxumuramin ykn
adeemsa irra jiru ykn ragaa Caffeen dhaga’aa jiru ykn gabaasa Koree hin
xumuramin eeyyama Caffeetiin yoo ta’e malee, maxxansuu fi raabsuun
dhoorkaadha.
c) Dhimmota Qaboo Yaa’ii falmii Caffee keessatti hin dabalamne ykn
akka keessaa haqaman Afyaa’iitiin ajajni itti kennamee maxxansuu fi
raabsuun dhoorkaadha,
d) Odeeffannoo ykn gabaasa sobaa ykn dogoggoraa falmii Caffeerratti
hundaa’e kamiyyuu raabsuun dhoorkaadha
e) Namni kamiyyuu marii Caffee irraa hir’isee (xiqqessee) fudhachuun

108

haala hojii Caffichaa tuffachiisuun ykn jallisuun dhiyeessuun dhoorkaadha,
f) Namni kamiyyuu ta’e jedhee haasawa miseensaa kukkutee ykn haala
hintaaneen fakkeessee dhiyeessuun dhoorkaadha.
g) Namni kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame raawwatee argame seera jiruun kan gaafatamu ta’a.
Keewwata 32: Sirnaa fi Naamusa Keessummaa Affeeramee
1) Keessummaan falmii Caffee irratti akka argamu affeerame ykn falmii Caffee hordofuuf argame kamiyyuu kabajaa fi ulfina Caffee akkasumas sirna
Caffee kabajuu qaba.
2) Keessummaan affeerame kamiyyuu teessoo qophaa'ee kennameefiin ala
taa’uu hin qabu.
3) Keessummaan affeerame walga’ii Caffee irratti argamu kabajaa fi ulfina
Caffee kan hin eegnee fi sirna Caffee kan hin kabajne yoo ta’e:
a) Kutaa Protokoolii Caffeetiin ykn nama dhimmi ilaallatuun hir’inasaa
akka sirreeffatu ni taasifama,
b) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3(a)tiin, keessummaan
hir’innisaa cimaa ta’eef Afyaa’iin hubachiisa sirreeffamaa barbaachisaa ta’e
ni kennaaf ykn tarkaanfilee biroo barbaachisaa ta’an irratti ni fudhata.
Keewwata 33: Naamuusaafi Sirna Hojjattoota Deeggarsaa
1) Hojjataan deeggarsaa Walgahii Caffee irratti hojiif ramadamu kamiyyuu
haala Walgahii Caffee hin jeeqneen hojiisaa raawwachuu qaba.
2) Hojjataan deeggarsaa kamiyyuu itti gaafatamummaa fi dirqama kennameef:
a) Kabajaafi ulfina Caffee eeguufi eegsisuu qaba.
b) Sirna walgahii Caffee kabajuufi kabachiisuu qaba.
3) Hojjataan Caffee kamiyyuu akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 2
tiin ulfinaafi kabaja Caffee, akkasumas sirna Caffee kan hin kabajne yoo ta’e,
Afyaa’iin hubachiisa ni kennaaf ykn tarkaanfiiwwan barbaachisaa ta’an biroo
irratti ni fudhata.
4) Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin tarkaanfilee
fudhateen ala dabalataan hojjaticha deeggarsaa irratti bu’uura seeraatiin
tarkaanfiin barbaachisaa ta’e akka fudhatamu ajajuu ni danda’a.

109

Keewwata 34: Hojii Caffichaa Jeequurraa of-Qusachuu
Namni kamiyyuu mooraa Caffee keessatti:
1) Walgahii ummataa ykn hiriira nagaa ykn fincila adeemsisuu;
2) Meeshaa waraanaa, baanarii, eboo, adaloo(goraadee) ykn dullaa qabachuu;
3) Dhaadannoo dhageessisuu ykn gocha biroo hojii Caffee gufachiisan ykn
jeeqan raawwachuu hin qabu.
Kutaa Jaha
Sirnaa fi Naamusa Walgahii Kabachiisuu
Keewwata 35: Akkaataa Sirnaa fi Naamusni Walgahii Caffichaa Ittiin
Kabajamu
1) Afyaa’iin sirnaa fi naamusa Walgahi Caffee kabachiisuuf akkasumas
murtii Caffee ykn ofii isaa raawwachiisuuf aangoon barbaachisaa ta’e Dambii
fi Qajeelfama kanaan kennameefii jira.
2) Dambicha Keewwa 23 fi Qajeelfama kanaan tumaaleen sirna haasaa fi
naamusaa tumaman yoo caban Afyaa’iin:
a) Miseensa sirnaa fi naamusa haasawaa cabse haasawa isaa ni dhaabsisa.
b) Miseensa sirna ykn naamusa cabse maqaa isaa eeruun hubachiisa
sirreeffamaa ni kennaaf.
3) Miseensi sirna ykn naamusa haasawaa cabsee dubbachaa ture hubachiisa
kennameef fudhatee dhiifama erga gaafatee booda yoo eeyyamameef haasaa
isaa itti fufuu ni danda’a.
4) Afyaa’iin:
a) Miseensi tokko bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin
hubachiisa kennameef kan hin kabajne yoo ta’e ykn amala sirnaa fi
naamusaan ala ta’e agarsiisee jira jedhee yoo amane yaa’icha irraa akka
ba’u taasisuu ni danda’a.
b) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4 (a)tiin Walgahii irraa
akka bahu miseensi ajajame battalumatti yaa’icharraa ba’uu qaba.
5) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4(a)tiin miseensi ajaja kenname hin kabajne humna nageenyaa Caffeetiin dirqamee akka ba’u Afyaa’iin
ajaja kennuu ni danda’a.
6) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4(a)tiin miseensi ajaja

110

Afyaa’iitiin Walgahi Caffee irraa bahe akka haala isaatti Walga’ii Caffee yeroo
tokkoo irraa Afyaa’iidhaan ittifamuu ni danda’a.
7) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 5tiin, Walga’ii Caffee irraa akka
bahu miseensi taasifame kamiyyuu:
a) Walgahiwwan Caffeen itti aansuun gaggeesu lama irratti akka hin
argamnee fi
b) Afyaa’iidhaan hojiiwwan Caffee irraa ni ittifama.
8) Miseensi kamiyyuu bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa 7tiin yeroo
Walgahi caffee irraa ittifameef bu'aawwan adda addaa hin argatu.
9) Bu’uura Dambichaa Keewwata 24tiin balleessaan miseensichaan raawwatame cimaa ykn irra deddeebiin kan raawwatame yoo ta’e:
a) Bu’uura yaada Afyaa’iin dhiyeessuun Caffichi murtii ni kenna.
b) Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa qoratee yaada murtii
akka dhiyeessu Caffeen ajajuu ni danda’a.
10) Bu’uura Keewwata kana Keewwata xiqqaa 9 (a) fi (b) tiin dhimma dhiyaateef akkaataa Qajeelfama Naamusa Miseensotaa Lak. 3/2004 tiin murtii
barbaachisaa ta’e ni kenna.
11) Miseensonni sirni ykn Naamusni walgahii akka cabu ykn ajajni
Afyaa’iidhaa akka hin kabajamne taasisan miseensota rakkoo uuman ykn
akka uumamu deeggaran akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1- 10
tiin tarkaanfiin naamusaa barbaachisaa ta’e irratti ni fudhatama.
Keewwata 36: Adeemsa Walgahii Hir’inni Sirnaafi Naamusaa Irratti
Mul’ate Itti Gaggeeffamu
1) Afyaa’iin walgahii hir’inni sirnaa ykn naamusaa irratti mul’ate
kamiyyuu:
a) Hir’inni sirnaa ykn naamusaa adeemsa walgahii guyyaa bu’uuraan
jeequu isaa yoo hubate;
b) Sababa hir’inna sirnaa ykn naamusaatiin nageenyi kan boora’e yoo
ta’e ykn boora’uu ni danda’a jedhee yoo amane, yoo tilmaame; ykn
c) Hir’inni sirnaa ykn naamusichaa miseensota giddutti lola kan hordofsiisu ta’uusaa yoo hubate Walgahiicha dhaabsisuu ni danda’a.
2) Afyaa’iin walgahii hir’inni sirna ykn naamusaa irratti mul’ate barbaachisaa
ta’ee yoo arge, humni nageenya Caffee gidduu seenee rakkoo uumame akka
dhaabsisu ajaja kennuu ni danda’a.

111

3) Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin walgahii addaan
cite guyyuma sanatti itti fufsiisuuf haalli dandeessisu yoo jiraate, yeroo inni
murteessutti walgahiin akka itti fufu ni taasisa.
4) Afyaa’iin walgahii hir’ina sirnaa ykn naamusaatiin addaan cite itti fufsiisuuf haalli dandeessisu kan hin jirre ta’uu isaa yoo amane yeroo biraatiif
akka darbu taasisuu ni danda’a.
5) Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 ykn 4tiin walgahii
guyyaa sanatti ykn yeroo birootti itti fufu karaa Waajjira Afyaa’ii fi Caffeetiin
miseensonni akka beekan ni taasisa.
6) Caffeen walgahii bu’uura Keewwata kanaatiin addaan cite walga’ii guyyuma sana ykn yeroo biraa adeemsisuun dhimmicha irratti mari’atee murtee
barbaachisaa ta’e dabarsuu ni danda’a.
Kutaa Torba
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 37: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi Barmaatileen Hojii Dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
tumaman waliin wal-faallessan raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 38: Yeroo Qajeelfamichi Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.


Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

112

Qajeelfama Lak. 13/2004
Qajeelfama Mirgaafi Eegumsa Miseensota Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 13/2004
Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee
jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Mirgaafi Eegumsa Miseensota Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 13/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisisuuf yoo ta’e malee, qajeelfama
kana keessatti:
1) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Heera Mootummaa” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fooyya’ee Bahe Lak. 46/1994 jechuudha.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Koree” jechuun Hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haalasaatti
kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
mari’achistuu Dhimmoota Caffee, koreewwan Dhaabbii, Koree Yeroo fi koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’an jechuudha.
6) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
jechuudha.
7) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn Seeraan mirgi Namummaa kennameef jechuudha.
8) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaawina, Hojimaata, Naamusa Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe Dambii Lak. 3/2001 jechuudha.
9) “Gochoota hin barbaachifne” jechuun Gochoota kabajaa fi ulfinna Caffee

113

xiqqeessan (tuqan) ta’ee, kan akka sagaagalummaa, machii, iddoowwan hin
taanetti argamuu, jette jettee, gowwoomsaa fi kkf kan dabalatuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
1) Kaayyoon Qajeelfama kanaa bilisummaa Caffeen qabu mirkaneessuudhaan aangoo, kabajaafi ulfinni isaa akka eegamu taasisuudha.
2) Miseensonni ilaalcha barbaadan akka qabataniifi yaada isaanii bilisummaadhaan akka ibsatan dandeessisuudha.
3) Caffeen, miseensonniifi koreewwan ittigaafatamummaa ummataan isaanitti kenname gahumsaafi bu’a qabeessummaadhaan akka raawwatan kan
dandeessisu mirgaafi eegumsaa ifatti tumuudha.
4) Miseensonni rakkoon osoo isaan hin mudatin yeroodhaan Walgahi Caffee irratti argamanii hojii isaanii hojjachuu akka danda’an taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Miseensota Caffeefi Qaamolee Caffee irratti raawwatiinsa
ni qabaata.
Kutaa Lama
Waa’ee Mirga Addaafi Eegumsaa
Keewwata 5: Mirgoota Muummeyyii
Qajeelfama kana keewwata 7 jalatti Qaamoleen tarreeffaman akka barbaachisummaa isaatti Mirgoota armaan gadii ni qabaatu:
1) Walgahii Caffee irratti Bilisummaadhaan dubbachuufi waan dubbataniifis
ta’ee, sagalee kennaniif himatamuu dhabuu.
2) Akkaataa seeraan tumameen alatti mirga qabamuufi himatamuu dhabuu.
3) Ragaa kamiyyuu waamuufi odeeffannoon akka dhiyaataniif taasisuu.
4) Keessummoonni Walgahii Caffee irratti akka argaman taasisuu.
5) Ragootaafi eeruu kennitootaaf eegumsi akka godhamuuf taasisuu.
6) Mooraa Caffee keessaa qabamuu dhabuu.
7) Waraqaa waamichaa Poolisii ykn Mana Murtii mooraa Caffee keessatti itti
kennamuu dhabuu.
8) Odeeffannoo miseensota to’annoo jala oolanii ykn murtiidhaan hidhamanii yeroodhaan argachuu.
9) Faayidaalee adda addaa seeraan tumaman argachuu.

114

Keewwata 6: Maddawwan Mirgoota Muummeyyii
Kanneen armaan gadii maddawwan mirgoota miseensotaafi qaamolee Caffeeti:
1) Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa;
2) Labsii Lak. 153/2001 fi Dambii Lak. 3/2001;
3) Hojimaatawwan muuxannoo Caffee, Paarlaamaa Federaalaafi Idil-Addunyaa.
Keewwata 7: Qaamolee Mirga Muummeyyiifi Eegumsa Argatan
Hojiisaanii haalaan raawwachuu akka danda’aniif akka haala isaatti qaamoleen armaan gadii mirga qabaachuu ni danda’u:
1) Afyaa’ota Caffee;
2) Miseensota Caffeefi
3) Koreewwan Caffee ta’u.
Keewwata 8: Bilisummaan Dubbachuu ykn Odeeffannoo Kennuufi Argachuu
1) Miseensi kamiyyuu dambichaafi seerota biroo kabajuudhaan Caffee keessatti bilisummaadhaan dubbachuu, sagalee kennuufi ilaalcha itti fakkaate
ykn yaada qabachuufi tarkaanfachiisuuf mirga qaba.
2) Miseensi kamiyyuu haasawaa walgahii Caffee keessatti taasiseenis ta’ee sagalee kenneen hin himatamu; tarkaanfiin bulchiinsaas irratti hin fudhatamu.
3) Miseensi kamiyyuu bu’uura Dambichaatiin walga’iiwwan koreewwan
dhaabbii qopheessan irratti sagalee malee hirmaachuuf mirga qaba.
4) Miseensi kamiyyuu bu'uura Seeraatiin odeeffannoo kennuufi argachuuf
mirga qaba.
Keewwata 9: Mirga Qabamuufi Himatamuu Dhabuu
1) Miseensi kamiyyuu yakka cimaa osoo raawwatuu harkaafi harkatti yoo
qabame malee eeyyama Caffeetiin ala hin qabamu, yakkaanis hin himatamu.
2) Qaamni seeraan aangoo qabu miseensa yakka cimaa osoo raawwachaa
jiruu harkaafi harkatti qabe sa’atii 48 keessatti dhimmicha barreeffamaan
Caffeef beeksisuu qaba. Xalayichis Mallattoo Hogganaa mana hojiichaatiin
mallattaa’ee dhiyaachuu qaba.
3) Miseensi kamiyyuu waltajjii Caffee keessatti waraqaan waamichaa Poolisii

115

ykn Mana Murtii akka isa dhaqqabu ykn to’annoo jala akka oolu hin taasifamu.
4) Waraqaan waamichaa Poolisii ykn Mana Murtii kamiyyuu karaa Afyaa’ii
ykn Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiin miseensicha akka dhaqqabu hin taasifamu.
Keewwata 10: Sirna Mirgi Himatamuu Dhabuu Ittiin Ka’uufi Deebi’ee
Itti Argatamu
1) Miseensi yakkaan shakkame kamiyyuu sirni Dambii 3/2001 Keewwata 80
Keewwata Xiqqaa 1 jalatti ibsame otoo hin guutamin qabamuudhaafis ta’e,
himatamuudhaaf fedhii yoo qabaateyyuu, qaamni seeraa dhimmi isa ilaalu
qabuus ta’e himachuu hin danda’u.
2) Qaamni mirgi dawoo seeraa miseensicha irraa akka ka’u barbaadu:
a) Aangoon qabuuf himachuu kan naannichaa yoo ta’e, gaaffichi Caffeedhaaf kan dhiyaatu xalayaa Hogganaan Qaama Haqaa Naannichaa
mallatteesseen ta’a.
b) Aangoon himachuu kan Mootummaa Federaalaa yoo ta’e, gaaffichi
Caffeedhaaf kan dhiyaatu xalayaa Hogganaa Ol’aanaan Qaama Haqaa
Federaalaa mallatteessuun ta’a.
c) Aangoon himachuu kan Mootummaa Naannoo biroo yoo ta’e, gaaffichi Caffeedhaaf kan dhiyaatu xalayaa Qaama Haqaatiin dhiyaatee Hogganaa Qaama Raawwachiiftuu Naannichaatiin mallatteeffamuun ta’a.
3) Gaaffiin mirga dawoo seeraa miseensotaa kaasuuf dhiyaatu kamiyyuu
barreeffamaan Afyaa’iidhaaf dhiyaachuu qaba.
4) Afyaa’iin gaaffii mirga kaasuuf dhiyaateef kallattiidhaan Caffeef dhiyeessuu ykn Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraatiif qajeelchuu ni
danda’a.
5) Caffeen gaaffii mirga kaasuu Afyaa’iidhaan dhiyaateef akka haalasaatti
qulqullaa’ee yaadni murtee akka dhiyaatuuf Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraatiif qajeelchuu ykn kallattiidhaan murtee kennuu ni danda’a.
6) Koreen dhimmichi qajeelfameef gabaasaafi yaada murtii yoo qopheessu
sirnoota armaan gadii ni hordofa.
a) Aangoon yakka miseensaan raawwatame mirkaneessuu kan Mana
Murtii idilee ta’ee gaheen koree mirga irraa kaasuudhaaf haalawwan agarsiisan gahaan jiraachuu isaanii mirkaneeffachuu qaba.
b) Koreen Dhaabbii yakki raawwatamuu isaatiif haalawwan agarsiisan

116

gahaan jiraachuu isaa hubachuuf ragaalee namaa ykn sanadaa akka dhiyaatuuf ajajuu ni danda’a.
c) Qaamni dhimmi ilaalus qaamaan dhiyaatee akka ibsuuf gaafachuu
ni danda’a.
d) Barbaachisaa yoo ta’e, miseensa Caffee gaaffichi irratti dhiyaates
gaafachuu ni danda’a.
e) Koreen Dhaabbii yaada murtii yammuu qopheessu ulfinaafi haalawwan agarsiiftuu waliigalaa yakka raawwatame jedhame wal simsiisuudhaan qorachuudhaan ta’a.
f) Koreen dhaabbii yaada murtii yammuu dhiyeessu bu’uura seera hojiirra jiruutiin mirgi miseensummaa akka irraa haqamuuf yaada dhiyeessuu ni danda’a.
7) Caffeen gabaasaafi yaada murtii dhiyaateef ka’umsa godhachuudhaan
murtii ni dabarsa.
8) Caffeen murtii irra ga’e karaa Afyaa’iitiin qaama mirgi akka irraa ka’u
gaafatee fi miseensa Caffee dhimmichi isa ilaaluuf xalayaadhaan ni beeksisa.
9)
Miseensi mirgi dawoo seeraa irraa ka’e mirgoota armaan gadii ni qabaata.
a) Tumaaleen seerota birootiin tumaman akka eegamanitti ta’ee miseensa Caffee ta’uun isaa addaan hin citu.
b) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 9(a) jalatti tumeme
jiraatuyyuu, miseensi balleessaa ykn yakka raawwatee dawoon seeraa
irraa ka’e hanga bilisummaan isaa seeraan mirkanaa’utti ykn akkaataan
miseesummaarra itti haqamu beekamutti ykn kabajaafi ulfina Caffee akka
hintuqamne taasisuuf walga’ii Caffee irratti akka hin hirmaanne ittisuun
tursuun ni danda’ama.
c) Miseensi Caffee tokko sababa shakkamee hidhameef ykn himatameef faayidaaleen inni argachuu qabu irraa hin dhaabbatan.
10) Miseensi gocha yakkaa tokkoon shakkamee mirgi dawoo seeraa irraa ka’e
yeroo kana keessatti gocha yakka biraatiin yoo shakkame yakka dabalataan
itti shakameef eeyyama Caffeetiin ala qabamuu ykn himatamuu hin danda’u.
11) Miseensi Caffee tokko bu’uura sababoota armaan gadiitti ibsamaniin
mirga dawoo seeraa deebisee argachuu ni danda’a.
a)
Qorataan yakkaa dhimmi ilaalu ykn qaamni himataa ta’e ijoo dubbii miseensa Caffee himachiisuu dandeessisu dhabuudhaan galmee irratti

117

qulqullaa’e cufee yoo gaggeesse;
b) Manni murtii himanni dhiyaateef dhimmicha erga qulqulleessee booda
yakkicha irraa bilisa ta’uu isaa yoo mirkaneesse;
c) Tumaaleen addaa seerota birootiin tumaman kan hin jirre yoo ta’e, Manni
Murtii dhimmi ilaalu miseensicha irratti balleessaa ta’uusaa mirkaneessee
adabbii hidhaa kan itti hin murteessine yoo ta’e ykn addabbi hidhaa irratti
murtaa’e yoo xumure.
12) Miseensi Caffee mirgi dawoo seeraa irraa ka’e haala akkamii irratti akka
argamu Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa qaamolee seeraa
dhimmicha hordofan hojii isaanii gidduu osoo hin seenin ni hordofa; barbaachiisaa yoo ta’es gabaasa Caffeef ni dhiyeessa.
13) Gabaasa Koree Dhaabbii dhiyeessu kan Keewwata kanan Keewwata
Xiqqaa 11(a)-(c) jalatti ibsaman kan ilaallatu yoo ta’e, ragaa qulqullinaa miseensichaa ilaaluun ta’a.
14) Miseensa Caffee mirgi dawoo seeraa irraa ka’e ilaalchisee qaamni haqaa
akka mirgi dawoo seeraa irraa ka’u Caffeef gaaffii dhiyeesse, dhimmicha ilaalchisee bu’aa dhumaa irra ga’e Caffeedhaaf xalayaadhaan ni beeksisa.
15) Miseensi mirgi dawoo seeraa irraa ka’ee, dhimma ittiin himatame irraa
bilisa yoo ta’e ykn qaamni himata irratti dhiyeesse oliyyannoo itti gaafatee
murteen dhumaa yoo kenname ykn adabbii hidhaa Mana Murtiitiin itti
murtaa’e xumuree yoo bahe mirgi himatamuu dhabuusaa kan deebi’uuf:
a) Miseensi mana sirreessaa keessa ture xalayaa qaama bulchiinsa mana
sirreessaa irraa yammuu dhiyeessu;
b) Qaamni dawoon seeraa akka irraa ka’uuf gaafate ragaalee qaamolee
dhimmi ilaallatuurraa miseensichaan dhiyaataniif irratti bu’ureeffachuun
xalayaa qulqullina Miseensichaafi xumura Dhimmichaa ibsu Caffeef
yammuu beeksisuufi
c) Haalawwan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 15(a)fi (b) guutamuun isaanii Afyaa’iidhaan ykn koree dhaabbii ragaaleen dhiyaataniifiin
mirkanaa’uun dawoon seeraa deebifamuufiin isaa walga’ii Caffee irratti
yammuu beeksifamuudha.
Keewwata 11: Mirga Hojii Bilisummaan Hojjachuu
1) Qaamoleen Caffee:
a) Ittigaafatamummaa ummataan itti kenname bilisummaadhaan

118

bu’uura seeraatiin hojjachuuf mirga qabu.
b) Hojimaata mataa isaanii diriirfachuuf mirga qabu.
c) Dhimmota aangoofi hojii Caffee jalatti kufan irratti murteessuuf
mirga qabu.
2) Miseensonni Caffee:
a) Ittigaafatamummaa isaaniif kenname blisummaadhaan bu’uura
seeraatiin hojjachuuf mirga qabu.
b) Haasawaa ykn gochoota barbaachisaa hin taane Caffee keessatti
raawwataniif naamuusaan kan gaafataman bu’uura Labsiifi Dambii Caffeetiin qofa ta’a.
c) Balleessaan raawwatame yakkaan kan gaafachiisu yoo ta’e, tumaan
keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 ittigaafatamummaa yakkaa hambisuu
hin danda’u.
d) Miseensonni hojiisaanii haalaan raawwachuu kan isaan dandeessisu
bu'aawwan adda addaa seeraan murtaa'an argachuu ni danda’u.
Keewwata 12: Haala Kenniinsa Odeeffannoo
1) Caffeen hojiisaa dhaabbilee sab-qunnamtii haqummaadhaan dabarsuu
danda’anitti fayyadamuudhaan ykn barruulee fi weebsaayitii isaatiin hawaasni akka beekan ni taasisa.
2) Odeeffannoon Sab-qunnamtii kamiyyuu kabajaafi ulfina Caffee kan eege,
haqummaa irratti kan bu’uureffatee fi madaalawaa ta’uu qaba.
3) Caffeen ykn tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii dhaabbileen sab-qunnamtii
hojii Hordoffiifi To’annoo akka deeggaran taasisuun lammiileen Hordoffiifi
To’annoo Qaamolee Mootummaa irratti taasifamu keessatti hirmaannaa
akka qabaatan ni taasisa.
4) Namni ykn Miseensi kamiyyuu odeeffannoo Caffee kennuuf ittigaafatamummaa qabu:
a) Odeeffannowwan adeemsa hojii Caffee waliin walqabatan ykn sanadoota akka barbaachisummaasaatti eeyyama Caffee ykn Afyaa’iitiin alatti
Mana Murtiif dhiyeessu hin qabu.
b) Manni Murtii ykn qaamni biraa kamiyyuu gosa sanada ykn odeeffannoo ykn ragaa barbaadu kaayyoo maaliif akka barbaaduu fi hanga yoomiitti ergamuufii akka qabu ykn guyyaa ittidhiyaachuu qabu ibsuudhaan
Afyaa’ii barreeffamaan gaafachuu qaba.

119

c) Waraabbii mirkanaa’e qofa erguun gahaa ta’uusaa ykn Ittigaafatamaan
qaama Caffee dhimmichi ilaallatu ragicha qabatee qaamaan dhiyaachuu
akka qabu Manni Murtichaa ifatti barreeffamicha keessatti agarsiisuu qaba.
d) Afyaa’iin gaaffii Mana Murtii irraa dhiyaate akka haalasaatti gara koree
dhimmi ilaalutti ykn IttiGaafatamaa Waajjira Afyaa’ii fi Caffeetti qajeelchuudhaan deebiin akka itti kennamu ykn yaadni akka dhiyaatuuf taasisuudhaan murtii ni kenna.
Keewwata 13: Miseensa To’annoo Seeraa Jala Jiru Ilaalchisee Odeeffannoo Argachuu
1) Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa haala miseensaa bu’uura
seeraatiin too’annoo jala jiru hordofuudhaan Afyaa’iitiif gabaasa ni dhiyeessa.
2) Ragaan Xalayaan barreeffamaa Afyaa’iidhaaf dhiyaatu akka haalasaatti qabxiilee armaan gadii kan of-keessatti qabate ta’uu qaba. Isaanis:
a) Yeroo fi sababa miseensichi too’annoo jala itti oole;
b) Iddoo miseensicharratti murtaa’ee fi itti hidhame;
c) Mana Sirreessaa keessaa kan bahe yoo ta’e yeroo fi sababasaa fi
d) Mana Sirreessaa tokkorraa gara Mana Sirreessaa tokkootti yoo jijjirame iddoo itti jijjiramee fi sababasaa qabachuu qaba.
3) Afyaa’iin akkuma odeeffannoon isa gaheen dhimmicha Caffee ni beeksisa.
4) Qaamni Haqaa Ol’aanaa dhimmichi ilaallatu kamiyyuu odeeffannoo barbaachisaa:
a) Waa’ee miseensa bu’uura seeraatiin too’annoo jala jiruu,
b) Miseensa adabbiin hidhaa itti murtaa’ee, ykn
c) Miseensa mana sirreessaa keessaa gad-lakkifame battalumatti
Afyaa’iidha barreeffamaan beeksisuu qaba.
5) Bu’uura Keewwata kanaatiin namni Afyaa’iidhaaf odeeffannoo hin dhiyeessine ykn sababa gahaa malee odeeffannoo tursuun erge ittigaafatamaa
ta’a.
Keewwata 14: Dhimmoota Mirga Dhabsiisan
Miseensi Caffee tokko Mirgoota Qajeelfama kana keessaat tarreeffaman kan
dhabu badiiwwan armaan gadii yoo raawwate ta’a:
1) Hir’inni Naamusaa, sirnaafi Amaloota hin barbaachifnee kan raawwatame

120

yoo ta’e.
2) Adeemsa Hojii Caffee ykn Koree jeequun ykn gufachiisuun.
3) Sanada barbaachisaa harkasaatti argamu hojii Caffeetiif ykn Koreetiif yoo
gaafatamu dhiyeessuuf hayyamamaa ta’uu dhabuu.
4) Sanada sobaa ykn waliin dhahame dhiyeessuu akkasumas odeeffannoo
sobaa kennuu fi ta’e jedhanii dogoggorsuu.
5) Dhugaati Alkoolii dhuganii ykn baala sammuu namaa hadoochu fudhatanii Mooraa Caffee keessa seenuu.
6) Qajeelfamaa fi ajaja seera Caffee ykn koree Raawwachuu ykn kabajuu
dhabuu, keessattuu:
a) Ragaa ta’anii dhiyaachuuf fedhii dhabuu ykn dhibaa’ummaadhaan
hafuu ykn yeroo kabajanii argamuu dhabuu;
b) Walgahii Caffee irraa akka bahu qajeelfama Afyaa’iidhaan kenname
kabajuu dhabuu.
7) Dhoorkaan otuu irraa hin ka’in iccitii baasuu ykn dhimma walgahii Cufaatiin ilaalame maxxansuu, gabaasuu, ykn dhimmicharratti ibsa kennuu.
8) Sanada eegumsa Waajjira Caffee ykn Koree jala jiru, miliqsuu ykn mancaasuu ykn hayyama malee fudhachuu.
9) Haala murtii ykn sochii hojiisaaniitiin walqabateen Maqaa gaarii Caffee
ykn Koree haasawa miidhuu taasisuu ykn barreeffama barreessuu.
10) Haasawa kabajaa fi ulfina Caffee tuqu ykn maqaa balleessu taasisuu ykn
barreessuu.
11) Haasawa al-loogummaa Afyaa’iin miidhu ykn gaaffii keessa galchu ykn
amala dhuunfaasaa ilaallattu taasisuu ykn barreessuu.
12) Amala ykn Jireenya Dhuunfaa miseensotaa ykn abbootii angoo qeequu.
13) Marii ykn falmii ykn adeemsa hojii Caffee ykn koreen adeemsise ilaalchisee gabaasa sobaa gabaasuu, maxxansuu ykn maxxansiisuu.
14) Hojii Caffee ykn Koree ykn haasawa miseensi tokko taasise ta’e jedhanii
jallisanii gabaasuu, maxxansuu ykn raabsuu.
15) Wixinee gabaasaa Koree ykn dhimma tokko qulqulleessee akka dhiyeessuuf qaama Caffeen moggaafame ykn odeeffannoo ykn ragaa qaamolee kanaaf dhiyaate Caffeef ykn qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaachuun dura
gabaasuu, maxxansuu ykn nama biraatiif dabarsanii kennuu.
16) Miseensi gara hojii yoo dhufu ykn yoo deebi’u haalaan keessummeessuu
dhabuu fi barjaajessuu (harassment).

121

17) Mooraa Caffee keessatti walreebuu ykn jechaan, barreeffamaan, sochii
qaamaatiin arrabsuu ykn jechoota hin barbaachifnetti fayyadamuu.
18) Mattaa’aa kennuu ykn fudhachuu.
19) Hojii Caffee irratti dhiibbaa hin taane uumuuf miseensa miidhuu, doorsisuu, sodaachisuu ykn yaalii gochuu.
20) Hojjataan siviil sarviisii ykn ittigaafatamaan kamiyyuu gaaffilee seera qabeessa Caffee ykn qaamoleen isaa dhiyeessaniif hojimaata jiruun tajaajilaafi
deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuuf eeyyamamaa ta’uu dhabuu ykn ta’e jedhanii hojii bacancarsuu,
21) Hojjattoonni Caffee hojii isaanii akka hin raawwanne jeequu ykn arrabsuu akkasumas itti dhaadachuu ykn sodaachisuu.
22) Ragaa baatota gara Caffee ykn Koree dhufan ykn nama odeeffannoo kennu biroo hidhuu ykn dhamaasuu.
23) Nama jecha ragummaa kennaa jiru ykn kenne kamiyyuu arrabsuu ykn
sodaachisuu ykn sababa ragaa kenneen himachuu.
Kutaa Sadii
Sirna Gaaffiin Mirgaa Ittiin Dhiyaatuu fi Ittiin Qoratamu
Keewwata 15: Gaaffii Mirgaa Afyaa’iidhaaf Dhiyeessuu
1) Miseensi gaaffii mirgaa qabu kamiyyuu gaaffii isaa Afyaa’iidhaaf dhiyeessuu ni danda’a. Gaaffichis dhugaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
2) Kan Qajeelfama kana Keewwata 17 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma eeggametti ta’ee, gaaffii mirgaa kallattiidhaan Caffeerratti akka dhiyaatu barbaadamu kamiyyuu dursee hayyama Afyaa’iin argachuu qaba.
3) Miseensi gaaffisaa Caffeerratti dhiyeessuu barbaadu kamiyyuu, gaaffisaa
barreeffamaan qopheessee guyyaa Walgahi Caffee itti gaggeeffamu guyyaa
torba (7) dursee Afyaa’ii beeksisuu qaba.
4) Afyaa’iin heyyamasaa kan ibsu bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 16
jalatti ulaagaalee tumamaniitiin ta’a.
5) Afyaa’iin bu’uura ulaagaaleetiin heyyamamuusaa ykn diduusaa ykn dhimmichi qoratamee akka dhiyaatuuf Koreetti qajeelchuusaa miseensa gaaffii
dhiyeesseef beeksisuu qaba.
6) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti tumame jiraatuyyuu,
Afyaa’iin gaaffichi dhiyaate arifachiisaadha jedhee yoo amane bu’uura ul-

122

aagaa taa’eetiin gaafficha fudhatee kallattiidhaan Caffichatti akka dhiyaatu
taasisuu ni danda’a.
7) Gaaffichi sanadarratti bu’uureffatee kan dhiyaate yoo ta’e, sanadni dhimmichaaf ka’uumsa ta’e gaafficha waliin dhiyaachuu qaba.
8) Afyaa’iin gaafficha fudhachuu kan dide yoo ta’e, miseensichi gaaffii dhiyeesse murtii kenname irratti komii yoo qabaate ibsi dabalataa akka kennamuuf Afyaa’iin gaafachuu ni danda’a.
9) Miseensi gaaffiinsaa akka Caffeetti hin dhiyaanne jalaa taasifame, sanada
dabalataa dhimmicha ilaallatu dhiyeessuudhaan hayyama Afyaa’ii argachuu
ni danda’a.
Keewwata 16: Ulaagaalee Ragaan Ittiin Madaalamu
1) Gaaffii mirgaa ilaalchisee ka’u ragaa quubsaa ta’e waliin dhiayaachuu qaba.
2) Gaaffichi murtii Caffee kan barbaadu ta’uu qaba.
3) Gaaffichi dhiyaatu haala hin taaneen mirga addaatti garmalee fayyadamuuf ykn qaama biroo miidhuuf kan kaayyeeffate ta’uu hin qabu.
4) Afyaa’iin gaaffii miseensi tokko miseensa biroo irratti dhiyeesserratti
hayyama kennuun duratti miseensa himanni irratti dhiyaate haasofsiisuu fi
dhimmichi Caffeetti yoo dhiyaates miseensichi walgahiirratti yaadasaa akka
ibsu taasisuuf dirqama qaba.
Keewwata 17: Gaaffii Qorachuu fi Murtii Kennuu
1) Afyaa’iin:
a) Gaaffii mirgaa dhiyaateef kamiyyuu, qoratamee gabaasni fi yaadni
murtii akka dhiyaatuuf dhimmicha koreetti qajeelchuu ykn kallattiidhaan Caffeedhaaf akka dhiyaatu taasisuu ni danda’a.
b) Gabaasaa fi yaada murtee Koree irraa dhiyaateef ka’uumsa godhachuudhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu ykn murtiin akka itti
kennamu Caffeedhaaf ni dhiyeessa.
2) Hayyama Afyaa’ii argatee gaaffiin erga Caffeef dhiyaate:
a) Caffeen dhimmicha gara Koreetti osoo hin qajeelchin gaafficha qoratee murtee itti kennuu ykn
b) Gara Koreetti qajeelchuudhaan dhimmichi qoratamee gabaasaa fi
yaada murtee akka dhiyaatuuf taasisuu ni danda’a.
3) Koreen gaaffiin mirgaa qajeelfameef dhimmicha yoo qoratu, miseensi

123

gaaffiin ykn himanni irratti dhiyaate dhimmicharratti ibsa akka kennu ykn
yaadasaa akka ibsu gochuu qaba.
Kutaa Afur
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 18: Seerota Raawwatinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamaa fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
hammataman waliin wal-faalleessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabatan.
Keewwata 19: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

124

Qajeelfama Lak. 14/2004
Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Qaboo Yaa’ii fi Odoovizyuwaalii Caffee
MootummaaNaannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 14/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Akkaataa Kenniinsa Tajaajila Qaboo Yaa’ii
fi Odoovizyuwaalii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf
Bahe Lak. 14/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooya'ee bahe
jechuudha.
2) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Waajjira” jechuun Waajjira Afyaa’ii fi Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa jechuudha.
6) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
7) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa gurmaa’ina, Hojiimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe Lak.
3/2001 jechuudha.
8) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha
9) “Koree” jechuun Hojilee Caffee Raawwachuudhaaf akka haala isaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, koree qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree Yeroo fi Koreew-

125

wan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa, tajaajilli qaboo yaa’iifi oodovizyuwaalii Caffeefi
qaamolee isaatiif kennaman kan ittiin gaggeeffaman hojimaata iftomaafi ittigaafatamummaa qabu diriirsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kuni Caffee, Qaamolee Caffeefi Hojjetoota tajaajila kanaaf ramadaman irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Waa’ee Qaboo Yaa’ii
Keewwata 5: Hojiilee Caffichaafi Qaamoleensaa Raawwatan Galmeessuu
fi Waraabuu
1) Adeemsonni hojiilee adda addaa Caffeefi qaamolee isaa akka haala isaatti
barreeffamaan, sagaleedhaan ykn sagalee fi fakkiidhaan haala ragaadhaaf
mijaa’uun dookumentii ta’anii waajjirichaan ni qabamu.
2) Waajjirichi abbaa mirga waraabbii ta’a. Bu’uuruma kanaan namni sanada
Caffee baay’isuufi raabsuu barbaadu tartiiba dhimmichaa Waajjiricha beeksisuun qaama dhimmi ilaalu irraa eeyyama argachuu qaba.
Keewwata 6: Akaakuu Qaboo Yaa’ii
1) Adeemsa hojii Caffee fi qaamolee isaa kan ilaallatan akaakuun Qaboo
Yaa’ii lama ni jiraatu. Isaanis:
a) Qaboo Yaa’ii jecha jechaanii (verbatim) fi/ykn
b) Qaboo Yaa’ii cuunfaa (summary) jedhamanii beekamu. Qaboon
Yaa'ii akaakuu lamaaninuu ni qabama.
2) Sanadoonni sochiilee hojii waggaa Caffeefi Koreewwan ilaallatan akkaataa dhimmichaatiin adda ba’anii bara dhuma baajatichaatti jildeeffamanii
ni taa’u.
Keewwata 7: Qaboo Yaa’ii Jecha Jechaanii Walgahii Caffichaa
1) Qaboon yaa’ii jecha jechaanii Walgahii Caffeen adeemsisu ilaallatu,
adeemsa Walgahi Caffee jecha tokko tokkoon kan galmeessu ta’uu qaba.
2) Qaboon yaa’ii jecha jechaanii qabiyyee armaan gadii ni qabaata:

126

a) Bara hojiifi yeroo Caffee;
b) Akaakuufi lakkoofsa Walgahichaa;
c) Iddoo, guyyaa fi bara Walgahichi itti adeemsifame;
d) Yeroo Walgahichi itti jalqabame;
e) Baay’ina miseensota Walgahichaa irratti argamanii;
f) Nama Walgahichaa gaggeesse;
g) Qabxiilee ajandaa, marii tokkoon tokkoon dhimmicha irratti godhamee fi murtii, haala waliigalaatiin adeemsa Walgahichaa kan ilaallatu
Qaboo yaa’ii jecha jechaan tarreeffamaanii galmaa’an;
h) Sagaleen kan itti kenname yoo ta'e, akaakuu fi baay'ina sagalee,Yeroo
Walgahiin Caffee itti xumurame;
i) Maqaan ajandaa tokkoon tokkoo, yeroo mariif itti dhiyaate, yaada
xumuraa dhimmicha irratti ga’amee fi murtee irratti kenname akkasumas
dhimmicha irratti sagaleen kenname yoo ta’e dursee deeggarsaaf,itti ansee
mormiidhaaf, dhumma irratti sagalee hin kennamneef tartiibaan carraa
kennuudhaan baay’ina sagalee kennamee kan qabate ta'uu qaba.
3) Qaboon yaa’ii jecha jechaa kamiyyuu Walgahiin adeemsifamaa jiru osoo
hin xumuramin qophaa’ee miseensa haasaa taasiseef akka dhaqqabu ni taasifama.
4) Qaboon Yaa’ichaa miseensaaf kennamus kutaa haasaa miseensichi taasise
qofa kan qabu ta’a.
5) Qaboo yaa’ichaa waliinis Uunkaan lakkoofsa 1 fi 2 ni ergama.
6) Miseensi Qaboo Yaa’ii jecha jechaanii irratti komii qabu waraabbiin Qaboo Yaa’ii isa ga’ee guyyaa tokko keessatti yaada sirreeffamaa qabu Uunkaa
lak. 2 irratti guutee waajjirichaaf deebisuu qaba. Miseensichi yeroo kana
keessatti deebii kan hin kennine yoo ta’e, Qaboo Yaa’ichaa akka fudhatetti
lakkaa’ama.
7) Waajjirichi bu’uura keewwata kana Keewwata Xiqqaa 6tiin, sirreeffama
isa dhaqqabe sagalee waraabame waliin wal bira qabee ilaaluun sirreeffama
barbaachisaa ta’e ni taasisa. Gaaffiin dhiyaate fudhatama kan hin qabne yoo
ta’e waajjirichi kanuma miseensicha beeksisuu qaba.
8) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 7tiin miseensi beeksisni
dhaqqabe guyyaa isa dhaqqabe irraa kaasee guyyaa tokko keessatti qaama
waajjirichaa dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan gaaffii isaa sagalee waraabame
waliin ilaaluu ni danda’a.

127

9) Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 8tiin miseensi fi qaamni
waajjirichaa dhimmi ilaalu waliigaluu yoo hin dandeenye, miseensichi komiisaa guyyaa tokko keessatti Afyaa’idhaaf dhiyeessuudhaan murtee xumuraa
argachuu ni danda’a.
10) Qaboo Yaa’ii jecha jechaanii akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa
2-9tiin miseensotaan mallatteessisuu kan hin danda’amne yoo ta’e, Yaa’ii itti
aanutti miseensa haasaa taasiseen akka mallattaa’u ni taasifama.
11) Qaboon yaa’ii Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-10 jalatti ibsame
Afyaa’iifi Itti Aanaa Afyaa’iitiin ni mirkanaa’a.
Keewwata 8: Qaboo Yaa’ii Gabaabaa Walga’ii Caffichaa
1) Qaboon Yaa’ii cuunfaa Walgahi Caffee ilaallattu Qaboo Yaa’ii jecha jechaa
irraa ni qopha’a.
2) Qaboon Yaa’ii jecha jechaanii qabiyyee Keewwata 7 Keewwata Xiqqaa 2
jalatti tarreeffame ni qabaata.
3) Qaboon Yaa’ii cuunfaa qophaa’e walgahiiwwan Caffee itti aananitti ajandummaadhaan qabamee ragga’uu qaba.
4) Qaboon yaa’ichaa sirriitti kan hin qabamne yoo ta’e, yaadni sirreeffama
Miseensota Caffichaatiin dhiyaatan sagaleen waraabamanii bu’uuruma kanaan sirreeffama.
5) Miseensi gaaffii sirreeffamaa qabus yaa’ii irratti kaasuu ni danda’a.
6) Waraabbiin Qaboo yaa’ii cuunfaa akka ragga’uuf dubbisaan dhiyaatu
gaazexeesitoota dursee akka gahu taasifamuu qaba.
7) Qaboon Yaa’ii Caffee Afyaa’ii fi Itti aanaa Afyaa’iitiin mallattaa’ee taa’uu
qaba.
8) Haala biraatiin yoo tumame malee, miseensotaa fi ummataaf banaa ta’uu
qaba.\
9) Qaboon Yaa’ii walga’ii Caffee bara hojii xumuraa guyyaa, guyyaadhaan
akkaataa ajanadaa qabameetiin qophaa’uudhaan guyyaa dhuma walga’ichaa
ragga’a.
Keewwata 9: Qaboo Yaa’ii Koreewwanii
1) Qaboo Yaa’ii Walgahii Koreewwanii hojii dirree, marii Ogeessota waliin
taasifamee fi waltajjii yaadni ummataa irratti kennamu akkasumas walga-

128

hiiwwan raawwii karoora hojii irratti taasifaman ilaallatan akka haalasaatti
nama koreedhaan ykn Waajjirichaan ramadameen akka qabaman ni taasifama.
2) Koreen hojiin raawwatu qaboo yaa’iidhaan akka qabamuuf ykn sagalee
ykn fakkiidhaan akka waraabamuuf barbaadu kamiyyuu, uunkaa waajjirichi
qopheessu guutuudhaan gaaffii isaa dursee dhiyeeffachuu qaba.
3)
Waajjirichi walgahiiwwan Koreewwan gaggeessan armaan gadiitiif
Qaboo Yaa’ii jecha jechaanii ni qopheessa:
a) Waltajjii yaadni ummataa irratti kennamuu fi
b) Wixinee seeraa irratti qaamolee ibsa kennan waliin marii taasifame.
4) Adeemsi Qaboo Yaa’ii jecha jechaanii kan Qajeelfama kana Keewwata 7
keewwata xiqqaa1 jalatti tumame walgahiiwwan koree irrattis raawwatiinsa
ni qabaata.
5) Qaboon Yaa’ii cuunfaa Walgahii Koreewwanii ilaalchisee qophaa’u akka
haalasaatti qabiyyee armaan gadii ni qabaata:
a) Maqaa Korichaa;
b) Guyyaa fi yeroo walga’ichaa;
c) Iddoo walga’ichaa;
d) Miseensota walga’icha irratti argaman;
e) Ogeessota, keessumoota affeeramanii fi walga’icharratti argamanii fi
dhaabbilee irraa dhufan;
f) Baay’ina Hirmaattotaa walga’icharratti argamanii;
g) Nama walga’icha gaggeesse;
h) Yeroo walga’ichi itti jalqabame;
i) Maqaa ajandichaa, yeroo ajandicharratti mariin jalqabame, dhimmoota gurguddoo mariin irratti taasifamee fi yaada xumuraa Korichi
irra gahee fi Murtee dabarse akkasumas sagaleen kenname yoo jiraate
akaakuu fi baay’ina sagalichaa;
j) Qabxii bu’uuraa garaagarummaa yaadaa ta’ee miseensota Koree jiddutti dhiyaate;
k) Dhimma Hordoffiin irratti taasifamu ykn qabxii gabaasni deebi’ee irratti dhiyaatu, mata-dureen dhimmichaa yoomii fi eenyuun dhiyaachuu
akka qabu;
l) Akka haalasaatti yeroon walga’ii itti aanu;
m) Tarreeffama maqaa namoota haasawa taasisanii;
n) Yeroo walga’ichi itti xumurame.

129

6) Sababa humnaa oli ykn amansiisaa ta’een yoo ta’e malee, Qaboon Yaa’ii cuunfaan walgahii Koree kamiyyuu walgahii Koree itti aanutti dhiyaatee akka
ragga’u ni taasifama.
7) Qaboon Yaa’ii Walga’ii Koree kamiyyuu dura taa’aa korichaatiin mallattaa’ee
sanada ta’ee ni kaa’ama.
8) Koreen kamiyyuu Wixinee Seeraa kan ilaalu yoo ta’e, Qaboon Yaa’ii walgahii Korichaa qabiyyee armaan gadii ni qabaata.
a) Yaadota fooyya’iinsaan dhiyaatan;
b) Yaadota fooyya’iinsaan fudhatama hin arganne;
c) Wixineen Seeraa yaada fooyya’iinsaa ykn fooyya’iinsaan ala fudhatamuu isaa;
d) Yaada garaagarummaa Miseensonni lakkoofsa xiqqaa qaban kan biroorraa adda itti bahan;
e) Baay’inna miseensota sagalee kennanii fi akaakuu sagalee kennanii.
9) Koreen kamiyyuu wixinee seeraa ilaalchisee gabaasaa fi yaada murtee
Caffichaaf yoo dhiyeessu, waltajjiiwwan uummataa fi marii ogeessota waliin
wixinee seeraa irratti taasifame ilaalchisee Qaboo Yaa’ii cuunfaa, gabaasaa fi
yaada murtee waliin walqabsiisuun dhiyeessuu qaba.
10) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 9 jalatti tumame jiraatuyyuu,
miseensi kamiyyuu waltajjii marii ummatni yaada irratti kennuufi marii qaamolee ibsa kennan waliin taasifame ilaalchisee Qaboo Yaa’ii tarreeffamaan
qaban ykn sagalee waraabbame tajaajila hubannootiif fayyadamuu ni danda’a.
Keewwata 10: Qaboo Yaa’ii Raggaasuufi Eeguu
1) Qaboon Yaa’ii Caffee ykn Koree ragga’e kamiyyuu akka walduraa duubasaatti mallattoo Afyaa’ii fi Itti Aanaa Afyaa’ii akkasumas Dura Taa’aa Koreetiin erga mirkanaa’anii fi jildeeffamanii booda iddoo barbaachisaa ta’etti ni
kaa’amu, eegumsi barbaachisaa ta’es ni taasifamaaf, warraabbiinsaanis gara
Mana Kitaabaa Waajjirichaatti ni ergama.
2) Walga’iiwwan kallattiidhaan sab-qunnamtiidhaan darbaniifi mariiwwan
biroo weebsaayitiin akka gadi lakkifaman barbaadaman weebsaayitii Caffichaatiin akka gadi lakkifaman ni taasifama.
3) Qajeelfama kanaan kan tumamaniin ala, sanadiin ykn riikardiin waajjiraa
ykn Koree harka jiru hayyama Waajjirichaatiin ykn Dura Taa’aa Korichaatiin yoo ta’e malee, baasuun ykn qaama biraatiif dabarsanii kennuun hin

130

danda’amu.
4) Gaaffiin sanadni akka dhiyaatu Mana Murtiitiin dhiyaatu kamiyyuu akka
haalasaatti hayyama Afyaa’ii argachuu qaba.
Keewwata 11: Sagalee Waraabamerraa Haasawaa Dhaggeeffachuu
1) Miseensi walgahii Caffee irratti haasawa taasise kamiyyuu, bu’uura gaaffii
barreeffamaan gaafatuun haasawa ofii taasise qofa sagalee waraabamerraa
dhaggeeffachuu ni danda’a. Miseensa haasawa taasise warraabbiin odoovizyuwaalii haasawasaa akka kennamuuf gaafatu, baasii dhimma kanaaf barbaachisu waajjirichaaf kaffaluudhaan fudhachuu ni danda’a. Hangi kaffaltii
akka barbaachisummaasaatti gatii haala yeroo sanaatti gabaarra jiruun kan
murtaa’u ta’a.
2) Miseensichi dhimma dhaggeeffachuu barbaade sirriitti ibsuu fi mallattoosaatiin mirkaneessuudhaan sababasaa waliin gaaffiisaa Waajjirichaaf dhiyeessuu qaba.
Keewwata 12: Qabiyyee Yaada Fooyya’insaa Qaboo Yaa’ii
1) Miseensi kamiyyuu yaada haaraa dabaluudhaan ykn akka hir’atu taasisuudhaan haasawasaa bu’uuraan jijjirudhaan gaaffiin sirreeffamaa inni dhiyeessu fudhatama hin qabu.
2) Yaadni sirreeffamaa dhiyaatu kamiyyuu dogoggora Gaazexeesitootaan
uumame sirreessuuf yoo ta’e malee, qabiyyee bu’uura haasayichaa sirreessuuf
ta’uu hin qabu. Kun akkuma eeggametti:
a) seer-lugaan, yaada waraabbiitiin, lakkoofsaan, maqaa fi dogoggoroota kana fakkaatan fooyyeessuuf ykn
b) Walduraa duuba keewwata ykn jechootaa sirreessuuf gaaffiin dhiyaatu ni hayyamama.
3) Afyaa’ii Qaboo Yaa’ii ykn odoovizyuwaalii Walgahi Caffeen gaggeesse ilaallatu sababoota armaan gadiitiin akka fooyya’u ajajuu ni danda’a.
a) Hayyama malee haasawa taasifame;
b) Maqaa balleessuuf haasawa taasifame;
c) Haasawa kabajaa fi ulfina Caffee hin eegne;
d) Haasawa walitti dhufeenya gaarii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee waliin qabnu miidhu;
e) Haasawa faayidaa Mootummaa Naannichaa fi Ummata Naannichaa
miidhu;

131

f) Haasawa guutumaan guutuutti amala nama tokkoo irratti xiyyeeffate;
g) Haasawa maqaa gaarii Raayyaa Ittisa Biyyaa xureessu;
h) Haasawa kabajaafi ulfina Caffee ykn Afyaa’ii miidhu;
i) Haasawa walitti dhufeenya ummattoota jidduu jiru miidhu;
j) Haasawa garaagarummaa amantaa, saalaa, sabaaf sabalamootaa fi
Ummattootaa xureessu ykn miidhu;
k) Haasawa ajandaa marii waliin walitti dhufeenya hin qabnee fi
l) Haasawa irra deddeebi’ame.
4)
Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, kutaan Waajjirichaa dhimmi ilaalu sirrummaa fi amanamummaa Qaboo Yaa’ichaa eeguuf ykn mirkaneessuuf hojiiwwan dandeessisan
armaan gadii raawwachuu ni danda’a.
a) Yaadota haasawa keessatti irra deddeebi’ame hambisuu;
b) Sirreeffama seer-lugaa taasisuu;
c) Haala Afyaa’iin ajajuun dogoggoroota ifatti mul’atan sirreessuufi
d) Sanada Caffichaa qaama haasawaa ta’ee miseensotaaf raabsame akka
hammatamu taasisu.
5) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 4 tiin, fooyya’insi taasifamu
haala kamiinuu hiika haasawa Walgahi Caffee keessatti taasifame kan jijjiiru
ta’uu hin qabu.
6) Qaboon Yaa’ii ykn Odoovizyuwaaliin fooyya’insa ykn sirreeffamni armaan
olii irratti taasifame tajaajila uummataatiif ifatti kan ibsamu yoo ta’u, waraabbii odoovizyuwaala orijinaala waliinis sanadummaadhaan ni qabama.
Keewwata 13: Sanadoota Sab-Qunnamtiif Kennaman
1) Bu’uura gaaffii dhiyeessaniitiin sanadoonni armaan gadii dhaabbilee sabqunnamtiitiif ni kennama.
a) Sanada ajandaa;
b) Tarreeffama gaaffii;
c) Wixinee seeraa Caffeedhaaf dhiyaate;
d) Gabaasa Afyaa’ii;
e) Gabaasaafi yaada murtii koree;
f) Gabaasa manneen Hojii Mootummaa Caffeedhaaf dhiyaate;
g) Karoora waggaa fi gabaasa Pirezidaantii Mootummaa Naannichaa;
h) Karoora waggaafi gabaasa manneen hojii itti waamamni isaanii Caf-

132

feef ta’anii.
2) Dhaabileen sab-qunnamtii sanadoota dhimma iccitii hin taane mana kitaabaa Caffee keessatti ilaaluu fi fayyadamuu ni danda’u.
Keewwata 14: Dhimmoota Iccitii Ta’an
Dhimmoonni armaan gadii iccitiidhaan qabamuu qabu:
1) Dhimmoota Caffeen walgahii cufaadhaan irratti mari’ate ykn murtee itti
kenne.
2) Dhimmoota Caffeen ykn Koreewwan bu’uura seeraatiin iccitiidhaan akka
qabaman murteessaniifi sanadoota ykn rikoordoota dhimma kanaan wal qabatan.
3) Namni kamiyyuu Walgahi cufaa Caffeen gaggeessaa jiru irratti sagaleenis
ta’ee fakkiidhaan waraabuu, sanada qabatanii galma keessaa ba’uu, gabaasa
qopheessuu, gabaasuu ykn ibsa kennuu hin danda’u.
4) Afyaa’iin iccitummaan adeemsa Walgahi cufaa Caffee haala eegamuu
danda’uun galmaa’ee ykn waraabamee akka taa’u taasisuu ni danda’a.
5) Dhimmootaa fi odeeffannoo Koreedhaan qoratamaa jiranii fi gabaasni
isaanii Caffeef hin dhiyaanne.
6) Iccitummaan dhimmoota ykn sanadoota Keewwata kana Keewwata
Xiqqaa lama jalatti kan hafuu danda’u akka haala isaatti murtee Caffeetiin
ykn Koreetiin qofa ta’a.
7) Yaadni Bakka Bu’aan Mootummaa dhimma walgahii cufaa Caffeetiin ilaalame ilaalchisee dhiyeessu Caffeedhaan yoo fudhatama argate dhimmaa fi
odeeffannoon iccitiidhaan qabame ummataaf ifa ta’uu ni danda’a.
8) Dhimmoota iccitiidhaan akka qabaman taasifaman akka burqaatti tuquun ykn akka odeeffannootti ykn akka ragaatti dhiyeessuun dhoorkaadha.
9) Koreewwan sanadoota iccitiidhaan eegaman ofiif qabachuu ykn dhimmicha ibsanii waajjirichi akka qabu taasisuu ni danda’u. Bara hojiisaanii xumuranii yoo deemanis qaama isaan bakka bu’anitti dabarsanii kennuu qabu.
10) Tumaalee armaan olitti tumaman irra darbuun mirga addaa Caffee garmalee akka cabsutti lakkaa’amee seeraan ni adabsiisa.

133

Kutaa Sadii
Waraabbii Sagalee ykn Sagalee fi Fakkii
Keewwata 15: Qulqullinaan Waraabuu
1) Adeemsi hojii Caffee fi Qaamoleesaa kamiyyuu haala qulqullinaafi sadarkaasaa eegeen akka barbaachisummaasaatti sagalee ykn sagalee fi fakkiidhaan ni waraabama.
2) Qaamni tajaajilli akka kennamuuf barbaadu dursee gaaffii isaa Waajjirichaaf dhiyeessuu qaba.
3) Kaasseetoonni waraabaman akka duraa duuba isaaniitti addaan bahanii
erga galmaa’anii booda waraabbiin isaanii qophii Qaboo Yaa’iitiif akkasumas
orijinaallii isaanii Mana Kitaabaa fi kutaa Dokumenteeshinitti ni ergamu.
4) Sochiileen Hojii Caffee fi Qaamoleesaa haala sadarkaa isaa eeggateen
odoovizyuwaaliidhaan waraabaman kamiyyuu of-eeggannoodhaan qabamanii ni kaa’amu.
Keewwata 16: Walga’iiwwan Kallattiidhaan Darban
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 fi Qajeelfama kanaatiin, akkasumas murtee Caffeetiin kan dhoorkame yoo ta’e malee, walgahii Caffeen gaggeessu hundinuu
kallattiidhaan ummataaf darbuu ni danda’a.
Keewwata 17: Akkaataa Waraabbii Walga’ii Caffee Kallattiidhaan Darbuu
1) Kaameeraan kallattii hundaanuu waraabuu danda’u jiraachuu qaba.
2) walgahii irratti hanqinni sirnaa yoo mul’atu walgahii dhiisanii bahuu fi
walgahicha haala kamiiniyyuu gochi gufachiisu yoo raawwatamu waraabamuu hin qabu. Rakkooleen kun hanga maqfamanitti kaameeraan Afyaa’ii
walgahii gaggeessu irratti xiyyeeffachuu qaba.
3) Walgahii Caffee irratti kaameeraan gaaffiifi deebii dhiyaatan, miseensota
kakuu raawwatanii fi haasaa Afyaa’ii raawwatu irratti xiyyeeffachuu qaba.
4) Gocha walgahii Caffee waliin wal-hin qabanne, kan irra deddeebi’ameefi
Afyaa’iidhaan dhorkame ykn hin eeyyamamin tamsaasa kallatti keessatti
akka hin dabalamne taasisuu.
5) walgahiin Caffee yoo gaggeeffamu kaameerichi Afyaa’iirratti kan xiyyeeffachuu qabu yoo ta’u, keessattuu:
a) Murtiin yoo kennamu;
b) Adeemsa keessa gidduu yoo galamu;

134

c) Sirreeffamni yoo taasifamu xiyyeeffannaa addaa kennuufiin barbaachisaadha.
6) Afyaa’iin walgahiirratti hojjettoota Waajjirichaatiif ajaja yoo kennu, ergaa
yoo dabarsuu ykn yoo fudhatu waraabuun hin barbaachisu.
Keewwata 18: Of-eeggannoo Dhaabbilee Sab-Qunnamtiin Taasifamuu
Qabu
Sab-Qunnamtiin kamiyyuu adeemsa hojii Caffee ilaalchisee of-eeggannoo
armaan gadii taasisuu qaba.
1) Gabaasa haqa qabeessaa fi sirrii ta’e dabarsuu.
2) Tamsaasa dhaabbilee siyaasaa beeksisu ykn duula filannoo irratti xiyyeeffatee dabarsuu hin qabu.
3) Dhimma Afyaa’iin akka hin waraabamne ykn akka hin gabaafamne ajaja
irratti kenne gabaasuu ykn tamsaasuu hin qabu.
4) Bu’uura naamusa ogummaasaatiinii fi seeraatiin socho’uu qaba.
Kutaa Afur
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 19: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamoonnii fi barmaatileen hojii dhimma Qajeelfama kana keessatti
hammatamaniin wal-faallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 20: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee MootummaaNaannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

135

Uunkaa Lak. 1
Uunkaa Qaboo Yaa’ii Waliin Miseensotaaf Ergamu

Kabajamoo Obboo/Aaddee _____________________________ tiif Haasaa
Walgahii Caffee ___________________ irratti taasistanii Qaboo Yaa’iitiin qabame irratti yaada sirreeffamaa qabdan uunkaa yaadni sirreeffamaa irratti guutamu guutuudhaan ykn teessoo E-mail __________________ tiin hanga guyyaa
_________________ bara ______________tti waajjirichaaf akka ergitan isin
gaafachaa, gaaffiin sirreeffamaa yeroo kanaan booda dhiyaatu fudhatama kan
hin qabne ta’uu isaa ni ibsina.
Itti Gaafatamaa Waajjiraa
Maqaa ___________________________
Mallattoo _________________
Guyyaa ___________________
Uunkaa Lakk. 2
Uunkaa Sirreeffamni Qaboo Yaa’ii Ittiin Dhiyaatu
Guyyaa walgahiin itti gaggeeffame ___________________________________
Qabxii ajandaa mariin irratti taasifame ________________________________
___ ___________________________________________________________
_______________________________________________________________
_______________________________________________________________
______________________________________________________
Yaada Sirreeffamu _______________________________________________
________ ______________________________________________________
_______________________________________________________________
_______________________________________________________________
_______________________________________________________________
_______________________________________________________________
_______________________________________________________________
______________________________________________________________
Maqaa Miseensichaa ______________________________
Mallattoo Miseensichaa ________________
Guyyaa _______________________________

136

Qajeelfama Lak. 15/2004
Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Mana Kitaabaafi Dookimenteeshinii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak.15/2004
Koreen Mari’achistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Mana Kitaabaa fi Dookimenteeshinii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe
Lak. 15/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti;
1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooya'ee bahe
jechuuda.
2) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
3) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jechuudha.
4) “Waajjira” jechuun waajjira Afyaa’ii fi Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa jechuudha.
5) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
ykn Miseensa Qaamolee Caffee jalatti hojjetan keessatti nama hojjetu jechuudha.
6) ’’Miseensa Caffee Duraanni’’ jechuun barawwan filannoo Caffee darban
keessatti miseensa Caffee kan turee fi bara filannoo kanatti garuu miseensa
Caffee nama hin taanee jechuudha.
7) “Dambii” jechuun Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf
Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe Lak. 3/2001
jechuudha.
8) “Koree” jechuun hojilee Caffee raawwachuudhaaf akka haala isaat-

137

ti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’an jechuudha.
9) “Hojjetaa” jechuun hojjataa Waajjira Afayaa’ii fi Caffee Oromiyaa jechuudha.
10) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa, tajaajilli Mana Kitaabaa fi Dookimenteeshinii
Caffeedhaaf, qaamolee isaa fi miseensotaaf kennamu kan ittiin gaggeeffamu
hojimaata ifaa fi saffisaa ta’e diriirsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun akkaataa kenna tajaajila, mirgaa fi dirqama fayyadamtoota
Mana Kitaabaa WACO irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Waa’ee Mana Kitaabaa fi Dookmenteeshinii
Keewwata 5: Fayyadamtoota
Qaamoleen ittifayyadamtoota Mana Kitaabaa fi Dookmenteeshinii kan armaan gaditti ibsaman ta’u:
1) Miseensota Qaamolee Caffee;
2) Miseensota Caffee;
3) Hojjattoota waajjirichaa;
4) Miseensota Caffee duraaniifi
5) Namoota biroo Waajjirichaan barreeffamaan hayyamameef ta’uu ni
danda’u.
Keewwata 6: Tajaajiloota Kennaman
1) Kitaabota, gabaasota, barruulee, gaazexota, seerota, barreeffamoota
qu’annoo,qo’rannoo fi kan biroo haala ammayyaatiin gurmeessuun tajaajilamtootaaf dhiyeessuu.
2) Odeeffannoo daataa beeziidhaan qabuudhaan tajaajilamtootaaf dhiyeessuu.
3) Kitaabota, sanadoota biroo fi waraabbilee adda addaa ergisuu.

138

4) Tajaajila interneetii, iimeelii fi dubbisaa kennuu.
5) Gaaffiilee dhiyaataniif deebii waytawaa ykn odeeffannoo kennuu.
6) Qaboon Yaa’ii Caffee fi qaamolee isaa fi odeeffannoowwan biroo qaamolee
gara garaa irraa ergamaniif haalaan gurmeessanii kaa’uudhaan icitummaan
isaanii eegamuu qabuun alatti tajaajilamtootaaf dhiyeessuu.
7) Seerota bahan sirnaan gurmeessanii kaa’uudhaan tajaajilamtootaaf dhiyeessuu.
8) Kaassettota sagaleen ykn sagalee fi fakkiin irratti waraabame sirnaan galmeessuu fi gurmeessuudhaan tajaajilamtootaaf dhiyeessuu.
9) Odeeffannoo haala ittifayyadamaa fi hojimaata Mana Kitaabichaa ittifayyadamtootaaf ibsuu.
Keewwata 7: Tajaajila Ergisaa Argachuu
1) Miseensi ykn hojjataan Caffee kamiyyuu tajaajila ergisaa argachuu kan
danda’u:
a) Kaardii ykn pookkeettii Mana Kitaabaatti itti tajaajilamu kan kennamee fi
b) Seera mana kitaabichaa yoo kabajeedha.
2) Hojjataan mana kitaabichaa eenyummaa fi teessoo nama gaaffii dhiyeessee addaan baasuudhaan uunkaa miseensummaa guuchisiisee mallatteessisiisuudhaan kaardii tajaajila ergisa kitaabaa ittiin argatu sadii ni kennaaf.
3) Miseensi ykn hojjataan Caffee pookkeettii qabu kamiyyuu yeroo tokkootti
kitaabota ykn sanadoota sadii hin caalle ergifachuu ni danda’a.
4) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti tumame jiraatuyyuu Itti
Gaafatamaan Waajjirichaa akka barbaachisummaa isaatti tajaajilli ergisaa
dabalataa akka kennamu ajajuu ni danda’a.
5) Namni tokko kitaabas ta’ee sanada kan ergifatu guyyaa 15 qofaaf ta’a.
6) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 5 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, kitaabichi ykn sanadichi nama biraatiin kan hin barbaadamne
yoo ta’e yeroon ergisichaa eeyyama Mana Kitaabichaatiin guyyaa 15f dheerachuu ni danda’a.
7) Namni kamiyyuu qaamaan ykn faaksiidhaan ykn iimeeliidhaan beeksisuudhaan yeroo ergifannaa isaa dheeressuu ni danda’a.
8) Sanadonni hojii Caffeetiin wal-qabatan kamiyyuu kan ergifaman waraabbii qofaan ta’a.

139

Keewwata 8: Kitaabotaa fi Sanadoota Ergisaan Hin Kennamne
1) Kitaabotaa fi sanadoota, baruulee, gaazeexootaa, barreeffamootaa fi kanneen biroo Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiin akka hin ergifamne murteeffaman
Mana Kitaabichaa keessatti itti fayyadamuun ala ergisuun hin danda’amu.
2) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee. sanadoonnii fi Kitaabonni armaan gadii Mana Kitaabaati ba’uu hin
qaban:
a) Kitaabota baay’inni isaanii 5(shanii) gadi ta’e;
b) Kitaabota gabaa irraa akka salphaatti argamuu hin dandeenye;
c) Kuusaa jechootaa (Dictionary);
d) Kitaabota maxxanfamuun isaanii dhaabbate;
e) Sanadoota qo’annoo;
f) Jildiiwwan adeemsa hojii waggaa Caffee ykn koreewwanii qabate;
g) Kitaabota manca’an ykn miidhaan irra ga’e;
h) Insaaykiloopiidiyaa;
i) Maappii;
j) Adeemsawwan hojii Caffee sagaleedhaan ykn sagalee fi fakkiidhaan
waraabaman.
Keewwata 9: Tajaajila Intarneettii
1) Tajaajilamaan biroo kan jiru yoo ta’e namni tokko sa’aatii tokkoof qofa
interneetiitti tajaajilama.
2) Bu’uura gaaffii isaaniitiin qaamolee Caffeetiif tajaajilli odeeffannoo intarneetii irraa barbaaduu ni kennamaaf.
Keewwata 10: Dirqama Mana Kitaabaa
1) Miseensota Caffee Mana Kitaabichaatti fayyadamaniif kutaa addaa itti
dubbisan qopheessuu ykn tajaajila dursaa akka argatan taasisuu ykn teessoo
muraasa akka eeggataatti qabuufii.
2) Kitaaba ykn sanada kamiyyuu sirna hojimaata Mana Kitaabichaa osoo hin
dabarre Mana Kitaabichaa keessaa baasuu dhiisuu.
3) Dubbisaaf akka tolutti kanneen akka ibsaa, teessuma, qilleensaa fi kkf
mijaa’uu isaanii mirkaneeffachuu.
4) Qorannoo ykn gaaffii fayyadamtootaa irratti hundaa’uudhaan hanga
danda’ametti kitaabota haaraa fi sanadoota walitti qabuu.

140

5) Xumura waggaa irratti lakkoofsa kitaabotaa fi sanadootaa taasisuu.
6) Kitaabotaa fi sanadoota haaraa iddoo qophaa’efitti guyyaa 15niif
kaa’uudhaan tajaajilamtoonni akka argan taasisuu fi odeeffannoo barbaachisaa ta’e gabatee beeksisaa irratti maxxansuu. Yeroo kanatti kitaabonni
kun hin ergifaman.
Keewwata 11: Dirqama Tajaajilamtootaa
1) Kenniinsa tajaajila Mana Kitaabaa fi Dokimanteeshinii gocha jeequrraa
off-qusachuu.
2) Mana kitaabaa keessatti tamboo xuxuu, dhugaatii dhuganii seenuu ykn
dhuguu, rafuu ykn nyaata nyaachuun hin hayyamamu.
3) Sagalee dhageessisuu dhabuu/dhiisuu.
4) Raadiyoo,Moobaayilii fi sa’aatii sagalee dhaggeessisu cufuu.
5) Qabeenya dhuunfaa kamiyyuu Mana Kitaabichaa yoo seenu agarsiisuu, gara kutaa dubbisaatti fudhatanii seenuu dhiisuu fi yoo bahanis
sakkatta’amuuf hayyamamaa ta’uu.
6) Meeshaalee dhuunfaa Mana Kitaabaa waliin walitti dhufeenya hin qabne
qabanii Mana Kitaabaa seenuu dhabuu.
7) Pookkeetii yoo gaafatamu agarsiisuu.
8) Jijjiirama teessoo yoo barbaadan yeroodhaan beeksisuu.
9) Pookkeetti kennameef of-eeggannoon qabachuu.
10) Namni pookkeettiin jalaa bade, battalumatti dhimmicha mana kitaabichaatti beeksisuu qaba.
11) Pookkeettii tajaajila ergisa Kitaabaa nama biraatiif dabarsanii kennuun
dhoorkaadha.
12) Weebsaayitii wal-qunnamtii saalaa agarsiisu (Porn sites) ilaaluu dhiisuu.
13) Hatuu, kitaaba irratti barreessuu, mallattoo kamiyyuu kitaabicharra
kaa’uu, fuula kitaabichaa tarsaasanii fudhachuu, mancaasuu ykn balleessaa
biraa raawwachuu dhiisuu.
14) Mallattoowwan kitaabicharratti maxxanfaman irraa kaasuu dhiisuu.
15) Kitaabota itti fayyadaman minjaala irratti dhiisanii bahuu fi bakka irraa
fuudhanitti deebisuu dhiisuu.
16) Namni kamiyyuu baduu ykn manca’uu kitaabaas ta’ee sanada itti fayyadamuuf itti gaafatama.
17) Namni kamiyyuu kitaaba ykn sanada ergifate guyyaa itti deebi’u ykn

141

guyyaa itti deebi’uun dura deebisuu ykn eeyyama ergisaa haaromsachuu
qaba.
Keewwata 12: Adabbii fi Tarkaanfii Naamusaa
1) Nama hojimaata Mana Kitaabaa fi Dokumenteeshinii hinkabajne ykn
seera darbe kamiyyuu irratti, akka ulfina dhimmichaatti tarkaanfileen armaan gadii fudhatamuu ni danda’u:
a) Akeekkachiisa Afaanii;
b) Mana Kitaabichaa keessaa akka bahu gaafachuu;
c) Maallaqaan adabuu;
d) Of-eeggannoo barreeffamaa kennuu;
e) Mana Kitaabichaatti akka hin tajaajilamne dhorkuu;
f) Seeraan akka itti gaafatamu taasisuu.
2) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1(a-c) jalatti tarkaanfiin ibsame
hojjataa Mana Kitaabichaatiin kan raawwatamu ta’a.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1(d-f) ta’e jalatti tarkaanfiiwwan ibsaman akka haalasaatti Waajjirichaan kan raawwataman ta’u.
4) Namni kamiyyuu kitaaba ykn sanada ergifate yeroodhaan kan hin deebisne yoo ta’e, guyyaa ergisichi xumurame irraa eegalee guyyaa tokkotti saantima 0.50 akka kaffalu ni taasifama.
5) Namni kitaabni ykn sanadni ergifate jalaa bade ykn manca’e kamiyyuu,
gatii kitaabichaa ykn sanadichaa kan yeroo sanaa dachaa sadii akka kaffalu
ykn kitaabicha ykn sanadicha akka bakka buusu ni taasifama.
6) Namni kitaabni ykn sanadni inni ergifate jalaa bade bakka buusuu yoo
barbaade guyyaa kitaabicha deebisuu qabu irraa kaasee guyyoota hojii kudha shan (15) keessatti bakka buusuu qaba.
7) Hanga guyyaa kitaabicha bakka buusutti ykn gatii isaa kaffaluutti guyyaa
guyyaatti saantima 0.50 akka kaffalu ni taasifama.
8) Manni Kitaabichaa kitaaba bakka bu’e akkuma fudhateen kitaabicha
manca’e nama bakka buuseef kennuu qaba.
9) Namni tokko kitaaba ergifate waggaa tokko keessatti yeroo lama yoo gate
ykn mancaase ji’a ja’aaf (6) mana kitaabichaatti akka hin fayyadamne ni taasifama.

142

Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 13: Seerota Raawwatiinsa Hinqabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
hammatamaniin wal-faalleessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 14: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

143

Qajeelfama Lak. 16/2004
Qajeelfama Sirna Eeruufi Iyyannoon Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiif Ittiin Dhiyaatu Murteessuuf Bahe Lak. 16/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun "Qajeelfama Sirna Eeruu fi Iyyannoon Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaatiif Ittiin Dhiyaatu Murteessuuf Bahe Lak. 16/2004" jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Heera Mootummaa” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fooyya’ee Bahe Labsii Lak. 46/1994 jechuudha.
2) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii Bahe Lak.
3/2001 jechuudha.
5) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
6) “Waajjira” jechuun Waajjira Afyaa’ii fi Caffee jechuudha.
7) “Koree” jechuun hojilee Caffee raawwachuudhaaf akka haala isaatti kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’an jechuudha.
8) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoommaa kennameef jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo Qajeelfama Kanaa
Kaayyoon Qajeelfama kanaa, eeruwwan ykn iyyannoowwan Caffeef ykn Ko-

144

reewwan Caffeetiif nama kamiyyuu irraa dhiyaatan haalaan keessummeessuudhaan Caffeen ykn Koreewwan Caffee deebii kennuu akka danda’aniif
raawwatiinsa seerota Naannichaa kan ittiin hordofu, hojimaata iftoominniifi
ittigaafatamummaan itti mirkanaa’uufi hirmaannaan ummataa itti cimu diriirsuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun eeruwwaniifi iyyannoowwan Caffeef ykn Koreewwan Caffichaatiif dhiyaatan kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Waa’ee Eeruu Dhiyeessuu
Keewwata 5: Mirga Eeruu Dhiyeessuu
Namni kamiyyuu dhimmoota qajeelfama kana keessatti tumaman irratti
Caffeedhaaf ykn Koree Dhaabbii dhimmi ilaaluuf eeruu ykn iyyannoo dhiyeessuuf mirga qaba.
Keewwata 6: Eeruu Caffeedhaaf ykn Koreewwan Caffeetiif Dhiyaatu
Namni kamiyyuu dhimmoota armaan gadii irratti Caffeef ykn Koreewwan
Caffeetiif eeruu dhiyeessuu ni danda’a.
1) Malaammaltummaafi Miidhaa qabeenyaa fi faayidaa Mootummaa fi Ummataa irra gahe ykn gahuu danda’u ilaalchisee;
2) Haalli Heera Mootummaa balaa irra buusu yoo uumame ykn ni uumama
jedhamee yoo tilmaamame;
3) Haalli imaammataa fi tarsiimoo Mootummaa gufachiisu yoo uumame;
4) Umattoota jiddutti walitti bu’insii yoo uummame ykn haalli walitti bu’insa
uumu yoo mudate;
5) Mirgi namummaa yoo sarbame;
6) Balaan cimaan uumamaan ykn namaan uumame yoo mudate;
7) Gochoota biroo hojiilee hordoffiifi to’annootiif gargaaraniifi Caffeen
tarkaanfii irratti fudhachuu, xiyyeeffannoo itti kennuu ykn hubannaa fudhachuu qabu irratti eeruu dhiyeesuu ni danda’a.
Keewwata 7: Akkaataa Eeruun Itti Dhiyaatu
Eeruun kamiyyuu, Caffeedhaaf, Afyaa’iidhaaf ykn Koree Dhaabbii dhimmi

145

ilaaluuf haala armaan gaditiin dhiyaachuu ni danda’a.
1) Eeruun dhiyaatu barreeffmaan qophaa’ee maqaa guutuu, teessoo, guyyaa,
ji’a, bara fi mallattoo nama eeruu dhiyeessee qabaachuu qaba.
2) Namoonni eeruu dhiyeessan tokkoo ol yoo ta’an, maqaa guutuu, teessoo fi
mallattoo namoota hundaa kan qabate ta’uu qaba.
3) Namni eeruu dhiyeessu dhimma eeruudhaaf sababa ta’e teessoo isaa fi tarreeffama dhimmichaa ragaa gahaa ta’een deeggaruudhaan dhiyeessuu qaba.
4) Eeruun dhiyaatu kabajaa fi ulfina Caffee kan eege, mirgaa fi kabaja namoota biroo kan hin tuqne ta’uu qaba.
5) Eeruun dhiyaatu qulqullinaan barreeffamee haalaan kan dubbifamu ta’uu
qaba.
6) Eericha kan kenne dhaabbata qaama seerummaa qabu yoo ta’e, mallattoo
Itti gaafatamaa dhaabbatichaa fi Chaappaa dhaabbatichaatiin mirkanaa’uu
qaba.
7) Eerichi duraan qaama biraatiif dhiyaachuu fi dhiyaachuu dhabuu isaa fi
kanaan dura qaama biraatiif yoo dhiyaatee jiraate eenyuuf akka dhiyaatee fi
deebii kenname kan qabate ta’uu qaba.
8) Eeruun kamiyyuu unkaa hordoffii Qajeelfama kanaa wajjiin walqabate irratti galmaa’ee haalaan ni qabama.
9) Caffeen nama eeruu dhiyeessuuf eegumsi seeraa barbaachisaa ta’e taasifamuufiisaa ni mirkaneessa.
Keewwata 8: Eeruu Fudhatama Hin Qabne
1) Eeruun Caffeedhaaf, Afyaa’iidhaaf ykn koree dhaabbiitiif dhiyaatu kamiyyuu:
a) Qajeelfama kana keewwata 6 jalatti kanneen tarreeffaman keessatti
kan hin hammatamne yoo ta’e;
b) Haalawwan Qajeelfama kana keewwata 7 jalatti tumaman kan hin
guunne yoo ta’e;
c) Dhimma Mana Murtii ykn Qaamolee biroo seeraan aangoo murtii
kennuu qaban ykn qaama murtii bulchiinsaa kennu ykn qaama dhimma
tokko akka qoratuuf ykn akka qulqulleessuuf dhaabbateen kan ilaalamaa
jiru ykn dhimma furmaata argate kan ilaallatu yoo ta’e;
d) Dhimmichi aangoo Mootummaa Naannichaatiin ala yoo ta’e;
e) Dhimma duraan dursee qaama biraatiin ilaalamuu qabu ta’ee osoo
jiruu kallattiidhaan eeruun Caffeef kan dhiyaate yoo ta’e fudhatama

146

dhabuu ni danda’a.
2) Eeruun bu’uura Keewwata kana Keewwata 1(b) tiin fudhatama dhabe
hir’inni isaa sirreeffamee ykn fooyya’ee akka dhiyaatu taasifamuu ni danda’a.
3) Caffeen, Afyaa’iin ykn Koreen Dhaabbii dhimmi ilaalu eeruu bu’uura
Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1(e) tiin dhiyaate duraan dursee qaama
biraatiin ilaalamuu qaba jedhee yoo itti amane namni eeruu dhiyeesse dhimmicha qaama ilaallatutti akka dhiyeessu taasisuu ykn qaama dhimmi ilaallatuuf kallattidhaan erguu ni danda’a.
4) Caffeen, Afyaa’iin ykn Koreen Dhaabbii dhimmi ilaalu bu’uura Keewwata
kana Keewwata Xiqqaa 3 tiin, eericha kallattiidhaan qaama dhimmi ilaaluuf kan erge yoo ta’e murtiin dhumaa eericharratti kennamu akka ergamuuf
ajajuu qaba.
5) Eeruun haalawwan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 (a, c, fi d) jalatti
tumaman keessaa tokko kan hin guunne yoo ta’e fudhatama hin qabu.
Keewwata 9: Iccitummaa Maqaa Eertotaa
1) Caffeen ykn koreewwan maqaa eertotaa iccitiin eeguu qabu.
2) Caffeen ykn koreen dhaabbii dhimmi ilaallatu eeruu dhiyaateef ilaalchisee ragaa dhagahuu ykn sanada qorachuu ni danda’a.
3) Tartiibni raawwisaa bu’uura Qajeelfama Sirna Ragaan Ittiin Qoratamu
Lak. 11/2004 tiin ta’a.
Kutaa Sadii
Akkaataa Iyyaannoon Itti Dhiyaatu
Keewwata 10: Waa’ee Dhimmoota Iyyannoon Irratti Dhiyaatan
1) Sarbamuu mirga namoomaa ol’aanaa;
2) Iyyannoowwan Koreewwan Dhaabbiitiif dhiyaatanii yeroon deebii hin
arganne;
3) Miidhaa bulchiinsaa faayidaa uummataa tuqu.
Keewwata 11: Haala Iyyannoon Ittiin dhiyaatu
1) Namni kamiyyuu iyyannoo isaa Caffeef, Afyaa’ii ykn Koree Dhaabbii
dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu ni danda’a.
2) Iyyannoon teessoo Caffeetiin ykn Afyaa’iitiin dhufu kamiyyuu kallattiidhaan Afyaa’iif dhiyaachuu qaba.
3) Iyyannoon teessoo Koree Dhaabbiitiin dhufu kamiyyuu kallattiidhaan

147

Koree Dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dhiyaachuu qaba.
4) Iyyannoon bu’uura Qajeelfama kanaatiin fudhatama argate guyyaa 15
keessatti deebii argachuu qaba.
5) Adeemsi dhimmicha qulqulleessuu wal-xaxaa fi guyyaa 15nii ol kan
fudhatu yoo ta’e, Afyaa’iin haala dhimichaa irratti hundaayuun guyyaasaa
dheeressuu ni danda’a.
6) Iyyannoon dhiyaatu kamiyyuu galmeen qophaayeefii seeraan galmaayee
qabamuu qaba.
Keewwata 12: Iyyannoo Fudhatama Hinqabne
Iyyannoowwaan armaan gadii fudhatama hinqaban.
1) Dhimmoota Keewwata 10 jalatti tumamaniin ala yoo ta’e;
2) Barreeffamaan dhimmasaa tarreessuudhaan, maqaa, teessoo, mallattoofi
ragaalee gahaa dhimmicha haala ibsuun kan hin guunne yoo ta’e;
3) Adeemsa Mana Murtii idileetinis ta’ee, qaamolee seeraan murtee kennuu
danda’an irra kan jiru ykn murtee dhumaa kan hin arganne yoo ta’e;
4)Aangoo Qaamolee Mootummaa kan biroo kan ilaallatu yoo ta’e, dhimmichi sadarkaa aangoo ilaallatu hundaatti utuu hin ilaalamiin Caffeedhaaf
kan dhiyaate yoo ta’e.
Kutaa Afur
Haalawwan Eeruun ykn Iyyannoon Itti Keessummeeffamu
Keewwata 13: Haala Eeruun ykn Iyyannoon Afyaa’iidhaan Itti Keessummeeffamu
1) Afyaa’iin eeruu ykn iyyannoo dhiyaateef qoratee murtee barbaachisaa ta’e
ni kenna.
2) Afyaa’iin eeruu ykn iyyannoo dhiyaateef bu’uura Dambichaa fi Qajeelfama kanaatiin dhiyaachuusaa qorachuudhaan:
a) Eeruun ykn iyyannoon bu’uura Qajeelfama kana Keewwata 8 fi
12tiin ulaagaa guutee kan hin dhiyaanne yoo ta’e, fooyya’ee akka dhiyaatuuf nama eeruu ykn iyyannoo dhiyeesseef guyyuma sanatti ibsuufii qaba.
b) Hojii qaamolee Mootummaa biroo yoo ta’e, dursee qaama biraatiin
ilaalamuu osoo qabu kallattiidhaan kan dhiyaate yoo ta’ee fi qaama dhimmichi ilaallatuun haalaan keessummeeffamuu ni danda’a jedhee yoo
amane bu’aan irra gahamu akka ibsamuuf hubachisuudhaan eericha ykn

148

iyyannicha erguu ykn dhimmicha nama eeruu ykn Iyyannoo dhiyeesseef
ibsuu ni danda’a.
c) Eeruun ykn iyyannoon bu’uura Dambii fi Qajeelfama kana Keewwata 6, 8 fi 12 tiin kan hin dhiyaanne yoo ta’e, eerichi fudhatama dhabuusaa
guyyaa eeruun itti dhiyaate irraa kaasee guyyoota hojii 2 keessatti nama
eeruu dhiyeesseef ni ibsamaaf
3) Eeruun ykn Iyyannoon dhiyaate ulaagaa guutee fudhatama yoo argate,
Afyaa’iin:
a) Koreen Dhaabbii dhimmi ilaalutti qajeelchuudhaan dhimmicha qulqulleessee yaada murtii ykn yaada akka dhiyeessuuf taasisuudhaan
tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu ni danda’a.
b) Qaama dhimmi ilaalu waliin mari’achuudhaan dhimmichi furmaata
akka argatu, akka fooyya’u, ykn akka sirraa’u taasisuu ni danda’a.
c) Dhimmichi murtii Caffee kan barbaadu yoo ta’e, ajandaadhaan qabamee Caffeedhaaf akka dhiyaatu taasisuu ni danda’a.
d) Dhimmichi dhimma Hiikka Heera Mootummaa Naannichaa tiin kan
walqabatu yoo ta’e, Afyaa’iin dhimma kana abbaa dhimmaa ni beeksisa.
e) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 (a) tiin eericha ykn iyyannicha gara Koree Dhaabbitti yoo qajeelchuu, namni eeruu ykn iyyannoo dhiyeesse kanuma akka beeku taasisuu qaba.
4) Afyaa’iin eeruu ykn iyyannoo dhiyaate irratti murtii kenname akka haalasaatti qaama dhimmi ilaallatuuf ykn nama eeruu ykn iyyannoo dhiyeesseef
beeksisuu ykn Koreen Dhaabbii dhimmi ilaalu akka beeksisu taasisuu ni
danda’a.
Keewwata 14: Haala Eeruun ykn Iyyannoon Koree Dhaabbitiin Itti Keessummeeffamu
1) Koreen dhimmi ilaalu eeruu ykn iyyannoo Caffee ykn Afyaa’iarraa qajeelfameef ykn kallattiidhaan nama eeruu ykn iyyannoo dhiyeessurraa dhiyaateef haalaan qoratee gabaasaa fi yaada murtii dhiyeessuu ykn tarkaanfii
barbaachisaa fudhachuu ni danda’a.
2) Koreen Dhaabbii eeruun ykn iyyannoon kallattiidhaan dhiyaateef kamiyyuu:
a) Angoo Koree jalatti kan kufu ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa;
b) Bu’uura Dambii fi Qajeelfama kanaatiin kan dhiyaate ta’uu fi ta’uu

149

dhabuu isaa dursee qorachuu qaba.
3) Koreen Dhaabbii eeruun ykn iyyannoo dhiyaateef:
a) Aangoo isaa jalatti kan hin kufne yoo ta’e qaama ilaaluuf beeksisuun
dhimmicha deebisuu qaba.
b) Koree dhaabbii birootiin yoo ilaalame bu’aa fooyyee qabu fida jedhee yoo amane yaada isaa Afyaa’iif dhiyeessuudhaan akka haala isaatti
qaamni eeruu dhiyeesse dhimmicha akka beeku taasisuu ni danda’a.
c) Bu’uura Qajeelfama kana keewwata 8 fi 12tiin eeruun ykn Iyyannoon hin dhiyaanne fooyya’ee dhiyaachuu kan qabu yoo ta’e hir’inni isaa
sirraa’ee akka dhiyaatu guyyuma eeruun ykn Iyyannoo dhiyaateefitti
nama eeruu ykn Iyyannoo dhiyeesseef ibsamuu qaba.
d) Eeruun ykn Iyyannoon dhiyaate dursee qaama biraatiin ilaalamuu
osoo qabuu kallattiidhaan kan dhiyaate yoo ta’ee fi qaama dhimmichi ilaaluun haalaan keessummeeffamuu ni danda’a jedhee yoo amane, bu’aan
isaa akka ibsamuuf hubachiisuudhaan erguu ykn dhimmicha nama eeruu
ykn iyyannoo dhiyeessuuf ibsuu ni danda’a.
e) Eeruun ykn Iyyannoo bu’uura Dambichaa fi Qajeelfama kana keewwata 6, 8 fi 12tiitiin kan hin dhiyaanne yoo ta’e eerichi ykn iyyannichi
fudhatama dhabuusaa guyyaa eeruun ykn Iyyannoon itti dhiyaate irraa
kaasee guyyoota hojii 2 keessatti nama eeruu ykn Iyyannoo dhiyeesseef
ni ibsama.
Keewwata 15: Eeruu ykn Iyyannoo Qulqulleessuu
1) Koreen Dhaabbii kamiyyuu eeruu ykn iyyannoo dhiyaateef ykn qajeelfameef aangoo isaa jalatti kan kufuu fi bu’uura Dambichaa fi Qajeelfama kanaatiin kan dhiyaate yoo ta’e, eericha ykn iyyannicha hirmaannaa miseensotaa fi hojimaata Korichaa hordofee tokko tokkoon qulqulleessuu qaba.
2) Koreen dhaabbii Miseensota isaa keessaa Koree Xiqqaa dhaabuudhaan
dhimmichi qulqullaa’ee akka dhiyaatuuf taasisuu ni danda’a.
3) Caffeen ykn Koreen dhaabbii eeruu ykn iyyannoo qulqulleessuuf bu’uura
Dambichaa fi Qajeelfama Sirna Ragaan Ittiin Qoratamu Lak. 11/2004 tiin ragaa baatota kamiyyuu waamuudhaan dhaga’uu ykn sanadni akka dhiyaatuuf
taasisuudhaan qorachuu ni danda’a.
4) Koreen Dhaabbii eeruu ykn iyyannoo dhiyaateef ogeessota dhimmi ilaaluun deeggaramuun qorachuu ni danda’a.

150

Keewwata 16: Gabaasaafi Yaada Murtii Erguu
1) Koreen Dhaabbii eeruun ykn iyyannoon Cafficha irraa ykn Afyaa’ii irraa
qajeelfameef haalaan erga qorateen booda gabaasaafi yaada murtii Afyaa’iif
dhiyeessuu qaba.
2) Koreen dhaabbii eeruu ykn Iyyannoo yoo qoratu ulfinaafi ariifachiisummaa dhimmichaa tilmaama keessa galchuudhaan deebii ariifachiisaa kennuu
qaba.
Keewwata 17: Tarkaanfiiwwan Koree Dhaabbiitiin Fudhataman
1) Koreen dhaabbii dhimmi ilaallatu eeruu ykn iyyannoo dhiyaateef haalaan
erga qoratee booda tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuu ni danda’a.
a) Bu’uura murtee irra gaheetiin qaama dhimmi ilaalu waliin
mari’achuudhaan dhimmichi furmaata akka argatu ykn akka sirreeffamu
taasisuu ni danda’a.
b) Qaama dhimmi ilaaluuf hubachiisa ykn ajaja kennuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu ni danda’a.
c) Dhimmichi Caffeetti dhiyaatee murtii akka argatu gabaasaa fi yaada
murtii dhiyeessuu ni danda’a.
2) Koreen Dhaabbii kamiyyuu tarkaanfiiwwan armaan olitti tarreeffaman
yoo fudhatu dursaan Afyaa’ii beeksisuu qaba.
3) Koreen Dhaabbii kamiyyuu adeemsa qulqulleessuu keessatti dhimmi
tarkaanfiin of-eeggannoo irratti fudhatamuu qabu ykn dhorkaan yeroo irratti taasifamuu qabu jira jedhee yoo amane, dhimmicha Afyaa’ii beeksisuudhaan tarkaanfiin of-eeggannoo barbaachisaa ta’e akka fudhatamu taasisuu
ni danda’a.
Kutaa shan
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 18: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti tumamaniin wal- faallessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.

151

Keewwata 19: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

152

Unkaa Akkaataa Eeruun Itti Dhiyaatu fi Keessummaa’u
Lak. Maqaa Nama
ykn Dhaabbata
Eeruu
Dhiyeessee

Teessoo

G u y y a a Qabiyyee Deebii
E e r u u n B u’u u r a EerudItti Dhi- Eeruu
haaf
yaate
Keename
Gabaabinaan

Godina A a n a a / G a n Magaalaa da

153

Guyyaa
Dee- Ibsa
biin Itti Kennamee fi Qaamni
Dhimmi Ilaallatu Akka Beeku
Taasifame

Qajeelfama Lak. 17/2004
Qajeelfama Sirna Yaadni Murtii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ittiin Dhiyaatuu fi Mirkanaa’u Murteessuuf Bahe Lak. 17/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee
jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waligalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Yaadni Murtii Caffee Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Ittiin Dhiyaatuu fi Mirkanaa’u Murteessuuf Bahe Lak.
17/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
1) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Heera Mootummaa” jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fooyya’ee Bahe Labsii Lakk. 46/1994 jechuudha.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 Irra Deebiidhaan Fooyyeessuuf Dambii
Bahe Lak. 3/2001 jechuudha.
6) “Koree” jechuun hojiilee Caffee raawwachuudhaaf akka haala isaatti
kanneen Caffeedhaan hundeeffaman ta’ee, Koree Qindeessituu, Koree
Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee, Koree Dhaabbii, Koree yeroo fi Koreewwan Xixiqqaa Koreewwan kanaan gurmaa’aniidha.
7) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha.
8) “Sirreeffama Teeknikaa” jechuun sirreeffama afaanii fi dogongora kana
fakkaatan yoo ta’u, haala kamiinuu kan qabiyyee seerichaa hin jijjiireedha.
9) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

154

Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa aangoo fi tartiiba hojimaata yaada murtii
burqisiisuu qorachuu fi mirkaneessuu tumuudhaan adeemsicha ifaa fi hirmaachisaa taasisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun qaama yaada murtii burqisiisuuf aangoon kennameefiin
yaada murtii burqee qophaa’ee Caffeedhaaf dhiyaatu kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata; akkasumas bu’uura Qajeelfama kanaatiin murteen Caffeen dabarsu dhimma aangoo fi hojii Mootummaa Naannichaa jalatti kufu
kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Akkaataa Yaadni Murtii Itti Dhiyaatuufi Mirkanaa’u
Keewwata 5: Aangoo Yaada Murtii Burqisiisuu
Aangoon yaada murtii burqisiisuu kan qaamolee armaan gadiitti terreeffamanii ta’a.
1) Afyaa'ii Caffee;
2) Miseensota Caffee fi
3) Koreewwan Caffee ;
4) Koree dhimma tokko qorachuuf dhaabbatu.
Keewwata 6: Qabiyyee Yaada Murtii
1) Koreewwan dhimmoota qoratamanii yaadni mutree akka irratti dhiyaatuuf qajeelfamaniif bu’uura ajaja Caffeetiin ykn Afyaa’iitiin Yaada murtee Caffeef ni dhiyeessuu ykn dhiyeessuu ni danda’u.
2) Bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin yaadni murtee dhiyaatu
qabiyyeewwan muummeyyii kanatti aanan qabaata.
a) Hojii raawwatame,
b) Tattaaffii hojicha raawwachuuf taasifameefi tooftaalee hordofame;
c) Adeemsa raawwii hojichaa keessatti rakkoolee muudataniifi furmaatawwan kennaman;
d) Adeemsa hojichaa keessatti argannoowwan muummeyyii;
e) Yaada murteefi yaada Korichaa;
f) Lakkoofsa addaa yaada murtichaafi

155

g) Qaama yaada murtichaa dhiyeesse.
Keewwata 7: Akkaataa Yaadni Murtii Afyaa’iidhaaf Dhiyaatu
Yaadni murtii kamiyyuu haalawwan armaan gadii guutuudhaan Afyaa’iitiif
dhiyaachuu qaba.
1) Yaadni murtii Koreedhaan dhiyaatu mallattoo Dura Taa’aa Korichaatiin
kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
2) Miseensi Caffee kamiyyuu ajandaa dhiyaaterratti mariin ga’aan taasifamee
jira jedhee yoo amane harka baasee of agarsiisuun mariin taasifamaa jiru
dhaabbatee murtiin akka itti kennamu yaada dhiyeessuu ni danda’a.
Keewwata 8: Haala Yaadni Murtii Fudhatama Itti Argatu
1) Yaadni murtii kamiyyuu fudhatama kan qabaatu:
a) Dhimma ajandaa dhaan qabatamee irratti mari’atamaa jiru tokko
qofaa irratti kan dhiyaate yoo ta’e;
b) Dhimma Caffeen ykn Afyaa’iin Koreewwan waliin raawwatanii
yaada murtee akka irratti dhiheessan ajaje yoo ta’e;
c) Iyyannoowwan ykn eeruwwan Koreef ykn Afyaa’iidhaaf dhihaatanii
Afyaa’iin Koreen qoratee akka dhiyeessu ajaje yoo ta’e;
d) Maqaa gaarii namootaa ykn qaamolee biroo kan hin miine ykn hin
xureessine yoo ta’e;
e) Dhimma tilmaama irratti hin bu’uureffanne yoo ta’e ykn
f) Haala ykn amala nama dhuunfaa kan hin ilaallanne yoo ta’e qofaadha.
2) Yaadni murtii bu’uura Qajeelfama kanaatiin dhiyaate:
a) Guutumaan guutuutti ykn gartokkeedhaan fudhatama argachuu fi
dhabuun isaa Afyaa’iidhaan ni murtaa’a.
b) Afyaa’iin angoo isaatiin dhimma yaadni murtii irratti dhiyaate irratti
hojii qaamolee murtii kennuuf angoo qabanii hin gufachiisu, hinjallisu
ykn hin miidhu jedhee yoo amane, yaada murtichaa murtii Caffeetiif dhiyeessuu ni danda’a.
Keewwata 9: Haala Yaadni Murtii Fudhatama Itti Dhabu
Yaadni murtii kamiyyuu fudhatama kan dhabu:
1) Akkaataa Qajeefama kana Keewwata 8 jalatti tumameen, ulaagaa guutee
kan hindhiyaanne yoo ta’e ykn

156

2) Walga’iidhuma gaggeeffamaa jiru irratti Caffeedhaaf dhiyaatee fudhatama
kan dhabe yoo ta’e ykn
3) Afyaa’iin yaadni murtii dhiyaateef hojimaata Qajeelfama kanaa ykn Caffee ni miidha jedhee yoo amane kufaa taasisuu ni danda’a.
Keewwata 10: Haala Yaadni Murtii Caffeedhaaf Itti Dhiyaatu
1) Yaadni murtii koreedhaan dhiyaate Afyaa’iin fudhatama argate kamiyyuu,
Bu’uura Qajeelfama Sirna Ajandaan Ittidhiyaatu Murteessuuf Bahe Lak.
4/2004 tiin maqaa qaama qopheesseetiin ajandummaadhaan qabamee Caffeedhaaf dhiyaachuu ni danda’a.
2) Yaada murtii ajandaa mari’atamaa jiru irratti miseensaan ykn Afyaa’iidhaan
dhiyaatee Afyaa’iin sagalee kennuuf akka mijataa ta’een ifa taasisee ni dhiyeessa.
Keewwata 11: Yaada Murtii Koreen Dhiyaate Irratti Marii Taasisuu fi
Murtii Dabarsu
1) Bu’uura Qajeelfama kanaatiin Caffeen yaada murtii koreedhaan dhiyaateef
irratti mari’atee murtii barbaachisaa ta’e ni dabarsa.
2) Koreen yaadni murtii qajeelfameef gabaasaa fi yaada murtii Caffeedhaaf
dhiyeessuun duraa fi yaadni murtii kamiyyuu mirkanaa’uusaan dura dhiibbaa inni fidu dursee tilmaamuu qaba.
3) Yaadni murtii dursee kan xiinxalamuuf sirreeffama kaayyoosaa milkeessuu danda’u itti dabaluuf ykn fooyyeessuuf yoo ta’u yaadni murtichaa kan
xiinxalamu akkaataa Qajeelfama Adeemsa Seera Baasuu Lak. 9/2004 tiin ta’a.
4) Caffeen ykn Koreewwan yaada murtii kamiyyuu irratti mariin taasisanii
fi murtiin kennan, akkaataa Qajeelfama Adeemsa Seera Baasuu Lak. 9/2004
tiin kan gaggeeffamu ta’a.
Keewwata 12: Yaada Murtii Kaasuu
1) Miseensi yaada murtii Caffeef dhiyeesse kamiyyuu yaadicha irratti murtiin
osoo hin kennamin Afyaa’ii eeyyamsiisuudhaan yaadasaa kaasuu ni danda’a.
2) Afyaa’ii faayidaa yaadni murtichaa uummataaf qabu ykn waytawaa
ta’uusaatti yoo amane yookiin Caffeedhaan fudhatama yoo argate, yaadni
murtichaa Caffeef erga dhiyaatee booda gaaffii yaadicha kaasuuf dhiyaatu
kufaa taasisuu ni danda’a.

157

Keewwata 13: Haala Yaadni Murtii Caffichaan Itti Mirkanaa’uufi Qaama
Dhimmi Ilaaluuf Ittiin Ergamu
1) Yaadni murtii kamiyyuu sagalee caalmaa Caffeetiin kan ragga’u ta’a.
2) Yaadnii murtii Caffeedhaan ragga’e lakkoofsi kennameefii guyaan itti
ragga’ees ni barreeffama.
3) Akkaataa keewwata kanaa keewwata Xiqqaa 1fi 2tiin yaadni murtii ragga’e
xalayaa gaggeessituu Afyaa’iin irratti mallatteesseen qaamolee dhimmichi ilaallatuuf ergamuu ni danda’a.
4) Caffeen ykn koree dhimmi ilaalu raawwii yaada murtii akkaataa Qajeelfama kanaatiin ragga’e ni hordofa.
Keewwata 14: Sirreeffama Teeknikaa Taasisuufi Tarreeffama Yaada
Murtiilee Ragga’an Qabachuu
1) Yaadni murtiis ta’e seerota ragga’an qaama Dhimmi ilaaluuf ergamuu
isaatiin dura Afyaa’iin sirreeffama teeknikaa barbaachisaa ta’e taasisuu ni
danda’a.
2) Caffeen yaadawwan murtiifi seerota waggaa tokko keessatti ragga’anii
karaa Kutaa Waajjirichaa dhimmi ilaallatuun tartiiba isaanii qabachuu qaba.
Kutaa Sadii
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 15: Seerota Raawwatiinsa Hinqabaanne
Qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
haammataman waliin wal faalleessan kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 16: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

158

Qajeelfama Lak. 18/2004
Qajeelfama Murtii Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin
Kennamu Ilaalchisee Bahe Lak. 18/2004
Koreen Mari’achistuu Dhimmoota Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170tiin Qajeelfama kana baasee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 1: Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Murtii Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiin Kennamu Ilaalchisee Bahe Qajeelfama Lak. 18/2004” jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) "Heera" jechuun Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooya'ee Bahe
Labsii Lak. 46/1994 jechuudha.
2) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
5) “Dambii” jechuun Dambii Akkaataa Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa
Miseensotaa fi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 2/1998 irra deebiidhaan Fooyyeessuuf Bahe Dambii Lak.
3/2002 jechuudha.
6) “Murtee” jechuun hojii Caffee wajjin dhimmoota walqabatan irratti murtii
ykn qajeelfama Afyaa’iin kennamu jechuudha.
7) “Miseensa” jechuun miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
8) ”Kabajaa fi Ulfiina Caffee’’ jechuun sadarkaa Heeraan keennameefiin
maqaa gaarii Caffeen hawwaasicha ykn qaamolee biroo biratti qabaatuudha.
9) "Nama" jechuun nama uumamaan ykn seeraan mirgi namoomaa kennameef jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo Qajeelfama Kanaa
Dambichi ykn Qajeelfamoonni biroo hojii irra ooluu isaanii mirkaneessuu
fi Walgahifi sochiin hojiilee Caffee haala milkaa’ina qabuu fi kabajaa fi ulfina

159

Caffee haala eegeen akka adeemsifaman dandeessisuudha.
Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun murtii Afyaa’iin yaa’ii Caffee irratti ykn sochii hojiilee Caffee ilaalchisee kennu kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Qajeeltoo Murtii Afyaa’ii fi Dhimmoota Murtiin Irratti Kennamu
Keewwata 5: Qajeeltoowwan Kenniinsa Murtii
1) Murtiin Afyaa’ii bu’uura Dambichaa ykn Qajeelfama kanaatiin kennu:
a) Kaayyoo Qajeelfama kana keessatti tumame milkeessuuf qofa ta’uu
qaba.
b) Mirga miseensotaa kan kabaje ykn dirqama isaanii tilmaama keessa
kan galche ta’uu qaba.
c) Qajeeltowwan haqummaa fi walqixxummaa kan kabaje ta’uu qaba.
d) Caffee keessatti mirga murteessummaa Paartii ykn paartiilee Naannicha bulchanii fi mirga dhagahamuu paartiilee mormitootaa kan kabajchiisu ta’uu qaba.
2) Afyaa’iin murtii yeroo kennu Miseensa kamiiniyyuu:
e) Mormiin ykn gaaffiin irratti ka’uu hin danda’u.
f) Kallattiidhaan ykn al-kallattiidhaan qeeqni irratti ka’uu hin danda’u.
g) Murtii Afyaa’iidhaan kenname ibsuu ykn akka ibsamuuf gaafachuu
hin danda’u.
h) Sababa irratti dhiyeessuun ykn Afyaa’ii sababa akka dhiyeessu gaafachuun hin danda’amu.
3) Murtiin Afyaa’iin kennamu kamiyyuu nama dhimmichi ilaallatu kamiiniyyuu hojirra ooluu qaba.
Kutaa Sadii
Dhimmoota Afyaa’ichi Murtii Irratti Kennu
Keewwata 6: Waliigala
Afyaa’iin dhimmoota armaan gadii irratti murtii kennuu ni danda’a.
1. Yeroo walgahiin Caffee gaggeeffamu Dambii Caffeen ykn Qajeelfamoota
hojimaataatiif ibsa barbaachisaa ta’e kennuuf.
2. Sirnaa fi naamusa kabajchiisuuf.
3. Nama Dambii ykn Qajeelfamoota hojimaata Caffee cabse irratti tarkaanfii

160

sirnaa ykn naamusaa fudhachuuf.
4. Bu’uura Dambichaatiin adeemsa walgahii Caffeerratti dhimmi tokko akka
raawwatamu ykn akka hin raawwatamne ajaja kennuuf.
5. Caffeen dhimma tokko qorachaa osoo jiruu, hiika Dambichaa ykn dhimma falmiin irratti ka’e bu’uura Dambichaa Keewwata 72 keewwata xiqqaa
3tiin, Koreen Mari’achiiftuu Dhimmota Caffee akka hiikuuf ajaja kennu ni
danda’a.
Keewwata 7: Murtii Sirna Ykn Naamusa Kabajchiisuuf Kennamu
1) Bu’uura Dambii Keewwata 24 ykn Qajeelfama Sirna Marii fi Falmii Caffee
Murteessuuf Bahe Lak. 12/2004 tiin, Keewwata 36 fi 37 Afyaa’iin sirna ykn
naamusa kabajchiisuuf murtee dandeessisu kennuu ni danda’a.
2)
Murtiin Afyaa’iin bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1tiin
kennu:
a) Miseensi sirna walgahii ykn naamusaa cabse sirna akka kabaju ykn
Bakka Bu’aa Garee Caffee yoo ta’e akka kabajuu fi akka kabajchiisu murteessu.
b) Miseensa sirna walgahii ykn naamusaa kabajuuf hayyamamaa hin
taane Galma walgahii keessaa akka bahu ajaja kennu.
c) Humni nageenya Caffee jidduu galee sirna ykn naamusa akka kabajchiisu ajaja kennu,
d) walgahiin hir’inni sirnaa ykn naamusaa irratti mul’ate akka haalasaatti akka dhaabbatu ykn akka itti fufu taasisu.
e) Miseensa hir’inna sirnaa ykn naamusaa raawwate irratti bu’uura
Dambicha Keewwata 112 Keewwata Xiqqaa 8 tiin ykn qajeelfama sirna
Naamusa Miseensotaa Qajeelfama 3/2004 Keewwata 24tiin tarkaanfiin
barbaachisaa ta’e ni fudhata.
f) Keessummaa ykn hojjataa deeggarsaa Waajjirichaa walga’iicha irratti
hir’inna sirnaa ykn naamusaa raawwate irratti sirna ykn naamusa akka
kabaju akeekkachiisa sirreeffamaa kennuu ta’uu danda’a.
Keewwata 8: Murtii Sirna Haasawaa Kabachiisuuf Kennamu
Afyaa’iin Sirna Haasaawwaa kabachiisuuf:
1) Miseensi tokko yeroo ramadameefii oli akka hin dubbanne dhaabsisuuf;
2) Miseensa carraa haasaa dabalataa argachuu qabu murteessuuf;

161

3) Sirrummaa gaaffii adeemsaa murteessuuf;
4) Miseensa haasa’aa jiruuf akka haalasaatti yeroo haasaa dabalataa murteessee kennuuf;
5) Haasaa dhimma aangoo Mootummaa Naannichaa hin taaneen walqabate
ykn ajandaa waliin hin deemne dhaabsisuuf;
6) Haasawa kabajaa fi ulfina Caffee hin eegne ykn amala dhuunfaa miseensaa ykn nama biroo ilaallatu dhaabsisuu fi
7) Miseensa sirnaa fi naamusa haasawa Dambichaa ykn Qajeelfamoota keessatti tumaman cabse dhaabsisuuf murtii kennuu ni danda’a.
Keewwata 9: Murtii Dhimmota Caffichaaf Dhiyaatan Irratti Kennamu
Afyaa’iin:
1) Guyyaa Caffeen wixinee baajataa irratti mari’atu ni murteessa.
2) Yeroon marii dhimma tokkoof murtaa’e yoo xumuramu Caffeen sagalee
kennuudhaan akka murteessuu murtee ni kenna.
3) Walduraa duuba ajandaa Caffeedhaaf dhiyaatu ni murteessa.
4) Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 90(2) tiin miseensonni naannoo
isaaniitti rakkoon ummataa ariifachiisaa ta’e jiraachuun yoo beekameefi kunumti Afyaa’iidhaan yoo itti amane gara naannoo filannoo isaanii akka deemaniif durgoon fi kafaltiin geejjibaa akka kaffalamuuf ni taasisa.
Keewwata 10: Murtee Waamicha Walgahii Caffee ykn Iddoosaa Murteessuuf Kennamu
Afyaa’ichi:
1) Bu’uura Dambichaa Keewwata 11tiin, iddoofi yeroo Caffeen walgahii ariifachiisaa gaggeessuu fi yeroo boqonnaa itti taasisuu ni murteessa.
2) Bu’uura Dambii Keewwata 13 Keewwata Xiqqaa 3tiin yeroo fi iddoo walgahiin cufaan itti gaggeeffamu ni murteessa.
Keewwata 11: Murtee Kenniinsa Sagalee Irratti Kennamu
Afyaa’iin:
1) Fudhatamummaa gaaffii sagaleen naa haa jijjiramuu ykn
2) Gaaffii lakkoofsi sagaleen irra deebi’amee haa lakkaa’amuu miseensaan
dhiyaate irratti murtii kennuu ni danda’a.

162

Keewwata 12: Dhimmoota Biroo Afyaa’iin Murtii Irratti Kennu
Afyaa’iin dhimmoonni armaan gadii ajandaadhaan qabamanii akka dhiyaatan murtee dabarsuu ni danda’a.
1) Murtee namoonni kakuu raawwachuu qaban Caffeetti dhiyaatanii kakuu
akka raawwatan taasisu.
2) Gaaffii mirgi addaa himatamuu dhabuu miseensarraa akka ka’uuf dhiyaatu.
3) Biyyattii ykn Naannicha keessatti dhimmoota gammachiisaa ykn gaddisiisaa ta’an Caffeedhaaf ibsuuf kan dandeessisu.
4) Seenaa miseensa Caffee du’aan addunyaa kanarraa darbee akka ibsamu
kan taasisu.
5) Dhimma uumame tokkoof yaadannoo sammuu taasisuu kan dandeessisu.
Keewwata 13: Raawwatiinsa Murtiilee Biroo Afyaa’ichaa
Tumaaleen Qajeelfama kanaa akkuma eeggametti ta’ee, Afyaa’iin bu’uura
Dambii ykn Qajeelfamoota Caffee birootiin dhimmoota aangoo addaa
Afyaa’ii ta’an irratti murtii kennuu ni danda’a.
Kutaa Afur
Tumaalee Adda Addaa
Keewwata 14: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamoonnii fi barmaatileen hojii dhimmoota qajeelfama kana keessatti
tumaman waliin wal-faallessu kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Keewwata 15: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.
Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

163

Qajeelfama Lak. 19/2004
Qajeelfama Sirna Dhaqqabsiisaa ykn Raabsaa Seerota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 19/2004
Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee Bu’uura Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 170 tiin Qajeelfama kanatti aanu baasee jira.
Keewwata 1:
Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Dhaqqabsiisaa ykn Raabsaa Seerota
Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lak. 19/2004” jedhamee Waamamuu
ni Danda’a.
Keewwata 2: Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Caffee” jechuun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
3) “Afyaa’ii” jechuun Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
4) “Waajjira” jechuun Waajjira Afyaa’ii fi Caffee Mootummaa Naannoo
Oromiyaa jechuudha.
5) “Giddu Galeessa Raabsaa /Distribution Center/” jechuun Waajjira Komishinii Hiiktuu Heeraa Oromiyaa, Foramii Afyaa’otaa Manneen Maree
Aanaaleefi Magaalotaa jiddu galeessummaan manneen hojii mootummaa
sadarkaa adda addaa naannawa isaatti argamaniif seerota raabsuuf filataman jechuudha.
6) “Seera” jechuun Labsii, Dambii ykn Qajeelfama Caffeedhaan ykn qaama
aangoon kennameefiin ragga’anii Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiin maxxanfamanii bahan jechuudha.
Keewwata 3: Kaayyoo
Kaayyoon Qajeelfama kanaa sirna tajaajilamtoonni seerota Naannoo Oromiyaa haala salphaafi gatii ittiin maxxanfameen argachuu danda’an diriirsuudha.

164

Keewwata 4: Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Giddu Galeessota Raabsaa /Distribution Center/fi Manneen Maree sadarkaa sadarkaan jiran irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Tooftaa Raabsaafi Gahee Giddu Galeessa Raabsaa
Keewwata 5: Tooftaa Seeronni Ittiin Raabsaman
Waajjirri Afyaa’iifi Caffee Oromiyaa tooftaalee armaan gaditti fayyadamuun
seeronni maxxanfamanii bahan fayyadamtoota akka dhaqqaban ni taasisa.
1) Seerota ragga’an maxxansiisuudhaan fayyadamtoonni sadarkaa sadarkaan
jiran gatii Magalata Oromiyaa irratti ibsameen bitatanii akka itti fayyadaman
ni taasisa.
2) Seerota ragga’an websaayitii Waajjirichaatti fe’uudhaan fayyadamtoonni
weebsaayiticharraa akka argatan ni taasisa.
3) Kan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti ibsame karaa Giddu
Galeessa /Distibution Center/ raabsa seerotaatiin kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 6: Giddu Galeessa Raabsaa Seerotaa
1) Fayyadamtoota sadarkaa Naannootti /Finfinneetti/ jiraniif Waajjirri Komishinii Hiiktuu Heeraa Oromiyaa giddu galeessa raabsaa ta’ee ni tajaajila.
2) Fooramiin Afyaa’otaa Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa akka Giddu
Galeessa Raabsaa Seerotaatti Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiin filatame, fayyadamtoota sadarkaa Godinaalee, Aanaalee, Magaalotaafi Gandoota Naannawasaa jiraataniif Giddu Galeessa Raabsaa Seerotaa ta’ee ni tajaajila.
Keewwata 7: Gahee Hojii Giddu Galeessa Raabsaa Seerotaa
1) Giddu Galeessi Raabsaa seerotaa Sadarkaa Waajjira Afyaa’iifi Caffee hojii
armaan gadii ni qabaata.
a) Seeronni ragga’an maxxanfamuu isaaniitiin dura fedhiin fayyadamtootaa hangam akka ta’e sadarkaa Naannoo fi Fooramii Afyaa’otaa Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa irraa walitti ni qaba.
b) Seerota maxxanfamanii mana kuusaa waajjirichaatti galii ta’an, akkaataa seeraatiin baasee Fooramii Afyaa’otaa Manneen Maree Aanaaleefi

165

Magaalotaa bakka jiranitti ni dhaqqabsiisa.
c) Gurgurtaan seerotaa akkaataa Qajeelfama kanaatiin raawwatamuusaa ni hordofa; ni to’ata; yoo rakkoon uumames tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata.
d) Seeronni maxanfamanii Giddu Galeessa Raabsaa Seerotaa dhaqqaban Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaa, Gandootaafi fayyadamtootaaf yeroon raabsamuu isaanii, qarshiin seeronni itti gurguraman yeroon sassaabamee Waajjiraalee Maallaqaafi Misooma Dinagdee sadarkaa
sadarkaan jiranitti galii ta’uusaa ni hordofa; ni to’ata; gabaasa waliigalaa
Afyaa’iidhaaf ni dhiyeessa.
e) Fayyadamtoota sadarkaa Naannoo/Finfinnee/ jiranitti seerota
maxxanfaman gatii Magalata Oromiyaa irratti ibsameen gurguruudhaan
qarshii isaa Biiroo Maallaqaafi Misooma Dinagdee Oromiyaatti galii ni
taasisa.
f) Fedhii fayyadamtootaa sadarkaa Naannoo/Finfinnee/ jiran walitti
qabee qindeessuudhaan Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiif ni dabarsa.
g) Gabaasa waliigalaa raawwii hojii raabsaa Waajjira Afyaa’iifi Caffeetiif
ni dhiyeessa.
2) Fooramiiwwan Afyaa’otaa Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa Giddu
Galeessa Raabsaa Seerotaa ta’an gahee hojii armaan gadii ni qabaatu:
a) Fedhii fayyadamtootaa walitti qabanii qindeessuudhaan Waajjira
Afyaa’iifi Caffeetiifni ergu.
b) Seerota Waajjira Afyaa’iifi Caffee irraa isaan dhaqqaban Manneen
Maree Aanaaleefi
Magaalotaaf gahe gahee isaaniitiin qoodanii akka
fudhatan ni taasisu.
c) Seerota gahee Mana Maree Aanaa ykn Magaalaa isaanii ta’an fayyadamtootaaf gatii ittiin maxxanfameen gurguruudhaan qarshii isaa
Waajjira Maallaqaafi Misooma Dinagdee Aanichaa ykn Magaalichaatti
galii taasisu.
d) Gurgurtaan seerotaa akkaataa Qajeelfama kanaatiin raawwatamuusaa
ni hordofu; ni to’atu; yoo rakkoon uumames tarkaanfii barbaachisaa ta’e
ni fudhatu.
e) Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa seerota isaan dhaqqaban gatii
ittiin maxxanfamaniin fayyadamtootaaf gurguruudhaan qarshii isaa
Waajjira Maallaqaafi Misooma Dinagdee Aanichaa /Magaalichaatti ye-

166

roon galii taasisuu isaanii ni hordofu; ni to’atu; gabaasa waliigalaa Waajjira
Afyaa’iifi Caffeetiif ni dhiyeessu.
3) Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa Fooramii Afyaa’otaa Manneen
Maree Aanaalee Raabsaa Seerotaa jala jiran gahee hojii armaan gadii ni qabaatu.
a) Fedhii fayyadamtoota walitti qabuudhaan qindeessanii Mana Maree
Aanaa Giddu Galeessa /Disatribution Center/ raabsaa seerotaa isaanitiif
ni ergu (dabarsu).
b) Manneen Maree Aanaalee fi Magaalotaa Seerota Giddu Galeessa Raabsaa Seeraa /Distribution Center/ irraa fudhatan gatii ittiin maxxanfamaniin fayyadamtootatti gurguruudhaan qarshii isaa Waajjira Maallaqaa fi
Misooma Dinagdee Aanaatti ykn Magaalaatti yeroodhaan galii ni taasisu.
c) Gurgurtaan seerotaa akkaataa Qajeelfama kanaatiin raawwatamuusaa
ni hordofu; ni to’atu; yoo rakkoon uumamees tarkaanfii barbaachisaa ta’e
ni fudhatu.
d) Gabaasa waliigala raawwii hojii Mana Maree Aanaa/Magaalaa Giddu
Galeessa /Distribuion Center/ raabsaa seerotaa isaanitiif ni ergu.
Keewwata 8: Akkaataa Gurgurtaa Seerotaa
1) Gurgurtaan seerotaa sadarkaa hundatti kan raawwatamu nagahee Biiroon
Maallaqaafi Misooma Diinagdee Oromiyaa maxxansiisuun qofa ta’a.
2) Waajjirri Maallaqaafi Misooma Diinagdee sadarkaa sadarkaan jirus qarshiin gurgurtaa seerotaa irraa sassaabame sirnaan qabamuufi yeroon galii
ta’uusaa ni hordofa; ni to’ata.
Kutaa Sadaffaa
Tumaalee Adda Addaa

Keewwata 9: Adabbii
Namni seerota nagahee Biiroon Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa
maxxanseen ala gurguree argame seeraan itti gaafatamaa ta’a.
Keewwata 10: Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamaa fi barmaatileen hojii dhimmoota Qajeelfama kana keessatti
hammataman waliin wal faalleessu kamiyyuu raawwatiinsa hin qabaatu.

167

Keewwata 11: Yeroo Qajeelfamni Kun Hojii Irra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Koreen Mari’achiistuu Dhimmoota Caffee raggaase
Caamsaa 18 bara 2004 irraa eegalee kan hojii irra oolu ta’a.

Dammituu Hambisaa Boonsaa
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Caamsaa 18 bara 2004

168