You are on page 1of 2

Dhiifamni Badii Malee Godhamu Hin Jiru!

(Ibsa Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO)


Dursa hidhamtooti siyaasaa KFO, Gazexeessitooti OMN fi kanneen biroo kan mana hidhaa dhiphaa keessaa turtan, baga
mana hidhaa guddaa kan siyaasaa, waraanaa fi dinagdee keessa jirutti ‘nagaan’ dabalamtan. Lammiileen Oromiyaa fi
sabooti cunqurfamoo hedduus mana hidhaa keessatti hafanii gidiraa argaa jiran kumoota hedduun lakkaawamu. Har’as
lammiileen mana hidhaa dukkanaatti darbamaa jiran danuu dha. Hedduunis mana hidhaa keessaa baafamanii rasaasaan
reebamanii ajjeefamaa jiru. Warri lubbuun jiraattanii, mana hidhaa dhiphaa keessaa baahuuf carraa argattan, haqa uummata
keenya mana hidhaa keessatti dararamanii, ajjeefamanii fi ammallee mana hidhaa keessa gidiraa argaa jiraniin addunyaaf
saaxiluuf hiree guddaa qabdu.

Rakkoon hidhaa fi ajjeechaa irra darbee lammiileen hedduun jumlaan humnaan qabamanii dirree waraanaatti darbamanii
irbaata rasaasaa ta’aa jiru. Lammiileen nagaa boombii xiyyaaraa fi drone irraa itti darbatamee lubbuu fi qabeenyi hedduu
badaa jira. Haala akkasii keessatti hidhamtoota lakkoofsaan xiqqaa ta’an baasanii nagaa fi araara fidna jedhanii shubbisuun
haqatti baacuu dha. Sirni haqa uummataatti qoosaa jiru kun ammoo farra nagaa ta’uun, adeemsi nagaa fi araaraa akka
gufatu danqaa uumuuf waan inni hin dhamaane hin qabu. Sababaan Abiy Ahmed hidhamoota siyaasaa badii malee hidhee
turee fi amma hiikeef:

1. Mootummaan PPtti beekamtii (legitmacy) horuuf;


2. Lola amma deemaa jiru kan injifate of fakkeessuu;
3. Humnoota falmaa hidhannoo gaggeessaan dirree siyaasa keessaa moggeessuuf fi
4. Hawaasa idil addunyaa biratti nama nagaa barbaadu fakkaatee akka faarfamuuf dha.

Badiin hidhamtoota siyaasaa raawwatan yoo jiraate deeggarsa uummataa qabaachuu isaanii ture. Hidhamtooti siyaasaa
kun yoo filannoo irratti haqaa fi bilisaan hirmaatan akka Abiy Ahmed moohatan shakkiin hin turre. Abiyyis sana sodaatee
Artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeesisuun hidhamtoota siyaasaa kana mana hidhaatti darbe. Hidhamuun hidhamoota
siyaasaa fi ajjeechaan Artist Hacaaluu Hundeessaan irratti raawwatame yakka isa jalqabaati. Yakki inni itti aanu sagalee
uummataa ukkaamsanii, filannoo biyyoolessaa qobaa ofii dorgomanii, qobaa ofii filannoo injifadhe jedhaanii fi labsanii
mootummaa ijaaruu dha. Yakki sadaffaan ammoo maqaa mootummaa beekamtii uummataa hin qabneen lola hin feesisne
seenuun, dhabama lubbuu kumaatamaa fi qabeenya kitila hedduu dhaqabsiisuu dha.

Qaamni yakka haga kana raawwate kun hidhamtoota siyaasaa badii hin raawwatneef dhiifama godhe jedhee media irraa
lallabuun dammaqiinsa uummataa tuffachuu dha. Gaaffiin siayaasaa sabichaa furmaata dhabee lola hamaa keessa
seenamee jiru keessatti; dinagdeen biyyittii burkutaahee sadarkaa jiguu irra gahee jiru keessatti; ilaalchi siyaasa Abiy
uummataan tufamee bakka hin qabne keessatti; Diplomasiin biyyoota dhihaa waliin jiru gadi bu’ee gargaarsi biyya ambaa
hin jirre keessatti; jiruu fi jireenya uummataa gadadoo keessa seenee jiru keessatti, tarkaanfiilee xixiqqoo, dhiifama badii
malee godhamun, rakkoo bu’uuraa furra jedhanii yaaduun gowwummaa dha. Abiy Ahmed yakka raawwateef fi naannoo
keenya gara waraanaa barbadeessaatti waan dhiibeef, mootummaan inni ijaare jedhu beekamtii (legitmacy) argachuu hin
qabu. Inumaayyuu akka PPtti yakka raawwatamef gaafatama fudhatee aangoo gad dhiisuu qaba. Haqa qofaatu nagaa
waaraa fida waan ta’eef!

Lolli haga ammaatti gaggeeffamaa jiru kan injifachaa jiru WBO fi humnoota cunqurfamoo, kan bobbaa isaanii
babal’ifachaa jiran akka ta’e hubachuun ni dandahama. Lolli amma Abiy gaggeessaa jiru lafa gad-dhiisee, qilleensa irraan
uummata nagaa irratti boombii darbachuu qofaatti daangeffamee jira. Lolli bifa kanaa ammoo dhuma irratti kan injifatu,
qaamuma deeggarsa uummataa qabuu fi lafa qabate akka ta’u shakkiin hin jiru. Humnooti bilisummaa saba isaaniif
hidhannoodhaan dirree irratti falmaa gaggeessaa jiran dirree siyaasaa keessaa moggeessuunis hin dandahamu. Kunis,
sababaa kaayyoo, deeggarsaa fi bu’uura hawaasa bal’aa qabaniif siyaasi isaanii yoomuu jiraataa dha. Bara teknologyn
guddatee jiru kana keessattis hawaasa idil addunyaa sobanii bira darbuun hin dandahamu.
Kanaaf, nagaa waaraa fi gammachuu dhugaa argachuuf murteessaan haqa argachuu ta’uu hubachuun, haqa ofii
kabachiisuuf ammoo qabsoo jabeessuun fi humna ta’u ogguu qalbeeffachaa qabsoo keenya itti fufunu dhaammachaa;
hidhamtooti siyaasaa lubbuun jiraattaniis, qabsoo Oromoon haqaaf gaggeessaa jirutti makamatnii sagalee uummata taatan,
kan haalli isiniif aanjahes bifa dandeessan maraan waardiyyaa haqaa taatan ajajaan ol’aanaa ABO-WBO waamicha godha!
Haqa qofaatu nagaa waaraa fida, dhiifamni badii malee godhamus hin jiru!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

Amajjii 8, 2022

You might also like