You are on page 1of 1

Wongeela keessa hadha Yesuusi addii gudda nu’uf kenna!

Barattota ifitiifi
akka jedhe “Onneen teessani hin rifatin, Waqatti dhugeeffadha, analleetti
addadha” jedha! Sambata tarte harka abunichaa keennatiin obboleyaan
heeduu misxiiri Merooni akka fudhatane ayyaanaa guddaa ulfeessinerra!
Hunnaa Hafuura Woyichaatiin isaan dhuga bayoota Yesuus Kristoosi
akka ite’anu isaan gubbatti kadhaa fi eebba guddaa godhe. Isaan kofa
adoo hin te’iin, Hafuura Qulqulluu nu’u duuchiifi hunna akka kenne
jedhiisa dandeenna. Sambata sadiin duuba ayyaanaa Phenxekooste,
jeechuun ayyanaa bu’iisa Hafuura Qulqulluu hin ulfeessina. Waan
ayyaanaa saaniifi amma jalqanne mata keenna qoophessiisa nu
barbachisa. Marro kanaafi waan tokko hin sodaannu, morka barattoota
isa’afi akka jedhe, nu’u duucchiifi Yesuusi gara Abbaa ifii yennaa ol ba’e,
mootumma Waaqaa keessa addee hosee qoopheessisaafii waan
deemeefi. Calla adoo hin te’iin, Akka Kristiyaana dhugaa yoo iteene,
Yesuusi akka jedhe nuuti amma jalqanne jireenna bara bara Waaqarra
argatiisa dandeenna. Akka Tomaasi yennaa tokko tokko nu cufa hin
gafanna: “Gootta keenna addee ati dhaxxu hin beennu, attamin karaa
beekisa dandeenna?” Yesuusi akka hosee deebie: “Kara’afi dhugaan
jireennille ana, karaa kiyyan yoo ite’e malee, gara abba kiyya ka dhufu
namu hin jiru”. Karaa dhibii hin jiru, karaa biriin, karaa ufinna namaa,
karaa angoo adoo hin te’iin, kara Yesuus Kristoosiin calla mootumma
Waaqa isheniisa dandeenna. Ammoo Yesuus Kristoosi fi abba Waaqaa
beekiisa yoo barbanne adoo hin dhadhabiin Wongeela dubbisiisaa fi
dhuga bayiisa un barbaachisa. Wongeela ha’dha keessa akka
dhageenne: Yesuusi abba Waaqa’a woliin tokkumma akka qabu
mudhise”. Filiphoosi isaaf yeenna gaafate Yesuusi maan deebie?
“Filiphoosi kiyya, higa yennaa tana duuchii isin woliin adoo jiradhuu ati
ana hin-benne? ka ana dhaggee Abba dhageera, ani abba’aan akka jiru,
Abbaalle anaan akka jiru hin-dhugeeffattu?” jedheen. Ammallee addee
dhibiin Yesuusi nu’ufi maan jedha? “maqa isatiin waan tokko yoo
khadaanne, inni nu’ufi akka godhe nu’u jedhe. Marro kanaafi
dhugeeffanno teenna jajjabeessisa nu barbaachisa. “Ka dhugeeffatanu
ka kadhate duuchi fudhatiisa dande’ani”, Yesuusi nu’uf jedha. Yenna
fasikaa tana keessa nuuti, barattoole Yesuusii fi dhaltoole hawariyootaa
waan iteneefi, dubbii fi hujii kennatiin, ammallee fakkeenna hosee
kennatiin nama wodhakka akka dhuga bayoota jajjaaboole mata keenna
mudhisiisa nu barbaachisa. Ka’iisa Yesuus Kristositiin jireenna hareya
akka fudhanne marro dhugeeffanneefi, nama duuchifi rakko ifii keessa
ossiisa akka dande’anu fi addii guddoo akka qaabanu hujiisa un
barbaachisa. Qdaase tana keessa guyya guyyan Yesuusi dhugeeffaanno
teenna akka jaabeessu haa kadhannu. Wongeella dhuga bayisaafi fedha
hosee qaabatiisa akka dandeennu Waaqi hafurra ifitiin nu’u qarqaaru fi
un’u jaajjabeessu!

You might also like