You are on page 1of 1

KHADA QIDDAASE’E WAN WOGAA HAREYAA

KADHA SEENSAA

Waaqa kenna, hadha si’i guddoo galatoonfatiisaa fi ulfessiisa asi dachannerra. Galani kenna si’i dhaqabu.
Waaga haareya morka jalqanneefi si’i galatopnfatiisa barbaanna. Onne teennatiin woggaa tarte waan nu’u
eegateefi galata kenna fi kennansa kenna si’if dhikessina. Mana Kristiyaana keeti ebbisi, kristianooti duuchi
eebisi. Kara qidaase tanatiin ati, Waaqayoo keenna, nu’u duuchi jajjabessi. Dhugeeffanno teena ati fakkansi.
Yenna duuchi karaa hujii ifittin gammanne woogga hareya tana kessa akka gammannu nu’u godhi. Guyya
guyyan nu’u qarqari jenna MAqaa Ilma ketti Yessu Kristositiin si’i khadanna.

KADHA KENNANSOOTA IRRA:

Waaqa kenna, kennansa amma gara ketti dhikessinu kana nu’urra fudhadhu. Daabbo’oo fi woyinii tana
wolin yaada fi hujii teenna gara keeti dhikessina. Akumma ati Ilma keeti tokkocha Yessu Kristosi nu’uuf
kennitee, akkasumalle nuutille waan qannu duuchi, kara si’irra fudhannee, sunille: le’ii teenna fi hori
teenna, yaada keenna fi karoora kenna, wan ojjannu fi waan guutisa barbaannu ducchii, ati akka eebbitu fi
guutiisa akka dandeennu si’i kadhanna. Arjummaa tetiin nu’u keeki. Maqaa Ilma Keeti Yessu Kristoositiin si’i
kadhanna.

KADHA QURBANI’IIN DUBBA:

Gootaa Waaqa keenna, worega Ilma keeti Yesus Kristoosi woreganerra. Kara isaatin galata keenna si’iif
dhikesinerra. Sagale qulqullitti tana areerranne, wogga hareyya tana keessatti guyya guyyan hunna hafuraa
qulqullutin jabaanne, yenna duchii adde duuchille’etti rakko’oo fi gammada obboleyyan tenna ilaallemhujii
dhugeffannoo teenna le’ii teenna kessatti hunye, obboleyyanii fi s’i, Waaqayoo keenna, gammachisiisa akka
dandeennu nu’u qarqari, jedha. Maqaa Yesus Kristoositiin si’i kadhanna.

You might also like