You are on page 1of 22

1 DHUGAANO JAL'ATE

Uu uu jedhen iyyaa

Akka nama maraate

Asif achi ilaalen dhaabe

Kan anaaf dirmate

Firri koo dhengadda

Kolfan lafa natti ciruu

Yeroon gadde dhiphadhutti

Kunoo na bira hin jiru

Maloo(3) ammas inuman iyyaa

Addaan hin kutne takkaa

Dhaga'eyyuu na nuuffe

Na jibbeera namni lakkaa

Meeme maafan dhabaa

Nama naf dirmatu

Yeroo rakkoo kotti


Kan anaaf dhaabatu

Dhugaqno jal'ate

Sobaf iddoo gadhiisa

Uu jedhen iyyaa

Nan qabina na dhiisa

Atimee yaa dhugaa

Maaliif afaan dhabde

Yeroo sobni sobaan

Morma huute si qabde

Lubbuu kee baasuudhaf

Ciqilee jabeeffatte

Atimee yaa dhugaa

maaliif jilbenfatte

Moo kan kee yoomiyyu

lafarra hin jiruu?

Kan ati mo'amte


Sobni lafa ciruu

Atimee yaa soba

afuuftuu yoomu dhara

Maaliif akkas jabaate

Namatti kan kee garaan?

Kan ati rakkistu

Nama dhugaa qabu

Rabbillee hin sodaattu

Isa hunda qabu

Ilaa na dhageessa

Waa tokkon sitti hima

Lolaadhan dhiqamte

Deemta akkaa timaa

Lafatti dabalamte

Dhuguuf jirta daara

Gaaf sana ol ka'ee


Dhugaanis daraara.

☞Nan amaana kana immoo waaqni abbaan dhugaa, inni mil'uu


tokkichan adduunya kana bituu, Dhugaa keenya nuufis waaqayyo
ifatti nuuf haa baasu.

☞☞Muddaanno koo kan Guyyaa 28/08/2012.

2 HIN JAL'ISUU DHUGAA

♠♠♠♠

Ani anuma dha

mucaa isa kalessa

Har'a ka'etani

gumbii soba ballessa

♥♥♥♥

Lafa qonnaaf ta'u

Dura cirani qopheessu

Dubbii bara kanaa

Akkuma argaan bukkessu

♥♥♥♥

Dhiiti mashaq godhi

Ilkee sobaa balleessi

Diina kee isa inaaftu


Gubii garaa bobeessi

♥♥♥♥

Hin jal'isin yoomu dhugaa

Isa kan si gargaaru

Yemmuu ollaan yaa'e

Afaan tokkon si abaaru

♥♥♥♥

Hin callisin ati

Dubbadhu yoomu haqaaf

Baduudhaf iyyuu jiruu

Warri dhaadatan maqaaf

♥♥♥♥

Maal akkamittin dhiisa

Osoon ilaalu daba

Maaliif dubbaatte jechuun

Hunduu na adaba

♥♥♥♥

Adabbiin duruu jira

Kan koo isa gar maleeti

Hin jal'isu ani dhugaa


Du'een bada maleeti.

♥♥♥♥

Yoo si galteef dubbiin kanuma.

Ani hin dhiisu warra gumaa

☞@£fa 12

3 WAYII GUDII KEE

♣♣♣♣

Dhugumaan sin jedham


Qoosa hin se'ini
Gudiin kee baayyee dha
Raftee hin bulini
♣♣♣♣
Inaaftu wayi
ati inaftu dha
Saalfii kan hin qabne
Ija fuutu dha
♣♣♣♣
Maal sif godhaaf inaafta
Jireenya namatti
Joorrate haa buluu
Akka barbadeetti
♣♣♣♣
Ofii ke hin dhamaatu
Waan namaa hawwita
Gaafa waaqni jedhuu
Ofii ke of jibbita
♣♣♣♣
Silas maaltu jaallata
Inaaftu fi sobduu
Sanyiin inaaftoota
lafarra haa baddu
♣♣♣♣
Gaafa dhalli namaa
Sobduuf inaaftu ta'ee
Cubbuun hidda yaafate
Muka ta'ee nurra yaa'e
♣♣♣♣
Kan hafeetu hafaa malee
Ani sobduu hin jaallu
Waaqayyo isaf haa dhiisuu
Ija hamaan kan na ilaalu
♣♣♣♣
Yaa ana irraanfadhee
Wayi gudii kee
Rabbii jala si haa baasu
Isa sif dhufu firdikee.
♣♣♣♣
Yoo si galteef dubbin kanuma
Sif haa dhiisu waqni uuma.
☞@£fa 12

ORTODOOKSII TEWAHIDO
♨♨♨♨
Tewahidoo jireenyaa ko
Mana haaragalfi koo
Dhugaan si jalladham
Dawoo jireenya ko
♦♦♦♦
Ni kadhanna nuti
Waa''ee nageenya kee
Yomiyyuu hin digaaman
Keenyannonni ke
♦♦♦♦
Ati nuuf labsita
Jaalalaf nageenya
Armaa keenya dha ati
Mallattoo jireenya
♦♦♦♦
Ortoodoksi tewahidoo
Naf jiraadhu baraan
Mana ketti guddisna
Nuus dhaloota haara
♦♦♦♦
Kan ati dhaabattu
Hundee bartoota irra
Ciraacha irraa miti
Hin rafaamtu yaraan.
♦♦♦♦
Si dhaaberam gooftan
Dhiigaa isa lolaase
Bittaa gabrumma jala
Bilisaa nuu baase
♦♦♦♦
Dandii sirrii dha ati
Dubbii abboota keenya
Gara karichaatti baane
Dandicharra teenya
♦♦♦♦
Sif kan hin mijjanne
Jireenyi addunya dha
Mul'atni kee guddan
Mootuumma waaqa dha
♦♦♦♦
Ni barsifta hunda
Ija tokkoon qabde
Calliste hin beektu
Gonkuma dadhabde
♦♦♦♦
Yoomu hamile koo
Naf jabessi mogolee ko
Tewaahidoo jireenya koo
Sin jaalladha an baraa koo
♦♦♦♦
Yoomu sin gadhiisu
citaa mormaa malee
Amaantas hin qabu
Tewahidoo si malee
♦♦♦♦♦
OFIIFAN JIRAADHA
♦♣♦♣
Chaw gamasan
Warri gamanas
Ofiifan jiraadha
Kanas ta'e sanas
♠♣♠♣
Sila qooda qabda
Jireenya ko keessa
Atu kana bektaf
Xaararra of keessa
♥♥♥♥
Osoo madalamte
Madaala yabbatte
Keetu kessi buuko
Biyyaa baata baqatte
♦♨♦♨
Mitiyi moo
Nan dogongore laata
Hin joorin hin argattu
Kottuu amma nyaatta
♠♠♠♠
Dhugaammo se'iti
Dalga na ilaali
Sillu silayyu sila
Na godhimmo of-ilaali
♥♣♥♣
An barana hin beeku
Block block na jedha
Jireenyi qixxe nama
Harkaa harka jedha.
♥♣♥♣
Keetin booni yaa gantu
Yaa warra hundaf firaa
Anis kootinan boona
Silayyu ofiif jira
♥♦♥♦
Amma egaa anisi
madaalarran yabaadha
Sirritti of kunuunsen
Kaasuttan of baadha.
♣♠♣♠
Maal akkamitti
Kaasu ketti of battaa
Jette nan gaafatin
Atis yaali hin barta.

MAALIIF TA'E
♠♠♠♠
Maaliif ta'ee kan koo
Guyyaan hundi rakkoo
Karaarra dhaabate
Kan na eeguf dinni ko
♦♦♦♦
Boroof balbalanii
Dinni albee qarate
Naa balleessu dhafis
Baayye karoorfate
♥♥♥♥
Bakkaan deemu hundatti
Boolla naaf qophesse
Karaa koo gufuu dhaf
Qoraatti dhan marsee
♣♣♣♣
Ijaan naa ilaale
Ilkaan cininnacha
Ananis na fiixee
Aariinsa garaacha
♣♣♣♣
Anuuman balleessun
Itti ta'e dirqaama
Ijuman na argutti ariin mataa ga'e
Milli isaa roomma.
♥♥♥♥
Jiraachumti koo kuni
Gubii itti ta'ee
Gaafuma na arguu
Naasun lafaa ka'e.
♠♠♠♠
Bishaan ofitti guura
Akkaa waan raacha ta'e
Moo inni qurxuummi dha?
Yoo qurxummi ta'es maaliif keessa ba'e.
♦♥♦♥
MILTOO KOO
♥♥♥♥
Kufee kan nan dhiisne
bakkeetti na mil'attee
muufoo kan hin beekne
baraan wal-fakkaattee
♥♥♥♥♥
Hunda bira kan jirtu
otuu addan baasin
tajaajila kee maraaf
kaffaltii otuun jedhin
♥♥♥♥♥
fira nama hundaa
kan xiqqaafi guddaa
kan qallaafi furdaa
♥♥♥♥
Miiltoo koon siin jedha
koodee hiriyaa koo
kan fagaattee hin beekne
narraa guyyaa tokkoo
♥♥♥♥
Si boochisee
yoon si dhiigsu
kukkutee cicciree
yoon si ciibsu
♦♦♦♦
Takkaa otuun lolin
kan nafaana taatu
an jechan siif dhabaam
umrii kiyya guutuu
♥♥♥♥
Miiltoo koo
ati hundaan adda
Nama boqochiisuf
Kennaa cimaa qabda
♥♥♥♥
Shira takkan qabdu
ifa keessi keetuu
miirri koo muusa'an
maqaa keen jabaatu
♥♥♥♥
Immimmaan koo haqxee
kolfaan bakka buusta
cabaa koo dhidhiibdee
utaalchoof na kaasta
♥♥♥♥
Xiqqaattus kun siifi
na dhageessaa Haloo
miiltoon koo gaarraamin
Garam jirta maloo.
♥♥♥♥♥
Yoo xiqqatee dubbiste darbuu qabda
•••GORSSA DARGAGGOOTAAF••
♣♣♣♣
☞Barri dargaggummaa bara yartuu dha.Yeroon
dargagguummaa yeroo muraasa; dhaabbataa miti, ni
darba.Bara dargagguummaa isa yartuu ta'e kana keessatti
immoo akka fedha Waaqayyotti jiraatani, Waaqayyoon isa
uumaa ofii ta'e gammachiisani darbuun barbachisaa dha. Bara
Waaqayyo namaaf kenne keessattis hojii mana Waaqayyo,
akkasumaas hojiidhuma biyya lafaa kanaa irraatti fooniin ittiin
jiraatan dammaqummaadhaan hojechuun dargaggoota
hundumaa irraa ni eegama. Warri baruumsa irra jiraanis
cimsanii qayyabachuudhaan firii gaarii akka isaan fidan
Waaqayyo isaan irraa barbaada. Waanuma hojechuun nu irra
jiru yeroo Waaqayyo namaaf kenne keessatti hojeetani
darbuun nama irra jira.Sagaleen Waaayyos akkas jedha, "......
yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsiin ittin hojjedhaa!" (Efe.
5:16).

☞Barri dargagguumman kun yeroo itti gaa'ela filatanii dha.


Haata'u malee dargaggoonni fedhiidhuma foonii rawwachuuf
akkuma warri kaan fuudhan itti ariifachuun gaarii miti.
Fuudhaa fi heerumni akka dallaa horii hin jijjiiramu. Har'a
ijaaramee boor kan diigamee kan biraan immoo geeddaramu
miti. Kanaaf dargaggoonni gaa'ela irrattis cimsani itti yaaduun
gaarii ta'a.

☞Kiristaanonni fakkeenya biyya lafaa kana fudhatanii akka


fedha biyya lafaatti jiraachun isaan irra hin jiru. Keesumattu
dargaggoonni Kiristaanonni of eegachutu isaan irra jira. Barri
kun bara itti Kiristaanonni of eeggachuutu isaan irra jira. Barri
kun bara itti qaroomina fakkaatee fashiinin gara garaa
baayyachaa jiru dha. Dargaggoonni immoo waanuma haaraa
dhufuutti gammaduu barbaadu. Warri biyya lafaa akka fedha
isaanitti waan biyya lafaa fi bara isa darbu kanaa duukaa
bu'uu hin danda'u. Kiristaanonni garuu akkas miti. Sagaleen
Waaqayyo hundi keessan beektan (Rom. 12:2) kana dubbata.

☞Barri dargagguumman yeroo itti waan nama gammachiisu


qofa itti hojjechuu barbaadani dha. Garuu inni amma
gammachuu fakkaatu kun yeroo inni itti darbe gaabbii fi gadda
bara baraa keessa nama buusu dhufuun isaa beekamaa dha.
Wangeelli akkas jedha, " Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa
keetti gammadi! Bara dargaggummaa keettis garaan kee haa
gammadu, gara yadni kee si geessutti adeemi, wanta iji kee
argu duukaas bu'i! Garuu Waaqayyo wanta kana hundumaaf
gara firdiitti akka si dhiheessu beeki! " (Lal.11:9).

☞Barri dargaggummaa bara yartuu dha, dhabbataas miti, ni


darba. inni kun dhugaa akka ta'e immoo sagaleen Waaqayyo
akka gaariitti nutti hima; " Mucummaanii fi dargagguumman
waan darbaniif......."jedha (Lal.11:10). Garuu dargaggoota
meeqatu isa kana beeka laata? garbichii Waaqayyoo yammuu
Waaqayyoon kadhaatu, " Nuyi ogummaa gaaritti akka
galfannuutti,ati guyyoota jireenya keenya lakkaa'uu nu
barsiisi! " jedhee kadhate (Far.90:12).
☞Kadhannaan akkasii kun kadhaata nama qajeelaati. Nuti
hammam akka biyya lafaa kana irra jiraannu, barri nuu hafee
jiruus meeqa akka ta'e hin beeknu. Isa kana kan sirriitti beeku
Waaqayyo qofaa dha. Wanti nuti gochuu qabnu garuu, baraa
fi yeroo nuuf kenname keessatti Waaqayyoon isa nu uume, isa
nu jiraachisu sana beeknee isa taajajiluu, akkasumaas fedha
isaa rawwachuu dha.

Eergaa dargaggootaf ta'u kana hiriyyoota keessanif # Share


akka gootan jaalala Waaqayyootin sinaan gaafadha.

You might also like