You are on page 1of 4

❤Jaalala❤

Guddina Aarti oromoofi

Guddina technology f jajjabina

Essarraa dhalattee

Essaarra dhalatte ?

Essatti guddattee?
Eenyyu Si guddisee?

Kan si jiraachise?
Maalidha nyaatikee
Eessuma teessoonkee
Maaf na keessa seente

Onnee koo qabatte


Gaayidaan ke maali
Maf na woliin jiraatte

Erga dhuftee teesse


Tokko jettee as geessee
Boqonna hin argadhu
Jireenyan jiraadhu
Hojii jibbisiifta
Yaada fageessita
Ariitii guddinaa
Saffisaan dabaltaa
Onnee namaa qabdee
Goksitee jiraatta

Waan jedhun dhaba


Yammuttiin madaalu
Gurraacha fakkaatta
Yeroon si ilaalu

Lakkii akkas mitii


Tarii diimaa taataa
Kanas hin fakkaattu
Bifa hundaa fuutee
Wolitti dabalta

Laphee namaa fuutee


Wal keessa galchita
Isa wol jaallate
Woliti mieessita
Isakaanis fuutee
Wol irraa adda baafta

Kan jaallatee dhabe


Maalif maraachita
Kan biraan hin jiruu
Maaf ibsaa qabsiifta
Magan ya hojiikee
Qabdee baraaruu kee
Duatti kennuu kee
Isa duaa fuutee
Jiraataa gochuu kee

Waayeen amala keetii


Baayyee nama dhiba
Wantoota at dagattus
dagattee ayibaa
Bu'ura godhadhee
Maqaa siif baasera
Maaloo naaf dubbisi
Gaditti barreesseera

Atis jaalallee koo


Sirriitti dubbisi
Deebii naaf deebisi
?゚ムヌ?゚ムヌ?゚ムヌ?

Ya hojiif jiruuko
Mallattoo nagaako
Jaalallee tiruuko
Akkam nagaa keeti

Ati yaa urjii koo


Utuun hin maraatin
Dafii na qabadhu
Utu hin mari'atin
Dafii qaqqabadhu
Sumaaf jedheen dua
Dhugaa jaalalaati
Ariifadhuu kottu
Ol jedheen taa'aatii

Silan si jaalladhe
Egaa maalan godha
Bareddu jirukoo
Akkamitan si argadha
Lapheeko jiruuko
Tamsaastu dhiigakoo
Hooggantuu afuurako
Qooddu jireenyako
Bareedduu fuulakoo
Ejjennaa miillakoo

Mee maalan si godhe


Kan garaa jabaatte
Eessaa maalan fidaa
Mo na irraanfatte
Ayii hojii keetii
Maalif akkas taata
Jaalala ibsitee
Maaf jalaa callistaa

Onneen ko dhahatee
Maqaa kee waammata
Jiruuf afuurrikoo
Si'iin iyyaafata
Yerottiinan nyaadhu
Anatti hin miaawu
Akkam godhu laata
Beektonni maal kaa'u

Kottu bareedduko
Hiika woliif laanna
Wanta nurka jiruuf
Deebii eessaa eegnaa
Atis qabaadha moo
Kan biraa argatte
Kana tauu hin oolu
kan na irraanfatte

Madaa koon tuttuqa


Isa bara dheeraa
Si dagadhe hin beeku
Anoo kanaan dura
Eenyutti na laatte
Eessatti darbatte
Jaalala an siif qabu
Akkamiin dagattee
Ano maraadheeraa

Hin dhuftuu? Tasumaa

Safuu jaalala kee


Kan ati ittin boontu
Maalo natti siqi
Hubadhumee soortu
Jaalalli suusiidha

Hamma du'anitti
Kan dhaabbatu hin sein
Dargaggummaa qofatti

Karaa Danbalii jaalala


Sihaa dhaqqabuu!
Kutaa itti aanu

Join
@jaalalaf beekumsa

Jalalle koo.

♏ :?

Yaada
@Ajiib_Ajii
Telegram

You might also like