You are on page 1of 4

Sodaa

“….Cowardice is one of the dominant forces and motives of human development, and on the whole, it is a
beneficial and commendable influence.”

George Mikes (1984)


***
Sodaatu qabee ti moo jagnummaa dha laataa?
Waan hundumaa baruuf namni maaf rakkataa?
Qadaaddii hundaa banuu, gudunfaa furgaasuu
Asii gadi kaachuu olis batattisuu
Fagootti achi kaachuu, dhiyootti qaxxisuu
Kana quba kaa'uu, sanammoo basaasuu
Sammiitti ija miixuu, Waaqatti gurra qeensuu
Icciiti diinqa Waaqa dhagwuuf wixxisuu
Dacheen gudeedanii ji'a qullaa dhaabuu
Bakkalcha soqoluu, uurjii dhandha qabuu
Galaana dhidhimuu, boroo Waaqa labuu
Waan hundumaa qoruu...
Waan hundaa gaafachuuf, namni maaf rakkataa?
***
"Jaldeessi kattaa ’rraa…,
Fuula gurraachayee, taa'aa maaf diimataa?
Gobocorroon huccuu, maaf gombisa uffataa?
Boftoo harka hin qabuu maaliin wal haammataa?
Titiisii fi kaanniisni…,
Attam malkaa tokkoo wal dhuukaa unataa?
Naachi hidhii hin qabu maaliin wal dhungataa?
Dubbarri sariitii dura duukaa ciistee…,
Teellaa maliif nyaattii?
Soonsi maaf qaldhatee, silmiin maaf gabbattii"
Waayee qilleensaa fi waayee obomboleettii
Duumessaa fi bubbee, dambala galaanaa, dachee fi gravitii
Waayee lubbuu guddaa waayee lubbuu xinnoo
Ajaa fuliyyoo dha, waayee faltii osolee waayee dhiiga canoo
Waayee qorophisaa…,
Waayee bookee fi curree, waayee raachaa fi fattee
Qoratee saaxiluuf, maaf irriba dhabaa…?
Namni maal rakkatee…?
Akka waan Waaqayyo, hibboo isa gaafatee?!
Kun hundumtu maalii..., sodaa moo jagnuma?
Saayins, teknolojii, yookaan marraaguma
Hundeensaa eessa ofii qaroomni dhala namaa?
Sodaa moo jagnuma?
***
Sodaan kun… maalinnii? Humna moo laafina?
Yoo sodaan hin jirre silaa akkam taanaa?
Hundi ilmoo namaa dhuguma injagnoomnaa?
Sodaan utuu hin jirree silaa qonnee in'nyaannaa?
Gombisaa indhaabbanaa; waa qusii inqusannaa?
Silaa inmarraagomnaa, qarooma inqaroomnaa?
Jibbaa fi jaalala, hinaaffaa fi sinsinni walii keenyaaf qabnaa?
Sodaan kun nuuf maalii...?
Nuyi sodaaf maali dha? Waa firooma qabnaa?
***
sodaan kuni akkamiin uumamee?
Jireenya keenya keessa attamiin makamee?
Waaqatu sodaa uume...? Moo...? Sodaatu Waaqa uumee?
Yaaddoon beelaa fi dheebuu qancare caattoomee,
Sodaan dhukkubaa fi du'anii godaanuu nu keessatti kormoomee
Abdachuu fi hawwuun, laf-jala dulloomee
Hamileen xuwaashayee akka waan sangoomee
Uumaa fi jireenyi maalumaan nu eegaa, maal of harkaa qabaa?
Nu duguugaa laata…?
Kan hadhaba of kaa'e, balaan goorroo duubaa
Irbamni Dache keessaa, fottoqi qarqa gubbaa
Kan qilleensa keessaa…,
Kan dambalaan kaatu, waadee nu gollobaa?
Kanaa fi kan dhokate hunda yeroo sodaannu
Egereen maal qusee, maal akka nuu kaa'e baru yeroo dadhabnu
Galgala hardhaa rafnee boritti gad bawuu yommuttii yaaddofnu
Yaada keenyaaf irkoo, jireenyaf utubaa yoo barbaannee dhabnu
Murtoo fi mirkanoon yoo nu keessaa onu
Waan qabannu dhabnee, hammacama qalbiin yaadi nu raafamee
Kunoo yeroo sana hannisaa haphatetu Waaqa hin jirre uumee?
Moo…?
Haalamala namaa walkeessa micciiree akka funyoo gumee
Hinaaffa, ofummaa, hamaa fi, albaadhummaan…,
Nu keessa makamee
Kaan akka gowwoomu, inni kaan haxaari, kaanis garraamomee
Inni kaan kakaatu, donn'aa fi sassattu, inni kaan arjjoomee
Xaranga'a fi daagii, tabuu fi dilba namaa;
Inni kaan abshaala, inni kaan gamnoomee
Nam-wangoo, nam-gulloo,
Nam-xaddee fi qamalee akka taanu abboomee
Gaafa obboro uumaa…,
Gurraacha Gooftaa Maccaa, Waaqatu sodaas uumee?
***
Sodaa fi jagnummaan kun wal keessa jiru moo…?
Addaan wal calaluu?
Dhiiga wal keessaa qabuu...?
Dinummaa himatuu...? Maalitti walii ooluu?
Tariii..., sodaan qalbii dhayee
Dhikkisi onnee namaa qoma cabsuu gayee
Akka waan billachi hundi garaatti dacha'ee
Sombi ol guuramee moramtti ol haratee
Liqimsituu fi kokkeen dheebuu tiin gubatee
"Ho-abbaa-koo-maal-wayyaa?" fi
"Ani-bade-haadha-koon," ulaa afaanii gayee
"Maaloo dhalachuun koo utuu hafe ta'ee!"
"Utuun-asii-badee" fi "utuun-yoona-duee, teellaa du'aa ka'ee"
"Yaa-Dache-na-nyaadhuu" fi
"Yaa-Waaq-na-fudhadhuun" hawwii cimaa ta'ee
Qaamaa bibirdhatu, miirumaa gulufu
Kotteen baallee baasuuf xinnoodhuma hafu
Booree dha godaanee, hamilee dha hiyyome
Battala sana keessa..., sodaa sodaatee ti kan xeellaan jagnoomee?
Jechaan..., gogo'ii kana keesa hiciqiin warraaqee
Booreen xiiqii hobobsee, miirri waa rimaayee, micireen dammaqee
Yeroo sanaa laata...gadameessi sodaa kan jagnummaa hanqaaqee?
***
Yeroo sanaa laata ...."utuun-yoona-du'een" barcuma gadhiisee
"Utuun-yoona-ajjeesse" kan ka'ee teessisee?
Battaluma sanaa..."utuun-biiyaa-badeen" ol ka'ee dhaabbatee
"Utuun-biyyaa-baaseef" kaninni marxifate?
"Yaa Dache-na-nyaadhuun", nayee mataa buusee
"Dacheen-ishee-nyaachisaan" kan inni daaddise.
"Hoo-abbaa-koo-maal-wayyaan," keessatti coolligee
"Maal-abbaa-’sheetiiffooo...!" fi
"Fogg-abbaa ’shee-hanyaatuttuun" kan fooggalee fage.
Yeroo sanaa laata...
"Jarana maa teessuu...?
Qqabaa na gadhiisaa... gadhiisaa na qabaa
Ka'een, nama aajjeesaa...ka'een nama reebaa
Ka'een bowwaa buu'aa, ka'een muka yaabaa!
"Afeen irra deema akka gogaa fi raroo!
Hamm godheen liqimsaa akka maroo birroo!
Nama-nyaata-namaa, ana maraataa maroo!
Faniiseen ishee ulaa me as kennaa wadaroo!"
***
Yeroo sanaa laata kan jennee banna'nnu,
Sodaan nu jagnoomse kan tokko soodachiisnu
Akkasiin tainnaa…?
Keessi keessa keenyaa kan sodaa kolaasee
Kan jagnummaa goobse?
***
Sodaan tokko tokkoon, lootii mukaa ta’u
Yoo lubbuu guraaree qalbiin nu manca’u
Ilmoon ilma namaa yeroo sana filata wal duukaa ra’rrau
Sodaan, maal hin uumne…?
Tokkummaa ijaaraa, sodaan gurmuu dhalchaa
Sodaan siidaa ijaara, muree dhaaba faachaa
Sodaan kaamettii dha, boriif waa galaalchaa
Yaaddoon sodaa himimsee;
Qalbii rifaasisee
Qullubbii tumuufaa
Muxuxii dhumuufaa
Qalqala maruufaa
Galgala baduufaa
***
Egeree cabbaayee yoo nuttii muldhise,
Kunoo yeroo sana…,
Gowwatu gamnoomee, baaqqeetu gurmooma
Ollaatu lammoomee, dabeessi jagnooma
Doofaatu qaroomee, rookeeta konkona, qawwee fi taankii tuma.
Sodaan maal hin uumne?…
Gimbiiyyuu inijaaraa, gimbii Doonjoo Gaa’oo
Muxxee goodaa Misrii, yookaan, gimbii Chaina Maa’o.
***
Sodaan maal hin fidnee…!
Jagnumma xaaxawuu, jagnumma baannachuu
Dabuma isa kaanii iyyaanii dhaadachuu
Afaan kaanii cabsuu, afaan ofii faarsuu
Waaqatti firoomuu isa kaan seexansuu
Xebena xebenuu
Qinee qanaqqanuu
Sodaan maal hin fidnee, kakatanii haaluu
Jiraa kaan ajjeesuu, seenaa kaanii awwaaluu
Harkaan of jagnoomsuu, leencatti of fakkeessuu
Isa kaan daboomsuu harreette kalacheessuu
Garuuu…,
Dubbi gadi hin qonnu, jennee dhiisnee malee…,
Yoo gadi qonne garuu
Harreen akka leencaa, leenci akka harree hin jiru!
Sodaan korma cirrii ti hooda of keessaa qaba
Hinaaffaa indhasha, jibbaa inhanqaaqa, jaalaala indadhabaa?!
***
Egaa yaa Jamaa….!
Sodaatu qabeetimoo jagnummaa dha laata?
Waan hundumaa baruuf namni maaf rakkataa?
Qadaaddi hunda banuu, gudunfaa furgaasuu
Asii gadi kaachuu olis batattisuu
Fagootti achi kaachuu, dhiyootti qaxxisuu
Kana quba kaa'uu, sanammoo basaasuu
Huwaatti ija miixuu, Waaqatti gurra qeensuu
Icciiti diinqa Waaq dhagwuuf wixxisuu
Dacheen gudeedanii ji’a qullaa dhaabuu
Bakkalcha soqoluu, uurjii dhandha qabuu
Galaana dhidhimuu, boroo Waaqaa labuu
Waan hudumaa qoruu...
Waan hundaa gaafachuuf, namni maaf rakktee?
Akka waan Waaqayyoo hibboo isa gaafatee!
Kun hundumtu maali...sodaa moo jagnumaa?
Saayins, teknoloji, yookaan marraaguma
Hundeen ’saa eessa ofii qaroomni dhala namaa?
Sodaa moo jagnuma?
***
Zelealem Aberra Tesfa
Birraa 10, 2003
Tampere / Finland

You might also like