You are on page 1of 2

Yoo dandeesse Oromoota maraan gahi!

Yoo dadhabde Oromoota 20f dabarsi.

Yoo baay'ee dadhabde Oromoota 10f ergii dirqama Oromummaa kee bahi!

=================================

Barri isaa Ebla 15/1980. Guyyaan kun guyyaa addaati. Guyyaa Oromoota ardii iraatti hafaniif ergaa
guddaa dabarseedha. Ilmaan Oromoo tokko ta'anii bahaanii tokko ta'anii waliin wareegaman.
Kaayyoo takkaan bool'a takkatti awwaalaman. Kaayyoo bahaniif dhiisaanii cinaatti hin gorre. Galma
tokkoof bahanii, galma bahaniif dhiisanii wal hin ganne. Hangafoota qabsoo keenya!

"Wollaahi! Billahi! Oromoo jennee baanee, Somaalee taanee hin gallu." Jecha Gooticha
H/Abdullaahi Ganamooti. Ilmaan Oromoo qabsoo yeroo gaggeessaa turanitti meeshaa waraanaa
barbaaduuf gara gammoojjii Somaaliyaa deeman. Imala isaanii keessatti waraana mootummaa
Somaaliyaa Ziyaad Barreetiin marfaman. Waraanni mootummaa Ziyaad Barree namoota kana
amantiin qoodee ajjeesuuf murteesse. Muslimoota dhiisee, namoota muslima hin taane ajjeesuuf
karoorfate. Akkas jedhanii isaan gaafatan, "Muslimoonni kiristaanoota irraa adda bahaa, Muslimoota
kan ta'an hin ajjeesnu" jedhaniin. Ilmaan Oromoo kunniinis " Oromoo jennee baanee, Somaalee
taanee hin gallu" jedhanii addaan bahuu didan. Obboloonni muslimaas "obboloota keenya waliin
baane irraa adda hin baanu waliin nu ajjeesaa" jedhanii didan. Kun Oromootaaf ergaa guddaadha.
Gootonni yeroo sana wareegamaniis:

1. Magarsaa Barii Hogganaa ABO yeroo sanaa

2.Gadaa Gammadaa Itti aanaa Hogganaa

3.Muhee Abdoo

4.Abboomaa Mitikkuu

5.Yiggazuu Bantii

6.Falmataa(Caccabsaa)

7.Faafam Dooyyoo

8.Irra aanaa Qacalee

9.Marii Galaan

10.Dhaddachoo Boruu

11.Dhaddachoo Mul'ataa

Eegaa yaa obboloota! Guyyaan Ebla 15 kun baroota darban keessa Oromoon ifatti kabajee hin
beeku. Guyyichi guyyaa beekamaa fi kabajamaa ta'uyyuu sababa mootummaan wayyaanee ilmaan
keenyaa hidhaa fi gidirsaa tureef ifatti kabajuun ulfaataa ture. Eegaa bara kana ifattii fi bifa adda
ta'een kabajuu barbaachisa. Guyyaa ilmaan Oromoo diinni amantiin qoodee ajjeesuuf murteesse,
isaan adda bahuu didanii bol'a tokkotti dhuman yaadachuu qabna.

Guyyicha sagantaa addaa fi haala adda ta'een kabajaa. T-Shirt fi Poostarii adda addaa hojjisiisun
kabajaa. Shaamaa yaadannoo ibsuun tokkummaa keessaniin kabajaa. Tokkummaa isaan nu
barsiisaniin waliif oo'a. Oromummaa hiddaa dhiigaatiin wal qabate sanaan diina garaa raasaa!!
Gootonni keenya Gammoojjii Somaaliyaa keessatti wareegaman waliirratti du'uu nu barsiisaan.
Baraan isasn yaadannee Ebla 15 bifa hoo'aadhaan has kabajnu. Iddoo jirtanitti waliitti gurmaa'ati
kabajaa!!

==========================

Hin irraanfatiinaa! Nama 10 oliif dabarsaa!!!!

You might also like