You are on page 1of 1

Bakkeewwan hedduutti waraanni muddaan adeemaa jiraachuu dubbi himaan mootummaa

naannoo Amaaraa Gizaachaw Mulunah himaniiru.


Humna addaa naannochaarratti dabalataan raayyaan ittisaas waraanna TPLF waliin
gaggeeffamu keessatti hirmaachaa jiraachuu Obbo Gizaachaw himaniiru.
Waraanni naannoo Tigraayitti eegalame gara naannolee ollaatti wayita babal'achaa
jirutti, humna waraanaa baay'inaan qindeessuun dirree waraanaatti erguun ammallee
Itoophiyaa keessatti itti fufee jira.
Humnoota TPLF waliin atakaaroo hamaa keessa kan jiru naannoon Amaaraa, labsii
'namni meeshaa waraana qabu hundi gara adda waraanaatti' jedhu labsuun of ittisuuf
yaalii gochaa jira.
Humni dabalataa naannolee biyyattiirraa imalanis raayyaa ittisa biyyaa waliin lola
kanarratti hirmaachaa jiru.
Adda waraanaa Walqaayit, Waagmiraa fi Raayyaa irratti weerara garee TPLF ofirraa
qolachuuf waraanni gaggeeffamaa jira jedhan Obbo Gizaachaw.
Humnoonni Tigraay gama Kibba Tigraayiin daangaa qaxxaamuruun magaalaa naannoo
Amaaraa Qobboo to'achuufi Waldiyaa qabachuuf dhiyaachaa jiraachuu gabaasaaleen ni
agarsiisu.
Gama Kibba-Lixaan ammoo magaalaa Dabaarq qabachuuf yaalii gochaa jiraachuu
qondaalonni TPLF ni dubbatu.
Mootummaan naannoo Amaaraa garuu finciltoonni TPLF bakkeewwan akka Waldiyaa,
Dabaarqi qabataniiru oduun jedhu olola xiinsammuu hawaasaa to'achuuf oofamuudha
jedha.
''Olola sobaan fulaan qabatamus ta'e kan gadi dhiifamu hin jiru. Nuuf waraana kana
mo'achuu jechuun finciltoota TPLF buqqisnee gatuu jechuudha malee bakka ta'e
qabachuu fi gadi dhiisuu miti. Kanaaf ammoo kutannoon qabsaa'uu gaafata.''
Magaalonni kunneen to'annoo raayyaa ittisaa fi humnoota Amaaraa harka jiraachuu kan
himan Obbo Gizaachawu, naannawa magaalaa Qobbootti lolli jabaan gaggeeffamaa
jiraachuu himu.
Lola kanaanis raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa fi milishaan naannoo Amaaraa
akkasumas humnoota naannolee biyyattii adda addaarraa dhufan waliin ta'uun
injifannoo argachaa jiraachuu himan.
Ammas humna gara dirree waraanaa bobbaasuuf qopheessaa jiraachuu himan.
''Daandiin keenya tokko qofa. Innis shororkeessaa nu balleessuuf deemu kana
dursinee hundeen buqqisnee gatuudha,'' jedhan.
Haata'u malee dubbi himtuun waajjira MM Itoophiyaa Billanee Siyyuum 'labsiin
dhukaasa dhaabuu gam-tokkee mootummaan federaalaa labse' ammallee akkuma
kabajametti jira jechuun miidiyaaleef himte.
TPLF kan mootummaan federaalaa Itoophiyaa shororkeessaa jedhee moggaase, labsii
dhukaasa dhaabuu kana didee naannolee Amaaraa fi Affaar weeraruun lolicha
hammeessaa jira jechuun komatte.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa mootummaan federaalaa humna dabalataa waraanaaf
qixeessuun, waraana hammeessaa jira, dhoksaan ammoo marii gochuuf haala
mijeeffachaa jira jechuun komatan.
Dhukaasni dhaabbatee mariin karaa nagaa hunda hirmaachise akka eegalamuuf hawaasa
idiladdunyaarraa waamichi dhiyaatus, inumaa torbeewwan muraasaa as waraanichi kan
duraa caalaa hammaate.
Gama kaaniin ammoo Karaa lixa biyyaa daangaarratti kan argamtu naannoon
Beenishaangul Gumuz hidhattoonni dhibba tokko caalan humnoota nageenyaa
mootummaatiin ajjeefamuu ibsite.

You might also like