You are on page 1of 43

1.

YAADRIMEE QEEQA OGBARRUU (CONCEPTS OF LITIRARY CRITICISM)


1.1 YAADRIMEE QEEQAA (CONCEPTS OF CRITICISM)

Jecha qeeqa jedhuuf yeroo baay’ee namoota baay’ee biratti hiikni walfakkaataa ta’e hin
kennamne yookiin walii namoonni irratti waliif hingalle. Sababni isaas, namoonni yeroo baay’ee
jecha kana akka hanqinatti (negative) waam ilaalanfidha. Yeroo maras akka waan rakkinafi
mudaa qofaa ilaalanitti kan yaadamudha. Jechi kuni garuu hiika sanaan olii kan qabudha. kunis
jecha Giriiki “kritikos” jedhurraa kan madde yoo tahu, hiikni isaa madaaluu yookiin murteessuu
(judge and decide) jechuudha. Waa’ee bareedinaa, dhugaa, sona waan tokkoo ciminaafi hanqina
isaa madaaluudha.Qeeqni dandeettii dubbisuu keenyaa gabbifachuun rakinoota mul’ataniif
furmaata kennuudha. Dabalataanis waan dubbisanii hubataniif yaad-deebii kennuu
danda’uudha( Gillipse: 2000).

Qeeqa ogbarruu ilaaluun dura maalummaa ogbarruurratti waa jechuun gaarii ta’a.Sababni isaas,
waa’ee qeeqa ogbarruu yoo jennu wanti ijoon qeeqaaf dhiyaatu ogbarruu waan ta’eef. Namoonni
hedduun ogbarruuf hiika kennuuf yaalanillee hiikni nama hundaan fudhatama argate hinjiru.
Haaluma kanaan, namoonni adda addaa yeroo garaagaraatti kallatti adda addaatiin ogbarruuf
hiika kennuuf yaalaniiru. F. Jones (1991:1) ibsa mataa isaa laateera. “Literature is kind of mirror
that enable us to see ourselves better and to understand what we see. It help us to think about
ourselves and understand our own lives” Jedha. Ogbarruun daawwitii jireenya keenya ittiin of
ilaalluufi kanneen biroos keessatti ilaalluudha. Hiikni kun kallattiin qeeqa ogbarruutiin kan wal
argatu fakkaata. Qeeqni ogbarruutis muuxannoo jireenyaa kana madaaluufi cimina barreessaan
ittiin dhiyeessu xiinxaluu waan ta’eef lamaan isaanituu yaadota walkeessa jiraniidha.

Yeroo tokko tokko jecha qeequu jedhu kana namoonni baay’een akka jecha faallessaa ta’etti
fudhatu.Haaluma kanaanis, namoota qeeqoo ogbarruu jedhamanis akka warra dogoggora
barbaadoo ta’anitti fudhatamu. Yaaduma kana Kitaabni Doing Literary Criticism (2010:1) akkas
jedha; Sometimes the word criticism puts people off, because in everyday use it has negative
connotations. We use think of a ‘critic’ as the kind of grumpy person who seems to exist solely to
find problems and stress faults. Haa ta’u malee, jechi qeeqa( criticism) jedhu kun jireenya
keenya guyyaa guyyaa keessatti waan nurraa adda hin baanedha. Waan hojjannu, waan ilaallu,
waan dhaggeeffanu, waan fuunfannu, waan nyaannufi dhugnu, guutummaa waan jireenya
keessatti dabarsinurratti yaada kennaa jiraanna.Yaadni kenninu kunis gaariis yaraas ta’uu

[Type text] Page 1


danda’a. Yaadonni nuti kennaaa oollu kun immoo faallessuu hin jedhamu. Caalmatti xiinxala
gadi fageenyaa nuti wantootaaf qabnu irraa kan madde ta’a malee. Kanaaf jechi qeeqa jedhu
kunis kallattii lamaan kan ilaalamu yoo ta’u, hanqinaa fi cimina waan tokkoo walfaana ibsuu
ta’aa jechuudha. Gma dhuftee jechichaatiin yoo ilaalle jechi “criticism” jedhu jecha Giriikii
‘Krites’ hiikni isaa murtii jedhu irraa dhufe jedhu barreeffamoonni adda addaa. Fakkeenyaaf
Habib M.A.R. (2005:9) akkasitti ibsa;
“Our English word “criticism” derives from the ancient Greek term krites,
meaning“judge.” Perhaps the first type of criticism was that which occurred in the process
of poetic creation itself: in composing his poetry, a poet would have made certain
“judgments” about the themes and techniques to be used in his verse, about what his
audience was likely to approve, and about his own relationship to his predecessor in the
oral or literary tradition”
Akka waraabbii kanaatti, bu’uurri qeeqaa inni jalqabaa adeemsa kalaqa yaada jedhu ofkeessaa
qaba. Namni hojii ogbarruu tokko kalaquun dura murteewwan garaagaraa waa’ee dhaamsaa,
tooftaalee kalaqa sana keessatti itti dhimma bahu, hanga fudhatamummaa hawaasaa hojii
kalaqichaafi k.kf murteessa.
Qeeqni ogbarruu hojii ogbarruu tokkoo hiika itti kennuu, xiinxaluu, qaaccessuufi madaaluudha.
Ogbarruun immoo yeroodhaan kan hindangeffamnefi fedhii hawaasa hundaa kan taheefi hojiilee
kanneen akka walaloo, diraamaa, asoosama, seenaawwan, taphaafi kkf kan hammatudha
(Iwuchukwu: 2008) .Kanaafuu akkaataa kanaan qeequu hojiilee ogbarruu adda adda qeeqa
jechuu dandeenya. Walumaa galatti qeeqa ogbarruu jechuun hojii barreeffamaafi afaaniin
daddarbuus haa tahu dubbisanii hubachuun, yaadasaa erga ofitti fudhanneen booda ciminaafi
dadhabina isaa ija saayinsawwan madaaluudha. Bifa saayinsawwan yommuu jennu immoo
malootni ittiin ogbarruu qeeqnu hedduun jiraachuusaa nutti mul’isa. Kanaafuu, maloota adda
addaa jiran kana keessaa haalaafi yeroo garaagaratti akkaataa barbaachisummaafi ergaa isaan
dabarsuu barbaadanitti itti fayyadamuun gaariidha.

Qeeqa ogummaa/Ogbarruu/

Ogummaa jechuun haqiliidha jechuu nidandeenya.Ogummaa ogafaaniifi ogbarruu jennee


qooduunis nidanda’ama.Ogbarruun; Asoosama, alasoosama, ogwlaloo, fillmiifi doyii
ta’u.Ogafaan immo oduu durii,mammaaksa,sirba,jechama,hibboofi kkf ta’u danda’u.Qeeqa

[Type text] Page 2


ogummaa jechuun ogumma xinxaluu, madaaluufi hiikuu jechuudha. Qeeqni ogbarruu ammayyaa
yaada ida’ma ogbarruurratti hundaa’a. Qeeqni ogummaa dirree qorannoo yaadiddama ogummaa
irraa adda bahee kanta’uufi dhiisurratti yaada walmormaatu jira.Akka barreeffama beektota
tokko tokkootti yaadiddama, ogummaafi qeeqa ogummaa akka waan isaan yaada tokko ibsaniiti
dhimma itti bahamu. Ibsoota biroo keessatti immo qeeqa ogummaa akka hojiirra oolmaa
yaadiddama ogummaatti ilaalama.Sababni isaas qeeqni yeroo hundaa kallattiin hojii ogumma
murtaa’a yommuu ilaallu yaad iddamni ogummaa garuu waliigala ykn waan qabatamaa hintaane
ta’uu danda’a.

1. Maalummaa Qeeqa Ogbarruu

Qeeqni ogbarruu akka gosa barnoota tokkotti; adeemsa ogbarruu tokko madaallee qaaccessuun
hiika itti kennuuti. Hiika namoota adda addaatiin kenname keessaa; “Literary criticism is the
discussion of literature, including description, analysis, interpretation, and evaluation of literary
works.” Hiika kana keessa waan gurguddaa afuritu jira.Isaanis; ibsuu, madaaluu, qaaccessuufi
hiikuudha.
Itti dabaluudhaan namni kun akka ibsetti, “We can look at any work of literature by paying
special attention to one of several aspects: its language and structure, its intended purpose, the
information and worldview it conveys, and its effect on an audience.” Yaada waraabbii kanarraa
akka hubatamutti, hojii ogbarruu tokko qeequuf kallattiiwwan adda addaatiif xiyyeeffannoo
kennuu qabna. Kanneen keessaa, afaaniifi caasaa isaa, faayidaa dhiyaateef, odeeffannoofi
ilaalcha addunyaawaa inni dabarsuufi dhiibbaa inni jamaarraan gahufaadha.
Hiika biraa qeeqa ogbarruuf kenname keessaa; C.T. Winchester (1889:1) “Criticism may be
broadly and provisionally defined as the intelligent appreciation of any work of art, and by
consequence the just estimate of its value and rank. Literary criticism is, of course, concerned
only with literature ; but the general nature of the functions of criticism is much the same
whether the object criticised be literature, or painting, or sculpture, or music. Akka hiika kanarraa
hubannutti, qeeqni ogbarruu bal’inaan kan hiikamu dinqisiifannaa beektonni hojii ogbarruutiif
kennan isa jedhuudha.

Hiikni biraa qeeqa ogbarruu, Terry Eagleton (1996:10) “Literary criticism or literary analysis can
be defined as, an informed analysis and evaluation of a piece of literature”. Hiikni nama kanaan

[Type text] Page 3


kennames qeeqni ogbarruu yaadrimee beekamaa ta’een qeenxoo (piece) ogbarruu tokko
qaaccessuufi madaaluudha. Haaluma kanaan qeeeqni ogbarruu yaadrimee hojii ogbarruu
qaaccessuufi madaaluu kan of keessaa qabuudha.

Seenaa Qeeqa oguummaa

1.1.1 Qeeqa bara duriifi giddugakessaa (Classical and Medival criticism)

Qeeqni ogummaa umuriin isaa kan ogbarruu waliin walqixa ta’a jedhame fudhachuun
nidanda’ama. Jaarraa 4ffaa Dh.k.D. Aristootil hayyuun jedhamu walaloo kan ramaddiifiibsa
unkaawwan ogbarruu/ogummaa qeeqa murtaawa baay’ee hojii artii ammayyaa’aa waliin
barreesse ture.yerooma walfakkaatu keessaa namni Bahaarta Muunii(Bharta muni) jedhamuuf
hojii isaa ‘natya shastra’ jedhamu keessatto ‘sanskiiriif diraamaafi ogbarruu /ogummaa Indiyaa
duriirratti barreessee booda bara duriifi giddu galeessattii qeeqni ogummaa kitaaba amantiirratti
xiyyeeffataa dhufe. Itti dabalees,qeeqni ogummaa uunka biroo ogbarruufi walaloo arabaa bara
giddugaleessa jaarraa 9ffaa irraa kaasee hojiirra oolu eegale.

1.1.2 Qeeqa Ogbarruu Bara Haaromsaa ( Rennaissance Critism )

Qeeqa ogummaa bara haaromsaa yaada bara duriifi walitti qindaa’ina unkaafi qabiyyee kan ta’e
gara ogummaa durii haaromsuutti guddise. Innis ogummaa akka handuura aadaa ibsuu ,
walaloofi barreessaan aadaa ogummaa dheeraa kunuunsuu waliin kaa’a. Qeeqni haaromsaa kan
inni eegale A.L.Atti bara 1998tti. Hojiin Aristootil keessatti walaloon isaa hanga jaarraaa 18ffatti
qeeqa ogbarruurratti dhiibbaa geessisaa ture. Dhiibbaan inni geessisaa tures kan hamaa osoo
hinta’iin gama gaarummaadhaan ture.

Loodoviikoo Kaasteel Veetiroo ( Lodovico Castel Vetiron ) nama qeeqa haaromsaa ogbarruurratti
shoora ol’aanaa taphate ta’ee bara 1570 walaloo Aristootilrratti qeeqa barreessedha.

1.1.3 Qeeqa Ogummaa Jaarraa 19ffaa

Sochii warra Roomaanotaafi Biritish jalqabaa jaarraa 19ffaa yaada bareedaa haaraa ogummaa
xiinxaluuf gargaaru argamsiise. Kunis yaada kaayyoon ogbarruu ( ogummaa ) yeroo hundaa
waan miidhagaafi kabajamaa akkasumas kan hir’ina hinqabne qofaa ta’uu hinqabu jedha ture.

[Type text] Page 4


1.1.4 Qeeqa Ogummaa Bara Haaraa

Sochiiwwan babbareedoon qeeqa ogummaa baroota garaagaraa akka jalqabaatti barbaachisaa


yoo ta’aniyyu yaadni haarawaan waa’ee qeeqa ogummaa jalqabaa jaarraa 20ffaa muraasa
isaaniirra kan hafe yaada adda addaa irraa maddanii jalqaba jaarraa kanaarratti manni barumsaa
qeeqaa foormaalizimii warra Raashiyaa jdhamu yeroo gabaabaa boodas qeeqni haaraan biyya ‘
Biriteeyiiniifi Amariikaa ‘ keessatti xiinxalaafi ibsa ogummaarratti cimaa dhufe.

Manneen barnootaa lamaanuu afee daangaan dubbisuu , kana sibs waliigalaa waa’ee ilaalcha
barreessaa , waa’ee xiinsammuufi seenaa barreessaa waan tokkoyyuu dubbachuu dhiisuu ykn
safeeffachuu ykn yaad-deebii dubbisaa caalchisuurratti xiyyeeffatu.

2. Qeeqa Ogummaa Qabatama

Qeeqni ogummaa madaallii xiinxala , ibsa yknn hiika hojii ogummaati. Kunis yeroo baay’ee bifa
ykn hiika hojii ogummaati. Kunis yeroo baay’ee bifa barruu gadfageenyaan barreeffametti
fudhatama. Haata’u malee , kitaaba gadfageenyaan sakata’uunis yeroo tokko tokko akka qeeqa
ogummatti ilaalama. Qeeqni ogummaa hojii ogummaa muraasaa ykn hojii barreessaa hunda
xiinxaluu danda’a. Qeeqni ogummaa qabatamaan dirree qo’annoo yeroo dhiyoo keessa
eegaledha. Innis yaalii , walitti fufaa ‘Richaard ‘ hayyuun jedhamu geggeessaa tue jedhame
yaadama. ‘ Richard ‘ Walaloo osoo odeeffannoo tokoyyu waa’e nama walaloo sana barreessee
ykn yoom akka barreeffamerratti hinkenniiniif barattootatti akka dubbisaniif kennee akka qeeqan
taasisaa ture. Qeeqa ogummaa qabatamaa bara 1929 keessa bu’aa qorannoo isaa gabaabsuun
qaacceesse. Kaayyoon hojii isaa kunis , akka barattootni amantaa ykn ilaalcha waa’ee afee
tokkoorratti duraan qabanirratti hirkachuurra waanuma barreeffame jiru irratti xiyyeeffatanii
hojii qeequu gaggeessam jajjabeessu ture.

Qeeqtonni bara haaraa yeroo hundaa seenaafi yoomessa hojii qaacceessaniifi bakka xiqqaa
kennu. Sababni isaa , qeeqtonni bara haaraa wanta qabatamaa barreeffamee jiru sna
xiinxaluurratti xiyyeeffatu. Qeeqni qabatamaan yeroo har’aa akka bu’ura tooftaa gadfageeyaan
ogummaa qeequutti ilaalamurra akka dandeettii dabalataatti fudhatama. Sadarkaa hundaatti
ogummaa keessatti akka qaama qorumsaatti tajaajila. Kunis deebii barattoonni waan dubbisan
kennaniifi beekumsa isaan horatan madaaluuf gargaara. Haala kanaan , qeeqni qabatamaan
dhiyaannaa yaadiddama addaa waliin walitti dhufeenya hinqabu. Haaata’u malee , dirreen

[Type text] Page 5


qo’annoo kun qajeelfamoota bu’uraa kan haala namoonni ogumma qoratan dhiibbaa geessisan
qaba. Kunis , dubbistoonni akka dubbisa unkaafi ergaarratti xiyyeeffatanii dubbisan
jajjabeessuus gargaaruu danda’a.

3. Dhiyaannaawwan Qeeqa Ogummaa/Ogbarruu/

Ogummaa/ ogbarruu/ qeequuf dhiyaannaawwan ogummaa qeequuf gargaaraa hedduutu jiru.


Isaan keessaa muraasni

1. Dhiyaanna Xiinsammuu ( Psychological Approach )


Qeeqtonni xiinsammuu hojii ogummaa xiinsammuun barreessaafi qooddataa ilaalu.
Yeroo baay’ee qeeqtonni xiinsammuu dhiyaannaa xiinsammuu Firuud ‘Frudian
psychological theory ‘ kan jedhamutti dhimma bahu. Akkasmas, darbee darbe dhiyaannaa
jaangiyaa ( jungia approach )tti nigargaaramu. Dhiyaannaan xiinsammuu ciminaafi
laafina mataa isaas qabaachuu nidanda’a.

Cimina Isaa :- Hijiiwwan ogummaa dhimmaa kanaa xiinsammrratti xiyyeeffatan


hubachuuf gaarummaa qabu. Fakkeenyaaf , Amala ( Ilaalcha ) keessaafi alaa dhalaa
namaa
Dadhabina :- Yerootti barreessaa ykn qooddataa arginee seenaa isaanii qorachuu
hindandeenyu. Ogummaa hunda qeequu hindandeenyu. Sababni isaas , dhimma
xiinsammuun alaa ta’an ittin qeequun hindanda’amu.
2. Dhiyaannaa Foormaalism ( Formalism Approach )
Dhiyaannaan foormalisimii ogummaa ykn qeeqa haaraa daangaan dubbisuu dubbisaa of
keessaa qabu ta’a. Daangaan dubbisaa hafee dubbisnee akka qeeqnuuf kenname sana
qofaa ta’a jechuudha. Qeeqtonni foormalisiimii odeeffannoo hojii ogummaa tokko
qeequuf gargaaran hundi ogummaa sana keessatti argamuu qaba jedhanii amanu.
Odeeffannoon alaa waa’ee seenaa siyaasaa, ( hawaasaa ) yeroo sanaa ykn waa’een
jireenya barreessaa gara hojii ogummaasaatti fiduun nibarbachisa jedhu. Jarreen kunis
dubbii hawaasaa kanneen akka habalakaa ( ironey ) , mitiyyee ( paradox ) , fi bakka
buusa irratti xiyyeeffatu. Akkasumas , yoomessa qooddataafi ija ( point of view )
ogummaas ilaaluu fedhu. Garuu kanneenn kun xiyyeeffannoo isaanii miti.
Cimina :- Dhiyaannaan kun qorannoo bal’aa ykn baay’ee malee hojiirra ooluu nidanda’a.
Akkasumas , ogummaa bakka galma irraan adda baasuun ilaaluu irratti xiyyeeffata.

[Type text] Page 6


Dadhabina :- Dhiyaannaann kun bakka galmaafi iddoo waan hinkennineef rakkoo mataa
isaa niqaba. Innis wantoota dhimma xiinsmmuun walqabatan xiinxaluu hindanda’u.
3. Dhiyaanna Hawaasummaa (Social Approach )
Dhiyaannaan kun ogummaa aadaa , dinagdeefi siyaasa hawaasarratti barreeffame
keessatti xiinxalama. Kunis , walitti dhufeenya ogeessa aartiifi hawaasaa ibsuun dhimma
itti bahama. Yeroo tokko tokko hojii ogummaa barreessaa tokkoo haaalaan hubachuuf
hawaasa ogeessa xiinxalu. Yeroo biroo immoo ogummaa sana mataa isaa keessatti
miseensota hawaasa sanaa bakka bu’an xiinxalu. Qeeqni hawaasummaa beekamaan
tokko qeeqa maarkisistii kan miseensota dinagdeefi siyaasa aartii irratti xiyyeeffatudha.
Yeroo baayyees qabiyyee ilaalcha ogummrratti xiyyeefata. Sababni isaas , qeeqni
maarkisistii yeroo baayyee ogummaa isaa siyaasaan ilaala.
Cimina :- Dhiyaannaan kun hojii ogummaa dhimma hawaasummaarratti xiyyffatu
qeequuf mijatadha.
Dadhabina :- Dhiyaannaa kanaan hojii ogummaa hunda qeequun hindanda’amu.
Sababni isaas , hojii ogummaa adda addaa dhimma garaa garaatti waan xiyyeeffataniif.

4. Gooroo Ogummaa/ogbarruu/ Oromoo Qaacceessuu


Gooroo jechuun akaakuu ykn damee ( genere ) jechuu ta’a. Kanaafuu , gooroo ogummaa
oromoo jechuun akaakuuogummaa/ogbarruu/ uummatichaa jechuudha.

Ogummmaa/ogbarruu/

OgafaanOgbarruu barreeffamaa

 Mammaaksa - Aasoosama dheeraafi gabaabaa

[Type text] Page 7


 Hiibboo - Ogwalaaloo
 Sheekkoo - Fiilmii
 Sirba aadaa - Do’iifi kanbiroo ta’u nidanda’u.
 Geerarsa
 Tapha ijoollee
 Cigoofi k.kf ta’uu ni danda’u

Gooroo ogummaa/ogbarruu/ Oromoo qabatamaan qaaceessuujechuun akaakuu ogummaa


uummatichaa xiinxalu jechuudha. Haaluma kanaan , akaakuwwan ogummaa Oromoo
haalotaarmaangadiirrattihundaa’uunqaaccessuunnidanda’u.

1. ErgaaQaacceessuu.
Dhaamsi ( ergaan ) dimshaashaakanbarreessaan namoota ykn dubbistootaafdabarsuu
barbaade jechuudha. Innis kaayyooogbarruu jechuu nidandeenya. ogbarruun ergaa
ijoofixixiqqaa garaagaraa of keessatti qabaachuu nidanda’a. Ergaan ogbarruu yeroo
tokko tokko mata duree isaa wajjin walqabachuu nidanda’a.
Haata’u malee , matadureenogbarruu ergaa ogbarruuti jechuu hindandeenyu. Mata dureen
ogbarruuogbarruun waa’ee maalii akka ofkeessaa qabu kan agarsiisu yoo ta’u ,
ergaanimmoo tokkoo tokkoo seenaa , jargocha , yoomessa , gochaa , ta’insaafi
namfakkiiwwan keessa seenanii yaada ogbarruu kan agarsiisudha. Ergaaogbarruu tokkoo
baasanii salphaattikanajechuunrakkisaadha. Sababni isaas, ergaa dimshaashaa
ogbarruutokkoo bira gahuuf sakatta’a gadi fagoo wantoota walxaxoo ta’anii achi keessatti
qindaa’an saniin sirriitti diiguu waan barbaachisuufi.
Akkasumas , ogbarruu sanaan ala bahuun wantoota addunyaa dhugaa keessatti
argamaniin walqabsiisuunis baarbaachisaadha. ogbarruu keessatti wantoota dhiyaatan
irraa ergaa ogbarruu tokkoo argachuun nidanda’ama.
Fakkeenyaaf , ergaa seenaa ogbarruu ta’ee tokko maal akka ta’e bira gahuuf dubbisaan
ykn dhaggeeffataan gaaffilee armaan gadii ofgaafachuu nidanda’a.
 Seenicha keessatti maaltu dhiyaate ?
 Keessumattu namfakkiin ol’aanaan ogbarruu sanaa maal maal keessa akka seenu
 Wantoota keessa seenu irratti ilaalchiifi ejjannoonn inni qabu maal fakkaata ?
 Yeroo ta’insoonni adda addaa isa irratti ta’an xiinsammuun isaa maal fakkata ?
Gaaffilee jedhaman ergaa ogbarruu tokkoo bira gahuuf iddoo ol’aanaa qabu.

Karaa biroo immoo addunyaa ogbarruun alas wantoonni irratti qindeeffaman nijiraatu. Isaanis ,
addunyaa dhugaa keessatti wantoonni raawwataman kanneen addunyaa ogbarruu keessatti
uumaman waliin walqabsiisuu. Fakeenya , hawaasni ogbarruun sun irratti barreeffame maal

[Type text] Page 8


fakkaata ? Walitti dhufeenyi ( qunnamtiin ) hawaasni waliin jiraatan taasisan maal fakkaata ?
Gaaffilee jedhamanis kaasuunis barbaachisaadha. Jarreen kana hubannoo keessa galchuudhaan
ergaa ogbarruu tokkoo ibsuun nidanda’ama. Haata’u malee , malli beekaman ergaa ogbarruu
tokkoo itti baasan hinjiru. Kana malees , namfakkiiwwan kaanis hirmaannaa isaan taasisan irratti
hundaa’uunisaa ergaa ogbarrichaa hubachuun nidanda’ama. Innis yommuu isaan waliin haasa’a
hirmaatan waa’ee namfakkii ol’aanaa yaada isaan kennan irraa karaa ( yaada ) gara ergaatti
nugeessu argachuun nidanda’ama. Walumaagalatti waa’een namfakkii , ol’aanaa tokko irratti
hundaa’uun ergaa ogbarruu tokkoo argachuun nidanda’ama.

2. Qaacceessa Qabiyyee

Qaacceessa qabiyyee jechuun qabiyyee ogbarruun ( ogummaan ) tokko keessatti xiinxaluu


jechuudha.

Fkn. Yeroo coqorsi yaa’u

Yeroo kaloon lalisaa

Bonni hindhufaa hinbeekan

Yeroo galaanni ciisaa.

Qabiyyee walaloo kanaa qaacceessinee yommuu ilaallu yeroo haalli mijataan jiru tokko inni
hamaan akka dhufuu danda’u yaaduu dadhabuu namootaati. Kanaaf , qabiyyeen wanta
barreeffame sana keessatti yaada argamu jechuudha.

3. Qaacceessa caasaa

Qaacceessa caasaa jechuun caasaa ogummaa ( barruu ) tokkoo xiinxaluu jechuudha.

a) Nam Fakkeessuu (Characterization)

Namfakkeessuun akkaataa, heera, seera fi mala barreessaan namfakkiiwwan ittiin uumudha.


Barreessaan tokko namfakkii yeroo uumu.

A, Ilaalcha ilma namaaf qabuufi beekumsa dinshaashaa qaburraa ka’uun.

[Type text] Page 9


B,Bifaafi amala mataa isaa, namoota addunyaa, dhugaa kana keessa jiraatanii kan ofiisaatii
beeku bu’ura taasifachuudhani

Ka’umsi namafakkii nama dhuguma lubbuudhaan addunyaa kanarra ture ykn jiru yoo ta’eyyu
asoosichi asoosamichi keessatti namfakkii inni kalaqu isuma lubbuun jiru ykn ture sana ta’a
.kanaaf namfakkiin kan barreessaan muxxannoo jireenyaa keessatti namoota argeefi kan
beekurraa amala adda addaa walitti funaanee kalaqe nama arga yaadaatiin wamameedha.

Asoosan namafakkii uumu tokkoof bifa, qaamaa fi bifa keessoo ykn amala mijaawaa ta’e
filachuuf amala nama tokkoo ykn hedduu xiinxaluu, hordofuu ykn sakatta’uun nidanda’ama.
Asoosichi namfakkii uumu sanaaf amalawwan barbaachisoo ta’an hamma argatuutti
muuxannoo isaan namoota adda addarratti xiyyeeffaachuufi amala kaayyoosaa bakkaan gahu
namoota adda addarraa argachuu danda’a. haata’u malee,barreessan yommuu namfakkii uumu
bifaafi amala filachuu qaba.

Amala nama tokkoo guutumma guututti argisiisuun rakkisaa waan ta’eef filannoonsaa bifaafi
amala namfakkii tokko namfakki biroorra adda baasuurratti xiyyeefaachuu qaba. Amalaawwan
filataman kunis , namfakkiiwwan uumamaan sunneen sammuu dubbisaatti akka maxxananiifi
dubbistootaan akka yaadataman gochuu kan danda’u ta’u qaba.

Gochi namfakkiin tokko dalagu, haasaan afaan isaati bahu,yaadni namfakkiin sundhiyeessu,
martinuu umuriisaa waliin kandeemu, sadarkaa barnootasaa faana kan deemu, bakkafi yaroo
keessa jiraatu kan calaqqisiisu, sadarkaa jireenya isaa kan bu’ureeffateefi haala naannoosaatti
argamu faana kan walgitu ta’uu qaba.

Barreessaan yoo ulaa gaalee armaan olitti ibsaman hordofee namfakkii yoo uume dubbistoonni
kitaabicha dubbisan namfakkiiwwan sunniin dhuguma amala namaa qabu (namoota fakkaatu),
fakkaatti namaati ykn nama jedhanii amananii fudhatu. Dubbistootni amantaa kana akka
qabaataniif immoo eenyummafi sansakkaan (personality) namfakkiiwwan ifatti mul’achuun
beekamuu qabu.

Kana jechuunis namfakkiiwwan kunneen ;-

A,Kan dubbistoonni wajjin kolfan ykn itti kolfan.

[Type text] Page 10


B, Kan dubbistoonni waliin gaddan ykn itti gaddan.

C, Kan dubbistootaan jaallataman ykn jibbaman .

D, Kan dubbistoonni rakkina isaanii wajjin hirmaatan ykn baga ittin jeedhan.

E, Kan dubbistoonni amala duraan qaban dhiisanii namfakkiiwwan akka fkntti fudhachuun akka
jijjiiraman gochuuf humna kan qaban ta’anii kalaqamuu qabu.

Namfakkiin asoosama keessatti argamu tokko dubbistoota biratti amanamummaafi


fudhatamummaa argachuu kan danda’u yoo heerawwan asoosamni irratti hundaa’ee uumamu
jiraatedha.Barreessaan tokko namfakkiiwwan yommuu uumu qabxiilee hordofuufi heerawwan
eegamu qaban gosa adda addaatu jiru. Isaan keessa muraasni

1, Amala turaalessa.

2, Mudaa qabaachuu.

3, Walitti dhufeenya namfakkiiwwanii.

4, Sababa ta’u.

1 Amala Turaalessa

Amala Turaalessa jeechuun amala (sansakkaa) waggoota baay’eedhaaf dhala namaa tokkorratti
mul’atu jechuudha. Amalli turaalessaa kunis amalasaatiin,gochaasaatiin yaadaafi fedhasaatiin
dimshaashumatti amala namfakkii keessaafi alaatti mul’achuu qaba. Barreessaan amalaafi
amansiisaa ta’ee malee jijjiiru hinqabu.

2, Amala Mudaa Qabaachuu

Namfakkiin tokko amala (sansakkaa) isaa kan gonkuma mudaa hinqabne ta’ee kalaqamuu
hinqabu. Sababiinsaas:-

A,Namni inni dhuguma addunyaandhugaa kanakeessa jiraatu amala tokko qofa hinqabu.
Sansakkaan/haalli/akkaataan/isaas gosa tokko qofaa miti. Kana jechuun isaas sansakkaan nama
tokko ciminas, dadhabinas, qabaachuu danda’a. kunis gochaafi amala isaa keessatti
gaarummaanis, gadhummaanis ni argama.

[Type text] Page 11


B, Walitti dhufeenya namoota jidduutti mul’atuunis namni tokko isa tokkoof garaa laafee isa
birootti garaa jabaachuu danda’a. Isa tokko gargaaree kanbiroo dhiisuu danda’a. Isa tokkoof
bareedduu kan taate kaanitti immoo jibbisiisuu ta’uu dandeessi.

3, Walitti dhufeenya namfakkiiwwanii.

Namni addunyaa dhugaa kana keessaa jiraatu akkuma qophaa isaa jiraachuu hindandeenye
namfakkiiwwan ogbarruu keessatti argamanis, sababoota adda addaan walitti dhufeenyi gidduu
isaaniitti mul’atu gaarii ykn gadhee ta’uu mala

Dimshaashumatti gosootni walitti dhufeenya gidduunisaaniitti mul’atan

Fkn Firaafi diina, abbaafi ilma, Barsiisaafi barataa, hiriyootaa, abbaa manaafi haadha manaa,
haadhaafi ilmoo, haadha buddeenaa fi kkf ta’u ni danda’u .

Seenaan asoosamaa bal’achaa kan deemu sababa walitti dhufeenyarraa kan ka’edha.

4, Sababa

Walitti dhufeenya ykn walqunnamtii qabanis haata’u jireenya dhuunfaa isaanii keessatti gochi
namfakkiiwwanii dalagan ejjennoon isaan irra gahan sababa qabaachuu qaba. Gochaa
namfakkiiwwan dalaganiifi yaada isaan dhiyeessaniif ka’umsa kan ta’e sababni jiraachuu qaba.

Dimshaashumaatti , gochaa namfakkiiwwan dalaganii yaada isaan dhiyeessaniin jijjiirama


amalaa namfakkiiwwan irratti mul’atanii barreessaan sababa quufsaa dhiyeessu qaba. Gochi
namfakkiin dalaguufi yaadni inni dhiyeessu sababa quubsaa irratti kan hundaa’e ta’ee fedhii ,
hawwii , kaayyoofi jireenya isaa waliin walitti hidhannaa cimaa qabaachuu qaba.

Akaakuu Namfakkii Qaaccessa ogbarruu

Hayyoonni ogbarruu akkaataa namfakkiiwwan ittiin waamaman seenaa ogbarruu keessatti


gaheeisaanqaban , amalaisaaniifi jiruufi jireenya isaanii irratti hundaa’uun namfakkiiwwan bakka
gurguddoo lamatti qoodu.

A) Amala isaan qabaniin Qaaccessuu


1. Namfakkii marsaa ( Round Characters ) Qaaccessuu

[Type text] Page 12


Namfakkiiwwan marsaa amaloota armaan gadiin beekamu.

-Kan jireenyi isaanii kallattii adda addaatiin kalaqame ta’ee amala walxaxaa kan qaban.

- Kan bu’aa bayii jireenya walxaxaa ta’een kalqaman ta’anii kaayyoo isaanii galmaan gahachuuf
yommuu tattaafatan.

- kan rakinni hedduun isaan mudatu.

-waa’ee ilma namaa, waa’ee jireenyaa , waa’ee uumamaa kan xiinxalan , kan ragaan taa’anii bifa
jireenya adda addaa wajjin walqunnamtii kan qabaniifi haala salphaa ta’een eenyummaafi
maalummaa isaanii baruun kan hindanda’amne.

- Haala /ta’insa/ keessa seenaniifi hariiroo namfakkii biroo wajjin qaban irratti hundaa’anii yaada
saaniitiin , ilaalchaanis , dimshaashumatti gochaa isaaniitiin amala adda addaa kan calaqisiisan

- Kan akka fixeensa barii yeroo muraasaaf mul’atanii dhabamanii miti. kana jechuunis
jalqabarraa eegalee boqonnawwan adda addaa seenaan ogbarruu keessatti kan argaman .
Gochaan namfakkiiwwan kunneen hojjetanis ta’e haalli isaan keessa seenan yeroo dheeraadhaaf
tura.

- ogbarruu keessatti seenaan raawwataman irra caalaan isaa jireenya namfakkiiwwan kanneeniin
walqabata.

- Namfakkiiwwan kunneen namfakkii ol’aanaa ta’uu danda’u. Kana jechuun namfakkiin


marsaafi ol’aanaa walkophu ( walitti dhufu ) jechuudha. Namfakkiin marsaa yeroo hunda
namfakkii ol’aanaa ta’uu danda’a.

- Namfakkiin ol’aanaa ykn kootamaa garuu yeroo hunda namfakkii marsaa ta’uu dhiisuu mala.
Sababni isaas , namfakkiin kootamaa akkaataa uumama isaatiin namfakkii diriiraa ta’uu danda’a.

2. Namfakkii Diriiraa ( Flat Character ) Qaaccessuu

- Namfakkiin kun jireenyi isa kallattii adda addaatiin kan kalaqame miti. Battaluma seenicha
keessatti hirmaachuu eegaleen eenyummafi maalummaan isaa barama.

- Haala salphaanis yaadatama.

[Type text] Page 13


- Amala murtaa’aa irra deddebi’ee mul’atu tokko qaba.

- Haala ykn ta’insa adda addaa keessa yoo seene hinjijjiiramu.

- Jireenyi isaa walxaxaa kan hintaane yeroo baayyee amala beekamaa tokko ykn lama kan qabu
ta’ee maalummaafi eenyummaan isaa hima tokkoon ibsamuu kan danda’udha

- Namfakkiin diriiraan kun yeroo hunda wanta isaan qabatanii dhiyaatan dhimma qeenxee tokko
irratti waan ta’eef dubbistoota hinaja’ibsiisan.

- Dhimmi isaa kan irra deddeebi’amee mul’atu waan ta’eef kan nama nuffisiisu ta’a. Kanaafuu ,
yommuu namfakiin kun seenicha keessatti hirmaachuu eegalu dubbistoonni ‘ muu! ’ ‘’ Itti
ka’emmoo !‘’ Kan jedhan malee qalbii isaanii rarraasee amma immoo maal ta’e laata ? kan
jechisiisu miti. Fidhiifi kaayyoon namfakkii kanaa yoo bakka ga’eefis, yoo gufates , dhimma
dubbisaa miti.

- Namfakkiiwwam kunniin yeroo hundaa kan kalaqaman namfakkii ol’aanaa ibsuufidha.

B. Namfakkii Himaannaa Isaan Qabaniin Qaaccessuu

1. Namfakkii Xixiqqoo
2. Namfakkii mormaa ( masaanuu)
3. Namfakkii Gurguddaa
1. Namfakkii Xixiqqoo- Namfakkii xixiqqoon seenaa asoosamaa keessatti seenicha
babal’isuuf keessatti himaatu. Asoosama keessatti namfakkiilee xixiqqaan jalqabaa
kaasanii keessatti hin hirmaatan ykn hanga dhumaatti waliin hin deeman. Mul’atanii
seenicha gara fuulduraatti tarkaanfachiisanii biraa hafu. Namfakkii xixiqqaan yeroo tokko
tokko namfakkii masaanuullee ta’uu danda’u. Sababni isaa namfakkii masaanuun
seenicha keessatti namfakkii guddaan mormuufillee ni hirmaatu waan ta’eefidha.
2. Namfakkii Gurguddoo- Namfakkii gurguddaan yeroo hundaa seenicha keessaa hafuu
kan hin dandeenyedha. Seenichis baay’inaan waa’ee isaarratti kan xiyyeeffatuudha.
Seenaa asoosamaa keessatti jalqabaa kaasee hanga dhuma seenaatti kan keessatti
hirmaataniidha.
3. Namfakkii Masaanuu (mormituu)-Namfakkii mormituun seenaa asoosamaa keessatti
namfakkii guddaan mormuuf kan seenicha keessatti hirmaataniidha.

[Type text] Page 14


Raawwileen namfakkootaan dhiyaatan /mullatan kan dubbistootattii fedhii uumuu danda’anidha.
Kanarraa kan ka’e, asoosama tokko keessatti gabaabbatees, dheeratees seenaan seeneffamu
kamiyyuu gochaa namfakkiin raawwate ykn irratti raawwatame kan agarsiisudha. Dinqisiisuufi
bashannansiisuunis gara fuul duraatti akka dubbisaa deeman kakaasa. Gochoonni raawwataman
dubbistoota hawwataa, kakaasaa, bashannansiisaa,gammachiisaafi gaddisiisaas deemu. Kun
ammoo kan namfakkii hedduun ijaaramaa deemu yoo ta’eedha. Ta’insoonni namfakkoota
hedduun raawwatamaa deemu ammoo, akka seenaan dhiyaatu xaxamaafi kallattii birootti
guddatu taasisa.

4. Qaaccessa Yoomessaa

Yoomessi bakkaafi yeroo seenaan ogbarruu tokkoo itti dalagame. Gama biroon yoomessi
bakkaafi yeroo namfakkiwwan keessa jiraatanidha. Kunis waan hedduu of keessatti haammata.

FKn. Bakki seenaan ogbarruu itti raawwatameefi iddoo namfakkiiwwan keessa jiraatan Jireenya
naannoo sanaa wajiin wantoota walqabatan, taateewwan bakka sanatti mul’atan hunda dabalata.
Fakkeenyaaf, bakki seenaanogbarruu tokko itti raawwate naannoo magaalaa yoo ta’e,
magaalicha keessatti kan mul’atan kan akka teesuma lafaa, uumamee naannoo, mana jireenyaa,
waajjira adda addaa, manneen barnootaa, lafaa gabaa, iddoo bashannanaa, meeshaalee namootni
itti fayyadaman kan akka konkolaataa, dansilitifi kkf ofkeessatti hammata.

Gama yerootiinis yommuu ilaallu baraafi yeroo namfakkiiwwan ogbarruu tokkoof


kalaqamanirratti hundaa’ee seenaa hawaasichaa, siyaasa, sadarkaa dinagaeefi akkaata jireenya
hawaasummaa, aadaan hawaasaa akkaataan uffannaa jireenya keessatti kan mul’atan kanneen
akka balaa uumamaa,godaansa, waraana, haala qilleensaa, galgalli, dukkanni, aduu, roobaafi kkf.
ofkeessatti hammata.

Wantoonniifi dameewwan yoomessa keessatti hammatan kanneen keessa filannoo barreessarratti


hundaa’uun ogbarruu keessatti hammatamu. Keessumaayyu birkiiwwan yoomessa kana keessaa

[Type text] Page 15


filachuuf wanti murteessaan seenaa barreessichi seenessuu barbaadeefi jireenya hawaasaa
agarsiisu fedha, ykn dhaamsa inni dabarsuu barbbadedha.

barreessaan tokko yommuu seenaa ogbarruu isaa kurfeessu jireenya hawaasaa ibsuu barbaada
ykn dhaamsa dabarsuu fedhu yommuu murteefatu yoomeessa ogbarruus ni murteessa. Kanaafuu
yoomessi namfakkiiwwan, seenaafi dhaamsa ogbarruurraa adda bahuu hindanda’u.

Faayidaafi Tooftaalee Dhiyeessa yoomessaa Qaaccessuu

Seenaa ogbarruu tokko keessatti akka dalagame namfakkiiwwan ogbarruu keessatti argamanis
eessa akka jiraatan ykn seenaan isaanii eessatti jalqabee eessatti akka Xumurame ogbarruun
dhugummaa akka qabaatu taasiisa. Akkaataan haasaa, aadaan uffannaa dimshaashumatti haalli
jiruufi jireenyi namfakkiiwwanii asxaa bakkaa keessa jiraataniifi yeroo itti jiraatan waliin kan
walsimatu ta’ee yoo kalaqame namfakkiiwwan yoomessa waliin walitti cimina qabaatu.

============= Barreessitoonni hedduun ogbarruu barreessan tokkoof yoomessa isaan filatan


bakka ofii saanii siirritti beekanidha. Sababni isaas waa’ee bakka ofii hinbeekne haasa’uun ykn
barreessuun mudaa waan qabuufi kunis yaadawwan waldhabaniifi haalawwan dogoggorsiisaa
ta’an uumurra darbee dogoggora ogummaa ogbarruu fiduu danda’a. Kanaafuu , barreessaan
bakka ofii isaa sirritti beeku yoo filate rakkina malee haala teessuma lafasaa , aadaa naannoo
sanaa keessa jiraatan ibsuu danda’a.

Bakka seenaa ogbarruun itti raawwatame himuudhaaf mala barreessitoonni itti fayyadaman
bakka lamatti qooduu nidandeenya. Barreessitoonni tokko tokko bakka seenaan ogbarruun itti
raawwatame kallattiidhaan yeroo ibsan kanneen biroon immoo karaa alkallattii ta’een asxaa ,
mallattoo , wantoota naannoo sanatti mul’ataniifi hojjetaman agarsiisuudhaan ibsu.

Ibsi yoomessaa bakkuma ibsu qofaaf kan oolu osoo hinta’iin haala yoomessa sana irratti
hundaa’ee jireenya namfakkiiwwanii ibsuudhaaf nifayyada. Eenyummaa mafaiiwwanii
yoomessa sana keessa jiraataniifi maalummaa gochaa ta’ee sun ija sammuun akka ilaalamu
taasisa. Gochi , fedhii , yaadni , eenyummaafi maalummaa namfakkiiwwanii yoomessa keessa
jiraatan sanarraa hubatama.

yeroon yoomessaa seenaan ogbarruu itti raawwatamu yoo ilaalle :-Bara seenawaa
namfakkiiwwan seenicha keessatti argaman itti jiraatan , bara seenaan ogbarruu itti dalagameefi

[Type text] Page 16


Tibba ykn waktiilee seenaan itti dalagameefi namfakkiiwwan keessa jiraatan. Guyyaa , aduu ,
halkan , sa’aatii , ganama , waaree dura (booda ) , galgala , gochaawwan seenichi itti dalagaman
hunda ofkeessatti hammata.

Gosoota yeroon ittin ibsamu keessa yeroo alkallattiin ibsamu adda baasanii baruuf kan
dubbistoota rakkisu bara seenawaadha. Kana jechuun bara seenawaa asoosama tokkoo tasuma
baruun hindanda’amu jechuu miti, Bara seenawaa adda baasanii baruudhaaf tooftaalee armaan
gadii itti fayyadamuun barbaachisaadha.

1. Barreeffamicha keessatti jireenyi hawaasa ibsamee bara kana keessatti kan dalagame ykn
dalagamuu danda’an ta’uu qalbeeffachuu.
2. Namfakkiiwwan ogbarruu keessatti argaman.
a. Ilaalchaafi yaada isaan calaqisiisan
b. Meeshaa isaan ittin fayyadaman.
c. Akkaataa uffannaa isaanii.
d. Haala jiruufi jireenya isaanii xiinxaluudhaan namoota bara kamii akka ta’an adda
baasuu.
5. Qaaccessa Seenaa
Seenaan miseensota ogbarruu keessa isa tokko ta’ee kan ogbarruu (ogummaa ) tokkoof
bu’uura ta’edha. Seenaan ogbarruu immoo gaddisiisaa ykn gammachiisaa ta’uu danda’a.
Dubbisaaas gara ogbarruu dubbisuutti kan harkisu ykn akka hin hakifne kan godhu
seenaadha.
Dubbisaan seenaa ogbarruu keessatti jalqaba maaltu ta’e ? Itti haansee hoo ? Sana
boodahoo ? Xumurarrattis maaltu ta’a jechaa akka inni dubbisu taasisa.

Kanaafuu , seenaan ogbarruuf utubaadha. Seenaan tokko jalqabee , adeemee , adeemee


bakka nama dhiphisurra gahee hamma xumuramuutti seenaa tokkorraa isa birootti
daddarbaa deema. Seenaa ogbarruu tokkoo baruuf gaaffii maaltu ta’e ? Sana boodahoo ?
Kan jedhan dubbisaan gaafachuu qaba.

6. Jaargocha ( sabseenaa ) Qaaccessuu

Jargochi ijaarsa gochootaa kan sababaafi bu’aa qabudha. Seenessama keessatti gochootniifi
ta’insoonni akkasumaan do’iif dabalama. Akkasumas tooftaa ittiin walitti dabalaman qabu.

Namummaa, ejjennoofi xiinsammuu namoonni biroo qaban adduunyaa isaan keessa galaniifi
dhaamsa namfakkiiwwan dabarsan hundi walqabatanii jargocha uumu.

[Type text] Page 17


Seenaa ogbarruu tokko dubbisanii, akkasiin xumurame jechuun nama hindhibu. Garuu Jargocha
asoosama tokkoo dubbisanii beekuuf gaaffii maaliif? Jedhu gaafachuudha.

7. Ija (point of view) Qaaccessuu

Iji kallattii barreessaan seenaa ogbarruu/ ogummaa/ isaa ittin dhiyeessudha. Kana jechuun
kallattii ittiin ogumni tokko ittin seeneffamudha.

Goosoota ijaa

1, Ija nam 3ffaa waahunda beekaa

Gosti Ija kun ramaddii 3ffaan inni ykn isheen akkas goote/godhe jechuun kan seeneffamudha.
Askeessatti barreessaan seenaa ogbarruu tokko keessatti seneffamu hunda beeka. Eenyummaafi
maaluummaa fedhii fi hawwii,yaadaafi ilaalecha namfakkiiwwanii tokko tokkoon
beeka.ogbarruu keessatti jireenya namfakkiiwwan jiraatan, hireesanii garafuul duraatti maaltu
akka isaan mudatu kan hubchiisuufi iccitii isaanii ifatti baasuuf dandeettii ol’aanaa kan qabudha.
Kanaafuu, gochaa namfakkiiwwan hojjetan, waan isaan yaadan, fedhii, icciitii, rakkinaafi bal’ina
isaanii dimshaashumatti wanta namfakkiiwwan dalaganiifi dalaguu yaalan amalaafi bifa isaanii
hunda hordofee dubbistootaaf dhiyeessa. Bakkiifi yeroon isa hindaangessu. Kanaaf, seenessaan
kun akkuma waaqaa waan beekuuf seenessaa waaqan qixxee jedhamee beekama. Askeessatti
seenessaan yaada mataasaafii kennuuf, ceepha’uuf, amantaafi falaasama mataasaa odeessuuf
carraa bal’aa qaba. Kanaafuu, seenaa birmadummaan dubbachuu kennaaf. Iji kun ciminaafi
dadhabina mataa isaas ni qaba.

2, Ija Nama Hunda beekmurtaa’aa

Gosti ija kunis ramaddii 3ffaan kan seeneffamu ta’ee seenessaan fadhii, yaadaafi ilaalcha
namfakkiiwwan hundaa guutummaa guutuutti hinbeeku. Kana jechuunis waa’ee
namfakkiiwwanii beekumsa seenessan qabu murtaawaadha. Akkasumas,ilaalcha, amantaafi
falaasama mataa isaafiif carraa murtaawaa qaba. Seenessaan kun irra caalaa namfakkii kootamaa
bu’ura taasifatee seenessa.

[Type text] Page 18


Kana jechuunis seenessaan kun namfakkii kootama dahoo godhatee dhiyeessa. Kanaafuu, wanta
namfakkiin kootamaa beekuun alatti goch seeneffamu hinuu hindanda’u. Dimshaashumatti,
seenaan seenessa kanaan dhiyaatu, kallattii namfakkkii filatamaa tokkoonidha.

Cimina:- Dubbisaafi namfakkii walitti dhiyeessa.

Dadhabina/hanqina/:-Dubbistoonni wanta namfakkiin filatama hordofu duukaa bu’uu malee


daangaa sana darbuu hindanda’an. Akkasumas, beekumsi namfakkiin seenessaan filate sun qabu
muraasa ta’uu waan danda’uuf dubbistootni odeeffannoo barbaachisaa ta’edhabuu danda’a.

3, Ija nama ramaddii 1ffaa

Gosa ijaa kana keessatti seenessaan ramaddii 1ffaatti dhimma baha. Iji kuni haala seenaa
ogbarruufi filannoo barreesaa irratti hundaa’uun namfakkii kootamaa ykn xiqqaan dhiyaachuu
danda’a. Namfakkiin seenaa ogbarruu dhiyeessu/keessatti hirmaatu kuni gochaa ofiisaatii kan
seenessu ykn gocha namfakkiiwwan biroo yeroo hojjetan hordofee kan dhiyeessu ta’u danda’a.

Cimina:-Seenaa ogbarruu keessatti kan hirmaatuufi waa’ee seenichaa kan hordofe waan ta’eef,
seenichas akkuma jirutti seenessuu waan danda’uuf dhugummaa qabaachuu danda’a.

Dadhabina:-Ilaalcha barreessaatiif bakka hinkennu. Kana jechuunis barreessaan ilaalchaafi hiika


jireenyaaf qabu gidduu gidduutti adeessuu hindanda’u. yeroo barruu sanaa hir’isuu danda’a.
seenessaan gochaawwan bakka namfakkiin sun itti argamu seenessa waanta’eef murtaawaadha.

Kana malees , seenessaan namfakkii yoo du’e waa’ee du’asaatii dubbisaatti himu hindanda’u.
kan waa’ee isaa dubbatu isa waan tureef.

4.Ija Akka diraamaa

Gosti ijaa kuni irra caalaa ogbarruu ammayyaa keessatti hin mul’atu. Gosti ija kun faallaa ija
nama waa hunda beekaati. Kana jechuunis , gosa ija kanaa keessatti eenyummaafi maalummaa ,
yaadaafi fedhii namfakkiiwwanii dubbistootatuu gochawwan isaan dalagan , haasaa afaan isaanii
keessa ba’u irraa hubatu malee seenessaatu itti hima miti. Gochi ogbarruu keessatti ta’eef haalli
namfakkiiwwan keessa jiraatan akka waan diraamaa waltajjii irratti ilaalaniitti dubbistootaaf
dhiyaata.

[Type text] Page 19


Kanaaf, dubbistoonni haasaa afaan isaanii keessaa bahu, gocha isaan dalagan, irratti hundaa’anii
fedhiifi yaada isaanii adda baasanii qalbeeffatu. Gaheen seenessaa Ija kanaa wanta fuula fuulatti
mul’atu ykn gochaa namfakkiiwwan ifaan ifatti dalagan qofa akkuma jirutti dhiyeessa. Kanaaf,
iji kuni dhiyeessa akka kaameeraa footoo (suuraa) jedhamuun beekama.

Cimina:- dubbisaafi namfakkiiwwan baay’ee walitti dhiheessa.

Laafina:- dubbistootni muuxannoo baay’ee hin qabne hubachuu dhisuu danda’u.

Filaannoo Ija

Seenaa ogbarruu tokkoo dhiyeessuuf gosti isaa mijaawaadha jedhamee amanamu seenaa
ogbarruu biroof mijaawaa ta’uu dhiisuu danda’a. kan isa tokkoof ta’u isa biroof hinta’u
jechuudha. Barreessaan tokko filannoo isaa yeroo adeemsisu ofeeggannoo cimaadhaan waan
ta’eef rakkinni kuni yeroo baay’ee hinmudatu.

Barreessaan gosa ijaa seenaasaa ittiin seenessu kan murteeffatu:-

A, Qabiyyeefi amala seenaan ogbarruu ofkeessatti hammatte jiru.

B, Kaayyoo gooroo bakkaan ga’uuf karoorafate.

C, Namfakkiiwwan ogbarruu keessatti argaman bu’ura taasifateeti. Kanaafuu, gosti ijaa


barreessaan filatu seenaa ogbarruu seenessamuu barbaadameefi gochaawwaan asosamicha
keessatti argaman walitti gudunfee dubbistootaaf kan dhiyeessuu danda’u ta’uu qaba.

Barreessitootni tokko tokko ogbarruu isaanii keessatti gosa ijaa tokko qofaa kan fayyadaman yoo
ta’u, kanneen biroon immoo gosa ijaa lama fayyadamu.

Dhimma ija lamaatti gargaaramuti ilaalchisee gamtokko fudhatama hinqabu yommuu jedhan
gartokko immoo fudhatama qaba jedhu. Yaadni ramaddii 2ffaan dhiyaate ol’aantummaa qaba
haata’u malee, barreessaan tokko gosa ija tokkootti gargaaramaa turee yommuu kan birootti
jijjiiruu sababa quubsaa ykn dirqisiisaa ta’e qabaachuu qaba.

[Type text] Page 20


Gosa ijaatokkoon fayyadamaa turanii kan birootti jijjiiruun bu’aa ykn dhiibbaa seenaa
ogbarruurraan gahu waanqabuuf of eeggannoon hojjetamuu qaba. Yoo jijjiirraan ijaa kuni sababa
quubsaa malee akka tasaa ta’ee walta’insaatiin tokkummaa seenaa ogbarrichaa diiguu danda’a.

8. Qaaccessa Waldiddaa(walitti bu’insa) (Conflict)

Waldiddaan wal’ansoo humnoota lama gidduutti ta’udha. Humnoonni kunniin sababa tokko irraa
kan ka’e wal’aansoo keessa seenu.

Gosoota waldiddaa.

Ogummaa keessatti wantoota adda addaatu walitti bu’a. kanafuu,waldiddaa gosoota armaan
gadiiti qoodu dandeenya. Isaanis:-

a) Waldiddaa alaa

1, Namaafi nama gidduu:- walitti bu’insi kunis garaagarummaa Ilaalchaa, amantaa, kaayyoo
ejjennoo, ykn eenyummaa namfakkiiwwan qabanirraa barraa’u.

2, Namaafi hawaasa gidduutti

3, namaafiuumaa gidduutti:- waldiddaan kun namaafi waaqa gidduutti ta’uudha.

4, Uumamaafinamagidduutti:- Waldiddaan kun immoo uumama jidduutti ta’udha.

b) Waldiddaa Keessaa:- waldiddaa namfakkiin ofii isaa waliin taasisu


9. Malawwan Barruu Qaaccessuu

Addeessaan:- Jechoota suuraa sammuu namaa keessatti kaasuu danda’anitti dhimma bahuun
ibsuu dha.

Duubdeebi:/mil’uu- Akkuma maqaansaa ibsu duubatti deebi’uun waahimu yommuu ta’u kunis
gochaa darbe mul’isuufidha. Faayidaansaas hunduu seenaa namfakkiiwwaniifi waldiddaa
cimsuuf akkasumas ogbarruu keessatti seenaa namfakkiiwwanii ibsuuf gargaara.

[Type text] Page 21


Himaegeeree:- ogbarruu keessatti waan gara fuulduraatti dhuufu (ta’u dursanii jalqabarratti
agarsiisuu. Faayidaansaas akkaataafi karaa jargochi itti adeemuu agarsiisuuf, waa’ee waldiddaafi
namfakkiiwwanii waan isaan gara fuulduraatti ta’an dursee tilmaamuuf, akkasumas, laphee
dubbisaa rarraasuuf ta’uu danda’a.

Waliin Haasaafi ofiin haasaa:- Waliin haasaan dubbii namni lama dubbi tokkorratti taasisudha.
ogbarruu keessatti faayidaan waliin haasaa miira namfakkiiwwanii, fedhiisaanii, ilaalcha isaanii
hubachuuf gargaaran. Kana malees, qunnamtii namfakkiiwwanii ilaalchaafi eenyummaa isaanii
waan ibsuufi seenaan ogbarruu gara fuulduraatti akka tarkaanfatuuf gargaara. Itti dabalees,
miidhaggina guddaa kenna. Namfakkii uumuudhaaf tajaajila.

Ofiin haasaan waa’ee dhimma tokkorratti mataa ofiin dubbachuu jechuudha. Asoosama keessatti
faayidaan ofiin haasaa yaada sammuu namfakkii keessa naanna’u icciitii isaa ifabaasuuf
gargaara.

Dubbii Haalawaa:-
Habalaka:- yaada tokko karaa faallaa ta’een dabarsuu

Alleegorii:- gosa dubbii haalaa hiika ifaafi dhokataa ta’e ibsuuf gargaara. Kunis wantoota
dhokataa/gadfagoo ta’an, wantoota qabatamaa ta’an fakkeessanii dhiyeessuuf gargaara. Fkn
Amala qabeessummaa, gowwumaa haxxummaafi kkf. bineensotatti fayyadamaan kan
dhiyaatudha. Kunis bifa lamaan dhiyaata. Isaanis, bifasiyaasaafi hamileen.

Mitiyyee:- Yaada faallaa walii qaban ibsuuf gargaara

Gurra guddisa:- yaada tokko sadarkaa dhugaa jirurraa olkaasanii ibsuu

Gurra Xiqqeessa:- yaada tokko sadarkaa dhugaa jirurraa gadibuusuun dhiyeessuu

Anyarsee:- Amalli gadheen hawaasa keessatti akka hin babal’anne barsiisuuf gargaara

Bakka buusa:-wantootawaliinmadaalaman lama akkuma waan tokko ta’aniitti ibsuu

Akkasaa:- Wantoota garaagaraa amala isaan walfakkaataniin waldorgomsiisuuf gargaara

Mallattummaa:- bakka bu’aa waan tokko ta’uudha kan tajaajilu dha. Kunis bakka sadiitti
qoodamu nidanda’a.

[Type text] Page 22


1, Akka walii galaatti

Fkn-Biiftuu ba’a jirtu.-jijiirama haalootaa

- Gugee-Nageenya

2, Akka hawaasaatti

Fkn-Gurraacha-waaqatti

3, Akka dhuunfaatti

Fkn –sinbira masqalaa- argamu dhabuu

Barreessaan dubbiiwwan haalawaa armaan olitti ka’aniifi kanneen biroo hafaniin ogbarruu tokko
barreessuu danda’a. Dubbistoonni ammo dubbiiwwan haalawaa barruu sana keessatti inni
fayyadame qaaccessuun yaada barruu sanaa xiinxaluu danda’u/qabu

Yaadiddamootafi Dhiyaannaawwan Qeeqa Ogbarruu

1. Maalummaa Yaadiddama(Yaaxxina) Qeeqa Ogbarruu (Theories of Literary


Theory)

Yeroo dheeraaf yaadiddamni qeeqa ogbarruufi qeeqni ogbarruu akka waan tokko ta’anitti
ilaalamaa turan. Haa ta’u malee, qeeqni ogbarruufi yaadiddamoonni qeeqa ogbarruu garaagara.
Yaadiddamoonni kunneen gaaffilee waa’ee hiikaa, yaadaa (ideology), dhugummaa (reality),
diinagdee, siyaasaafi haala hawaasummaa irraa dubbistoota ogbarruutiin bu’uureffamaniidha.
( kana jechuun yaadiddamni qeeqa ogbarruu hojii ogbarruu tokko bira ga’uuf yaada maddisiisuu
jechuudha.)

“The literary theory is a boarder concept incorporating various strict senses and merits for the
systematic study of the nature of literature and provides a complete set of methods for analyzing
literature. Kana jechuun dhimmoota addunyaa dhugaa keessatti argamaniifi addunyaa kalaqaa
keessatti argaman walbira qabee madaaluun barruu tokkotti hiika kenna. Yaadiddamoonni qeeqa
ogbarruu hojii tokko kallatti adda addaa irraa ilaallee hiikuu akka dandeenyu nu taasisu. Yeroo
ammaa yaadiddamoonni jiran kanneen durii(old)fi kanneen ammaa(current or modern)

[Type text] Page 23


jedhamanii qoodamu. Gara fuulduraattis yaadiddamootni biroo uumamuu danda’u.
Yaadiddamoota kanneen yammuu qeeqnu tokko jaalannee fudhannee, kaan ammoo jibbinee
gatuu hin qabnu.

Baay’achuun yaadiddamoota kanneenii garuu rakkoolee garaagaraa qaba.

1. Barruu tokko yaadiddama kamiin qeequu akka qabnu murteessuu dadhabuu ykn
ulfaataa ta’uu. (choosing the critical perspective that is suitable and effective to analyze a
particular piece of work.) Fakkeenyaaf kitaabuma tokko yaadiddama adda addaatiin qeequu
dandeenya. Kana murteessuuf ammoo jalqabuma hojicha qeequuf yaadiddama kamtu
filatamaadha jennee yaaduu qabna. Gama biraatiin, barruudhuma tokko qeequuf altokkotti
yaadiddamoota garaagaraa fayyadamuu dandeenya (We can combine critical perspectives).
Hojii tokko qeequuf seerri akka nuti yaadiddama tokko qofarratti ofdaangessinuuf nu
dirqisiisu hinjiru.(there is no role of interpretation that says ‘you must limit yourself to
language and method of a single critical approach).
2. Rakkoon biraa qabiyyeen yaadiddamoota jiranii hedduun walfakkaachuu (Varies
concerns of critical approaches are overlap). Fakkeenyaaf gaaffileen yaadiddamni
Maarkisiizimii kaasu yaadiddamni feeminizimiis kaasuun deebisuuf yaaluu.
3. Wanti biraan akka rakkootti ka’u, tokkoon tokkoo yaadiddamoota kanneenii ciminaa
fi laafina mataasaanii qabaachuu.
walumagalatti, yaadiddamoonni qeeqa ogbarruu foormulaa hojiin ogbarruu tokko
ittiin hiikamu osoo hintaane, kallattii adda addaatiin yaannee hiika hojii ogbarruu
tokkoo bira akka geenyuuf kan yaada maddisiisuuf nu gargaaraniidha.

Yaadiddamoonni qeeqa ogbarruu hedduu yoo ta’anillee isaan jiran keessaa muraasa isaanii
kanneen akka Yaadiddama qeeqa bifiyyee (Formalism), Yaadiddama qeeqa qabatamummaa
(realism), Yaadiddama qeeqa ‘Feminism’, Yaadiddama qeeqa ‘Marxist’, Yaadiddama qeeqa bara
haaromsaa( new criticism), Yaadiddama qeeqa xiinsammuu (psychoanalytic), Yaadiddama qeeqa
yaad-deebii dubbisaa (readers response), Yaadiddama qeeqa hawaasummaa /aadaa/
(sociological/cultural), Yaadiddama qeeqa seendhuunfee (biographical) jedhaman bal’inaan
ilaalla. Walumaa galatti qeeqa ogbarruu haariiroo inni qabu kan armaan gadiiti.

[Type text] Page 24


Literary criticism in relation to
the world
the audience
the author
or examined in itself

GosootaYaadiddamawwanQeeqa Kalaqawwanii/ogbarruuwwanii/
1. Yaadiddama Qeeqa Bifiyyee (Formalism)
Dhiyaannaan Bifiyyeen(formalism) naannoo jalqaba jaarraa 20ffaa keessaa kan eegale hanga
bara 1970tti kan itti fufe, booda yaadiddamni biroon fudhatama argate. Akkuma maqaansaa
ibsutti, yaaxinni kuni unka yookiin bifarratti xiyyeeffatu, Bifiyyeen akkataatti hiika faana
walqunnaman qaccessa. Gareen kuni dalagaan hundi adda bahanii kan ilaalamanidha, hojii
barreessa, aadaa inni keessaatti uumeefi gareen biroo kan of keessaatti hammatu miti.
Yaaxinaaleen adda addaa ogbarruu hiikuufi akkataa kamiin akka qoratamu irratti gahee mataa
isaanii qabu. Gama hojii kanaan hayyuuleen garaagaraa gaafiiwwan hedduu deebisuuf yaalaa
turaniru. Kannen keessaa muraasni; akka dhuunfaatti gaheen barreessaafi dubbisaa maali?,
sadarkaa kamiin seenaa dubbisaa irratti hundoofnee barruu tokko qeequu dandeenyaa?, barruun
tokko amala gaarii kamiin hiikasaa qeequun danda’amaa?, tooftaafi qabeenyaa akkamii
fayyadamnee barruu uumuu dandeenya, gochaafi mala kamiin dubbisuun danada’amu?

Qeeqa ogbarruu ilaalchisee bifiyyeen (formalism) kan uumame yeroo dhihoo keessaa. Bifiyyeen
kan jalqabame erga warraaqsa Raashiyaan booda bara 1917 (Bennet)tti. Barreessaan Bennet
akka jedhutti gareen kuni yeroo sanatti kan isaan caalaatti irratti xiyyeeffatan ogbarruu
dubbisuufi hiika itti kennuurraatti. Hayyooni yaaxina kana keessaatti maqaa dhahaman ‘Roman
Jakobson, Viktor Shklovsky,fi Juri Tiniyanov’ dha. Ogbarruun qeequuf qaamoleen alaa dhiibba
irraatti geesisuu hindanda’u, amala keessoo barreessaa, hawaasummaa, siyaasaa, dinagdee,
seenaa haala barruun sun keessatti barreeffame fa’a. Gabaabumatti, bifa idileefi seenaa
barreessaa, saba yeroo barreeffamee, qormaata yeroo sanaafi dhiibbalee alaan kan dangeffamu
miti(Smith, 2004).

Bifiyyeen (formalism) mallattoo faayidaa mormii gochaa yaaxina markisti faana kan
walmormanidha. Yaaxinni markist kan irratti xiyyeeffatu yaada siyaasaa, gahee hawaasni barruu

[Type text] Page 25


keessaattifi barruun hawaasa keessatti qaburratti kan bu’uureffamedha. Bifiyyeen yaaxina
markisti irraa guuutummaan adda. Bifiyyeen gonkuma walitti dhufeenya hawaasummaa,
seenawaa, xiinsammuu barruu dubbisuu keessaatti kan hin ilaalle yookiin fayyadamne garuu,
ilaalchi ,yaadnifi ilaalchi barruu kanneen kana tahuu danda’a. Hiika barruu tokko hubachuuf,
maalummaa jechoota sanaa hubachuun barbaachisaadha.

Hiika jechootaa hubachuuf, akka hordoftootni bifiyyee jedhanitti

 walitti dhufeenya mallatoofi wantootaa,


 muuxannoo yookiin ilaalcha wanta sana ibsu,
 amala miidhagummaa qabaachuu afaaniti. Miidhaginni jechootaa suuraa kaasuun
ilaaluuf dubbisaan wantootaafi muuxannoo gama guutummaa haarawaan ilaaluuf
gargaara. Haala kanaan afaan humna cimaa hubannoo waliigalaa qeequuf yookiin
hubannoo haarawaa uumuuf bakka olaanaa qaba. gama madda firiiwwaniin artiin
barbaacha aartiif, kanneen aartiin galma siyaasaa,hawaasummafi aadaa jedhaniin ni
mormu. Ogbarruu tokkos hiika kan itti kennuu dandeenyu qabiyyee barruu sun baatuun
qofaani(Harris) .

Akka yaada yookiin yaaxina bifiyyeetti ogbarruu tokko qeequuf haaloota armaan gadii
irratti xiyyeeffachun barbaachisaadha. Isaanis;

1. Unka(bifa)fi walqabatiinsa (form and unity)

Unkaan akkataa ijaarsa jechootaa, galeewwaniifi sagalee jechootaati. Yeroo seenessaan seenessu
yookiin dubbatu sagalee waan jedhamuu dubbatuu, waa’ee eenyummaa seenessaafi hojiinsaa
maal akka tahe kan addeessudha. Qeeqa/ qormaata idileefi alidilee barreessaan itti fayyadame
kannen akka rukkuttaa manaa(dheerina jechoota dhumaa) /rhythm/, walfakkaatinsa qubeewwan
dhumaa, dubbachiiftuu walfakkataa, onomotopiyaa fayyadamuun ibsuu danda’a.
Irra deddebbii- barreessaan yeroo barreessu jechoota, galeewwanfi yaadotaa irra deddeebiin
fayyadamuunsaa yaada taateewwan walfakkatoo tahan seenaa sana keessatti altokkoo
olrawwatamuusaa kan mul’isuudha. Yaaxinni kunis taateen kuni suuraa akkami akka uume
yookiin taateen sun nannawwee uumamuun irra deddeebbii akkami akka fide yookaan gochi
sunumti mataansaa akkamitti akka jijjiramedha.

[Type text] Page 26


Caasaa- walxaxiinsi /marfamuu, nannawuun/ seenaafi fakkaattota yaaxina kana keessatti iddoo
olaanaa qabu.
 Waldiddaan eessaafi akkamitti umamee?
 Gochootni fiixeerra gahan maal fa’i?
 Sabseenaan tokko isa biroo akkamitti akka hordofe?
 Fakkaattootni garaagaraa walwalii isaaniifi sabseenaa bu’uura faana akkamiin
akka walqunnamani.
Walittidhufeenya /relationship/- walitti dhufeenya hawaasa gidduu jiru, sabseenaa gidduu,
ilaaluun waa’ee hojiisaanii hubachuun ni danda’ama. Barreessaa seenaa keessatti fakkattoota
yeroo uumu akkasumaan osoo hintaane sababa tokkoofi. Sababa sana immoo adda baasuun
gahee dubbisaati. Kanarraa kan hafe sabseenonni hundi kaayyoo guddaa qabu.
2. Filannoo Jechootaa (Diction)
Yaada waliigalaa yookiin dhugaa, hiika jechoota barreessaan galmee jechootaa beekuun barruu
sana hubachuuf bay’ee murteessadha. Dubbisaan jechootni maal akka tahan hin beekan yoo ta’e,
inni/isheen waa’ee barrichaa maal akka tahe dubbachuu hin danda’an. Yaaxinni bifiyyee
guuboo/galmee jechootaa faana walitti dhiheenya guddaa qabaachuun hiika jechootaa yaadasaa
ni hubachiisa. Galmee jechootaa kanas kan fayyadamu hiika jechootaa yeroofi bakka barreessan
itti fayyadame beekuudhaf.
Etymology- bakka madda/dhuftee/ jechootaafi akkataa guddina dhufaatii isaa beekuun
barbaachisummman isaanii yeroo barruulee yeroo dheeraan duraan barreeffaman kanneen amma
barreeffaman jidduu addaa addummaa kan fidan beekuuf kan gargaarudha. Yommuu
gadfageenyaan jechoota xiinxalaa deemnu dubbisaan maaliif barreessaan jechoota kallattii
filachuurra kanneen hiika walfakkaatoo akka fayydame xiinxaluun ni danda’ama. Dabalataanis,
bifiyyeen xiyyeeffannoo guddaa kan itti kennu hiikni haalawaa gama jijjiirama hiika
kallattii/murta’aa/ jechootaafi gaalewwanii irratti kan bu’uureffamedha.
Yaada walxaxaa (Ambiguity)- haayyootni bifiyyee akka amananitti hanqinni unkaa unkaadha
jedhu. Yaadni barreessaa hiika barruu sanaa akka hinhubatamne taasisuu yookiin immoo hiika
garaagaraa kennuudha. Kanaafuu yaaxinni kuni dhugummaa wlxaxinsa yaada kanaa addaa
baasuu qofa osoo hintaane; yaaxinni kan qeequ barreessaan maaliif walxaxiinsa yaada akka
filateefi akkamitti inni/isheen walxaxinsa sana akka hubatan kan of keessatti hammatudha.

[Type text] Page 27


Madda (Allusion) - hojii ogbarruu tokko sirriitti qeequuf hayyootni yaaxina kanaa bay’ee kan of
qusatan qeeqa barruu sana qofaa akka tahuuf bay’ee dhimmu. Yaada barreessaafi madda hojiisaa,
namummaa, tooftaa bay’ee bu’aa qabeessa yaaxina bifiyyee keessaatti caalmaatti
xiyyeeffatamanidha. Madda qorachuunis daandii ittiin sababni suni beekamu gochuuf.

Mallattoolee (Symbols)- Ammas yaaxinni bifiyyee yaada barreessan mallattolee garaagaraa


fayyadamuun dhugaa ibsuu yookiin taateewwaan mallattoowwaniin ibsuu yaada keessa hin
galchani. Yaaxinni bifiyyee irra caalaa kan irratti xiyyeeffatu mallattooleen akkamiin dalaga
yookiin dhiibbaa akkamii hiika barruu/ hafee sanaaf akka gumaache irratti kan bu’uureffamedha.

3. Hiika jechootaa
Ilmii namaa taateewwan uumamaa, miira keesasaatti dhaga’amu, gochaawwan raawwatuufi
yaadu hundumaa maqaa ittiin waamu qaba. Kanaafuu, jechoonni yommu waamaman,
dubbatamaniifi dubbifaman wontoota, yaadawwan, miirawwan bakka bu’an sanniin
nuyaadachiisu, nuhubachuusus. Kanaafuu, jechoota wantoota bakka bu’aniifi ergaawwan
dabarsan irraa ka’uudhaa amaloota qabaniin qoqqoodanii ilaaluun nidanda’ama. Haaluma
kanaan, qoqqooddiiwwan addaddaa armaan gaditti dhiyaatanii jiru
Akaakuwwan Hiika Jechootaa

A. Hiika Kallattii (Denotative Meaning)

Hiikni kallattii hiika jechoonni barreeffama ykn dubbii keessati qajeelloon qaban yommuuu ta’u,
ergaa hiika kallattii hubachuuf eennuunillee xiinxala addaa akka taasisu hingaafatu.

Barreessaan ykn dubbataan tokko hiika kallattiitti yommuu fayyadamu waan arge, dhagahe,
hubate, yaadate, tilmaame miira dhuunfaasaa osoo itti hinmakin akkuma jirutti barreessuu ykn
dubbatuudha.

B. Hiika Dhokataa (Conotative Meaning)

Hiikni dhokataan tooftaa namni tokko miira killayyaa (abstract sense), ilaalchaafi amantaa
isaatiin hogganamee deeggaruun ykn mormuun barreeffama ykn dubbii isaa ittiin dhiyeessu.
Hiika gosa kanaa hubachuuf xiinxalaafi muuxannoo dabalata (aadaa, amantii, barnoota
…)nugaafata.

[Type text] Page 28


C. Dubbii Qoolaa (figurative speech)

Akka barreessaan Donald Hall(1985) ibsutti ,jechoonni ibsitoota ykn baattota (carriers)
miiraati .Akkasumas, jechoonni dubbii qoolaallee barreeffama tokko akka miidhagsaniifi lubbuu
itti horachuu danda’an barreessaan kun kitaabasaa ‘Writing Well’ jedhu keessatti ibseera. “A
figure of speech is aform of style in which words are used to convey more than they ordinary
mean,in order to give a n effective expression to the idea.”

Dubbiin qoolaa tooftaa jechoota afaan kamiiyyuu keessatti argaman faayidaa guyyuuttti dabalee
bifa namatti tolee miira nama booji’uun dhaamsa dabarsuu ; haala anniisaa qabuufi fakkii
sammuutti uumuun fayyadamuuti.

Dubbiin qoolaa ogbarruu kamiiiyyuu keessatti kan fayyadu yommuuu ta’u , walaloofi asoosamni
caalmaadhaan itti gargaaramu.

Barreeffamaafi haasaa keessatti dubbiin qoolaa faayidaawwan armaan gadii qaba:

1. Haqa ijaan hinmullanneefi harkaan hinqabamne ibsuuf;

2. Sammuu keessatti fakkii waan dhiyaatuu uumuuf;

3. Yaada tokko haala qabatamaafi hawwataa ta’een dabarsuuf; Miira dubbistootaa booji’ee
kaayyoo barreeffamaan barbaaddame galmaan ga’uuf;

4. Barreeffama tokko midhaginaafi hawwatiinsa gonfachiisuuf kan gargaaru yommuu ta’u,


dhaadhessi itti fayyadamni baayyeen dhugummaa barreeffamichaashakkiikeessa
seensisuu waan danda’uuf haala barbaachisaafi murtaawaa ta’e qofaan gargaaramuun
filatamaadha.

d) Walgitiinsa/Walqabatiinsa/ Dhabuu Yaada (Incongruities Or Inconsistency)


Hordoftootni yaada kanaa/bifiyyee/ yeroo baay’ee yaada katabamee jiru malee waan birroorraatti
xiyyeeffannoo guddaa hin godhan. Kunimmoo walitti dhufeenya barruu, barreessaafi
hawaasichaa kan ibsu miti. Kanaafuu waan barruu irratti barreeffame qofti dubbisaaf hiika
guutuu kenna jennee afaan guutnee dubbachuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, wantoota bifaan
yookiin yaadaan walhinfakkaatne walbira qabuun yookiin faalla isaanii dubbachuun ergaa ofii

[Type text] Page 29


dabarfachuu. Wantoota yommuu ilaalaman dhugaa hinfakkaatne, garuu dhugaa kan tahan faa
fayyadamuu danda’a.
e) Walitti dhufeenya diiguu/ cabsuu (violations of convection)- yaaxinni bifiyyeen
hojiin tokko adda qoqqoodame dhiyeessuu isaa irratti xiyyeeffannoo hin kennani.
Garuu barreessaan itti yaadee addaan mumuree dhiyeessuu ni danda’a. Barruuwwwan
garagaraa kutaawwan adda addaatti qoqqoodee dhiyeessuu ni danda’a.
foormalistootni walitti dhufeenya yookaan walqabatiinsa jarreen kana lamaanii hin
ilaalani. Kanarra dhiphinaafi walitti bu’iinsa seenaa ogbarruu keessatti raawwatame
xiyyeeffannoon ilaalu. Wantoota walfalleessan itti gargaaramuun faayidaa hiikni
jecha tokkoo yookiin himaa faallaa waan dubbatamu sanaa tahuusaa kan nama
agarsiisu yoo tahu; paradox’n immoo wantoota dhugaa walmorman lama kan
mul’isudha. Fakkeenyaaf: adda addatti qoodamee dhiyachuunsaa ergaa dabarsu ni
qaba. kanaafuu irratti xiyyeeffachuu dhabuunsaa immoo hafee sana guutummaatti
akka hubachuu hin dandeenya kan nu agarsiisudha.

Yaaxinni bifiyyee dhiyaawwan garagaraa ofkeessaatti qabaachuun barruuwwan qeequuf


kan gargaaru dhiyaannawwan hayyoota garaagaraan jiran kanneen armaan gadiiti.

 Dubbisa callisaafi qeeqa gama yoomessaa, dubbii qolaa, fakkoommiifi kkf irratti
xiyyeeffata
 Waan dubbifnu jedhu irratti kan hundaa’uudha
 Caasaafi moodela barruu irratti bu’uureffata
 Gadfageenyaan dubbisuun wanti hiikni itti kennamu ogbarruu sana keessa akka jiruufi
odeeffannoon barabaachisaa tahe ogbarruun sun akka qabatee jiru kan ibsudha.

GaaffileewwanYaaxina Qeeqa Ogbarruu Bifiyyee Keessaatti Hammatan Yookiin Ka’uu


Qaban:

 Barruu sana keessaatti amala walfakkaatatu argamamoo, amala murtaa’atu argamaa?


 Akkaataan seeneffama seenaa tartiibaani yookiin walduraaduubaani? Moo
duubdeebiidhaani?
 Seenaa hundatu seeneffamemoo, dubbisaaf dhiifameera?
 Seenaan ija/ kallattii/ kamiin seeneffame? Ija kanaan seeneffamuunsaa dhiibbaa
seenaaa himamuurratti maal fidee?

[Type text] Page 30


 Fakkeenyi hima egeree( foreshadowing) mal fakkaata?
 Meeshaaleen qabatamoon dalagaa sana keessaatti ni mul’atu?
 Yoomessi dhiyaatan gadfageenyaan hiika barruu sanaa ni ibsuu? Jechuun guyyaa,
tibba, argamsa bakkaa, haala qilleensaa?
 Chaartii / fakkiin sabseenaa keessatti dhiyaatee maalfakkaata?
 Seenaan katabamee yookiin dhiyaateefi matadureen walitti dhufeenya ni qabuu?
 Akkataan itti fayyadama dubbii qolaa maalfakkaata?
 Goobaan galeessi olaanaafi faallaan yookiin mormaan isaa, maal bakka bu’an, walitti
dhufeenyi isaanii hoo?

Ciminaafi Dadhabina Yaaxxina Qeeqa Bifiyyee

Yaadiddamni kuni akkaataa ciminaafi dadhabinaa qeeqa bifiyyee kanaa kan

Cimina Yaaxina Bifiyyee

 Qorannoo malee hojiirra ooluu ni danda’a.


 Faayidaa /gatii/ ogbarruu haala haalawwarratti hinhundoofnen ibsuu danda’a.
 Dhamaatii guddaa kan hinqabnedha.
 Maaliif akka jedhame osoo hin taane maal akka jedhame beekuuf gaariidha.
Hanqina Yaaxina Bifiyyee
 Barruu dhiyaaten addatti ilaaluun hindanda’amu
 Dalagaan sun haalawaan ala ilaaluu
 Jireenya hawaasaa darbeefi ammaa walbira qabee qaaccessuu dhabuu
 Ogbarruu ibsuudhaaf kan daangeffameedha, kunimmoo dubbiiwwan qolaa
garaagaraa akka gatii dhaban taasiisa.

[Type text] Page 31


2. Yaadiddama Qeeqa ‘Feminism’
Feminiizimiin sochii waa’ee rakkoo garaagarummaa dhiiraafi dubartii (gadaantummaa) dubartiif
furmaata barbaaduuf eegaleedha. Namni Tyson(1980:9) jedhutti, “Feminist theory is concerned
with the ways in which literature reinforce or undermine the economic, political, social, and
psychological operations of women.” Akka waraabbii kanaatti yaadiddamni feeminiizimii kan
irratti xiyyeeffatu haala hojiin ogbarruu tokko karaa diinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi
xiinsammuutin dubartoota olkaasuun ykn gad qabuun dhiyeesu xiinxaluu irrattidha.

Hiikkaa Qeeqa Feeminiizimii

Hiika feeminiizimiif namoota adda addaatiin kennaman muraasa Gill Plain& Susan Seller
(2007:15) akkanatti barreessaniiru.

1. "The early feminist literary critics (in the 1960's and 70's) argued that men and women
had different points of view about literature, and that what had been considered as neutral
about literature was really the male point of view." (Jenifer)Akka hiika nama kanaatti,
dhiirrifi dubarri ilaalcha adda addaa ogbarrurratti kan qaban yoo ta’u, ilaalchi bilisaa
ogbarruu ilaalcha dhiiraati jedha.

2. "Feminist LitCrit is the most interesting and most difficult of all definitions. Feminist Lit
Crit analyzes another authors work but with a feminist slant. It would be very interesting
to find a fem lit crit essay about any of the works of Faulkner. In every authors' works' the
female characters have strong presence--whether good or bad. Fem Lit Critexamines the
author's female characters and assess their role within theauthor's work." (Sheneka)

3. "A succinct definition would be a challenge well worth taking. So, here goes: Feminist
literary criticism is about the search for a literature that women can call their own but
without segregating it to an extreme which would result in separatism. It is about having
a special history which includes 'such complex considerations as the economics of
[women's] relation to the literary market place, the effects of social and political change
upon women, and the restrictions of her artistic autonomy.'" (Jason)

32
Hiikni armaan olii akka agarsiisutti, feeminiizimiif hiika ifaafi gabaabaa ta’e kennuun
rakkisaadha. Garuu, qeeqni ogbarruu feeminiizimii qeeqa hojii ogbarruu dubartoonni keessatti of
ilaalan yoo ta’u, ilaalchi kun qoqqooddii(separatism) kan hinqabneedha jedha. Kunis waa’ee
dubartoonni seenaa gaarii kanneen akka dubartoota diinagderratti hirmaachisuu, jijjiirama
hawaasummaafi siyaasaatiin ofdanda’oo ta’anii jiraachuufaa kan ilaallatuudha.

4. "Feminist literary criticism emphasizes the critical concern for the impact of gender upon
reading and writing (how men write about women, how women read both men's and
women's writing, how feminine language and creativity differ from masculine language
and creativity)."(Vickie)

Yaada kana gara Afaan Oromootti jijjiiruuf, qeeqni ogbarruu feeminiizimii waa’ee dhiibbaa
koornayaa dubbisuufi barreessuu irratti jiru (dhiironni akkamitti waa’ee dubartii barreessu,
dubartoonni akkamiin hojii dhiirotaafi dubartootaan barreeffaman dubbisuufi garaagarummaa
afaan kalaqaa dhiirotaafi dubartoota jidduu jiru) irratti xiyyeeffata.

5. Lisa Tuttle defines feminist literary criticism as asking "new questions of old texts." She
cites the goals of feminist criticism as: (1) To develop and uncover a female tradition of
writing, (2) to interpret symbolism of women's writing so that it will not be lost or
ignored by the male point of view, (3) to rediscover old texts, (4) to analyze women
writers and their writings from a female perspective, (5) to resist sexism in literature, and
(6) to increase awareness of the sexual politics of language and style.

Akka hiika kanaatti, qeeqni ogbarruu feeminiizimii gaaffii haaraa barruulee moofaa
gaafachuudha.Galma yaadiddama kanaa Lisa’n yoo tarreessitu, a) aadaa barreessuu dubartootaa
guddisuufi dagaagsuu, b) fakkoommiin (symbolism) dubartoonni itti gargaaramanii barreessan
akka kallattii ilaalcha dhiirotaatiin hinbanne hiika itti kennuudha. c) barruulee turaaleyyii (old)
irra deebi’uun abuuruu, d) barreeffamoota dubartootaan qophaa’an kallattii ilaalchasaanitiin
qaaccessuu, e) rakkoo/ loogii saalaa(sexism) ogbarruu keessaa hambisuufi f) hubannoo itti
fayyadama afaaniifi haalaa(style) guddisuudha.

Seenaa Dhuftee Yaadiddama Feeminiizimii

33
Seenaa dhuftee yaadiddama feeminiizimii ilaalchisee yaada beektonni kennan keessaa muraasa
fudhachuun armaan gaditti dhiyaataniiru.
“Feminist literary criticism properly begins in the aftermath of ‘second wave’ feminism, the term
usually given to the emergence of women’s movements in the United States and Europe during
the Civil Rights campaigns of the 1960s. Clearly, though, a feminist literary criticism did not
emerge fully formed from this moment. Rather, its eventual self conscious expression was the
culmination of centuries of women’s writing, about women writing, and of women – and men –
writing about women’s minds, bodies, art and ideas. (Gill Plain& Susan Seller, 2007:15)
Akka yaada waraabbii kanaatti, yaadiddamni feeminiizimii kan eegale sababa sochiin gaaffii
mirgaa dubartootaan ardiilee Amerikaafi Awurooppaa keessatti bara 1960 keessa ka’een
walqabata. Kana jechuun garuu qeeqni feeminiizimii guutumaan guututti sochii warraaqsaa
kanarraa ka’e jechuu osoo hin taane, yeroo sana keessa haala itti dubartoonni hojiilee ogbarruu
keessatti dhiyaachaa turan falmuu irraayi.
Haaluma walfakkaatuun, M.R.A Habib (2005:670) akkanatti barreesseera; “Feminist criticism in
America received a major stimulus from the civil rights movement of the 1960s, and has differed
somewhat in its concerns from its counterparts in France and Britain, notwithstanding the
undoubted impact of earlier figures such as Virginia Woolf and Simone de Beauvoir.”
Simone de Beauvoir nama biyya Faransaay yoo taatu, barreessituu asoosamaa, taphaa,
barreeffamoota dhuunfaafi falaastudhasi. Simone yaaxina feeminiizimiitin kan beekamtu yoo
ta’u, bara 1949 irraa eegaltee mirga dubartootaaf falmaa turte. Akka isheen jettutti, abbootiin
amantaa, seera baastonni, falaastonniifi barreessitoonni gadaantummaan dubartii fedhii uumaafi
isaan akka kennametti akkasumas, dubartiin lafarratti carra dhabeettii akka waan taateetti
fudhataniiru. Garuu, kun amantaa hawaasaati (social belief) malee dhugaa miti jetti. Kaayyoon
ka’umsa ishee hubannoo waliigalaa hawaasa hunda biratti dubartiin akka waan gadaantuufi
dhiirri immoo olaanaa ta’etti fudhatamaa ture jijjiiruufi walqixxummaa fiduudha
Dhiibbaa Ilaalcha Feeminiizimii
Ilaalchi walqixxummaa guddachaa dhufuun mirgi dubartootaa galumsa hunda keessatti cimaa
dhufuun dhibbaa garaagaraa fiduun isaa hin oolle. Dhiibbaawwan ilaalchi feminiizimii fide
keessaa;

Dhiibbaa Aadaa: akkuma walqixxummaan koorniyaa mirkanaa’aa dhufeen fedhiin dubartootaa


garmalee dabale. Sababa kanaan aadaa hawaasaarra dhiibbaa guddaatu gaha.

34
Rakkoo Hawaasummaa: rakkooleen hawaasummaa adda addaa kanneen akka rakkoo fayyaatiif
saaxilamuu akka bu’aa ilaalcha feeminizimiitti fudhatamuun isaanii ilaalcha kana dadhabaa
taasisa.

Gaaffilee Mirkaneeffannoo Yaadiddama Feeminiizimii Keessatti Ka’an


 Akkaataa dhiirrifi dubartiin hojicha keessatti itti dhiyaatan: yeroo, haala hawaasummaafi
bakka hojichaa hangam calaqqisiise?
 Walitti dhufeenyi dhiiraafi dubartii maal fakkaata? Tokko isa biraa caaleeraa?
Miidheeraa? Akkamiin? Maaliif?
 Dhiironniifi gaheen isaan hirmaatan walqixaa?
 Barreesichi dhiiramoo dubartii ol aansee barreesse? Kun maaliif ta’e? miidhaa maalii
qaba?
 Hojicharraa ilaalchi barreessaan dubartootaaf qabu maal fakkaata?
 Namfakkiilee keessaa aangoon, qabeenyi, beekumsiifi milkaa’uun kan eenyuu akka
ta’etti barreeffame?
 Gaheen hojichi beekumsa keenyaaf qabu maali?

Walumaagalatti, yaadiddamni feeminiizimii hojii ogbarruu keessatti akkaataa dhiibbaan gama


hundaan (kan maatii, hawaasummaa, diinagdee, siyaasa, seeraafi aartii keessatti) dubartii irra
gahe hojichi hangam akka ibsuufi ilaalcha hawaasnifi barreessaan qaban qaaccessuufi
xiinxaluurratti kan xiyyeeffatuudha.

3. Yaadiddama qeeqa qabatamummaa (Realism)


Qeeqni Yaadiddama qabatamummaa naannoo Jaarraa 19ffaa keessaa yerootti yaadiddamni
romantizimii babbal’achaa turee booda kan dhufeedha. Isaan booda garuu hordooftootni yaada
bara qabatamummaa kanaa haalaan mul’achaa kan dhufanidha. Yeroo kanattis waa’ee seenaa
dhugaa hawaasa tokkoo tooftaa garaagaraan barreessuun akka inni jiruu hawaasichaa addeessuu
danda’utti ibsaa kan turanidha. Kana malees, akkataan uumama yoomessaafi sabseenaa sanaa,
yeroo, bakkafi seenaa dhugaa qabatamaan argamuu danda’uun katabamuu akka qabu beekuudha.
Bara qabatamummaa jechuun calaqqee adeemsa jireenyaati (hanqinaafi cimina hawaasichaa kan
agarsiisu), bakka bu’aa waan qabatama qabuu tokkooti, bakka bu’a seenaa hawaasa gidduu
galeeffateti, mala yookiin tooftaa waan qabatamaa tahe tokko ittiin hubatnudha. bakka
bu’uunsi kunimmoo dhugummaa hirmaattoota guddina qabatamoo jechoota dhugummaa
qabaniin barreeffamee kan dhiyaatu tahee, seenaa dhugaa namoota sadarkaa jireenya garaagaraa
qabaniifi barruu jidduu ibsuu danda’uusatu kan ilaalamu.

35
Barri qabatamummaan wa’ee walitti dhufeeya ogbarruufi hawaasaa kan mul’isudha. Ogbarruun
akka meeshaa lolaa siyaasa hawaasa isa olaanaatti kan ilaalamudha. Kanas yommuu jennu
ogbarruun suuraa jireenya hawaasa sanaa qabatamaan kan agarsiisuu waan taheef, rakkinaafi
gammachuu hawaasichi dabarseefi ammaa keessa jiru haalaan kan mul’isudha. Yeroo tokko
tokko hirmaattootni rakkinichaa irra kan aanan yoommuu arginu yeroo boodammoo mo’achuu
dadhabuutu mul’ata. Kanaas ogbarruun haawaasichaa kan agarsiifamudha. Dabalataanis,
yaadiddamni qabatamummaa hojiin ogbarruu tokkoo dhugumaan yaadaa, dheebuufi hawwii
uummatichaa yaada waliigalaa ibsuu danda’uusaa ittiin kan madaalamudha.

Akka yaadiddama kanaatti hojiileen ogbarruu kanneen jedhaman keesumayyuu namootni


barreessan

 Barruun suni galma wa’ee hawaasichaa ibsu qabaachuu qaba.


 Weeshummaa Jireenya namoota hundaa hammachuu
 Afaanifi aadaa hawaasichaan katabamee dhiyaachuu
 Barichi yeroofi haala qabatamaa dhugaan barreeffamuu
 Barreessan suni hawaasichaan ala tahee seenaa dhugaa barreessuu
 Seenaafi jireenya dhugaa hawaasichaa haalaan dhiyeessuu
 Taateewwan dhiyeeffaman muuxannoo hawaasaan walsimachuu
 Jireenya qabatamaa hawaasa Addunyaa dhugaa irratti bu’uuruun katabamuu
 Muuxannoo dhugaa hawaasichaa kan ibsu
 Fedhiifi bakka walfakkaataa hawaasaa gidduu galeessa kan godhate

Yaadiddama kana keessatti hiika yookiin barruu sanaa beekuuf wanti akka ulaagatti ka’amu,
gama biraan immoo akka dhiyaannaatti kan fudhatamu baraafi yeroo itti seenaan tokko katabame
beekuufi barruu sanammoo jireenya hawaasa bara sanaa waliin walbukkee qabuun madaaluudha.
Askeessatti wanti dagatamuu hinqabne yerootti barruun sun barreeffame hiika barruu sanaaf
gumaachaa guddaa qaba.Barruun tokkoo bara dheeraan dura yommuu barreeffame tahe har’a
hiikasaa beekuun akka yaadiddama kanatti rakkisaadha. Sababnisaas, jireenyi hawaasa bara
sanaafi kan bara ammaa walhinfakkaatu jedhanii wan amananiif.

Gaaffilee yaadiddama qabatamummaa keessatti ka’an

 Seenaan barreeffameefi jireenyi hawaasaa walqabataa?


 Hirmattootni seenaa keessatti argaman gochaa namoota qabatamaan jiraatanii ni
mul’isaa?

36
 Meeshaaleen qabatamoo seenaa sana keessatti ka’an bara jireenya hawaasa sanaa faana
walitti hidhata qabaa?
 Yoomessi barruu sana keessatti eerame haala jiru faana walgitaa?
 Waldhabiinsi seenaa keessatti ka’e ka’uumsa amansiisaa qaba?
 Wantootni dhiyaatan akka aadaafi dudhaa hawaasichaatti sirriidhamoo sirrii miti?
 Dhumarratti seenaan sun adeemsa akkamii keessa darbee gara xumuraatti dhufe?

Walumaagalatti, akka yaadiddama qabatamummaa kanatti wantootni akka ciminaatti ilaalaman;


haala kanaan ogbarruu qeequun dhugumatti barruun sun hawaasa sana ibseeraa jennee beekuuf
gaariidha, eenyummaa saba sanaa gadfageenyaan beekuuf mijataadha, bara hafeen sun
barreeffameefi seenaa bara sanaa ilaaluuf namatti tola. Gama biraan immoo haala kanaan hojiilee
ogbarruu qeequuf dirqama nama hawaasicha beekurraa darbee nama bara hawwaasichi jiraate
jiraachuu qaba.nama seenaafi haala jireenya hawaasichaa beeku qofaatti kan danga’edha.

4. Yaadiddama qeeqa yaad-deebii dubbisaa (Reader-Response)

Yaadiddamni yaad-deebii dubbisaa naannoo bara 1970’n booda kan eegaledha. Yommuu kana
eegalanis hordoftootni yaadiddamni kanaa akka amananitti jechootni hiika adda addaa yookiin
jijjiiramaa kan qabanidha jedhu. Barbaachisummaan tutaa yaadaa, hawwiifi muuxannoo barruun
suni qabatee namoota dubbisanii walfakkaatadha.Sababnisaas, yaad-deebii kamiyyuu haala
tokkoon yookiin dhiheenya walfakkaataa dhiyaata jedhanii waan yaadanaiifi.

Qeeqni yaad-deebii dubbisaa wa’ee hiika barruu tokkoo kan inni irratti xiyyeeffatu akkaataa itti
dubbisaan hubatu irratti. Xiyyeeffannoon isaa gochaa dubbisaafi dhiibbaa dubbisaan taasisuu
qabuunni, hawwii inni jalqabaa hanga dhumaatti. Barruun muuxannoo irratti kan xiyyeeffatu,
irra jireessa akkaataa itti hiika uumaniifi muuxannoo dubbisaa horachuudha. Barruun tokko
jiraachuu kan danda’u ilaalcha dubbisaadhani. Kana jechuuni barruu tokko hubachuun kan
danda’amu dubbisaa, haala dubbisaafi barruu yoo jiraate qofaadha. READER + READING
SITUATION + TEXT = MEANING

Yaada barreessaa yookiin barruu jiru tokko beekuuf akka yaadiddama kanaatti, inni jalqabaaa
walitti dhufeenya dubbisaafi barruu haalaan qaccessuudha.Barruufi dubbisaan galma gahiinsa
hiika waan barreeffamee argachuuf murteessadha. Yommuu haalaan dubbisaa adeemnu, barruu
akka si’eessituu yaad-deebiitti fudhatamaa kan deemudha. Kana malees, hawwiin, dhaabbatni

37
/walitti dhiheenyi/ walitti dhufeenyi adda addaa dhiibbaa guddaa yeroo barruu dubbisnu nurraan
gahaa deemu.

Walumaagalatti, yaadiddama kanaan yommuu qeeqnu garaagarummaan jiraachuu danda’a.Addaa


addummaan kunimmoo karaalee armaan gadii keessaa namootni dhuunfaan garaagaraa
xiyyeeffannoon isaan tokkoofi isaan olitti tahuun hiikaan isaan kennanis addaa addummaa
qabaachuu danda’a.

Akkaataa hubannoo barruu sanarratti qabnuun(textual theories)


Madda muxannoo qabnuun(experience theories)
Gama xiyyeeffannoo xiinsammuun(psychological theories)
Haala galumsa hawaasaan(social theories)
Gama eenyummaa aadaan(cultural theories)

Dhiyaannaa(amantaa) yaadiddama yaad-deebii dubbisaa

 Hiikni barruu keessa kan jiru osoo hin taane gochaa dubbisaa keessa akka jirutti amanu
 Haala miidhagina qabuun yeroo maratti kan dubbifnu yoo tahe, gara ergaa waliigala
barruu sanatti kan dhufnudha.
 Xiinxala nuyi kenninu yeroodha gara yerootti jijjiiramuu kan danda’u tahuu, kunimmoo
muxannoon dubbistootaa akkasuma jijjiiramaa waan deemuuf
 Namootni garaagaraa hawaasa tokko keessa jiran muuxannoofi seenduubee walfakkaataa
qaban barruu tokko dubbisuun hiika yoo itti kennan qacceessi isaan kennan
walfakkaatadha.
 Yaadni barreessaan yaadeefi yaad-deebii dubbisaan kennuu yeroo tokko tokko faallaa
tahee argamuu danda’a. sababnisaas, akkaataan xiyyeeffannoo isaanii garaagara.

Gaaffileewwan yaadiddama yaad-deebii dubbisaa keessatti ka’an


 Waa’ee barruu kanaa maaltu sitti dhagahame? Sana keessaa maal
jallatte/jibbitee?
 Walitti dhufeenyi barruu kanaafi muuxannoo duraan qabduu maal fakkaata?
 Waa’ee hirmattotaa maal yaadda? akka dalaguu qabanitti gahee isaaniif kenname
dalaganiiruu?
 Barruu sana keessatti maaltu dalagame, seenaa rawwatame sana irraa maal
hubatte?

38
 Seenaan seeneffame sana irraa dubbisaan maal akka hubate? Yookiin hubattee?
 Dubbisaan barruu sanaa hafee sana akka filatee dubbisuuf maal isa kakaase?

Ciminaafi dadhabina yaadiddama yaad-deebii dubbisuu.

Cimina yaadiddama kanaa

 Qaamootni dubbisan dammaqinaan akka dubbisaniifi akka namoota baratanitti akka


qopheessan kan afeerudha.
 Dubbisaaf mirga guutuu kennuun, dubbisaan barruu tokko gara fedha isaatti hiikuu
danda’a.
 Hiika yookiin ergaa barbaade kennuuf dubbisaaf banaadha.
 Ibsa dubbisaan kennu yeroo gara yerootti jijjiiramuu danda’a.
 Dhalootni adda addaa yeroo adda addaatti hiika barruu sanaa kennuu danda’a.
 Dhiheenyaan ogbarruu qeequuf baay’ee gaariidha.

Hanqina

 Hiikaa barruu sanaa to’achuun hin danda’amu. Akkatuma dhiyaannaa yookiin


hubannoo dubbisaan adda addummaan uumammu danda’a.
 Galmi barreessaan yaadee barruu sana katabee guutummaatti hubatamuu dhabuu
danda’a.
 Qeeqtootni yaada barruu sanaa dhiisanii yaada ofii isaanii dubbachuuf karaa kan
saaqudha.

5. Yadiddama Qeeqa Markisti (Marxist)

Yadiddamni kuni kan uumame jaarraa 19ffaa keessa sababa yadiddama karlii markiifi Firiderik
Engles .xiyyeeffannoon yadiddama isaanis waa’ee qabsoo, dinagdee, aangoo hojjettootaafi
hoggantoota gidduutti ka’een bu’uura godhachuuni. Walitti dhufeenyi namootni abbootii
qabeenyaafi aangoo tahan irra caalaan dhiibbaa warren kaanirraan akka geesisaa turan
hubachuun nidanda’ama.Akka amantaa namoota kanneen lamaanitti gareen hawaasaa warri
dhumaa garee abbaa qabeenyaa waliin qabeenya uumamaas tahe industiriin walqixa akka
fayyadaman jajjabeessa.

Yommuu yaadiddamni kuni ogbarruu keessatti qabatamaan hojiirra ooluu eegale; faayidaa
barruun tokko hawaasicha keessatti qabu madaaluuf kan gargaaredha. Akka yaada yadiddama

39
kanaatti ogbarruun akkaataa itti aadaan hawaasa walxaxaa tahe keessatti babbal’atudha,
hubannoon akkanaa kunimmoo aadaa hawaasichaa haalaan kan qaru yookiin kan sirreessudha.
Kana jechuun ammoo ogbarruun dawitii hawaasni keessatti of ilaalu duwwaa osoo hintaane,
meeshaa guddaa aadaa hawaasichaa miidhaksudha.As keessatti wantootni xiyyeeffannoo
guddaan ilaalaman kanneen akka aangoo, siyaasaafi mallaqa akka galma tokkootti qabachuun
walitti dhufeenya inni barruu faana qabu ibsa.

Yaadiddamni markistii qeeqa ogbarruu tokko keessatti qabxiilee inni irratti xiyyeeffatu

 Ogbarruun kan ibsu yaada, amantaa fi soona aadaa hawaasa sanaati


 Faayidaan ogbarruu inni guddaan dhimma yookiin yaada walmormisiisaa tahe
keessatti yoo hirmaatedha.
 Ogbarruun qabsoo aangoo ibsuu ( aangoo gama saalaa, dinagdeen, hawaasummaani
fikkf)fi akkamitti akka itti uumameefi bu’aan isaa moo maal akka tahe adda baasuun
kaa’uu.
 Ogbarruun ibsa wa’ee barreessaa, dubbisaafi hirmaattotaa beekumsa akkamii akka
qaban yookiin beekumsa dhabuu isaani haala dinagdeefi hawaasummaan akkamitti
akka ka’ame kan ibsu
 Ogbarruufi barreessaan waliin tahuun akkataa dubbisaan hubachuu danda’aniin wa’ee
hawaasichaa agarsiisuu qaba malee hogganuu hinqabu.

Gaaffiiwwaan yaadiddama markistii keessatti ka’an


 Caasaan barruu sanaa falaasama yookiin yaada (ideological) isa kam hordofa?
Akkamitti immoo ibsame?
 Eenyutu aangoo qaba (maddi isaa maali) barruu sana keessatti? Aangoo sunis
akkamitti akka eegalamefi ilaalcha barruu sanaa akkamitti akka jijjire?
 Seeneffama hawaasaa sana keessatti irra caalaan kan hogganaa (dominate) kan
godhe eenyu?
 Sadarkaa akkamiin namfakkiin olaanaa amantaafi jireenya qabatamaa hawaasicha
keessatti jiraatee?
 Hirmaattootni qabxii kamirratti jireenya hawaasichaa itti dhiheenya jiraatan?
 Akkamiitti yaad-deebii kennu? Wantoota akka jijjiiraniif maaltu taasisee?
 Kaka’umsi yookiin ragaan hawaasicha keessa jiru barricha keessatti akkamiin
hojiirra oolee?
 Dhiibbaawwan hawaasaa maaltu jira akka barreessaan barreessuuf kan isa godhe?

Cimina yaadiddama markistii

40
 Yaadiddamni kuni dubbistoota ofeegannoon barruu akka dubbisaniif kan afeerudha.
 Yaada dubbistootaa kan dangessu osoo hintaane, bal’inaan akka hubataniif gargaara.
 Dubbistootni barruu sana gama hawaasummaan, seenaanfi haala qabatama ammaan
ilaaluuf kan gargaarudha.

Hanqina yaadiddama markistii

 Qeeqa yaadiddamaa kana keesssatti irra caalaan isaa kan irratti xiyyeeffatu dadhabina
barruu sanarratti
 Dubbistoota dubbisaanii akka itti bashannaniif kan afeeru osoo hin taane falaasama adda
addaan akka qeeqaniif malee
 Namoota hubannoo cimaa gama siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan qabantu
hirmaannaa guddaa tasisuu danda’a

6. Yadiddama Qeeqa Seendhunfee (biographical)

Qeeqni yadiddama seendhunfee seenduubee jireenya barreessa fudhachuufi duubee jireenya isaa
irratti bu’uuruun barruu dhiyaate qeequudha. Biographical criticism argues that we must take an
author’s life and background into account when we study a text. Yaadiddamni kuni seenaa
jireenya barreessaa irratti hundaa’uun isaa rakkinoota adda addaaf kan saxilamedha.kunis
falaasama (ideology) barreessitoota irratti waan hundaa’uuf barteewwan hawaasaa hunda ija
kanaan ilaaluun hin danda’amu. Faalaaasamni barreessaan qabu qabatee gara barruu dhufa waan
taheef barruu sanallee ijuma amala barreessaan ilaalla.

Barreessitootni tokko tokko barteewwan yookiin seera hawaasni sun itti bulu (social norm)
kabajuun yookiin eeguun kan barreessaanidha. Gariin immoo yaada kanarraa maquun yookiin
seera bulmaata hawaasichaan kan morman tahanii kan argamanidha. Kanneen amalaafi akkaataa
hawaasichi fedheefi barbaadetti jiraataniin kan barreeffame yoo tahe hawaasicha bakka bu’uu
danda’a. kana tahuu baannaan garuu, hawaasicha ibsuu dhiisee nama tokko duwwaa ibsa.
Kunimmoo amala isaan jiruufi jireenya isaanii keessatti argiisiisaan qabatanii dhiyaatu malee
seenaa hawaasicha keessa jiru kan mul’isan miti.

41
Yadiddama kanaan hojiiwwan ogbarruu garaagaraa qeequun faayidaa inni
qabu keessaa muraasni

 Dhugaa waa’ee muuxannoo jiruufi jireenya barreessaa beekuun, dubbisaan akkamitti


barruu sana akka qeequu murteessuuf gargaara.
 Dubbisaan bu’aa bahiifi dadhabii akkamii keessa darbee barruu sana akka qopheesse
ilaaluun caalatti dinqisiifata.
 Dubbisaan xiyyeeffannoo barreessaa muuxannoo jireenya isaa keessaatti akkamiin akka
itti fayyadameefi ofcimsaa akka dhufe ni hubata.
 Seenaa dhugaa barreessaa irratti bu’uuruun katabama.
 Seenaa dhugaa kan tahedha.

Gaaffileewwaan Mirkaneffannoo Yaadiddama Seendhuunfee

 Jireenya barreessaa keessatti wwantootni dhiibbaa irraan gahan namoota, yaadoota,


sochiiwwan,tateewwan barruu keessatti akkamitti ibsamani?
 Seenaan dhiyaate jireenya qabatamaa barreessaa faana walfakkaataa?
 Jijjiiramawwaan akkamitu barruu sana keessatti jireenya dhugaa barreessa faana jiru?
 Barreessaan amala jireenya dhugaa keessatti calaqqisiisuu maaliif jijjiiree barreese?
 Jijjiiramni jireenya qabatamaa barreessaafi barruu sana jidduu jiru maali? Maaliif tahe?
 Barruu sana keessatti barreessan amala, yaada, hubannoo yookiin fedhii isaa akkamiin
calaqisiise?
 Ilaalchi inni ofiifi addunyaa kanaaf qabu barruu keessatti ka’ameeraa?
 Hawaasni barruufi jireenya barreessichaa akkamiin yaad-deebii kennaa?
 Uummatni barruu barreeffameefi jireenya sanarraa maal fedha yookiin barbaada?

Walumaagalatti, yadiddama kana keessatti wanti akka ciminaatti ka’amu yoo jiraate seenaa nama
dhuunfaa sirriitti gadfageenyan beekuun ni danda’ama. Gama biroon immoo hojii barreessaa
tokkoofi seenaa jireenya isaa walitti fidanii qaccessuun bay’ee ulfaatadha. Kunimmoo namootni
jireenya isaan jiraatan , walitti dhufeenya isaan hawaasa faana qaban yoo barreessan barruun
gaariidha jechuu ta’a. tahuu yoo baate garuu barruun sun akka yaraatti fudhatama. Gama biraan
immoo barreessaan tokko yommuu waan sammuu isaa keessa jiru katabu wa’ee seenaasaa qofa
tahuu dhiisuu danda’a.

42
43