You are on page 1of 8

Dhaha Oromoo: Harawaatoo hanga Tokkee, lakkoofsa baraa Oromoo Horroo

12 Fuulbaana 2019

Ibsa waa'ee suuraa,


Torbeen Adoolessa 13 dura jiru, Harawaatoo jedhamee beekama
Harawaatoo hanga Tokkee dhaha yookan akkaata Oromoon barri jijjiiramuu ittiin beeku
yoo ta'u Oromoota wayita ammaa Godinaa Horro Guduruu Wallaggaa, naannoo laga
Abbayyaa jiraatan biratti beekama.
Oromoon golgaa laga Mormor [Abayyaa] keessa jiraataa ture durii eegalee dhahaa fi lakkoofsa
dhuunfaa isaan jiraachaa ture jedhu qorataan seenaa Obbo Charinnat Waaqwoyyaa.
Akka dhaha kanaatti ji'a keessa guyyooti 27 kan jiran yoo ta'u hundi isaanii maqaa ittiin
beekaman qabu.
Guyyoota kanneen ilaaluun namni gaafa dhalatu nama amala akkamii qabaatu akka tahe
ayyaantuun Oromoo ni beeka jedhu Obbo Charinnat.
Uummanni Oromoo naannoo kana jiraatan biratti waggaa haaraan eegalame kan jedhamu
Adoolessa 13 akka ta'e dubbatu Obbo Charinnat.
Torbeen Adoolessa 13 dura jiru, Harawaatoo jedhamee beekama. Kana jechuun Adoolessa 5
hanga 13 jechuudha.
Adoolessa 5 kan lagni Mormor ykn Abayyaa akka malee guutuun gamaagamatti cehuu
dhorkudha jedhama.
Harawaatoon torban tokkoof kan turu yoo tahu yeroon kun yeroo dukkanaa akka ta'etti ilaalama.
Akka riqicha bara xumuramaa jiruu fi bara haaraati jedhamee beekama jedhu Obbo Charinnat.
Dabalataan yeroo sana keessa hojiin akka hin hojjetamneefi yeroo cagginoo jedhamee akka
beekamu dubbatu.
Cagginoo
Cagginoon turtii aduu torban tokkoo Adoolessa 5-13 jiru yoo tahu yeroo dukkana hamaati jedhu
Obbo Cheerinnat.
Dhukkubbiin garaagaraa illee qaama namaa keessaa yerootti dammaqudha jedhanii kun sirna
hawaa waliin hidhata qabachuu himu.
Yeroo kana keessa sanyiin hin faca'u. Yoo facaa'es biqilee hin guddatu ykn ija gaarii hin
godhatu, kan faca'ee biqile jalaa illee aramaan hin aramamu jedhu.
Muka hin muran, hin dhaabanis ni goga waan taheef jedhan.
Dhiirri dubartii isaa waliin siree irra hin rafu sababni isaa ammoo dhalli yeroo kana keessa
godhatan gaarii miti jedhamee yaadama.
Kurnan
Adoolessa 13 irraa eegalee hanga 20'tti torbeen jiru ammoo Kurnan jedhamee beekama. Kun
yeroo roobni guddaan jiraatu ta'us yeroo ganni saaqamu jedhama.
Akka aadaa Oromoo Maccaatti Adoolessi 13 guyyaa ifaa jedhamee kan waamamu yoo tahu
guyyaa sanyiin midhanii faca'udhas jedhu.
Yeroo kana keessa sanyii waan facaafataniif Birraa gaariin naaf dhufa jedhanii abdii fi
gammachuun eeggatu jedhan.
Barichi bara akkamii akka tahus ayyaantuun ni hima jedhan. Ayyaantuun ykn abbaan muudaa
barichi kan quufaa tahuufi dhiisuus dursanii beeku jedhan.
Ibsa waa'ee suuraa,
Qorataa seenaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa
Busundii adii [xaafii] jalqabaa yeroo kana keessa kan faca'u yoo tahu Gindaa Dirrisaa jedhamee
beekama.
Gindaa Dirrisaan gaafa Adoolessa 13 hanga Adoolessa 20tti torban tokkoof tura jechuudha.
Ayyaana Taaboree jedhamee kan beekamus guyyaa kana irra yoo tahu bakkee kaanitti ammoo
Ingiccaa jedhamees akka waamamu himu namni seenaa kun.
Cehumsa bara ifaatti tahe jedhamee waan beekamuuf ijoollee fi dubartootni illee sirbuun
ayyaaneffatu.
Lakkoofsi kun sanyii isa kamtu yoom akka faca'u haala gaarii taheen kan ittiin beekanidha jedhu.
Torbee Adoolessa 13 hanga 20 jiru Kurnan jedhamee beekamu kanatti aane torbeen dhufu
Saglan jedhamee beekama.
Torbeen itti aanu Saddeettan, kan itti aanu Torban, Jahan, Shanan, Afran jedhamee hanga
Tokkeetti itti fufee lakkaa'ama.
Torbee tokko irraa isa kaanitti yoo cehamu bahe, seene jedhamee himama. Fakkeenyaaf Saglan
bahee Saddeettan seene jedhama.
Tokkeen gaafa mootii ayyaanaa jedhamuun kan beekamu ayyaana Ibsaa ykn Gubaati.
Ayyanotni Oromoo kannen akka Irreechaas asii eegaluun birraa keessa kabajamuu akka jalqaban
dubbatu.
Bara haaraa: Oromoofi Bara Haaraa Itoophiyaa
11 Fuulbaana 2018

Itoophiyaan bara haaraa kabajataa jirti. Garuu ammoo lammileen biyyattii hedduun
'barri haaraa kun nan ilaallatu' jedhanii yaadu.
Kunis ilaalcha lakkofsi baraa ykn kaalandarri biyyattiin itti dhimma baatu 'kan koo miti' jedhu
irraa madda.
Bara haaraa kana kabajuu dhabuun "akkaataan Itoophiyaadhuma mataa ishee itti ilaalu irraa
madda" jedha gaazexeessaa Olaansaa Waaqumaa.
"Itoophiyaan sabootni biyyattii qabeenyaafi beekumsa isaanii walitti fidanii kan uuman miti.
Barri Itoophiyaan itti fayyadamtu kunis kan gama tokko qofarraa dhufedha jedhee waanan
yaaduuf ani akka bara haaraatti hin kabaju" jedha.
"Itoophiyaan amma jirtu kuni ana kan na ibsitu miti kan jedhu Olaansaan, kaalandarichi ammoo
kan Itoophiyaati kanaaf ana nan ibsu" jedha.
Gama biraan Oromoon kaalandarii mataa isaa 'kan fooyyee qabu' waan qabuuf kana kan kooti
jedhee hin fudhadhu jedha.
Bakka tokko tokkotti aadaa Oromoo irraa namni waa itti daddabalee kabaju jiraachuu danda'a
kabaji ayyaana bara haaraa garuu aadaa Oromoo keessa hin jiru yaada jedhus qaba.
"Sirboota aadaa ayyaanaaf sirbaman yoo ilaalte kanuma Masqalaaf shamarraniifi dargaggoonni
sirbantu sirbama malee kan bara haaraa aadaa keessa hin jirani" jedha.
"Lafan ani dhaladhee guddadhetti ayyaanni bara haaraa kun akka ayyaana Masqalaafi
Irreechaatti hin kabajamu, warri kabajanis warra naannoo magaalaa jiran ykn amantaan wal-
qabsiisanii kabajanidha."
"Kunimmoo aadaan kun hiddi isaa kan Oromoo akka hin taane agarsiisa" jedha.
"Ollummaafi jireenya hawaasummaa akkasumas dhiibbaa waggoota dheeraaf nurra[Oromoorra]
gaheen ni kabajna ta'a garuu abbummaan natti hin dhagaa'amu, kan keenya jedhee hin yaadu"
kan jedhu ammoo barreessaa Mootii Abbaltiiti.
Kalandarii Oromooti jedhamee wanti qixaa'ee taa'e waan hin jirreef hawaasni kanuma naannoo
isaa jiru kan kooti jedhee gara fudhachuutti deemeera jedha Mootiin.
Oromoon bara haaraa qaba?
Guyyaan isaa gaafa akkanaati jedhamuu baatullee Oromoon bara haaraa ni qaba jedha
Olaansaan.
"Birraan yoo bari'u, bokkaan caamee abaaboon daraaree yoo jedhu, ayyaana Irreechaa booda
akka bara haaraattan ilaala" jedha.
Fulbaana 1 caalaa Masqalatu ayyaana bara haaraa natti fakkaata kan jedhu Mootiin kuni jibba
kaalandara Habashaa irraa qabuuf osoo hin taane haala itti guddanne irraa madda.
"Hawaasni ani keessatti dhaladhee guddadhe gubaa gubaani haalaan kan kabajan ayyaana
Masqalaati. Barattoonnis dursanii haa galmaa'an malee masqala booda barnootatti deebi'u" jedha.
Qorattoonni aadaas yaada kanarraa adda tahe hin qabani.
Ayyaanni bara haaraa 'Inquxaaxaash' jedhamee kabajamu Oromoo biratti hiikaa hin qabu, hin
beekamus jedhu Yuunivarsitii Jimmaatti barsiisaan Fokilooriifi qorataan aadaa Dr. Darajjee
Fufaa.
"Oromoon gaafa roobni caamee birraan bari'u baatiifi urjii ilaalee ayyaaneffata malee guyyaa
kana jedhee kan kabaju hin qabu" jedhu.
Dhaha ykn Kaalandarii Oromoo
Oromoon dhaha ykn kalandara waggaa 2000 ol lakkoofsise mataa isaa qaba, haalli itti
lakkaa'amu garuu kan amma Itoophiyaan kan kooti jettee qabatte kana waliin adda jedhu
Yunivarsitii Jimmaatti ogeessi Astiroo-Fiiziksii kaadhimama PhD Toluu Birasaa.
"Maraa ykn guyyaa torbaan hin naanna'u, kan lakkaa'amus urjii ykn bakkalcha irratti hundaa'eeti.
Qulqullinaan Astiroonomii irratti hundaa'ee kan lakkaa'amudhas" jedhu.
Akka dhaha Oromootti waggaan guyyaa 354 baatilee 12tti qoodaman qaba, baatiin ammo
guyyaa 29.5 qaba jedhu Obbo Toluun.
Dhakaa Booranaa Namuratungaa Keeniyaa keessa jiran irraa saayinsiin kan mirkaneesse
kalandariin Oromoo umurii waggaa 2300 akka qabudha jedhu Obbo Toluun.
Jijjiirraan baraa wantoota astironomii samii keessatti mul'atan akka biiftuu ilaaluun himama kan
jedhan Obbo Toluun gadi fageenyaan xiinxalamuufi qoratamuu qaba jedhu.
Kalandarri Oromoo kun ammayyaa'ee jireenya guyyuu ittiin jiraachuuf daran mijataadha jedhu.
Yuunivarsiitiin Jimmaa kana irratti saganteeffatee hojjeta akka jirus himaniiru. Ta'us kun gahaa
miti hojiin jabaan hojjetamuu qaba jedhu.
Kaalaandarii Oromoo maaltuu kaaniin adda taasisaa?
7 Guraandhala 2018

Ibsa waa'ee suuraa,


Obbo Jaatanii Diidaa qorataa aadaafi seenaa Oromoo
Henni (kaalaandaariin) Oromoo Booranaa kan aadaa fi haala jiruuf jireenya uummata
Booranaa waliin walitti hidhama cimaa qabu fi sirna gadaatiif illeen utubaa ta'usaa,
qorattoonni seenaa ni dubbatu.
Kaalaandarri Oromoo guyyaa fi ji'a lakkaa'uun alatti seenaa uummamaa fi wal duraa duuba
uumama waaqaa of keessatti qabata jedhu Obbo Jaatanii Diidaa qorataan seenaafi aadaa
Oromoo.
Qorannoo urjiilee of keessaa waan qabuufis qorannoo saayinsii hawaa yookin astironoomii
waliin hidhata guddaa qaba jedhu.
Henni Booranaa waa'ee roobaa fi bultii waggaa beekuu waan dandeessisuuf qorataan aadaa Obbo
Jaatanii Diidaa "henni Booranaa kaalaandara guyyaa qofa osoo hin taanee diizaayinii
uumamaati" jedhu.
Haalli lakkaawwii isaas akka kalaandaroota biroo dhaloota Kiristoos yookin Hijiraa ka'umsa kan
godhate osoo hin taanee uumama waaqaa bu'ura godhata.
Ibsa waa'ee viidiyoo,
Henni Oromoo Booranaa aduu osoo hin taane baatii hordofa
Waa'ee Henna Booranaa irratti qabxiilee 11:

 Henni Booranaa ayyaanawwan 27 irratti hundaa'a. Duraa duuba uumama waaqaa


keessattis waaqni dursee ayyaanawwan 27 kana uume. Itti aansuunis baatii uume. Yeroo
namni dhalatu ayyaana fi baatii itti dhalate ka'umsa godhachuun umriinsaa lakkaa'ama.
 Dhimmoota henni Booranaa kalaandaroota biroo irraa adda itti ta'e keessaa tokko
guyyaan dhimmi tokko itti ta'e yookin uumame waggaa waggaan kan hin jijjiiramne ta'uu
isaati.

 Henni Booranaa ji'oota 12 of keessatti kan qabatu yemmuu ta'u Abraasaa, Amajjii,
Guraandhala, Bitooteessa, Caamsaa, Buufaa, Waccabajjii, Oboraa Guddaa, Oboraa
Xiqqaa, Birraa, Ciqqaa fi Sadaasa jedhamu.

 Sababni Booranni sadi yookin torbaan jilatuuf lafti ayyaana fi baatitti aansitee sadaffaa
irratti uumamuushee isheetini. Laftis ji'a Abraasaa keessa gaafa ayyaana Areerii
uumamte.

 Ji'i ammajii immoo ho'a aduutiin beekama. Ji'a kana keessa ciminni ho'a aduu baay'ee
nama yaaddessa. Boorannis "Amajii aduu yaadi" jedha.

 Ji'oota henna Booranaa waggaa tokko keessa jiran 12 keessaa ji'ootni afur tokkon
tokkonsaanii guyyoota 31 kan qaban yemmuu ta'u ji'ootni saddet immoo tokkon
tokkonsaanii guyyoota 30 of keessatti qabatu.

 Jiini Caamsaa ayyaanawwan lama ayyaana Sorsa fi ayyaana Algaajima jedhaman of


keessatti qabata. Sorsi guyyaa fardi itti uumame kan lafti itti sochoote fi waaqni dhakaa
lafaratti itti jigsee sochii lafaa itti dhoowwe dha. Humni wanta tokko humna fardaatin
yookin 'horse power" kan jedhamuun kan safaramus socho'uu lafaa fi uumama fardaatin
wal qabata.

 Lafti sababa cubbuu dhala namaatiin ji'a Caamsaa keessa sochoote jedhama. Waaqnis
lafa socho'uu erga dhowwee booda lafti waaqaaf abboomamte. Namnis lafaaf
abboomamee lafatti irreeffatee lafatti dhibaafate. Yeroo kanas namni ulfaataan yookin
kabajamaan qaalluun dhalate. Kun ji'a Buufaa keessatti ta'e.

 Henna Booranaa keessatti jiini torbaffaan Waccabajjii jedhama. Jiini kun kan namni
waaqatti itti dhiyaate dha. Ji'a araaraa jedhamuunis beekkama. Gadamoojjiin kallacha
hidhatanii araara galanii waaqa dhiifama gaafatan. Waaqnis waan cufa eebbise. Aadaanis
ji'a kanarraa jalqaba jedhama. Guyyaan gumii Gaayyoo seera itti tuman fi kan aadaa itti
himanis ji'uma kana keessa.

 Akka Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti jiini Birraa ji'a waaqni itti dallane dha. Sabanisaas
dhalli namaa ji'oota Oboraa Guddaa fi Oboraa Xiqqaa keessatti waaqa mufachiise.
Kanaafis wantootni nama miidhan kan akka bofaa, jawwee, qoraattii fi kunneen biro ji'a
Birraa keessa uumaman jedhu. Kanaaf waaqa fi nama gidduutti sodaan uummame.

 "Namni araara hoolaa dide nama araara waaqaa dide" jedhama. Henna Booranaa keessatti
jiini 12ffaa fi inni dhumaa Sadaasni ji'a hoolaa fi bunni itti uumamani dha. Jiini kun ji'a
waaqni araara namaaf itti dhufe dha. Kana malees ji'a kana keessa waaqni dhibeef
qoricha akkasumas seera bulmaataa kennee namarraa fagaate jedhama.

You might also like