You are on page 1of 5

DADAMMAQINA

(REVIVAL)

Jechi dadammaqina jedhu guuboo jechoota Oksifoordi Ingiliffaan akka dammaqinsa afuuraa
(S.S waan Waaqayyootti fedhii jabaafi seexaa horachuutti hiika).

Nan amana KITAABA QULQULLUU bara nuyi keessa jirruu kana waldaalen jiran hedduun
akka rafanii jiran, sunis lapheedhaan cabanii akka duubatti sigigaatan agarsiisa. Kana moo
Mattewoos 25 keessatti dubartoota qabnaafi gowwaa saniin hubanna yeroon ciisaa sun cidha
idaayittifi iddaayyicha, Yesuus Matt 25:1-13 “mootummaan Waaqa dubartoota kurnan warra
ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misiroo simuudhaaf ba’an fakkaata. Dubartoota sana keessaa
shan gowwaata turan. Shan moo abshaaloota turan. Warri gowwooni ibsaasaanii fudhanne. Warri
abshaalonni ibsaasaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. Dhirsii misirroo galuu turraan
hundumtuu muganii rafan. Halkan walakkaa moo sagalee guddisee ‘Dhirsii misirroo kunooti! Isa
simuudhaaf ba’aa! Jedhutu dhagahame, yommuus durboonni sun hundinuu ka’anii ibsaasaanii
totolfatani. Warrii gowwaan, abshaalotaan ibsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa
keessanirraa waa nuuf kennaa! Ittin jedhan. Warri abshaalli garuu deebisani, warra gurguran bira
dhaqaa bitadhaa malee, innoo nufis isiniifis hin gahu jedhaniin, yeroo isaan bitachuuf dhaqanitti
dhirsi misirroo ni dhufe. Warri qophee isa wajjin gara mana cidhichaa seenan balballis ni
cufame. Dubartoota sana keessaa warri hafanimoo booddee dhufanii “yaa gooftaa, yaa gooftaa
nuuf bani! Jedhaniin. Inni moo deebisee dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku jedhe. Egaa
quyyichaaf hin beektaniiti dammaqaa jedhe.”

Dubroonni isaan warra lammata dhalatani, uumamaan, dubri gaafa heerumaa gammachuun
karaa eegdi, kanaafu hin raftu. KITAABA QULQULLUU garuu lamaanu ni mugani jedha. Ifti
dhungoo dhadhaan guutame irraa dhufa. Faarsaan 119:105 “Dubbiin kee ibsaa iila kootii, daandii
koo irrattis ni ifa.” Ibsichi sagalee Waaqayyoti, daandii irra deemnuufis ni ifa. Sagalee Waaqayyoo
hubachu qabna, yoo kana daandicha ni beekna. Ibsaan dubroota gowwaa ni dhaamte, yeroo
isaan dhadhaa bitachuu danda’an yeroon moo kuttee, balballiis cufamte. Dhadhaan muudaa
afuura qulqulluu dubbata inni isa dhuaatti nu qajeelchuuf nu hogganudha. Dhugaan sagalee
Waaqayyo. Isaan wari qophii ta’an qofti gara cidhaatti sokkan.

Iyyasuus ufiisaa Marqos 13:33-37 keessatti waa’ee ciisaa akkas jedhee akeekkachiisa kennee
jira. “Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga’u hin beektan kun akka nama mana
isaa dhiisee biyya fagoo dhaquudhaaf ka’eeti. Inni hojjettootasaaf aboo kennee, tokkoon
tokkosaaniitiif hojii hojii isaanii kenne; karra eeguudhaan moo in dagatiin dammqi’ jedhee
abboome. Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgalaafi ganama dhufaa hin
beektan. Yeroo isin quba hin qabneeti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti
kanaan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha dammaqaa! Isiniin jedha.” Manni waa’ee
waldaa dubata halkan walakkaan moo yeroo deebii gooftaa Yesuusidha.

Phaawuloosis Roomee 13:11-14 keessatti “yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan
fayyinaa waan nutty dhi’aateef yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uun isaa
beekaa! Halkaniichi sookkee guyichi dhi’eraa, kanaafis koottaa hojii dukkana keessa hojjettamu
ufirraa fuunee gannee, mi’a lolaa isa ifa keessaa ittin hojjetan ni hidhanna. Koottaa amala keenya
tolfannee akka warra ifa guyyaa keessa deddeebi’aniitti jiraanna malee, albaadhummaatti yks
machiitti, halalummatti yookis weennoottii in jiraannu. Gooftaa Yesuus Kiristoosin akka uffata
sibilaati uffadhaa malee, hawwaa namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa
hin kenniinaa.”

Dhimma: 0108 Fuula 1 ffaa 5 Dadammaqina


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2009 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
KITAABA QULQULLUU Ampilified “kana cinatti sa’aatichi kun waan inni ta’e ni beektu, yeroo itti
irriba keessaa dammaquun isiniif ta’udha (dhugaatti birradha’aa). Isa yeroo dura amannee
(itti qabamne amanannee, fi Kiristoosirratti of gannee, masiihicha) caalaatti amma gara guyyaa
fayyinaa (fayyina waaraa) dhiyaannee hojiifi gocha dukkanaa gannee (baqannee) meeshaa
sirreeffannee kabajaa hojjeenna malee akka wara albaadhessaafi machooftu hallummaafi
weennooti lolaafi hinaaffaatti hin jiraannuu. Garuu Gooftaa Yesuus Kiristoositti of dhiyeessaa
malee akka fedha foonitti (waa’ee fedha foonii yaaduu dhaabuudhaan) gammachu jiraachuu irraa
of dhowwaa.”

Phaawuloos Efsoon 5:14-16 keessatti “wanti bakkeetti baafamu hundinuu ifaadha. Kanaaf, ati
yaa isa raftuu, dammaqi! Warra du’an keessaa ka’e, Kiristoos siif ni ibsa” jedhame. Eegaa
attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra Ogeessotatti malee akka warra
ogeessoota hin ta’iinitti hin jiraatinaa.”

Sagalee Waaqayyoo ifa ni kenna. Faarsaan 119:130 “saaqamuun dubbii keetii ifa ni kenna,
wallaaltootayyu ni hubachiisa.” Sagalichi laphee keenya malee sammu keenya seena miti.
Gooftaan dubbi isaa laphee keenya irratti barreesseeti, sammuun keenya haaroma.

Phaawuloos dabalee 1 Tasaloonqee 5:1-6 keessatti “yaa obboloota koo! Waa’ee barichaafi
waa’ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachiisaa miti. Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan
dhufutuutti akka dhufu isinuu gaarii gootanii ni beektu. Namoonni “Nagaadha, gabiidhaas” utuma
jedhanii badiis itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra ni ga’a kana
jalaa ba’uunis hin jiru. Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef guyyaan sun
akka hattuutti isinirra ba’uu hin danda’u. Isin hundumti keessan ilmaan ifaati, ilmaan guyyaatis,
nuyi warra halkanii yookis warra dukkanaa miti. Eegaa koottaa ni dammaqna, ofis ni qabna
malee, akka warra kaaniitti rafuus ni dhifna.” Yeroo hundumaa haafuratti kan dammaqne ta’u
qabna.

Fakkeenya 10:5 akkas jedha “Inni boona midhaansaa walitti qabatu inni ilma hubataadha, ini
yeroo makaraatti rafuu garuu salphina farrisa.” Birraan yeroo itti midhaan sassaabaniidha,
akkasumas Wangeela Maatewos 13:39 akkas jedha “… yeroon makaraa xumuraa
addunyaati…” Yeroo makaraa irra jirra – amma! Dammaqinni dhugaa KITAABA
QULQULLUUti. Dammaqinni dhufuunis shakkiin hin jiru, garuu eenyutu argataa, yoo dhufuwo
eenyutu itti fufaa? Dammaqinsi kun Hizqeel 37 keessatti akka lafee goggogduun deebitee
lubbuun jiraattu godhee ibseera.

Hizqeel 37:1-10 “Harki Waaqayyo ana irra turee, innis hafuura Waaqayyootiin na fuudhee dacha
lafeen keessa guute tokko na dhaabe. Kunoo dachicha keessa lafee baay’ee danuutu ture
isaanis baay’ee goganii turan; inni isaan gidduu asiifi achi na adeemsisee “Yaa mucaa namaa!
Lafeen kun jireenya qabaachuu ni danda’aaree?” naan jedhe ani moo “yaa Waaqayyoo gooftaa
kana si duwwaatu beeka” nan jedhe. Ammas “Lafee kanatti raajii duadhuu, yaa lafee gogaa nana
dubbii Waaqayyoo dhaga’i! jedhi naan jedhe, Waaqayyo gooftaan “lafee kanaan, kunoo ani
hafuura sittan galcha atis ni jiraatta, ani ribuu si keessaa nan kaa’a. Foon sittan godha, gogaa
sittan uffisa, hafuuras si keessa nan kaa’a, atis ni jiraata; hommuus ani Waaqayyo akkan ta’e ati
ni beekta’ jedhei” jedhe. Ani akkuma inni na abboome raajii nan dubadhe; utuma ani raajii
dubbachaa jiruu sagaleen ni dhaga’ame. Kunoo, wantii tokko ni sossokokse, lafeen sunis walitti
hiiqee, lafen lafee ofii isaatiitti ni dhi’aate; yommuu ani isaan ilaale kunoo, ribuun isaan keessa
kaa’amee, foon isaaniitti godhamee, gogaanis isaaniti uffifameera; garuu hafuurri isaan keessa
hin turre; ammas anati dubbatee, “yaa mucaa namaa! Hafuuratti raajii dubbadhu! Waaqayyoo
gooftaan, yaa hafuura, golee arfanuu keessaa kottuu akka jiraattaniif wara dhuman kanatti
qilleensa’I’ jedha jedhi. Anis akkuma inni na abboome raajii nan dubbadhe. Hafuurris isaanitti
gale, isaanis jiraatoo ta’anii miilla isaaniittin ni dhaaatan, isaan macca baay’ee guddaa turan. “

Waldaan Israa’eel ishee haafuraati.Waldaan looltuu guddaa kan. Waaqayyooti,garuu waldaa isaa
keessatti hedduun kan goganiidha.Waantii biraan waanta kan Waaqayyoo ta’ee irraa isaaniin
harkisaniiru, kanaaf namummaan jaraa inni hafuuraa beela’aadha!

Dhimma: 0108 Fuula 2 ffaa 5 Dadammaqina


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2009 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Waaqayyo waldaalee deebisee ijaarutti jira. Deebisanii ijaaruu kana Ibroota 6:1-2 keessatti
ibsame “Kanaafis kottaa dubii waa’ee Kiristoos isa gara jalqabaa dubbachu dhiifnee, gara
barsiisa isa warra ga’aniif kennamuutti ni darbina. Nuyi waa’ee hojii gara du’aati geessu irraa
yaada garaa geeddarachuu, waa’ee Waaqayyoti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa’uuf
miti barsiisa waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu, waa’ee ka’uu wara du’anii,
waa’ee firdii bara baraa keessa hin deebinu.” Qajeelchi kun hundi bara waldaalee gamanaa
hojjeta ture, achii booda waldaaleen gara bara dukkanaatti cehan, Qajeelchi kunis waldaaleef
deebifame.

Daddammaqni qajeelcha Ibroota 6 ti, akka du’aan ka’uutti fakkeeffames nin amana. Yeroo
Yesuusiifi sun dura bara dheeraa; du’aan ka’uun namoota baayyeef ta’eea. Haa ta’uu du’aa
ka’uun Ibroota 6 keessati tuqame kun garuu saba Waaqayyo – waldaadhaafi. Du’aa ka’insa
uumamaati. Du’aa ka’uu jechuun ijaajjuu jechudha. Hamileen dhuqaa afuuraatti
baayyanachuu, afuuraan wara du’aniirra bahuudha.

Ibroota 6:1 keessatti daafiin qajeelfama kanaa aramuun gara sirriitti nu geessa. Jechi sirrii jedhu
guutuu bilchina afuuraa jechudha. KITAABA QULQULLUU Amplified keessatti Ibroota 6:1-3
“kanaafuu doktirinaafi barsiisa Yesuus Kiristoos (masihicha) isa salphaa bira dabruudhaan, gara
guutummaafi sirroominaa bilchina afuuraati nu geessutti haa tarkaanfannu. Koottaa hojii gara
du’aatti nama geessu irra qalbi jijjiirannee, gara amantii Waaqayyootti deebinee, barsiisa
qulqullummaa harka namarra kaa’uu, du’aa ka’uufi murtii baa baraafi adabbii keessa hin
deebinu.” Qajeelchi kun hundi bara dur durii kan hubatamedha. Yoo dhugumatti Waaqayyo jedhe,
amma gara barsiisa saffisaatti ni ceena. Phaawuloos yeroo kana waldaa Ibrootaati dubbata.

Phaawuloos waa’ee dhageeti afuuraaf waldaalee Ibrtootaa dammaqsa Ibroota 5:11-14 “Waa’ee
isa dubbatame kanaaf waan jennu baayyee qabna; garuu wanta dhageessan hubachuutti? waan
taataniif ibsuun rakkisaadha. Isin yeroo kana barsiisoota ta’uuf kan maltan turtan amma garuu
dubbii Waaqayyo isa gara jalqabaayyu nama hiikee isin barsiisu ni barbaachise, qooda nyaaa
jabaa nyaachuus wara aannan dhuguun isaan barbaachisu taataniittu. Namni aannaniin jiraatu
moo mucaa waan ta’eef akka itti Waaqayyo durati qajeelummaatti jiraattan isa barsiisu hin
hubatu. Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’aniiti warri kun sammuunsaanii hojiidhaan itti bare
hamaafi gaarii gargar baasuu ni danda’u.”

KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “Waa’ee kanaa, wanna ibsuuf rakkisaa ta’e baayye jechuun
ni danda’ama. Hanga isin dhageetti afuuraa keessanitti daagii taatanii, silaa yeroo kana ofirraa
haftanii kaan barsiisuu qadu turtani, garuu isin irra deebi’ame nama qajeelcha sagalee
Waaqayyoo isa jalqabaallee isin barsiisu barbaadu. Isin waa aannan malee nyaata jabaa hin
barbaadne taataniittu. Warri hoggayyu aannanuma soorachuu baran doktiriina qajeelummaa hin
leenjina, hin shaakalle (fedha ayyaana daafii, ilaalchaafi gocha keessa jiru dhugoomfachuu) hin
dandeenye sababa kichuu taataniif (dubachu hin dandeenye) Garuu nyaanni jabaan wara
ga’eessotaaf, wara miirriifi sammuunsaanii wanna gaariifi bayeesaafi badaafi faallaa ayyaanaafi
namaa ta’e gidduu jiru leenji’aniif ta’a.”

Akkuma qajeelchi kun Ibroota 6:1-2 keessatti eerametti dhawaatumaan daafii nuyin
qajeelummatti geessuuf jecha waldaaleef deebi’eera.

Hojii badaa irraa deebi’uuf Waaqayyootti amanuu – Qajeelchi duraa Maartiin Luutaariif bara
1513 keessa kenname haaromsi waldaalee eegale. Maatiin Luutaar eegi Waaqayyo kana isa
agarsiiseen booda waldaa Kaatolikaa cabsee bahe. Waaqayyo karaa wara gurra dhageetti
qabaniifi laphee ajajamu qaaniin ittima fufe.

Cuuphaa – bishaaniifi afuura Qulqulluu – bara 1642 nama Richaardi Blunt jedhamuun
cuuphaan bishaanii guutuun waldaaleef deebi’e. Bara 1900 keessa cuuphaan afuura Qulquluu
(mallattoo afaan haarawa dubbachuun) garee Williyaam Seymoon jedhamuun gaggeeffamuun
Azusaa, Ameerikaatti deebi’e argame.

Harka irra naquu – bara 1946 harka irra naqachuun biyya Kaanaadaa keessati ta’e.

Dhimma: 0108 Fuula 3 ffaa 5 Dadammaqina


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2009 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Du’aa ka’uun (dammaqinsa) yeroo dhiyoo – nin amana nama Rodnii Huwaardi Biraawni
jedhamuun dadammaqni gara waldaatti dhufe. Gara sirraa’inaatti deemuu keenya dura,
qajeelfamni waldaatti deebi’uu malu tokko ni jira sunis murtii bara baraati.

Murtii bara baraa Pheexroos waa’ee kanaa 1 Phex 4:17 keessati akkas jedheera “yeroon firdiin
kennamu ga’ea. Firdiin kunis warra mana Waaqayyo keessatti ni jalqabama, erga dura nutty ni
jalqabama ta’ee dhumni warra wangeela Waaqayyo amanuu didanii maal haa ta’uuree?” Firdiin
kun waldaale gamanaa keessatti ni hojjetaa? Eeyyee! Anaaniyaafi Saphiiraan afuura qulqullu ni
soban, murtii argatani, lameenu du’aan adabaman.

Hojiin Ergamootaa 5:1-11 “Namichi Anaaniyaas jedhamu tokko ture, inni haadha manaasaa
Safiiraa wajjin walii galee lafa qaan tokko gurgurae, horicha irraa garuu dhokfate, gar tokko fidee
ergamootatti kenne, kanas moo mare haadha manaa isaatiin waan godheef, isheen gaarii gootee
beekti ture. Phexroos yommus “Anaaniyaas akka ati hafuura qulqulluu sobduf horii aradaa kee itti
gurgurtee keessaa akka dhokfattuuf maaliif seexaanni yaada garaa kee keessa guutee?
Qabeenyi kee kun utuu ati hin gurguriin kan kee ture. Erga gurgurtees horichi harka kee keessa
jira miti ree? Attamiti garaa kee keessatti kana malteree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon
sobde malee” jedheen Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga’e, lafa dha’ee du’e; wari kana
dhaga’an hundunis guddaa sodaatan. Dargaggoonni immoo dhufanii reeffa isaa kafananii
geessanii awwaalanis. Akka sa’aati sadii ta’u turte haati manaasaa waan abaan manaashee ta’e
utuu hin beekiin dhufte. Pheexroos moo “Aradda keessan dhuguma hamma kanati gurguranii?
Anatti himi” jedhe. Isheenis “Eeyee nuyi hammasumatti gurgurre jetteen. Pheexroos garuu
“hafuura gooftaa qoruudhaaf kan isin waliigaltan kun maali? Wara aaa manaa kee awwaalan
kunoo amma balbala dura jiru moo? gad si baasu” ittin jedha. Isheenis yommusuma miila isaa
jalatði lafa dhooftee duute, dargaggoonni sun ol galanii akka duute yommuu argan, gad baasanii
abaa manaa ishee bukkeetti ishii awwalan, waldaan amantootaa gutummaatti warri kana
dhagahan hundinuus guddaa sodaatan.”

Aanaanyaafi Safiiraan; soba dhimma maallaqaa ulfaa’an, battaluma murtii argatan gochasaaniifis
harka Waaqayyoorra. Kun KH jalati ta’e, waldaa KH keessatti, ayyaana Waaqayyoo Anaaniyaafi
Safiiraa irratti godhe, sirrattis ni godhaa; yoo sobuufi gowwomsuu itti fuftan taanaan!

Akka dursee eerametti akeekni qajeelfama kanaa deebi’uun nuyiin gara sirroominaatti fiduufidha.
Sirroominni kun Yesuusiin Yohaannis 17:23 keessatti kadhatameera. “Ani isaan keessa atis ana
keessa jiraachuu keetiin isaanis raawwatanii tokko haa ta’ani; biyyi lafaas ati na erguu kee
akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu ke haa beeku.” Kun kan irra gahamuu danda’u akka
Phaawuloostti dhugaa hubachuutti dhufuun isa 2 Ximootiiwos 3:16-17 KITAABA QULQULLUU
Ampilifaayid “caaffanni Qulqullaa’an hundinuu geggeessaa hafuuraa Waaqayyootiin caafame;
barsiisuuf balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjiisuudhaaf dhimmaa ni
baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka
ta’u ni godha.”

Kun karaa hojii wangeela Waaqayyoon dhaqqabama akkuma Efesoon 4:11-15 irratti tuqame
“Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyoo
isaanitti mul’isee wara himan, kaan warra wangeela lallaan, kaan eegdota, kaanis, barsiisota
akka ta’aniif ture. Inni wara Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf
qopheessuudhaaf (waldaa isa) dhaqna Kiristoos sanas cimsuudhaaf kana godhe. Kunis hamma
hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyo beekuu namootaa ga’an taanee,
guddannees safaa guutummaa Kiristoos bira hamma geenyutti ta’a. Egaa nuyi si’’achi ijoollee
dha’aan asiifi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namootaa axaarotaatiin, haxxumma isaanii isa
gowwoomsaadhaan raawwatamunis fudhataman hin taanu. Kanaa manna jaalalaan dubbi
dhugaa dubbachaa kottaa karaa hundumaan gaa isa maaa nuuf ta’ee, gara Kiristoositti ni
gudannaa!”

Dhimma: 0108 Fuula 4 ffaa 5 Dadammaqina


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2009 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Yoguu jalqaba dhalannee, sunis Yesuus Kiristoosin akak gooftaa keenyaatti fudhannu, fayyisaafi
baraaraadha. KITAABA QULQULLUU akka daa’ima taane dubbata, ykn ijoolleen guddina aannan
feeti. 1 Phexroos 2:2 “Aka mucootiin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti isinis fayyinaaf, ittiin
guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka
aannanii sana dhara’aa.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “akka dhaa’ima reefu dhalatee
aannaniif gaggabduu (dheebottu, dharraatuu) aannan qulqulluu afuuraa; sanaan gara fayyina
guutuutti guddachuu ni dandeessu.”

Xumura irratti Ibroota 5:13-14 keessatti “namni aannanin jiraatu moo mucaa waan ta’eef akka itti
Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatani. Nyaanni jabaan garuu kan
warra ga’aniiti. Warri kun sammuunsaanii hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargara baasuu hin
danda’u.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “Namni kamuu aannan soorachuu itti fufe
barsiisa qajeelummaatti ogummaa hin qabaatu akka shaakala hin qabaannes beekamaadha
(gocha, ilaalchaafi akeeka fedha ayyaanaatti walsimuutti) waan kichuu ta’efi (dubachu ammalle
hin dandeenye) Garuu nyaanni jabaan nama gaeessotaaf ta’a. Wara miirrisaaniifi
sammuunsaanii shaakalati leenji’e wanna gaariifi bayeessaafi badaafi faallaa gidduu jiru adda
baafachuufi gargar qooduu danda’aniifi, seera ayyaamaafi seea namaatti.”

Dadammaqinsi of keessati, qalbii diddiranna, fayyina, raajummaa, qulqullummaa, gammachuu,


boqonnaa, amantii, qaamaan fayyoomu, haaromuu, ajaa’iba, dhina olmiirama, eeba, afuura
qulqulluun cuuphamu, laphee namootaatti “giimu” abiddaa qabsiisuudha.

Kun yero dadammaqinaati. Yeroo Waaqayyooti. Yeroo Waaqayyoon daawwatamuu guddicha


addunyaan hanga ammaa hin argine, isa keessati isinis argamtan, cabsaa isarra jirra. Yeroon
makaraa xumura guddaa dhufaa jiru karaa hoomaa Waaqayyoon warra dadammaqina baatanin,
baayyonni ittin mootummaa Waaqayyootti fayyantu ta’uuf jira. Kanaafuu hanguma guddachaa
deemtan aannan caalaa sagalee Waaqayyo afuura keessan sooruufi garaa gahuuf isin
barbaachisa. Garaa guutummaa Kiristoositti guddachuuf foon afuuraa isin barbaachisa.
Kanaafu akka dammaqxanii turtaniin isin gors. Sagaleen Waaqayyoof caalaatti afuuraan
beelahaa, dheebodhaa. Ifti keessanis calaqisee haa mul’atu.

Yeroon kun yeroo itti wantoota Waaqayyootti dhiibuun nuuf ta’udha!

Jim Walkarii tiin Kan Afaan Oromotti hiike Zaman Indaalee


(Australia) (Tajaajila Sagalee Dhugaa-Finfinnee Itoophiyaa)

Dhimma: 0108 Fuula 5 ffaa 5 Dadammaqina


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2009 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com

You might also like