You are on page 1of 3

Lakk___________________ Guyyaa__________________

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waajjira Piresidaantii Naannoo Oromiyaatiif Finfinnee

Dhimmii:- Miidhaa Uummatarratti Hoggansii fi Caasaan Naannoo shanii gahaa jiruu Beeksisuu taa
Akkuma beekkamu kanaan dura rakkinna caasaan naannoo shanii uummata oromoo fi sabaa fi saba lammii naannoo Afuriin hogganaman irratti geesisanii fi geesisaa jiran qamaanis taee xalayaa adda addaan isin beeksisuu keenyaaf furmaannis akka itti kennamu taasisaa turuun keenya ni yaadatama. Xumurarrattis gochaawwan isaani yeroo gara yerootti raawwachaa jiraniif yeroo waggaa dhiyoo keessatti raawwatani keessaa gocha bara 2004 jiaa 6ffaa keessatti aanaa keenyaa keessatti hojjatan waltajjii dhimma daangaa addaan baasuu qaamni Federaala Magaala Awaasaa irratti Godinaalee rakkoo daangaa qaban kan oromiyaa fi soomalee taasifamerratti qamaan dhiyaannee naannoon shan uummata (Abbaa Warraa 600) Godina Baalee Aanaa Saweeyinaa keessa jirantan seeraan alaa lafa teenna godina godhannaa koottaa gara keenyaa jechuudhaan dogongorsuun maatii fi qabeenyaa isaanii gadi lakkisisanii lafa duraanu falmii daangaa qabdu, kan seeraan gargari hin basin irratti dargaggeessa humnaan nurratti qubsiisuu isaanii himachuu keenyaaf ,isaanis (Naannoon shan) gaafatamanii uummata Godinaa Baalee Aanaa saweeyinaa irraa Abbaa Warraa 456 akka goodansisanii Aanaa keenyatti qubsiisuuf taan amanuun isaanii ni yaadatama. Kanarraa kauun qaamnii Fedeeraalaa yeroo sani jiru uummata bifa saniin godaansisuun isaanii sirrii akka hin tainiif haala duree tokkoon ala atattaamaan akka iddoo godaansisaaniifitti deebisaan kallattiin kennameefi isaanis fudhatanii galuun isaanii odeeffannoo yeroo dhiyootii dha. Haa tauu malee , caasaan naannoon shani uummata Godina Baaleerraa gara Godina Boorana Aaanaa Mooyyaleetti godaansisan gara iddoo godaansisaniitti deebisuu dhiisuun dachaan gara aanaa keenyaatti godaansisaa turuu isaaniif inumaayyuu Godina Boorana Aanaa Mooyyaleetti gandoota falmii daangaa qaban kan akka ganda Caamuqi,Maddoo Miigoo fi kan kan fakkaatan irratti uummata san qubsiisuuf lafa Abbaa Warraa 92f,abbaa warra tokkoof m2 600 hiruu yeroo isaan jalaqaban itti dhiyaannee gaaffachuun akka isaan dhaabanii irratti mariyannee waan irratti waligallee qofaan akka raawwatani yeroo dubbisnu eeyyamoo tauu diduun lafa jaarsaa fi caasaa aanaattu kennee

gaaffadha jechuun gaafa guyyaa 15/11/2004 nama dhaanani ariyuu isaanii fi gaafa guyyaa 17/11/2004 yeroo itti deebiyamee gafataman humna hidhataa addaa qopheefataniin lafa hiruu isaanii itti fufuu isaaniif dhimma kana irratti akka walii galuu hin dandainiif qaamni olaanaan akka atattamaan gidduu seenee ilaalee furmaata kennuu fi rakkoo dhimmaa kanaan waliqabatee kauufis caasaan naannoo shanii kan itti gaafataman tauu isaani xalayaa lakk 64/BU-1 Guyyaa 18/11/2004 isin beeksisuun keenyas ni yaadatama. Kun taee osoo jiru,qaamni olaanaan gidduu seenee osoo furmaata hin kennin guyyaa 18/11/2004 waareen dura lafa hiruu yeroo isaani itti fufan, caasaan aanaa keenya yeroo deeme caasaa aanaa isaanii gafatan deebii womaatu kennuu diduun meeshaa ammayaatii fi humna hidhata addaa qabuun lola ammaataa uummata Gandaoota baadiyaa sadiirratti banuu isaanii fi gaafa guyyaa 19-20/11/2004 waraana ammaataa waajjira poolisa naannoo keenyaa qabachuuf jecha poolisaa fi uummata Magaalaarratti banuun; 1. Meeshaa humna uummataa olii kan akka Sinaaferii,Baazuqaa,Matariyeessa gurguddaa ,Bonbii fi kkf uummata nagaan waraanuun lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti miidhaa ammaataa dhaqqabsuu isaanii 2. Dhaabilee Mootummaa ( Waajjira Poolisaa,Raadarii Mootummaa Federaalaa, Bulchiinsa Mgaalaa ,Mana barumsa Caamuq fi kkf ) meeshaalee gurguddaan mancaasuuf yaaluu isaanii 3. Humna addaa Mootummaan hidhachiisee fi kan isaan Godina biraarraa (Godina Baalee) fidataniin uummata waraanu isaanii 4. Qaabeenyaa mootummaa fi uummataa kan taan waajjiraalee barnootaa fi SSBG saamuu,Stoora midhaan gargaarsaa saamuuf diiguu,Mana waaqeffanna (Beetekiristaanii Hortodoksii ) hadhuu, Waajjira Yuuniyeenii Odaa Roobaa saamuun miidhaa baayee irraan gauu isaanii 5. Gandoota sadii keessatti (Caamuqi,Malab fi M/Miigoo ) manneen uummataa abbaa warraa 500-800 gauu meeshaa saamuu fi manas gubuu isaanii 6. Humna poolisaa naannoo,Fedeeralaa fi hidhataa gandaa nagaa tasgabbeessuuf uummata jidduu seenee rasaasaan hadhuun ajjeesu fi madeessuu isaanii 7. Waraana naannoo keenyaarratti banuun uummata Gandoota baadiyaa 11 guutuu fi uummata Magaalaa Ganda 2 (gartokkee )Meeshaalee Waraanaa gurguddaan Waraanuun iddoo jireenyaa isaanii irraa buqqisuu isaanii Gandoota akka Caamuq,Malab,M/Miigoo,Qabbanaawaa,Sh/Barree fi X/Maddoo waraanaan hadhuun buqqisuu Gandoonni akka Goofaa,Guchii,L/Suree,Beedee,Arbalee soda Waraana isaaniin buqqisuu Gandoonni Magaala 01 fi 02 waraana cimaa isaan irratti guyyaa lamaaf banaaniin uummanni soda guddaa keessa seenee maatii baayee buqqisuun 8. Doorsisaa fi dhaadannoo adda addaan uummata tasgabbii dhowwuun biyya alaatti godaansisaa jiraachuu isaanii beekkamee kaumsaa fi miidhaa qabeenyaa fi namarra dhaqqabe hundaaf caasaan naannoo soomalee kan itti gaafatamu tauu isaa ibsna. Gama biraatiin ammo,Qaamni Federaalaa nagaa tasgabbeessuu( Federaali Polisaa , Humna Hoomaa Waraanaa fi koreen naannoo Oromiyaa irraa dhufte) erga uummata jidduu seentee;

1. Tarkaanffii walfakkaataa fudhachuu dhabuu isaanii (fkn; Hidhaa hoggansaa fi Meeshaa hiiksisuu) 2. Hoggansa Godinaa fi aanaa keenyaa hojimaataan alatti hidhuun uummata isaani bakka buan salphisu isaanii 3. Mirga hidhamaa seeraa eegsisuuf diduun heera biyyatti cabsuu isaanii 4. Labsii tokkoon alatti Alaabaa naannoo keenyaa buusuu, waajjira mootummaa cufsiisuu fi caasaa hoggansaa aanaa hojii ala tolchuun heera biyyatti cabsuu isaanii 5. Konkolaattota Mootummaa naannoo keenyaa seeraan ala fudhatanii dhunfachuu isaanii 6. Sababa walitti buiinsa uummata dhugaa tae kennuu diduun odeeffannoo dogongoraa Miidiyaan dabarsuun amantaa Mootummaa hirisuu isaaniin ( fkn; sababi walitti buiinsaa rakkoo Maraa fi Bishaan jechuun osoo sababii falmii daangaa fi humna seera alatiin waraana banuu caasaa naannoo shanii tauun isaa osoo beekanuu) Kunin ammo uummata keessatti komii guddaa kan uume tauu isaa beekkamee furmaatni atattamaa akka itti kennamu gaaffanna.

MIIDHAA DHAQQABEE GABATEEN

Miidhaa Poolisa Naannoo Poolisa Fedeeraala Hidhataa Gandaa Dubartoota Daaimman Uummata biraa Waajjira Barnoota Keellaa Fayyaa Namaa WSSBG Dhaabbilee Uummataa Mana Kuusaa Meeshaalee pirojeektii ijaarramaa jirani Waajjira Yuuneeni Odaa Roobaa Mana Abbaa Warraa

Dua 4 5 2 1 14 -

Gosa Miidhaa Madaa Gubata 3 1 1 40 500-800

Yaada Saamame 1 2 1 1 Pirojektii 2 1 Baayyee Diigame 1

Namaa

Dhaabbilee Mootummaa

Manneen uummataa

Nagaa Waliin! G/G


Qaama Dhimmii Ilaalu Hundaaf B/J

You might also like