You are on page 1of 1

Ganna kana misooma qamadii marsaa lammaffaatiin Godina Harargee Lixaatti lafti

hektaarri kuma lamaa ol misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa


Godinichaa beeksise.
Aanaa Horsiise Bulaa Gumbii Bordoddeetti Bona keessa jallisii bonaatiin lafa
hektaara tokkorraa jiddugaleessaan qamadii kuntaalli 47 erga argame qonnaan
bultoota naannoo sanaa biratti fedhiin misooma qamadii babal'achaa jiraachuu
aanichumatti ganda Gololchaatti qonna Gannaatii qamadiin hektaara 63 irratti
misoomaa jiru agarsiiftudha.
Bona keessa araddoota aanichaa sadii keessatti qamadii yeroo jalqabaaf faca'e waan
toleef qonnaan bultoonni ganda gololchaa muuxannoo achii argataniin qamadii
misoomsuu akka jalqaban dubbatu.
Hawaasni duraan hongeen miidhamaa ture kun amma ji'oota sadii qofa keessatti
qamadii misoomsee omishachuuf qarqara gahee jira.
Wabii midhaan nyaataan of danda'anii gurgurtaafuu kan oolu omisha gaarii abdatu
qonnaan bultoonni.
Bara kana qonna qamadii Gannaatiin lafa hektaara kuma 2 ol irratti qamadiin
misoomaa jiraachuu kan himan Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa
Godina Harargee Lixaa Obbo Huseen Muhaammad himuun, misoomni qamadii godinichaas
haala gaariin lalisaa jiraachuu dubbatan.
Itti Aantuun Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa misooma
qamadii kana daawwachuun carraa lafa gaarii aanaa horsiise bulaa kanarraa qabnutti
fayyadamnee qonnaan bultootaafi horsiise bultoota keenya wabii midhaan nyaataan of
danda'aniif mootummaan tarsimoo baase jira.
Nutis warroonni caasaa godinarraa hanga gandaatti jiru jabaannee yoo hojjanne
milkaahuun akka danda'amu qamadiin Gololchaa agarsiiftuudha jedhan

You might also like