You are on page 1of 1

Godina Gujiitti sababa hanqina roobaa mudateen Oomishni qonna arfaasaa hir'atu

Waajjirri Qonnaafi Uumamaa Godinichaa beeksise.


Qonnaan bultoonni Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddee qonna Arfaasaan midhaan gosa
adda addaa facaasne, sababa hanqina roobaa mudateen midhaanni keenya nu jalaa
baduu irraa kan ka’e hanqina midhaan nyaataaf saaxilamnee jirra jedhaniru.
Mootummaa fi qaamni dhimmi ilaallatu deggersaan nu bira dhaabbachuu qabas
gaafataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Adoolaa Reeddee Obbo
Daani’eel Xennoo, bara kana qonna arfaasaan lafa hektaara kuma 27 ol misoome
keessaa harki 85 ol sababa hanqina roobaan manca’uu isaa ibsuun; kana irraa kan
ka’e qonnaan bultoonni kumni 95 rakkoof saaxilamiiru jedhan.
Rakkoon sababa hanqina roobaan qonnaan bultoota Aanaa Adoolaa Reddee mudate kun
aanaalee godina Gujii 8 keessatti balinaan jira, kana irraa kan ka’ees akka
godinichatti qonna arfaasaa irraa oomishi ni argama jedhame karoorfame keessaa akka
hir'atu dha Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Gujii Obbo
Taaddasaa Buzunaa kan himan.
Akka Obbo Taaddasaan jedhaniitti, ji’a kana booda akka godinichatti qonni Hagayyaa
waan eegaluuf Qonnaan bultoota kanneeniif sanyii midhaanii gosa addaa addaa ni
dhiyyeessina.
Itti Gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa Godina Gujii Obbo Tasfayee
Gammachuu, gama isaaniitiin, qonnaan bultoota sababa hanqina roobaan rakkoo keessa
jiran kanneeniif midhaan nyaataa kuntaala 1300 ol marsaa jalqabaan deggeerree
jirra, kana caalmatti ammoo gargaarsa barabaachisu taasisuuf Komiishinii Joggansa
Sodaa Balaa Oromiyaa waliin hojjachaa jiraachu dubbatan. Jiksaa Takileetu gabaase.

You might also like