Professional Documents
Culture Documents
Document
Document
Hubachiisa ariifachiisaa
.................
Namoota kana dura leenjisaa turan 100,000 ta'an kaan isaanii karaa feesbuukii, kaan immoo
qaamaan akka hirmaatan godhamee jira. Gochi kun magaalota hundatti akka babal'atu godhamaa
jira. Kanaaf immoo ka'umsaf akka ta'u Oromoota Finfinnee jiran irratti rakkoo uumuudhaan
Magaalota Oromiyaa hunda keessatti lola sabaa uumuuf kallattiin bocamuun barameera. Boru irraa
eegalee sablammoota Oromiyaa keessa jiraniin "nurraa bahaa" jechuun lola hin dhaabanne uumuuf
fiigacha guddaatu jira.
Hundaa ol bakka heddutti humni nageenya eegsisu maallaqaan butuun walitti bu'insi bakka jirutti
dhaabatee akka ilaaluf maallaqni raabsamee jira. Bakka kaanitti nama nagaatti dhukaasuun ummata
miiressuuf (provoke gochuuf) hojjetameera.
Kanaafuu, ummanni keenya of eeggannoo olaanaa akka taasisuu qabu daddaffiin waliif
daddabarsuun hubannoon uumamuu baannaan wanti hin malle mudachuu danda'a.