You are on page 1of 2

Koroonaa (COVID19) fi Mootummaa Cundhuuraa

Akkamu beekamu Koroonaa (COVID19) dhukkuba yeroo har’aa kana addunyaa


shororkeessuuun sadarkarkaa 1ffaa qabate ta’uunsaa wal nama hin gaafachiisu. Madda fi
ka’umsasaa Chaayinaa kan godhate dhukkubni kun yeroo har’aa Ardiilee ja’an
dhaqqabuun biyya keenyas darara hamtuuf saaxilaa jira. Maaltu hanga koo humna
qabaadhaan mootota biyyoota addunyaarraa olii fi gadi fiiganiif gooftaa moototaa ta’e.
Ummata addunyaaf kanaaf mootii godhee kan of aangesse Koroonaan (COVID19) har’a
garuu biyyarraa biyyatti mitiitii nama ollaa waliin jiraataniyyuu nagaa akka wal hin
gaafanne ummata addunyaa irra uggura kaa’eera. Kan wal jaalatuun wal dhungachuun haa
hafuutii harka akka wal hin fuune akeekkachiiseera. Moototni biyya bulchanis bakka bu’ee
waan ta’an fakkaachuun hanga manaayyuu hin ba’iinaa jechuutti ummatasaanii
sodaachisuun akkuma hamna biyyasaaniitti kaan torbaniif, kaanimmoo guyyoota hin
murtoofneef, kaanis geejiba ummataa ugguraniiru. Koroonaa (COVID19) kana namootni
hubannaan saayinsii itti hir’atee dandeettii fi amala inni qabu wallaaluun dhukkuba
dadhabaa jechuun maqaa isa balleessani. Baay’een kaabinoota biyya Itiyoophiyaa
‘Biltsiginaa/ብልጽግና’ har’a biyya bulchina jedhanii ummata gatii hin malle kaffalchiisaa
jiran tokko tokkos tuffatanii maqaa gadi aantummaa kennaniiruuf. Fakkeenyaaf
kaabinoonni kan isaan jedhan keessaa: dhibee hamma utaalloo (qufaa) hin geenye, dhibee
qaaraa fi qullubbii adii bira hin darbine, dhibee gurraachota ajjeesuu hin dandeenye,
dhukkuba haala qilleensaa fi nyaata biyya keenya jala dhaabachuu hin dandeenyadha
jechaa turan. Kaanimmoo akka waan daawwaan (qorichi) koroonaa (COVID19) kanaa
biyya kana keessatti bu’ee badeeruu daawwaasaa arganneerra jechuun akka ummanni
eeggannoo barbaachisullee hin gooneef gurra itti duuchaa turuun isaanii kan dagatamu
miti. Raajii dha! Paartiin ‘Biltsiginaa/ ብልጽግና’ waan hundumaa of harkaa qaba jechuun
gurra nurraa ciran. Jabbiloonni kaleessaa fi dheengadduma kana gara dhaaba
‘Biltsiginaa/ብልጽግና’ kanaatti dhufan immoo maaliif wal tuffanna, daawwaa kana argachuu
hin dandeenyuu, Dr. Akililuu Lammaa biyyuma kanaa dhalate mitii? jechuun aantuu
dhaabichaaf qaban mul’ifataniiru. Haa ta’u malee Koroonaa (COVID19) wareerasaa
akkuma itti fufetti jira. Biyyoota akka Ameerikaa guyyaa tokko miti sekendiidhaaf
yaadashee wayiif kennitee hin beeknee fi biyyoota Awuurooppaa hedduu ajjeesuun
kaanimmoo booji’amtoota taasifachuun kan dhokatanii mana galanii taa’aniifis waan
beellama qabate fakkaata.

Mootummaa Cundhuuraa

Naannoon Oromiyaa hanga har’aatti mootummaa akka ta’utti ishee bulche argattee hin
beektu. Hunduu ergama dhaabaaf ergamuuf as ba’ee beekaa, gamnaa fi jagna of gochuun
ummata kana afaan qabsiisuuf carraaqaa oola. Sababni immoo bakka ka’umsaa (uumama)
dhaabichaa rakkoo qaba. Kunis OPDOn booji’amtoota Wayyaaneen kan naannoo Tigiraayi
keessatti uumamte waan ta’ee fi ergama Wayyaanee (TPLF) fudhachuun kisaaraa hin
malleef ummata Oromoo saaxilaa turuunsaanii ni beekama. Hojii OPDO keessaa muraasa
yoo kaase; namoota beekumsaan cimina qabanii fi dandeettii gurguddaa qaban adamsuun
ajjeesisaa turan. Akkasumas namootaa qabeenyaa of danda’an saamuun kaansaanii yoo
ajjeesiftu, kaan hiisisuu fi kaan immoo biyyaa ariisisaa turan. Qabeenya namoota dhuunfaa
qofa osoo hin taane qabeenyaa kuufamaa naannoon Oromiyaa qabdus kaan dhaaba TPLF fi
namoota dhuunfaa qomoon Tigiree ta’aniif yoo kennan kaanimmoo ofumaan abbaa itti
ta’an. Kan Oromoo ta’ee gaaffii mirga uumamaa dabalatee waa dubbate maqaa dhaaba
ganamaa ummata Oromoo ABO itti dhoobuun mana hidhaatti guuranii kaan qaama irraa
ciran (harka, miila, qeensa, ija, gurra), kaan ni ajjeesan, kaan achibuutee miila Bakar
Waaree ta’anii hafani. Kana qofas miti dhaaba ABO shororkeessaa jechuun akka
addunyaatti irratti labsanii ummata Oromoos haamilee cabsisiisuun diinni guddaan nurraa
dhalatee hanga har’aa nu nyaachaa fi nu nyaachisiisaa jiru guddaan OPDO ma ganama
TPLF boccee nurratti gattee deemte sanneeni. Amalaa fi kaayyoo Adda Bilisummaa
Oromoo (ABO) kan hin taane shororkeessaa jechuun ummata biyyattii fi addunyaatti
lallabuun Oromoon dhaaba kanarraa akka inni abdii muratu gochaa tursiisan. Maqaa
Oromoo fi A/Oromoon qabatee kan deemu sababa maqaa shororkeessuummaan ABO
irratti maxxanfameef lafa dhaqu hundattii mataa gadi qabatee haamilee malee akka jiraatu
taasifamaa ture. Kana qosafas miti OPDOn hanga icciitii biyyooleessaa (National security)
tti dhuunfachuun mana hidhaa keessatti dararaa gurguddaa Oromoorraan qaqqabsiisaa
turan. Kanuma keessaa immoo ummanni Oromoo sekondii tokkoofiyyuu dhaabasaa
ganamaa ABO irraas ta’e qabsoosaa gaggeessuurraa duubatti hin deebine. Qabsoon
ummanni Oromoo gaggeessaa tures godinaaleen hunduu wal hubannaa qabaatee sosochii
alkallattii garaagaraa kanneen akka waaqeffaannaa, Irreessaa, bekkeewwan cidhaa fi
boo’ichaallee dabalatee fayyadamaa tureera. Qabsoon ummata Oromoo kun kan dhaabate
(dhibame) haa fakkaatuyyuu malee harka lafa jalaan aadeemsifamaa kan ture baadiyaa,
magaala, manneen sagadaa, bakkeelee afooshaa, manneen barnoota sadarkalee hunda
keessattii fi k.k.f. keessatti sadarkaa bilchinaan wal haa caalu malee inuma ture. Bara 2015
mormii ‘Master Plan’ Finfinneen wal qabatee garuu Oromiyaa guutuunii fi lammiilee
Oromoo biyya alaa dabatee afaan tokkoon wal faanaa falma finiinse.

OPDOn yakkoota dur dalagdeef itti gaafatama seeraa jalaa ba’uuf maqaa ala lammaffaa
jijjiirrachuun isaaniin ni beekama. Maqaan kun al meeqayyuu haa jijjiiramu malee duula
isaan ummataa fi qabeenya Oromoo fi Oromiyaa irratti qaban daranuu kan jabaachaa
dhufedha. Kanammoo kan godhaniif yakka hojjechaa turan sanaa fi qabeenya kuufatan
kana gaafatama tokko malee itti jiraachuuf yaalaa jiru. Hawwii garaa!

You might also like