You are on page 1of 1

(From my inbox)

Hubachiisa ariifachiisaa

.................

Rakkoo Finfinnee fi naannawaa isheetti uumame babal'isuuf sochiin sadarkaa olaanaadhaan


taasifamaa jira. (Gochi Burraayyuutti raawwates tasa kan ta'e osoo hin taane kan qindaa'e ta'uun
namoota to'annoo jala oolan irraa hubachuun danda'ameera). Walitti bu'unsi naannoo Burraayyutti
uumame Magaalaa Finfinneetti cimee akka deemu ta'aa jira. Walitti bu'insii kun Amaaraa fi Oromoo
gidduutti akka deebi'u ta'eera. Namni tokko nama 10f bilbilee hogganuudhaan kallattii hundaan
hokkora hamaa uumuuf deemaa jiru. Kanaafis har'a maallaqni guddaan raabsamaa akka oole bira
gahamee jira.

Namoota kana dura leenjisaa turan 100,000 ta'an kaan isaanii karaa feesbuukii, kaan immoo
qaamaan akka hirmaatan godhamee jira. Gochi kun magaalota hundatti akka babal'atu godhamaa
jira. Kanaaf immoo ka'umsaf akka ta'u Oromoota Finfinnee jiran irratti rakkoo uumuudhaan
Magaalota Oromiyaa hunda keessatti lola sabaa uumuuf kallattiin bocamuun barameera. Boru irraa
eegalee sablammoota Oromiyaa keessa jiraniin "nurraa bahaa" jechuun lola hin dhaabanne uumuuf
fiigacha guddaatu jira.

Hundaa ol bakka heddutti humni nageenya eegsisu maallaqaan butuun walitti bu'insi bakka jirutti
dhaabatee akka ilaaluf maallaqni raabsamee jira. Bakka kaanitti nama nagaatti dhukaasuun ummata
miiressuuf (provoke gochuuf) hojjetameera.

Kanaafuu, ummanni keenya of eeggannoo olaanaa akka taasisuu qabu daddaffiin waliif
daddabarsuun hubannoon uumamuu baannaan wanti hin malle mudachuu danda'a.

You might also like