You are on page 1of 1

Jiraattoonni Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Woyyuu qonna Magaalaa irraa

galii dabalataa argachuuf hojjachaa jirra jedhan.


Jiraattoonni Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Woyyuu qonna Magaalaan
kuduraa fi muduraa adda adda jallisii fayyadamuun qotaa jiran bu’aa gaarii irraa
argachuun jiruufi jireenya isaanii jijjiiruuf kunuunsaa jiraachuu isaanii dubbatan.

Itti Gaafatamaan Kilisteera Qonna magaalaa Bulchiinsa magaalaa Adoolaa Woyyuu Obbo
Raggaasaa Xooree akka magaalichaatti lafti hektaarri 437 ol kuduraa fi muduraan
misoomee kunuunfamaa jira jedhan.
Waajjiirri kun bara kana hunda’uun yoo hojiitti gales jiraattoonni magaalaa roobaa
fi jallisiitti sirnaan fayyadamanii galii dabalataa argataanii dingdeen isaanii
akka cimuuf deggarsa ogummaa fi dhiyeessii paampii bishaanii gochaafi jirra jedhan.

You might also like