You are on page 1of 1

Godina Gujii Lixaatti qamadiin heektaara 19,000 ol qonna arfaasaatiin kilaasteraan

misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa hime.


Qonna arfaasa baranaatiin godina Gujii Lixaatti qamadiin heektaara kuma 19 ol
kilaasteraan facaafamee misoomaa jiraachuu itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi
Qabeenya Uumamaa godinichaa Obbo Akliluu Gabramasqal dubbatan.
Qonnaan bultoonni oomisha qonna qamadii kilaasteraa hojjataa jiran aadaa qonna
bittinneessuu duraan ture irraa gara kilaasteraatti ce'uun callaa dansaa argataa
akka jiran himan.
Aanaalee gammoojjii keessatti sababa hanqina roobaatiin callaan eegamu haga yaadame
ta'uu baatus, aanaalee baddaa fi badda daree keessatti callaan gaariin akka eegamus
waajjirichi beeksiseera.

You might also like