You are on page 1of 599

Mandara Qaanaatti wal haa arginu.

Sababni wal arguu keenyaa raajii mana dookimaas waliin akka ilaalluf,hir'uun keenyi akka nuu guutuuf
jaalalli,kabajnii fi wal dhaggeeffachuun Haadhaa fi ilma gidduutti raawwate akka ilaalluufi.
Qooqa isaan itti waliin galan .... Ilmi (Yaa dubartii nana maal sirraa qaba?) Haati (Deemtee kan inni isiniin
jedhe raawwadhaa). Akka galma yaada kanaatti Haati isaa yeroo deemtu na dide,hojiikoo keessa maal si
galche naan jedhe jetti ture akka barsiisota bara ammaa kanaatti.
Amma yaadaan na duukaa imalaa
Waa'ee gargaarssaa fi araarssummaa haadha keenya dubree maariiyaamii baay'ee keessaa muraasa isaa.
Qaanaa Zagaliilaatti maaltu mudate? maaltuu ta'e? Hojiin dubree maariiyaam maaliif cidha kana irratti ka'a?
Mandara kanatti kan argaman.
- Goofticha (Mootii samii fi Lafaa)
- Haadha Gooftaa (Araarsituu keenya)
- Qulquullootaa fi Affeeraaf kabajaan kan waamaman hunda.
Mandara Qaanaa mana dookimaasitti ajaa'ibatu ta'e. Dookimaas Cidha bal'aa namni hundii kan irratti
argamee fi cidha bal'aadha kan qopheesse.
Manni kiristaanaa keenya waa’ee haadha keenyaa kan lallabduu fi kan barsiiftu daandii duuka bu’ootni irra
adeeman bu’uura godhachuudhaani. Giiftiin keenyi, Dubroo Maariyam sanyii namaa irraa kan argamte
waan taatef rakkinni, namaa dafee kan isheedhaf galu, dafee kan isheetti mul’atu, garaa laafettii dha.
Wangeela Yohaannis boqonnaa 2:1 irraa eegalee dubbisni jirus kanuma dhugaa baha. Dookimas cidha
qopheessee, affeeramtoonni waamamanii, affeerranis dhihaatee osoo jiruu daadhiin waynii waan dhumeef
qopheesitoonni cidhichaa, waan namaaf dhiheessan dhabanii dhiphachaa turan. Dhiphina namaa kan
hubattu, gara laafettii waan taateef,haati keenya dubroo Maariyaam rakkina isaanii osoo isaan itti hin
himatin barte. Isheenis rakkina isaanii kanaaf furmaata tokko akka kennuuf Ilma isheetiin “Daadhi waynii
bar hin qabani’ jechuudhaan kadhatteef. Ilmi ishees Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos wanta isheen
kadhattee rawwateefi jira. Gooftaanis bishaan gara daadhii wayniitti jijiiree ajaa’iba isa jalqabaa kanaan
eegaleera.
As irratti jechoota (dubbiiwwan) isaan gidduutti godhame hubachuun barbaachisaa dha.

👉“Dubartii nana sirraa maalan qaba” (Yoha 2:4)

Giiftiin keenya daadhi waynii hin qaban yemmuu jettee kadhatetti Gooftaan keenya, deebii isheedhaaf
deebisee keessaa dubbii “dubartii nana sirraa maalan qaba’ jedhu dha. Hiikni dubbii kanaas isaas
‘Kadhannaa kee kana akkan siif hin raawwanne anaaf si gidduu lola fi falmii maaltu jira ree?’ jechuudha.
Fakkeenyaaf akkuma warri keenya yemmuu nu ajajan, wal irraa firooma (aantee) qabaachuu isaanii osuma
beekamu, ajajicha isaanis raawachuuf akka hin didne (hin turre) kana yoo hin goone ta’e maal wal irraa
qabna ree jedhan, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis haadha isaa Dubroo Maariyaamiitiin akkan kana
siif hin raawwanne maaltu na dhowwaree, lola maalan sirraa qabaree jedhee deebiseeraaf.
✍Shakkitoonni garuu dubartii nana maalan sirraa qaba kan jedhe kana akka waan Gooftaan haadha isaa
salphisetti fudhachuudhaan barumsa dogongoraa fi hubanno gadi fagoo osoo hin qabaatin barsiisu, kanaanis
araarsummaa ishee ni ganu.Haa ta’u malee Gooftaan Inni abboommii abba fi haadha keessan kabajaa jedhee
barsiisu haadha haala isaan hiikan kanaan haadha isaa adabab’aba’ii irratti akka hin salphisne hubachuun
barbaachisaa dha. Keessumattu kitaabota gahuumsa malee hubannoo foonii dhiigaatiin yeroo dhihoo keessa
hiikkamaa fi barreeffamaa jiran irratti ilaalchi dogongora tahe kuni akka baldhinaan tamsa’ee nama raatessu
carraa guddaa uumee jira.
Akka fakkeenyaatti kitaaba qulqulluu Afaan Oromootiin bara 1997 maxxanfame irratti “Haadhoo maaliif
hojii koo keessa lixxa” jedhamee kan barraa’e gonkuma sirrii kan hin taanee fi kan gareen ortodooksii hin
taane olaantumma raabsa kitaaba qulqulluu keessatti qaban fayyadamuudhaan barreessan malee hiikni inni
dhugaan kan ibsu garuu, haadha koo kan kana siif hin goone maalan sirraa qabaree hiikkaa jedhu laata.
Kanas ammo wanta isheen kadhattee, bishaan gara daadhii wayniitti jijjiiruudhaan agarsiiseera. Haatii fi
Ilmi irratti walii galaniiru, addunyaan garuu hanga ammaatti irratti yoo walmormu agarra.

✍Dabalataan dubbii kana hubachuuf fakkeenya wal fakkaataa kakuu moofaa keessaa haa ilaallu.
Fakkeenyaaf Eliyaasiin tajaajilaa kan turte, dubartiin Saaraptaa ilmi ishee yemmuu jalaa du’etti, "Eeliyaas
nama Waaqayyoo maal na irraa qabda" jettee gaafatteeti. Dubbiin kuni wal diddaa hin ibsu. Inumaayyuu
raajaa Eliyaasis gadda ishee hubatee Waaqayyoon kadhachuun ilma ishee du’aa kaaseefi jira (1Mot 17:18).

ፀልዩ በእንተ ሰላም ቤተክርስቲያን አሐቲ ቅድስት ጉባኤ እንተ ሐዋርያት ርትዕት በኅበ እግዚአብሔር!

'በሩ ኢየሱስ ነው' እያልሽ አትፎክሪ

ቁልፉን ስለያዘ ጴጥሮስንም ዘክሪ

ለቅዱሳን ማማለድ ትንሹ ስልጣናቸው ነው ወዳጄ። እሪ አትበልብን! ። እንዳይገርምህ እንጂ እንኳን ማማለድ ባንተ
ላይ የ..መ..ፍ..ረ..ድ ስልጣን ሁላ ተሰቷቸዋል። ይገለጣ መፅሐፍ ቅዱስ! ይነበባ! ምን ይላል? በ 1ኛ ቆሮንቶስ 6፥2 ላይ

ቅ...ዱ...ሳ...ን በዓለም ላይ እ...ን....ዲ....ፈ....ር....ዱ

አታውቁምን? ይላል እኮ:: ይሄን ይሄን ስታነቡ ትዘሉታላችሁ?

አሁን በእኛ ላይ መፍረድ ሁላ እንደሚችሉ ይህን ጥቅስ ስነገርህ አትገረም እዛው ወረድ ብሎ ቁጥር 3 ላይ ምን ቢል
ጥሩ ነው? "በመላእክት እንኳ እንድንፈርድ አታውቁምን?" በስመአብ ከዚህ በላይ የሚያሳርፍ መረጃ ከየት ይምጣ?

በመላእክት እንኳ ይፈርዳሉ ቅዱሳን። ይቁረጥልህ። እኔና አንተ ያማልዳሉ አያማልዱም ብለን ስንታገል ለካ ቅዱሳን
እየፈረዱ ነው። እኛ ሳንሆን እራሱ ባለቤቱ ነው የሰጣቸው። እንዴት ይሄ ይሆናል? እንዴት ትሰጠቸዋለህ አንተ ብቻ በቂ
እኮ ነህ ኢየሱስ ብቻ በቂ ነህ አሄሄ ምትል ከሆነ ደሞ መድኃኒታችን ኢየሱስ ክርስቶስ የዩሀንስ ወንጌል ምዕራፍ 21:-22
ላይ ይወስድህና "እኔ ብ...ወ...ድ...ስ!" ብሎ ያረጋጋሀል ። እኔ ብወድስ! እሱ ከፈለገ ከወደደ አንተ ምን ታመጣለህ??
እንዴት ደስ እንደሚለኝ ይሄ የጌታችን መልስ! እኔ ብወድስ!!! አፍ የሚያዘጋ መልስ ነው።

ለመሆኑ ከመፍረድ እና ከማማለድ የትኛው ይልቃል? ለዛውም ከእኛም አልፎ በመላእክት ላይ ከመፍረድ በላይ ምን
ስልጣን አለ? እኛም ኦርቶዶክሳውያን ከጴንጤ ጋር ይፈርዳሉ አይፈርዱም በሚል ጭቅጭቅ ውስጥ ተውጠን የቅዱሳን
የላቀው ስልጣናቸውና በረከታቸው እንዳንዘነጋ ልንጠነቀቅ ይገባል።

ቤተክርስቲያን ባህረ ጥበባት


አትመረመርም እጅግ ጥልቅ ናት

የገሀነም ደጆች አያናውጧትም

ቤተክርስቲያን አ..ት..ታ..ደ..ስ..ም!

ፀልዩ በእንተ ሰላም ቤተክርስቲያን አሐቲ ቅድስት ጉባኤ እንተ ሐዋርያት ርትዕት በኅበ እግዚአብሔር! የሐዋርያት ጉባኤ
ስለሆነች ስለአንዲት ቅድስት ቤተ ክርስቲያን ሰላም እንማልዳለን! (መጽሐፈ ሚስጢር)

ቤተክርስቲያን....

መሰረቷ ጉልላቷ እርሱ ነው

ሙሽራዋ መስቀል ላይ የሞተው

ዛሬም ነገም ያው ነው ለዘላለም

አትንገሩን አዲስ ጌታ የለም!

ወስብሐት ለእግዚአብሔር ወለወላዲቱ ድንግል ወለመስቀሉ ክቡር አሜን

Waa'een Haadha Waaqayyoo Giiftiin keenyi Maariiyaam gaafa dubbatamu kan isin jeequuf naaf haa
ta'u. Dogonggorri jalqabaa isheetiin salphisuu fi afaan badaa itti dubbachuun ilma ishee hunda irraa ishee
filatee gadameessa ishee keessa bule waan gammachiisuu isinitti fakkaatee karaa gowwummaa fi
wangeelaa beekuu dhiisuun dogonggoraa jirtaniif ____!
Maqaa Abbaa,Ilmaa,Afuura Qulqulluu Waaqayyoo tokkoon Ameen!
Jechii Maariiyaam jedhu Jechoota Lama irraa kan dhufeef "Maar":-Damma,Nyaata mi’aawwaa kan Lafa fi
"Yaam":- Nyaata Mi’aawwaa Samii kan taatedha. Qulquulleettiin Maariyaam Fayyisuu Kiristoos dhala
namaa fi addunyaan fayyuuf sababa kan taate Iyyaaqeemii fi Haannaa Irraa kan argaamtedha.
Ergamoonni Samii fuldura isaa dhaabbachuu dadhabanii kan isaan room'an garaatti kan baatte,Luboonni
Samii 24 Qulquulluu,Qulquulluu,Qulquulluu Uumaa Lafa fi samii kan jedhaniini,Suraafeelii fi Kiruubeel
Sodaan kan tajaajiilaaninii garatti ji’a sagalii fi walakkaa kan baattedha.
Sababa Hewaaniin balbballi Jannataa kan cufame, sababa isheen Lammaffaa kan baname haadha Gooftaa
goftoota ,Waaqa waaqootaa,Iyyeesuus Kiristoos kan dessedha.
Wedduu Salamoon 6:-9 “Bullaalaakoo Dhumnikoos tokkodha hadha isheefiis tokkodha kan deesseefiis
kan filatamtedha.” ….. Tokkittii godhatee filachuusaa Qulqulluu Salamoon irra bulee dubbateera.
Faarsaa 44(45):-10:- “Yaa Muucaakoo dhagahi,gurraakees gadi buusi,Saanyiikees,mana abbaakees
dhirraanfadhu Mootiin bareediinaakee’s jallateeraatii Innii Gooftaakeetiidhaati jedha,Dubreen maariyaami
bareedinni ishee kan alaa qofa miti kan keessaas malee ….. Yaadaan,Fooniin,Lubbuun qulqulluu kan
taatedha.
Luqaas 1:-28 “Baga gammadde Kennaan kan guutaamte gooftaan si dukaadha ati dubartoota giddutii kan
Eebbifamtedha jedheenii”
Elsaabeetin Qulqulluudha yeroo jennu Yoohaniis Qulquulluu ta’ee garuu Aangoon kan latameefi kan
boqatu yoo ta’u isheen garuu aangoo kan laatu waaqa waaqotaa, Raajonni arguuf kan barbbaadan turan
garuu kan hin danddeenye kan deessedha.
….. kanaaf qulqulloota/Umaamootaa ol,Uumaa gadi kan taate Dubree Maariyaamii dha!
• Hadhaa Waaqayyoo dha
Isaayyaas 9:-6 “Mucaan nuuf dhalateeraatii mucaan dhiiraas nuuf laatameeraatii Aangooniis gaateettii
isaarras ni ta’a,maqaan isaas ajaa’iiba raajii Moo’aa kan bara baraa abbaa Mootii jedhaamee wamaama.
Rome 9:-5 Dukaa bu’aan Qulqulluu Phawuloosiis Samiirraa bu’ee Durbee Maariyaamiirraa kan dhalatee
fayyiisaa hunda keenyaa unuun nu fayyiisuuf nama haa ta’u malee innii bara baraan waaqa eebbifameedha.
• Haadha Ifaatii:-
Yohaanniis 8:-12 Dabaalatee Iyyesuus ani ifa adduunyatii kan na duuka bu’e ifa jireenya isaa fi ta’a malee
dukkanaan hin deddeebi’u jedhee dubbaateera. egaa Namni jalqaba yoo qulqquulla’ee ifa yoo ta’e Waaqni
ifaas buultoosaa godhata … kun immoo dubartootni gagga’oo ykn qulqullootni baay’ee baricha keessa osoo
jiranii inni ishee kan filate ifa ta’usheerraatiin Uumaan garaa ishee keessa bule.
• Qulquulleettii dha
Luqaas 1:-42 “Ati dubartoota keessaa kan eebbifaamtedha”
Isaayyaas 1:-19 “Gooftaan gooftootaa sanyiikee osoo nu hanbisuu baate akka Sadoomii fi Gomooraa osoo
fakkaanneerra ta’ee” …. Akka sadoomiif goomarraa banna ture jedha.
Weedduu Salamoon 4:-7 “… Namuummaankee bareedadha saalfiis/cubbuus hin qabdu”
• Durbeedha
Isaayyaas 7:-14 “Kanaafu gooftaan mataan isaa mallattoo isiiniif laata durbeen ni ulfoofti Mucaa Ilmaas ni
deessi maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni waamti.
Hizqi’eel 44:-1 “… Gara balbbala mana qulquulluumaa isaatti na fide, cufamees ture …. Waqayyoos
balbballii kunis cufamee jiraata malee hin banamu namnis itti hin galu jedhe waaqni Israa’eel itti galeeraatii
ni jiraata.”
• Kabaja sagadaa fi Galatni Haadha keenya dubree Maariyaamiif ni ta’a
Haati isaa Haati keenyi Kessummeessituu Jecha Abbaa,galma Afuura qulqulluu,Bultoo Ilmaa kan taate
dubree mariyaamiif kabajni fi galatnii nuti isheefi laannuu itti hir’ata.
Mul’aata Yoohanniis 12:-1 “ Mallattoon guddaas sami irratti mul’aate Aduu uffattee biiftuu luuka isheetii
gaditti kan qabdu mataa ishee irratti urjii kudha lamaan goonfoo kan ta’aaniifi dubartiin tokko
turte.”Kunimmoo Qulquulleettii haadha keenya ta’u ishee Lakkoofsa 5 ( Shanitti) gadi bu’ee “ Warreen hin
amanne hundaa ulee sibilaan kan isaan bitu ilmaa dhiiraa deesse jedha.
Aduu kan jedhame – Gooftaa keenya Iyyeesuus Kiristoosii.
Biiftuu kan jedhamaani – Qulqulloota
Urjii kudha laman kan jedhamaani – Duka bu’oota 12 dha.
Luqas 1:-28 Unis ishee Galateefanna Akkuma Ergamaa Guddaa Qulquulluu Gebri’eelii Waaqa biraa
Ergameen ”Gammadii” “Dubartoota keessaa kan filatamte” jechuun ishee Galateeffanna. Qulqulluu
Gabri’eelii duras Dubreen Maariyaamiin Afaan Raajootaatiinis galateeffatamaa turteettii.
Farsaa Daawwit 44(45):-9-13 “Uffata warqeen bareeddee fi haguugattee Mootittiin karaa Mirga ni
dhaabbattii …. Du’a ka'uumsaashee osoo hin hanbisiin Misiraachuu dubbaateera.
Farsaa Dawwiit 132:-8 “Siif Bultoon mana qulqulluummaakee gara Boqonnaa keetti ka’i”
Luqas 1:-48 “Dhaloonni hundumtuu Qulquulleetti naan jedhu” Kanaafuu unis dhaloota keessaa isaan tokko
waan taanef qulqulleettii isheetiin jenna. Nutis isheef sagadaa, nageeenya ishee gaafanna nutis waa’ee
wangeelaa akkas jechuun ibsina.
Luqaas 1:-4 “ Eelsaabeetis Nageenya Maariyaamii akkuma dhageesseen Gadameessa ishee keessa kan jiru
ulfi ni utaalee (ni sagade)” Eelsaabeetitiis Afuurri qulqulluu ishee guutee sagalee guddaatiinis dhiyyiitee
akkas jettee ati dubartoota keessaa/Gidduutii kan Eebbifamteedha firiin gadameessa keetiis kan Eebbifamee
dha.Sagalee waaqayyoo kana keessatti kan hubannu yaada rimee kan ta’an Sagaleen haadha keenya
Maariyaam – Ulfa gadameessa keessa ni utaalsiisa.Afuura qulqulluun kan guutaame dubree
Maariyaamiitiin nii jaallata malee hin jibbu – Akka Eelsaabeet.
Quulquulleettiin Maariyaam Umaamoota keessaa addaa fi qulqulleettii ta’ushee Eelsaabeetii fi garaa ishee
keessa kan jiru Yoohanniis haadha keenya dubree maariyaamiif sagadu isaanii nutti hima.
Isayyaas 60:-14 “ Warreen si tuffatan kophee Lukaakeetti ni sagadu Magaala waaqayyoo Qulquulleettii
Israa’eel kan taate Tsiyoon sin jedhu” Hunduu haadhummaa ishee fudhata Fuldurasheettiis ni kufa.
Waaqayyo kan isaan filaate hunduu kennaa isaaniifi laatamee keessaa innii tokkoo Dhala nama fi
waaqayyoo araarsuu fi yookan namaf kadhachuu dha.
Yohaniis 19:-27 “Haatiikee kunoo dha” …. Yoohannis Ilma Zeebdiyoos kan ta’eef.
Faarsaa Dawwiit 44:-12 “sooreessoonii biyya lafaa warren hin amanne fuldurakeetti nii kufu…
Faarsaa Dawwiit 86:-5 “Namni hunduu Haadha keenya Tsiyoon jedha keessa isheettis namni dhalateeraatii.

Maariyaam nuuf kadhatti!


Obbo galgaloon faa otuma dhagahanii otuma arganii akka nama hin arginee akka nama hin dhageenyee irra
deddeebiin gaaffii nu gaafatu.gaaffiin isaaniis kanadha....
"#Maariyaam nuuf kadhatti" kan jedhu hoo barreeffamee hin jiruu isin eessaa fiddan?
nuti obbo galgaloodhaaf yeroo garaa garaatti gaaffii isaanii kanaaf deebii kennaa turre.ta'us garuu isaan
kaayyoon isaanii inni guddaan amanuuf osoo hin taane akka nuti amantaa keenya shakkinee jibbinee
dhiisnu gochuudha waan ta'eef otuma deebiin kennamuufi akka nama hin dhageenyeetti haaraa ta'anii irra
deddeebiin nu gaafatu.Egaan har'a isa xumuraatiif deebisnaaf waanta'eef kan gurra qabu haa dhagahu.nuti
warra bade waliin hin badnu.yaa soogiddaa yoo ofii jette mi'aayi!
shakkituun tokko dhufee "Maariyaam nuuf hin kadhattu" jechuu danda'a.garuu "#Maariyaam hin kadhattu
kan" jedhu kitaaba qulqulluu irraa dirqama nutti agarsiisuu qaba.nuti yeroo #Maariyaam nuuf kadhatti jennu
isaan immoo "lakki hin kadhattu nu kadhatti kan jedhu nutti agarsiisii" nuun jedhu.nutis egaa akkuma kana
" #Maariyaam nuf hin kadhattu "kan jedhu nutti agarsiisaa jennaan.
maaliif yoo jettan " #Maariyaam nuuf hin kadhattu jedhanii erga amananii "#Maariyaam hin kadhattu kan
jedhu dirqama wangeela irraa nutti agarsiisuu qabu.
osoo isheen nuuf hin kadhattu ta'ee " #Maariyaam nuuf hin kadhattu!" jedhamee barreeffama ture.garuu
nuuf kadhatti waan ta'eef nuuf kadhachuun ishee karaa garaa garaa barreeffamee jira.fkn qaanaa zegeliilaa...
#Maariyaam nuuf kadhatti kan jedhu dirqama barreeffamuu hin qabu.sababni isaa nuuf kadhachu danda'uu
ishee hojiidhaan nutti agarsiisteetti waan ta'eef.yeroo nuti waa'ee qaanaa zegeliilaa itti kaasnu shakkitoonni
gaaffii isaan nu gaafatan keessaa tokko #Maariyaam "isa dhagahaa" jettee kanaaf nuuf kadhachuu hin
dandeessuu nuu jedhu.dhugaan jiru garuu akkas miti.
#Maariyaamiin jecha kana kan dubbatte erga daadhiin wayinii dhumuu isaa beektee Iyyesuus kiristoosiin
kadhattee boodadha."isa dhagahaa kan isheen jette akka ilmi ishee kadhannaa ishee sana dhagahee fi
raawwatuufiif waan beekteefidha.
osoo kadhannaa ishee hin dhageenyeef ykn tole hin jenneef ta'ee bishaanicha gara daadhii wayiniitti hin
jijjiiru ture. #Maariyaamis Kadhannaan ishee osoo hin dhagahamneef ta'ee "isa dhagahaa" jettee hin
dubbattu ture. #Maariyaam wanta mucaan ishee raawwatu dursitee ni beekti waan ta'eef laphee ishee
keessatti eegaa turte. #Luq 2፥19 fi 2፥51

#Maariyaam nuuf kadhatti yeroo nuti jennu warri akka waan elektriikiin isin qabeetti urgufamatan mee
gaaffiin isin gaafadha! waaqa uumaa samii fi lafa kanaa ta'ee gadameessa ofiitti baatanii dahuu moo
kadhachuutu caala? moo #Maariyaam irraa kan dhalate waaqa ta'uu isaa wallaaltan?
#Maariyaam nuuf kadhachuun ishee maalumaaf isin dinqa? maa maraattu?
#kadhachuun kennaawwan jran keessaa isa baay'ee salphaadha. #Maariyaam immoo kennaawwan hundaan
kan guutamtedha.
#Maariyaam nuuf hin kadhattu warri jettan mee ammas isinan gaafadha! #kadhachuu moo #ajajamuutu
caala?
#Maariyaam ilma ishee nuuf kadhatti!

#ilmi ishee ammoo haadha isaaf #ajajamaa guddate! #luq 2፥51 "Kana booddee mucichi abbaa isaa fi haadha
isaa wajjin Naazireetitti deebi'ee, isaaniif abboomamaas jiraate; haati isaa garuu dubbii kana hundumaa
garaatti in qabatti turte." mee warri #Maariyaamii balaaleffatan natti himaa! Afuura maaliitu isin guutee
jennaan akkasitti haadha #gooftaa jibbitan? maaliif dheessituun? Eelsaabeet irraa maaliif hin barattan?
Eelsaabeet sagalee #Maariyaamii yeroo dhageessutti " #afuura qulqulluun guutamte.luq 1፥41/.isin hoo
afuura isa kamtu isin guunnaan akkasitti #Maariyaamii balaaleffattan? Eelsaabeet sagalee #Maariyaam
dhageessee jennaan ulfi gadameessa ishee keessa jiru gammachuudhaan #utaale. Isin garuu hamma ulfa ji'a
6 sana gahuu dadhabdan. maqaa #Maariyaam yoo dhageessan qooda gammaduu qabdan fuulli keessan
gadda uffata.yeroo nuti #Maariyaam #Maariyaam jennu warri ijji keessan dhiiga uffatu warri afuuratu nu
guute jettanii lafatti of tumtan mee hubadhaamee Eelsaabeet yeroo afuura qulqulluudhaan guutamtetti akka
keessan har'aa kana "anii fi maaramiin walqixadha" jette osoo #hin taane gad of qabummaadhaan sagalee
ishee olkaastee "ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha" jechuun kabajaa fi ulfina addaa #Maariyaamiin
qabdu dhugaa baate. warri afuura #Maariyaami jibbuutiin guutamtanii jirtan "har'aa jalqabee dhaloonni
hundi eebbifamtuu naan jedha" isa jedhu sana balleessitanii gattanimoo hin argin jirtu? isin dhaloota keessa
hin jirtanii maaliif yeroo nuti "yaa ayyaana qabeettii yaa eebbifamtuu" jennee maqaa ishee waammannu
akka waan busaan isin qabeetti roqomtu? nuuf #kadhachuun ishee maaliif raajii isinitti ta'a?
#durbummaadhaan ulfooftee durbummaadhaan dahuu ishee caalamoo? egaan haati #gooftaa keenyaa haati
#fayyisaa keenyaa haati #waaqa keenyaa haati #uumaa keenyaa haati keenya dubree #Maariyaam nuuf
kadhatti.kun isin hin dinqin. #Maariyaam kennaan kan guutamtedha.haadha waaqayyooti! isin akkasitti
maaliif akka ishee jibbaitaaniif ishee dheessitaniif beektuu? sababni isaa raajiin dubbatame sun dirqama
akka raawwatuufidha. #luq 2፥34-35 "Simi'oon yommus isaan eebbisee, Maariyaam haadha mucichaatiin
immoo, "Kunoo, mucaan kun dhaabatee jira. Saba Israa'el keessaa baay'een isatti gufatanii in kufu, baay'een
immoo isaan in ka'u; akkasumas namoonni baay'een milikita dhaabatee jiru kanaan mormanii, irratti in
dubbatu. 35 Yaadni inni dhokataan garaa namoota baay'ee keessaa bakkeetti ba'ee akka mul'atuuf; si immoo
gaddi akka billaa qaramaa onnee kee si waraana" jedhe

#Mul Yoh 12፥17 "Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti
lola kaasuu dhaqe;

#Mul Yoh 13፥6 Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo,
iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane.

Shakkitoonni "Durbeen Maariyaam ijoolle kan biraa qabdi" jechuudhaan caqasa isaan yeroo
baay'ee kennan Mat 13:55 dha!

caqasichi dhuguma durbeen Maariyaam ijoollee kan biraa qabaachuu ishee ibsaa laata? mee waliin haa
ilaallu! "Kun ilma isa muka sooftichaa mitii? Haati isaas Maariyaam jedhamtee waamamti mitii ree?
Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihudaan obbolaa isaa ti mitii? Obboleettonni isaas hundinuu as nu bira
jiru mitii ree? Egaa wanti kun hundinuu eessaa dhufeef?"mat 13:55-56 mee jara shakkan kanaaf otuu deebii
hin deebisin dura gaaffii muraasa isheen isaan gaafadha!

1) jecha mat 13:55 irratti barreeffamee jiru kana kan dubbate eenyu? warra Iyyesuus kiristoosiin
beekanidhamoo warra isa hin beeknedha?
2) caqasni kun kallattiidhaan durbeen Maariyaam ijoollee kan biraa deessee qabaachuu ishee ibsaa???
3) Yihuudonni jecha caqasa kana irra jiru yeroo dubbatan Iyyesuus kiristoos ilma anaaxichaa ykn ilma
Yooseefidha jedhan.egaa jechi isaanii kun sirriidhaa? Iyyesuus kiristoos dhuguma ilma Yooseefidhaa?
obbolaa qaba jechuun isaanii hoo sirriidhaa?
4) caqasa kana keessatti obbolaa isaa warri jedhaman maqaan isaanii himameera.obboleettiiwwan isaa warri
jedhamam hoo maaliif hin himamne??? eenyu fa'i isaan?
5) obbolaa kan jedhaman warruma gadameessa tokko keessaa bahanidhaa???
moo yaada garaa keessanii guuttachuuf jecha "obbolaa" kan jettu qofa fudhattanii Iyyesuus obbolaa qaba
waan ta'eef Maariyaam ijoollee kan biraa deesseetti jechuudha jettani??????

deebii isinumaafin dhiisa!


egaa akkuma beekamu Iyyesuus kiristoos "namni anatti hin dogoggorre ykn hin gufanne inni
eebbifamaadha" jechuun dubbateera.mat 11:6.jecha kana kan inni dubbateef callisee osoo hin taane
namoonni baay'een waa'ee isaa irratti akka dogoggoran waan beekuufidha.
Kunoo har'a akkuma argaa jirru kana shakkitoonni baay'een sagalee isaa irratti dogoggoraa, gufachaa jiru.
Mat 13:55 irra jecha jiru kan dubbate Yihuudota dha.Yihuudonni immoo Gooftaa keenya Iyyesuus
kiristoosiin gonkumaa hin beekan. Waan isa hin beekneef isa morman.akkasumas waaqa ta'uu isaa waan
wallaalaniif isa fannisan.
Wangeelli akkas jedha..."utuu hubataniiru ta'ee, gooftaa ulfinaa hin fannisan turan!" 1qor 2:8
dhugumadha.otuu waaqummaa isaa beekan ta'ee isa hin fannisan ture.kanaafidha kan isaan otuu hin beekin
abalu abbaa isaati abalu obboleessaafi obboleetti isaati jedhanii kan dubbataniif.mat 13:55
.Iyyesuus kiristoos akkuma nama kan biraa isaanitti fakkaata ture.akka inni waaqa ta'e hin beekan.kanaaf
"maali kun ilma Yooseef mitii? obbolootaa fi obboleetti qaba mitii? akkamitti raajii akkanaa dubbachuu
danda'a ?'" jedhanii dubbatan jecha isaanii kanatu mat 13:55 irratti barreeffame.
Dubbiin isaanii kun akka sirrii hin taane ibsuudhaaf immo achuma mat 13:57 irratti "isatti
gufatan(Dogoggoran )" jedha.
Egaa kana irraa dubbiin isaanii wallaalummaa isaa irraa kan madde ta'uu hubanna.
Kana qofa miti Yihuudonni Iyyesuus kiristoosiin wallaaluu irraa kan ka'e inni nama dha isaan jedhanii isa
waraanuudhaaf dhagaa ol fudhatanii turan. "Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe. Kana irratti warri
#Yihudootaa dhaga'anii isa ajjeesuudhaaf ammas dhagaa funaannatan" Yoh 10:30-31
Otuu Iyyesuusiin beekan ta'ee silaa isa ajjeesuudhaaf dhagaa hin fudhatan ture.Kanaaf wallaalummaa
isaanii irraa kan ka'e Iyyesuus kiristoosi irratti waan baay'ee dubbatan.Shakkitoonnis daandii Yihuudotaa
kana qabachuudhaan Iyyesuus kiristoos irratti har'allee jecha dogoggoraa dubbachaa jiru.
Isaaniif haa dhiisu.

Dabalataan akkuma duraan dubbachaa turre Yihuudonni Iyyesuus kiristoosiin akka nama hundaatti isa
ilaalu turan.jechuunkoo akka inni gonka #waaqa ta'e hin beekan.kanaafidha "Namni kun ilma
anaaxichaa(ilma Yooseef mitii?) jedhanii kan wal gaafataniif.

Hiddi dhalootaa Iyyesuus kiristoos illee akkuma isaanitti fakkaatee ture sanatti lakkaa'ame.Luq 3:23
"Iyyesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo
lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin;" Egaa mat 13:57 irratti itti dogoggoran kan jedhameefis sababa isaan
akka waan inni ilma Yooseef ta'eetti fudhatanii isa ilaalaniifidha.Waan nama ajaa'ibu garuu Yihuudonni
durbeen Maariyaam ijoollee kan biraa deessee qabdi hin jenne.ijoolle kan biraa qabdi kan jedhe
shakkituudha.Kanaaf egaa gabaabumatti sagaleen mat 13:55 irra jiru durbeen Maariyaam ijoollee kan biraa
deessee qabdi kan jedhu hin ibsu, jechuudha.Otuma sagalicha akka jirutti fudhanneeyyu sagalichi
Maariyaam ijoollee kan biraa deessee qabdi jedha osoo hin taane Iyyesuus kiristoos obbolaa kan qabu ta'uu
isaa ibsa! Iyyesuus kiristoos obbolaa qaba jechuun immoo Iyyesuus kiristoos obbolaa gadameessa tokko
keessaa wajjin dhalatan qaba jechuu miti.Sababni isaa akka aadaa saba Israa'elitti namoonni obbolaa
jedhaman kan gadameessa tokko keessa bahan qofa miti.Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos waa'ee kanaa
jala muree dubbatee ture.nama hubatutu dhibe malee Akka gooftaan keenya dubbatetti obboloota gooftaa
warri jedhaman warra sagalee isaa dhagahaniifi warra dubbii isaa raawwatanidha.Luqaas 8:21 Kanaaf egaa
obboloota gooftaa waan jedhameef qofa Maariyaamitu ijoollee kan biraa qaba jechuun inaaffaa
fakkaata.akkasumas maqaa namaa xureessuu ta'a.diinni gaafa waan godhu dhabu soba dhugaa fakkeessaa
ittiin gowwaa gowwoomsuu barbaada.abshaalli immoo kana beekee of eeggachuu qaba.
Tarii mat 13:55 irratti ijoolleen maqaan isaanii dhahaman sun kan eenyuutiree? jedhee namni gaafatu
jiraachuu danda'a.
Deebiin isaas kunooti.Gooftaan fannoo irra yero ture lubbuu isaa dabarsee osoo hin kennin namoota 3tu
fannoo jala ture.
A.haadha Iyyesuus Maariyaam
B.haadha manaa
qeleyopha(obboleetti haadha
Iyyesuus)Maariyam
c.Magdalaawit Mariyam dha.
Hubadhaa!!
yoh 19:27 irratti Iyyesuus Maaramiin isa malee kan biraa akka hin qabne waan beekuuf "kunoo mucaakee"
jedhe Yohaannisin kenneef.Yohaannis haadha qaba ture.gooftaan otuma kana beekuu "kunoo haadhakee"
jedhee haadhasaa kennef.yohannis is tole jedhee Fudhatee gale.egaan otuu Maariyaamiin Ijoollee kan biraa
qabdi tae maalif mucaan dabalataa kennameefree??dhuguma otuu ijoollee kan biraa qabaattee ijoollee ishee
kana gattee Yohaannis faana nii galti turee???? Yohaannisoo otuu haadha qabuu haadha dabalataa maalif
tole jedhee fudhateree?? kanaafuu Warri obbolota gooftaa jedhaman kun kan durbe Maaramii akka hin
taane101% ni amanna!!
kan eenyutiree??
Haati manaa qeleyoophaa maqaan ishee Maariyaam jedhama.isheenis Ijoollee maqaan isaani Yaa'iqobifi
Yoosaa jedhaman qabdi.ragaan keenya...mat 27÷56 "Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati
Yaaqoobii fi Yoseef, haati ilmaan Zabdewosis isaan keessa turan." argitanii caqasa kana? ijoolleen maqaan
isaanii mat 13:55 irratti waamame kan eenyuu akka ta'an ifaaf ifatti barreeffamee jira.namni otuu kana
arguu Maariyaam haati gooftaa ijoollee kan biraa qabdi jedhee akkamitti afaan guutee nama falma?
mar 15÷40 fi 47 luq 24÷10 mar 16÷1dha maqa waaqayyotin dubbisaa!!
dabalataanis warreen obboloota gooftaa jedhaman kun Yaaqobif Yihuudaan yero ergaa isaanii barreessan
"garbicha gooftaa" ofin jedhan malee nuti obboloota gooftaati ofiin hin jenne.
Yaaqob1÷1"garbicha gooftaa, Iyyesuus kiristoos kan tae Yaaqob..." Yihu 1÷1"garbicha Iyyesuus kiristoos
kan tae, obboleessa Yaaqoob kan tae yihuudaan..."jedhee barreeffameera.
Tarii ammas jarri kun obboloota gooftaa miti erga ta'anii maaliif obboloota gooftaa jedhamaniree? jedhee
kan gaafatu jiraachuu danda'a.
Deebiin isaas kunooti.
Jalqaba irratti Kitaabni qulqulluun:-
1-afaan maaliin barreefamee??
2-aadaa eenyuutiin ykn eessatti barreeffame?
3-bara kam barreeffame kan jedhu bekuun dirqama keenyadha.kana hin ta'u taanaan salphaadhumatti
sagalee barreeffamee jiruun dogoggoruutu dhufa waan ta'eef.
kitaaba qulqulluu, qulqulloota 40 ol ta'antu eeyyama waaqayyoon barreesse.isaanis baay'inaan
Israa'elotadha.kanaafuu kitaaba qulqulluu yeroo dubbisnu hamma nuu danda'ametti gaaffilee armaan olii
of gaafachaa ofiif debisaa dubbisuun barbaachisaadha.gara Gaaffii keenyaatti yeroo deebinu AKKA
AADAA ISRAA'ELOTAATTI:-
1)-Namoonni waliin guddataniifi fira walii ta'an gadameessa tokko keessaa bahuu yoo baataniyyuu
"obbolaa" walii jedhamu.

Seera uum.13፥8 Abraam yommus Looxiin, Nuyi waliif obboloota, kanaaf si'ii fi ana gidduutti, warra horii
kee tiksanii fi warra horii koo tiksan gidduuttis qocolloon hin ta'in

fakkeenyaaf:- seera uum.11፥31 irratti Loox ilma obboleessa Abrihaam ta'uusaatu ibsame.garuu seera
uum.13፥8 fi 14፥14 irratti ammoo Loox obboleessa Abrihaam jedhame. ...........Seera uum.29፥10-12 irratti
Laabaan Yaaqoobiif eessuma Ta'uusaatu ibsame.garuu seera uum.29፥15 irratti Laabaan Yaa'iqoobiin
"obboleessakoo" isaa jedhu argina. ,........2 mot 24፥17 irratti Sedeeqiyaas eessuma Iyyoo'aakiin ta'uutu
ibsame.garuu 2ዜና 36፥10 irratti "obboleessa" Iyyoo'aakiin isaa jedhamu argina....... egaan xiqsiiwwan kana
hunda irraa kan nuti hubannu aka shakkitoonni jedhan namoonni obbolaa walii jedhaman kan gadameessa
tokko keessaa bahan qofa osoo hin taane akka aadaa Israa'elotaatti namoonni fira walii ta'an obbolaa walii
kan jedhaman ta'uusaa baranna.

2)-warreen amantaa walfakkaataa qaban "obbolaa" walii jedhamu. Gala.4፥1"yaa obbolootakoo kana akka
beektaniif nan jaaladha...." jedha.

3)-walgahii tokkorraa waliin kan taa'an obboloota walii jedhamu.faarsa 131፥1 "obboloonni
tokkummaadhaan yoo taa'an gaariidha....."jedha.dabalataanis duuka bu'oonni gooftaa walii walii isaaniitiin
"obboloota" jechaa turan.obboloota gooftaa warri jedhamanis kanumarraa ka'uunidha malee akka
shakkitoonni jedhan gadameessa tokko irraa waan dhalataniif ykn waan Durbee Maaramiin isaan deesseef
miti.Warreen mat 13፥54-57 irratti obboloota gooftaa jedhamanii maqaan isaanii eerames kan durbee
Maaramii osoo hin taane ijoollee haadha manaa Qeleyoophaa maqaan ishee Maaramii jedhamtuudha.kunis

bal'inaan Mat 27፥56 Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Yoseef, haati ilmaan
Zabdewosis isaan keessa turan.

Mar 15፥40 Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa,
Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan.
Mar 15:47 Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yosees iddoo reeffi isaa kaa'ame in argan.

luq 24፥10 Isaanis, Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob turan.

Haati Mana Qeleyoophaa Kun Durbee Maaramiif firadha.


Yoh 19፥25 Haa taʼu malee, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam haati manaa Qalophaa fi
Maariyaam ishiin Magdalaa+ muka dhiphinaa* Yesuus bira dhaabbatanii turan

• kan biraa ammoo warren obboloota gooftaa jedhamuu maqaan isaanii dhahame ergaa isaanii yeroo
barreessanitti "nuti obboloota gooftaa ti " jedhanii oso hin taane nuti garbicha gooftaa jedhanii
barreessani.

Ya'iqoob 1፥1 ani Yaa'iqoob garbicha Waaqayy Garbicha Iyyesuus kiristoos gooftichaa kanin ta'e...." jedha.

Yihuda 1፥1 "ani Yihuudaan garbicha Iyyesuus kirstoos obboleessi Yaaqoob...." jechuun barreessan malee
tasumam nuti obboloota Iyyesuus kiristoos ofiin hin jenne.nama qalbii qabuufi nama yaadaaf ilaalcha
sirriidhaan wangeela dubbiseef xiqsii lamaan armaan olii kun qofti gahaadha.
WALUMAA GALATTI
obboloota gooftaa warri jedhaman akkuma bal'inaan ilaalaa turre kanatti akka aadaa Israaelotaattidha malee
akka shakkitoonni jedhan durbee Maaramiin Iyyesuus kiristoosiin alatti ijoollee kan biraa deesseet
miti.durbee Maaramiin ijoollee kan biraa qabaachuu mitii yaada "dahuu" jedhamuyyuu hin qabdu turte!!
luq 1፥34 "ani dhiira hin beeku kun akkamitti ta'a?? " jettee akka yaada heerumanii dahuudhaan ijoollee

godhachuu of keessaa hin qabne qulqulluu Gabri'eelitti himteetti. innis gara fuulduraatti heerumtee ijoollee
godhatta jedheen oso hin taane afuurri qulqulluun sirra bulaa.......jechuun akka isheen gooftaa qofa deessu
itti himee biraa deeme. kana malees Durbee maaramiin tasumaa ijoollee kan biraa akka qabdu hin
dubbanne..osoo ijoollee kan biraa qabdi ta'ee yeroo gooftaan Yohaannisiin Isheedhaaf kennetti hin fudhattu

turte! ijoollee ishees dhiistee Yohaannisiin faana hin galtu turte.yoh 19፥27 jechi wangeelarra jiru hundi
dhugaadha.kanneen keessaas Isaayyas 7፥14 "kunoo gooftaan mallatto isiniif ni kenna durbeen nii
ulfooftii...." luq 1፥42.....1፥28 " ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha...." jedha.Durbee Maaramiin
mallattoo addaa nuuf kennamtedha dubartoota keesaas addatti kan eebbifamtedha jechuudha.osoo akka
shakkitoonni jedhan ta'ee xiqsiiwwan kun lamaan soba ta'a ture.sagaleen waaqayyoo yoomiyyuu
dhugaadha. Kan sobeefi shakke shakkitootadha.akka jarri jedhanitti osoo Maaramiin akkuma dubartoota
kan biraatti ijoollee deesse Ta'ee Isaayyaas 7፥14 irratti kan dubbatame akkamitti dhugaa ta'a???? akkamittis
mallattoo nuuf taati??? dubartoota keessaa filatamuun isheehoo maaliin beekamaree???

2 qor 3፥6 jechi ni ajjeesaa jedha.......jarri kunis jecha barreeffame maaliif akka barreeffame osoo hin hubatin
ittiin du'anii ittiin dogoggoranii nama dogoggrsaa jiru. egaan nuti isa shakkitoonni nuun jedhan osoo hin
taane isa waaqayyo jedhetu dhugaadha waan ta'eef durbee Maaramiin mallattoo nuuf
kennamtedha,uumama jiran keessaas adda,dubartoota jiran keessaa addatti kan eebbifamtedha., kanaaf
dhalonni hundinuu "qulqulleettii eebbifamtuu" ittiin jedhu ishee gooftaan ala kan biraa hin deenyee
jechuudhaan kitaaba qulqulluu ragaa godhannee ragaa baana!!
Wanishet Mangistuu ✍'Tazkaar' jechi jedhu jecha gi'izii 'Tezekere' kan jedhurraa kan dhufe yoo ta'u,
hiiknisaas yaadate jechuu dha.'Tezkaar' jechuun immoo yaadannoo jechuu dha. Yaadannoon namoota
boqotaniif yoo ta'u, kan dhi'aatus kadhannaan,aarsaan,ibsaan,ixaanaafi balchaanidha.
Yaadannoon kun warra lubbuun boqotaniif fayyina; kan jiraniif immoo eebba kenna.Yaadannoon kunis
Uumaafi uumamtoota, jiraattootaafi warra boqotan gidduutti jabaatee kan jiraatu dha.
"Yaadannoon qulqullootaa barabaraaf jiraata"Far112:6
"Yaadannoon qulqullootaa eebaafi" Fak10:7
Yaadannoon namoota boqotaniif godhamu guyyaa boqotanii kaasee hanga waggaa isaanii, isaa olittis ta'uu
danda'a. Sirni kunis macaafa qulqulluu irraa, duuka bu'ootaafi abboota duuka bu'oota irraa kan argamedha.
Guyyaan yaadannoon kunneenis fakkeenyaafi hiikaa macaafa qulqulluufi qannoonaa mana kiristaanaa
keenya waliin wal qabatan kan qabu dha.

✔️.Guyyaa itti boqotan

Lubbuun foonsaarra guyya itti adda baate, Kan ishee uume gara uumaashee guyyaa itti deebitu; fuul-dura
Waaqayyoo dhabbachuun guyyaa isheen itti sagaddu; " Foon biyyee dha; gara biyyeettis ni deebita."
bu'uura jedhameen gara awwaalchaatti kan itti bu'u waan ta'eefi.(Izraa Suutu'el7:9)

✔️.Guyyaa 3ffaa

Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa sadiifi halkan sadii awwaalcha haaraa keessa
bulee ka'uu isaa kan nu agarsiisu dha.
Kunis "Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa sadaffaaati akkuma du'aa ka'e, isinis fira keessan
boqoteef guyyaa sadaffaatti kadhannaa godhaafi" jedhee macaafa haqa moototaa irratti barreeffamee
jira.(Haqa motota key12)
Yaadannoo kana maatiin nama boqotee, laphee amantiin Mana Kiristaanaatti argamee kadhannaafi aarsaan
akka rawwatu gochuu qaba. Boo'ichiifi gaddi hin barbaachisu; seeraan alas kan ta'e dha. Mana kiristaanaatti
argamuun awwaalcha irratti bo'uun seeran alaafi gochaa dhorkaa ta'ee dha.

✔️.Guyyaa 7ffaa

Guyyaa itti Waaqayyo uumama addunyaa uumee itti boqote waan ta'eef; lakkoofsi torba Ibiroota biratti
gonka dha; subaa'een tokko guyyaa torba waan ta'eefi; Izraan suutu'elis mul'ataan akka argetti lubbuun
foonirraa adda baatee gara uumaasheetti yeroo deebitu, ergamoonni guyyaa torba Gannataafi Si'ooliin
naannessanii agarsiisuun bakka isheen galtu seensisu. Kanaafuu, guyyaa kanatti yaadannoo warra
boqotaniif kadhannaafi aarsaan qurbaanaa ni geggeeffama.(Izraa suutu'el6:31-32)

.✔️Guyyaa 12ffaa

Guyyaa kanatti yaadannoon warra boqotaniif akka ta'uuf duuka bu'oonni sinoodoosii isaaniifi abboonni
haqa moototaa keeyyata 12 irratti ibsanii jiru.
✔️Guyyaa 30ffaa

Guyyaa 30ffaatti sababni yaadannoon ta'uuf uummanni Israa'el Museefi Aaroon yeroo boqotanitti amma
guyyaa 30tti gaddaan yaadachaa turan; nutis guyaa 30ffaatti warreen boqotaniif yaadannoo akka gochuu
qabnu nu hubachiisa.(Lakk20:29; Ba'uu30:8)

✔️Guyyaa 40ffaa

Kanaaf fakkeenyifi hiikni dhiyaatan hedduu dha.Addaam uumamee guyaa 40ffaa isaatti gannata
galeera.(Kuf4:9); Namni gadameessa haadhsaa keessatti boca namaa kan godhatu guyyaa 40
booda(Q.Atinaatewoos); Gooftaan keenya erga du'aa ka'een booda guyyaa 40ffaatti gara samiitti ol ba'eera;
Guyyaa lubbuun itti fuuldura waaqayyoo dhaabbtee gatiishee itti fudhattu waan ta'eefi guyyaa kanatti
kadhannaafi aarsaa gochuun barbaachise.

✔️.Guyyaa 80ffaa

Haadhi keenyi hewaan uumamtee guyyaa 80ffaatti gannata waan galteef namoota lubbuun boqotaniif
kadhannaa gochuun barbaachise.(Kuf4:9-10)

✔️.Walakkaa waggaa

Seera abbootaan guyyaa kanattis yaadannoon akka tahu abboonnihaqa moototaa keeyyata 12 irratti nuuf
ka'aanii darbanii jiru.
Waggootaan
Waggaa lubbuu boqotteettis yaadannoon ni ta'a.Kana boodas waggaa waggaan kadhannaan,aarsaaniifi
balchi yaadannoo ni ta'a.Walumaagalatti, lubbuuwwan boqotan yaadachuuf Manni Kiristaanaa keenya
waggaa keessaa gaafa sadaasa 24 araddaa hunda keessattu kadhannaan warra boqotaniif akka kadhatamu
sirna hundeessitee jirti.
Seerrifi sirni mana kiristaanaa keenya hunduu Macaafa Qulqulluun kan wal qabatani dha.
Bu'uura armaan olitti ibsameen Manni Kiristaanaa namoota boqotaniif aarsaadhaan,balchaan yaadannoon
akka godhamuufi qabu nu barsiisti. Haa tahuu iyyuu malee yaadannoon amantaan jabaatanii, hojii gaarii
qabaatanii, jireenya kiristaanummaa isa dhugaarra warra jiraataniif malee amantaa irraa warra adda ba'an,
hojii gaarii irraa kan fagaataniif hin raawwatamu.

Mannii Amantaa Keenyaa Suuraa Ergamoota Eessaa Fidee Bifaa Namaa Fakkeessuun Kaastee Itti
Fayyaadamti?. Kan Jetteef Deebiin "Kitaaba Qulqulluu Irraa Fiddee Fayyadamti" Kan Jedhu Ta'a!
Yeroo jalqabaatiif waaqayyotu Museen akka fakkii qulqullootaa kaasu ykn tolchu ajaje. Museenis akka
ajajametti kaaseera.
(Seera Ba'uu 25 ) 18 Kiruubel lama warqee tumamaa irraa tolchiitii gar lamaan fiixee isaa teessoo araaraatti
kaa'i!
19 Kiruub isa tokko fiixee gar tokkoo irratti, Kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii irratti tolchi! 20
Kiruubel qoochoowwan isaanii teessoo araaraa gubbaatti bal'isanii haa golbooban! Fuulli isaanii immoo
walitti garagalee gara teessoo araaraa haa ilaalu!
21 Teessoo araaraa sana sanduuqicha irra kaa'i; sanduuqicha keessa immoo dhuga-baatuu ani siif kennu
sana kaa'I.Mee caqasa kana dubbisi. Ergamoonni afuura erga ta'anii Museen akkamitti fakkii isaanii kaasuu
danda'e?
ergamoonni afuuradha ijaan hin mul'atan.
Garuu yeroo Waaqa irraa ergamanii gara namaatti dhufan akka namni isaan hubachuu danda'atti bifa namaa
qabatanii mul'achaa turan." Yommus dubartittiin gara abbaa manaa ishee dhaqxe, “ Namni Waaqayyoo inni
bifni isaa akka #bifa #ergamaa Waaqayyoo guddaa sodaachisaa ta'e tokko gara koo in dhufe; ani eessaa
akka inni dhufe isa hin gaafanne, innis maqaa isaa anatti hin himne. " ( Abboota Firdii 13: 6)" Innis itti
dabalee, "Ani garuu kunoo, namoonni afur hiikamanii, miidhamni tokko utuu isaan irra hin ga'in ibidda
keessa asii fi achi adeemuu isaanii nan arga; #bifni isa afuraffaa immoo bifa ilma waaqayyolii in fakkaata"
jedhe." (Macaafa Daani'el Raajichaa 3: 25)
caqasaawwan kana irraa ergamoonni waaqayyoo yeroo namatti mul'atan #bifa namni isaan hubachuu
danda'uun kan mul'atan ta'uu usaa hubatta. Manni amantaa krenyas bifa namaatiin kan isheen kaastuuf
ergamoonni bifa namaatiin mul'achaa waan turaniifidha. Fakkeenyaaf macaafa abboota firdii boqonnaa 13
guutuu isaa yoo dubbiste ergamaan Waaqayyo Manuhe fi haadha manaa isaatti bifa namaatiin mul'atee
isaanitti dubbachaa turuu isaa argita.Bal'inaan immoo yeroon post godhu dubbisi

(2ኛ የጴጥሮስ መልእክት ምዕራፍ 2)

4፤ እግዚአብሔር ኃጢአትን ላደረጉ መላእክት ሳይራራላቸው ወደ ገሃነም ጥሎ በጨለማ ጉድጓድ ለፍርድ ሊጠበቁ
አሳልፎ ከሰጣቸው፥

5፤ ለቀደመውም ዓለም ሳይራራ ከሌሎች ሰባት ጋር ጽድቅን የሚሰብከውን ኖኅን አድኖ በኃጢአተኞች ዓለም ላይ
የጥፋትን ውኃ ካወረደ፥

6፤ ኃጢአትንም ያደርጉ ዘንድ ላሉት ምሳሌ አድርጎ ከተማዎችን ሰዶምንና ገሞራን አመድ እስኪሆኑ ድረስ አቃጥሎና
ገልብጦ ከፈረደባቸው፥

7-8፤ ጻድቅ ሎጥም በመካከላቸው ሲኖር እያየና እየሰማ ዕለት ዕለት በዓመፀኛ ሥራቸው ጻድቅ ነፍሱን አስጨንቆ
ነበርና በዓመፀኞች ሴሰኛ ኑሮ የተገፋውን ያን ጻድቅ ካዳነ፥

9-10፤ ጌታ እግዚአብሔርን የሚያመልኩትን ከፈተና እንዴት እንዲያድን፥ በደለኞችንም ይልቁንም በርኵስ ምኞት
የሥጋን ፍትወት እየተከተሉ የሚመላለሱትን ጌትነትንም የሚንቁትን እየቀጣቸው ለፍርድ ቀን እንዴት እንዲጠብቅ
ያውቃል። ደፋሮችና ኵሩዎች ሆነው ሥልጣን ያላቸውን ሲሳደቡ አይንቀጠቀጡም፤
Mar 13፥5!➽Eenyumtillee akka isin hin dogoggorsine of eeggadhaa!

Dogoggora irraa of eeguuf waa'ee warra nama dogoggorsanii beekuun barbaachisaadha! kitaaba qulqulluu
keessatti raajota sobdoota; warra waan amanan fakkaatanii warra amanan balleessan, Waa'ee warra maqaa
Iyyesuus kiristoosiin dhaloota dogoggorsanii; beeknee isaan irraa akka of eegnuuf waa'een isaanii irra
deddeebiin barrreeffamee jira!

Kunoo👇➻✤2qor 11፥13

Jarreen akkasii kun ergamoota sobaa ti, hojjetoota nama gowwoomsan, ergamoota warra Kiristos waame
fakkaachuudhaaf warra wallaalchifatanii dha.

➻✤Tito 1፥16 "Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa ni ganu; isaan ofii isaaniitii
jibbamoo, warra hin abboomamne, warra qoramanii hojii gaarii tokkoof illee gatii dhabanii dha."

➻✤2phexroos 2፥17 "Isaan kun akka burqituu bishaan hin qabnee ti, akka hurrii bubbeen oofuu tis; iddoon
dukkana limixii isaaniif kaa'amee jira,"

➻✤hojii ergamootaa 20፥29 "warri akka yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne
akka isin gidduu galan ani beeka. sinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jal'isuudhaan amantoota
garagalchanii of duukaa buusan in ka'u.
► nu keessaa bahanii kan dhugaa irraa nu jallisan baay'eetu jiru ammas nama baay'ee waaqayyo irraa
galagalchani of duukaa buusaa jiru!

➻✤Marq 13፥22 "Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii, yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman
iyyuu wallaalchisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii adda addaa in argisiisu!
►milikitaa fi dinqii isaan hojjetan ilaaltee amantiikee hin ganin.isaan raajii kana kan hojjetaniif si fayyisuuf
osoo hin taane si dogoggorsanii si balleessuufi! foonkee fayyisuuf jettee lubbuukee hin ajjeesin!

➻✤1yoh 2፥19 "Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya ta'anii, nuu wajjin itti in
fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an."

➻✤Yihudaa 1፥12! "Jarri kun irbaata jaalalaa isa walii wajjin qabdan yeelloo malee isinii wajjin nyaachuun
isaanii xurii isinitti in ta'a. Isaan garaa isaanii duwwaadhaaf in yaadu; isaan akka duumessa bokkaa of
keessaa hin qabnee isa qilleensaan oofamuu ti; akka muka yeroo ija kennuun isaaf ta'utti ija dhabee ti, akka
muka hundeedhaan buqqa'ee gogee qosoree ti." otuu kana ilaaltuu itti adeemtaa ? jabaadhuu irraa of eegi
malee!!!

➻✤Faarsaa 92፥7 "Wallaalaan kana hin beeku, gowwaanis kana hin hubatu. Warri jal'oonni akka margaa
biqila yoo tolan iyyuu, warri hamaa godhan hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan raawwatanii
balleeffamuuf jiru

➻✤Faaru Ermiyaas 2፥14 Raajonni kee mul'ata sobaa kan waa'ee hin baafnee fi kan nama wallaalchisu siif
argan malee, yakka kee sitti mul'isanii badiisa sitti dhufuuf jiru si hin oolchine.
➽Raajii Sobaa abdatee nama meeqatu kufe laata?

Egaan kitaabni Qulqulluun "Eenyumti illee akka isin hin dogoggorsine Of eeggadhaa!" Jedhee erga nu
akeekkachiisee booda warri nu dogoggorsuuf yaalan eenyufaa akka ta'an haala armaan olitti ilaalle kanaan
nu beeksiseera waan ta'eef dhugaan jiru kana ta'uu hubannee dogoggoraa of eegnee amantiin cimnee hanga
dhumaatti dhaabbachuu qabnaa jechuu dha.
Hamma dhumaatti kan dhaabbate Ni fayya waan ta'eef! Mat 24:13
EENYUMTUU AKKA ISIN HIN DOGOGGORSINE OF EEGGADHAA!

#ማንም_እንዳያስታችሁ_ተጠንቀቁ !

✤Ani Eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan cubbuu keessaniin ni duutu! Yoh 8፥24

✤Ani ifa biyya lafaati!👉yoh 8፥12

✤Ani jireenya ,ani dhugaadha! 👉Yoh 14፥6

✤Ani nagaadha! yoh 14፥27

✤Ani biddeena jireenyaati! 👉yoh 6፥48

✤Ani bishaan jireenyaati!👉Yoh 7፥37-38

✤Ani tiksee gaarii dha!👉Yoh 10፥11

✤Ani aalfaa fi oomeegaa dha! 👉mul. 22፥13

✤Ani jirma wayiniiti!👉Yoh 15፥5

✤Ani gooftaa gooftotaa mootii moototaa ti! 👉Mul 17፥4

✤Ani waaqa Abrahaam Waaqa Yisihaaq waaqa Yaa'iqoobi dha! 👉luq 20፥37

✤Ani boqonnaa dha! 👉Mat 11፥28

✤Ani Jaalala dha!👉1yoh 4፥8-16

በፍቅር ተስቦ ወረደ ለኛ ስል

የፍቅሩን ፍፃሜ ገለፀው በመስቀል

ለኛ ያላረገው ከቶ ምን አለና

አፋችን ዝም አይበል እናቅረብ ምስጋና!


#HUNDEE_AMANTAA
Share godhaa! warra Ortodoodooksiin Iyyesuus Kiristoosiin Hin beektu jedhan biraan naaf gahaa

✤Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta'u Waaqayyo Abbaatti ni amanna.

✦Ba'uu 20:11

✦Ba'uu 20:3

✦Keessa deebii 4:39

✦Keessa deebii 6:4

✦1Qor 8:6

✦Efesoon 4:6

✤Samiifi lafa kan uume, addunyaa mullatu kanaafi kan hin mul'anne osoo hin uumamin, isa wajjin kan
ture Ilma Abbaa kan ta'u Waaqa tokko Iyyesuus Kiristositti ni amanna;

✦Far 2(3):7

✦Far 110(111):3

✦Yoh 3:16

✦Hojii Erg 16:31

✦1Qor 8:6

✦Felph 2:10-11

✤Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kanMdhalate malee kan hin uumamne,
amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu,

✦Yoh 1:1

✦Yoh 3:19

✦Yoh 10:30

✦Yoh 14:9

✦Yoh 16:15

✦Yoh 16:28

✤hundumtuu kan isaan ta'e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta'e hin jiru.

✦Yoh 1:3
✦Qol 1:16

✤Nu fayyisuuf samiirraa gad bu'e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaam irraa nama
ta'e!

✦Isay 7:14

✦Luq 1:35

✦Gal 4:4

✤Nuuf jedhee fannifame, bara PHilaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du'ee awwaalame, guyyaa
sadaffaattis du'a mo'ee ka'e; akkuma kitaabolii qulqullaa'ootti barreeffame:-

✦Yoh 3:13

✦Mat 27:24

✦Mat 27:26

✦Mat 27:50

✦Mat 27:59-60

✦Luq 28:6

✦Luq 24:5

✦Dan 9:15-25

✦1Qor 15:14

✤ulfinaafi galataan gara samiitti ol ba'e, mirga Abbaasaa taa'e; lammaffaas warra du'aniifi jiraattota irratti
murteessuf galataan ni dhufa. Mootummaan isaas dhuma hin qabu!

✦Luq 24:56

✦Hojii Erg 1:9-11

✦Hojii Erg 7:55

✦Dani 7:13-14

✦Mat 16:27

✦Luq 1:33

✦1Taselonqe 4:16

✤Afuura qulqulluutti ni amannaa, Innis Gooftaa jireenya nuuf kennudha, Abbaarraa kan ba'e, Abbaafi Ilma
wajjin tokkummaatti ni sagadnaaf, ni galateeffannaan. Innis, Raajota irra bulee kan dubateedha

✦Mat 28:19
✦Marq 12:36

✦Yoh 15:36

✦1Phex 1:21

✦1Yoh 5:7

✤Hundumaan ol kan taate Duuka bu'oonni kan walitti qaban

(hundessaan) ulfaattuu mana Kiristaanaa tokkittiitti ni amanna!

✦Mat 16:18

✦Mat 18:17

✦Efes 5:25

✤Cubbuun kan ittiin haqamu Cuuphaa tokkittiitis ni

amanna; Warri du'aan akka ka'aan ni abdannaa, jireenya isa


dhufuuf hangaa bara-baraatti Ameen.

✦Efes 4:5

✦Dan 12:2

✦Marq 12:25-27

✦Yoh 3:5

✦Yoh 5:29

✦Hojii Erg 2:38

✦Felph 3:20-21

✦1Phex 3:21

Kana Nuuf godhi jennee osoo nuti sitti hin himatin "Maaltu isin barbaachisa?" Nuun jettee waan nu
barbaachisu hunda waan nuuf gooteef Si #Galateeffanna! Nuti Hiyyeessoonni, nuti ijoollonni hiyyeessaa
guddinni keenya qormaataa fi rakkina hedduu kan of keessaa qabu ture.Ati garuu seenaa keenyaan olitti
taatee jireenya baraa baraatiif waan nu kabajjeef dhugumatti maal siin jenna? wanta "dhabneerra!" Jennee
turre hunda si'iin waan arganneef, wanti nutti hir'atee ture hundi karaa waan nuuf guuteef, ati karaa daangaa
keenya isa diigamee hunda guutuu👈 taatee waan nuuf dhaabbatteef, Dura keenya buutee Daandii sirrii
waan nutti agarsiistuuf, duuba keenya deemtee waan nu hordoftuuf, bitaaf mirga keenyaan nutti marsitee
waan nu eegduuf, Haadha keenya caalaatti icciitii keenya waan nuuf dhoksituuf, abbaa keenya caalaatti
waan nuuf yaadduuf, obboleessa keenya caalaatti gaachana waan nuuf taateef, obboleetti keenya caalaa
waan nutti Siqxeef Si #Galateeffanna! Uumaa Keenyaa!😭
Gaaffii baratamaa warri Iyyesuus Kiristoositti hin amanne yeroo baay'ee irra deddeebiin kaasan
keessaa Yoh 12:44 fi Yoh 6:38 irra kan jiru haa ilaallu

✦ "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti;" (Yohannis 12: 44) Iyyesuus
Kiristoos jecha kana dubbachun isaa anatti hin amanina jechuu isaa osoo hin taane namni waan ani jedhu
dhagahe namni anatti amane, ana qofa osoo hin taane abbaa kootti illee amanuu isaati jechuu isaati.

Mee caqasoota tokko tokko fudhannee haa ilaallu.✦"#Waaqayyo yommus Saamu'eliin, "#Jarri kun ana isa
isaan irratti mo'e tuffachuu isaanii ti malee, #si_tuffachuu isaanii miti"
(Saamu'el Isa Duraa 8: 7) As irratti sabni Israa'el kan tuffatan #Saamu'eelini dha ture Waaqayyo garuu
"siin osoo hin taane anaan tuffatan" jedheen.jarri Saamu'eeliin tuffachuun isaanii Waaqayyoon Tuffachuu
isaanii agarsiisa jechuu dha.Kanaaf egaa Iyyesuus anatti namni amane abbaatti amanuu isaati malee anatti
amanuu isaa miti jechuun isaas namni anatti amanu ana qoftti osoo hin taane abbaattis amanuu isaati jechuu
isaati!
Caqasa kan biraa haa ilaallu!

✦"Egaa namni #gorsa kana #tuffatu, #Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu #tuffata malee,
nama tuffata miti."
(1Tasaloniiqee 4: 8)As irratti immoo PHaawuloos Yeroo amantoota gorsu "namni gorsa kana tuffatu
waaqayyoon tuffachuu isaati malee nama tuffachuu isaa miti Jedhe!" hubadha! 👉nama gorsa sana gorsaa
jiru tuffachuun nama sana qofa tuffachuu osoo hin taane waaqayyoon illee tuffachuu dha! Haallii dubbii
akkanaa kun kitaaba qulqulluu keessatyi baratamaa dha jechuu dha. Kanaaf jechi Yoh 12:44 irratti
dubbatame jiru gaaffii nutti ta'uu hin qabu.Caqasni kan biraa illee nii jira.👇✦" #Mucaa akkasii tokko
maqaa kootiin kan #simu_ana_sima, kan na simu immoo isa #na erge in sima malee, #ana simuu isaa miti"
jedhe." (Maarqos 9: 37) as irrattis namni daa'imman maqaa Iyyesuus kiristoosin Simatu daa'imman sana
qofa osoo hin taane Iyyesuus kiristoosiin illee simateera jechuu dha. Iyyesuus Kiristoosin simate jechuun
immoo #abbaas simate jechuudha.

✦"isa #na erge in sima malee, #ana simuu isaa miti"Ana simachuu isaa miti jechuun "anaan hin simanne"
jechuu miti! Yoo dursa isa simanne dha abbaas kan simannu."isa #na erge in sima malee, #ana simuu isaa
miti"👈jechuun isaa anaan yoo simattan ana qofa osoo hin taane abbaa koos simattaniittu jechuu isaati!

Kanaaf egaa akkuma kana Yoh 12:44 irratti 👉"isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti;"
jechun isaa "anatti hin amaninaa abbaa qofatti amanaa" jechuu miti.Yoo isati amanne dha kan abbaatti
amanne jedhamnu. Kanaaf namni anatti amane "ana" qofa osoo hin taane abbaa kootti illee amaneera jechuu
isaati! Abbaa fi ilmi tokkodha waan ta'aniif. Achuma lakkoofsa 45 irratti akkana jedheera👇✦"namni ana
argus, isa ana erge sana arga. "(Yohannis 12: 45)M ilma argine jechuun abbaas argine jechuu
dha.Waaqayyo abbaan foon uffatee hin mul'anne. Foon namaa uffatee kan mul'ate waaqayyo ilma dha.
Kanaaf waaqayyo ilma arginee waaqa ta'uu isaa isatti amanneerra yoo ta'e #abbaas argineerra ittis
amanneerra jechuu dha.Iyyesuus kiristoos waaqa ta'uu isaa hin amanne taanaan Abbaas hin amanne jechuu
dha.Kanumaafidha "namni anatti amane abbaattis amane!* jechuun kan dubbateef akkuma "abbatti amanaa
jedhee dubbate "anattis amanaa" jedhee dubbateera. Sababni isaa inni Waaqa waan ta'eef."Iyyesuus itti
fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!" (Yohannis
14: 1) ✤kana qofa miti, "Namni anatti amane jireenya baraa baraa argataa " jedheera. Sababni isaa inni
Waaqa jireenya baraa baraa namaaf kennu dha waan ta'eef.

"እውነት እውነት እላችኋለሁ በእኔ የሚያምን የዘላለም ሕይወት አለው።" (የዮሐንስ ወንጌል 6:47)

👉" Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni #anatti amanu jireenya, bara baraa qaba." (Yohannis 6: 47)

Anaa fi Abbaan Tokko! Yoh 10:30


"Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine,
abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu."
(Yohannis 5: 23).Gaaffiin biraan jarri kaasan immoo sagalee yoh 6:38 irratti barreefgamee jiru dha.

👉" Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e
malee. " (Yohannis 6: 38) caqasa kana fudhataniituu akka waan inni ofiisaa homaa tokko gochuu hin
dandeenyetti irra deddeebi'anii dubbatu.Iyyesuus Kiristoos "fedhii abbaa koo raawwachuun dhufe" jedhee
kan inni dubbateef "fedhiin abbaa isaa fi fedhiin isaa tokko akka ta'e nu barsiisuufi dha.
Abbaa Waaqa dha!
Ilmi Waaqa dha!
Afuurri qulqulluunis Waaqayyo dha.
Fedhiin Waaqayyoo immoo "dhala namaa Fayyisuu" dha. Iyyesuus Kiristoos kayyoon inni biyya lafaa
dhufeef Inni jalqabaa "dhala namaa fayyisuu" dha!👉" Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf
#fayyisuudhaafis dhufeera." (Luqaas 19:10) 👉" Dubbiin, "Iyyesuus Kiristoos cubbammoota
fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe" jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis ni ta'aaf;"
(1Ximotewos 1: 15)✤Iyyesuus Kiristoos jecha Yoh 6:38 irra jiru erga dubbatee booda fedhiin abbaa isaa
maal akka ta'e achuma gadi siqee Yoh 6:39 irratti dubbateera. "ከሰጠኝም ሁሉ አንድን ስንኳ እንዳላጠፋ
በመጨረሻው ቀን እንዳስነሣው እንጂ የላከኝ የአብ ፈቃድ ይህ ነው።" (የዮሐንስ ወንጌል 6:39) "Inni na erge immoo,
warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan
isaan kaasu fedha malee."(Yohannis 6: 39) sagalee kana irra akkuma hubannu "abbaan" akka dhalli namaa
fayyu fedha malee akka dhalli namaa badu hin fedhu; fedhiin "abbaa" "fayyuu dhala namaati" jechuu dha.
Ilmis egaan fedhiin isaa fedhii abbaa waliin tokko waan ta'eef Fayyina dhala namaatiif Ulfina Waaqummaa
isaa dhiisee kabaja isaa osoo homaattuu hin lakkaa'in gadi of qabeetu foon dhala namaa uffatee "nama"
ta'ee Waaqa irraa gadi bu'e jechuu dha.👇

Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu
wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle
of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee
argame.
(Filiphisiiyus 2:6-7) Isuma kana ibsuuf "Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee
raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee" jechuu dubbate.Karaa gara biraatin Abbaan fi inni
aangoodhaan Waaqummaa dhaan tokko ta'uu isaanii dubbachaa jira jechuu dha.Tokkumaa isaanii immoo
Yeroo barsiisutti dubbateera.Fknf Yoh 10:30 irratti "aniif abbaan tokko dha" jechuun.Yoh 6:38 irrattis
fedhiin isaa fi fedhiin abbaa isaa tokko ta'uu isaa dubbatee jechuu dha."qofaatti fedhii dhuunfaa kootii
raawwachuu hin dhufne, fedhiin abbaan koo qabus fedhiin ani qabus (dhala namaa fayyisuu) tokko waan
ta'eef fedhii abbaa koo raawwachuufin (dhala namaa fayyisuufin) waaqa irraa gadi bu'ee dhufe jechuu
isaati.Otuu hubachuu dandeenyuu nama dogoggorsuuf jennee dubbii Wangeela irra jiru micciiruu Waaqni
nu haa baraaru!

kadhannaa keenya gara Ergamootaatti dhiyeeffachuu nii dandeenyaa?


Baga Guyyaa Kabajamee ooluu Ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliitiin Isin Gahe!

✤Jalqaba irratti wanti beekamuu qabu 👉Nuti kadhannaa keenya kan nuuf dhagahuu fi kadhannaa
keenyaaf deebii kan nuuf kennu waaqayyo ta'uu nii beekna. Nii amanna! Kadhannaa kanas ofii keenya
kallattiidhaan yoo kadhanne waaqayyo kan nu dhagahu ta'uu isaa nii beekna nii amanna! Nii
kadhannas!garuu Ergamoonni waaqayyo nu Warra Daandii fayyinaa irra jirruuf #Nu_gargaaruuf kan
ariifatan waan ta'aniif kadhannaa isaaniitiin akka nu #gargaaraniif #Ergamoota waaqayyoo nii kadhanna.
Ibro 1:14 Kana nutu ofuma keenyaa uume osoo hin taane kitaaba qulqulluu irraa baranneeti! mee walumaan
haa ilaallu👇

"Ergamaa Waaqayyoo ofitti qabee gad dhiisuu dide, in danda'es; ergasii immoo boo'ee akka inni faara
toluuf nii #kadhateen;" ➷(Hose'i 12: 4).Egaa akkuma argitan kana Yaa'iqoob ergamaa waaqayyoo boo'ee
kadhateen jechuu dha. Kanaaf kadhannaa keenya gara Ergamoota waaqayyootti dhiyeeffachuun yaada
kitaaba qulqulluu irraa fudhatame dha malee kan nuti uumne miti!.Ergamoota waaqayyoo sababni
kadhannuuf inni guddaan kadhannaa keenya Gara ergamootaatti dhiyeeffachuun ykn Ergamoota fuulduratti
kadhachuun Waaqayyo fuulduratti kadhachuu dha waan ta'eefi dha.Kanaafuu namni tokko Ergamoota
waaqayyoo duratti dhaabbatee kadhata jechuun Waaqayyoon fuuldura dhaabbatee kadhataa jechuu dha.
Akkamitti jechuu dandeessu!mee caqasaawwan lama wal bira qabnee haa ilaallu.

➧" Itti fufees Iyyesus, "Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis #abbaa
koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf."

➷(Maatewos 10: 32) Sagalee kana irraa akka hubannutti Iyyesuus kiristoos nama isaaf namoota fuulduratti
dhugaa bahe Abbaa isaa isa waaqa irraa duratti #dhugaa akka bahuuf waadaa gale.caqasa itti aanee jiru
kana immoo dubbisaa👇➧"Ani isinittan hima, eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee
yoo mul'ise, anis ilmi namaa #Ergamoota Waaqayyoo duratti akkasuma dhugaa nan ba'aaf." ➹(Luqaas 12:
8)
Hubattanii? Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos caqasa isa jalqaba ilaalle irratti nama isaaf dhugaa baheef
Abbaa isaa isa Waaqa irraa duratti akka dhugaa bahuuf dubbate. Caqasa 2ffaa irra jiru kana irratti immo
#Ergamoota_waaqayyoo duratti akka ragaa bahuuf waadaa gale.As irratti sababni gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos Maatewoos keessatti Abbaa koo durattin dhugaa bahaaf jedhee ka'ee; Luqaas keessatti
immoo Ergamoota Waaqayyoo fuuldurattin dhugaa bahaaf jedhee dubbateef maaliif yoo jettan Waaqayyo
fuulduratti dhugaa bahuun Ergamoota waaqayyoo Fuulduratti dhugaa bahuu dha waan ta'eef; akkasumas
Ergamoota waaqayyoo duratti dhugaa bahuun Waaqayyo fuulduratti dhugaa bahuu dha waan ta'eefi dha!
Yeroo akkana jennu Waaqayyoo fi Ergamoonni wal qixa dha jechuu keenya miti.Sababni akkana jedhameef
Ergamoonni waaqayyoo yeroo Hunda Teessoo isaatti marsanii akkasumas fuuldura isaa dhaabbatu waan
ta'eefi dha.➷Isay 6:1-3Kanaaf isaan fuulduratti dhiyeeffanne jechuun Waaqayyoon fuulduratti
dhiyeeffanne jechuu dha.Akkuma Waaqayyo abbaa fuulduratti dhugaa bahuun Ergamoota waaqayyoo
fuulduratti dhugaa bahuu ta'e sana jechuu dha.
Caqasa tokko daballee haa ilaallu!

➧Dubbii Afaan koo dhageesseetta waan ta'eef #Ergamoota Duratti sin #Faarfadhaa! ➷(Far 138:4)

➧የአፌን ነገር ሰምተኸኛልና፤ በመላእክት ፊት እዘምርልሃለሁ። ➹(መዝሙረ ዳዊት 138:1)

Ajaa'ibaam👌Qulqulluu Daawwit caqasa ammaa kana irratti Waaqayyoon "eenyu durattin si faarfadha
jedheen?" 👉 #Ergamoota duratti jedheen mitiiree? Maal jechuu isaatii akkana jechuun isaa? waaqayyoon
Faarfachuu erga barbaadee kallattiimaan maaliif waaqayyo fuulduratti hin faarfanne? Ergamoota durattin
si faarsa jechuu maaltu isa geesse?deebiin isaa salphaa dha. Sababni inni akkana jedheef Ergamoota duratti
faarfachuun Waaqayyo duratti faarfachuu dha waan ta'eefi. akkuma dura jenne Ergamoonni kan isaan
argaman Waaqayyo biratti dha waan ta'eefi.Kanaaf egaa gabaabumatti shakkitoonni "maaliif ergamoota
duratti kadhannaa keessan dhiyeeffattu" jedhanii yoo nu gaafatan deebiin keenya "Ergamoota duratti
kadhachuun waaqayyo duratti kadhachuu dha waan ta'eef" jennee deebisnaaf jechuu dha.
Ammas caqasa kan biraa haa ilaallu.Geedewoon Ergamaa waaqayyoo duratti waan isaan irra gahe itti himee
isa kadhachaa sababa rakkoo isaan irra gahee sanas Ergamicha gaafachaa ture.➧ Ergamaan Waaqayyoo sun
Giidewonitti mul'atee, .....Giidewon immoo deebiseefii, Yaa gooftaa ko! Waaqayyo nuu wajjin utuu
jiraatee, maaliif wanti kun hundinuu nutti dhufa ree? (Abboota Firdii 6:12-13) Kadhaa Geedewoon kanas
Ergamichi gara waaqayyootti nii geesseefi Waaqayyos kadhata isaa kanaaf deebii nii kenne.👉"
Waaqayyos Giidewonitti dhi'aatee, Ati humna qabdu kanaan dhaqi! Israa'elin harka warra Miidiyaan jalaa
akka baaftuuf ani si ergeera jedhe."(Abboota Firdii 6:14)Kanaaf egaa Ergamoota waaqayyoo kadhachuun
kitaaba qulqulluun kan deeggarame dha malee akka jarri jettu sana dogoggora miti.
Akkuma dura ilaalle kan nuti kadhannaa keenya Ergamootatti dhiyeeffannuuf

1) ➧kitaaba qulqulluu irraa waan baranneef

2) ➧Ergamoota waaqayyo duratti kadhachuun waaqayyo duratti kadhachuu waan ta'eefi dha.

Sababni isaa Ergamoonni waaqayyoo Waaqayyo biratti argamu waan ta'eef. ➷Isay 6:1-3✦

Shakkiin isaanii hin dhumu waan ta'eef warri Shakkan " Ergamoonni waan biyya lafaa irratti ta'uu akkamitti
beekuu danda'uu?" Jedhanii gaafachuu danda'u.Deebiin isaa "Ergamoonni waaqayyo waan biyya lafaa
irratti ta'u nii beeku. Isaan #ogeessa dha. Kanaaf ni beeku jechuu dha. Kennaa kana kan isaaniif kenne
immoo Waaqayyo dha."

➧"yaa gooftaa ko, ati #ogeessa akka #Ergamaa Waaqayyoo ti, biyyattii keessatti wanta ta'u hundumaas in
beekta" jette."➹(Saamu'el Isa 2ffaa14: 20) caqasa kana irratti Dubartiin tokko Daawwitiin jajachuu ishee
hubanna. Yeroo isa jajjus "ati #ogeessa akka #Ergamaa Waaqayyoo ti, biyyattii keessatti wanta ta'u
hundumaas in beekta" jettee isa leelliste.
Daawwitiin akka Ergamaa waaqayyoo fakkeessite jechuu dha. Sababni isaa Ergamoonni Waaqayyoo
#Ogeessota dha. Waan lafa irratti ta'u hundumaa nii beeku.Dubartiin kunis kana waan beektuuf Daawwitiin
"ati Akka ergamaa waaqayyooti" jetteen.Kanaaf egaa Ergamoonni waaqayyoo beekumsa waaqayyoo
isaaniif kenneen waan lafa kana irratti ta'u nii beeku jechuu dha.kana qofa miti ulfinni ergamaan
Waaqayyoo tokkichi qabu biyya lafaa kana hunda #ibsuu danda'a!. Mul'ata 18:1✦Ammas warri shakkan
sun Ergamoonni Waaqa irraa gara namaatti ergamu malee nama irraa gara waaqaatti hin ergamani.
Kadhannaa namootaas gar waaqayyootti geessuu hin danda'ani jedhanii falmu😂mee shakki isaanii kana
akkasumatti haa deebisnuuf👇mee dhugaama ishee dubbadhaa. Ergamaa kan barbaadu Waaqayyo isa
bakka hundatti argamuu danda'u dha moo Nu warra dadhabdoota kana dha?.waaqayyo bakka hundatti
argama. Bakka inni dhibe hin jiru. Kanaaf egaa otuma ta'eeyyuu nu warra dadhabdoota kanatu ergamoota
barbaada malee Waaqayyo isa bakka hunda guutee jirutu ergamoota barbaadaa?.shakkitoonni "Ergamoonni
waaqayyo irraa qofa gara namaatti ergamu" jechuun isaanii Waaqayyo gara namaatti ofii isaatiin dhufuu
waan hin dandenyeef ergamoota erga jechuu isaaniiti. Hin hubataniif malee.Kanaaf egaa akkuma Ibro 1:14
irratti ibsame Ergamoonni waaqayyoo nuyi warra Fayyina barbaadu gargaaruu dhaaf ariifatu. Waaqayyo
irraa gara namaatti nii ergamuu Kadhannaa namootaas fuudhanii gara waaqayyootti nii geessu jechuu dha.

Caqasa kana dubbisaamee 👇➧"Aarri ixaanichaas #kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii


wajjin, harka #ergamaa sanaa keessaa gara #fuula_Waaqayyootti ol ba'e. "

➷(Mul'ata Yohannis 8: 4)Kun qoftiyyuu deebii gahaa dham.Akkuma amma dubbistan Kadhanni
qulqullootaa Aara ixaanaa wajjin fuldura waaqayyootti ol bahe. Fuuldura waaqayyootti akka ol bahu kan
taasise eenyu? Yoo jettan Ergamaa waaqayyooti.
Harka ergamaa waaqayyoo keessaan kadhatni isaaniifii aarri ixaanichaa gara fuuldura waaqayyootti ol
bahe.Maarree otuu kana arganii akkamitti ergamoonni kadhata keenya waaqayyo duratti nuuf geessuu hin
danda'an jedhanii falmuu?😂✦Nuti Ergamoota kadhachuu qofa miti Ergamoonni waaqayyoo bakka
keenya bu'anii kallattiidhaan waaqayyoon nuuf kadhatu!ragaan koo kunooti.

👉" Ammas #ergamaan Waaqayyoo deebisee, "Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti
mandara Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin
deebiftu ree?" jedhe. "

➷(Zak 1: 12)As irratti ergamaan waaqayyoo hanga Yoomiitti mandara Yerusaalemii fi Yihuudaatiif araara
hin buustuu? Jedhee isaaniif kadhate.Waaqayyos kadhanna Ergamaa kanaaf deebii kenneera👇

➷Zakk 1:13-16.Kana irraa egaa kan barannu Ergamoonni waaqayyoo bakka keenya bu'anii araara kan nuuf
kadhatan ta'uu isaati.Kanaaf egaa nuti waan dogoggorre hin qabnu! Ergamoonni kan nuuf kadhatan ta'uu
isaanii kan nu barsiise kitaaba qulqulluuti waan ta'eef.
Galanni Waaqayyoof Haa ta'u!
💢Ergamoota waaqayyootiif sagadi kennaa (የፀጋ ስግደት) in ta'aaf.

✝️Akkuma beekamu namootni tokko tokko yeroo ijoolleen tewaahidoo ergamoota waaqayyoof sagadi
kennaa in ta'aaf jedhan akka waan dogongora ta'ee fi kitaaba qulqulluun ala ba'ameetti ilaalu. sagadi kan
ta'uuf tokkicha ilma waaqayyoo qofaafidha jedhu. eeyyee waaqayyoof sagada waaqeffannaa ni goona.
sagadi waaqeffannaas kan ta'u tokkicha ilma waaqayyoo qofaafidha.

✝️hata'u malee Abbootni keenya heedduun kitaaba qulqulluu irratti caqafaman ergamoota waaqayyootiif
sagadaniiru. akka nuti hojii jaraa ilaallee Amantaan jara fakkaannu waaqayyo nu ajajeera.

💢Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan
akka du'anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, #fakkeenya #amantii #isaanii #fudhadhaa
duukaa bu'aa! jedhaam.

Ibr. 13:7✝️kana malee“Guyyoota durii yaadadhu! Waggoota dhaloota baay'ee duraas ilaali! Abbaa kee
gaafadhu, innis sitti in hima; jaarsoliis gaafadhu, isaanis siif in ibsu" kan jedhameef kanaafi!

Kes. 32:7✝️Abboota jedhaman kunis:-

1.#Iyyaasuu:- iyyaasuun ergamaa waaqayyootiif sagadeera. iyyas 5:13

💢Raajaa Museetti aansee saba israa'eel 600,000 ol ta'an hoogganeera. iyyas 1:5-8 saboota israa'eel
600,000 ol ta'an kana keessaas isa waaqayyo biyya aannanii fi dammaattin isin galcha jedhee itti dubbateen
keessaa #kana'aan kan galan #iyyaasuu fi #kaaleeb qofa turan. israa'eelonni kaan sababa cubbuu jaraatiin
ijoollee jaraatu gale male jarri hin galle. kana malees iyyaasuun lafa irra taa'ee samii gubbaatti nama ija
Aduu kadhannaa isaatiin dhaabeedha.

iyyas 10:1-10💢Laga Yordaanos addaan kutee sabni israa'eel akka lafa gogaa irra ce'an taasiseera. iyyas
3:17💢egaa namni akkas kennaa guddaa qabuu fi waaqayyoo wajjin dubbatu kun #ergamaa
#waaqayyootiif #sagadeera.

💢Iyaasuun mandara Yerikootti yommuu dhi'aate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa
dura ijaajju tokko argee, gara isaa dhaqee, "Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?" jedhee isa gaafate
Inni immoo deebisee, "Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe" jedhe; Iyaasuun immoo
lafa ga'ee qoomma'ee #sagadeefii, "#Yaa #gooftaa ko ana garbicha keetti maal himta?" jedhee isa gaafate.
iyas 5:13-14

💢iyyaasuun ni dogongore jechuudhaa ree? waawu hin dogongorre isa irra kan jiru afuura dogongoru miti.
inni waaqayyoonis ta'ee ergamoota waaqayyoo in beeka. gatii inni ergamaa waaqayyotiif sagadeef
waaqayyo biyya kakuu galuu irraa isa hin hambifneem. kanaaf nutis akkuma iyyaasuu irraa agarretti
ergamoota waaqayyoof ni sagadna. #tolee????

2💢Bala'aam erga ijji laphee isaa banameefiin booda ergamaa waaqayyootiif sagadeera.

S/Lakk 22:31
💢Sabootni israa'eel Gibtsi ba'anii kana'aan galuuf biyya Mo'aab jedhamu irra qubatanii turan. yeroo
sanattis mootiin #Baalaaq jedhamu sabootni israa'eel kun yoo baay'achaa deeman diinota keenyatti
dabalamanii nu miidhu jedhee waan yaadeef Abaaree akka balleessuufiif #Bala'aamiin gara sanatti erge.
#Bala'aam kennaa Abaarsaa nama qabu ture. waaqayyo sabni isaa akka Abaaramu waan hin feeneef yeroo
#Bala'aam harree isaa fe'atee saba israa'eel Abaaruuf deemu daandii irratti ergamaan waaqayyoo #seefii
qabatee isa eege. harreen #Bala'aamis agartee daandii irraa jijjiirrattee darbuu feete garuu hin dandeenye.
yeroo sadii gad ciistee yeroosadii ol kaate kunis akka Abbootni keenya barsiisanutti ergamaa sanaaf
sagaduu isheeti. #Bala'aamis ijji laphee isaa jaamaa waan tureef ergamaa waaqayyoo isa dura dhaabbatu
kana arguu hin dandeenye. akka harreen kun deemtuufiif rukutaa ture. sana booda harreen sun maaliif na
rukuttaa??? kanaan dura karaa ati irra na oofterra deemaa hin jiruu har'a garuu kunoo #seefii qabatee
fuuldura keenya isa dhaabbatu kana hin agartuuyii jetteenii #Bala'aamiif dhugaa baate. Waaqayyos ija
#Bala'aam in baneefi ergamaa waaqayyoo seefii qabatee isa fuula dura dhaabbatu in arge ni sagadeefis.
S/Lakk 22:31

💢eeyyee #Bala'aam duraanis jaamaa hin turre. ija foon isaa qofatu argaa ture. yeroo sanatti ergamaa
waaqayyoo arguu hin dandeenye. hanga harree sanaa hankaakeem. har'as ergamoota waaqayyootiif hin
barbaachisu jedhan warra ijji laphee jaraa jaamaa ta'eedha. warri akkasii immoo hanga harree hin ga'an.
kanaaf akka ijji laphee jaraa banamuuf kadhadhaafii! #Bala'aam erga waaqayyo ija laphee isaa baneefiin
booda garuu ergamaa waaqayyoo sana in arge ni #sagadeefis. sana booda #Bala'aam daandii Abaarsaa irraa
deebi'eem.

💢egaa ergamoota waaqayyootiif sagaduuf dura ijji laphee keenyaa nuuf banamuu qaba.

S/Lakk 22:8-38

3💢 Loox ergamoota waaqayyootiif sagadeera. S/Uum19:1-3

💢Cubbuun saboota sadoom fuula waaqayyoo duratti baay'atee ture. akka jarri badii jaraa kana irraa
deddeebi'anuuf waaqayyo karaa namoota adda addaa itti dubbataa ture. Cubbuun jaraa kunis dhiirri dhiiraa
wajjin hanga wal fuudhu irra ga'an. waaqayyos biyyattii balleessuuf dheekkamsaaf ergamaa isaa gara biyya
#Sadoomitti ergee ture.

💢Looxis ergamoota waaqayyoo kana yeroo argu ol ka'ee simateen. hanga mataan isaa lafa ga'uttis
sagadeef.

✝️Ergamoonni Waaqayyoo lamaan galgala gara Sodoom in dhufan; Looxis karra kellaa Sodoom dura in
taa'a ture; Loox yeroo isaan arge, simachuudhaaf ka'ee itti adeemee, hamma mataan isaa lafa ga'utti
qoomma'eefii (sagadeef).
Uma. 19:1

💢Loox ergamaa waaqayyootiif kan sagadeef waaqa kooti jedhee miti. Loox waaqayyoon ni beeka ni
sodaatas. sagadi kennaa (የፀጋ ስግደት) akka ta'uuf ni beeka ture. har'as manni kiristaanaa keenya ergamoota
waaqayyootiif kan sagaddu akka shakkitoonni jedhan waaqayyo kooti jettee miti. nuti waaqayyos ta'ee
ergamoota waaqayyoo adda baasnee ni beekna.
💢Waaqayyos sagadi kan maluuf ana qofaafidha maaliif ergamoota waaqayyootiif sagadde jedhee Looxiin
saboota saddoom wajjin hin balleessineen. inumaayyuu Loox gaafa inni mana keessaa ba'uu qaqqabatu
ergamoonni waaqayyoo kun Harka Loox qabanii gadi baasuun lafa lubbuu kee oolfatutti baqadhu booddee
kee hin mil'atin! jedhaniin malee.
kunoo

✝️erga gad isaan baasaniis, inni tokkoo, "Lafa lubbuu kee oolfatutti baqadhu, of booddee hin mil'atin;
naannoo kana keessaas iddoo tokko illee hin dhaabatin! Ati akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti
ol baqadhu!" jedheen.
Uma. 19:17

💢Loox yeroo sana gara gaara Zo'aaritti baqatee lubbuu isaa du'a (badiinsa) jalaa oolfateera. har'as Zo'aar
keenya kan taate kan itti baqannu iddoon boqonnaa kiristaanotaa mana kiristaanaati. achitti Kiristoos
haadha isaa wajjin ni argama.

💢Faarfatichi Daawit akkas jedhe!

✝️Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya; godoota
jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyo koo dura ijaajjuu nan fo'adha.
Far. 84:10

💢Ogeessichi Solomoonis akkas jedha.

✝️Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in #oola.

Fak. 18:10

💢kanaafuu akka Loox gara waaqayyootti baqannee badiinsa (du'a) jalaa akka oollu waaqayyo nu haa
gargaaru.

💢Yeroo nuti ergamoota waaqayyootiif sagadi kennaa (የፀጋ ስግደት) ni ta'aaf jennee caqasa armaan olii
kenninuuf Lakkii inni kun kakuu moofaadha, kakuu haaraatti sagaduufiin hin barbaachisu jedhanii akka
waan waaqni kakuu moofaa fi kakuu haaraa lama ta'eetti hidda morma jaraa kaasanii falmu.

💢garuu kakuu moofaatti isa raajonni ni bu'a, ni dhalata jedhanii raajan kakuu haaraatti immoo duuka
buutonni gooftaa ni dhalate jedhanii lallaban. waaqayyuma kakuu moofaatti Afuuraan saboota israa'eel
gaggeessaa turetu kakuu haaraatti foon uffatee mul'ateem.
malee waaqayyo lama hin jiru. raajonni kakuu moofaas waa'eedhuma iyyesuus raajaa fi dubbachaa turan.

💢gooftaan keenya iyyesuus kiristoosis yeroo foon uffatee biyya lafaa kana irra deddeebi'ee barsiisaa
turetti Museen waa'ee koo barreesseera jedheem.
kunoo
👇

✝️Utuu isa Museen caafetti amantan ta'ee, anattis immoo in amantu turtan; #Museen #waa'ee #koo
#caafeera. Isa Museen caafee isiniif kenne erga hin amantan ta'ee, attamitti isa ani afaan kootiin isinitti
dubbadhu amantu ree? jedhe.
Yoha 5:46-47

💢Himmm.... erga kiristoos Museen waa'ee koo barreesseera jedhee shakkitoonni yoo falman maaltu nu
dhibe ree??? jarroo amalumaaf falmu.

💢Hata'u malee shakkitoonni ergamoota waaqayyootiif sagadi hin barbaachisu jedhanii #cichanii kan
falman luqqisa (caqasa) Mul'ta 19:10, 22:8-9 irra jiru bu'uureffataniiti.
kunoo

✝️Ani Yohannis kana hundumaa dhaga'eera, argeeras; kana dhaga'ee, argee erga ani raawwadhee, ergamaa
isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe.
Inni garuu, "Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra raajotaaf, warra dubbii macaafa
kanaa eeganiifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi! naan jedhe.
Yoh 22:8-9

💢Namoonni heedduun ergamoota waaqayyootiif sagadanii osoo jiranuu Yohaannis Maaliif dhorkame?

💢Al tokko Mul19:10 irratti erga sagadee dhorkamee Qulqulluun Yohaannis maaliif 2ffaa mul 22:8-9
irratti deebi'ee sagadeef???
Deebiin isaa kunooti!

1.💢Ulfinni Qulqulluu Yohaannis fi kan ergamaa sanaa kan wal gitu ture.

✍Qulqulluun Yohaannis biyya lafaa irra taa'ee bantiin samii gubbaa banameefii, iccitiiwwan samii gubbaa
argeera.

💢maal nama dhiba ree? har'a raajonni sobduun Afuura waaqayyootiin guutamne ofiin jedhan garuu waan
#koorniisii manaatii ol jiru illee arguu hin dandeenye hin sagadnu yoo jedhan?

💢ergamoota waaqayyootii Aarsaa galataa waaqayyoof dhiyeessan argeera, dhaga'eeras.

✝️Ergamaan inni ja'affaan malakata isaa afuufe. Yommus ani sagalee gaanfa arfan biraa ba'u nan dhaga'e;
gaanfonni sunis iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra turan.
Mul. 9:13

💢Luboota digdamii Afuranii teessoo sillaasee duratti aarsaa galataa dhiyeessan argeera.

✝️Yeroo kanattis Luboonni digdamii arfan, isa teessoo irra taa'e, isa bara baraan jiraatu sanaaf
gombifamanii in sagadu; gonfoowwan isaaniis teessicha duratti gatanii in faarfatu.
Mul. 4:10
💢Taabota kakuu waaqayyoo isa mana qulqullummaa samii gubbaa jiru argeera.

✝️Kana booddee manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, #Taabotni #kakuu mana
qulqullummaa isaa keessaas in argame; balaqqeessi in balaqqeessa'e, sagaleen biraa, qaqawweenis wal jalaa
in qaban, lafti in socho'e, cabbiin guddaanis in bu'e.
Mul. 11:19

💢Bara sana irra taa'ee waa'ee bara dhumaa shakkii tokko malee dubbatera.

✝️Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti
inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.
Mul. 21:1

💢akkamitti shakka ree innoo afuura waaqayyootiin guutameeraa.

✝️Achumaanis ani hafuuraan nan guutame; kunoo, teessoon tokko waaqa keessa kaa'amee, tokkos teessoo
sana irra taa'ee ture.
Mul. 4:2

💢waaqayyo isa ergamoonni ilaaluu sodaatanii koochoo jaraatiin ija jaraa golgan Yohaannis qaqqabateera,
foon isaa nyaatee dhiiga isaa dhugeeraam. akkamitti naaf hin sagadin hin jedhuun ree??? isumayyuu
Yohaannis an Ulfinni koo fi kan ergamichaa wal giteera hin sagaduuf hin jenne ergamichatu naaf hin
sagadin jedheen male.

💢Qulqulluun Yohaannis utuu hin nyaatin utuu hin dhugin iddoo galaanaan marfamee jirutti hidhamee
waggaa heedduuf tureera. fooniinis du'ee biyya lafaa kana irratti utuu hin awwaalamin akka Melketsediq fi
Abuuna Aregaawwi faa waaqayyo ofitti fudhateem.

2.💢Ergamichi Gad-of qabummaadhaaf naaf hin sagadin jedheen.

💢ergamoonni waaqayyoo akka nuti #qulqulluu jennuun hin fedhan. ofii isaaniitiinis qulqulluu ofiin hin
jedhaniim. Fakkeenyaaf Yeroo Lubi Zakkaariyaas ixaana Mana qulqullummaa keessatti aarsu sana
ergamaan waaqayyoo itti mul'atee ''an fuula waaqayyoo dura kan dhaabbadhu Gebri'eeliidha" jedheen
malee ''an qulqulluu Gebri'eelii dha'' ofiin hin jenneen.

✝️Ergamichi immoo, "#Ani #Gabri'elii dha, fuuIa Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana
sitti himuudhaafan ergame.
Luq. 1:19

💢Gad-ofqabummaadhaaf akka naaf hin sagadin jedheen waan bareef al tokko dhorkamee lammee
deebi'ee sagadeef.

💢har'as namni sadarkaa Qulqulluun Yohaannis irra ga'erra ga'e akka ergamaa waaqayyootiif sagadu hin
dirqisiifamu. ta'u iyyuu an sadarkaa Qulqulluun Yohaannis irra ga'eerra #ga'eera jechuunuu bar of
#tuulummaadhaam.

💢ergamoonni waaqayyoo Namoota waaqayyoon sodaatanii fi #Abboomamaniif bira in buufatu ni


#fayyisuunis jedhaam.
kunoo

✝️Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in


oolchas.(የእግዚአብሔር፡መልአክ፡በሚፈሩት፡ሰዎች፡ዙሪያ፡ይሰፍራል፥ያድናቸውማል።) jedhaam.

Far. 34:7💢Maal har'as namoonni hedduun sodaan waaqayyoo keessa jaraa jiru ergamoonni waaqayyoo
qaqqabaniifii hamaa jalaa jara oolchan heedduudha. kanaafis eegumsaa fi gargaarsa isaaniitiin qulqulluun
Gebri'eel, Qulqulluun Mikaa'eel akkas naaf godhe jedhanii jireenya jaraa keessatti waan ergamoonni
waaqayyoo godhaniif kan dubbatan. ergamoota waaqayyoo warra yeroo hunduma fuula waaqayyoo dura
dhaabbatan mitii, shakkitoonnuu namoota ofiifuu hin #fayyin biraan #fayyina argadha jedhanii alii
Hawaasaa, alii Naqamtee deemu mitii ree? "dhamaatuun dhama raaftee ro'ootu na dide" jetti jedhan.

💢ergamoonni waaqayyoo ba'uuf galuu keenya, daandii irra deemnu hundumattuu nu eegu! harka jaraa
irratti nu baatu. Himmm.... Lakkii ana Gebri'eeliin na eegaa!
kunoo

✝️Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma; miilli kee dhagaatti
akka hin buuneef, isaan #harka #irratti si #baatu.
Faar 91:11-12

💢Kana qofaa seetanii ree #cubbuu keessaniif dhiifama hin godhanii hin gaddisiisinaa!

✝️Kunoo, ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani qopheessettis akka si geessuuf ergamaa si dura nan
erga. Atis of eeggadhu, dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan koo isa keessa waan jiruuf, inni irra-daddarbaa
kee siif hin dhiisu, ati isaan mormitee irratti hin ka'in!

(፤በመንገድ፡ይጠብቅኽ፡ዘንድ፡ወዳዘጋጀኹትም፡ስፍራ፡ያገባኽ፡ዘንድ፥እንሆ፥እኔ፡መልአክን፡በፊትኽ፡እሰ ዳ፟ለኹ።

21፤በፊቱ፡ተጠንቀቁ፥ቃሉንም፡አድምጡ፤ስሜም፡በርሱ፡ስለ፡ኾነ፡ኀጢአት፡ብትሠሩ፡ይቅር፡አይልምና፡አታስመ ርሩት።)

Bau 23:20-21

💢Ergamoonni waaqayyoo yeroo hundumayyuu fuula waaqayyoo dura dhaabbatu

✝️Ergamichi immoo, "Ani Gabri'elii dha, fuuIa Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti
himuudhaafan ergame.
Luq. 1:19

💢Kan jarri fuula waaqayyoo dura dhaabbatanuufis waaqayyoon nuuf kadhachuufi.

✝️Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee, "Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti mandara
Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu
ree?" jedhe.
Zak . 1:12

💢Deebiin waaqayyoo immoo ergamichaan anaaf saba koo gidduu maaltu si galche? jarrumti kallattiin na
hakadhatan hin jenneen. inumaayyuu sagalee nama jajjabeessuun akkas kan jedhu ture.
✝️Waaqayyo yommus ergamaa isa anatti dubbachaa ture sanatti #dubbii #gaggaarii fi #dubbii jajjabinaa
in dubbate. Ergasii immoo ergamaan inni anatti dubbachaa ture sun dubbii isa Waaqayyo gooftaan maccaa,
"Ani mandara koo Yerusaalemiif, Xiyooniifis baay'ee hinaafeera.
Zakka 1:13-14

💢Ergamoonni waaqayyoo akka fayyinuuf nu gargaaru.

✝️Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?

Ibr. 1:14

✝️Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma
keenyaa wajjin haa ta'u!
2Qor. 13:13

"FAYYINNI AYYAANAAN MOO SEERAAN?”


Bara kana keeysa barsiisa Waldaya Kristiyaanaa keeysati falmisiisaa jiru keeysaa tokko "fayyinni
ayyaanaan moo seeraan?" kan ja'uudha, garuu wanti beekuu qabnu guddaan tokko wantoota adda bahuu
hin dandeenye adda baasuuf yaaluun sirrii akka hin taaneedha.
Waan adda hin baane garuu kan bara kana keeysa gartuun muraasni kan fedhii ofii guutachuuf yaalan fi
dogongortoonni muraasni addaan baasuuf yaalan
garu kan gonkumaa addaan bahanii yaadamuu hin dandeenye akka jiran haa beeknuu isaaniis “ayyaana,
amantii, fayyina, qajeellummaa, qulqullummaa seera, fi jireenya bara baraa.”
waan adda hin baane kana mee akka barsiisa Kitaaba Qulqulluuti haa ilaalluu!
1)#Ayyaana:- ani kaniin fayye ayyaanaan malee seera eegun fi hujii koon miti, karaan fayyinaa ayyaana
qofa, ayyaanaaniin fayye jachuun ammoo ani "seera dhabeeysaa fi gad-dhiisummaa tiin jiraadha" jachuu
miti seera cubbuu isa du'atti nama geeysu jalaa baheetiin seera hafuuraa isa karaa Yesuus jireenyati nama
geeysu jalaan gale malee, naamusa jireenyaa kaniin itti waamameen qaba. Rom 7:25, 8:2, —Tit. 2: 12
❝Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee,
bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara gaariiitti
nu deebisa.❞

"Ayyaanaaniin fayye" jachaa seera jibbita taanaan amani ati hin fayyine.
2)#Amantii:- amantiin karaan ittiin fayye kan kophaa yoo tahu firdiin ammoo hujii keenyaan akka nuuf
kannamuus dagachuu hin qabnu. amantiin fayyinee ija nama fayyee hin godhannu taanaan muramnee
ibiddati gatamuun keenya hin hafu, May 3:10, 7:19 Yoh 15:2, Gal 5:19-22, 2Phex 2:20-21
'Amantiiniin kara Waaqayyoo dhihaadhe" jachaa hujii gaarii jibbita taanaan if beeki ati du'aadha.
3)#Fayyina:- fayyinni hujii Waaqayyo tahuus kan nuti amantiin fudhannuudha, fayyine jachuun firdii jalaa
baanee du'a karaa hafuuraa nurra ture jalaa bahuun jiraatoo tahu dha lubbuun teenya amantiin fayyitee
hafuuraan jiraattuu taate, akka gara gantummaa fi badiinsaa hin deebineef eeggachu feesisa. Efe 2:1-10(8)
hujii fayyina keenyaan wal hin fakkaanne hojjachuun nurraa hin eegamu kanaafiis fayyina keenya haa
eeggannuu.❝... Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa!❞ —
Filp. 2: 12 "fayye" jachaa gad-dhiisummaan jiraatta taanaan na itti yaadi baduuf jirtaa.
4)#Qajeellummaa:- qajeellummaan koo isa hujii koon argamee miti, isa Kristoos fannoo gubbaati hojjate
malee, garuu ani "qajeelaan tahe" jachuun "hujii gaariin jibba" jachuu miti.❝Yaa obboloota ko! Namni
tokko, "Ani amantii qaba" jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu
yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ?❞ —Yaq. 2: 14

Yaq 2:22-26 dubbisi!"hujii Kristoosiiniin qajeelaa tahe" jachaa hujii qajeeltootaa hin hojjattu taanaan du'aaf
qophaawaa jirta.
5)#Qulqullummaa:- ani hujii Kristoosiin qulqulluu kaniin taasifameedha kana jachuun amma
"xuraahummaaniin jiraadha" jachuu miti,
a) ququllummaan karaan ittiin Waaqayyoo wajji jiraannu kan kophaati, 1Tas 4:3 —1Tas. 4: 7
❝Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame.❞

b) adeemsaa fi deddeebii keenyaaniis qulqullummaaf yaamamne. ❝Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e,
isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!❞ —1Phe. 1:15, fi jireenya isa Waaqayyo itti nu
waameedha.

c) karaa ittiin Waaqayyoon arginuu kan kophati ❝... Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan
ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!❞—Ibr. 12: 14

6)#Seera:- seerri karaa muussee dhufe kan fiidalaa san nama fayyisuu hin dandeenye hin dandahuus, (2Qor
3:5-17) kana jachuun warri ayyaanaan fayyine seera maleeysa taane jachuu miti, nutti warri ayyaanaan
karaa Kristoos fayyine naamusa jireenyaaf kan tahu seera hafuuraa isa karaa Kristoos nuuf kanname qabna,
seerri kuniis cubbuuf biyya lafaa jala gallee jiraachuu ganuun akka fayyina keenya eeggachaa,
qulqullummaa fi qajeellinaan hujii gaarii hojjachaa jiraannu nu godha. Tit 2:11-14 dubbisa!
beeki seera malee jiraatta taanaan amala amanaa osoo hin tahin amala sheeyxaanaa qabda seera
dhabeeysummaan amala jallinaa kan sheeyxaanaa fi hordoftoonni isaa bara dhumaa ittiin mullataniidha.
2Tas 2:8-12 dubbisi!
7)#Jireenya_bara_baraa:- jireenya kanati kaniin gale Kristoos amanuu qofaan yoo tahu, akkaan barbaade
jiraachuun mootummicha keeysaati itti fufna jachuu miti.
sababni namoonni mootummaa Waaqayyoo keeysaa itti bahan maal faadha?
a) gantummaati deebi'uu, Ibr 6:4-6
b) osoo beekanii cubbuuti citanii hafuu Ibr 10:26
c) ija jireenyaa nama amanerraa eeggamtu godhachuu dhiisuu, Ibr 6:7-8hubbadhu:- jireenyi bara baraa
warra gantuu, warra cubbuti citanii jiraatanii fi warra ija jireenya kan isaan irraa barbaadamu hin godhanne
keeysa hin jiru.Kristoos seera hundumaa fiinxaan baasuu fi raawwii seeraa tahuuf dhufe malee maqaa
ayyaanaa tiin seera diiguuf ykn seerati na hidhuuf hin dhufne, Mat 5:17-20 .Warri akka waan seerri
diigamee fi gatii dhabeeti barsiisu hundi isaanii warra cubbuuf jireenya isaa kannuun jiraatuudha, seerriis
isaan kana adabuuf waan kannameef hin jaalatan.
Bara kana keeysa yeeyyiin warri dhaloota cubbuu fi badiinsaaf qopheeysan fi warri seera qofati rarra'uun
hujii fayyisuu Kristoos Yesuus dhala namaa tiif hojjate dhooksuu yaalaniis if sirreeysu qaban.
#Hubadhaa:- Kitaabni Qulqulluun akka fedha keenyaati akkaan jiraannuuf osoo hin tahin akka fedha
Waaqayyoo ti akka jiraannu nu qajeelchuuf barreeyfame.
Baruumsiis tahee doctrine (hundeen amantii) luqsii nuti filanne qofarrati hundaahu hundi dogongora.
“Ayyaanaaniin fayye” jachuun seera dhabeeysaan tahe” jachuu miti, “seeraan qaba” jachuuniis “ayyaanaan
gane” jachuu miti!

#DUBBII_QULQULLOOTAA
#ARAARSUMMAA_QULQULLOOTAA

🎤. Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

🎤. Maatiwwan Waaqayyoo bakka jirtanitti nageenyi fi jaalalli Waaqayyoo isiniif haa ta’u. Araarsummaan
haadha teenya dubroo Maariyaamii, Eegumsi Ergamootaa, kadhannaan Qulqullootaa nu hunda waliin haa
ta’u, Ameen!
#Araarsummaa-Qulqullootaa

🎤. Araarsummaa jechuun kadhannaa yookin giddu galummaa qaamni tokko qaama biraaf godhuudha.

🎤. Qulqulloonni cubbamtootaaf gara uumaa isaanii gara Waaqayyootti ni kadhatu. Kadhannaa isaaninis
Waaqayyoo fi nama gidduutti Araarsitoota yookin giddu galeeyyii ta’u. Raawwii Araarsummaa keessatti
qaamolee sadituu jira. Isaanis.
1. Araarsaa (giddu gala)

🎤. Kunis hojii yookin gahee namoota qulqullaa’oo fi Ergamootati. Kan kadhatan immoo waa’ee
cubbamtootafi. Museen “ummanni kun cubbuu guddaa hojjetanii jiru. waaqa warqees ofii isaanitii
godhatanii jiru. amma cubbuu isaanii kana isaanif dhiisi. Yoo ta’uu baatee garuu kitaaba jireenya irratti kan
barreessite maqaa koo haqi” (Ba’uu 32:31) jechuudhan giddu galaa fi araarsaa ta’ee ummata Israa’el
badiirraa oolchee jira.
2. Kadhatamaa

🎤. Kadhatamaa jechuun araarsummaa, kadhaa, giddu galummaa kan fudhatu jechuudha.

🎤. Innis Waaqayyoodha. Kadhannaan nama hundaatuu galmi isaa fuundura Waaqayyooti. Waaqayyoon
immoo kadhannaa uumamtoota isaa hundaa fudhatee hojii heyyamaa fi arjummaa isaa hojjeta.
3. Kan kadhatamuuf

🎤. Araarsitootni gara Waaqayyootti kadhaa kan dhiyeessaniif nama Waaqayyootti yakke yookin cubbuu
hojjeteedha. Warri kadhatamuufis raawwii araarsummaa keessatti gahee mataa isaanii qabu. Kadhannaa
araarsichaatti fi dhiifama kadhatamaa (araaramaatti/Waaqayyootti) amanuun, cubbuu hojjeturraa gaabbin
deebi’uu qaba.Ummanni Israa’el boojii Baabiloon jala jiran raajaa Eermiyaasin “Waaqni kee Waaqayyoon
harka keetin gara keenyatti waan erge hunda yoo raawwachuu baanne gidduu keenyatti ragaa amanamaan
dhugaa haa ta’u. jecha Waaqa keenya Waaqayyoo dhaga’uu keenyan gaariin akka nuuf ta’uuf, gaariin
yookin hamaan yoo ta’e gara isaatti kan si erginu Jecha Waaqa keenya Waaqayyoo ni dhageenya” (Eerm
42:5) jedhaniin ture.Namni kadhatamuuf gaabbii galuuf heyyamaa yoo hin taane, kadhannaa qulqullootatti
yoo hin amannee fi nama kadhatamuuf ta’ee yoo hin argamne qulqulloonni kadhannaa isaan isaaf kadhatan
akka dhaaban Waaqayyoon isaanitti hima. “egaa si hin dhaga’uutii waa’ee ummata kanaaf hin kadhatin.
Waa’ee isaanifis waywaata fi kadhaa hin taasisin, isaan hin araarsin” (Eerm 7:16). “Musee fi Saamu’eel
fuundura koo dhaabbatanis, lapheen koo gara ummata kanaatti hin deebi’u, fuundura kooti isaan gati/dhiisi,
haa bahan” (Erm 15:1) jechuun dubbatee jira.Araarsummaan yookin giddu galummaan kun Waaqayyoo
irraa kan heyyamameedha. Akka namoonni gowwoonni tokko tokko jedhan kan manni kiristaanaa keenya
qofti uumtee miti. Seenaa kitaaba qulqulluu keessatti bakka gara garaatti caqafamee jira. isaan keessaa
muraasa yoo ilaallu.Mootichi Geraaraa Abemelek haadha manaa Abrihaam Saaraa yeroo fudhatetti
Waaqayyoon abjuun itti mul’ate akka deebisu erga akeekkachiise booda “Raajadhaatii waa’ee keef ni
kadhata. Atis ni fayyita.” (Uuma 20:1-7) jechuun Abemelekin ajajee jira. Abrihaam akka Abemelikiif
kadhatu kan heyyame Waaqayyoodha.Akkasumas dubbii gara garaan Iyyoobin dhukkubsaa kan turan
jaalattoonni isaa sadan gara isaa, isa gaafachuuf yeroo dhufanitti garboota sadaniin akka tajaajilaa koo
Iyyoob waan qajeelaa waan hin taasifneef dheekkamsi koo siifi hiriyoota kee lamaan irratti laboobee jira.
“Ammas gara tajaajilaa koo gara Iyyoob deemaa, tajaajilaan koo Iyyoob waa’ee keessaniif ni kadhata. Anis
akka dadhabina isaanii akkan isaan irratti hin taasifne fuula isaa nan simadha” (Iyyoob 42:7) jechuun
Waaqayyoon kadhannaa jaraarra kan Iyyoob akka dhaga’u ifatti dubbatee jira.Qulqulluu Phaawuloosis
araarsummaan Waaqayyorraa kan kenname ta’uu yoo ibsu “Egaa Waaqayyoon nuun akka kadhatamu,
waa’ee Kiristoosif nuti ergamoota. Waaqayyoo waliin araaramaa jennee waa’ee Kiristoosif isin kadhanna”
(2Qor 5:19) jedheera. Gama biraanis hojiin araarsummaa hunda dura raawwachuu akka qabu yoo ibsu
“waywaannaa fi kadhannaa, araarsummaanis, galannis waa’ee namoota hundaaf waa’ee moototaa fi
qondaaltota hundaaf akka taasifaman hunda duran isin gorsa. Namoonni hunduu akka fayyanii fi dhugaa
gara beekutti akka gahan kan barbaadu Waaqayyoo, qoricha keenya fuunduratti gaarii fi gammachiisan isa
kanaadha.” (1Xiim 2:1-4) jechuun barataa isaa Xiimootiwoos gorse jira.
#Araarsummaan_maalif_barbaachisee?

🎤. Araarsitootni (araarsummaan) kennaa Waaqayyoon cubbamtootaaf kenne ta’uu ilaallee jirra.


Araarsitootni kun maalif kennaman. Waaqayyoon ofii isaatii maalif dhiifama hin goone. Maaf giddu gala
barbaade? Kanaaf deebii akka itti aanutti ilaalla.

🎤. Ijoonni Waaqayyoo gara qajeeltotaa, gurroonni isaas gara iyya (kadhaa) isaanitti waan ta’eef. (Faaruu
33:15).

🎤. Aarsaan cubbamtootaa Waaqayyoo biratti jibbamaa, kadhannaa qajeeltotaa garuu isa biratti kan
jaalatamee ta’uu isaan (Fakk 15:8).

🎤. Waaqayyoon cubbamtoota irraa waan fagaatuf, kadhannaa qajeeltotaa garuu waan dhaga’uuf (Fakk
10:29).

🎤. Kadhannaan qulqullootaa hojii isheen baayyee humna waan taasiftuuf (Yaa’I 5:16).

🎤. Kadhannaan qulqulloota harka Ergamichaan gara Waaqayyoo waan bahuuf (Mul’ata 8:3-5).

🎤. Kadhannaan qulqullootaa dhukkubsataa waan fayyisuuf, cubbuu waan haquuf (Yaa’iqoob 5:14)

🎤. Araarsummaan ibsituu waadaa qulqullootaa waan ta’eef.


Kadhannaan qulqullootaa hamma bara baraatti malee erga boqatanii booda kan dhaabbatuu miti. Kennaa fi
hojiin araarsummaa biyya lafaarratti isaanif kenname isaan waliin deema. Gooftaan keenya ofuma isaatii
kan dubbate Abrihaam qaama lubbuun osoo jiruu kadhatamee jira. isarra dabree cubbamtichi Naweenis
waa’ee obboloota isaa lafarra jiraniif kadhatee jira (Luq 16:19).
Heenook mul’ata isaan “Iddoo sanaayis ijji koo Ergamoota waliin kan keessa jiraatan bultoo isaanii;
iddoowwan qulqulloota waliin jiraatanis nan arge. Waa’ee ilmaan namaafis raawwatanii ni kadhatu.”
(Heenok 9:22) irratti dubbatee jira. bakka biraattis “qajeeltotni samiirra jiraatan jecha tokkoon ta’anii, wal
ta’anii ni galateeffatu. Namaafis raawwatanii ni kadhatu” (Heenok 12:34) jedha.
#Waadaa_qulqullootaa
“Warreen filadhe waliin waadaa koo raawwadhe” (Faaruu 88:3) akkuma jedhe Waaqayyoo qulqullootaaf
Waadaa keessa hin deebi’amne gale.
Waadaa jechuun walii galtee jechuudha. Walii galteen Waaqayyoo qulqulloota waliin gales.
#Waadaa_Raajii

✅. Waadaa Addaam (Uum 3:14)

✅. Waadaa Nooh (Uuma 9:13)

✅. Waadaa Abrahaam (Uuma 17:1-xu)

✅. Waadaa Daawwit (Faaruu 88:28-28)

#Waadaa_hojii.

🎤. Hojiin kan kennamuudha. Gooftaan yeroo lafarra deddeebi’aa turetti kan galeedha. Fkn

✅. Lubbuu isaa anaaf jedhee kan balleese ni argata

✅. Isin kan simate anas ni simata

✅. Maqaa isa tokkoon bishaan qorraa kan obaase gatiin isaa jalaa hin badu.

✅. Kunoo Ilmikee, kunoo haati kee.

✅. Hanga xumuura addunyaatti isin faanan ta’a

✅. Cubbuu isaanii kan dhiiftaniif ni dhiifama, kan irratti qabdaniif garuu ni qabama.

#Waadaa_Uumamaa.

👉. Wal jijjiirraa halkaniif guyyaa

👉. Wal jijjiirraa Waqtiilee

Aduun guyyaa, addeessii fi urjiin halkan ibsuu.


Waadaan qulqullootaa Akkamitti ibsamaa?

🎤. Maqaan isaanii kabajaan waamamuun “Maqaa kee nan kabaja” (Uuma 12:12).
🎤. Maqaa isaaniin manneen kiristaanaa ijaarun

🎤. Maqaa isaaniin galchaan ni gaha, ni galfama

🎤. Tsabala isaanin dhukkubsataan fayyuun

Maqaa isaanin beela’aa nyaachisuun, dheebotaa obaasun, daaratti uwwisuun, dhukkubsataa gaafachuun,
hidhamaa hiksisuun, keessummaa keessummeessuu.

🎤. Maqaa isaanin Tsillaatiin ni bocamuun, fakkiin ni kaafamuun, kitaabni barreeffamuun fi.k.k.f.

Waadaa fi Fayyina Ilma namaa.

🎤. Waaqayyoon Abbootiif akka isaan fayyisu Waadaa isaanif gale. Fkn

🎤. Ilmoo Ilmoo keerraa dhaladheen si fayyisa (Qal 2)

Ummanni lafaa hunduu siin eebbifamu (Uum 3:15)


Mallattoon waadaa koos anaa fi addunyaa gidduutti ni ta’a (Uuma 9:13) fi.k.k.f.
#Araarsummaa_Qulqullootaa

🎤. Araarsummaa jechuun nama balleesse/cubbameef dhiifama godhaa yookin kan cubbuun irratti
raawwatameerra dhiifama kadhachuu jechuudha.
Qulqulloonni Waaqayyoof dhiyoo ta’uu isaanirraa kan ka’ee fi cubbamtootaaf waan yaadaniif araaraaf
Waaqayyoo fuundura dhaabbatu. Araarsummaan isaanii kun immoo lubbuufis, foonifis ni barbaachisa.
Yeroo baayyee ummata Israa’eliif Museen kadhateera. (Ba’uu 32:7-15; Lakk 11:1-3; 14:11-21)
“akka isaan hin balleessineef lola isaa akka deebisuuf kan filame Museen yeroo dheekkamsa isaatti
fuundura isaa osoo dhaabbachuu baatee isaan balleessuuf dubbate” (Faaruu 105/106:23) jechuun
araarsummaa Musee ibseera.
Araarsummaa Abrihaam (Uumama 20:1-xum)
Araarsummaa dubroo Maariyaamii (Yoh 2:1-11)
Araarsummaa Iyyoob (Iyyoob 42:7-9)
Erga boqatanii boodas hojiin isaanii isaan hordofa.
#Meeshaalee_Qulqullaa’oo

🎤. Meeshaalee tajaajila afuurawaaf adda bahanii fi foo’amaniidha. Meeshaaleen kunneenis.

#Taabota.

✅Waaqayyoon irra taa’ee kan ummata isaatti dubbatuudha. (Ba’uu 25:21-22).

✅Maqaan Waaqayyoo “Alfaaf Oo, Beexaa yaawuxaa” jedhan kan irratti barreeffamaniidha.

✅Taabonni Waaqayyoo samiirras ni jira (Mul’ata 11:19

#Fannoo
✅Fannoon meeshaa qulqullaa’aa tajaajila Waaqeffannaaf ooludha.

✅Fannoon mallattoo Kiristaanummaati.

✅Fannoon meeshaa lolaa isa afuurawaati.

✅Fannoon humna Kistaanotaati

✅Tajaajilli Fannoo malee raawwatu hin jiru

#Meeshaalee Faaruu
____________________

✅Sagalee bareedan Waaqayyoon galateeffachuuf oolu.

Fkn.Baganaa, Masiinqoo, Imbiltaa, Faaggaa, Ulullee, Kabaroo, Tsinaatsil, Ataamoo, himoo


____________________
#Uffata_Qulqullaa’oo.
____________________

🎤. Uffata qulqullaa’oon uffata yeroo tajaajilaa Luboonni uffatanii tajaajilanii fi Akkasuma uffata
meeshaalee qulqullaa’otti uwwifamaniidha. Isaan kanneen koorsii Sirna mana kiristaanaa keessatti bal’inaa
ilaallee turre. Itti deebi’aa dubbisaa.

'''Mee kanas naa Gaafadhaa

> Yeroo baay'ee irra hedduun namoota Kitaaba barnootas ta'ee kitaabota yaadaa fi dhimmoota adda addaaf
barreeffaman,Dubbisanii qormaata deebisuus ta'ee yaadota fi dhimmoota jedhaman hubachuun isaan
rakkisa, yaa ta'u malee kitaaba qulqulluu isa Afuura waaqayyoon barreffamee fi dhoksaa gadi fagoo
qabu,hubachuufis laphee qulqulluu Gaafatu sana haala salphaadhan dubbisani waan hubatan yeroon itti
fakkatu ni mul'ata, Dubbisuu waan dandeenyuf qofa Ergaa fi dhimmicha hubachuu danda'uunis waan
biraat...
>Anis dandetti isaani ceepha'uuf yaade miti, Kamtuu irra salphata yaada jedhuuf garuu kallatti yaadachiisa
ni qajeelcha jedheen amana, kanumatti aansudhanis, yaadota kitaaba qulqulluu fi yaadota isaan Dhimma
Araarsummaa Dubaroo Maariyaam irratti qaban, dubbi kitaabatin yoo madaallu.....
>Yoh 2:4-11,irra jiruun cidha Qaanaa Galiilaa irratti #Araarsummaa Dubaroo Maariyaam gochaan arginee
jirra, Namootni gariin immoo lakki isheen Araarsuuf hin dandessu jechuun yaada fallaa dhiyeessu, gariin
immoo hirmaannaa fi kadhannaa Dubaroo Maariyaam warra dadhin jalaa dhumee kanan Araarsummaadha
jedhu....
>Mat 12:42,Gubbatti immoo, akkasin barreffame:- Mootittiin #Azeeb Guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kana
wajjin kaate ni mul'atti, ittis in #farachiifti(itti murteesisiisti)....ንገሥተ #ዓዜብ በፍርድ ቀን ከዚህ ትውልድ ገር
ተነሥተ #ትፈርድበተለች ...caqasa kanarraa akka hubannutti, Mootittin Itoophiyaa Iyyasuus kiristoos waliin
dhufuudhan murtoo kennisiisuu kan Dandeesse, Dubaroo Maariyaam immoo Haadha Mootii Mootata kan
taate akkamin Araarsuu hin dandeenye????........#Mee Naa Gaafadhaa,Araarsuu moo? murtessutuu caala?,
Qulqulloonni immoo, Araarsuu bira darbanii Murtessuu akka danda'an barreffamee jira innis kunoo:-~1qor
6:2, warreen waaqayyoof qullaa'an Addunyaa kanatti akka #Murtessan isin hin beektaniree?, biyya lafatti
in murteessitu erga ta'e immoo dubbii xixiqqoo ilaaluf hin taataniree?, nuy #Ergamoota waaqayyootti akka
murteessuf akka jirru hin beektaniree? Hammam caalaa caalaa dhimma jireenya addunyatti hin
#murteesinuree?>Hub:Qulqullotni Dubbii murtessuudha gadi ta'e kanneen akka Araarsuu isaaniti cimee
miti,Isaanuu Afuura qulqulluun Gaggeffamanis Afaan isaanitin, Araarsu akka danda'a yoo Dubbatan,
2qor 5:19, irratti jecha Araarsummaa nurratti dhiise jechun ragaa bahani jiru...>Nutis kana waan beeknuf
jireenya keenya Keessatti kadhaa fi Araara Isaanittis ni fayyadamna, Maqaa isaanis lafa hundatti
waammanna, kanaafis sababa qabna:->Mat

#Araarsummaa_Ergamootaa_Macaafni_Qulqulluun_Maal_Jedha ??
Jalqaba Irratti Ergamoota jechuun Kadhannaa namaa Gara waaqayyootti Kan waaqayyoo Gara Namaatti
kan geessaniidha!
#HoE_10_4
#Luk_1_13= Haa taʼu malee, maleekaan sun akkana isaan jedhe: “Yaa Zakkaariyaas, wawwaannaan kee
waan siif dhagaʼameef hin sodaatin, haati manaa tee Elsaabex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohaannis
jettee moggaasta
Manni Amantaa #Ortodoksiis Kanuma Hubachuu dhaan #Araarsummaa_Ergamoota_Waaqayyoo Hubattee
Kabaja jaraaf maluuf bakka jaraaf malu nii laatti! Faalla Isaa Ammoo Addunyaan
#Araarsummaa_Ergamoota_Waaqayyoo Ganuu dhaan Faallaa macaafa qulqulluu Yemmuu deemu Falmii
gogaa Ragaa hin qabne yeroo falmuufii Lubbuu baayyee gara si'oolitti Oofu Agarra!

#Ergamoonni_waaqayyoo_Nii_Araarsu ??
#Eeyyeen Macaafni qulqulluun Bakka heedduutti #Araarsummaa_Ergamootaa Yeroo dhugaa bahu nii
agarra!Kana kaasuu kootiin dura #Kitaaba_Qulqulluu Yeroo dubbisnu Of Eeggannoo guddaaf beekumsa
guddaa qabaachuu qabna Dabalataan Maalif akka barraa'e Eessatti akka barraa'e Aadaa biyya kamiitiin
akka barraa'e Beekumsa dhuunfaa keenyaa bilisa of goonee Xiinxaluun barbaachisaa dha! Ta'uu
dhabaannaan Ofiis bannee Lubbuu baayyes gara Boolla si'oolitti Oofna fayyinaaf osoo hin taanee badiisa
keenyaaf sababa ta'a kanaaf Of Eeggannoo guddaa gochuu qabna!
Namoonni Heedduun akkasitti badaa akka jiran nii beekna waanta'eef!
Gara dubbii koitti gaafan deebi'u
#Araarsuumma_Ergamootaa Hubachuuf Caqasa Armaan gadii Xiinxaluu dhaan Haa'ilaallu! Isa jala
sararane hubadha!
#R_Dan_12_1 Yemmuu sana Ijoollee saba isaaf kan dhaabatu Angafni Ergamootaa #Mikaa'el niika'a!
#Luk_1_19 An fuuldura waaqayyoo kanan #Dhaabadhu Gebri'eeliidha! Egaa Araarsummaa Ergamootaa
irratti gaaffiin Yemmuu ka'u Caqasni kun lamman gaafa laatamu #Shakkitoonni Kanan #Dhaabadhu jedha
malee #Kanan_Araarsu hin jedhu jechuu dhaan deebii laatu Kun Wallaalummaa irra darbee Dooda'uudha!
Maalif yoo tettan
#Akka_Hiika_Macaafa_Qulqulluutti_Dhaabbachuu jechuun Maal jechuudha ?? Dhaabbachuu jeechuun
#Araarsuu jechuudha! Mee macaafa qulqulluu haa'ilaallu

#Bahu_32_3 👉Museen gara waaqayyootti deebi'ee Akkas jedhe Balleessaa jaraa kana jaraaf dhiisi ta'uu
dhabaannaan Anaan galmee jireenyaa kee'irraa nahaqi jedhee Waaqayyoon #Dura_Dhaabbate Waaqayyo
fuula hin qabu Isa fuuldura dhaabbachuun kan danda'amuf Eenyullee hin jiru #Yoh_1_18 Waaqayyoon
Argee kan beeku Eenyullee hin jiru jedha! Dabalataan Waaqayyo afuuradha Ergamoonni #Fuuldura isaa
dhaabbatu yemmuu jedhamu akka yaada foonii keenyaatti Waaqayyo taa'e Ergamoonni ammo fuldura isaa
dhaabbtu jechuu miti Ergamoonni Afuurota Waaqayyos Afuuradha Kanaf dhaabbachuu yemmuu jedhamu
araarsuu kadhachuu jechuudha.
waaqayyo Afuura akka ta'e yemmuu dubbatu yohaannis akkas jedhe.#Yoh_4_24 Waaqayyo Afuura jedha
Ergamoonni afuura akka ta'an yeroo dubbatu phaawuloos akkas jedha. #Ibr_14 Hunduu akka fayyina
Argataniif gargaaruuf kan ergaman #Afuurota mitiire jedha.Kanaaf waaqayyo #Afuura Erga ta'e
Ergamoonnis #Afuurota erga ta'ani Akka mitti fuuldura waaqaayyoo dhaabbatamare ??
Kanaaf #Dhaabbachuu jechuun #Kadhachuu jechuu dha! Isa museen Raawwate kana daawit yemmuu hiiku
Akkas jedha.#Far_116_23 Akka jara hin balleessineef dheekkamsa isaa isaan irraa akka deebisuuf Museen
Waaqayyoon dura osoo #Dhaabbachuu dhaabaatee waaqayyo jara balleessuuf dubbate jedha! Egaa Museen
Akka Nuti amma yaadaa jirru kanatti waaqayyo taa'ee Museen Ammoo fuuldura Waaqayyoo dhaabbate
jechuudha ??Lakki Museen Osoo waaqayyoon #kadhachuu dhaabaate Waaqayyo jara balleessuuf dubbaete
jechuudha!Kanaaf Qulqulluun gebri'eel An Fuuldura waaqayyoo kanan dhaabadhu gabri'eeliidha inni
jedheef Mikaa'el Ammoo Saba isaaf kan dhaabatu kan jedhame sun #Araarsummaa isaanii bifa ifaa ta'een
nuuf ibsa jechuudha!Kanaaf dhaloonni Iccitini macaafa qulqulluu isaa hin galle akka kitaabolee birootti
macaafa qulqulluu kan dubbisu baayyen Ofisi badee Lubbuu baayyese #Jaalala_Ergamootaa irraa fageessee
gara du'a bara baraatti Oofaa jira!😭Kanaaf #Poostiin kun Warra jiranuuf Cimina Warra badanii karaa
badiisaa irra jiraniif Ammoo kan ittiin deebi'adha.

Gaffii shakkitootaa
Manni kiristiyaanaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo kadhannaa isa "Yaa abbaa keenyaa ..." jedhutti
dabaluudhaan kan isheen kadhattu "Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin ..." isa jedhuudha.

Waanan irra deebi'ee (post) maxxanseef nan qabaati isinis irra deebi'aa dubbisaa❗

Shakkitoonni kadhannaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos barsiise (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4) kadhata
isa "Yaa abbaa keenya" kan jedhu gara gaditti hin argamu waan ta'eef isin "Yaa abbaa keenya" kadhata
jedhutti inni dabaltanii kadhattan kun eessumaa dhufe, keessaa fiddan❓ jedhanii nu gaafatu.

Waan si dhibu Kitaabuma qulqulluu abbaa 66 keessaa kan madde dha sumatu hin agarreef malee.
Namoonni (shakkitoonni) tokko tokko iccitiin kitaaba qulqulluu kan hin galleef akka waan kitaaba
qulqulluurra hin jirreetti yemmuu isaan dubbatan ni mul'ata. Isaanumatu bakkasaa yemmuu argan callisanii
waan bira darbaniif waan achirraa hin jirre isaanitti fakkaata. Garuu kadhannaa kana yeroo jalqabaaf
qindeessuudhaan kan dubbatan:-
1. Ergamaa waaqayyoo qulqulluu ergamaa Gabri'eel,
2. Harmee qulqulluu Yohaannis cuupha qulqulleettii Eelsaabeex,
3. Raajoota keessaa raajicha Isaayaasii fi Hisqeelidha.
Isaan kun waa'ee kabaja haadha waaqayyoo kan isaan dubbatan qulqulloonni raajonni kunii fi Luqaasis
wangeela isaanii keessatti barreessanii jiru. Nuti lafaa hin fuuneem, achumarraa argannee akka kanatti itti
fayyadamne bar.
Mee isa nuti kadhannaa "Yaa abbaa keenyaa ..." jedhutti aansinee jennee kadhannuu fi isa isaan jedhanii
barreessan haa ilaallu.

1. "Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya durboo Maariyaam nagaa siin jenna ..."

Jecha kana akkuma kadhata "Yaa abbaa keenyaa ..." isa jedhu xumurree "Ameen!" erga jennee booda
jalqaba irratti jecha ("Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya durboo Maariyaam nagaa
siin jenna") kanaan kadhannaa kana immoo jalqabna.

☞ Egaan "Ergamaa Gabri'eel qulqulluu" : - yemmuu akkas jennu ergamaa Gabri'eeliif ulfina kennuu keenya
dha. Innis ergamaa waaqayyo qulqulluu, amanamaa, ergamaa nageenyaa, abbaa missiraachoo fi kkf
ta'uusaa ibsuudhaafi.

Sababni isaa immoo missiraachoo akka garbummaa seexanaa jalaa kan ittiin baanu dhalachuu gooftaa
keenya kan durbee Maariyaamiitti hime waa'ee nageenya argachuu keenya waan nutti lallabeefidha.

☞ "Yaa giiftii keenya durboo Maariyaam" : - Akkas jechuun keenya Maariyaamii haati gooftaa keenyaa
karaa qulqulicha Yohaannis harka gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos ilma isheetiin akka haadha bara
baraatti dabarfamtee nuuf kennamte (Yoh.19:26-27). Akkuma Taabonni Waaqayyoo Museetiin saboota
Waaqayyoo warra amananiif kennamte (Bau.31:18), giiftiin keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiinis
karaa jaalallee Waaqayyo qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaan warra amananiif kennamteetti
(Yoh.19:27). Giiftiin keenya durboo Maariyaamiin nu hunda keenyaaf giiftii akka isheen taate kan ittiin
ragaa baanu jechuudha.

Namni gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gooftaa gooftotaa, mootii moototaa ta'uusaa amanuu hunduu
haatisaa immoo moottitti, giiftii (Faar.44(45):9) ta'uushee amanuun dirqama kiristiyaana amanee tokkotti.

☞ "Nagaa siin jenna" : - Jecha kana kan nuti jennuuf Gabri'eeliitu waaqayyo irraa ergamee
Maariyaamiidhaan ''nagaan siif haa ta'u'' isheen jedhe.🌹(Luq.1:28) "Waaqayyoo gooftaan sii wajjin jira;
nagaan siif haa ta'u!"Ergamaan waaqayyoo Gabri'eel akkas kan isheedhaan jedhe nutis akkuma ergamaa
kana "nagaa si gaafanna" jechuu keenyaan "nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin nagaa si jenna" kan
jennuufi. Kanaafuu isa ergamaan waaqayyoo qulqullichi ergamaa Gabri'eel dubbate kana qulqullichi
Luqaas afuura qulqulluun guutamee kitaaba isaa keessatti barreessinaan achirraa agarree dubbifnee
qulqulleettii durbee Maariyaamiin akkas jenna.

2. "... Yaada keetiinis durboodha, foon keetiinis durboodha ..."☞ "... Yaada keetiinis durboodha ..." : - Jecha
kana yemmuu jennuu isa qulqulleettiin durbee Maariyaamiin jettee ergamaa qulqulluu Gabri'eeliif deebii
deebifte irraa kaanee kan akkas jennedha."Anoo dhiira hin beeku, ammallee durba dha" (Luq.1:34) jette.
Himni isheen "Anoo dhiira hin beeku" jette yaada isheetiin durba ta'uushee mul'isa. Ergamaan qulqulluu
Gabri'eelis gara fuulduratti dhiira barta ittiin jedhe osoo hin taane "Afuura qulqulluutu sirra buluudhaanidha
mucichi kan sirraa dhalatu" itti jedhe. Gara fuulduraattis yaada dhiira beekuus akka hin barbaanne jechi
ishee kan mul'isuu dha. Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiin yaadanillee isheen
durbaaf akkas ittiin jenne. Kitaaba qulqulluutu akkas jedhee barreeffamee jira waan ta'eefi.

☞ "Foon keetiinis durboodha ..." : - Utuu gooftaa hin dee'in, erga deesseen boodas isheen durbadha.
Qulqulleettiin durbee Maariyaamii, qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef osoo hin taane,
waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan taateefidha.

"Ani Waaqayyo gooftaa keessan; qulqulluu waanan ta'eef, isinis of qulleessaa, qulqullootas ta'aa! ...
namummaa keessan hin xureessinaa!" (Leew.11:44, 1Pheex1:16).

Egaan caqasa armaan olii kanarraa waaqayyo qulqulluun, "qulqulluu ta'aa!" kan nuun jedhe akka nutti
qulqullummaan jiraanne mootummaa isaa dhaallufidha. Malee inni dhufee foonii, dhiigaa fi lubbuu keenya
irraa fudhatee nurraa dhalachuuf akkas nuun hin jenne. Garuu qulqulleetti durbee Maariyaamii bultoo isaa
godhatee, dhufee dhiigaashee, foonshee fi lubbuushee irraa kan fudhatee dhalate haati keenya qulqulleettiin
durboo Maariyaamiin qulqulleetti akkamitii❓ Gama hundumaan qulqullinni ishee qoramtee qulqulluu
waan taateef waaqayyoo inni qulqulluun kun dhufee irraa dhalate. Qulqulleettiin durbee Maariyaamii,
qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef osoo hin taane, waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan
taateefidha.

Qulqullummmaashee kanas kan dubbatan raajotaa keessaa raajaa Isaayaasiidhaa fi Hisqeeliidha.

🌹Raajichi Isaayaas (Isa.7:14) "Durbi durbummaadhaan ulfooftee ilma ni deessi" jedhee waa'ee
durbummaa isheetii dubbateera.

🌹Raajichi Hisqeelis (Hisq.44:1-2) "Balbala dinqii kan ta'e, cufaa jabaadhaan kan cufame kallattii baha
nan arge. Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan ba'e hin jiru" jedhee innis raajiin waa'ee durbummaa
ishee dubbateera.
Innis raajichi Hisqeel waa'ee durbummaa ishee fakkeenyaanidha kan dubbate. Gooftaa malee tokkollee
namni biraa irra akka hin dhalannes kan raajedha. Nutis sagalee barreeffame jiru kana agarree "Yaada
keetiinis durboodha, foon keetiinis durboodha" ittiin jenna.

3. "... Yaa haadha waaqayyoo isa mo'aa, nagaan siif haa ta'u ..."

☞ "Yaa haadha waaqayyo isa mo'aa" : - Jecha kana kan dubbate qulqulluu ergamaa Gabri'eeliidha hubattee
ilaalteette yoo ta'eefi.

"Ilma ni deessa, maqaa isaas "Iyyesuus" jettee ni moggaafta. Innis guddaa ilma waaqayyo jabaadha.
Waaqayyo gooftaanis teessoo abbaasaa Daawwit ni kennaaf, innis gosa Yaa'iqoob irratti bara baraaf ni
MO'A, mootummaan isaas dhuma hin qabu" (Luq.1:32-33).

Kanaafuu ergamaan kun isa waa'eesaa "mo'aadha" jedhee isheetti lallaba jiru kana qulqulleettii durbee
Maariyaamiitu waaqa isa mo'aa kanaaf haadha taata jedhee itti himnaan, isheenis isa deessee maqaa kana
itti moggaaftee, nuti immoo haadha waaqayyoo isa mo'aa isheedhaan jenneem, maal nuun kitaaba
qulqulluutti amannaka yoon shakkinee beerkanaree❓

"... Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan
isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" jedhama. Guddinni mootummaa
isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawwitii fi mootummaa isaa irratti mo'aa
dha ..." (Isa.9:6-7).

Mucaan nuuf dhalate kun, ilmi nuuf kenname kun waan hundumaa irratti mootii kan ta'e waaqayyoo fi
mootii ... kan ta'e kun gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoosidha. Mucaa nuuf kenname kana,
waaqayyoo isa ta'ee fi mootii isa ta'e kana immoo kan nuuf deesse haadha keenya qulqulleettii durbee
Maariyaamidha. Kanaafuu isheen haadha mucaa kana, waaqa kanaa fi haadha mootii kana waan taa'eef,
"haadha waaqayyoo isa mo'aa" ittiin jenne. Hin sobneeree kunoo raajicha Isaayaastu akkas jedhewoo❓

Kanaaf namni "Waaqayyo mootii miti" jedhuu fi mo'aa ta'uusaa hin amanne hin jiru. Haati isaa immoo
kanaaf "haadha mo'aa" jedhamte, isa deesse waan ta'eefi.

☞ "Nagaan siif haa ta'u" : - Jecha kanallee gubbaatti ilaalleerra, isa ergamaan waaqayyoo qulqullichi
ergamaa Gabri'eel akkas siin jedhe nutis isa faanaa buunee akkuma isaa nagaa si gaafanna jennee "nagaan
siif haa ta'u" jenna jechuu keenyadha.
4. "... Ati dubartoota keessaas adda taatee kan eebbifamtedha ..."
Jechi kun dursa Kakuu moofaa keessattis raajii fi mootii kan ta'e solomoo ilma Daawwitiin dubbatameera.

🌹"Dubartoota baay'eetu wanta ba'eessa (gaarii) hojjeta, ati garuu hunduma isaanii caalta ... " (Fakk.31:29).

Sagalee raajii caqasa kanarratti barreeffamee jiru immoo kakuu haaraa keessatti akka duuka bu'oota harka
ishee irra kaa'uun afuura qulqulluu irra bulchuun osoo hin taane, sagalee ishee qofaa dubbatteen afuura
qulqulluu kan irra bulchite, isheenis afuura qulqulluun guutamtee haati qulqullichi Yohaannis cuuphaa
Eelsaabeex adaadaan ishee "Eelsaabeet sagaleeshee ol fudhattee 'ATI DUBARTOOTA KEESSAA KAN
EEBBIFAMTEDHA' mucaan ati gadameessa keetti baattus kun eebbifamadha" (Luq.1:39-42) jettee raajiin
kunis akka isheef dubbatamee nuuf mirkaneessitee jirti. Jecha kana kan dubbattes afuura qulqulluudhaan
guutamteeti.

☞ Eelsaabeex kun tarii gaafa akkas qulqulleettii durbee Maariyaamiin jette kun Ortodoksiidha laata akkuma
ijoollee Ortoo koo ammaa kana isheetiin jettee leellistiwoo (faarfattewoo)❓ Kan akkas isheetiin jedhus
isa afuurri qulqulluu irra jirudha. Kan isheerra bulee ragaa bahees afuura qulqulluudha.

Dhugumayyuu haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamiin akkas jechuuf afuura qulqulluun
guutamuu fi afuurri qulqulluu yoo irra jiraate malee kan akkas isheen jedhu hin jiru. Fakkeenyaaf haadha
qulqullicha Yohaannis cuuphaa Eelsaabeex fudhachuu dandeenya. Afuurri qulqulluun kan hin guutamnee
fi irra kan hin jirre ishee arrabsa malee akkas isheen jedhee galateeffachuu hin danda'u. Sababni isaas afuura
qulqulluun hin guutamne waan ta'eefi.

Eelsaabeet afuura qulqulluutu ishee guunnaan qulqulleettii durbee Maariyaamiidhaan sagaleeshee ol


fudhattee akkas ittiin jette. Nutis sagalee keenya ol kaafnee haadha gooftaa keenyaan "Ati dubartoota
keessaa kan eebbifamtedha" ittiin jenna. Isa afuurri qulqulluu guuterraa dhageenye waan ta'eef, maal
rakkina qaba❓ Homaayyuu, afuura qulqulluun guutamuu keenya agarsiisa. Akkuma Eelsaabeex
jechuudha.

Mee gaaffii tokko shakkitootaaf, Warri Maariyaamii arrabsitan afuura maaliitu isin guute? Inni afuurri
qulqulluun guutewoo qulqulleettii durbee Maariyaamii akkasitti galateeffataa, Kan keessan har'a kun
maalidha mee nutti himakaa, Maalinni? _________________.

"Mataa bineensichaa irra maqaa arrabsootu jira (Mul.13:1). Waan hamaa fi arrabsoo akka ittiin dubbatuuf
afaannii kennameefi jira. Maqaa Waaqayyoo, #bultoo_isaa arrabsuuf afaan saaqqate. (Mul.13:5-6) jedha.

Tariiti afuura bineensa kana hin ta'iin hin hafne, kan isin keessa bulee akka isin ishee arrabsitan isin godhuuf
...

5. "... Firiin garaa (gadameessa) keetiis kan eebbifamedha ..."☞ Firii garaa (gadameessa) qulqulleettii
durboo Maariyaamii kan ta'e gooftaa keenya fayyisaa Iyyesuus kiristoosidha. Kanaafuu firiin gadameessa
qulqulleettii durboo Maariyaamii eebbifamadha, isa eebbifamaa fi qulqulluu ta'e waaqa itti baatte waan
ta'eef (Luq.1:42).

☞ "Mucaan ati gadameessa keetti baattus kun ebbifamadhaa" (Luq.1:42).

☞ Dubartiin dubbii gooftaa keenyaatti gammade tokko uummata keessaa kaatee "Gadameessi si baatee fi
harmi ati hootee guddatte attam kan eebbifamedha" (Luq.11:27) jette.
Caqasa kana gaditti kan argamu shakkitoonni gaafa argan gooftaan gara gadii isaatti inni garuu deebiseefii,
"#Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga'anii kan raawwatan haa gammadan, isaan
eebbifamoodha!" (Luq.11:28) jedhe. As irratti hubatamu kan qabu akka addaa saba Israa'elitti "eebbifamaa,
arjaa, ..." namaan jennaan namni akkas ittiin jedhame sunis deebisee akkasuma nama akkas ittiin jedhe
sanaan jedha ture. Akkuma amma biyya keenyatti yeroo ayyaanaa "baga geesse", yeroo wal bakka bakka
biraa turre wal bira dhufnu "baga nagaan dhuftee, .." waliin jennee yemmuu namni nu gaafatu nutis akkas
jennee waliif deebisaa jirru kanadha jechuudha dubbiin kun.
Kanaafuu dubartii kun kabaja ofii isheef jettee akka gooftaan galateeffatuuf yaaddee jecha kana itti
dubbatte. Gooftaan keenyas akka isheen yaadde osoo hin taanee deebii biraa ittiin jedhe. Garuu gadameessi
haadha isaa eebbifamaa akka ta'ee kan ibsu immoo caqasuma kana keessaa jecha "... #keessumattu ..." jedhu
kanan gooftaan keenya mikaneesseera. Kunis "Eeyyee eebbifamadha, itti dabalees warri sagalee (dubbii)
koo dhaga'ee raawwatu eebbifamadha" jechadha malee akka ati hiiktu sana mitiin bar. Nutis egaa kanaaf,
achiirra arginee dubbifne "Firiin gadameessa (garaa) keetii kan eebbifamedha" jennee ishee jajanna
wangeelarraa agarre waan ta'eefi.

6. "... Kennaadhaan kan guutamte yaa giiftii gammaddu gammadi! waaqayyo sii wajjin jiraati ..."

☞ Jecha kana kan dubbate waaqarraa gara qulqulleettii durbee Maariyaamitti kan ergame qulqulluu
ergamaa Gabri'eelidha.

🌹 "Kennaadhaan kan guutamte gammadi, waaqayyoo gooftaan si wajjin jira" (Luq.1:30).

"Waaqayyoo sii wajjin jira" kan jedhu immoo iccitii Sillaasee ifatti kan ibsudha. Innis waaqayyo
qulqulleettii durbee Maariyaamii akkamitti wajjin ta'e yoo jenne, "... Afuurri qulqulluun si irra bula, humni
waaqayyo abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo
'Iyyesuus' jedhamee waamama" (Luq.1:35).
Egaan Waaqayyo abbaan irra golboobuun, afuurri qulqulluu irra buluun, Ilmi immoo foon isheerraa foon,
dhiiga isheerraa dhiiga, lubbuun isheerraas lubbuu fudhachuun irraa dhalatee, akka kanatti Sillaaseen
qulqulleettii durbee Maariyaamii irratti mul'ataniiru. Nutillee waaqni itti amannu sadiis tokkos akka
jedhamu kanaan ragaa bahaa jirraa jechuudha. "Isinis dhuga-baatuu koodha." (Luq.24:48).

Kan biraan jechi kun qulqulleettiin durbee Maariyaamiin akka isheen nuuf kadhattu (araarsitu) kan ibsudha.
"Kennaan afuuraa gosa #garaa_garaatu jira, afuurichi garuu tokkichuma. Afuurri tokkichi kun hojii
hundumaa hojjeta. Inni akka fedha isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa adda addaa hiraaf (kennaaf)"
(1Qorn.12:4-11) jedha.Ergamaan Waaqayyo immoo haadha keenya qulqulleetti durbee Maariyaamiin
waaqa biraa ergamee "#Kennaan_kan_guutamte" isheetiin jedhee isheetti dubbateera. Kanaafuu haati
keenya qulqulleettiin durbee Maariyaam afuurri qulqulluu kennaa garaa garaa kan kennu kanan isheen
immoo kennaa gosa garaa garaa kanan guutuudha. Kennaa garaa garaa kan jedhame kana keessas kan isheef
hin kennamne tokkollee hin jiru. Ragaan keenya isa ergamaan waaqayyoo qulqulluu Gabri'eel dubbatee
qulqullichi Luqaas "#Kennaan_kan_guutamte" jedhee barreessedha. Kalaas kanuma. Kennaa garaa garaa
jiran keessaa tokkommoo kennaa #araarsummaa (#kadhachuu) ti. 101%.

Caqasa armaan olii (1Qorn.12:4-11) irratti kennawwan eeramanii (maqaa dha'amanii waamanii) jiran
keessaa #araarsummaan (#kadhachuun) hin jiru jechuu dandeessa ta'a. Isa kanammoo qulqullichumti
Phaawuloos ni irraanfata seetaaree❓ ergaa isaa gara warra Qorontoos/Qoronxoos lammaffaa keessatti
kennaawwan jiran keessa #araarsuun (#kadhachuun) kennaa isa tokko ta'ee akka jiru barreesseera.
"Waaqayyo cubbuu namootatti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa ofitti araarse; #Araarsuu
(kadhachuu) isaa kana immoo #kennaa godhee hadaraan nutti kenneera." (2Qorn.5:19-20).

Kanaafuu maarree haati keenya kennaan waan guutuu taateef nu araarasti jechuudha. Kennaa araarsummaa
(kadhachuu) qabdikaa kanaaf nu araarsiti. Haati keenya kennaa hundaan kan guutamte, waaqayyoo
fuulduratti surraa fi dhaga'amummaa kan argatte, mirga ilma ishee dhaabbattee (Faar.44(45):9) nu araarsiti.
Kan dhaabbatuus waa'ee ofii isheef osoo hin taanee nuuf ijoolleeshee warra taaneefidha.

Kanaaf nutis egaa akkuma ergamaan Gabri'eel ishee galateeffate ishee galateeffachuu qabna jenneeti.
Ergamaa Gabri'eelirraa dhageenyee, isa qulqullichi Luqaas barreesse achirra dubbifne hojiirra oolcha
jirraam nuti hin shakkine fudhanneerra. Kan shakkitee shakkituudha malee.

7. "Jaallatamaa ilma kee gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos biraa araaraaf dhiifama nuuf
kadhadhuu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf ameen."

☞ Gargaarsi haadhaa fi kadhannaan haadhaa waan guddaa hojjeta. Akka harmee Yaa'iqoob ilma Hisihaaq
/Isiyaaq ilmashee Yaa'iqoobiin eebbisiifte Uma.28.

Nutis haati keenya ilmashee kadhattee dhiifamaa fi araaraa nuuf kenniisiifti. Kadhannaan ishee bishaan
daadhii waayiniitti jijjiiruu danda'a waan ta'eefidha (Yoh.2:1-10).

Ilmishee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos immoo cubbuu keenya nuuf dhiisa (Luq.1:50, Maat.11:28-
29).
Walumaa galatti Kitaaba qulqulluu keessatti akka armaan olii kanatti barreeffameera. Waan nama
gargaaruu fi nu jajjabeessu kitaaba qulqulluu keessaa fudhatanii itti fayyadamuun hamaa hin qabu, cubbuus
hin qabu gaarii dha malee. Nutis har'a kanaaf leeyyoo tokko malee itti fayyadamna.

🌹"... Ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin leeyya'u." (2Xim.1:12).

🌹"Ani wangeelatti hin leeyya'u ..." (Room.1:16).

Qulqulleettiin durbee Maariyaam haadha Waaqayyoo isa jiraataa waan taateef waaqa irraa kan ergame
qulqulluu ergamaa Gabri'eeliin akka galateeffatamte afuurri waaqayyoos irra kan bule Eelsaabeetiin akka
galateeffatamte afuurri waaqayyoos kan dhugoomseef dhaloonni fayyina barbaadan ishee ni galateeffatu,
ni kabaju, ni jaallatus, kan ishee kabaje waaqayyo jiraatadha waan ta'eef. (Luq.1:48-50, Rom.8:30-33).

🌹"Dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti, maqaan kee galataan akka yaadatamu nan godha; kanaafis
namoonni lafa irraa yeroo hundumaa bara baraan si jajatu" (Faar.44(45):17).

🌹"... Ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana qabeettii anaan jedhanii na galateeffatu" (Luq.1:48).

Warri ishee jibbanii ari'ataniis ilmaan jawwichaati (Mul.12:12-18).

Ortoon keenya bara baraan nuuf haa jiraattu. Isheen waan hundumaa kitaaba qulqulluu irratti hundoofte
deebii qabdi. Waan leeyyoftus gonkumaa hin qabdu.

#Dhugaa_kan_Namuu_hin_jiijiiruu_Waaqayyootuu_filatee!!!!
#Nageenyii inni dhugaa mootii nagaa isaa dhugaa Iyyasuus kiristoos aragama
Nageenyii lubbuuu inni samii waaqayyoo akkuma aragamee nagaa kan biyyaa lafaas isumaa argama.
Namnni hundinuu waa'ee nagaatiif waanta irraa barbaachisuu afuura jaallalan hubannoo, dhiifamaan wal
gargaaruuttiin nagaa irraattii hirmaachuu qaba.

Yaa namoota nagaa Iyyasuus kiristoos hundaa caala.


Egaa nuuti namoonni lafaa irraa jirruu sa'aati waalakkaa keessaattii cubbu 10000 kan olii hojjanu afaan
keenyaa cubbaam kan qulqulloota yeroo arrabasisuu waaqayyoo caalisee nuu illaalee.
Guyyaa muraatituu jirraa waaqayyoo ni argaa.
Gaaruu namnii tokko maqaa Iyyasuus kiristoos waamaam kiristoos qofa jettee tole amanii. waaqayyoo kan
kabajee ati silaa ni arrabasitaa aangoo kan eenyutuu isininf kennee??

Ammoo isinin qulqulloota waan taatanif Qulqulloota arrbaasituu lakkii sobanni homaa hin godhuu dhugaa
haa dubbaanu.
Homaa gochuu hin dandeesaan maaliif?
Waaqayyootuu filatee.
oduu kee har'aa waaqayyoo kabajaa kenneef irraa isaani hin hirisisuu isumaaf waayyoo!!!

Tole kaa Kiristoos Ogummaa naf kennee jettuu miti??


maree akkamiin qulqulloota isaa kabajaan Ogummaa kennuu dhisaa?

Egaa namoonni ofi guddisuu seexanaa basaa jetuu mare. Qulqulloonni waaqayyoo sodataani seexanaa
akkamii hin ajajamanef?
sifu ajajamee miti??

2ximo 3:-15
Beekuumsi waaqarraa ilmaan namaattiif kennamee
Akka jechaa kessaanitii yaadaa waaqayyoof kennuu barbaduu isinin gaaruu waaqayyoo waaqummaa
isaattiin beekaa dha.

Namnni beekumsaa waaqayyoo kennnuf beekaadha.

Qulqulluu Phaawuloos daa'imummaa keeti jalqqabdee barreeffama Qulqullaa'aa isaa kiristoos


Iyyasuussiitti amanudhaan akka faayyitti Ogummaa siif kennuu dandaa'u akka bartee ni bekkta 2ximo 3;15
jedha miti.

Egaa waan gaafii hundaa keenyaatti taa'uu qabu Iyyasuus kiristoos ati lafaa kan irraatii cubbuu meeqa
hojjatee gaaruu aangoo naf kenneen jechuun jirraatu miti??
qulqulloota waaqayyoo kabajaani jirreenya isaani gutuu waaqayyoof bitaamani mee akkamiitiin?
Isaanii Aangoo hin kenamuu jettee yadaa?
Ati kiristoos si kabajee miti?
Atu lafaa kan irraatti cubbuu meeqa hojjatee Iyyasuus an kabajee jettee dubbatuu
Tole akkamiitin jirreenya isaanii gutuu Qulqullooni Waaqayyoo sodataani cubbuu irraa bilisa taa'aa aangoo
sif kennee sana isaa dhowaata jettee yaadaa? ?
Yaa badii kee
Afaan keetu dabaa dubbatee .
waaqayyoo sodachuuf kabajaa abboomin isaa egaani akkamiiti ofi gadiiti illaataatee mee waaqayyoo kan
isinin irraa fuadhaataree? ?

Dhugaa afaan kee kan cuufu ni dandaa'aa gooftaa. dhugaa koo waaqayyoo sodachuu Ogummaa guddaadha.

Waaqayyoo sodaachuun immoo ajaja isaa eeguudha fi akka eeyyama isaatii imaluu jechuudha Milk1;6
Kunis seeraa isaa dagachuu dhiisuu kabaja waaqummaa isaaf ta'uu qabu kennuufii dandaa'aa kanaafis kan
waaqayyoo kabajee olaantummaa kenneefi yaaduun sodaachuu qaban.

Maat 5;17 Egaa inni mataa isaa seeronni yeroo ooritii jirraa hunduu akka hin hafe nuu ibsaa
dogogorsitoonnii tokko tokko kan jedhan yeroo dhaban Araarsummaan yeroo kakuu moofaa tureera.
Yeroo kakkuu haaraa garuu hin jiruu Araarsummaa kan hojjetu Ykn Araarsaa kakkuu haaraa gooftaa
Iyyasuus qofadha jechaa #Waaqa Amalummaa kan ta'eef kadhatamaa kan ta'e Waaqayyoo irraatti waan hin
taanee dubbatu Waaqayyoon waaqani qulqulloota dhiifamaa isaa godhuu Ameen.

Nuuti gaaruu dhugaa kan dhoksu, jaalisuus hin dandeenyuu.


#Araarsummaa Qulqulloota caqasaa irraatti iddoo hedduu ta'e jirraa.
Yoo hunbanee waaqayyoo koo iccitti abbootii fi Qulqulloota ibsitee anfis ibsii akka hin dogogoree yaa
waaqa abbootii koo nan eegii jechaa kee naf ibsii caala dursaa beekaa ofi godhuu dhisinee!Beekaa waaqa
qofa.Yoo kiristoos aangoo sif kennee maalee beekumsaa mataa keetti wangeelaa lallabu hin dandassuu
dhugaa fudhaadhu.Maat 10;40-42 isinin kan fudhatee anana fudhata jedhee jirraa Iyyasuus kiristoos mataa
isaattii jechaa kan jedhee.Deebisee caqasumaa kan irraatti #Raajoota maqaa #Raajootatiin kan fudhate gati
#Raajoota fudhata Qulqulloonii maqaa qulqulloota fudhatee gatii qulqullichaa ni argataa eenyuuyyuu isaa
xiqqoota kan keessaa tokko maaqa qulqulloota bishaan yoo kennee akka gatii qabu kan dubbatame.
Egaa keessaan Iyyasuus kiristoos addaa?immoo kitabaa Qulqulluu keessaatu adaa?Immoo jechaa
jirratee?Immoo soba ortodooksii irraati bareesee jechuu barbdee?Waaqani waaqa dhugaa waan hundaa an
irraa bardhaa jedhee kiristoosiin eessaa fideere ati kan nama arrabsituu?
Kan qulqulloota arrabasitu.
Miti waan ajai'buu tokko Maaliif kitabaa qulqulluun hin illaale isinin?
Dukkaa bu'aa abbaa wangeelaa barreessee raajaa baraa kakku haaraa aangoo guddaa kan kenneef qulqullun
Yohaannis fakkeenya raajoota fudhaatee barsiisaa turee maalee isaa darbaani Iyyasuus kiristoos qofa lallaba
jedhee? Dhugaa kan immoo deemii yoh 1;23 dubbisii Isaayaas raajichii akkauma dubbatee jedhee lallba
ture.Nuuti immoo ortodooksii dhugaa kan hangaa dhumaa qabanee adeemaan.
Deebisee immoo wangeelumaa Qulqulluu Maatewoos irraattii kan jirruu Araarsummaa duuka bu'oota ni
agarsiisa.
Maat 15;21-28Akkasumas Yaa'iqoob Kadhanna qulqulloota hojii isheettin baayistee humaa ol'anaa akka
qabdu ibsaaa Egaa kitabaa Qulqulluu keessatti waaqayyoon jaalattoota isaaf waadaa akka galee kan ibsu ni
irraa keessa adda immoo?
Faarsaa Daawiti 88(89);3kanaa filadhe wajjiin waadaa nan galee jedhaa
Akkasumas kitabaa Nehimiya 1;4-7 maaloo yaa waaqa samii warreen si jaallataaniif ajaja kee eeganiif
waadaaf dhiifamaa kan eegdu jechudhaa Waaqayyoo kan waadaa galee akka hin dhiisne dubbata ati
addunyaa akkamii keessa jirrataree??

#DUBBII_MAARIYAAMII
#KADHANNAA_DUBROO_MAARIYAAMII

🌻. Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!

🌼. Jaalatamtoota Maatii Waaqayyoo maqaa Waaqayyoon akkam turtanii. Ameen maqaan Waaqa keenyaa
kan galatoome nuuf haa ta’u. Maqaan haadha teenya haadhasaa Dubroo Maariyaamii kan ulfaate haa ta’u.
Akkuma sadarkaa qulqullummaasaanitti maqaan Qulqulloota hundaa kan galatoome haa ta’u. Eegumsi
Waaqayyoo, Araarsummaan haadha keenyaa, eegumsi Ergamootaa, kadhannaan Qulullootaa nu waliin haa
ta’u. Ameen.
#Kadhannaa_dubroo_Maariyaamii.
__________________________

🌼. Haati teenya Dubroo Maariyaamiin Samiirraa Waaqayyoo biraa kan gara isheetti ergamee Ergamaa
qulqulluu Gabri’eelin, warra lafarra jiran keessaa Afuura Qulqulluun kan guutamte qulqulleettii Elsaabexin
erga galateeffamtee booda kadhannaa armaan gadii kana kadhatte (Luqaas 1:46-55).

🕊. “lubbuun too Waaqayyoon ni kabajji” jechuun qaamni koo hundi Waaqayyoon ni kabaju jechuu
isheeti. (Foonin, lubbuun, yaadan) qulqulleettidha waan taatef.

🕊. “Afuurri koos Waaqayyoo fayyisaa kootti ni gammaddi” lapheen ishee, afuurri ishee Waaqayyootti
akka gammadde ibsite.
🕊. “salphina garbittii isaa argee jiraatii.” Tokko salphina Hewaan, lama gad of deebisuu koo argeera jette.
Dubroo Maariyaamiin raajii Isaayyaas 7:14 dubbistee osoon haadha dubrummaan ulfooftee dubrummaan
deessu sana tajaajilee jettee hawwaa turte. Isa kana naaf argeera jechuusheeti

🌼. “kunoo har’aa jalqabee dhaloonni hunduu eebbifamtuu naan jedhu” jechuun dhugoomina warra samii
fi lafaa booda dhaloonni hunduu akka ishee eebbisanii fi galateeffatan ibsite.

🌼. “jabaa kan ta’e Inni, hojii guddaa anaaf raawwatee jiraatii” jechuun wanti namaaf hin taane isheef akka
raawwate, akkasuma immoo namoota hundaaf isheerra dhalachuun fayyina ta’uu isaa ibsitee jirti.

🌼. “maqaansaa qulqulluudha” jechuun maqaan Waaqayyoo adda ta’uu ibsite.

🌼. “dhiifamni isaa warra isa sodaataniif dhalootaa dhalootatti” jechuun eebbi warra Waaqayyoon
sodaatanii fi isaaf abboomamanii dhalootaf ta’uu ibsitee jirti.

🌼. “irreesaan humna taasisee jira” jechuun irree Abbaa kan ta’ee Gooftaadhaan humna taasise

🌼. “warra of tuulan yaada laphee isaanii bittinneesse, moototas teessoo isaanirra isaan salphise, warra
kaasoman garuu yaadate, warra beela’an sugaa isaan quubse, sooressoota harka qullaa hambise, Abbootii
keenyatti akkuma hime Abrihaami fi sanyii isaaf dhiifama bara baraa yaadate; Israa’eliin daa’imicha
gargaaree jira” jechuun Waaqayyoon kabajaa saboota isaaf godhe ifatti kadhannaa isheen dubbattee jirti.

🕊. Waggaa 15ffaa isheetti Ayhudoonni inaaffan irratti ka’anii mana qulqullummaatii baate. Yeroo sanattis
Yooseef akka eeguf mana isaatti ishee fudhate. Akkuma dura ilaalle Yooseef akka mana isaatti fudhatuuf
Lubichi Zakkaariyaas mallattoowwan sadiin erga mirkaneessee booda fudhate. Isaanis.
i. Uleen isaa laliftee waan argamteef
ii. Carraan waan isatti baheef
iii. Gugeen mataa isaarra qubatte ibsuusheen

🌻. Mallattoowwan sadan kana booda Yoosef akka ishee tiksuuf imaanadhaan fudhate.

🔒 Yooseef maalif dubroo gara mana isaatti fudhatee?

✍. Daa’ima waggaa 15 waan taatef akka ishee eeguu fi kunuunsuf.

✍. Waraansa Ayhudootaa jalaa eeguf. Akka seeratti dubartiin tokko Abbaa manaa ulfooftee yoo argamte
dhagaan waraanamte ajjeefamti waan tureef.

✍Hiddi dhaloota Gooftaa gama Yoosefiin akka lakkaa’amu. Akka aadaa Ayhudootatti gama Abbaan
malee gama haadhan hin galmaa’an waan tureef.

✍. Akka ishee tajaajiluuf. Keessattuu yeroo godaansaa sana Yooseef waan baayyeen ishee fi Ilma ishee
waliin gidirfamaa ture.

👉. Sababoota armaan olii kanneenifi Malee akka warri biraa jedhan haadha manaa godhachuuf hin
fudhanne.

➾. Innoo nama qajeelaa fi manguddoo ture.


➾. Qajeelummaa isaarraa kan ka’e gaafa isheen ulfoofteyyuu callisee osoo ifa hin baasin ishee dhiisuf yoo
jedhu Ergamaan "Ilma Daawwit yaa Yooseef isheen kan ulfooftee Afuura Qulqulluu irraa waan ta’eef
kaadhimaa kee gara mana keetti fudhachuu hin sodaatin" jedheen.
Yoosefis tole jedhee fudhatee guddisaa Ilma Waaqayyoo ta’uuf gahee jira.

🌼. Namoonni dubbii kana gara fedha foonii fi yaada foonitti harkisan hiikaa jecha Kaadhimaa jedhu kana
hin hubanne.

🔒. Kaadhimaa jechuun maal jechuudha?

i. Karaa seera qabeessa ta’een gaa’elaan tokko ta'an. warra fedhaan wal fuudhun dura walii galtee galan.

ii. Nama waan guddaa yookin hojii guddaaf yaadame yookin qopheeffame.

iii. Tokkummaa ummataa fi Gooftaa keenya gidduu jiru. “akka dubra qulqulleettitti Kiristoosif isin
dhiyeessuf dhiira tokkoof isin kaadhimeera” (2Qor 11:2).

iv. Kabajaaf, qulqullummaaf filatamuun. “ani kabajaaf (qulqullummaaf) si kaadhimeen ture, ati garuu
seexanaaf taate” (1Goot 12:35) jechuun hima.

Abbootiin icciitiin kun galeef garuu akkas jedhu.

🌻. Abbaa Heeriyaaqos galatoosaan “yaa dubroo yooseefif kan kaadhimamte wal qunnamtiif miti,
qulqullummaan ta’ee akka si eeguf malee”

➾. Lakkaawamuuf Naazret irraa gara Beetaliheemitti eegaa ishee Yoosef waliin deemte. Icciitii kanaanis
Gooftaan Beetaliheemitti dhalata jedhamee raajiin dubbatame akka raawwatuuf.

🌻. Yeroo kanatti sanyiin Daawwit hunduu galmeef garas waan deebi’aniif iddoon haara galfii dhabame.
Haati keenya keessummaa guddaa gara isheetti baattee osoo jirtuu bakka bultii keessummoota irraa iddoo
hin arganne. Guyyuma sanatti yeroon dhalachuu isaa waan gaheef bakka itti haara galfattu waan dhabdeef
gara dallaa loonitti hiiqxe.
Iddoon kun ilaaluf kan hin tolle, funyaanitti kan ajaa’u, mijaa’ina kan hin qabne ture. Gooftaa fi Giiftiin
kana osoo hin balfin Inni achitti dhalate, isheenis achitti dubrummaan isa deesse. Qorraa fi dillallaa irraa
akka isaan eeguf horiin afuura isaanii mucichaa fi haadha mucichaaf laatan. Waan isatti uwwistu dhabdee
carqiin isa marte. Xumuurri isaa harka Yooseefi fi Niqoodimoositti kafanamuu isaa ibsa.

🌼. Ergamoonni fi Tiksoonni Waliin ta’anii gammachuu isaanii Faaruun ibsatan.

“samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u, lafarratti Ilmaan namaaf nageenyi haa ta’u” jedhan.

Gara mana qulqullummaatti barmaata ture raawwachuuf fudhatte. Yeroo kanatti manguddichi Simi’oon
eegaa kan ture Waaqasaa waan argeef na gaggeessi jedhee mucaa ishee kadhate.

🌼. Isheedhan immoo “siifii lubbuu keen seefiin ni dabra” jechuun dubbate.

🌼. Namootni ogummaa harka fuudhii qabatanii mooticha dhalateef sagaduuf urjii bahaan durfamanii
dhufan. Kennaan isaanis
#Warqii. Ati mootidha, qulqulluudha yoo jedhan
#Ixaanaa. Ati Waaqa/luba bara baraati yoo jedhan
#Karbee. Du’a hadhaa’a fudhatta yoo jedhan

“namoonni ogummaa isaaf sagadan, Waaqa waan ta’eef ixaanaa fidaniif, Mootii waan ta’eef warqii fidaniif,
du’a nuuf jedhee heyyama isaan fudhateefis qumbii fidaniif” (G/Maariyaamii).

🌼. Mootiin Heroodsi mucaa ishee ajjeesuf waan barbaaduf mucaa ishee oolfachuuf jiruu godaansaa gara
Misriitti eegalte.

🌼. Gidiraa fi rakkoon gara garaa itti jijjiiramaa waggaa 3 fi ji’a jaha booda mootichi yoo du’u godaansa
irraa ni deebi’an.
________________________
#Waadaa, #Araarsummaa fi #Yaadannoo haadha teenyaa
_________________________

🌼. Waadaa jechuun waliigaltee, kakuu qaama lama gidduutti ta’uudha. Qaamoleen lamaanis waadaa
kennaa fi waadaa fudhataadha. Akkasuma immoo qaamoleen waliigaltichaan fayyadamanis ni jiru.
Waadaan haadha teenyaa waadaa yookin kakuu haadha teenyaa fi Waaqayyoo gidduutti galameedha.
Waadicha kan kenne yookin kan kakate Waaqayyoodha, kan fudhatte immoo haadha teenya. Warri itti
fayyadaman immoo waadaan kun dhugaadha, ni ta’a jedhanii warra amananiidha.
“warreenin filadhe waliin kakuu koon kakadhe, garba koo Daawwitiifis nan kakadhe” (Faaruu 88/89:3)
jedhamee akkuma barreeffame

Waaqayyoon warreen filate hedduuf waadaa galeera. Waaqayyoon waadaa kanas kan galuuf lolasaa
obsasaan; dheekkamsa isaa arjummaa isaan hambisee jiruu bara baraa namoota jiraachisuufi.

➾ Abbaa keenya Addaamifis yakka isaa irraa kaasuf “Ilmoo Ilmoo kee irraa dhaladheen si fayyisa” jechuun
kakateefii jira.

➾. Akkasuma “lammaffaa biyya lafaa bishaanin hin balleessu” (Uuma 9:11-17) jechuun Noohif kakatee
jira.

➾. Akkasumas “sanyii kee akka cirracha galaanaa, akka urjii samii nan baayyisa” (Uuma 12:1) jechuun
Abrihaamiif kakatee jira.

👉. Hundarra immoo waadaa warra kakuu moofaa fi kakuu haaraa gidduu jirtu taatee kan kennamte
“uumaa ol uumamaa gadi kan” jedhamtee kan waamamtu haati keenya dubroo Maariyaamiidha. Waadaan
dubroo Maariyaamiif kenname waadaa qulqulloota biroof kenname ni caala. Waadaan Addaamif kenname
hunduu isaan raawwate. Isheen mucaa waadaa Addaam sana turte. Kanaafuu ummanni qulqulleettii
qulqullootaa kan taatef haadha isaaf kan kenne waadaa ishee yaadun dhiifamaa fi arjummaan akka isaan
mil’atuuf maqaa deessuu Waaqayyootin ni kadhatu.
Isaan keessaa muraasni.

👉. Maariyaamiif jedhii nuuf dhiisi Kiristoos

👉. Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu

👉. Arjummaan Ilma kee nu waliin akka ta’uuf yaa Giiftii teenya gara keenya mil’adhu.

👉. Waa'ee haadha keenya dubroo Maariyaamiif jedhee arjummaa isaatin dheekkamsa

isaarraa nu haa oolchu fi.k.k.f


Kadhannaawwan kana fakkatan kadhannaa waadaa taasifannee ni kadhanna.

🌼. Bu’uura kanaanis haati keenya keennaa hundaan kan guutamte haadha kakuu ta’uu isheen
araarsummaa haadhummaa hin qaanessineen dhiifama nuuf laachifti. “qajeelaa qajeelummaa isaa kan
simate gatii qajeelticha ni argata” akkuma jedhame qulqulleettii dubroo Maariyaamiin simachuu keenyaan
gaatii hin dhabnu.
#Kutaa_saddeettaffaan_itti_fufa...
Arjummaan Waaqayyoo Abbaa, Jaalalli Waaqayyoo Ilmaa, Tokkummaan Waaqayyoo Afuura Qulqulluu
Isin hundumaaf haa ta’u. Hanga bara baraatti Ameen.

Haati Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin nu araarsiti!

“Mootittiin mirga kee dhaabbatti” (Faar.44(45):9).


Qulqulleettiin durbee Maariyaam nu araarsiti. Aaraarsummaa isheetiif raajiin raajotaan dubbatame
tokkichi, “Mootittiin mirga kee dhaabbatti” (Faar.44(45):9) kan jedhudha. Caqasni kun giiftiin keenya
qulqulleettiin durbee Maariyaamii nu araarsuu ishee kan ibsudha. Innis kan mirkanaa’u jecha
“dhaabbachuu” jedhuudhaanidha. Dursa waa’ee araarsummaa ishee kaasuun dura caqasni kun haadha
keenya qulqulleettii durbee Maariyaamii akkamiin akka inni ilaallatuu fi ibsu haa ilaallu!

Caqasa kana keessatti haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamii jecha ibsu kan of keessaa qabu jecha
“mootitti” jedhudha. Caqansi kun “Mootittii” kan jedhu haadha keenya qulqulleettii durboo Maariyaamiin
kan ibsu irraan kan hafe waan ibsu kan biraa tokko illee hin qabu. Shakkitootni garuu yoo akka Seexanni
gooftaa keenyaaf kitaaba qulqulluu keessaa iddoo isaa malee fi wanta wal hin ilaallanne waliin caqasetti
yoo isaanis caqasan irraan kan hafe namni falmu hin jiru (Maat.4:6, Faar.90(91):11-12). Isaan abbaa sobaa
fi shakkitoota waan ta’aaniif, “caqasni kun ishee hin ibsu” jechuu danda’u ta’a. Abbaadhuma isaaniitu
abbaa sobaati kanaafi (Yoh.8:44).

Haati keenya Qulqulleettii durbee Maariyaamiin akkamitti “Mootittii” jedhamuu dandeessiree? Ammas
“Mootittii” kan jedhu ilaaluun fuul-dura waa’ee hiikkaa mootii ilaaluu qabna. Sababni isaa maqaan kun kan
kennameef ilma ishee mootii samii fi lafaa irraa kan madde waan ta’eefi.

Mootii: - “Mootii” jechi jedhu hundee jecha “Mo’aa” jedhu irraa kan dhufedha. Kanaafuu, “mootii” jechuun
karaa hundumaa, waan hundumaan hundaa ol kan ta’e, kan isaa olii kan hin jirre, hunda caalee kan argamu,
hundumaa kan caalu, “Mootii (Gooftaa)” jedhama. Gama saalaatiin (koorniyaatiin) (Gender, ፆታ) yoo
ilaalle saala dhiiraa kan ibsu yemmuu ta’u, gama faallaa kanaatiin dubartiin immoo, “Mootittii (Giiftii)”
jedhamti. Kunii fi hiikkaan itti kenninee keenye kun waan wal nu falmisiisu hin fakkaatu.

Kanaaf Iyyesuus Kiristoos mootii moototaati. Gooftaa gooftotaatis. Galatni isaaf haa ta’uutii akkasumas
inni mootii samiif lafaati. Kan isaan oliis gonkumaa eenyu illee hin jiru hin jiraatus. Namni Gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoos akkasitti amanu hunduu kan isa deessee fi kan inni irraa dhalate immoo haati isaa
mootittii fi giiftii ta’uu ishee beekuu fi amanuun dirqama isaati. Kanaafuu, “... Hoolichi gooftaa gooftotaa,
mootii moototaas waan ta’eef, inni mo’aadha; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra fo’aman,
warra amanamaniidhas” (Mul.17:14).
“Hoolicha” kan jedhame Waaqa keenya, kan qulqulloonni isa nuuf kadhatanii itti nu araarsan, haati keenyas
kan itti nu araarsitu (1Qorn.5:19-20) malee inni kan nuuf hin kadhanne (Yoh.16:26) gooftaa fi fayyisaa
keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Qulqullichi Phaawuloos “... Kiristoos Hoolaan Faasikaa keenya aarsaa nuuf
ta’eera” (1Qorn.5:7) akkuma jedhu, “Kiristoos Hoolaa” jedhameera.

Inni dhuguma mootii moototaa fi gooftaa gooftotaati. Egaa mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa kun
dubartoota hundumaa keessaa ishee filatee ishee irraa dhalatee fi isheenis hundumaa keessaa filatamtee isa
mootii moototaa, gooftaa gooftotaa ta’e kana kan deesse haadha keenya Qulqulleettii durbee Maariyaamii
irraa kan hafe eenyu dha? Kun dhugaa namni beekuu bira darbee, Seexanni illee kan beekudha. Kanaafuu
haati isaa akkamitti “Mootittii” hin jedhamtu jenna ree?

“Naatinaa’el, ‘Rabbi! Ati ilma Waaqayyooti, ati mootii Israa’el!’ jedheen” (Yoh.1:49). Caqasa kana irraa
nama hubatee ilaaluu fi yaaduu danda’uuf waan baay’ee irraa argachuu dandeenya. Innis Iyyesuus Kiristoos
dhaloota inni dhalatedha. Kanaafuu, Iyyesuus dhaloota lama qabaachuu isaati. Namni kana hin amanne
kiristiyaana miti, kiristiyaanummaan Kiristoosiin hundee bartootaa fi raajotaa irratti hundaa’e waan ta’eefi
(Efe.2:20).

√ Jalqabatti Haadha malee abbaa irraa dhalachuu isaati. (Fakk.8:22-23; Yoh.8:54).

√ Bara boodaa yemmuu yeroon isaa ga’ee jedhu immoo Abbaa malee haadha keenya Qulqulleettii durbee
Maariyaamii irraa dhalateera. (Luq.2:1-21; Maat.1:18-25).

Haadha malee abbaa irraa dhalateen abbaan isaa “Mootii moototaa fi gooftaa gooftotaa” akkuma jedhamu,
Abbaa malee haadha isaa ishee inni irraa dhalateenis isheen immoo “Mootittii fi giiftii” hin jedhamtuu ree?
Kanaafuu, Naatinaa’el immoo, “ati mootiidha” isaan jedhe. Egaa isa mootii ta’e kanaaf haadha kan isaaf
taate kanaan maal haa jennu ree? “Haadha mootii fi mootittii” hin jedhamtuu ree?

“... Mana Yaa’iqoob irratti bara baraan mo’aadha, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” (Luq.1:33). As
irrattis, “mo’aadha” kan jedhame gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Kanaafuu haati mootii kanaa
“Mootittii” maaf hin jedhamtu?

Caqasa armaan gadii kana irraa immoo salphumatti waa’ee mootii fi mootittii irraa hubachuu dandeenya.

“... Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan
isaa, ‘Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa’ jedhama. Guddinni mootummaa
isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawwitii fi mootummaa isaa irratti mo’a ...”
(Isa.9:6-7).

Mucaan nuuf dhalate kun, ilmi nuuf kenname kun waan hundumaa irratti mootii kan ta’e Waaqayyoo fi
mootii kan ta’e kun gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Mucaa nuuf kenname kana,
Waaqayyoo fi mootii isa ta’e kana immoo kan nuuf deesse haadha keenya Qulqulleettii durbee
Maariyaamidha. Kanaafuu isheen haadha mucaa kanaa, haadha Waaqa kanaa fi mootii kanaa waan taateef
jaallattus jibbitus “Mootittii” jedhamti. Egaan caqasa kana irraa isheen mucaa kana deesse maal jedhamtee
akka waamamtu salphaatti argachuu dandeenyeerra.

Walumaagalatti, caqasoota armaan olii irraa kan hubannu, Iyyesuus Kiristoos mootii akka ta’e, akkasumas,
haati isa deesse, “Mootittii” akka jedhamtu hubanneerra.

Qulqulleettii durbee Maariyaam uumama hundumaan ol, uumaa gadidha. Kanaafis callisnee jenna osoo hin
taane ragaa kitaaba qulqulluu qabna. Ergamoonni Waaqayyoo Suraafeelii fi Kiruubeel warri jedhaman
yeroo teessoo isaa baatan koochoo isaanii lamaan fuula, koochoo isaanii lamaaniin miilla isaanii golgatanii
isa lamaan hafeen immoo balali’u (Isa.6:1-3, Mul.4:8). Ergamootni kun teessoo isaa baatan malee
Waaqayyoon hin baanne. Durbeen Maariyaam garuu Waaqa kana gadameessa isheetti ji’a sagaliif kudha
afur baatteetti. Ergamootni kun Waaqayyoof nyaata hin laanneef, durbeen Maariyaam garuu harma ishee
hoosiftee, dugda isheettis baattee biyya Gibxiitti godaantee guddifteetti. Ergamootni kun teessoo isaa
baatan malee guyyaa tokko illee isa ajajanii fi abboomanii hin beekan. Durbeen Maariyaam garuu Waaqa
deesse kana ajajachaa fi abboomaa guddifte (Luq.2:51).

Uumama keessaa kan akka ishee godhee beeku eenyu ree? Waaqaan, “ilma koo” jettee kan waamtu
uumama harka Waaqaa keessaa ishee malee eenyu ree? Isheen gama madaala hundumaan hundumaa irra
waan caaltuuf, “Mootittii” jedhamte. Nama taatee uumamtee Waaqayyoof haadha kan taate, Biiftuu
uffattee, Addeessa miilla ishee jala kaa’attee, Gonfoo urjootaa kudha lama mataatti gonfattee dubartiin
argamte ishee qofa (Mul.12:1). Kanaafuu isheetu “Mootittii” jedhamee waamame. Sanyii dhala namaa ta’ee
umurii isaa keessatti cubbuu kan hin qabnee fi hin hojjenne hin jiru, isheen garuu yaada, sammuu, ilaalchaa
fi gocha isheetiin, dhaloota ishee irraa jalqabdee, qulqulluu kennaan kan gonfamte ishee qofaadha.
(Weed.4:7, Luq.1:27, Maat.2:11, Fakk.29:31, Isa.1:9). Kanaafis isheen, “Mootittii qulqullinaati” jedhamte.

Dubartoota keessaa yeroo tokkotti, Haadhas Durbas kan taate hin jirtu, Durbee Maariyaam garuu kennaa
argatteen osoo hin da’in durba, yeroo deessus durba, erga deessees isheen durbadha. Durbummaa bara baraa
qabattee, haadha Waaqayyoos taatee haadha nama hundaas jedhamteetti (Isa.7:14, Luq.1:27, Maat.1:16,
2:11, His.44:1-2, Faar.86(87):5, Yoh.19:26-27). Kana hundaanis isheen nama kam irraa iyyuu addadha.
Haadha Waaqayyoo ta’uu kan danda’e mee namni biraan ishee malee eenyudha ree? Hundumaa irra waan
caalteef, “Mootittii” kan jedhamtu ishee qofaadha. Ishee irraan kan hafees “Mootittii” jedhamtee
waamamuu kan dandeessu eenyu ree?
Egaa haati keenya kana hundumaan uumama hundumaa irraa addatti caaltee waan argamteef “Mootittii”
jedhamte. Isheef waamichi maqaa kun itti xiqqaata malee waan guddaa ta’e miti. Waaqa samiif lafa kana
barruu harka isaa irratti baatu iyyuu, gadameessa isheetti baattee, deessee, dugdaa fi qoma isheettis baattee
guddifteetti waan ta’eef. Maqaan kun iyyuu ishee hin madaalu.

Walumaagalatti, mootittiin kun, Waaqa samiif lafa uume kan deesse, Waaqa mootii moototaa ishee
uumeetiin “Ilma koo” jettee kan isa waamtu, Uumaa hundumaa kan ta’e Iyyesuus Kiristoos mootiin kun
“haadha koo” jedhee kan ishee waamu, Namoota keessaa Waaqa samii fi lafa kana walitti qabee baatu kan
deessee dugdatti baatte, Waaqa addunyaa hundumaa nyaachisee obaasu harma ishee kan hoosiftee, Bara
mucaa namaa irra kennaan Waaqayyoo mulqamee (fudhatamee) jiru sanatti kennaan guutamtee kan
argamte, Dubartoota hundumaa keessaa adda taatee kan filatamte (Luq.1፡28), Kitaaba qulqulluu keessatti,
“deessuu Waaqaa, haadha Gooftaa fi haadha Iyyesuus” jedhamtee galmooftee fi barreeffamtee kan ittiin
waamamtu, Qulqulleettii durbee Maariyaam qofaadha. Kunis Mootittii ta’uu ishee sirriitti kan nuuf
mirkaneessudha. Kan kana caalu maaltu siif haa dhufu ree “Mootittii” hin jedhamtu jettee falmuuf?

Jechi, “Mootittii” jedhu Qulqulleettii durbee Maariyaamiif hin jedhamu taanaan jechi kun utuu addunyaa
kana irraa baddee isheef wayya. Sababni isaa kan kanaan waamuu qabdu erga ittiin hin waamane faayidaan
jechatti kanaa maali ree? Inni shakkitootni, “Maariyaamiin jecha kanaan waamamuu hin qabdu” jettus utuu
dhalachuu baattee akkam gaarii ture? Yoo jirta taatee immoo utuu daftee dhabamtee siif wayya. Osoo hin
beekin bultoo Waaqayyo arrabsuu keetiin bineensicha akka jedhamtu bari! (Mul.13:5-6).

Yoo “kana hin fudhu” jettes akka isheen giiftii taatee fi Mootittii taate caqasi garaagaraa wal tumsuun kan
ishee ibsus jira. Isaan keessaa muraasni: -

“Dubartoota baay’eetu wanta ba’eessa hojjeta, ati garuu hunduma isaanii caalta ...” (Fakk.31:29). Gubbaatti
hiikkaan Mootii (Mootittii) maal akka ta’e ilaallee dabarreerra. Kanaafuu, dubartoota hojii gaarii qaban
hundumaa irra caaltee waan argamteef ishee ofii isaatii filatee irraa dhalateera. Kanaaf isheen “Mootittii”
jedhamtee waamamuuf geesse malee nutu lafaa fuudhee kenneef sitti hin fakkaatin! Sagalee raajii caqasa
kana irratti barreeffamee jiru immoo kakuu haaraa keessatti akka duuka bu’oota harka ishee irra kaa’uun
Afuura Qulqulluu irra bulchuun osoo hin taane sagalee ishee qofaan dubbattee Afuura Qulqulluu kan irra
bulchite isheenis Afuura Qulqulluun kan guutamte Elsaabex adaadaan ishee, “... Ati dubartoota hundumaa
irraa adda taatee eebbifamtuudha ...” (Luq.1:42) jettee raajiin kun akka isheef dubbatamee fi hundumaa
irraa ol taatee filatamtuun kun filatamuun ishee Mootittii ta’uu ishee nuuf mirkaneessitee jirti. Elsaabex
kun tarii gaafa akkas ittiin jette Ortodoksiidha laata akkuma ijoollee Ortoo keenya ammaa kana isheetiin
jette leellistiwoo? Kan akkas isheetiin jedhes isa Afuurri Qulqulluu guutee jirudha. Kan ishee irra bulee
ragaa ba’ees Afuura Qulqulluudha.

“Dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti, maqaan kee galataan akka yaadatamu nan godha; kanaafis
namoonni lafa irraa yeroo hundumaa bara baraan si jajatu” (Faar.(44)45:17). Raajiin kun akka isheef
dubbatame ibsuufis Qulqulleettiin durbee Maariyaam, “... Ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu, ‘ayyaana
qabeettii’ anaan jedhanii na galateeffatu” (Luq.1:48) jettee isheen immoo akka isheef dubbatame
mirkaneessiteerti.

Amma egaa caqasa kana hundumaa irraa haati keenya qulqulleettiin durbee Maariyaam hundumaa irra
caaluu ishee kan hubannedha. Kanaafuu, hundumaa kan caaltu waan taateef, “Mootittii” jedhamuun ishee
dirqamame. Kan hundarra caaluun “Mootii (Mootittii)” jedhu waan ta’eefi.

Egaa erga mootittiin haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamii ta’uu ishee barree booddee,
“akkamitti nu araarsiti? Caqasi kun akkamitti araarsummaa ishee ibsa?” kan jedhu immoo haa ilaallu!

Caqasi jalqabaa sun, “Mootittiin mirga kee dhaabbatti” (Faar.44(45):9) kan jedhu kun araarsummaa ishee
kan ibsu jecha “dhaabbachuu” jedhu kan of keessaa qabu kanadha. Innis jechi “dhaabbachuu” jedhu kun
akkamitti nu araarsuu ishee ibsuu danda’a?

Sagaleen Waaqayyoo, “... ani bantii Waaqaa keessa, lafa irra, ... iddoo hundumaattis nan argama ...”
(Erm.23:24) jedha. Kanaafuu, “mirgaa kee dhaabbatti” jechuun maal jechuu dha? Akka sagaleen kun
(Erm.23:23) jedhutti inni bakka hundumaatti kan argamu waan ta’eef mirgaaf bittaatti isa hiruun, “mirga
koo dhaabbatti” jechuun ni danda’ama? Lakki abbaa koo! Akkamitti ree? “Bakka hundumaan jira”
jedhewoo mee, “mirga isaa dhaabbatti” jechuun maal jechuudha? Iccitiin dubbii kana maalidha?

Gabaabumatti, jechi “dhaabachuu” jedhu kun “araarsuu fi kadhachuu” jecha jedhu kan ibsuu fi bakka kan
bu’udha. Ragaan keenyas Kitaaba Qulqulluu dha. Innis Faarfannaa Daawwit 105:23 irratti, “Waaqayyo
isaan balleessuuf jedhee ture; Museen inni Waaqayyo fo’ate sun garuu, dheekkamsa isaa isa jara balleessuu
irraa deebisuudhaaf, gidduu lixee fuula isaa dura dhaabbate” jedha.

Sagalee kanaa olii irraa akkuma hubannutti Israa’elonni dhiifamaa fi araara kan argataniif waan Museen
Waaqayyo fuuldura dhaabbatteedhaafi. Kanaafuu, “dhaabbate” kan jedhu kun Museen qaama isaan ‘qax’
jedhee fuuldura Waaqayyoo waan dhaabbate qofaaf miti. As irratti “dhaabbate” jechuun isaa, “saba
Israa’eliif kadhate, araara gaafateefi araarse” jechuu isaati. Kanas Museen yemmuu fuula isa dura
dhaabbatetti (kadhateetti), “Uummata kana balleessuu irra anaan galmee jireenyaa kee irraa na balleessi!”
(Bau.32:32) jedhee Waaqayyoon kadhatee saba Israa’el dhiifamaa fi araarsummaa isaatiin araara isaaniif
argamsiiseera.

Kanaafuu, “dhaabbachuu” jechuun “qax” jedhaniituma miilla lamaan dhaabbachuu jechuu qofa osoo hin
taane, “kadhatanii araarsuu” jechuudha. Kanumaafis, “mirga kee dhaabbatti” jechuun, “araarsuuf,
kadhaachuuf dhaabbatti” jedhuudha malee, “miilluma ishee qofaan qax jettee dhaabbatti” jechuu isaa miti.
Inni iddoo hundumaa jirakaa inni!
Kana malees araarsummaa haadha keenya qulqulleettii durbee Maariyaamii caqasootni ibsan kanneen
biroo, “... Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira, Kennaan (Surraan, Ayyaanaan) kan guutamte yaa Maariyaam
nagaan siif haa ta’u ... Waaqayyo biraa Surraa (Ayyaana) argatteettaa hin sodaatin gammadi!” (Luq.1:28,
30).

Jecha kana kan dubbate Waaqayyo biraa kan ergame ergamaa Waaqayyoo Qulqulluu Gabri’eelidha. Caqasa
kana irraas Maariyaamiin nu araarsuu ishee kan ibsu jecha ergamaan kun dhugaa isheef ba’e keessaa jecha,
“Kennaan /surraan/ayyaanaan kan guutamte” jedhu kanadha. Isaan jechoonni kunis dhaga’amummaa
qabaachuu fi araarsummaa kan ibsanidha. Kanas mirkaneeffachuu kan dandeenyu akka sabni Sadoom hin
badneef Abrahaamii fi akka Israa’elootni hin badneef immoo Musee fa’a filatamanii kan turan, haasaa isaan
Waaqayyo wajjin godhan irraa salphaatti hubachuu dandeenya.

Abrahaam, “... Gooftaa koo, ani si duratti surraa argadheera yoon ta’e, ana garbicha kee bira hin darbin!”
(Uma.18:3) jedhe. Kanaanis Waaqayyo biratti surraa waan argateef Sillaaseen mana isaatti dhufanii inni
isaan simateera. Sana booda sababa Waaqayyoo fuulduratti Surraa argateef (qabaateef) saboota Sodoomiif
yeroo ja’a kadhatee Waaqayyo akka isaanitti araaramu taasisee isaaniif araarseera. (Uma.18:23-32).

Surra qabeessummaan haadha keenyaa immoo ergamoota Waaqayyoon kan ragaan ba’ameef, “Ati
Waaqayyo biratti surraa argatteetta” jedhameeti. Akkas jechuun ergamaa kanas, “ati ilmaan namootaaf
araarsituudha” jechuu isaati. Ragaan keenyas isuma amma ati dubbiftee bira dabarte kanadha. Kanaaf
Arbahaam surraa Waaqayyo isaaf kenneen Waaqayyootti saba kana araarseera. Haati keenya qulqulleettiin
durboo Maariyaamiinis Waaqayyo biraa surraa argatte kanaan nuunis nu araarsiti.

Museen, (Bau.33:12-13) “Museen yommus Waaqayyoon, ‘Ilaa, ati saba kana ol geessi!’ naan jette, garuu
eenyuun naa wajjin akka ergitu natti hin himne; haa ta’u iyyuu malee, ‘Ani si beeka, maqaa kees beeka, na
durattis immoo surraa argatteetta’ naan jetteetta. Egaa dhuguman si duratti surraa argadheera yoon ta’e,
akkan si beekutti, si durattis kennaa guutuun akkan jiraadhutti, ‘Hadaraa karaa kee natti argarsiisi!’” jedhe.”
Egaan as irrattis Waaqayyo Museen akka fuula isaa dhaabbattee saba sana araarsuuf Waaqayyo surraa isaa
kennuu isaati.

Surraa gonfatee dhaga’amummaa argate kanaanis akkuma duraan ilaalaa turree dhufnee as geenye
qulqullichi Daawwitis faarsaa isaatiin akkas jedhee faarfateera; “Waaqayyo isaan balleessuuf jedhee ture;
Museen inni Waaqayyo fo’ate sun garuu, dheekkamsa isaa jara balleessuu irraa deebisuudhaaf, gidduu lixee
fuula isaa dura dhaabate” (Faar.105:23) hin jennee ree? jenneerra malee. Museen kan jedhee Waaqayyotti
isaan araarsaa tures, “Yoo itti araaramuu fi dhiisuufii baatte anaan kitaaba kee isa maqaa koo keessatti na
barreeffatte sana keessaa na balleessi!” (Bau.32:32) jedhee jecha gara kuteenya qabuun kadhatee araarse.
Museen surraa qabu kanaan Waaqayyo akka isa dhaga’u waan beekuuf akkasitti kadhatee saba kana
Waaqayyoo wajjin walitti araarseera.
Haati keenyas Waaqayyo biraa surraa argatteen dhaga’amummaa Waaqayyoo biratti qabdu kanaan waa’ee
keenyaaf kadhattee Waaqayyo waliin walitti nu araarsiti. Sababni isaa, “surraa Waaqayyo biratti
argatteetta” ittiin jedhameera waan ta’eefi. Sanuu ergamaa Waaqayyootu akkas jedhee dhugaa ba’e!

Caqasa isa kan biraas yoo ilaalle, “Kennaan afuuraa gosa garaagaraatu jira, afuurichi garuu tokkichuma.
Afuurri tokkichi kun hojii hundumaa hojjeta. Inni akka fedha isaatti tokkoon tokkoon namaaf kennaa adda
addaa hiraaf (kennaaf)” (1Qorn.12:4-11) jedha kunimmooka. Ergamaan Waaqayyoo haadha keenya
Qulqulleettii durbee Maariyaamiin Waaqa biraa ergamee, “Kennaan kan guutamte” isheetiin jedhee isheetti
dubbateef kan dubbate Wangeelli Luqaas ragaadha. Isuma qulqullichi Luqaas barreesse wangeela isaa
keessatti argama kunis. “Eessa irraati naan hin jedhin?” malee. Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee
Maariyaam Afuurri Qulqulluun kennaa garaagaraa kan kennu kanaan isheen immoo kennaa gosa
garaagaraa isa jedhame kanaan guutuudha. “Kennaa garaagaraa” jedhame kana keessaas kan isheef hin
kennamne tokko illee hin jiru. Ragaan keenya isa ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri’eel dubbatee
qulqullichi Luqaas, “Kennaan kan guutamte” (Luq.1:30) jedhee barreessedha. Kennaa garaagaraa jiran
keessaa tokko immoo kennaa araarsummaati.

Caqasa armaan olii (1Qorn.12:4-11) irratti kennaawwan eeramanii (maqaa dha’amanii waamanii) jiran
keessaa araarsummaan hin jiru jechuu dandeessa ta’a. Isa kana immoo qulqullichumti Phaawuloos ni
irraanfata seetaa ree? Ergaa isaa gara warra Qoronxoos lammaffaa keessatti kennaawwan jiran keessa
araarsummaan kennaa isa tokko ta’ee akka jiru barreesseera. Innis, “Waaqayyo cubbuu namootatti
lakkaa’uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa ofitti araarseera; Araarsummaa isaa kana immoo kennaa
godhee Imaanaa nutti kenneera” (2Qorn.5:19-20). Kanaafuu, maarree haati keenya kennaan waan guutuu
taateef nu araarsiti jechuudha. Kennaa araarsummaa qabdikaa kanaaf nu araarsiti.

Walumaagalatti, haati keenya kennaa hundaan kan guutamte, Waaqayyoo fuulduratti surraa fi
dhaga’amummaa kan argatte, mirga ilma ishee dhaabbattee kadhattee nu araarsiti. Kan dhaabbatuus waa’ee
ofii isheef osoo hin taanee nuuf ijoollee ishee warra taaneefidha. Kadhannaan ishees waan inni godhe mana
cidhaa biyya Qaanaa Galiilaa mana Dookimaasitti argineera.

ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo keessatti


Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira.Namootni tokko tokko “Araarsummaa” wanti
jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni
danda’ama.” jedhu.Tokko tokko immo ‘Araarsummaan’ nijira. Ni barbaachisas.” Jedhanii raawwatanii
“Araara kan namaaf kadhatu garuu /Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta’uu ti./ Kiristoosi dha” nuun
jedhu.Kanneen biroo ammoo “Araarsummaan ni jira.Araarsummaan gahee uummamtootaa ti malee gahee
UUMAA ykn gahee WAAQAYYOO miti. Amantaan fi barsiifatni Ortodoksi tawaahidoo illee as
keessatti ramadama.Amantiin pirooteestaantii waa’ee ‘Araarsummaa’ kan qulqullootaa haala armaan
gadiitiin barsiisa.Wanti ‘QULQULLUU’ jedhamu hin
jiru.Hundi keenya /amantootni
hundumtuu/ qulqulloota dha.
Araarsummaan raawwatame kan jedhamu
fooniin yeroo biyya lafaa irra jirru waliif yoo
kadhanne hojii irra oola. Yaada kana qophaa
isaa yoo laalle, yaada isa duraa wajjiin wal-
faallessa “Hundi keenya Qulqulloota erga
taane, inni tokko isa kaanif araara
kadhachuun isaa maalif barbaachise?”
gaaffii jedhu kaasisa.
“Du’a fooniitiin dura malee du’a fooniitiin
booda namni araara namaaf
kadhachuu danda’u hin jiru.” kan jedhu dha.

1. Araarsummaan maal inni?

Araarsummaan sirnoota kadhannaa mana


kiristaanaa keessatti raawwataman keessaa isa
tokko.Manni kiristaanaa kadhannaa
galateeffannaa, kadhannaa “Araarsummaa’ fi
Waaqayyoo irraa waan rakkanne kadhachuu
fi k.k.f. ni qabdi.Kunis dubbisuun fi
yeedaloodhaan raawwatama.
“Gooftaan dhihoo dha.Waan hundumaan
kadhannaan fi araara araarsummaadhaan
akkasumas galateeffannaadhaan kadhaa
keessan Waaqayyoo biratti beeksisaa malee
gonkumaa hin dhiphatinaa.” Jedha.(Fil

4፥6)
“Manni kiristaanaa araarsituu dha.
Sababa kanaaf manni kiristaanaan

‘Kadhannaa Araarsummaa’ /ጸሎተ አስተብቍዖ/ ni

qabdi. Fakkeenyaaf “Waaqayyoon beekumsa fi


Isa sodaachuu akka isaaniif kennuuf waa’ee
qondaaltota fi waa’ee warroota aangoo irra
jiran si kadhanna.”/Sirna qiddaasee/ Kun ammo
waan akka laayyootti raawwatamu odoo hin
ta’in waan ragaa fi bu’uura Kitaaba Qulqulluu fi
dhugaa qabu dha.Phaawuloos qulqullichi
“Egaa, Waaqayyoo fakkachuudhaan fi
tasgabbiidhaan Cal lisnee fi tasgabboofnee
akka jiraannuuf kadhannaa fi Araarsummaa
kadhachuun galateeffannaas namoota hundaaf
mootiiwwaniif fi qondaaltotaaf akka
raawwatamaniif (taasifamaniif) hundaan dura ni

gorsina.” jedhe (Xim (1 ffaa ) 2፥1)

Kiristaanni tokko ofii isaatiif ni kadhata, ni


galateeffatas. Akkasumas ofi irraa darbee
namoota biroof illee araara ni kadhata; ni
galateeffatas. Araarsummaa fi kadhannaan
dhuunfaa bifa addan qoodamanii kan
ilaallamanii dha. Haa ta’u malee lachuu
kadhannaa dha.Lamaanuu qaama kadhannaa
ta’uu isaaniitiin akkuma saantima fuula lamaatti
haa ta’an malee, manni kiristaanaan keenya
garuu kadhaa fi araarsummaa odoo wal-keessa
hin makin adeemsisti.
Kanaafuu araarsummaa jechuun walitti
araarsuu, dhiheessuu, akka waliif galan
taasisuu, dhiifama akka argatan taasisuu
jechuudha.

2. Araarsummaan gahee (hojii) eenyuu ti?

Araarsummaan gahee (hojii) uummamtootaa


qofa dha. Haala kamiin illee haa laallu!
Gonkumaa gahee (hojii) Waaqaa ykn Uumaa
ta’uu hin danda’u.Uummamtota keessaas
uummamtoota lamatu waan kana

raawwatu.Isaanis፦ warri Waaqayyoon kabajee

isaan uume ‘Ergamoota waaqaati fi ilma


namaa keessaa immoo warroota qab-suura
adda addaa keessa dabran arjummaa Isaatiin
warra jaallatamtoota isaa ta’an fi warroota
kennaa waaqayyoo argatan fi qulqulloota ta’anii
dha.

Isaan kana keessaa haadha Waaqayyoo


Qulqulleettii Qulqullootaa kan taate Giiftii Keenya
Dubroo Maariyaami gahee harka caalu
qabdi. Araarsummaan hojii (gahee)
cubbamtootaa miti. Namni cubbamaan cubbuu
isaa of irraa haqsiisuuf caaraaquutu irraa
eeggama malee “kana irraa darbee deema”
jedha taanaan “kan ishii gubachaa odoo jiru
kan ormaa kokorsiti” jechisiisa. Laphee
cubbamtootaa keessaa cubbuu malee eebbi

/ በረከት/ bahuu hin dandau.”Jedha waanta’eef


kitaabni.(Saam. (1ffaa) 24፥13)

3. Araarsummaan bakka meeqatti


qoodama?

Araarsummaan bakka lamatti ramadama.


Tokkoffaan, biyya lafaa kana irratti odoo jiraatan
kan raawwatamu oggaa ta’u, inni lammaffaan
immoo erga jiruu biyya lafaa kana irraa boqatan
booda kan raawwatamu dha.

4. Raawwii Araarsummaa

Araarsummaan Kitaaba Qulqulluu bu’uura


godhachuun akka barsiifannaa mana
Kiristaana keenyatti kallattiiwwan gurguddoo
sadiin adeemsifama.

A, Namni cubbamaan, fedhataan

Araarsummaa Kabaja qulqullootaatiin fi


Miiltoowwan Waaqaa ta’uu isaaniitiin (kennaa
Araarsummaatti) kennaa Waaqa Qulullootaa kan
ta’e Waaqayyo guddaadhaan amanu, barbaadee
fi fedhee qaama Araara isaaf kadhatu bira
dhaqee, maqaa araarsaa sana kabajaan
waamaa yeroo gaafatu kan raawwatamuu dha.
kanaafillee fakkeenya gaarii kan ta’u seenaa

Eelsaa raajiichaati.👇
Moot. (2ffaa) 2፥1-16

“…. Uffata Eeliyaas harkaa fudhate san


fuudhatee deebi’ee qarara galaana
Yoordaanoositti dhaabbate.Uffata harka
eeliyaas irraa fuudhe saniin galaanicha dhahee
raawwatee “Waaqayyoon, Waaqni Eeliyaas
garam jira?” jedhe.Bishaanicha illee oggaa
dhahu, bishaanichi gamaa fi gamanaan addaan
baname.Eelsaan illee ni ce’e.” Kana bu’uura
godhannee;
“Waaqa Qulqullootaa” jechaa kadhanna.
Gara Waaqa keenyatti akka nuuf kadhatan
Qulqulloota of duraa aansina.

Gidiraawwaan, rakkoo fi qormaata nuful-


duratti danqaraman hunda maqaa isaanii
waamaa gara Waaqayyootti oggaa
kadhannu nufuul-duraa dhabama.
“Iyyoosaafxi, raajicha Waaqayyoo; isa maqaa
isaatiin Waaqayyoo gaafannu asitti hin
argamuu? Jedhe hojjettoota keessaa tokko
Eeliyaasiif bishaan buusuun kan tajaajilu fi
tajaajiltoota isaa keessa isa tokko kan ta’e.
“Ilmi saafaaxi Eelsaan as jira” jedhe.

(2Moot.3፥11)👇

Mootichi ofuma isaatii


Waaqayyoo gaafachuu ni danda’a ture, garuu
kana gochuu dhiisee of gad-qabuudhaan
dhihaateera. Kunis kabaja inni qulqullootaaf
qabu agarsiisuufi.Eelsaan illee Waaqayyoo
kallattiidhaan waamee “Bishaan (galaana) kana
addaan naaf saaqi.”Jechuu danda’a ture.Garuu
kabaja fi qulqullummaa abbaa isaa, barsiisaa
isaa sirritti waan beekuuf of gad-qabe, Eeliyaas
immoo ol-qabee kabajee argamuu isaatiin wanti

inni gaafate sun guuttameef jira.👇

B, Qulqullichi, kennaan Araarsummaa itti


kenname sun gaaffii araarsummaa cubbamichi
odoo hin gaafatin qulqullichi fedhiidhuma

isaatiin kan dhiheessuu dha.👇

Adeemsa
araarsummaa isa 2ffaa kana sirritti kan nuuf

ibsu, seenaa muusee isa isa S.Bahuu 32፥1‐32

irratti argamu, isa tokkoo dha. Uummatni


Israa’eel waaqa tolfamaa waaqeffachuu
isaaniitiin Waaqayyoon akka isaan hin
balleessineef Dureen raajotaa Muuseen
Waaqayyoo ful- dura ni dhabbate. Hanga
Israa’eelotni “Waaqayyoo nuuf kadhadhu!”
jedhanitti illee hin eegne. “Yaa Waaqayyo
dheekkamsi uummata kee isa humna guddaanii
fi harka cimaan biyya Misir keessaa baafte
irratti maaliif hammaata?…Balaa keerraa
deebi’i. Hammeenya uummata kee irrattis garaa
laafi.“Sanyii keessan akka urjiiwwan samii fi
cirracha galaanaatti nan baay’isa, lafa waadaa
isiniif gale kana illee isiniif laadha.Bara baraaf
illee ni dhaalu.”Jedhuun gabroota maqaa keetiin
kakatteef san Abrihaam, Yisihiaaq fi israa’eel

yaadi.”👇

Raajichi muusee kadhannaa kana oggaa


xummuru maaltu ta’e jennee odoo gaafanne,
“Waaqayyoonis balaa uummata Israa’eel irratti
buusuuf yaadee ture san ni dhiise.Garaa ni
laafe.” jedha Kitaabni Qulqulluu. Dubartiin
kana’anii daa imni ishii jalaa dhibamte ,araara
gaafachuuf /kadhachuuf/ gara Gooftaa keenya
fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriastoos odoo dhuftu
fi kadhattu, duuka buutootni Gooftaa keenyaan
(… Nu duuba iyyaa jirti waan ta’eef
geggeessin.)jechuudhaan gaafataniiru.

Duuka
buutotni kana kan raawwatan “Gara Gooftaa
keenyaatti naaf kadhaa”. Waan isaaniin jetteef
odoo hin ta’in, kennaa araarsummaa isaaniif

laatameen dha. /Mat 15፥21‐28). Nutis duuba

isaanitti (duuka buutotaatti) yoo iyyine /


kadhanna/akkuma kana nuuf raawwatu.
Seenaa fakkeenya muka balasii tiin walbira
qabamee kaafame fi eegumsa cubbamtootaa
ifa baasee kan agarsiisu illee isuma kana nuuf
addeessa. Cubbamaan tokko gumaa (firii)
buusuu dhabuun (qabaachuu dhabuun) isaa
isaaf beekkamuu dhabaatu illee ergamoota isa
eeganiif fi qulqullootaaf kan beekkamu ta’uu
isaatiin,qulqullootni fi ergamootni isa eegan
isaaf kadhatu.Akkas jechaa. “Yaa Gooftaa
naannawaa ishii shuqunaa koosii /xaa’oo/
hanga goonuuf waggaa kanaaf dhiisiin. (Luuq

13፥10) Isa kana kan beekan Waaqayyoo fi

Qulqulloota isaati malee mukattiin hin beektu.

C, Waaqayyoon qaama Araarsummaa gaafatu fi


gaafachiisu giddutti seenee yeroo ajaju kan
raawwatamu dha.

Waaqayyoo mataa Isaa nama


Isa kadhate kallattiidhaan isa fayyisuu odoo
danda’u, “Abaluun sii haa kadhatu.” maaliif
jedha? Cubbamtoota gara namootaatti maaf
erga? Yoo jenne, tajaajiltoota isaa waan ta’aniif
kabaja isaan qaban ibsuuf qofa dha.
Akkasumas Inni (Waaqayyoon) kallattii baay’een
nama fayyisuu akka danda’u nu hubachisuu fi
Dandeettin isaa kunis bu’aa arjummaa Isaa
akka ta’e nuuf beeksisuu barbaadee ti. Isa k
anaaf immoo fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u
seenaa Abrihaamii dha.
Mootii Geraaraa kan ture Abemeleek
haadha manaa Abrihaami kan taate Saaraa
wajjiin fedhii foonii isaa guuttachuuf, kabaja
ishii salphisuuf barbaadee ture.

Waaqayyoon
garuu cubbamaan kamiyyuu cubbuu isaa irraa
akka deebi’uufi malee akka badu hin barbaadu
waan ta’eef “Haadha manaa namichaa deebisi.
Inni raajaa dha waan ta’eef kadhannaa siif
raawwata, ni fayyitas.“ jechuudhaan gar-
laafeenya Waaqayyoo oggaa ibsuu fi gara
qulqullootaatti oggaa akeeku (qajeelchu)
laalleerra Kitaaba Qulqulluu keessatti.

(S.Uum.20፥1‐18)

Araarsummaa du’a fooniitiin booda jiru


Warrota “Araarsummaa du’a fooniitiin dura
jiru ni amanna.Isa du’a fooniitiin booda jiru
garuu hin amannu.”Jedhaniif Kitaabni Qulqulluu

deebii itti aanu qopheesseefi jira👇

.Araarsummaa
du’a fooniitiin booda jiru ilaalchisee akkas jedha

kitaabni qulqulluu.👇

Lubbuun, uummamtuu Waaqayyoo irraa


namaaf kennamte fi yaaduu, dubbachuu fi
jiraachuu kan nu dandeessistu fi booda irratti
gara Waaqayyootti kan deebitu dha.

(S.Uummamaa 2፥7, Makbib 12፥7) Kanaafuu

qulqullootni sababni isaan waan hunda


beekaniif, du’a fooniitiin booda jiraattota
sababni isaan ta’aniif ,sababni isaan
nudubbisaniif fi kan isaan dubbisnu lubbuu
tanaani. Galatni fi Ulfinni Isumaaf haa ta’uutii
Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus
Kiristoos illee “ An Waaqa jiraattotaati malee
Waaqa du’ootaa. “ sababni jedheef illee kana.

(Maat 22፥32)

Qulqullootni gara Waaqayyoo deeman erga


isaan jiruu adduunyaa kana irraa boqatan booda
waan adduunyaa kana irra raawwatamu
hanguma Waaqayyoon isaaniif ibseen beekuu
akka danda’anii fi Araara akka nuuf kadhatan
Kitaabni Qulqulluu nuuf ibsa.Fakkeenya armaan

gadii haa laallu.👇

A, Dhaloota Kiristoosiin dura waggoota 1500


dursee du’a fooniitiin kan boqate Muuseeni fi
fooniifi lubbuun isaa odoo gargar hin bahin gara
samiitti kan ol bahe Eelyaas lachuu yeroo
Gooftaan foon uffatee dhufe san tulluu Taaboor
irratti mul’atanii jiru ‘Kadhannaa oggaa geessu
(Gooftaan keenya) bifni fuula isaa ni jijjiirrame
uffatni Isaas adii ta’e; akka bakakkaattis ni ife.
Namootni lama dhufanii isa wajjiin haasa’aa
turan.Isaanis Muusee fi Eeliyaas turan.“Kabajaan
mul’atanii waan Iyyaruusaaleem keessa
uummamuuf jedhu waa’ee bahuu isaas

haasa’aa turan. (Luuq 9 ፥29‐31)

B, Wareegamtootni du’a foonii erga du’an


booda, lubbuu foon uffattee hin jirre saniin
waan adduunyaa kana irra raawwatamaa jiru
akka beekan fi Araarsummaa akka nuuf
raawwatan mul’atni Yohaannis akka nuuf
ibsutti haala armaan gadiitti ibsameen
taa’a. ”Hidhaa isa shanaffaa oggaa hiiku,
lubbuu namootaa warra sagalee Waaqayyoof fi
wareegamummaa kan isaan eegan saniif
qalaman siida aarsa isaa jalattan arge. Sagalee
ol-ka’aatiinis iyyaa “Yaa Gooftaa dhugaa fi
qulqulluu, hanga yoomitti harka kee murtii
irraa qabda?Haaloo dhiiga keenyaas hanga
yoomitti warroota lafa irra jiraachaa jiran irratti
baasuu dhiista?” jedhan.Hunda isaaniif uffanni
adii itti kenname. Warroota akkuma isaan
ajjeefaman saniin ajjeeffamuu qaban, gabrootni
michuuwwani fi obboolootni lakkoofsi isaanii
hanga xummuramutti waggoota muraasaaf

akka boqatan jedhameef .” (Mul .Yooh.6፥9‐11)

C. Barnoota Gooftaan keenya Fayyisaan keenya


Iyyasuus Kiristoos barsise keessaa isa tokko
kan ta’e seenaan Abrihaam, Nawee /
dureessichi/ fi Al’aazaar du’a fooniitiin
booda illee Araarsummaa fi kadhaan akka jiru

kan nuuf hubachiisu dha. (Luuq. 16፥19‐31)

D, Pheexiroos qulqullichi erga inni du’ee booda


amantootaaf akka kadhatu ibsuun isaa
ragaa dabalataa dha. “Akkuma Gooftaan keenya
Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos natti
agarsiisetti, jiruu kiyya isa biyya lafaa kana irraa
akkan dafee gargar (addaan) bahu nan beeka.
Wantoota kana yeroo hunda yaaduu akka
dandeessaniif nan tattaaffadha. (2ffaa Phex.

1፥13‐15)

Walumaa galatti👉

Warrootni fooniin du’anii lubbuun jiraattota ta’an


warroota fooniin jiraattota ta’aniif ni a raarsu.
Warrootni fooniin hin dune warra fooniin du’anii
lubbuun jiraattota ta’aniin “Nu araarsaa!” jechaa
ni kadhatu. “Ji’oota sanitttis kadhannaan
jaallatamtootni koo qulqullootni kadhannaan
isaanii gara waaqaatti ol bahe. Warri adduunyaa
kana irraa dabaan ajjeefaman dhiigni isaanii
waaqa ergamtootaa duratti ni jaallatame.
Ji’oota kana keessa qulqullootni samiitti
jiraatan sagalee tokkoon ta’anii wal-ta’anii ni
galateeffatu. Ilma namaaf illee dhugumaan ni
kadhatu. Uumaa isaanii ni

galateeffatu.” (Heenok 12፥33).

Warri fooniin
du’an warra fooniin hin duuneef, akkasumas
warri fooniin hin dune warra fooniin du’aniif ni
kadhatu jechuun kanuma.
Waaqayyoon Kadhaa fi Araarsummaa
Qulqullootaatiin nu haa eegu.

Amen

M/K/O/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa


fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa
Waldaa Ququllootaa
Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila
Duuka bu’ummaatti Kutaa ijoo Babal’iinsa
Lallaba Wangeelaatiin qophaa’e.

-------------------------
# 122
-------------------------
Date: 2023-07-10
Subject:

Kadhannaa Maacaafa Qulqulluu

* Gooftaa koo Iyyasuus Kiristoos! Kabajni kee akkamitti kan midhaageedha; sin jiraachuun akkamitti
namaas gammachisa, addunyaan kan dabartuudha; yaa gooftaa jaalala keen na eegi.

>>> "Yaa bantii waaqaa, kana irratti gammadi!Isin warri Waaqayyoof qulqullooftan, Ergamoonni isaa
warri lafa irraa raajonnis, Waaqayyo isheetti isiniif waan murteesseef gammadaa” ( Mul Yoh 18:20),

* Yaa Gooftaa koo! Badii jalaa na olchi, mootiin samii fi dachee si qofadha; warreen waaqummaa keetti
amanu kabaja fi humna kee itti agarsisi.
>>> "Ammas yaa Waaqayyo! Mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo si duwwaa akka ta’e akka
beekanitti, ati harka isaanii jala galuu nu oolchi” (Isaa 37:20)

* Yaa Gooftaa koo! Cubbuun koo hedduu ta’uus jaalala fi araaraa akkan argadhuuf abdii naaf kenni.

>>> “Ani kufeera garuu deebi’ee nan ka’a, dukkana keessa nan jiraadha; Waaqayyo garuu ifa kooti, yaa
diinota koo; egaa natti hin gammadinaa!” (Miikiyaas 7:8)

* Yaa haadha koo! Ilmoon kee akka cubbuu kiyyaaf dhiifama naaf godhu naaf kadhadhu.

>>> Kennaan kan guutamte, Gooftaan si wajjin jira; ati dubartoota keessa kan
eebbifamteedha” (Luq 1:28).

-------------------------
# 121
-------------------------
Date: 2023-07-09
Subject:

#ቅዱሳን_በስጋ_እያሉ_ጻድቅ_አይባልም የሚሉ አንዳንድ ጠባብ ሀሳብ ያላቸው ሰዎች #ሳይማሩ_መምህር_ነን_የሚሉ


ወይም ተምረው እያወቁ በእግዚአብሔር ቃል ላይ የሚዘባበቱ አውርተው እንጂ በተግባር ለማይገኙ መምህር ነን ባዮች
አድርሱልኝ: "

<<<ጻድቃን በህይወት እያሉ ጻድቅ አይባሉም ፣ በስጋ እያሉ አያማልዱም የሚሉ የእግዚአብሔር ቃል መሸንገልና
በእግዚአብሔር ላይ መዘባበት እያደረጉት እንደሆነ ልትገነዘቡ ይገባል ። በህይወት እያሉ ነብያት ጻድቃን ሰማእታት
ያማልዳሉ ። መላእክትም ያማልዳሉ ። ለዚህም ማስረጃ የተጻፈው ለእኛ ምክርና ተግሳጽ ስለሆነ መጽሐፍ ቅዱስን
መሰረት በማድረግ እንመልከት እስቲ :__

<<<<ዘፍ 18÷27 /ላይ እግዚአብሔር አምላካችን አብርሃም ከባረከው በኃላ የይሳቅን መወለድ ከነገረው በኃላ ወደ
ሰዶምና ገሞራ እናዳቀና እንመለከታለን ። የሰዶምና የገሞራ ሰዎች ኃጢአት ሰርተው እግዚአብሔር አስቀይመውት
ባለበት ግዜ እግዚአብሔር አብርሃምን እንዲህ አለው ። እኔ ከአብርሃም የምደብቀው የምሰውረው ነገር የለም
፣የሰዶምና የገሞራ ሰዎች ኃጢአታቸው በዝቷል፣ ጭኸታቸው በዝቷል ላጠፋቸው ፈልጌአለሁ አለው ። ማን?
እግዚአብሔር ። ማንን አብርሃም ን ። ልብ በሉ ቅዱሳን አባቶች በስጋቸው እያሉ አይደለም ማማለድ ፣ አይደለም
መፈወስ እንዲህ ከእግዚአብሔር ጋር አፍ ለአፍ መነጋገር እንደሚችሉ ልብ በሉ ።

"" እግዚአብሔር አብርሃምን ላጠፋቸው መጥቻለሁ ሲለው አብርሃምም:__በውኑ ጻድቁን ከኃጢአተኛ ጋር


ታጠፋለህን? አምሳ ጻድቃን በከተማይቱ ውስጥ ቢገኙ በውኑ ሁሉን ታጠፋለህን? ከተማይቱንስ በእርስዋ ስለሚገኙ
አምሳ ጻድቃን አትምርምን? ብሎ አብርሃም እግዚአብሔር ጠየቀው ። እግዚአብሔር ፈልግና አምሳ ጻድቅ ካለ ፈልግ
እምርልሀለሁ አለው ። አብርሃም አምሳ ጻድቅ ቢፈልግ አጣ ፣ አርባም ቢፈልግ አጣ ፣ እንዲህ እያለ ሲፈልግ አንድ ሎጥን
ብቻ አግኝቷል ። ቅዱስን አባቶችን በስጋ እያሉ አያማልዱም አያድኑም ለሚሉ አድርሱልኝ ።

<<< አብርሃም ኃጢአንን እና ጻድቃንን አብረህ አታጥፋ ብሎ እግዚአብሔር በመለመኑ በማማለዱ እንደ ነነዌ ሰዎች
በዮናስ ስብከት ከሚወርደው እሳት እንደዳኑ የሰዶምና የገሞራ ሰዎች የኃጢአት ምሳሌ ሆነው እንደቀሩ //በት ዮና
3÷5/ እንመለከታለን ።

"በዘፍ 19. በአብርሃም ምልጃ እና ጸሎት እግዚአብሔር አንድ ጻድቅ እንኳን ባገኝ እምርልሀለሁ ባለው መሰረት ሎጥ
ከሚነደው እሳት፣ከጥፋት ውሀ አድኖታል ። ሎጥ በማን ምልጃ በማን ጸሎት ዳነ ? በአብርሃም አማላጅነት ። እና እነ
መምህር ነን ባዮች ጻድቃን በስጋ እያሉ አይማልዱም እምትሉት ይህንምን ልትሉ ው ። ነው አብርሃምን ቃል በቃል
ያነጋገረ በአብርሃም ምልጃ ሎጥን ይቅር እንዳለ ዛሬ የአብርሃም የሎጥ አምላክ ዛሬ አይሰማም የለም ልትሉ ነውን?
ነገር ግን እንዲህ ይላል :__

<<<<ዮሐ 14÷12// በእኔ የሚያምን እኔ ከማድረግው በላይ ያደርጋል ብሎ ጌታችን መድኃኒታችን ኢየሱስ ክርስቶስ
ለጻድቃን ለሐዋርያት የገባላቸው ቃል ኪዳን ትልቅ ነው ። እንግዲህ ጻድቅ ከሆነ በእነ የሚያምን ከሆነ እኔ ሙት አንስቼ
ከሆነ እሱም ያስነሳል ፣ እኔ ወንጌልን እያስተማርኩ ንፋሱ ሲወዛወዝ ማእበሉ ሲበረታ ቁም ብየው እንደሆነ በእኔ
የሚያምን ማእበሉን ወጀቡን ቢነሳ ጸጥ በል ቢሉት አይደለም ሂድ ቢለት ቢያዙት ይታዘዝላቸዋል ። እኔ ከማደርገው
በላይ ያደርጋል ብሎ ተናግራልና።

<<<ወደ ዋናው ሀሳቤ ልመለስና እግዚአብሔር ሰዶምና ገሞራ ሲያጠፋ እግዚአብሔር አብርሃምን "አስበው" ።ምን
የሚለው ማርልኝ ብሎ አብርሃም ወደ እግዚአብሔር የማለደውን በአብርሃም ምልጃ እና ጸሎት ሎጥ ከጥፋት ውሃ
እንደዳነ ዘፍ 19 ልይ ዕተጽፎ እናገኛለን ። ታዲያ ቅዱሳን በህይወት ሳሉ አይማልዱም ፣አያድንም ለምትሉ ይህን ምን
ልትሉት ነው ። እንዲህም የሚል አለ :__

<<<<ዘኁ 31÷3 / እስራኤላውያን. ከሰማይ የሚወርድላቸውን የሰማይ መና ሰለቸን ስጋ አማረን ብለው በሙሴ
ያንጎራጉሩ ነበር ። እግዚአብሔር ይህን ተመለከተና ፣ለሙሴ ስጋ እንደሚያዘንብላቸው ነገረው ። ለግዜው
የእግዚአብሔር ቁጣ እባብን ልኮ እስራኤላዊያን ሲያልቁ ወደ ሙሴ አጉረመረሙበት ። እባቡን አርቅልን አሉት ለሙሴ
።ምን ማለታቸው ነው አማልደን እያሉ ነው ። መምታት ቢሆን እነሱ ተረባርበው በመቱት ግን የእግዚአብሔር መንፈስ
ቅዱስ ያላደረበት ራሱን ማዳን ስለማይችል ሙሴን ወደ እግዚአብሔር አማልደን እባቡን እንዲርቅልን እግዚአብሔር ን
ለምንልን አሉት። እግዚአብሔር ለሙሴ በበትርህ ላይ እባቡን ስቀለው፣ እሱን ያየ ሁሉ ይድናል አለው ። እሱም አደረገ
በእባብ የተነደፈ ሁሉ ያን እያየ ድኗል ።

ስለዚህ ቅዱሳን አባቶቻችን እግዚአብሔርን በጾምና በጸሎት ግፍና መከራ ተወስነው የሚኖሩትን ልመናቸውን
ይሰማል ።ለእነሱ ተርፈው ለሌሎች ያድናሉ ይፈውሳሉ በማገልገል በህይወት እያሉ ያማል። መንፈስ ቅዱስ የሌለበት
ግን እንኳን ሌላውን ሊያድን እራሱንም ማዳን አይችልም

<< በሐዋርያት ዘመን ሐዋ 5 ቅዱስ ጴጥሮስ በዘመኑ ድንቅ ድንቅ ታምርን ይሰራ ነበር ። ቅዱስ ጴጥሮስ ክርስትናን
በወንጌል እያስፋፋ ፣ ቤተክርስቲያንን እየሰራ ድውይን ሲፈውስ ነበር ። ድንቅ ታምራትን ከማድረጉ የተነሳ መስቀል
ማሳለም እንኳን ሲያቅተው በሚያልፍበት ቦታ በሽተኞች ሁሉ በጥላው ይወፈው ነበር ።ቅዱስ ጳውሎስም እንዲሁ
በልብሱ ዘርፍ ይፈው ነበር ። የቅዱሳን የሆነው ሁሉ ልብሳቸው ይፈውሳል ልክ እንደ ቅዱስ ጳውሎስ ፣ ጥላቸው
ይፈውሳል ልክ እንደ ቅዱስ ጴጥሮስ ፣ ፎቷቸው ይፈውሳል ፣ጸጉራቸው ይፈውሳል ልክ እንደ አባ ዮሐንስን ። ይህ ነው
የእግዚአብሔር ስጦታ ። እግዚአብሔር የመንፈስ ቅዱስ ማደሪያ ሲያደርግ የእሱ የሆነው ሁሉ ጸጉሩ ፎቶው ጥላው ፣
ልብሱ ሁሉ እንዲፈውስ ሙሉ ጸጋ ይሰጣል።

""ቅዱስን በስጋ እያሉ አያማልዱም ቅዱስ አይባሉም የምትሉ ሁሉ እንዲህም የሚል አለ :___

"<< 1ኛ ነገሥት 17

¯¯¯¯¯¯ኤልያስ ወደ ከተማ ዳር በወጣ ግዜ አንዲት እንጨት የምትለቅም መበለትን አገኘ ። ጠርቶ የምጠጣው ውሃ
እና ቁራሽ እንጀራ በእጅሽ ይዘሽ ትመጭ ዘንድ እለምንሻለሁ አላት።እርስዋም፦ አምላክህ ሕያው እግዚአብሔርን!
በማድጋ ካለው ከእፍኝ ዱቄት ፣በማሰሮም ካለው ከጥቂት ዘይት በቀር እንጀራ የለኝም ፣እነሆም ገብቼ ለእኔና ለልጄ
እጋግረው ዘንድ በልተነውም እንሞት ዘንድ ጥቂት እንጨት እሰበስባለሁ አለች። የአባ ዩሐንስን የወንጌል አገልግሎት
መከታተል ዳንሁ ተፈወስኩ፣ በረከት የሌለኝ አባ ዮሐንስን ካገኘሁ ካወቅሁ በኃላ በረከት አገኘሁ ብለው
የሚመሰክሩበትን የእግዚአብሔር መንፈስ ቅዱስ ያደረባቸው አባቶች የሚናገሩት ሁሉ እንደሚከናወን ፣ በበረከት
መጎብኘት እንደሚችሉ ልብ በሉና አዳምጡ ።

"" ኤልያስም አላት፦ አትፍሪ ይልቅስ ሄደሽ እንዳልሺው አድርጊ፣አስቀድመሽ ግን ከዱቄቱ ለእኔ ታናሽ እንጎቻ አድርገሽ
አምጭልኝ፣ከዚያም በኋላ ለአንቺና ለልጅሽ አድርጊ፣ የእስራኤል አምላክ እግዚአብሔር እንዲህ ይላልና፦ በምድር ላይ
እግዚአብሔር ዝናብ እስከሚሰጥበት ቀን ድረስ፣ዱቄቱ ከማድጋ አይጨረስም፣ ዘይቱም ከማሰሮው
አይጎድልም።እርስዋም ሄዳ እንደ ኤልያስ ቃል አደረገች፤ እርስዋና እርሱ ቤትዋም ብዙ ቀን በሉ። በኤልያስም እጅ እንደ
ተናገረው እንደ እግዚአብሔር ቃል ዱቄቱ ከማድጋው አልተጨረሰም፥ ዘይቱም ከማሰሮው አልጎደለም። ልብ በሉ
የበረሀውን ስብከት የአባ ዩሐንስን የወንጌል አገልግሎት መከታተል ከጀመርኩ በኃላ ያጣሁትን በረከት አገኘሁ ፣ ሰላም
ካጣሁት ሰላም አገኘሁ የሚሉትን እና የእግዚአብሔር ቃል አገናዝቡ ። ነብዩ ኤልያስ. ለአንዴ የምትሆነውን ዱቄት
የማዝሽን አድርጊና ከቤትሽ ማድጋው አይጎልም ፣ ዘይትሽም አያልቅም እንዳላት እንዲህ ሆነላት ። አባታችን
በሚያስተምሩት ትምህርት ሰላም ያጣችሁ ሰላም ይስጣችሁ፣ በረከት ያጣችሁ በረከት ይስጣችሁ፣ ስራ ለሌላችሁ
ስራ ፣ ጤና ላጣችሁ ጤና ይስጣችሁ እያሉ በሚናገሩ ግዜ በቅን ልቦና አሜን ይሁንልኝ ብለው የሚቀበሉ ሁሉ አባ
ዩሐንስን አግኝተው በመስቀላቸው ያልተባረኩ ፣ ነገር ግን በመንፈስ ቅዱስ የሚባረኩ ይሁን ይደረግልን የሚሉ
በቤታቸው ሆነው በበረከት ተትረፍርፈው የታመሙት ድነው የበረሀውን ስብከት በቀጥታ ስርጭት በመከታተል ዳን
የሚሉት የእግዚአብሔር አገልጋይ ፣ የእግዚአብሔር መንፈስ ቅዱስ ያደረባቸው ቅዱሳን አባቶች ቃላቶቻቸው ለሌለው
መዳኛ ነው ። በሚናገሩት ውስጥ የእግዚአብሔር መንፈስ ቅዱስ በውስጡ ስላለ ። ስለዚህ ዳን ተፈወስን ሲሉ
ታዳምጣላ

""ከዚያም በኋላ የባለቤቲቱ ልጅ ታመመ ትንፋሹም አጣ ሞተባት።እርስዋም ኤልያስን፦ የእግዚአብሔር ሰው ሆይ


ኃጢአቴንስ ታሳስብ ዘንድ ልጄንስ ትገድል ዘንድ ወደ እኔ መጥተሃልን? አለችው።ኤልያስም፦ ልጅሽን ስጪኝ ብሏት
ይጸልይበት ወደ ነበረው ሰገነት አወጣው በአልጋውም ላይ አድርጎት ወደ እግዚአብሔርም ጮኸ።የብላቴናውን ነፍስ
ትመልስ ዘንድ ዘንድ እለምንሀለሁ ብሎ እግዚአብሔርም ለመነው ። ቅዱሳን በህይወት እያሉ አያማልዱም ለምትሉ
። ኤልያስ ይህን የሞተ ልጅ አስነሳልኝ እያለ እግዚአብሔር እየለመነ ለልጁ እያማለደ ፣ ልጁን አስነሳልኝ እያለ እየለመነ
ነው ። እና ቅዱስ ኤልያስ በህይወቱ እያለ አማለደ ወይስ አላማለደም ❓ አማልዷል ።

"" ኤልያስ እግዚአብሔር ይህን የሞተ ልጅ ነፍሱን ከስጋው አገናኝልኝ ብሎ ሲለምን ፣ እግዚአብሔርም የኤልያስን ቃል
ሰማ። የብላቴናው ነፍስ ወደ እርሱ ተመለሰች እርሱም ዳነ። ኤልያስም፦ እነሆ ልጅሽ በሕይወት ይኖራል ብሎ ለእናቱ
ሰጣት። ሴቲቱም ኤልያስን የእግዚአብሔር ሰው እንደ ሆንህ የእግዚአብሔርም ቃል በአፍህ እውነት እንደ ሆነ አሁን
አወቅሁ አለችው።

" አዎ ዛሬ አባ ዮሐንስን ሙታን አስነሱ ፣ የአባ ዩሐንስን ፎቶ ሙት አስነሳ ፣ ሲባል ደማችሁ የሚፈላ ፣ አይናችሁ የሚቀላ
የኤልያስ አምላክ ዛሬ የለም ወይ ❓ ኤልያስ ሙት እንዳስነሳ ዛሬ አባ ዮሐንስን ሙታን አስነሱ ቢባል እናንተ ሰው
አምላኪ አባ ዮሐንስን አምላክ አድርጓቸው መግደል ማንሳት የአምላክ ስራ ሆኖ አባ ዮሐንስን የምትሉ የምትሉ
አንዳንድ አላዋቂዎች ግን እናቃለን የምትሉ ሊያውም እናንተ የመንግስተ ሰማያት መክፈቻ ቁልፍ ተሰጥቷችኃል ፣
እናንተ የፈታችሁት የተፈታ ይሆናል፣ያሰራችሁትም የታሰረ ይሆናል የተባላችሁ የተሰጣችሁን ክብር ሳታቁ የሰውን
ክብር የምታቀሉ ኤልያስ ለሞተው ልጅ ጸልዮ እንዲነሳ አደረገ ፣ዛሬ 24 ሰአት እራሳቸውን ባህር ፣ አይናቸውን ምንጭ
ደረታቸውን ወንዝ አድርገው በሚያነቡት እንባ ፎቶአቸው ሙት አስነሳ ቢባል ከመሬት በላይ ከሰማይ በታች ምን
አዲስ ነገር አለ ❓ የመጽሐፍ ቅዱስ ቃል ቅዱሳን በህይወት እንዳሉ አያማልዱም የምትሉ እንዲህ የሚልምአለ.

<<<2ኛ ነገሥት 4÷32 ላይ

¯¯¯¯ መክና ልጅ አጥታ ከነበረች በኃላ በኤልሳዕም ጸሎት ልጅ እንድታገኘ ያደላት ሱላዊቷ ሴት ፣ በኤልያስ ጸሎት
የተገኘ ሞተ ። ሕፃኑ ሞቶ በአልጋው ላይ አስተኝተውት ነበር። ኤልያስ ወደ እግዚአብሔርም ጸለየ።በሕፃኑ ላይ አፉንም
በአፉ ዓይኑንም በዓይኑ እጁንም በእጁ ላይ አድርጎ ጸለየበ ። የሕፃኑም ገላ ሞቀ። ያ የሞተ የሱላማዊቷ ልጅ ከሞት
ተነስቷል ። ቅዱሳን አባቶች እንዲህ በህይወት እያሉ ያማልዳሉ ። የሞተውንም እንዲነሳ ያደርጋሉ ።
"አዎ ዛሬም የአባ ዩሐንስን ፎቶ ሙት አስነሳ ፣ አባ ዮሐንስን ሙታን አስነሱ ብለን መመስከራችን እውነት ነው ። ግን
እናንተ ቅዱሳን በህይወት ሳሉ ቅዱሳን አይባሉም ፣ በህይወት እያሉ አማላጅ አይባሉም ለምትሉ ይህ የእኔ ኤልያስ
ታምር መስራትን እንዴት ነው የምታዩት ❓መጽሐፍ ቅዱሳዊ አይደለም ልትሉ ነውን ?

<<<ከሚገርማችሁ ነገር ደግሞ ቅዱስን አባቶችን በስጋ እያሉ ብቻ አይደለም የሚፈውሱት የሚያድኑት ። ዛሬ የአባ
ዩሐንስን ፎቶ ሙት አስነሳ ማለታችን እንደ ትልቅ ነገር አትዩት ። የአባ ዩሐንስን መቀመጫ በእጄ ስነካ አይኔ በራልኝ
ብላ የመሰከረችውን አንድ ምስክርነት ወደ ኃላ መለስ ብላችሁ አንቡት ። አዎ የቅዱሳን መቀመጫቸውም ፣
ልብሳቸውም፣ ጥላቸውም ፣ ፎቶአቸውም ፣ አይደለም በህይወት እያሉ ሞተው እንኳን መቃብራቸው ሙታን
እንደሚያስነሳ በመጽሐፍ ቅዱስ ተጽፎ ይገኛል ። እንዲህ ይላል

<<<<2ኛ ነገሥት 13÷20

¯¯¯¯¯¯¯ ኤልሳዕም ሞተ ቀበሩትም። ከሞዓብም በጦርነት ምክንያት አንድ ሰው ሞተባቸው ። ሰዎችም ሲቀብሩ
አምጥተው ሬሳውንም በኤልሳዕ መቃብር ላይ ጣሉት። የኤልሳዕንም አጥንት በነካ ጊዜ ሰውዮው ድኖ በእግሩ ቆመ።

"" እዮት ለቅዱስን የተሰጣቸው የጸጋ ስጦታ ፣ እንኳን በአካል እያሉ በፎቶአቸው ፣ በጥላቸው ይቅርና ሞተው እያለ
ቅዱስ ያማልዳሉ ያድናሉ ይፈውሳሉ።እንዲህ ያለ የቅዱሳን ታሪክ እያነበቡ እየሰበኩ ያልታደሉ ፣ ቃሉን የሚያጣምሙ
ዛሬ በኢትዮጵያ አንድ ቅዱስ አባት አባ ዮሐንስን ቢገኙ ፣ ፎቶአቸው ሙት አስነሳ ፣ አዳነ ሲባል የሚያጉረመርሙ
መጽሐፍ ቅዱስን ትራሳቸው ያደረጉ መምህር ነኝ ባዩች አሉ ። ግን እኛ የእግዚአብሔር ቃል ለእኛ ምክርና ተግሳጽ ስለሆነ
የቅዱሳን አምላክ ፣ በቅዱሳን በልብሳቸው ፣ በመቃብራቸው ፣ በጥላቸው ፣ በልብሳቸው አድሮ ድንቅ ታምር የሚሰራ
አምላክ ዛሬም በአባ ዮሐንስ ላይ ፣በፎቶአቸው ላይ አድሮ ድንቅ ታምር ይሰራል ። አዎ የቅዱሳን አምላክ ዛሬም
እንደጥንቱ ይሰራልና ። ቅዱሳን በህይወት እያሉ አያማልዱም ለምትሉ ይህን ምን ልትሉ ይሆን እስቲ መልሱልኝ ።
ቅዱሳን ማእበሉ ይታዘዝላቸዋል ፣ ሙታን ይነሱላቸዋል ፣ እውራን ይበሩላቸዋል አንካሳው ይዘላቸዋል ። በእውነት
በረከታቸው ይደርብን ። አውቀው ከሚጠፉ ሳይሆን ከሚድኑ ያድርገን ።

<<<<ማቴዎስ 10÷40//

¯¯¯¯¯¯¯¯ እናንተን የሚቀበል እኔን ይቀበላል፥ እኔንም የሚቀበል የላከኝን ይቀበላል።ነቢይን በነቢይ ስም የሚቀበል
የነቢይን ዋጋ ይወስዳል፣ ጻድቅንም በጻድቅ ስም የሚቀበል የጻድቁን ዋጋ ይወስዳል። ማንም ከእነዚህ ከታናናሾቹ
ለአንዱ ቀዝቃዛ ጽዋ ውኃ ብቻ በደቀ መዝሙር ስም የሚያጠጣ እውነት እላችኋለሁ፣ ዋጋው አይጠፋበትም። እና
በዘመናችን የተሰጠንን የዘመናችን ነብይ፣ የዘመናችን ቅዱስ አባት ፣ የዘመናችን ሐዋርያ ብናከብራቸው እንከበራለን ፣
በረከታቸውን ብንፈልግ ፣ በአከታቸው ይደርብን ብንል በረከታቸው ያድርብናል ። ዝም ብለን ከነፈፈው ጋር
እየነፈሳችሁ ከተሳዳቢው ጋር እየተባበራችሁ መርገም እንዳይመጣባችሁ ተጠንቀቁ ። አባታችን ብታከብሯቸው
ለእሳቸው የምትጨምሩላቸው የለም ግን ለእናንተ ትጠቀማላችሁ ። ብትንቋቸው የሚቀነስባቸው የለም እናንተ
በረከታችሁን ሰላማችሁን ታጣላችሁ እንጂ ። ስለዚህ ጉዞአችን በማስተዋል ይሁን ።

እግዚአብሔር ከሚድኑት በረከትን ከሚፈልሁ፣በረከትን ከሚቀበሉት ያድርገን ። ።።


-------------------------
# 120
-------------------------
Date: 2023-07-09
Subject:

+++ Kadhannaa (araarsummaa/ ምልጃ) Qulqullootaa +++

Kadhannaa(araarsummaa) gaafa jennu maal jechuu keenya ? kadhannaa hundi araarsummaa miti.
Namni tokko nama biraatif yaa WAAQAYYOO ebeluuf akkas taasisi, akkas immoo irratti hin taasisin
jedhee yemmuu kadhatu dha. Kadhannaa(ምልጃ) kessatti garewwan sadii /3/tu jira isaanis 1. Kan
kadhatu/Qulqulloota/ 2. Kan kadhatamuuf/Nama/ fi 3. Kan kadhatamu/WAAQAYYO/ dha.

Q.Phawuloos 1ffaa Qoro hamaa yemmuu nutti dubbatan nikadhannafi/እንማልዳለን/ jedha. Kanaafu
araarsummaan kadhachuu ta’ee garuu ofiif osoo hin taane nama biraatif kadhachuu jechuu dha.
Akka macaafa Qulqullutti Uumamtoonnii kadhachuu danda’uu ???

2ffaa Qoroontosii 9:14 “isaanumtuu wa’ee keessanif yemmuu kadhatan /ሲያማልዱ/ isin irratti isa ta’u
ayyaana WAAQAYYOO isaa caalu irraa kan ka’e isiinin yaadu” jedha.

1ffaa Ximootiwoos 2፥1 “kadhannaa /ምልጃ/ galatas wa’ee namoota hundaatif moototaafis akka taasistan
hunda dursee nan gorsa.” Kanaafuu akka macaafa Qulqulluutti namoonni /Uumamtoonni/ namootaf
kadhachuun isaani siirrii fi kan fudhatama qabu ta’uu isaa ibsa.

Kana macaafa irraa gaafa raggasifnee ibsine “ani filannoon koo ofii kooti kadhachuu yoo ta’e ???? jedhani
gaafatu. Wanti hubachuu qabnu nutti gaafa kadhannaan qulqullootaa nu barbaachisa jennu nuti kadhannaa
dhaabna jechuu miti. Nutis ni kadhannaa isaanis nuuf kadhatu.
Akka macaafa qulqullutti kadhachuun hundaafuu yemmuu kennamu argina. Cubbamtoonnis Qulqullonnis
yemmuu kadhatan arganna garaagarummaan isaa firii (gatii) argamsiisan irratti dha. Kadhannaan
Qulqullootaa gatii guddaa yemmuu argamsiisu fi kadhannaan kaani gatii yemmu dhabu argina.

Dabalataan kadhannaan kan barbaachisu cubbamtootaf qofa miti Qulqulloniis macaafa qulqulluu keessatti
nuuf kadhadhaa yemmu jedhan ilaalla Q. Phawuloos “wangeela akka lallabnuuf nuuf kadhadhaa “ jedheera
kanaafu Qulqullonnis cubbamtoonnis kadhannaa (ምልጃ) ni barbbadu garuu irra caala kan barbaachisu
cubbamtootafi. Amma gara qabxii keenya jalqabaatti haa deebinu.

Kadhannaan Qulqullootaa maalif nu barbaachise ???????


ffaa Nuti cubbamtoota waan taane fi kadhannaa Qulqullootaa Waaqayyoo waan dhagahuufi.
Nuti cubbamtoota. Cubbamoota miti jechuus hin dandeenyu macaafni akkas jedha:-
1ffaa Yoh 1:8-10 “Cubbuu hin qabnu osoo jennee of dogongorsiisna dhugaanis nu keessa hin jiru, cubbuu
hin hojjanne osoo jennee Isa sobduu taasisna jechi Isaas nu waliin hin jiru” jedha.

Kanaafu nu hundi keenya cubbamoota. Cubbuun immoo kadhannaan akka hin dhagahamne ni taasisa:-
maccafni akkas jedha---Yoh 9:31 “”WAAQAYYOOn kan sodaatu jaalala isaas kan rawwatu yoo jiraate
WAAQAYYOO isa ni dhagaha malee, cubbamoota akka hin dhageenye ni beekna”” kanaafuu cubbuun
kadhannaan akka hin dhagahamne taasisa jedha macaafni qulqulluun.

Dabalataan macaafa fakkenyaa FKN 15:8 ‘’’’ WAAQAYYO cubbamtoota irraa ni fagaata , kadhannaa
qajeelotaa garuu ni dhaga’a “” 1ffaa PHEX 3:12 , Ergaa YAIQOO 5:16 kuni kan mul’isu cubbuun
kadhannaan keenya akka hin dhagahamneef sababa ta’uu isaati. Cubbamoonni kadhatanii yemmuu
dhagahamuu dhaban ni argina LUQ BOQ 16

Kanaafu gaafa kadhannaan Qulqullootaa nu barbaachisa jennu cubbamoota ta’uu keenyas amanaa fi anaaf
WAAQAYYOO fuuldura dhaabachuun naaf hin ta’u Isa duratti sinboo kan qaban Qulqullonni nuuf haa
kadhatan jechuu keenyan dhugaa fi fedha Isaa amanneerraa.

FFAA AKKA FEDHASAA YOO KADHANNE NUUF DHAGAHA. 1FFAA YOH 5:14
WAAQAYYOOn abbaa keenya abbaan immoo ilma isaatif wanta hin fayyadne tasumaa hin dhagahuuf ykn
hin kennuuf. MAAL YOO TA’E NUUF DHAGAHA REE?? Akka fedhasaatti yoo kadhanne nuuf dhagaha.
Fedha WAAQAYYOO immoo Qulqulloonnii Isaa ni beeku macaafni akkas nuun jedha :- EFFESOON 1:9
“”ICCIITII FEDHA ISAA NU BEEKSISEERA”” jedha Qulqullichi Phaawuloos. Akka keenyaa
kadhannaa fooni osoo hin ta’in afuurawaa kan bara baraa fi fedha isaa beekanii waan kadhataniif
kadhannaan Qulqullootaa nu barbaachisa.
WAAQAYYOOn Qulqullootaan kadhatamuu (መማለድ) waan barbaadufi.

Sababni inni ijoon Kdhannaan Qulqullootaa kan barbaachiseef kanaafi.


kana eessa baranne /arganne/ macaafa Qulqulluu irraati dha. FAARSAA DAAWIT 86:7
“”WAAQAYYOOn ummata isaatti macaafan ni dubbata”” jedha. Macaafni immoo akkas nuun jedha

WAAQAYYOO Cubbamtoota gara Qulqullootati yemmuu ergu akka isaanif kadhataniif.


mac saamueel seera umamaa 20:1-7 Abrahaam gara biyya Geerara yemmuu deemetti mootichi Abemeleek
haadha manaa Abrahaam fuudhuuf kaanan WAAQAYYOO akkas jedheen itti mul’atee isheen haadha
mana rajichaatii/Abrahaami/ kanaafu hojii kee kana irraa deebi’i kana boodee “”inni raajicha waan ta’eef
wa’ee keetif ni kadhata ni fayyitas “” jedheen. Yaadni ofii kootii kadhachuu nan danda’a jedhu asirratti
dogongora ta’a maalif yoo jenne Abemeleek WAAQAYYOOn ofumaa dubbusaa jira garu na kadhadhu
siifan dhiisa hin jenne gara Qulqulluu Abrahaamitti erge malee. Kanaafuu WAAQAYYOOn Qulqullootaan
kadhatamuu barbaada nutis ajaja Isaa kabajnee kadhannaa Qulqullootaa ni amananna.

Mac Iyyob 42:7-9 hiriyoonii rakkoo inni keessa ture arganii booda iyyoobiin WAAQAYYOOn akka dhiisu
yeroo gorsan iyyoob didee kana booda WAAQAYYOO isaan keessaa Elfaazitti mul’atee wa’ee dubbi Isaa
irratti dubbataniif akkas jedheei “”gara garbicha koo iyyob deemaa……… Iyyoob osiniif ha kadhatu anis
kadhannaa isaa nan fudhadha”” caqasoota kanneen irratti WAAQAYYOO cubbamoota gara
Qulqullootatti deema ebelu isiniif haa kadhatu Anis isiniifan dhiisa yemmuu jedhu ilaalle.

Kan baay’ee nama dinqu immo kana dha:-


WAAQAYYOOn Qulqullonni yoo nuuf kadhachuu dhiisan cubbuu taasise itti lakka’a
1ffaa saamueel 12:23 raajichi saamu’eel akkas jedhe “”Ani karaa isa gaarii isa qajeelaas isin nan barsiisa
malee isiniif kadhachuu dhiisudhaan WAAQAYYOO duratti cubbuu hojechuun immoo narraa haa
fagaatu.”” Kanaafu kadhaan qulqullotaa dogongora osoo hin ta’in Qulqullonni wa’ee keenyaa yoo
kadhachuu dhiisan cubbuu taasisee itti lakka’a kuni fedha WAAQAYYOO tti.
Qulqulluun namaaf kadhatu osoo dhabamee WAAQAYYOO ni aja’ibsiifata. Raajii Isaayyas 59:16
Shakkitoonni kadhannaan qulqullootaa hin barbaachisu yemmuu jedhan ni dhagahamu nuti warri
ORTODOKSII taanes kana amanuu keenyan akka dogongorre nutty himu kan isaan dubbatan akkas jedha
macaafni ngaruu akkas jedha ””Namnis akka hin jirre argee gara isaatti kan kadhatuuf akka hin argamne
hubatee aja’ibsifate!”” kan kadhannaa Qulqullootaa dhorku dhiisaatii osoo nuuf kadhachuu dhiisanii ni
aja’ibsiifata akkamiin namni kadhatuuf tokko ille dhabama jedha WAAQAYYOOn.
Kadhannaa Qulqullootaa akkasiin yoo amansiisne immoo shakkitoonni gaafffi biroo kaasu maaliif wa’ee
kadhannaa isaani macaafni Qulqulluun raga iti baha. Akkas jedhu “Qulqulloonni yemmuu lubbuudhaan
jiran ni kadhatu yeroo du’an ykn Boqotan garuu hin kadhatanii jedhu”” kanaafis MANNI KIRISTAANAA
ORTODOKSII TAWAHIDOO deebii gahaa qabdi.
Kadhannaa Qulqullootaa DU’a/Boqonnaa / isaanii booda
Kanaaf deebiin keenya sadii /3/ qabna
Namoonii gaaffii kana kaasan Qulqulloota Ergamootan maalif nuuf kadhatu hin jenne isanoo hin du’anii
Qulqullonni akka akka EeLIYAAS kan hin dune HEENOOK hin duune ibroota 11:5 nuuf kadhatu jedhanii
maalif hin amanne ree???
Macaafni Qulqulluun Qulqulloonni du’a ykn boqonna isaani booda akka kadhatan nutti hima Mul’ata
Yohannis 6:9 ifaan ifattii warren boqatan akka kadhatan ibsa. Kadhachuu isaani kanaan osoo goolabnee

Qulqulloonni magaalaa keenya keessa jiraatanii qofa osoo nuuf kadhachuudhaabaatnii WAAQAYYO nuuf
dhiisa gaarummaa isaas nuuf taasisa isaanif/Qulqullootaaf/ jedhee macaafni qulqulluu maal jedha :- Seera
Uumamaa 19:
Maaliif waan magaalaa keenya keessa ijaa jiraataniif qofa nuuf dhiisa yoo jenne ammas macaafni deebii
qaba RAAJII ISAAYYAAS 65:8 wa’ee garbicha kootif jedhee hunda hin ballessu “” jedha WAAQAYYO
tajajiltoota isaa garbicha isaatif jedheyyu nu hin ballessu nuuf dhiisa malee yeroo nuuf kadhatan immoo
kennaan akkamiin nuuf bayya’ata ree???

Kanaafuu nuti ORTODOKSOONNI HIN DOGONGORRE!!!!!!!


Isaan dogongoranii daandii/amantaa/dhugaa irraa adda bahan WAAQAYYO daandii dhugaatti nuuf haa
deebisu kan amannes nu haa eegu bakka jirru hundatti!!
AYYAANNI WAAQA ABBAA JAALALLI WAAQA ILMAA TOKKUMMAAN AFUURA
QULQULLUU
ARAARSUMMAAN Q. DUBROO MAARIYAAM EGUUMSI ERGAMOOTAA KADHANNAAN
QULQULLOOTAA HUNDA KEENYA WALIIN HAA TA’U AMEEEEEN!!!!!!!!!!!
GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!! HANGA BARA BARAATTII!!

QOPHESSAAN DIYAAQOON HEENOOK HAYILEE


AFAAN OROMOOTIIN BAR/ DU/ Bu’aa. AMANU’EEL LAMMAA

-------------------------
# 119
-------------------------
Date: 2023-07-03
Subject: Separation day

22/10/2015 With Bontu


24/11/2015 end day

-------------------------
# 118
-------------------------
Date: 2023-07-03
Subject:

+ Maaliif Ortodooksonni Qulqullootaaf Faarfatu ? +

Bataskaanni keenya Oortodooksiin kan isheen ittiin beekamtu keessaa inni tokkoo fi guddaan , <Galati kan
isaaf ta'u> Waaqayyoon utuu gargar hin kutin kan ittiin galateeffattu , "Tajaajila Galataa'' isheeni dha.

Waaqayyoon galateeffachuuf waggootaaf , mala yeedaloo baratanii haayyota galata Waaqayyoon


eebbifaman (Barumsaan) kan qabdu manni kiristaanaa kun , faaruun ishee , Maahiletiin/galati halkanii/
ishee , Qiddaaseen ishee , sa'atiin/yeroon digdamii afur kan hin geenye , yeroof jedhamee isa yeedaloon
jedhamu dubbisaan jedhamaa , yeedaloonsaa gabaabbachaa kan dhiifamu ta'u isaatiin , Biiftuun kan itti hin
dhiine Mootummaa barabaraatti galateeffachuuf qophooftee Bataskaana eegdu dha Bataskaanni kun.
Galata Waaqayyoo isa akka bishaan callabboo gadi fagoo kanaa wajjin ; Qulquloota Waaqayyoonis
ballinaan nii galateeffa tti.

Barreeffama gabaabaa kanaan ergaa galatni qabeenyaa amala Waaqayyoo ta'ee , uumama kan ta'an:
Namoota Qulqullootaaf , Ergamoota Qulqullootaaf , Durbee Maaramiif faarfannaan faarfatamuu fi galati
dhiyaatu hammam sirrii dha?
Qulqulootaaf faarfachuun gama Kitaaba Qulqulluun waan ta'udha'oo? kan jedhu ilaalla. Gaaffii kana
deebisuuf yemmuun yaadutti Kitaaba Qulqulluu keessatti Faarfataa gitaa hin qabne gaafachuun jaalladhe.
Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa isaan faarsaan shantamni kan isaaf barra'e , ofii isaa faarfannaa
saddeettamii torba kan faarfatee fi faarfattoonni isa jalaa ammoo faarfannaa baay'ee kan itti faarfataan
faaruun kan badhaadhe faarfannaa Mootii Daawwiitiin , <<dhuguma uumamtootaaf galatni nii ta'a hoo?>>
jedhee gaafachuuf yaadeen , gara Faarfannaa Daawwitittan faana hankaanseen fiige.

Uumaan akka lapheekoo kan ittiin jedhe Daawwit , kan lapheekoo eenyu akka itti hime hin beeku gaaffiikoo
deebisuuf dafee na eege. Yemmuuma sana faarfannaa isaa jalqabaarra tti , <<Galateeffamaadha gorsaa
hamootaarra kan hin adeemne , daandii cubbamootaa irra kan hin dhaabanne , teessoo warra ga'isan /qoosan
irra kan hin teenye>> jedhee jalqabuu isaan argadhe. (Far.1:1 ) Daawwit Faaruu isaa kana irratti ,
<Galateeffamaa dha> kan inni ittiin jedhe uumaadha moo? uumama? Waaqayyoonidha akkan hin jenneef
ammoo gad-siqee <Seera Waaqayyotti gammada> jedha. Kanaaf , Daawwit Faaruu isaa kan jalqabe , <<
Galateeffamaadha gorsaa hamootaarra kan hin adeemne, daandii cubbamootaa irra kan hin dhaabanne,
teessoo warra ga'isan /qoosan irra kan hin teenye>> jedhee nama galateeffachuudhaani dha. Gara
faarfannaa isaatti yemmuun seenu Daawwiit galata isaa ballisee , < Qajeeltotaaf galanni isaaniif ta'a >
<rakkataaf kan yaadu galateeffamaa dha> <ati kan filatte oobdii mana kee keessa akka buufatuuf kan isa
simatte galateeffamaa dha> <Uummatni Waaqayyo Waaqa ta'eef , galateeffamaa dha> <uummatni ilillee
beeku galateeffamaa dha> jedhee , namoota dhuunfaa irra darbee utuu inni uummata galateeffatuun arge.
Hundumaa caalaa kan na dhibe garuu , <<Namni irra dardarbi isaa hafteef , cubbuun isaa kan dhoksamteef
galateeffamaa dha >> faarsaa isaa jedhu dha. Nama Waaqayyo cubbuun isaa haa hafuuf jedhe , balleessaa
isaa nama Waaqayyo dhokseef , afaan faarfataa guddaa Daawwitiin faarfannaan ergaa faarfatamee , yaada
isheen illee Durbee cubbuu hin hojjenneef , faarfannaa akkamiitu isheef ta'uun mala laata?

Mootiin Daawwit waa'ee namoota jireenya qabaniif qofa faarsee hin dhaabne ; kan hin dubbannee fi
dhagaaf muka irraa harka namaan Magaalaa isaa Xiyoon hojjetamteef bultoo Waaqayyoo ta'uu isheen
faarsaa isheef roobseera. <<Waaqayyo xiyooniin filateera , bultoo isaa akka taatuuf jaallateera. Akkas
jedhee , isheen barabaraan boqonnaa kooti , filadheeraani'oo isheerran bula>> <<Waaqayyo ijoollee
Xiyooniin nii jaallatta , yaa magaalaa Waaqayyoo si'in waan kabajame jedhuu>> <<Lageen Baabiloon bira
, achi teenyee , yemmuu Xiyooniin yaannetti inboonye , warri nu booji'an achitti jecha faaruu nurra
barbaadan , faarfannaa Waaqayyoo akkamitti biyya alagaatti faarfanna? Yaa Iyyerusaaleem yoon si'i
irraanfadhe mirgikoo na haa irraanfatu , yoon si'i hin yaadu ta'e arrabnikoo laagaa kootti haa maxxanu ,
gammachuukoo caalaa hundarra yoon Iyyerusaalemiin hin jaalladhu ta'e>> jedhee utuu inni waa'ee
magaalaa qulqulleettittii isaa faarsuun argadhe. ofirra darbee warra isatti marsanii jiraniif , faarfannaa isaan
akkas jedhee , waamicha dhiyeesse , <<Xiyoonitti marsaa naannoo isheettis deddeebi'aa , dallaa ishee
lakka'aa , jabina isheen laphee keessan jiraachisaa , dhaloota dhufutti akka himtaniif>> Xiyoon magaalaa
Waaqayyoon warra hin jaallanneef ammoo faarsaa isaa irratti , << warri Xiyooniin jibban hundi haa
sodaatan , gara teellaa isaaniittis haa deebi'an>> jedhee faarfateera.

Daawwiit magaalaa cubbamaan meeqa itti qullaa buusaa ooluf bulu bultoo Waaqayyoo akka taatuuf akka
filateen beekee , akkas yemmuu faarfatu arguun koo , <Hafuurri Qulqulluu si golga humni Waaqayyo
maccaas sirra bula> kan jedhamteef qulqulleettii durbee Maaramii , <Haadha gooftaakoo , bultoo Hafuura
Qulqulluu , yaa magaalaa Waaqayyoo> jedhee faarfachuu akkan danda'uuf humna kan naaf kennu ta'e.
Baabiloon kan jedhamte bakka cubbuu taa'een Durbee yemmuun yaadu akkan bo'uufii , << Yaa Durbe yoon
si'i irraanfadhe mirgikoo na haa irraanfattu yoon si'i hin yaadu ta'ees arrabnikoo laagaa kootti haa
maxxanu>> jedhee akkan ishee faarfadhuuf ija jabina naaf laate. Kan Daawwiit utuu na dinquu ilmi isaa
Solomoon ammoo , <Faarfannaa hundumaa kan caalu Faarfannaa Salomoon > (Weedduu weedduu caalu
kan Salomoon) jedhame barreeffamsaa miidhagaa keessatti abbaa isaa irra kan caale ciigoo faarfannaa utuu
inni qaacessuun argadhe. Faaruu isaa kana irratti jecha jaalalleewwan lama gidduutti wal jalaa qabuun
taasifamuu sababa godhachuun Medaani'alem Kiristoos (qorichi addunyaa) misirroo isaa kan godhateefii
isheenis , <Jaalallee> jettee kan waamtu bo'oo walaloo miidhagaa qulqulleettii mana kiristaanaa inni
barreessen argadhe.

Faaruu isaa kana irratti Qulqulleettiin Mana kiristaanaa jaalallee ishee kan ta'e lubbuun ishee kan jaallatteen
Qoricha Addunyaa/Medihaanii alem/ Kiristoosiin yemmuu barbaaddu , Magaalaatti kan eegan , eegdota
kan jedhaman Ergamoota yemmuu gaafattu , Manni Kiristaanaa guyyaa sanbata duraa haqamtee(Qidaamee
si'uur) kan faarfattu < amma inni barbaadutti jaalalleekoo hin dammaqsinaa > jettee siree kan jedhame
awwaalcha , jaalala dhala namaaf Kiristoos isa rafe , inni jaallatee du'a mo'atee amma ka'uutti amantiidhaan
akka eeganiif yoo dubbattu , jaalalleen gara Jannata isaa bu'e jettee lubbuuwwan fuudhee gara Jannataatti
waa'ee ba'uu isaa yemmuu faarfattu faarfannaa Salomoon keessattin argadhe.

Faarsaa kana irratti misirroon waa'ee misirrittii Manakiristaanaa , qulqullummaaf miidhagina ishee , harma
ishee kan jedhaman aannan sagalee isaa kan itti dhangala'aan bareedduu kakuu moofaaf kakuu haaraa ,
weedduu dinqisiisaan isaa faarfatuun argadhe. Faarfannaa Salomoon irratti , < yaa michuu koo kottu
miidhagduu koo ka'i> <michuu koo guutummaan qaamakee miidhagaadha mudaas hin qabdu > kan jedhan
Faarfannaawwan bareedaan uumaamaaf malee galata uumaaf dhiyaatan miti.

Kanaafidha Qulqulleettiin Manni Kristaanaa faarfannaa miidhagaa kana guutummaan ishee


qulqullummaan kan miidhage Durbee Maaramiif faarfannaa gootee kan faarfattuuf. Abbaan isaa Daawwiit
, <Mucaa koo dhaga'i ilaalis gurrakees as qabi> jedhee durbee waameef mucaan isaa Salomoon , <Yaaa
misirroo obboleettiikoo > jedhee , faarfachuu isaa kan fudhannu kana irraan kan ka'ee dha.

Qulqulloota faarfachuun Daawwitiif Solomooniin qofaan hin dhaabanne , Ergamoonnis Qulqullootaaf utuu
faarfatanii argamaniiru. Hngafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel , < Yaa ishee ayyaanaan guutamte
gammadi ati dubartoota keessaa adda baatee kan eebbifamte dha> jedhee , Durbee Maaramiif nagaa inni
dhiyeesse nagaa gaafannaa , nagaa gaadannaa , <akkam oolteerra> galata caalu mitii'oo? Zakkaariyaasiif
Ergamaan , <ati luboota keessaa adda baatee kan eebbifamtedha > hin jenne kun , Durbeedhaaf adda baasee
kan inni dhiyeesse kun dhugumatti galata ture.

Akkas waan ta'eef , Nagaa gaafannaa Gabri'eeliin ergifannee Durbittii yeroo hundumaa nii galateeffannaan.

Gabri'eeliin kan dhiyeesse nuun dhiyeessuun nu hin barbaachisu namoonni jedhan jiru ta'a. ta'uus Durbittiin
, < Harraa jalqabee dhaloonni hundumtuu na galateeffatu > jettee dubbachuun ishee galateeffachuu
keenyaaf sababa dha. <Dhaloonni hundumtuu> jette malee nama hundamaa hin jenneetii dhaloota keessatti
kan ishee hin galateeffanne yoo argaman nama hin dhibu , nurraa kan eegamu akka Nohiin < dhaloota
keenyatti qajeelaa> taanee argamuu qofaa dha. Ergamaan Gabri'eeliin , <gammadii> isheen jedhus , nuun
, <gammadi> isheen hin jennu namoonni jedhan Ergamoonni , <Qulqulluu , Qulqulluu , Qulqulluu > kan
ittiin jedhan Waaqayyoon, <Qulqulluu , Qulqulluu , Qulqulluu> jechuuf akkamitti eeyyamamoo ta'u?

Galanni Qulqullootaaf dhiyaatu bu'urummaa Kitaaba Qulqulluu kan qabu ta'uu isaa kan ittiin goolabnu
Qorichi Addunyaa / Medahane'alamiin/ Kiristoos ofii isaan galata inni Yohannis cuuphaadhaaf dubbateeni
dha. <<Maal ilaaluu baatan? Raajiidhaa? eeyyeen isiniinan jedha Raajiirra iyyuu kan caalu ...... Isiniinan
jedha Dubartoota irraa kan dhalatan keessaa Yohaannis cuuphaa irra kan caalu eenyumtuu hin jiru>>
(Luq.7:26-28) kana caalaa galati eessaa dhufa? rakkoon isaa yeedaloon/Zeemaan/ jechuudha yoo ta'e
dubbisaan jenna. Galatni Yohannis cuuphaa afaan Qulqulluu Gabri'eeliin dubbatamee ture.

Qulqulluun Gabi'eeliin dhalachuu Yohannisiin yemmuu mullisu , <<Dhalachuu isaan baay'oliin nii
gammadu>> jedhee ture. Gara faarfannaatti yemmuu geeddaramu << ዮም ፍስሓ ኮነ በእንተ ልደቱ ለዮሐንስ-
Harra gammachuutu ta'e, Yohannis dhalachuu isaatiinii>> akka jechuu dha. Abbaan isaa Zakkaariyaas
immoo , <<yaa mucaanana ati raajii gooftaa maccaa jedhamta>> jedhee ture. Kunis , << ወአንተኒ ሕፃን ነቢየ
ልዑል ትሰመይ ፤ አርኩ ለመርአዊ ትሰመይ›› Faarfannaa jedhu dha.
Bataskaanni keenyaa Qulqullootaaf yemmuu faarfattu , jechootaaf walaloo kan ergifattu Kitaaba Qulqulluu
keessaa dha. (Tekilehayimaanot yaa biiftu! Samiirra taa'ii nu do'adhu) Faarfannaan jedhu yoo faarfatame ,
<<Qajeeltonni Mootummaa Abbaa isaaniitti akka biiftuu ifuu>> jecha abdii jedhu qabatteetu. (Mat.13:43)
<<ጊዮርጊስ ኃያል ኮከበ ክብር›› <<Giyoorgis jabaa Uurjii kabajaa>> jedhamee yoo faarfatame , <<Baay'olii
gara qajeelinaatti kan deebisan akka uurjii , bara baraan ifaan miidhaguu>> isa jedhu qabattee ti. ‹‹ሐውፅ
እምሰማይ ተክለ ሃይማኖት ፀሐይ›› Dan.12፡3 <<Yaa Abune Aregaawwii lubbuunkoo harra fuulakee duratti
kan kabajamte haa taatu!>> << ትክበር ነፍስየ በቅድሜከ ዮም ፤ ወባርከኒ አባ አረጋዊ›› jedhamee yemmuu
faarfatamu yoo dhageenye , ajajaan dhibbaa tokko Raajicha Eeliyaas duratti jilbeenfatee , <<Yaa nama
Waaqayyoo amma lubbuunkoo fuulakee duratti kan kabajamte haa taatu>> jedhee kan inni kadhaterraa
fudhatamee ti.

Bakka tokko tokkotti galata qulqullootaaf dhiyaatu irratti jechoota galataa uumaaf ittiin dhiyaatan
fudhatamanii qulqullootaaf yemmuu dhiyaatan argama.

Namoonni kana argan qulqulloonni kan waaqeffaman , kabajni amalummaa waaqayyoo qulqullootaaf kan
kenname itti fakkaatee nii qeequ. Sababa kanaan , faarfannaa qulqullootaaf faarfatamu hundumaa irratti
waan sirreeffamuu hin dhabani. Ta'us , namni sirreeffama akkasiin taasisa jedhee ka'u Kitaaba Qulqulluus
sirreessuun isarraa eegamuuf jedha. Kitaabni Qulqulluun , jecha Waaqayyoof dubbatame qulqullootaaf
yemmuu kennu irra deddeebiin keessatti arganna. Fakkeenyota muraasa haa ilaallu:- <<Gabre manfes
qidduus /Aabboon/ Isaan Ifa biyya lafaatii>> yemmuu jedhamu , <<Ifni biyya lafaaKiristoos qofaa dha >>
jedhee kan mormu yoo jiraate , innumtuu Kiristoos bartoota isaan , <<Isin ifa biyya lafaadhaa , Ifni
keessanis namoota duratti haa ifuu>> jedheera.

Ifummaan isaa qabeenyaaf amalummaa isaati ; Ifummaan qulqullootaa garuu , isarraa kan kennamedha
jennee qoodna malee ifummaa qulqullootaa hin haallu. (Mat. 5:14) Amantoonni tokko tokko waa'ee
Araarsummaa Durbee Maaramii yemmuu dhugaa ba'an , <<Giiftiikoof waan hin danda'amne hin jiru>>
yemmuu isaan jedhan namni dhaggeeffatu mataa isaa raasaa , <namni keenya Bible irratti baay'eetu isa hafa
> jedhee of mileessuu danda'a. Utuu kan beeku ta'ee garuu , <<Amantii yoo qabaattan waan isiniif hin
danda'amne hin jiru>> jecha Gooftaa jedhu , <<Humna kan naaf kennu Kiristoosiin hundaa nan danda'a>>
jecha Phaawulos jedhu , gurra ittiin dhaga'een , <Eebbifamtuu amante> <humni Gooftaa maccaa kan ishee
irra bule> Durbeen , < kan isheen hin dandeenye hin jiru> yemmuu jedhamu dheekkamuurra , amantiif
qalbeeffannaa amantootaaf kenname ilaaluun nama ajaa'ibsiisa. Fil.4:13, Luq.1:35,45) jechoonni
Waaqayyoof dubbataman qulqullootaaf jedhamanii yooma argine iyyuu , hiikkaa isaa qalbeeffanna malee
kabaja Waaqayyoo Qulqulloonni fudhatan hin jennu.
Fknyf , Gooftaan Yohaannis cuuphaadhaan , <Ibsaa ifu ture ; Ifa isaatti gammaduu jaal'attani> yemmuu
ittiin jedhu , Abbaan Wangeelaa ammoo , <<Inni waa'ee ifaa dhugaa ba'uu dhufe malee Ifa hin turre>>
jedheeraan. kan eenyuu fudhanna? Haasaa Gooftaa keenyaamoo Abbaa Wangeelichaa? Yohaannis Ifa moo
Ifa miti? deebiin isaa ifaa dha. Ifummaan Yohannis garuu , Ifa Kiristoos waliin yemmuu ilaalamu , hamma
ifa Dungoofii Biiftuudhaatii ifa hin turre jennee qalbeeffanna. (Yoh 1:8 , 5:35) Kabaja Waaqayyoon eegsisa
jedhee garaagarummaa hiikkoo isaa utuu hin qalbeeffatin galata qulqullootaaf dhiyaatu irratti namni
luucca'insa qeeqaa qabu garuu , adeemsi isaa kun Kitaaba Qulqulluu waliin kan isa walitti buusu dha.

Torbee kana namoonni tokko tokko , <Maaramii yaa Faasikaa Addaam Gammadii> jecha jedhu caqasuun
akkamitti Durbeen Maaramiin Faasikaa jedhamti , <Faasikaan keenya Kiristoos qalameeraa> jedha mitii
akkasaan jedhan dhageenye. Waa'ee Inkirdaadaa haasa'uutiin Inkirdaadatu jajamaa malee qamadii waan
nama hin gooneef , warra haasa'an dhiisnee dhimmicha haa hubannu.

Gara ibsa biraatti utuu hin seenin gaaffii tokko haa kaasnu ; Kiristoos Faasikaadhamoo Hoolaa Faasikaa
dha? Faasikaa kan jedhamu ayyaanichaa? moo Hoolicha dha? kan qalame ayyaanichaa? Yoo jedhame
maaltu deebi'a? "Faasikaa qali!" yemmuu jedhu Hoolicha (2Sen.bar. 35:5) , "Faasikaan kun Waaqayyoof
Fassakkame" yemmuu jedhu ayyaanicha dha. (2Mot.23:23) Faasikaa yemmuu jedhu , ayyaanicha ergaa
ta'ee , hiikkaan isaa ceesisaa , gammachuu , jechuudhaatii Durbee Maaramiif dubbatamuu danda'a.
<Qalameera> kan jedhame garuu Hoolichadhaatii Giiftii keenyaan እመ በግዑ (Haadha Hoolichaa) jenna
malee Hoolaa qalamtedha isheen jennee akka hin beekne mul'ataa dha. Tasumaa jechi Kiristoosiif
dubbatame isheef maaliif dabalame jedhamaa yoo ta'e ammoo , mee haasaa Qulqulluu Phaawuloosiin haa
ilaallu:- Qulqulluun Phaawuloos , Galaatiyaa 2:30 irratti :- <<Ani Kiristoos waliin fannifameera >>
jedheera. Kanarra iyyuu darbees , <<An Addunyaaf kanan itti fannifame Fannoo Kiristoosiin alatti of jajuun
biraa narraa haa fagaatu >> jedheera. (Gal. 6:14)

Hiikkaan haasaa kanaa maali dha? Qulqulluun Phaawuloos Kiristoos waliin fannifamee ture jechuu dhaa?
bitaa moo mirga isaatti fannifame? "Addunyaafan Fannifame" akkamitti jedhe? amma dhuguma addunyaaf
kan fannifame Phaawuloosidhaa? Kiristoosidha'oo mitii? utuu waa'een Faasikaa sidhibuu Fannifameera
kan jedhutu dhufee? Phaawuloos Kiristoos isa fannifame golguu isaatii'oo? akkas akka nuun hin jenneef
ammoo , Phaawuloosimti mataa isaayyuu , <<Phaawuloostu waa'ee keessaniif fannifamee ree? nuti garuu
Kiristoos isa fannifame lallabnaa>> jedhee garaa nu ciibseera. (1Qor.1:13)

Kanaaf hiikamuu, ibsamuu , qaba malee jecha isaatu wal fakkate jedhamee hin kineeffamu. 'Kopheen haa
sirratu malee miilli hin sirratu' akkuma jedhamu , sirrachuu kan qabu akkaataa qalbeeffannaa keenyaadha
malee , jecha kitaabichaa miti. Bartichi Kiristoos waliin fannifameeraa yemmuu jedhu daandii gidiraa
Kiristoosiin hordofeeraa , gidiraa isaa irraa hirmaataa ta'uun hirmaataa kabaja isaan ta'a yemmuu jedhu dha.
"Addunyaafan fannifame" kan inni jedhe ammoo gidiraa Kiristoositti amanuukoon hojii cubbuu addunyaaf
du'aa ta'eeraa jechuu isaadha jennee ibsina malee Phaawuloos kabaja Gooftaa dhiibe hin jennu.

Qulqulloota kan galateeffannuuf kan Waaqayyoo waan ta'aniifi dha. Raajichi akkuma jedhe , "Waaqayyo
qulqulloota isaa irratti dinqii waan ta'eefi " Fakkiin isaa yemmuu dinqisiifamu suuressaan jinaa'u akkuma
hin jirre , hojii dinqii isaatii ta'anii , isa tajaajilanii yemmuu leellifaman uumaan nii gammada malee hin
gaddu. Qodaa urgooftuu(shittoo) cabsitee miilla isaa irratti dubartii urgooftuu naqxeef , "Bakka wangeelli
dubbatame hundumaatti hojii isheen gooteef isheef yaadannoo akka ta'uuf dubbatama" jedhee Gooftaan
dubbate , mormi isaanii cabee , dhiiga isaanii maqaa isaaf qulqulloota dhangalaasan , guutummaa
addunyaattu yoo dubbatamanii fi faarfataman kan dhorku miti . ( Mat26:13) Galati qulqullootaaf illee
qulqullootaafii , galanni nuufis amantaa keenyatti yoo jabaanne nu'i warra dadhaboof iyyuu hin dhorkamne
, akkas jedhamee barra'eeraa tii :- "Hidda gad fageeffadhaatii isaan ijaaramaa , akkuma barattanis amantiitti
jabaadhaa , galanni isiniif haa baay'atuu" Qolaas 2:7

Dn Heenook Haayilee

/officialHenokhaile/

Chaanaalii Teeleegiraamii : https://t.me/HH_Afaan_Oromoo

Toora Yuutuubii: https://www.youtube.com/channel/UCOaVsWC05aUjeqIEW3fWj7g

-------------------------
# 117
-------------------------
Date: 2022-02-20
Subject:

Introduction of Supply Systems


Now a days, an electrical energy is generated, transmitted and distributed in the alternating form. This is
because of the fact that the alternating voltages can be raised or lowered in magnitudes by the use of
transformers. Still sometimes for special purposes d.c systems are also used.
Hence in general, the transmission and distribution systems can be classified as,

1. A.C. systems 2. D.C. systems

Let us discuss the subtypes of these systems.

A.C. Systems
The a.c. system which is very commonly used for the transmission of power till substations and local
distribution centre is three phase three wire system. While for the secondary distribution, the universally
adopted a.c. system is three phase four wire system.

Three Phase Three Wire System

The three phase three wire system may be star or delta connected. If it is star connected, then its neutral is
grounded. The Fig. 2.1 shows the scheme of three phase three

wire system for the primary distribution. The large consumers like factories which need bulk supply are
directly supplied from the substations. The power is also distributed to olhcr substations and distribution
centres.

Three Phase Four Wire System

The fourth wire in this system is neutral and hence the transformer secondary in such system is always star
connected. This system is generally preferred for the secondary distribution. The single phase loads are
connected between one of the three lines and a neutral while the three phase loads can be given three phase
supply directly, alongwith the provision of neutral for the internal distribution. The Fig. 2.2 shows the three
phase four wire system.

The voltage between any of the lines and a neutral is 230 V while the voltage between anv two lines is 400
V.

Types of Transmission

In general two types of systems are used for the transmission,

1. Overhead system

2. Underground system

Overhead System

In this system, the transmission of electrical power is by using overhead transmission lines over long
distances. In such system, the appropriate spacing is provided between the conductors, at the supports as
well as at the intermediate points. This spacing provides insulation which avoids an electric discharge to
occur between the conductors. The transmission by overhead system is much cheaper than the underground
system. The overhead transmission lines are subjected to the faults occurring due to lightening, short
circuits, breakage of line etc. but overhead lines can be easily repaired compared to underground system. It
is also true that though such faults are rare, if occurred it is very difficult to find exact point of fault as
transmission lines are very long. In the overhead
system, the insulation must be provided between the conductor and supporting structure. Hence the
maximum stress exists between conductor and earth.
Underground System

The cables are generally preferred in underground system. All the conductors must be insulated from each
other in the underground system. As voltage level is high, insulation required is more. Hence due to
insulation difficulties, the voltage level used in underground system is below 66 kV while the voltage level
used in overhead transmission lines can be as high as 400 kV. The maintenance cost of the underground
system is less compared to overhead system. In crowded areas, overhead system using bare conductors is
not practicable where underground system using cables is preferred. The line surges are suppressed by using
the cables hence cable must be used for the last part of the connection which can save transformers and
generators from the damage due to line surges. In the underground system, the maximum stress exists on
the insulation between the conductors.

Comparison of Volume of Copper in Overhead System

The selection of a particular type of a.c. or d.c. system for the transmission and distribution is based on
comparison of amount of material i.e. copper necessary for the , various systems. As mentioned earlier, the
maximum stress in the overhead system exists between the conductor and earth. Hence comparison of
material required is done assuming the maximum voltage between any conductor and earth being the same.
The assumptions made for the comparison are :

1. The power (P) transmitted by all the systems is same.

2. The distance (/) over which the power is transmitted is same.

3. The power losses (W) in all the systems are same.

4. The maximum voltage (Vm) exists between any conductor and the earth, in all the systems.
Based on these assumptions, let us compare the various types of systems for the volume of copper required.

-------------------------
# 116
-------------------------
Date: 2022-02-20
Subject:

Sound and light measuring devices

Microphones are transducers used to convert sound levels into electrical signals, i.e., electromagnetic,
capacitance, ribbon, crystal, carbon, and piezoelectric microphones can be used. The electrical signals can
then be analyzed in a spectrum analyzer for the various frequencies contained in the sounds or just to
measure amplitude. Sound level meter is the term given to any of the variety of meters for measuring and
analyzing sounds. Photocells are used for the detection and conversion of light intensity into electrical
signals. Photocells can be classified as photovoltaic, photoconductive, photoemissive, and
semiconductor.Photovoltaic cells develop an emf in the presence of light. Copper oxide and selenium are
examples of photovoltaic materials. Amicroammeter calibrated in lux (lm/m2) is connected across the cells
and measures the current output. Photoconductive devices change their resistance with light intensity. Such
materials are selenium, zirconium oxide, aluminum oxide, and cadmium sulfide. Photoemissive materials,
such as mixtures of rare earth elements (cesium oxide), liberate electrons in the presence of light.
Semiconductors are photosensitive and are commercially available as photodiodes and phototransistors.
Light generates hole-electron pairs, which causes leakage in reversed biased diodes and base current in
phototransistors. Commercial high-resolution optical sensors are available with the electronics integrated
onto a single die to give temperature compensation and a linear voltage output with incident light intensity
are also commercially available. Such a device is the TSL 250. Also commercially available are infrared
(IR) light-to-voltage converters (TSL 260) and light-to-frequency converters (TSL 230). Note, the TSL
family is manufactured by Texas Instruments.

Light sources
Incandescent light is produced by electrically heating a resistive filament or the burning of certain
combustible materials. A large portion of the energy emitted is in the infrared spectrum as well as the visible
spectrum. Atomic-type sources cover gas discharge devices such as neon and fluorescent lights. Laser
emissions are obtained by excitation of the atoms of certain elements. Semiconductor diodes (LED) are the
most common commercially available light sources used in industry. When forward biased, the diodes emit
light in the visible or IR region. Certain semiconductor diodes emit a narrow band of wavelength of visible
rays; the color is determined by material and doping. A list of LEDs and their color is given in Table 10.1.

-------------------------
# 115
-------------------------
Date: 2022-02-20
Subject:

Introduction to AC Electricity

Three basic components, resistors, capacitors, and inductors, are very important elements in electrical
circuits as individual devices, or together.

Resistors are used as loads, delays, and current limiting devices. Capacitors are used as dc blocking devices,
in level shifting, integrating, differentiating, frequency determination, selection, and delay circuits.

Inductors are used for frequency selection and ac blocking, in analog meter movements and relays, and are
the basis for transformers and motors. AC is short for alternating current. This means that the direction of
current flowing in a circuit is constantly being reversed back and forth.

This is done with any type of AC current/voltage source. The electrical current in your house is alternating
current. This comes from power plants that are operated by the electric company.

Those big wires you see stretching across the countryside are carrying AC current from the power plants to
the loads, which are in our homes and businesses.

The direction of current is switching back and forth 60 times each second. Alternating current (AC)
electricity is the type of electricity commonly used in homes and businesses throughout the world. While
direct current (DC) electricity flows in one direction through a wire, AC electricity alternates its direction
in a back-and-forth motion.

The direction alternates between 50 and 60 times per second, depending on the electrical system of the
country. AC electricity is created by an AC electric generator, which determines the frequency.

What is special about AC electricity is that the voltage can be readily changed, thus making it more suitable
for long-distance transmission than DC electricity.

But also, AC can employ capacitors and inductors in electronic circuitry, allowing for a wide range of
applications. A whole house energy monitor measures the energy used by appliances connected to the house
mains.

To understand how it does this it is useful to know something about how appliances interact with the
electrical system.

Not all appliances interact with the electricity system in the same way. This article will first discuss resistive
loads and how the power they use is calculated.

It then goes on to discuss reactive loads and a bit about non-linear loads. Finally, it will show how we
measure the direction of power flow, which is important if energy is being both generated and consumed.

Humidity measuring devices

Hygrometers. Devices that indirectly measure humidity by sensing changes in physical or electrical
properties in materials due to their moisture content are called hygrometers. Materials such as hair, skin,
membranes, and thin strips of wood change their length as they absorb water. The change in length is
directly related to the humidity. Such devices are used to measure relative humidity from 20 to 90 percent,
with accuracies of about ±5 percent. Their operating temperature range is limited to less than 70°C.
Laminate hygrometer is made by attaching thin strips of wood to thin metal strips forming a laminate. The
laminate is formed into a helix as shown

Density measuring devices


Hydrometers are the simplest device for measuring the specific weight or density of a liquid. The device
consists of a graduated glass tube, with a weight at one end, which causes the device to float in an upright
position. The device sinks in a liquid until an equilibrium point between its weight and buoyancy is reached.
The specific weight or density can then be read directly from the graduations on the tube. Such a device is
shown in Fig. 9.7a.

Thermohydrometeris a combination of hydrometer and thermometer, so that both the specific


weight/density and temperature can be recorded and the specific weight/density corrected from lookup
tables for temperature variations to improve the accuracy of the readings.

Induction hydrometersare used to convert the specific weight or density of a liquid into an electrical signal.
In this case, a fixed volume of liquid set by the overflow tube is used in the type of setup shown in Fig.
9.7b, the displacement device, or hydrometer, has a soft iron or similar metal core attached. The core is
positioned in a coil which forms part of a bridge circuit. As the density/specific

Viscosity measuring instruments

Viscometers or viscosimeters are used to measure the resistance to motion of liquids and gases.

Several different types of instruments have been designed to measure viscosity, such as the inline falling-
cylinder viscometer, the drag-type viscometer, and the Saybolt universal viscometer.

The rate of rise of bubbles in a liquid can also be used to give a measure of the viscosity of a liquid.

The falling-cylinder viscometer uses the principle that an object when dropped into a liquid will descend to
the bottom of the vessel at a fixed rate; the rate of descent is determined by the size, shape, density of the
object, and the density and viscosity of the liquid.

The higher the viscosity, the longer the object will take to reach the bottom of the vessel.

The falling-cylinder device measures the rate of descent of a cylinder in a liquid and correlates the rate of
descent to the viscosity of the liquid. Rotating disc viscometer is a drag-type device.
The device consists of two concentric cylinders and the space between the two cylinders is filled with the
liquid being measured, as shown in Fig. 9.9b.

The inner cylinder is driven by an electric motor and the force on the outer cylinder is measured by noting
its movement against a torsion spring; the viscosity of the liquid can then be determined.

The Saybolt instrument measures the time for a given amount of fluid to flow through a standard size orifice
or a capillary tube with an accurate bore.

The time is measured in Saybolt seconds, which is directly related and can be easily converted to other
viscosity units.

-------------------------
# 114
-------------------------
Date: 2020-12-19
Subject: KE WEGENE GARA

Ke wegene gara izemiralehugn


Be desta be aset simun xeralehugn
Migib ina mexexe amlake nw ina
Zotir aqerbalewo le geta mizgana

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Izbu tesbisibo bebete kiristiyan


Sizemir des yilala be handinet hono
Bereket yimollala zimarewo yigermal
Ke ixanu gara wede layi yiwexal

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Kesawust lelit mihileet siykerbu


Ke melahiktu ga wereb siwerebu
Birihnin lebsen be desta sinzemir
Tisita liyunw ilinan si sewir

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Iray nw ina nu temelketu


Sewoch sizemiru inde melahiktu
Ye tsige mahilet ye tinsaye desta
Liyu zimarenew inday meslen tiret

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

-------------------------
# 113
-------------------------
Date: 2020-12-19

Subject: 👂ANDI BETE YAWXA👂

and bete yawxa yemsgana kine


ye amalaken madan ayichalewo bale ayine
be gebahon semay tseyahin yakome
zarem gobgnitognal iye degageme

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Wexmed teseber inem amelexkugn


Ke axiyat felasifa ke mot yaterefegn
Ye anabsitun af be hayilu yezega
Ye daniel amalak yinural kene ga

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Be dawit misgna beyaredu wudase


Ke kidusan ga lizemir abire
Isun siyamesegin milkon bit sikibignim
Le getahe kibr izemiralehugn

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Asferiwu nebelbal istu bbinedim


Le taox ind segdi nigistat biyawejum
Ulum bitewegnim xilogn be alem
Tsinat ysexagnal geta medaniyalem

-------------------------
# 112
-------------------------
Date: 2020-11-19

Subject: ❤️ADUU CAALAA❤️@G

Aduu caalaa ifa fuulaa isaanii eyyee*2


Nagaadhaan galan biyyaa isaanii*2 eyyee

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Qulqulloonni gooftaa warri amanamani


Dhugaa dubbii isaatiif kan of wareegani
Jiruu biyyaa lafa hundumaa dhiisanii
Addunyaa hadhahe wangeela jiisani

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Fedhii biyyaa lafa hundumaa dhiisanii


Maqaa iyyesuusiin addunyaaf labsani
Abiddaa boba'uu keessaa dhaabbatanii
Maqaa maqaa caaluu kanaaf argatani

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Dhagaadhaan dhahaman dhugaa lallabanii


Mana hidhaa keessatti raajii hojjetani
Isxifaanosiinfa biyyicha galani
Gonfoo isa ulfinaa kanaaf argatani

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

-------------------------
# 111
-------------------------
Date: 2020-09-15
Subject: HDB 21,14

-------------------------
# 110
-------------------------
Date: 2020-09-13
Subject:

Qols 4:5 baricha beekuun deddeebiyaa


1tas5:7
-------------------------
# 109
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

Hiikkaa kitaaba qulqulluu keessaa shakkitoonni akka isaaniif


ta'utti jallisanii kan isaan hiiktan keessaa muraasa : -
''Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf
yeroo barreessuu akkuma kana dubbata, Ergaa isaa keessaa
illee wanti hubachuun isaa nama dhibu (rakkisu) tokko tokko
jira; isa kanas warri # wallaalonni , warri waanuma argan
qabanii gad dhiisan, akkuma barreeffama qulqullaa'aa isa
kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa
micciiru. Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii
beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo
hin eegneetiin fudhatamtanii duuka hin sokkinaa! Isa
jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of
eeggadhaa!'' (2Pheex.3:16-17).
Jarri raajii dubbatamee kana of irratti raawwachiisaaf hiika
kitaaba qulqulluu bakka hedduutti micciiranii hiikaa jiru.
Micciiraniis hiikaniiru. Mee caqasa isaan micciiranii hiikan
kana keessaa kitaabuma isa isaan baatanii deeman irraa
muraasa isaa haa ilaallu.
1.(Maat.10:32) '' ... Namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa
kan anaaf ba'u, animmoo abbaa koo isa samii fi # Ergamoota
abbaa koo fuulduratti dhugaa nan ba'aaf" isa jedhu sababa
ergamoota hin jaallanneef ''# Ergamoota '' kan jedhu keessaa
balleessanii,

➔ "Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa

ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti
dhugaa nan ba'aaf" jedhaniiru. (Maat.10:32).
2.(Faar.108(109):24) ''Jilbi koo tsoomuu irraa kan ka’e na
dadhabe. Namummaan koos # fooniif # dadhaa dhabuu koo
irraa kan ka'e na huqqatte'' kan jedhu jarri garaaf jiraatu waan
ta'eef garaa isaanis hin danda'aniif ''foonii fi dadhaa'' kan jettu
keessaa balleessanii,

➔ " soomuu irraa kan ka'e jilbi koo in hollate, foon ana

irraa dhumee nan huqqadhe" jedhaniiru. (Faar109:24).


3.(Daan.10:3) '' # Foonis ta'e # dadhaa hin nyaanne'' kan jedhu
keessaa ''dadhaa'' balleessanii,

➔ "Torban sadii hamma guututti, ani nyaata fo'amaa hin

nyaanne; foon, daadhiin wayniis afaan koo bira hin geenye,


dibatas hin dibanne" jedhaniiru. (Daan.10:3).
4.(Faar.137(138):1) '' # Ergamoota kee fuulduratti sin faarfadha''
kan jedhu keessa balleessanii Waaqolii fuulduratti jedhanii
jijjiiranii,

➔ "Ani garaa koo guutuudhaan, galata siif nan galcha, yaa

Waaqayyo! # Waaqayyolii durattis jajuu kee nan faarfadha"


jedhaniiru. (Faar.138:1).
5.(Faar.116:15) ''Duuti nama tolaa fuula Waaqayyo fuulduratti
ulfina qabeessaa'' duuti isaanii kabaja akka qabu kan dubbatu
kana akka waan Waaqayyotti cimee dirqamaan isaan du'anitti
jijjiiranii,

➔ "Warri isaaf qulqullaa'an du'uun, ija Waaqayyoo duratti

ulfaataa dha" jedhaniiru. (Faar.116:15).


6.(Faar.68:35) ''Waaqayyoo karaa qulqullootasaatii
ajaa'ibsiisaadha'' kan jedhu cirumasaa keessaa mana
qulqullummaatti jijjiiranii balleessanii,

➔ "Waaqayyo, sodaatamaa fi dinqisiisaa ta'uun isaa, mana

qulqullummaa isaa irraa in argama; inni Waaqayyo isa kan


Israa'el, inni humnaa fi jabina saba isaatiif in kenna; maqaan
Waaqayyoo haa eebbifamu!" jedhaniiru. (Faar.68:35).
7.(Maat.5:6) ''Tolummaaf jedhanii warri # tsooman , warri
dheebotan, warri beela'an haa gammadan quufuudhaaf jiru'' isa
jedhu ''tolummaa warri beela'anii dheebotan'' jedhuutti jijjiiranii,

➔ "Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii, akka

bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru''


jedhaniiru. (Maat.5:6).
8.(Maat.24:19) ''Warra Hoosisaanii fi warra ulfaa'aniif ...'' isaa
jedhu akka bifa saayinsawaatiin ilaaluudhaan ''dubartoota
ulfaa'anii fi hoosisaniif ...'' jedhanii jijjiiranii,

➔ " # dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun

attam sodaachisoo dha!" jedhaniiru. (Maat.24:19).


9.(H.D.B.20:28) ''Isin afuura qulqulluun kan isin muude
# phaaphasoonni mana Waaqayyoo dhiigaasatiin haaressee fi
hoolotasaa akka eegdaniif muudamtaniitu'' isa jedhu
''phaaphaasii'' kan jedhu haqanii,

➔ "Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra afuurri

qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa


kiristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan
isaa godhate eegaa! " jedhaniiru. (Hojii Ergamootaa 20:28).
10.(1Xim.3:1) ''Dura bu'aa mana kiristiyaanaa # Ephiqophoosii ''
kan jedhu, Ephisqophoosii waan hin qabneef keessaa haquun
jechaa biraatiin balleessanii,
➔ "Namni # ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta'uu fedhu,

hojii ba'eessa hawwa" inni jedhu dubbii amanamaa dha."


jedhaniiru. (1Xim.3:1).
11.(Tit.1:5) ''... Dura bu'aa mana kiristaanaa # lubni tokko kan
maqaa gaarii qabuu fi kan haadha manaa tokko qabu ta'uu
qaba'' kan jedhu ''Jaarsolii Waldaa'' isa jedhutti jijjiiranii,

➔ "... mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti

# jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture."


jedhaniiru. (Tit.1: 5).
12.(Tit.1:7) ''# Ephisqophoosiin hojiin Waaqayyoo Imaanaa kan
itti kenname waan ta'eef kan hin koorre, kan hin bambannee
ta'uu qaba'' kan jedhu isas jijjiiranii,

➔ " # Ilaaltuun hojii waldaa tokko, hojii Waaqayyoo

adeemsisa erga ta'ee, waan ittiin jedhan kan hin qabne ta'uun
isa irra jira; ofii isaa malee warra kaan kan hin gammachiifne
yookiis nama dafee aaru yookiis machaa'aa yookiis nama lola
jaallatu, nama bu'aa karaa dalgaa argachuuf sassatu ta'uun isa
irra hin jiru." (Tit.1:7).
13.(Yoh.2:4) ''Anaaf ati maal walitti qabnaa?'' kan jedhu
"haadhoo hojii koo keessa maaltu si galche?'' jedhani jijjiiranii,

➔ "Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixxa ree? ... "

jedhaniiru. (Yoh.2:4).
14.(Room.8:34) ''Iyyesuus kiristoos waa'ee keenyaaf du'ee
du'aa keessas ka'ee mirgaa abbaasaa taa'ee waa'ee keenyaaf
# murteessa'' kan jedhu hiikoo jalqabaa irratti ''garaa laafa''
jedhutti jijjiiran. Hiikoo lammaffaa irratti immoo ''dhiifama
laachisiisa'' kan jedhutti jijjiiran. Hiikoo sadaaffaa irratti immoo
''nuuf kadhata'' jedhanii jijjiiranii,

➔ "Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Iyyesuus du'ee


kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee
Waaqayyoon nuuf # kadhatee , kan itti faradu hin jiru."
jedhaniiru. (Room8:34).
15.(2Qorn.6:16) ''Kiristoosiif diyaabiloos walii galtee maalii
qaburee? Inni amanee fi inni hin amannees attamittiin walii
galuu danda'uree? # Taabota_Waaqayyoo fi # waaqni_tolfamaa
n tokkummaa maalii qaburee?'' kan jedhu keessaa ''Taabota''
kan jedhu keessaa balleessanii,

➔ "... # Manni_qulqullummaa_Waaqayyoo immoo

waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? ... "


jedhaniiru. (2Qorn.6:16).
16.(Ibr.9:5) Qulqulluu phaawuloos waa'ee tajaajila afuuraa isa
samiirrraa fi isa lafaarraa waliin madaalchisee keessumatti
immoo waa'ee sirna mana Qulqullummaa keessatti godhamuu
tokko tokkoon ibsuu jalqabee '' ... # hundumaasaa himee
xumuruudhaaf ykn isinii barreessuudhaaf amma yeroo hin
qabu'' kan jedhu jijjiiranii ''amma hin barbaachisuu yeroo isaa
miti'' jedhaniiru.

➔ " .... Kiruubel ulfinaa lamaan isa irraan teessoo araaraa

golboobanii jiru turan; waa'ee wanta kana hundumaa tokko


tokkoon dubbachuuf garuu amma yeroo isaa miti." jedhan.
(Ibr.9:5).
17.(Yai.5:14) ''Isin keessaa namni dhukkubsatu yoo jiraate
# luboota waldaa kiristaana mana isaatti haa waamsifatuu.
Isaan immoo maqaa Gooftaatiin dibata dibaniif haa
kadhataniif'' kan jedhu ''Jaarsolii Waldaa Kiristaanaa haa
waamsifatu'' jedhuutti jijjiiranii,

➔ "Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni # jaarsolii

waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa


gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. " (Yai.5:14).
.
.
.
Egaa walumaa galatti kitaabni inni dhugaa fi inni sirriin isa
jalqaba barreeffame akka ta'e nama hin mamsisu waan ta'eef
kitaabolee haaraa ba'aa jiran kanatti yemmuu fayyadamnu wal
maddii kaa'uudhaan madaalchisuun barbaachisaadha.
Egaa ilmi badiisaa inni phaawuloos ergaasa warra
(2Tas.2:1-12) barreesse akkasumas (Mul.13:1-13) irratti kan
isaan barreessan sun dhufuun dirqama yemmuu dhufuu
dhugaan morma jedhameera.

-------------------------
# 108
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

Gaaffii Shakkitootaa

☞ Warri Ortodoksii kun maaliif maqaa Qulqullootaa waamtanii

kadhattu Maaliifis Qulqulloota kadhattu


Dhugumayyuu maqaa Qulqullootaa waamnee kadhachuu
dandeenyaa Qulqullootas kadhachuu dandeenyaa
Baay'eedha jettenii dubbisuu hin nuffinaa! Obsumaan
ciniinnadhaatii hamma dhumaatti dubbisaa xumuraa Garuu
nama dubbisuu jaallatuuf baay'ee gabaabduu fi xiqqoodha
Utuu hin dubbisinis like, share fi comment hin godhinaa!
Barreeffama kana dubbisuun dura, jalqabarratti wanti
beekamuu qabu nuti ijoolleen Ortodoksii Tewaahidoo yeroo
hunda kallattiidhaan Waaqa keenya akka inni nu barsiisettii fi
akka duuka bu'ootni isaa nuuf barreessanitti ni kadhanna. Kan
jennee kadhannus "Yaa abbaa keenyaa samii irra kan jiraattu
..." (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4) jenneeti. Kallattiidhaan waaqa
kadhachuu keenyas kunoo shakkitoonni warri kana nu
gaafattan iyyuu beektu. Akkuma kana qulqullootaas
kadhachuun waan nu barbaachiseef, waan nu gargaaruuf
gargaarsa isaaniis argachuuf jecha maqaa qulqullootaanis
waamannee kadhanna ykn qulqulloota kadhanna. Kanas lafaa
fuunee yookaan Ortoon koo ofii ishee kalaqxee fi uumtee osoo
hin taane Kitaaba Qulqulluu isa itti amantee bultu irra waan
jiruuf kana goote. Ragaan keenya Kitaaba Qulqulluudha waan
ta'eefi.
Kanaafuu baga maqaa qulqulloota waamnee kadhanne. Baga
Qulqulloota waaqayyoo kadhanne. Faayidaa isaa malee nuti
cubbuu ykn miidhaa maqaa qulqullootaan waamnee
kadhachuu ykn qulqulloota kadhachuu keenyaaf nurra ga'e hin
agarre. Sababa kana gooneef balaqqeessi balaqqeessa'ee
Bakakkaan nutti bu'es hin jiru. Shakkitootatu ofumaa garaa
gubatee akka Saree nutti dutaaf malee. Mee akka armaan
gadiitti xiqqeenyaan Kitaaba Qulqulluu keessaa fakkeenyaaf
haa ilaallu.
1. (Iyo.42:7-10) "'Akka garbicha koo Iyyoob waa'ee koo waan
qajeela waan hin dubbatiniif, dheekkamsi koo isin irratti
boba'a. Kanaaf amma aarsaa qabadhaa gara garbicha koo
Iyyoob dhaqaa! isin ofii keessaniif aarsaa dhi'eessaa! Ani
sababii isin akka garbicha koo Iyyoob waa'ee koo waan
qajeela hin dubbatiniif, akka gowwummaa keessan isa
leeyyaasisaatti isiniif akkan hin deebifnetti, garbichi koo Iyyoob
isiniif haa # kadhatu! Anis kadhata isaa nan dhaga'a' jedhe.
Kana irratti dhaqanii akkuma Waaqayyo isaanitti dubbate
godhan; Waaqayyo kana booddee kadhata Iyyoob dhaga'e."
Utuu shakkitoota bara kanaatiin warra ''Qulqulloota maaliif
kadhattu'' nuun jedhaniin, jechi kun akkas jedhame ta’eeti
maal akka jedhanii fi akka godhan tilmaamanii yaaduun natti
bitaache'eera. Garuu Obboleewwan Qulqullicha Iyyoob akkuma
inni ''Gara Iyyoob deemaa!'' jedhaman godhanii fayyaniiru.

☞ As irraa garuu wanti nuti hubannu : - Namoonni kun utuu

waaqayyoon kadhatanii Waaqayyo ''kadhannaa keessan hin


dhaga'u waan ta’eef gara Iyyoobiin deemaa isa kadhadhaa!
Ani immoo kadhata inni isiniif kadhatu nan dhaga'a'' jedhee
gara Iyyoobiitti qajeelchee isaan geggeesse. Har'as
shakkitoonni utuu qulqulloota waaqayyoo jibbanii gaafa
waaqayyoon kadhatan Waaqayyo immoo ''gara qulqulloota
kootii deemaa! akka ta'utti aarsaa ofii keessanii kaffalaa
dhiyeessaa!'' jedhee, akkuma obboloota Iyyoobiin gara
qulqullicha Iyyoobiitti erge kana isaaniinis gara qulqulloota
isaatti erga. Obboloonni Qulqullicha Iyyoob utuu waaqayyoon
kadhachuu danda'anii, utuu waaqayyoon kadhatanii waaqayyo
gara Qulqullicha Iyyoobitti isaan erge. Garuu waaqayyo wanta
isaan isa kadhatan utuu beekuu, utuu dhaga'uu, utuu ofii
isaatiif deebii isaaniif kennuu danda'uu gara isaatti isaaniin
erge.
Isaanis deemanii Qulqulluu Iyyoobiin akkas jedhanii kadhatan,
"Yaa Iyyoob abbaa keenyaa! Waaqayyoon akka nuuf
kadhattuuf, Waaqayyo gara keetti nu ergeera, 'isin immoo ofii
keessanii aarsaa dhiyeessaa!' nuun jedheetii adaraa nuuf
kadhadhu! Waaqni kee nu adabuuf ykn nu leeyyasisuuf jedha"
jedhanii Waaqayyoon dhiisanii Qulqullicha Iyyoobiin haala
kanaan kadhachuutti ka'an. Waaqayyootu ''deemaa Iyyoobiin
kadhadhaa!'' jedhee ajaja kenneefkaa jarri maal balleesaniree?
Kana booda Iyyoobis ajaja Waaqayyo obboloota isaa ajaje
isaan harkaa fudhatee, Waaqa isaa isaaniif kadhate.
Waaqayyos akkuma duraan yoo isaan dhaqanii Iyyoobiin
kadhatan kadhata Iyyoob waa'ee isaaniif kadhatu akka dhaga'u
waadaa akkuma galeefitti Iyyoob isa inni isaaniif jedhee
kadhatte kana dhaga'ee aarsaa isaanii fudhatee utuu hin
leeyyaasisin araara isaaniif godheera.
Sababni kadhaan obboloota Qulqullicha Iyyoob dhaga'amuu
dideef waan hamaa gaarii kan hin taane Waaqayyoo fi
Qulqullicha Iyyoob (Qulqulloota) irratti waan dubbataniifidha.
Kanaafuu "Iji waaqayyoo gara qulqullootaa ilaala. Gurri isaas
kadhannaa isaanii dhaggeeffata" waan ta'eefi (Faar.33(34):15,
1Pheex.3:12). Iji waaqayyoo gara kadhata durbee Maariyaamii,
Qulqullootaa, Ergamootaa ilaalla. Gurri isaas gara kadhata
durbee Maariyaamii, Qulqullootaa, Ergamootaa dhaggeeffata.
Durbee Maariyaamiinis Waaqa deesse qulqulleettidha waan
taateefi. Kanaafuu qulqulleettiin durbee Maariyaamii,
qulqulleettii kan taatee Waaqa waan deesseef osoo hin taane,
Waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan taateefidha.
Nuti kana sababa godhannee qulqulloota, Maariyaamii,
Ergamootaa kadhannee araaraa fi dhiifama arganna. Isaan
immoo dabarsanii waaqayyo isaanii nuuf kadhatu. "Waaqayyo
cubbuu namootatti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya
lafaa ofitti araarse; Araarsuu isaa kana immoo kennaa godhee
hadaraan nutti kenneera." (2Qorn.5:19-20). Nuti qulqulloonni
nuuf kadhatu kan jennuufis sababni inni guddaan waaqayyo
hunda caalaa kadhannaa qulqullootaa waan dhaga'uufidha.
Waaqayyo ''kadhadhaa isiniin dhaga'aa'' (Maat.7:7) jedhee
osoo jiru kadhannaa qulqullootaaf garuu iddoo guddaa
qabaachuu isaa dubbatee jira. Kadhannaan nama hundaa
waaqa biratti hinuma dhaga'ama. Haa ta'uuti garuu
qulqullootaaf iddoo hunda caala kenneera. Sababiinsaa
isaantu akka fedhaa fi seera Waaqayyootti jiraate waan
ta'eefidha. Jireenyi isaanii Kitaaba Qulqulluu dubbifamudha.
(Faar.33(34):15, 1Pheex.3:12). Caqasa kanarraa irra deebiin
dubbisaa!
2. (2Moot.4:8-37) Deemaa dubbisaa! As irratti barreessuuf
baay'ee dheerata. Garuu wanti nuti hubannee irraa barannu : -
Dubartittiin yemmuu mucaan ishee duraa du'etti nama
Waaqayyoo raajicha Eelsaayiin, "Yaa gooftaa ko! Ani mucaa si
kadhadheeraa? Ana hin sossobin siin hin jennee? Dhugaa
Waaqayyo isa jiraataati, du'a lubbuu keetiitis, ani si dhiisee hin
dhaqu! Mucaa koo kana fayyisi malee'' jettee Eelsaayitti
boossee isa kadhatte.

☞ As irrattis waan tokko hubachuu qabna. Amma mucaan

ishee du'eera. Du'aa kaasuu kan danda'u dubartiin kun


waaqayyoon kadhachuu dhiiftee, garuu gara raajicha Eelsaay
dhuftee boossee isa kadhatte. Maaliif isheen waaqayyoon hin
kadhanneree? Amantiin dubartii kana akkam nama haa
ajaa'ibu. Amantii isheetiin qulqullicha Eelsaayiin kadhattee
akka inni mucaa ishee du'aa kaasu akkamitti bartee isa
kadhatte? Qulqullicha raajii Eelsaayiin kan uumee, fayyaa kan
ajjeessu, Du'aas kan kaasuu Waaqayyoon hin kadhattu
turteeyii? Sanumaayyuummoo ''maqaa waaqayyoon'' jettellee
hin kadhanneem raajicha Eelsaay akka waaqaa gootee akka
inni mucaashee du'ee ture kana naaf haa kaasuuf isa kadhatte.
''Du'a lubbuu keetii ta'a malee mucaa kana hinuma naaf kaafta''
jetteyyuu akka dirqamaa gootee qulqullicha raajicha Eelsaay
irra keesse turte. Ihim ajaab Innis waaqayyoon kadhateefi
mucaa ishee du'arraa kaaseeraaf. Dubartiin kun sababii isheen
Eelsaayiin kadhatteef mucaan ishee du'aa ka'eera. Kana caalaa
qulqullootaa (Maariyaamii, Tekliyyee, Mikaa'elii, ...) waammee
ykn isaanuma iyyuu kadhachuu akka hin dandeenyeef maaltu
nu saalfachiisaa? Inni waa'ee isaanii beekuu kunoo akkanatti
kadhatee du'aa mucaa isaati ittiin kaasifata.
Kanaafuu isaaniin waamnee kadhachuuf ragaan kana caalu
maaltu haa dhufu? Yoo ani hin amanu, hin fudhadhu jedhanii
didanii kitaaba Qulqulluun morman malee Kitaabni qulqulluu
akka armaan olii kanatti nuuf eeyyameera. ...
Ammas kakuu haaraa keessaammoo Wangeela Luqaas
16:19-31 suutaan irra deddeebi'aa dubbisaa! Inni Kunimmoo
ofii isaatiif Qulqulloota waaqayyoo waamee kadhachuu bira
darbeeyyuu nama biraaf (obboloota isaa warra biyya lafaa irra
jiraniif) ofii isaatii gubachaa utuu jiru isaaniifis kadhateera.
Sooressichi erga du'ee booda rakkoo fi gidiraa cimaa
''hammana'' jedhamee barreeffamuu hin dandeenye arguurraa
kan ka'e Qulqullicha abbaa hunda keenyaa Abrahaamiin akkas
jedhee kadhateera; "Yaa abbaa koo Abrahaam, naaf oo'i
(dhimmi); fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee, arraba koo
anaaf haa qabbaneessuufis Alaazaariin as anaaf ergi. Anoo
ibidda kana keessatti dhiphachaan jira'' jedhee waammatee itti
iyyee boo'ichaan guutamee garaa isaa guutuun abbaa keenya
Abrahaamiin kadhateera! Namichi kun du'ee ibiddaan
guggubachaa jira. Ibidda keessaa isa baasuu kan danda'u
waaqayyoon kadhachuu dhiisee gara Abrahaamitti iyyee boo'ee
kadhate.
Ammas sooressichi abdii hin kutanne akkas jechuun
Abrahaamiin kadhate; "Egaa yaa abbaa ko, mana abbaa kootti
akka isa ergitu sin kadhadha. Anoo obboloota shanan qaba,
isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef waa'ee
isaaniif sin kadhadha'' jechuun ofii isaaf qulqulloota
(Abrahaam) kadhachuu bira darbee obboloota isaatiif
kadhateera.
Tariitii namoonni shakkitoonni waa'ee qulqulloota kadhachuu
morman kun ''kadhateerawo maaliif hin fayyine'' kan jedhu kan
kaasan yoo jiraate, qannoo fi gammachuu isaa yeroo biyya
lafaa keessa jiraachaa ture kanatti fixeera. Yeroo inni
kadhachuun isa irra ture yeroo biyya lafaa kanarra turedha.
Amma kadhachuun isaa gatii tokkollee isaaf hin buufne.
Nutis erga duune booda kadhanna osoo hin taane utuu lubbuuf
foonni keenya wal keessa jirtuu ta'uu qaba. Kadhannaan isaan
kadhannuus as irratti nu fayyada. Mammaaksi ''Waraabessa
darbe Sareen dutti; Dhama raasuun maal ha baasuuf'' akkuma
jedhamu kana ta'e dubbiin isaa malee kadhaa inni
Abrahaamiin kadhatetu sirrii ta'uu dhiisee isa fayyisuu dide
jechuuf miti. Silaa Abrahaam irratti aangoo kan qabu, bakkuma
amma Abrahaam jiru kana kan isa kaa’e Waaqayyoon hin
kadhatu tureree?
Dhimmi inni guddaan garuu akka nuti qulqulloota Waaqayyoo
kadhannee gargaarsa isaanii argachuu dandeenyu nu
hubachiisuuf jedheeti. Lammatammoo namichi inni ibidda
kana keessatti gubachaa jiru, akkuma obboloota isaa warra
inni Abrahaamiin kadhateef, Abrahaam immoo ''Isaan utuu
warri du'aan ka'anii dhaqanii isaanitti lallabaniiyyuu isaan hin
dhaga'an, hin deebi'anis, hin fayyanis'' jedhe sana namichi
kunis isaanii wajjin ture waan ta’eef fayyuu hin danda'u ture.
''Fayyaattuu kan hin dhageenye amma fayyuuf na kadhattaa?"
jechuu isaati, malee Waaqayyoon dhiiftee ''waan na kadhateef
dhiifamni siif hin ta'uun!'' ittiin hin jenne. ...
Egaa erga Kitaabni qulqulluu akka kanatti inni jiruu fi inni du'ee
dhiphachaa jiru isaan qulqulloota kadhatee, nutimmoo har'a
warri jirru maqaa qulqullootaa, aadha keenyaa qulqulleettii
durbee maariyaamii, Ergamoota waaqayyoo akka hin
kadhanneef maaltu nu dhorka, eenyuutu nu dhorkuu danda'as.
Kitaabni qulqulluwoo nuuf eeyyameera. ...
Sanuyyaammoo waa'een haadha keenyaa kan nama dhibu utuu
namni waan barbaadu maqaashee waamee ishee hin kadhatin
ofii isheen beekte ilma ishee kadhattee nuu guuchifti. Uumama
hundumaarraa adda kanshee waan ta'eefi.
3. Ragaadhaaf Kitaaba Qulqulluu keessaa waa'ee Qaanaa
Galiilaa haa ilaallu (Yoh.2:1-10).
Dursa mee dhumuu Daadhii Wayinii sanaa qulqulleettii Dubroo
Maariyaamiitti eenyutu hime?
Giiftiin keenya Ilma isheetti kan himte namootni dhufanii miilla
ishee irratti kufanii boo'anii "Salphina kana jalaa nu baasi"
jedhanii ishee kadhatanii miti. Akkuma (2Moot.4:8-38) irraa
gara gubbaatti ilaallee dabarre, yeroo Dubartittiin boosee
Qulqullicha raajicha Eelsaayiin kadhattu, Abbaan cidha kana
ykn maatiinsaa akkasumas firoottan isaa keessaa namni
tokkollee dhufee maariyaamiitti boo'ee kadhatee kan isheetti
hime hin jiru. Isheeniyyuu beekti waan ta’eef isheetti himuun
isaan hin barbaachifne ture. Osoo isa hin kadhatin kan nuun
barbaannu beekee kan nuuf laatu, haadha Waaqa keenyaa
waan taateef isheenis kennaa (Luq.1:28, Maat.6:8) isheef
laatameen beektee osoo ishee hin kadhatin kan isaan
barbaachisu isaaniif kadhattee laachifteef (kennisiifteef).
Nuufis kan nu barbaachisu osoo maqaashee waamnee hin
kadhatin akkasumatti kadhattee nuuf kennisiifti.
Dhumuu daadhii wayinii eenyu iyyuu isheetti hin himne.
Kitaabni Qulqulluus "Daadhiin wayinii yeroo dhume sanatti
haati Iyyesuus..." jedha malee ''wayinii nuu fidaa'' jedhanii
affeeramtootni daddabalanii yeroo waaman miti. Kun kan
agarsiisu libsannaa ijaa dursitee kan nama geessu giiftiin
keenya, akkuma raajichi Isaayaas "Duumessa saffisaa" jedhee
waamee fi gara fira ishee Elsaabeex "Ariitiidhaan baate"
jedhamee kan isheedhaa dubbatame giiftiin keenya misirroota
Qaanaafis ariitiidhaan isaaniif ga'uu isheeti. (Isa.19:1,
Luq.1:39)

☞ Eebbifamoon abbaa Gorgooriyoosis waa'ee mana cidhaa

kanaa irratti "Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam sanyii namaa


keessaa rakkoon namaa dafee kan isheef galu, dafee kan
isheetti argamuu fi kan isheetti dhaga'amuu garaa laafettidha.
Rakkoon namoota sanaa isheedhaa galee mucaa ishee
kadhateef" jedhaniiru.
Daftee kadhatte yommuu jennus immoo giiftiin keenya
gooftaatti kan himte yeroo isaa malee ariifannaatiin jechuu
miti. Kadhannaan ishee yeroo murteessaa ta'etti kan
raawwatedha. Osoo turteetti ta'e rakkinichi ifa ba'a ture.
Misirrootnis maqaan isaan bada ture. Sana booda raajiin osoo
raawwates miidhaa booda gargaarsa raawwatame jedhama
ture.
Kanaafuu daadhiin wayinichaa akka dhume kan kadhatte
namni kamiyyuu osoo hin dhaga'iin, cidha isaanii irratti
salphinni isaanii Osoo hin saaxilamin ture.
Akkuma utuu isaan itti hin himatin ''Daadhii Wayinii hin
qabaniim'' jettee isaaniif kadhattee Nuufis rakkinni keenya kan
isheef galuu, utuu nuti isheetti hin himatin, akkasumas rakkina
nurra ga'u isheen ofiin beektee waan barbaannu ilmashee
kadhattee nuu laachifti, nu gargaarti, nu baraarti. Ergamoonnis
qulqulloonis akkasuma.
Walumaa galatti gaaffii shakkitoota kana haala kanaan
yemmuu kitaaba qulqulluun madaallu ''Eeyyee waamnee
kadhachuu ykn isaaniin kadhachuu dandeenya'' kan jedhu ta'a.
(Maat.22:32) '''Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa
Yaa'iqoob' jedheera. Inni Waaqa warra du'anii miti, Waaqa
warra jiraataniiti malee" isaaniin jedhe. Nutis egaa akkuma
Waaqayyo akkas jedhee of ibse ''Waaqa Qulqullootaa, Waaqa
Ergamootaa'' jennees kadhachuu dandeenya. Isaanillee
kadhachuu dandeenya.
.
.
.
Misgaanuu M. & Taarikuu G.
Haagayya 13, 2012

-------------------------
# 107
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

# Iyyesuus_gooftaadha !
Dubbisaa waliif Qoodaa!
.
.
.
.
.
....jechi kun yeroo baay'ee afaan mormitootaa keessaa hin
dhibamu. Jecha kana irra deddeebi'anii waan jedhaniif qofa
Iyyesuus kiristoos waan lallabanii fi kabajan isaanitti
fakkaata.kanarraas kan ka'e kan Iyyesuus kiristoositti amanuuf
beeku isaanuma qofa akka ta'etti of ilaalu.
akkasumas manni amantaa keenya kiristoosiin hin lallabdu
jechuun nu qeequu eegalaniiru.
Dubbii isaanii kana kitaaba qulqulluun walqabsiisnee yoo ilaallu
garuu jarri kun kabaja gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin gad
buusanii waaqummaa isaa gananii akkasumas afaan isaaniitiin
qofa male laphee isaaniitiin kan isatti hin ammanneefi hin
fudhanne tauu isaanii argina.
Jalqabumayyuu beekumsiifi barumsi mormitootaa bu'uuras ta'e
tokkummaa kan hin qabnedha. kanaafidha mormitoota
garaagara 10f gaaffii tokkicha yoo dhiyeessine deebii garaa
garaa 10 kan argannuuf.
kitaaba qulqulluu akka barbaadanitti waan hiikaniif gaaffii
tokkoof deebii garaagaraa 10 nuu deebisu.
Mee gara mata duree keenyaatti haa deebinu. Iyyesuus
gooftaadha jechuun gaarii taee osuma jiruu afaan qofaan
Iyyesuus gooftaadha jechuun fayyinas ta'e wangeela lallabuu
nama hin taasisu.
yaa gooftaa yaa gooftaa kan jedhu hundi mootummaa
samiirraa kan dhaalu miti. Mat.7:22 jedha waan ta'eef.
Mormitoonni Iyyesuus gooftaadha jedhu.jecha kana osoo
isaan jedhanii hin xumurin mee gaaffii tokko akkas jedhaa
gaafadhaanii "Iyyesuus waaqadhaa???"
kkkk afaaan sila Iyyesuus gooftaadha jedhu amma Iyyesuus
# waaqadha jedhee hin deebisu.maaliif yoo jettan jarri Iyyesuus
gooftaa dha jechuu malee waaqa ta' uusaa hin amanan waan
ta'ef. Kanaafidha Iyyesuus nii kadhata kan jedhaniif.
Iyyesuus gooftaadha jechuun gaarii ta'us Iyyesuus Gooftaa
Gooftotaati jechuun garuu caalaatti gaariidha! Maaliif yoo
jettan "kennaa" gooftummaa kan qaban hedduutu jira waan
ta'eef.kanaaf Iyyesuus kiristoos gooftaa qofa osoo hin taane
gooftaa gooftotaati!!!!
Mee warreen kennaa gooftummaa qaban haa ilaallu.
1-Saaraan Abrahaamiin Gooftaakoo jettiin. Ser.uuma.18:12fi
23:6-11
2-ijoolleen yaaiqoob obboleezsa isaanii yooseefiin gooftaa
jedhaniiru.uuma.44:18
3-Aaroon museedhaan gooftaakoo jedheera.seera lakk. 12:11
4-kakuu haaraa keessattis waardiyyichi qulqulluu phaawuloosiif
silaasiin # gooftoliikoo jedheera. Hoj.duk.16;30
mee ammammoo warreen kennaa waaqummaa qaban haa
ilaallu.
1)@....Ani fariooniif waqa si taasiseera. Obboleessikee Aaronis
raajaa siif ta'a!! ser.bau 7:6
2@...gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos qulqulloonni waaqota

(አማልክት) akka jedhaman faarsaa Daawwit 81(82);6 eeruun

barsiiseera.
" Iyyesuus immoo, "'Anoo isin # waaqayyoota isiniin jedheera'
kan jedhu seera keessan keessatti caafamee' jira mitii?
" (Yohannis 10: 34)
" "Waaqayyo gooftaa # waaqayyolii ti! Waaqayyo gooftaa
waaqayyolii ti!
(Macaafa Iyaasuu 22: 22)
kanaaf egaan Iyyesuus kiristoos waaqa waaqotaa goofta
gooftotaa mootii motota jenna malee afaan qofaan Iyyesuus
gooftaadha jechuu qofti gahaa miti. Waaqummaa isaas
amanuun dirqama.
Kanaaf ragaan gahaa ta'e barreeffameera.
Far 49(50):1 "waaqa waaqotaa kan ta'e waaqayyo ni dubbata"
Mormitoonni afaan ittiin Iyyesuus gooftaadha jedhaniin
deebisanii Iyyesuus Abbaa gadi akka waan ta'eetti fudhatanii
Iyyesuus nii kadhata jechuun barsiisu. Kun dogoggora
guddaadha.
Iyyesuusiin ganaa Iyyesuus gooftaadha jechuun of
gowwoomsuu ta'a. Dursa waaqa ta'uusaa amanuutu
barbaachisa. Kiristoos du'a baraabaraa Addaamuif sanyii
isaatti murteeffame haquuf jecha foon Addaam waan uffateea
cubbuu Addaam baachuuf jecha Abbaafi Afuura qulqulluu qofa
osoo hin taane ergamootaa gadittis xiqqaatee akka ture
barreeffamee jira.
"Namoota hundaaf du'uuf jecha ergamoota irra

xiqqaate.ስለ ሰው ሁሉ ሞትን ይቀምስ ዘንድ ከመላእክት ይልቅ በጥቂት አነሰ

ibro.2:9
"fakkeenya namaas ta'ee mataa isaa gad qabe" feliph.2;6
maarre akka mormitoni jedhan oso ta'ee Iyessus kiristos
ergamoota gadidha jechudhaare?waaqni isanif ha dhisu!
kanaf egaan jarri gama tokkon Iyyesusin gana gama biran
ammo Iyesus goftadha yo jedhan nuti hin fudhannu.warren
akasi nu ijoolle Tewaahidoof qoree dhoqqe keessati.
......
Barumsi dhugaan abboota keenyaa fi kitaaba qulqulluu irraa
baranne "Iyyesuus waaqa waaqotaa, gooftaa gooftotaa, mootii
moototaa,dura kan ture amma kan jiru bara baraanis kan
jiraatu! hundumaa kan uumee hundumaa kan danda'u, waaqa
kadhatamu malee waaqa hin kadhanne dha! kan jedhudha!
DHugaa kanatti amannee itti jiraachuudhaan Jireenya baraa
baraa akka argannu Waaqayyo nu haa gargaaru!
Ameen!
Tariku@G
17/12/2010
17/12/2012

-------------------------
# 106
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

# Gorsa_Abbootii !
Gorsa Abbootii keenyaa kana dubbisaati share gochuudhaan
wal gorsaa!
Qofummaan Kan namatti dhagahamu nama irraa osoo hin
taane Waaqayyo irraa yeroo fagaannudha!
Matsaaguun dhukkubsatee waggaa 38f yeroo siree irra
ciisetti " # nama_hin "qabu jechuun dubbatee ture! Yoh 5:7
Obboleessa koo!
Obboleettii koo!
Haadha koo!
Abbaa koo!...
.... tarii atis akkuma Matsaaguu nama si gargaaru of biraa
dhabdee "ani nama hin qabu!"jettee abdii kuttee jirta ta'a!
warri sitti dhiyaatan hundi siif jedhanii osoo hin taane waan
ati qabdu ilaalanii sitti dhiyaachuu isaanii bartee nama akka
garaakee dhabuu keetin tarii "gaddaa"jirta ta'a!
yeroo kuftutti kan ol si qabu, yeroo gufattutti kan
"anaani"siin jedhu dhabde hiriyaa dhugaa of biraa dhabdee
gaddaa jirta ta'a!
kaleessa yeroo gammachuu keetti yeroo cidha keetti
baay'een isaanii si wajjin gammadaa turanii, har'a yeroo
gaddaa keetti immoo hundumtuu si gatee akka ati abdii nama
irratti qabdu fixattee nama irraa fagaattu si taasisaniiru ta'a
# Nama ko kun hundi si hin dinqin!
warri harka Kiristoos irraa Qurxummii fi biddeen nyaachaa
turan yeroo inni fannifame yoom fannoo isaa jalatti argaman?
warri yeroo Kiristoos mana cidhaatti bishan gara daadhiitti
jijjiire mana cidhichaatti argamanii daadhicha dhugan yeroo
dhiigni isaa dhangala'utti garuu isa biratti yoom argaman?
maarre namni Waaqa lubbuu isaa dabarsee isaaf kenneef
hin taane siif akkamitti ta'a?
Namni shonboqqoo dha!
yoo itti hirkatte hin caba!
cabees si waraanee si madeessa!
namakoo! waa'een kees kanuma!
warri si jaallatan yeroo ilaalanii yoo si ganan....
Firoonni kee of harkaa dhabuu kee ilaalanii yoo si
dheessan....
hundumaa of biraa dhabdee qofaa kee yoo dhaabbatte kun
hundi si hin # dinqin !
Garuu kana hundumti yeroo sirra gahu wanti ati dagachuu
hin qabne tokko nii jira.
isa # qalbeeffadhu ! innis maalidha beektaa?
haalaaf yeroo ilaalee kan nama hin gannee fi kan hin
jijjiiramne...!
Yeroo hunda warra nama hin qabnee fi warra rakkataniif
kan qaqqabu
Yeroo dhiphina keetti yeroo rakkina ketti yeroo gadda keetti
kan si # Faana ta'u # Waaqayyo jira waan ta'eef isa hin dagatin!
Qalbeeffadhu!
Waaqayyo yoomiyyuu akka si faana jiru yoo amante
yoomiyyuu qofummaan sitti hin dhagahamu!
Yaa namaa Mee duubatti deebi'ii seenaa qoradhu!
1)Yooseefiin obboloonni isaa biyya Gibtsiitti yeroo isa
gurguran Yooseef nama hin qabu ture. waaqayyo garuu isa
waliin jira waan ta'eef mana PHiixifaaraatti aangoo akka inni
argatu godhee ol ol isa qabe! seera uum. 39:1-23
2) Museen Daa'imummaa isaatti yeroo qarqara galaanaatti
gatame nama hin qabu ture.waaqayyo garuu isa faana waan
tureef mana mootitti "akka ilma mootiitti" akka guddatu isa
taasise! ba'uu 2:1-10
3) Daani'eel yeroo boolla Leencaatti darbatamu nama hin
qabu ture! waaqayyo garuu isa wajjin waan tureef Ergamaa
isaa Qulqulluu Mikaa'eliin ergee afaan Leencaa keessaa isa
baaseera!
Dan 6:6
4)ijoollonni sadan yeroo gara abiddaatti darbataman nama
hin qaban ture.waaqayyo garuu isaan waliin waan tureef
ergamaa isaa qulqulluu Gabri'eelii ergeefi abidda keessaa akka
bahan isaan taasiseera! Dan 3:24
5)Alaazaar du'ee kafanamee yeroo awwaalametti nama hin
qabu ture.Waaqayyoo garuu du'aa isa kaaseera.Yoh 11:28-34
6)Qulqulluun PHeexiroos sansalataan hidhamee mana
hidhaatti yeroo darbatamu nama hin qabu ture.waaqayyo garuu
ergamaa isaa ergee mana hidhaatii isa baaseera! hdb 12:1-11
maarree yaa obboleessa koo waaqayyo namoota kanneen
hunda yeroo qofummaa isaaniitti gargaaraa ture siinis qofaatti
si hin gatu siinis inuma si gargaara!
ati qofaa kee miti! hin sodaatin hin dhiphatin!
hiriyaa amanamaa dhabuu dandeessa! fira dhiigaa dhabuu
dandeessa! Qabeenya dhabuu dandeessa!
Garuu hundaa ol kan ta'e fira dhiigaas kan siif caalu hiriyaa
amanamaas kan siif caalu isati dhabde hunda siif guutuu kan
danda'u, isa si uume isa si guddise isa si eegu isa si jiraachisu
isa hundumaa siif gochuu danda'u Waaqayyoon qabda waan
ta'eef # Gammadi !
Waaqayyoon Qabaachuu keef immoo # Boonuu qabda!
~~~~~ ~~~~~
Waaqayyo Hundumaan keenyayyu Nu haa gargaaru!
share.....
Tariku@G
19/12/2012

-------------------------
# 105
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

Ijoollee_koo !
Isin kan Waaqayyoo ti, # raajota # sobduu sanas # mootaniittu ;
hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa # isin keessa
jirutu # caalawoo
_________
# Nuyi kan # Waaqayyoo ti, namni Waaqayyoon beekus # nu
# dhaggeeffata ; inni kan Waaqayyoo hin ta'in immoo nu # hin
dhaggeeffatu. Kanaan hafuura dhugaa, hafuura sobaattii gargar
baafnee nii hubanna.
(1 Yohannis 4:4-6

-------------------------
# 104
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

'''macaafota Awwaaldii''

~~~አዋልድ መጻሕፍት~~~

>Kana Beektuu laata?.....


> yeroo darbee mataduree,''dhuguma barri callisaa waggaan
400 ni jiraa?,,jedhu jalattii jiraachuun bara callisaa,soba ta'uu fi
maddi yaadichaa ,Tufiitii(darbii),warra Ayuudotaa ta'uusaa
hubannee,ija macaafa qulqulluun soba ta'uusaa ragaa
mac.qulqulluu keessumayyuu seenaa,jaarsicha simi'oon fi
Raajitti Haannaa waliin wal falleessuusa hubannee turre.....
>har'a immoo yaada isaan wal qabatuu fi macaafonnii 66 irraa
hafan,kitaabonni 15n bara callisaa keessaa akka
barreeffamanii fi isaanis macaafa Awwaldii jedhamuun,akka
waamamanitti, dubbachaa,barsiisaa fi kitaaban nu dubbisiisa
warreen turaniif deebii,akka ta'utti maalummaa ykn
Eenyummaa macaafota Awwaaldii ni ilaallaa..............
>Akka mana Amantaa Ortodoksi tawahidoo Itoophiyaatti,B
u'uurrii Amantaa keenyaa Gosa kitaabota gurguddoo lama
irratti bu'uura kan kaawwatte yoo ta'uu isaanis..

1,kitaaba bu'uuraa(አሥራው መጻሕፍት),mac.qulqulluu Abbaa 81,

2,kitaaba dhalatoo/Awwaaldii/,አዋድ መጻሕፍት...

>kanaafuu macaafa Awaaldii,jechuun,kitaabota dhalatoo


jechuudha,ykn ijoollee macaafa qulqulluu jechuu yoo
ta'uu,kitaabonnii dhalatoon maddii isaanii kitaaba bu'uuraa
(mac.qulqulluu Abbaa 81)ti,kaayyoon ykn barbaachisummaan
macaafa dhalatoo,waa'ee dubbii fi barnoota kitaaba qulqulluu
(bu'uuraa),hiikuu,barsiisuu,dhaamsa barbaachisa,ifaan
hubachiisuu,iccitii jiruu caasa isaa waliin hubachiisuu, seeraa fi
sirna Amantichaa eeganii jechaan hubachiisanii,gochaan
raawachiisuu,mala gabaabadhan,hojii guddaa fi hubannoo
guddaa barbaadan gabaabsanii hubachiisuu fi kkkk..
>kitaabonni dhalatoon,ijoolummaan isaanii macaafa
guddichaafidha, Akkuma namni tokko haadhumaaf Abbummaa
warraasaa kan ibsu,caasa dhaalaa waarra irraa fudhatee
dhalatu,macaafonni dhalatoonis caasaa ragaa fi dhimma ijoo
kitaaba qulqulluu keessa fudhatanii waan barreeffamaniif sana
fiixan baasu,garuu yaada faallaa macaafa qulqulluu ta'eef
gonkumaa hin barreeffaman, duraaf duuba dhaamsa macaafa
qulqulluu qofa irratti xiyyeefatu,kanaafis,akkuma Gal.1:8,irratti
,yaa ta'uyyu malee,Ani ykn Ergamaan waaqa irraa
tokko,wangeela isa nut kanaan dura isinitti himnetti,kan gargar
bahe yoo isinitti hime kan Abaarame yaa ta'u jedhu,jecha,caa
saa fi dhaamsi macaafota Awwaldii macaafa qulqulluun,ala
ta'uu hin danda'u,kanaaf manni Amantaa keenya durii
kaastee,macaafa dhalatoo hedduutti fayyadamte,har'as boris
ni fayyadamti, bu'uurrii ykn maddi kitaabota dhalatoos
macaafuma qulqulluu waan ta'eef yakka hin qabu,Akka
dhaabbileen Amantaa tokko tokko jedhanitti,macaafonni 66
irraa hafan 15n,macaafa dhalatoodha jechuun barsiisu,kunimm
oo soba adiidha, bara callisaa keessaa barreeffamanis jechuun
amanu kunimmoo ganumsa guddaadha, otumaa ta'eeyyuu
barri callisaa akka hin jirree hubannee turre, macaafonni isaan
dhalatoodha jedhanis sobaa fi ganumsa iraa kan
dhufedha,kunis macaafota 15n keessa tokko macaafa Heenok
yoo ta'uu macaafa Heenok dura kan barreeffames hin jiru,innis
dh.k.du.bara 1486tti barreeffame,ykn. kiristoos dhalachuuf
waggaan 4014,yemmuu hafu barreeffame,kunimmoo bara
callisaa isaan jedhan keessa miti,macaafa kufaales yoo
fudhanne kufaalee,jechuun haftee jechuudha,kunis haftee
macaafota seera uumama yoo ta'u kan barresses museedha,
macaafa Heenokitti aansee kan barreeffame macaafa iyyob
yoo ta'u sadaffan seera uumamati,kanaafuu dubbiin bara
callisaa keessa barreeffame jedhu soba adiidha,barri callisaa
isaan jedhan,raajii milkiyaasii kaase hanga wangeela
matewasittidha, bara sana keessa immoo yohannis cuuphanuu
barsiisaa ture,.......
>kitaabonnii dhalatoon fi kitaabonni bu'uuraa(mac.qu
lqulluun),walqunnamtii guutuu kan qaban yoo ta'uu,kanas
karaa sadi(3),gurguddoodhan ilaaluu dandeenya.......
1,karaa gosa isaanitiin....
2,karaa Abbummaasanitiin...
,3karaa qulqullummaasanitiin..
~~karaa Gosa isaanitiin yoo fudhannee,macaafa bu'uuraa
(mac.qulqulluu abbaa 81),gosa afur(4)tti qoodnee ilalla......
1,macaafota seeraa.......isaan kun macaafota seera shanan
(5),dabalatee,kitaaba,Abboota murtii,kitaaba heenok fi kitaaba
kufaaleeti.......
2,macaafota seenaa................
kitaabota saamu'el,kitaabota mootota,kitaabota,seenaa,kitaa
bota Iziraa,kitaabota,Nayimiyaa fi kitaabota maqaabiyaan......
3,macaafota ogummaa..........
farfannaa Dawwati,kitaabota solomoon,kitaaba iyyoob,kitaaba
siiraak, fa'adha.
4,macaafota Raajii.................
kitaabota warreen raajii dubbatanii hunda qabata,raajota
gurguddoo fi xixiqqoo jedhamuunis ni qooddamu.
>kitaabonni dhalatoonis haaluma kanaan barreeffamuu..
~~Karaa Abbummaa isaanitin...
macaafonnii qulqulluun Abbummaan isaanii,mana kiristiyaana
qulqulleetidha,sababnisaa,kitaabonnii qulqulluun,qabeenya
waaqayyooti,fedhaa fi qajeelcha isaatin barreeffamanis,manni
kiristiyaana immoo dhiigaa isaatin kan hundoofte,(hoj.
duk.20:28),manaa mataa isaa,kennaa fi qabeenya
isaatis,haaluma kana hundaan immoo kitaabonni dhalatoonis
akka abbummaatti kan mana kiristiyaanati,barreessitoonni
kitaabota dhalatoos ijoollee mana kiristiyaana kan ta'an
tajaajiltoota sagalee waaqayyooti......
~~Akka qulqullummaasanitti....
Macaafa qulqulluu(bu'uura)s ta'ee kitaabonni dhalatoon
hundinuu,gaggeessaa Afuura qulqulluun barreeffaman,Ma
caafa qulqulluu kan barreessaan warreen waaqayyoo
filate,eebbise fi kennaa isaatin badhaase akkuma ta'e kitaaba
dhalatoos kan barreessan warreen waaqayyoo fedhasaan
tajaajila manasaaf filatedha,kaayyoon isaanis amantaatti
qajeelchuu,jajjabina kennuu gorsuu fi qajeelummatti
leenjisuudha(2xim 3:16-17),....
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
>Macaafni qulqulluun waa'ee macaafota dhalatoo/Awwaldii/
,maal jedha?..........
kitaabni qulqulluun mataasaatin,yaada ofiisaa guutuu akka
taasisaniif gara kitaabota dhalatootti akka nu ergu
beekkamadha..........
~~ser.lak.21:14,israa'eloonni gara kana'aanitti yemmuu
godaanan,Azaabota wajjin,akka wal waraanan,seenan isaa kun
immoo
'''''macaafa loltuu(lolaa)''''.........
keessatti barreeffamee jira jedha..
~~Iyas 10:13,...Iyyasuun yemmuu Azaabota wajjiin walirratti
lola bananitti,iyyasuun bakka Gaba'oon jedhamutti,aduu
dhaabudhan,addeessaf urjiilenis akka dafanii hin
baane,yemmuu taasisetti,seenan isaa kun immoo,'''''macaafa
Yaashar''' jedhamu keessatti barreeffame jirachuu dubbata,
kana malees
~~2sam.1:17,Daawwit,waa'ee musaa ,saa'olii fi yonaattan
ciigoo gaddaa faarfate,ijoollees akka barsiisanif ajaje,kunis
seenan isaa ''''kitaaba Yaashar''''keessatti barreeffamee......
~~2mot,1:18 macaafa seena mootata israa'eel.....
~~2mot 8:23,macaafa seenaa mootota ayuud....
~~1mot 11:41,macaafa seena solomoon.....
~~2mot 23:28 mac.seenaa yiwuudota,
~~1mot 14:19,macaafa seena mootota israa'eel...
~~yiwuda 1:8,macaafa seenaa musee...
~~2sen.33:19 macaafa ilaaltu,..
~~Erm 32:11-12 macaafa waliigaltee..
~~1sen.29:29,mac.Raajii Naattan.
~~2sen,23:16-19,34:14-30,mac.waadaa(mac.seera mana
qulqullummaa),..
~~2xim 4:11-12,macaafa biraannaa.
~~2sen.12:15,mac.shema'iyaa....
~~2sen.13:22,macaafa hadoo....
>isaan kun muraasa yoo ta'aniyyuu deemne yaada macaafa
qulqulluu wajjiin walqabatuuf ragaa dabalataa akka irraa
argannuuf macaafni qulqulluun mataansa nuuf caqasa,nu
qajeelchas,mee warreen macaafa qulqulluu qofa jedhaniif
yaada kana qoodafi ,kana qofaa miti,mat,27:9-10,gubbatti
iyyasuus kiristoos Qarshii 30tti akka gurguran,qarshii sanaan
immoo nama suphee dhawurra lafa akka bitan,namoota
israa'eliin irratti dubbatame,kuni mmoo isa Ermiyaas raajii
dubbatetu raawwate jedha,Mee!,warreen mac.qulqulluu 66
qofa jedhan,nuu gaafadha,Ermiyaas boqonnaa fi lak.kamirrati
raajii kana dubbate?.....
~~kanaafuu Gabaabumatti,yaadni jiruu fi inni dhokatan,immoo
jalqaba duratti macaafni maxxanfame 66 qofa otoo hin
taane,yeroo jalqabaatif bara 1455,yeroo jalqabaaf mana
maxxansaa yohannis gutenbarg yoo ta'uu baay'inni kitaabota
maxxanfamanii immoo 73 turan malee 66,mee kanumarraa
immoo kitaabota 7,eessan dhaqan ree?,boodarra immoo
Qannoona kitaaba qulqulluu 2ffaa jechuun baroota muraasa
booda 73 irratti 8 dabaluun 81,maaxansanii ture,warreen
pirootestan immoo yeroo jalqabaaf kan kitaaba maxxansan
bara 1611,Yoo ta'uu kan maxxansaniyyuu kitaaba qulqulluu
abbaa 81ti ture,yaa ta'u malee boodarra immoo ofuma
isaanitii,bara 1885,kitaabota 15n erga irraa hir'isanii
booda,bara 1925,mac.qulqulluu abbaa 66,guutuusa
maxxansanii jiru,kunii ta'ee otoo jiruu yeroo hedduu mac.15
dabalata ,ofiif itti dabalatan jechuun oduun sobaa dhugaa
fakkaattee odeeffama har'a geesse,kana booda immoo 66
bara 1975,Nkjv,king jaams yeroo torba haaressera, https://
www.king james bible online.org ,king james version iwas
always under the impresion that,the 1611 version had never
been changed but itold that in 1885 version was made any one
the 15 books,was officialy removed in 1885 leaving only 66
books,.....
>jechuun seenan galmaa'ee waan jiruu,dubbiin macaafonni 15
dabalata jettu sun sobadha,dabalata,otoo hin taane,
hir'ataadha,..........

madda:-መድሎተ ጵድቅ(የእውነት ሚዛን),ቅጵ 2,

~~የመጽሐፍ ቅዱስ ጥነት'አንደኛ መጵሐፍ..

~~Kitaaba Qo'annaa mac.qulqulluu seensaf kutaa 1ffaa fi


2ffaa,
~~kitaaba Qo'annaa mac.qulqulluu kakuu moofaf haaraa.......
~~waaqayyyof Galanni yaa ta'u...

-------------------------
# 103
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

(Ibroota 11 ) :32-38
------------
Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa'ee
Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el
akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon
ana hin ga'u.
Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo'anii,
kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii, kaanis
afaan leencotaa cufaniiru.
Kaanis # ibidda olotu dhaamsanii, qara billaa jalaa ba'anii,
dadhabbii keessaa jabina argatanii, lolatti jaboo ta'anii, loltuu
warra ormaas baqachiisaniiru.
Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du'an, du'aa
kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa
wayyuuf du'aa akka ka'aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra
isaan # dhiphisaniitti # dhiphatanii du'an.
Warri kaan ga'oof ta'an, nii reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu
hidhamanii, mana # hidhaatti nii # galfaman .
Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman,
# billaadhaan in # ajjeefaman , gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa
uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu
in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman.
# Biyyi_lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu
isaan biyya lafaa kanaaf kan hin # malletti lakkaa'amanii, lafa
duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa
jiraatan.
__________
DHugaa Keenya Waaqayyo nuuf Haa Baasu!

-------------------------
# 102
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

+++ ኦርቶዶክሳውያን ለቅዱሳን ለምን ይዘምራሉ? +++

ኦርቶዶክሳዊት ቤተ ክርስቲያናችን ካሏት ብዙ መገለጫዎች አንዱና ዋነኛው

‹ምስጋና የሚገባውን› እግዚአብሔርን ሳታቋርጥ የማመስገን አገልግሎትዋ

ነው፡፡ እግዚአብሔርን ለማመስገን ለዓመታት የዜማ ስልት ተምረው የተመረቁ

የስብሐተ እግዚአብሔር ሊቃውንት ያሏት ይህች ቤተ ክርስቲያን ዝማሬዋ ፣

ማሕሌትዋና ቅዳሴዋ የሃያ አራት ሰዓታት ጊዜ የማይበቃው ፣ ለሰዓት ሲባል

በንባብ እየተባለ ፣ ዜማው እያጠረ የሚተው በመሆኑ ፀሐይ በማይጠልቅበት

በዘላለማዊው መንግሥት ለማመስገን ዝግጁ ሆና የምትጠባበቅ ቤተ

ክርስቲያን ያሰኛታል፡፡ ከዚህ እንደ ባሕር ጥልቅ ከሆነው ስብሐተ እግዚአብሔር

ጋር የእግዚአብሔር ቅዱሳንንም በሰፊው ታመሰግናቸዋለች፡፡

በዚህች አጭር ጽሑፍ ምስጋና የባሕርይ ገንዘቡ የሆነው እግዚአብሔር ከሆነ

ፍጡራን ለሆኑ ለቅዱሳን ሰዎች ፣ ለቅዱሳን መላእክትና ለድንግል ማርያም

የሚዘመረው መዝሙርና የሚቀርበው ውዳሴ ምን ያህል ተገቢ ነው? ለቅዱሳን

መዘመር ከመጽሐፍ ቅዱስ አንጻር ተገቢ ነው ወይ? የሚለውን እንመለከታለን፡፡

ይህንን ጥያቄ ለመመለስ ሳስብ በመጽሐፍ ቅዱስ ወደር ያልተገኘለትን ዘማሪ

ለመጠየቅ ወደድኩ፡፡ በመጽሐፍ ቅዱስ በስሙ መቶ አምሳ መዝሙራት

የተጻፉለት ፣ ራሱ ሰማኒያ ሰባት መዝሙራትን የዘመረና በሥሩ ያሉ መዘምራን

ደግሞ አብረውት ብዙ መዝሙራትን የዘመሩበት የዝማሬ ባለ ጠጋ ንጉሥ ዳዊትን

‹‹እውነት ለፍጡራን ምስጋና ይገባል ወይ?›› ብዬ ልጠይቀው አስቤ ወደ

መዝሙረ ዳዊት ገሰገስኩ፡፡

ፈጣሪ እንደ ልቤ ያለው ዳዊት የልቤን ማን እንደነገረው እንጃ የእኔን ጥያቄ

ለመመለስ ቸኩሎ ጠበቀኝ፡፡ ገና የመጀመሪያው መዝሙሩን ‹‹ምስጉን ነው

በክፉዎች ምክር ያልሔደ ፣ በኃጢአተኞች መንገድ ያልቆመ ፣ በዋዘኞች ወንበር

ያልተቀመጠ›› ብሎ ጀምሮት አገኘሁት፡፡ (መዝ. 1፡1) ዳዊት በዚህ ዝማሬው


‹ምስጉን ነው› ያለው ፈጣሪን ነው ወይንስ ፍጡርን? እግዚአብሔርን ነው

እንዳልል ‹በእግዚአብሔር ሕግ ደስ ይለዋል› ይላል፡፡ ስለዚህ ዳዊት ዝማሬውን

የጀመረው ‹በክፉዎች ምክር ያልሔደ ፣ በኃጢአተኞች መንገድ ያልቆመ ፣

በዋዘኞች ወንበር ያልተቀመጠ›ን ሰው በማመስገን ነው፡፡

ወደ መዝሙሩ ስገባ ዳዊት ምስጋናውን ሰፋ አድርጎ ‹ለቅኖች ምስጋና

ይገባቸዋል› ‹ለችግረኛ የሚያስብ ምስጉን ነው› ‹አንተ የመረጥከው

በአደባባዮችህም ለማደር የተቀበልከው ምስጉን ነው› ‹እግዚአብሔር አምላኩ

የሆነ ሕዝብ ምስጉን ነው› ‹እልልታን የሚያውቅ ሕዝብ ምስጉን ነው› ብሎ

ከግለሰቦች አልፎ ሕዝብን ሲያመሰግን አገኘሁት፡፡ ከሁሉ ያስደነቀኝ ግን

‹‹መተላለፉ የቀረችለት ፣ ኃጢአቱ የተከደነችለት ሰው ምስጉን ነው›› የሚለው

ዝማሬው ነው፡፡ ኃጢአቱን እግዚአብሔር ይቅር ያለውና በደሉን ፈጣሪ የሸፈነለት

ሰው በታላቁ ዘማሪ በዳዊት አንደበት መዝሙር ከተዘመረለት በሃሳብዋ እንኳን

ኃጢአትን ስላልሠራችው ድንግል ምን ዓይነት መዝሙር ይዘመርላት ይሆን?

ንጉሥ ዳዊት ሕይወት ላላቸው ሰዎች ብቻ ዘምሮ አላቆመም ፤ ለማትናገረውና

ከእንጨት ከድንጋይ በሰው እጅ ለተሠራችው ከተማው ለጽዮን የእግዚአብሔር

ማደሪያ በመሆንዋ ዝማሬን አዝንሞላታል፡፡

‹‹እግዚአብሔር ጽዮንን መርጦአታል ፤ ማደሪያው ትሆነው ዘንድ ወድዷታል፡፡

እንዲህ ሲል ይህች ለዘላለም ማረፊያዬ ናት ፣ መርጫታለሁና በእርስዋ

አድራለሁ››

‹‹እግዚአብሔር የጽዮንን ደጆች ይወድዳቸዋል ፤ የእግዚአብሔር ከተማ ሆይ

በአንቺ የከበረ ነገር ይባላል››

‹‹በባቢሎን ወንዞች አጠገብ በዚያ ተቀመጥን ፤ ጽዮንን ባሰብናት ጊዜ አለቀስን

፤ የማረኩን በዚያ የዝማሬን ቃል ፈለጉብን ፤ የእግዚአብሔርን ዝማሬ እንዴት

በባዕድ ምድር እንዘምራለን? ኢየሩሳሌም ሆይ ብረሳሽ ቀኜ ትርሳኝ ፤ ባላስብሽ

ምላሴ ከጉሮሮዬ ጋር ይጣበቅ ፤ ከደስታዬ ሁሉ በላይ ኢየሩሳሌምን ባልወድድ››

ብሎ ስለ ቅድስቲቱ ከተማ ሲዘምር አገኘሁት፡፡ ከራሱ አልፎም በዙሪያው ላሉት

በመዝሙሩ እንዲህ ሲል ጥሪ አቀረበ ‹‹ጽዮንን ክበቧት በዙሪያዋም ተመላለሱ ፤


ግንቦችዋን ቁጠሩ ፤ በብርታትዋ ልባችሁን አኑሩ ፤ ለሚመጣው ትውልድ ትነግሩ

ዘንድ›› የእግዚአብሔር ከተማ ጽዮንን ለማይወድዱ ደግሞ በመዝሙሩ ‹‹ጽዮንን

የሚጠሉ ሁሉ ይፈሩ ወደ ኋላቸውም ይመለሱ›› ብሎ ዘምሮአል፡፡

ዳዊት ስንት ኃጢአተኛ ሲራኮት ለሚውልና ለሚያድርባት ከተማ የእግዚአብሔር

ማደሪያው እንድትሆን እንደ መረጣት አውቆ እንዲህ ሲዘምር ማየቴ ‹መንፈስ

ቅዱስ ይጸልልሻል የልዑል ኃይልም ያድርብሻል› ለተባለችዋ ቅድስት ድንግል

ማርያም ‹የጌታዬ እናት ፣ የመንፈስ ቅዱስ ማደሪያ ፣ የእግዚአብሔር ከተማ ሆይ›

ብዬ ለመዘመር እንድችል ኃይል የሚሠጥ ሆነልኝ፡፡ ባቢሎን በተባለ በኃጢአት

ሥፍራ ሆኜ ድንግልን ባሰብኳት ጊዜ እንዳለቅስና ‹‹ድንግል ሆይ ብረሳሽ ቀኜ

ትርሳኝ ባላስብሽም ምላሴ ከጉሮሮዬ ይጣበቅ›› ብዬ እንድዘምርላት ድፍረት

ሠጠኝ፡፡

የዳዊት ሲደንቀኝ ልጁ ሰሎሞን ደግሞ ‹ከመዝሙራት ሁሉ የሚበልጥ የሰሎሞን

መዝሙር› (መኃልየ መኃልይ ዘሰሎሞን) በተባለ ውብ ድርሰቱ ከአባቱ የባሰ

የመዝሙር ቅኔን ሲቀኝ አገኘሁት፡፡ በዚህ ዝማሬው ላይ በፍቅረኛሞች መካከል

የሚደረግን የፍቅር ቃል ልውውጥ ሰበብ አድርጎ መድኃኔ ዓለም ክርስቶስ

ሙሽራው ስላደረጋትና እርስዋም ‹ውዴ› ብላ ስለምትጠራው ቅድስት ቤተ

ክርስቲያን ውብ ስንኞችን ጽፎ አገኘሁት፡፡

በዚህ ዝማሬው ላይ ቅድስት ቤተ ክርስቲያን ውድዋ የሆነውንና ነፍስዋ

የወደደችውን መድኃኔ ዓለም ክርስቶስን ስትፈልገው ፣ በከተማ የሚጠብቁ

ጠባቂዎች የተባሉ መላእክትን ስትጠይቅ ፣ ቤተ ክርስቲያን በቀዳም ስዑር

የምትዘምረው ‹እርሱ እስኪፈልግ ድረስ ፍቅርን እንዳታስነሡት› ብላ አልጋ

በተባለ መቃብር ስለ ሰው ልጅ ፍቅር የተኛውን ክርስቶስን እርሱ ወድዶ ሞትን

ድል አድርጎ እስከሚነሣ በእምነት እንዲጠብቁ ስትናገር ፣ ውዴ ወደ ገነቱ ወረደ

ብላ ነፍሳትን ይዞ ወደ ገነት ስለ መውጣቱ ስትዘምር በሰሎሞን ዝማሬ ውስጥ

አገኘሁ፡፡ በዚህ ዝማሬ ላይ ሙሽራው ስለ ሙሽራዪቱ ቤተ ክርስቲያን ቅድስናና

ውበት ፣ ጡቶችዋ ስለተባሉ የቃሉ ወተት ስለሚፈስስባቸው ብሉይና ሐዲስ ኪዳን

ማማር ፣ ድንቅ ቅኔ ሲዘምር አገኘሁት፡፡


በሰሎሞን መዝሙር ላይ ‹ወዳጄ ሆይ ነይ ውበቴ ሆይ ተነሽ› ‹ወዳጄ ሆይ

ሁለንተናሽ ውብ ነው ነውርም የለብሽም› የሚሉት ውብ ዝማሬዎች ለፍጡር

እንጂ ለፈጣሪ የቀረቡ ምስጋናዎች አይደሉም፡፡ ለዚህም ነው ቅድስት ቤተ

ክርስቲያን ይህንን ውብ ዝማሬ ሁለተናዋ በቅድስና ለተዋበችው ድንግል

ማርያም መዝሙር አድርጋ የምትዘምረው፡፡ አባቱ ዳዊት ‹ልጄ ሆይ ስሚ እዪም

ጆሮሽን አዘንብዪ› ብሎ ለጠራት ድንግል ልጁ ሰሎሞን ‹እኅቴ ሙሽራ ሆይ› ብሎ

መዘመሩን የምንቀበለውም ከዚህ ተነሥተን ነው፡፡

ቅዱሳንን ማመስገን በዳዊትና በሰሎሞን አላበቃም ፤ መላእክትም ለቅዱሳን

ሲዘምሩ ታይተዋል፡፡ ሊቀ መላእክት ቅዱስ ገብርኤል ‹ጸጋ የሞላብሽ ሆይ ደስ

ይበልሽ አንቺ ከሴቶች ተለይተሽ የተባረክሽ ነሽ› ብሎ ለድንግል ማርያም

ያቀረበው ሰላምታ ‹ከእንዴት ውለሻል› ሰላምታ ያለፈ ምስጋና አይደለምን?

ለዘካርያስ ‹አንተ ከካህናት ተለይተህ የተባረክህ ነህ› ያላለው ይህ መልአክ

ለድንግል ለይቶ ያቀረበው በእርግጥም ምስጋና ነበር፡፡ ስለሆነም የገብርኤልን

ሰላምታ ተውሰን ድንግሊቱን ለዘወትር እናመሰግናታለን፡፡ ገብርኤል ያቀረበውን

እኛ ማቅረብ አያስፈልገንም የሚሉ ሰዎች ይኖራሉ፡፡ ሆኖም ድንግሊቱ ‹ከዛሬ

ጀምሮ ትውልድ ሁሉ ያመሰግኑኛል› ብላ መናገርዋ ለማመስገናችን ምክንያት

ነው፡፡ ‹ትውልድ ሁሉ› አለች እንጂ ሰው ሁሉ አላለችምና ከየትውልዱ

የማያመሰግኗት ቢገኙ አይደንቅም ፤ ከእኛ የሚጠበቅብን እንደ ኖህ

‹በትውልዳችን ጻድቅ› ሆኖ መገኘት ብቻ ነው፡፡ መልአኩ ገብርኤል ‹ደስ ይበልሽ›

ቢላትም እኛ ‹ደስ ይበልሽ› አንላትም የሚሉ ሰዎች መላእክት ‹ቅዱስ ቅዱስ

ቅዱስ› የሚሉትን እግዚአብሔርም ‹ቅዱስ ቅዱስ ቅዱስ› ለማለት እንዴት

ፈቃደኞች ሊሆኑ ይችላሉ?

ለቅዱሳን የሚቀርበው ምስጋና መጽሐፍ ቅዱሳዊ መሠረት ያለው መሆኑን

የምንደመድመው መድኃኔዓለም ክርስቶስ ራሱ ለመጥምቁ ዮሐንስ የተናገረው

ምስጋና ነው፡፡ ‹‹ምን ልታዩ ወጣችሁ? ነቢይን? አዎን እላችኋለሁ ከነቢይም

የሚበልጠውን … እላችኋለሁ ከሴቶች ከተወለዱት መካከል ከመጥምቁ ዮሐንስ

የሚበልጥ ማንም የለም›› (ሉቃ. 7፡26-28) ከዚህ በላይ ምስጋና ከየት


ይመጣል? በዜማ መሆኑ ከሆነ ችግሩ በንባብ እንለዋለን።

የመጥምቁ ምስጋና በቅዱስ ገብርኤልም አንደበት ተነግሮ ነበር፡፡ ቅዱስ

ገብርኤል የዮሐንስን ልደት ሲገልጥ ‹‹በመወለዱ ብዙዎች ደስ ይላቸዋል›› ብሎ

ነበር ፤ ወደ መዝሙር ሲለወጥ ‹ዮም ፍስሓ ኮነ በእንተ ልደቱ ለዮሐንስ›

እንደማለት ነው፡፡

አባቱ ዘካርያስ ደግሞ ‹‹አንተ ሕፃን ሆይ የልዑል ነቢይ ትባላለህ›› ብሎ ነበር

ይህም ‹ወአንተኒ ሕፃን ነቢየ ልዑል ትሰመይ ፤ አርኩ ለመርአዊ ትሰመይ››

የሚለው መዝሙር ነው፡፡ ቤተ ክርስቲያናችን ለቅዱሳን ስትዘምር ቃላትና ግጥም

የምትዋሰው ከመጽሐፍ ቅዱስ ነው፡፡

‹‹ሐውፅ እምሰማይ ተክለ ሃይማኖት ፀሐይ›› (ፀሐይ ተክለ ሃይማኖት ሆይ

ከሰማይ ሆነህ ጎብኝ)

የሚል መዝሙር ቢዘመር ‹‹ጻድቃን በአባታቸው መንግሥት እንደ ፀሐይ ያበራሉ››

የሚለውን የተስፋ ቃል ይዞ ነው፡፡ (ማቴ. ፲፫፥፵፫)

‹‹ጊዮርጊስ ኃያል ኮከበ ክብር›› ተብሎ ቢዘመር ‹‹ብዙዎችን ወደ ጽድቅ

የሚመልሱ እንደ ከዋክብት ለዘላለም ይደምቃሉ›› የሚለውን ይዞ ነው፡፡ (ዳን.

12፡3)

‹‹አቡነ አረጋዊ ሆይ ነፍሴ ዛሬ በአንተ ፊት የከበረች ትሁን!›› ‹‹ትክበር ነፍስየ

በቅድሜከ ዮም ፤ ወባርከኒ አባ አረጋዊ›› ተብሎ ሲዘመር ብንሰማ አንድ የመቶ

አለቃ በነቢዩ ኤልያስ ፊት ተንበርክኮ ‹‹የእግዚአብሔር ሰው ሆይ ነፍሴ አሁን

በፊትህ የከበረች ትሁን›› ብሎ ካቀረበው ልመና ተወስዶ ነው፡፡ (2ነገሥ. 1፡13)

በአንዳንድ ሥፍራ ለቅዱሳን በሚቀርቡ ምስጋናዎች ላይ ለፈጣሪ የቀረቡ

የምስጋና ቃላት ተወስደው ለቅዱሳን ሲቀርቡ ይታያል፡፡ ይህንን የሚያዩ ሰዎች

ቅዱሳን የተመለኩ ፣ የፈጣሪ የባሕርይ ክብሩ ለቅዱሳን የተሠጠ መስሏቸው

ይተቻሉ፡፡ በዚህ ምክንያት ለቅዱሳን በሚዘመሩ መዝሙራት ሁሉ ላይ የሚታረም

ነገር አያጡም፡፡ ሆኖም ይህንን ዓይነት እርማት ላድርግ ብሎ የሚነሣ ሰው

መጽሐፍ ቅዱስንም ማረም ሊኖርበት ነው፡፡

መጽሐፍ ቅዱስ ለእግዚአብሔር የተነገረን ቃል ለቅዱሳን ሲሠጥ በተደጋጋሚ


እናገኘዋለን፡፡

ጥቂት ምሳሌዎችን እንመልከት ፡-

‹‹ገብረ መንፈስ ቅዱስ የዓለም ብርሃን ናቸው›› ሲባል ‹‹የዓለም ብርሃን ክርስቶስ

ብቻ ነው›› ብሎ የሚቃወም ቢኖር ራሱ ክርስቶስ ለሐዋርያቱ ‹‹እናንተ የዓለም

ብርሃን ናችሁ ፤ ብርሃናችሁ በሰው ፊት ይብራ›› ብሏል፡፡ የእርሱ ብርሃንነት

የባሕርይው የቅዱሳን ብርሃንነት ግን ከእርሱ የተሠጠ ነው ብለን እንከፍለዋለን

እንጂ የቅዱሳንን ብርሃንነት አንክድም፡፡ (ማቴ. 5፡14)

አንዳንድ ምእመናን ስለ ድንግል ማርያም አማላጅነት ሲመሰክሩ ‹‹ለእመቤቴ

የሚሳናት ነገር የለም›› ሲሉ የሚሰማ ሰው ራሱን እየነቀነቀ ‹የእኛ ሰው Bible

ላይ ብዙ ይቀረዋል› ብሎ ሊመጻደቅ ይችላል፡፡ መጽሐፍ ቅዱስን የሚያውቅ ከሆነ

ግን ‹‹እምነት ቢኖራችሁ የሚሳናችሁ ነገር የለም›› የሚለውን የጌታ ቃል ፣

‹‹ኃይልን በሚሠጠኝ በክርስቶስ ሁሉን እችላለሁ›› የሚለውን የጳውሎስ ቃል

በሰማበት ጆሮው ‹ያመነችው ብፅዕት› ‹የልዑል ኃይል ያደረባት› ድንግል

‹የሚሳናት የለም ሲባል ከመቆጣት ይልቅ ለምእመናን የተሠጠውን እምነትና

ማስተዋል ያደንቃል፡፡ (ማቴ. 17፡20 ፣ ፊል. 4፡13 ፣ ሉቃ.1፡35፣45)

ለእግዚአብሔር የተነገሩ ቃላት ለቅዱሳን ተደግመው ብናገኛቸው እንኳን

ትርጉሙን እንረዳለን እንጂ የእግዚአብሔርን ክብር ቅዱሳን ወሰዱ አንልም፡፡

ለምሳሌ ጌታ መጥምቁ ዮሐንስን ‹የሚያበራ መብራት ነበር ፤ በብርሃኑ ደስ

ሊላችሁ ወደዳችሁ› ሲለው ወንጌላዊው ደግሞ ‹‹እርሱ ስለ ብርሃን ሊመሰክር

መጣ እንጂ ብርሃን አልነበረም›› ብሎታል፡፡ የማንን እንቀበል? የጌታችንን ንግግር

ወይስ የወንጌላዊውን? ዮሐንስ ብርሃን ነው ወይንስ አይደለም? መልሱ ግልጥ

ነው ዮሐንስ ብርሃን ነው ፤ የዮሐንስ ብርሃንነት ግን ከክርስቶስ ብርሃንነት ጋር

ሲተያይ የሻማና የፀሐይ ብርሃን ያህል ነውና ብርሃን አልነበረም ተብሏል ብለን

እንረዳዋለን፡፡(ዮሐ. 1፡8 ፤ 5፡35)

የእግዚአብሔርን ክብር አስጠብቃለሁ ብሎ የትርጉም ልዩነቱን ሳይረዳ ለቅዱሳን

የሚቀርብን ምስጋና የመተቸት ዝንባሌ ያለው ሰው ግን ይህ አካሔዱ ከመጽሐፍ

ቅዱስ የሚያጣላው ነው፡፡ ሰሞኑን አንዳንድ ሰዎች ‹የአዳም ፋሲካው ማርያም


ሆይ ደስ ይበልሽ› የሚለውን ቃል በመጥቀስ እንዴት ድንግል ማርያም ፋሲካ

ትባላለች ‹ፋሲካችን ክርስቶስ ታርዶአል› ይል የለምን እንዳሉ ሰማን፡፡ ስለ

እንክርዳድ ማውራት እንክርዳድን ዝነኛ እንጂ ስንዴ ስለማያደርገው ተናጋሪዎቹን

ትተን ጉዳዩን እናስተውለው፡፡

ወደ ሌላ ዝርዝር ሳንገባ አንድ ጥያቄ እናንሣ ፤ ክርስቶስ ፋሲካ ነው ወይንስ

የፋሲካ በግ? ፋሲካ የሚባለው በዓሉ ነው? ወይንስ በጉ ነው? የታረደው በዓሉ

ነው? ቢባል ምን ይመለሳል? "ፋሲካን እረድ" ሲል በጉን ነው (2ዜና 35:5)፣

"ይህ ፋሲካ ለእግዚአብሔር ተፈሰከ" ሲል በዓሉን ነው። (2ነገሥ 23:23)

ፋሲካ ሲል በዓሉን ከሆነ መሻገሪያ ፣ ደስታ ማለት ነውና ለድንግል ማርያምም

ሊነገር ይችላል፡፡ ‹ታርዶአል› የተባለው ግን በጉን ነውና እመቤታችንን እመ

በግዑ (የበጉ እናት) እንጂ የታረደችው በግ ብለናት እንደማናውቅ ግልጥ ነው፡፡

ጨርሶ ለክርስቶስ የተነገረ ቃል ለእርስዋ ለምን ይደገማል? ከሆነ ደግሞ እስቲ

የቅዱስ ጳውሎስን ንግግር እንመልከት፡-

ቅዱስ ጳውሎስ በገላትያ 2:20 ላይ ፡- ‹‹ከክርስቶስ ጋር ተሰቅዬአለሁ›› ብሏል፡፡

አልፎ ተርፎም ‹‹እኔ ለዓለም ከተሰቀልሁበት ከክርስቶስ መስቀል በቀር ሌላ

ትምክህት ከእኔ ይራቅ›› ብሏል፡፡ (ገላ. 6፡14)

የዚህ ንግግር ትርጉም ምንድን ነው? ቅዱስ ጳውሎስ ከክርስቶስ ጋር ተሰቅሎ

ነበር ማለት ነው? የተሰቀለው በቀኙ ነው የግራው?"ለዓለም ተሰቀልኩ" እንዴት

አለ? እውን ለዓለም የተሰቀለው ጳውሎስ ነውን? ክርስቶስ አይደለምን?

የፋሲካው ሲገርምህ ለዓለም ተሰቅዬአለሁ ያለ መጣ? ጳውሎስ የተሰቀለውን

የክርስቶስን ክብር መሸፈኑ ነውን?

እንደዚያ እንዳንል ደግሞ ራሱ ጳውሎስ ‹‹ጳውሎስ ስለ እናንተ ተሰቅሎአልን? እኛ

ግን የተሰቀለውን ክርስቶስን እንሰብካለን›› ብሎ አሳርፎናል፡፡ (1ቆሮ 1፡13)

ስለዚህ መተርጎም መብራራት አለበት እንጂ ቃሉ ተመሳሰለ ተብሎ

አይብጠለጠልም። ጫማ ይስተካከላል እንጂ እግር አይስተካከልም

እንደሚባለው መስተካከል ያለበት የእኛ አረዳድ እንጂ የመጽሐፉ ቃል

አይደለም።
ሐዋርያው ከክርስቶስ ጋር ተሰቅያለሁ ሲል የክርስቶስን የመከራ መንገድ

ተከትያለሁ ፣ የመከራው ተሳታፊ በመሆን የክብሩ ተካፋይ እሆናለሁ ሲል ነው።

"ለዓለም ተሰቅልኩ" ያለው ደግሞ በክርስቶስ መከራ በማመኔ ለዓለማዊ

የኃጢአት ሥራ ሙት ሆኜአለሁ ማለቱ ነው ብለን እናብራራለን እንጂ ጳውሎስ

የጌታን ክብር ተጋፋ አንልም፡፡

ቅዱሳንን የምናመሰግናቸው የእግዚአብሔር ስለሆኑና ነቢዩ እንዳለው

"እግዚአብሔርም በቅዱሳኑ ላይ ድንቅ ስለሆነ ነው" ሥዕሉ ሲደነቅለት

የሚበሳጭ ሠዓሊ እንደሌለ ሁሉ የእርሱ ድንቅ ሥራዎች ሆነው ፣ እርሱን

አገልግለው ሲወደሱ ፈጣሪን ደስ ይለዋል እንጂ አያዝንም። ጠርሙስ ሰብራ

ሽቱን በእግሩ ላይ ላፈሰሰለች ሴት "ወንጌል በሚነገርበት ሥፍራ ሁሉ ያደረገችው

ነገር ለእርስዋ መታሰቢያ እንዲሆን ይነገራል" ብሎ የተናገረ ጌታ አንገታቸው

ተሰብሮ ደማቸውን ስለ ስሙ ስላፈሰሱ ቅዱሳን በዓለም ሁሉ ቢነገርና ቢዘመር

የሚከለክል አይደለም። (ማቴ 26:13)

ምስጋና እንኳን ለቅዱሳን በሃይማኖታችን ከጸናን ለእኛም ለደካሞቹም

አልተከለከልንም ፣ እንዲህ ተብሎ ተጽፎአልና :–

"ሥር ሰዳችሁ በእርሱ ታነጹ፥ እንደ ተማራችሁም በሃይማኖት ጽኑ፥ ምስጋናም

ይብዛላችሁ" ቆላስ 2: 7

ዲያቆን ሄኖክ ኃይሌ

ለተጨነቀች ነፍስ ዕረፍት የሆነው የእግዚአብሔር ቃል ለሁሉ ይዳረስ ዘንድ Ameen

-------------------------
# 101
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:
# Afaan_Haaraa
Afaan Haaraan Maalidha?
~~~
Afaan Haaraa jechuun Afaan hiika qabu ta'ee nama dubbatu
sanaaf garuu haaraa kan ta'e jechuu dha!
Afaan haaraa yeroo jedhamu afaan hiika hin qabne afaan
abbaa hin qabne ykn immoo afaan hin beekamne jechuu miti.
waa malee mata duree kana hin filanne!
mormitootatu afuura qulqulluudhaan guutamne waan ta'eef
afaan haaraa dubbanna jedhanii afaan hiika hin qabneen nama
gowwoomsaa oolu!
afaan haaraa jedhanii jechoota hiika hin qabne walirra tuuluun
isaanii kun sirrii moo dogoggoradha? kan jedhu kitaaba
qulqulluu ragaa godhachuun ilaalla!
dubbisaa waliif qoodaa!
Luqas 4:10-11 irraa akka hubannetti Seexanni Iyyesuus
Kiristoosiin qoree kuffisuudhaaf Caqasa caqaseefi ture.caqasa
inni kenneef Faarsaa Daawwit 90(91):11 irra kan jirudha!
hubadhaa! seexanni caqasa kana kan kenneef waa'ee caqasa
kanaa bekee ykn immoo itti amanee osoo hin taane Iyyesuus
Kiristoosiin dogoggorsuuf ture! garuu hin dandeenyeef malee!
Mormitoonnis har'a nu dogoggorsuudhaaf akkasumas soba
isaanii dhugaa fakkeeffachuudhaaf sagalee waaqayyoo osoo
hin hubatin caqasa isaaniif ta'u filatanii caqasu.akkuma
seexanichaa sana jechudha!
Afaan haaraa dubbanna isa jedhan kanaafis caqasni isaan
kennan Hojii ergamootaa 2:1-11 irra kan jirudha.
Hojiin Erg 2:1 kan ibsu afuurri qulqulluun duuka bu'oota
gooftaaf bu'ee # kennaawwan garaa garaa isaaniif kennuu
isaati.
kennaawwan kana keessaa tokko afaan haaraa dubbachuudha!
as irratti dogoggorri mormitootaa "afaan haaraan maalidha?"
yeroo kam dubbatama? maaliif dubbatama? kan jedhu
wallaaluu isaaniiti!
Duuka bu'oonni yeroo afuurri qulqulluun isaaniif bu'etti afaan
haaraa afaan 72 dubbachuuf danda'aniiru.afaan isaan
dubbatan kun isaaniif haaraadha.afaan biyyoota garaa
garaati.afaan kun isaaniif haaraa haa ta'u iyyuu malee namoota
ykn biyyoota kanneen birootti beekamaadha! hiikas kan
qabudha!
Afaan haaraa dubbachuu kana ilaalchisee wanti nuti hubachuu
qabnu duuka buutonni gooftaa maaliif afaan haaraa dubbatan?
kennaan kun maaliif isaaniif kenname? kan jedhudha!
gaaffii kanaaf deebiin keenya! gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos Marq 16:15 irratti "Gara biyya lafaa hundumaa
dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela # lallabaa !" jedhee
isaan ajajeera.
egaa duuka buutonni ajaja kana hojiirra oolchuuf afaan ittiin
wangeela kana lallaban isaan barbaachisa! kanaafidha afaan
biyyoota 72 akka isaan dubbataniif kennaan kan isaaniif
kennameef!
kennaa kanas fudhatanii hin callisne.afaan isaaniif kenname
kanaan biyya lafaa hundatti demanii wangeela lallabaniiru!
egaan afaan haaraan H.erg 2:1 irra jiru kaayyoon isaa kana
fakkaata!
inni mormitoonni jedhan garuu waan hiika hin qabnedha.
akka ilaalcha isaaniitti afaan haaraan afaan hiika hin qabne kan
namni hin beekne dha.namuma tokkotu waltajjii irra dhabate
jechoota wal irra tuula!
fakkeenyaaf goaaarewwtyuoqpnaagiiraa amen jedhi!!!
kkkkkk warri gowwaan dhuguma afuuraan guutame se'anii
ameen jedhu.
Mee waa'een afaan haaraa ilaalchisee waan kitaabni
qulqulluun jedhu haa ilaallu!
"Yaa obboloota ko, ani mul'ata tokko yookiis beekumsa yookiis
raajii yookiis barsiisa tokko utuun hin dubbatin, afaan hin
beekamne duwwaadhaan dubbachaa gara keessan yoon dhufe,
attamittan isiniif waa'ee baasa ree? " 1ffaa qor 14:6
afaan hin beekamne yoon dubbadhe maalin bu'aa isiniif
buusaree? jechuu isaati.afaan an isinitti dubbadhu afaan hiika
qabu ta'uu qaba jechuu isaati.
ammas akkas jedha wangeelli
"Ulullee yookiis kiraara, mi'a lubbuu hin qabne irratti iyyuu
qooqni afuufame yookiis rukutame sun yoo gargar ba'uu
dhaabaate, maaliif akka ta'e attamitti beekama ree? Sagaleen
fiingee gargar ba'ee yoo dhaga'amuu dhaabaates, eenyutu
lolaaf qophaa'a ree? Isinis akkasuma, arraba keessaniin waan
hin hubatamne yoo dubbattan, namni attamitti waan isin jettan
beekuu danda'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanii
ti."" 1ffaa qor 14:7-10
argitan mitii waan wangeelli jedhu? sagaleen kiraaraayyuu
ergaa dabarsu qaba.afaan nuti dubbannu immoo akkamitti
ergaa kan hin dabarsine ta'aaa? isaan waan hin hubatamne
yoo dubbattan akka waan qilleensatti dubbattaniiti. waan isin
jettan namni hubachuu hin danda'u jechuu isaati.
Afaan haaraa yeroo jedhamu afaan lafa kana irra hin jirre
jechuu miti.afaanuma lafa kana irra jiru ta'ee kan hiika qabu
jechuu isaati.
ragaan kunooti!
"Biyya lafaa keessa afaan garaa garaa baay'een akka jiran
beekamaa dha, garuu isaan keessaa sagaleen # hiikaa hin
qabne # hin_jiru ."1ffa qor 14:10
kana dubbisanii hubachuun salphaadha! biyya lafaa kana irra
afaan baay'eetu jira.afaanota jiran kana keessaa garuu kan
hiika hin qabne tokko illee hin jiru!
waan namni sun jedhu ati hin dhageenye taanaan namni
sun siif orma!
ragaan koo kunooti!
"Sagaleen sun maal jechuu akka ta'e hin beeku yoon ta'e
garuu, namicha afaan sana dubbatu biratti # orma ta'uu koo ti;
inni dubbatu sunis ana biratti # orma ta'uu isaa ti." 1qor 14:11
......
ammas kitaabni qulqulluun yeroo waaqayyon waaqessinus ta'e
galateeffannu afaan beekamuun ta'uu akka qabu nu
akeekkachiisa.
"Kanaa achi yoo ati hafuuraan Waaqayyoon galateeffatte, waan
ati jette erga hin beeknee, inni hiikaa dubbichaa hin hubanne
attamitti galata ati dhi'eessite sanatti, " # Ameen " jechuu
danda'a ree?"
1qor 14:16
dhageessaniittu yoo ta'e warri raajota godhanii of muudanii
afaan haaraan dubbanna jedhan kun waanuma hin jirre afaan
haaraadha jedhanii jechoota hiika hin qabne walirra tuulu!
uummanni isaaniimmoo otuma hin beekin ameen
jedhu.wangeelli garuu kunoo otuu hiika isaa hin hubatin
akkamitti # ameen" jettuu??? jedha.
Deebii isaa isaanumaafin dhiisa!
"Afaan Hiika hin qabne baay'isee dubbachuu irra afaan hiika
qabu xiqqoo ishee dubbachuu naaf wayya!" jedhe
PHaawuloos!
ragaan kunooti
.... Haa ta'u iyyuu malee, waldaa kristiyaanaa keessatti afaan
hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irra, warra
kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qabu # shan
duwwaa dubbachuu nan jaalladha." 1qor 14:19
afaan hin beekamne jechuun isaa afaan hiika isaa namni hin
beekne ykn immo afaan hiika hin qabne jechuu isaati!
egaa warri afaan haaraa dubbanna jedhanii afaan hiika hin
qabne xebexxeban kun ragaan isaanii maalidha? wangeelliwoo
kunoo isaan mormaa jira!
mee afaan haaraa kana naaf hiikaa!
gerhadsretwquihobobokhyafk "ameen!"
maal jechuu dha kun?
afaan haaraan dubbachuun nu warra waaqayyoon
amanateef hin kennamne.warra hin amanin jiraniif
kenname.nuti amanneerra waan ta'eef afaan hiika qabuun
galateeffanna waaqeffanna.
afaan haaraan garuu warra hin amaniniif milikkita ta'ee
kenname.ragaan koo kitaaba qulqulluudha!
"Egaa afaan hin beekamneen dubbachuun milikkita warra hin
amaniniif kennamee dha malee, warra amananiif kan kenname
miti;
waan Waaqayyo namatti mul'ise himuun garuu, warra
amananiif yaadame malee, warra hin amaniniif miti."1qor
14:22
Caqasa kana irraa kan hubannu nuti warri amanne waan
waaqayyo nutti mul'ise afaan beekamuun kan hiika qabuun
dubbannee barsiisna jechuudha.afaan haaraan keenya isa dha.
Afaan haaraan dirqama dubbatamuu qaba yoo ta'e fi
namoonni afaanicha dhageeffatan hiika isaa hin beekan yoo
ta'e namni afaan sana hiiku dirqama jiraachuu qaba!
ragaan koo kunooti!
isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif
afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef!" (1 Qorontos
12: 10)
" Kanaafis namni afaan hin beekamneen dubbatu, isa dubbate
sana hiikuu akka danda'uuf kadhachuutu isa irra jira."
(1 Qorontos 14: 13)
Caqasaawwan armaan olitti tarreeffaman kana irraa afaan
haaraan afaan beekamaa kan hiika qabu kan nama biratti
dhagahamuu danda'u akka ta'eefi afaanichi yeroo dubbatamu
illee namni hiiku jiraachuu akka qabu hubattaniittu jedheen
yaada!
Dhugaan jiru kanuma jechuu dha!
inni jarri jedhan sun # soba ta'uu isaa wangeelatu ragaa nuuf
bahe!
mee amma immoo warreen afaan haaraa dubbanna jedhanii
nama goyyoomsan caqasa isaan caqafatan tokko irratti gaaffii
xiqqoosheen gaafadhee xumura!
""...Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu;
warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in
baasu, afaanota # haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban
yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka
isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa'u, isaanis in fayyu"
isaaniin jedhe."
(Maarqos 16:17- 18)
caqasa kana irraa akkuma argitan warri waaqayyotti amanan
hafuurota hamoo nii baasu bofa yoo qaban waan nama
ajjeesus yoo dhugan hin miidhaman.afaanota haaraas nii
dubbatu!
mormitootaa! isin caqasa kana keessaa kan isin shaakaltan
afaan haaraa dubbachuu qofadha! afuura hamaa immo waan
baastan fakkaattanii diraamaa hojjettu.
gaaffin isin gaafadhu......
"waaqayyotti amantaniittu yoo ta'e maaliif summii dhugdanii
amantiin keessan dhugaa ta'uu isaa nuuf hin mirkaneessine?"
maaliif bofa qabdanii akka bofti sun miidhaa isin irraan hin
geenye amantii keesaniin maaliif nutti hin agarsiistan?
sababni ani kana isin gaafadheef sagaleen waaqayyo warri
waaqayyotti amanan yoo bofa qaban yoo summii dhugan
homaa hin miidhaman amantii isaaniin nii fayyu jedha waan
ta'eef.
PHaawuloos bofti isa ciniinee ture.garuu waaqayyotti
amanatee waan jiruuf amantiin isa bofa sana kan mo'ate ta'uu
isaa nuuf mirkaneeseera.
(Hojii Ergamootaa 28÷3-5)
------------
Phaawulos hanxaxii qabaa tokko hammaaree ibiddatti
naqnaan, bofni hadhaa qabu tokko qoraanicha keessaa ho'a
ibiddaa utuu baqatuu, harka Phaawulos ciniine....Phaawulos
garuu boficha sana ibiddatti gad hurgufe, homtuus itti hin
# hammaanne .
maarree mormitoonnis maaliif akka PHaawuloos kanatti
amantii keessan nutti hin agarsiisne?
~~~~~
Afaan haaraa qofa filachuun keessan maaliif kan jettu amma
nama hundumaaf galeera jedhen yaada! hhhh
Xumura irratti afaan haaraas haa ta'u waaqayyoon yeroo
galateeffannu waan hundumti seera kan qabu ta'uu qaba!
Afaan haaraan dubbadha jedhanii jecha hiika hin qabne wal irra
naquudhaan nama jeequun sirrii miti
" Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo # nagaati malee, Waaqayyo
sabirii hin qabne miti.(1 Qorontos 14: 33)
Kanaafuu waan hundumti Sabrii (naamusaan) haa ta'u!
" Wanti hundinuu garuu akka tolutti sabiriidhaanis hojjetamuutu
irra jira." (1 Qorontos 14: 40)
Ameen!
share waliif godhaa!
T@G
22/12/2012

-------------------------
# 100
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

# Bofa # kan # Ajjeese # ni # qulqullaa 'a!


Baga Guyyaa Kabajamuu Abbaa Keenya Qulqulluu Tekle
Haayimaanotiin Isin Gahe!
Barumsa Gabaabduu Kana Dubbisaa Waliif Qoodaa!
"Bofa kan ajjeese ni qulqullaa'a!"
jechi kun Gadlii(Qabsuura) Abbaa keenya qulqulluu Tekle
Haayimaanot irratti barreeffamee argama!
egaan akkuma amantoonni jiran shakkitoonnis baay'atanii jiru!
kaayyoon shakkitootaa shakkanii shakkisiisuu dha waan ta'eef
jecha
amma dubbistan kana qofa fudhachuudhaan jechichi maaliif
akka barreeffame hubachuu dhiisanii jecha kanaan nama
dogoggorsuu, nama shakkisiisuu jalqabanii jiru.
kanuma irraa ka'uun "bofa kan ajjeese ni qulqullaa'a ykn ni
fayya!" kan jedhu kana qabatanii nutti qoosu!
jechoota isaan dubbataniifi akka gaaffiittii gaafatan
keessaasBofa kan ajjeese ni qulqullaa'a jedha waan ta'eef
bofa barbaadne ajjeefnee qulqulloofnuuree? jedhanii qoosu!
garuu dubbiin akka isaan jedhaniifi itti hiikkatan miti! isaan ija
shakkiitiin ilaalani! nuti ija amantiin ilaalla.
kanaaf deebiin keenya kitaaba qulqulluudha waan ta'eef
shakkii isaanii kanaaf gabaabsinee deebii kenninaaf!
dhuguma namni bofa ajjeese ni qulqullaa'aa? ykn ni
fayyaa?
# deebii.....
Bofa kan jedhame isa garaadhaan lo'u isa ija keenyaan argaa
oollu osoo hin taane diina dhala namaa kan ta'e Diyaabiloos
ykn (seexana) dha!

fars 73(74)፥14----አንተም የዘንዶውን ራሶች ቀጠቀጥህ፤ ለኢትዮጵያ

ሰዎችም ምግባቸውን ሰጠሃቸው።

hiikni isaa "Ati mataa jawwichaa ni tumte namoota


Itiyoophiyaafis nyaata isaanii nii kennitef".
egaa sagalee kana osoo akka shakkitoonni jedhanitti hiika itti
kennina ta'ee waaqayyo jawwee barbaadee ajjeesee namoota
Itoophiyaaf nyaata isaaniif qopheesse jennaka!
nu haa baraaru!
dubbiin akka isaan jedhan kana miti! akkuma duraan
jenne.......bofa kan jedhame diina keenya diyaabiloosidha.
ragaan keenya immoo # wangeela !
# Ragaa_1ffaa
Akkuma bofni haxxummaadhaan Hewwaanin gowwoomsite,
yaadni keessanis immoo karaa irraa kaatee, Kristos isa garaa
qulqulluudhaan of kennitaniif sana irraa gara galtu jedhee

sodaadheera. 2qor 11፥3

........
kunoo akkuma argitan bofa yeroo jedhu bofa isa lafa irra lo'utu
Hewaanin dogoggorse osoo hin taane seexanatu Hewaanin
Dogoggorse.kanaaf bofa yeroo jedhu seexana jechuu isaati!!
# Ragaa_2ffaa
....Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni
Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa
wallaalchisu gara biyya lafaatti gad nii darbatame;" mul'ata

12፥9......

Ammas kunoo Jawwichi....bofni" sun yeroo jedhu gara


biyya lafaatti kan gad darbatame jawwee ykn bofa osoo hin
taane seexana isa dhala namaa dogoggorse sanadha jechuu
isaati.
kanaaf ammas bofa yoo jenu seexana jechuu keenya!
# Ragaa_3ffaan

እሱም ዘንዶውን ያዘውና ለ1,000 ዓመት አሰረው፤ ይህም ዘንዶ ዲያብሎስና

ሰይጣን የሆነው የጥንቱ እባብ ነው።ራእይ 20፥2( Inis jawwicha qabee

waggaa 1000f hidheen. Jawween kunis Diyaabiloosii fi seexana


kan ta'e bofa isa duriiti!) Mul'ata 20:2
caqasni kunis bofa kan jedhame seexana ta'uu isaa nuuf
mirkaneessa!
egaan ragaa kitaaba qulqulluu irratti nuuf barreeffame kana
bu'uureffachuudhaan jechi gadlii(Qabsuura) Abbaa keenya
Tekle Haaymaanot irratti "bofa kan ajjeese ni qulqullaa'a!"
jedhee barreeffamee jiru kun bofa isa shakkitoonni Amantaa
keenya salphisuuf akkasumas nutti qoosuuf jedhan sana osoo
hin taane "bofni" akkuma wangeela irratti ibsame sana diina
dhala namaa kan ta'e # Diyaabiloos (seexana) dha jechuu dha!
kanaafuu ragaan keenya wangeela waan ta'eef bofa kan
ajjeese ni qulqullaa'a jenna!
"bofni eenyu?" kan jedhuuf bofni Seexanadha jenna.kanaaf
# seexana kan # ajjeese ni qulqullaa'a!
tarii "seexanni nii du'aayi? jettani kan gaafattan yoo ta'e
deebiin kenya *eeyyen Seexanni nii du'a* kan jedhu ta'a!
"seexanni akkamitti du'a? yoo jettan
immoo deebiin keenya
"seexanni tsoomiidhaan, sagadaan kadhannaadhaan # du'a!
jenna!
Yoo nuti cubbuu irraa fagaannee waaqayyotti dhiyaachuudhaan
tsoomnee sagadnee isa kan kadhannu ta'e diinni keenya
diyaabiloos ni du'a.nii mo'ama!
waaqayyo waan nu waliin jiruuf

gonkumaa nu injifachuu hin danda'uu jechuudha!!!!! Marq 9፥29

# Deebiin keenya kana fakkaata!


Ala taa'anii Ortodoksiin kana jettee sana jettee jedhanii
jecha hin taane dubbachuudhaan maqaa xureessuu irra keessa
seenanii gad taa'anii maaliif akka dubbatame eenyuuf akka
dubbatame yoom akka dubbatame barachuutu nama fayyisa!!!
Waaqayyo laphee ittiin hubannu fi qalbeeffannu nuuf haa
kennu!
Galanni waaqayyoof
Deessuu isaaf
Fannoo isaaf
Haa ta'u
Amen!
Ebbi Abbaa keenya Qulqulluu Tekle Haayimaanot Hunda
keenya irra haa bulu!
Tariku@G
24/12/2011
23/12/2012

-------------------------
# 99
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject: Contii

Giriikotni kun Gooftaa wajjin kan haasa'anii fi maaliif akka isa


barbaadan hin ibsanne.
Giriikotni kun Gooftaa wajjin kan isaan haasa'anii fi isa ksn
barbaadaniif kun maalidha Wanti isaan isaanitti haasa'aanii
fi isatti himan kun dhimma maalii ture Kanaafuu Qulqulluun
Yohaannis waa'ee kana kan (Yoh.12:20-22) irratti argamu kun
kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee hin jiru. Isa isaan
isatti haasa'aan kana bakka inni itti barreesse Deebii isaa
caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba Qulqulluu abbaa
jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf deebisaa!
Tiwufiitii yookaan darbaa Mana Kiristiyaanaatiin garuu
namootni kun mooticha Huurii (Edessaa) kan ta'e Abigaar
Hukaamaa biraa Gooftaatti xalayaa dhiyaatu yookaan itti
kennamu qabatanii dhaqan.
Egaa walumaagalatti, (2Tas.2:13) "Sagalee keenyaanis ta'e
yookaan ergaa keenyaan isa fudhattan darbaa sana
qabadhaa!" Bartuu Qulqulluun kun, tiwufiitii yookaan
darbaadhaan, sagaleenis ergaadhaanis dabarseeraaf. Lamaan
isaanii Qulqulleettii Mana Kiristiyaanaa keessatti wal qixa
bakka qabaachuu akka qabuuf "Qabadhu!" jechuun Qulqulluun
Phaawuloos Kiristiyaanota magaalaa Tasaloonqeef gorsa
kenneeraaf.
Sababni isaa, barreeffamaanis ta'e sagaleedhaan barumsi kun
yeroo isaan qaqqabu bu'aa inni Mana Kiristiyaanaaf qabuu fi
kennu wal qixa waan ta'eef jechuudha. Bartootni abbootni
keenya Kitaaba Qulqulluu irraa kan hin barreeffamne, isaan
garuu tiwufiitii ykn darbaadhaan eeganii tursuudhaan barsiisa
isaanii keessatti barumsa Gooftaa keenyaa ergaa isaanii
keessatti ibsaniiru.
Fakkeenyaaf (1Qorn.9:14) "Wangeela kan lallabaniif nyaatni
akka ta'uuf, Gooftaan seera diriirseera.'' Jecha sagalee kanaa
bartootni Wangeela irratti hin barreessine. Tiwufiitii yookaan
darbaadhaan isa Gooftaan dubbate utuu Wangeela irratti hin
barreeffamin hafe sagaleedhaan kan barattootaaf darbeedha.
Barsiisa Gooftaa keenyaa fi hojiin isaa hundumtuu Wangeela
irratti hin barreeffamne.
Kanaafuu (Yoh.20:30) irratti ''Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos Kitaaba Qulqulluu kana irratti kan hin barreeffamne
ajaa'iba baay'ee barattoota isaa duratti raawwateera'' jedha.
Ammas itti dabalee immoo (Yoh.21:25) irratti ''Iyyesuus
Kiristoos wanta inni hojjete wanta baay'een jira. Hundumti isaa
fi tokkoon tokkoon isaa Kitaaba Qulqulluu kana irratti kan
barreeffamu miti lafti kun iyyuu isa hin ga'u.'' Kanaaf, Manni
amantaa Ortodoksii Tewaahidoo hojii gooftaa isa inni hojjete
Kitaaba Qulqulluu irratti waan hin barreeffamin hafe tiwufiitii
yookaan darbaadhaan kan isaan ga'e qabatanii Kitaaba
Qulqulluu irra kan hin jirres kunoo barreeffaminis nuun ga'anii
jiru.
Fakkeenyaaafis, Ajaa'iba Iyyesuus (Ta'aammire Iyyesuus)
ajaa'ibni Gooftaa keenyaa kun barsiisa inni barsiise, har'a
sagalee sagaleedhaan dhaalamanii (fudhatamanii), dabalee
immoo, ajaa'iba Iyyesuus, Gedilii fi Dirsaanii irratti
barreeffamee jira.
Akka fakkeenyaatti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos
waggaa 12 qabee hamma waggaa 30tti eessa jiraachaa akka
ture, maal hojjechaa akka ture, Kitaaba Qulqulluu irratti hin
barreeffamne. Garuu Kitaaba Ajaa'iba Iyyesuus Kiristoos irratti
akka ta'utti bal'inaan barreeffameera. Isa kan biraas isa
barattootni gaggabaabinaan barreessan Tiwufiitii yookaan
darbaadhaan bal'inaan ibsameera.
Kana malee, ammas Gooftaan du'ee erga du'aa ka'ee booda
hamma guyyaa ol ba'uu isaatiitti guyyaa 40 guutuu bartoota
isaatti mul'achuun barsiisaa tureera. Haa ta'u malee garuu,
barsiisni yeroo dheeraa inni barsiisaa ture sun guutummaa
guutuutti bartootaan Wangeela irratti hin barreeffamne. Garuu
kan nuti argannu, Kitaaba Mana Kiristaanaa keenyaa ''Kitaaba
Waadaa (Metsaafe Kidaan)'' irratti barreeffamee jira.
.
.
.
Share
Dn Misgaanuu M.
Haagayya 25, 2012

-------------------------
# 98
-------------------------
Date: 2020-08-31
Subject:

Warreen Kitaaba qulqulluu abbaa jaatamii ja'aan ala homaa


tokkollee kitaabota kan biraa hin fudhannu jedhaniif naaf haa
ta'u
Amantii fi amantaa dogoggoraa kan qaban shakkitoonni
Kitaaba Qulqulluu abbaa jaatanii ja’aan ala waan biraa hin
qabnu! hin barbaannun nuun jedhaniif, mee gaaffii caqasoota
armaan gadii bakka inni Kitaaba Qulqulluu keessan isa jaatamii
ja'aa irratti argamu irraa deebii caqasa qofaan nuuf kennakaa
Isa malee kan biraa hin fudhannu erga nuun jettaniitii!
Afaan isaaniitiin kitaabota manni amantaa keenya qabdu
arrabsuu fi qeequu malee deebii isaa Kitaaba Qulqulluu
jaatamii ja'aa keessaa shakkituun nuuf kennu hin jiru, hin
danda'us.
Sababni isaa Kitaaba Qulqulluu jaatamii ja'aa sanarra hin jiru
waan ta'eefi. Akkasumas maqaa ''Dabtaroota'' jedhuun
waamuu malee deebii hin qaban. Nuti ortodoksootaaf garuu
isaan kun (Seenaan (gadiliin) raajotaa, kan qulqullootaa, kan
bartootaa, Dirsaaniin kan ergamootaa, ...) kitaabota qulqulluu
hubachuuf warreen bu'uuraati.
Kitaabni qulqulluus akkas jedha : - ''Inni ergaa isaa hundumaa
keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo barreessuu akkuma kana
dubbata, Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama
dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri
waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma barreeffama
qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti
hiikaa isaa micciiru. Isin garuu michoota ko! Isa kana duraan
dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera
Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii, isa jabeessitanii
qabattan irraa akka hin kufneef of
eeggadhaa!'' (2Pheex.3:16-17).
Egaan, kaayyoon barumsaa fi barreeffama kanas : -
1. Nuun warreen amantoota amantaa Ortodoksii Tewaahidoo
taaneef jabina maalummaa amantaa keenyaa kan ittiin
argannuu fi dhuga-qabeessummaa amantaa keenyaa kan ibsu,
daandii amantiin amantaa keenya dhugaadhaan karaa sirrii irra
deemaa jiraachuu keenya kan mul'isudha. Silas ''Hundee
bartootaa fi raajotaa irratti hundoofne'' waan ta'eefi (Efe.2:20).
2. Warreen shakkitootaaf immoo Kitaabni jaatamii ja'aa qofti
ga'aa akka hin taanee, akkasumas Kitaabuma jaatamii ja'aa
kanayyuu dhugaadhumaan akka shakkaniif, amantaan isaanii
sirrii akka hin taanee ifatti kan isaaniitti ragaa ba'u, akkuma
maqaan isaanii shakkitoota ta'an, shakkii isaanii kana kan
guddisuu fi isaan burjaajessuuf barreeffame. Sababni isaa
kitaabuma isaanii kanarraa gaaffilee armaan gadii nuti
gaafannuuf deebii ga'aa waan hin qabneefidha. Kanaaf kan
isaan hubatan ''Hundee raajotaa fi bartootaa'' irratti
hundeeffaman osoo hin taanee, ''Hundee Maartin Luutar''
yaada isaa irratti hundeeffamuu isaanii hubachuu qabu. ...
Akka fakkeenyaatti kitaaba qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa
keessaa kan bartoonni kitaabolee caqasanii barreessanii
Kitaaba Qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa irra kan hin jirre
muraasa isaanii haa ilaalu!
1. (Maat.2:23) irratti "Raajotni Naaziraawwii jedhama inni
jedhame haa raawwatuuf jecha magaalaa Naazireet jedhamtu
galee jiraate." Kitaabota qulqulluu kakuu biluuy (duraa,
Moofaa) afurtamii ja'aanuu keessatti waa'een Gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoos sagalee raajotaan baay'een isaanii
barreeffamaniiru. Garuu haa ta'u malee, kitaabota kana
keessatti Gooftaan keenya "Naaziraawwii jedhama" kan jedhu
raajiin barreeffame hin jiru. Raajiin kun garuu, bartuu Qulqulluu
Maatewoosiin akka raajotaan dubbatametti barreesseera.
Kanaafuu, Raajota keessaa Iyyesuus ''Naaziricha'' jedhamee
akka waamamu kan dubbate eenyu? Kitaaba raajonni
barreessan keessaa caqasni isaa eessatti barreeffamee
argama? Jechi (Maat.2:23) irratti argamu kun kitaaba raajotaa
keessatti barreeffamee hin jiru yoo ta'e qulqulluun Maatewoos
eessaa fidee nuuf barreesse? Deebii isaa caqasa qofaan nuuf
deebisaa! Kitaaba abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf
deebisaa!
Eessaa dhufee kan jedhuuf deebiin isaa: Kitaabota darbii
darboo (tiwufiitii) Mana Kiristiyaanaa keenya irraa akkuma
argannutti, raajiin kun raajotaan dubbatamee utuu jiruu yeroo
boojuu keessa kitaabota badanii turan keessaa yemmuu ta'u,
kitaabni sun yoo badeyyuu sagaleedhaan barattoota bira
ga'eera. Kitaabni kunis amma mana amantaa keenya keessa
jira.
2. (Ibr.12:21) "Museenis baay'ee sodaadheen hoolladhe"
jechuun kan argamu baay'ee sodaachisaa ture jedhee dubbate.
Duuka bu'aan qulqullichi Phaawuloos jecha kana eessaa fidee
barreesse Museen Kitaaba Ooriitii isaa shanan (Seera
Uumamaa, Seera ba'uu, Seera Lewootaa, Seera Lakkoofsaa fi
Seera Keessa Deebii) barreessee keessatti raajichi Museen
''sodaadheen hoolladhe'' kan jedhu kun barreeffamee hin jiru.
Kanaafuu kitaaba qulqulluu jaatamii ja'aa keessatti Museen
gaara Siinaa irratti "Sodaadheen raafame jedhe" kan jedhu
erga hin barreeffamne ta'ee, Qulqulluun Phaawuloos eessa
nuuf fide nuuf barreesseree Jechi (Irb.12:21) irratti kan
argamu kun kitaaba raajotaa kan Musee keessatti
barreeffamee hin jiru yoo ta'e qulqulluun Phaawuloos eessaa
fidee nuuf barreesse? Deebii isaa caqasa qofaan nuuf
deebisaa! Kitaaba abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf
kennaa caqasa kanaa!
Egaa bartuun Qulqulluun Phaawuloos garuu tiwufiitii yookaan
darbaa Yihuudota irraa argateen ergaa isaa irratti barreesseera.
Tiwufiitii yookaan darbaan sun immoo har'a kitaaba seena
Musee ibsu kitaaba manni amantaa keenya qabdu keessatti
argama.
3. (2Xim.3:8) Iyyaanesii fi Iyyaanberes Museedhaan akka
morman dubbata. Museen Kitaaba Ooriitii shanan (Seera
Uumamaa, Seera ba'uu, Seera Lewootaa, Seera Lakkoofsaa fi
Seera Keessa Deebii) keessatti maqaa jara kana lamaanii hin
barreessine. Kanaafuu Jechi yookaan maqaan (2Xim.3:8)
irratti kan argamu kun kitaaba raajotaa kan Musee keessatti
barreeffamee hin jiru yoo ta'e qulqulluun Phaawuloos ammas
eessaa fidee nuuf barreesse maqaa isaanii kana? Deebii isaa
caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba abbaa jaatamii ja'aa
keessan irraa nuuf deebisakaa!
Garuu Kitaabni (Bau.7:11) irraa jedhutti Museedhaan
mormuudhaa fi xonqaayonni Gibtsii fuula isaa dura akka isaan
deddeebi'aa turan dubbata. Haa ta'u malee garuu,
''Xonqaayoota Gibtsii'' kan jedhu malee Museen kitaaba Ooriitii
(Seeraa) kana keessatti maqaa isaanii hin ibsine. Qulqulluun
Phaawuloos garuu tiwufiitii ykn darbaadhaan isa argateen
gargaaramee Iyyanesii fi Iyyaanberes jedhee waameera.
Akkuma barumsa Mana Kiristiyaanaa keenya keessatti argamu,
jechuun, (Luq.16:19) irratti "abbaan qabeenyaa" inni jedhame
"Nawwee" jedhamee akka beekamu bifa akkasiitiin hubatama
jechuudha. Tiwufiitii yookaan darbaan sun immoo har'a
kitaaba seena Musee ibsu kitaaba mana amantaa keenya
qabduu fi qofa keessatti kan argamudha.
4. (Yih.1:9) Hojjetaa Iyyesuus Kiristoos kan ta'e Qulqulluu
Yihuudaan obboleessa Yaa'iqoob ergaa isaa lakkoofsa 9 irratti
"Hangafti ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eliin Diyaabiloosii wajjin
yeroo wal-falmaa turan, waa'ee reeffa Museef Gooftaan si haa
ifatu jedhe malee sagalee arrabsoo hin dubbanne ture."
Ammas Museen Kitaaba Ooriitii shanan (Seera Uumamaa,
Seera ba'uu, Seera Lewootaa, Seera Lakkoofsaa fi Seera
Keessa Deebii) keessatti waa'ee dhimma kana hin barreessine.
Bakka birattis kutaa Qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa irra hin jiru.
Kanaafuu Jechi (Yih.1:9) irratti kan argamu kun kitaaba
raajotaa kan Musee keessattii fi bakka biraatti barreeffamee
hin jiru yoo ta'e Qulqulluun Yihuudaan eessaa fidee ergaa isaa
keessatti nuuf barreesseree Deebiisaa caqasa qofaan nuuf
deebisaa! Kitaaba abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf
kennakaa caqasa kanaa!
Haa ta'u malee waa'ee du'uu Musee Seera Keessa Deebii
Xumura boqonnaa kanaa keessatti Museen garuu gaara
Naabaan irratti akka boqotee fi awwaalchi isaa hamma
har'aatti akka hin beekamne dubbachuun alatti dhimmi mormii
Qulqulluu Mikaa'elii fi Diyaabiloos hin ibsamne. Bartuu
Yihuudaan seenaa kana kan argate seenaa Musee kan dubbatu
kitaaba tiwufiitii ykn darbaa irraati. Akkasumas kitaaba mana
Kiristiyaanaa keenya keessaa immoo Gedilii Ergamaa qulqulluu
Mikaa'elii irraa kan jirudha.
Israa'elootni Musee baay'ee waan jaallataniif ture. Sababni isaa
ajaa'iba hojjechaa Waaqayyoo wajjin yeroo dubbatu fuulli isaa
akka biiftuu yeroo ifu sabni kun ilaalaa waan turaniif, Waaqa
keenya jedhanii hamma amanuu ga'anitti turan waan ta'eef,
akkasumas immoo rakkinni yoo isaan mudatee fi yeroo
Waaqayyo isaanitti dheekkamu ''gara Waaqa keetiitti nuuf
kadhadhu, nuuf iyyadhu adaraa'' jechaa turan.
Hangafni raajotaa Museen garraamii waan tureef, biyya abdii
isaanii Kana'aan ilaaluudhaaf yeroo gaara Naabaan irra ba'utti
ergamootni lama jaarsolii fakkaatanii boolla qotaa turan. Innis
isaan argee isaan gargaaruudhaaf, isa isaan ittiin qotan harkaa
fuudhee gargaare. Isaanis dhuma irratti "'Namtichi hojjaan isaa
hammuma keetii seenii siin itti safarree ilaalla!" jedhan. Innis
garraamummaa isaan boollicha keessa seenee yeroo ciisu,
akka waan hirribni isa qabatee achumaan boqote. Ergamootnis
achumaan isa awwaalan. Waaqayyos awwaala Musee
Israa'eloota kan dhokseef sababa qaba ture. Musee
Israa'elootni kabajanii baay'ee waan jaallataniif, jaalala isaa
irraan kan ka'e harkifamanii "Ni waaqeffanna!'' akka isaan hin
jenneef, dabalees, seera waaqeffannaa isaanii awwaalcha isaa
irra akka isaan hin godhanneefidha.
Haa ta'u malee garuu, Seexanichi diinni dhala namaa
dogoggorsuuf boqotee waan hin teenyeef, reeffa Musee
fuudhee isaanitti agarsiisuuf waan ka'eef, ergamaa Qulqulluu
Mikaa'eliin isa morme. Dhuma irratti leeyya'ee isa jalaa miliqee
badeera. Bartuu Qulqulluu Yihuudaan kan inni caqase isa kana.
5. (Mul.2:14) irratti "Garuu wanta muraasan si irratti argeera;
namoota warra barsiisa Bala'aamitti qabamanii jiran achii
qabda."
Qulqulluun Yohaannis waa'ee barsiisa Bala'aam Kitaabota
Museen Kitaaba Ooriitii shanan (Seera Uumamaa, Seera ba'uu,
Seera Lewootaa, Seera Lakkoofsaa fi Seera Keessa Deebii)
keessatti waa'ee wanta Bala'aam barsiisaa ture osoo hin
barreessin, Bala'aam Israa'eliinn eebbisuu isaa qofaatu
barreeffamee argama. Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis barsiisa
Bala'aam kana kan (Mul.2:14) irratti argamu kun kitaaba
raajotaa kan Musee fi bakka biraa keessatti barreeffamee hin
jiru yoo ta'e Qulqulluun Yohaannis barsiisa Bala'aam kana
eessaa fidee barreesseree Barsiifni isaas maal kan jedhu
ture Deebii isaa caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba
Qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf deebisaa!
Egaa, Baalaaq ijoollee Israa'eel dura gufuu kaa'ee qalma
waaqolii tolfamaniif dhiyaate akka nyaatanii fi
gaalamootummaatti akka jiraatan gochuu Bala'aamtu barsiisee
ture. Seera Lakkoofsaa keessatti kan argannu seenaa
Bala'aam Israa'eloota eebbisuu isaa irraan kan ka'e Baalaaqii
wajjin walitti bu'anii adda ba'uu isaanidha. Mul'ata Yohaannis
kana malee bakka biraattis dabalee Qulqulluun Pheexiroos
ergaa isaa (2Pheex.2:13) fi (Yih.1:11) irratti seenaan kun
caqasameera.
Isa kanas Seera Lakkoofsaa keessatti hin argannu. Kanaafuu,
bartootni kun eessa irraa argatanii dubbatanii barreessaniree
Bala'aam arrabsuuf gaafa ba'u ergamaan Waaqayyoo daandii
irratti isa qabee abaarsa isaa gara eebbaatti jijjiireera
(Lakk.22:21-35). Innis Israa'eloota akka eebbisuuf ajajame
(Lakk.23:20). Balaaq yeroo kana dhaga'u baay'isee gadde.
Bala'aamis akkas jedhee isaan gorseera. Barsiiseeras.
"Israa'elootni yeroo si bira dhufan Xaa'otii fí aarsaa qalii kaa'i;
fuula isaa duras dubartoota Mo'aab warra mimmiidhagoo
hiriirsi! Dargaggootni Israa'el dubartoota kana yeroo arganitti
lapheen isaanii itti qabama. Nuu wajjin ciisaa jedhu. Durbootni
kunis 'dursanii aarsaa xaa'otii kana nyaatanii haa nyaachisan.
Yeroo sanatti Waaqni Israa'el waaqa inaafaa waan ta'eef,
dha'ichaan isaan fixa" jedheen. Balaaqis akkuma jedhame
godhe. Seera Lakkoofsaa keessatti akkuma arginu, dhumaatii
ijoollee Israa'elootaa 24,000 kan ta'e kana irraan kan ka'eedha
(Lakk.25:1).
Bartootni sadan kun seenaa isaan caqasan kana har'a Mana
Kiristiyaanaa keenya keessatti tiwufiitii yookaan darbaadhaan
arganna. Akkasumas Kitaaba seenaa isaanii irraa arganna.
Bartootni qulqullaa'oonni Wangeelaa fi ergaa yeroo barreessan
ragaa tiwufiitii yookaan darbaa seenaa isaanii isaan dabarsan
wajjin nuuf barreessaniiru. Egaa kitaaba kana har'a manni
amantaa keenya sirnaan nuuf keesseetti.
6. (1Qorn.11:34) irratti "Waa'ee dhimma isa hafee immoo
yeroon dhufun seerradha." Bartuun Qulqulluun Phaawuloos
garuu Mana Kiristiyaanaa magaalaa Qoronxoos yeroo deemetti
kan inni seerrate maal ture?
Ergaa qulqulluu Phaawuloos kudha afur keessaa bakka kamitti
argama Moo qulqulluu Phaawuloos muudii isaanitti
qabatee achumaan akkas isaaniin jedhee sobe dhiiseree
Qulqulluun Phaawuloos waa'ee barsiisa dhimma isa hafe
kanaa Kitaabota ergaa isaa keessatti waa'ee wanta kana hin
barreessine. Barsiisni dhimma kana maal ture Kanaafuu
Qulqulluun Phaawuloos waa'ee dhimma barsiisa kana kan
(1Qorn.11:34) irratti argamu kun kitaaba isaa ergaawwan
kudha arfan keessattii fi bakka biraa keessatti barreeffamee
hin jiru yoo ta'e Qulqulluun Phaawuloos waa'ee dhimma kanaa
barsiisa inni barsiise nuti immoo har'a eessaa agarree fidnee
dubbifnuree Waa'ee dhimma kanaa bakka inni barreessee
Deebii isaa caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba Qulqulluu
abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf deebisaa!
Waa'een dhimma barumsa qulqulluun Phaawuloos barsiisee
garuu, Isaan kun isa har'a Manni Kiristiyaanaa keenya keessaa
fudhannu akkaataa raawwii iccitii seera Mana Kiristiyaanaa,
akkaataa seera Qurbaanaa fi Mana iccitii seerota kana
yemmuu ta'an, hunduma isaas immoo ifa godhanii dubbachuun
kan hin danda'amne seera barumsa lubootaati jechuudha.
Har'a Manni Kiristiyaanaa keenya darbaa yookaan tiwufiitii
kana fudhachuudhaan itti fayyadamaa jirti. Namootni yookaan
Kiristiyaanotni magaalaa Qoronxoosis barumsa seerotaa kana
kan bartuu Qulqulluu Phaawuloos irraa argatan barreeffama
qofaan utuu hin taanee, isa irraa arganii baratanii fudhataniiru.
7. (Tit.1:5) "Kanaaf wanta hafan waan toora hin qabatin hafe
akka toora qabsiftuuf akkan si ajajetti magaalaatii gara
magaalaatti raawwadhu.'' Bartuun Qulqulluun Phaawuloos ajaja
ijaarsaa inni Tiitoodhaaf kenne hin ibsamne.
Qulqulluu Phaawuloos waa'ee waan toora hin qabne kana
Tiitoodhaaf erge. Qulqulluun Phaawuloos isa kanas Kitaabota
ergaa isaa keessatti waa'ee wanta kana hin barreessineef ture.
Wanti toora hin qabatin jiru akka toora qabatuuf kan jedhe kun
dhimma maalii ture Kanaafuu Qulqulluun Phaawuloos
waa'ee kana kan (Tiit.1:5) irratti argamu ajaji kun kitaaba isaa
ergaawwan kudha arfan keessattii fi bakka biraa keessatti
barreeffamee hin jiru yoo ta'e Qulqulluun Phaawuloos waa'ee
ajaja kanaa maal isa ajaje barsiisaa fi ajaja inni ergeef kana
nuti immoo har'a eessaa agarree fidnee dubbifnuree Moo
kun har'a nuun nu hin barbaachisuu Ajaja kana bakka inni
itti barreesseef Deebii isaa caqasa qofaan nuuf deebisaa!
Kitaaba Qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf
deebisaa!
Tiitoon Phaaphaasii Qeexees ta'ee Qulqulluu Phaawuloosiin
muudamee ture. Qulqulluun Phaawuloosis hojii inni bakka
sanatti hojjechuun irra jiru "Seera tiksummaa hoolotaa" ergaa
barreesseef booda ture. Sagalee kana kan inni dubbate, isaan
kun tajaajila Phaaphaasotaa kan ilaallatu, ajaja Qulqulluu
Phaawuloos seerri tiksummaa hoolotaa qaama barumsaa
waan ta'eef. Isaan kana Tiitoon kan inni fudhatee isa abbaa
isaa irraa ilaalee fi barate Tiwufiitii yookaan darbaadhaan ture.
Kanaaf seenaa isaa kan ibsu kitaaba mana amantaa keenyaa
irraas ni arganna.
8. (2Yoh.1:12) "Isiniif barreessuu kan ani barbaade waan
baay'ee utuun qabuu waraqaa irratti qalamaan isiniif
barreessuu hin barbaadne. Dhumni gammachuu keessanii
gonka akka ta'uuf garuu, gara keessan dhufee afaanii fi
afaaniin akkan isinitti dubbadhu abdiin qaba.''
Sagalee kana kan inni barreessuuf, naannoo bishaan Eeshiyaa
lafa bishaan gidduu irra jiraachaa kan turan ijoollee
moototaatti kan waamamtu Roominaadhaan ijoollee Mana
Kiristiyaanaa sanaaf ture.
Qulqulluun Yohaannis waa'ee isa isaaniif barreessuu dhiisee
afaaniinan dhufee isinitti hima jedhe kun maalidha
Qulqulluun Yohaannis Kitaabota ergaa isaa sadan keessatti,
wangeelaa fi Kitaaaba mul'ataa isaa keessatti inni isaanitti
afaaniin dubbate kun hin barreeffamne. Waa'ee wanta kanas
hin barreessineef ture. Wanti inni afaaniin isaanitti hime kun
dhimma maalii ture Kanaafuu Qulqulluun Yohaannis waa'ee
kana kan (2Yoh.1:12) irratti argamu kun kitaaba isaa wangeela
ergaawwan isaa sadan keessattii fi kitaaba mul'ataa
akkasumas bakka biraa keessatti barreeffamee hin jiru yoo ta'e
Qulqulluun Yohaannis waa'ee kanaa maal afaaniin isaanitti
himee barsiisaa ture Kana nuti immoo har'a eessaa agarree
fidnee dubbifnuree Moo kun har'a nuun nu hin
barbaachisuu Isa inni afaaniin kana dubbate bakka inni itti
barreesseef Deebii isaa caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba
Qulqulluu abbaa jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf deebisaa!
Egaan Amantootni Mana Kiristiyaanaa sana keessa turan walii
walii isaanii adda wal-baasanii wal-qoodaa waan turaniif,
Qulqulluun Yohaannis haala jireenya afuuraa isaa fi jaalala isaa
arganii dhaga'anii, hojiinis isa irraa akka barataniif jecha isaan
arguu waan barbaadeef isaaniif barreesse. Sababni isaas,
tiwufiitii yookaan darbaadhaan jireenya isaa irraa wanti
dhaalamu jireenyi afuura isaa hidda dhiiga isaanii ta'eefi kan
gad isaan hin dhiifne waan ta'eef Qulquluun Yohaannis kana
filate. Akkuma abbootni jedhan "Isa dhaga'an irra, isa argantu
caala'' jedhan isin bira dhufuun koo qabatamaa waan ta'eef,
gammachuun keessan gonka haa ta'u ittiin jedhe. Kanaaf
seenaan kun kan argamu seenaa qabsuuraa qulqulluu kanarra.
9. Ammas (3Yoh.1:3-14) "Siif barreessuu kanin barbaade waan
baay'een qaban ture. Garuu qalamaan siif barreessuu hin
jaallanne. Haa ta'u malee garuu, yeroo kamitti abdiin qaba
dhufee si wajjin afaanii fi afaaniin haasa'uudhaaf.'' jedha.
Qulqulluun Yohaannis waa'ee isa isaaniif barreessuu barbaade
dhiisee afaaninan dhufee isaanii wajjin haasa'uuf jedhe kun
maalidha Qulqulluun Yohaannis Kitaabota ergaawwanii isaa
keessatti, wangeelaa fi Kitaaaba mul'ataa isaa keessatti inninni
isaanitti haasa'ee dubbate kun hin barreeffamne. Waa'ee
wanta kanas hin barreessineef ture. Wanti inni afaaniin isaanitti
haasa'ee hime kun dhimma maalii ture Kanaafuu
Qulqulluun Yohaannis waa'ee kana kan (3Yoh.1:13-14) irratti
argamu kun kitaaba isaa wangeela, ergaawwan isaa sadan
keessattii fi kitaaba mul'ataa, akkasumas bakka biraa keessatti
barreeffamee hin jiru yoo ta'e Qulqulluun Yohaannis waa'ee
kanaa maal afaaniin isaanitti haasa'ee, himee, barsiisaa ture
Kana nuti immoo har'a eessaa agarree fidnee dubbifnuree
Moo kun har'a nuun nu hin barbaachisuu Isa inni
afaaniin haasa'ee kana bakka inni itti barreesse Deebii isaa
caqasa qofaan nuuf deebisaa! Kitaaba Qulqulluu abbaa
jaatamii ja'aa keessan irraa nuuf deebisaa!
Qulqulluun Yohaannis inni kun immoo kan jedhameef
Gaayiyoos sababa amantii isaaniif amantoota ariisaan irra
ga'ee rakkatan simatee kan keessumsiisu keessummaa
simatee gargaaruu kan jaallatu magaalaa ''Lisiyaa'' xiqqaa
keessa kan jiraatu nama qajeelaa fi gaarii ture.
Qulqulluun Yohaannis gaarummaa nama kanaa waan hubatee
dhaga'eef, hojii gaarii kanatti akka cimuuf jecha jecha kana
barreesseef. Namni gaariin kun jireenya abboota isaa isa gaarii
seera Kiristiyaanummaa argee, dhaga'ee, irraa baratee, gaarii
akka isaaf ta'uuf, Qulqulluun Yohaannis jireenya afuuraa isaan
isa barsiisee jabeessuu waan barbaadeef, qaamaan itti
muľ'atee tiwufiitii yookaan darbaadhaan isa cimsuu waan
jaallateefidha. Kanaaf seenaan kun seenaa qabsuuraa
qulqulluu kanarraa kan argannudha.
10. (Yoh.12:20-22) ''Warra yeroo ayyaanichaatti sagaduudhaaf
ol ba'an keessaa Giriikotni tokko turan. Isaan kun Filiiphiyoos
nama Beetesayidaa isa kutaa biyya Galiilaa sana bira dhufanii
'Iyyesuusiin arguu feena gooftaa' jedhanin. Filiiphiyoos immoo
dhufee Indiriyaasitti hime. Indiriyaasii fi Filiiphiyoos walii wajjin
dhaqanii Iyyesuusitti himanii, Giriikota kana gara Gooftaatti
geessan.''
Giriikotni kun Gooftaa wajjin kan haasa'anii fi maaliif akka isa
barbaadan hin ibsanne.
Giriikotni kun Gooftaa wajjin kan isaan haasa'anii fi isa ksn
barbaadaniif kun maalidha Wanti isaan isaanitti haasa'aanii
fi isatti himan kun dhimma maalii ture Kanaafuu Qulqulluun
Yohaannis waa'ee kana kan (Yoh.12:20-22)

-------------------------
# 97
-------------------------
Date: 2020-08-29
Subject:

" Afaan sobduun kooraa fi tuffiidhaan salphisee nama qajeelaa irratti dubbatu haa hidhamu."
(Macaafa Faarfannaa 31: 18)

-------------------------
# 96
-------------------------
Date: 2020-08-22
Subject:

Muse maaloo nuuf Haguugadhu!

{ሙሴ ሆይ ተሸፈንልን የሚለውን ጽሑፍ ዲያቆን ዳኜ እንደሚከተለው ወደ አፋን

ኦሮሞ ተርጉሞታል::}

Raajaa Museen Namoota kakuu moofaa kessatti guyyaa


afurtamaaf halkan afurtama sooman keessaa isa tokko dha.
Guyyaa afurtama guutuu midhaan utuu afaansaa hin ga’in
akkamitti hin beelofne? Akkamittis danda’e? namni jedhu yoo
jiraate maal hojjachaa akka ture nama hin beekne dha. Guyyota
afurtamman kana kan dabarse tulluu siinaa guddicha irratti
ture. mataa tulluu qulqulluu Kanaarratti akka olba’u kan itti
himame raajaan kun fiixee tulluu kanaarra yommuu ga’utti
akka tasaa tulluun kun huurriin uwwifame. Waaqayyo
gooftaanis uurri kana keessan gad bu’e, achittis isa waliin
dhaabbate “Waaqayyo abbaa dhiifamaa, simboo kan qabu,
obsaa kan ta’e, abbaa Araara baay’eef dhuga qabeessa dha.”
Kan jedhu Sagaleen guddaa soodachisu tabbicharraa
dhaga’ame.
Museen sodaadhaan raafamaa fuula waaqayoo duratti kufee
sagade. Ifa waaqummaan uwwifamee golgaa abiddaa keessa
darbaa, sagalee Gooftaa guddaa dhaga’aa guyyaa afurtamaaf
halkan afurtama uumaa isaa waliin dubbataa tureera.
hubadhaa! Namni adunyyaa afuuraa akkasii keessa ture yoom
yaadatee beela’uuf dheebochuu danda’a? gaaffii kana
gaafachuu keenyaanuu of taajjabuu hin oollu..
Guyyoota afurtama booda museen tsillaatii lamaan bitaaf
mirgatti qabate tullucharraa gad bu’e. gara uummataatti yoo
dhufu garuu uummatni gara isaatti akka hin siqne kan
sodaachise waanti tokko uumame. Tabbicha irraa yommuu
bu’utti waaqayyo isa waliin waan dubbateef fuulli isaa ni
calaqqisa ture. tulluu qulqulluu irratti uurrii gidduu dhaabbatee
uumaa isaa wajjin jechaa jechaan kan dubbate namni kun
guyyaa afurtamaaf halkan afurtama otoo hin nyaatin yoo
tureyyuu beelaan coolaguurra kennaa waaqummaa irraa kan
ka’e fuulli isaa ni calaqqise. Raajii kana kan ilaalan ijoolleen
Israa’elis sodaadhaan raafaman. Museen garuu “Fuulli isaa
akka culuqqisu hin barre ture” (Seer. Ba’u 34:29).
Ulfina nama waaqayyoo namootatu isaaf arga malee mataa
isatti hin mul’atu waan ta’eef ulfinni fuula muse itti hin
mul’anne. Calaqqisuun fuula muse kun seenaa qulqullootaa
hedduu keessatti kan dubbisnuu fi waaqayyo warra jaallatuuf
ulfina kennu keessaa isa tokko dha. Hangafti daaqunootaa
qulqulluun Isxifaanos wareegamuu isaan dura shangoo keessa
otoo jiruu “fuulli isaa akka fuula ergamaa ta’ee” namootni
arganii kan turan museerratti kan ife ulfinni waaqayyoo isarra
waan buleef ture. (Hoj. Duuk.6:16).
Qabsuurota qulqullootaa hedduu keessattis seenaa
qulqullootaa namootni fuulli isaanii yoo ifu ilaalan arganna.
Abbaan tokko ifni fuula isaanii warren birootti mul’atee akka
irratti hin beekamne (galata hin taaneen akka hin qoramneef)
jedhanii dhokachuun halkan deemu turan. Waaqayyo akka
isaan kabaja hin barbaadne argee dukkana keessatti fuula
isaanii ibse, (ifnimmoo dukkana keessatti caalaaa mul’ata)
namootni hunduu waan bari’e se’anii akka manaa ba’aniif
ulfina isaanii akka beeku taasiseera. Ulfinni kun qajeeltota
hundumaaf samiirratti kan kennamuu dha. “yeroo sanatti
qajeeltotni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka aduu
ifu” (maat.13:42). Ifni kun waaqayyo yoommuu mootummaa
isaatiin nu ga’u nuufis kan qophaa’e dha. “Nutis hundi keenya
golgee hin dhokannee fuulduratti, ulfina waaqayyoo akka
daawwitii cululuqaa afuura kan ta’u gooftaan akka ta’u bifa
sana fakkaachuun ulfinaa gara ulfinaatti darbina.” (2Qor.3:18)
Hangafti raajotaa museen fuulli isaa yoo calaqqisetti Aarooniif
ijoolleen Israa’eel hanga arguu dadhabanitti “Muse maaloo

nuuf haguugadhu” (ተገልበብ ለነ) jechuun diqama itti ta’e. yeroof

mul’atee kan bade ifa (ulfina) fuula musee ilaaluu waan hin
dandeenyeef Abboommii kurnan tsilaatii irratti barreeffaman
yoo dubbisu Uumatni akka hin rakkanneef museen fuula isaa
haguuggata ture. gara dunkaanattiitti yommuu lixu ofirraa
hiikee gara isaaniitti yoo naanna’ummoo fuula isaa haguuggata
ture. Hayyuun liqe biraanat Admaasuu Jambaree “Museen fuulli
isaa yoo ifu uffataan fuula isaa haguuggata ture gooftaan
Musee Iyyesuus Kiristoos garuu tulluu Taaboor (Debre Taabor)
irratti fuulli isaa yommuu ifu uffataan akka hin haguuggane
uffatni isaas ni calaqqisa

-------------------------
# 95
-------------------------
Date: 2020-08-22
Subject:

Kophaa kee hin jirtu kanaaf hin sodaatin!


Namni waa hin sodaanne jiraa?Waa hedduu sodaanna mitii?
Sagaleen Waaqayyoo ammoo akkanatti nu jajjabeessa.
Dheebu keef maaf sodaatta inni gammoojjii goggogaa
garmalee keessatti bishaan dhagaa keessaa burqisiisee warra
dheebotan dheebuu baase si waliin jiraa mitii; diinnis natti
baay’atee nadhaqqabe jettee maaf sardamta,Waaqni kee
Waaqa fardeen Fara’oonotaa galaana Eertiraatti fixe miti?
Waaqayyo ati kadhattu kan Geediyoon waliin ture mitii?
(Abboota Murtee 6:11). Ati maaf sodaattaa? Dubbiin koos hin
dhagahamu maaf jettaa, Inni raajaa Musee filatee harka
fara’oonotaa jabduuu taate sana jalaa warra waggoota
dheeraaf gidirfamaa turan baraare si wajjin jira mitii?(Seera
Ba’uu boq. 1) Waaqni Hizqiyaasiif umurii dhumte dabale(Isa
38:5),kan Minaases dogoogoo kanniisaa sibiila irraa hojjetame
keessatti isa yaadate mitii Waaqni kee?
Atumti maaf sodaattaa,diinni hanga fedheyyuu yoo
baay’ate,beellis hanga fedheyyuu biyya lafaa yoo
argate,dhukkubni hamaanis yoo ka’e,godaanisi biyyattiirratti
yoo ta’e, sababa amantaa keetifis yoo sidaddarbanii hamaatti
si kennan,yoo sobaan sirratti murteessanis,waa’ee amantaa
keetii yoo ibsattus atumti maaf sodaattaa,Gooftaan ati Waaqa
koo jettuun jabaa warra jabaatan caalu kan kan hunda jalaa
nama baasu mitii?
Nan beela’a jettee sodaatta taanan Gooftaa qurxummuu lamaa
fi buddeen shaniin namoota gabaa shan quubse siwaliin Jiraati
(Yoh 6:9). Gooftaan ergamootni samii uummamni hundis
rom’aniifiin Waaqa Koo jettee jirta; kanaaf ati ilma mootii
moototaa Ilma Gooftaa Gooftotaati kanaaf maaf sodaattaa?
Sodaa keetin qofa mana Waqaayyoorraa maaf
dheessita,dogongore jetteeto maaf achumanis baddaa?Inni
Waaqayyo filatee dubbateefis isaan wanta meeqa dalagan kan
Waaqayyoon waliin haasa’anis dogongoranii turan Mitii?
Addaam irraa eegalee dhalli isaa, mootichi Daawit fi Ilmi Isaas
Solomoon,akkasuma raajaa Museen Inni yeroo dhibba shanii
ol Waqaayyoon waliin dubbatan,yeroon itti dogongoran jira
mitii,garuu deebi’anii Waaqayyootti boo’anii Inni araarameef
mitii?Kanaaf dhiifama Waaqayyos maaf shakkita,Inni kan gara
isaatti dhufan akka gadi hin darbanne maaf hin hubattu?
Ati maaf sodaatta ergamaa Qulqulluu Mikaa’el Inni
raayyawwan beekumsa namaan hin lakkaawwamne irartti
muudame, inni samii irraa seexana jawwee jedhame sana gadi
darbate isa loltoonni isaas lakkaawamne hin dhumne(Mul’ata
12:7) waliin jiran si waliin jiraa miti. Inni Sanaakireem
Qaanesse,inni afaan leencotaa cufee Daani’eel qarqaare, Inni
Baahiraan xalayaa du’aa isaa kukkute,Inni Afoomiyaa hudhaa
seexanaa jalaa baase sun si wajjin jira mitii?
Atumti maaf sodaattaa? Qulqulluu Gabri’ee inni samii Raamaa
kan Ijoolle sadan ibiddaa keessaa baase kan misiraachoo
guddaa q/ dubroo Maariyaamitti hime(Lu 1:36),inni luba
Zakkariyas dubbi isaa dhagahuu dinnaan afaan isaa hidhe,
guyya Gooftan fannifamuttis inni seefii isaan golga baqaqse,
Qiirqoos fi Iyyaluxaas kan baraare abidda labooba bishaan
taasise si wajjin mitii?;
Ati maaf sodaatta iccitii koos eenyumattan himadhakaa maaf
jettee dhiphatta? Dubroo Maariyaam kan dookimaas(Yoh 2:1)
qaanii hamaarraa oolchite,kadhannaan ishee yeroo hunduma
si waliin jira mitii? Ati maaf sodaattaa duuka bo’ootni ajaa’iba
gara garaa raawwatan, kan uffataa fi gaaddiduu isaaniitiin illee
fayyissan araarsummaa isaanitti ni amanta miti,kanaaf isaan si
wajjin jiru mitiree
Ajaa’iba xixinnoo jabana kana mormitoonni amantaa keetii
gochaa jiraniin maaf akkas ajaa’ibsiifamtaa? Raajaa Eeliyas
inni samiin rooba akka hin kennine luugame, raajaa Yoonas
inni Guyyaa sadi garaacha qurxummuu guddaa keessa bule
(Kitaaba Yonaas),Raajaa Eelsaa Inni nama du’e kaase seenaa
isaanii ni beekta miti? Atumti maaf sodaattaa sugni
qulqullootaa siwaliin jira miti?
Atumti maaf sodaattaa Qulqulluu Giyoorgisiin abbaan
fardaa,kan Beerutayiti Jawwee koola qabu irraa baraare
amantaa kee keessatti yaadatama mitiree?.
Bara mootin Sooriyaa raaja Eelisaa qabuuf loltoota lakkoofsa
hin qabne itti ergetti,gargaaran raaja Eelsaa baayina isaanii
irraa kan ka’e sodaate garmalee
rifate.Raaja Eelisaan garuu “kan nu waliin jiran loltoota
mooticha ni caalutii hin sodaatin" erga jedhee booda ‘Yaa
goofta akka arguuf maalo ija isaa baniif" jedhee Waqaayyoon
akka kadhateef(2Mot 6:16);yemmuu sana ijji gargaartuu isaa
akka baname, yemmu ijji isaa banamus wanti arge fardeen
abiddaa naannawa fi tulluwwaan raajaa Eelsaan keessatti
argamu guutanii akka turan seenaa kitaabarraa dubbifnee
hubannudha mitii?. Kanaaf kophaa keenya hin jirru hin
sodaannu,kan nu waliin jiran danuudha,jaboodhas!
Maal kana qofa ….hedduudha danuudhas…..garuu hin sodaatin
kophaa kee hin jirtu,Waaqayyos kan Waaqayyon filates
dhugumatti si wajjin jiruuti Jechi Waaqayyoo “Hin sodaatin ani
gaachana keeti” jedhu sunis amanamaadha(Uma 15:1)!
(Madda:Kitaaba ERGAA FI ERGAMAA ,Naahim)

-------------------------
# 94
-------------------------
Date: 2020-08-22
Subject: FILSETAA MAARIYAAM

+++Durbeen Maaramiin kaateetti!+++


Waa'ee Giiftiin keenya Qulqulleettiin Durbee Maaramii eeyyama
ilma isheen du'aa ka'uu ishee Abbootiin Oortodooksii ragaa
isaan kitaaba Qulqulluu keessaa caqasan Jecha Far.131:8
<<Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi Taabonni mana
qulqullummaa kee>> jedhudha. Jecha kutaa kitaaba Qulqulluu
kana du'aa ka'umsa Durbee Maaramii wajjin walqabsiisanii
kaasuun kan amma jalqabe utuu hin ta'iin jaarraawwan baay'ee
kan lakkoofsisedha. Phaatiraarikiin soddomii sadaffaa
Iskindiriyaa Qulqulluun Tewodosiyos seenaa abboonni isa dura
turan waa'ee du'aa ka'umsa Giiftii keenyaa waggoota kuma
tokkoof dhibba shan dura katabbii isaa barreesse irratti
Hayyotii Dubbii/Waa'ee Maaramii biratti Doctor of Dormition
jedhamuun kan beekamu haayyichi Qulqulluun Yohaannis inni
Damaasqoos, Manneen Kiristaanaa duuka bu'otaa ta'an
hunduu Katabbiilee/Dirsaanota isaanii irratti amma du'aa
ka'umsa durbee Maaramii kaasaniifi ayyaana olba'insashee
kabajan hundarratti Kitaaba Qulqulluu keessaa kutaa isaan
dubbisan <<Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi
Taabonni mana qulqullummaa kee>> Faarsaa Daawwit jedhu
ture. Dhugumaan jechi kun durbee maaramii wajjin akkamitti
walitti dhufa? Waan <Maaramiin Ol baate> jedhu qabaamoo?
Gaaffii jedhu barreeffamittii gabaabduu kana keessatti wajjin
ilaalla. Gara dhimma keenya kanaatti utuu hin seenin garuu
waan ka'uu qabu tokko kaasuun dursina.
Nu warra kakuu haaraatti amannuuf, Kiristaanota Wangeelaan
geggeeffamnuuf kitaabileen kakuu moofaa maal nuuf godhu?
Seerattan Musee, Kitaabileen Raajotaa, Faarsaawwan Daawwit
Kiristaanotaaf maal bu'aa qaba? jennee gaafachuun haa
jalqabnu. Gooftaan keenya Gaaffii kanaaf deebisaa <<Seera
Musee fi Raajotaan Faarsawwaniinis waa'een koo kan
barreeffame raawwatamuu qaba>> akkumanni jedhe
Kitaabileen kakuu moofaa iccitiin kan isaan dubbatan hunduu
waa'ee Kiristoosiin waan ta'effidha. (Luq.24:44) <Museef
Raajotarraa jalqabee waa'ee isaaf kan dubbatame isaaniif
hiike>> jedhamee kan isaaniif dubbatame imaltoonni
Eemaawoos <Daandii irratti yemmuu inni nutti dubbatu
,kitaabilees yemmuu nuuf banu lapheen keeenya in raafame
mitiiree?> jedhanii akkuma isaan dubbatan dhugumaan kakuun
moofaa waa'ee kiristoosiin akka dubbatu sirriitti
qalbeeffannaan lapheen keenya gad fageenyaan raafama.
Kitaabilee durdurii abbootii keenyaa kaalaa/Manatsarii goonee
yoo ija keenyatti godhannee kakuu moofaa dubbisaa Galaana
kakuu haaraa daakuu dandeenya. Caanakkeenyaan (Typolpgy)
sababni inni dursee dubbatameef (Primary application) fi
Raawwii isaa (Ultimate fulfillment) yemmuu hubannu seenaaf
raajiiwwan hunda keessatti Kiristoos Medaani'alemiin
argachaaf dinqisiifataa jiraanna.
Seenaa Addaam Gannata keessa rafee cinaacha isaa keessaa
haadha hunda keenyaa Hewaaniin argamsiise yemmuu
dubbisnu guyyaa jimaataa Qaraaniyoorratti fannoorra rafee
bishaan cuuphaa cinaacha isaa keessaa dhangala'en Kiristoos
isa haadha hunda keenyaa Bataskaana argamsiise ilaalla.
Seenaa Nohi Wayinii dhugee machaa'ee qullaa isaa kufeen
kaam yemmuu itti ga'isu, Seemiif Yaafeet Nafa isaa golguu
isaanii yemmuu dubbisnu Kiristoosiif Biiftuuf Addeessi qullaa
isaa golguu isaanii ilaalla. Seenaa Abirihaam mucaasaa jaal'atu
Yisihaaqiin aarsaa gochuuf fedha qabaachuusaa fi hoolaa
aarsaa ta'uusaa yemmuu dubbisnu Waaqayyo abbaa isaa
addunyaa jaal'atee ilmasaa tokkicha amma du'aatti kan
ajajame kiristoos hoolaa qulqulluutu nutti mul'ata. Daawwit
Gooliyaadiin mo'ee Isiraa'eelota bilisa baasuu isaa yemmuu
arginu Kiristoosimmoo Dabbiloosiin injifatee yemmuu inni
adduyaa bilisa baasu argina. Isiraa'eelonni gammoojjii keessa
deemanii uleedhaan kattaan rukutamee bishaan isaaniif
burqee dhuguu isaanii yemmuu agarru Medaani'alemii guyyaa
jimaataa cinaachi isaa waraanamee, dhiiga isaan isanni
dheebuu nu baasetu nutti mul'ata, Qulqulluu. Phaawuloos
wajjiin <<Kattaan sunis Kiristoos ture>> jenna.
Gara godoo Museetti olgallee utuu Dunkaana Oriitii
daawwannee iyyuu Kiristaanummaan keenya nu hin gadhiisu.
Hoolaa qodaa aarsaa irratti aaru yemmuu agarru Hoolicha
Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa haqu Kiristoos Iyyesuustu
sammuu keenyaatti dhufa. Gara dunkaanichaatti olseennee
baattoo ibsaa irratti ibsaan yemmuu ifu gaafa agarru , ifichi
dhugaa kiristoos, Ixaana yemmuu agarru Kiristoos isa ajaa
cubbuu keenyaa nurraa fageesse , Taabota Warqeen golgame
yemmuu agarru Kiristoos isa Waaqummaa isaan jijirama hin
qabne , Mannaa sanas yemmuu arginu biddeenni jireenyaa
Kiristoos nutti mul'atee akka imaltoota Emaa'oos <<edaa kan
garaan nu raafameef Oriitiif Raajonni waa'ee kiristoosiin waan
dubbataniifidhaa?>> jenna.
Ortodooksota yoo taane immoo bakka Gooftaa itti arganne
hundumaatti Giiftii keenya barbaacha ijaan barbaaduun keenya
hin oolu. Addaam fakkeenya Kiristoosiin ta’e yemmuu arginu,
dachee Addaamiin abbaa malee argamsiiste durbee sanyii
malee deessetu nutti mul'ata. Abirihaam hoolaa gaanfisaa
huuxii keessatti hidhamee ba'e aarsaa gochuu isaa yemmuu
ilaallu , haati hoolichaa isheen durbummaanshee utuu hin
dhabamin deesse nutti mul'atti. Gara godoo bakka wal
argiinsaattis seennee hin boqonnu. Inni ifa ta’e yemmuu nutti
mul’atu isheen immoo baattoo ifaa taatee nutti mul'atti. Inni
Ixaana yemmuu ta'u isheenimmoo Maa'ixentii qodaa ixaanni
itti aarfamu taati, inni Tsillaatii yemmuu ta'u isheen immoo
bultoo tsillaatii sanaa taabota taati. Inni Mannaa dhokataa
yemmuu ta'u isheen immoo leemmata warqee mannaa sanaa
taati. Jaroota ogeeyyii(Sabaasagalootaaf) <<Mucicha haadha
isaa wajjin argani>> jedhamee akkuma dubbatameef nutis
Kitaabilee kakuu moofaa bira deemne hundumaa keessatti
bakka fakkeenya Gooftaa keenyaa dubbisne hundatti haadha
isaas in agarra.
Dhugaa dubbachuuf yoo ta'e namni itti qorachuuf obsa qabuuf
kitaabilee kakuu moofaa waa'ee Kiristoosiin keessatti kan
durbee Maaramii illee haa hafuutii Yihuudaa isa gantuu iyyuu
argachuu danda'a . Yooseef yemmuu fakkeenya Gooftaa ta'utti
yooseef akka gurguramuuf yaada kan dhiyeesse Obboleessi
isaa yihuudaan fakkeenya Yihuudaa isa asqoorooxuu mitiiree?
Naazirichi Inni Filisxeemota Mo'ate Samsoon fakkeenya
Iyyesuus Kiristoos nama Naazireet yoo ta'u Samsooniin
dhungachaa dabarsitee kan laatte Daliilaan Yihuudaa isa
Dhungatee dabarsee kennef fakkeenya mitiiree? Abeseeloom
inni abbaa isaa ajjeesuuf shiraa ture dhumarratti mukarratti
fannifamee du'e , fakkeenya Yihuudaa mitiiree? <Kan an itti of
amane namni nagaa kootii biddeena koo kan nyaate koomee
isaa natti olkaase> jedhamee kan dubbatameef waa’ee
Yihudaaf mitiiree ? Kakuun moofaa waa'ee ishee Qulqulleettii
durbee Waaqa deessee mitiitii waa'ee Yihuudaa isa Waaqasaa
gurguree iyyuu raajii dubbateera.
Amma gara dubbii keenya jalqabaatti haa deebinu! <<Yaa
Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi Taabonni mana
qulqullummaa kee>> jedhee Daawwit waa'ee ijaaramuu Mana
Qulqullummaa fi waa'ee Taabonni mana Qulqullummaatti
galuu Faarfannaa inni faarfate, akkasumas mucaan isaa
Solomoonis manni qulqullummichii hojjetamee yemmuu
dhumetti Faarfannaa inni faarfate kun Durbee Maaramii wajjin
maaltu walitti fida? (2sen.bar.6:42) Abbootiin Ortodooksotaa
dur durii jalqabee kan isaan caqasa kana Giiftii keenyaa wajjiin
kaasan Waa'ee Daawit mana Qulqullummaaf dubbachuusaatu
jala dhokateetii? <Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi
Taabonni mana qulqullummaa kee>> kan jedhu Durbee
Maaramii wajjin walitti fidnee akka yaadnuuf kan nu kakaase
maalidha? gara jedhutti haa dhufnu.
Kan Daawwit mana Qulqullummaaf dubbate akka inni waa'ee
durbee Maaramiif dubbateeti akka nutti dhaga’amu kan godhe
Daawwitumadha. Daawwit Taabonni Waaqayyoo yemmuu gara
isaatti dhufteetti <<Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo
dhufa?>> yemmuu inni jedhe hin dhageenyee? (2sam.6:9)
haasaa kanas Eelsaabeex <<Haati Gooftaakootii gara koo
dhufuun akkamitui naaf ta'a ?>> jettee durbee maaramiif irra
hin deebinee? (Luq.1:43) Taabotanni sodaate , yemmuu
dhufee jedhu Daawwit teessoo isaa irraa ka'ee Taabota duratti
amma Haati manaa isaa Meelkool itti kolfituutti hin utaalle
inni? (2sam.6:16) Gadameessa Eelsaabeex keessa kan ture
Yohaannis durbeef <<Sagalee nagaa isheetii yemmuu
dhaga'etti>> haatisa amma raajeffattutti <<ulfichi
gammachuun utaale>> hin jedhamneeree? (Luq.1:44)
Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nusiis namoota kabaji durbee
Maaramiifi ilmishee hin galleef <<akka Yohaannisiin
gadameessa keessatti utaaluu yoo dadhabdanii maal egaa
erga lubbuu keessan bartanii immoo bultoo Waaqayyoof akka
Daawwitiin galataan yoo utaaltan?>> kan inni jedheef
kanaafidha .
Nuun maal haa goonu Taabonni Waaqayyow nama Geex mana
Abidaaraa waggaa sadiif ji'a sadii turte akkuma jedhame
<<Maaramiin mana zakkaariyaasiin ji'aa sadiif teesse>>
jedhamee barreeffamee dubbisne. (2sam.6:11, Luq.1:56)
maarree egaa seenaan Giiftii keenyaa seenaa Taabota bultoo
Waaqayyoo wajjin tokko ta'ee yemmuu arginu Kan Daawwit
Taabotaaf dubbate maaliif waa'ee Giiftii keenyaaf hin
dubbannu? waa'ee dubbii Maaramii haa kaasnu jennaanoo
akkuma Taabotichi warqeen golgamee qulqullummaan
faayamtee, akkuma Taabotichi mana qulqullummaa keessa
jiraate ishee mana qulqullummaa keessatti guddate,
Taaboticha uleensaa daraartee akka eeguuf Aaronitti akkuma
kennamte ulee yooseef daraarteen akka inni ishee eguuf kan
isaaf kennamte, akkuma Taabota xuqee Oozaan dha'ichaan
dha'aame (2sam.6:7) Taawufiiniyaan Foon Giiftii keenyaa
xuqee akkumanni dha'ichaan dha'aame caqasna turre.
<Taabota Mana Qulqullummaa kee> jechuun Mana
qulqullummaa kan jedhame haadha bultoo namummaa
jechuudha. Kiristoos namummaa isaa <Mana qulqullummaa
kana diigaa> hin jenneeree? <hoolichi Mana qulqullummaa
isheedha jedhamee hin barreefamneeree? Kanaaf <Yaa
Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi Taabonni mana
qulqullummaa kee>> jechuun akkuma Phaawulos gara
boqonnaa isaatti galuuf haa jabaannu jedhe <<Yaa Gooftaa
<<boqonnaa kee>> kan jedhame gara samiiwwaniitti ati qofti
kaatee hin hafinii haadha Namummaa mana Qulqullummaa
kee taate qabadhuutii ka'i>> jechuudha.
Du'aa ka’umsi Giiftii keenyaa baay'olii biratti falmii
kaasisuunsaa akkam nama gaddisiisa ? Kiristoos <Jireenyiif
du'aa ka'uumsi anadha> jedheera. Dhuguma du'a ka'umsa
haadha deesseef ka'uun ishee waan guddaadhaa? Haati
jireenyaa jiraattuu taate jechuun nama dheekkamsiisaa? du'is
kan du'u mucaa isheetiin mitiihoo? haadha jireenyaa duuti
qabee hambisuun kan inni gammachiisu gurguddoota du'aa
qofaadha. <<haadha , Waaqayyo isheerra bule taaboti
dubbattuun diigamtee hafteetti jechuun , durbeen Taabota
Xiyoon du'a Filisxeemiin booji'amtee hafteetti" jechuun kan
gammachiisu Daabiloos isa firii gadameessa isheen burkutaa’e
qofaadha. Nuun ortodooksota kan nu dinqu du'u isheedha
malee ka'uu ishee miti.
Qulqulluun Yaareed <<Duuti Maaramii garuu hundumaa
ajaa'ibsiisaa>> akkumanni jedhe durbee jireenya
argamsiiste,irreewwan issee waaqayyoon ammatan , jilboonni
ishee teessoo Waaqayyo ta'aan du’aan injifatamuun isaanii
nama ajaa'iba. Ka'uun ishee garuu waan eegnudha. Gooftaan
Al'aazaariin <Al'aazaar Al'aazaar> jedhee kaase, guyyaa
jimaataa du'a irraa warraa du'aan baay'ee Gooftaan du’a kan
kaase haadhasaas du'aa kaase yemmuu iedhamu warri
dheekkaman kan akkamiidha isaan?
Dhuga baatota lamaan kan jedhaman Heenook fi Eeliyaas gara
lafaatti dhufanii barsiisanii erga ajjeefamanii booda <<Guyyaa
sadiif walakkaa booda hafuurri jireenyaa Waaqayyo biraa
dhufe isaanitti seenee, miillota isaaniin dhaabbatan....samii
irratts :- as ba'aa sagalee guddaa jedhu dhaga'ani, diinonni
isaaniis utuu isaan ilaalanii gara sammiitti olba'ani>> jedha.
(Mul.11:4-12) Heenookii fi Eeliyaas Dhufaatii isaa lammataa
dura akka isaan lammataa hin duunetti du'aa isaan kaasee ,
Waaqni diinota isaanii duratti gara samiitti olbaasu haadhasaa
michoota ishee duratti kaasee ol ishee baaseera yemmuu
jedhamu dheekkamsoon mormuun maal jedhama?
Akka mucaa isheetii ofii isheetiin olbaate (Ascension) jechuufi
mucaan ishee gara isaatti butee fudhate (Assumption) jechuu
gidduu garaagarummaa jiru hubachuuf yoo dandeenye olba'uun
Giiftii keenyaa maal nama wal falmisiisa? Eeliyaas isa bokkaa
ittise irra durbeen bokkaa qulqulluu argamsiiste hin
caaltuuree? Heenook isa adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin
taasiserra haati Waaqaa, Waaqayyoof bultoo taate hin
caaltuuree?
Nuti garuu Qulqulluun Ephifaaniyoos <<Du'a isheen dacheen
gadda hadha'aa yemmuu gadditu samii irratti garuu
gammachuu guddaatu ta'e>>
akkumanni jedhe Giiftiin keenya addunyaa darbu keessaa gara
addunyaa hin dabarrettis ta'e, aangoo ilma isheetiiniinis kaatee
gaafa olbaate gammachuu guddaan samii irratti akka ta'e
amantiin ni hubanna. Al'aazaar hiyyeessichi gaafa du'e illee
ergamoonni lubbuu isaatti marsanii gara kaasuu abiraahamitti
geessanii turani. Eeliyaas gaafa olba'e Ergamoonni
konkolaataafi faradoo ibiddaan butanii turani. Waa'ee
olba'iinsa haadha Waaqaaa yemmuu yaannu kana caalaa
faarfannaan nutti mul'ata. Akkuma Qulqulluun Tewodoosiyoos

jedhee Qulqulluun Yaareedis ‹በመሰንቆሁ እንዘ የሐሊ›

<Bamaseenqoo'uu inze yehaalli> jedhe Abbaan ishee


Daawwitis <<Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi
Taabonni mana qulqullummaa kee>> jechaa faarfachaa haati
Waaqayyoo addunyaa kana irraa gara addunyaa garasiitti
ceeteetti. Eeliyaas yemmuu gara samiitti butame eebbaaf akka
ta'uuf bartuu isaa Eelsaa'iif uffatasaa akkuma kenne; Giiftiin
keenyas aangoo ilma isheetiin gara samiitti yemmuu olbaate
sabbata ishee Toomaasiif kennuu isheen Manneen Kiristaanaa
Oortodooksa'oo amma yoonaatti hiratanii jaalala guddaan
eebba ishee fudhatu.
Nuti Oortodooksonni waa'ee ka'uu Giiftii keenyaa yemmuu
yaannu kan nuti gaafannu <kaateetti moo hin kaane, gara
samiitti olbaateettii moo ol hin baane> utuu hin ta'iin <Samii
irratti simannaan isheef ta'e maal fakkaata laata?> jenneeti.
Erga hiyyeessichi Al'aazaar du'ee Ergamoonni gara kaasuu
Abirihaamitti geessan jedha ta'ee, Haadha Waaqayyoo
meeqatu marse laata? Gara samiitti olba'uun isheef waan
guddaa miti. Sababni isaas Waaqa samii harkasaatti baatuuf
samii harka isheen baatte waan taateef. Isheen gara samiitti
olba'uu isheen kan carroomte ishee utuu hin ta'iin samiidha.
Samiin teessoo isaati, lafti ejjeta isaati Durbeen Maaramiin
garuu haadha isaati. haadhaaf teessuma keessaa haadhatu
caala. Akkuma Yaa'iqoob inni Siruug jedhe samiin hin deenye,
hin guddisnes, hin hoosisnes, durbeen garuu kana hundumaa
gooteetti. Kanaaf gara samiitti olba'uu isheen kabajni
samiifidha malee isheef miti.
Dhugumatti yemmuu Giiftiin keenya olbaate simannaan isaa
akkam ture laata? nuti ilmaan namaa haadha keenya kabajuus
soorummeessuus kan dandeenyu amma lafarra isheenis nutis
jirruttidha. Uumaan 'Abbaaf haadhakee kabaji' nuun jedhe
haadha isaa kan inni kabajuu danda'u garuu lafarratti qofaa
utuu hin ta'iin samiirrattisidha. Haatisaa yemmuu garasaa
deemtu Kiristoos Medaane'aalemiin akkamitti ishee simate
laata?
Mootiin Solomoon yemmuu haati isaa Beersaabeen gara Mana
mootummaasaa yemmuu dhuftetti maal akkanni godhe haa
yaadannu. " Mootichis ka'ee ijaajjee qoomma'ee ishee simate;
deebi'ee teessoo isaa irra in taa'e; haati mootichaa sunis
teessoo fidanii kaa'aniif irra gara mirgaa mootichaatiin in
teesse. Isheenis:- Waan xiqqoo takkan si kadhadhaati na hin
qaanessin jette. Mootichis yaa haadhako natti himi si hin
qaanessuutii>> jedhamee barreeffameera. Solomoon isa garaa
firii Daawwit keessaa argamee teessoo irra taa'e caalaa
Kiristoos isa teessaa Daawwit irratti barabaraan mo'a
jedhametu caala. Waa'ee kiristoos irratti "Solomooniin kan
caalu as jira" jedhamee barreeffameera. (Mat.12:42) erga
Kiristoos Solomoon irra kan caalu ta'ee , haati Kiristoosis
haadha Solomoon irra ni caalti.
(1Mot 2: 19)
Kabajaa Solomoon haadha isaaf kenne caalaa, Kabajaa
Kiristoos haadha isaaf kennutu caala. Manni mootummaa
Solomoon kan inni jiru lafarradha; Manni mootummaa
Kiristoos garuu kan inni jiru samiirradha. Medaani'alemiin
yemmuu haadhasaa gara Mootummaasaa samiitti waame
akkamitti simate laata? akka haadha Solomooniin teessuma
isheedhaaf fichisiise hin jenneef samiirra taa'uufi dhaabachuun
hin jiru. garuu imnoo <<Mootittiin uffata warqee uffattee
mirgakee dhaabbatti>> jedhamee durbeedhaaf kabaji kenname
barreeffameera. Warqee uffachuun itui xiqqaata kan jedhu yoo
jiraate immoo, <<isheen ilma warra hin amanne isa siiqqee
sibiilaatiin bitu deesse>> durbeen <<Biiftuu uffattee, addeessis
miillashee gaditti ta'eefi , urjileen kudha lamaanis gonfoo kan
isheef ta'e dubartii tokkotu ture>> jedhamee barreeffameeraaf.
(Far.44:9, Mul.12:1)
. Nuuf Oortodooksotaaf durbeen yemmuu isheen gara adduyaa
biraatti ceetu simannaa kabajaa isheef godhame sammuutti
yaaduu keenyarraan kan hafe maaltu nu jeeqa? Qulqulluun
Gabri'eeliin maal jedhee ishee simate laata? asitti < Kennaan
kan guutamte gammadi> jedhee kan nagaa isheef dhiyeesse
ergamaan kun kennaan kan guutamte yemmuu garasaa dhaqxu
maal jedhee ishee simate laata? Qulqulleettiin Eelsaabeex
ammas <garakoo dhufuunkee akkamitui naaf ta'a> ittiin
jetteettii laata? Yohannis Cuuphaanis samiirrattis gammachuun
utaaleeraa laata? Raajonois durbee akkamitti simatan laata?
Isaayyaas durbee <in ulfoofti> isheen jedhe gaafa arguu
maaluma isheen jedha laata? Hiisqi'eeloo <Balballi cufamte>
garasaa yemmuu dhaqxu maal jedhe? Geediyoon
Tsamiriisaa,Eelsaa'ii okkoteesaa, Aaroon ulee isaa, Nohi
Dooniisaa, yemmuu argee jedhu maal jedhe laata? Museenoo
ammas biqiltuun hin gubanne sun ammas garasaa yemmuu
dhuftu akkuma tulluu Siinaa irraa kophee isaa baaseeraa laata?
Addaam mucaa mucaa isaatii yemmuu argu, Hewaanis
Hewaan lammataa gaafa agartu maal jette laata?
hundumaayyuu samiirratti hubachuuf kan geenye nu haa
taasisu!

-------------------------
# 93
-------------------------
Date: 2020-08-22
Subject:

Damma baafachuu barbaadda taanaan gaguraa hindhiitiin

-------------------------
# 92
-------------------------
Date: 2020-08-19
Subject:

" Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara
gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase."
(Maatewos 17: 1)
" Phexros gidduutti, "Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo
sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkoos Eliyaasiif nan ijaara" jedhee Yesustti dubbate. "
(Maatewos 17: 4)

-------------------------
# 91
-------------------------
Date: 2020-08-18
Subject: Gooftaa

" Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf
jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas."
(Tiitoos 2: 13)
" Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha. "
(Luqaas 2: 11)
" Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti
yoo amante fayyina bara baraa in argatta."
(Roomaa 10: 9)
" Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha. "
(Luqaas 2: 11)

(Yohannis 14 )
7 Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa
argitaniittus" jedheen.
8 Filiphos immoo, "Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a" ittiin jedhe.
-------------------------
# 90
-------------------------
Date: 2020-08-15
Subject:

+++ታማልደናለች +++

ሐዋርያው ስለ ቅዱሳን “ራሳቸውም ስለ እናንተ ሲያማልዱ፥ በእናንተ ላይ

ከሚሆነው ከሚበልጠው ከእግዚአብሔር ጸጋ የተነሣ ይናፍቁአችኋል።”

2ኛ ቆሮ 9፥14 በማለት የተናገረውን ያነበበ የአምላክ እናት ምልጃን እንዴት

ያስተባብላል?

+++++

እመቤታችን የነገሥታቱን ንጉሥ የጌቶቹን ጌታ የኃያላኑን ኃያል የጸጋ

አማልክት የተባሉ የቅዱሳኑን አምላክ እርሱን የወለደች ውሆችን በእፍኙ የሠፈረ

ሰማያትን በስንዝሩ የለካ የእርሱ የጌታችን የአምላካችን የመድኃኒታችን የኢየሱስ

ክርስቶስ እናት ናትና እንወዳታለን እናከብራታለን ።(ኢሳ 40:12 ራእይ 19:16

1ጢሞ 6:15) ጠላት የክርስቶስ እናቱ የድንግል ማርያም ወዳጆችን በባሕር

አሸዋ በተመሰለ በዚህ ዓለም እንደ አሸን ፈልተው በተበተኑ እኩያን ሰዎች ልቡና

አድሮ እንደሚዋጋቸው ወንጌላዊው ቅዱስ ዮሐንስ መስክሯል። (ራእይ 12:17)

ጥላቻ ደረጃ አለው ዲያብሎስ ሁሉንም የሰው ዘር ይጠላል ከፍ ሲልም ቅዱሳንን

አምርሮ ይጠላል ለድንግል ማርያም ያለው ጥላቻ ግን ወሰን ገደብና ጥግ

የለውም ። የጥላቻው መገለጫ ከሆኑ ነገሮች መካከል አንዱ ደግሞ ከልጇ

ከኢየሱስ ክርስቶስ የተሰጣትን ምሉዕ ጸጋ ማስተባበል ማጠራጠር ማስካድና

እርሷንም መሣርያ ባደረጋቸው ሰዎች አንደበት ማሰደብ ነው:: የምልጃዋን

ጣዕም የቀመሰ ደግሞ ስለ አማላጅነቷ ከሕይወቱ በላይ ምስክር የለውምና


እንዲህ ይላል :-

++ ታማልጅን ዘንድ ላንቺ ይገባል ++

የእመቤታችንን አማላጅነት መቃወም እግዚአብሔርን መቃወም

መጻሕፍትንም ማስተባበል ነው:: ለምን ? ቢሉ

፩. በእግዚአብሔር ፊት ቆሞ ለሰዎች መማለድ መለመን ታላቅ ጸጋ ነው ::

የእግዚአብሔር ጸጋ ያልተሰጠው ያልበዛለት በእርሱ ፊት ቆሞ እርሱን ሊለምን

አይችልምና :: አባታችን አብርሃም በእግዚአብሔር ፊት ጸጋን ቢያገኝ

በእግዚአብሔር ፊት ቆሞ ለሰዶምና ለገሞራ እንደማለደ መጽሐፍ ይመሰክራል ።

(ዘፍ 18:18-29) ሊቀ ነቢያት ሙሴም በእግዚአብሔር ፊት ቆሞ ለምኖላቸዋል

። (ዘጸ 32:1-32)

ልበ አምላክ ክቡር ዳዊት ይህን ታሪክ አውስቶ ሲናገር "እንዳያጠፋቸው

ቁጣውን ይመልስ ዘንድ የተመረጠው ሙሴ በመቅሠፍት ጊዜ ባይቆም

(ባይለምን) ያጠፋቸው ዘንድ ተናገረ።" (መዝ 105(106)÷23) ማለቱ

ሐሳባችንን ያጠነክርልናል::

የአምላክ እናት ድንግል ማርያም ከእግዚአብሔር ዘንድ ምሉዕ ጸጋን

አግኝታለች:: ከሰማያውያኑ ቅዱስ ገብርኤል ከምድራውያኑ ቅድስት ኤልሳቤት

"ማርያም ሆይ በእግዚአብሔር ፊት ጸጋ አግኝተሻልና ደስ ይበልሽ ።" (ሉቃ

1÷30:43) ብለው እንደመሠከሩ:: ድንግል ማርያም ያልተሰጣት የቀረባት ምን

ጸጋ አለ? እርስዋ አታማልድም የሚሉ ሰዎች መጽሐፍ ቅዱስን በመቃወም ክብር

ይግባትና "የሚጎድላት ጸጋ አለ" እያሉ እንደሆነ እንገንዘብ:: ይህ ደግሞ ራሳቸው

ምን ያህል ከጸጋው እንደተራቆቱ ያሳያል:: ከቅዱሳን ሁሉ ክብር የማርያም ክብር

ይበልጣልና ::

፪. በሐዲስ ኪዳን ጌታችን አምላካችን መድኃኒታችን ኢየሱስ ክርስቶስ

የማማለድን ጸጋ ለቅዱሳን እንደሰጠ ሐዋርያው ሲመሠክር "ነገር ግን የሆነው

ሁሉ በክርስቶስ ከራሱ ጋር ካስታረቀን የማስታረቅም አገልግሎት ከሰጠን

ከእግዚአብሔር ነው:: እግዚአብሔር በክርስቶስ ሆኖ (ህልው ሆኖ) ዓለሙን

ከራሱ ጋር ያስታርቅ ነበርና በደላቸውንም አይቆጥርባቸውም ነበር :: በእኛም


የማስታረቅ ቃል አኖረ:: እንግዲህ እግዚአብሔር በእኛ እንደሚማለድ ስለ

ክርስቶስ መልእክተኞች ነን ከእግዚአብሔር ጋር ታረቁ ብለን ስለ ክርስቶስ

እንለምናለን ።" 2ቆሮ 5÷17-20 ብሏል:: ለሐዋርያት የተሰጠ ጸጋ በሙሉ

ለእመቤታችን ተሰጥቷታል ለእርሷ የተሰጠ ጸጋ ግን ለሐዋርያት አልተሰጠም::

ከፍጥረታት ወገን " ጸጋን የተሞላሽ" የተባለ ከእርሷ ሌላ ማን አለ? ታዲያ

ማማለድ ለሐዋርያት የተሰጠ ጸጋ ተልእኮም ከሆነ ድንግል ማርያም ደግሞ በጸጋ

የተሞላች ከሆነች "አታማልድም" የሚሉ አያፍሩምን? የቅዱሳን ሐዋርያትን

የማማለድ ጸጋ መጽሐፍ እየነገረን የእርስዋን ማማለድ ለመቀበል መቸገር ምን

ይሉታል?

፫ . በሐዲስ ኪዳን ስለ ክርስቶስ በዓላውያን ነገሥታት የታረዱ በሰማይ

በክብር የተገለጡ ሰማዕታት በክፉዎች ላይ እንደለመኑባቸው ቅዱስ ዮሐንስ

መስክሯል ። (ራእይ 6÷9)ስለ ልጇ "በአንቺም ደግሞ በነፍስሽ ሰይፍ ያልፋል

።" (ሉቃ2÷35) የተባለች የሰማዕታት እናት ድንግል ማርያም ሰይጣን ክፉ

ዓለም የሥጋ ፈቃድ ለሚፈትናቸው ክርስቲያኖች አትማልድምን ?

፬. ደፋሮች በድፍረትና በትእቢት በመናቅም እንደ ተራ ታሪክ ቢመለከቱትም

ቅዱስ ዮሐንስ "የምልክቶች መጀመሪያ ጌታችንም ክብሩን የገለጠበት" ብሎ

በመሠከረበት በቃና ዘገሊላ ሰርግ ቤት ልጅዋን ወዳጅዋን ኢየሱስ ክርስቶስን

ለምና ተራውን ውሃ ወደሚጣፍጥ ወይን እንዲለወጥ አድርጋለች ። (ዮሐ ፪÷፩-

፲፪)ክብርና ጸጋዋ ያልተገለጠላቸው ሰዎች የእርሷን የማማለድ ጸጋ እያስተባበሉ

"እንጸልይላችሁ" "እናድናችሁ" "እንፈውሳችሁ" ሲሉ ማየትና መስማት " ከፍ ከፍ

ያሉ ዓይኖች ያሉት ሽፋሽፍቶቹም ወደ ላይ የሚያዩ ትውልድ አለ ።" (ምሳ

30÷13) ተብሎ የተነገረው ትንቢታዊ ኃይለ ቃለ እንዲፈጸምባቸው እየተጉ

መሆኑን ያሳየናል::

ዛሬም በኑሯችን በሥራችን በትዳራችን በትምህርታችን ጣዕም ያጣን ሁሉ

በአማላጅነቷ በጥዑም ስሟና ከልጇ በተሰጣት ጸጋ አምነን እንቅረብ !! እርሷ

ሰማይና ምድርን የፈጠረ የክርስቶስ እናቱ ናትና::

* ቢትወደድ ወርቁ
* ነሐሴ 8 ቀን 2012 ዓም

-------------------------
# 89
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

# Fayyinni # Iyyesuusiin # malee !

Hojii duuka bu'ootaa 4፥12

kutaa 2ffaa
Oortoodooksiin kamiyyuu dubbisuu qaba.sagalee waaqayyoo
kanaan shakkitoonni saba waaqayyoo baay'ee dogoggorsan
waan ta'eef hundumtuu dubbisaati irraa baradhaa! waliifis
qoodaa!!
..................

kutaa 1ffaa keessatti sagaleen hdb 4፥12 irratti barreeffame

sun eenyuuf akka dubbatame maaliif akka dubbatame yoom


akka dubbatameefi fayyinni Iyyesuusiin malee jechuun maal
akka ta'e bal'inaan ilaallee turre! wari hin dubbisne dubbisaa!
har''ammoo fayyina Ergamootaan qulqullootaan
wareegamtootaan argamu ilaalla! waaqayyo nu haa gargaaru!

፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤

# Fayyina # Ergamootaan # Argamu!


Fayyina Ergamootaan argamu ilaalchisee Daawwit akkas
jedheera...."Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon

sodaatanii in buufata, inni isaan Nii fayyisas" far 33፥7


kunoo akkuma argitan hdb 4፥12 irratti fayyinni Iyyesuusiin qofa

jedhee haa barreeffamuyyuu malee far 33፥7 irratti immoo

ergamoonni ni fayyisu jedhee jira! sagaleen waaqayyoo hundi


isaayyuu hiika qaba.
Ergamoonni ni fayyisu jechuun maal jechuudha yoo jenne
fayyisummaan isaanii "fayyisummaa kennaati" jechuu keenya!
karaalee ittiin ergamoonni nu fayyisan bakka 3tti qoodnee
ilaaluu dandeenya.
1- # Eegumsa isaaniin!
Ergamoonni nu eeguudhaan nu fayyisu.kunis kitaaba qulqulluu
irratti barreeffamee jira shakkitootatu shakkaaf malee!
-->> "Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif

ergamoota isaa siif ni erga" far 90(91)፥11

-->> "Waaqayyo inni karaa ergamaa isaa hamaa hundumaa na

oolche, ijoollee kana haa eebbisu!" seera Uum. 48፥16

Ergamoonni nuti diina keenya kan ta'e daabiloosiin akka hin


miidhamneef akka hamaan nurra hin geenyeef akka nuti hin

kufneef nu eeguudhaan nu fayyisu! seer.uum 19፥20-25 Dani

3፥23-30 galanni waaqayyoof haa ta'u!

2- # Kadhannaa # isaaniitiin
Ergamoonni kadhannaa isaaniitiin dhalli namaa kufaatii inni
cubbuu keessatti kufe keessaa ka'ee gara waaqayyootti akka
dhiyaatu gochuun ni fayyisu.

zakk 1፥12 irratti "Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee,

"Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti mandara


Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama
itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu ree?" jechuun
ergamaan waaqayyoo saba Israa'eliif kadhateera.waaqayyos
kadhannaa isaa kana dhagahuun "gara Iyyerusaalemitti
dhiifamaan deebi'eera Iyyeruusaalem irratti mannikoos ni
ijaarama" jechuun dubbateera.
Egaan ergamoonni kadhannaa isaaniin eegumsa isaaiin nu
fayyisuu jechuudha!

Gabri'eel Balali'aa dhufe" Dan 4፥21

Mikaa'el na gargaaruu dhufe" Dan 10፥13

Fayyina kana fakkeenya salphaa ta'een yoo ibsinu ......fknf


namni tokko dhukkubsatee yoo gara mana yaalaa deemee fi
ogeessi fayyaa mana yaalichaa jirus namicha dhukkubsate
kanaaf qorannoo dhiigaa taasiseee gorsaa fi qoricha garaa
garaa kennuufiidhaan namichi kun akka fayyu yoo taasise
"ogeessi fayyichaa" namicha dhukkabsate kanaaf # ofiisaatiin
qoricha ta'ee fayyise hin jedhamu.namicha kana kan fayyise
qorannoo inni taasise gorsaa fi qoricha inni kennetu bakka
tokkotti walitti dhufee namicha kana fayyise.
akkuma kana Ergamoonni kennaa waaqayyo irraa isaaniif
kennameen yoo nu fayyisan isaan waaqayyoon ta'an jechuu
miti! kadhannaa isaaniin araarsummaa isaaniin kennaa isaaniif
kennameen nu gargaaruun nu fayyisu akka nuti fayyina argannu

nu taasisu! Ibro 1፥14

3- # Daandii # Agarsiisuudhaan !
Ergamoonni warra waaqayyoon sodaatanitti daandii qajeelaa
agarsiisuudhaan ni fayyisu. Israa'elonni gabrummaa Gibtsii
jalaa erga bilisa bahanii booda Ergamaan waaqayyoo Qulqulluu
Mikaa'el, Daandii isaanitti agarsiisuudhaan isaan dursaa

tureera. Seera ba'uu 23፥20 daandii agarsiisuun isaa kun egaan

"Fayyisuu" (fayyina) jedhama.sababni isaa sabni Israa'el kun


daandii badiisaa irra akka hin deemneef kallattii hin taaneen
deemanii akka hin dogoggrreef daandii isa sirri ergamaan
waaqayyoo kun isaanitti agarsiisaa ture waan ta'eef.otuu inni
isaa dursuudhaa baatee maal akka uumamu tilmaamuun nama
hin dhibu. Kanaafidha Daawwit " Ergamaan Waaqayyoo
naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan

Nii fayyisas" far 33፥7 jedhee kan dubbateef.

kanaafuu nuti ijoolleen Tewaahidoo warri wangeelatti amannu


ragaa keenya wangeela godhannee ergamoonni nu fayyisuu
jenna.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
# Fayyina # Qulqulloota , # wareegamtootaan # Argamu!
qulqulloonnis akkuma ergamootaa kadhannaa isaaniin
araarsummaa isaaniin kennaa isaaniif kennameen nu fayyisu,
nu gargaaru.maaliif jennaan waaqayyo waadaa isaaniif galeera
waan ta'eef.

"warran filadhe waliin kakuu galeera!"far 88፥3

jedhee Daawwit akkuma dubbate gooftaan keenya Iyyesuus


kiristoos warra waadaan galameef warra filatamaniif jecha
guyyaan dhiphinaa sun akka hir'atu akkas jechuun
barsiiseera...."Guyyoonni sun utuu gabaabbachuudhaa baatanii,
namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif

jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru." mat 24፥22

warra kakuu galame kanatti amanan hundaa waaqayyo abidda


baraa baraa nii oolchaan !
Ameen nuuf haa ta'u!
qulqulloonni lubbuu isaaniitiin kakatanii illee akka nuti hin
badne nuuf kadhachuun nu fayyisu.anagafa Raajotaa kan ta'e
Museen yeroo waaqayyo saba sraa'eliin balleessuuf ka'etti
"saba kana hin balleessin anaan galmee jireenyaa irraa na
balleessi" jechuun saba Israa'eliif kadhateera.seera ba'uu
32፥1-15 keessa deebii 9፥12-20 far 105(106) ፥23

# Fayyisummaan waaqayyoo fi fayyisummaan qulqullootaa


tokko miti garaa garadha.qulqulloonni kan isaan nu fayyisan
kennaa waaqa irraa isaaniif kennameefiinidha.waaqayyo
ammoo waaqummaa isaatiin nu fayyisa!
# hubadhaa qulqulloonni kennaa fayyisuu akuma qaban
kanneen kennaa waaqummaa qaban illee ni jiru! seera ba'uu

7፥1

egaan kennaa qulqullootaaf kenname kanati fayyadamuudhaaf


dirqama fayyisummaa isa jalqabaa ykn isa waaqayyo dhala
namaa fayyise sana amanuu qabna.Iyyesuus kiristoos samii
irraa gad bu'ee durbee Maariyaam irraa dhalatee Gadaamii
Qoronxoositti tsoomee kadhatee daabiloosiin qoramee
waggaa 30ffaa isaatti galaana Yoordaanositti cuuphamee
guyyaa Jimaataa fannoo irra oolee foon isaa kukkutuun dhiiga
isaa dhangalaasuun nu fayyisuu isaa amanuu qabna! kun isa
jalqabaati.qulqulloonni kan isaan kadhataniif warreen amananii
fi daandii qajeeelaa irra jiraniifidha.

Phaawuloos waa'ee kanaa ibseera.ibro 1፥14 "isaan kun

hundinuu hafuurota hojii warra fayyina dhaaluuf (argachuuf))


jiraniif gargaaruudhaaf ergaman mitiiree?)jedheera.kana
jechuun isaa waaqummaa kiristoositti warra amananii fooniif
diiga isaa fudhatanii cuuphamanii gara waaqayyootti osoo
deebi'aa jiranii warra dadaban warra qormaata diinaan laafan
warra gufatanii boodatti hafan isaan kana qulqulloonni
kadhannaa isaaniin ni jajjabeessu ni gargaaru ni fayyisuu
jechuu isaaati
~~~<<<<~~~~~~
qulqulloonni Ergamoonni wareegamtoonni yoom nu
gargaaru ??? kan jedhuuf ....."yeroo namni tokko qalbii
jijjiirrachuun ,foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuu osoo
barbaaduu garuu sababa garaa garaatiin yoo dadhabe
,akkasumas seexanni nama tokkotti rakkoo hawaasummaa
rakkoo maatii rakkoo barumsaa rakkoo daldalaa rakkoo
gaa'elaa rakkoo fayyaa.....itti fiduudhaan nama sana yoo
gufachiise yeroo kanatti ergamoonni wareegamtoonni
qulqulloonni kadhannaa isaaniin kennaa isaaniin waadaa
isaaniif galameen nama sanaaf kadhatanii gargaaruudhaan
kiyyoo kana keessaa isaan baasu! kun # fayyisuu jedhama.
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Nuti yeroo hojjennu yeroo qabsoofnu qormaatni nutti baay'atee
nii dadhabna.yeroo kanatti qulqulloonni wareegamtoonni
kadhannaa isaaniin nu jabeessu nu fayyisu.fayyisummaan
isaanii kanadha jechuudha.qulqulluun PHaawuloos Tajaajilli
inni adeemsisaa ture akka isaaf milkaa'uuf akkasumas
waaqayyo warreen hamoo ta'an irraa akka isa fayyisuuf "nuuf

kadhadhaa!" 2tes 3፥1 jedhee ture. Qulqulluu Phaawuloos ofii

isaa kadhachuu wallaalee miti .garuu namni fooni dadhabaa


waan ta'eef gargaarsi waan isa barbaachisuuf "Nuuf
kadhadhaa" jedheera.
kiristaanummaa keessatti inni tokko isa biraa gargaaruun

dirqama.Kanas Yaa'iqoob 5፥16 irrratti "Yoos dhukkubattii akka

fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis


kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee
hojjechuu in danda'a. "jechuun ibseera.
jireenyi kiristaanummaa dadhabbii guddaa of keessaa
qaba.namni tokko kadhannaa godhachuu dadhabuu danda'a
tsoomuu dadhabuu danda'a, sababa garaa garaan sagaduu
dadhabuu danda'a.qulqulloonni warreen akkasii kana
kadhannaa isaaniitiin ni gargaaru.kadhannaa godhachuu
dadhabuunii fi kadhannaa godhachuu jibbuun tokko miti.
qulqulloonni kan isaan gargaaran warra osoo dadhabanii osoo
barbaadanii dhaban! warra waan hundi humna isaanii ol ta'ee

rakkoo keessatti kufan kanadha.ibro 1፥14 Yoh 4፥36-38

***********************
Namni tokko nama kan biraa fayyisuu danda'a.
faakkeenyaaf walii walii keenyaan wangeela yoo wal barsiisne
yoo wal gorsinee badiisa irraa wal deebisne akkasumas
cubbuu irraa dogoggra irraa yoo wal deebisne wal fayyisnee
jedhama.garuu fayyisummaa inni kun fayyina isa waaqayyoo fi
qulqullootaan argamu irraa addadha.tokko miti.kan nuti wal
fayyisne jennu daandii fayyinaa walitti agarsiisuu
keenyaanidha.badiisarra kufaatii irraa dogoggora irraa wal
deebisuun wal fayyisuudha.Abelu na fayyise abelu rakkinaa na
baase abelu dogoggora irraa na oolchee!!---- jennee
dubbachaa oolla mitiiree????
Yaa'iqoob waa'ee kanaa ibsee jira.

yaa'iqoob 5፥19-20 "Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo

jal'ate, namni biraan deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.


Inni nama cubbamaa karaa jal'inaa irraa deebisuu kun, lubbuu
du'a oolchuu isaa, baay'ini cubbuu deebi'ee akka hin argamne
gochuu isaa haa beeku!
egaan fayyina ykn fayyisummaa yeroo jennu akka shakkitootaa
sana hundumaa bakka tokkotti qabnee ilaallee miti.kitaaba
qulqulluu irratti fayyisummaan Waaqayyoo fayisummaan
ergamoota qulqulloota wareegamtoota bifa garaagaraan
icciitiidhaan barreeffamee jira.nuti isa kana ragaa godhanneet
kan dubannu.
Fayyinni hundumti kan argame waaqayyo irraati.Iyyesuus
kiristoos fayyisaa waan ta'eef qulqullootaaf wareegamtootaaf
ergamtootaaf kennaa fayyisuu kenneeraaf.barabaraan jiraataa
waan ta'eef hundumti keenyayyuu barabaraan akka jiraannuuf
kennaa nuuf kenneera.
.........................

egaan hdb 4፥12 irratti kan barreeffameefi hiikkaan Fayyinaa

kutaa 1ffaa fi 2ffaan ilaalaa turre kana fakkaata.dhugaa jiru


amannee akka itti bulluuf waaqayyo nu haa gargaaru!
Yaa obbolootakoo # Saroota irraa of eegaa! isa qulqullaa'e

sarootaaf hin kenninaa! Mat 7፥6

# xumura # irratti ........


gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos "-- Ani jirma wayiniiti isin

immoo damee isaati----"Yoh 15፥1-5

jechuuun dubbateera kanaafuu yeroo waa'ee muka tokkoo


dubbannu waa'ee jirma mukichaa fi damee mukichaas
dubbanne jechuudha.dameen muka sanaa goge yoo jennu
mukichis goge jechuu keenya.dameen mukichaa lalise yoo
jennu mukichis lalise jechuu keenya.akkuma kana waa'ee Tekle
Haayimaanot Waa'ee Aarseemaa Waa'ee Abuye Gebre Menfes
qiddus yoo dubbannu waa'ee kiristoosiin dubbanne jechuudha.
karaa gara biraatiin Inni qaama yoo ta'u nuti immoo kutaa
qaama isaati.fakkeenyaaf kutaalee qaamaa keessaa harki yoo
dhukkubsate mana yaalaa kan deemu harka qofa miti.kutaa
qaama hundatu gara mana yaala deema.sababni isaa harkatu
dhukkubsate jechuuf afaan itti dubbatamu gurri ittiin dhagahee
gaaffii deebisu ijji ittiin argu miilli ittiin gara mana yaalaa
deemamu jiraachuu qaba malee harki qofti gara mana
yaalaatti hin ergamu.walumaa galatti kutaaee qaamaa keessaa
tokkovyoo dhukkubsate qaama sanatu guutummaa guutuun

gara mana yaalaa deema! kanaafidha Luq 15፥10 irratti


"Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa
geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deei'u, ergamoonni
Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima" jechuun kan
barreeffameef.
kan hubate haa hubatu!
nuyiif ergamoota gidduu walitti dhufeenyi jiru qaama
tokkodha.Mikaa'el nu fayyise jechuun Waaqayo Nu fayise
jechuudha sabbni isaa kennaa fayyisuu kana kan kenneef
waaqayyodha waan ta'eef.Tekle Haaymaanot nu fayyisee
Gebre Menfes qiddus nu fayyise Aarseemaan nu Fayyiste
jechuun waaqayyo nu fayyisee jechuudha.sababni isaa
isaanirra bulee kan nu fayyisu waaqayyodh a waan ta'eef
.Durbee Maariyaam nu fayyiste yeroo jennu kennaa waaqayyo
isheef kenneen waadaa isheef galameen nu fayyisti kunis
eeyyama waaqayyooti jechuu keenya!
Galanni waaqayyoof haadha isaaf fannoo isaaf haa ta'u!
Ameen!
T.G
19/5/2011

-------------------------
# 88
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"Yaa abbaa keenyaa" jedhutti dabaluudhaan kan isheen


kadhattu "Nagaa ergamaa Gabri`eel qulqulluutiin" isa
jedhuudha.
Kadhannaan kun eessaa dhufe ..........?
Kan kadhannaa kanaan kadhatu hundumtuu share godhee wal
haa barsiisu !
Deebii .....................................................
Deebiinsaa kitaabuma qulqulluu keessaa kan madde
dha.Namoonni (shakkitoonni) tokko tokko iccitiin kitaaba
qulqulluu kan hin galleef akka waan kitaaba qulqulluurra hin
jirreetti yemmuu isaan dubbatan ni mul`ata. Garuu kadhannaa
kana yeroo jalqabaaf qindeessuudhaan kan dubbatan:-
1.Qulqulluu ergamaa Gabri`eelii,
2.Harmee Yohaannis cuupha Elsaabet,
3.Raajoota Isaayaasii fi Hisqeel
4.Dubartiitti ishee wangeela Luqaas 11:27 irraati.
Isaan kun waa`ee kabaja haadha waaqayyoo kan isaan
dubbatan qulqulloonni raajoonni kunii fi Luqaasis wangeela
isaanii keessatti barreessanii jiru.
Mee isa nuti jennee kadhannuu fi isa isaan jedhanii barreessan
wal biraa qabnee haa ilaallu.
<b><fg=ff0000ff>1."Nagaa ergamaa Gabri`eel qulqulluutiin, yaa
giiftii maariyaam nagaa siin jenna."

☞"Ergamaa Gabri`eel qulqulluu":-yemmuu akkas jennu

ergamaa Gabri`eeliif ulfina kennuu keenya dha. Innis ergamaa


qulqulluu, ergamaa nageenyaa, abbaa misiraachoo fi kkf
ta`uusaa ibsuudhaafi.
sababni isaa immoo misiraachoo akka garbummaa seexanaa
jalaa kan ittin baanu dhalachuu gooftaa keenya kan durbee
maariyaamiitti hime dha.

☞"Yaa giiftii keenya maariyaam":- akkas jechuun keenya

maariyaamii haati gooftaa keenyaa karaa Yohaannis harka


gooftaa keenya ilma isheetiin akka haadha bara baraatti
dabarfamtee nuuf kennamte.Yoh.19:26-27.
Giiftiin keenya maariyaamiin nu hunda keenyaaf giiftii akka
isheen taate kan ittin ragaa baanudha. namni gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos gooftaa gooftotaa, mootii moototaa
ta`uusaa amanuu hunduu haatisaa immoo moottitti, giiftii
ta`uushee amanuun dirqama kiristiyaana amanee jiru tokkotti.

☞"Nagaa siin jenna":-jecha kana kan nuti jennuuf Gabri`eeliitu

waaqayyo irraa ergamee maariyaamiidhaan 'nagaan siif haa


ta`u' jedhe.
Luq.1:28 "Waaqayyoo gooftaan sii wajjin jira NAGAAN SIIF
HAA TA`U."
Ergamaan waaqayyoo Gabri`eel akkas kan isheedhaan jedhe
nutis akkuma ergamaa kana nagaa si gaafanna jechuu
keenyadha. kanaaf isa ergamaan Gabri`eel dubbate Luqaas
barreessinaan agarree dubbifnee maariyaamiin akkas jenna.
<b><fg=f0ff0000>2."Yaada keetiinis durboodha,foon keetiinis
durboodha."

☞"Yaada keetiinis durboodha." :-Jecha kana yemmuu jennuu

isa maariyaamiin jette irraa kaanee akkas jenna.


Luq.1:34 "Anoo dhiira hin beeku, ammallee durba dha" jette.
anoo dhiira hin beeku jechuun ishee yaada isheetiin durba
ta`uushee mul`isa. yaada dhiira beekuus hin qabdu. kanaaf
yaadanillee durba isheen.

☞"Foon keetiinis durboodha." :-Utuu gooftaa hin dee`in, erga

deesseen boodas isheen durba. kana kan dubbates raajaa


Isaayaasiidhaa fi Hisqeeliidha.
Isa.7:14"Durbi durbummaadhaan ulfooftee ilma ni deessi"
jedhee waa`ee durbummaa foon isheetii dubbate.
Hisq."44:1-2"Balbala dinqii kan ta`e, cufaa jabaadhaan kan
cufame kallatti baha nan arge.gooftaa jabaa malee garasheetti
galee kan bahe hin jiru" jedhe.
innis waa`ee durbummaa ishee fakkeenyaan dubbate. gooftaa
malee tokkollee namni biraa irra akka hin dhalanne raaje. nutis
sagalee barreeffame jiru kana agarree"Yaada keetiniis
durboodha, foon keetiinis durboodha"jenna.
<b><fg=ff0000ff>3."Yaa haadha waaqayyoo isa mo`aa nagaan
siif haa ta`u."

☞"Yaa haadha waaqayyo isa mo`aa" :-Jecha kana kan

dubbate qulqulluu ergamaa Gabri`eeliidha.


Luq.1:32-33"Ilma ni deessa maqaa isaas Iyyesuus jettee ni
moggafta. innis guddaa ilma waaqayyo jabaadha. waaqayyo
gooftaanis teessoo abbaasaa Daawwit ni kennaaf,innis gosa
Yaa`iqoob irratti bara baraaf ni MO`A, mootummaan isaas
dhuma hin qabu."
kanaaf maariyaamiitu waaqa isa mo`aa kanaaf haadha
taanaan nuti immoo haadha waaqayyoo isa mo`aa isheedhaan
jenne.
Isa.9:6-7. tis haa dubbifnu.
Kanaaf namni waaqayyo mootii miti jedhuu fi mo`aa ta`uusaa
hin amanne hin jiru. haati isaa immoo kanaaf haadha mo`aa
jedhamte isa deesse waan ta`eef.

☞"Nagaan siif haa ta`u" :- Kana ilaalleerra isa ergamaan

Gabri`eel akkas siin jedhe nutiis isa faanaa buunee nagaa siin
jenna jechuu keenyadha.
<b><fg=f0ff0000>4."Ati dubartoota keessaas kan
eebbifamtedha."

☞Jecha kana afuura qulqulluudhaan guutamte kan dubbatte

harmee Yohaannis cuuphaa Elsaabetiidha.


✆ Luq.1:39-42 Elsaabet sagaleeshee ol fudhattee" ATI

DUBARTOOTA KEESSAA KAN EEBBIFAMTEDHA," mucaan ati


gadamessa keetti baattus eebbifamadha."
Elsaabet afuura qulqulluutu ishee guunnaan maariyaamiidhaan
sagaleeshee ol fudhattee akkas ittin jette. nutis sagalee keenya
ol kaafnee haadha gooftaa keenyaan "Ati dubartoota keessaa
kan eebbifamtedha" ittin jenna isa afuurri qulqulluu guuterraa
dhageenye waan ta`eefi.
# Warri maariyaamii arrabsitan afuura maaliitu isin guute???
inni afuurrii qulqulluun guutewoo maariyaamii akkasitti
galateeffataa._________________
<b><fg=ff0000ff>5."Firiin garaa (gadamessa) keetiis kan
eebbifamedha."

☞Firii garaa (gadamessa) durboo maariyaamii kan ta`e

gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosidha. kanaaf firiin


gadameessa maariyaamii eebbifamadha, eebbifama itti baatte
waan ta`eef Luq.1:42

☞Luq.11:27 Dubartiin dubbii gooftaa keenyaatti gammade

tokko ummata keessaa kaatee"Gadameessi si baatee fi harmi


ati hootee guddatte attam kan eebbifamedha"jette. nutis
kanaaf, achiirra arginee dubbifne"firiin gadameessa keetii kan
eebbifamedha"jennee ishee jajanna wangeelarraa agarre waan
ta`eefi.
<b><fg=f0ff0000>6."Gammadi yaa ayyaana qabeetti waaqayyo
sii wajjin jira."

☞Jecha kana kan dubbate waaqarraa gara maariyaamitti kan

ergame ergamaa Gabri`eeliidha.


Luq.1:30"Kennaadhaan (ayyaannaan) kan guutamte gammadi,
waaqayyoo gooftaan si wajjin jira."
kanaaf nutis akkuma ergamaan Gabri`eel ishee galateeffate
ishee galateeffachuu qabna jenneeti. ergamaa Gabri`eelirraa
dhageenyee, isa Luqaas barreesse achirra dubbifne hojiirra
oolcha jirra.
<b><fg=ff0000ff>7."Jaallatamaa ilma kee gooftaa keenya
fayisaa keenya Iyyesuus Kiristoos biraa araaraaf dhiifama nuuf
kadhadhuu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf ameen."

☞Gargaarsi haadhaa fi kadhannaan haadhaa waan guddaa

hojjechuu danda`a.
Akka harmee yaa`iqoob ilma Isiyaaq ilmashee Yaa`iqoobiin
eebbisiifte Uma.28.
Nutis haati keenya ilmashee kadhattee dhiifamaa fi araaraa
nuuf kenniisiifti. kadhannaan ishee bishaan daadhii waayiniitti
jijjiiruu danda`a waan ta`eefidha.Yoh.2:1-10
Ilmishee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos immoo cubbuu
keenya nuuf dhiisa.Luq.1:50 , Maat.11:-28-29
Walumaa galatti Kitaaba qulqulluu keessa waan nama
gargaaruu fi jabeessu fudhatanii itti fayyadamuun hamaa hin
qabu gaarii dha malee. nutis har`a kanaaf leeyyoo malee itti
fayyadamna.
Qulqulleettiin durbee maariyaam haadha waaqayyoo isa
jiraataa waan taateef waaqa irraa kan ergame qulqulluu
ergamaa Gabri`eeliin akka galateeffatamte afuurri waaqayyoos
irra kan bule Elsaabetiin akka galateeffatamte afuurri
waaqayyoos kan dhugoomseef dhaloonni fayyina barbaadan
ishee ni galateeffatu, ni kabaju, ni jaallatus, kan ishee kabaje
waaqayyo jiraatadha waan ta`eef. Luq.1:48-50 Rom.8:30-33
Warri ishee jibbanii ari`ataniis ilmaan jawwichaati. Mul.
12:12-18
<b>Galanni waaqayyoof
Galanni deessuu isaaf
Galanni fannoo isaaf haa ta`u !!!

-------------------------
# 87
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

NAXALAA YKN UFFANNAA ADII UFFANNEE


MAALIIF BATASKAANA DEEMNA??
Namoonni tokko tokko yemmuu nuti naxalaa uffannee mana
amantaa keenya deemnu waan bareedinaaf, qorraaf uffannuu
itti fakkaachuu danda`a. Nuti garuu miidhaginaafis, qorraafis
hin uffannu.Bareedinaaf yoo ta`ee naxalaa caalaa kan
bareedan jiru. qorraaf yoo ta`ees akkasuma jiru.Nuti garuu
oolmaa gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf oole karaa
uffannaa keenya ragaa kan ittiin bahuufidha. Garuu Naxalaa
uffanne mana kiristiyaanaa deemuu yoo dhiifne mootummaa
waaqayyo hin dhaallu jechuu keenya miti!
Yoh.15:27"Isin raga baatuu koodha!" jechuun gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos bartoota isaatti dubbatte.
Erg.4:20"Nuti kan ija keenyaan agarree fi kan gurra keenyaan
dhageenye hunda ragaa bahuuf hin callifnu " jedhuun
addunyarra deemanii ragaa bahaniiru.
Kanas "Nuti Iyyesuus Kiristoos isa nuuf jedhee fannifame
lallabna" jedhanii rakkinni isaan irra gaheera.
Erg.10:39 duuka bu`oota kudha lamaan qofaas osoo hin ta`in
kan isaan sagalee waaqayyoo lallabanii fi amansiisanii
cuuphaan irrallee rakkinni hedduun ga`eera.
Erg.2:32"Hundi keenyayyuu ragaa isaati" jedhaniiru.
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fakkeenyaan akka
barsiisaa ture manni amantaa keenyallee fakkeenyaan,
uffannaa isheen kiritiyaanummaa lallabdi (barsiifti). Uffannaa
kana ilaalanii kiristiyaana ta`uun nama hin dhibu. sababn isaa
kiristiyaanni kamiyyuu bakka hundumaattuu eenyummaa
kiristiyaanummaa isaa ibsa waan ta`eefi, daandiin isaas ifadha.
uffanna kana uffachuun keenya gooftaan keenya nuuf
fannifamuu isa ibsuufidha.
MAALIIF UFFATA ADII TA`E, UFFATA BIFA BIRAA HIN
UFFANNU ???
Addaachuun isaa bareedinaaf osoo hin taanee dhugaa jiru
mul`isuufidha.

☞Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos. " Ifa biyya

lafaati.Yoh.9:5" waan ta`eef isa ibsuuf (barsiisuuf) ni uffanna.

☞Gooftaan keenya du`a injifatee boolla duwwaa dhiisee

aangoo seexanaa caccabsee ka`eeraa gammada kan jedhuu fi


inni akkuma yemmuu du`aa ka`e isa ittin kafaname boolla
keessatti dhiisee (gatee) kafana mootummaasaa uffannaa adii
uffatee ka`e, nutis akka inni du`aa ka`e ni mul`ifna jenneeti.
KAN NUTI FAKKEENYA GODHUUN UFFANNU IMMOO:-
1.GOOFTAA fakkeenya fudhachuudhaan
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos duuka bu`oota iccitii
warren jedhaman Pheexroos,Yohaannisii fi Yaa`iqoob fudhatee
gara tullu Taaboritti ol ba`ee osoo duuka bu`oonni kun ilaalanii
uffanni isaa adiitti jijjiirame, Fuulli isaas aduutti jijjiiramee akka
aduu caalaas ifee adii ta`e. Maat.17.
Nutis gooftaan nu barsiisuuf fakkeenya nuuf ta`uuf nama ta`e
fakkeenya godhannee naxalaa adii uffannee gara mana
qulqullummaa ishee fakkeenya debre Taabor taatetti walitti
qabamna.
2.QULQULLOOTA fakkeenya godhachuudhaan
jireenya qulqulloota warra lubbuudhaan samirra jiraataniiti.
Mul.6:9-11

9☞ Yeroo hoolichi mallattoo isa 5ffaa banetti, ani iddoo

aarsaa jalatti lubbuu warra dubbii waaqayyootiif, wanta dhugaa


ba`aa turanitti jabaachuu isaaniitiifis jedhamanii qalaman nan
arge.

10☞ Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, "Yaa waaqayyo

gooftaa isa guddaa,qulqulluu fi dhuga-qabeessaa! warra lafa


irra jiraniitti nuuf murteessitee hamma dhiiga keenyaaf gumaa
(haaloo) nuuf baatutti hammam tura?"

11☞ Yommuus adduma addaan UFFAANNI ADADIIN isaaniif

kenname.
Mul.7:9

☞ Tuuta sonaan baay`ee, saba, gosa, nama, afaan haasa`amu

hundumaa keessaa dhufan warra homtuu isaan lakkaa`uu hin


dandeenye nan arge; Isaan UFFANNA ADII uffatanii, damee
muka meexxii harka isaanitti qabatanii teessoo hoolicha dura
dhaabbatu turan.
Egaa gooftaa keenya dura dhaabbachuuf uffaannaan adii akka
nu barbaachisu nutti hima. nutis kanaaf naxalaa keenya
uffannee mana kiristiyaana deemne bakka buufata isa dura
dhaabanne isa kadhanna, isa faarfanna, isaaf sagadna, isaaf....
3.ERGAMOOTA fakkeenya godhaachuudhaan
Kunis gooftaan keenya fedhii isaatiin lubbuu isaa foon isaarraa
adda baasee guyyaa 3ffaatti maariyaam maqdallaa gara
awwaala isaa yemmuu deemte ergamoonni du`aa ka`umsa
gooftaa misiraachoo himan lamaan uffata adii uffatan argite.
Yoh.20:12 Ergamoonni lama UFFATA ADII uffatanii bakka
foonni Kiristoos awwaalamee ture tokko karaa mataa tokko
immoo karaa miilaa utuu taa`anii argite.
Nutis ergamoota qulqullaa`oo fakkeenya godhachuun wiirtuu
du`aa ka`umsaa keenya kan taate mana qulqulluumaatti wal
geenya.
Walumaa galatti kiristiyaanummaan abdii samiin waan guutteef
jireenya ifaa abdii keenya godhachuun NAXALAA ADII
UFFANNA.
GALANNI.....
Waaqayyoof
Deessuu isaaf
Fannoo isaaf haa ta`u
Ameen!!!

-------------------------
# 86
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

►►►Warreen shakkitootaa gaafilee armaan gadii kanneeniif


deebii maal qabdu...???
►“Namoota isin gaafatan hundaaf deebii keennuudhaaf yeroo
hundumaa kan qophooftan ta’aa”1Phex 3:15
……. Akeekkachiisa …….
►Wanta gaafatamtan qofa deebisaa malee ibsa biraa
gonkumaa hin barbaannu
►Ani gaafii kana kanan gaafachaa jiru namoota haaraa
warreen falaasama Maartiin Luuter hordoftanii reefu amantaa
keessan geeddartan osoo hin taane warreen erga amantaa
keessan gantanii baatanii baroota muraasa lakkoofsiftan qofa
ta’uu isaa beekuu qabdu
►Maaliif yoo jettan hundi keessanuu deebii akka hin qabne
beekkamaadha,haa ta’u malee yoo tilmaamtanillee isaanuma
wayya jedheetani,namoonni kaleessaa fi dheengadda amantaa
jijjiirratan immoo arraba malee deebii waan hin qabaneef isin
hin ilaallatu
►Manni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyana
dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos,ayyaana
cuuphaa,ayyaana du’aa ka’umsaa fi kanneen biroo yeroo
kabajjutti shakkitoonnis karaa fooddaa televizhiiniitii fi galma
adda addaa keesatti ergaa baga ittiin isin gahee yeroo
dabarsitan ni dhageenya,ni agarras
►Egaa manni amantaa keenya guyyoota ayyaanaa kanneen
kan kabajaa jirtu oduu namootaatiin osoo hin taane namni
kamiiyyuu falaasama isaatiin bira gahuu kan hin
dandeenye,bara lakkoofsaa kan addunyaan guutuun
ajaa’ibsiifatee dadhabe ragaa qabatamaa waan qabduuf yeroo
hundaa haala hoo’aa ta’een guyyoota ayyaana kanneen
kabajaa jirti
???…….. Isin warreen shakkitootaa garuu .....??
►1ffaa:-Ayyaanni dhalootaa muddee guyyaa 29 kabajamuu
isaatiif maal ragaa qabdu….???
►2ffaa:-Qulqulluun Gabri’eel samii irraa bu’ee mucaa dhiiraa ni
deessa jedhee Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti
missiraachoo kan hime guyyaa kami….???
►3ffaa:-Iyyasuus Kiristoos addunyaa kana fayyisuudhaaf samii
irraa bu’ee guyyaa kam dhalate….???
►4ffaa:-Guyyaa ayyaanni du’aa ka’umsaa kabajamu ilaalchisee
ragaa qabatamaa maal qabdu……???
►5ffaa:-Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’ee gara
samiitti kan ol bahe guyyaa kami….???
►6ffaa:-Kiristoos erga dhalatee barri kun bara 2011 ta’uu isaa
ragaan keessan maali….???

-------------------------
# 85
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

✿DHUGAA SOBDOOTATTI HADHAA'E✿

Kabajamtoota Maatii Waaqayyoo!


Duraan dursee Nageenyiifi araarri Waaqayyoo isiniif haa
baayyatu!
Egaa kanatti aansuun DHUGAA SOBDOOTATTI HADHAA'E
kana dhandhamachuu dhaan sobdootaan sobdoota jennee
dhugaa qofa akka dubbanuuf Waaqayyo hunduma keenya
nuhaa gargaaruun kadhata koo isa duraati.
.
EGAA DHUGAAN
Warreen DHUGAA hojjetan fuulduratti,
Warreen DHUGAA dubbatan keessatti,
Warreen DHUGAA dhaaf jiraatan gidduutti
DHUGAA dhuma dha.
.
Sobdootaatiin ala DHUGAAN diina hinqabu.
Kanaafuu Diinoonni DHUGAA sobdoota qofaa dha.
.
DHUGAAN sobdootaaf summii summii caalu dha.
.
Sobaan soba jechuu dhaaf onnee kan qabu DHUGAA qafaa
dha.
.
DHUGAAN otoo jiraachuu baatee Sobni DHUGAA jedhama
ture.
.
DHUGAAN dukkana keessattillee calaqqiseetu muldhata.
.
DHUGAAN harka sobdootaatti galee kafanamee
awwaalamuyyu kafana cicciree awwaala diigee bahuu dhaaf
garuu humna guddaa ni qaba.
.
DHUGAAN arraba sobdootaa irratti soba fakkaata malee
sammuu sobdootaa keessatti garuu DHUGAA dhuma dha.
.
DHUGAAN baddaaf gammoojjii hinqabu. Idduma hundaattuu
DHUUGAA dha.
.
Namni DHUGAAN keessa hin jirre maalummaa DHUGAA
hinbeeku.
.
DHUGAAN mana pilaanii dhaan ijaarame waan ta'eef iddoo
isaa irraa hin socho'u.
Sobni garuu mana pilaanii malee dhoksaatti ijaarame waan
ta'eef gaafa pilaaniin dhufee irra bu'e diigamuun isaa
battaluma dha.
.
DHUGAAN DHUGAA dha jedhanii kakachuun cubbuu hinqabu.
DHUGAAN sobadha jedhanii kakachuun garuu cubbuu cubbuu
caaludha.
.
Halluu sobaaf DHUGAA jijjiiruun fuuldura Waaqayyootti nama
adabsiisa.
.
DHUGAATTI fiiguun soba irraa fiiguu yeroo ta'u DHUGAAA irraa
fiiguun garuu sobatti fiiguu dha.
.
Waa'ee DHUGAA erga hamma kana jennee DHUGAAWWAN
DUBREE MAARIYAAMII irratti calaqqisanii muldhatan
keessaammoo muraasa isaanii haa'ilaallu.
kanaafuu

✿❀✿✿❀✿✿❀✿✿❀✿✿❀✿✿❀✿✿❀✿

Waaqa samiif lafa uume kan da'e DUBREE MAARIYAAMII


qofaa dha jedhanii dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.
.
Waaqa ishee uumeetiin Ilmakoo jettee kan isa waamtu
DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii dubbachuun
DHUGAA Waaqni jaalatu dha.
.
Uumaa hundumaa kan ta'e KIRSTOOS IYYESUUS Haadhakoo
jedhee kan ishee waamu DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha
jedhanii dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.
.
Sanyii dhiiraa malee durbi durbummaa dhaan Qricha deesse
DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii dubbachuun
DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

Luuq.2፡11

.
Namoota keessaa Waaqa samiif lafa walitti qabee baatu sana
deessee dugdatti kan baatte DUBREE MAARIYAAMII qofaa
dha jedhanii dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.
.
Waaqa addunyaa hundumaa nyaachisee obaasu harma ishee
kan hoosiftee DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii
dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.
.
"Akkuma Isaayiyyaas rajjichi dubbatetti mallattoon fayyina
ilmaan namaatiif laatamte DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha
jedhanii dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

lsay.7፡14

.
Durbi durbummaa dhaan hilma nideessi maqaa isaas
AMAANU'EEL jettee nimoggaafti kan jedhamee raajiin
dubbatameefii sun DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii
dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

lsay.7፡14

.
Bara hilmoon namaa kennaan Waaqayyoo irraa molqamee jiru
sanatti kennaan kan guutamtee argamte DUBREE
MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii dubbachuun DHUGAA
Waaqni jaalatu dha.
Luuq.1፡28

.
Dubartoota hundumaa keessaa adda taatee kan filatamte
DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii dubbachuun
DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

Luuq.1፡28

.
Kitaaba qulqulluu keessatti deessuu Waaqaa, haadha Gooftaa
jedhamtee kan galmoofte DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha
jedhanii dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

Yoha.2፡1

❀❀❀✞❀❀❀✞❀❀❀

IYYESUUS KIRISTOOS jaalaladha. Kanaafuu bara baraan haati


jaalalaa DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii
dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

1Yoha.4፡8

.
Nyaatniiifi dhugaatiin jireenya IYYESUUS KIRISTOOSI dha.
Kanaafuu nyaataaf dhugaatii jireenya ilmaan namaa kan
deesse DUBREE MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii
dubbachuun DHUGAA Waaqni jaalatu dha.

Yoha.6፡35

.
IYYESUUS KIRISTOOS nageenya ilmaan namaati kanaafuu
nageenya ilmaan namaa kana kan deesse DUBREE
MAARIYAAMII qofaa dha jedhanii dubbachuun DHUGAA
Waaqni jaalatu dha......

Eefe.2፡14-15

.
Dhugaan kun hundumtuu garuu dhugaa dhaaf kan dubbatamu
mana kiristaanaa ORTODOOKSII TAWAAHIDOO keessatti
qofaadha.
Shakkitoota biratti garuu dhugaan kun kafanamee
awwaalameera.
Garuu gaafa awwaalicha diigee ka'e sana warreen dhugaa kana
awwaalanii awwaalichas eegaa jiran hundumtuu boollichuma
keessatti salphinaan awwaalamanii hafuun isaanii battaluma
dha.
.
Kanaafuu dhugaa kana dhugummaa isaatti dhugaa dha
jedhanii kan fudhatan namoota dhugaa dhaaf jiraatan
qofaadha.
Nuti garuu jireenya TAWAAHIDOO keessatti
Dhugaa dhaaf waan jiraanuuf dhugaa kana ni dubbana.
dhugaa kanas waan dubbannuufis dhugaa dhaaf ni jiraana.
Waaqayyo hamma dhumaatti dhugaa nu haa dubbachiisu!!!
Dhugaa dhaanis nu haajiraachisu!!!
Bara baraan ameen!!!

...........▄ ▃ ▂ ▁✞▁ ▂ ▃ ▄

Abbaa W/Gabri'eel Abbabaa


...........20/12/2009 B.A

-------------------------
# 84
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:
Kabajamtootaafi jaalatamtoota maatii Waaqayyoo!
Amma nageenya Waaqayyootiin nagaan isin gaafadha
Akkam jiru?
Galata Waaqayyoo jennee akka isa galateeffannuuf galataan
kan afaan nuguute,
Garbummaa keenya bilisummaatti,
Salphina keenya ulfinatti,
Du'a keenya jireenyatti
Gadda keenya gammachuutti
Kan nuuf jijjiire
Lafa kufne irraa kan ol qabee nukaase,
Caba keenya kan nuuf waldhaane,
Madaa keenya madaa isaatiin kan nuuf fayyise,
Jaalala abbummaa isaatiin kan nu jaalate,
Jaalalli abbummaa isaas addunyaa mara kan aajaa'ibsiise,
Hundee jireenya keenyaa,
Utubaa mana keenyaa,
Miidhagina eenyummaa keenyaa kan ta'e
Ilmi Waaqaa,
Ilmi Dubroo Maariyaam,
Fayyisaan keenyi,
Qorichi keenyi Iyyesuus kiristoos gochaa isaa dubbatamee hin
dhumneef ulfaataan maqaan isaa bara baraan kan galatoome
nuuf haata'u.
Kabajamtoota maatii Waaqayyoo!
Callisanii taa'uudhaan qabeenyi argamu yoo jiraate
doofummaa qofaadha.
Kanaafuu callisanii taa'uun ufirra taa'uudha waan ta'eef osoo
maa'ii tokko hinbaasiin callisnee taa'uu irra naamusaan dubbii
sagalee Waaqayyoo kana waliin haabarannu!
Amma yoo eeyyama Waaqayyoo nuuf ta'e
Kitaaba qulqulluu keessaa seenaa dubartii qulqulleettii takkoo
mee waliin haa ilaallu!

Qulqullichi Luuqaas abbaan wangeelaa akkana nuun jedha፦

Raajittiin Haannaa jedhamtu tokko, intala Faanu'el, gosa Aseer


keessaa turte; isheen lafa guurteetti; durbummaa ishee
booddee waggaa toorba duwwaa abbaa manaa ishee wajjin
jiraatte.
Abbaan manaa ishee irraa duunaan, hamma yeroo barri ishee
waggaa saddeettamii afur guute sanatti haadha hiyyeessaa
taatee jiraatte; yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa
kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamiin
Waaqayyoof sagadaa ni tajaajiltti turte.
Yeroo kanatti dhi'aattee, Waaqayyoon galateeffachaa warra
furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waa'ee mucichaa
dubbatte

Luq 2፥36-38

Kabajamtoota maatii Waaqayyoo!


Kutaa kitaaba qulqulluu armaan oliitti ilaalle kana keessatti
maal hubbattani laata?
Dubartiin kun durbummaa ishee irraa kaasee abbaa manaa
ishee wajjin waggaa toorba qafaadha kan isheen jiraatte.
Waggaa toorbaa booda garuu abbaan manaa ishee irraa du'e.
Guyyaa sanaa kaasee abbaa manaa gara biraatti osoo hin
heerumiin qulqullummaa ishee eegdee waggaa saddeettamii
afur guutuu qofaa ishee jiraatte.
Mee jireenya keenya keessatti ammoo uf haa'ilaallu!
Amma dhuguma dubartiin tokko abbaan manaa ishee irraa
du'ee haaturuutii utuma abhaan manaa ishee irra jiruuyyuu
dhiira meeqa kan ilaaltu hin jirtuu?
Ija Haannaatiin ilaalle sanaan deebisnee yeroo uf ilaallu
jireenya hafuuraa keessatti hagam akka gadi buune jirru mee
hibadhaa!
Isheen osoo hin heerumiin duras durbummaa ishee eegdee
jiraatte.
Erga heerumtees Abbaa manaashee wajjin waggaa toorba
gaa'ela ishee eegdee jiraatte.
Abbaan manaa ishee jalaa duunaanis umurii ishee guutuu
qulqullummaadhaan haadha hiyyeessaa taatee jiraatte.
Jireenya kiristiyaanummaa jechuunis kunoo akkanadha ture.
Egaa namni qalbii qabu yoojiraate dubartii kana irraa waan
hedduu ni barata.
Isheen umurii ishee guutuu kan jiraatte mana qulqullummaa
keessattidha.

Mana qulqullummaa jechuun ammoo፦

Iddoo namni itti hamatamu osoo hintaane iddoo wangeelli itti


lallabamu,
Iddoo cubbuun itti hojjetamu osoo hintaane iddoo gaabbiin itti
galamu,
Iddoo itti sirbi sirbamu osoo hintaane iddoo itti faarfannaan
faarfatamu,
Iddoo itti utaalamu osoo hintaane iddoo itti Waaqayyoodhaaf
sagadamu dha.
Kannaafuu Haannaan qulqullummaa ishee irraa kan ka'e mana
qulqullummaa kana keessaa dhibdee hin beektu.
Namni Haannaatiin barbaadu yoo jiraate yeroo hundumaa kan
ishee argatu mana qulqullummaa keessattidha ture.
Anaaf isinoo yeroo barbaadamnu eessatti argamna laata???
Gooftaaniis fooniin dhalatee yeroo daa'imummaa isaa gaafa
barbaadamu mana qulqullummaa keessatti argamaa ture.

Luuqa.2፥46

Kunis ammo akkuma Haannaa nutis yeroo barbaadamnu mana


qulqullummaa keessatti akka argamuu qabnu kan nu
barsiisudha.
Haannaan mana qulqullummaa keessatti argamuu qofaa miti.
Yeroo hundumaa tajaajilli isheen tajaajiltu tsoomiidhaani ture.
Nuti garuu barruun keenyi hanna tsoomuu dadhabe.
Arrabni keenyi nama hamachuu tsoomuu dadhabe.
Garaan keenyi haaloo baachuu tsoomuu dadhabe.
Hammeenya tsoomuu dadhabne.
Goomii tsoomuu dadhabne.
Walumaagalatti cubbuu tsoomuu dadhabne.
Haannaan garuu komii kana hundumaa irraa bilisadha.
Kana qoofaallee miti.
Haannaan mana qulqullummaa keessatti halkaniif guyyaa gara

Waaqayyootti nikadhatti ture. Luuqa.2፥37

Duukaa bu'ichi Qulqulluun phaawuloosis akkuma Haannaa


kana kadhata keenya osoo wal irraa hinkutiin halkaniif guyyaa
itti fufinsaan akka godhachuu qabnu akkana jedheetu nugorsa.
"Yeroo hundumaa gammadaa!
Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!"

1Tas 5፥16-17

Kabajamtoota maatii Waaqayyoo!


Akkuma beekamu yeroon kan jiru halkaniif guyyaa qofaadha.
Haannaan ammoo halkaniif guyyaa nama kdhannaadhaan
ooltee bultudha.
Kanaafuu ishee biratti halkan hirribni hinjiru, guyyaas
boqonnaan hinjiru. boqonnaan ishee kadhannaadhaaf fuuldura
Waaqayyootti jilbeeffachuu qofaadha.
Nuti garuu guyyaaniyyuu hafee halkanumallee waan hojjechaa
bullu firaashiin nuti irra ciisnu sun dhugaa haabaatu!
Raajittiin Haannaan garuu mana qulqullummaa keessatti
guyyaa namni ishee barbaacha deemu yoojiraate fuuldura
Waaqayyootti kadannaadhaaf jilbeeffatteetu ishee arga.
Halkanis haaluma walfakkaatuun.
Waan nama ajaadhibummoo Dubartiin kun akkuma armaan
oliitti ilaallee jirru sana isheen manguddoo waggaa
saddattamii afurii ol taatee garmalee dulloomtee turte.

Luuqa.2፥37

Egaa hamma kana dulloomtee osoo jirtuu gaaf tokkollee


kadhannaa addaan kuttee hinbeektu.
Tsoomii addaan kuttee hin beektu.
Halkaniif guyyaa mana Waaqayyoo keessaa dhibamtee
hinbeektu.
Baay'een keenyi garuu faarfannaa keenya addaan kunnee
sirbatti deebineerra.
Qulqullummaa keenya addaan kunnee cubbuutti deebineerra.
Sagalee Waaqayyoo isa bara dargaggummaakeetti uumaakee
yaadadhu jedhullee irraanffanneetu jirra.

Lalla.12፥1

Kanaafiyyuu bara tsoomuu dandeenyutti, bara sagaduu


dandeenyutti kana hundumaa gochuu dadhabne akka namni
tokko nu hindamaqsinetti xaxannee uf irra ciisaa jirra.
Utuma umuriisaa argannee gaafa dhaqnee waggaa
saddeettamii afuri ol nuta'ummoo maal akka taanu mee
ilaalaa!
Isheen garuu ijoollummaa ishee irraa kaasee hamma dulluma
isheetti tajaajilli ishee hundumtuu tsoomiif kadhannaadhaan
kan miidhagedha.
Argitanii cimina amantiishee???
Nuti dargaggummaan ba'aa nutti ta'ee Qiddaaseedhaaf
dhaabbachuu,
Kadhannaadhaaf jilbeeffachuu,
Tsoomiidhaaf uf qopheessuu dadhabne.
Haannaan garuuu cimina amantiidhaaf dargaggummaa
haaturuutii dullumnuu ishee irratti ba'aa hin taane.
Egaa dhuma irrattis Gooftaan keenyi Iyyeesuus Kiristoos
Dubree Maaryaamii irraa dhalatee guyyaa 40tti seera
Museedhaan gara mana qulqullummaatti ol seenee ture.
Haannaanis " Yeroo kanatti dhi'aattee, Waaqayyoon
galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti
waa'ee mucichaa dubbatte."
Luq 2: 38
Kabajamtoota maatii Waaqayyoo!
Kutaa kitaaba qulqulluu armaan oliitti dubbisne kana keessaa
mee qabxiilee lama haa'ilaallu!

Isaanis፦

1ffaa Waaqayyoon galateeffachaa... isa jedhuf


2ffaa waa'ee mucichaa dubbatte." isa jedu.
Egaa akkaataa kanaan Haannaatiin yeroo ilaallu nama
Waaqayyootiin galateeffachuu beektudha.
Jireenyi baay'ee keenyaa garuu faallaa kanaati.
Yeroo hundumaa waan ta'uttis waan hintaanettis Waaqayyo
irratti gumgumna.
Arrabni keenya akka Haannaa Waaqayyootiin galateeffachuud
haaf hin carroomne.
Faarfannaadhaaf yeroo hinqabnu.
Gumgummiidhaaf ammoo arrabni keenyi boqonnaa hin beeku.
Yeroo nageenya argannu maaliif hojii hin argannee jenna.
Yeroo hojii argannu maaliif miindaankoo naaf hindabalamnee
jenna.
Yeroo miindaan nuuf dabalamus maaliif kuma lama qofaa
ta'ee jenna.
Yeroo kuma sadii ta'us maaliif kuma sadii qofaa ta'ee jenna.
Umurii keenya guutuu fedhiin foon keenyaa hin dhaabbatu.
Fedhii foon keenyaa hin dhaabbanne kanaanis waan argannetti
galateeffachuu dadhabnee yeroo hundumaa gumgummiidhaan
Waaqayyootiin gaddisiisaa jiraanna.
Haannaan garuu yeroo hundumaa Waaqayyootiin
galateeffachaa jiraatti waan ta'eef komii akkasii kana irraa
bilisadha.
Akkaataa qabxii lammaffaa irratti ilaalle sanaans ammoo
waa'ee Mucichaa dhugaa ba'uu isheeti.
Mucicha kan jedhame sunis Gooftaa keenya Iyyesuus
Kiristoosidha.
Galatni guddaan maqaabisaatiif haata'u.
Haannaan waa'ee Gooftaa dhugaa ba'uu irraas duubatti jettee
hin beektu.
Nutihoo Waa'ee Waaqummaa isaa maaliif dhugaa ba'uu
dadhabne???
Waa'ee jaalala abbummaa isaa maaliif dhugaa ba'uu
dadhabne???
Waa'ee qoricummaa isaa maaliif dhugaa ba'uu dadhabne???
Waa'ee fayyisummaa isaa maaliif dhugaa ba'uu dadhabne???
Waa'ee arjummaa isaa maaliif dhugaa ba'uu dadhabne???
facebook irratti oliif gadi moloqqoqamnee suura kaanee akka
namni nuuf ilaaluuf poost gochuu keenyarra maal ta'a Waa'ee
Waaqayyoo osoo ittiin dhugaa baanee??????
Maalumaafuu Haannaan Dubartii guddoo, eebbifamtuu
qulqulleettii kan taate dha.
Seenaa ishee kaasuun keenyis seenaa ishee keessatti akka uf
ilaallee dogoggora iraa deebinuufidha.
Seenaa ishee keessaas waan baay'ee baranneerra jedheetan
nan amana.
Kuni garuu nama sammuu qabuufidha.
Kanaafuu yeroo hundumaa seenaa Qulqullootaa dubbisuun
aadaa keenya haata'u!
Dubbisuu qofaas ammoo osoo hin taane seenaa isaanii
keessatti uf ilaaluunis barbaachisaadha.
Waltajjii kana irratti nu waliin ta'ee kan nubarsee galatni
Maqaa Waaqayyootiif haata'u!

.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........

M/G/Q/A W/Gabri'eel Abbabaa


............28/05/2011 A.H

.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........

-------------------------
# 83
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Hagayya 7 (torba) Ulfeeffamuu (ቁጽረታ) Maariiyaamii!

(Dubbisaatii waliif qoodaa )


Baga guyyaa Qulqulleettin Dubroo Maariyaam garaa haadha
isheetti hafte (ulfeeffamten) geessani!
Abbootin mana amantaa keenyaa guyyaa Hagayya 7'n "ጥንተ

መድኃኒት ykn Guyyaa fayyinni itti eegale " jedhanii waamu.

Sababni isaas waaqayyoof waloomaan haadha isaa kan


taate; guyyaa itti Dubaroo Maariyaam ulfeeffamte waan
taheefi! Ammoo, kufaatii addaam booda guyyaa itti ulfii
qulqulluun (cubbuu dhaalaa irraa) itti ulfeeffame waan taheefi!
Akkamitti yoo jedhame Isa Daawwitti "...Waaqayyo bultoo

isaa qulqulleesse/ ቀደሰ ማኅደሮ ልዑል እግዚአብሔር ውስተ ማዕከላ

ኢትትሐወክ ወይረድኣ እግዚአብብሔር ፍጽመ። " jedhe agarsiisa. (Faaruu

Daawwitt 45:4 (amaariffarra ilaalaa).


Akkasuma abbootiin keenya, Haati Gooftaa kan xuriin
cubbuu dhaalaa ishee hin argine, hanbaa fayyinaa tahuu ishee

yeroo ibsan faaruu Se'ataatii jedhamu irratti "ለጽንሰትኪ በከርሥ፡

እንበለ አበሳ ወርኩስ፡ ወለልደትኪ እማኅጸን ቅዱስ/ Yaa Dubaroo! Garaatti

hafuun kee xurii maleedha; Gadameessi ati keessaa dhalattes


qulqulluudha!" jedhu. Kunis hikkoo isa Raajichi Isaayyaas
dubbateedha. " Waaqayyo gooftaan maccaa hambaa yartuu
ishee utuu nuuf hambisuu dhabaate, akka Sodoom in taana,
Gomoraas in fakkaanna turre." ( Isaayaas Raajichaa 1: 9) ,
dabalees, " Yaa hiriyee ko, ati guutummaadhumatti miidhagduu
dha, # mudaa_tokko illee hin qabdu." (Macaafa Weedduu
Caalu 4: 7)
Kiristaanotaa Guyyaan kun Haannaa fii Iyyaaqemiif qofa
osoo hin taane, dhaloota hundumaaf guyyaa gammachuu itti
faayyinni dhala namaa eegale waan taheef, gammaduun nuuf
ta'a!
Seenaan Ulfeeffamuu haadha keenyaas akkasi: Waaqayyo
fuulduratti kan jaalataman, amantaa fi hojii gaarii tiin cimanii
(jabaatani) jiraachaa kan turan akaakileen hadha keenyaa
Dubree Maariyaam Teektaa fipheexriiqa
(Phaxriiqaa) jedhamu. Isaanis Sooreyyoota (sooressoota)
hunda qaban turan. Baay’inni qabeenya isaaniis lakkoofsaa fi
safara (daangaa) hinqabu ture.Garuu ijoollee(dhala) hin qabani
ture.
Guyyaa keessaa gaafa tokko Teektaan mana galmeewwan
( kuusaa qabeenyaa) isaa seenee baay’ina qabeenya isaa
ilaalee haadha manaa isaa Phaxriiqaadhaan “Ati maseena; anis
maseena dha; qabeenyi kun hundi eenyuuf ta’aa? ‘’ jedhee
ishee gaafate.
Isheenis «Waaqayyo narraa mucaa yoo si dhowwate kan biraa
fuudhi; mucaas dhalchi siif eeyya meera!» isaan jette. Innis
jecha ishii kana dheekkamuun «Ani akkan kana hinraawwanne
Waaqni Israa’el ni beekaa!» jedheen.
Kanumaan osoo gaddaa jiranii mul’ata arganiiru. Kunis waatii
(jabbii xiqqoo) bifti ishii adii ta’e dallaa loonii(foonaa) isaanii
keessaa hogguu baatu, waatittiin waatii biraa akkaa dhalte
hanga jahaaffaa geessee isheen jahaffaan addeessa(ji’a)
deesse addeessittiin ammoo biiftuu yeroo deessu arganii gara
nama abjuu hiikuu deemanii gaafatan. Innis mucaa gaarii ni
argattu (ni deessu) Addeessittiin mucaa uumamaan ol
taatedha. Dubbiin biiftuu garuu natti hin mul’anne isaaniin
jedhe. Isaanis kana hoo yeroon haa hiiku jedhnii deeman. Kana
booda Phaxriiqaan ulfooftee deesse. He’eemeen jattee maqaa
bafteef (moggaafte) He’eemeen Deerdeetiin deesse;
Deerdeen, Toonaatiin deesse, Toonaan Siikaariin deesse,
Siikaar Hermeellaa deesse, Hermeellaan Faasteeniin deesse,
Faasteeniin Haannaatiin deessee tti.
# Haannaa jechuun amantaa fi hojii gaariin kan jabaatte,
qulqullinaan kan faayyeffamte, kabajamtuu,eebbifamtuu,
uumama gaariij jechuudha.
Dubartiin hojii gaarii fi amantaa dhaan kununfamtee
guddatte kun yeroo umurii gaa’elaaf geese nama sanyii
Yihudaarraa dhalate nama qajeelaa Iyyaaqeem jedhamutti
heerumsiisan. Haannaa fi Iyyaaqeem jiireenya isaanii
gammachuu fi jaalalaan gaggeessaniyyuu maseenummaani
akaakileesaanii isaaniinis qaqqabe. Waaqayyo gadanmeessa
Haannaa akka banu laphee cabeen kadhannaatti cimanii jiiratu
ture. Baay’inni qabeenya isaaniis hangasa mara baay’ee hin
turre.
Ollaa Haannaa kan turte dubartiin sagaagalummaatiin jiraattu
tokko jirti ture. Guyyaa keessaa gaafa tokko Haannaan isheetti
dhiyaattee har’a mana kiristaanaa deemuuf jedhee yaddeen
ture garu huccuun uffadhu hin qabu jettee itti himte.
Dubartittiin kunis huccuun koo lamaa fi isaa ol kan ta’u jira kan
koo uffattee maaliif hindeemtuu? jetteen. Hannaan garuu
huccuu cubbuudhaan argamedha; Waaqayyo amaluumaIsaatiin
ququlluu waan ta’eef kana hin jaalatu jettee deebisteef.
Dubartittiin kunis akkas jettee dubbii laphee xuquutiin dubbatte
“Haannaan sababa maaliif mucaa ishee dhowwe jedheen siif
gadda ture, garuu, kan akka dhagaa gogsee si hambise
hammeeanya keeti.’’ Jetteen. Haannanis baay’ee gaddite.
Yeroo biraas aarsaa dhiyyeeffanna jedhanii mana
qulqullummaa deemnaan hangafti lubootaa Roobeel “Aarsaa
(wareega) warra maseenaa hin fuudhiin.’’ Kan jedhu jira, isin
warra Waaqayyo waadaa Addaamiif kenname kan ”horaa,
baay’adhaa, lafa guutaa’’ jedhu isin dhoowwe mittii?
Waaqayyo waan isin jibbeef malee osoo isin jaalatee mucaa
isinii kenna ture; wareega keessan akka galchattaniifis carraa
isinii kenna ture jedhee isaan deebise.
Hambaa aarsaa isa maanguddoonni Israa’el warri dhala
qaban nyaatan sana isaan dhowwate. Isaanis waan isaan irra
gahe kanatti gaddanii Waaqa isaaniitti rakkoo isaanii himatanii
osoo deebi’aa jiraanii muka jala taa’anii bullaallaan( gugeen)
osoo ijoolleshee wajjin haasoftuu, abaaboo (daraaraa) firii
naqatee jiru Haannaan argitee bullaalleewwan amaluumaa
isaaniin akka wal horan kan taasiste, biqiltoota akka daraaranii
firii naqatan kan taasistu ani uumamni koo dhagaarraa
ta’innaa? kan dhala nadhowwatte jettee gaddite. Guyyaa
afurtamaaf subaa’ee galanii Waaqayyotti boo’aa turaniiru.
Kana booda Haannaa fi IyyaaqeemWaaqayo kan isatti ta’uusaa
baranii wareega wareeggatan ‘’Dhiira yoo arganne (dhalle)
bu’ee bahee qotee nu haa qarqaaru hin jennu mana
Waaqayyoof tajaajilaa ni ta’a. Dubartii yoo arganne qoraan
nuuf haa cabsitu; bishaan nuuf haa waraabdu hin
jennu.Waaqayyoof leemmaatii warqee hodhiti, golgaa hojjettee
foo’aa footee haa jirtaattu.’’jechuun wareeganii kadhatan.
Kana boddee adloolessaa gaafa 30 abjuun dinqii ta’e argani.
Toorban tokko booddees Hagayya bultii torba ergamaan
mucaa gaarii in deessu jedhee isaanitti hime. Haati keenya
qulqulleettii Maariyaamis akkuma Ergamichi dubbate
heeyyama Waaqayyootiin garaatti hafte (ulfaa’amte).
Abbaan Hiriyaaqos yeroo ulfeeffamuu haadha keenya
Maariyaam ibsu; akkas jedha!

"ኦ ድንግል አኮ በፍትወተ ደነስ ዐተጸነስኪ / Yaa Dubaroo, Ati fedha

fooni isa xuriin kan ulfeeffamte miti." jedha . Kunis


ulfeeffamuun ishee yaada waaqayyoo tahuu agarsiisuufi!
Kadhannaaf Araarsummaan Haadha keenyaan waaqayyo
nutti haa araaramu!
Ameen!
©Dn Milkiyas
06/12/2012

-------------------------
# 82
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Ergamootni Maali? Garaagarummaan nama waliin qaban hoo?


Ergamootni Waaqayyoo guyyaa Dilbataa amala akka qillensaa
fi ibiddummaa qabaniin bakka hin jirre irraa, gara jiranitti kan
dhufaniidha/uumamaniidha (Faar.104:4). Waaqayyo halkan
Dilbatatti barii sa’aatii 9ffaa irraa eegalee, ergamoota qomoo
100 godhee uume. Baay’inni ergamoota gosa tokkoo qofti,
hanga baay’ina copha roobaa addunyaan uumamee hanga
dabartutti jiranuuti. Kanaaf, sammuun namaa baay’ina isaanii
lakkaawee bira hin gahu (Iyyoob 25:3; Erm 33:22). Waaqayyo
isaan uumee, qomoo 10’n kudhaniin magaalota/samii 3 irra
qubachiise (Kitaaba Aksimaaros). Isaanis, samii Iyyoor, samii
Raamaa fi Samii Erer jedhamu. Waaqayyo ergamoota erga
uumee booda, jalaa dhokate. Beekumsa qabaniin barbaadanii
isa akka argataniif. Saaxinaa’el/Seexanni/ hangafa ergamoota
hundaa ture; Waaqayyo isaan jalaa dhokachuu arginaan,
sobaan anatu isin uume; anaaf sagadaa jedhee ergamootatti
dubbate. Kanaanis, gadi darbatame, hangafummaan isaas
Qulqulluu Mikaa’eelif kenname. Lolli guddaan samiirratti ta’e.
Mikaa’eel ammoo, raayyaa isaa waliin Seexana ni moo’e.
Ergamoonni hafuurota, hin fuudhan hin heeruman, wal hin
horan, saala hin qaban, hin du’an, hin dullooman.
Ergamootni ga’een isaanii inni guddaan, boqonnaa malee
Waaqayyoon galateeffachuu, ergamuu, kadhannaa fi aarsaa
amantootaa gara Waaqayyootti olbaasu (Duuk.10:4, Xoobit
12:15, Mul.8:4), Ergamootni ni araarsu (Mat 18:10, Zak 1:12).
Ergamootni missiraachoo himu (Luq.1:26). Yeroo dhiphinaa
nuuf qaqqabu, nu fayyisus/balaa jalaa nu oolchu (Faarfannaa
33/34:7). Ergamootni nama akka ajaja Waaqayyootti hin
adeemne ni adabu (Ba’u.23:20, Lakk. 22:22-31, 2Sam 24:16,).
Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosis akka dhalatu, kan
Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamitti hime ergamaa
Gabri’eelidha. Yemmuu itti himus, galateeffannaa fi jechoota
kabaja ibsanitti fayyadamuudhan, misraachoo itti hime.
Wangeela Luqaas irratti akkuma ibsame, ergamaan kun gara
Luba Zakariyasitti ergamee “Zakkariyaas, baga gammadde
kadhannaan kee dhagahameera, haati warraa kee ni ulfoofti;
ilmas ni deessi maqaan isaas, Yohaannis jedhama” jedhee
yemmuu itti himutti, Zakaariyaas “ani manguddoo
dadhabaadha yeroon daa’ima itti dhalchuu danda’us darbeera”
jedhee yoo deebii deebisuuf, ergamaan Gabr’eeliinis “waan
dubbii koo amanuu diddeef, hanga kanan ani sitti hime kun
ta’utti, arrabni kee duudaa ni ta’a” jedheenii jira (Luq 1:8-21).
Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf kan ibsan, akkasuma
ergamootadha (Mat 28:5-7,Yoh 20:11-14). Mana hidhaas
banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan, ergamtoota
(Duuk.5:19). Kanuma hundaaf, manni kiristaanaa keenya
ergamoota ni kabajji, araarsummaa isaanittis ni amanti. Ni
oolchu kan jedhuuf ammoo, Faarsaa Daawit akkasitti ifa
godhee kaa’eera.
“Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon
sodaataniitti ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
Qulqulluu Phawuloosis, gooftaan ergamaa isaa ergee akka
harka Heeroodisii fi ummata Yihuudootaa Phaawuloos irratti
hammeenyi akka ta’uuf hawwan irraa akka baraare, barraa’ee
jira (Duuka 12:11). Seera lakkoofsa 20:16 irratti,s “Nutis ni
iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase” jedha
Waaqayyo ofii isaatii ajjeesuu fi fayyisuu gargaarsa tokko
malee ni danda’a. Haa ta’u malee, ergamoota isaatiif aangoo
kenna, isaanis ajaja Waaqayyootiin ni oolchu, ni fayyisu, ni
ajjeesus.
Ni ajjeesu kan jedhuuf ammoo, kitaaba qulqulluu irraa
fakkeenya yoo fudhanne: Hizqi’eel yeroo Sanaakireemin
sodaachifametti, ergamaan Waaqayyoo Hizqi’eel akka
gargaare, Sanaakireemis akka moo’ame ni hubanna (2Sen
32:21).
Namni garuu ergamoota irraa amala addaa qaba.Namni
dhalatee,suuta guddatee,du’a,ijaanis ni muldhata,harkaanis ni
qaqqabama,ergamootaf akkas miti. Nmani humni fi dandeettin
isaa murtaawwadha, kan ergamoota garuu akkas miti,
heyyama Waaqayyootin ergamnaan,liphii ijaa takkatti
addunyaa bakka barbaadamanitti gahanii deebi’uu danda’u.
Namni ni nyaata ni dhuga, ergamoota Waaqayyoof garuu
nyaatanii dhuguun,deebi’anis nyaata irraa humna haarefachuun
hin jiru.
Manauhee abbaan Somsoon ergamaa Waaqayootiin waan
nyaatamu siif qopheessa maaloo xiqqoo na eegi enna
jedhuunitti ergamichi deebisee “ani nyaata hin nyaadhu”
jedheeniira, maqa isaas maanhuheen ennaa gaafatutti
‘Maqaan koo ajaa’iba maalif na gaafatta jedheenira” (Kitaaba
Abboota murtii/qondaaltota 13:15). Kanaaf maqaan
ergamootaa dinqidha,ajaa’iba,akka namaas nyaatanii hin
dhugan.
Ergamootni hin dhalan,hin dhalchan. Kanas Gooftaan
wangeela irratti ibseera.Namni erga du’aa ka’ee booddee akka
ergamootaa ta’a malee lammata irra deebi’ee bultii hin horatu
jechuun warra saduqootaa fi barsiisota seeraa farisotatatis
akka dubbate ni hubanna. Ergamootni guutummaa ija namaatin
hin muldhatan. Dhokatoodha. Ergasuu akkamitti namni isaan
argee fakkii isaanii kaasaree yoo jedhame, akkuma abboota
keenyatti nama fakkaatanii itti muldhataniin, yookis billaa
luqqifatanii itti muldhataniin,yookiis loltuu fakkaatanii yookis
miiltoo fakkaatanii waliin deemaniin, akkasitti kaafamu……
…….ergamootni dinqiidha..sugni isaanii nu irra haa bulu//

-------------------------
# 81
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Seexanni akkam jira?


Seexanni Afaan Ibirootaatin ‘Saayixaan’ jedhama, hiikni isaas
diina jechuu dha. Afaan Giriikiitiin ammoo ‘Diyaabiloos’
jedhama, hiikni isaas himataa jechuu dha (Maat 4:10).
Waaqayyo dura ergamoota yemmuu uumutti seexana hangafa
isaanii taasisee muude. Maqaan isaas Saamaaliyaal yookan
Saaxinaa’el jedhama ture. Waaqayyo guyyaa Dilbataa
ergamoota erga uume booda jalaa dhokate. Maaliif jalaa
dhokate yoo jedhan ammoo laphee ittiin yaadan kenneefi
jirahoo barbaadanii ana haa argatan jedheeti. Haa ta’u malee,
Saaxinaa’el hundumaa ol aangoo qabeessa ta’uu isaa yemmuu
argu muddamee, aangoowwan ergamoota biroos kan isaa
gadii ta’uu isaanii yemmuu argutti of tuuluu eegale. Ergamoota
aangoon isaa gadi jiraniinis anatu isin uume, anaaf sagadaa
ana tajaajilaa jedheen. Kanaaf abbaan sobaa fi abbaan
oftuulummaa Saaxinaa’el ta’ee argame. Sobnis yeroo sana
irraa eegale.
Kanaaf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela irratti
Yihuudonni yemmuu isa dhagahuu didanitti;
“Isin kan abbaa keessanii, kan seexanaati, kajeellaa hamaa isa
kan abbaa keessaniis gochuu ni feetu, jalqabumaa jalqabee
inni sun nama ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin
jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne, inni sobaadha,abbaa
sobaatis kanaaf yemmuu sobu isa garaa isaa keessa jiru ni
dubbata”(Yoh 8:44).
Yemmuu Saaxinaa’el anatu isin uume anaaf sagadaa jedhutti
garuu ergamoonni hundumti isaaf hin saganne. Qulqulluu
Gabri’eel garuu “Waaqni nu uume hanga nuuf mul’atutti
hundumti keenya jabaannee haa dhaabannu” jedhee
ergamoota tasgabbeesse. Ergamoonnis sagalee Qulqulluu
Gabr’eel kana dhagahanii jabaatan. Booda garuu Waaqayyo
yemmuu isaanitti of muldhisu, yemmuu ergamoonni
Waaqayyoof qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii
sagadaniifiitti, Saaxinaa’el dura anatu isin uume jedheenii
waan tureef qaana’ee dhiise. Ergamoonni yemmuu Saaxina’el
anatu isin uume anaaf sagadaa jedheen sanatti isaaf sagadan
hundi surraan isaanii irraa mulqamee gara lafaatti fi lafaa
gaditti(inxoorixoositti) gadi darbatamaniiru. Raayyaan
Diyaabiloosis bakka saditti qoodameera.
Kan jalqabaa, eeyye situ nu uume jedhanii kan sagadaniif
waliin inxoorixoos bu’aniiru, gareen lammataa ammoo, erga ati
uumte nus ni uumna kaa kan jedhan turan, isaan lafa kana
irratti hafaniiru, isaan kanatu amma kunoo laphee namootaa
akka dogongoru godha, namas dogongorsaa kan jiratan isaan
kana dha; dachee kana irratti, gareen sadaffaa ammoo
Waaqayyo ta’innaa laata? jedhanii kan maman isaan kun
ammoo qilleensa irratti bittinaa’anii hafaniiru. Isaan kun jinni
qilleensaa jedhamu, kunoo lubbuun cubbamtootaa yoo foonin
addaan baatu kan naasisan, kan rurrukutuudhaan qilleensa irra
jiraataniidha; kanaaf gosa sadi jechuu dha (Akisimaaros).
Diyaabiloos bulchaa (bitaa) biyya kanaas jedhameera, namoota
yeroo hunda waan dogongorsuuf (Yoh 12:31).
Kitaaba qulqulluu keessatti maqaa hedduun waamamaniiru.
Diyaabiloos: bitaa dukkanaa, raayyaa badiinsaa (Efe 6:10),
jawwee bofa duraaniis jedhama.Diina hamaas jedhama,kan
qamadii irratti inkirdaada facaasu kan laphee gaarii balleessu
waan taheef.
Namoonni seexana ibsuuf fakkii gara garaa fayyadamu.Fakkiin
isaan fayyadaman kunis gara jabummaa seexanaa ibsuuf,kan
ilkaan dhedheeratu,kan qeensi dhedheeratu, kan arrabni
dhedheeratuu fi kkf dha. Ta'us seexanni bifti isaa akkasi
jechuuf miti,goch isaatu bushaa'aadha jechuuf bifa akkasiin
ibsama. Akka kitaaba qulqulluu irraa hubannutti akkuma
ergamoonni Waaqayyoo bifa namaatin namatti
muldhatan;seexannis fakkeenya gara garaan muldhachuu
mala. Of jijijjiira.Ergamaa ifaa hanga fakkaachutti of jijijjiira
akkuma jedhame.Egaa seexana waanuma bifa bushaa'aa
qabuun hin eegnu jechuudha.Wantoota mimmiidhagoo
ta'aniinis of ibsuu danda'a.yookan afuuras waan ta`eef
wantoota gar malee ija namaa hawwatanittis ni fayyadama.
Gara jabummaa seexanaa ibsuuf namni seexanarraa akka of
eeguu fi Waaqayyoof qofa bitamu agarsiisuuf suurawwan mana
kiristaanaatti ka'an hedduun bifa seexanaa bushaa'aa fi
sodaachisaa taasisanii kaasu.Suuran kanaa gadiis fakkiiwwan
mana kiristaanaa keenyarraa kan fudhatamedha.Dh
ugaadha;seexanni kan sodaatamu yoo foon keenya qoru osoo
hin taane,akkuma wangeelli Foonii fi lubbuu keessan warra
abidda keessatti balleessuu dandahan sodaadha jedhu(Mat
10:28)jedhu yoo lubbuu keenya ajjeesedha. Garuu Inni ammoo
Kiristoos isa injifateera,nus isa injifachuuf jirra sodaa hin
qabnu. Ammoos ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Mikaa'el
seexana Jawwee fi bofaan fakkeeffama kana injifachuu isaa
kitaabni keenya akaksiin nuttima “Kana booddee, samii
keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin
bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee
sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi
mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii
keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7) Waaqayyo
afuurota hamoo irratti humna nuuf haa kennu;gartuu warra
moo'atamee osoo hin taane gartuu warra moo'atee nu haa
taasisu.Ameen.
~Naa-himiii~~

-------------------------
# 80
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Jaalala akkami kuni?


Wanta addunyaa kana irratti baay'ee baay'ee jaallattuun osoo
qoramtee qormaata sana darbuu dandeessaa?
Akka namoonni hedduun irratti walii galanitti,biyya lafaa irratti
jaalala haadha fi abbaan ijoollee isaaniif qaban kan caalu hin
jiru. Lubbuu ofiillee dabalatee ijoollee ofiif dabarsanii
kennu.Abboota jaalala akkasii ilmoo/dhala ofiif qaban keessaa
tokko Abbaa keenya Abirahaami. Akkasumas ammoo jaalala
ajaa'iba Waaqayyoof qabanis abboonni kuni. Garuu jaalala
Waaqayyoo caalaa kan isaan dursan hin turre.
Waaqayyo ilma tokkicha dulluma keessa argatte anaaf
wareega taasisii naaf dhiyeessi ennaa jedhuunitti Abrahaam
tasuma hin mamne. Abirahaam ilma tokkicha isaa Yisihaaqin
akka wareege kitaaba qulqulluu irraa yemmuu hubannu ajaa'iba
nutti ta'a.
Ijaarsa Baabiloon booddee abboota eebbifamoo Maqaan
isaanii ka'u sadan HANGAFA ABBOOTAA kan jedhaman
Abirahaam Yisihaaqii fi Yaaqob.
Abirahaam maatii warra xaa'otati bulurraa filatame. Waaqayyo
gosa kee maatii kee dhiisii bakkan ani sitti garsiisu dhaqi
jedheen. (Uumama 17 dubbifadhaa) Waaqayyos isaaf of ibse.
Waaqayyo guyyaa tokko Abraamiin “biyya kee keessaa, lammii
kee keessaa fi maatii abbaa kee keessaa ba’iitii gara biyya ani
sitti agarsiisuu dhaqi” jedheen. “Ani saba guddaa sin godha;
sin eebbisa; maqaa kees nan guddisa; eebbifamaas ni taata;
qomoon biyya lafaa hundinuu sababa keetiif ni eebbifamu.”
jedheen (Uum.12:1-6). Waaqayyos yeroo garaa garaa
Abrahaamitti dubbateera(Uum. 12:1-6; 12:7; 13;
15:1-21;17;18;22:1-18; Duuk.7:2-3).
Haati warraa Abirahaam Saaraadha.Garuu ijoollee hin qabdu
ture/dhabduu turte. Abrahaam keessummoota simachuu
baay’ee jaalata ture. Guyyaa tokkos Qilxuu Mamree jala osoo
taa’u, keessummootni namoota sadi ta’anii isa dura
dhaabatan. Innis itti fiigee hamma lafa ga’utti hin
qoomma’eef. Isa tokkoonis, “Gooftaa koo ani si duratti faara
tolaadhaan ilaalameera yoon ta’e ana garbicha kee bira hin
darbin. Mee bishaan xinnoo isinii haa fidanii miila dhiqadhaatii
muka kana jalatti haara galfadhaa,” jedheen. “Tole,” jedhaniin,
innis buddeena tolchisiisee, dibicha qalsiisee aannanii fi itittuu
qopheessee isaan simateera. Isaanis haati warraa isaa
Saaraan eessa akka jirtu gaafatan. Keessummoota kana
keessaa tokko, “Bara egeree deebi’ee nan dhufa Saaraanis
ilma ni deessi.” jedhe. Yeroo kana isheen dinqa keessa wanta
namni kun jedhu dhagahaa waan turteef keessatti ni seeqxi
ture. Sababa isheen kolfiteefis, “Ilmi isheen deessu Yisihaaq
jedhamee waamama,” jedheen.Akkuma jedhame Saaraan
waggaa 90tti Yisihaaqin dahuu dandeesseetti (Uum.17;
21:1-3).
Abrahaam Waaqayyoon baay’ee jaalata. Jaalala Abrahaam
Waaqayyoof qabu kan nu hubachiisu keessaa tokko yemmuu
Waaqayyo, “Ilma kee Aarsaa godhiiti naaf dhiyeessi,”
jedheenitti tole jedhee ganamaan ka’ee qoraan aarsaaf
barbaachisu falaxee, dargaggoota isaa keessa lama, ilma isaa
Yisihaaqinis fudhatee harree fe’atee gara tulluu Mooriyaatti ol
ba’e. Yisihaaqis wanta qalma ta’ee dhiyaatu waan hin barreef;
“Yaa abbaa koo ibiddii fi qoraan qalmaa kunooti hoolan
qalmaahoo eessaree?,” jedheen. Abrahaam deebisee,
“Waaqayyo qalma gubamuufi hoolaa ni qopheessa,” jedhee
walumaan gara Tulluu Mooriyaatti ol bahan.
Abrahaamis, qoraan qopheessee haaduu fudhatee yemmuu
ilma isaa qaluuf ka’u ergamaan Waaqayyo, “Abrahaam
Abrahaam ilma keerratti homaa hin raawwatin; ani akka ati
ilma kee tokkichaaf hin mararfanne argeera.” jedheen.
Abrahaamis of dugduuba yemmuu ilaalu korbeessa
harangamaan qabame tokko argee isa qalanii aarsaa
dhiyeessan. Abrahaamis maqaa sana ‘Yahiwee yir’ee’ jedhee
moggaase(Uum 22:14). Hiikkaan isaas ‘Waaqayyo ni arga’
jechuudha. Namoonni kanaaf ammayyu ‘inni tulluu Waaqayyo
irratti namaaf waa argamsiisudha’ jedhan.
Firiin eebbaa, eebba dachaadhaati Yisihaaq ammoo Ribqaa
waliin gaa'ela taasifate.Innis Esawu fi Yaa'iqoobin dhalfate.
Yaa'iqoob Raaheli fi Liyaa irraa fi gargaartota isanaii irraa
ijoollee 12 horate. Ijoolleen kudha lamaan kunis warra gosa
Israa'el kudha lamaan hundeessanidha. Yaa'iqoobis Israa'el
jedhame.
Waaqayyo jaalala dhugaa isaaf qabnu nuuf haa kennu. Wanta
jaalannuunis qorumsatti akka hin galle cimsinee haa
kadhannu,moo'ichas nuuf haa kennu.Ameen//

-------------------------
# 79
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:
“Sagaleen dhiiga obboleessa keetii biyya lafaa irraa anatti ni
iyya"(Uma 4:10).
Warri dhiiga namaa dhangalaasan murteen isaan sodaachuu
qaban,kan biyya lafaa kana irra murtee isa samii ta’uu qaba.
Namni waan hunduma waa’ee jireenya bara baraa dagatee,
waa’ee waan umurii gabaabaa fi kajeellaa biyya lafaa kana
qofa waan yaaduuf, hunduma ol kabajamaa kan ta’e dhala
namaa dhiiga isaa dhangalaasa.Garuu dhiigni namaa
qulqulluun yoo dhangala’e kitaabarraa akka hubannu
Waaqayyotti iyya,iyyees nama qaba(Uma 4:10).
Dhiiga qulqulluu kaayyoo kamiifis haa ta’u,inaaffafis haa
ta’u,jibbaafis haa ta’u, sababa kamiifuu dhangalaasuun
adabbiin cimaan karra Waaqayyoo durattis akka jiru beekuun
hunduma ol barbaachisaadha. Gooftaa Iyyasuus ammoo akki
jedhe “Dhiiga Abeel irraa qabee hamma raaja Zakkariyaas isa
mana qulqullummaa keessatti galaafatamee,biyya lafaa irratti
dhiigni dhangala’e hundi isinirratti ni murteessa(Mat 23:25).
Ajajni/abboommiin dhaabbataa inni samii wangeela jireenyaa
irraa dubbifnu kun amanamaadha.Kanaaf namni sagalee
Waaqayyoo kanaaf baay’isee amanamaa ta’uu qaba.Kunis
namni na arge yks na hin agarre jedhee osoo hin taane guyyaa
du’a isaatti murtoo jabduun hin diigamne akka dura jirtu
hubachuudhan ta’uu qaba. Waa’ee hammeenya dalagnee biyya
lafaa irratti haala gara garaatiin miliquu dandeenna.Isa samii
ammoo jireenyi keenya biyya lafaa kanarraa ennaa
guduunfamee fuula Waaqayyoo duratti dhiyaannetti,inni sun
nu yaaddessuu qaba. 'Daanyaa' biyya lafaahoo sobuu yks
gowwoomsuu dandeenya isa samiihoo akkam goona. Waa’ee
adabbii nama nama ajjeesuu kitaabni waa heddu kaa’eera. Isa
keessaa caqasa muraasni kunooti:
1. Ajaja kurnan keessaa tokko “hin ajjeesin” jedha- (Bau 20:13)
2. Namni dhiiga namaa dhangalaasu;dhiigni isaa ammo ni
dhangala’a;Waaqayyo fakkeenna isaatiin uumeerahoo.
(Umama 9:6.)
3. Jalqaba irraa abboomin dhagahe,tokkoon tokkoon keessan
wal jaaladhaa kan jettu isheedhaati;gartuu warra
hammeenyaa,obboleessa isaas akka ajjeese akka Qaayel
miti,maaliif ajjeese?Hojiin isaa badduu,hojiin obboleessa isaas
qajeelaa waan ta’eefi. (1Yoha 3:12)
4. Waaqayyo wantootni jibbu jaha jiru,isa torbaffaas lapheen
isaa jabeesitee jibbiti. Ija oftuultuu, arraba sobduu, harka dhiiga
qulqulluu dhangalaastu,laphee yaada hamaa biqilchu,miila
hammeenyaatti fiigdu, sobaan kan dhugaa bahu ragaa sobaa fi
obboloota gidduutti kan waldhabdee facaasu. (Fak 6:16.)
5. Ni hawwitu, garuu isiniif hin ta’u; ni ajjeestu, jabeessitanis ni
barbaaddu,argachuu hin dandeessan, wal loltu ni waraantus
hin kadhattan waan ta’eef isiniif hin ta’u.( Yaq 4:2)
6. Namni lubbuu nama qulqulluu ajjeesuuf matta’aa fudhatu
inni abaaramaa haa ta’u; uummanni hundumtis ‘Ameen' haa
jedhan.(Keessa deebii 27:25)
7. Biyya isaanitti dhiiga qulqulluu waan dhangalaasaniif;
waa’ee yakka ijoollee Yihudaa irratti raawwataniifis, Misir lafa
onaa, Edomiyaasis gammoojjii ni ta’a. (Iyyu’eel 3:19).
8. Inni nama hamma du’utti dhahu, raawwatee haa du’u.
(Leewwota 24:17)
9. Michoota koo, ofii keessanii booroo hin ba’inaa, bakka aarii
kennaa malee, booroo ba’uun kan kooti,ani gatii isaa nan
deebisa jedha Waaqayyo Gooftaan jedhamee barreeffameerati.
(Rom 12:19)
10. Isin keessaa nama lubbuu balleesse ta’ee eenyumtuu
gadaddoo hin fudhatin (1Phex 4:15).
Yaa Waaqayyo, osoo beektuus,osoo hin beekinis kan hojjette,
nuti biyya lafaa irraa sitti watwaannaati lubbuu kiristaanaa kana
nuuf maari,akka jedhu kitaabni Ginzetii,nuti akka kiristaanaatti
akkasitti waliif haa kadhannu. Yaa Waaqayyo lubbuu
obboleessa keenyaa maari;boqochiisis//

-------------------------
# 78
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Du'a Foonii
('Edaa duuti akkatti hadhooftudhaa?' 1Sam 15:32)
Duutii foonii biyya lafaa kanarraa kan adda itti baanudha
Duuti foonii guyyaa nutti dhufti hin beeknu
Duuti foonii kaayyoo kamirras jiraattu, muddama hagamiis
qabaattu nu bira hin dabartu
Duuti foonii barattee hanga fixxutti si hin eegdu, daldalte
hanga BUUFATUTTI SIIF HIN OBSITU,qottee hanga
facaafattuttis baatee hanga galtiuttis si hin eegdu, karoora kee
akka galmaan gahutti si hin eegdu
Duuti foonii ajandaa jabaa hagam guddaa ta’e
qabaattus,sagantaa namoonni hedduun si eegan qabaattus
ergamnaan ergaa ishee osoo hin raawwatin hin deebitu.
Duuti foonii hammamiyyuu beekamaa taatu si hin sodaattu,
hammam iyyuu dagatamaa yoo taate si hin irraanfattu
Duuti foonii fagaattee deemtef si hin dhiiftu,diyeenyarra
jiraattefis daftee sin fudhattu
Duutii foonii hunduma walqixxeessiti,wanti dhugaan namoota
walqixeessu keessaa tokko du’a fooniti. Duuti hiyyessa fi
sooressa hin qabdu, kopheessa fi nama koodee danuu qabu
waan jedhu hin beektu
Duuti foonii yeroo hunda haaraadha,yeroo hunda
rifachiisadhas
Du’a fooniitin hundumti biyyee kaballaa takkaa ta’a,gara
dhufetti deebi’a ‘Addaam biyyoorraa argame ture gara
biyyootti ni deebita” akkuma jedhu, lafti inni qooddatus
akkasuma muraasa, hanguma dheerina isaati,sanaa ol hin
danda’u
Kophaa kees taatu yemmuu lubuun jirtutti bilcheeffattee
nyaata, qulqullina kee eegda, diina kee dheessitee jalaa
baata,dhooftee rukutta, nama gargaarta. Gaafa duute humni
kee hundi waan si bira hin jirreef ofii of awwaaluu hin
dandeessu. Bakkuma awwala keetuu filachuuf carraa amma
firee fixxaaqqee takkallee hin qabdu.
Duuti foonii addaan bahuu dha gara fuulduras wal arguufi
waldhabuun waan hin beekkamneef hadhooftudha,
mararsituudhas
Foon namaa bareedaa ture ni bututa,gootni fi lugni,dheeraaf
gabaaban,diimaf gurraachi,sanyiin dhala namaa kamis tokko
ta’a. Iijji namaa ‘kololoo’ ture kan akka ifaa dhanga’us ni
dhaama, namni sodaatamaa tures wawu miti. Irree jabaan
laamsha’uurra darbee ni ciccita,ni coolliga, ni cita,afaan
namaas ni qabama. Du’a foonii booda hiriyaa balleessite
dhiifama gaafachun hin jiru, walgargarun hin jiru,beela’un hin
jiru dheebochun hin jiru, fuudhaa heerumni hin jiru nama irratti
shira yaadun hin jiru,qarshii guyyaa rakkootiif jettee
olkaawwachuun hin jiru…..
Sagaleen Waaqayyo “Ni duuta lubbuudhanis hin jiraattu mana
kee sirreeffadhu” jedha……….kanaaf yaa obboloota kiristaanni
guyyaa du’a isaa yaadachu fi sanbata kabaju qaba jedhu
abbootni keenna. Guyyaan keenya yoom akka ta’e hin beeknu,
guyyaan ciqilee keenya boraafannus hin beekamu, gaarii yaa
hojjennu,kan qabnu nu ga’a haa jennu, yeroo galateeffannaa
Waaqayyoof haa kenninu, dubiidhan gochaan, ilaalchan
obboloota keessan hin miidhinaa adaraa, galaa keenya bara
dheeraa haa qopheeffanukaa…of guddisuun,namaa olitti of
ilaaluun yaa hafu…..nu hundumti walqixa,dhugumaan walqixa
ta’uu kana kan beeknu mana baruumsatti barachuuyyuu
baannu, kunoo duuti foonii kuni ragaadha. Namni nammarraa
argame, amalli isaas walfakkaata..
Garuu ammoo isin kiristaanotaa waan taataniif gammadaa.
Waaqayyo abdii malee nu dhiise hin se’ina!…..Gooftan du’a
moo’ateera,nutis akkuma Gooftaa keenyaa Du’a moo’annee
guyyaa tokko ni kaana. Waan feeten abdii kuttu abdii du’aa
kan’uu kanaan abdii hin kutin.Du’a booda afaan cufame
guyyaan banamu jira. Guyyaattii sana sodaadhaa….du’a hin
sodaatinaa cubbuu sodaadhaa cubuutu nama ajjeessaa jedha
kitaabni..akkuma mammaksi dukkana osoo hin taane wanta
dukkana keessa jiru sodaadhaa jedhu….maal qabanneerra
harkatti?
Abdiin kiristaanaa du’aa ka’uumsa bar malee kan biyya lafaa
kana miti,kanarran warra hin amanne irraa adda taatu waan
taheef namoota ilaalchaa foonumma qofa yaadan yeroo hunda
yaaduma addunyaa kanaan fudhataman hin hordofinaa…..Ak
kuma bakkaniisa bareedee margee, ykn Harbuu asheettee
gaaddisa taatee booda dabartuu,yookin akka leenca fi
qeerransa utaalanii humna ajaa’iba agarsiisanii,qabanii
ajjeesanii,bookkisanii..booda du’an kanatti darba jechuun nuuf
hin ta'u!
Kanaaf jireenya kiristaanaa jiraannee du’a kiristaanaa haa
duunu!..

-------------------------
# 77
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Qabsuura Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa kan baatii Waxabajjii


(Kitaabni Qabsuura Qulqulluu Yohaannis kun erga Afaan
Oromootti hiikamee waggaa sadi guutuus hamma yoonaa hin
maxxanne, Xoofoon Qulqulluu Yohaannis yoo jiraattan WDB
waliin ta'uudhan maxxansiisuun suga qulqulluu Yohaannis irraa
haa hirmaannu)
Waaqa tokko kan ta`u maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura
Qulququlluuttis amanuudhaan baatii eebbifamaa Waxabajjii
kana kan dubbifamu seenaa qabsuura cuuphaa qulqulluu
Yohaannis barreessuu ni eegalla. Baatii kana guyyaa
sodommaffaatti qulqulluu Yohaanis luba Zakkaariyaasi fi
qulqulleetti Elsaabeex irraa dhalateerahooti,fayyisaa kan ta`e
mataa Kiristoos irrattis harka isaa fe`ee bishaanin akka isa
cuuphuuf nama filatame ta`eeraati;kadhannaa isaarraa kan
argamu,sugni qulqulluu Yohaannis hunduma keenya waliin haa
ta`u.Ameen.
1. Qulqulleettii Elsaabeexis baatii ulfa ishee erga raawwatee
booda,ilma akka deessu akkuma wangeela irratti
himame,karaa Waaqayyoo kan qulqulleessu qulqulluu
Yohaannisiin deesse.Firroottan ishee fi ollaawwan ishees
Waaqayyo dhiifama isaa akka baayyiseef arganii itti
gammaddan.
2. Dhaloonni qulqulluu Yohaannisis iccitii guddaa fi simboo
ajaa`ibsiisaa ta`een raawwate. Qulqulluu Gabri`eel,mana
qulqullummaa keessatti,abbaasaa Zakkaariyaasin
kadhannaansaa dhagahameeraahoo hin sodaatiin,haati manaa
kee Elsaabeexis ilma dhiiraa siif ni deessi maqaa isaas
Yohaannis ni jettaan jedhee missiraachoo itti himeeraati.
3. Raaji Zakkaariyaas garuu dubbicha hin fudhanneef. Darbees
ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Gabri`eeliidhaan,”wanti kun
akkamitti ta`a?Ani dulloomeera,haati manaa kootis umuriin
ishee darbeerati” jedhe.Qulqulluu Gabri`eelis wanti kun hanga
raawwatutti duudaa ni taata ittiin jedhe.
4. Lubichi Zakkaariyaasis baatii itti tajaajilu xumuree gara
mana isaatti deebi`e.Qulqulleettii Elsaabeexis ni ulfoofte.Bifti
isaas kan bareede, ilma laphee abbootasaa gara ijoolleesaanitt
i,laphee warra hamootas gara gaabbitti kan deebisu
deesse.Ilmi hangafti,qulqulluu Yohaannisis Waxabajjii 30 yeroo
dhalatettis ,mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kan
tajaajilu arrabni raajicha Zakkaariyaas ni hiikame. Ilma dhalate
Yohaannisiinis, dhagna qabuudhaf yeroo fidanittis maqaa
Abbaa isaatin Zakkaariyaas jedhanii waamuu barbaadan,
5. Haati Isaa Elsaabex garuu hint a`u, Yohaannis jedhama
malee jette. Abbaan isaas maqaasaa eenyu osoo jennee wayya
jedhanii yeroo gaafatanittis Biraannaa fidaniifi Yohaannis
jedhee katabe. Yeroo sanatti hundumtuu ni ajaa`ibsiifatan.
6. Arrabni Raajicha Zakkaariyaasis hidhamaa ta`uurraa yeroo
hiikamettis, akkuma baatii Waxabajjii keessatti dubbanne,
Waaqayyoon baayyee galateeffate.Waa`ee ilmasaa qulqulluu
Yohaannisis,waa`ee ilma haadha keenya qulqulleettii dubroo
Maariyam fayyisaa Iyyasuus Kirstoos ,ilmisaa qulqulluu
Yohaannisis raaja Mootichaa akka jedhamu,Waaqayyoon duras
akka deemu raajiidhaan dubbate.Yeroo tajaajilaattis ilmisaa
Yohaannis irraa adda hin bane.Bakka aarsan itti dhiyaatu
maddi isa teessisa ture.
7. Raajichi Isaayyaasis waa`ee Yohaannis “Karaa Waqaayyoo
qopheessaa;bu`aa cehii kan qabus sirreessaa jechaa kan lafa
gammoojjitii iyyu jedhe;Raajichi Milkiyaasis karaa koo kan
qulqulleessu ergamaa koo fuuladurakeetti nan erga,jedhee kan
raajidhaan dubbateef,daa`imni kun Yohaannisi.Wa`ee Isaas
Gooftaa fi fayyisa keenya Iyyasuus Kirstoos “kan dubartiirraa
dhalate keessaa kan isa caalu hin jiru” jedhee dhugaa baheef.
Milk 3:1;Luq 6:18
8. Raajaan mootichaa, labsii himaani fi karaa kan qulqulleessu
lubichifi wareegamaan,duuka bu`aas kan ta`e qulqulluu
Yohaannis fayyisaa addunyaa Kiristoosn yeroo cuuphetti kan
hin tuqamne qulqulleettii mataa isaas yeroo qaqqabetti,Ilmi
koo kan anarraa dhalatee fi kanan jaaladhu kanadha,isas
dhagahaa;kan jedhu jecha Abbaa dhagahe.Ammoos galatni
haa ta`uufiiti,Afuurri qulqulluun yeroo bu`utti, mataa Gooftaa fi
fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos irras yemmuu bu`u ni arge.
9. Eeyyeen dhuguma raajaan mootichaa qulqulluu Yohaannis
raajotni fi tolootni hedduun ilaaluufi kan hawwan Afuura
Qulqulluun yemmuu bu`u arge. Baayyen isaanii dhagahuuf kan
fedhan jecha Abbaas ni dhagahe.
10. Hangafti raajota Museen fuula keeti fi kabaja kee anatti
agarsiisi yeroo jedheenitti, Waaqayyo uummaticha waamiti
tulluu jalatti walitti qabi jedheen.Raajichi Museenis waamee
saba Israa`elin walitti qabe.Yeroo sanattis gungumni,calaqq
isni,duumessi guddaanis,bubbee baayyee jabeenya qabuu fi
duumessa ta`e,humni lafaaf samiis ni socho`e.
11. Ijoollen Israa`elis sodaa guddaa sodaatan.Raajicha
Museedhanis,nuti gara Isaatti dhiyaachuu hin dandeenyuti,dha
qi ati Waaqayyoon nuuf gaafadhu jedhaniin.Kana booda
Museen isaanin dhiisee gara dumeessaa keessa
seene.Duumessa abiddaa isa boba`u keessayis ifti xiqqoon
tokko fuula isaa duratti muldhatee ture.Raajichi Museenis
sodaatee fi rifatee mataa isaan lafatti gombifamee,ergan fuula
kee duratti gaarummaan ilaalame ta`e fuula kee anatti agariisi
jedheen.Waqayyos tajaajila isaa Museedhaan “Namni ana
argee dhaabatuu hin dandayu,Fakkeenya bakakkaan kan
muldhate ifa xiqqoo kana agarraan kan kufte fuula koo yeroo
agartetti ni raawwattee badda jedheen.
12. Nuti Kiristiiyannonni garuu,gara keenyatti dhufee,qulqulle
ettii Dubroo Maariyaam irraa dhalatee,laga Yordaanositti
raajaa fi wareegama kan ta`e harka Yohaannis cuuphatti yeroo
cuuphamutti; balfa cubbuu irraa nu dhiqeera.Yeroo isa bira
jirruttis gurra keenyan dhageenye.Kunis Daawit irra bulee
dubbii raagaa kan dubbachiise,qulqulluu Yohaannis harkattis
cuuphamuu kan jaallate;Awuraajjaa Galiilaa Qaanaatti bishaan
daadhii wayniitti kan taasise,Gooftaa fi fayyisaa keenya
Iyyasuus Kiristoosi.
13. Yeroo cuuphaattis Afuura Qulqulluu irraa kan itti
dhalanneedha waan ta`eef, gammachuu fi jaalalaan, ayyaana
afuurawaa taasifnee gammaduu qabna. Cuuphaan kun,
Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos harka cuuphaa
Yohaannisitti cuuphamee gulummaa nuuf kennedha waan
ta`eef. Ayyaanni cuuphaa kun dukkana kan moo`atedha.
Ayyaanni cuuphaa kun aboo du`aa jalaa kan bilisa nu baase,
ijoollee ifaa kan nu taasise, seexancha bofa matasaa kan
rukute,sammuu isaas kan dhoose,Si`oolinis kan qullaati
hambise,humna diinaa diyaabiloosin moo`atee ijoollee
Waaqayyoo akka taanuf kan nu taasisedha.
14. Egas yaa ijoollee Waaqayyoo isin keessaa namuu uffata
kabajaa kan hin uffatin hin jiraatin.Uffanni kabajaas Maqaa
Abbaa fi Ilmaan Afuura Qulqulluudhanis kan uffannu
cuuphdha.Yeroo cuuphamtanittis harka qalleeyyii warra qaama
hirdatee fi warra rakkate hunduma walitti qabaa. Kunis osoo
hin foo`in haa ta`u. Garbas ta`u, Tajaajilaas ta`u, sooressas
ta`u,hiyyeessas ta`u,warra hin amanne keessayis ta`u akkuma
qulqulluu Pheexiroositti golgi gosoota afuriin qabame yeroo
gara lafaatti bu`u, keessa isaattis kan turan kan
socho`an,qulqulluu fi qulqulluu kan hin taanes akkuma itti
agarsiise. Hojii Duuka Bu`ootaa 10:12
15. Isin nama foonin hojii badaa hojjetu kiristaana ta`uu yoo
fedhe cuuphamuu hin dhoowwinaa.Hojii badaa isaa akka
dhiisuf seera kiristaanummaa barsiisaa.Dhiifamni Waaqayyoo
akka rooba gannaatti kan bu`u fakkaata.Roobni gannaa hanga
guddatanitti Siraanarrattis,qamadii irrattis ni b u`aatii.
16. Isiniif ammoo ijji joobiraallee kan hin argin, warra hamaa
hojjetu kan lukaa isaanitin irra hin dhaabatin, heeyyama
Waaqayyootin kan uumamte dachee qulqulleetti fi ifa taate isin
ni dhaalchisa. Bishaani fi Afuura Qulqulluu irraa kan dhalatan,
qulqullummaadhanis kan bulaanifis,guyyaa badduu,si`ol ishee
nama dhiphistusrraayis,gadadoo bakka abiddi hin
dhaamne,bakka raammon hin raffnetti nama muudaturraayis,
araarsummaa qulqulluu Yohaannis cuuphaatiin ni
eega.Araarsummaan fi sugni qulqulluu Yohaannis hunduma
keenya waliin haa ta`u,hanga bara baraatti,Ameen

-------------------------
# 76
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Kadhatni Hiikoo( Tselote Fitihaati)Maalii? Bu'aansaahoo?


Mana kiristaanaa keenya keessatti kadhata gara garaatu
raawwatama.Akka fakkeenyatti kadhata kidaanii,kadhata
sa`aataatii,kadhata Qiddaasee,Kadhata Sarkii,Kadhata
wangeelaa fi kkkf yoo ta`an kadhanni hiikkos kadhata manneen
kiristaanaa keessatti taasifaman keessaa isa tokkodha.
Kadhata hiikoo kana hubannoo dhabuudhan namoonni
hedduun maaliif barbaachise kan jedhan heddu waan tahaniif
barreeffama kana kitaaba Koorsii Bu`uuraa irraa isiniif
qoodeera. Ammos nama lubbuun tarteef kadhata malee maal
gochuufii dandeenya.Kadhannaa taasisuun alattis tasgabbii
xinsammuu fi gamamchuun arkannu maalidha?Wama
maraafuu mee barreeffama tana ilaalaa.
Kadhanni hiikoo abdii Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuuf
kenne isa “maqaa kootiin wanta kamiyyuu yoo kadhattan
isiniifan raawwadha.”( Yoh 14.14) kan jedhu ka`uumsa
taasifachuudhan namoota lubbuun darbaniif kadhannaa
taasifamudha. Jechi Gooftaa kun amanamaa ta`uusaas kan
ittiin hubannu “kanan dubbadhe hafuurra ardii fi samiin osoo
dabartee salphata”( Maat 24:35) isa jedhus abdachuudhani.
Kadhati hiikkoo sababa raawwatuuf keessaa
1. Waaqayyo arjaa fi kan dhiifama godhu ta`uusaa: Namoonni
lubbuudhan hin jirre arjummaa Waaqayyootiin ala kan jiraatan
miti. Kanaaf “arjummaasaa jiraattotaa fi warra du`an irratti hin
dhiifneeti haa eebbifamu” (Ruut 2.20) jedha. Akkasuma
Museen “Roobeliin nan barbaada na jalaa hin du`in lakkoofsi
isaas haa baay`atu”(Keessa Deebii 33:6) jedhee erga Robeel
du`ee waggaa dheeraa booda kan kadhateef. Osoo nama
du`eef kadhachuun hin barbaachisu ta`ee maaliif raajaa
Museen Roobeeliif `hin du`in lubbuun haa jiraatu` jedhee
kadhataree? Egaa kadhata kana Museen erga taasise nuti
nama du`eef kadhachuun keenya badiin isaa maalinniree?
Kanas kan kadhate foonin du`aa ka`ee Roobeel akka lubbuun
jiraatuf osoo hin taane lubbuudhaan adabbiin akka irra hin
geenyeefi. Roobeel qubaatii(Sanyoo) abbaa isaa Yaaqob bira
gahee waan tureef Yaaqob Roobeeliin isa abaaree ture(uma
49.3).
Akkasuma qulqulluu Phaawuloos waa`ee Heenesifooruu yoo
dubbatu Waaqayyo maatii Heneesifooruutiif dhiifama yaa
kennu. Yeroo heddu na boqachiisee ture, cancala koottis hin
qaanofne, garuu yeroo Roomee bule sana barbaadee na
argate, guyyaa sanatti Gooftaa irraa dhiifama akka argatuuf
gooftan yaa kennuuf,Efeesonitti akkamitti akka na gargaare ati
sirriitti beekta(2Xim1:16) jedha. Guyya sanatti Gooftaarraa
dhiifama akka argatuuf Gooftaan isaaf yaa kennu kan jedhe
guyyaa du`aa ka`uumsaa ta`uu ni hubanna. Kunis namni inni
kadhachaa fi ture sun kan du`e ta`uu hubanna.
Egaa kadhata yemmuu taasifnu Waaqayyo kadhata keenya
fudhte ni dhagaha jenneeti,gaheen keenya kadhaticha
dhiyeessudha,murteen kan Waaqayyooti ta`a.Abdiin keenyas
guddaadha “Yaa goofta akkuma si abdii godhanne dhiifamni
kee nurratti yaa ta`u” jedha. Faar 33.22.
2. Maalummaan mana kiristaanaa kan itti muldhatu waan
ta`eefi: Manni kiristaanaa warra lubbuun jiraniif qofa osoo hin
taane ijoollee ishee lubbuun taraniif yeroo hunduma
Waaqayyoof kadhata ni dhiyeessiti..
3. Dubbii Kitaabarra jiru ilaaluudhaan: Gooftaa keenya Iyyasuus
Kiristoos “kan namarratti badaa dubbataniif dhiifamni ni
taasifama afuura qulqulluu irratti kan dubbatu garuu addunyaa
kanarrattis addunyaa isa dhufuu irrattis dhiifamni hin
taasifamuuf” jedhee dubbachuun Isaa addunyaa isa dhufuttis
abdiin dhiifamaa akka jiru nu hubachiisaa( Mat 12:32)
4. Du`a isaanii boodas jiraattotaa fi beektota waan ta`aniif:
Akkuma ibsame du`a jechuun kan jireenyi itti baddu osoo hin
taane kan jireenya isa biratati itti ceenudha, kanaaf warri
lubbuun isaanii boqotte wanta biyya lafaa kanarratti ta`u ni
beeku. Kanaaf Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos “Abbaan
keessan Abirahaam guyyaa koo arguuf hawwe, arges
gammades” jedha (Yoh 8:56) Ega namni du`e waa hin
beeknee Abrahaam Kiristoos foonin dhalachuu fi waadaan
Addaamiif galamee ture sun raawwatamuusaa akkamiin
beeke?
Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoos lubbuu Isaa qulqulleettii erga
foon Isaatin adda baasee booda gara si`oolitti deemee lubbu
jiraniif lallabeera. Innis ammoo deemee lubbu mana hidhaa
keessa turaniif ni lallabe(1Phex 3:19). Kanas jechuun warri
si`ool keessa jiran haala ittiin lallaba kana fudhatantu jira
malee walitti dhufeenyi tokkoyyu hin jiru jechuu hin
danda`amu.
Egaa kadhata asii olitti dhiyaataniin alattis mana kiristaanaa
keessatti kadhati gara garaa ni adeemsifamu. Isaan keessaa
muraasa kaasuuf kadhata halkan guutuu(Maahileetii) kan
yeroo ayyaanaa halkan guutuu kadhatamaa bulamu, kadhata
waazeemaa(jalabultii ayyaanaa irratti kan taasifamu),kadhata
wangeelaa fi kan kana fakkaatan kaasuun ni danda`ama.
Yaa Waaqayyo du`a teenna tolchi ta gaabi nuuf taasisi!Wanta
gaariin nu yaadadhu!

-------------------------
# 75
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Ixaana!
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa
Tokkoon.Ameen!
Seerrata mana kiristaanaa keessaa tokko sa’aatii kadhannaatti
ixaana aarsudha. Kadhannaa fi ixaanni mana kiristaanaa
keenya keessatti yeroo heddu waliin raawwatamu,keessumattu
sirna Galatoo irratti fi sirnoota gara garaa kan akka kadhannaa
kiristannaa, kadhata nama du’eef walumaa galatti kadhanna
kam irratti iyyuu ixaana ni agartu. Ixaanni fedha Waaqayyoon
ajaja Waqayyootin eegalame. Kanas caqasoota kanaa gadii
irraa gabaabsinee ilaalla:
Kitaaba qulqulluu kakuu moofaa fi karuu haaraa keessatti
dhimmi ixaanaan kadhannaa gageessuu baldhinaan
barraa’eera. Bara Museetti ajaja Waaqayyoon. “Aarsaa ixaanaa
hojjedhu muka gololee irrayis tolchi…..Aaronis ixaana
urgooftoo mi’aawaa itti yaa ulu ganama ganama ibsaa
yemmuu qopheessu yaa ulu”(Ba’uu 30:1) jedha
• Ixaanni aarsaa galataa fi olbahuu kadhata keenyati. kadhata
keenya waliin gara samii ol baha. “Aarri ixaanaas kadhata
qulqulloota waliin harka ergamiichaatti gara Waaqayyoot ol
bahe”( Mul’ata 8:4)
• Faarfataa Daawitis akkas jedhee kadhata “kadhata koo fuula
kee duratti akka ixaanatti anaaf simadhu” jedha(Far 140:2).
Yemmu Gooftan Beteliheemitti dhalatetti Ati luba bara baraati
isa jedhu ibsuuf warri ogeeyyiin sadan(seb’aa sagal) wantoota
harka fuudha Gooftaaf kennan keessaa tokko Ixaana(Wangeela
maatewos boqonnaa lama)
• Ammas wangeela Luqaas irratti “Sa’aatii ixaanaattis
uummatichi ala dhaabatanii kadhatu ture” jedha(Luq 1:10).
• “Ergamaan biraas dhufee iddoo aarsaan itti dhiyaatu maddii
dhaabate, teessoo fuula duraa kan jiru aarsaa warqee irrattis
kadhata qulqulloota hundumaaf akka dabaluuf ixaanni bay’een
kennameef”( Mul`ata 8:3)
Manni kiristaanaa keenya fakkeenya Jannataa, samii lafarraati,
biyya lafaa irratti yaa jiraattu malee seerri fi gochi ishee hundi
isa samiitti raawwatamuun walfakkaata.Gara samiitti yemmuu
dabarru ammoo isuma amma isheen raawwattu kana achitti
agarra. Kanaaf sirnoota gara garaa irratti ixaana
fayyadamna.Mana kiristaanaatti ixaana kan uluu danda`u
nama aangoo lubummaa qabu(luba) qofa.
(Madda Barreeffamaa: KOORSII BU`UURAA Fuula 170)
Waaqayyo kadhata keenya akka ixaanaa jaallatamaa nuuf haa
simatu!

-------------------------
# 74
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Adoolessa 5: Boqonna Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu


Phaawuloos
+++Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaa Galiilaatti dhalate (Yoh
1:45). Gosti inni irraa dhalates gosa Roobeel jedhama. Yeroo
ijoollummaa isaattis, seera Yihuudootaa baratee guddate.
Boodas, mana ijaarratee, maatii horatee, qurxummii
kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos
garuu, qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa
taasise (Mat.4:18). Erga guyyaa tajaajila kanaaf waamameeti
booda, duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga
guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture.
Qulqulluu Pheexiroos yemmuu Gooftaan “Namoonni ilma
namaatiin eenyu jedhu” duuka bu’oota gaafatetti. isaanis “kuun
Eeliyaas, kuun Yohaannis cuuphaa siin jedhu; Kuun ammoo,
raajota keessaa isa tokko siin jedhu” jedhanii deebisaniif.
Gooftanis deebisee, isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee
yemmuu gaafatutti, Qulqulluu Pheexiroos “ati Masihicha Ilma
Waaqayyoo Jiraataati” jedhee deebiseef. Gooftaanis deebisee,
“Yaa Simoon ilma Yoonaa, kana kan siif ibse Abbaa koo isa
samiiwwan irraati malee, yaada foonii fi dhiigaa miti; kanaaf
ati kan eebbifamteedha. Anis sittan hima, ati Pheexiroosi,
kattaa kana irratti mana kiristaanaa koo nan ijaara,
balballoonni si’oolis sochoosuu hin danda’an” (Maat.16:13-19)
.
Ol ba’uu Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos durattis erga
du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti
muldhatee, “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee
yeroo sadi irra deddeebi’ee Pheexiroosiin Gooftaan
gaafateera. Kanaanis, “Ilmoolee koo bobbaasi, gorommii/
da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekkachiisee
imaanaa itti kennee jira (Yoh.21:16-18).
Qulqulluu Pheexiroos guyyaa shantammaffaa booda, lallaba
guyyaa tokkootiin qofa namoota kuma sadi cuuphuu
danda’eera (Ho.Du.Bu.2:41). Qulqulluu Pheexiroos ergaawwan
lamas barreesseera. Ergaa isa jalqabaa kan barreesses, warra
Yihudoonni arai’atanii fi warra rakkinni itti hammaatee
baqannaadhan addunyaa garaa garaatti kiristaanota baqataniif
ture. Ergaa isaa isa lammaffaa kan barreesse ammoo, Neeroon
Qeesar kiristaanota irratti ka’ee gadadoo hamaa irraan gahaa
waan tureef, qulqulluu Pheexiroos Eeshiyaadhaa hanga
Baabiloon deemee yemmuu barsiisutti, kiristiiyanotni Eeshiyaa
jiranis labsii Neeroon Qeesaar kanaan garmalee dhiphamanii
osoo jiran, barumsa shakkii namoota barsiisanif haalli waan
mijateefiif, dubbii sobaa kanaan kiristaanotni akka hin
gowwoomnee fi amantaa isaannitti akka jabaataniif barreessee
ture.
Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa
taasise. Roomaa deemuun duratti, Iyyaruusaaleemi fi
Samaariyaatti, Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti,
Phaanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti
akkasumas, biyyoota biraa hedduu keessa deemuun wangeela
Kiristoos lallabeera. Boodas, gara Roomaatti ce’eera.
Roomaattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee,
sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen,
bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan
turaniif, innis qabamee hidhame. Duutis irratti murtaa’ee akka
fannifamu ta’e. Yemmuu fannifamus, “Ana akka Gooftaa ol na
hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi
garagalee fannifameera. Erga du’ee boodas, barataa isaa kan
ta’e Marqeelos fannoo irraa buusee akka seera biyyattiitti
waynii fi aannaniin dhiqee, urgooftuu dibee uffata adiidhaan
kafanee, saanduqa damma dibame keessa kaa’ee, hardha
iddoo Vaatikaan jennee waamnu keessatti awwaaleera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Adoollesa 5.
+++Qulqulluu Phaawuloos
Phawuloos jechuun meeshaa qulqulluu jechudha. “Meeshaa
qulqulluu koon si taasisa” akkuma jedhu (Duuk.9:15). Maqaan
isaa kan jalqabaa Saawul jedhama ture. Saawul jechuunis,
kennaa Waaqayyoo jechuudha. Qulqullu Phaawulos biyyi isaa
Israa’eli, gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees
jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa, qaba ture. Kunis,
Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa
waan turteefi. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu,
Tarseesii gara biyyaatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera
Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate. Innis jalqaba yemmuu
Gooftaan barsiisu Iyyaruusaalem waan tureef, seera Yihudotaa
fi Ooritiif hinaafaa waan tureef kiristaanota ari’aa, baqachiisaa,
ajjeesas ture (Ho.Du.Bu 8:1).
Kana boodaas hinaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa
eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuuf kennameefis
waggaa 32ffaa isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo
deemee uummata kiristaanaa ajjesuufis karoorfatee karaa
eegale. Gara Damaasqoo deemee yemmuu magaalatti seenuuf
dhiyaatutti garuu, Gooftaan sagalee isaa dhageessise. “Saawul
Saawul maaf na ari’ataa?” jedheen (Ho.Du.Bu. 9:4).
Saawulis “Ati eenyu” jedhee yoo gaafatu, “Ani Iyyasuus Isa
Naazireeti” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee
kadhate. Waan gochuu qabus ni hubate. Gara magaalattiis
galee ijji isaas arguu waan dadhabdeef, lubni Hanaaniyaa
jedhamu tokko kadhateefii cuuphamee kiristaana ta’e, ijji isaas
ni banamteef. Sana booda, gochaa isa duraa sanatti hin
deebine (Gal. 1:12). Erga cuuphamee booda, Qulqulluu
Phaawulos gara biyyoota Arabaa deemeera. Biyyoota garaa
garaatti barsiisee, hidhamee waa hedduu argee, ergaawwan
kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira.
Ayihudoonni waanyituu waan turaniif, waanuma hundaan
sababa itti barbadanii isa reebaa turan. Yeroo tokkos Siilaas
waliin hidhame halkan qixxee yoo tahu sagalee isaa ol fuudhee
yemmuu kadhatu ifti manicha guute karri hundi banamee ture.
Waardiyyaan isaanis, namootni hidhaman hundi waan
deemanii bahan itti fakkaatee goraadee isaa ofitti luqqisee of
ajjeesuf ka’e. Phaawulos garuu, “hundi keenyaa jirra, namni
tokko osoo hin badin ati ammoo, of ajjeestaa?” jedheen.
Wardiyyichis osoo of hin ajjeesin dhiiseera (Duuk16:39).
Qulqulluu Phaawuloos, fakkaatee barsiisuudhaan ogummaa
addaa qaba. Warra waaq-harkeetti bulanis akka nama waaq-
harkeetti buluu ta’uudhaan isaan barsiiseera. Warra seera hin
qabneef akka nama seera hin qabneen ta’e” akkuma jedhe
(1Qor 9:21). Yeroo tokko Qulqulluu Pheexirosiifi Yoohanisiin
Anitsooqiyaa dhaqaa barsiisaa jedheen. Duumessaan achi
gahan. Yeroo kana uummani biyyasii waaq-harkeetti bulu turan.
Warri biyya sanaas, Yohaannisiin mataa irraa haadanii
karrarrati gatan; Pheexiroosinis jabeessanii reeban. Yeroo kana
uffata lubootni waaq-harkee uffatan uffatee qulqulluu
Phaawuloos dhufe. Magaalattii keessa ol seenee bilbila
rukutee, uummataanis “ani Qeesaar irraa ergameen dhufe;
namootni Gooftaa Kiristoos fudhaa jedhanii lallaban akka jiran
dhagaheen dhufe; amma dafaa warra akkasii walitti naaf
qabaa” jedheen.
Isaaninis ‘gara kootti fidaa’ jedhee ofitti waamee, uummata
fuulduratti ‘Mee maal jettanii barsiiftuu?” jedheen. Isaanis,
“Goftaan dhalatee du’ee dhala namaa fayyise; isa malee
Gooftaan biraa hin jriu” jennee barsiifna” jedhaniin. Yeroo
kana, “sobdoota” jedhee Pheexiroosiin kaballaadhan dhahe;
“akkamitti Gooftaan du’aa ka’a?” jedheen. Pheexiroos ammoo,
wanta hojii duraa isaa sanatti deebi’e itti fakkaatee,
“Phaawuloos gara hojii kee duraatti deebite” jedheenii ture.
“Egaa mee erga du’aa kaastu ta’ee, kan du’e kaasaatii anatti
agarsiisaa” jedhee, mucaa motichaa erga du’ee ji’a lama ta’e,
“naaf kaasaa” isaaniin jedheen. Isaanis, mucaa du’e kana
kadhannaadhaan ni kaasan. Innis yeroo isaan mucicha kaasuuf
kadhatan, dhoksaadhaan keessa isaatti ni kadhata ture. Yeroo
sana mucichi “eenyutu du’aa si kaase?” jedhanii yemmuu
gaafatanitti, bifa qulqulluu Phaawuloos barbaadee, “isa kanatu
na kaase” jedhee dubbate. Phaawuloos gara hojii isa durii
sanatti deebi’innaa laata jedhanii Pheexiroos fa’a shakaknii
waan turaniifi malee, kadhannaan kanuma hunda isaanii
ture.Uummanni walitti qabame sunis ajaa’iba kana yemmuu
argan, amananii cuuphamaniiru.
Boodas bara 65tti, yemmuu sababa gubachuu magaalaa
Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti,
magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu,
qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana
dukkanaa keessatti erga hidhamee booda wareegame.
Ayyaanni yaadannoo qulqulluu Phawuloos Adoolessa 5
yaadatama. Guyyaan qulqulluu Phaawuloos itti wareegame,
kan qulqulluu Pheexiroos waliin tokko waan ta’eef, ayyanichi
isaanii biyya keenyatti ayyaana qulqulluu Phaawuloosi fi
qulqulluu Pheexiroos jedhamee kabajama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u; nuunis kadhannaa qulqulloota
kanaatiin Waaqayyo dhiifama isaa nuuf haa taasisu; sugni
isaas nu waliin haa ta’u; hanga bara baraatti Ameen!
+++Dabalataanis guyyaa kana Adolessa 5,soomni duuka
Bu`ootaa guyyaa itti hiikkatudha(Yoo Adoolessi 05 guyyaa
Roobii fi Jimaataa irra oolu baate) Waaqayyo suga abboota
keenya duuka buu`ootaa nu irra haa bulchu!

-------------------------
# 73
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Inaaffaa Hamtuu
Wantoota jireeya namaa galaatafan keessaa tokko inaaffaa
hamtuudha. Inaaffaa hamtuun nama inaafus,nama itti
inaafamus balaa irraan gaha. Namni inaafu,yoo argates kan
argate, yoo qabaates kan qabaate akka qabutti hin ilaalu.Inni
kan ilaalu, argannaa ykn qabeenya nama biraa waan ta’eef kan
ofii itti hin muldhatu. Kanaaf gammachuun isaa hirdhuudha.
Gammachuun nama inaaftuu yoo namni inni itti inaafu
miidhamee bade dha. Inaaftuun, waan itti hin inaafamnetti
illee inaafti. Akkuma mammaaksi Oromoo ‘Budaa hamtuun
diddiga mucaa gamamddi’ jedhamu, kufaatin namaa inaaftuu
ni gammachiisa.
Namni inaaffaa hamtuun guutame,nama itti inaafu sana yeroo
hunda maqaa isaa hammeenyan dhaha, ni akkeessa, akka isaa
ta’uu barbaada, dhageettii nama Sanaa dhoksuu barbaada,kan
inni nyaate,kan inni uffate,akka inni ta’e ta’uu barbaada. Yoo
namni sun illee dogongoraan raawwate,inaaftun isaa sunis
ammoo akka isaa ni raawwata. Xumura irratti garuu bu’aan
inaaffaa, du’a fida,nama inaafu sanas osoo jireenya isaa hin
jiraatin osuma jireenya ormaa ‘korrojuu’ aduun itti dhiiti,yookan
inaaffaa isaa kanaan yakka hojjetee qabama.
Inaaftun kan ishee damma, kan namni biraa hojjete qumbii
gooti,inaaftun kan shee dhadhaa,kan biraa summii gooti,
inaaftuun sa’aatii hojii irra sa’aatii karaa nama itti inaaftu sana
balleessitun mala dhawuun fixxi. Inaaftuun yaada
garaagarummaa malee yaada tokkummaa hin qabdu. Inaaftun
dogongora namarratti barbaaddi. Inaaftuun lapheen ishee
dukkanaan guuttee ifa dhoksuuf barbaaddi. Inaaftuun yeroo
gabaabatti humna guddaa waan qabdu itti fakkaata,garuu
yeroo dheeraa keessatti dharri deebitee itti garagalti.
Waa’ee inaaffaa kitaaba qulqulluu irraa waan baay’ee hubanna.
Bakka inaaffaa fi walirratti ka’uun jirutti bakka sanatti
hookkarrii fi hojii hamtuun hundumti ni jirti(Yaq 3:16) jedha.
Inaaftun tasgabbii hin qabdu,hookkara uumuu fi daftee daftee
murteesuu jaalatti. Inaaftuun yaada foonummaan kan
guutamtedha. Kitaabni “inaffaa fi walfalmiin kan guutamtan
nama foonii waan taataniif mitii?jedha.1Qor 3:3. Inaaftuun
jaalala dhugaa hin qabdu. Kan jaalala qabu ni obsa, hin inaafu,
of hin jaju,of hin tuulu gaarii hojjeta akkuma jedhu qulqulluu
Phawuloos 1Qor 13:4. Kanaaf jaalala dhugaa wana hin
qabneef,hamma lubbuu baasutti illee duubatti hin jettu.
Solomonis lapheen kasoomina qabdu fooniif jireenya,inaaffan
garuu lafee raammessa jedha. Fakkeenya 14:30, akkasumas
Solomoon inaaftuu dura eenyutu dhaabata? Jedha Fak 27:4.
Inaffan bu’aa hojii foonii keessaa tokko. Gala 5:22
Akkaas eenaa kitaaba irraa hubannutti Qayel, Abeelin
inaaffaadhan ajjeese(Uma 4:1); Qaayel ni aare fuulli isaas ni
gurraacha’e obboleessa tokkichatti inaafee dhagaachan reebee
kophaatti isa galaafate. Xumurri Qaayelis gaarii hin
turre,inaaffaadhan hamma obboleessa tokkicha galaafachuutti
isa geese,kanaaf inaaffa gadheen hamtuudha. Akkasuma
seenaan Yaaqoobi fi Esawu waluma fakkaata. Esaawu
inaaffadhan waan guutameef,laphee isaa keessatti iddoo
dhiifamaa hin qabaanne,dulleemellee, xumura irrattis duuti
isaa gaarii hin turre. Ilaallaa obboloonni Yoseef ammo, nama
kudhan ta’anii Yooseffitti inaafan, abbaan isaa caalchisee
waan isa jaallatuuf,akkasumas waan gara fuula duratti ta’u
kan abjuun arge waan itti himeef,itti hinaafanii, alagaatti biyya
fagootti qarshii soddomatti isa gurguratan,Waaqayyo ammo
isa biyya Misiritti mootii isa taasise(Uma 37).
Daawit Filisxeemota irratti moo’anna argatee ennaa deebi’u,
mootichi Saa’ol ta’us, ‘Daawit kitila ajjeese, Saa’ol kuma
ajjeese’ jedhanii gaafa dubartoonni sirbaan simatan irraa
eegalee, Saa’ol Daawit irratti inaaftuu ta’e,kan Daawitiin
ajjeesuf itti gamu ta’e sanaan booddee xumurri isaa gaarii hin
turre. 1Sam 18:6
Wanti nama ajaa’ibu ammo, jireenya afuuraa keessatti illee
inaaffaa hamtuu maqaa Kiristoosin kan baatanii socho’an akka
jiru ennaa hubannudha.Phawuloos akki jedhe “ Obboloota koo
Gooftaan jiran keessaa harki caalan waa’ee hidhamuu koof
amanamanii, jecha Waaqayyoo akka dubbataniif,sodaa tokko
malee isa duraa irra ni onnatu; tokko tokko garuu, inaaffaa fi
walmorkiirraa ka’uun illee; gariin garuu fedhii gaarii irraa ka’uun
Kiristoosin ni lallabu”(Fil 1:14) . Egaa kana gaafa ilaallu,
inaaffaaf hamman namoota tajaajila afuurawaa keessa jiranis
hubdu ni hubanna, sanayyuu warra maqaa Gooftaa baatan
irratti. Kanaaf egaa Iyyoob, nama dadhabaa(sanafii) inaaffatu
isa balleessa jedha.Iyyoob 5:2
Furmaanni inaaffaa, ija nama irraa gara ofiitti deebisuudha.Hoj
ii manaa ofii hojjechuudha,of fakkaachudha, kennaa Waaqayyo
ofii ofii keenyaf kenne ilaaluudha malee, nama dhibi ilaalun
kajeellan akka duunu,kajeellanis gara inaaffatti akka nu
geessitu heyyamu hin qabnu.Kitaabni “ haa ta’u malee
hundumti hojii ofii isaa haa qoratu, sanaan booddee waa’ee
nama biraa miti, waa’ee ofiif kan dubbatu ni argata” Gala 6:4
jedha.
Waaqayyo laphee keenya inaaffaa hamtuurraa nu haa
eegu,inaaftuus nurraa haa qabu!

-------------------------
# 72
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Hin Kakatin!
Yeroo heddu namoonni wallalanis haa tahu beekkadhaan
yookan dubbii mi’eeffachuuf yookan ammo amanamaa
fakkachuuf yeroo irra deddeebi’anii kakatan ni dhagahama.
Namoonni Gabr’eelii! Maaramii, Mikaa’ela, Maqaa Waaqa….fi
kan kana fakkaataniin maqaa qulqullootaa fi maqaa
Waaqayyoo kakuuf yeroo heddu itti fayyadama ni agarra,ni
dhageenya. Gochi akkana kuni ammoo kitaaba qulqulluudhaan
dhoowwamaadha. Dubbiin keenya dhugaa yoo tahe
dhugaa,soba yoo tahe soba jennee lafa kaahuu qabna malee
kakuudhaan maqaa qulqulloota waamaa oolun dogongora.
Kan nama gaddisiisu ammoo namni dubbiin akkanaa kuni itti
barate,sobaanis maqaa Waaqayyoo fi qulqullootaa hoo waamu
dhageenya. Maaloo obboloota keenya hin kakatinaa.
Abboommii kurnan keessaa tokko “Maqaa Waaqayyo keetii
bilaashan hin kaasin; Waqaayyo nama maqaa Isaa
akkanumaan bilaasha waamu, yakka irraa isa hin
qulqulleessuti”(Ba`u 20:7) jedhamee barraa`eera.
Akka wangeelli jedhu dhugaa yoo tahe dhugaa,soba yoo tahe
soba haa jennu. Tokko tokko inumaayyuu maqicha bareechee
fi gabaabsee itti fakkaate, Abune Tekle Hayimaanootin
Takliyyee, Haadha keenya Kidaane mihiretiidhaan Kidiye,
Mikaa’eliidhaan, Mikye, Waqaayyoon Andiye fi kkf ofuma
moggaasee yoo kakatu agarra. Obboloota dubbiin akkanaa kun
iccitii maqicha fi hiikka maqicha akka faallessu hagam
keenyatu beeka. Maqaan Waaqayyoo bar akkasuman hin
dhahamu,yeroo rakkinaa, dhiphinaa, galateffanaati malee.
Maqaan Waaqayyo bar gamoo hin cabne, kan rakkataan itti
hirkatee rakkina isaa jala miliquudha, Maqaan Waaqayyo
fayyisaa dha, Maqaan gooftaa fi fayyisaa keenyaa Iyasuus
kiristoosis ammo ‘Maqaa maqaa caalu jedhameerahoo(Fil
2:9)! Kanaaf akkasuman hin dhahinaa ,ittiin hin kakatinaa.
Maqaan qulqullootas akkasuma hiikka mataa ofii qaba,kan
nuti akkuma barbaanne,jallisne, bareechine jennee waamnu
miti. Ergaa kana dubbii wangeela Gooftaa fi fayyisa keenya
Iyasuus Kiristoos dubbateen goolabna
Iyyasuus "'Sobaan hin kakatin, waan gooftaadhaaf kakatte
immoo fiixaan baasi!' jedhamee abbootatti akka himames
immoo dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, raawwattanii
hin kakatinaa! Samiidhaan hin kakatinaa" innoo teessoo
Waaqayyoo ti. Lafaanis hin kakatinaa, innoo ejjeta miilla isaa
ti; Yerusaalemiinis hin kakatinaa, innoo mandara mooticha
guddichaa ti” Mataa keetiinis hin kakatin, rifeensa tokko
addeessuu yookiis gurraachessuu, hin dandeessu. Dubbii
keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa ta'u, waawuun
keessanis waawuu haa ta'u! Kana irraa kan hafekan isa hamaa
ti jedhe

-------------------------
# 71
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:
Jara kana sadan of irratti hin GOOBSINAA!
Maqaa Waaqayyoo Isa hunda danda`uun!
“Kan namati hirkatu;isa foon uffates irree isaa kan
taasifatu,lapheen isaas Waaqayyorraa kan deebi`e inni
abaraamaadha” (Erm.17:7).
1.Mortuu,Xaxxuu,tabtaabii,`matatanyaa`matsaafgalaacii`:Jarreen kun keessumattuu warroota mana
kiristaanaa
keessa tajaajilan warra afaan Gi`izii beekan jedhaman kanatu
baayyata. Silayyuu amma namni afaanicha beeku xinnaa waan
ta`eef jarri sobdees waanuma fe`es yoo jedhan namootatti
dhugaa fakkaachuu mala. Warri imaamaa ol dheeressee
mataatti maratee mana kiristaanaa dahoo godhatee,diina
kiristaanummaa ta`uun deddeebi`u danuudha.Bataskaana
keenyatti maxxanee iddoo qulqullaa`atti deddeebi`aa duuban
hojii jibbamaa kanaan hamataman danuu dha. Warrootni
akkasii kun kan kudhaama namatti hidhan,kan tabtimee
namatti godhan,kan irree keessa waa nama awwaalu
jedhaman, kan namni akka raata`u afuura hamaadhan
gaggeeffaman,kan namni akka hiyyoommatu,akka joonja`u
`xonoqqolan` jiru.Warri Kitaaba laalan warri `awudanagastii`
gaggaragalchan jiru. Isaan akkasii kun afuura Waaqayyootin
kan hin gaggeeffamne afuura jibbamaan kan deddeebi`an,kan
wangeelli hin galiniif, wallaaltota malee jaalalli abbummaa
amantaa qabaachun ta`uufii hin qabu! Kanaaf akka hojii akkasii
akka dhiisan itti himuudha,didan mana kiristaanaa keessaa
deddeebi`aa hojii akkasii dalaguun ciigga`amaa waan ta`eef
akkuma shakkitoota fi haaromsitoota waliin tokkummaa hin
qabaanne,jara kana waliinis tokkummaa godhachuu hin
dandeenyu.
Ilaa hubadhaa bara Duuka Bu`ootatti namoonni yemmuu
amanan, `asmaatanyooti` illee ni amanan,maqaan Gooftaas ol
ol jedhe,ni kabajames.Kanarraas kan ka`e yeroo sanatti
kitaaba xonqolaa qarshii Kuma shantama(50,000) baasu
fidanii guban.(Hojii Duuka Bu`ootaa 19:19).Mee ilaalaa jaalalli
Gooftaa yoo nuuf galee qabeenya keenyallee hin
sassatnu,qarshiin kuma shantamaa yeroo sanatti hagam
guddaa akka ta`e hubadhaa.Kanaaf warra hardha kitaabota
akka `Awuda Nagastii` fi `Hatataa Manaafistii`..maaloo maaloo
of jalaan “gaabii jalan” baatanii deeman kanaaf nuti kabaja
isaanif hin malle laachuu qabnaaree? Ofirraa gaggeessutu
wayya malee ofiratti goobsutu cubbuudha.
Warri xaxxuu kun kan ofii hin qabne siniifan godha
jetti,namoota amantaan dadhabaa kanattis taphatti malee kan
ofii hin qabne eessaa fiddi? Sin sooromsa,sammuu cimaa
akka qabaattun si taasisa,fayyaa akka argattun si godha,akka
namni adda kee hin dandeenyen si godha, dhiira yks dubartii
barbaaddun siif…. fida jechuudhan afuura seexanaatiin
ajajamuun kan gabroomanidha. Isa Waaqayyo jedhetu ta`a
malee namni dhiphateef dheerina isaa irratti taakkuu takka
iyyuu hin dabalu jedha mitii wangeelli keenya? Namni
gabrummaa jala jiru yeroof yoo namaaf godheyyu boodden
isaa kan nama maraachudha.Kanaaf Isa Gooftaa Iyyasuus
bilisummaa nu baase, deebinee afuura moo`ame sanaan
bitamuun, ofirratti goobsuunis nuuf hin ta`u. Yeroof jarri kun
waa gochuu inuma danda`u garuu hin fulla`an malee,akkuma
xonqaayonni bara raaja Musee yoo inni bishaan dhiiga godhu
isaanis bishaan dhiiga gochuu danda`an yeroof inuma
fakkeessu,garuu hin fulla`an yoom Musee injifatan ree?(Ba`uu
7:22)
Ilaalii hubadhu,konkolaataa ati ittiin deemtu kana sammuu
namatu hojjete,xayyaaraa ittiin balaliitu kanas akkasuma
sammuu namaatu hojjete,rokkeettii ajaa`ibaa kan
pilaanetiiwwan nanna`anii odeeffannoo liphii ijaatiin nuuf
dabarsan kanas sammuu namaatu hojjete, “Saffisa ifaallee”
sammuu namaatu safare, moobayilii itti fayyadamaa jirtu kanas
sammuu namaatu hojjete,sammuun namaa kennaa fi
beekkumsa guddaan Waaqayyo waan gonfachiseef yoo
tattaafate waan danuu hojjeta.Kanaaf maal jara xaxxuu kana
ajaa`ibsiifannee,ulfeessinee kabajnaree jarana! Kanaaf maaliif
wara xaxxuu fi mortuu kana barbaanna,sammuu keenya isa
Waaqayyo nuuf kennetti haa fayyadamnu. Sooroma barbaadas
`sabsibee` godhannee maaliif farda seexanni gulufsiisu
yaabanna. Sooromas taanan abbootni keenya obsa qabeeyyin
akka Iyyoob sooressootaa mitii?,kan Waaqayyo kenneef.
Ammos dafqa ofiin sooromuunis inuma jira. Ammoos
hiyyeessa boossisaa sooromuurra bilisummaa sammuutiin
hirriba nagaa rafnee lubbuu keenya Jannata qabbanaa`aa
keessa osoo boqochiifnee hin wayyuu?
2. Raaja Sobduu:Gooftaan yoo nu akeekkachiisu maal jedhe
saniyyuu irra deddeebi`ee “ Raajota Sobduu irraa of eegaa
jedhe yeroo heddu yeroo heddu(Maat 7:21,Maat 24:11,1Yoh
4:1).Kan isin ajaa`ibu ammoo warra “Geetaa hoy,geetaa hooy”
jedhanidha jedhee nuttimeera. Animmoo maqaa kiyyaan jarri
kun daldalanis matuma, siruma, gonkuma isaan hin beeku
jedheerahoo! Isa Gooftaa Iyyasuus hin beekne nuti maaf
ofirratti moosifna? Hardha nuti kana hubachuun maaf nu
dhiba,wangeela irraa maaf fuula keenya garagalfanna? Warri
Geetaa Geetaa, Gooftaa Gooftaa? Jechaa oolu kan hojii nama
dhoorkan meeqatu jira? Raajota sobduu! Dur namoonni tokko
tokko wallaummaadhan waa barbaade qaallichaa bira dhaqatu
ture. Harka duwwaa ammoo miti kan dhaqu ,isaaf bitamuu,
isaaf gombifamuu isaa ibsuuf “mataarraa(maallaqa) qabatee
dhaqa. Amma ammoo haala ammayyaa`an raajota sobduutu
kallattii hundaan “dhangala`ee” agarra,isaan bira dhaqu.
Raajota sobduun kun maqaa Ulfaataa Gooftaa keenna Iyyasuus
Kiristoosin haa waaman malee wanta wangeela waliin hin
deemne wanta kiristaanaf hin malle hojjetu. Yeroo ammaa
kana baay`ina isaanii irraa kan ka`e walgurmeessuun hojjechu
qofatu isaan hafe. Kuni hundi maali hawaasa keenya kan
naafessu? Namni sa`aatii itti hojjetuu qabutti,karaa sirriin
beekuu qabutti ka jara kanatti deddeebi`u.Isaan warra `bofa
cininaa`,`marga dheedaa` jedhanii uummata waanii
wallaalchisanidha.Gooftaan raajota sobduu akkasi,kan ofumaa
`irraa of eegaa` jedhe kanarraa nu haa eegu.
Raajonni sobduun yeroo hunduma kan odeessitu waa`ee
nyaata dhugaatii,wa`ee qabeenyaa, konkolaataan keerratti
akkasi `xalla`i`,`borcii keerratti akkasitti `xalla`i`,`hardha wanta
addaa argatta`,`hardha qarshii argatta`,`waan kee anatti
agarsiise`...... maaloo maaloo jechuudhan waa`ee jireenya bara
baraa dhiisanii waa`ee qananii biyya lafaa kana kan
faarsanidha.Dubbiin isaanis namatti kan hin tolledha. Ammoos
afuurri nurratti bu`e jechuun kan nama yaabbatan,kan namni
akka itti sagadaniif godhan,kan jilbiibbin deemsisan,kan akka
malee isaan godhu, kan `raappii` godhan, kan daansii Maayikil
Jaaksoniin faarfanna jedhan, isa kana hunduma of irratti
goobsuun maalifi saba Waaqayyoo?Ijji keenyahoo maaf hin
banamne,kun dhimma amantaa qofa miti,dhimma hawaasa
doolomsuurratti qabsaa`uti malee!
Raajonni dur turaniiru bara kakuu moofaa. Isa agarreerra. Isaan
ammoo baay`ina kan qaban hin turre,Waaqayyo bara baraan
lakkoofsa isaanii xixqeessee isaan kaasaa ture malee.Kan
giddu gala godhatan dubbiin raaga isaanis fayyisuu Gooftaa
Iyyasuus dhufaatii Isaafii,guyyaa tokko fayyisaan akka dhalatu
abdii kennuu ture,darbees hojii badaarra akka deebi`an
uummata gorsuu ture. Agarreerra sana dhugaa, yoo samii
luugaman,yoo du`aa kaasan,yoo saba gabrummaa jala jiru
gabrummaa baasan, yoo boolatti gataman afaan leencaa kan
cufan,kan oso hin du`in ol fudhataman….kana hunda
dhegeenyeerra,kitaabarraa dubbifneerra,amanneerras!Isa kana
dhageenyeen amma “ani raaja” jedhee kan utaalu kana
fudhachuun akkamitti nuuf ta`a. Waaqayyo nu haa birmatu,ifa
nuuf kenne nurraa hin fudhatin,ija laphee keenyaa nuf haa
kennu,moo`annaas jara akkasii kana irratti nu haa argachiisu.
3. Qaallicha `abaarree si buqqisa,` `eebbisnee si badhaasa,`
`boora naaf qalaa,`gurraacha naaf qalaa, kana naaf godhaa
jettee sobaan uummata deegsitu.Yoo akkas gochuu baatte
hanga `abbaa torbaatti si buqqisa` kan jettu,isaaniif ammoo
aboo kana eenyutu kenne. Kunis hojii Waaqayyo Jiraataa
keessa galuudhaan “Yaa Gooftaa siif ifa anaaf dukkana”
jedhamanii kan itti dubbataman,kan ofii kan hin beekne kan
kee garuu anatu siif beeka kan jedhan, jiru. Kanaaf “qaallun
kan ofii hin beektu kan namaa raagdi” jedha Oromoon yoo
mammaaku. Keessumattuu guyyaa qulqullootni itti
yaadataman eeguudhaan,Gabreelii,Mikaa`ela, Maaramii,
yaamuudhan kan kudha afrii bulchan, isaan kun ammoo lubbuu
duutu hin qaban moo?
Yoo itti dubbatan,`nama qurxu nama baqaqsu` kan
jedhaman,kan namni ittiin wal abaaraa oolu,afuurri abaarsaa
Maqaa Gooftaa Iyyasuus Maqaa Maqaa Caalu kanaan(Fil 2:9)
isa hunda danda`uun nurraa haa cituuti! Dhaloonni keenya
wanta tokko yemmuu ta`e garmalee wantoota akkasiitti of
hidhee maaf jijjiirama dhaba.
Waaqa Jiraataa biraatti Waaqa biraa hin qabaatinaa,Gooftaa
nuuf fannifamee, du`ee bilisa nu baase maddiittis gooftaa
biraa hin uummatinaa. Inni Gooftaan keenya kophaa Isaatti
jabaa jabaa caaludha,haa amannu. “Inni Gooftaan keenya
kophaa Isaatti ardii fi samii kan diriise mitii,isammoo eennutu
isa gargaareree” jedham kitaabni!. Akka qulqullichi jedhe
“duunuus Isaaf; jiraannus isaan haa ta`u waadaan keenya!
Waaqayyo tokichatti akka seerri wangeelaa jedhutti haa
hirkannu malee nama bor du`ee awwaalamu,kan hardha jabaa
fakkaatu,kan takka yoo ture bakkaa dhabamu kanatti hirkachuu
kana yaa dhiisnu
Kitaabni” kan namati hirkatu;isa foon uffates irree isaa kan
taasifatu,lapheen isaas Waaqayyorraa kan deebi`e inni
abaraamaadha” jedha(Erm.17:7).

-------------------------
# 70
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"Akka an hin leeyyasifamnetti lapheen koo seera keetti


qabamee haa jiraatu" Faar 119 :80

"እንዳላፍር ልቤ በሥርዓትኽ የቀና ይሁን" መዝ ፩፩፱ ፥፹

# Akka mana kiristaanaa Ortoodoksi Tewaahidootti namni


tokko hagamillee gaarii yoo ta'ee fi kennaa kamiinuu yoo
qabaate fooniin biyya lafaa kana irra osoo jiruu qulqulluu,
qajeelaa, tolaa hin jedhamu. sababni isaa inni har'a gaarii ta'e
bor hamaa, inni qajeelaa ta'e bor jal'aa ta'uu waan danda'uuf.
# Kana malees utuu fooniin lafarra jiruu maqaa isaatiin tsaballi
hin moggaafamu, fakkiin jaraas kaafamee fuulduratti hin
kadhatamu, maqaa jaraatiin kiristaanonni xoofoon walitti hin
qabaman. erga boqotaniin booda garuu akka qabsuuraa fi
waadaa waaqayyoon biraa qabanuutiin kun hunduu ni
taasifamaaf.
# Qulqulloonni qulqulluu jedhamuu hin barbaadan, qabsuurri
isaaniis biyya lafaa irratti akka dubbatamuuf hin fedhan.
heedduu isaanii iddoo itti boqotan namni beeku hin jiru.
".... lafa duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa
keessa jiraatan" akkuma jedhu. Ibro 11:38
# Jarri kiristoosiif dhugaa ba'aniiru. Kiristoos immoo tsabala
maqaa jaraatiin moggaafame irra buluun dinqiiwwan gara
garaa hojjechuun, fakkiiwwan qulqullaa'oo jaraa irra bulee
qulqullummaa jaraatiif dhugaa ba'eera. Kunis qulqulloonni ,
qajeelonni waaqayyoon biraa waadaa waan qabanuufidha.
Issay 56:3-6
# Abbaa keenya armaan gaditti fakkii isaanii argitan kun nama
gaarii fi yeroo ammaa kana lubbuun lafa kana irra jiranuudha.
akka dhuunfaatti nama kana baay'een jaalladha, baay'een
kabajas. garuu fakkii isaanii kaasuun fuuldura dhaabbatanii isa
namoonni waaqayyoon kadhatan, qoomma'an (sagadan)
cimsee nan morma. Gochi kunis seera mana kiristaanaatiin
ala. Abbaan keenya kunis gochaa akkasii waan deeggaran natti
hin fakkaatu. isinis gochaa akkasii irraa akka of qusattan isinan
gorsa. warri akkas gochaa turtan immoo gara waaqayyootti
deebi'aan dhaamsa kooti.
# Eebbi waaqayyoo nurraa hin fagaatin"

-------------------------
# 69
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Gorsa Gabaabduu
"""""""""""""""""""""""""""""""
# Gonkumaa # Abdii Hin Kutinaa!
# isin Ijoollee Kakuuti!
# Isa nurra qaqqabee ol inni nuuf qaqqabe waaqayyo guddaa
dha.
# Ani garuu # Abdiidhaan gara waaqayyoo nan ilaala. waaqayyo
koo isa nafayyisu nan eeggadha. waaqayyotu anaaf dhaga'a!
# Ani kufeera! garuu deebi'ee nan ka'a, dukkana keessa nan
jiraadha, waaqayyo garuu ifa kooti.
# Yaa diinota koo anatti hin gammadinaa! ani waaqayyoon
waanan yakkeef hamma inni dubbii koo ilaalee # dhugaa koo
anaaf baasutti dheekkamsa isaa isa boba'aa nan baadha. inni
gara ifaatti na baasa, ani immoo qajeelummaa isaa ilaalee nan
gammada.
# Diinni koo warri waaqayyo gooftaan kee # eessa jira ? anaan
jedhan kana in argu. # yeelloonis isaan in qabata. karaa
keessattis akkuma # kosiitti yeroo # dhidhiitaman nan arga.
# Mikiy 7:7-10
Ameen!
Ameen!
Ameen!

-------------------------
# 68
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"Giddu galeessa kakuu haaraa" ibr 12:24


"Waaqayyo tokkotu jira namaa fi waaqayyoon gidduu immoo
# giddugaleessa tokkotu jira innis nama kan ta'e iyyesuus
kiristoosiidha." 1Xim 2:5
"Gara giddu galeessa kakuu haaraa isa ta'e gara dhiiga
iyyesuus isa dhiiga Abeel caalaa wayyuu , dubbatu biras ga'uu
keessan."
Ibro 12:26
# Iyyesuus Maaliif giddu galeessa jedhame?
1ffaa Foon namaa waan uffateef.
# sagalichis nama foonii ta'ees, nu gidduu buufate. ulfina isaa
isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine. Yoh 1:14
"sanyii Abrahaam malee kan qabe sanyii ergamootaa miti"
akkuma jedhu. Ibr 1:16
# gooftaan keenya iyyesuus kiristoos nama ala ta'u waaqa,
waaqa ala ta'us nama dha.

amala namaas ta'ee amala waaqaa waan qabuuf (ፍፁም ሰው

ፍፁም አምላክ ስለሆነ) giddu galeessa jedhame.


# dhugaadha iyyesuus cubbuudhaan ala waan hundaanuu
nama ta'eera. nama ta'uu isaatiinis beela'eera, dheeboteera,
reebameera, awwaala alaazaarirra dhaabbatee boo'eera,
du'eeras. kun hundumtuu amala namaati malee amala
waaqayyoo miti. garuu iyyesuus waaqa ta'uu isaatiin bishaan
gara daadhii wayiniitti jijjiireera, alaazaariin du'aa kaaseera,
dhakaa narraa kaasaa awwaala naaf banaa osoo hin jedhin
man'dhee du'aa moo'ee du'aa ka'eera. Yoha 2:1-12, 11:36 Mat
28:1-4 "du'i isa qabuu hin dandeenye" akkuma jedhu. H/erg
2:24
# iyyesuus moitii (goota) du'a moo'edha. nuyis ijoollee
mootiiti.
# Kanaaf egaa gooftaan keenya iyyesuus kirstoos amala
namaas amala waaqaas waan qabuuf qulqulluun phaawuloos
giddu galeessa namaa fi waaqayyoon gidduu jiru jedhee

dubbateera. garuu shakkitootni (መናፍቃን) 'giddu galeessa' isa

jedhu kana fudhachuudhaan iyyesuus waaqa Abbaatii gadi


namaa ol ta'ee gidduu namaa fi waaqayyoo dhaabbatee kan
araarsuudha jedhanii sagalee waaqayyoo jallisuun yeroo
lallaban ni dhagaa'ama. giddu galeessa kan jedhu gonkumaa
araarsummaa wajjin wal hin simu (wal hin argus). Iyyesuus
Abbaa Isaa wajjin aangoodhaan , taayitaadhaan ,
waaqummaadhaan tokko dha. Yoh 10:30, 14:7-10
# iyyesuus kiristoos giddu galeessa jedhamuun isaa nama gatii
ta'eef qofa osoo hin taane gaafa guyyaa jimaataa gamoo
cubbuu namaa fi waaqayyoon gidduu jiru balleessuun

nageenya buusee gidduudhaa nama haaraa uumee furii (ቤዛ)

dhala namaa ta'uun namaa fi waaqayyoon gidduutti fannoorra


ooleera. Effes 2:14 "kunis yeroo isaatti dhugaa baafameedha"
jechuun giddu galeessummaan isaa yeroo foon uffatee ture
akka ta'e ni agarsiisa. 1Xim 2:6
# keessumattuu kitaaba qulqulluu afaan oromoo harka

shakkitootaa (መናፍቃን) guutee jiru irraa 'giddu galeessa tokko'

isa jedhu gidduu dhaabbatee namaaf waaqayyooon kan walitti


fidu jechuun inkirdaada itti dabalanii barumsa sobaa jaraa isa
iyyesuus araarsaadha jedhaniif luqqisa (xiqsii) qopheeffataniir
u. Ofeeggadhaa!!!!
2ffaa gooftaan keenya iyyesuus kiristoos fannoo irratti
fannifamee dhiiga isaa osoo hin dhangalaasin dura aarsaan
dhiyaachaa ture dhiiga hoolaatiifi reettii ture. Aarsaa dhiiga
hoolaa kanaan dhiifama cubbuu argadhaa jedhee kakuu kan
kenne (raawwate) isa ta'ee osoo jiruu garuu dhiiga hoolaa fi
reettii irra kan caalu qofa osoo hin taane dhiiga Abeel irra kan
caalu dhiigaa fi foon ofii isaa dhiifama cubbuutiif nuuf kenne
kakuu duraanii haquun kakuu haaraa nuuf hundeesse. "kun
dhiiga koo isa dhiifama cubbuutiif dhangala'u isa kakuu
haaraaati" akkuma jedhu. Mat 26:26
-dhiiga Abeel irras kan wayyu kan jedhameef dhiigni Abeel
cubbuu dhaalaa irraa kan hin qulqulloofnee fi ofii isaayyuu
fayisuu kan hindandeenye , obboleessi koo 'Qaayen' na ajjeese
jedhee kan komatu fi himatu (kasasu) ture. dhiigi iyyesuus
garuu cubbuu irraa kan qulqullaa'ee fi namoota baay'ees kan
fayisuu dha. akka Abeelis Ayihuudotni na ajjeesan jedhee kan
hin komannee fi hin himanne (kasasne) dha. kanaaf ni caala
kan ittin qixxaatus hin jiru. Erga dhiigni isaa dhangala'een
booda manni kiristaanaa aarsaan hoolaaf reettii dhiyeessitu
hin jiru. al tokko dhiigni ilma waaqayyoo waan dhangala'eef
(aarsaa ta'eef).
# Tajaajila luboota kakuu moofaa fi luboota kakuu haaraatiifis
ta'ee garaagarummaa sirna muudamaa fi Aboo jaraatiif giddu
galeessi iyyesuus kiristoosii dha. kanaaf giddu galeessa
jedhame....
Ameen.
""""""""""""""'''''''''''''''''''''''''''"/////////"""'''''''''''''

-------------------------
# 67
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

1.l.1. "KADHANNAADHAAF KA'AA"


Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokko
Ameen!!!
Manni kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo keenya yeroo
hundumaa "kadhannaaf ka'aa" jettee ijoollee (amantoota)
ishee yayyaadachiftii ykn dadaammaqsiiti. Sababiin isaas
namoonni hedduun beekaniis ta'ee osoo hin beekiin amantaa
irraa, hojii gaarii keessaa, waaqa isaanii kadhachuu irraa yeroo
itti dalagan jira. Manni kiristaanaa immoo warra waaqa isheetti
amanan hunda dagannaa kana keessaa ka'aanii akka
kadhannaan jabaatanitti yeroo hundumaa ni dadaamaqsiti.
Bara kakuu durii keessa seera lapheetii eegale Waaqayyo
tajaajiltootaa fi Ergamtoota isaa irra bulee warrii isa amanan
kadhannaaf, aarsaa dhiyeessuf, uummata isaa akka
tajaajilaniif, mataa isaaniis ta'e kanneen biroo du'a bara baraa
keessaa akka fayyisaaniif dadammaqsaa tureera. Isa bara
kakuu haaraa keessaa yoo ilaalle immoo kan bara kakuu durii
caalaatti Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos nama ta'ee biyya
lafaa keessa deddeebi'uun kan barsiise dhalli namaa hundi
diina isaa seexanan gowwoomsamee akka waaqa isaa irraa
adda hin baanetti, Jireenya bara baraa akka argachuu qabutti
cimsee barsiiseera. Gooftaa fi fayyisaan keenya uumama
maraaf fayyina bara baraa kan kenneen alatti bartoota isaa,
hayyoota isaa fi Beektotaa isaa ergeetu akka Amantoonni isaa
amantaan fi kadhannaaf jabinaan dhaabtaniitti dadamaqseera.
Har'as manni kiristaanaa qajeelfama (Baruumsa) uumaa ishee
irraa argatteen yeroo hundumaa waggaatii hanga waggaatti
sa'aatii kadhannaa ishee eegdee (kabajjee) akka nuti
kadhannaatiin jabaannuuf nu waamti, nu yaadachiifti, nu
jajjabeessiti. Haa ta'u malee akka walii galaatti jecha "
kadhannaadhaaf ka'aa" jedhuu kan yeroo jalqabaf eenyuutu
dubbatee yoo jedhame seenaan isaa gabaabinaan akkanaa :-
Yeroo jalqabaaf " kadhannaadhaaf ka'aa" jedhee kan
dammaaqsuu jecha ajajaan makaa kana kan eegale abbaa
namoota hundaa Addaamidha. Kunis hangafni namoota maraa
Addaam dogoggora (balleessaa) isaatiin yeroo jannataa
keessaa ari'amee turetti Waaqayyo " Foon kee uffaadhee,
sanyii keerraa dhaladheen, biyya lafaa keessatti gidiraa argeen,
fannoo irratti fannifameen, du'een, du'a kootiin du'a ajjeeseen
gaafa guyyaa 3ffaa du'ee moo'ee ka'een si fayyisa (bittaa
seexanaa jalaatii bilisa si baasa) jedhee waadaa galeefii ture.
Waadaan kunis kan raawwatu guyyaa shanii fi Walakkaatiin
booda dha. Jechuunis bara ykn waggaa kuma shanii dhibba
shaniin booda bilisa baatee gara bakkakee dura gara
jannataatti deebita jechuun waadaa galeefii ture. Addaamis
kufaati isaatiin booda guyaa fayyina isaa kana abdiitiin
eeggachaa tureera. Boqonnaa (du'a foonii isaan) dura yeroo
lafa irra tures, du'a isaatiin boodas lubbuu isaatiin Sii'ooli
keessatti guyyaa fayyinaa kana abdii guddaatiin eegaa tureera.
Haaluma kanaan guyyaan fayyinaa sun guyyaan jimaataa yeroo
Gooftaan Fannoo irra oole sana abbaan keenya Addaam
lubbuuwwaan sii'ool keessa jiraan hundaan " kadhannaadhaaf
ka'aa" jedhe. Akka barumsa hayyootaa mana amantaa
keenyatti Addaam kana jechuun isaa Waaqayyo yoo nu
fayyisuu dhiise ta'ee kadhannaatiin garaa laaffifannaa jechuuf
yoo nu fayyisuuf dhufaa jira ta'e immoo kadhannaatiin isa
simanna jechuu isaati dha. Yeroo kanatti lubbuuwwaan sii'ool
"Maaloo dhiifama nuuf godhii ykn taasisi" jechuun
kadhataniiru. Gooftaan keenyas battaluma sanatti qaama
lubbuu isaatiin isaan gidduutti argamee " Nagaan isiniif haa
ta'u" jedheen. Sii'oolitti ifa akkenyummaa isaa ibseef " 1ffaa
pheex. 3:19.
Yeroo sanatti lubbuuwwan "Afuura (nagaa) kee wajjiin" jechaa
sii'ool keesaaa ba'aniiru. Lubbuuwwaan kun fuula (bifa gooftaa
arguun isaanii fayyina ta'eefii (akka cuuphaatti lakkaa'ameefii)
guyyuma sana jannataatti galuuf danda'aniiru.
"HIIKA KADHANNAA"
Kadhannaaa jechuun afaan Gi'iiziitiin " Tsallayee" afaan
amaaratiin "lammane" Afaan oromootiin immoo "kadhate" kan
jedhu yoo ta'uu hiikni isaa galateeffannaa, kadhaa, faaruu kan
agarsiisuu dha. Galannii fi kadhaannaan isaas kan
dhiyeeffamuu gara isa hunda uumee, hunda sooruu fi hunda
hoogganuu gara Waaqayyo ol aanaattiidha. Kadhannaaan
namaa fi Waaqayyoon kan wal quunnamsiisu waan ta'eef hiikni
isaa gabaabaatti Waaqayyo wajjiin dubbachuu ykn haasa'uu
jechuudha.
maddaa?
Haqa murtii moot keeyy 14 " kadhannaan namni Waaqayyo isa
ol aanaa waliin dubbachuu dha ykn marii'achuu dha."
Kallattii gabaabaatiin hiikni kadhannaa kana yoo fakkaatu irra
caalaatti " kadhannaan maalii?" Isa jedhuuf :-
Kadhannaaa jechuun :- mataa gadi qabachuun, yaada qajeela
ta'een, qalbii ofii Gooftaatti dhiyeessuun, qulqullinaa fi yaada
hamaa irraa fagaachuun fuuldura Waaqayyoo dhaabbachuun,
jaalalaan, afuuraan, ifaan Waaqayyo wajjiin dubbachuu dha.
Kunis dhuunfaanis ta'ee waldaatiin bakka jeequmsi hin jirreetti
walitti qabamuun sammuuttin kan qabatanis ta'e kitaaba irraa
dubbisuun dhageessisuun, danda'amnaan yeedaloon uumaa
ofiif galata, kadhaa fi aarsaa dhiyeessuun raawwatama. Waan
ta'eefuu kadhannaan namni Waaqayyo ol aanaa wajjiin kan
ittiin dubbatu dha.
KADHANNAAN WALITTI DHUFEENYA AFUURA QULQULLUU
WAJJIIN TAASIFAMUUDHA.
Afuura qulqulluu wajjiin wal quunnamuuf immoo laphee
qulqulluutu barbaachisa. Waaqayyo qulqulluun onnee (yaada)
cabeen ta'ee, afuuran liqimsamee nama kadhatuu barbaada.
Yoo kana hin taane garuu jechoonni waan baay'ataaniif
,sosocho'uun hidhii (afaan) keenyaa qofaan kadhannaan
dhiyaatuu bu'aa hin qabu.
Dhimma kanaanis Waaqayyo yeroo Yihudoota qeequu
(komatu) akkana jedha
Isaay 29:13,Maat 15:10 " Sabni kun afaan isaatiin gara kootti
dhiyaateera,hidhii isaatiinis na kabaja onnee (lapheen) isaa
garuu narraatii kan fagaate dha." Kadhannaaan onnee (yaada)
ofii waaqayyoof banuudha.
Qulquluu Yohaannis inni Asiyuut "kadhannaa qulqulluun maalii
dha " jechuun yennaa isa gaafatanitti " Addunyaaf du'uudha"
jechuun deebiseera. Lapheen fedha Addunyaaf kan du'e yoo
ta'e namni kadhannaa irra jiru sun waa'ee dhimma biyya lafaa
yaaduun hin dhiphatu. Namni yeroo kadhannaa irra jirutti
Waaqayyoon alatti yaada isaa keessatti waan yaadamu
jiraachuu hin qabu.
# KADHANNAAN # MOOTII # SAMII # DURATTI # DHIYAANNEE
# KAN # ITTIIN # DHAABANNUUDHA
Isaa wajjinis kan ittiin dubbannu riqicha afuuraadha.
Qulquluu Maar yisihaaq "Akkuma daa'imni abbaa isaa wajjiin
taphatuttis (haasa'uttis) Waaqayyo ol aanaa wajjiin haasa'i"
jedhamee akkuma dubbatame.
Raajaan Eeliyaasis
1ffaa moot 18:15 " fuuldura isaa kanan dhaabadheef Gooftaan
raayyotaa Waaqayyo jiraataatiin ani har'a isaan kanan ifa ba'a
ykn mul'adha." Jedha.
Mootummaan biyya lafaa tokkoo raayyota waraanaa hedduu,
loltoota, hoggantootaa fi qondaaltota hedduu yoo
qabaateeyyuu kabaja isaaf jechaa mooticha dura kan
dhaabachuu danda'an garuu muraasa dha. Akkasuma kabajni
mootiin biyya lafaa kanaa raayyota isaatiin beekamu mootiin
mootataa waaqayyos kabajni isaa kan beekamu namoota
dammaqina onnee waliin kadhannaaf tattaafataniin mul'ata.
Qulquluun Yohaannis Af-warqeen " Mootiin biyya lafaa warra
muraasa qofa dhaga'a, Waaqayyo garuu kan isa dubbisuu
barbaaduu hundumaa ni dhaga'a" jechuun akkuma dubbate
Waaqayyo yaada isaanii tasgabbeessani warra isa yaaduun
kadhatan hunda ni dhaga'a. Kadhannaa isaanii dhaga'uu qofa
osoo hin ta'iin ulfina (kabaja) isaa isaaniin mul'isa. Kunis
raajaa museen guyyaa 40 fi halkaan 40f nyaataa fi dhugaatii
irraa fagaatee Waaqayyo wajjin fuullee fulleetti, jecha jechaan
yeroo dubbataa turee Tullee sana irraa bu'eeti Aaroonii fi
uummaanni Israa'eel fuula isaa hanga ilaaluu dadhabanitti gara
isaatti siquu hanga dadhabanii fi fuula isaaniitti haguuggii
taasifaatanii akka isaaniin haafofsiisuuf gaafatanitti ga'aniiru.
Kunis kabaja Museen Waaaqayyo irraa argatee fi michummaa
Waaqayyo wajjin qabu kan agarsiisedha. Seer. Ba'u 34:29-30.
Abiddi mukaan boba'ee akkuma mul'atu akkuma kana kabajni
waaqa keenya waaqayyoos qulqullootaa isaan mul'ata.
Kanaafuu fayyuu dhala namaa hunda kan fedhuu fi yeroo
hundaayyuu warra isa kadhatan dhaggeeffachuu irraa kan hin
dagannee Waaqa dhugaa waan qabnuuf kadhannaatti
jabaachuun nu barbaachisa.
Galanni Waaqayyoof haa ta'uu Ameen.
Dubbisa gaarii
Yaadaa,gorsaa fi yaada jajjabeessa, gaaffii yoo qabattaan
karaa # fikadumoss21 @gmail.com message whatsapp ,fb
telegram, imo ....
na dubbisuu mirga guutuu qabduu.
Horaa bulaa

-------------------------
# 66
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

''Waa'ee Tsoomaa'' ስለ ፆም

KUTAA 5 ffaa
# Maaliif Foonii fi bu'aa loonii tsoomna?
# Cubbuu malee Miidhaan maaliif tsoomna?
@ Gaaffiin jalqabaa namoonni tokko tokko nyaata akkaa foonii,
aannaan, killee, dhadhaa fa'a maaliif tsoomama? jechuun
gaaffatu. Dursinee kaayyoon tsoomnuuf beekuun
barbaachisadha. Kiristiyaannii tokko kan tsoomu, fedhii foonii
isaa to'achuun fedhii lubbuun jiraachuudha. Fedhii foonii kan
hafuuraaf bituuf immoo ofii sa'aatii murtaawaaf beellessuun,
dadhabsiisuu qaba. Duukaa bu'aan Phaawuloos " Ani garuu
hafuuraan gaggeefama jiraadhaa malee fedga fooniin hin
gaggeefaminaa jedha fedhiin hafuuraa fooniin morma, fooniis
hafuuran morma, isin waanuma jaallattan akka hin gooneef
isaan lamaanuu waliin mormu" jechuun wal mormii foonii fi
hafuura caafe. Gal. 5÷16-17. Fooniin cimee akka lubbuu
mormuuf kan gargaaruu nyaata, Dhugaatti, Sirbaa --dha.
Lubbuun jabaate foon mormitee akka mo'attu tsooma, kadhaa,
jilbeeffannaa ishee barbaachisa.
* Nyaanni foonii fi bu'aan loonii immoo qaama namaaf ykn
fooniif ntaata biqiloota caala fayyada. Kaayyoon keenyaa foon
gidirsuu waan ta'eef isaan kana dhiisnee.
* Kitaabaa Qulqulluu fi abboota duraanii tsoomanii tsoomii nu
barsiisan irraa kan baranneedha.Ji'aa Tsoomaa foonii fi
dhadhaa dhiisnee biqiloota qofa soorachuu kitaabni qulqulluun
akkas jedha:-
# Waaqayyoon yeroo Addaam uumee gannaatti keessa
teechiseetti nyaanni inni kenneef biqiloota malee fooniif
dhadhaa miti. Waaqayyoos " Kunoo soorata akka isiniif ta'aniif
fuula lafaa irraatti facaasaa, isaaniisbkan qaban lalisaa hunda
firii kan buusuu mukaa sanyii qabu hundaa kenneef " jedha. Se.
Uum. 1÷29.
# 2:- Waaqayyoon saba Israa'eel Gammoojjii siinaa keessatti
Mannaa samii irraa buusee bishaan kattaa irraa burqisiisee
soora ture. " Mannaan kunis akka haphee urgaa'uu
( dinbilaalaa) kan fakkaatu waan akka gosa miidhaani turee
jarris asii achii deemun guuruu-------- xuwweetti affeelu
bixxillee bixxilu---. jechuun foon osoo hin taane biqilaa akka
soore ragaa baha. Se. Lakk. 11÷7. Haala kanaan osoo jiranuu
Muuseetti gungumuun foon hawwineera jechuun foon
kennameef. Garuu kan hawwaan osoo hin sooratiin kan
ciiffataan osoo hin nyaatiin akkuma ilkaaniin alaalchuu
eegalaniin dheekkamsi waaqayyoo isaan irraatti bu'ee isaan
unkure. Se. Ba. 11÷33.
As irraatti waaqayyoon yeroo Israa'eloonni foon nyaatan
maaliif dheekkamee yoo itti tolee waaqayyoon isaanii akka hin
daganneef . Nutis yeroo tsooma kan foon dhadhaa dhiisnu
nutti tolwe fedhiin foonii keenya kan lubbuu keenyaa akka hin
moo'anneefidha.
#3:- Dargaggoonni afran baabilooniin booji'amaan,
( Bilixaasoor, Sidiraaq, Abdanaagoo fi Misaaq ) Daani'eel,
Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eel yeroo mana mootummaa
Mooticha Baabiloon Naabookanaatsoor turaniitti nyaatni isaan
nyaatan biqiloota malee foon miti. Daan. 1÷8-15.
#4:- Laphee Waaqayyoo Kan ta'ee Mootichii Daawwit " Humni
koo tsooman dadhabeera, foon koo dhadhaa waan dhabeef
huuqqate " jechuun yeroo tsoomii dhadhaan akka hin
nyaatamne hime. Faar. 108÷24.
#5:- Raajaan Daani'eelis " Ji'a sana ani Daani'eel, torbee sadii
guutuu gaddaan ture buddeena haftuu illee hin nyaanne
FOONII fi bookaan illee afaan koo hin seenee ji'aa sadii
hangan xummurutti dibatas hin dibannee" jechuun foonii fi
dhugaatiin ji'a tsoomaa dhoorkamuu ibse. Daan. 10÷2-3.
Dhugaan kitaaba qulqulluu kana fakkaatti nutis daandii
abboota keenyaa, raajoota qabannee waan jiruuf yeroo tsooma
foon laganna. Wanti hubatamuu qabuu foon kan lagatamuu
nama xurreessaaf miti. Foon keenya akka Daawwitti huuqisnee
ykn gadi qabnee too'achuuf. 1Xim. 5÷23.: Fkn. 23÷31-35
# Cubbuu tsoomudha malee nyaata tsoomuun?
Nammoonni hedduun osoo amanaa jiranuu fi shakkittoonni ni
gaafatuu. Cubbuu kan hojjennuu yoovfoon keenyatti toleedha.
Foon keenyaa yoo itti tolee dalagaa isaa gaggeessa. Isaaniis,
Lola, Machaawuu, Sirba, Jibbiinsa, --- . Gochoonniin kunniin
immoo cubbuudha. namoonni gochaa kana raawwatan
mootummaa waaqayyoo akka hin dhaale duuka bu'aan
Phawuloos barreesseera. .Gal. 4÷15-24. Kan lubbuu immoo
jaalala, gaarummaa arjummaa fa'a. Ega ergaa Phaawuloos
warraa galaatiyaa kana keessatti foonii fi lubbuun waliin
mormu. Kanaaf Foon nyaataaf dhugaatti akka fedhetti argate
kadhannaa yaadata? kadhataa? sagadaa ? waaqayyoo
waaqessaa? hin raawwatuu. Maaliif dalagaan foonii waaqa
waaqeessuu miti Waaqa tolfamaa waaqessuudha. Kun immoo
cubbuudha. Nyaata halkanii guyyaa nyaachaa foon keenyaaf
yaadaa cubbuu irraa ni fagaannan soba. Dursaa cubbuu
tsoomun dura nyaata tsoomun hedduudha.
# Mee bara bishaan badii yaa laallee namni nyaate dhugee
sirbee sagaagaleetti kan bishaan badiin bade. Warra Sadoom
yoo kaafne isaaniis akkasumaa nyaatanii dhuguun waaqa
isaanii dagatan. Nyaanni biyyaa lafa kana cubbuuf ni geeddara
malee faayidaa nuuf hin kennuu. Nyaanniif dhugaattiin jireenya
bara baraa nuuf kennuu foon fi dhiigaa gooftaati. Kanaaf
Wanti hunduu wal duraa duuban qaba. Fkn 1 osoo hin jennee 2
hin jennuu yoo dhuggummaan lakkoofne. Akkasumas nyaata
tsoomne foon keenyaa osoo hin dadhabsiisiin cubbuurraa na
fagaadhanis waan hin danda'amneedha. Kun formulla nyaata
tsoomuu dadhabuu shakkitoota fi gantootati.
@ walumaa galatti manni kiristiyaanaa nyaata foonii fi
dhadhaa akka tsoomamu kan labsitu kitaaba qulqulluu irraa
dhaabbachuudhan. Nyaanni kunninis foon keenyaatti sirriitti
tolu. Fooniif haalli tollaan lubbuu mormee cubbuutti nu
geeddara. Kanaaf dursinee nyaata tsoomne foon keenya
dadhabsiisnee lubbuu jabeesinee cubburra fagaannu. Cubbuu
tsoomun dura nyaataa tsoomni foon keenya dadhabsiisu. foon
dadhabuu baannan cubbuun nurraa hin fagaatu.
""""""""""""""""""-------------"""""""""""
Kutaa 6 ffaan itti fufaa
Galannii Waaqayyoof Yaa ta'uu.
Ameeen.
Wolde Michael ( Gutema)
13/072011 . E.C

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko


Ameen.
"ana irraa baradhaa." Mat 11:29
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""''"''"""
KUTAA AFUR
# Gaaffilee tsoomii ilaalchisee qaamota adda
addaatiin ka'an fi deebii isaanii.
# Meeshaan cimaan diina keenya diyaabiloosiin ittiin moo'annu
fi waaqayyoon biraa eebba ittiin arganu tsomii fi
kadhannaadhani. kana waan beekuuf seexanni kiristaanonni
tsoomaanii akka waaqayyoon biraa eebbaa fi humna ittiin isa
mo'atan akka hin arganneef karaalee adda addaatiin sababa
uumanii akka tsoomii dhiisan taasisa.
# Gaaffilee tsoomii irratti ka'an.
1. "Waanti afaan namaa lixu xuraa'aa nama hin godhu." Kanaaf
hin tsoomnu. Mat 15:11
# jechi kun gonkumaa tsoomii wajjin kan wal argu miti. kan
achii gadi gale (waanti afaan namaa lixu xuraa'aa nama hin
taasisu osoo ta'ee Abbaan Keenya Jalqabaa Addaam firii
biqiltuu balas nyaatee gannataa hin ariyatamu ture. kanaaf inni
afaan namaa lixu nama ni xureessa. S/umam 3:6-10
# kutaa kana irratti gooftaan keenya iyyesuus kiristoos akkas
jedhee kan dubbateef fariisonni fi barsiisonni seeraa gaaffii
jarri gaafataniif deebii kennuuf ture. Gaaffiin warra fariisotaas
"bartoonni kee maaliif seera muka abbaa keenyaa cabsu???
osoo harka hin dhiqatin maaliif si'ii wajjin nyaatu???" jedhanii
gaaffii gaafataniif namoota ofitti waamee deebii ala kennu
"dubbii koo dhaga'aa! hubadhaas waanti afaan namaa lixu
xuraa'aa nama hin godhu. waanti afaan namaa keessaa ba'u
garuu xuraa'aa nama godha." jedhee deebii laatesraaf. Mat
15:1-12
# egaa fariisonni gaaffiin jaraa bartoonni (duuka buutonni) kee
maaliif hin tsooman? jedhanii hin gaafanne. maaliif harka utuu
hin dhiqatin nyaatu?? jedhaniiti kan gaafatan. akka seera warra
fariisotaatti osoo harka hin dhiqatin nyaachuun akka qaanii fi
aadaa cubsuu, darbees akka cubbuutti waan ilaalamuuf gaaffii
kana gaafatan. isa kanaaf gooftaan deebii kenne. harka utuu
hin dhiqatin nyaachuun lubbuu nama hin xureessu. kan lubbuu
namaa xureessu yaada hamaa isa lapheetti yaadamee afaan
namaa keessaa ba'uu dha. kunis nama hamachuu, sobuu,
dubbii waaqayyo keessa hin jirre dubbachuu fi kkf 'ntu lubbuu
namaa xureessa jedheen.
2. "tsoomiin hin barbaachisu iyyesuus nuuf tsoomeera." kanaaf
hin tsoomnu.
# gooftaan keenya iyyesuus kiristoos kan tsoome gonkumaa
gatii cubbuu qabuuf osoo hin taane tsoomii nu barsiisuufi dha
kan tsoome. gatii inni nuuf tsoomeef hin tsoomnu kan jedhan
yoo ta'e gooftaan nyaateera maaliif nyaanna? cuuphameera
maaliif cuuphamna? du'eera maaliif duunaa????
"Nyaanni gara waaqayyootti nu hin dhiyeessu." akkuma jedhe
gara waaqaygootti kan ittiin dhiyaannu tsoomii fi
kadhannaadhani waan ta'eef haa tsoomnu. 1Qor 8'8
3. Kan tsoomamuu qabu cubbuu qofa dha. kanaaf hin
tsoomnu.
# Kiristaanni cubbuu tsoomuu kan qabu roobii fi jimaata,
torban tokkoof ykn torban lamaaf osoo hin taane bara jireenya
isaa guutuu cubbuu tsoomuu qaba. kiristaanni tsoomii cubbuu
yeroon inni itti qabee cubbuu tsoomu ykn yeroon inni itti hiikee
cubbuu hojjetu hin jiru. kanaaf haa tsoomnu.
4. Jireenyi barichaa iyyuu tsoomii dha. kanaaf hin tsoomnu.
# Yeroo jireenyi nutti tolu tsoomnee , yeroo jireenyi nutti badu
tsoomii dhiifnee kan waaqayyoon irratti gungumnu ta'uu hin
qabu.
hinumaayyuu yeroo rakkannu (dhiphannu) waaqayyyo dhiphina
nutti dhufe keessaa akka nu baasuuf dhuunfaa keenyaanillee
akka Asteer, Nehimiyaa, Daani'eel fi Iyyoosaafiix tsoomaa fi
kadhannaan gara waaqayyootti deebi'uu qabna. 2Sena 29:3,
izra 8:23,
Neh 1:4, Aster 4:3 dubbisaa!!!
5. "dhirsi misiroo hamma isaan bira jirutti warri cidhaa
(waa'illan) hin gaddan (tsooman)" Mat 9:14
# Kutaa Kana irrattti immoo bartoonni yohaannis gaaffii jarri
iyyesuusiin gaafataniif deebii iyyesuus kenneedha. gaaf tokko
bartoonni yohaannis gara iyyesuus dhfanii akkas jedhanii
gaafatan "nuyii fi fariisotni maaliif tsoomnaa??? bartootni
(duuka bu'oonni) kee maaliiif hin tsooman? jedhaniin. iyyesuus
deebisee "dhirsi misiroo hamma isaan bira jirutti warrri cidhaa
ykn waayillan (miizeen) gadduu (tsoomuu) danda'uuree???
guyyoonni dhirsi misiroo isaan biraa itti fudhatamu dhufuuf
jira. isaan yeroo sanatti in tsoomu" jedheen. Mat 9:14-15
# Dhirsa misiroo kan jedhame iyyesuus yammuu ta'u waa'illan
(miizee) kan jedhaman immoo duuka buutota gooftaati. yeroo
dhirsi misiroo biraa itti fudhatamu jechuun isaa yeroo ilmi
waaqayyoo du'ee du'as moo'ee ka'uun ol gara teessoo isaa
gara samiitti aarragu jechuudha. yeroo sanas duuuka buutonni
koo in tsoomu jedhe malee gonkumaa duuuka buutota kootiiif
tsoomiin hin barbaachisu hin jenne. duuka buutonni gooftaas
akkuma gooftaan dubbate erga iyyesuus ol gara samii
teesssoo isaattti ba'een (aarrageen) booda tsoomaniiru.
H/erg 13:2
# Egaa walumaa galattti sagalee waaqayyootiiif bitamuu qabna
malee sagalee waaqayyoo keessaa kan foon keenyaaf ta'u
barbaaaduu hin qabnu. an tsoomii danda'ee hin tsoomu
jechuun ni dandaaa'ama. garuu tsoomiin hin barbaachisu
jennee sagalee waaaqayyoo akka fedha foon keenyaattti
hiiknee barsiisuun seexanaa wajjin walii galuuun ofiiif jalllannee
saboota waaqayyoo jal'isuun hammeenyummaadha.
"Nyaanni garaachaaf kenname. garaachis nyaataaf kenname.
waaqayyo immoo isa sanas isa kanas lafatti in dabala."
1Qor6:13
# Egaa nyaata baduuf jennee lubbuu keenya akka hin
gaddisiifne waaqayyo nu haa eegu!
# Tsoomiin kun kan dhiifama cubbuu ittti argannu waaqayyoo
wajjin itti araaramnu nuuf haa ta'u. itti fufa.....
AMEEN

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko


Ameen.
"ana irraa baradhaa!" Mat 11:29
kutaa sadii
"""'''"'"""''"""""""
TSOOMII
""""""""""""""""
# Tsoomii jechuun hiikaan isaa laguu, dhiisuu yeroo murtaa'eef
nyaataaf dhugaatii irraa of dhorkuu jechuu dha.
# Galatni maqaa isaatiif ulfinnis teessoo isaatiif ha ta'u
gooftaan keenya tsoomii nu barsiisuuf jecha innis akkuma
raajaa musee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama kawaala
(gadaamii) qorontoos deemee tsoomeera. tsoomiin inni
tsoome kunis tsoomii guddaa jedhama. guddaa kan
jedhameefis waaqayyo guddaan inni lafaaf samii uume waan
tsoomeef yammuu ta'u gama biraatiin tsoomii akka mana
kiristaanaa ortodoksi tewaahidootti jiran torban keessaa
baay'inni guyyaa tsoomamuu heedduu waan qabuufi. waa'ee
tsoomii kanaa kutaa itti aanu keessatti ilaalla. S/kees/deeb
9:9, mat 4:1-15
# Akkuma beekamu nyaachuus ta'ee dhuguun foon keenyaaf
malee lubbuu keenyaaf homaa hin fayyadu. akkuma foon
keenya nyaachuu, dhuguu fi iddoolee gara garaa deemee
bashannanuu barbaadu lubbuun keenya immoo tsoomuu,
kadhannaa gochuu, sagalee waaqayyoo dhaggeeffachuu,
nisihaa galuu fi kawwaalota gara garaa deemuu fi kkf
barbaaddi. kanaanis foon keenya lubbuu irratti lubbuun keenya
immoo foon irratti ka'uun wal waraanaa jiraatu. Galat 5:17
# Tsoomiin kan eegalame Abbaa keenya Addaamiin gannata
keessatti dha. waaqayyos biqiltuu balasiin akka hin nyaanne
(tsoomu)
dhorke . kunis waaqummaan waaqayyoo fi mucummaan
Addaam akka beekamuuf seera tolchee dha. S/uuma 2:17
# maaliif tsoomnaa????
a. Diina keenya diyaabiloosiin moo'achuuf.
"Inni akka kanaa tsoomii fi kadhannaa malee hin ba'u" akkuma
jedhu. afuura seexanaa moo'achuufis ta'ee afuura hamaa
baasuuf akkasumas qorumsa diinni keenya diyaabiloos nutti
fide irraa of baraarree irra aanuuf tsoomaaf kadhannaa malee
kadhannaa qofti ga'aa miti.
Mat 17:21-25
b. Gara waaqayyyootti deebi'uuf.
# Waaqayyo gooftaan maccaa saboota israa'eel warra dugda
jaraa waaqayyoonitti deebisanii turaniin akkas jedhe "garaa
keessan guutuudhaan, tsoomiidhaan, boo'ichaan
gadduudhaanis gara kootti deebi'aa." jedha. Iyyu 2:12 akkuma
waaqayyo garaa guutuudhaan, tsoomaa fi boo'ichaan gara
kootti deebi'aa jedhe ajaje har'as tsoomaafi kadhannaadhaan
gara isaatti deebi'uu qabna.
# Yeroo tsoomnu maal gochuu qabna???
1. Warra wajjin wal dhabneef dhiifama gochuu.
# Dhiifama waliif gochuu yoo dhabaanne tsoomaa fi
kadhannaan keenya fuula waaqayyoo duratti fudhatama hin
qabaatu.
kadhanaa keenya yeroo hundaa sana keessattillee "akkuma
nuyi warra nu yakkaniif dhiifne yakka keenya nuuf dhiisi." jedha
mitiiree??? Mat 6:12-13 osoo dhiifama waliif hin godhin
tsoomuus ta'ee yakka keenya nuuf dhiisi jedhanii kadhachuun
akkasumaan of gowwoomsuu dha.
# ergasii pheexiroos gara iyyesuusitti dhiyaatee "obboleessi
koo si'a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? hamma si'a torbaattii?
jedheen. Iyyesuus deebisee an hamma torbaatamii torbaatti
malee hamma si'a torbaatti siin hin jedhu" jedheen.
Mat 18:15-22 kunis guutummaatti laphee dhiifamaa qabaachuu
akka qabnuu fi guutummaatti waliif dhiisuu akka qabnu nu
barsiisa. "warri namaaf dhiisan ha gammaddan dhiifama in
argatu." akkuma jedhu. mat 5:7
2. kadhannaa (tselot) gochuu
"Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala
rukutaa isiniif in banamaa" mat 7:7 kana malees "qorumsatti
akka hin galleef dammaqaatii kadhadhaa." kan jedhameefis
kanaafi. Mat 26:41
3. kennaa (mitsuwat) warra rakkataniif.
# Tsooma kana keessatti isa ciree keenya irratti nyaannu gara
laaqanaatti, laaqana gara irbaataatti bunnee nyaanna yoo ta'e
kun tsoomii osoo hin taane qusannaa dha. isa silaa ciree
keenya irratti nyaannu warra rakkataa nyaachisuudha qabna.
garuu gochaan warreen rakkatan nyaachisuu, obaasuu fi
uffisuun kiristaanota birattti yeroo tsoomii qofa osoo hin taane
bara jireenya keenyaa guutuu ta'uu qaba. "namni hiyyeessaaf
garaa laafu (kennaa kennu) akka waan waaqayyoof
liqeessseeti." Fakk 19:17, 14:21 egaa namni waaqayyyoof
liqeessee osoo hin deebi'iniif hafu waan hin jirreef tsoomii
kana keessa warreen rakatan gargaaruun waaqayyoof ha
liqeessinu.
"# bara baay'ee booddee deebitee waan argatttuuf buddeen
kee bishaan irratti gati." M/lallab 11:1 buddeen bishaan bu'ee
bara baay'ee booda kan argamu ta'ee miti. garuu bishaan kan
jedhame garaa warreen rakkataa yoo ta'u, warra rakkatan kana
yoo nyaachifne jarri waan dugda nuuf deebisanii nu nyaachisan
hin qaban. garuu gatii keenya bara baay'ee booddee yeroo ilmi
waaqayyoo firdii laachuuf dhufu isa biraa ni arganna.
# Maal tsoomna???
1. Cubbuu tsoomuu qabna.
# Kiristaanni cubbuu tsoomuu kan qabu bara jireenya isaa
mara yoo ta'eyyuu keessumattuu yeroo tsoomii kana immoo
gurrri, ijji, arrabni fi miilli keenya waaan hamaa hojjechuu fi
dhaga'uu irraa ofeeguu qabna.
2. Nyaata adda addaa
# Foon Abbaan Keenya Daani'eeel yeroo tsoomaa turetti foon
hin nyaanne daadhii wayiniis hin dhugne, nyaata foo'amaas hin
nyaanne. Sababa kanaaf nutis akkuma daaani'eel yeroo
tsoomnu foon hin nyaannu, Daaadhii wayiniis hin dhugnu. kana
malees nyaata foo'amaa anqaaquu, aannanii , dhadhaaa fi kkf
ni tsoomna. Dani 10:1-3
# abbaan keenya daawitis yeroo tsoomaa turetti dhadhaa
nyaaachaa akkka hin turre kitaabni ququlluun ni dubbata.
"Soomuu irraa kan ka'e jilbi koo in holllate foon koos dhadhaa
dhabuu irraan kan ka'e ana irraa dhumee nan huqqadhe."
jechuun daaawit yeroo tsoomaa ture akka dhadhaa hin
nyaanne dubbateeera. kanaaf nutis Abbaa keenya daawitiin
bu'uura godhachuun yeroo tsoomii dhadhaa ni tsoomna.
Faar 108(109):24
Kutaan afur gaaffilee tsoomii irrattti ka'an itti fufa.... dubbisa
gaarii......

-------------------------
# 65
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

GAAFFILEE WAA'EE NAMA JALQABAA ADDAAMII FI


HEWAAN IRRATTI XIYYEEFFATE KANA
AKKA YAALTANIIF ISIN AFFEEREERA

✆ GOOD LUCK !!!

✆ CARRAA GAARII !!!

☞ Deebii gabaabaa barreessaa!

1.Namni jalqabaa ADDAAM guyyaa gaafa yoomii uumame?


______________________________________
2.Namni jalqabaa ADDAAM eessatti uumame?
___________________________________
3.Namni jalqabaa ADDAAM maalirraa uumame?
____________________________________
4.Waaqayyo nama jalqabaa ADDAAMiin maaliif uumamtoota
digdamii tokko (21) booddee isa uume?
_____________________________________
5.Waaqayyo nama ykn ADDAAMiin; yemmuu taa`uu, kan ka`uu
fi yemmuu ka`u, kan taa`uu godhee maaliif uume?
_______________________________________
6.Waaqayyo nama ykn ADDAAMiin dugda isaatiin ol
dhaabachisee uume.maaliif akka bineensootaa fi bineeldotaa
biroo dugdaan gad gombisee isa hin uumne?
___________________________________
7.Namni jalqabaa ADDAAM yemmuu uumame akka
dargaggeessa waggaa meeqa ta`ee uumame?
____________________________________
8.Namni jalqabaa ADDAAM bakka uumamee guyyaa meeqatti
waaqayyo afuurasaa isa jiraata itti baafate gannatatti galche?
________________________________________
9.Namni jalqabaa ADDAAM osoo Hewaan hin uumamin
guyyaa meeqa kophaa isaa gannata keessa jiraate?
_______________________________________
10.Namni jalqabaa ADDAAMII fi HEWAAN gannata keessa
hammam jiraatan?
_______________________________________
11.Namni jalqabaa ADDAAMII fi HEWAAN maaliif gannata
keessa ari`amani?
_______________________________________
12.Namni jalqabaa ADDAAMII fi HEWAAN erga gannata
keessaa ari`amii booda eessa jiraachaa turani?
_______________________________________
13.Namni jalqabaa ADAAMII fi HEWAAN erga gannata keessaa
bahanii waggaa meeqa booda "Waggaa shanii fi walakkaatti
(5500 tti) dhala dhala keerraa dhaladhee dhufeen si fayyisa"
waadaa jedhu waaqarraa argatan?
________________________________________
14.Namni jalqabaa ADDAAM waggaa meeqa jiraate?
________________________________________
15.Namni jalqabaa ADDAAM eessatti awwaalame?
-------------------------
# 64
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"# Waaqni_nuti_waaqessinu_abidda_boba 'u_keessaa_nu_f


ayyisuu_ni_danda'a." Dan. 3÷17
Gabri’eel jechuun, “Ilma Waaqayyoo kan fakkaatu Gooftaa fi
tajaajilaa” jechuudha; Iccitii waloomaa “Waaqni nama taa’e;
namnis Waaqa ta’e” jedhus qaba. Ergamaa Gabri’eeliin inni
Raamaaa, dur yemmuu qorumsa Saaxinaa’eeliin ergamoonni
raasaman, kan tasgabbeesse “Waaqa nu uume hanga
argannutti tokkoon tokkoon keenya cimnee haa dhaabannu”
jedhee, samii ergamootaa irratti Seexanaaf akka hin saganne
kan tasgabbeesseedha. Ergamaan kuni, kakuu moofaa
keessatti Baabiloonitti, ijoollee sadan labooba ibiddaatti
darbaman kan baase dha (Dan.3:1). Kakuu haaraa keessattis,
“nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya
dubroo Maariyaamitti kan himee dha (Luq 1:28). Ergamaan
kuni, lubni Zakkaariyaas dubbii isaa amanuu didnaan, kan afaan
lubichaa duuchuun/cufuun adabeedha (Luq 1:20). Ergamaan
kuni, dinqii gargaarsi isaas, namoota faana yeroo hunda kan
jiruudha. Ergamaan kuni, fuula Waaqayyoo dura kan
dhaabbatuudha (Luq 1:19). Dhaabachuu jechuun, ergamuuf,
nuuf kadhachuuf, ija Waaqayyoo keessa kan ilaaluudha.
Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa abidda
boba’u keessaa baasee, kan bishaan qabbanaa’aa akka
daakan taasiseedha (Dirsaana Gabri’eelii).
Ayyaanota gurguddoo qulqulluu Gabri’eel keessaa kan Muddee
19 fi Adoolessa 19 haala adda ta’een kabajamu.
Muddee 19 kan yaadatamu seenaa Anaaniyaa,Azaariyaa fi
Misaa’eliin kan walqabatudha.
Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon
keessa
jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi
abbootii
murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo,
beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an,
mootii
fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa
kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif
gaafate.
Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman.
Akkasumas
fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi
dhugaatiin
akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii
dhiisanii
akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii
baratan
(Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin-
Bilxaasoor,
Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin
–Misaaq
jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).
Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif
kutaalee biyya
Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee
sadeen
kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis
ijoollee
sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala
baasan
“Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa)
itti
sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon
irratti
ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati
dhaabdeef hin
jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan.
Yeroo kana
mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii
hunda
xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii,
akka
jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun
namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan.
kunis:-
Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga
tokkoon
tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo
qaban
fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.
Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee,
nagaaritaa, fi kkf
dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun
sagalee
meeshaalee muuziqaan booji’e.
Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka
darbataman
jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin
baasu
eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti
darbatamtu yoo
jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu
labooba abidda
kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee
(tolchaa) keef
hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.
Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan
jilbeeffachuu hin
dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan
3:13-19.
Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti
darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan
ka’e
namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan
nyaataman.
Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun,
inni
afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa
Waaqoota kan
qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba
ibiddaan
rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa
keessa afur
ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu,
maqaan
Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu
ijoollee
sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi
namootni
kanneen argan, dhaga’anis.
Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa
amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba
Abiddaa keessaa
baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja
ayyaanna
yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus
seena
ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.
Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.
~>. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
~>. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa
Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu
of
keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii,
jabina
amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu
baasa”
jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa
fudhataniifis
wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf
murtessan
“Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a;
ta’uu
baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha
Waaqayyoo
yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.
Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob
“Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe.
Amantaa
yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh
5:4)
Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan
baase.
Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni
buufatu ni
fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon
afaan warra
Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan
3:28-30).
Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin
muldhatamneedha.
Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi
kumaatama
ta’u. Erm. 33:22
Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin
duune, hin
fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30
Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.
Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi
kabajuu
(Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u
Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee
tajaajiluu
(eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa
cufeera.
(Dan 12:1)
Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa
isaan
muraasni:-
Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni
gargaaru.
Ibr 1:4
Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf
(2Mot
19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa
Gooftaa hunda
danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota
Iyyerusaaleemii
fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak
1:12),
Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni
dhiyeessu. Mul
5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu)
gara
gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni
kunuunsu. 1Mot
19:5, Dan 10:13-21
Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu.
Luq 1:19
Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu
gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10
Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni
sadii
jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.
1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa
jiraachuu isaa.
Ba’uu 32:11-15
2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni
jiraachuu. Zak
1:12
3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu
akka qabu
beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14
Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii
kabajnu
nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka
qabnu,
sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka
qabnu,
ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon
yoo ajaja
Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka
nu eegu ni
hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni
Waaqayyoo
hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan
(nuuf
kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin
cimanii,
gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu
Gabri’eelii
nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa
kan ergee
….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi
Misaa’eel
kan galatoome haa ta’u” jedhe.
Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii
hojjennee
fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa
Waaqayyoo,
kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo
Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi
qulqulluu
dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa
Waaqqayyoo akka
taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!
Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin
hafin.
AMEEN!!!

-------------------------
# 63
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:
Tsooma
Tsiyoon_keessatti_finnoo_afuufaa_sooma_qulqullaa ’aa
# labsaa_walga ’ii
# qulqullaa’aas # waamaa .”
(Iyyu. 2:15)
Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama
Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara
baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis
Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka
fakkeenya keenyaattis haa uumnu
jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee
uume (Se. Um. 1:26)
Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel
dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa
Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija
mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa
garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun
abboome dagachuun kan Seexanni bofaan
fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo
nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi
gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka
isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu
dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.
Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun
(Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa”
jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda
bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa
ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii
malee akka jiraatan ta’e.
Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi
Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata
nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji
mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa
adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa
hin ilaalle illee abboomamanii abboommii
Waaqayyoo kan isaan uumamtoota,
Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota
Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan
diiganiif /darbaniifi) malee.
Egaa kanarraa kan hubannu Soomni
abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.
Sooma jechuun:-
fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif
bichisiisuu/abboomsisuu/,
jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja
Waaqayyoo shaakaluu,
Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan
dhuguu irraa of qusachuu,
Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata
bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi
kkf.) irraa of qusachuu jechuudha.
Haa ta’u malee, Sooma guutuu kan taasisan
kanneen armaan olii lagachuu qofaa miti.
Qulqulluu Yaareed akka jedhetti “Miirri keenya
hundi tsoomuu qabu:- ijji hamaa ilaaluu irraa,
gurri hamaa dhagahuu irraa, arrabni hamaa
dubbachuu irraa, harki waan hin malleef
diriiruu irraa fi miilli iddoo hin malle
dhaabbachuu irraa” lagachuu dabalata.

➢ Faayidaa Soomaa
Fedhii foonii lubbuuf abboomsisuun tasgabbii
lubbuu argamsiifti.
Ilma namaa uumamtoota kaan irraa kan adda
taasiftuu fi Qulqulloota Ergamoota waliin wal
fakkeessituudha.
Boqonnaa sammuu argamsiisa.
Gabaabumatti faayidaan Sooma

➻ Humna Seexanaa dadhabsiisuuf/baasuuf/ (Mat 17:21)

➻ Jireenya barabaraa argachuuf (Mat 5:6)

➻ Rakkoo nu mudateef gargaarsa waaqayyoo argachuuf (Nah

1:4)

➻ Gocha seexanaa irratti aangoo argachuuf/Injifachuuf/ (Mat

4:1-11)

➻ Sababii yakka keenyaatiif badiisa nutti dhufu jalaa ooluuf

(Yon 1:1-2)

➻ Nagaa fi Gammachuu bara baraa argachuuf (Rom 14:17)

Yeroo soomnutti gosoota nyaataa fedha foon keenyaa


dadammaksan irraa of eeggachuun barbaachisaadha.(Far
109:24, Dan 10:2) . Walumaa galatti soomni fuula
waaqayyootti gatii qabu nyaataaf dhugaatii qofa lagachuu
waan hin taaneef kadhaa fi yaada qulqullaa'aan soomuun
barbaachisaadha (Isa 58:1-12, Mat 25:34-36)

➣ Sooma Bara Kakuu Moofaa keessatti

Akkuma armaan olitti eerame Soomni kan


eegalame Waaqayyoon Addaamiin “Ija mukaa
kana hin nyaatin” jechuun abboommii laate
irraa eegaleeti. Sababni isaas Soomni
Waaqayyoof abboomamuudha ijaa ta’eef.
Addaam abboommii kana ijaa diigeef ayyaanni
Waaqayyoo irraa fagaate. Innis baroota
hedduuf addunyaa kanarratti jireenya
burjaaja’aa jiraate. Namni abboommii
Waaqayyoo yoo diige ayyaanni Waaqayyoo
irraa fagaata, yoo sagalee Isaa dhagahee fi
abboomame garuu ayyaannii fi sugni
Waaqayyoo isa waliin jiraata.

➺ Sooma Iyyaasuu fi jaarsota Israa’eel (Iyya.

7:6-9) Bara Iyyaasuun Israa’eel bulchaa ture


Israa’elootni wanta hoodaa hin tuqinaa
jedhaman ijaa tuqaniif Waaqayyo itti
dheekkame. “Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee
jaarsota Israa’eel waliin Taabota Waaqayyoo
fuulduratti ganamaa qabanii hanga galgalaatti
adda isaaniitiin gadi gombifamanii sagadani;
gadda irraayis kan ka’e dhukkee mataatti of
facaasan”. Iyyaasuu fi jaarsoleen Israa’eel
balleessaa dalaganii fi kakuu cabsaniif
Waaqayyo irraa araara argachuuf akka sooman
hubanna.

➺ Sooma Asteer fi Yihudootaa (Ast.4:16)

Haamaan mootii biyya Arxeeks waliin ta’uun


sanyiin yihudaa hundi akka dhumu labsee
ture. Haadha manaa mootichaa kan turte
Asteeris Mardookiyoosiin “dhaqii Yihudoota
Suusaa keessa jiran walitti qabi, waa’ee kootiif
soomaa, guyyoota sadiif halkaniif guyyaa hin
nyaatinaa, hin dhuginaas, anii fi
xomboreewwan koos akkasuma ni soomna;
lafa mootichi jirutti ol seenuun seera
mootummaa kanaan dhorkaa yoo ta’e iyyuu,
akka kanatti ani yoon du’es du’inna, gara lafa
mootichi jiruutti ol nan gala” jettee ol galte.
Du’a lammii ishee irratti ajajames mootichatti
himte. Mootiin labsii labsee ture labsii biroon
bakka buuse, warri duuni itti murtaa’e jireenya
argatan. Haamaan garuu, fannoo
Mardookiyoosiif dhaabe irratti fannifame.
Kanaaf soomuun badii nurratti labsame gara
jireenyaatti jijjiira.

➺ Sooma Daawit (2Saam. 12:17) Mootichi

Daawit mucaan isaa dhukkubsannaan ni


soome, nyaatas hin nyaanne. Dabalataanis
“ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan uffata
gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan
namummaa koo gad nan deebise” jechuun
faarfateera. (Faar. 34(35): 13)

➺ Sooma Eeliyaas Raajichaa (1Moot. 19:6-10)

Bara Elzaabeel Raajota Waaqayyoo albeedhaan


fixxe, Raajichi Eeliyaas Elzaabeel jalaa utuu
baqachaa jiruu dadhabee iddoo muka jala
boqotee jirutti Waaqayyo isa rurrukutuun
“ka’iitii nyaadhu jedheen, yemmuus Eeliyaas
dammaqee asii fi achi ilaale, bixxillee
barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee
tokko mataa isaa duratti ni arge, ka’ees
bixxillicha nyaatee bishaanichas dhugee
deebi’ee rafe”. Kanaan booda guyyoota
afurtamaaf gara Tulluu Waaqayyootti soomaan ture.
Soomanni fayyina ilmaan Waaqayyoof akka
barbaachisu Raajaan Iyyu’eelis akkas jedheera
(Iyyu. 2:15) “Tsiyoon keessa finnoo afuufaa
sooma qulqullaa’aa labsaa, walga’ii
qulqullaa’aas waamaa”
Bara rakkinaa fi hacuuccaan alagaa baay’ate
Waaqayyoo waliin kan dubbannu karaa
soomaatiin akka ta’e Raajaa Daani’eel akkas
jechuun nuu katabeera. “Bara sana ani
Daani’eel torban sadiif gaddaan ture, torban
sadi hanga guututti ani nyaata addaa hin
nyaanne, foon, daadhiin, wayiniinis afaan koo
hin geenye, dibatas hin dibanne” (Dan. 10:2)
Daawiit ammoo akkas jedha “Soomuu irraan
kan ka’e jilbi koo na hollate, foonkoos
dhadhaa dhabuu koorraa kan ka’es na
dadhabe” (Faar. 108:24) jedhe.
Sooma Raajaa Daani’eelii fi Faarfataa Daawit
kana irraa qabxiin barannu soommanni
barbaachisaa ta’uu caala iyyuu maal maal irraa
soomuu akka qabnuudha.

➺ Sooma Saba Nanawee:- Sabni Nanawee bara

Waaqayyo isaanitti dheekkame guddaa fi


xiqqaan, sa’aa fi namni isaanii hundi guyyoota
sadiif ijaa soomaniif dheekkamsi Waaqayyoo
gara araaraatti jijjiirameefii fayyina argataniiru.
(Yoon. 3:5)

➢ Sooma Kakuu Haaraa Keessatti

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara


dachee kanaa kan dhufe seeraa fi tumaa
kakuu moofaa haquuf ykn jijjiiruuf ijaa hin
taaneef gochootni kakuu moofaa keessatti
raawwatamaa turan bara kakuu haaraa
keessattis inumaayyuu daran cimuun itti
fufanii jira. Soomnis akkuma bara kakuu
moofaa, bara kakuu haaraas itti fufee jiru.
Sooma kakuu haaraa kan eegale immoo,
soomuu osoo Isa hin barbaachisin dhala
namaaf fakkeenya ta’uuf, Gooftaa keenya
Iyyasuus Kiristoosidha.
Gooftaan sooma kakuu haaraa kan eegale
‘soomaa’ jechuun qofa osoo hin taane gara
Kuwaala (gadaamii) Qoronxoos deemuun
guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf
soomuudhaani. (Maat. 4:2) Gooftaan kan
soome kaayyoo gara dachee kanaa itti dhufe
(dhala namaa fayyisuu) osoo hin eegalin,
hangafa tajaajila/fayyina dhala namaa
taasiseetu. Kanaaf tajaajila afuuraa kamiyyuu
eegaluu dura soomni barbaachisaa ta’uu
hubanna.
Sooma kan soomnu utuu nyaachuu fi dhuguu
dandeenyuu fedhii keenya daangessuudhaani.
Wangeelli akkas jedha mitiiree! “gammadaa
isin amma kan beeloftan quufuudhaaf
jirtu” (Luq.6:21) kana jechuun utuu nyaachuu
dandeenyuu Waaqayyoof abboomamuuf
soomni soomnu boru gammachuu daangaa
hin qabne argachuufidha. Kanaaf beela
keessan ammaa hin ilaalinaa, boru gooftaa
keessan wajjin gammachuu qabduuti! (Maat.
6:16, Maat. 9:15, Maar. 9:29, Hoj. 13:3, Hoj.
27:21)
Akka Mana Kiristaanaa keenyatti soomni bakka lamatti
qoodama:-

➦ 1. Sooma Dhuunfaa

Sooma dhuunfaa kan jedhamu kan luba abbaa


gaabbii waliin mar’ichuun soomamuudha. Kuni
dhoksaatti kan soomamuudha. Inni biroo
immoo soomni akka abaaboo (Tsiggees) as
sooma dhuunfaa jalatti kan ramadamuudha.
Soomni kun fedhii nama soomuu irratti kan
hundaa’udha.

➦ 2. Sooma Ajajaa (labsii)

Kuni kiristaanni kamiyyuu sooma soomuu qabuudha.


Soomni ajajaa (labsii) kunis torbadha
1 Sooma Guddaa (Sooma Gooftaa)
2 Sooma Duuka Bu’ootaa
3 Sooma Raajotaa
4 Sooma Filchataa
5 Sooma Ifaa (gahaadii)
6 Sooma Warra Nanawee
7 Sooma Fayyinaa (kan Roobii fi Jimaata soomamu)
Kunneen sooma ajajaa kiristaanni kamiyyuu
soomuu qabudha.

➊ Sooma Guddicha (Sooma Gooftaa keenya Iyyasuus

Kiristoos.)
Soomni Kun sooma guddicha jedhamuunis ni beekama.
Sooma kana Gooftaan keenya
Iyyasuus Kiristoos gadaamii(lafa ona) Qorontoositti guyyaa 40
waan soomeef isa fakkeenya
godhachuudhaan maatiin Waaqayyoo ni soomu.(Mat 4:1) Kan
soomamus qamni
keenya akka dadhabee hammeenya hin yaadnee fi hin
hojjenne, sa’aatii murtaa’eef
midhaan nyaachuu fi bishaan dhuguurraa yoo ta’u, hanga
baatiin soomaa sun raawwatutti foonii fi bu’aa foonii, aannani
fi buuphaa nyaachuun gonkuma dhoorkadha.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa 40 soome, nuti
immoo mana amataa Ortodoksiitti guyyaa 55 ta’ee soomama,
sababni isaas maal gaaffin jedhu jiraachuu danda’a. Sababni
isaa waa lama:

➺1 Sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiranitti bu’aa foonii

irrayi malee bishaanii fi midhaan irraa soomuun waan hin


heeyyamamneef, sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiru
walitti 15 waan ta’aniif isaan kana bakka buusuuf jedhameeti.

➺2 Sababni inni biraa immoo sooma guyyaa 40 dura kan jiru

torban jalqabaa ‘Hirqaal’


jedhamee kan itti ida’ameef seenaa fannoo Gooftaa keenya
wal qabata. Fannoon Gooftaa Faarsotaan fudhatamee waan
tureef mootiin Biizaantaayiin fannoo fudhatame
sana deebisuuf Faarsitti waan duuleef kiristaanonni soomaan
akka isa yaadataniif waan ta’eef kan ajajame yoo ta’u, torban
guyyaa 40 booda jiru inni dhumaa ammoo
Torban gadadoo ykn dhukkubii (Himamaat) Gooftaa keenya
irra ga’ee ture, qabamuu isaa, olii fi
gadi deddeebi’uu isaa dhumarrattis hanga guyyaa fannifamuu
sanatti rakkoo irra ga’aa ture sana caalatti yaadachuuf itti
dabalame. Kanaaf bakka tokkotti guyyaa 55 ta’a jechuudha.
Soomaa xinneesutu rakkina qaba malee baay’isanii soomuun
rakkoo hin qabu ni jaallatamas.
# Torbeewwaan_Sooma_Guddicha (# Sooma_Gooftaa )
Hin xumuramne itti fufaa...

-------------------------
# 62
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Baga ayyaana yaadannoo waggaa kan Abbaa keenya Qulqulluu


Abuna # Taklehayimaanoot geessan.

"# የቅዱሳኑ_ሞት_በእግዚአብሔር_ፊት_የከበረ_ነው ።" መዝ.115(116)÷15

"# Dutii_Qulqullootaa_Waaqayyo_fuldurattii_kabajamaadha ."


Far.115(116)÷15
Qulqulluun Abuna Tekle Hayimaanoot kan dhalatan Shawaa
Tsilaalish, iddoo Ittisaa Mikaa’el jedhamutti. Abbaan isaaniis,
Tsaggaa Za’aab, haati isaanii ammoo, Egzi Hariyaa jedhamu.
Guyyaan itti dhalatanis Muddee, 24 bara 1197 DH.K.B. Abbaa fi
haati isaanii dhala dhabuun yeroo dheeraaf gaddaa turan.
Keessumattuu, haati isaanii Igziiharayaan Mootii-Lammii Mooti
jedhamuun booji’amtee, abbaa warraa isheen addaan baatee
fudhatamtee turte. Bakka
fudhatamtettis mootichi ishee fuudhuudhaaf qopheeffatee
osoo jiru, Waaqayyo ergamaa isaa ergee, dinqii adda ta’een
gara abbaa warraa ishee Tsaggaaza’aabitti deebise. Mootichis,
isheebira
hin geenye ture. Erga gara abbaa warraa isheetti nagayaan
deebitee booda, Abuna Takle Hayimaanootis dhalachuu
danda’aniiru.
Raajaan Eermiyaas akkuma dubbate, Waaqayyo gadaamessa
haadha kee keessan si filadhe
akkuma jedhu (Erm.1÷5), Abbaan keenya Abuna
Teklehayimaanootis
dhalatanii guyyaa sadaffaa isaanitti “Abbaan Tokkichi
Qulqulluu; Ilmi Tokkichi Qulqulluu; Afuura Qulqulluu Tokkichis
Qulquulluudha”
jedhanii galateeffataniiru. Kanarraayis, afuurri
Waaqayyoo kan irra buleefi Waaqayyoo jalqabumarraa
tajaajilaaf akka isaan filate
hubanna. Warri isaa maqaa isaa Fisihaa Tsiyoon jedhanii
moggaasan. Fisihaa Tsiyoon jechuun "Gaammachuu Xiyoon"
jechuudha. Ijoollummaadhanis, baruumsa amantaa baratanii
waggaa 15 yemmuu guutan, phaaphaasii Masriirraa dhufan
Abuna Qeerloos jedhaman irraa
diyaaqonummaa fudhatanii jiru. Akkasuma ammoo, baruumsa
ijoolleen yeroo sana baratan waan akka farda gulufsiisuu,
bineensa adamsuu ni raawwatus ture. Abuna Tekle
Hayimaanoot, yeroo
daa’imummaa isaanitti ajaa’ibawwan garaa garaa
raawwataniiru, ajaa’ibni isaan raawwatan hedduunis, kitaaba
qabsuura isaanii keessatti barraa’eera. Ajaa’iba isaan
raawwatan keessaas tokko,
warri isaanii ayyaana qulqulluu Mikaa’el waggaa waggaadhaan
ni yaadatu ture. Kan beela’e nyaachisaa kan dheebotes
obaasaa turan. Haa ta’u malee, bara sana beelli hamaan ka’ee
wanta qophii ayyaanichaaf nama nyaachisan,
hiyyeessa beela baasan dhaban. Yemmuu kana, haati isaa
“egaa hanga yoonaallee yaadannoo hangafa ergamootaa
Qulqulluu Mikaa’el addaan kutee hin
beeku; amma garuu, addaan na jalaa cituufii” jettee
yaaddoftee, ayyaanni yaadannoo kun
addaan cituuf deemuu isaatti gadditee boo’aa turte. Yeroo
kana, boo’uu ishee kan arge
Abuna Teklehayimaanoot gara manaa akka ol seentu erga itti
agarsiisee booda, qamadii xiqqoo
inqibiirra jiru tuquudhaan baay’atee inqibii 9 akka ta’u
taasiseera. Akkasumas, meeshaa dhadhaa,
dammaa fi meeshaa barbaachisu hunduma yoo tuqu, kan
guutan ta’anii argamaniiru. Kanaaf, bara sanas nama beela’e
hunduma guyyaa sanatti waamuudhaan yaadannoo qulqulluu
Mikaa’eel,
kan baatii Bitootessaa haala adda ta’een kabajataniiru.
Ajaa’ibni inni biraa ammoo, yemmu
diyaqonummaa fudhatanii deebi’an itti dhiit mana namaatti
goran. “Nagaan Waaqayyo siniif haa
ta’u” jedhanii gaafatan. Yeroo kana abbaan manichaa “maal
gochaa as dhufte?” jedhee jecha arrabsoon deebiseefi; fuula
isaanii kabale.
Abuna Teklehayimaanootis, gara gooftatti yemmuu kadhatan,
qulqulluu Mikaa’eel namicha isaan
kabalan sana irra keessatti qilleensarratti hidhee reebaa
buleera. Booda garuu, namtichi sun
wanta hojjetetti waan gaaabbeef, gaabbuu isaa erga arganii
booda, Abuna Teklehayimaanoot kadhannaa gochuun akka
hidhaarraa bu’u taasisaniiru.
GuyazásshAyaa tokkos, yemmuu adamoof bosona deemanitti,
Gooftan itti muldhatee, “ani duuk
bu’aa haaraan si taasisa; maqaan kees ‘Takle Hayimaanoot’
jedhama”, jedheen. Takle Hayimanoot jechuun firii amantaa
jechuudha. Abuna Tekle Hayimaanoot yemmuu dubbii
kana dhagahus ,akkuma qabsuura isaanii irratti ibsametti “Yaa
gooftaa fayyisaa koo Iyyasuus kiristoos akka karra samii
Iyyarusaalem anaaf bantuuf; anis kunoo karra koo banaatti siif
dhiiseera; dadhabaa kanan ta’e ana si malee
kan na jabeessu hin jiru; kanan kufuuf ka’e anis naman itti
hirkadhu hin qabu; kanan gadde ana kanaaf si malee kan na
tasgabeessu hin jiru; hiyyeessa kanan ta’e anaaf si malee itti
hirkatni koo hin jiru” jedhee kadhannaa taasisee guyyuma sana
gara taajaajilaatti galeera. Biyya katataa jedhamtuttis,
‘kiristaanummaa fudhaa; wangeelatti amanaa’ jedhanii yoo
barsiisan, uummanni naannichaa “lakki nuti muka itti bullu
qabna, kan yoo rakkanne, dhukubsannes
itti fayyinu’ ittiin jedhan. Abuna Takle Hayimaanootis
deebisanii, “Eegasuu anis isin waliin deeme nan sagadaaf na
fuudhaa deema”
jedhee isas fuudhanii deemaniin. Yemmuu iddoo mukichi jirutti
dhiyaatanis, seexanni mukicharraa
iyye. Uummannis, mukichi iyyuu agarraan Abuna Takle
Hayimaanootiin “ati nuuf haaradha
achuma turi” jedhaniin.Yemmuu kana, maqaa Waaqayyootin
mukatin kaatee akka gara isaanii
dhuftu taasisan. Seexanichas Ergamaa qulqulluu Mikaa’eeliin
akka alangee ibiddaan ari’u taasisaniiru. Yemmuu mukichi
buqqa’u sana, muka jalatti namoonni du’an waan turaniif,
isaan dabalatee namoota 15 kan sana dura du’an du’aa ni
kaase. Kanaanis, kitila saddeet kan caalu guyyuma sanatti
amananii cuuphamaniiru. Sana boodas, gara Daamot deeman.
Mootichi
Mootii-lammii ture. Mootichis Abuna Tekle Hayimaanootiin
“Eessaa dhufte?” jedhee gaafate. Isaanis, “waaqarkee
namtolchee kee kana ballessuufan dhufe jedhaniin. Yeroo
kana, gaagura
keessa godhee gara hallayyaatti gadi isaan darbe, qulqulluu
Mikaa’eel ergamaan dhaqqabee ni
oolche, yeroo lamaa sadi haala adda addaatiin yaale,
boodarras, eeboo harkaa qabuun isaan
waraanuf yemmuu darbatu, eeboon harkarratti hafte.
Dhukkubin itti dhagahamnaan mootichi ni iyye, luboota waaq-
harkeen na fayyisaa
jedheen. Isaan garuu, mooticha dhukkuba isaa kanarraa
fayyisuu hin dandeenye. Abuna Takle
Hayimaanoot garuu, mooticha ni fayyise. Dursee Motolomiin
kun haadha isaa Igzihaariyaa fuudhuu
barbaadee kan ishee booji’e yoo ta’u, yemmuu ergamaan
ishee tasa jalaa butee mootilamii fuulduraa fudhatu,
naasurraan kan ka’e
sammuun isaa itti naannoftee waan turteef, yeroo tokko
tokko “ajjeesaa “yeroo tokko tokko ammoo, “qillensarratti
mana naa ijaaraa” yeroo tokko tokko ammoo, “lafa jalatti
sanyii facaasaa” jechaa
waan tureef, kana hundumarraa ni fayyisan. Motolomiinis ni
amane. Luboota waaq-harkee sana garuu, hunduma isaanii
mootichi ni
ajjeese. Abuna Teklehayimanot gara Walloos deemuudhaan,
kawaala Gool jedhamutti waggoota
10 barsiisaniiru; holqa soofudhanis
bataskaana ajaa’iba ijaaraniiru, ummata hedduus barsiisaniiru.
Gara Walaayittaafi Salaalettis tajaajila baldhaa taasisaniiru.
Uummata hedduu kan mukaa fi
waaq-harkee garaa garaatti bulaa turan, gara Waaqayyootti
deebisaniiru. Abuna Tekle
Hayimaanot gara Hayiq Isxifaanos deemanii harka Iyyasuus
Mo’aattii monokosaniiru; achi keessas
waggoota 10 turan. Yeroo sanatti, Hayiq Isxifaanoos iddoo
baruumsa hafuurawaa guddaan itti kennamu, baruumsa
amantaa fi ogummaa
harkaallee kan itti baratan, barattoota gara 800 kan qabatte
akka turte, barreeffamonni ni ibsu.
Hayiq irrayis erga ba’anii booda, gara dabra Daamoo
deemuudhaan, baruumsawwan monoksummaa fi ogummaa
Abuna Yohaanii
biraa barataniiru. Dabra Daamonis, akkasuma yeroo sanatti
iddoo monoksoonni hedduun itti walitti
qabaman ture. Sana boodas, waggoota shaniif
gadaamota Tigraay keessa erga naanna’anii booda, gara
Iyyaruusaaleem dhaqanii
deebi’aniiru, achi erga deebi’aniis, waggoota 10 ol Shawaa fi
kibba biyyattii uummatoota jiran barsiisanii cuuphaniiru.
Yemmuu gara Iyyeruusaalem deemanis, gammoojjii Eertitaa
keessatti nama
du’e argan. Nama du’e kanaanis, “ati namni duute kun ka’i”
erga du’aa kaasanii booda, “maal taatee
duute” jedhanii yemmuu namicha gaafatanitti, gara
Iyyaruusaaleem yemmuun deemu dheebuu fi
beelli natti hammateen du’e jedheen. Waliin deemanii
Iyyaruusaaleem salaammatanii
deebi’aniiru.
Sana boodas, akkuma Dabra Daamoo fi Hayiq, isaanis
barttoota qabatanii dhufanii fi barttoota
haaraa waliin Kawaala Dabra Asbootti galanii, barumsa
monoksummaa babaldhisaniiru.
Ogummaa barsiisaa, qonnas qotuudhan, ofiif uummata
naanichaa akka gargaaran taasisan. Dabra Asboottis dhuma
irratti, kadhannaa guddaa gochuutti; ka’an dheerina kadhanna
irraa kan ka’es, lukti isaanii irraa cittee luka takkaan
waggaa torbaaf kadhannaa taasisaniiru. Yemmuu guyyaan
boqonnaa isaanii gahus, monoksoota walitti qabanii “ijoollee
koo, kan monokkose hundi gara jannataa seena jechuu
miti; biyya lafaa kana dhugumaan kan tuffate malee. Jalqaba
Waaqayyoon biratti waan
gaarii hojjechuu filadhaa, kadhannaa fi sooma
baay’isaa; tokkoon tokkoon keessan wal wal jaaladhaa,
abboommii Waaqayyoos jabeessaa
eegaa” jedhanii abbooman. Abuna Takle Hayimaanoot tajaajila
isaanii xumuranii, bara 1296 boqotan. Haaluma kanaan, manni
kiristaanaa keenyas guyyaa dhaloota isaanii Muddee 24,
guyyaa Filsata lafee isaanii Caamsaa, 12 fi guyyaa boqonnaa
Hagayya, 24 ni kabajji.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u; kadhannaa qulqullichaatiin
Waaqayyo nutti haa araaramu;
sugni abbaa keenyas nu waliin haa
ta’u.Ameen!
(Madda Kitaaba Qulqullootaa fi Ayyaana
Yaadannoo Isaanii)

-------------------------
# 61
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Galaanni_argee_ni_baqate_lagni_Yordaanosis_ga
ra_booddeetti_ni_deebi 'e." Far.113(114)÷3
Hiika Cuuphaa – cuuphaa jechuun
cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu
jechuudha. Cuuphaan icciitiiwwan Mana
Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti
raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan
jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana
amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja
Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii
wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee
(Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin
arganuu fi warreen hin amanneef icciitii
jedhama.
Bu’uura Cuuphaa - Gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos dhalatee waggaa soddomatti laga
Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee
namootni hundis akka fayyaniif lammata
dhalachuuf cuuphamuu akka qaban
barsiiseera, ofii isaa cuuphamuudhaanis nuuf
bu’uuresseera. Kanaaf Gooftaa fi Fayyisaan
keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa
isaa irratti “Deemaatii maqaa Abbaa Ilmaa fi
Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota
koo taasisaa” jedhee duukaa buutota isaa
ajajeera (Maatewoos 28:19). Isaanis ajaja
barsiisaa isaanii irra kennameef fudhatanii
namoota addunyaa Wangeela barsiisuun
cuuphanii ijoollee Waaqayyoo taasisaniiru.
Cuuphaan maaliif barbaachise?
Dhalli namaa jalqaba abboommii Waaqayyoo
cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka
Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa
waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana
immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala
namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee
abaarsaan jiraachaa turan. Bara boodaa
Gooftaa Iyyasuus biyya lafaa kanatti yeroo
barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin
jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa
dhalachuu baannaan jireenya bara baraa hin
qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma
dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya
bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa
Waaqayyoo dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin
kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee)
Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha.
Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-
tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa
cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu
Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis
amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun
kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis
barreesseera.
Kiristaana jedhamuufis guyyaa Jimaataa
Gooftaan yommuu fannifamee cinaachaa isaa
waraanan bishaan jireenyaa cinaacha isaa
keessaa dhangala’een cuuphamnee ilmaan
(ijoollee) Waaqayyoo jedhamuu qabna.
Bishaan kun kan argamu, Lubni bishaan
gabateetti naqame irratti kadhannaa Kitaaba
Kiristinnaa irra jiruu fi kadhannaa galataa
(Qiddaasee: Tokkichi Abbaan Qulqulluu
Tokkichi Ilmi Qulqulluu Tokkichi Afuurri
Qulqulluunis Qulqulluu jedhee) kadhachuun
bishaanicha eebbisa. Yommus bishaanichi
icciitii guddaatiinii fi amantiidhaan gara
bishaanicha isa cinaacha mirgaa Gooftaa
keessaa dhangala’eetti jijjiirama. Bishaan
kanaan cuuphamuudhaan abaarsa durii fi
garbummaa seexanaa jalaa bilisa baana;
Ilmaan Waaqayyoos ni taana, jireenyi haaraan
nuuf kennama. Jireenyi haaraan kunis kan
nuuf kennamu Afuura Qulqulluutiini dha.
Cuuphaan kakuu moofaa keessas jira ture.
Garaagarummaan cuuphaa kakuu moofaa fi
haaraa; yeroo kakuu moofaa fakkeenyaaf
Iyyoobii fi Ni’imaan laga Yordaanositti
cuuphamanii dhibee foonii irraa fayyanii turan.
Cuuphaan kakuu moofaa kun akkuma himame
dhibee foonii qofaa irraa namoota itti
amananiif fayyisaa ture. Kakuu haaraatti garuu
ilmummaa Waaqayyoo kan nuuf kennu,
garbummaa seexanaa jalaa kan nu baasuu fi
kan ittiin cubbuun keenyi nuuf dhiifamu dha.
Cuuphaadhaaf bishaan maaliif filatame?
Sababiin inni duraa Gooftaa fi Fayyisaan
keenya kaayyoon inni dhufeef keessaa tokko
fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef inni
bishaaniin akkuma cuuphame, nutis
kiristaanonni bishaaniin cuuphamna
(Maatewoos 3:13-16). Karaa kan biraa
yommuu barsiisaa tureettis dhalli namaa
Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura
irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis
3:3-6). Inni sadaffaan erga Gooftaan gara
samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa
bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru
(Hojii Duuk 8:38). Bishaan bakka hundaatti
nama hundaaf walqixxeetti argama;
cuuphaanis nama amane hundaaf
walqixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaan
yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa
qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin
lubbuu xuroofte sana qulqulleessee ijoollee
Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi
Hiisqi’eelis “Bishaan gaariitiinis isinin cuupha
(Hiizqi’eel 36:25)” jedhee dubbachuun isaa
bishaan cuuphaaf filaamuu isaa nuuf ibsa.
Bishaan keessa seenanii cuuphamuun maaliif
barbaachise?
Gooftaan keenya kan cuuphame bishaan
keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16). Manni
amantaa bara duukaa buutaotaa turtes
akkasuma gochaa waan turteef, “Isaanis gara
bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk.
8:38)” nutis fakkeenyummaa kan fudhannee
akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan
biraa yommuu cuuphamnu bishaan keessa
seenuun keenya Kiristoos wajjin awwaalamuu
keenyaaf fakkeenya yommuu ta’u,
cuuphamnee bahuun keenya immoo Gooftaa
wajjin du’aa ka’uu keenyaaf fakkeenya ta’uun
agarsiifama.
Fakkeenya Cuuphaa Kakuu Moofaa keessatti
1. Bidiruu Nohi – Bidiruun Nohi maatii isaa fi
isa akkasuma bineeldotaa fi bineensota
baay’ee bishaan badinsaa irraa isaan
fayyisteetti (Seera Uuma. 7:17). Jaroonni
saddeet bishaan badinsaa irraa kan fayyan
bidirichaan ture (1Pheexroos 3:20-21).
Fakkeenyi kun dhugaa ta’ee cuuphaadhaan
kakuu haaraa keessatti bakka bu’uun ilmaan
namootaa badinsa bara baraa jalaa bahaniiru.
2. Dhaqna Qabaa – kakuu moofaa keessatti
dhaqna qabaachuun saba Waaqayyoo ta’uuf
akkuma fayyadaa ture, kakuu haaraa
keessattis cuuphaadhaan bakka bu’ee dhalli
namaa cuuphaadhaan mucummaa Sillaasee
argatee saba Waaqayyoo jedhama (Seera
Uum. 17:14, Qolaasiis 2:11).
3. Sabni Israa’eel galaana Eertiraa (Diimaa)
cehuun (1Qoroonxoos 10:1-2) isaaniis akka
fakkeenya cuuphaatti ilaalama. Yommus
akkuma sabni Israa’eel galaana sana ce’ee
garbummaa warra Gibxii jalaa ba’e, nutis har’a
cuuphaadhaan garbummaa seexanaa jalaa
baanee ijoollee Waaqayyoo taaneerra.
Cuuphaa Yohaannis (Cuuphaa Gaabbii)
Yohaannis Cuuphaan warri Yihudootaa
Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa
haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana
cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo
jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa
isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis
ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo
hin ta’iin, yoo yeroo soomii waanta nyaachuun
hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti
facaasan akkasumas namootni dhukkuba
foonii isaanii irraa akka fayyaniif kan
cuuphamani dha. Dabalataanis namni cubbuu
hojjetee abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf
kenne erga raawwatee booda ni cuuphama.
Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan
dubbateefi “Yohaannis biyya naannoo
Yordaanos keessa deemee cuuphamaa, yaada
garaa keessanii geeddarachuu keessan
mul’isaa, Waaqayyoos cubbuu keessan isiniif
ni balleessa (Luqaas 3:3).”
Gooftaan Waggaa 30tti maaliif cuuphame?
Addaam nama waggaa 30 ta’ee uumame ture.
Guyyaa 40ttis ilmummaa Waaqayyoo kan
argatee ture; seexanni dogoggorsee
ilmummaa isaa dhabsiise. Addaam lammaffaa
kan jedhame Iyyasuus Kiristoos ilmummaa
Addaam jalqabaa fi sanyii isaa deebisuuf
wanta dhufeef; Addaam waggaa 30tti
ilmummaa Sillaasee kan dhabe deebisuufiif
akka ta’e beeksisuufi dha. Mucummaa isaan
kan deebiseef cuuphaadhaan ta’uu isaa
beeksisuuf laga Yordaanisitti cuuphame.
Amantoonni tokko tokko Gooftaan waggaa
30tti waan cuuphaameef nutis cuuphamuu
kan qabnu waggaa 30tti jedhanii amanu. Kuni
garuu ilaalcha sirrii miti; sababni isaas namni
yoo otoo waggaa 30 hin guutiin du’e otoo hin
fayyiin hafa ykn immoo Mootummaa
Waaqayyoo hin dhaalu jedhuudha. Kanaaf
Waaqayyoo waggaa 30tti kan cuuphame
sababa gubbaatti ka’eefi malee nutis
akkasuma waggaa 30tti akka cuuphamnuuf
miti.
Gooftaan Cuuphamuun maaliif isa
barbaachise?
Sadummaa isaa ragaa bahuuf – guyyaa
cuuphaan dura sadummaan Waaqayyoo ifaan
bahee hin beekamu ture. Gooftaan lafa
Yordaanositti yommuu cuuphamu icciitiin
Sadummaa (Sillaasee) ifaan mul’ateera. Innis
Abbaan hurrii keessaan “Kun ilma koo isa ani
jaaladhudha, isattis baay’ee nan gammada”
yommuu jedhu Abbaan Ilmaa ni beekame;
Afuurri Qulqulluunis amala jireenya isaa ta’uu
ibsuuf fakkeenya gugeetiin isarra taa’ee
mul’ate. Ilmis qaama isaatiin yeroo laga
Yordaanos keessatti cuuphamu
mul’ate.Yommus Waaqayyo Tokkummaa fi
Sadummaa isaa dhala namaaf ibse.
Raajii yeroo kakuu moofaa keessatti
dubbataman raawwachuufi dha. Faarfannaa
76(77):16, R.Hiizqi’eel 36:35
Fakkeenya nuuf ta’uuf – otoo inni ofii
cuuphamee isinis cuuphamaa jireenya bara
baraa ni argattu nuun jechuu baatee namoonni
tokko tokko ykn dogoggorsitootni cuuphaan
hin barbaachisu jechuu waan danda’anii inni
gaaffii namoonni kaasuu danda’aniif duraan
dursee debiseeraaf.
Cuuphaa guyyaa 40 fi 80
Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo
Itoophiyaa cuuphaan mana amantaa seenuuf
isa jalqabaa ta’uu isaa ni barsiifti (Yohaannis
3:5). Akka ragaa kanarraa hubannutti
cuuphaan ijoollummaa Sillaasee kan ittiin
argannu, Mootummaa Waaqayyoo kan nama
gonfachiiftudha malee mallattoo miti. Ilmaan
Waaqayyoo jedhamuuf jalqaba dhalachuu
qabna. Garuu namoonni tokko tokko
cuuphaan mallattoofi malee fayyinaaf miti
jedhanii dubbatu. Kan irratti hundaa’anii
dubbatanis Wangeela Maarqoos 16:16 irraatti
kan amane kan cuuphame ni fayya kan hin
amanne garuu itti murtaa’a isa jedhu
luqqisuun kan namatti murteessisiisu amanuu
dhabuudha malee cuuphamuu dhabuu miti
jedhu. Hiikni jecha kanaa garuu kan nuuf ibsu
icciitii amananii cuuphamuuti. Dabalataanis
jechi kun kan barreeffameef warra Iyyasuus
Kiristoosiin hin beekneef waan tureef, duuka
buutonnis gara warra hin amannee deemanii
barsiisaa waan turaniif warra hin amanneef
amanuun waan guddaa ta’uu isaa ibsuufi dha.
Gooftaan Iyyasuus Duuka buutota isaatiin gara
addunyaa hunda deemaa Wangeela koo
lallabaa, barsiisaa jedhee isaanitti himuun isaa
addunyaan kan hin amanne ta’uu isaa ibsa
(Maarqoos 16:13).
Namni tokko erga amanee cuuphamuuf
dirqama umriin guddaa ta’uu hin qabu.
Maatewoos 28:19 akkasumas Hojii duuka
buutotaa 16:31-34 irratti akkuma barreeffame
maatii yommuu jedhu guddaas xinnaas kan of
keessatti hammatudha. Hojii duuka buutotaa
15:16 irras seenaa dubartittii Liidiyaa
jedhamtuu yoo ilaalle kanuma nu hubachiisa.
Daa’immaniif cuuphaan akka raawwatamuu
qabu Kitaabni Qulqulluun ragaa ni baha.
Jalqabarratti kan hubatamuu qabu Afuura
Qulqulluun afuura akka kennuuf Raajii
Eermiyaas 1:5 irratti “Otoo gadameessa
keessatti si hin uumiin sin beeka; otoo
gadameessa haadha kee keessaa hin ba’iinis
si qulqulleesseera” jedhee akkuma dubbate
Waaqayyoon gadameessa keessatti isa
qulqulleesseera. Wangeela Luqaas 1:15 irrattis
“Otoo gadameessa haadha isaa keessa jiruu
Afuurri Qulqulluun irra bule” jechuun
Yohaannis Cuuphaan gadameessa haadha
isaa keessatti Afuurri Qulqulluun irra buluu
isaa nuuf mirkaneessa.
Dabalataanis namni tokko amantiidhaanis ta’e
hojii isaatiin daa’ima fakkaachuu yoo baate,
Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hin
dandeenye Kitaabni Qulqulluun ragaa nuuf
baha. Gooftaanis daa’ima waamee walakkaa
isaanii dhaabe “Akka daa’ima kanaa yoo ta’uu
baattan Mootummaa Waaqayyoo hin
galtani” (Maatewoos 19:15, Maarqoos 10:13,
Luqaas 18:15) jedhee dubbateera.
Seera Leewwotaa 12:1-8 irratti akkuma
barreeffame mucaan dhiiraa fi durbaa erga
dhalatanii booda guyyaa meeqatti gara Mana
Qulqullummaa geeffamuu akka qaban
ibsameera. “Dubartiin ulfooftee ilma yoo
deesse guyyaa torbaaf (7) kan xurooftedha.
Dhiiga isheerraas hanga qulqullooftutti
guyyoota 33f haa teessu” jedha. Kanaaf
mucaan ilmaa dhalatee gaafa guyyaa 7 + 33 =
40 gara Mana Qulqullummaa geeffama. “Yoo
durba deesse immoo guyyaa 14f kan
xurooftedha. Dhiiga isheeerraas hanga
qulqullooftutti guyyaa 66f haa teessu” jedha.
Mucaan durbaa dhalatte immoo gaafa guyyaa
14 + 66 = 80 gara Mana Qulqullummaa
geessu. Egaa Mana Qulqullummaa yommuu
geessan aarsaa dhiyeessu; kakuu haaraattis
ijoolleen kun erga dhalatanii akkataa guyyoota
kanaatti gaafa guyyaa 40 (dhiiraaf) fi 80
(durbaaf) gara Mana kiristaanaa
(bataskaanaa) geeffamanii ni cuuphamu,
aarsaa isa dhugaa fi jiraataa isa jireenya bara
baraa namaa kennu dhiigaa fi foon Gooftaas ni
fudhatu jechuudha. Kunis icciitii fayyinaa isa
guddaa dha. Gooftaa fi Fayyisaan Keenyi
Iyyasuus Kiristoosis yommuu dhalate sirna
kana rawwateera.
Sababni inni kan biraan immoo Macaafa
Kufaalee 4:9-12 irratti “Lafa uume akka eeguu
fi akka bituuf Addaam guyyaa 40tti haadha
manaa isaa guyyaa 80tti Jannataatti galche”
jechuun, Addaam erga uumamee guyyaa 40tti
Hewaanis erga uumamtee guyyaa 80tti gara
Jannataatti akka ol-galan kaa’ameera.
Jannatnis fakkeenya Mana Amantaa taatee
ilaalamti. Kanaaf Addaam mucuummaa guyyaa
40tti Hewaan immoo mucummaa guyyaa 80tti
argatan dhabanii waan turaniif sanyiin isaaniis
akkasuma dhabee ture. Amma immoo
cuuphaadhaan gaafa guyyaa 40 fi 80
mucummaan nuuf deebi’a jechuudha.
Sababoota adda addaatiin guyyaa kanaan ala
cuuphamuunis ni danda’ama. Fakkeenyaaf
guyyaan cuuphamuu daa’imaa otoo hin gahiin
yoo dhukkubee du’aaf shakkisiisu
(sodaachisu) ta’e daa’imni sun akka
cuuphamu Fitihaa Nagastiin ni eeyyama.
Akkasumas namni kamiyyuu dhalatee guyyaa
40 booda yoo amane umrii isaa kamittuu
battala amanetti ni cuuphama.
Hubachiisa: Namoonni tokko tokko ykn warri
shakkitootaa cuuphaan yoo hafes namatti hin
farachiisu inni guddaan amanuu dha jechuun
barumsa hir’uu barsiisu, cuuphaanis fayyina
ilma namaaf qooda inni qabu dhoksu ykn
immoo dogoggorsu. Kuni garuu akkuma
Wangeela Yohaannisirratti barreeffame namni
lammata hin dhalanne akka Mootummaa
Waaqayyoo hin galle akeekkachiisaan
dhuguma dhuguman isinitti hima jechuun
Gooftaan jecha ifa ta’een barsiiseera. Kanaaf
Mootummaa Waaqayyoo galuuf cuuphaan
amanuutti aanee ulaagaa isa lammaffaati.
Gooftaan maaliif laga Yordaanositti
cuuphamee?
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos kan laga
Yordaanositti cuuphameef :
i. Raajiin dubbatame akka raawwatuufi :- “
Galaanni argitee dheensite; Yordaanosis gara
duubaatti deebite….” Farfannaa 113:3-5.
Raajiin dubbatame kun akka raawwatufi.
ii. Fakkeenyi raawwatame dhugaa akka ta’uuf .
Yordaanositti namni Ni’immaan kan jedhamu
laga Yordaanositti cuuphamee dhibee isaa
foonii irra fayyee jira. “ nama waaqayyoo kan
ta’e, Elsa’i mootichi Ni’immaan jedhamu
huccuu isaa yemmuu tarsaasu yemmuu
argetti; gara koo haa dhufuu jedhe”
Ni’immaanis gaarii dhaan dhaqee mana Elsaa’i
biraa dhaabate. Elsaa’is gara laga
Yordaanosittis si’a torba dhiqadhu jedheen
innis dhiqate dhibee foonii isaarra fayye.”
2ffaa Mootota 5:8-14
Gooftaan laga kanatti cuuphamuun dhibee
lubbuu fi foonii irra nu fayyisuu nuuf ibsa.
Ni’immaan fakkeenya Addaamiiti.
Dhukkubni abaarsa Addaam.
Fayyuun isaa cuuphaan fayyuu keenyaa ibsa.
Yordaanos fakkeenya cuuphaa bishaaniti.
iii. Yordaanos laga tokko yemmuu taatu - gadi
siqxee bakka lamatti wal-hira. Isaan laman
kunis Yoor fi Daanos jedhamuu. Yoor kara
warra Isira’eelotaati; Daanos karaa warra saba
Waaqayyo hin beekneti (hormootaati). Gadi
siqee tokko ta’a. bakka isaan waal-qunnaman
kanattis Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos
cuuphame.
Fakkeenyi kanaas:-
Bu’urri isaa tokko ta’uun:- sanyiin ilmaan
namoota tokko ta’uu jechuun sanyii Abbaa
keenya Addaam ta’uu ibsa.
Bakka lamatti qoodamuun: ilmaan namoota
bu’urri isaani tokko ta’ee osoo jiruu saba
Waaqayyoo (Isira’eelota) fi warreen hormoota
(saboota Waaqayyo hin beekne ) jedhamani
bakka lamatti qoodamuu isaani nuuf ibsa.
Gadi siqee tokko ta’uun isaanii:- saboonni
laman kun barumsaa wangeelaa tokkotti
amanuu kan ibsu dha.
Gooftaan bakka inni waal qunnametti
cuuphaamuun isaa:- tokko isin taasisuu dhaaf
dhufeera, saba gargar bahee jiru kana tokko
taasisuuf dhufeen jira jechuu dha. Dabalatan
akka barsisa mana amantaa keenyaatti iccitiin
Gooftaan laga Yordaanoositti cuuphameef
ergaa diinni keenyaa seexanni Addaami fi
Hewaan Gannata (Jannata) keessa baasee,
isaanif hin cifne ture. Innis “Addaam garbicha
seexana; Hewaanis garbitti seexana” jedhee
mallatteessiffatee ture. Mallattoo isaanii kanas
laga Yordaanositti fi Si’ool keessatti awwalee
ture. Gooftaan keenyaas gatii xalayaa kana
barbadessuuf laga Yordaanositti cuuphame.
Xalayaa isaa Si’ool keessa jiruus gaafa guyyaa
jimaata Si’ool deeme nuuf barbadeesse;
lubboota Addaam irraa eegalanii bilisa baase.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis deemee
cuuphamee?
· Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
· Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo
Gooftaan Yohaannis bira deemee cuuphamuu
baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda
addaa manatti koottaa maatii keenyaa nuuf
cuuphaa jedhani abboota luboota ni rakkisu
turani. Kanaaf manni amantaa barumsa
Gooftaa irraa argatte kanan ummata kamiyyuu
osoo adda hin qoodiin mana amantatti ni
cuuphti.
Yohaannis yemmuu Gooftaa cuuphuu maaliif
harka isaa irraa hin keenye?
Yohaannis Gooftaa yemmuu cuuphuu harka
isaa irra hin keenye bishaan ofuma isaatiin ol
itti faca’e cuuphame. Sababni isaas:-
a.
Aarsaan kakuu moofaa darbeera; aarsaan
keenya si’i dha jechuu dhaaf harka isaa irra
hin keenye. Yeroo kakuu moofaa aarsaa dhaaf
makoodii(gugee), horii aarsaa dhaaf
dhiyeessu turani. Namni cubbuu hojjatee
aarsaa kanas qabatee dhufee harka isaa
wanta aarsaadhaaf fide kanarra ka’uudhaan
cubbuun isaa gara wanta qulqulluu aarsaa
dhaaf dhiyeesse sanatti darba. Namichis
cubbuu isaarra bilisa ta’a. Garuu kakuu haaraa
keessatti Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos
aarsaa dhugaa nuuf ta’ee cubbuu keenya irraa
bilisa nu baase. Ibroota 7:26-28 “ Egaa luba ol
aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan
xurii hin qabne, kan cubbamtoota irraa adda
ta'e, samii olittis kan kabajame akkasii
qabaachuun nu barbaachisa. Inni akka luboota
ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan jalqabatti
cubbuu ufii isaatiif, ergasii immoo cubbuu
namootaatiif jedhee aarsaa dhiyeessuun isa
hin barbaachisu; inni yommuu uf kenne sanatti
al-tokko bara baraaf cubbuu namootaatiif
aarsaa dhiyeesseeraatii.”
b. Qaamni Waaqumma tuqamuu akka hin
dandeenye ibsuufi
Afuurri Qulqulluun maaliif bifa gugeetiin
bu’ee?
· Yeroo bara Nooh gugeen “ bishaan badii
hir’achuu” isaaf baala ejersa qabattee deebite.
Yeroo kakuu haaraa Afuurri Qulqulluun immoo
“garbi cubbuu hir’ateera” jechuun bifa
gugeetiin mul’ate.
· Makoodiin hamaa (daba) laphee ishee
keessa hin qabattu, lapheen ishee qulqulluu
dha. Afuurri Qulqulluunis cubbuu hojjanneetti
yoo gaabbinee daddarbaa keenyaaf dhiifama
nuuf godha (nuuf taasisa).
· Gugeen mana ishee jalaa diiguu yoo baatanii,
ishee yoo rukutan akkasumas phuuphaa ishee
yoo jala caccabsanillee bakka ishee dhiistee
hin deemtu. Namni tokko hanga Waaqayyoo
amanetti (hin gannetti) Afuurri Qulqulluuniis
uumamtootni cubbuu adda addaa hojjatanillee
irraa hin fo’amu.
· Gooftaan keenya kan cuuphamee halkan
keessaa sa’aati 10tti dha. Yeroon kunis yeroo
namootni itti boqonnaa fudhatani dha; yeroo
tasgabbiiti. Yeroo kanas gugeen hin balaliitu.
Osoo wanta halkan balaliitu ta’ee, Afuura
Waaqayyootti fakkeeffamtee turtee warri
Yihudootaa kun Afuuraa Qulqulluu miti jedhu
turani. Waaqayyo Gooftaanis akka Afuurri
Qulqulluun bifa gugeetiin bu’uu isaan
beeksisuufi.
Namootni maqa eenyuutin cuuphamuu qabuu?
Wangeela Maatewoos 28:19 “Deemaati maqaa
Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphuu
dhaan saba koo taasisa” kan jedhu bu’uura
godhachuun manni amantaa keenyaa maqaa
Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutin ni cuuphti.
Warreen maqaa Kiristoosi qofaan cuuphna
jedhan ni jiru. Isaanis Hojii duuka bu’oota
2:38 “ Gaabbii galaa; cubbuun keessanis akka
isinif dhiifamuuf
maqaa Kiristoosiin cuuphamaa,kan jedhu kana
bu’ura godhachuun maqaa Kiristoos qofaan
cuuphna jedhu. Kun garuu hubannoo dhabuu
dha malee asumarratti yoo ilaallee maqaa
Kiristoos qofaan kan jedhu hin jiru; maqaa
Kiristoosin jedha malee. Garuu Sababni
jedhameef waarreen Kiristoositti hin amanneef
Kiristoositti akka amanan taasisuufi dha.
Duuka bu’ootni kaayyoon isaani inni guddaan
warra Yihuudootas ta’ee namoota Gooftaa
keenyaa Iyyasuus Kiristoositti hin amanne
akka amanan taasisuu dha ture. Yeroo
baay’ees maqaa Iyyasuus Kiristoos dhahuu
dhaan waantoota baay’ee raawwachaa turan.
Sababni isaas warri Yihuudotas ta’ee
shakkitootni adda addaa Kiristoos irratti akka
ka’an Afuurri Qulqulluu
-------------------------
# 60
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Baala Ejersaa fi Allaaduun Tibbanaa kuni maalinnii?


Torban dhukkubbii kana keessa baalli/biqiltoonni sadii
baldhinaan tajaajilaaf yoo oolan agarra. Isaanis dame muka
meexxii, baala ejersaa fi allaadudha. Waa’ee muka meexxii/
zanbaabaa/ dheengadda ayyaana Hosaa’inaa irratti maaliif
akka ta’e barreeseera. Amma ammoo guyyaa kamisaa kan
lukaan nama dhiqamuu fi guyyaa Jimaataa sagada booda kan
lubootni ittiin gateettii nama rurrukutan baala ejersaa fi guyyaa
Sanbata xinnaa dhallaaduu/allaaduu namootaaf hiramu maal
akka ta’e gabaabseen ibsa:
1. Baala Ejersaa
Baalli ejersaa kakuu haaraa keessattis ta’ee kakuu moofaa
keessatti tajaajila garagaraaf yemmu oolu agarra.
Jalqabumayyuu bishaan badiinsaa lafa kana irraa qooruu isaa
akka hubachiiftuuf ka ergamte guggeen bishaanichi qooruu
isaa gara Nohitti aaga/missiraachoo/ qabatee kan deebite
baala ejersaati. Akkasitti barraa’es “Nooh…guggee tokko doonii
keessaa gadi baasee erge; guggettiin ammo galgala gara
isaatti yemmuu deebitu kunoo xobbee baala ejersaa afaanitti
ni qabatti ture kana iratti Nooh bishaanichi lafarraa akka gadi
xinnaate ni bare”(Uma 8:11)
Mukti ejersaa mukkeetii jiran keessaa cimaadha; Fakkenya
jabina Waaqayyooti ibsa jedhu abbootni. Wantoota
garagaraafis dhimma itti bahu. Fakkeenyaaf cuunfaan isaa
ibsaaf yookan boba’aaf gargaara (Leewwota 24:2;Mat 25:1)
Zayitni ejersaa aarsaaf kakuu moofaa keessatti itti fayaydamaa
turan. Yaaqoob iddoo Waaqayyo halkan abjuun itti muldhatetti
isa Beet’eel jedhee moggaasetti dhadhaa ejersaa
dhangalaseera(Uma 28:18). Akkasuma quufa fi badhaadhina
agarsiisa(Iyyu 2:24). "Sanyiin gombisaa keessa jiraayi?, mukti
waynii, mukti harbuu, mukti roomaanii fi mukti ejersa ija hin
godhanne, ani har'aa jalqabee isin nan eebbisa" (Haagee 2:19).
Kakuu haaraa kessatti illee dibata qulqulluun sirna qandiilii ittiin
raawwatamu zayita ejersaarraa qophaa’a. “Isin keessaa kan
dhukkubsate yoo jiraate luboota waamee kadhannaan yaa
raawwatamuuf, dibata qulqqulluus yaa dibamu”(Ya’i.5:14-15).
Qandiiliin dibata qulqulluu jedhamuun kan beekamu yoo ta’u
kan irra hojjetamu zayita ejersaatirrati. Mukkeen dallaa mana
kiristaana/bataskaana/ keessa mukti ejersaa dhabamuu hin
qabu.
Baalli ejersaa hiikkawan kana hunda waan qabuuf guyyaa
kamisaa luka ittiin dhiqatu; Jimaata ammo lubootni kan ittiin
nama gateettii rurrukutaniif reebamuu Gooftaa yaadachuufi.
2. Dhalladuunis/Allaaduunis
Dhalaaduun margaa dheera lalisaadha. ”Waaqayyo tiksee kooti
ani homaa hin dhabu inni marga lalisaa keessa na boqachiisa
gara laga itti haara galfataniittis na geessa”(Far 23:2). Kan
margus lafa bishaan qabatutti/wataratti/.Dhallaaduun lafa
dhaqdhaqiitti malee guddachuu ni danda’aaree?(Iyyoob 8;11)
akkuma jedhu Iyyoob. Dhallaaduus Sanbata Duraa qabachuun
ammas mallattoo misiiraachoti.Nagaan bu’uu agarsiisa.Kiris
toos Nagaa keenya waan ta’eef(Efe 2:14) nagaa kanas kan
nuuf fide lola fannoo Isaatiin ajjesetinini(Efe 2:16).
Misiraachoo kana namootaaf himuuf lubootni diyaaqonoonni
Sanbata Xinnaa namaaf raabsu. Dhallaaduu kana ammoos
Sanbata xinnaa luboonni fi diyaaqonoonni uummataaf
naanna’anii raabsu. Kunis lola fannoo isaatiin ajjeese;nuuf
ammoo fannoo isatiin nagaa buuse jechuudhan.Mada
a’uusaatiin fayyuukeenya ibsuuf! Akkasumas hayyuun amanta
Qulqulluu Yaareed waa’ee nagaa kana faarfateera,kanas
uummatatti himuf.Hordoftoonni mataatti hidhachuun isaanis
gonfoo qoraattii yaadachuuf nu ammoo gonfoo injifannoo
argachuu keenya ibsachuuf taasifama
Gara biyya keenyatti yoo deebinu ammoo biqiloonni kun
lameen Oromoo birattis hiikkaa guddaa qabu. Fakkeenyaaf
Oromoo Tuulamaa biratti bokkuun muka ejersaa irraa
qophaa’a. Bokkuu kana qopheessuuf saayinsii muka erga wal
irraa kutanii(muka bokkuu ejersarraa gidduu baasanii)
deebisanii walqabsiisuutti akka fayaydamaa turan
manguddoonni ni himu. ‘Gadaa jiituun bokkuu jiidhaa
magarfatti’ jedhama, ejersarraa!
Allaadunis ammoo keessumattuu kan hojjaan isaa giddu
galeessa ta’e qunnii shamarran guyyaa qaamee ittiin sirbu,barri
darbuu,dukkanni darbuu ibsuuf kanaaf “Allaaduu laga lagaa;
allaaduu laga lagaa; waggaa malee hin deebitu; qaammee yaa
naga nagaa” jedhu(Dabalata Kitaaba Seenaa ‘Ortodooksii
Oromiyaatti’ jedhurraa argattu)
Ka dhageenye waldhageessisuun kaffaltiin ishee hanga `lubbuu
baraarutti ta`a//
-------------------------
# 59
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha?

(2ffaa Qor. 6፥16)

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo


Ameen.
Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa’e. Kaayyoon inni duraa
warri amantii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru
beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee ‘Hordofaa,
amantiin fi beekumsaan badhaadhe’ taanee amantii keenyaan
akka cimnu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi
“Uummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka’e bade

jira” (Hos. 4፥6) jedhetti, warroota waa’ee amantii kanaa

(Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin


barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii
dhugaa ittiin deebi’an akka ta’uuf barbaadamee ti.
Taabota jechuun ibsituu kabaja Waaqayyoo, Teessoo isaa kan
kabajaa jechuu dha. Waaqayyoon, Bulchaan lafaa fi samii
taabooticha irra bulee Muusee akka haasofsiisu ofiisaa
Waaqayyo Muuseetti waan himee fi taaboticha irras bulee
waan haasoofsiise dhaafi. (S.Bahuu 25:22, S.Lak. 7:89)
Namootni tokko tokkoo Taabota ilaalchisee gaafileen isaan
kaasan ni jira. Fkn.
Taabota Waaqayyoodhaan ‘waaqa tolfamaa ti’ kan jedhan jiru.
Warri biroon immoo ‘Kakuu Mooffaatti Taabotni ni jira ture
Kakuu Haaraatti garuu hafeera. Hin barbaachisu.’ Jedhu.
Taabota ilaalchisee gaaffilee kanaa olitti ka’aniif manni
Kiristaanaa keenya akka itti aanutti barsiifti.
Gaaffii -1 :- “Ol samii irratti gadi lafa irratti fakkeenyaa fi boca
kamiinu fuuldura kee hin kaa’in hin sagadiniifis.” (S.Bahuu
20:4-5) yaada jedhu kaasaa ‘Taabonni hin barbaachisu’ kan
jedhan jiru.
Deebii:- Caqasni armaan olii kun waaqota tolfamoo bakka
Waaqayyootti waaqeeffatamaniif dha malee, Ibsituu Kabaja
isaa kan ta’e Taabotaaf, Fannoo fi fakkii Qulqullootaa fedha
Waaqayyootiin kennamaniif hin caqasamu.
Seerri Waaqayyoo waraqata irratti barreeffamuu oggaa
jalqabu, icciitiwwan lakkoofsi isaanii hedduu ta’e dha afaan
Waaqayyootiin hangafa raajotaa kan ta’e Muuseetti dubbateera
kan dubbatame. Iccitiiwwan raajichi Muuseen Waaqayyo waliin
kallattiidhaan haasa’e keessaa immoo “Akkuma isa duraatti
Tsillaatii dhagaa boci!” ajajni jedhu iccitii isa tokko dha. Kunis
“Waaqayyoon Muuseedhaan jedhe ‘Tsillaatii dhagaa, lama
akkuma isa duraa godhii tii boci, gara Koos gara gaaraatti ol
bahi Tsillaatota lamaan duraa cabsite irra jechoota turan irran
barreessa.” jedha. (S. Bahuu 34:1-2)
Dubbisa kitaaba qulqulluu keessatti bifa mamii hin qabneen
akkuma ilaalle Muuseedhaaf bakka Tsillaatota duraa Tsillaatii
biroo akka hojjetu ajajni (abboommiin) kennameefi jira. Gadi

siqees “ወወቀረ ሙሴ ክልኤተ ከመ ቀዳምያት; Muuseenis Tsillaatota

lama akkuma isaan duraa godhee boce” jechuudhaan ni


guduunfa. (S.Bahuu 34:4)
Egaa jechi kun akkanumaan nama ija fooniinis ta’ee ija
lubbuutiin ilaaleef; Waaqayyoon afaan isaatiin “Taabota boci”
jedhee Museetti yoo dubbatu Muuseenis ‘Ameen’ jedhee
ajajicha yoo raawwatu agarsiisa. Kunis icciitii hedduu akka
qabu ifa dha. ‘Maaliif’ yoo jedhan ta’e?
Taabota akka bocu Muuseen ajajamuunsaa, Taabotni
yeroodhaaf uummata Israa’eeliif seera Waaqeeffannaa
raawwachuu fi kadhannaadhaaf akka ta’uufi dha.
Taabotni inni duraa erga cabee booda, Taabota isa lammaffaa
akka bocu Abbaan keenya Muuseen ajajamuun, Taabotni
maqaa qulqullootaatiin bocamaa dhala dhalootaatiif akka
barbaachisu ibsuufi dha. Jecha birootiin Taabootni duraa
sababa waaqa tolfamaatiin erga cabe booda, lammaffaa akka
bocaman ajajuunsaa Taabonni si’a tokko qofa waaqeffannaaf
kan barbaadamu fi sana booda kan gatamu akka hin taane
barsiiisufi dha.
Ijoon icciitii kana hundaa garuu, taabootni Kakuu Moofaattis
ta’ee Kakuu Haaratti hanga dhumaatti jiraachuuf Waaqayyoo

irraa kennamuusaa akka beeknuufi. Kunis:- “ወእጽሕፍ ውስተ ውእቶን

ጽላት ዝክተ ነገረ; Akkuma isa duraa hunda ajaja kurnan isa

kanarrattis nan barreessa” jechuu isaati. Wanti bu’uurri


guddaan Kakuu Moofaattis ta’ee Kakuu Haaraatti Taabota irra
ajajni kurnan jirachuu jiraachuu isaanii ti. Ajaja kurnan keessaa
inni tokko immoo “Anaan alatti waaqota biro hin qabaatin!”
kan jedhuu dha. S.Ba’uu 20:3
Kanaafuu Taabota irra maqaa isaati malee kan waaqa
tolfamaa hin jiru. Taabotaaf sagaduun keenyas seera icciiti
kana beekudhaani malee, beekuu dhabnee bobbocaaf yookin
waaqa tolfamaadhaaf sagadaa, waaqeeffannaa ormaa
(haaraa) raawwachaa hin jirru.
Egaa, maqaan isarra jiru maqaa Waaqaa yoo ta’e; ajajnis
(abboommiinis) kan waaqa tolfamaa osoo hin taane, kan
Waaqayyoo yoo ta’e; afaanuma Waaqayyootiin Taabotni akka
bocamu Muuseedhaaf ajaja Malakotaawaa (Waaqummaa) yoo
ajaje Taabotni Teessoo maqaa Isaa ta’ee bara baraaf
jiraachuuf malee baraan hambifamuu kan danda’u miti.
‘Maaliif?’ yoo jedhan, bara hangafa raajotaa Muusees ta’e
har’a, Taabota irratti kan katabame maqaa Waaqayyooti.
Muuseedhaaf Taabonni kennameera. waaqeffannaa
Waaqayyoo ittiin raawwachaa turee boqate. Isatti aansee
Iyyaasuunis akka Muusee Taabota luboota baachisee gara lafa
dhaalaa gale. Boodas Daawiit mana Abiidaaraa irraa gara
mana Iyyaabuus fichisiisee Taabota fuulduratti faarfate. (Iya
3:1-17)
2ffaa Saamu’eel 6:10-12 Manni Abiidaaraa taabotaan akka
eebbifame (kabajame) Daawwitis Taabotaan eebbifamuu
barbaaduunsaa kabaja taabotaa raajii afuuraatiin waan
beekefiidha. Kanaafuu Muuseedhaa hanga Daawitii, Daawitii
hanga dhaloota Kiristoos Taabonni kabajni Waaqayyoo kan
irratti mul’atu ta’ee sagadamaafii tureera.
Kakuu Haaraatti nama ta’ee foon uffatee fannoo irratti
fannifamee garaa awwaalaa keessa guyyoota sadii fi halkan
sadi bulee du’a mo’ee ka’e. Ka’ee yoo olba’u barsiisota
muudeefi olba’e. kana booda Abbootni Duuka Buutonni
barsiisaniiru. Baruumsa guyyaa tokkootiin namootni
kumaatamaan lakkaawwaman amananiiru. Kanniin keessaa
uummanni Qorontoos adda durummaan tuqamu. Uummanni
Qorontoos kunniin amananii erga cuuphamanii dukkana
keessaa erga bahani boodas, barteen dur baranii turan
salphatti dafee jijjiiramuu hin dandanda’uu ti. Oolmaa lallabaa
qulqulluu Phaawuloosi dhagahanii bahanii gara mana waaqa
tolfamaa deemuunsaanii hin hafne.
Sana kan dhagahe qulqulluun Phaawuloos qulqullummaa
Taabotaa, xuraa’ummaa waaqa tolfamaas yoo ibsu “Taabota
Waaqayyoo” jedhee waaqa tolfamaa saniin immoo “xuraawaa”

jechuudhaan ibse. Kunis “ወመኑ ዘይዴምር ታቦተ እግዚአብሔር ውስተ

ቤተ ጣዖት?; Taabota Waaqayyoo mana waaqa tolfamaa keessa

kan kaa’u eenyu?” 2ffaa Qor. 6:16 jedhee erga walbira qabe
booda, gara waaqa tolfamaa ormootatti fiigan /deeman/

oggaa gorsu “ወኢትቅረቡ ኀበ ርኩሳን; gara xuraawootaatti hin

dhiyaatinaa” jechuudhaan isaan gorse, barsiiseesi.


Egaa, ‘xuraawoo’ yoo jedhu barsiisaan keenya qulqulluun
Phaawloos “xuraaawaa” jedhee kan balaaleeffate waaqa
tolfamaa yoo ta’u; “Taabota Waaqayyoo” jedhee kan ibse
immoo Taaboticha dha. Egaa, Taabotni fi waaqni tolfamaan
afaan qulqulluu Phaawloosiitiin akkanatti wal irra fageenya
hanga lafaa fi samii ga’u qabu.
“Kakuu Haaraatti Taabotni hin barbaachisu” warra jedhan
hunduma isaaniitiif “Taabota Waaqayyoo” jedhamee afaan
qulqulluu Phaawloosiitiin kan ragga’ameef; Taabotni
jiraachuun, ragaa gahaa dha. Ibsa biraatiin bara qulqullicha
Phaawloos waaqa tolfamaanis Taabotnis ni ture jechuu dha.
Odoo hin jirre ta’ee immoo Taabotni dur ni ture. Garuu kana
dhiisee kanneen biro qofa barsiisuu odoo qabu; Taaboticha
waaqa tolfamaa irraa, Kiristoos Belihoor irraa adda baasee hin
barsiisu ture. Inni garuu “ Kiristoosii fi Belihoor gama kamiinuu
gamtaa akka hin qabne Taabotni fi waaqni tolfamaanis
akkasuma dha” jedhee Taaboticha “Taabota Waaqayyoo”
waaqa tolfamaa sana immoo “xura’aa” jedhee adda baasee
barsiise. Egaa, jechi kun amanamaa fi qabatamaa dha malee,
barumsa fakkenyaa waan hin taaneef Kakuu Moofaattis ta’e
Kakuu Haaraatti Taabotni jiraachuun sirnaan hubachiisa. Mana
kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Taabotni
jiraachuunsaa bu’uura jecha kanaatini malee wallaaltotni akka
jedhan dogoggoraan miti.
Taabota irratti maqaan Waaqayyoo chaappeeffameera. Kan
maqaan Waaqayyoo itti chaappeeffame “bobboca” jedhamee
waammamuu hin qabu. Dhugaa dha innumtu Waaqayyoon
Taabotni akka hoojjetamu (bocamu) gaalee kanaan itti

himeera. “ቀርጽ ከመ ቀዳሚ; akka isa duraa godhi boci!” jedhe.

(Ser.Bahuu 34፥1-2) Haa ta’u malee, isa “boci” jedhee ajaje,

Museen kan boce sana maqaan Waaqayyoo erga itti katabame


booda “Taabota” jedhe malee “bobboca” jedhamee hin
galmoofne. “Bobboca” kan jedhamu maqaan Waaqayyoo kan
itti hin barroofne wanta bu’aa dhabeessa ta’e dha. Qulqullichi
Phawloosis kabajee “Taabota Waaqayyoo” jedhee waame
malee “bobboca” jedhee hin hir’ifne. “Maaliif?” yoo jedhan,
maqaan isaa itti katabameera waan ta’eefi dha. Waaqayyoon
immoo maqaa Isaa waan jaallate irratti barreessee barsiisuu
ni dand a’a.
Waaqayyoon Museetti yoo himu “Karaa keetti akka si eeguuf
iddoon siif qopheessettis akka sigalchuuf kunoo ani Ergemaa
Koo fuldura keetti nan erga, fuuldura isaattis of eeggadhaa!
Jecha isaas dhaggeeffadhaa! maqaan Koos isa irra jira waan
ta’eef cubbuu yoo hojjettan dhiifama isiniin hin jedhuu waan
ta’eef hin mufachisinaa! Jedheen jira. (Seer.Bahuu 23:20-22)
Haala Kanaan yoo ilaallu immoo Taaboticha irratti maqaan
isaa chaappeeffameera. Maqaan barreffame immo kan
Waaqayyoo waaqeeffannu ta’uu isaatiin fi kan sagadnus
maqaa Waaqayyoof malee kan biraatiif akka hin taane ragaa
nuuf ta’uufi dha.
Kanaaf, Waaqayyoon, Waaqni keenya Taabota waadaa Isaa
Muuseedhaaf yoo kennu maqaan isaa Taaboticha irratti
barreeffamee ture. Kunis ibsa kabaja Isaa ta’uuf warra
dhalootaan Israa’eelkan ta’aniif kakuu haaraatti Taabotaaf ni
sagadna. Maqaansaa itti barraa’eera waan ta’eefi dha.
Waaqeeffannaa ormaas hin raawwanne.

“ወንሰግድ ኀበ ቆመ እግረ እግዚእነ; bakka miilli Gooftaa keenya

dhaabbate hundatti ni sagadna.” (Faar. 131:7) jedhee


qolqulluun Daawit akka nu barsiisetti malee, beekuu
dhabuudhaani miti. Sababni isaas, Taabotni Waaqayyoo
kennaadhaan gargaarsaan kan irra bulu fi irratti mul’atu dha.
(Seer. Bahuu 25:22, Seer. Lak. 7:89)
Kakuu Haaraa keessa Taabotni Waaqayoo raawwii seera
waaqeffannaatiif bu’uura ta’ee tajaajila kenneera. Kunis,
maqaan Waaqayoo waan irratti barreeffameefi dha. Kakuu
Haaraattis Taabotni Waaqayyoo raawwii seera waaqeeffannaaf
kan oolu dha. “Maaliif?” yoo jedhan maqaan waaqayyoo itti
barreeffameera waan ta’eefi dha.
Kaleessa Kakuu Haaraatti har’as Wengeelaan kabajni isaa
ibsamuu kan danda’e maqaan Waaqayyoo waan itti
katabameefi dha. Maqaan Waaqayyoo immoo kaleessa Kakuu
Moofaatti fi ha’as Kakuu Haaraattis tokkuma dha. ‘Tokkuma’
jechuunis maqaan isaa kan biraa, inni kan biraa ti jechuu dha
miti. Kanaafuu, har’as ta’ee boru maqaa Waaqayyoo waamuun

maqaa isaatiif sagaduun iccitii amantaa keenya dha. “ከመ

ለስሙ ለኢየሱስ ክርስቶስ ይስግድ ኵሉ ብርክ ዘበሰማያት ወዘበምድር

ወበቀላያት ወእለ ታሕተ ምድር; samiittis ta’e lafatti maqaa isaatif jilbi

hunduu ni jilbeeffata ni sagada” jedhemee akkuma


barreeffame, (Fil. 2:10) Israa’eelis Taabota fuulduratti sagada
dhiyeessaa turan. (Isa 7:6)
Uummatni Israa’eel Taaboticha kabajuuf jecha yeroo lubootni
Taabota baatani, uummanni Taabota irraa hanga ciqilee kuma
lama ni fagaatu ture. (Isaa. 3:4) Har’a uummata Mana
Kiristaanaa keenyaan kabaja Waaqayyootiif jecha “Taabota
irraa fagaadhaa” kan jedhemu kana irraa kan ka’e dha.
Solomoon Mana Qulqullummaa guddaa erga hojjate booda,
Taaboticha Mana Qulqullummaa kessa kaa’e.” (1Moot. 8:6)
Sana boodas tajaajilli sun itti fufeera. Kabajni Taabota kanaa
Kakuu Haaraa keessa samii irratti mul’ateera. (Mul.Yooh.
11:19). Waaqayyoo biratti, keessattu Kakuu Haaraa keessatti
kabajni Taabotaa lafa irratti qofa odoo hin ta’in kan samiis
ta’eera. “Taabotni Waaqayyoo samii irratti muldhate.” Jedhaa
waan ta’eef. (Mul. Yooh. 11:19). Kun immoo bara Kakuu
Moofaa caalaa bara Kakuu Haaraa kabajni Taabotaa gar-
malee kan caalu ta’uusaatii fi Kakuu Haaraatti akka itti
tajaajilamnuuf Waaqayyoon kan eeyyeme ta’uu isaa agarsiisa.
Waaqayyoon hin eeyyemne odoo ta’e kabaja isaa samii irratti
hin ibsu ture. Kakuu Haaraatti Taabota jechuun addunyaa
dhaaf ofii isaa aarsaa godhee kan kenne kan Waaqa keenya fi
Fayyisaa keenya kan Iyyasuus Kiristoos foonsaa Qulqulluu fi
Dhiiga isaa Ulfaataatiif Teessoo (iddoo aarsaa) ti. Taaboticha
irrattis kan barreeffamu “Aalfaa fi Oomeegaa (kan duras ture
ammas kan jiru fi Waaqa bara baraaf jiraatu)” kan jedhu
maqaa isaa qulqulluu ti. (Mul. Yoh. 22:13) Taabota fuul-
durattis kan sagadamu maqaa Qulqulluu kanaafi dha.
Gaffii – 2: (Eer. 3:16) irratti “Armaan booda Taabota
Waaqayyoo jettanii yeroon itti hin waamne ni dhufa.” waan
jedhuuf, Kakuu Haaraatti ‘Taabota Waaqayyoo’ jenne waamuu
hin qabnu kan jedhen jiru.
Deebii: Raajichi Eermiyaas sababni kana jedheef, Israa’eel
Waaqayyoo waliin kan wal quunnaman, diina isaanii kan ittiin
mo’atan, eebba Waaqayyoo biraa ittiin argatan, Taaboota
waadaa kan ta’e kana dhiisanii fuula gara waaqeeffannaa
waaqa tolfamaatti deeffatani. Yeroo kana ifa godhee
“Baabiloon irraa Naabuukadanatsoor ni dhufa, Iyyaruusaaleem
ni weerara, Mana Qulqullummaa keessanis ni diiga. Isiniinis
booji’ee fudhatee waggoota 70’f (torbaatamaaf) isin tuma.”
jedhee raajii itti dubbate. Kan inni (raajichi) jedhes hin hafne.
Naabuukadanatsoor ni dhufe. Iyyaruusaaleem weeraramte.
Manni Qulqullummaa isaaniis ni diigame. Meeshaaleen
waaqeeffannaas saamaman. Isaanis booji’amanii fudhataman.
Amma biyya ormaatti waan diina isaanii ittiin mo’atan, waan
Waaqayyoo waliin ittiin wal qunnaman Taabotni Waaqayyoo
hin argamne. Yeroo sana jechi raajichaa raawwatame.
Taabotni Waaqayyoo gidduu isaaniitti hin argamne waan
ta’eef, maqaa Taabotichaa waamuu hin dandeenye. “Raajii
kana maaliif dubbatte” jedhanii firoota isaa kan ta’an
Israa’eelootni Eermiyaasiin boolla finchaanitti darbaniin. Haa
ta’u malee, waan inni dubbate keessaa wanti odoo hin
raawwatamin hafe hin jiru.
Nuti kiristaanotni Kakuu Haaraa garuu Taabotni keenya nu jalaa
hin badne. Akka tasaa warri jalaa bade waan hin amanneefi
dha malee, Taabotni Tsiyooniis ammallee Itiyoophiyaatti
argamti. Xummurame. Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hin
fagaatiin.
Maddi toora website
Waldaa Qulqullootaa

-------------------------
# 58
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU


WAAQA TOKKOO AMEEN!

➝ Kabajamtootaa fi jaalatamtoota maatii waaqayyoo! akkam

jirtu
Baga Ayyaana Hosaa'inaa geessan!
AYYAANA HOSAA'INAA
Ayyaanni Hosaa'inaa ayyaana Gooftaa keenya Iyyesuus
Kiristoos gurguddoo salgan (saglan) jiran keessaa isa tokko
yemmuu ta'u, Torbee Tsoomii guddicha saddeettan jiran
keessaa isa saddeetteffaa fi isa xumuraati.
Jechi "Hosaa'inaa" jedhuu jecha Giriikii yoo ta'u, hiikkaan
isaa immoo "Fayyisaa olii dhufee" ykn immoo "Amma dafii
kottuu fayyisi!" (Faar.117(118):25) jechuu dha. Waa'ee ayyaana
Hosaa'inaa kana wangeelaawwiyaanoonni arfanuu kan
barreessan akka ta'uutti barreessaniiru. Maat.21:1-11,Ma
ar.11:1-11, Luq.19:28-40, Yoh.12:12-19.
Qulqulluun Maatewoos Maat.21:1 irratti iddoo itti
guddatee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara
lyyerusaalem deemuudhaaf naannoo Beeta Faagee jedhamu
yeroo ga'u barattoota isaa keessaa nama lama "gara mandara
isin fuuldura jirtu deemaatii Harree haadhoo ilmoo ishee wajjin
hidhamtee jirtu hiikaa naa fidaa! Namichi Harree kana hidhe
maaliif hiiktu yoo isinin jedhe gooftaasheetu barbaadee
yookaan gooftaaf barbaachifti jedhaa!" jedhe isaan erge.
Bartootnis akkuma isaanitti himameetti deemanii hidhaatti
hiikanii fidaniif. Bartootni isaas dugda Harretti irra uffannaa
isaaniis buusaniifi. Gooftaanis yaabbatee irra taa'ee gara
lyyerusaalemitti yemmuu adeemuu eegalu namoonní mandara
lyyerusaalem keessa jiraatan "Harreen ati yaabbattee irra
teessee ittiin deemtu lafa ejjechuun hin ta'uu" jechuudhaan
inni uffata qabu uffannaa isaa ofirraa fuudhee jala hafe, kaan
immoo damee muka kukkutani, damee muka Meexxiis immoo
harka isaaniitti qabatanii "Maqaa Waaqayyoon kan dhufu inni
galateeffamadha! Hosaa'inaa ilma Daawwitiif, Hosaa'inaa
Aariyaamitti" jechuudhaan galateeffatan.
Keessumatti immoo mootichi Daawwit faaruu isaa
Faar.8:5 irratti "Afaan mucooliif daa'immanii keessaa galatni
siif qophaa'e" kan jedhuu kan inni raajee akka raawwatamuuf
daa'imman dhalatanii guyyaa afurtamaa fi saddeettamaffaatti
kaasuu haadhaa keessaa gad bu'uudhaan bifa ajaa'iba ta'een
galateeffatan. Kunis kan ta'eef ergamoonni Waaqa irraa Harree
sana marsuudhaan galatoo yemmuu isaaf dhiyeessan
akkasumas Biiftuun illee Harree sana fuulduratti yemmuu
sagadduuf hojii Afuura Qulqulluutiin arganii "maqaa
Waaqayyoon kan dhufu galateeffamadha" jechuudhaan
galateeffatan.
Yeroo kana Yihuudonni guddaa aaranii "maaliif daa'imman
kana nutti waccisiiftuu (iyyisiiftuu) nurraa dhaabsisi" yeroo
jedhan "waa'ee Hosaa'inaaf dhagaan gaara Bitaaniyaa iyyuu
afaan baafatee faarfata" jechuudhaan yeroo Gooftaan
dubbaatu dhagoonni sun gaggalagalaa dhufanii "Hosaa'inaa"
jedhanii faarfatan. Luq.19:41. Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos Iyyerusaalemiin ilaalee imimmaan isaa dhangalaasee
bo'ee "yaa Iyyerusaalem yaa Iyyerusaalem nageenya keef kan
siif ta'uu utuu har'a beektee fudhattee siif wayya ture"
Luq.19:40-41.
Ayyaanni Hosaa'inaa kun iccitii barumsa namaaf laatuu
hedduu of keessaa qaba. Innis akka armaan gadiitti
dhiyaateera : -
❶. Naannoo tulluu Ejersaa mandara Beeta Faagee ga'ee
maaliif dhaabbatee bartootaa isaa erge yoo jenne : -
Mandarri Beeta Faagee mandara hiyyeeyyoolii baay'een
keessa jiraatanidha. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos
immoo hiyyoolii Sooressa kan taasisu hiyyummaa keessaa
baasuuf akka dhufe ibsuuf jedheeti. Hiyyummaan kunis
hiyyummaa foonii qofa osoo hin taane irra caalaatti
hiyyummaa lubbuu keessaa baasuuf akka dhufe ibsuuf
jedheeti.
Kan biraas mandarri kun karaan wal-qaxxaamuraa keessa
kan darbuudha ykn bifa Fannoo kan qabu jechuudha.
Walakkaa ishee keessa dhaabbatee "dhaqaa harrettii hiikaa
naa fidaa" jedhe. Kunis kan inni ibsuu fannoo irratti fannifamee
namoota Si'ool keessatti hidhamaníi jiran bilisa baasuuf akka
dhufe ibsuufis jedheeti.
Ammas kan biraan karaa kallattii afuriin jiruu keessaa gara
Iyyerusaalemitti kan geessituu daandii fakkaattii hin qabne
tokko qofaatu ture. Kunis hiikoon isaa amantiin gara
Iyyerusaalem ishee samiitti (mootummaa waaqayyootti) nama
geessitu amantii biyya lafaa keessatti baay'atanii jiran keessaa
tokkitti qofa ta'uu ishee kan agarsiisu dha. Erm.6:16, Ef.4:5,
Yih.1:3. Jechi "karaa" jedhuu akka hiikoo kitaaba qulqulluutti
hiikkaa baay'ee qabaatus isaan keessaa tokko "amantii" dha
waan ta'eef.
❷. Harreen hidhamtee turte sun Harree hannaa turte.
Fakkeenyi harree sana immoo fakkeenya Addaamii fi ijoolleen
isaa seexanaan hatamanii waggaa 5500 guutuu ibidda si'ool
keessatti hidhamanii turuu isaaniitti kan fakkeeffamudha.
Harreen sun lamaan fakkeenya Israa'el warra foonii fi
ormootaati. Harreen haadhoon sunis fakkeenya seera ooriitii
yemmuu taatu ilmoon ishee immoo fakkeenya wangeelaati.
❸. "Hiikaa fidaa!" jechuun isaa immoo duraan dursee
Gooftaan keenya aboo hiikuu fi hidhuu barattoota isaaf kennee
waan tureef, (Maat.16:16, Yoh.21:15) ammas hojiidhaan
isaaniif mirkaneessuu isaą argisiisa. Kanaaf sanyii Addaam
hundumaa cubbuu irraa hiikuuf dhufuu isaas kan argisiisudha.
❹. Maaliif dugda Harree sanaa irra koorichaa (Baataa)
kaa'uu dhiisanii uffata irra buusaniif?
Uffannaan qaama namaa qabbaneessa, qorra namarraa
dhorka, qullaa namaas ni golga, yoo sirnaan uffatan namaas ni
bareecha ... akkuma kana innis seera wangeelaan isiniif kennu
kun dhiphinarraa kan isin qabbaneessuuf, yoo akka barattaniin
itti jiraattan cubbuu irraa kan isin dhorku yookiin ittisu,
mootummaa waaqayyoo keessatti kan isin ittiin bareeddan
isiniif fidee dhufeera jechuu isaati. Innis wangeela qulqulluu
dha.
❺. Maaliif Harree irra taa'e?
Sababni isaa Zak.9:⁹ "Yaa Tsi'oon mootiin kee Harree irra
taa'ee gara kee dhufaa" jedhamee isa raajamee akka
raawwatamuuf Harree irra taa'e.
Raajoonni bara durii fuulduratti barri dhufaa jiru bara
hamaa, bara beelaa, bara wal waraansaa yoo ta'e Farda
faayyaadhaan bareechanii yaabbatanii magaalaa Iyyerusaalem
naanna'u, yoo barri dhufaa jiru bara nagaa, bara quufaa fi bara
gabbinaa ta'e immoo Harree yaabbatanii magaalaa
Iyyerusaalem naanna'u ture. Gooftaan immoo barumsa
raajoota kana jajjabeessuuf dhufe waan ta'eef (Maat.5:17).
Kanaaf Harree yaabbatee nageenya, quufa, badhaadhummaa
... isaaniif fidee akka dhufee ibsuudhaaf Harree irra taa'ee ittiin
deeme. ((2Qorn.8:8-10) "Isin gaarummaa gooftaa keenya
Iyyesuus kiristoos ayyaana isaatiin isiniif kenne hubattaniittu,
inni badhaadhummaadhaan utuu jiru deegaa ta'uu isaatiin isin
badhaasuuf deegaa ta'e.")
❻. Harree ishee kam irra taa'e?
Mandara Beeta Faageedhaa kaasee hanga Iyyerusaalemitti
karichi irraangadee fi caccabaa waan ta'eef Harree ishee
yaabbii beektu Harree haadhoo irra taa'e. Akkuma olitti ibsine
Harreen ishee haadhoon fakkeenya seera kakuu moofaa,
fakkeenya Israa'el warra fooniitti waan fakkeeffamtuuf
magaalaa Iyyerusaalem yeroo seenu immoo karichi mijaataa fi
sirrii waan ta'eef Harree ishee ilmoo yaabbii hin beekne
yaabbatee deeme. Fakkeenyi ishee immoo fakkeenya
waangeelaa fi namoota warra orma ta'aaniiti.
❼. Dameen muka meexxii harkatti qabatanii "Hosaa'inaa"
jedhan. Dameen muka Meexxii kun yeroo Gooftaan keenya
gara biyya Gibxiitti godaane biyyicha keessa gammoojjii
Asmuna'iin jedhamu keessa yemmuu ga'u bakka kanaa asii
buqqa'iiti tulluu Ejersaa irra dhaqii dhaabbadhu gaafa ittiin
jedhu qilleensa irra balaliitee dhaqxee dhaabbate (biqilte).
Biqiltuun kun muka jabaadha ibiddi akka salphaatti hin
gubu, sibiillis akka salphaatti hin muru akkasumas fireen (iji)
isaa qoreedhaan waan marfameef bineensoonni nyaachuu hin
danda'an. Kun kan ibsuu ati Waaqa jabaadha, Waaqummaan
kee ogummaa fooniin qoratamee bira ga'uun hin danda'amu,
kanaaf galanni siif ni ta'a jechuudhaan damee muka meexxii
qabatanii galata isaaf laatan.
Abrahaam Yisihaaqiin gaafa argate, Yisihaaq immoo
Yaa'iqoobiin gaafa argate damee muka Meexxii kana qabatanii
galata Waaqayyoof dhiyeessaniiru. Kanaaf isaan immoo
dhalatte kan nuuf dhufte abbaa nagaa, mootii Waaqa bara
baraati jechuudhaan damee muka Meexxii qabatanii
galateeffatan.
Yoodit kan jedhamtus itti gaafatamaa loltuu warra
Baabiloon maqaan isaa Holooforniis kan jedhamuu laguuf
(Tsoomaaf) kadhannaan Waaqayyoon gaafattee ogummaa
waaqayyo isheedhaaf kenneen morma isaa irraa kuttee
Israa'eloota mo'icha gaafa badhaaftu isaan immoo
gammadanii damee muka Meexxii qabatanii galata
waaqayyoof dhiyeessanii turan Yod.13:8,15:12. Akkasumas
gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos immoo diina ijoollee isaa
kan ta'ee Diyaabiloosiin kan nurraa barbadeessu ta'uu isaa
beekanii damee muka Meexxii qabachuudhaan galata
waaqayyoof dhiyeessan.

➑. Maaliif Iyyerusaalemiin ilaalee boo'e? Luq.19:40.

Sababní isaa Iyyerusaalem isa simachuu waan diddeef.


Iyyerusaalem jechuun immoo magaalatti osoo hin taane
namoota achi keessa jiraatan jechuu dha. Waan isheen
simachuu diddeefis raajii "diinoonni kee dhufanii dallaa sitti
ijaaran dhufuudhaaf jira" jedhe. Raajiin dubbatame kunis bara
70 keessa mootiin biyya Roomaa Xiixoosiin (Tiitoosiin) isaan
irratti raawwatameera.

➒. Mana qulqullummaa keessa ol seenee warra keessatti

daldalaniin "manni abbaa kootii mana kadhataati jedhamee


barreeffamee jiru isin holqa hattuu gootan" jedhee garafee gad
isaan yaase. Namoota dhibee garaa garaan qabamani "nu
fayyisi" jedhan immoo dhibee isaanii hundumaatti isaan
fayyiseera. Har'as taanaan mana qulqullummaa kan xureessan
Gooftaan itti dheekkama. Akka kitaabni Qulqulluu jedhutti
mana qulqullummaa kan jedhaman hiikoo baay'ee qaba. Isaan
keessaa tokko qaama namummaa keenya. Qaama namummaa
isaanii ejjaan, sobaan, machiin ...
Walumaa gala seera Waaqayyo diiguun kan xureessan
alangaa dha'ichaan garafee gadi isaan yaasee jira. Keessumatti
immoo namoota osoo qalbii hin jijjiirratin qurbaana (fooniif
dhiigasaa) qulqulluutti dhiyaatan Waaqayyo guddaa itti
dheekkama.
...
.
.
.
Ammas dabalataan baga ayyaana
ⒽⒽⒽⒽⒽ▾ⒽⒽⒽⒽ geessan!
Waaqayyo nutti haa araaramu, biyya keenyas nagaan nuuf
haa eegu ... kadhannaa keenya, tsoomii keenyaa fi sagada
keenya nuuf haa fudhatu! Kan ittiin cubbuun keenya nurraa
haqamu, warri dhukkubsatan kan ittiin nuuf fayyaan, biyyi
keenya kan ittiin araara, dhiifamaa fi nageenya argattu godhee
waaqni keenya nuuf haa fudhatu! ... amantii keenyaan hamma
dhumaatti cimsee nu haa dhaabuu! Ameen!
Ebla,2/2012 (April 10/2020)
Ethiopia Finfinnee

-------------------------
# 57
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Misganu Mulatu
"Namni cubbuu hojjete hundumaa irraa deebi'ee, seera koo
hundumaa kan eege, waan dhugaa fi qajeelaa yoo hojjete, inni
dhugumaan ni jiraata malee, hin du'u." His.18:21.
Qulqulleetti Maariyaamii ishee biyya Misraa (Gibxii)
Manni kiristiyaanaa keenya Ebla ja'a qulqulleetti Maariyaamii
ishee biyya misiraa ni yaadatti.
Qulqulleettii Maariyaamii Misrii (Maariyaamii yoo jennu
maqaatu wal fakkaate malee dubroo Maariyamii haadha
Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoos jechuu miti). Biyyi dhaloota
ishee biyya Misraa (Gibxii) dha. Waggaa kudha lama yemmuu
guuttutti, warra irraa addaan baatee magaalaa gudduttii biyya
Misraa kan turte Aleksaanderiyaatti galte. Aleksaanderiyaan
yeroo sanas ta'ee ammas magaalaa guddinaan addunyaa
irratti beekamtee dha. Maariyaamiin kun baay'ee bareedduu,
''Ijarraa si haa hambisu'' kan hin jenneen hin jiru ture. Kan dhiira
hunda hawwisiistus turte. Erga magaalaa Aleksaanderiyaatti
galtee booda hojiin ishee dhiira dogoggorsuudha. Diina dhala
namaa kan ta'e diyaabiloos isheetti fayyadamuudhaan
namoota hedduu qoraa, karaa irraas jallisee balleessaa ture.
Magaala sana keessaa namni ishee hin beekne hin turre.
Dargaggoonni hedduunis gochaa yaraa kanaan ishee beeku
turan.
Osoo hojii kanaan akkanatti itti fuftee jiraattu, guyyaa tokko
qarqara galaanaa Meeditiraaniyaanitti yemmuu namootni
walitti qabamanii deeman argite. "Jarri kun eessa deemuu?"
jettees gaafatte. Isaanis warra biyya Liibiyaa fi biyya Misraati
gara Iyyarusaalemitti ayyaana Fannoo gooftaa keenyaa
Iyyesuus kiristoos kabajuuf imala afuuraa taasisan ta'uu isaanii
barte. Isheenis wajjin deemuuf of qopheessite. Haa ta'u malee
qarshii kaffaltuu fi galaa imalaaf ta'u hin qabdu turte. Isheenis
bareedina isheetiin baay'ee waan koortuuf, "dhiira abbaa
fedhee jilbiíffachiisuu nan danda'a" jettee waan yaadduuf
qarshií fi galaa harkaa dhabuun ishee hin yaaddessine ture.
Bareedina isheetiif akka isaan ishee hin kaffalchiisne ykn
immoo bakka gatii doonii foon ishee kennuudhaan akka
dabartuuf abdattee turte. Doonii keessattis ta'ee erga doonii
irraa buutee booda hojii cubbuu sana hin dhiifne ture.
Iyyarusaalem geesses immoo hanga guyyaan kabaja ayyaanaa
ga'utti hojiima yartuu sana hojjechaa turte.
Gaafa guyyaa ayyaanaa sana ganama namoonni hedduun
mana kiristiyaanaa awwaala gooftaa Iyyesuus Kiristoos irratti
ijaarametti dhungachuuf yoo deeman argitee, namootatti
makamtee wajjin dallaa ol seenuu barbaaddetti, garuu humni
duubatti ishee harkisu tokko itti dhaga'ame, seenuus hin
dandeenye. Ammas irra deddeebitee yemmuu ol galuuf yaaltu
humni tokko duubatti harkisa ture. Dadhabnaan itti dhiiftee
teesse. "Dubartii waan ta'eef moo?" jettee keessa isheetti
kofalte. Waan dubartii taateef dadhabde itti fakkaate. Xinnoo
haara galfattees yemmuu yaaltu gonkumaa ol seenuu
dadhabde. Yeroo kana dhiphattee, kan ishee ol seensisuu
dhowwee hojii isheen hojjetaa turte sana akka ta'e hubatte.
Yeroo sana boo'uu bira darbitee mankaraaruu eegalte, cubbuun
isheen hojjetaa turte sunis ifa ta'ee itti mul'ate.
Yeroo sanatti fakkii qulqulleettii dubroo Maariyaamii haadha
gooftaa balbala mooraa mana kiristiyaanichaa biratti argite,
dhaqxee jalati kuftee boossee kadhatte. Waaqayyos akka
araara buusuuf, ilma isheetti akka araarsitu qulqulleetti durboo
Maariyaamii haadha gooftaa kadhatte, gombifamtees boosse.
Carraa tokko qofa akka argattuu fi lammata akka cubbuu
hojjetaa turte sanatti akka hin deebines waadaa galte.
Yemmuu kadhaa ishee xumurtus kaatee ol seente. Yeroo
sanas ol seentee fannoo gooftaa kirkiruudhaa fi sodaa
guddaadhaan dhungatte. Badiisa ijoollee isaa kan hin
barbaanne Waaqayyo, gaabbii ishee eega ture.
Erga fannoo gooftaa dhungattee boodas gadi baate gara fakkii
dubroo Maariyaamii dallaa dura jiru sanatti deebitee, iddoo
waadaa galte sanatti "Ani cubbuu koo irraa kan ka'e waanan
dubbadhu hin qabu, giiftii koo ati harka koo qabdi! karaan
fayyina argadhutti na geessi, biyyan dhufetti deebi'uu hin
barbaadu'' jettee kadhatte. Yemmuus sagaleen "Yoo laga
Yordaanos ceete fayyina guddaa ni argatta" jedhu fakkii
sanarraa dhageesse. Yeruma sana baatee laga Yordaanos
ceetee gammoojjii Yordaanos kan bíshaan hin qabne, kan qorri
halkanii nama cabbeessu, kan ho'i aduu guyyaa nama waxalu
keessa seente. Achi keessas hanga waggaa afurtamii torba
(47) jiraatte. Hamma jiraattu kanatti nama tokkollee ijaan hin
argin turte.
Gammoojjii Yordaanos keessatti beelaa fi dheebuu akkasumas
oo'aa fi qorra irraa kan ka'e yeroo baay'ee du'aaf geessee
fayyiti turte. Jireenya hadhaa'aa dheebuun, beelli, daarri,
kophummaa fi qorumsi biroos baay'ee jabaa ta'e ni dandeesse,
fedhii foon isheetiifis deebii osoo hin kennin, hunduma
irraanfattee jiraatte. Namnis gammoojjii sana waan hin
dhaqneef kophaa jiraatte. Gammachuun yemmuu magaalaa
keessa jirtu dabarsaa turte sunis sammuu isheetti deddeebi'ee
jeeqa ture. Kana hundaa garuu qabsuuraa fi kadhaa wal irraa
hin cinneen gargaarsa gooftaatiin keessa dabarte. Osoo
kanaan lafa gammoojjii kana keessa kophaa jiraattuu, waggaa
47 booda seenaan ishee irraanfatamee akka hin hafnee fi
namootaaf barumsa akka ta'uuf waaqayyo waan barbaaduuf
taateen tokko uumame.
Innis akkas ture : -
Kawaalaa biyya Filisxeemii jiru tokkotu ture. Kawaalaan kun hin
banamu ture, nama ergamee meeshaa monoksootaaf biituuf
gadi ba'u malee monoksoonni achi keessa jiraatan namaan
wal arguun dhowwaa ture. Akka danbii fi seera kawaalaa
kanaatti monoksoonni jiraatan yemmuu soomni gooftaa
Iyyesuus guddichi seenu hundi isaanii gargar ba'anii kophaa
isaanii bakka wal hin agarretti, Gammoojjii keessatti kophaa
kophaatti dabarsu ture, kan gara gadaamitti deebi'anis gaafa
guyyaa ayyaana Hosaa'inaa faaruudhaan ture.
Isaan keessaa fedhii Waaqayyootiin lubni Zoosimaas jedhamu
tokko gara kawaalaa isheen jirtu kanatti Tsooma gooftaa
kophaa isaa ta'ee gammoojjii Yordaanos keessatti dabarsuuf
dhufe. Innis gammojjii sana keessa guyyoota digdamaaf osoo
wal irraa hin kutin miillaan deemee achi ga'e. Innis yeroo
kadhaa sa'aatii ja'aa dhiyeessaa turetti, tasa alaalatti waan
nama arge itti fakkaate. Na'ee itti fiige, namni inni arge sunis
jalaa baqate, maqaa waaqayyootiin akka dhaabbatu
deddeebisee gaafate. Kan înní arge sunis dhagaa jala jalaa
seenee, "Abbaa koo Zoosimaas maaloo ani dubartiidha,
uffatas hin qabu akkuma agartu kunoo qullaan jira, kanaaf
uffata mormatti maratte kana anaaf kenniitii anis isa
maradheen dhufee eebba sirraa fudhadhaa" ittiin jette.
Yemmuu kana Zoosimaas uffata isaa ofirraa fuudhee lafa
kaa'eef. Uffata Zoosimaas lafa kaa'eef sana uffattee itti
mul'atte, erga waggaa afurtamii torbaatii uffata hin qabdu ture.
Uffanni isheen uffattes kan yeroo Iyyerusaalem dhaqxu uffatte
sana malee isa booda uffata hin uffanne. Uffaticha Zoosimaas
uffattee gara fuuldura isaa dhufte.
Isheenis qulqulleettii Maariyaamii ishee biyya Misraa sana
turte. Zoosimaas maqaa isaan waan waamteen ni na'e. "Na
eebbisi ati luba waan taateef!" jetteen. Luba ta'uu isaas osoo
homtuu itti hin himin beekte. Yeroo kana Zoosimaas ni na'e, ni
rifates. "Akkamittiin beekte?" jedhees dinqame. Waan afuura
wayií wajjin haasa'us itti fakkaate. Yeroo sanatti Maariyaam
"Zoosimaas hin na'in ani dubartii dadhabduu tokkoo dha''
jetteen.
Zoosimaas "seenaa kee hunda maaloo tokkollee na hin
dhoksiin natti himi!" jedhee gaafate. Akka kadhaadhaan isa
yaadattus kadhate. Akkamitti kophaa ishee gammoojjii kana
keessatti waggaa hamma kanaa akka dabarsites gaafate.
Isheenis, "maaloo qormaatni ani keessa darbe sun deebi'ee
waan natti dhufee deebi'ee jilbiffatamuuf natti fakkaata na hin
gaafatin, ani dubartii cubbamtuudha" jetteen. Innis
deddeebi'ee kadhannaan qabsuura keessa dabarsite qormaata
hedduu akka ture itti himte. Isaan keessaayis jiruu yeroo
isheen ijoollee turte gammachuun yeroo dargaggummaa sun
akkamitti sammuu isheetti deddeebi'ee ishee jeeqaa akka ture
hunda itti himte. Innis baay'ee ajaa'ibsiifate. Ishee arguu
isaatiifis ni gammade. Waaqayyoonis galateeffate. "Silaa kan
akkanaas ni jirtaa?" jedhe dinqame. Inni duraan "namni akka
koo qabsuura geggeesse hin jiru, ani hundumaa nan beeka"
jedhee yaadaa ture. Waaqayyos yaadni isaa kun dogoggora
akka ta'e itti ibsuu waan barbaadeef seenaa Maariyaamii kana
itti agarsiise.
Kana booda Zoosimaasiin akkas jetteen "Ani kunoo ergan
Yordaanos ce'ee Qurbaana gooftaa hin arganne maaloo bara
dhufu yeroo Tsoomni gooftaa ga'u Kawaalaa keessatti hafi!
guyyaa kamisaas cinaa Yordaanositti Qurbaana anaaf fidi!"
jetteen. Namni tokko yookaan lama tajaajilli gadaamichaa
akka addaan hin cinneef kawaalaa keessatti ni hafa ture.
Kanaan walii galanii hanga Tsoomii gooftaa bara dhufuutti wal
arganitti addaan bahan. Isheenis "hangan boqodhutti waan
argitee fi dhageesse hunda nama tokkotti akka hin himne!"
jettee akeekkachiifte. Zoosimaas yemmuu gara kawaalaa
isaatti deebi'u waan arge kana eenyuttu hin himne. Dhoksee
laphee isaa keessa kaa'e. Kana booda Zoosimaas hanga
Tsoomni waggaa itti aanuu deebi'ee dhufutti baay'ee
muddame, yeroonis itti dheeratte. Ishees arguuf baay'ee
hawwe.
Yemmuu waggaan guutuus akkuma waliin jedhan guyyaa
kamisaa qiddaasee kamisaa (Tselote-Hamus) sana inni
Qurbaana fideefi qarqara Yordaanositi dhufe. Isheeniis harka
isheetiin mallattoo fannootiin mallatteessitee bishaan
Yordaanos irra deemaa gara Zoosimaas dhufte. Innis bishaan
irra miillaan deemuu ishee yoo argu baay'ee dinqisiifate. Innis
Qurbaana gooftaa kenneefi. Erga Qurbaana fudhatte booda ija
ishee gara samiitti ol qabdee galateeffatte. "Iji koo fayyisuu
kee argeera, kana booda nagaan na boqochisi!" jettee
kadhatte. Ergasiis Zoosimaas bara itti aanu bakka bara duraa
itti arge sanatti akka dhufu gaafattee eebbiftee gara
gammooojjiitti deebite.
Hanga kanatti garuu "maqaan kee eenyu?" jedhee ishee hin
gaafanne. Kana gochuu dhabuusaatiinis ofitti aaree baay'ee
gadde. "Bara dhufun gaafadha" jedhee gara kawaalaa isaatti
deebi'e. Waggaa itti aanuu akkuma barame yemmuu baatiin
Tsoomaa dhufu gara kawaalaa isheen jirtu sana dhaqe. Isheen
garuu boqottee turte. Foon ishees osoo waan tokko hin ta'in
arge. Innis baay'ee gadde, ni boo'e yeroo na'ee jirutti,
barreeffama tokko reeffa ishee cinaatti arge. Akkas kan
jedhudha, "Zoosimaas! guyyaa Qurbaana gooftaa fudhattee
kaatee boqotteetti, foon Maariyaam asumatti awwaali" kan
jedhu ture. Yemmus maqaan ishee "Maariyaam" akka jedhamu
bare. Kan inni deemsaaf guyyaa 20 itti fudhate isheen guyyaa
tokkoon ga'uun ishees isa dinqe. Foon ishee waggaa tokkoof
osoo waa tokko hin ta'in turuun isaas dinqisiifate. Battalumatti
leenci bosona keessaa ba'ee boolla qote. Innis foon
Maariyaamii achi keessatti kabajaan awwaale.
Erga sanii gara kawaalaatti deebi'ee seenaa ishee hunda
tokkoon tokkoon obboleewwan isaa monoksootatti hime.
Isaanis baay'ee tokko dinqisiifatan. Seenaa ishee fi qabsuuraa
ishees kabaja guddaa fi jaalala guddaadhaan eegan.
Maariyaam biyya Misraa kan boqattes jaarraa 15 ffaa (Ebla 6
bara 522 Dhaloota kiristoos booda) ture.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u; Waaqayyo waadaa qulqulleetti
kanaaf kenne yaadatee nutti haa araamu, sugnii fi eebbi ishees
nu waliin haa jiraatu; hanga bara baraatti Ameen!
Maddi
1. Kitaaba "Yaadannoo qulqullootaa" fi
2. Kitaaba "Galmee seenaa kutaa lammaffaa" irraati.
Ebla 5, 2012 ( April 13, 2020)
Finfinnee Ethiopia.
-------------------------
# 56
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

TORBEE DHUKKUBBII KEESSAA GUYYAA WIIXATAA


Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos ganama barii
Bitaaniyaadhaa ka'ee gara Iyyerusaalem ykn mana
qulqullummaa osoo dhufaa jiruu daandii biratti biqiltuu muka
Balas (harbuu) arge. Beela'ee waan tureef ija (firii) ishee irraa
ciratee nyaachuuf itti gore. Garuu, baala irraan kan hafee
biqiltuun kun homaa ijaa hin qabdu turte. Gooftaanis itti
gaddee "Iji (firiin) lammata deebi'ee sirraa hin argamin!"
jedhee abaare.
Mukattinis yerooma sana irraa kaatee gogdeetti. Barattootni
isaas kana yeroo argan baay'ee dinqisiifatan. Gooftaan immoo
deebisee "isinumtuu amantii hamma ija Sanaaficaa qabaattanii
jennaan Qilxuu guddaa kanaan buqqa'iiti galaana keessaa
dhaabbadhu! yoo jettan isiniif abboomama!" isaaniin jedhe.
"Biqiltuu Balas (harbuu)" kan jedhamte fakkeenya saba
Israa'eeliiti. "Gooftaan beela'ee" jechuun immoo jaalala mucaa
namaaf qabuutu isa beelesse jechuu isaa dha.
Hojii gaarii mucaa namaa irraa barbaadee jechuudhaa fi k.k.f
dha. "Mukattiin baala qofaa taatee" jechuun immoo
maqaadhumaaf "seera museetti amannaa, ijjoollee
Abrahaamidha" fi k.k.f jechuu irraan kan hafe warra hojii gaarii
hin hojjenne ta'uu agarsiisa. "Mukattiin ni gogde" jechuun
immoo kan gogee ibiddaaf akkuma kennamu warri waan gaarii
hin hojjenne si'ooliif kennamtu jechuu isaati.
Kanaafuu namni hundumtuu dubbii waaqayyoo dhaga'een
waan gaarii hojjetee qalbii isaa jijjiirratee foon Waaqayyoof
dhiigaan isaa nyaatee dhuguu qaba. Yoh.6:53. Yoo ta'uu
baatees muka ija hin qabnee fi hin godhanne jedhamee
muramuun isaa hin hafu Maat.3:1, Luq.3:10.
Waaqayyo nurraa si'aa sadii ija barbaada. Isaanis : -
1. Ganama - Ijoollummaa keenyatti (Maat.20:3),
2. Guyyaa - Dargaggummaa keenyattii (Maat.20:5) fi
3. Galgala - Maanguddummaa keenyatti (Maat.20:6) dha.
Garuu gatiin qulqullummaa ganama, guyyaa fi galgalaas
kaffaltiin isaa tokkumadha ...
Guyyaa gaafa wiixataa kana waa'ee biqiltuu kanan wal-
qabsiisee kana barsiiseera.
Inni biraas immoo guyyuma kana mana qulqullummaa
keessatti osoo barsiisuu "Aangoo maaliin dubbii Waaqayyo
kana barsiifta" jedhanii barsiisonni faariisotaa gaafan.
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoosis "aniis gaaffii tokkon
dursa isin gaafadha" jedhee deebiiseef. Isaanis "nu gaafadhu"
jedhan, gooftaan keenayas "Yohaannis cuuphaan aboo
(aangoo) maaliin cuuphaa ture, aboon isaa samii irraa moo
lafa irraa kennameef?" isaanin jedhe.
Yeroo kana isaanis "mari'annee siif deebifna" ittiin jedhan.
Qofaa isaaniitti ba'anii "yoo samii irraa jennee maaliif natti hin
amantaniree? jedha, yoo lafarraa jennee immoo namoonni
baay'een waa'ee Yohaannis cuuphaa waan beekaniif
dhagaadhaan nu rukutu. Kanaafuu sii hin beeknu jenna"
jedhanii murteessan. Deebii kanas gooftaaf deebisan. Gaafa
kanas gooftaan keenya "anis isinii hin beekuu" isaaniin jedhe
Maat.21:23-27.
.
.
.
Wiixata Ebla 5, 2012
Ethiopia finfinnee

-------------------------
# 55
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

TORBEE DHUKKUBBII KEESSAA GUYYAA KIBXATAA


Guyyaa angafoonni Lubootaa Gooftaa irratti maree
geggeessani dha.
Angafoonni Lubootaa fi fariisootaa gochaa gaarii gooftaan
keenya Iyyesuus kiristoos dhala namaaf godhe akka waan
hamaa fi yakkaatti jallisanii ilaaluun maree irratti geggeessan.
Maree isaan irratti geeggeessan keessas
1. "Guyyaa Sanbataa cabse" Maat.12:14,15.
2. "'Waaqayyo abbaa kooti' jechuudhaan Waaqayyo wajjin wal
of qixxeesseera" Yoh.5:16.
3. "Mootiidhaaf 'gibirri akka hin kaffalamne' godheera,"
4. "Abbaa fi Haadha isaa osoo beeknuu 'samii irraan gadi
bu'ee' jedhee seera Musee osoo inni cabsuu agarreerra jennee
dhugaa irratti baana!" jedhanii mari'atan.
5. "Mana Simi'oon isa dhukkuba lamxii qabuutti osoo inni
laaqana isaanii wajjin nyaatuu agarreerra" Luq.7:36.
Manni namicha kanaa magaalaa Iyyerusaalem irraa kiiloo
meetira shan fagaattee bakka Bitaaniyaa argamti. Mana
namicha kanaatti waan seeneef hammeenyaan irratti marii
hamaa godhan Maat.11:28.
Gooftaan keenya kan inni mana Simi'oon deemeef "ba'aan
keessan kan isinitti ulfaatee gara koo kottaa!" (Maat.11:28-29)
isa jedhe ba'aa isaa irraa boqochiisuuf gara mana isaa dhaqe.
Akka aadaa Israa'elootaatti namni dhukkuba lamxiin
dhukkubsate baay'ee jibbamaa fi cubbamaa dha. Dhukkuba
mallattoo cubbuu fi xuraa'ummaa jedhamees beekama
(Lakk.12:15). Namni dhukkuba kanaan qabame mataa isaa hin
haguuggatu, afaan isaa ni cuqqaallata. Sababni isaa maqaa
Waaqayyo isaa qulqulluu dubbachuun naaf hin danda'amu
jechuufidha.
Mudhii isaanii hin hidhatan qulqullummaa hin qabnu jechuuf,
kophees miillatti hin kaawwatan hojii gaarii hin hojjenne
jechuufidha. Jireenya hawaasaa keessa addadha.
Gooftaan garuu "qorichi nama dhukkubsataadhaaf malee
fayyaadhaaf miti" akkuma jedhee gara mana isaatti kan ol
seene gaafa kibxataa, Bitootessa 24 dha.
Ayyaanni Faasikaa guyyaa lamaa gaafa hafu guyyuma kana
Maariyaam obboleettiin Maartaa guyyaa isheen itti Gooftaa
shittoo dibdee dha.
.
.
.
Kibxata Ebla 6, 2012

-------------------------
# 54
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

✞✞✞Walaloo✞✞✞

YAA DHIPHINA KEETII


- Eessarraa jalqabnee,
haa fixnu eessarratti?
- Yoomuma deebisna,
oolmaa nuuf oolteef ati
- Dubbannee hin fixnuu,
oolma ati nuuf ooltee
- Dubbatamees hin dhumuu,
kan ati nuuf taatee (2)
- Ol nu qabuuf jetteetti,
of deebiste gadi
- Jireenyaaf nu muuddee,
nurraatiis dhiqxe badi
- Jaalala akkamiitiin,
fedha keetiin duutee?
- Ibidda si'ool keessaa,
barruu keen nu fuute (2)
- Samii samiirraati,
kan gad bu'e lafatti
- Inni dhoksaatiin ture,
kan bahe ifatti
- Waadaa isaa fayyinaa,
kan gale Addaamii
- Qaamoota sadan keessaa,
ni dhalate ilmii (2)
- Boo'icha raajotaaf,
imimmaanni abbootaa
- Teessoosaa irraa buusee,
jaalalli namootaa
- Fakkeenyaan yoo inni
itti himes waa'eesaa
- Yoo ta'es biyyi lafaa,
hin beekne uumaasaa (2)
- Hammeenyaatiif inaaffin,
taasisanii dabaa
- Du'atti murteessanii,
guuruun ragaa sobaa
- Bartoota isaa keessaa,
Yohaannisiin malee
- Sodaadhaan faca'aanii,
warri garasaallee
- Jarrisa qabatanii,
qajeelchaan qaqqabaa
- Tuffiidhaanitti qoosaa,
olii gad daddarbaa (2)
- Ergamoonni ifaa,
kan isaaf hollatanii
- Gindillaa baachisuun,
asiif achi raasanii
- Gara jabummaatiin,
yoosa baachisan mukaa
- Inni jaalalummaan,
adeeme isaan duukaa (2)
- Du'aati kan nu kaasee,
ilmi waaqayyoo
- Utuu garafamuu,
ta'ee akka qotiyyoo
- Kufaa ka'aa,
ol ba'ee tabba qaraaniyoo
- Ba'aa keenya baatee,
fannoorratti ol ba'ee
- Kam dubbannee fixnaa,
kan inni nuuf ta'ee (2)
- Mannaa samii buusee,
beelaati isaan baasee
- Kattaa gogaa keessaa,
bishaan isaan obaasee
- Fannoorra utuu jiruu,
dheebodheera jennaanii
- Hadha'aa buusaaniif,
bakka dheebuu bishaanii
- Hammeenyaan dhiibanii,
Yihuudootni harkisaa
- Wayyoo numaaf obsee,
danda'ee hunda isaa (2)
- Kun hunduu nu'iifi,
yakka hin qabuum inni
- Galatni haa ta'uufi,
baruma baranii
- Oolmaasaa deebisuuf,
nutoo humna hin qabnuu
- Waantuma dandeenyuuni,
galata haa laannuu (2)
- Waaqa qulqulluutu,
cubbamootaaf yakkamee
- Akkuma hattuutti,
qabamee cunqurfamee
- Cubbuuma kootiif,
yihuudootaan kabalamee
- Cubbuu keenyaaf,
ofiisaatii murtii fudhatee
- Arjummaasaatiin,
dhiigaan dhufee nu bitatee (2)
- Gooftaa keenya,
maalumaaf akkas dhiphisanii
- Muka fannoo,
akkamiin kophaa baachisanii
- Gooftaa kabalanii,
hedduu itti qoosanii
- Gaaffiis gaafatanii,
fannoorrat ol baasanii
- Yoo taateef waaqaa,
gad bu'iin itti gaa'isanii (2)
- Dhiphina obsee,
bakka leeyyoo dhaabbatee
- Ati nuuf jetteeti,
muka fannoo kan baattee
- Waadaa keef jettee,
isat fannifamte baattee
- Qaraaniyoo gubbaatti,
dhiiga kee lolaaftee
- Nuuf dhiphattee,
cubbuurra bilisa nu baaftee (2)
- Lubbuusaa kennuun,
jaalalaan kan raawwatamee
- Cubbuu keenyaaf,
fannoorratti ol baafamee
- Dhiignisaas lolaa'ee,
achirrat waraanamee
- Muddamee dhiphatee,
hundumaaf fannifamee
- Mudaa waan hin qabneef,
golgootaatti qalamee (2)
- Eenyuutu akka keet,
ba'aa humna ol baatee
- Jaalalasaaf jedhee,
gooftaan nuuf dhiphatee
- Abaarsa keenya fudhatee,
nuuf ta'e beenyaa
- Samii irraa bu'ee,
nuuf du'e bakka keenyaa (2)
- Gidiraa keenyaaf jettee,
fannoo irra ooltee
- Qoree sirra kaameen,
fuulli kees jijjiiramtee
- Harka yihuudootaatti,
qullaa fannifamtee
- Ati garuu lubbuusaaniif,
baay'ee gadditee
- Hin dubbanne at hamaa,
dhiisiifiif kadhattee (2)
- Uumama hundumaatiif,
inni laatu bultoo
- Ragaa sobaa funaananii,
itti muran murtoo
- Si'ooliinis kan ture,
lubbuun nam baayyee
- Du'a nama tokkoon,
lubbuun hundumtu fayyee (2)
By M.M
Ebla, 6 ,2012 (April, 14,2020)

-------------------------
# 53
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

TOBREE DHUKKUBBII KEESSAA GUYYAA ROOBII


1. Guyyaa kanatti maree guyyaa kibxataa guyyaa itti
jabeessanii guyyaa itti Yihuudaan qarshii 30 fudhatee Gooftaa
laatedha.

➝ Rakkoon guddaan Yihuudaa maallaqa dhabuu osoo hin

taane, jaalala maaqallaan qabamuu isaati. 1Xim.6:10


"Maallaqa jaallachuun hundee hammeenyi irraa maddudha."

➝ Maariyaam barumsa baay'ee kan hin barranne qarshii

dhibba sadii akka waan gatii hin qabneetti ilaaltee miilla


gooftaa jalatti shittoo irratti urgaasaa darbatte, kan waggaa
sadii barate Yihuudaan garuu gooftaa akka waan gatii hin
qabneetti maallaqa soddomtatti darbate gooftaa gurgurate.

➝ Gatii guddaan kan bitte Maariyaam haati Shittoo urgooftuu

Abasxiroos (Albaasaaxoor) jedhamu miilla kiristoos irratti gad


dhangalaaste, manichi foolii shittoo sanaan guutamus, fooliin
urga'aa kanaa funyaan Yihuudaaf urga'aa gaarii hin turre.

➝ Jireenya sagaagalummaan jiraachaa kan turte, Maallaqa

isheen lubbuu ishee yeroo baraartu, Duuka bu'aan Yihuudaa


garuu maallaqaaf jedhee lubbuu isaa dhabe. Isatti waan
gooftaa gurgure itti fakkaate malee qarshii soddomatti kan
inni gurgure lubbuu isaa dha.

➝ Badiin guddaa Yihuudaan Gooftaa dabarsee kennuu osoo

hin taanee gaabbii osoo hin galin of ajjeessuu isaatii fi


Gooftaan dhiifama naaf hin godhu jechuu isaatidha.

➝ Yihudaan gara angafa lubootaa adeemee, "Maal naaf

kennuu dandeessu? Anoo dabarsee isiniif nan kenna" jedheen.


(Maat 26:10). Angafni lubootaa Yihudaan akka Gooftaa
dabarsee isaaniif kennuuf wanti Gooftaa madaalee kennaniif
maaliidha? Dhukkubsattoota akka fayyisuuf, afuura hamoo
akka baasuuf, warreen du'an akka kaasuuf aangoo kan argate,
aangoo hiikuu fi hidhuu samii fi dachee kan afuura Waaqayyo
kenneef maaliin madaalchisee Gooftaa Yihuudootatti
gurgurachuu barbaade? Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee
akkas jedhee gaafata. "Maal maaf kennuu dandeessu? Anis
dabarsee isiniif nan kenna jettee? Maaloo natti himi Kiristoos
kan si barsiise kana turee? Maallaqa, Warqii fi Meetii hin
qabatinaa jedhee isin hin barsisnee? jedhan. Yihuudaan garuu
dabarsee kennuudhaaf murteesse, Gooftaan keenya,
"Mootolee lamaaf bitamuu kan danda'u eenyullee hin jiru.
yookiin tokko dhiisee kan biraa qabata (jaalata); yookiin
immoo gara tokkotti siqee tokko immoo tuffata. Waaqayyoo fi
maallaqaaf bitamuu hin dandeessan" jedhee barsiisee ture.
(Maat 6:24). Barumsa kana taa'ee kan barate Yihudaanis
Gooftaa lamaaf bitamuun isaaf hin taane.
2. Akkasumas guyyaa itti Meeshaaleen kunis mukaa Fannoo
muka gosa saddeet irraa qophaa'ee, Funyoo, mismaaroota
guyyaa itti tolfamaanidha.
Mismaaroonni gooftaan ittiin fannifamee meeqadha?

➝ Guyyaa uummamntoota uumetti Waaqayyo uumammoota

samiirra kan jiran caallisuudhaan qofaan erga uumee booda,


waan tokko illee of irraa kan hin qabne ykn lafa onaa
Kanarratti uummamtota uumuusaa kan tarreessu macaafa
seera Uummamaa "Waaqayyos jedhe ... Haa ta'u" "Waagayyos
jedhee ... haa adda qoodamu" "Waaqayyos jedhe ... argami"
jechuudhaan Waaqayyo jecha isaatiin "haa ta'u haa ta'u''
jechaa uummamtoota uumaman akka qomoo isaanitti ni
tarreessa.

➝ Waaqayyo caallisuudhaa fi jechaan uummamtoota hunda

uume erga xumureen booda hunda caalchisee filatee kan


kabaje ilma namaa akka bifaa fi fakkeenya isaa uumuudhaaf
jaalate. Uumama kabajamaa kana garuu akka uumamtoota
samii callısuudhaan ykn akka uumamtoota dachee kana haa
ta'uu jedhee jechaan uumuu hin barbaanne. Kanaafuu harka
Waaqummaa isaatiin dachee irraa biyyoo fudhatee hojjete.
Hewaanis Addaam irraa lafee kaasee harka isaatiin hojjete.
Sirna qulqulleessa keenya keessatti "Ima nama kabajuuf jecha
biyyoo qabatee mul'ate" akkuma jedhamu Waaqayyo hunda
danda'aan Ilma nama uumamtoota hunda caalaa kabajee
harka isaatiin hojjete.

➝ Waaqayyo uummamtoota hunda keessaa akka namaatti kan

inni kabaje hin jiru. Haa ta'u malee uumamtoota keessaas akka
namaa Waaqayyoon kan salphise hin jiru. Waaqa isa kabaje
cubbuudhaan salphise. Uummamtoota hunda caalchisee harka
isaatiin biyyoo fudhatee kan uume ilmi namaa guyyaa
Jimaataa harka isaa kana mismaaraan waraanne.

➝ "Harki Addaam uume fannoo irratti mismaaran

waraanname" Addaam bade barbaadudhaaf "Yaa Addaam


gara kam jirta?" jechuudhaan miilonni Gooftaa Gannata keessa
deddeebi'uun Addaam barbaadanis ''Fannoo irratti mismaaran
waraanamanii fannifaman" ilma namaa kan jaalatu Waaqayyo,
firoota isaa ilma namaa gidduu nama ta'ee kan mul'ate
Waaqayyo harki isaa mismaaraan madaa'an. Raajichi
Zakkaariyaas 'namaan, madaan harka gidduu jiru maalidha?
jedhan. Isaanis; - madaa mana fira kootti mada'eedha jedha'
raajin jedhamu raawwatame. Zakk.13.6.

➝ Ilmi namaa sababa baala nyaachuuf harka isaa diriirsee

kuteen, Waaqayyo nama ta'ee harki isaa dhukkubbii itti ta'e.


Kanas qulqulluun Daawwit dursee faarfannaadhaan Miilotaa fi
harkaawwan koo waraanan" jedhee raajiidhaan dubbii dubbate
waa'ee Iyyesuus akka ta'e kan mul'isuudha. Faar.21.16.
Wareegaamaan Yuusxinoos Yihuudii Iyyesuus Kiristoos hin
amanne wajjin gaaffiif deebii taasiseen : -

➝ "Harkii fi miilli koo ni waraannaman kan jedhu raajiin

Daawwit dubbate waa'ee Kiristoos hin dubbanne jettu;


Kiristoos irraa kan hafe miillii fi harki isaa kan mismaaraan
waraanname eenyudha? Mootii Daawwitidha? Kana akkamitti
hubachuu dadhabdan?" jedheenii jira.

➝ Gooftaan keenya rukuttaa inni rukutamee daandii

Qaraaniyoo irratti dhiphatee booda muka fannoo irratti


mismaarawwan baay'ee dheeraadhaan irratti Waraannamee
fannifamuu isaa dhiphuu baay'ee dubbachuuf illee nama
rakkisuu ture.

➝ Roomaanonni dhiphuu kana sirriitti miidhagsanii waan


beekaniif namni fannifamu osoo hin fannifamiin dura dhugaatii
Wayinii obaasu turan.
1. Sababni jalqabaa kana raawwataniif hayyoonni keenya
gabaabsanii "Mismaarri akka qabuuf" jedhanii wayinii daadhii fi
qarabichoo waliin makuun akka qaamni isaa of wallaalu
taasisuun yeroo mismaaraan waraannamu akka dhukkubbiin
itti dhaga'amee hin utaallee fi hin iyyineef kan itti
fayyadamanidha. "Akka inni of wallaaluuf wayinii akka dhuguu
kennaafi" akkuma jedhame.
2. Sababni inni lammaffaa Roomaanonni nama fannifamuuf
wayinii kan kennaniif obaasanii of wallaalchisuu irra darbee
namni wayinii dhugu sun machii irraa kan ka'e sammuun isaa
waan jijjiiramuuf dhiphina yeroo fannifamu isa irra ga'u osoo
itti hin dhaga'aanin fannisuudhaafi.

➝ Kanaafuu sababa dhiphinaan badiidhaaf kan dhiyaatee fi

nama lubbuun isaa itti hadhoofte' dhugaatii wayinii kennuun


isaanii sababa rakkoon kan irra gahuu fi "hiyyummaa kee
kanaan boodatti yaadadhu' jedheenii ture. (Fakk.31:6-7).
Taatee akka tasaa warreen sabni alagaa Roomaanotaa fannoo
irratti warren fannisaniif kan taasisan yaada namummaan itti
dhaga'aame qofa ta'uu isaa qulqulluun Luqaas yeroo ibsu
''Arjummaa nama ajaa'ibudha" jechuun ibseera. (H.D.B.28:2).

➝ Barsiifata isaanii kanaaf Gooftaa keenyaaf karabichoo fi

xoofoon waliin makuudhaan dhugaatii wayinii dhiyeessaniif.


Waaqa lafa oonaa Siinaatti bishaan mi'eesseef, nama ga'eela
Qaanaa Galiilaatti bishaan gara wayiniitti jijjiire qarabichoo
baay'ee hadhaawaa ta'e akka dhuguuf kennaniif. Gooftaan
keenyas dursee raajicha Daawwitiin 'nyaata koo
hadhooftudhaan naaf kennan' jedhamee raajii dubbatame
waa'ee isaa akka ta'e beekamuuf hadhooftu kennaniif. Lubbuu
ilma namaa jaalalaan "Yaa fira koo!'' jedhee kan waame
fayyisaan addunyaa Kiristoos hanga guyyaan qilleensa'utti,
gaaddidduunis hanga dabartutti gara tulluu hadhooftuu ykn
qarabichoo kan taate Qaraaniyootti dhufee qarabichoo
hadhooftuu dhuge. (Faar.69.21, Weedduu Weedduu caalu 4:6).

➝ Gooftaan keenya Beeteliyeemitti guyyaa inni itti dhalatetti

urjiidhaan hoogganamanii baha fagoorraa mootoleen dhufanii


turan. Mootoleen kun Osoo galchaa isaaf fidan saanduqa
isaanii banuudhaan hin dhiyeessin dura fuuldura isaatti
sagaduudhaan, galchaa isaaf kennan dhiyeessaniif. Mootoleen
lama fuuldura daa'imaatti saanduqa isaanii banuun warqii fi
Ixaana dhiyeessuun isaanii mootii fi angafa lubootaa ta'uu isaa
agarsiisuuf galchaa kan kennameef yommuu ta'u mootiin
tokko garuu daa'imaaf kennuun kan hin barbaachifne fakkaatu
galchaa ykn kennaa Karbee yookiin qarabichoo Gooftadhaaf
dhiyeesse. (Luq.2:11).

➝ Kennaan kun garuu akka daa'imman biroo jiraachuudhaaf

qofa osoo hin ta'iin ilma namaaf jedhee du'uudhaaf kan


dhalate, rakkoo Gooftaan simatu kan agarsiisudha. kadhannaa
galata Maariyaamii keenya irratti "nuuf jedhee fedha isaan kan
simate fayyisaa keenya du'a isaatiif karbee ykn karabichoo
galchaniif" jennee kan kadhannuuf kanaafidha. Waggaa guutuu
akka Ergamoota aarsaa Ixaanaa Waaqayyoof kan dhiyeessitu
manni Kiristaanaa Ortodoksiin keenya torbee dhukkulbbii
keessa guyya Jimaataa fi sanbata diigamte ykn sanbata duraa
kan Ixaana aarsuun hafee karbee baay'ee fooliin isaa hamaa
ta'e kan aarsituuf sababa kanaafidha. Karbeen fakkeenya du'aa
kan ta'e kana Gooftaan keenya ni dhandhamate malee hin
dhugne, du'as guyyoota sadiif dhandhamatee du'a keessaa
ka'e.
➝ Loltoonni daadhii karbeedhaan waliin makuun wayinii

kennaniif raajiin dubbatame akka raawwatame agarsiisuuf


jedhee dhandhamuun yeroo dhiisu, kaayyoo Roomaanonni
wayinii obaaasan wajjin yeroo wal bira qabnee ilaallu sababaaf
akka ta'edha. Gooftan keenya daadhii wayinichaa afaan isaan
dhandhamachuu irra darbee osoo dhuge ta'ee qaamni isaa
waan of Wallaaluu fi yaadni sammuu isaa waan jijjiiramee
taatee isarratti ta'aa jiru itti hin dhaga'amu jechuudha.

➝ Kana ta'e jechuun immoo Gooftaan keenya Qaraaniyoo erga

ga'e booda dhiphinaawwan fannoo irratti isarra gahe hunda


osoo itti hin dhaga'amiin qaama of wallaalen simate nama
jechisiisuu danda'a. Sababa kanaaf Gooftaan keenya nuuf
jedhee dhiphate jennee kan yaadannu dhukkubbii fannoo
hunda hiikoo kan kennisiisne waan ta'eef qaama isaa akka
nama baqaqsani hodhanii qaamni of wallaalee kan
geggeeffamuu fi madaan kan irratti hin mul'anne ta'a ture.

➝ Fayyisaan addunyaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos

garuu rukuttaawwan sa'aatii dheeraadhaaf itti fufee fi


rukuttaan baay'ee isa dadhabsiisus dhukkubbii jaalala ilma
namaaf jedhee fannoo irratti simatu dhukkubbii kamiyyuu
qaama of wallaalchisuun hir'isuu hin barbaadne. ''Kan isaan
jaalate dhugumaatti hanga dhumaatti isaan jaalate'' kan
jedhamuuf Gooftan keenya fannoo irrattis hanga dhumaatti
rakkoo simachuun ''Du'aaf keessumattuu du'a fannoodhaaf kan
ajajame ta'e'' (Fil.2.8).

➝ Kanaafuu fedha isaan harka loltoota Roomaanotan

waraanamu jaalate. Qulqulluun Efreem akkana jedha : -


"Gooftaan keenya du'aan jiraachaa kan ture Addaamiif jireenya
kennuuf humna isaa ykn waaqummaa isaa loltootaa gad qabee
bichisiise, kanaaf qaba; harka muka gaarii fi yaraa adda baastu
sana kan kuteef beenya taasisuuf harka isaa mismaaran akka
waraannamaniif dabarsee kenne. Murtii waltajjii ykn shangoo
keessatti nageenya muka yaraa fi gaarii adda baasuu bakka
nyaanne fuula isaa rukutamee ture. Bakka miilonni Addaam
gara mukaatti bilisummaan adeeman fannoo irratti fannifamee
mismaaran waraanname. Nuti akka uffannuuf Gooftaan keenya
qullaa ta'e; hadhooftuu fi karbee afaan isaatiin dhandhamuun
iłmi namaa kan ittiin hiddame summii dhala namaati
maxxanee dhalootaa gara dhalootatti darbaa ture summii
bofaa qaama keenya keessaa balleesse."

➝ Akka barumsa mana kiristaanaa Ortodoksiitti mismaarri

Gooftaa keenya ittiin fannifame shaniidha. Fannifamuu isaatiin


madaa irratti yaadni wal fakkaataa jiraatus mismaaronni
kanneen kamidha kan jedhu irratti garuu hayyoota mana
kiristaanaa keenya keessatti lakkoofsa adda addaatu jira.
Mismaarota shanan keessaa mormii irra kan jiran sadiidha.
Qulqulluun Yaareed lakkoofsa mismaarotaa ilaalchisee
kadhannaa guyyaa kamisaa geggeesseen
"Duuka bu'oota muudee
Miila tajaajiltoota isaa irraa dhiqee
Haadha fi abbaa isaaniif ta'e;
Ogummaa isaan barsiise" Kan jedhu kabaja kee kan jedhamu
ciigoo geggeeffame yommuu ta'u mana sadii kan rukutu
taasisee yeedaloo geggeessuun isaa mismaarota sadii kan
agarsiisudha.

➝ Fannoo qoffortee kan argamsiiste haati mootii

Qosxanxinoos mootittiin Illeenii yeroo sana mismaarota sadan


kana wajjin argattee turte. Mismaarota sadan keessaa tokko
daandii osoo adeemaa jiranii bubbeen guddaan yeroo galaana
rukkutee jeequ gara galaanatti darbatanii danbalii galaana sana
kan sochoosu bubbeen guddaa sana dhaabe. Mismaaronni
lameen immoo mootii kan ta'e mucaan ishee harkistuu
(Luugama) fardeen irra akka godhe seenaan akka addunyaatti
barreeffame jira.

➝ Mismaarota sadanitti kan dabalamanii kan lakkaawwaman

kam fa'a kan jedhu yaada adda addaatu jira. Manni kiristaanaa
Ortodoksiin Kooptikii mismaarota sadan lakkaa'udhaan inni
arfaffaan eeboodhaan cinaacha isaa waraannamuu, inni
shanaffaan immoo gonfoo qoreedhaan waraannamuu isaa wal
qabsiistee barsiisti. Haa ta'uutii qoreen hedduu waan ta'eef
akkamitti akka tokkootti lakkaawwamuu danda'a? Eeboodhaan
waraannamuun du'aan booda waan ta'eef akkamitti dhukkubbii
keessatti lakkaawwama? Gaaffilee jedhaman kaasuu danda'a.

➝ Manni kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa

mismaara shanan jedhamu akkuma jirutti ta'ee lakkoofsa


mismaarotaa irratti yaada goolabaa ykn cufiinsaa kana kan
jedhamu akkana kan jedhan jechuun haala adeemsa hiikoo
(Alternative interpretation approach) jechuun yaadota hunda ni
fudhatti. Abbaan Giyoorgis immoo mismaarota sadan qaama
Gooftaa irratti rukutaman qofa lakkaa'ee inni arfaffaan
mismaara fannoo sana ittiin dhabaniif fi barreeffama "INMY
(Iyyesuus Naaziricha mootii Yihuudaa) kan jedhamee
barreeffame ittiin fannoo irratti rukutameedha jechuun ni
barsiisu.

➝ Hiikoon kitaaba qulqulleessaa ykn qiddaasee immoo

yaadota hunda simachuudhaan mismaaronni lama harka


lameen irratti, miilota isaa immoo mismaara tokko, laphee isaa
irratti tokko yommuu ta'u lafeen isaa hin cabu yaada jedhu
fudhachuun bakki qaamni urate ni lakkaawwama jechuun
mismaarota afur qofa akka ta'e ni barsiisu.

➝ Lakkoofsa mismaarotaa kana akka hayyoota keenyatti

immoo macaafa Maahiyaawii jedhamu irratti mismaarota


sadan sana malee Gooftaa keenya fannoo wajjin walitti
maxxansuudhaaf akka zinnaaraa mismaara afur jechuun
yommuu lakkaawan harka loltuun lafee cinaachaa
lakkaawwamuun isaa immoo akka shanaffaatti ni
lakkaawwama.

➝ Dadhabbii fi qorannoowwan kun hundi jireenya isaanii

waa'ee dubbii fannoo qorachuudhaan kan dabarsan abbootiin


keenya waa'ee fannoo hanga kam akka jireenya namaa booji'u
kan nama agarsiisudha.

➝ Haalli lakkoofsa mismaaraas dhukkubbii Gooftaa fi dhiphina

inni nuuf simate afuura qulqulluun geggeeffamuun fi oolmaa


inni nuuf oole tokko illee osoo hin hafiin jaalala inni nu jaalate
qorannoo qulqulleessinee malee adda addummaa amantaa
gidduu jiru miti. Dubbii sadarkaa afuura guddaa sanarra kan
gahan gaaffii namoonni gaafatan hubachiisuuf akka ta'e
hubachuu qabna. Gooftaan keenya madaa'uun isaa erga nu hin
mormisiisnetti hunduma isaanii erga walii galchiisee
iddoowwan mismaaronni shanan itti rukkutaman lakkaawuun
baay'ee nama hin dhibu waan ta'eef yaadota akkuma jirutti haa
fudhannu.

➝ Dhimmi biroo akka mana kiristaanaa keenyatti Gooftaan

kcenya Iyyesuus kiristoos Mismaarota ittiin rukutame Saadoor,


Alaadoor, Daanaat, Adeeraa fi Roodaas jedhamu. Moggaasni
kun loltoonni Roomaanotaa Gooftaa keenya osoo hin fannisin
dura maqaa mismaarotaaf baasan akka hin taanee fi baraan
boodas mismaarota kana itti waamuuf kan baheef akka ta'e ifa
dha. Moggaasni kun akka mana Kiristaanaa keenyatti maddi
isaa kan caqafamu mana kiristaanaa Kooptikii Gibxii qooqa
arabiffaa irraa hiikamaanii fi kitaaba kadhannaa Baartoos kan
jedhamu haati keenya qulqulleettiin durbeen Maariyaam iddoo
Baartoos jedhamutti kadhatteedha.

➝ Haa ta'uutii mana kiristaanaa Kooptikittis ta'ee akka mana

kiristaanaa keenyatti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos


mismaarota ittiin madaa'e waamuuf kan itti fayyadamnuun
alati waa'ee hiikoo jechoota shanii kan ibsu hin jiru.

➝ Qulqulloota keenya keessaa hayyuu Giyoorgis isa gaasichaa

qotatu maqoolee kana akka lakkoofsaatti fayyadama. Sadoor


tokko, Alaadoor jechuun lama jechuun yeroo hiikanii itti
fayyadaman ni argina. Walumaa galatti barreeffamni mana
kiristiyaanaa keenya xiyyeeffannaan mismaaran madaa'uu
Gooftaa keenya irratti kan xiyyeeffateedha.

➝ Maqooleen kanneen garuu akka qorattoota seenaattii fi

akka qorattoota qooqaatti ammaas yaada goolabaa argachuu


kan hin dandeenyee fi sababa mormiiwwan baay'ee kan
ta'anidha. Qooqaa gara qooqatti yeroo hiikamee argamuus
akka barsiifata Laatiniin Rog-arfee Saatoor (The Sator square)
jechuun kan waamamu yommuu ta'u jechoonnis:-
SATOR
AREPO
TENET
OPERA
ROTAS kan jedhamanidha.

➝ Maqoolee shanan kun jalqaba gara fuulduraatti fiixee gara

jalaatti qubeewwan xummura irra jiran irratti hundoofnee yoo


dubbisnu, jechoota ajaa'ibaa wal fakkaataa shan kan
kennisiisaniidha.

➝ Hiikoon jechoota kanaa fi madda isaanii qorannoowwan

adda addaa kan irratti hojjetame yommuu ta'u yaada


hundumaaf ta'u irra kan gahame hin jiru, Seenaa kiristaanaa
addunyaa wal bira qabuun ibsa kan qabu yommuu ta'u kana
irra darbee yaadota xiinxila addunyaa (Phylosophy) wajjin,
sirna urjiilee, sirna waaqeffannaa waaqa alagaa wajjin wal
qabata jechuun kan barreessan tarreessuun bu'aa waan hin
qabneef akka yaada kiristaanummaatti hiikoo itti kenname
qofa ilaaluu ni yaala.

➝ Hiikoon inni jalqabaa akka seenaa mana kiristaanaa

keessatti hayyootaan kan caqasamu yommuu ta'u jechoonni


kanneen biyya Room kutaa Paampeey jedhamutti bakka mana
kiristaanoonni keessatti bakka afuritti maqaan kun galmaa'ee
jiraachuu isaati dha. Booddee hayyoonni kan maqaa
kiristaanotaa kanaan galmaa'e yeroo qoratan kiristaanonni
rakkoowwan yeroo adda addaa isaan irra gahuuf tooftaa
addaatiin (Christian Crypotogram) mana isaanii irratti kan
barreessan PATERNOSTER (Abbaa keenya) jechoota jedhaman
yommuu ta'u qubeewwan lameen gidduudha dhabaman A O
immoo kan agarsiisu Alfaa fi Omeega kan jedhu maqaa
Waaqayyoo ture.

➝ Kanaaf Kiristaanonni Kaataakomb jiraachaa turan loltoota

Room jalaa dhoksuudhaaf akka uumaan mallattoo bifa


qurxummii tooftaa ibsa amantaa kiristaanaatidha.

➝ Bara mootii Qoosxanxinoos fakkii qulqulluu Ewoosxaawoos

mana kiristaanaa keesatti kaase irratti imnoo Sator, Arepon,


Teneton maqooleen jedhaman maqoolee mootolee baha
fagoo akka ta'anitti barreeffamee jira.
➝ Hayyoonni qooqa Laatinii immoo jechoonni kun macaafa

raajicha (His.1:15-17, 10:2) irra jiruutti maqoolee bineensota


teessoo Waaqayyoo baatan arfan akka ta'ee fi hiikoon qooqa
Laatin macaafa qulqulluun jechoota shanan kana keessaa afur
Rotae, Opera, Tenet, Sator kan jedhaman akka jiran ni
hubachiisa.

➝ Dhugumatti kana yoo ta'e bultoo Waaqayyoo kan baatanin

bineensota afuriin kan mogga'e kanaan maqaa mismaarota


Gooftaa fannoo irratti fannisuun qabanii kana yoo iccitii
ajaa'iba guddaa jechisiisa. Kadhannaa haati keenya
qulqulleettiin durboo Maariyaam kadhatte Baartoosis
"Mismaaroota kee shananiitinin si kadhadha" jechuun maqaa
mismaarootaa erga tarreessee booda ''bultoo kee kan baatan
fooniin alatti warreen afuurotaa kan ta'an bineensota kee
arfaniin si kadhadha'' kadhannaa jedhu kan itti fufsiisu ta'a.

➝ Hayyoonni qooqa Laatinii biroo immoo jechoota gara

cinaachatti dubbisuun hiikoo itti kennuudha. Haala Kanaan


walitti hidhamsi jechoota kanaa "The Sower with his plough
Holds with purpose the wheels (Namni sanyii facaasu hordaa
kan qabatuuf sababa ykn kaayyodhaaf)" kan jedhu hiikoo akka
kennu kan ibsan yommuu ta'u qulquluu Neereeneewoos
immoo wangeela Yohaannis 4:37 irra kan jiru tokko ni facaasa,
tokko immoo ni haama' jecha jedhu qabee shakkitoonni ka'an
deebii yeroo kennan jecha Laatinin ifaan ifatti kan
fayyadamaniidha.
.
.
.
Roobii, Eebila 7, 2012
-------------------------
# 52
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Amantoota keenya tokko tokko biraa gaaffii waa'ee qurbaanaa


irratti ilaalchoota isaan kaasanii fi deebisaa!
Baay'ee dheeradha yeroo itti kennaa dubbisaa!
Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo kan ta'e hunduu, kan kana
arge dubbisuun dirqama. Utuu hin dubbisin like, share fi
comment hin godhinaa! Maqaa waaqayyoon isin gaafadheera!
Tariiti yaada hunda keenyayyuu ta'ee yaadni kun nu keessa
jiraatee nu mo'ate akka nuti akkas hin gooneef nu danqaa
jiraachuu danda'a. Hunduu dubbiftanii utuu waliif qooddanii
natti tola.
"Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gadi bu'eedha.
Eenyullee buddeena kana yoo nyaate bara baraan jiraata,
buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon
koo fi dhiiga kooti." (Yoh.6:50-51). Iccitiin kun torbee
dhukkubbii keessaa gaafa guyyaa kamisaa gooftaan keenya
mana Alaazaaritti kan hundeessedha. Qurbaanni iccitii ilmi
namaa gara Waaqayyootti ulfinaan kan itti deebi'u keessaa
filannoon jalqaba filannu isa qofaadha, manni kiristaana
keenya Ortodoksii Tewaahidoo fayyina uummatasheetiif laattu
keessaa inni tokkoo fi angafni iccitii qurbaanaa (dhiigaa fi foon
gooftaa) ti.
Qurbaana :- Jecha afaan Giriikii fi Suuristii yemmuu ta’u hiikni
isaa "kennaa afuuraa, aarsaa, harka fuudhaa, qabeenyaa
waaqayyoof kennamu" jechuu dha. Gibtsoonni “Eekurist” jedhu.
Kunis jecha Giriikii yoo ta’u “galata dhiyeessuu” jechuudha.
Jecha qurbaana jedhu yemmuu ilaallu namni waaqa isaaf
kennaa dhiyeessu hunda kan dhuunfatudha. As keesssatti kan
ilaallu dhugaa kan ta’e waa’ee foonii fi dhiiga lyyesuus
kiristoos qofaadha. Iccitiin kunis qurbaana jedhamuun
beekama.
Iccitiin kun luboonni aangoo lubummaa qaban sirna galatoo
ykn qulqulleessaa yeroo raawwatan kan dhiyeessan nyaanni
jireenyaa kabajamaan hibistiin foon isaa yoo ta'u, wayiniin
immoo qulqulluu dhiiga Kiristoos ni ta'a. Kanaaf dhalli namaa
hundi jireenya bara baraa kana yoo nyaachuu baate qulqulluu
abbaa fedhe yoo ta'ellee Kiristoos waliin tokkummaa hin qabu.

➜ "Buddeenni jireenyaa ana" (Yoh.6:35).

➜ "Foon koo kan hin nyaanne, dhiiga koo kan hin dhugne

jireenya bara bara hin qabu" (Yoh.6:53-55).


Hubadhaa! Amaanu'eel jechuun " Waaqayyo nu wajjin jira"
jechuudha. Kana jechuun immoo foon keenya irraa foon,
lubbuu keenya irraa lubbuu fudhatee nu waliin tokko ta'e
jechuudha. (Isa.7:14, Maat.1:23).
Ega inni nu waliin ta'ee nuyii maaliif isa waliin ta'uu
dadhabnee? Namoonni baay'een yoo waaqayyootti amanan
qofa isa waliin tokko ta'u itti fakkata. Garuu amanuu qofti
ga'umsa dhumaa tokkoo nama taasisa miti. Iyyesuus
Kiristoositti kan amanu dhiigaa fi foon isaa kan nyaatu isa
waliin tokko ta'ee jiraata. Kanas yemmuu barsiisu "Foon koo
kan nyaatu dhiiga koos kan dhugu ana keessa jiraata. Anis isaa
keessan jiraadha" (Yoh.6:56) jechuudhaan barsiise. Inni erga
nu keessaa nu waliin tokko ta'ee eenyuutu nu mo'aa? Isaan
warroota mo'a ol kan ta'ee waan nu keessa jiruuf nutis hundaa
ni mo'annaa jenne dubbachuu kan dandeenyu yoo qulqullu
dhiigaa fi kabajamaa foon isaa fudhannedha.
Kanaafuu ega qurbaanni kiristoos waliin tokko kan nu
taasisudha. Amaanu'eel erga nu waliin tokko ta'e nuti immoo
maaliif qurbaana fudhannee isa waliin tokko ta'uu dadhabne?
Haa ta'u malee namoonni yaadaa fi ilaalcha dogoggoraa qaban
isa Waaqayyo waliin tokko nama taasisu kana akka namni
fudhatee hin fayyineef yaadota dogoggora qaban kaasuun
namni akka fudhatee Waaqayyo waliin tokko hin taane
taasisan ni mul'ata. Mee yaadoota kana akka armaan gadiitti
haa ilaallu.
Jechamootaa fi Yaadawwan boodatti hafoo waa'ee qurbaanaa
irratti dhiyaata.
Kitaaba qulqulluu irratti akkuma barreeffamee argamu foonnii
fi dhiigni gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos jireenya bara baraaf
kan laatamedha. Haa ta'u malee amantoonni baay'een sababa
hanqina hubannoo irraa kan ka'e barumsa dogoggoraa
dhaga'an nyaata jireenyaa kanarraa yeroo fagaatanii fi inni
kaanis akka itti hin dhiyaanne yeroo dhorkan ni mul'atu.
Namoonni tokko tokko barumsa dogoggoraa fi oduu
sodaachisaa barsiisuun, beekanis ta'e osoo hin beekiin
garraamoota gara dogoggoraatti akka oofan raawwachiiftoota
kaayyoowwan diinaa ta'anii mul'atu. Kanaanis seexanni bu'a
qabeessa ta'eera.
"Hin nyaatinaa!" isa jedhu abboommii waaqayyoo diigsisuun
warra duraanii kan kuffise diyaabiloos har'a immoo akka
nyaannuuf waaqni keenya kan nuuf laate buddeena jireenyaa
qulqulluu foonii fi dhiiga isaa fudhachuu irraa akka fagaannuuf
jechamootaa fi yaadawwan dogoggora ta'an laphee
tajaajiltootaatti facaasuun kaayyoo nama du'aaf saaxiluu isaa
galmaan gahuuf tattaafata. Kanaanis namoota baay'ee
sodaatiin luugamee waan ittiin fayyaan waan akka ittiin
badaniitti akka lakkaa'an taasiseera. Ogummaan waraana
diyaabiloos hanga fedhe dhokataa ta'eyyuu namni jireenya
afuuraatiin deddeebi'u garuu isa irraa dhokachuu hin danda'u.
Hubannoof akka ta'utti yaadootaa fi ilaalchaawwanii
qixxeenyaan tooftaa waraana isaa akka armaan gadiitti ilaalla.
1. Jireenya gaa'elaa keessatti inni tokko "nan qorroba"
yemmuu jedhuu inni biraammoo "hin qorrobu" jechuun.
Gara qurbaanaatti dhiyaachuu ilaalchisee abbaa manaa fi
haadha mana gidduutti rakkoowwan darbanii mul'atan keessaa
inni tokko "nan qorroba" yemmuu jedhuu inni tokko diduudha.
Gama kanan qaamni dide sun sababa itti ilaalcha kana
qabaatee sirriitti qorachuu qaba malee qaamni fedha qabu
dhimma sana akka salphaatti dhiisuun gara qulqulluu
qurbaanaatti qofaa isaa dhiyaachuu hin qabu. Sababiin isaas
seera mana kiristiyaanaatti haati manaa fi abbaan manaa
garaa gara akka qoorroban hin eeyyamtu. Abbaan manaa fi
haati manaa walii galanii gorsa abbaan gaabbii isaanii irratti
hundaa'uun qurbaana eegalan itti fufsiisuu qabu. Sababa
haalaa fi bakkaan adda bahuutiin qofa qofaa akka qorroban
sirni isaaniif eeyyama. Kunis dhimma hojiitiin wal irraa
fagaachuudhaan, yeroo dararaa ji'a ishee, yeroo da'umsaa,
qaamni tokko qorrobuu barbaadee yoo qorrobe akka adda
bahuutti kan lakkaa'amu miti. Kun dhimma adda bahuu osoo
hin taanee garaa garummaa guyyaatiin fudhachuudha. Sana
booda sababa addaatiin osoo hin fudhatin kan hafe sun
haalota mijaatanitti qophaa'ee fudhachuuudhaan tokkummaa
isaanii itti fufsiisuu danda'u. Kanarraa kan hafe sababooti kana
fakkaatan yoo muudatan malee guyyaa jalqabaa
tokkummaadhaan akka fudhatan yeroo hunda wal faana
fudhachuuu qabu. Kunis qormaataaf saaxilamuu irraa isaan
eega. (1Qorn.7:5).
Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos eebba
kan isa kadhatte dubartitti saamiraawwitii "Deemiitii abbaa
manaa kee waamii gara asii kottu!" (Yoh.4:16). Kan inni jedhe
eebba argachuudhaaf gargar bahuu akka hin qabne agarsiisa.
Abbaan manaa fi haati manaa qaama tokko waan ta'aniif
tokkummaadhaan ta'anii fooniif dhiiga isaa fudhachuu qabu.
"Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan
Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!" jedhe.
(Maat.19:6).
2. "Umurii dargaggummaan gara qurbaanaatti dhiyaachuun hin
ta'u" ilaalcha jedhuun.
Baay'ee keenyatti guufuu guddaa kan ta'e kanadha. Namni
gara qulqulluu qurbaanaatti dhiyaachuu kan qabu umurii
daa'imummaa fi dulloomaatiin qofa fakkaatee kan isaaniitti
mul'atu muraasa miti. Dargaggoonnii fi shamarran umurii
dargaggummaatiin jiran gorsa waa'ee qurbaanaa osoo isaan
gaafatanii "Maaliif fiigdee osoo hin quufin, umurii keetti osoo
hin fayyadamin ... yoo qorrobde ni adabamta, sitti murta'a" kan
jedhanidha. Haa ta'u malee barsiisa qulqulleetti mana
kiristiyaanaatiin qulqulluu qurbaanaaf umuriin xiyyeeffannoon
itti kennamuun barbaachisu dargaggummaa fi ga'eessummaa
irrattidha.
Umuriin namaa oomisha qotee bulaa fakkaata. Oomishni isaa
yoomiyyuu irra caalaatti miidhaaf kan saaxilamu yeroo
daraaraa fi asheetaatti. Dargaggoonni umurii dargaggummaa fi
ga'eessummaatiin jiranis sadarkaa kanatti caalaatti
cubbuudhaaf saaxilamu. Kaayyoon foonii fi dhiiga isaa immoo
namummaan cubbuudhaan miidhame haaromsi jireenyaa akka
isaaf ittiin ta'u cubbuu irraa bilisa ba'uun aangoo dhaaltuu
kabaja isaa ittiin ta'u gonfachiisuudha. Barumsa kanaatiif
fakkeenya kan nuuf ta'u gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosidha.
Gooftaan keenya wangeela isaa qulqulluu irratti (Maat.9:11-13)
"Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin,
'Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka
seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?' jedhan. Iyyesuus garuu
kana yommuu dhaga'e, 'Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa
hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; inni 'Gara-
laafina barbaada malee aarsaa miti' kan jedhu maalitti akka
hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra garaa (yaada) qajeelota
waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe
malee"' jedhee isaaniif deebise.
"Dargaggummaa keetti fayyadami" yaadni jedhu nama gara
cubbuutti kan kakaasudha. Namni qulqullinaaf malee cubbuuf
umuriin isaaf laatame tasumaa hin jiru. Beellama du'a isaa kan
beeku waan hin jirreefi. Umurii keenya guutummaa uumaa
keenya faana tokkummaa qabaachuu akka qabnu kitaaboleen
qulqullaa'oon nu barsiisu. Jireenya qulqullootaa yoo ilaallu
kabaja qulqullina kan gonfatan umurii Dargaggummaa isaaniitti
ta'uu isaa hubanna.

➝ Kitaaba Lallabaa 11:9-10 "Yaa dargaggeessaa,

dargaggummaa keetti gammadi! Bara dargaggummaa keettis


garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti deemi,
wanta iji kee argu duukaas bu'i! Garuu Waaqayyo wanta kana
hundumaaf gara murtiitti akka si dhi'eessu beeki!
Mucummaanii fi dargaggummaan waan darbaniif, yaaddoon si
irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!"
➝ "Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, "Anatti hin

tolan" ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargaggummaa keetti


uumaa kee yaadadhu!" Kitaaba Lallabaa 12:1.
3. Qorrobuu dhiisuuf hojii sababa godhachuudhaan
Addunyaa irratti bu'anii ba'anii dhama'anii dafqaan kan argame
nyaachuun ajaja Waaqayyooti. "Ati biyyoo dha, deebitees
biyyoo taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti
hamma deebituttis, dhamaatee dafqitee buddeena nyaatta"
jedhe. (Uma.3:19). Barsiisni mana kiristiyaanaas
dadhabummaa dhibaa'ummaa fi hojii hiikumsa kan mormu
hojii irratti kan xiyyeeffatedha. "Namni hojii hojjechuu hin
barbaanne midhaanis hin nyaatin!" (2Tas.3:10) jedhanidha
waan ta'eef. Namootni baay'een garuu qorrobuu dhiisuu
isaaniif akka sababaatti yeroo kana caqasanii fooniif dhiiga
isaa irraa baqatan ni argama. Hojiittis bifa qulqullaa'een
bobba'uu qabna.

➜ Daldalli madaala jallisuu fi gowwomsummaa kana fakkaatu

irraa yoo qulqullaa'e hojii qulqulluudha. Daldalanii bu'aa


argachuun nama hin xureessu. Cubbuus miti!

➜ Hoteelli nama baay'ee kabaja irraa salphisuun bakka

sagaagalummaa fi machii ta'uu irraa yoo qulqullaa'e, bakka


boqonnaa keessummaa ta'uu isaatii fi affeerraa isaatiin
gochaa galateeffamuu malee kan mormu miti.
Tajaajilli warri kaanis hunduu akkasuma cubbuu irraa fi isa
kaan cubbuudhaaf saaxiluu irraa yoo fagaate qulqulluudha.
Kanaaf keessa keenya yaada hamaa irraa, gochaa keenyas
cubbuu irraa qulqulleessuun kabajaaf yeroo waamamnu kan nu
qaanessu himannaa diinaa haa moonu.
Kana hundumaa faana irratti xiyyeeffatamuu kan qabu
gooftaan keenya fooniin gad of qabee kan mul'atee,
namummaan keenya isa salphate kabajaaf geessisuuf akka
ta'e hubachuudha. Nurraa kan eegamu badii dura amananii
gaabbuudhaan ofitti gaddanii dhiyaachuu malee qulqullaa'anii
gahanii argamuu miti.
Namni gaabbiitti kan argamu dhiifama waaqayyootiin malee
ga'umsa isaatiin badii irraa qulqullaa'uu hin danda'u.
"Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan,
dhukkubsatootatu barbaada malee" (Maat.9:12).
Inni biraa "Hojii nan qaba, Ani hojiidhaan kanan qabamedha,
qulqulluu qurbaanaaf yeroo hin qabu" jedhanii duubatti
deebi'uun as jalatti dogoggora kan qabudha. Har'a jireenyaatti
dhiyaachuu osoo qabnu sababa hundumaaf beellama
kennuudhaan guyyaa fayyinaa dhibaa'ummaadhaan dabarsuun
barbaachisaa miti. Namoota akkasii gooftaan keenya Iyyesuus
kiristoos fakkeenyaan yeroo isaan ceepha'u ni ilaalla.
(Maat.22:4-5) "Amma immoo hojjetoota kan biraa ergee,
'Warra waamaman sanaan, kunoo, nyaanni qophaa'eera,
sangoonni, horiin coccoomoon qalamaniiru, hundinuus
qophaa'aa dha, gara cidhaatti kottaa jedhaatii itti himaa!'
jedhe. Warri waamaman garuu tuffatanii, inni tokko gara
qotiisa isaa, inni kaanis gara bittaa fi gurgurtaa isaa dhaqe.
Kanaafuu dursa kenninee yeroodhaan gara qulqulluu
qurbaanaatti dhiyaachuun kiristiyaana irra eegama.
Carraan kun nuyi du'aan osoo hin gaggeeffamaniin dura harka
keenya kan jiru, haa ta'u malee erga duunee booda kan hin
argamne ta'uu isaa hubachuudhaan yeroo nuuf kenname
dhibaa'ummaadhaan dabarsuu hin qabnu. Kunis du'aa ka'umsa
jalqabaa jedhamee kitaabilee qulqullaa'ootiin dubbatameera.
"Namni du'aa ka'uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam
gammada! Attamis Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha! Duunni
lammaffaan warra akkasii irratti humna hin qabu; isaanoo
luboota Waaqayyoo, luboota Kiristoosis ta'anii, isaa wajjin
waggaa kuma tokkoof mo'uuf jiru." (Mul.20:6).
4. Dhukkuba irra nama jiru qorrobsiisuu akka furmaataatti
fudhachuu
"Nama dhukkubsate yoo qorrobsiisaan isaadhaa fooyya'a, ni
fayya ykn ni du'a," kan jedhu Hawaasa keessatti hundee kan
gadi fageeffate ilaalcha dogoggoraati. Kanaafuu gufuu
wangeelaa kan ta'e waraana diinaa amantaadhaan mormuun,
barumsa wal makaa akkasii fi baacoo gatii hin qabne irraa
fagaachuun barbaachisadha. Qulqulluu fooniif dhiiga isaa
amantaadhaan kan fudhataniif : -

➜ Du'a irraa gara jireenyaatti kan ceesisudha.

➜ Cubbuu duraa irraa haa hafu kan jechisiisudha.

➜ Cubbuu dhufu irraa kan eegudha.

➜ Dhukkuba foonii fi lubbuu irraa kan fayyisu ta'uu isaa nama

irraa kan baranne osoo hin taane sagalee waaqayyoo ta'uu isaa
nu hubachiisa. (Yoh.6:48-51) "Ana buddeenni jireenyaa.
Abaabiliin keessan lafa oonaatti nyaata 'Mannaa' jedhamu
nyaatan, haa ta'u iyyuu malee ni du'an. Buddeenni waaqa irraa
gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u. Ani
buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu
illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan jiraata;
buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon
koo ti" isaaniin jedhe.
Diinni diyaabiloos faallaa kanaatiin namni kennaa isaadhaa
kenname akka hin argannee fi fayyina foonii fi lubbuu akka hin
fudhanneef nama dhukkubsate "yoo qorrobsiisan ni du'a"
jechisiisee sodaachisuudhaan Kiristiyaanni ilaalcha inni
qulqulluu qurbaanaa irratti qabu akka walitti bu'u gochuun
dhuma irratti karaa fayyinaa irraa yeroo baasu agarra.
Kanaafuu dhukkuba foonii fi lubbuu irraa kan fayyisu kiristoos
nurraa akka jiraatu fannoo isaa irratti aarsaa kan nuuf ta'e
nyaataa fi dhugaatii dhugaa qulqulluu foonii fi dhiiga isaa
fudhachuuudhaan diina keenya qaanessuun barbaachisadha.
5. Of eeggannoo hin barbaachifne
Barsiisa ta'ee "namni qorrobe qofaa hin ta'u, nama osoo
dhabeellee sibiila haa qabatu yookiin namni cina isaa irraa
adda hin bahin!" jedhanii kan gorsan dogoggorsitoonni kan
ta'an jiru. Sababii isaanii yeroo gaafatamanitti "Lola diyaabiloos
ofirraa dhorkuufi" kan jedhu yaada fudhatama hin qabne
dhiyeessu. Rakkoon namoota kana inni guddaan hir'ina
beekumsa qofaa osoo hin taanee barachuuf fedha dhabuu,
seeraa fi sirna mana kiristiyaanaa caalaa gowwaan kan dhaabe
barumsa seenaxawaa sirriitti dhaaluun kan dhaalchisan, osoo
hin beekin tajaajiltoota diinaa ta'uu isaaniiti.
Diinni kan hin qabamne afuura waan ta'eef humna namaatiin,
ga'umsa meeshaa ijaan argamuun kan isa dhorkinu miti.
"Nama foonii yoo taane iyyuu, akka yaada fooniitti nama lolla
miti. Mi'i waraanaa keenya mi'a da'oo jajjabaa jigsuudhaaf
Waaqayyoof hojjechuu danda'uu dha malee, mi'a namni foonii
ittiin hojjetu miti; yaada amansiisa hin qabne isa nama
wallaalchisuuf qophaa'es ni diiga." (2Qorn.10:3-4).
Miidhaa diinaa irraa mataa ofii eeguun kan danda'amu
hidhannaa afuurawootiinidha. Kunis Tsoomiidhaan,
kadhannaatiin, sagalee Waaqayyo dhaga'uutiinidha.

➜ Efe.6:12-17 "Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo

wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa


qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana
keessa jiru kana seerratan, macca afuuroota hamminaa warra
bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aasoo wal qabna.
Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a
guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka
dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! Egaa
akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii
keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti
uffadhaatii dhaabadhaa! Akka nama kophee kaa'ateettis
wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa! Kana
hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan
xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa deeman dhaamsuu
dandeessu. Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee
Waaqayyoos akka billaatti, afuura qulqulluu biraa fudhadhaa!"
Namni tokko yemmuu qorrobu hoomaan ergamootaa isa
hordofu. Sababiin isaas maatiin mootii hoomaadhaan
marfamuun kan beekamuu waan ta'eef Waaqayyo gooftaan nu
faana kennaa fi gargaarsa isaatiin qofa osoo hin taane foonii fi
dhiiga isaatiin nu faana tokko ta'ee osoo jiruu tasuma humni
nu mormu maaltu jira? "Waaqayyo nu faana yoo ta'e eenyuutu
nu morma?" (Rom.8:31, Faar.90(91):1-16).
Kiristiyaanni seexana irratti aangoo Waaqayyo irraa
isaadhaa kenname hubachuun isa fayyada.

➜ Luq.10:19 "Ani kunoo mar'ataa irra, torbaan-qabaa irra,

aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif,


gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu."
Akka seeraa fi sirna mana kiristiyaanaatti "nama qorrobe cinaa
akka adda hin baane" kan jedhu barreeffamee hin jiru.
Qulqulluu foonii fi kabajamaa dhiiga isaa amanaan fudhate
namni cina isaa jiraachuun sababni itti barbaachisuuf garuu
jira. Kunis kan qorroban ijoollota yookiin deeggersa kan
barbaadan dhukkubsattoota foonii yoo ta'an qofaadha.
Sababiin isaas qaamoleen kun kunuunsa waan isaan
barbaachisuuf kana hubannoo keessa bifa galcheen ilaalamuu
qaba.
6. "Dubartiin ulfi qorrobuu hin qabdu" kan jedhamu
Hawaasa keenya keessatti barumsi dogoggoraa dhaga'aman
keessaa tokko "dubartiin ulfaa qorrobuu hin qabdu, ulfichaaf
(mucichaaf) mijaata miti" kan jedhudha. Qulqulluun qurbaanaa
amantoota ulaagaa isaa guutan hundaaf ni ta'a. Dubartiin ulfi
qurbaana irraa dhorkamuu kan dandeessu yoo ishee
balaqqamsiisee fi qaamni ishee ni dhiiga ta'ee fi kkf yeroo
ulfaa isheetti deddeebi'uun yoo ishee mudata ta'a qofaadha.
Kunis kabajamaa qulqulluu foonii fi dhiiga isaa qurbaanaaf
jechuudha. Kana irraan kan hafe barsiisa muuxannoo akkasii
irraa bilisa kan ta'e ulfichaafis ta'e jireenya mataa isheefis
qoricha kan ta'e qulqulluu qurbaanaa fudhachuu qabdi.
7. "Jaalalleen kee akka si hin ganneef walqabadhaati qorrobaa"
Mana kiristiyaanaa kan miidhe diina alaa caalaa keessa kan
jiran kan isaanii hin galle gaafatanii kan hin hubanne,
tilmaamaan kan deeman, seeraa fi sirna mana kiristiyaanaa
gatanii ofii seeraa fi sirna baasanii namoota deddeebi'anidha.
Barumsa oduu gandaa akkasii keessaa qulqulluu qurbaanaa
akka hidhaa jaalallee ofiitti godhanii lakkaa'uun isa tokkodha.
Qulqulluu qurbaanaa "hidhaadha" jedhanii waan amananiif
seera qabeessummaan isaa karaa hin eegamneen yoo isaan
barbaachise ka'anii kan qorrobanii fi qaamni biraan osoo itti
hin amaniinii fi qophaa'iin Jaalala isaaniitiin dirqisiisanii yeroo
qorrobsiisan ni argamu. Jaalala isaaniitiin haguugamanii
dogoggora isaan raawwatan, sirriitti dogoggora ta'uu isaa kan
baran gaa'elli isaanii hanga wal hiikuutti yeroo rakkoon isaan
mudatudha. Booda gaddanii "naaf qorrobee na gane (naaf
qorrobdee na gante)" jedhanii yeroo dubbatan ni hubatamu.
Rakkina isaaniif furmaatni baay'een osoo jiruu ija jabinaan gara
qulqulluu qurbaanaatti dhiyaatanii mataa isaanii irratti yeroo
murteessisan ni mul'atu.
1Qorn.11:27-29 "Kanaafis sababii maaliitiif akka dhi'aatu utuu
gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xoofoo gooftaa
keessaas dhugu, dhagna gooftaa dhiiga isaas ni yakka. Egaa,
namni qoree of haa ilaalu! Ergasiis buddeenicha irraa haa
nyaatu, xooficha keessaas haa dhugu. Dhagna gooftaa ta'uu
isaa yaadatee utuu gargar hin baasin namni buddeenicha
nyaatu, xooficha keessaas dhugu, firdii of irratti fiduudhaaf
nyaata ni dhugas."
Jireenyi kiristiyaanummaa kan ittiin ifu keessaa tokko
amanamummaadha.
Amananummaan immoo

-------------------------
# 51
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Guyyaa har'a (kamisaa) torbee dhukkubbii keessatti argaman


keessa tokko kan yaadannu ganuu qulqulluu pheexroosii fi
gabbiin deebi'uu qulqulluu pheexroosidha.
Akka kootti kan akka hojii qulqulluu pheexroos na ajaa'ibu hin
jiru!
Simi'oon inni Pheexroos duuka bu'aa gaaffiidhaafis,
deebiidhaafis, amantaadhaafis, dogoggoruudhaafis eenyullee
hin dursineedha. Jaalala Gooftaa kan ibsuuf dubbii laphee
guutuu ta'een waan tureef, seenaa Pheexroos kan beeku
hunduu araara ifeen ni yaadatu. Dhugumatti akka qulqulluu
Pheexroos kan ta'e garraamiin eenyudha? Afuura Waaqayyoon
geggeeffamee "Ati Ilma Waaqa jiraataati" jedhee waa'ee
Kiristoos kan dhugaa baheen ''ati kattaadha'' jedhame akkuma
galateeffameen. Battala sanatti afaan seexanaa ta'ee ''Deemi
seexana;' jedhamee kan akeekkachiifame akka Pheexroos
garraamiin eenyudha? (Maat.16:16-23).
"Yaa Gooftaa miilla kiyya bara baraan hin dhiqxu" jedhee yeroo
kadhatuu fi didetti battaluma sana "Yaa Gooftaa qaama koo
guutuu naaf dhiqi" jedhee kan kadhate lapheen isaa gaariin kan
akka qulqulluu Pheexroos eenyudha? (Yoh.13:6-9) Gooftaa
wajjin bishaan irra deemuuf amantaan kadhatee erga irra
deemee battaluma sanatti bishaan keessa liqimfamuuf yeroo
jedhutti "Yaa Gooftaa na fayyisi!" jedhee kan kadhate
Pheexroos irraa kan hafe eenyuu dha? (Maat.14:28-30).
Gaaffilee ariifannaa fi hawwii irraa ka'een IIma Waaqayyoo
Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos leeyya'uu irra darbee
Waaqayyo Abbaanis duumessarra taa'ee waa'ee gaaffiif kan
leeyyasiifate Pheexroos malee eenyuutu jira? (Maat.17:5).
Qulqulluun Pheexroos jaalala dhugaa ykn gonka Gooftaadhaaf
qabuu fi Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du'a isaan ilma
namaa fayyisuu hubachuu dhiisuu irraa kan ka'e; Gooftaan
keenya akka du'u yeroo dubbatu nama isa mormuuf dursu hin
jiru. Gooftaan keenya akka fannifamu yeróo dubbate sana "kun
siif hin ta'u! yaa Gooftaa, kun gonkuma sirra hin gahu jedhee
gorsuu eegale" jedha. (Maat.16:22).
Torbee sanatti tulluu Taabor irra jiraachuudhaaf "Iddoo kana
jiraachuun nuuf gaariidha" jedhee yaada kan dhiyeesse "As irra
jiraachuun du'a Gooftaa ni hambisa" kan jedhu hawwii guutuu
yaada garraamummaa ture. Hawwii garraamummaan
Pheexroos osoo raawwatamee kan miidhamu hunduma keenya
ture.
Abbaan Giyoorgis Pheexroosiin akkana jedha: - "Yaa
Pheexroos iddoo kana jiraachuun nuuf gaariidha jettee? Siif
fuula isaa ilaalaa gammadaa iddoo sana jiraachuu siif wayya
ture. Isin achi jiraattanii fuula isaa ilaaltu osoo ta'ee nuti garuu
hin fayyinu ture. Sababni isaas tulluu kana irraa bu'ee ilaaluu
kan jaalatan fuulli isaa harka namaan yoo hin rukkutamne nuti
fayyuu hin dandeenyu." (Kitaaba Iccitii 30:36)
Qulqulluun Pheexroos Gooftaan keenya akka hin duune,
dhugummaadhaan hanga Gooftaan guyyaa kamisaa galgalaatti
fufee ture. Jaalala gonkaa ykn dhugaa Gooftaaf qaburraa kan
ka'e, loltoota Gooftaa qabuuf dhufan wajjin wal waraanuuf
seefii fudhate. Dhuguma Gooftaan "Seefii qabadhaa!" jedheenii
ture. "Seefii lama qabna" yeroo jedhaniin "ni gaha'' jedheenii
ture. Gooftaan keenya "ni gaha" kan jedheen garuu seefii osoo
hin ta'in dubbii isaatiinidha. Waraanaaf seefiin lama gahuu hin
danda'u.
Gooftaan cinaachi isaa kan fayyina ilma namaaf waraannamu
malee namoota waraanuuf Waaqa nama ta'e miti. Hayyoonni
akka ibsanitti "qabadhaa!" kan jedhameen seefiin sun, "lubbuu
fi afuura hanga adda bahutti kan waraanu seefii afuuraa"
yemmuu ta'u innis waggaa sadii guutuu kan barsiise galaa
lubbuu kan ta'e sagalee Waaqayyo ture. (Efe 6:17, Ibr 4:12).
Duuka bu'aa Pheexroosii fi hiriyoonni isaa garuu qulquluu
Efreem akka jedhetti, "jechi isaa seefii kan ta'e Gooftaa irraa
buusuuf seefii qabatan" loltoonnis qabuuf yeroo itti dhiyaatan
"Yaa Gooftaa Seefiidhaan rukkunnuu?" jedhanii gaafatan.
Pheexroos garuu deebii osoo hin eegin gurra angafa lubootaa
seefiidhaan mure. Hayyoonni akka jedhanitti Pheexroos
morma angafa lubootaa sana muruuf seefii kaasuus waan
muxxannoo hin qabneef gurra rukute jedhu.
As irratti Pheexroos seefii lama qabatee loltoota wajjin lola
ykn waraana eegaluun isaa hangam akka inni Gooftaa isaa
jaalatu agarsiisa. Qurxummii kiyyeessuu irraa kan hafe dirree
waraanaa deemee kan hin beekne ta'us jaalala Gooftaaf qabu
warreen meeshaa waraanaan muuxxannoo qabu wajjin
waraana akka eegalu taasise. Waggaa shantamii saddeet
guutuu seefiitti fayyadamee kan hin beekne seefii qabate.
Umurii isaaniin dargaggootaa fi muuxxannoo waraanaa guddaa
kan qaban wajjin seefii qabatee osoo lubbuu isaaf hin
qusatiinii fi hin sodaatin waraana eegaluun isaa jaalala
Kiristsoosiif qaburraa kan ka'e malee maaltu akkas isa
taasisa?
Hojii qulqulluu Pheexroos raawwate waraana hedduu kan
kakaasu ture. Isaaf milkaa'ee osoo morma angafa lubootaa
sana argatee rukutee ajjeesse ta'e, dhiiga deebisuudhaaf,
Kiristoos fannifamee akka du'uuf murteeffamuu isaa "murtii
dhugaadha" jedhama ture. Gurra garbicha angafa lubootaa
sana rukutuun mana himatamee ture gad lakkisuuf yaaluun
illee murtii hidhaa umurii guutuu hidhamuun rakkoo biroo
keessatti kan nama gatuudha. Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos gurra garbicha angafa lubootaa sana fayyisuun isaa,
loltuu sana qofaatu fayye miti. Rakkoo kana kan uume
qulqulluu Pheexroos dabalateedha. Gurri loltuu sanaa fayyus
fira loltichaa hanguma argu rifachaa ture. (Yoh.18:2). Loltuu
Room gurri isaa muramuun isaa Gooftaan du'ee erga ka'een
boodas tajaajila Pheexroos gara kutaa biyya Room keessatti
raawwatuutti qorumsa guddatu quunnama ture.
Kanaafidha seenaa gurri kutamuu garbicha angafa lubootaa
Room wangeelota sadi jechuunis Maatewoos, Maarqoosii fi
Luqaas yeroo barreessan maqaa nama gurri cites, ta'ee nama
rukutee kute osoo hin caqasin kan darbaniifi. Qulqulluun
Pheexroos wareegamaa ta'ee erga boqote booda wangeela
kan barreesse qulqulluun Yohaannis garuu kan gurra kute
Pheexroos yemmuu ta'u, gurri kan irraa cite immoo Maalkoos
akka jedhaman ifatti dubbateera. Kun kan ta'uu danda'e
wangeelonni sadan kan barreeffaman qulqulluun Pheexroos
waan fooniin jiraateefi. Dhimmicha osoo Pheexroos fooniin
jiruu kan ifatti barreessan ta'ee, Pheexroos loltuu Room gurra
isaa muruu isaa ragaa barreeffama arganne jechuun
kiristaanota haala isaan itti dhiphisa sababa argatu ture.
Qulqulluu Pheexroos imimmaaniin booda
Qulqulluun Pheexroos boo'icha erga boo'ee fi deebi'ee boodde
jireenya firii gaabbiidhaan isa gahu argatee jiraateera.
Gooftaan keenya yeroo sadii akka isa ganu yeroo itti himu
sana "Atis yeroo deebitu obboleewwan kee jajjabeessi"
jedheenii ture. (Luq.22.32). Qulqulluun Pheexroos boo'icha
addaatiin gara Gooftaatti erga deebi'ee booda Gooftaan akka
gaabbii Pheexroos fudhatee dhiifama godheef kan agarsiisu
erga du'aa ka'ee booda ture. Gooftaan keenya gara
awwaalchaa kan dhufan dubartootaan karaa ergaa
Ergamootaan itti himees "Deematii duuka bu'ootaan
keessumattuu, Pheexroosiin Gooftaan Galiilaatti isin dursa
jedhaatii itti himaa!" jechuun kan itti hime du'aa ka'umsa irratti
abdii kutee duuka bu'oota irraa akka adda hin baaneef
Pheexroos maqaa caqasee waamee jira. (Maar.16:7).
Yeroo Gooftaan galaana Galiilaa irratti muľ'atettis "Yaa ilma
Yoonaa Pheexroos na jaalattaa?" jechuun ceephessuu irra
jecha gara laafummaan guutameen dubbisuudhaan yeroo sadii
kan gane Pheexroosiin yeroo sadii gaafachuun amansiiseera.
(Yoh.21.15-17). Lapheen isaa gaabbiidhaan kan guutame
Pheexroos illee "Obbolleewwan koo ani guddaadha" jechuu
dhiisee "Yaa Gooftaa koo sin jaalladha" jechuudhaaf illee ija
jabina dhabee "akkan si jaaladhu atoo ni beekta" jedheera.
Qulqulluun Pheexroos gaabbiidhaan erga deebi'ee booda
hunduma caalaa "ani'' jechuu dhiisee ''walii keessanii gad of
qabummaa guutameen akka uffataa uffadhaa!" kan jedhu
barsiisa gad of qabummaa ta'e. (1pheex.5:5) dubartii
Yihuudootaa garbitti taate fuulduratti sodaatee Gooftaa kan
gane, uummata baay'ee hedduu fuuldura dhaabbatee ragaa
bahuudhaan guyyaa tokkotti namoota kuma sadii kiristaana
taasiseera. (H.D.B.2:14-41).
Gooftaan keenya Ilma namaa akka biyyoo bakka kufee kaasee
akka Warqii kabajee hoolota isaa irratti kan muude hanga
dulluma isaatti amantaa isaaf qabsuura guddaa geggeessuun
cubbuu kamisa galgala balleesse sana tajaajila baay'een
kaffalee jira.
Mootiin Daawwit, "Fuula kee duraa na hin darbatin afuura
qulqulluu kees narraa hin fudhatin" jedhee erga kadhatee fi
gaabbee booda "warreen abboommii cabsaniif daandiin
barsiisa gara keettis ni deebisu" akkuma jedhe Pheexroosis
gaabbiidhaan boodatti "Obboleewwan kee jajjabeessi" imaanaa
jedhu osoo hin nuffin eeguudhaan cubbamtoota baay'ee gara
Waaqayyootti deebise. (Faar.50:13).
Qulqulluun Pheexroos raawwii tajaajilaa kan taasise waltajjii
Room irratti loltootaan marfamee ture. Gooftaan keenyas
"Dhuguma dhuguman siin jedha, ati gaheessummaan osoo jirtu
mudhii kee jabeessi hidhadhu, gara si fudhatuttis deemta. Haa
ta'u malee yeroo dullumaa harka kee diriirsita; kan biroos ni
hidhachiisa. Gara ati jaalattuttis si geessa" jedhee dubbatee
ture. (Yoh.21:18). Kanaafuu loltoonni Qeesaar qulqulluu
Pheexroos harka isaa diriirsan, funyaa hidhuun lafarra gototuun
gara waltajjii Roomitti fudhatan.
Guyyaa sana Pheexroos loltoota Room hin sodaanne. Abidda
hoo'ifachuudhaafis gara kamittuu hin siiqne. Gooftaa kamisa
galgala arge fuuldura; gara wareegamtootaa yeroo dhufus
Gooftaa arge sana ija yaadan ilaala "Yaa Gooftaa har'a si gane
" jedhee ka'e.
Gara waltajjii Roomaanotaatti akkuma fudhataniin,
Roomaanonni akka barsiifatan fannoo irratti fannisuuf
qopheessan Pheexroos arge. Pheexroos garuu "hin ta'u
Gooftaan koo kan irratti fannifame irratti ani hin fannifamu!"
jedhe. Roomaanotatti fannoon meeshaa duwwaa itti fakkaatus
akka qulqulluu Pheexroos kan qaban mana kiristaanaaf illee
Kiristoos ammas akka fannifame fakkeeffameera. Kanaafuu
bultoo Waaqayyoo irra taa'uun sammuun Pheexroos isaaf hin
eeyyamne.
Kanaafuu fannoo kanarratti miilla isaa ol garagalchani,
mataasaa immoo gad garagalchani akka fannisan kadhate.
Isaanis kan inni fedhe raawwataniif. Jaarsi qulqulluun
Pheexroos Room Vaatikaan irratti mataan isaa gad garagalee
qullaa isaa fannifame. "Yaa ilma Yoonaa Sim'oon na
jaalattaa?" kan jedhu gaaffii Gooftaaf deebii guyyaa kana
kenne.
Ameen eebbii fi sugni qulqulluu kana nu wajjin haa ta'u!
Kamisa Eebila 8, 2012

-------------------------
# 50
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

ABBAA ZOOSIMAAS
Obsumaan dubbisaa seenaa isaanirraa waan hedduu barattuu!
Abbaan Zoosimaas monoksoota qulqulloota warra jedhaman
keessaa isaan tokkodha. Isaanis bosona Yordaanos keessa
iddoo raajonni baay'een kadhachaa turanii fi iddoo Qulqulluun
Yohaannis cuuphaa namarraa fagaatee gadaamii keessa
jiraachaa ture keessa abbaa kadhannaa, tsoomii fi qabsoo
afuuraan monoksee jiraachaa turanidha.
Yeroo kanas kitaaba dubbisaa utuu jiranii seenaa toloota
kitaaba raajicha Ermiyaas keessaa dubbise. Kunis saboota
Israa'eliin "gara Waaqayyootti deebi'aa! Waaqayyoof bitamaa!
yoo isaaf hin bitamtan ta'e garuu diinatti dabarsee isin laata
biyyi keessanis ni barbadoofti" jechuudhaan immimmaan
dhangalaasaa yemmuu inni isaanitti himu mataa jabaatanii
raajicha Ermiyaas irratti ka'anii fayyaatti boolla bishaanii
keessa buusan kana dubbisaa ture Erm.38.
Bara sana keessa namni Waaqayyoon sodaatu "Aminaadaab"
kan jedhamu dubbii raajii waaqayyoo kana dhaga'ee akka inni
ta'uus amanee laphee isaatti baay'ee gadde. Gara raajicha
Ermiyaasis dhaqee "Waaqayyo badiisa dhufu kana jalaa anaaf
maatii koo akka nu oolchuuf naaf kadhadhu" jedhe. Raajaan
Waaqayyoo kunis akkanni Waaqayyoon Waaqessuutti jabaatu
gorse badiisa Iyyerusaalem akka hin agarree fi biyya
Baabiloonnitti akka inni hin booji'amneef kadhateeraaf.
"Hojiin gaarummaa keessanii addunyaatti haa dhagaa'amu,
maqaan keessanis toloota, garraamoota haa jedhamu, Badiisa
addunyaa kanas, dhiphina addunyaa kanaa isa dhufu jalaa isin
haa oolchu!" jedhee kadhate. Waaqayyos kadhannaa raajicha
Ermiyaasiitiin jara kana lafa kanaa olii fi samii kana gadi akka
isaan jiraataniif isaan dhoksan. Bara sana keessa kadhanna
raajicha Ermiyaasiin kan oolan namoonni lamas jiru. Isaannis
Abeemilikii fi Baarok jedhamu. Abeemilikiin hirriba waggaa
jaatamii ja'a akka sa'aatii ja'atti raffisee yemmuu isa oolchu,
Baarokiin immoo mana awwaalaa keessa dhokse badiisa irraa
isaan hambise.
Hojiin Waaqayyoo raajii dha. Kitaaba Haftee Ermiyaas
boqonnaa sagalii kaasaa ilaalaa!
Seenaa Zoosimaasitti yeroo deebinu waa'ee jaroota toloota
kanan seenaa isaanii dubbisee iddoo isaan jiran akka itti
mul'isuuf waggaa afurtama guutuu laguuf kadhannaan kadhate.
waaqayyos kadhannaa isaa dhaga'eef. Ergamaa tokko gara
isaatti erge, ergamaan kunis akka obboleessaatti halkan sadiif
guyyaa sadii duukaa deemee jala dhokate. Yeroo kana "yaa
waaqa koo yaa Iyyesuus kiristoos lafan jiru hin beekuu na
fayyisi" jedhee kadhate. Yeroo kanatti sagaleen waaqa irraa
dhaga'ame. "Gargaarsi waaqayyoo sirraa addaan hin ba'uutii
hin sodaatii!" kan jedhu dhufeef. Yerooma sana argee kan hin
beekne bifni isaa kan nama sodaachisu bineensi tokko fuuldura
isaa dhaabbatee mallattoo "kottu na yaabbadhu" kan jedhu
mataa isaa gad qabuun itti hime. Yerooma kana sagaleen
waaqa irraa "hin sodaatin yaabbadhu lafa ati yaadde sanaan si
ga'a" ittiin jedhame.
Haaluma kanaan halkaniif guyyaa guyyaa kudha lama deeme.
Bineensichi isa dhiisee deemnaan bineensi kan biroon tokko
dhufee biyya bishaaniin marfamte gidduu isa ga'e.
Yeroo kana baay'ee dhiphatee immimmaan lolaasee
waaqayyoon kadhatte. Sababa inni bo'eefis galaanaan kan
marfamtee fi duumessi kan irra guute waan ta'eef. Yeroo
kanatti ergamaan waaqayyoo "yaa Zoosimaas kennaa guddaan
akka siif kenname lapheetti qabadhu, Iddoo kana kan ga'eef
galaana kana darbee biyya tolootaa kan ga'e Maateyoos abbaa
wangeelaa malee namni kamiyyuu hin jiru. Ati garuu
kadhannaa keef dadhabbii guddaa dadhabdeen seenaa fi
jireenya toloota kanaa agartee akka addunyaatti himtuuf
kanaan si ga'e" jecha jedhu waaqa irraa dhaga'e. Yeroo kana
galaana kana qarqaratti muka guddaa dheeraa arge. Sagaleen
ta'ees akkas jedhe "mukti kun yeroo isheen gadi siif jettu fiixee
ishee jabeessiiti qabadhuu yaabbadhu! isheenis ol jettee
bishaan walakkaan si geessi, mukti kan biran immoo achii as
gadi sitti jetti hin sodaatin isheetti immoo ce'i, isheen immoo
galaanicha gamaan si geessi. Akkaataa kanaan biyya tolootaa
ga'uu dandeessa" ittiin jedhe. Zoosimaas akkuma ittiin
jedhametti gaafa dhaqu baay'ee waaqayyoon galateeffate.
Dacheen sunis baay'ee kan ifuu fi nama gammachiistu ta'uu
ishee hubate. Baay'ees urgaa'an ishee kan namatti toluudha.
Mukoota gurguddoo ta'an jala dhaabbatee nama akka biiftuu
ifu utuu inni kadhatuu argee na'ee akka isa oolchuuf
waaqayyoon kadhate. Nama qulqulluu waaqayyooti waan
ta'eef "hin sodaatin" sagalee jedhu dhaga'e. Gara qulqulluu
sanaas deemee qoomma'ee sagadeef, namni tolaan sunis
"iddoo kana qulqulluu Maatewoos abbaa wangeelaa malee kan
dhufe hin turre akkamitti dhufte?" jedhee gaafate. Innis
akkaataa itti kadhachaa turee fi deemee dhufe itti hime.
Namni tolaan sunis "nama ati arguu feete keessaa tokko ana
kottu gara obboloota koottin si geessaa" ittiin jedhe. Namni
tolaan sun sanyii huccuu keenya kana waan hin qabaanneef
zoosimaas "yaa gooftaa koo qullaa jirtaayi?" jedhe. Yeroo
kanas "Anillee qullaa koo hin jiru. Ayyaana waaqayyoo uffata
hin moofofnen uffadheen jira. Kan qullaa jiru isinidha" jedhe.
Warri achi keessa jira qullaan isaanii hin mul'atu akka
Addaamii fi Hewaan jalqabaati.
Zoosimaas yemmuu ilaalu akka biiftuu ifuudhaan ofitti
dhiyeessuu gaafa didu fuula isaan lafatti kufe. Harka isaa
qabee lafaa kaasee "jabaadhu anumtu dura akka keen ture"
jedhee gara obboloota isaatti geesse. Obboloonni biyya
tolootaa keessa jiraatan Zoosimaasiin gaafa argan baay'ee
raajeffatanii nagaas gaafatanii akkamittiin akka dhufes
qoratan. Zoosimaasis akkaataa itti dhufe hundumaa itti hime
namoonni oduu isaa dhaga'aan baay'inni isaanii baay'ee
dabalee innis utuu isaanii wajjin haasa'uu halkan sadiif guyyaa
sadii utuu hin rafin ture.
Kanarrattis immoo yeroo dheeraaf karaa dheeraa deemee
waan dhufeef guddaa dadhabe. Kanaafuu abbaa jalqaba wal
arge sanaan "yaa abba ko! baay'een dadhabee xinnoo isheen
gadi ciisaa. Obboloonni toloonni as keessa jiraatan yoo na
gaafachuu dhufaniif miidhagina dachee kana daawwachuuf
deeme jedhaa itti himaa!" yeroo jedhu rakkoo guddaan isa
mudate, rakkoon kunis dadhabbii isaa hundumaa kan jalaa
balleessitu namni qulqulluun tolaan sun Zoosimaasiin guddaa
dheekkame obboloota isaa warra kan biroos waamee "namichi
kun biyya keenya gaarii taate kana inkirdaada itti facaasee nu
jala balleessuu waan dhufeef nurraa haa deemu!" jechuudhaan
waa'ee sobaa, waa'ee jallinaa, waa'ee hamminaa kitaaba
qulqulluu keessaa caqasuudhaan isa sila jaallatanii simatan
amma soba dubbachuu isaa irraan kan ka'e jibban.
Yeroo kana Zoosimaas gaddee boo'uudhaan waaqayyoon
kadhate yerooma kana sagaleen Waaqa irraa "hanga guyyaa
torbaatti haa turu! Waa'ee keessan jalqabaa kaasaatii itti
himaa! Innis gara namoota addunyaa kana keessa jiraatanitti
deebi'ee isiniin akka fakkaataniif haa barsiisuu!" kan jedhu itti
dubbatame. Kanaaf hundumtu ta'anii jalqabaa jalqabanii
qomoo warra Israa'el akka turan sodaa Waaqayyoos akka
qaban, cubbuu irraa fagaatanii jiraachuu isaanii irraan kan ka'e
kadhannaa raajicha Ermiyaasiitiin booji'amu Baabiloon jalaa
akka oolan abbaan isaanii Aminaadab akka jedhamu tokko
lamaan itti himan. Keessumatti immoo Waaqayyo ergamaa
isaa ergee warra gammoojjii keessa turanii fi warra mana
hidhaattis hidhaman mana hidhaa sana keessaa baasee
duumessa irratti isaan baatee gara biyya tolootaa kana akka
isaan fide Zoosimaasitti himan. Gara kanas namni kamiyyuu
akka hin dhufneef galaanaaf duumessaan isaan golge.
Haala jireenya isaanii ilaalchisee : -
1. Nu biratti halkaniif gaan wal qixxeedha, qorraaf ho'i, ganni
hin jiru, bu'anii ba'uun, dadhabuun hin jiru, facaasuuf haamuun,
bituuf gurguruun, warqeef birriin, hiyyeessaaf sooressa
jedhamuun nu hin jiru.
2. Bineensonni nu wajjin jiraatu eenyuttis hin bu'an foon
nyaachuun, daadhii dhuguun nu bira hin jiru. Yeroo hundumaa
hanga sa'aatii sagaliitti Tsoomna sa'aatii sagal booda ammoo
ija mukaatu gadi nuuf harca'a, bishaanni taliillis muka jalaa nu
burqa. Yeroo Tsoomii ta'u immoo mukichi ol jedha firees nuuf
hin kennu nutis kanumaan Tsoomii ta'uu isaa beeknee
jabaanna.
3. Haala gaa'ilaa ilaalchisee immoo fuudhaaf heerumni jira
guyyaa tokkicha wal-quunnamu (wal-bira gahu), kanaan booda
isheen amma gaafa deessuutti warra dubartootaa bira
deemtee jiraatti. Dhiirri dhiiraa wajjin dhalaan dhalaa wajjin
jiraatu walitti hin makaman, kanaan booda mucichi yemmuu
guddatu tajaajilaa mana Waaqayyoo akka ta'uuf laatu. Si'a
lammataaf deebisanii wal-quunnamu (wal-bira gahu), amma
harma gu'utti harmee isaa bira tura. Si'a sadaffaaf yeroo wal-
quunnaman mucaa durbaatu dhalata. Kana booda gara abbaa
manaa isheetti hin deebitu ija ejjaan wal ilaaluunis hin jiru, inni
fuudhes kan inni haadha manaa isaa wajjin kan wal-
quunnamus (wal-bira gahus) si'a sadii qofa. Kuniyyuu kan
ta'eef sanyiin isaanii akka hin badne qofaafidha.
4. Qilleensi yemmuu qilleensa'u urga'aa gennata keessaa dhufu
urgeeffatu yeroo giiftii durbee Maariyaamiin gooftaa keenya
ulfoofte ergamootatu isaanitti dhaqee lallabe. Dhalachuu isaa,
cuuphamuu isaa, fannifamuu isaa, du'uu isaa, du'aa ka'uu isaa,
ol ba'uu isaas qulqulluu Maatewoos abbaa wangeelaatu
duumessaan dhaqee isaaniitti lallabe. Qurbaanas fidee nu
qorrobsiiseera jedhanii itti himan.
5. Haala boqonnaa ilaalchisee inni angafni osoo jiruu quxisuun
hin du'u. Yeroo guyyaan isaanii ga'us ergamaa Waaqayyootu
dhufee "yaa obboleessa koo guyyaan kee ga'eera gammadi!"
jedhee itti hima, innis baay'ee gammada toloonni achi keessa
jiraatanis walitti qabamanii "abalu gara Waaqayyo deemudhaaf
jedha kottaa deemnee gammannaafi" jedhu. Gara
awwaalchaattis fuudhanii deemu waa'ee isaaf waaqayyoon
galateeffachaa isa geggeessu. "Duunni qulqullootaa ulfina
qabeessa" jedhanii faarsu, lubbuun isaas xaaroo tokko malee
keessaa ni baati utuu ilaalaniis gara samiitti ol baati. "Yeroo
ergamoonni galateeffatanis ni dhageenya isaanii wajjinis ni
galateeffanna" jedhanii Zoosimaasitti himan.
6. Tsoomii ilaalchisee Tsoomii gooftaan keenya Tsoome ga'uu
isaa ija mukaa irraa barree Tsoomna. Yeroo mukichi ol jedhu
Tsoomii ta'uu isaa beekna yeroo kana hanga galgalaatti
Tsoomna. Yeroo galgala immoo mannaatu waaqa irraa nuuf
bu'a bishaanni immoo lafa keessaa nuuf burqa. Namoonni
biyya lafaa keessa jiraatanis Tsoomii kana akka isaan
Tsoomaa jiran keessumatti yeroo torbee dhukkuba gooftaa
eebbi Waaqayyoo lafarratti yeroo golboobu agarra utuu
akkuma kana jabaatanii ta'ee silaa biyyi lafaa ni eebbifama
ture. Kanaanis Tsoomii ta'uu isaa ni hubanna yaa Zoosiimaas
jireenyi keenya kana fakkaata. Namoota addunyaa keessa
jiraataniif barreessi akka nu fakkaataniif gara Waaqayyoottis
akka deebi'aniif dhaqii itti himi barsiisi jedhan Zoosimaasis
biyya tolootaa kan jiran irraa gaafa kana dhaga'u guddaa
Waaqayyoon galateeffate.
Isaan immoo deebisanii waa'ee jiruuf jireenya biyya lafaa isa
gaafatan Saamuun, hatuun, gurguruu, jijjiiruun, jallinaaf,
hammeenyi, k.k.f jira jedhanii gaafannaan "eeyyee" jedhee
deebiseef. Yeroo kana toloonni kun kanaaf miidhaan,
dhukkubni, k.k.f isinitti baay'ata jedhan utuu akkasittiin jiruu
guyyaan torba raawwatame.
"Utuun isin bira tureen nan fedhan ture garuu namoota
addunyaa biyya lafaa keessa jiraataniif seenaa keessan itti
himuuf nan deemaa naa kadhadhaa!" jedhee isaanis yeroo
kana "yaa gooftaa keenyaa nama seenaa keenya addunyaatti
beeksisuuf dhufe kana biyya dhufetti nagaadhaan deebisi.
Fedhasaa hundumaa guutiifiiti nagaadhaan akka inni jiraatu
taasisi xumura isaas akka kan keenyaatti bareechiif" jedhanii
kadhataniif.
Abbaa Zoosimaas biyya tolootaa gahee erga deebi'ee booddee
Qulqulluun Zoosimaas seenaa tolootaa kana kitaaba irratti
barreessee adeemsaaf yeroo ka'u hundumti isaanii
geggeessanii nagaa itti dhaaman yeroo deebi'uu akka yeroo
jalqabaa hin dhiphanne yeroo yartuu gidduutti ba'attii kawaalaa
isaatti deebi'e.
Wanta inni yaade waan raawwateef Waaqayyon guddaa
galateeffate. Yeroo kanatti seexanni inaaffaa guddaadhaan
guutamee iyyaa gara isaa dhufee "yaa Zoosimaas sababa kee
irraan kan ka'e nuuf wayyoo nurkaa miliqanii kan fayyan kan
warra tolootaa hin ga'u jettee seenaa isaanii barreessitee
namooti biyya lafaa irra jiraatan akka isaan fakkaataniif seenaa
isaanii barreessitee fiddee? waanan si godhu anuu beeka,
rakkina jabaa sitti fideen si balleessa kitaaba ati barreessitee
fiddes sirkaa fuudheen dhoksa" jedhee itti daadhate yeroo
kana ergamaan Waaqayyoo itti mul'atee "biyya tolootaa
daawwattee kan deebite yaa Zoosimaas kan filatamte nagaan
siif haa ta'u seexanni amajaajiin akka Iyyoobiin qore siinis si
qoruufi hin sodaatin Waaqayyo immoo mo'icha siif kennaa
jabaadhu" ittin jedhe.
Yeroo yartuu booddee raayyaan Seexanaa humna
guddaadhaan gara Zoosimaas dhufee erga caccabsee booda
kitaaba isaa harkaa fudhatee guyyaa 15 guutuu dhiphise
gidiraa sana keessa taa'ee Waaqayyo akka isa fayyisuuf
kadhate Waaqayyos ergamaa isaa ergee isa kaasee
jajjabeessee Seexanoota irratti moo'icha laateef yeroo kanatti
immoo waa'ee kitaabicha harkaa fudhatamee ergamichatti
himate. Ergamichis "isaaf hin dhiphatin dirqamee ni fidaa!"
ittiin jedhe. Akkuma ergamichi itti hime borumtaa isaa ganama
ergamaan Waaqayyo Seexanicha harka isaa cancalaan hidhee
garafaa ykn reebaa fide. Seexanichis "yaa Zoosimaas waa'ee
kee irraan kan ka'e anaaf wayyoo kanaan booda lafan ga'u
tokko iyyuu hin qabu jedhee Iyyesuus" ergamichis kitaabicha
harkaa fuudhee Zoosimaasiif deebise "kanaan boodas humni
seexana sirratti aangoo hin qabu jabaadhu!" jedhe eebbise.
Erga kanaa booda waan Waaqayyo isaaf godheef Waaqayyoon
galateeffachaa seenaa warra biyya tolootaa kana irra jiran
immoo dubbise ummata barsiisaa nagaadhaan jiraatee yeroo
guyyaan boqonnaa isaa ga'u ammo abbootii gadaamicha
keessa jiran walitti qabee seenaa warra tolootaa kanas
barsiisee kitaabichas ittiin barsiisaa jedhee laateefi animmoo
gara goofta koon deema naaf kadhadhaa jedhee Eebila 9
boqote.
Yeroo inni boqotes lubbuun isaa akka biiftuu ifaa harka
ergamootaan yeroo ol baatu abbootiin arganiiru. awwaalchi
isaas ajaa'iba garaa garaas gochaa tureera.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u, Waaqayyo waadaa qulqullicha
kanaaf kenne yaadatee nutti haa araaramu, sugni isaas nu
waliin haa ta'u; hanga bara baraatti Ameen!

-------------------------
# 49
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

TORBEE DHUKKUBBII KEESSAA GUYYAA JIMAATA


1. Guyyaan Jimaata kun guyyaa itti Goofaan keenya Iyyesuus
Kiristoos fannifamee Addaamii fi ljoollee isaaf beenyaa (furaa)
ta'ee Fannoo irratti waan fannifameef guyyaa Fannoo
jedhama. Meeshaa adabbii hattootaa kan ture Fannoo guyyaa
dhiiga isaatiin qulqulleessee mallattoo jireenyaa, mallattoo
araaraa fi ittiin seexana injifannu taasisee nuuf kennedha.
Kanaaf fannoon gooftaa keenyaa nuti kiristiyaanoota
Ortodoksiif : -

☞ Humnadha Qol.2:14

☞ Kan ittin of jajnudha Gal.6:14

☞ Qoricha keenyadha 2Qor.8:9

☞ Jireenyadha Yoh.3:14

☞ Nageenyadha Fil.1:20

☞ Karaa fayyinaati 1Qorn.1:18.

Kanaaf kabajaja isaaf

☞ Ni dhunganna

☞ Ittiin eebbifamna

☞ mallattoosaa godhanna Faar.143/144:1

☞ Sagada ulfinaa sagadnaaf Faar.131/132:7

☞ Morma keenyatti hidhanna Fak.6:20.

Gooftaan aarsaa kakuu haaraa ta'ee of dhiyeessuun dhala


namaa garbummaa seexanaa (diyaabiloos) jalaa guyyaa itti
bilisa baase waan ta'eef guyyaa bilisummaa jedhama.
(Yoh.15:15, Gal.5:1). Gooftaan guyyaa itti lubbuuwwaniif
fayyinaa fi boqonnaa kenne waan ta'eef guyyaa qulqulluu
jedhama. (Maat.27:48-53). Guyyaa Gooftaan qaama lubbuun
Si'ool deemee misiraachoo labseedha (1Phex 2:18-20).
2. Guyyaa itti Gooftaan ajaa'iba torba hojjetedha. Gooftaan
keenya fayyisaan keenya yeroo fannifametti raajiin sadi samii
irratti afur immoo lafa irratti raawwatamaniiru.
Kan samii irraa
1. Uuma kiyya qullaa hin argisiisu jettee Biiftuun dukkana
uffatte.
2. Addeessii dhiiga uffatte
3 Urjiiwwan samiirraa harca'an
Kan lafa irraa
4. Dhagootin ni babbaqaqan
5. Awwaaloonni ni banaman
6.Kan du'an ni ka'anii fi
7. Golgaan mana qulqullummaa tarsa'uu dha.
3. Guyyaa itti Gooftaan dhukkuba 13 dhukkubsateedha. Torban
gidiraa kan yaadatamaan walumaa galatti gidiraa 13 gooftaa
irra gahedha. Isaanis : - Uleen mataa rukutamuu,
kaballaadhaan fuula kabalamuu, Ancufa (gorora) itti tufuu,
Dhangagga'aa dhugsiisuu, Cinaachi isa eeboodhaan
waraanamuu, Dugda reebamuu, qullaa ta'uu, harka isaa
duubatti hidhu, mismaara Alaadoor, Saadoor, Roodaas,
Daanaatii fi Adeeraa jedhamuun waraanamuun gidiraa 13n
simate.
4. Guyyaa inni fannoorra ta'ee jechoota torban dubbatedha.
Isaanis
1. "Waaqa koo waaqa koo maaliif na dhiifte?" (Maat.27:46),
2. "Yaa abbaa waan godhanii hin beekaniiti isaaniif
dhiisi!" (Luq.23:34).
3. "Har'a naa wajjin gannata keessatti
argamta." (Luq.23:35-43).
4. "Yaa abbaa lubbuu koo harka keettan imaanaa
kennadha." (Luq.23:46).
5. "Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee" (Yoh.19:26-27).
6. "Nan dheebodhe" (Yoh.19:28).
7. "Raawwatameera!" (Yoh.19:30).
5. Guyyaa itti gooftaan Addaamiin Fayyisuuf fuula Philaaxoos
dura dhaabbateedha.
6. Guyyaa hattichi Baarbaan gadhiifameedha.
7. Guyya Gooftaa keenyatti ragaan sobaa ragga'eedha.
8. Guyyaa itti haadha manaa Philaaxoos Abirooqilaa kan
jedhamtu mul'ata agartee Philaaxositti dhaamteedha. Ijoollee
lamaan isheen qabdu duudaa fi arraba didaa kan turan
ajaa'ibaan fayyaniiru. Maqaan ijoollee kanaas Maakaraa fī
Dortaa jedhamu.
9. Guyyaa Yihuudaan of fanniseedha.
10. Guyyaa Gooftaan harka Yoseefii fi Niqoodimosiin
awwalameedha.

-------------------------
# 48
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject: KUNOO HAADHA KEE

"KUNOO HAADHA KEE!" (Yoh.19:27)


Ati inni "gooftaan gaafa jimaataa Yohaannisiin 'kunooti haati
kee' jedheen malee yoom Ortodoksootaan haadha keessan
jedhee" jettee gaafattu kana deebisuuf afaan si qabachiisaa!
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos guyyaa gaafa jimaataa
fannoo irra taa'ee jechoota torban inni dubbatee keessaa inni
tokko "Kunoo haadha kee!" kan jedhudha. Kan inni akkas
jedhee haadhasaa waadaan itti nuuf kenne karaa duuka bu'aa
qulqulluu Yohaannisiif ture. Qulqulluun Yohaannis duuka bu'aa
Iyyesuus jaallatuu dha. Hunduma keenyaaf jaalalli Iyyesuus
Kiristoos akka aduu wal qixxaatee kan ifu yemmuu ta'u, ifti
aduu mana keenya keessa galee ifuu kan danda'u garuu hanga
balbalaa fi fooddaa keenya bannee ta'a. Qulqulluun
Yohaannisis hundumaa caalaa fooddaa fi balbala laphee isaa
waan sirriitti Waaqayyoof banaa taasiseef ifti jaalalaa isarratti
sirriitti waan mul'ateef duuka bu'aa Iyyesuus jaalatu ta'e.
Qulqulluun Yohaannis duuka bu'oota kudha lameen keessaa
tokko ta'us kamisa galgala yeroo tikseen rukutamu hoolota
bittinaa'an wajjin hin bittinnoofne. "Isaa wajjin akka duunuuf
haa deemnu'' jedhanii kan tura kan akka Toomaas, "sirraa
addaan hin baanu" kan jedhan kan akka Pheexroos yeroo
baqatan qulqulluun Yohaannis garuu hanga fannootti Gooftaa
hordofee wajjin deeme.
Gooftan keenya "Isin keessa tokko dabarsee na kenna" jedhee
guyyaa inni itti dubbatetti "Yaa Gooftaa ana ta'innaa?" jedhanii
duuka bu'oonni yeroo gaafatan qulqulluun Yohaannis garuu
gara laphee Gooftaatti dhiyaatee "Yaa Gooftaa dabarsee kan si
kennu eenyudha?" jedhee ture.
Qulqulluun Yohaannis laphee Gooftaatti siquun isaa hayyoota
mana kiristaanaa biratti hiikoo guddaa qaba. Qulqulluun
Yohaannis afaan Warqeen "Laphee isaatti maxxanne kan jedhu
jecha yeroo dhageessan, Gooftaan akkanatti akka itti siquuf
maaliif eeyyameef jettanii yaaddanii beektuu? Taateen sababa
kanaa garuu jaalaladha. Duuka bu'aan isa jaalatu gara lapheetti
siqe'' jechuun kan ibse kanaafidha. Gara lapheetti siquun ykn
dhiyaachuun isaa 'dabarsee na kenna himata' jedhu isa kan hin
ilaallanne qabatamaa ta'uu isaa agarsiisa" yeroo jedhu;
qulqulluun Qeerloos inni Iskindiriyaa immoo "Namoonni
Waaqayyoon ilaalan kabajni qophaa'ee gara lapheetti siqudha"
jedha.
Qulqulluun Yohaannis gara laphee Gooftaatti dhiyaachuun isaa
dhugumatti kabaja guddaadha. Yoomiyyuu taanan waaqayyoon
kan arge eenyuu illee hin jiru. "Harka (bobaa) Abbaa isaa
keessa kan jiru ilma isaan nutti seenesse" akkuma jedhu kan
ilaallu Waaqayyoo harka abbaa keessa kan jiru ilma isaa
tokkicha inni "Anii fi Abbaan tokkodha; Abbaa kan arge anas
arge'' jedhee nuuf seenesse ture. Ilma waaqayyoo immoo
Bobaan Iyyesuusitti kan dhiyaate qulqulluun Yohaannis
"Jalqaba irrati jecha ture ... jechis foon ta'e" jedhee nuuf
seenessuu kan danda'e gara laphee Gooftaatti dhiyaachuu
isaatidha.
Hayyichi "Gara laphee Iyyesuus Kiristoositti hanga hin sinneettii
fi Iyyesuus biratti Maariyaam haadha taasisee yoo hin
fudhanne namni wangeela hubachuu danda'u hin jiru" jedha.
Dhugumatti qulqulluun Yohaannis Nabaabee Melekot hanga
jedhuutti kan gahe.
Ergamoonni illee osoo hin hafin waa'ee Waaqayyoo isa irraa
barachuudhaaf kan hawwanii fi yeroo isaaf sagadan illee "ati
narraa maaliin adda taate 'na wajjin garbichadha'" hanga
jedhutti gahee nama kabajamaa sadarkaa kana irra gahuun
isaa laphee Gooftaatti siquu ykn dhiyaachuu fi durboo
Maariyaam haadha taasifatee fudhachuu isaatidha.
Haadha Gooftaa erga fudhatee booda immoo durbeen "Laphee
isheen eegaa turre" iccitii jedhame hunda yeroo itti himtu
duuka bu'oota hunda caalaa kan dandeettii waa'ee
Waaqummaa gad fageenyaan barreessee "soorachiisaa iccitii"
jedhamuuf gahumsa argate.
Gooftaa keenya baay'ee jaalachaa kan ture qulqulluun
Yohaannis guyyaa Jimaataa gidiraa Gooftaa irra gahu yeroo
argetti baay'ee dhiphatee ture. Abbaan Giyoorgis kitaaba isaanii
keessatti yeroo barreessan "Fannoo bira dhaabbatee anaaf
wayyoo anaaf wayyoo; maar'imaan akka abidda laloobaa
gubatte" jechuun akkuma ibse akka dubartoota Iyyerusaalem
iyyuun akka boo'icha ilma tokkoof boo'anitti Qulqulluun
Yohaannis bara jireenya isaa guutuu gadda guddaadhaan
umurii isaa dabarse.
Gooftaan keenya duuka bu'aa isaa gadda galaanaa keessa
galee jiru kanaaf waan tokko illee kan isaa jajjabeessu itti hin
dubbanne, hanga fannootti hordofuu isaa badhaasa adda ta'e
hin kennineef. "Kunoo haadha kee'' jedhe. Dhugumatti nama
gaddeef durbee Maariyaam kennuun alatti wanta nama
jajjabeessu maaltu jira? Dachee kanarratti kan hafte qabeenya
dhugaa durbee Maariyaam kennuu caalaa kennaan dhaalaan
kennamu maaltu jira? "Kabajni akkanaa kabaja akkamiidha?
Duuka bu'aa kabaja akkamiin kabaje? Lubbuun isaa foon isaa
irraa guyyaa adda baatu haadha isaa duuka bu'aa isaa akka
eegu kenneef."
Fannoo jalatti haati foonii qulqulluu Yohaannis Maariyaam
Baawufiliyaa achi dhaabbattee turte. Gooftaan keenya garuu
haadha foonii isaa kan jirtu Yohaannisiif haadha afuuraa
kenneef. Haati foonii Maariyaam Baawufiliyaa wanta kadhattu
osoo hin beekiin "ijoollee koo bitaa fi mirgaan naaf dhaabi''
jettee ijoollee isheedhaaf du'a kadhattee turte, kanaaf
qulqulluu Yohaannisiif haadha jireenyaa isa barbaachisa.
(Maat.20.21). Haadha "lubbuu keenyaaf jireenya kadhattu,
kadhannaa isheetti warreen amananiif araara kan kennisiistu"
barbaachisaa waan taateef haadha keenya durboo
Maariyaamiidhaan "Kunoo haadha kee" jedhee kenneef.
Kanaafuu duuka bu'aan sun "sa'aatii sana irraa eegalee gara
manaatti fudhate'' gara mana isaatti kan jedhu dhiisnee gara
mana jireenya Gooftaa hordofetti fudhate yoo jenne yaadne
nuti gowwotadha. "Anaa fi manni koo Waaqayyoon
galateeffanna (waaqeffanna)" (Iya.24:15) jechuun mukti mana
dhaabbate (keenyan) fi qooxiin Waaqayyoon waaqessan jechuu
osoo hin ta'iin "jireenyi koo, hundumti koo, maatiin hundi ni
waaqessa" jechuu mitii? "Ni duutatii mana kee sirreessi"
jechuun "jireenya kee sirreessi" jechuu miti? ''Gara manatti
fudhate'' jechuunis "gara jireenya isaa, gara laphee isaatti"
fudhate jechuudha. Gooftaan keenya duuka bu'aa jaalatuuf
haadha isaa jaallatu, duuka bu'aa laphee isaatti siqee ykn
dhiyaate, hanga fannootti duuka bu'aa isa hordofeef kan isa
irraa adda hin baane haadha kenneef. Isheedhaanis ''Kunoo
ilma kee'' jedheen.
"Kunoo ilmi kee" jedheen malee "kunoo nama kana" ykn
immoo "akka mucaa kee siif haa ta'u" hin jenneen. Kana
Gooftaan afaan isaatiin dubbate "kunoo" jedhee dubbatee raga
baheef. Dhugaa dubbachuudhaaf namni kamiyyuu gara
qulqullummaatti yeroo dhufuu jireenya ofiisaa hin jiraatu;
Kiristoos garuu ofii isaa keessa jiraata (Gal.2:20). Kiristoos
laphee qulqulluu Yohaannis keessa waan jiraatuuf bakka ilma
kee siif haa ta'u jechuu dhiisee Kunoo Kiristoos ilmi kee
jedheen" Kanas qulqulluun Yohaannis mataa isaatiin bultoo
Kiristoos taasisee kennuun isaa Gooftaan keenya "Ani
Yohaannis keessan jira waan ta'eef kunoo ilmi kee'' jedheen.
Qulqulluun Yohaannis inni Sooriyaa "Kunoo ilma kee'' jecha
jedhu qabatanii, durbee Maariyaamidhaan akkana jedhuun : -
"Kiristoos aannan mul'atu laphee keetti siqee dhugee ture;
qulqulluun Yohaannis immoo iccitiiwwan dhokatan laphee
isaatti siqee dhugeera. Kiristoos bobaa kee jalatti
amamummaan akkuma siqe qulqulluun Yohaannisis bobaa
kiristoositti amanummaadhaan itti siqeera. Sagalee ilma kee
akka hawwitu waan beekuuf siif akka jajjabina ta'uuf baganaa
(Yohaannis) siif kenne" jedhe.
Gooftaan keenya fannoo irraa ta'ee jaalala Yohaannisiif qabu
addaan hin kunne; abbaa Giyoorgis "muka fannoo irratti dhiiga
yeroo lolaasutti yeroo dhukkubbii fi gidiraa simate illee jaalala
Yohaannis hin hir'isne" akkuma jedhan Fannoo irratti
Yihuudotaan yeroo fannifamutti illee "Kunoo ilmi kee'' jedhee
haadha isaatiif imaanaa adaraa taasisee kenneef" jedhe malee
jaalala durboo Maariyaamiif qabu hin hir'isne. "Duuka bu'aa
Gooftaa jaalatu' maal kenneef?" Kennaan (wanti) jaalalli ittiin
ibsamu maaliidha? Kan jedhu yoo jiraate deebiin isaa jaalalli
kan ittiin ibsamu "Kunoo haadha kee'' kennaa jedhu ture.
Haati keenya durboon Maariyaam nama Gooftaa jaalatuuf
kennaa Gooftaan kennuudha. Ishee akka haadhatti
fudhachuudhaaf akka qulqulluu Yohaannis ta'uun
barbaachisaadha. Namni qurxummii kiyyeessu kiyyoo dhiisee
wanta hundumaa dhiisee Gooftaa hordofe, kabaja Gooftaatiif
eenyuu illee caalaa inaaffadhaan kan gubate, Gooftaadhaan
kan jaallatame, gara laphee Kiristoositti kan siiqe,
amanummaan isaa hanga fannoo hordofee kan deemeen alatti
haadhummaan ishee eenyuuf ta'uu danda'a?
Abboommiin kurnan eenyuuf kennamee? Museedhaaf qofa yoo
kenname maaliif nutis akka ajajicha egnuu godhamneree?
Abboommiin kurnan Museedhaaf qofa kenname osuma jiru
nuti immoo ajaja waqayyooti jenne eegneerra, eegas jirra.
Kanaaf Museedhaaf kan kenne abboommii kurnan
waaqayyoodha jennee amanne nutis ajajicha erga fudhanne,
dubroo maariyamiin qulqulluu Yohaannisiif kan kenne Iyyesuus
kiristoosis waaqayyoodha jenne maaliif dubroo maariyamiin
qulqulluu Yohaannisiif qofa kennamte Jenna fudhachuu didna?
Kabajni kun kan isaaniif hin taane, warreen fannoo bira
dhaabbachuun isa wallaalchisee fannoo irraa fagaate garuu
haadhummaan durbee Maariyaam isaaniif hin liqinfamu.
Gonkuma "'kunoo haadha kee' kan jedheen Yohaannisiif malee
nu'ifidhaa?" jechuun afaan guutanii ni mormu. Akkana kan jettu
yaa obbolleessa /tti koo! Akkana jechuu kee dhugaa dubbatte
malee hin dogoggorre.
Dhuguma haadhummaan ishee siif miti, akka qulaulluu
Yohaannis kan ta'aniif qofadha. Isheedhaan haadha koo
jechuudhaaf wanta hunda isaa dhiistee hordofuu, duuka bu'aa
iccitii ta'uu, gara tulluu Taaboritti ol bahuun kabaja Gooftaa
ilaaluu, gara laphee Gooftaatti yoo amanamaa taate
dhiyaachuu ykn siquu fi hanga fannootti hordofuun si hafa.
Jaalala haadhaaf dhabuun ykn kennuu dhiisun kèe kan
agarsiisu laphee Kiristoositti siquu dadhabuu kee fi duuka
bu'aa Iyyesuus jaalatu ta'uu dhiisuu kee kan agarsiisudha.
Durbeen Maariyaam illee akka Yohaannis haadhummaa
fudhachuu hafee "kennaan kan guutamte gammadi"
jechuudhaaf illee akka qulqulluu Gabri'eel "Waaqayyo fuuldura
dhaabbachu" si barbaachisa.
Haadhummaa ishee barbaadanii, jaalalli ishee akka bishaanii
isaan dheebossee addunyaa kana dhiisanii kan jireenya
dhuunfaa filachuun kawaalatti, holqaa fi mukeen irratti galan
meeqa sitti fakkaate? ''Yaa durboo gara koo kottuu'' jechuun
kadhannaa yeroo hundaa (sa'aataat) kan geggeessan, iddoo
isheen dhaabbatte, iddoo gaaddidduun ishee irra bu'e kan
arraaban Yohaannisoota meeqatu jira sitti fakkaate? Waaqayyo
kan irra ta'e kortuu ykn masalaala ilaaluuf kan hawwanii kan
dhagaa boraafatan Yaa'iqoobota meeqatu lafa oonaa keessa
jira sitti fakkaate? Ati garuu gonkuma "haadha koo hin
jedhamtu'' jetta. Dhugaa isheen warreen gad of qabaniif malee
warreen of tuulaniif haadha miti. Kennaa fudhachuudhaaf
dandeettii barbaachisa. Kan fudhatu dhiphistee "kan kennamee
alatti fudhachuu kan danda'u tokko illee hin jiru."
Gooftaan kee "Kunoo haadha kee'' yeroo siin jedhu kan
dhaga'uu dandeessu ati yoo akka qulqulluu Yohaannis
taatedha. Kanaan boodattidha gara manaatti fudhachuu kan
dandeessu. Daandii kana hunda yoo hin deemne garuu
haadhummaan ishee sitti hin mul'atu. Gooftaan keenya guyyaa
Jimaataa haadha isaan "isheen kunoo'' jedhee kan kenne
warreen sodaatanii baqataniif osoo hin ta'iin sodaa injífatanii
kan dhaabbatan akka qulqulluu Yohaannisiif ture. Isaan biroof
haadhummaan ishee kan itti mul'ate erga gaabbii galanii
boodadha. Isheen "haadha injifattoota wareegamtoota" malee
haadhummaashee sodaatanii warreen gananiif miti. Yihudaa
Asqorichaaf ''Kunoo haadha kee'' jedhee hin kennineef.
Haadhummaan ishee warreen hattuuwwan maallaqaan
gowwomfamaniif hin taatu. Mee yaa fira koo yaadi akka
Yihuudaa gurgurtee akkamitti "Haati kee kunoo'' jedhee siif
haa kennuu? Qulqulluu Yohaannis mataa isaatiin gara mana
isaatti fudhatee iccittii waaqummaa isaaf dhangalaafame
hundi balbala kee dura garuu hin darbu. Sababni isaas
Waaqayyoo bultoo isaa ji'a sagalii mana isa hattootatti hin
kennu, manni isaa iddoo kadhannaa jedhamti malee holqa
hattootaa miti.
Haati keenya "Kunoo ilmi kee'' kan jedhu dubbii imaanaa ilma
ishee fannoo irraa raawwachuudhaaf qulqulluu Yohaannisis
Kiristaanota jalqaba irraa adda kan hin baane haadha mana
kiristaanaa turte. Duuka bu'oonni walumaa galatti maatii
dhibbaa fi digdama wajjin ta'uun kadhannaadhaan isaan
cimuun isaanii iddoo barreeffametti qulqulluun Luqaas "Haati
Iyyesuus Maariyaam wajjin ta'anii kadhannaadhaan cimaanii
turan" jechuun maqaadhaan kan caqasan haati keenya
qulqulleettiin Maariyaam mataa mana kiristaanaa kan ta'e
Kiristoosiif haadha akkuma taate qaama mana kiristaanaatiifis
haadhummaa ishee kan adda hin cinne ta'uu agarsiisa. Guyyaa
shantamaffaatti afuurri qulqulluun duuka bu'oota irratti yeroo
bu'us durbeen Maariyaam gidduu isaaniitti argamtee turte.
Hayyoonni waa'ee dubbii Waaqummaa gad fageenyaan
barsiisan akka jedhanitti Phaaraaqilixoos fuuldura kan taasise
ykn guyyaa Pheenxaaqoonxee jedhamee waamamu guyyaa
misiraachoon Gabri'eeliitiin "Afuurri Qulqulluun si haguuga ykn
golbooba" jechuun dhageessise, durbeen Maariyaam guyyaa
kana achitti argamtee duuka bu'oota wajjin kennaa Afuura
Qulqulluu fudhachuuf hin ture.
Duuka bu'oonni aangoo lubummaa isaaniif kennameen
namoota irra harka isaanii kaa'uun Afuura Qulqulluu irra yeroo
bulchan, duuka bu'ootan boodatti luboonni mana kiristaanaa
bulchan dibata meerooniin hordoftoota ykn amantoota irra
kennaa Afuura qulqulluu yeroo irra bulchan, durbee Maariyaam
garuu harka osoo hin kaa'in, meeroonii osoo hin dibin sagalee
nageenyaa ishee qofaan Elsaabet irra kennaa Afuura qulquluu
bulchite waan taateef isheen duuka bu'oota gidduutti argamuu
ishee ilmi ishee 'Kunoo ilmi kee' imaanaa kana bahuuf turte.
Hanga jireenya ishee dhumaatti imaanaa kan itti kenname,
ilma ishee qulqulluu Yohaannis biraa hin dhabamne. Ilma ishee
qabattee Heeroodis jalaa baqachuudhaaf gara Gibxiitti akkuma
godaante ilma ishee qulqulluu Yohaannis fudhattee Heeroodis
biroo jalaa godaantee jirti. "Bara sana namoonni Heeroodis
rakkoo isaanirratti cimsuuf mana kiristaanaa keessa namoota
tokko tokko irratti harka irra kaa'e, obbolleessa Yohaannis kan
ta'e seefiidhaan ajjeesan. Yihuudonnis akka isaan
gammachiise arganii pheexroos itti dabaluun
qaban" (H.D.B.12.1-2). Yeroo sanatti haati keenya Heerodis
biroo sana jalaa baqachuuf ilma ishee imaanaan itti kenname
qulqulluu Yohaannisiin of hordofsiistee gara Efesoonitti
godaante.
Kiristaanota jalqabaaf durbeen Maariyaam gidduu isaanii
jiraachuun gammachuu guddaa ture. Ishees ilaaluudhaaf
baay'een isaanii ni hawwu turan. Seenaa ajaa'iba Maariyaam
irratti "bifti durbee Maariyaam akka bifa Waaqayyootidha, bifa
Waaqayyoo fakkaata" akkuma jedhame abbaa foonii kan hin
qabne fayyisaan addunyaa haati deesse ilaaluu jechuun
addunyaa kana irratti bifa Gooftaa fakkaate kan qabdu dubartii
ishee qofa ta'e ilaaluudhaan baay'een isaanii fuula ishee arguuf
hawwu" turan. Qulqulluu Diyoonaasyoos inni Aryoosfagoosii
Giriikii kan ta'an gara Iyyerusaalem deemee erga daawwatee
booda "duuka bu'oonni osoo natti himuu baatanii yeroo argu
uumamtuu jedhee amanuuf rakkadheen ture" yeroo jedhan
qulqulluun Aginaaxiyoos immoo "Ishee argee waaqummaa
ilma isheeti kan hin amanne hin jiru" jedheera.
.
.
.
Eebila 9, 2012

-------------------------
# 47
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Qidaamee si'ur
Qidaame Si'ur (Guyyaa Xallaaddu (allaadduu, Dhallaadduu))
waan jedhamuuf seenaa mataa isaa danda'e qaba. Guyyaan
sanbata duraa kun duraan Waaqayyo uumaan guyyaa Sanbata
Guddaa tokko jedhee waa uumuu eegalee Jimaata xumuree,
guyyaa Sanbata duraa kana boqotee oole. Sanbati kun
abboommii kurnan keessattis Sanbata koo kabaji jedhee
ka'amee kan jiruudha. Haaluma kanaan guyyaa gaafa Jimaataa
gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin fannoo irraa gadi buusanii sa'aatii
11 irratti Yoosefii fi Niqoodimoos kafana haaraan kafananii
boolla haaraa keessatti awwaalan.
Gaafa Sanbataa kana immoo boqotanii oolan. Gooftaanis
garaa lafaa keessa awwaalamee oole. Kana yaadachuudhaaf
manni kiristiyaanaa keenya sanbati illee kan hin tsoomamee
ykn hin lagatamne sanbati kun ni tsoomamti. Xallaadduun
(allaadduun, Dhallaadduun) waan inni hiramuuf immoo ykn
mataatti waan hidhamuuf du'a keessaa guyyaa sadii booda
nan ka'a jedhee gooftaan akkuma abdachiise abdii kanaaf kan
godhamuudha.
Fakkeenyi kanaadhaa bara Nohi keessa bishaan badisaa akka
inni gadi hir'ate gugee (Bullaalaa) yaabala (Doonii) keessaa
gaafa Nohi ergu misiraachoo nagaa damee muka weeraa
(Ejersaa) kuttee akka fidde jechaadha. Kanaaf wagga waggaan
yaadatama jechaadha.

-------------------------
# 46
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura qulqulluu waaqa tokkoo


ameen!
Baga ayyaana yaadannoo ji'an kabajamee ooluu qulqulluu
ergamaa Mikaa'eliin isin gahee!
Repost
Ergamoonni uumamni isaanii kana ykn sana irraa uumaman
jechuun hin danda'amu. Garuu namni hubannoo xiqqooshee
akka argatuuf jecha Ibiddaa fi Qilleensa irraa uumaman
jedhama jedhee barreeffamee Faar.104:4 irra jira.
Sababni isaa immoo qilleensi hin argamu ariifataa waan ta'eef,
Ergamoonnis hojii waaqayyootti ariifatoo kan hin argamnee fi
harkaan hin qabamne ta'uu isaanii ibsuuf qilleensa irraa
uumaman jedhe.
Ibiddi immoo bishaanii daangessuudhaa yoo baatee waan
qabate hundumaa gubee fixa. Ergamoonnis humna cimaa kan
qaban humna isaanii kana yoo arjummaan waaqayyoo
daangeessuu baatee waan hunda gochuu danda`u kanaaf
Ibidda irraa umaman jedhee ibsuu barbaade. Fakkeenyaaf
2Saam.24:16 haa dubbifnu.
Baay'inni ergamoota waaqayyoo akka tiifuu bokkaati,
lakkaa'amanii hin xumuraaman.Daan.7:10, Mul.5:11.
Mee egaa har'aaf waa'ee hojii ergamoota qulqulloota ifaa haa
ilaallu. Hojiin isaanii kitaaba qulqulluu keessatti bal'inaan
barreeffame jira.
Muraasni isaanii : -
1. Ergamoonni waaqayyoo yeroo hundumaa fuul-dura
waaqayyoo dhaabbatu.
"Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, ergamoonni
waaqa irraas gara mirgaa fi bita isaa utuu dhaabbataniin arge"
2Seen.18:18.
"Ergamoonni waaqa irraa warri isin eeguuf isiniif kennaman
yeroo hundumaa fuula abbaa koo duratti argamu Maat.18:10.
"Ani Gabri'eeliidha, fuula waaqayyoo dura kana dhaabadhu"
jedhe Luq.1:19.
2. Ergamoonni waaqayyoo dhiifama nuuf kadhatu!
"Yaa waaqayyoo gooftaa maccaa! Mandara Iyyerusaalemii
fi mandara Yihuudaatti waggaa 70'f itti dheekkamte kanaaf
dhiifama hin gootufiire?" jedhe ergamaan waaqayyo.
Waaqayyoos "Araaraan gara Iyyerusaalemii fi mandara
Yihuudaatti nan deebi'an" jedhe Zak.1:12.
"Ani Gabri'eeliidha, fuula waaqayyoo dura kan
dhaabbatudha" Luq.1:19.
Kana irratti jechi 'dhaabbachuu' jedhuu kadhachuu (araarsuu)
jechuu akka ta'e abbaan keenya qulqullichi Daawwit Faarsaa
105 (106):23 irratti "Waaqayyo akka isaan hin balleessineef
filatamee kan ture museen fuuldura waaqayyoo osoo hin
dhaabbanne ta'ee isaan balleessuuf dubbate" jedhe.
Sagalee kanarraa kan hubannuu uummatni Israa'el akka hin
balleeffamneef musee filatee ture. Museen Israa'el akka hin
balleeffamneef fuuldura waaqayyoo dhaabbachaa ture. Kana
jechuunis saboota Israa'eliif kadhachaa ture jechuudha.
Gabri'eelis fuuldura waaqayyoo kan dhaabbatu ana jechuun
isaa kan isiniif kadhatu ana jechuu isaati.
3. Ergamoonni waaqayyoo nu gargaaruu nu jajjabeessu!
"Mikaa'eel ergamoota warra gurguddoo warra angafaa
keessaa inni kun na gargaaruuf dhufe" Daan.10:13.
"Hojii afuuraatti warra fayyina argachuuf jiraniif
ergamoonni isaan jajjabeessu" Ibr.1:14.
4. Ergamoonni waaqayyoo gara waaqayyootti nu geessuu
"Kunoo ani karaa irratti akka si eeguuf, iddoo ani
qopheessetti akka si geessuuf ergamaa koo si dura nan erga.
Atis of eeggadhu! dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan koo isa
keessa waan jiruuf, inni cubbuu kee siif hin dhiisu isa durattis
cubbuu hin hojjetin! Ati isaan mormite isa irratti hin ka'in!"
Bau.23:20-23.
5. Ergamoonni waaqayyoo kadhannaa keenya gara
waaqayyootti dhiyeessuu, arjummaa waaqayyo immoo ni fidu
"Yaa Zakkaariyaas hin sodaatin! Waaqayyoo kadhannaa
kee siif dhaga'eera, Haati warraa kee ilma ni deessi" Luq.1:13.
Ergamaan Gabri'eel kadhannaa Zakkaariyaas ol baasee fi
waaqayyoon duratti dhiyeesseef. Waaqayyoos kadhannaa isaa
fudhate. Kan booda ergamichumaan misiraachoo akka inni
ilma argatuu itti himi jedhe. Waaqayyos arjummaa
Zakkaariyaasiif qabu agarsiise. Ergamaan Gabri'eel immoo
arjummaa waaqayyoo kana fide Zakkaariyaasitti hime.
"Kadhannaa keetii fi kennaan kee waaqayyoon fuulduratti
yaadannoo akka sii ta'uuf ol ba'eera" H.D.B.10:4 (30-33).
"Aarri Ixaanichaas kadhata warra waaqayyoof
qulqullaa'anii wajjin harka ergamaa sana keessaan gara fuula
waaqayyootti ol ba'e" Mul.8:3-4.
6. Ergamoonni balaa (hamaa) irraa nu eegu
"Waaqayyo karaa ergamaa isaa balaa (hamaa) hundumaa
irraa na oolche" Uma.48:16.
"Ergamoonni waaqayyoo naannoo warra waaqayyoon
sodaatanii ni buufatu isaanis ni oolchu (fayyisu)"
Faar.33(34):7; 90(91):11.
"Waaqayyoon koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa
cufe, isaanis anatti hin buune (tuqne)" Daan.6:22.
7.Ergamoonni waaqayyoo nuu gammachiisu
"Ati guddaa ni gammadda, dhalachuu isaattis namoonni
baay'een ni gammadu" Luq.1:14.
"Kennaadhaan (Ayyaanaan) kan guutamte gammadi"
Luq.1:28.
8. Ergamoonni waaqayyoo lubbuu qulqulloota gara
waaqayyootti geessu
Wangeela Maatewoos 13:24-30; 36-43
Mootummaan waaqayyoo nama sanyii gaarii qotiisa isaatti
facaafateetti fakkeeffama. Diinni namichaa dhufee inkirdaada
qamadii keessatti facaasee sokke, guddatte ija erga godhate
booda inkirdaadichis mul'ate. Hojjettoonni garuu abbaa
midhaanichaan "sanyii qamadii qulqulluu facaafte miti eessaa
inkirdaada godhate dhaqnee buqqifnu" jedhan. Abbaan
midhaanichaas "lakkii utuu inkirdaada araamtanii isa wajjin
qamadii buqqiftuu dhiisaa! Hamma yeroo midhaanichi
sassaabamuutti lachuu walumaan haa guddatan! yeroo inni
gahuus dura inkirdaadicha buqqiftanii bissii bissiitti hiitanii
gubdu, qamadicha immoo gombisaa kootti anaaf sassaabdu"
jedhe.
Hiikkaa isaa Wangeela Maatewoos 13:36-43
Fakkeenyi sanyichaa dubbii sagalee waaqayyootti. Sanyiicha
kan facaasu immoo ilma namaa (Iyyesuus kiristoos)
(lallabaadha). Lafti qonnichaa biyyaa lafa kanadha. Sanyiin
gaariin sun isa sagalee waaqayyoo baratee mootummaa isaa
dhaaludha. Inkirdaadichi isa sagalee waaqayyo baratee waan
biraan bakka buusedha. Inni inkirdaadicha facaase seexana.
Yeroon midhaanichi itti sassabamu dhuma biyya lafati.
Midhaanichi lubbuu qulqullootatti fakkeeffamte. Gombisaan
mootummaa waaqayyootti fakkeeffamte. Lubbuu qulqullootaa
sassaabanii kan mootummaa waaqayyootti galchaan
ergamoota waaqayyooti. Kan bakka tokkotti sassaabamuun
gabattu immoo lubbuu cubbuu hojjetadha.
"Alaaraaz gaafa du'u lubbuun isaa ergamoota waaqayyoon
cinaa Abrahaamitti geeffamte" Luq.16:22.
9. Ergamoonni waaqayyoo guyyaa xumuraa galataan
waaqayyoo wajjin dhufu
"Yeroo gara bara dhumatti Mikaa'eel ergamaan inni
guddichi saba keef dhaabbatu ni ka'a" Daan.12:1.
"Murtii bara dhumatti ilmi namaa ulfina isaatiin,
egamoonni waaqayyoos hundinuu isaa wajjin dhufu"
Maat.25:31.
10. Ergamoonni waaqayyoo isaa of tuula ni adabu
"Ergamaan waaqayyoo Iyyerusaalemiin balleessuuf harka
ol itti fudhate. Waaqayyoos ergamaa sanaan haa ga'u harka
kee irraa deebisi" ittiin jedhe 2Saam.24:16.
"Heeroodiis isaanitti yemmuu dubbachaa turetti namoonni
kun sagalee namaa miti, sagalee waaqayyooti malee jedhan.
Ulfina kana dabarsee waan waaqayyoof hin kenniniif,
achumaan ergamaan waaqayyoo isa dha'e, kana irratti
Heeroodiis raamma'ee du'e" Erg.12:22-23.
Isaan hojii kana hundumaa hojjetu waan ta'eef Arrabsuun,
jibbuun hin danda'amu waaqayyootiin ati irratti murteessi
jedhanii nama irratti murteessisu waan ta'eefi.
"Mikaa'eel angafni ergamoota yeroo reeffa musee irratti
seexanaa wajjin wal falman gooftaan sitti haa murteessu"
jedhe malee ofii itti hin murteessine Yih.1:9.
"Warri addaggeen ergamoota waaqa keessatti ulfina qaban
ni arrabsu malee hin safeeffatan" 2Pheex.2:10.
Walumaa galatti barumsa Iyyesuus kiristoos barreessise
keessatti ykn waa'ee kiristiyaanummaa keessatti ergamoota
malee barsiisuun hin danda'amu. Sababni isaas akka durbee
Maariyaamiin gooftaa ulfoofte kaastee kan lallaban isaanidha
waan ta'eefi.
Fakkeenyaaf
Dhalachuu isaa Luq.2:28; 1:26
Du'aa ka`uu isaa Maat.28:1
Eebila 11, 2012

-------------------------
# 45
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Eebilli kudha shan (15) guyyaa lubbuun wareegamaa qulqulluu


Yohaannis Cuuphaa itti boqotedha.

➔ "Dhuguman isiniin jedha, nama ta'ee lafa irratti kan dhalate

keessaa Yohaannis cuuphaa irra kan caalu tokkollee hin


kaane." Maat.11:11.

➔ "Warri waaqayyootti amananii jiraatan humni isaanii akka

Joobiraas koochoo baasanii balali'u" Isa.40:31.


Qulqulluun Yohaannis cuuphaa wareegamtoota warra angafaa
keessaa isa tokkodha. Umuriin haadha isaa kan Eelsaabeet
waggaa 90, kan abbaasaa Luba Zakkaariyaas immoo waggaa
100 ture. Isaan yeroo dheeraaf dhala dhabanii kan jiraatan
ture. Garuu Waaqayyo akkuma Abrahaamii fi Saaraa dulluma
keessa isaan yaadate. Ergamaan Waaqayyoo qulqulluun
Gabri'eel, "Ilma ni deessa" jedhee missiraachoo luba
Zakkaariyaasitti hime. Lubni Zakkaariyaas garuu dubbii
ergamichaa amanuu waan dideef, "Hanga Yohaannis dhalatutti
duudaa taata!" jedhe. Akkuma dubbatame duudaa ta'ee
jiraatee erga mucichi dhalatee gaafa guyyaa dhaqna qabaa
isaa arrabni isaa hiikameefi.
Qulqulluun Yohaannis cuuphaa "gooftaadhaaf karaa kan
saaqu" jedhame duuka bu'aa raajiin raajamefidha. Qulqulluun
Yohaannis cuuphaa kan dhalate bara Gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos dhalatetti ture. Haati isa Eelsaabeex fira
haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamidha. Qulqulluu
Yohaannis cuuphaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin
umuriidhaan baatii (ji'a) ja'a qofaa angafa.
Yeroo Heeroodis gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos ajjeessuuf
ijoollee daa'ima umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta'e
ajjeesaa turetti Beteliheemitti haati isa Eelsaabeet fudhatte
gara gammooojjiitti godaante. Abbaa isaa Luba
Zakkaariyaasiin "Ilma kee fiddu malee si ajjeeffanna" jedhanii
mana qulqullummaa keessatti isa ajjeesaniiru. Qulqulluun
Yohaannis cuuphaa waggaa torba (7) yemmuu guutus haati
isaa Eelsaabeet gammoojjii itti baqattee kana keessatti
boqotte. Lafti oonaa (gadamiin) isheen keessatti boqottee fi
baqatte kunis "Zifaataa" jedhama.
Yeroo kanas gooftaa keenyaa fi haati keenya qulqulleettiin
durbee maariyaamii namoota awwaaluu dhaqanii wajjin
dhaqanii awwaalaniiru. Yemmuu Qulqulluun Yohaannis
cuuphaa gammoojjii keessatti haadha isaa duute ilaalee
boo'utti haati keenya qulqulleettiin dubroo Maariyaam wanta
isarra ga'u ni dhageessi turte. Kanaaf duumessa yaabanii
dhaqanii jajjabeessu. Qulqulluu Yohaannis cuuphaa jalqaba
yemmuu isaan argu nama argee waan hin beekneef gara
bosonaatti isaan jalaa fiige. Haati keenya qulqulleettiin dubroo
Maariyaam kophaatti gammoojjii keessatti gattee isa dhiiftee
deebi'uu waan hin barbaanneef fudhannee haa gallu jettus,
Gooftaan garuu "hanga yeroon isaa ga'ee gammoojjii kana
keessaa ba'utti iddoon isaaf qophaa'e jira waan ta'eef achuma
tura" jedhee ibseefii jennaan qulqulluu Yohaannis cuuphaa
gammoojjii keessatti dhiisanii deebi'aniiru.
Qulqulluun Yohaannis cuuphaa uffata rifeensa gaalaa irraa
dha'ame uffatee mudhii isaa teephaan hidhatee, waggaa 25
yemmuu jiraatu ergamoota samii fi bineensa bosonaa malee
homaa hin agarre. Kan sooratus damma gammoojjiiti. Yeroo
waggaa 30 ta'u gammoojjiidhaa gara magaala Yihuudaatti
bahe. Dursee raajichi Isaayaas akkas jedhe, "Sagaleen lafa
oonaa keessaa iyya, dhaga'aa dhaggeeffadhaa gooftichaaf
karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra deemus
qajeelchaa" (Maat.3:2; Isa.40:3). Uummannis ni sodaatan,
innis waa'ee gaabbii barsiise.
Baatii (ji'a) 6 booda gooftaan, "Na cuuphi" jedhee gara
qulqulluu Yohaannis cuuphaa jirutti dhaqe. Yohaannis
cuuphaan garuu, "Siin cuuphamuun osoo na barbaachisuu ati
immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?" jedhee dide. Gooftaan
garuu isa ittisuu akka dhiisu itti hime. Yemmus Yohaannis
cuuphaan "eegaa namoota as dhufan maqaa keetiinan
cuuphaa, siin immoo maqaa eenyuunin si cuuphaa" jedhe.
Gooftaan keenyas "'Akka luba Melke Tsaadiq luba bara bara,
ifa kan taatee yaa ilma abbaa eebbifama maaloo dhiifama nuuf
godhi' jedhi na cuuphi" (Faar.109(110):4, Ibr.5:6,10) jedhee,
laga Yordaanositti qulqulluu Yohaannis cuuphaa kanaan
cuuphameera.
Wangeela Maatewoos (14:1-12) irratti akka ibsametti,
Yohaannis Heeroodisiin, "Haadha manaa obboleessa keetii kan
Filiphoos siif ta'uu hin qabdu" jedhee ifatti osoo hin sodaatin
mootichaan morme. Sababii kanaafis qabamee mana hidhaatti
galfame. Booda garuu guyyaa ayyaana dhaloota Heeroodis
kabajamutti intalli Heeroodiyaadaa sirbitee mooticha
gammachiifnaan mootichi, "Maal siif kennuu?" jedhee gaafate.
Isheenis gorsa haadha ishee fudhachuudhaan, "Morma
Yohaannis cuuphaa murii naaf kenninee!" jetteen. Innis takkaa
waadaa waan galeef morma qulqulluu Yohaannis cuuphaa
mursiisee waancaa keessa godhanii kennaniif. Sababni sirbi itti
jibbamuuf keessaa tokko kanadha.
Haa ta'u malee Gooftaan keenya morma qulqulluu Yohaannis
cuuphaatti lubbuu godhee baallee baaftee waggaa kudhan
shan guutuu barsiiftee gammoojjii Arabiyaa keessatti Eebila
kudha shan (15) bara afurtamii shanitti (45 tti) boqotteetti.
Har'a warri sirba sirbaanii fi sirba dhaggeeffattan diina
qulqulloota waaqayyooti. Sababni isaa sirbi morma qulqulluu
Yohaannis cuuphaa irraa mursiiseera waan ta'eefi. Kanaaf akka
mana kiristiyaanaa keenyaatti sirba sirbuu fi dhaggeeffachuu
dhorkame. Nuti ijoolleen Tewaahidoo ijoollee qulqullootaa,
isaan abboota keenyaa fi fira keenya waan ta'aaniif sirba
dhaggeeffachuus ta'e sirba sirbuun dhorkaadha. Yoo sirba
sirbaa fi dhaggeeffachaa jirra ta'e qulqulloota waaqayyoo
ajjeessaa akka jirru beenkee dhiisuu fi yoo memory keenya
keessaa qabaannellee balleessuu (detele) gochuun dirqama
amantaa Ortodoksummaa keenyadha!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u; Waaqayyo waadaa qulqullicha
kanaaf kenne yaadatee nutti haa araaramu, sugni isaas nu
waliin haa jiraatu; hanga bara baraatti Ameen!
Eebila 15, 2012

-------------------------
# 44
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Gaaffii shakkitootaa keessaa isa tokko : -


Dursa baga ayyaana yaadannoo ergamaa waaqayyoo qulqulluu
Gabri'eeliin isin gahee!
Ergamoonni ijaan hin mul'atan. Kanaaf egaa isin immoo
fakkii isaanii akkamitti agartanii fidanii kaaftanii
Nuti Waaqayyoos ta'e, Ergamoonni Waaqayyoo Afuurota akka
ta'an ni beekna. (Yoh.4:24). "Waaqayyo afuuradha kan
sagadaafis afuuradha" jechuun Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos dubbateera.
Waaqayyo jalqabarratti tokko jedhee ogummaa (dizaayinii)
boca fakkii kaasuu beekumsa guutuu Musee barsiiseera, akka
hojiitti jijjiiruus taasiseera. (Bau.25:21-22) Waaqayyo Museen
"Fakkii Kiruubeel lama Taabota irra, Tsillaatii lameen gidduus
kaa'i" jedheen.
Caqasa armaan olii kana irratti hundaa'uudhaan gaaffii tokkon
si gaafadha. Waaqayyo museedhaan "fakkii Kiruubeelii kana
kaasii" ittiin jedhe. Kiruubeelii fi Suraafeel warri jedhaman kun
immoo ergamoota waaqayyoo warra teessoo isaa baatanidha.
Kanaafuu museenoo isaan hin agarreere, fakkii isaaniis
museen argeeyyuu kan hin beekne waaqayyoo museedhaan
"fakkii isaanii kaasi" jedhee akkamitti isa ajaje? Museen
akkuma Waaqayyo isa ajaje godhe moo "Anoo hin beekuu, hin
agarre" jedhee akkas gochuu dhiise? Deebii si biraan barbaada
...
Waan barbaade haa ta'uuti museen isaan argus arguu baatus
fakkii isaanii kaasee achi kaa'eera. "Ergamoonni afuura"
jenneem, kanaaf yemmuu kaasu kana uumamtoota uumamanii
jiran keessa bifaa fi uumama kamitti fakkeessee isaan kaasee
achi isaan ka'ee? Moo waaqatu "uumama kanatti fakkeessii
kaasi!" ittiin jedhee? Mee natti himikaa "isin eessa fiddan" naan
jechuu keerra "museen eessaa fide, eessatti argee kaase" jedhi
of gaafadhu...
Waaqayyo Taabota iddoo fakkiin Kiruubeelii fi Suraafeel jiru
kana irra bulee ittiin saba Israa'elitti dubbateera. Museettis
Fakkii isaanii kanaa fi Taabotarra buluudhaan yeroo dhibba
shaniif torbaatamaaf itti dubbatee waliin haasa'eera.
Fakkeenyaaf Isaayaas Waaqayyo yemmuu Kiruubeelii fi
Suraafeel irra taa'u argeera. Isa.6:3, Mul.5:8
Raajichi Hisqeelis Beeyiladoota afur gidduudhaan kabaja
Waaqayyoo argeera. His.1:4-12 Kanaaf namoonni kun
(qulqulloonni kun) akkuma mul'ata arganitti fakkii kana kaasuu
hin danda'aanii? ... moo barreeffama malee fakkii kaasuu hin
beekan (hin danda'an) jetta?
Kanarraa darbee namoonni ergamoota Waaqayyoo ija
isaaniitiin akka bifa namaa fakkaatanitti argan hedduu isaaniiti.

➝ Akka Loox uma.19:1

➝ Akka Bala'aam Lakk.22:31

➝ Akka raajicha Daani'el Daan.8:16

➝ Akka Iyyaasuu Iya.5:14

Mee caqasa armaan olii keessaa tokko fakkeenyaan siif haa


kaasuu ... Iya.5:14-15 "Iyyaasuun # nama Seeyifii harka isaatti
baatee dhaabbatu argee 'ati gara keenya moo gara warra diina
keenyaati?' jedhee gaafateen. # Namni Seeyifii harkatti baatee
dhaabbatu sunis 'ani hangafa # loltuu_Waaqayyoo ta'ee
dhufeera' jedhee deebiseef." Iyyaasuunis kan inni nama se'ee
arge sun # ergamaa Waaqayyoo ta'uu isaa waan bareef adda
isaatiin gad gombifamee ergamichaaf sagadeera!
Hubadhu! Iyyaasuutti jalqaba bifa namaatu isatti mul'ate.
Garuu erga qoratee booda ergamaa waaqayyoo ta'uu isaa bare.
Ammas kanarrattin waa si gaafadha ...
Iyyaasuun afuura waaqayyootiin geggeeffamaa ture. Kanas kan
beektu "Musee wajjin akkuman ture si wajjinan jira hin
sodaatin!" jedhee akka isaa wajjin ta'u itti himeera.
Kitaabasaas kan barreesse afuuruma waaqayyoo kanaan
geggeeffamee ture. Iyyaasuun erga afuura waaqayyootiin
geggeeffama ta'e qalamii isa ittiin Kitaaba sana barreessaa
tureen fakkii isa dura # nama argee gaafa qoratu immoo
# ergamaa_waaqayyoo ta'e sana bifuma arge bifa # namaatiin
kaasuu hin danda'u jetta? Moo Qalamiin inni ittiin kitaabni sun
barreeffametu fakkii ittiin kaasuuf hin ta'uu? Moo Iyyaasuu
nama afuurri waaqayyoo irra turee kan sagalee waaqayyoo
barreessee, raajii garaagaraas kanneen akka aduu dhaabuu
hamma danda'utti hojjetee kanatu fakkii kaasuu hin danda'u
ittiin jetta?
Fakkeenyaaf namoonni amma biyya lafaa irra jirtaan ogummaa
fakkii kaasuu warri qaban waaqayyootti kanneen hin amanne
akkasumas jiraachuu waaqayyoo kan kaadanillee utuu isaan
bira deemtee fuula isaanii dura dhaabbattee fakkii koo naaf
kaasaa ittiin jettee, isaan fakkii kee waraqaa irratti siif dhoobu.
Kanaafuu Iyyaasuun namni waaqayyootti amanu, kan
waaqayyoon geggeeffamu namoota kana caalaa akkamitti
fakkii # ergamoota_waaqayyoo isa # bifa_namaa fakkaatanii itti
mul'atan kana bareechee nuuf haa kaasuuree ...
Egaan fakkiin Kiruubeel kun kan museen ajaja waaqayyootiin
kaase mana qulqullummaa (dunkaana Musee) keessa akka
golga mana qulqullummaa irraattis ka'an murteesseera.
(1Moot.6:14 kaase ...). "Bakka Qulqulluu qulqullootaa keessatti
fakkii Kiruubeel lama hojjedhu!" Bakka Taabonni taa'uu manni
keessi fakkii qulqullootaa (kiruubeel) kanan akka guutamu
waaqayyo afaan isaatiin dubbateera. Uummanni Israa'elii fi
Museen fakkii Waaqayyo hojjedhu jedhee kana fuuldura
dhaabbatanii kadhannaa geggeessaa turaniiru. Kanaafidha nuti
yeroo kadhannaa goonu of fuuldura fakkii goonee Waaqa
kadhachuun keenya.
Musee fi meeshaa aarsaa fudhatanii mana amanta balbala
irratti gara sabatti yemmuu bahan waaqayyo sabicha irraa
dheekamsa ni dhaaba. Waaqayyo kan hojjechiisu, kan hojjetu
hunda kabajeeti. Kan Waaqayyo kabaje mana qulqullummaa
isaa keessa teessise immoo eenyu salphisuu hin danda'u.

Dirqamni sirraa barbaachiisu kabajuu ብቻ dha. (Room.8:13)

"Kabajni kan barbaachiisuu hundaaf kabaja kenni!" jedha waan


ta'eefi.
"Waaqayyoo afuura waan ta'eef gonkummaa mul'achuu hin
danda'u" isa jetteef ammas gaaffiin si gaafadha. Kunis
"Waaqayyoo Gooftaan maccaa qorichi keenya Iyyesuus
Kiristoos Waaqa moo Waaqa miti?"
Erga Waaqa ta'e afuurri akkamitti namaaf fannifamee, harkaan
qaqqabame (Maat.8, Yoh.5) Buddeena shan nama kuma
shaniif eebbisee kenneera, yennaa kana warreen fakkii kaasan
yookiin bocan hin jiranii Akkuman duraan gubbaatti si
gaafadhe ture kana. Abbootiin keenya waa'ee Gooftaa keenya
yennaa barsiisaan "wajjin teenyee nyaanneerra, wajjinis
dhugneerra" jechuun Waaqayyo Ilmi akka nama gonkaa fi
Waaqa gonka ta'e iccitii Sillaasee, iccitii foon ta'uu sirriitti
barsiisu.
Egaa Pheexroos gaaddidduun isaa nama akka fayyisuu
taasiseera. (H.D.B.19:11) Uleen Musees kennaa Musee
fudhatee galaana akkuma addaan kute (Seera keessa deebii.
14:15-17). Gonfoon Eeliyaas laga Yordaanos addaan kutte,
lafeen Eelsaay akkuma du'aa kaasee (2Moot.13:20), Fakkiin
Gooftaa keenyaas ta'e kan qulqulloota biroo fi ergamootaa
dinqiiwwaan adda addaa ni raawwatu.
Waaqayyo fakkii qulqullootaa sababa taasifatee ilmaan isa
fayyisuu danda'a. Akkuma kennaan isaanii isaan irra darbee
gaaddidduu isaaniif, ulee isaaniif, gonfoo isaaniif, ... isaaniif
ga'ee, fakkii isaanii irras humni dinqii hojjechuu jira. Nuti jecha
Waaqayyoo akkaataa inni abbootii keenya irraa bulee
barreessiseetti barsiifnaa waan ta'eef fakkii qulqullootaa mana
amantaa keenya keessaatti kabaja guddaa qabu.
Kakuu haaraa keessattis akka kabaja guddaa qabu qulqulluu
Phaawuloos dubbateera. (Gal.4:1) "Yaa saba galaatiyaa, akka
tolootaaf hin ajajamne maaltu isin gorsee? Dura Iyyesuus
Kiristoos fuuldura fuula keessanii duratti akka fannifamee
fakkiin ka'ee ture hin beektanii? jedheenii ture.
Kanaafuu Kiristaanonni duriis yemmuu lafa kana irraa
dheessani dhokatan, holqa keessatti fakkii kaasu turan.
Faayidaan isaa inni guddaan barumsaaf namoota dubbisuu fi
gurri dhaga'uu hin dandeenyeefidha. Isin garuu nama gurri isaa
hin dhageenye wanta ittiin barsiiftanis hin qabdan ... kkk ...
Abbootiin (Amantoonni) keenya duraan turan illee warri
kitaaba qulqulluu dubbisuu hin dandeenye fakkii kanarraa
ofuma isaaniiti taa'anii kan irraa baratanidha. Har'as
akkasumadha. Abbootiin keenya wangeela barreeffamee jiru
isa gurra qabaatee dhaga'uuf sagalee isaaniin barsiisaa, isa
gurra dhaga'u hin qabeef immoo fakkii kana kaasanii ittiin
barsiisanii kiristiyaanummaa sa'aatii kanan gahaniiru. Ortoon
keenya hundaaf yaaddi, hundumtuu akka mootummaa waaqaa
dhaalaniif waan tattaafattuuf isa dhaga'uu danda'uu fi
dhaga'uu hin dandeenye haala kanan wal qixxummaatti
tajaajiltee barsiisaa jirti.
Fakkeenyaaf dhalachuu gooftaa, godaanuu isaa, yemmuu
kennaa kennaniif, haadha gooftaa keenyaa wajjin, seenaa
cidha Qaanaa, cuuphaa gooftaa Iyyesuus, qurxummii 2 fi
buddeena 5 baay'isu isaa, dubartii dhiigni rakkkisaa ture dhiiga
ishee qoorsuu isaa, dubartiin Samarawitii hubboo (Okkotee)
baattee yemmu bishaan na obaasi jedhee kadhatu, fannifamuu
isaa, reebamee du'uu qulqulluu Isxifaanoosii fi kan kana
fakkaatan kaasuun itti fayyadamti. kiristaanonni duriis holqa
Keessatti kanuma kasalaa fi daaraan kaasu turan.
By Dn M.M
Eebila 18, 2012.

-------------------------
# 43
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Baga ayyaana yaadannoo ji'aan kabajamuu haadha keenya,


haadha waaqa keenyaa, haadha Iyyesuus kiristoos qulqulleetti
durboo Maariyaamiin isin gahee!
Barreeffamni gabaabduu fi xiqqoon kun waa'ee waamicha
# maqaa haadha keenya qulqulleetti durbee Maariyaam qofa
irratti kan xiyyeeffattee ibsitudha.
Qulqulluun Yohaannis giiftii keenya maqaashee kan ittiin ishee
waamuu qabnu ofii isaa maqaashee kabajaan waame, kitaaba
isaa irratti nuuf barreessee kaa'eera.
Tokko jedhees maqaa kabajaa isheen waamee barreessuu kan
jalqabe seensa seenaa Qaanaa Galiilaa irratti
"# Haadha_Iyyesuus " jedhee jalqabe. Malee maqaashee
"# Maariyaam " jedhee waamee hin barreessine.
Duuka bu'aan kun Wangeela barreesse irratti maqaa mataa
isaa naqa tokko illee kan hin dhoofne (barreesine) nama
kasoomaa (gad of qabaa) yoo ta'u, Qulqulluun Yohaannis
abbaan Wangeelaa maqaa isaa qooda barreessu "Bartuu isaa
isa inni jaallatees ishee cina osoo dhaabbatuu
arge" (Yoh.19:26) jedhee barreesse malee qulqulluu Yohaannis
hin jenne. Akkuma bartee kanatti giiftii keenyas maqaa kabajaa
isheen nuuf barreesseera.
Wangeela isaa irratti maqaa kabajaa giiftii keenyaa yeroo
saddeet irra deddeebi'ee waamee barreesseera. Kan
barreesses maqaa kabajaa isheen qabduun waamee barreesse
jechuudha.
Isaanis : -
Yoh.2:1 "Guyyaa sadaffaatti kutaa biyya Galiilaa mandara
Qaanaatti cidha tokkotu ture; # Haati_Iyyesuus achi turte"
jedhee barreesse.
Yoh.2:3 "Daadhiin wayinii duraa dhumnaan, # Haati_isaa ,
'Daadhii wayinii hin qabanim' jettee Iyyesuusitti himte" jedhee
barreesse.
Yoh.2:5 " # Haati_isaa yommus warra achii ergamaniin,
'Waanuma inni isinitti hime hundumaa raawwadhaa!' jetteen"
jedhee barreesse.
Yoh.2:12 "Kana booddee Iyyesuus # Haadha_isaa ,
obboloota isaatii fi bartoota isaa wajjin gara mandara
Qifirnaahomitti gad bu'e; garuu guyyaa baay'ee achi hin
bubbulle" jedhee barreesse.
Yoh.6:42 "Isaan, 'Kun Iyyesuus ilma Yooseef isa abbaa isaa
fi # Haadha_isaa beeknu mitii? Amma attamitti Waaqa irraan
gad bu'e jedha ree?' jedhan" jedhee barreesse.
Yoh.19:25 "Fannoo Iyyesuus biras # Haati_isaa ,
obboleettiin # Haadha_isaa , Maariyaam haati manaa
Qiloophaa, Maariyaam isheen Magdalaas, dhaabatanii turan"
jedhee barreesse.
Yoh.19:26 "Iyyesuus yeroo sanatti # Haadha_isaa , bartuu
isa inni jaallates ishee bira utuu dhaabatuu argee,
# Haadha_isaatiin , 'Haadha ko, ilaa ilma kee!' jedhe" jedhee
yeroo lama barreesse.
Yoh.19:27 "Ergasii bartuu sanaan immoo, "Ilaa Haadha
kee!" jedhe; bartichi yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii
isaatti ishee fudhate" jedhee barreesseera.
Egaa as irraa kan hubannu naqa saddeet yommuu ishee
waamu garuu iddoo tokkotti illee "Maariyaam" jedhee maqaa
isheetiin hin waamne. Kan ishee waame "# Haadha_Iyyesuus ,
"# Haadha_isaa " jedheeti malee.
Ishee waliin walitti siiqinsa waan hin qabneef akka kanatti
waamee barreese akka hin jedhamneef immoo Wangeelli
Dubroo Maariyaamiin fannoo jalatti Yohaannisiif kennamte
"Sa'aatii kanaa kaasee gara mana isaatti ishee fudhate" jedha.
(Yoh.19:27).
Duuka bu'aan kun Wangeela isaa irratti naqa kudha afur
dubartoota "Maariyaam" (Yoh.11:1, 2, 19, 20, 28, 29, 31, 32,
45; 12:3; 19:25, 20:11, 16, 18) jedhaman maqaa isaaniin isaan
waamee ''Maariyaam" jedhee maqaa isaanii yoo barreesse
iyyuu bakka tokkotti illee giiftii keenya maqaa isheetiin
"Maariyaam" jedhee ishee hin waamne, hin barreessines. Kun
sirriitti kan ibsu kabaja maqaa isheen qabudha. Akkasumas
nutis maqaa kabajaa ishee kanan waamuu akka qabnu kan nu
hubachiisudha.
Kitaaba Qulqulluu yoo qoranne Waaqa erga deessee eegalee
gama ergamootaanis ta'e, gama dhala namaatiin karaa ittiin
ishee waaman yommuu jijjiiran argineerra.
Osoo Waaqa hin ulfaa'in dura "Yaa # Maariyaam Waaqayyo
fuulduratti kennaa argatteettaa hin sodaatin!" (Luq.1:30)
jechaa turan.
Erga deessee booda garuu "Mucichaa fi # Haadha_isaa
qabadhuutiin gara Gibxiitti baqadhu!" yommuu jedhan ni
arganna (Maat.2:13).
Adaadaa ishee Eelsaabeexiin gaafachuu yeroo deemte
Eelsaabeex "Amma garuu # Haati gooftaa kootii dhuftee akka
na dubbiftuuf, ulfinni hammana ga'u eessaa anaaf ta'e?"
isheetiin jette malee akka firooma isheetti "# Maariyaam " jettee
ishee hin waamne (Luq.1:43).
Sababni kun itti ta'eef kabajni inni guddaan maqaa Dubroo
Maariyaamii "# Haadha isaa, # Haadha Iyyesuus, # Haadha
Gooftaa, # Haadha Waaqaa" maqaa jedhuun akka waamamuu
qabduuf waan ta'eefidha.
Fakkeenyaaf Haati tokko mucaa beekamaa fi kabajamaa ta'e
yoo qabaatte maqaa ishee caalaa "# Haadha_abaluu "
jedhamtee waamamuun ishee kan baramee fi ta'uu kan
qabudha. Akasumas isheefis kabajadha.
Giiftiin keenya samii fi lafa kan uume Waaqa hundaa olii
Waaqayyoof haadha taateetti. Kanaafuu duukaa bu'ichis
maqaa isheetiin waamuu caalaa maqaa kabajaa isheen
qabduun "# Haadha Iyyesuus" jedhee ishee kabajee waamuuf
dirqame.
Nuyis har'a barumsa qulqulluu Yohaannisii fi ergamootaa
qabannee # Maariyaam jechuu irra "# Deessuu Waaqaa,
# Haadha Iyyesuus, # Haadha isaa, # Haadha Waaqaa, # Giiftii
keenya, #Haadha Ifaa" isheedhaan jechuu qabna.
Baga geessan!
M.M
-------------------------
# 42
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Dhuga baatoonni kee ajaa'ibsiisoodha, Kanaaf lubbuun koo


isaan jaallate (Faar.119:129).
Baga ayyaana yaadannoo wareegamaa qulqulluu
Giyoorgisiin isin gahee!
Eebilli 23 guyyaa Wareegamaan qulqulluu Giyoorgis
wareegamee itti boqotedha.
Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis kan dhalate biyya Filisxeem
iddoo Liidaa jedhamtutti bara 277 dha. Giyoorgis jechuun ''Urjii,
Ifa, Aduu'' jechuudha. Abbaan qulqullicha wareegamaa
Giyoorgis "Zoorontoos" haati isaa immo "Tewoobistaa"
jedhamu. Maartaa fi Disiyaa Obboloota jedhamanis qaba ture.
Abbaan isaa kiristiyaana yoo ta'u qondaala biyya bulchu ture.
Yemmuu Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis waggaa kudhan
guutu abbaan isaa boqoteera. Qondaalli biraas amantaan
kiristiyaanaa kan ta'e tokko muudamee ture. Erga abbaan isaa
du'ee booddees qondaaltichi kun Wareegamaa Qulqulluu
Giyoorgiis mana isaatti fudhatee guddisuu eegale. Innis yeroo
sanatti wanta dargaggeessi tokko raawwatu waan akka guluffii
fardaa, darbannaa Eeboo waan hunduma baratee nama jabaa
ta'e. Diinni isaas kan jala hin dhabanne, "Ani loltuun Kiristoos
dhufeera" jennaan hundumtu ni bittinnaa'u turan.
Qondaalli sunis Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis waggaa 20
yemmuu guutu mucayyoo dubaraa isaa umuriidhaan waggaa
15 taate kaadhimeefii fudhee akka inni ishee waliin jiraatu,
biyyas akka bulchu barbaadee ture. Innis waanuma hunda
qopheessee walitti füudhuuf osoo jedhu, fedhiin Waaqayyoo
waan keessa hin jirreef qondaaltichi du'aan boqoteera.
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis garuu erga gadda isaa
raawwatee booda gara mana isaatti deebi'ee gale.
Beeruut Iyyaarikoo maddiitti kan argamtu dallaa bal'aa kan
qabdu gaarri ishees ol ka'aa kan taate biyya kanatu jira ture.
Namoonni biyya kanaa Jawwee Diraagoon jedhamutti bulaa fi
sagadaa jilbeenfachaa turaniif. Diraagoon kun akka simbiraa
koochoo (baallee) lama kan qabu, akka re'ee areeda kan qabu,
akka leencaa irree jabaa kan qabu, ilkaanni isaas akka ilkaan
naachaa kan dheeratuu fi baay'ee kan nama sodaachisu ture.
Yoo beela'es bineensota bishaan keessatti argaman walitti
sassaabee nyaachaa ture.
Warri biyya sanaas sodaa irraa kan ka'e mucayyoo dubaraa
isaanii gabbaraafii (kennaafii) turan. Warri biyyaas erga
mucayyoo dubaraa isaanii dabareedhaan kennaniifi fixanii
booda gara bulchaa biyya sanaa dhaqanii, "Egaa akkuma
beektan ijoollee keenya kenninee fixneerra. Kana booda
immoo wanta kenninu hin qabnu, haadha warraa keenyattis
immoo akka hin dabarreef ni sodaanna waan ta'eef nuti biyya
kana gad dhiisnee baduu nuuf wayya" jedhaniin.
Bulchaan biyyichaas dubbii kana yemmuu isaan irraa dhagahu,
"Amma dabareen kan kooti ani intala koo nan kennaaf" jedhee
namoota kana jajjabeesse. Mucayyoo isaa baasee
Diraagoonichaa laachuudhaaf ishee mukarratti hidhaniif.
Yeroo kana mucayyoon mukarratti hidhamtee sun osoo
boossuu Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis immoo yemmuu
farda adii isaa yaabbattee karaa sanaan darbuu sagalee
boo'icha ishee dhaga'ee, "Maal taatee boossa?" jedhee ishee
gaafate. Isheenis seenaa jiru hunda itti himte. Yeroo muraasa
boodas Diraagoonichi akka dhufee ishee nyaatu, isas yoo
achitti argate akka isa nyaatu, kanaaf dafee akka naannoo
sanaaf baqatee sokku akeekkachiisfe. Yeroo kana
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis "Inni ana nyaachuuf aangoo
anarraatti hin qabu" jedhee dhufaatii Diraagoonichaa ishee bira
taa'ee eegutti ka'e.
Akkuma barate Diraagoonichi sun dhukkee kaasaa haala nama
sodaachisuun lafa sosochoosaa fi sigigsaa iddoo mucayyoon
nyaatamuuf qophoofteef sanatti dhufe.
Yeroo kana Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis mallattoo
fannoo Gooftaa keenyaatiin mallatteessinaan seexanni irra
bulee nama nyaachisaa ture sun gatee irraa dheesse
(baqatee). Diraagoonichis humna dhabee laasha'e.
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgisis wadaroo intalli ittiin
hidhamte sana irraa fuudhee morma Diraagoonichaatti hidhee
inni fardarra taa'ee mucayyoo sana immoo wadaricha
qabsiisee Diraagoonicha harkisaa gara magaalaatti ba'an.
Uummannis qabamuu Diraagoonichaa yemmuu argan "Nu
ficcisiisuufi?" jedhanii baay'ee sodaatan. Kanaanis uummatichi
Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgisiin "Waaqa keenya maaf
hiite?" jedhanii itti dheekkamuutti ka'an. Innis "Waaqni keessan
kanaa?" jedheen, Isaanis "Eeyyeen nuti Waaqa keenya hin
dhiifnu" jedhanii deebisanif.
Innis "Erga Waaqni keenya kana jettanii, gad dhiiseen isin
ficcisiisa, Waaqni keessan isa samiif lafa kana uume malee,
uumama kana miti!" isaaniin jedheen. Isaanis sodaarraa kan
ka'e "Yoo Diraagoonicha kana ajjeefte malee akkamitti
amanna?" jedhaniin. Innis Diraagoonicha waraanee fuula
isaanii duratti ajjeese. Uummatichis yeroo kana Kiristoositti
amanan. Bakka Diraagoonicha itti ajjeese kanattis
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis Bataskaana lama
uummataaf ijaareera.
Yeroo kanattis mootiin Faarisii (Baabiloon) mootota
torbaatama walitti qabee waaq-harkee torbaatama dhaabee
itti sagada ture. Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgisis "Anis
qondaalummaa abbaa koo fudheen dhufa" jedhee gara
mootota sanaa deeme.
Yeroo achi ga'us yemmuu isaan waaq-harkeef sagadan argee
gamalee gadde. Innis innaaffaa guddaa Waaqayyoof qaba
waan ta'eef qabeenya isaa hunda namoota rakkataniif erga
hiree booda gara mootota kanaatti ol seenee, "Ani loltuun
Kiristoos dhufeera" jedheen. Mootichis dubbii kanatti dinqame,
"Hanga yoona namni akkas nuun jedhe hin agarre. Ati immoo
eenyu? ilma eenyuuti? eessa dhuftes?" jedhee isa gaafate.
Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis immoo deebisee
mootichaan, "Aniif ati tokkummaa maalii walitti qabna? Ani
warra amanedha" jedhe. Mooticha waliinis kan turan abbaa
isaa Zorontoos beeku waan ta'aniif, "Kun ilma Zorontoos
qondaala Liidaati" jedhanii mootichatti himan.
Mootichis yeroo kana "Waaqa keenya Aphiloonitti yoo bulte
biyya 10 irratti bulchaa taasiseen si muuda" ittiin jedhe.
Wareegamaan qulqulluu Giyoorgis garuu, "Aangoon kee achitti
si biratti haa hafu" jedhee deebiseef.
Mootichis aaree rakkinootni hedduu akka irra ga'u taasise.
Nafa (Qaama) isaas murmurtuu (magaaziin) akka kukkutamu
taasise. Kophee sibiilaa kan miilla (Luka) namaa urus
kaawwachiisanii irra deemsise.
Kanaanis Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis foon nafa
(qaama) isaa ciccitee, dhiigni isaa lola'ee, lafeen isaas
caccabee du'aaf ga'e. Waaqayyo immoo ergamaa isaa ergeefii
fayyise. Irra deebi'ees mismaara 70n waraanee, ibiddaan
gubee, mataa isaas burrusaan (madooshaan) rukute, garaa
isaa irrattis dhagaa hidhe akka lafarra gaggaragalchan
hammeenya akkasii hunduu irratti raawwate.
Gooftaan immoo nafa (qaama) isaa qaqqabee fayyise.
"Ammas wanta hamaan sitti dhufuuf jira maqaa koofís yeroo
sadi duuta, afraffaa irrattis boqotta qabsuura keen jabaadhu!"
jedheen.
Mootichi Duudiyaanoos jedhama. Duudiyaanoos fayyuu
Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis argee garmalee rifatee, "Kan
isa narra ajjeeseef badhaasa warqee hedduun kennaaf" jedhe.
Yeroo kana xibaartuun (xonqaayiin) Atinaasiyoos jedhamu
tokko "Ani nan ajjeesa" jedhee summii nama kukkutee ajjeesu
maqaa seexanoota irratti waamee Wareegamaa Qulqulluu
Giyoorgisiin obaase. Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis garuu
mallattoo fannoo Gooftaatiin eebbise dhuge. Kan nafa
(qaama) isaatti maxxanee isa miidhagsu ta'e malee waan
tokkoyyuu hin taane.
Xibaartichis (Xonqaayichis) wanta ta'e kana argee dinqisiifatee,
"Waaqni Giyoorgis waaqa dhugaadha" jedhee amanee
kiristiyaanummaa kan fudhatee fi boodas kan wareegame ta'e.
Mootichis foon isaa bulleessee daakee boollatti naqee biraa
gale. Gooftaan immoo isa fayyise. Wareegamaan Qulqulluu
Giyoorgis dhaabatee, "Gooftaan na fayyise!" jedheen.
Kana boodas Abidda itti qabsiisee siree sibiilaarra ciibse.
Abiddichi immoo dhiiga dhagna isaa keessaa cophuun
dhaame. Duudiyaanoos, "Akkan amanuuf Iyyesuus Waaqa ta'uu
isaa anatti agarsiisi!" yemmuu jedhuunitti muka goggoge
lalisiisee kan lalisee gogsee itti agarsiiseera. Warra erga du'anii
waggaa 430 ta'an kaasee itti agarsiiseera. Mootichi garuu
lapheen isaa hamaa waan ta'eef ajaa'iba akkanaa kanaanis hin
amanne.
Kana boodas immoo Duudiyaanoos "beelaan haa du'u" jedhee
mana dubartii waan nyaattuu fi dhugdu hin qabne tokkotti ol
galchee utubaatti hidhe. Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis
garuu utubaa sana ni lalisiise. IIma dubartii abbaa manaa hin
qabne sanaas dhukkubarra fayyiseef. Ergamaan Mikaa'elis
hidhaa isaarraa isa hiikee nagaan deebi'eera.
Ammas mootichi "Lafee isaa daakaati tabba Yidraas jedhamu
irratti facaasaa!" jedhee ajaje. Loltootni mootichaa yemmus
akkuma mootichi jedhe lafee isaa daakanii tabbicha irratti
facaasan. Garuu, iddoo daakuun isaa irra buute hundi,
"Giyoorgis wareegamicha! Giyoorgisi isa waaqayyoof foo'ame!"
jedhanii galateeffatan. Ammas yeroo sadaffaa du'aa isa kaase.
Ajjeesne jedhanii yoo deebi'anii warra isa ajjeesanii deebi'aa
jiraniin duuban dhufee, "Obboloota koo na eega!" jedheen.
Jarris arganii baay'ee rifatan. Miillarratti kufaniis dhiifama
gaafatan. Kanaanis kiristiyaanaa ta'anii mooticha duratti
dhugaa ba'aniiru.
Mootichi ammas irra deebi'ee, "Waaqa koof Aphilooniif
sagadi!" jedheen. Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis immoo
sababa gara masara mootichaa ittiin seenuu barbaadaa waan
tureef beekaa "Tole nan sagadaaf" jedhee masaraa mootichaa
seenee haadha warraa mooticha Ille-Iskindiriyaa jedhamtus
amansiiseera.
Mootichi garuu dhugaa se'ee, "Koottaa ilaalaa Giyoorgis
Aphilooniif sagaduuf" jedhee uummata walitti qabe. Yeroo
kana Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis seexana waaq-harkee
irra bule sana meeshaa isaa waliin erga akka Waaqa hin taane
uummata fuulduratti akka dubbatu taasise booda lafti
banamtee akka isaan liqimsitu taasise.
Ajaa'iba kana kan argan uummatnis, "Waaqa Giyoorgisitti
amanneerra" jedhan. Haati warraa mootichaas abbaa warraa
ishee gara amantaa kiristiyaanummaa kanatti deebisuuf
yaaltus waan dideef isheenis kiristiyaana taatee amanuu
isheetiin gara jabinaan mootichi akka mormi ishee irraa
muramu taasiseera. Isheenis "Osoo hin cuuphamiin akka hin
duune maal naaf wayya?" jettee Wareegamaa Qulqulluu
Giyoorgisiin yemmuu gaafattu, "Dhiigni kee cuuphaa siif ta'a"
jedhee wareegamteetti.
Innis achumatti mormi isaa akka irra muramu ta'eera. Yeroo
mormi isaa muramus bishaan, dhiigaa fi aannan keessaa
burqaniiru. Ajaa'bni gara garaas raawwateera. Boodas
Diduuyanoos du'a gaarii hin taane du'eera. Waaqayyos waadaa
guddaa wareegamticha qulqulluu Giyoorgisiif kenneefi jira.
Gonfoo kabajaa torbas gonfachiiseera. Biittuun Faarsii fi
Liidaa, urjiin Beerutii fi Tarsees, wangeela Gooftaa keenyaaf
amanamaa kan ta'e Wareegamaan Qulqulluu Giyoorgis Eebila
23, waggaa 27 ffaa isaatti wareegamee boqoteera.
Erga wareegamee boqotee booda bartoonni isaa doonitti
fe'anii gara biyya iddoo dhaloota isaa Liidaatti fidan. Haa ta'u
malee, yemmuu gara biyyaatti fidan abbaan isaa Zorontoos,
harmeen isaas Tewoobistaan, obbolootni isaa Maartaa fi
Disiyaan akkasumas dubartiin isaaf kaadhimamtee turte sun
hundumti isaanii du'aniiru.
Kanaaf eessumni isaa kan Indiriyaas jedhamu foon
Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis bartoota isaarraa fuudhee,
uummanni biyyattis ba'ee angafti phaaphaasii Iyyerusaalem
waamamamii dhufan. Mana kiristaanaas maqaa isaatiin
ijaaraniif. Foon isas achi keessa boqochiisan. Manni
qulqullummaa isaas kan kabajame Sadaasa 7 yaadatama.
Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis manneen kirstaanaa
Kaatolikii, Ortodoksota bahaa fi biyyoota Awurooppaa hedduu
keessattis ni yaadatama, ni kabajas.
Ameen galanni Waaqayyoof haa ta'u; Waaqayyo waadaa
qulqullicha kanaaf kenne yaadatee nutti haa araaramu; sugni
isaas nu waliin haa jiraatu; hanga bara baraatti Ameen
M.M
Eebila 22, 2012.

-------------------------
# 41
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"Waaqayyo faaruu fi ililleen ol ba'e" (Faar.46:5).


Dursa baga ayyaana yaadannoo ol ba'iinsa Gooftaa fi fayyisaa
keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin gahee!
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos samii samii irraa gadi
bu'ee, qulqulleettii durbee Maariyaamii irraa dhalatee,
fakkeenya fakkeeffamee fi raajii raajamee waadaa
Addaamiidhaaf seene hundumaa gara biyya lafaa dhufee
barsiisee fannoo irratti fannifamee, du'ee awwaalamee, du'a
isaatiin du'a keenya balleessee, du'aa ka'ee du'aa ka'umsa
nuuf labse.
Erga du'aa ka'es hanga guyyaa afurtamaatti barattoota isaatti
mul'atee iccitii gara mootummaa Waaqayyotti isaan ittiin
galanii fi isaanis akka deemanii baraniif isaan barsiisaa
tureera.(H.D.B.1:3) Guyyaa guyyaatti yeroo hundumaa tokkoo
tokkoo isaaniitti mul'achaa kan ture yoo ta'ellee guyyaa sadiif
garuu gubaa'ee guddaa hojjetee isaan barsiisaa tureera. Yeroo
ol ba'uudhaaf jedhu immoo qajeelfama ''Iyyerusaalem keessaa
hin deeminaa! mana qulqullummaa keessa jiraadhaa!
jajjabeessa kan ta'e afuura qulqulluu Abbaa koo biraa hangan
isiniif ergutti" kan jedhu laateeraaf. (Luq.24:44-50).
Yeroo gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos ol ba'ees ajaa'iba
adda ta'een ol ba'e. Yeroo ol ba'ees bartoota isaa eebbisee
Ergamoonni samii irraa wayyaa adii uffachuudhaan hiriira samii
irraa hanga lafaatti hiriiranii faaruudhaan isa simatan. Yeroo
barattoonni isaa fajajanii gara samii ilaalan Qulqulluu
ergamaan Mikaa'elii fi Gabri'eeliin barattoota isaatti
mul'achuudhaan maaliif fajajjanii gara samii ilaaltu utuu isin
ilaaltanii inni ol ba'e kun utuu isin ilaaltanii ni dhufa
jechuudhaan isaan jajjabeessan (H.D.B.1:9-11).
Waa'ee ol ba'uu gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos raajiiwwan
raajotan raajaman
(Faar.17:9-10) "Samiiwwan gadi qabee gadi bu'e, dukkanni
miilla isaa jala jira ture. Duugda Kiruubel irra taa'ee balali'ee
koochoo qilleensaanis ni balali'e" jechuudhaan Daawit raajii
raajeera.
(Faar.24:7) "Mootichi inni guddaan akka ol seenuuf isin
qondaaltoni karra isaa dur durii banaafi, mootichi guddichi kun
eenyu? Waaqayyo isa cimaa fi isa humna qabeessa isa
ta'eedha. Waaqayyo lolatti ba'ee isa injifateedha" kan jedhu
raajameera.
(Faar.67:18) "Waaqayyo akka inni boojuu Diyaabiloos
harkaa booji'ee akka ol ba'e kan ibsu (boojuu boojitee ol baate
kennaas ilma namootaaf ni laatte)" kan jedhu ture.
(Faar.46(47):5) "Waaqayyo ililleedhaan kabajaan ol ba'e
Waaqayyoon faarfannaadhaan galateeffadha."
Yohaannis abbaan wangeelaa immoo "Samii irraa kan gadi
bu'e malee gara samiitti kan deebi'ee ol ba'e hin jiru"
jechuudhaa waa'ee ol ba'uu isaati barreesseera. (Yoh.3:13).
Egaa walumaa gala raajii dubbatame kana raawwateera.
Maaliif guyyaa afurtamaaf lafarra ture?
Sababni isaa guyyaan afurtama iccitii guddaa ta'e baay'ee
qaba. Keessaa garuu Addaam dargaggeessa waggaa 30 ta'ee
uumamee gaafa guyyaa 40 mucummaa fi ayyaana Waaqayyoo
uffatee gennata seenee dogoggora seexanaan goyyomee
dhabee ture, haa ta'u malee gooftaan keenya immoo
mucummaa kana deebisuuf akka dhufe ibsuuf jedheeti.
(Kitaaba kufaalee 4:8).
Humna hanga argattaniitti Iyyerusaalem keessaa hin deeminaa!
Mana qulqullummaa keessa turaa! Maaliif ittiin jedhe?
Sababni isaa daarii (handaraa) biyya lafaa deemaa barsiisaa
jechuudhaan dursa ajaja laateefii ture (Maat.28:19). Gara daarii
(handaraa) biyya lafaa deemuudhaaf immoo humni Afuura
Qulqulluu isaan barbaachisa. Mootota dura dhaabatanii dhugaa
Afuura Qulqulluu soda tokko malee dhaabbachuudhaan akka
dubbataniif.
Kan biraas Iccitii dhoksaa dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan
hubatanii akka barsiisaniif akkuma jedhame barattoonní duraan
sodaattoota turan erga humna Afuura qulqulluu hidhatanii
booda hanga du'aatti dhaabatanii dhuga baatuu kiristoos
ta'aniiru. (H.D.B.5, 6, 12) kkf.
Kanaafuu erga afuurri qulqulluu bu'eefi booda : -
* Mana cufamaa humna ittiin ol seenan
* Iddoo ol ka'aa irra dhaabatanii humna ittiin dhugaa ba'an.
* Humna qabeessa akka Leencaa ittiin cabsan akka Soomson.
(Abo.14-16).
* Seexana baasuudhaan humna ittiin dhukkubsataas fayyisan
* Humna ittiin du'oota du'a keessaa kaasan. (H.D.B.9)
* Humna kanaaf kana fakkaatan mana qulqullummaa keessa
turuudhaan hanga argattanitti mana qulqullummaa keessa
turaa jedhee isaan abboome. Akkuma jedhes turanii
argataniiru (H.D.B.2) kaase.
Ajaa'iba gaafa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos ol ba'e
hojjetaman : -
Yaabbannoon ifaa Aariyaamii irraa hanga lafaatti diriireeree
ergamoonni yemmuu yaabanii faarfatan argameera.
Akkuma Daawwit raajee ture faaruun ergamootaa wayyaa adii
uffachuudhaan dhaga'ameera. (Faar.46:5).
Karri cufamee ture banameera. (Faar.24:7-10).
Ijoolleen Addaam harka Diyaabiloos jalaa boojuudhaan kan
turan bahaniiru. (Faar.67:18).
Harka isaa Addaamii fi Hewaanin uumee diriirsuudhaan
barattoota isaa, maatiwwan isaa eebbiseera (Uma.1:26).
Harka isaa Abrahaamiin eebbiseen (Uma.12:1), Galaana
Yaabooq cinatti harka isaa Yaa'iqoobiin eebbiseera
(Uma.32:26-30).
Akkasumas qurxummii lamaa fi buddeena garbuu shan
eebbisee namoota 5000 kan ittiin quubseen (Maat.14:20) ol
kaasee isaan eebbisaa Beeteniyaa iddoo jedhamutti ol ba'e.
Guyyaama kana Yihuudaan inni gooftaa keenya qarshii
soddomaan gurguree ture. Gaafa Jimaataa muka irratti of
rarraasee of ajjeesuu yoo barbaade illee mukattiin afaan
namaan haasoftee "qalbii kee jijjiirradhu akka Pheexiroos" ittiin
jettee funyicha of irraa kunnaan dugdi isaa cite garaan isaa
bokokee guyyaa afurtamaaf ciisaa erga turee booda guyyaa
gooftaan ol ba'u ykn gaafa guyyaa afurtamaffaa kana
marrummaan isaa tarsa'ee jigee du'eera. (H.D.B.1:18).
Ol Ba'iinsi Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ol Ba'iinsa
qulqulloota biroo irraa maaliin adda?
Heenook irraa jalqabee qulqulloonni hedduun biyya
jiraattotaatti (Beeyera Iyyewaan) iddoo jedhamutti ol ba'aniiru.
Hanga har'aattis ol ba'aa jiru.
Fakkkeenyaaf Heenook, Eeliyaas, Iziraa Suutu'eel, qulqulloota
salgan keessaa immoo Abbaa Haregaawwii, Abbaa Garimaa,
Melke Tseediq, Yaared abbaa qooqa biyya Itiyoophiyaa,
Yohaannis abbaa wangeelaa keessumatti immoo bara 1972
keessa Abbaa Balaay namni jedhamu gadaamii Asaboot
keessaa ol fudhatameera.

➝ Isaan kun hundi isaanii iddoo isaan itti ol ba'an samii kanaa

gadi cina gennataatti kan argamu magaalaa biyya jiraattotaatti


ol ba'an, gooftaan keenya garuu Tsiraariyaamitti ol ba'e.

➝ Iddoo isaan itti ol ba'an guyyaa deebii gooftaa keenyaa kan

darbuudha, iddoo gooftáan itti ol ba'e garuu bara baraan kan


jiraatuudha.

➝ Isaan kun hundi isaanii deebi'anii dhufanii ni du'u, gooftaan

keenya Iyyesuus kiristoos garuu murtoo isa dhumaa


kennuudhaaf ni dhufa.

➝ Isaan kun gaafa ol ba'an gargaarsa ergamootaan ol ba'an,

gooftaan keenya garuu humna Waaqummaa isaatiin ol ba'e.

➝ Qulqulloonni gaafa isaan ol ba'an sanyiin kabaja gooftaa


keenyaa hin godhamneef.

➝ Akka gooftaa keenyaa raajiin hin raajamneef sababa kanaaf

kana fakkaataniif ol ba'iinsi qulqullootaaf kan gooftaa keenyaa


garaa garummaa guddaa qaba jechaadha.
Caamsaa 20, 2012

-------------------------
# 40
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Sababoota amantoonni gaabbii (qalbii jijjiirrannaa) irraa


fagaatan
Dursa Hiikaa gaabbii (qalbii jijjiirrannaa) irraa haa kaanuu
“Nassihaa” kan jedhu afaan Gi’iizii irraa kan dhufe yommuu
ta’u, hiikni isaa "gaabbee, Garaa nyaate, hojii isaa isa hamaa
ta’eef gaddee osoon hojjechuu baadhee, osoon raawwachuu
baadhee" jechuun gochaa badii fi hamaa sanarraa deebi'uuf
gara kuteenyaan murteessuu agarsiisa.
Maalummaa Isaa
Kiristiyaanni Cuuphamuu isaatiin hojii addunyaa badaa
ta’aniirraa adda kan ba’ee dha. Jireenyi isaa hundi kiristoosiif
kan kennamedha (Room.12:1). Qaamni kiristiyaanootaa iddoo
bulmaata Afuura Qulqulluuti (1Qor.6:19). Haa ta’u malee ilmi
namaa dogoggoraa ta’uusaarraa kan ka’e cubbuudhaan foon
isaa qulqulluu xureessee cubbuun kufee waaqayyoon
gaddisiisa.
Kanarraa kan ka’e jireenyi kiristiyaanummaa qormaatni kan itti
baay'ate yommuu ta’u; kufaa ka’a malee akka seexanaatti
abdii kutatanii jireenya jiraatan miti. Abbootni keenya yommuu
nu barsiisan ‘'Qulqulloota qulqullootaa kan isaan jechisiise
cubbuurraa fagaachuu osoo hin ta’iin qalbii jijjiirratanii (gaabbii
galanii) ka’uu isaaniiti” jedhaniiru.
Kanaafuu laphee qalbii jijjiirrachuu fi qalbii jijjiirrate kanaaf firii
argamsiisuu kan danda’u uumammoota jiran keessaa ilma
namaa qofa. Uumamni warri kaan miira gaabbii hin qaban.
Haa ta'u malee sababootni gaabbiirraa kiristiyaanaa fageessan
maal faadha
Amantoonni cubbuu irraa qulqullaa'anii gargaarsa
waaqayyootiin akka hin jiraanneef Diyaabiloos karaa
garaagaraa kiristiyaanotatti waraana bana. Kanaafis cubbuun
badii ta'uu isaa osoo hin beekiin akka raawwataniif tooftaalee
garaa garaatti fayyadama.
Tooftaalee isaa keessas muraasni, cubbuu baraan,
beekumsaan, qaroominaan, wanta qulqullina fakkaatuunii fi
kan kana fakkaataniin haguuguudhaan akka raawwatamu
gochuudha. Kana irra darbees balleessummaa isaanii yeroo
hubatan illee gara gaabbiitti akka hin dhiyaanneef sababoota
garaagaraa tarreessuudhaan jireenya cubbuutiin akka turan
tooftaa baafatee itti fala.
Gaabbii akka hin galleef kallattiidhaanis ta'e alkallattiidhaan
tooftaa isaa jijjiiruun, Keessumaayyuu amantoonni gaabbii akka
hin galleef sababoota gurguddoo ittiin tursu akka armaan
gadiitti dhiyaataniiru.
1. "Na hafa" jechuudhaan gaabbiirraa fageessuu
Diinni "Na hafa" kan jedhu tooftaa gaabbii irraa tursiisuu kanan
kan hojii irra oolchu irra caalaatti "umurii dhaan reefuudha
(yeroo nan qaba)" kan ofiin jedhan irrattidha. "Har'a bor" osoo
jennuu karoora gaabbii galuu keenya dheeressinee cubbuu
amaleeffannee waaqayyoon osoo hin araarfatin akka duunu nu
taasisa. "Umurii kootti nan fayyadama (ittii nan bashanna)
gaabbiif yeroo nan qaba" yaadni jedhu umurii dargaggummaan
guddatee kan mul'atu qofaa osoo hin taane hojii isaa irrattis
dhiibbaa olaanaa buuseera. Kaayyoon yaada kanaas laphee
gaabbiif qophaa'e dadhabsiisuu fi carraa gaabbiif qabnu kan
balleessuudha.
Sagaleen Waaqayyo "Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa
keetti gammadi! Bara dargaggummaa keettis garaan kee haa
gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta iji kee
argu duukaas bu'i! Garuu Waaqayyo wanta kana hundumaaf
gara murtiitti akka si dhiyeessu beeki!" (Kitaaba Lallabaa 11:9).
Cubbuun battalumatti yoo baduu baatee fi yeroo isaadhaa
kenname hidda gadi fageeffatee, itti aansuun fedhii gaabbiif
qophaa'ee jiru tursiisuudhaan balleessuu danda'a. Kanaafuu
"yeroo nan qaba" jechuu haa dhiifnu! Guyyaa fi yeroon fayyinaa
ammamuma
2. Mataa ofii nama kan biraa faana wal madaachisuudhaan
gaabbiirraa fageessuu
Hanqina tajaajiltootaa (Luboota, Diyaaqonoota, Lallabdoota,
Faarfattootta, Monoksootaa fi kkf) nutti odeessee akka
ceephaanu, "Maal isaanuu jiruwoo" jennee akka cubbuu
keenyaan of jajjabeessinu nu taasisee gaabbiirraa nu fageessa.
"Hundumaafuu akka hojii isaatti gatii isaa nan
kennaaf" (Mul.22:21) kan jedhummoo nu dagachiisa. Waa'ee
cubbuu keenyaas akka hin yaadneef, guyyaa fi bara keenya
guutuu waa'ee cubbuu obboloota keenya akka haasofnu nu
taasisa. Sagalee isa "Walii walii keessaniif kadhadhaa!"
jedhuus nu irraanfachiiseera.
Akkasumas jireenya cubbamoota warra gaabbii galanii, garuu
jijjiiramuu hin dandeenyee fakkeenya godhaachuudhaan
gaabbii galuu dhiisuun gufuu isa tokko erga ta'e ooltee
bubbuleera. Isaan gaabbii galanii fi qorrobanii sababa jijjiirama
homaa illee fiduu dhabuu isaaniin gaabbii fi qurbaana
salphisanii akka ilaalaniif "Akka isaanii kanan ta'u yoo ta'e
faayidaa maalii qaba, anarra maaliin fooyya'an?" jechuudhaan
gaabbii irraa akka baqataniif sababa yemmuu ta'utu argama.
Gooftaan keenya warra namatti gufuu ta'an kanan akka
jedheera (Maat.18:6-7) "Eenyu illee warra anatti amanan kana
keessaa tokko gufachiisuu isaa irra, dhagaa daakuu guddaan
morma isaatti hidhamee tuujjuba galaanaa keessa buufamuu
isaaf wayya. Nama gufannaan karaa isaa dhufu kanaaf isaaf
wayyoo!" jedheera. Kanaaf qalbii jijjiirranneef (gaabbii galleef)
bu'aa hin qabnu yoo ta'e nama gufachiisuu fi namni akka nama
sana ilaalee gaabbii hin gallee waan godhuuf warra akkas
godhaniif "wayyoo" jedha. Egaa Diyaabiloos kanatti
fayyadamee akka kiristiyaanni gaabbii hin galleef sakaala.
Sakaalaas jira.
Haa ta'u malee nuti fakkeenya kan nuuf ta'an warra hamma
xumuratti cimanidha malee warra akka kanatti kufanii nama
kuffisanii fi gaabbiirraa nama fageessan kana ta'uu hin qabu.
Sagaleen Waaqayyos akkas jedha : -
"Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo
garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaa lubbuu
keessanii akka argattaniif" (Maat.11:29).
"Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin
mormuu cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti
qabadhaa!" (Ibr.12:3).
"Egaa akkuma ani fakkeenya Kiristoosiin fudhadhe, isinis
immoo fakkeenya koo fudhadhaa!" (1Qor.11:1).
"Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii
turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan akka du'anis, jireenya
isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii
isaanii fudhadhaa duukaa bu'aa!" (Ibr.13:7).
.
.
.
Jedha waan ta'eef fakkeenyi keenya warra hamma xumuratti
dhaabbattan ta'uu qaba
3. "Gaabbii booda yoon balleesse akkin godha" jechuudhaan
gaabbiirraa fageessuu
"Haalli jireenya kootii gaabbii galuuf nan dandeessisu, yoon
gaabbii gale boris ittin deebi'awoo" jennee akka gara
kuteenyaan of hin jijjiirre nu taasisee guyyaa keenya nurratti
fixaa jira.
Namoonni baay'ee waa'een gaabbii yemmuu ka'u "Gaabbii
booda yoon balleesse lubbuu kootiin nan miidhama" sodaa
jechuun gaabbii irraa akka fagaatan beekamadha. Kun tooftaa
Diyaabiloos qopheessite keessaa isa tokkodha. Namoonni
akkas jedhan kun dhimmi guddaan isaan hin hubanne akka jiru
ifaadha.
Nuti kiristiyaanoonni gaabbii yeroo gallu gargaarsa Waaqayyoo
arganna, cubbuu kan ittiin moonus humna afuuraa gonfanna.
Fedhii keenyaatiin yoo ta'e malee jireenya cubbuu nuti
gaabbiidhaan kunnee ganne humni dirqamaan nutti fe'u tokko
iyyuu hin jiru. Yeroo hundaa humnaa fi jabina Waaqayyo malee
jabinaa fi dadhanina keenya kana ilaaluu hin qabnu. Waraanni
kan waaqayyoo waan ta'eef, inni waan nuuf waraanuuf
sodaachuu fi qaana'uu hin qabu. Kanaafuu dafanii gaabbii
galuudhaan gargaarsa guddaa kana dhuunfachuun attam
barbaachisaadha
Kitaaba qulqulluu irratti "Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa
amanadhu! Innis siif raawwata" (Faar.37:5).
"Waaqayyo waa'ee keessaniif ni waraana. Isinis ni callistu"
jedhamee akkuma barreeffameen isatti hanga amanamne
Waaqayyos humnaa fi jabina isaa nuuf kennuuf kan
amanamedha (Bau.14:14).
4. Abdii kutachuudhaan gaabbiirraa fageessuu
"Cubbuun koo guddaa waan ta'eef Waaqayyo dhiifama naaf
hin godhu" jennee akka abdii kutannu nu taasisuun guyyaa
dhumaatti akka gubannuuf nu sakaala.
"Cubbuun ani hojjedhe waan baay'ee nama qaanessu dha maal
jedheen dubbadha" jennee sodaa fi qaaniidhaan liqimfamnee
akka hin fayyine nu taasisa. "Deemiiti Lubatti of
agarsiisi" (Maat.8:4) kan jedhu akka hin raawwanneef nu
kiyeessa.
Seexanni osoo nuti cubbuutiin hin kufin dura arjummaa fi
dhiifama Waaqayyo nu yaadachiisuun cubbuu akka hojjennuu
nu jajjabeessa. Erga hojjennee booda garuu cubbuu keenya ol
kaasuudhaan badii (cubbuu) dhiifama hin argamsiisne akka
hojjennetti nutti mul'isuun gaabbii akka hin galleef abdii nu
kutachiisa. Abdii kutachiisuun waraanaa fi tooftaa diinaati.
Kanaafuu tooftaa waraana diinaa kana dursinee beekuun abdii
fayyinaatiin cimuu qabna.
"Yaa diina koo yoon kufe nan ka'a, ... " (Mik.6:6-10)
jechuudhaan kan dubbate abdii kutuun diina keenya seexana
kan gammachiisu waan ta'eef abdiidhaan akka cimnuu fi akka
isa moonu nu gorsuufidha. Cubbuun (Badiin) guddaa Yihuudaa
Gooftaa dabarsee kennuu osoo hin taanee abdii kutachuun
gaabbii osoo hin galin of ajjeessuu isaatii fi "Gooftaan
dhiifama naaf hin godhu" jechuu isaadha.
Kennaa waaqayyoo kan ta'e abdiin fayyinaa keessa keenyatti
yoo qabaanne abdii hin kutnu. Kana waan ta'eef, mataa keenya
tuffannee abdii kutuu irra arjummaa fi dhiifama waaqayyoo
hubachuudhaan fayyuuf gaabbiidhaan cimuu qabna malee
abdii kutachuu hin qabnu. Uumaan keenya akka nuti deebinuuf
obsee osoo nu eegaa jiru nuti immoo abdii kutuun baqachuus
hin qabnu.
"Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu
(boodatti hin deebi'uun); akka namni tokko seesuutti (boodatti
deebi'uutti) isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada
garaa isaanii akka jijjiirrataniif malee, namni tokko iyyuu akka
badu waan hin barbaadneef obsaan isiniif
danda'a." (2Pheex.3:9).
5. Of tuulummaadhaan gaabbiirraa fageessuu
Cubbuu keenya nu jalaa dhoksee akka hin yaadne nu
gochuudhaan qalbii akka hin jijjiirramneef nu hadoocha.
Cubbuu hojjenneef qooda gaabbii gallee qulqulloofnu
"Waaqayyo waaqa dhiifamaati" jechaa bara keenya akka fixnu
nu taasisa. Gad of qabnee boo'ichaan gara waaqayyootti akka
hin deebineef ol nu guddisee nutti ofii keenya agarsiisa.
Gaabbiin jireenya cubbuudhaan bade irraa gara jireenya
qulqullaa'atti kan taasifamu ce'umsa (adeemsa) afuuraa yoo
ta'u of tuulummaan immoo namni mataa isaa qulqulluu of
taasisuun cubbamaa akka hin taanetti of lakkaa'uudha. Haa
ta'u malee namni jireenyi isaa cubbuudhaan kan xuraa'ee ta'uu
isaa yoo hubate malee gara gaabbiitti dhiyaachuu hin danda'u.
Mataa isaa hin qoranne ykn waa'ee jireenya isaa namoonni
kaan yommuu isatti himan kan hin dhageenye dogoggora isaa
hubachuu hin danda'u. "Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne
immoo isa (waaqayyo) sobduu goona, dubbiin isaas nu keessa
hin jiru." (1Yoh.1:10).
Gaabbiin warra gadi of qabaniif salphaadha. Of tuultota warra
mataa isaanii guddaa godhanii fi qulqulluu akka ta'anitti of
yaadaniif garuu ulfaataadha.
6. Sodaa Waaqayyoo dhabuudhaan gaabbiirraa fageessuu
Faayidaan gaabbii akka nu jalaa dhokatu taasisee laaqii
cubbuu keessa nu gangalcha. Laphee ofii keessatti waa'ee
sodaa Waaqayyoo dhabuu qulqulluun Yisihaaq "Sodaan
waaqayyoo hin jiru yoo ta'e gaabbii galuun hin jiru" jedheera.
Namoonni tokko tokko sababa jaalalaatiin sodaa Waaqayyoo
tasumaa laphee isaanii keessaa balleessu. Fakkeenyaaf yeroo
mara warra waltajjii irra oolanii fi tajaajiltoota warra keessaas
fudhachuu dandeenya. Yeroo kanas "nuyi waaqayyoon
tajaajilaa oolla" jechuun waa'ee jireenya gaabbii isaaniif
dhibaa'oo ta'anii argamu. Cubbuu irraa kan ka'es sodaa
waaqayyoo of keessaa baasanii gatuun gara gaabbiitti kan
nama dhiyeessu jaalala waaqayyoo dhabu. "Nuti waaqaa wajjin
walitti dhiyeenya cimaa qabna" jedhanii waan yaadaniifi.
Namni jaalala waaqayyoo hin qabu taanaan cubbuu isaa
dubbachuu fi gaabbii galuuf kan isa kakaasu sodaa
waaqayyoos hin qabaatu. Laphee jaalalli keessa hin jirre irraa
jaalalli waaqayyoo burquu hin danda'u. Laphee sodaan
waaqayyoo keessa hin jirres gufuu fi farra gaabbiiti. Kanaafidha
raajichi waaqayyoo Daawwit "Waaqayyoon sodaachuun
jalqaba ogummaa ti" (Faar.110(111):10) kan jedheefi.
7. Hojii gaarii bakka bu'iinsaan dhiyeessuudhaan gaabbii
galuurraa fageessuu
Gaabbiin karaa fayyinaatiif filannoo dorgommii hin qabnedha.
"Gaabbii hin galtan taanaan hundi keessanuu ni
baddu" (Luq.13:3). Badisa ooluun hojii gaarii hojjechuu qofaan
miti. Kurnoo fi kennaa kennuu qofaanis miti. Rakkattoota
gargaaruu, yaadannoo qulqullootaa (zikirii) gochuu, mana
amantaa ijaaruu qofas miti. Hojii gaarii hojjechaa gaabbii
galuudhaan foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuudhaaniidha
malee.
Amantoonni tokko tokko cubbuu isaaniitti gaabbii galu irra
karaa qaxxaamuraan hojii gaarii kan biroon bakka buusuun
mataa isaanii qulqulleessuuf yeroo yaalan ni mul'ata. Warren
kaanimmoo hojii gaarii hojjetan baay'inaan tarreessuudhaan
badii isaanii haguuguuf yaalu.
Cubbuun dhiifamuu kan danda'u bakka cubbuu hojjetan sanatti
hojii gaarii hojjetanii haguuguudhaan osoo hin ta'iin isa
balleessanitti gaabbii galuudhaanidha.
Hojii gaarii baay'ee yoo hojjenne iyyuu karaa biraan kan
balleessinu yoo ta'e hojii gaarii keenya sana balleessaa akka
jirru ta'uusaa hubachuun gamnummaadha. Kitaaba qulqulluu
irratti "Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa
eegee tokko yoo cabse, akka waan hunduma isaanii cabseetti
yakki itti murama" (Yai.2:10) jedha.
.
.
.
Egaa nuti sababoota kanaa fi kana kan fakkaata sababa
godhannee gaabbiirraa fagaanneerra. Garuu cubbuudhaaf
talaaliin jiru gaabbii fi gaabbii qofadha. "Ani kufeera garuu
deebi'ee nan ka'a; dukkana keessa nan jiraadha Waaqayyo
garuu ifa kooti yaa diinota koo egaa anatti hin
gammadin!" (Mik.7:8) jedha. Kan ittiin ka'anii immoo
gaabbiidha.
Jalqaba irratti wanta nuti jala murree (sararree) beekuu qabnu
laphee qulqulluudhaan, boo'ichaan, gadduudhaan,
Tsoomiidhaanii fi kkf dhaan (Iyu.2:10-12) wanta hojjennetti
gaabbii gallan cubbuun Waaqayyo dhiifama hin goone tasumaa
hin jiru. Sababni isa inni abbaa dhiifama baay'ee, araaraan kan
guutee, namni tokkollee akka baduu kan hin barbaadnedha.
"Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif cubbuun isaanii isaaniif
dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne immoo
cubbuu isaaniin hidhamaniiru" (Yoh.20:22-23).
Akkuma cubbuun Waaqayyo irraa adda ba'uu ta'e gaabbiin
immoo gara Waaqayyootti deebi'uu dha. Waaqayyo akkas
jedha "'Bara abboota keessaniitii jalqabdanii hamma ammaatti
isin seerota koo irraa gortaniittu; isa hin eegnes, ani Waaqayyo
gooftaan maccaa gara kootti deebi'aa anis gara keessanittin
deebi'aa' isiniin jedheera" (Milk.3:7). Gaabbiin garaa
guutuudhaan ta'u jaalalaan xumuramu mucummaa jalqabaas
namaaf laata (Luq.15:18-24). Kun Waaqayyoo wajjin
araaramuu dha. Kan nu araarsanis qulqulloota dha.
"Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kiristoos ofitti nu araarse
biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka
dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis Waaqayyo irra daddarbaa
namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa
ofitti araarse jechuu dha; egaa araara isaa kana immoo adaraa
nutti kenneera" (2Qor.5:18-19).
Kanaafuu gaabbii galuun : -

✞. Gaabbii galuun dammaqina afuuraa ti.

"Kottaa amala keenya tolfannee akka warra ifa guyyaa keessa


deddeebi'anitti jiraanna malee, sirban (weennoon) yookiin
machiitti, halalumaatti yookiin gad dhiisitti, mormii fi
inaaffaadhaan hin jiraannu" (Rom.13:13).
Dammaqinni afuuraa nama tokkoo gara eenyummaa isaa isa
jalqabaatti deebi'uu fi of ta'ee yaaduu isaatiin madaalama
(Luq.15:17). Mucichi bade sun gara abbaa isaatti deebi'uu
isaatiin dura gara eenyummaa isaatti deebi'eera. Cubbuu
hojjechuun du'a afuuraa du'uu dha (Efe.2:5). Gaabbii galuun
immoo du'a irraa gara jireenyaatti deebi'uu dha (1Yoh.3:14).
Qulqulluun Phaawuloos (Efe.5:14) "Ati yaa isa raftuu dammaqi;
du'oota keessaas ka'i, Kiristoos siif ibsaa" jedha. "Hirriba /
Irriba cubbuu keessaa dammaqiiti gaabbii gali; Kiristoos ifa
dhiifama isaatiin si mil'ataa" jechuu akka ta'e qulqulluun
Yaa'iqoob hiikeera. "Namni nama cubbamaa karaa jal'inaa irraa
deebisu lubbuu du'a oolchuu isaa, baay'inni cubbuu deebi'ee
akka hin argamne gochuu isaa haa beeku!" (Yai.5:20).
"Gaabbiin du'aa ka'umsa afuuraati"

✞. Gaabbiin laphee qulqulluu Waaqayyo akka cubbamoonni

ittiin gara isatti deebi'aniif kennuufi dha.


"Ani bishaan taliila isinitti nan facaasa isinis ni qulqullooftu, ani
xuraa'ummaa keessanii fi Waaqayyoolii tolfamoo keessan
hundumaatti isinan qulqulleessa; ani garaa haaraa isiniif nan
kenna; afuura haaraas isin keessa nan kaa'a. Ani garaa isa
akka dhagaa sana isin keessaa nan baasa. Garaa isa akka
fooniis isiniif nan kenna. Ani afuura koo isin keessa nan ka'a.
Isin akka seera kootti akka deemtaniif wanta qajeelaa ta'es
gaarii gootanii akka eegdan isin nan godha." (His.36:25-27).

✞. Gaabbii galuun gabrummaa seexanaa jalaa bilisoomu dha.

(Yoh.8:36).
Bilisummaan kun bilisummaa dhugaa fi madda gammachuu ti.
"Namni cubbuu hojjetu hunduu garbicha cubbuuti" (Yoh.8:34)
waan jedhuuf namni cubbuu keessa jiru bilisummaa hin qabu.
Dhugaa fí gara kuteenyaan gaabbii galuun immoo bilisa nu
baasa.
Gaabbiin gochaa miiraan raawwatamuu fi booda dagatamu
miti. Waa'een gaabbii yeruma soomiin dhufu, yeruma mana
amantaa deemnuu fi yeruma lallaba dhageefannu qofa
ariifannee miiraan kan murteessinu miti. Yaada keenya
sassaabbannee yaannee utuu aduun keenya hin dhi'in dafnee
kan raawwannu dha malee.

✞. Gaabbiin sammuu haaraa fi boqonnaa haaraa namaaf

kenna.
"Egaa Kiristoos kabaja abbaatiin du'aa akkuma ka'e akkasuma
nutis jireenya haaraadhaan akka deddeebinuuf du'a isaa wajjin
tokko akka taanuuf cuuphaadhaan isa wajjin
awwaalamne." (Rom.6:4).
"Jaalala Waaqayyoo wanta tolaa fi nama gammachiisu qortanii
akka bartaniif haareffamuu laphee keessanitiin of jijjiiraa malee
addunyaa kana hin fakkaatinaa!" (Rom.12:2).

✞. Gaabbiin furtuu balbala Mootummaa Waaqayyoo banu dha.

"Yeroo cubbamaan tokko gaabbii galu samii irratti ergamoota


Waaqayyoo biratti gammachuu guddaatu ta'a" (Luq.15:10).

✞. Gaabbiin riqicha foonii fi dhiiga gooftaatti nama geessu dha.

"Buddeenni jireenyaa ana dha; kan gara koo dhufu tasumaa


hin beela'u; kan natti amanu tasumaa hin
dheebotu" (Yoh.6:35). Gara Iyyesuus kiristoos dhaquun kan
danda'amu miillaan deemanii fi "Yaa gooftaa yaa
gooftaa" (Maat.7:21-22) jedhanii osoo hin taane 'gaabbii
galuun of haaressuudhaanidha' malee.

✞. Gaabbiin ibidda xurii cubbuu gubee balleessu dha


"Suraafeel keessaa tokko balali'ee gara koo dhufe; harka
isaattis barbadaa ibiddaa (mukukkula) qabduudhaan iddoo
aarsaa qabatee ture. Afaan koo tuqee 'kunoo hidhii kee
tuqeera; balleessaan kees sirraa dhabamsiifameera; cubbuun
kees siif dhiifameera' naan jedhe" (Isa.6:6-7).

✞.Gaabbiin dheekkamsa dhufu irraa karaa ittiin miliqanidha

"Waaqayyos karaa hamaa irraa deebi'uu isaanii hojii isaanii


argee; waan hamaa isaan irratti raawwachuuf dubbatee tures
gaabbee dhiise" (Yon.3:10).
"Ammas karaa keessanii fi hojii keessan bareechadhaa;
dubbii waaqa keessaniis dhaga'aa! Waaqayyo dheekkamsa isin
irratti raawwachuuf dubbate ni dhiisaa ti." (Erm.26:13).
Waaqayyo dadhabina namaa waan beekuuf "Maaliif cubbuu
hojjette jedhee nama hin gaafatu, garuu maaliif gaabbii hin
galle?" jedhee gaafata. Waaqayyo yeroo gaabbii osoo namaaf
hin laatin nama kamuu hin waamu. Namni garuu yeroo gaabbii
isaaf kennametti fayyadamuu dhiisee cubbuudhaan du'a jira.

➝ Gaabbii galuun gammachuu lafà irraa fi samii irraa nama

gonfachiifti (Luq.15:7-10).

➝ Gaabbiin injifannoodhaan nama faarfachiifti (Faar.124:6-7).

Badhaasni fayyinaa kan Waaqayyo dhala namaatiif


hundeessee kenne gaabbii dha. Gaabbiin ejjitoota gara
dubrummaa jalqabaatti deebifti. Waaqayyo harkasaa diriirsee,
bishaan ittiin nu dhiqu qopheessee nu waamama utuu jiru, nuti
didnee gara ibiddaatti isa harkaa fiiguu hin qabnu. Cubbuu
keessa jiraannee du'a sodaachuu irra, waa'ee dhufaatii isaa
lammaffaa fi guyyaa murtii dhumaa yeroo yaadannu galaana
yaaddootiin liqimfamuu irra, gaabbii gallee qulqulloota isaa
wajjin hawwiidhaan "Maaraanaataa" haa jennu.
Waaqayyo tole jedhee nu haa gargaaru. Ameen!
Amma dubbiftanii waan xumurtaniif hiriyoota keessaniif
"share" gochuun ni danda'ama!
M.M
Eebila 24, 2012

-------------------------
# 39
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Amantaa Taabotaa irratti gaaffii shakkitootaa


Gaaffii kanan shakkitoonni hin hubanne malee waaqayyoon
arrabsuu isaaniiti.
Gaaffiin isaaniis Taabotni durii inni kan waaqayyoo "Dheerinni
isaa dhumdhuma lamaaf walakkaa (1.5m), Bal'inni isaa
dhumdhuma tokkoof walakkaa (0.75m) fi Irraa-oleen isaa
dhumdhuma tokkoof walakkaa (0.75m), Keessii fi alli isaa
warqee qulqulla'aan kan haguugame, Luboota afuriin kan
baatamu waan ta'eef kan waaqayyooti, Inni amma garuu
dizaayinii armaan olii kana hin qabu waan ta'eef, akkasumas
luba tokko qofaan kan baatamu waan ta'eef, kan manni
kiristiyaanaa Ortodoksii kan Waaqayyo miti" jechuun caqasa
(Bau.25:8-39) nuuf caqasu.
Gaaffiin shakkitoota waliin dhooftuu kana waan lama irratti
akka isaan waliin dhooftuu taate adda baafachuu dandeenya.
Yeroo tokko tokko "Taabota kan jedhamu jiraachuu hin qabuu
hafeera" nuun jedhu. Amma immoo "Taabotni ammaa isa bara
Musee turee wajjin wal hin fakkaatu" jedhuun odeessu.
Isaanuu gaaffii waa'ee shakkummaa isaaniif gaafatan kana
irratti walii galanii hin gaafanne. "Dursa gara tokkotti walii
galaa, bakka tokkotti kan gaafatamuu qabu gaafadhaa"
isaaniin jenna.
Haa ta'u malee utuu bal'inni isaa akka isa kan bara Musee
ta'ee, luboota afuriin baatamuu ta'ee ni fudhattu jechuudha
Gaaffii kana kan gaafattaniifis akka inni akkas ta'u
barbaaddaniitu gaafattan miti Yoosoo utuu akkas ta'ee ni
fadhattu erga taanaan gooftaan keenyawoo seera Musee kana
cimsuuf dhufee malee diiguuf hin dhufnee (Maat.5:17-19)
akkuma Bazaali'eel tolcheetti tolchitanii (Bau.37:1-9) bal'inaa
kanan maaliif itti hin fayyadamneree isin Moo
calliftaniimaa waan shakkituu taataniif oduu kana olii gad
ooftuu Sababii shakkituu taataniif malee dhimma kan biraa
qabaattaniif miti.

Taabota jechuun "bultoo Waaqayyoo [የእግዚአብሔር ማደርያ]"

jechuu dha. (Bau.25:⁸; 25:22; 29:42)


Baroota durban keessa raajonni hundi isaanii afuura
waaqayyootiin geggeeffamanii kitaaba raajii, seeraa,
faarfannaa, seenaa fi ogummaa (jechamaa) akkasumas
wangeela, ergaawwan kan barreessan gogaa loonii irratti ture.
Kun kitaaba maramaa jedhamees ni beekama. Walitti
maramee mana qulqullummaa keessa ta'ee tajaajilaa ture.
Kanaafuu Kitaabni kun kan Waaqayyo dubbii sagaleesaa irratti
harka namoota inni filateen irratti barreeffameef kitaaba
qulqulluu isa kan waaqayyoo jedhama. As irratti kan ati
hubachuu qabdu Kitaabni qulqulluu akka ammaa kana walitti
qindaa'ee bakka tokkotti barreeffame osoo hin taanee abboota
qulqullaa'oo baay'inaan afurtamaa ol ta'aantu afuura qulqulluun
geggeeffamee kitaaba tokkoo fi tokkoo ol barreessaa turan.
Kan barreessanis gogaa loonii gosa garaa garaa, bal'inaa fi
dheerina garaa garaa qabu irratti barreessaniiru. Kana booda
abbootiin keenya kitaaba gogaa loonii irratti balinaa fi dheerina
garaa garaa qabu kana bakka tokkotti walitti qabanii
qindeessanii bal'inaa fi dheerina ykn bifa garaa garaan isaanis
qindeessanii barreessanii as nu biraan ga'anii jiru.
Amma kana irratti hundaa'uun gaaffiin si gaafadha. Akka ati
amma jettutti Taabotni bara Musee dheerinaa fi bal'inaa
hamma kana qabaatee tolfame kan waaqayyoo erga
jedhamee, kan mana kiristiyaanaa keenyaa immoo kan
waaqayyoo erga hin jedhamnee, Kitaabni qulqulluu bara durii
gogaa loonii irratti barreeffame innis kan waaqayyooti jechuu
keedha. Erga akkas ta'ee inni amma ati kitaaba qulqulluu isa
kan waaqayyooti jettee bobaa kee jala kaa'attee deemtu inni
kan waraqata irratti barreeffame kan waaqayyoo miti jechuu
keedha mitiree
Inni raajonni baala mukaa cuunfanii daaraa itti makanii ittiin
barreessan sun erga kitaaba qulqulluu kan waaqayyoo ta'ee
inni amma ati baattee deemtu kun qalamii computeraan
barreeffamee print ta'e kitaaba qulqulluu kan waaqayyoo miti
jechuu keedha mitiree
Inni raajonni kitaaba isa tokkoo kan isaanii afaan tokko qofaan
barreessan, dizaayinii tokkoonis kitaaba tokko barreessan erga
kitaaba qulqulluu kan waaqayyoo ta'ee, inni amma nu harkaa
bakka tokkotti walitti qabamee bifa tokkoon taa'ee jiru kun,
sanuu afaan garaa garaatti hiikamee, dizaayinii garaa garattis
hiramee barreeffamee jiru kun kitaaba qulqulluu kan
waaqayyoo miti jechuu keedhakaa mitiree
Hubadhu Taabota amma jiruun akkas jechuun kee akkuma
kitaaba kanati. Deebii kana hundumaa ani siifin dhiisa. Deebii
kana yoo deebifte immoo kan Taabotas akkasumadha.
Gabaabumatti Taabota amma jiruun "Taabota waaqayyooti" hin
jettu taanaan Kitaabni qulqulluu amma jiru kunis "Kitaaba
qulqulluu kan waaqayyooti" hin jedhamu. Kun isa ati yaadde
yaada keetiiti malee kan keenya miti.
Gaaffii kana haaluma salphaadhaan akka deebii isaa hubattuuf
"kitaabni qulqulluun yommuu barreeffame hundi isaa raajota
garaa garaan bal'inaa fi dheerina garaa garaan gogaa loonii
irratti barreessan sun akka tajaajilaaf mijaa'uuf baay'inaan
akkasitti mijatee gaggabaabbatee akka amma isa of harkaa
qabdutti nuuf maxxanfamee nu bira gahee jira. Kanaafuu
Taabotnis akkuma kana tajaajilaan uummata tajaajiluuf
akkasitti mijatee qophaa'e
Ammas karaa biraa immoo Waaqayyo Gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos jaarraa meeqa guutuu kan barri isa
lakkaa'uu fi isaa lakkaa'amuu hin dandeenye, hammaan,
dheerinaan, bal'inaan kan hin murteeffamne, dheerina qaama
namaatiin, bal'ina qaama namaan, Waaqummaan isaa osoo
hin jijjiiramiin dhufee dhalateera. Waaqayyo Gooftaan kan
yeroon murtaa'uu, kan bakkaan daangeffamu miti. Kanaafuu
Waaqayyo Gooftaan yeroo fi baraan kan hin murtoofne, kan
hin jijjiiramne, bara baraan kan jiraatu, bakka hundaatti kan
argamu afuuradha. (Faar.139:7-10, Erm.23:23, Yoh.1:1-14, ...)
Waaqayyo bakka hundatti argamuun isaa immoo Waaqayyo
guutuu ta'uusaa agarsiisa.
Egaa Waaqayyo bakka hundatti argamu kun dhufee foon nama
uffatee, dheerina namaatiin addunyaarra deddeebi'eera.
Kanaaf Waaqni kakuu moofaa keessa bifa afuuraatiin jiraachaa
ture sun erga Waaqayyo ta'ee, Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoos kan amma qaama namaa fudhate bifa namaa uffatee
bifa namaatiin, hojjaa gabaabaa, dheerina murta'aa kan
namaatiin dhalate kun Waaqa miti jechuu keedha mitiree
Taabotaan akkas jechuun ke? Osoo hin beekiin Waaqayyoon
arrabsa jiraachuu kees asumaan hubadhu. Akkasumas bultoo
waaqayyoo Taabota arrabsuu keedha. Kanaan immoo ati
bineensichaa fi bineensichaaf karra saaqaa jedhamta.
Sagaleen waaqayyoos "Mataa bineensichaa irra maqaa
arrabsootu jira (Mul.13:1). Waan hamaa fi arrabsoo akka ittiin
dubbatuuf afaanni kennameefi jira. Maqaa Waaqayyoo,
# bultoo_isaa arrabsuuf afaan saaqqate. (Mul.13:5-6) jedha.
"Afaantu" kennameef jechuun waan barbaade dubbachuuf kan
isa dhorku hin jiru jechuu dha. Dubbii dhaggeeffachuun isaallee
namatti ulfaatuun akka arrabsuuf afaan isaa saaqqata. Akkuma
isa ati amma jettee Taabota waaqayyo arrabsituu kana
jechuudha. Akkasumas Waaqayyoon ni arrabsa; waaqummaa
isaa ganee ofiisaa waaqa jedhamuufi dha. Ergamtoonni
bineensichaa har'a biyya lafaa keessaa daandii isaa
sirreessaafii jiranis kanaafi kan isaan waaqummaa Waaqayyoo
ganaa jiraataniif.
#"Arrabsoo" kan jedhe barumsa tuffii fi ganumsa isaa ti.
Arrabsoowwan isaa kunis wantoota afur irratti kan
xiyyeeffatudha. Isaanis # Waaqayyoo , # Maqaa_Waaqayyoo ,
# Bultoo_isaa fi # Warra_samii keessa jiraatanidha. Gubbaatti
"# Taabotni_bultoo_waaqayyooti " akkuma jennee kan
bineensichi arrabsuu keessaa inni tokko # Taabota dha.
Ammuma iyyuu "kan waaqayyoo miti" jedhee arrabsuu
jalqabeera akka amma argaa jirru kanatti jechuudha.
Waaqayyoon immoo kan arrabsu inni ani, Waaqayyodha ofiin
jedhee waan ka'uufi dha. Namoonni hojii isaa hordofanii
uumaa fi bultoota (Taabota, mana qulqullummaa, haadha
keenya qulqulleettii durbee Maariyaam ...) isaa irratti akka
isaan qoosan taasisee irra bulee arrabsa. "Maqaa Waaqayyoo
arrabsa" jechuun ofii isaatiin "ani Masihiidha; Ani
Kiristoosidha" waan ofiin jedhuufidha. Maqaa Sillaasee
arrabsuudhaafis ofii isaa maqaa Abbaa, ilmaa fi Afuura
Qulqulluutiin ni mul'ata jechuu dha. # Bultoo_isaa arrabsa
jechuun mana kiristaanaa, qulqulloota, dubroo Maariyaamii,
Taabota, ... ni arrabsa jechuu dha.
Ammas bineensichi bultoo Waaqayyoo ni arrabsa jechuu
arrabsoon bineensichaa kanaa daangaa hin qabu. As ga'ee
dhaabbata hin jedhamu. Ji'oota 42 yookiin waggaa 3 fi
walakkaaf afuura hamaa isaatiin raajii dinqisiisaa waan
barbaade hojjetee waan hundumaa irratti mataa isaa ol ol of
qaba. Yeroo kanas # bultoo_Waaqayyoo # Taabota kunoo
akkas jedhee ni arrabsa arrabsaas jira. Bultoo waaqayyoo
keessaa tokko kan ta'e immoo "Taabotadha" jenneerra.
Kanaafuu akkuma jalqaba Taabotni bultoo waaqayyooti jenne
"bara Musee keessa Taabotni ture kan waaqayyooti inni amma
garuu kan waaqayyoo miti abbaan isaa hin beekamu" jedhee
arrabsaa jira. Isaan kan akkas jedhaniif bineensichaaf daandii
isaa saaqaafi firooma isaa cimsachaa jiru.
Kakuu moofaa keessatti Taabotni luboota afuriin waan
baatamuuf, Kakuu haaraa keessatti immoo waan luba tokko
qofaan baatamuuf waan humni isaa hir'atu sitti fakkaata miti
Humni Taabotaa waan luba tokkoon baatameef humni isaa itti
hin hir'atu, wanta luboota afuriin baatamuufis humni isaa itti
hin dabalu ykn isa ammaan wal hin caalu. Sababni isaas humni
Waaqayyo xiqqaa fi guddaa jedhamee, luba afuriin baatama
akkasumas luba tokkoon baatama jedhamee humni isaa hin
tilmaamu waan ta'eef.
Humni Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos jalqabaa ilma namaa
akka fakkeenya isaatti biyyoo lafaa irra guutummaa qaama
namaa; fakkeenyaaf kanneen akka miilla, harka, ija, funyaan,
gurra ... uumeera. Yemmuu sana Ergamoonni Suraafeelii fi
Kiruubeel teessoo isaa baatanii osoo galata argatuu uumaa
tureera. Garuu yemmuu barri xumura waadichaa gaheetti
qulqulleettii durbee Maariyaamiirraa foon ishee irraa foon,
dhiiga ishee irraa dhiiga, lubbuu ishee irraas lubbuu fudhatee
dheerinaa fi bal'inaa namaatiin erga murtaa'ee dhalatee booda
biyya lafarratti humni isaa osoo hin jijjiiramiin akkuma duraan
uumeetti nama dhaloota isaatii jalqabee bakka ijaa hin
qabneef biyyoo lafaatti akkuma warra duraa uumeetti ija isaa
itti uumeeraaf (Gal.4:4, Yoh.9:1-25). Biyya lafarratti akka duraa
sana Ergamootaan osoo hin baatamiin, waaqummaa isaan
Tewaahidoon foon namaa uffatee osoo humni isaa itti hin
hir'atin nama ija jamaa boolla (iddoo) ijaa hin qabneef kanaaf
ija biyyoo lafarraa itti uumeera.
Gooftaan keenya teessoo suraafeelii fi kiruubeel irra taa'ee
uumaa akkuma ture yemmuu biyya lafaa irratti dhufee uumus
humni isaa itti hir'ateeraaree lakkii gonkuma waan
tokkollee itti hin hir'anne.
Kanumaafuu Taabotni bara Musee luboota afuriin baatamu
humna qabaatee inni luba tokkoon har'a baatamus humna
dhabeeree Lakkii hin dhabne akkuma duratti qaba malee.
Diddee lakkii humna hin qabu jetta yoo taate immoo gooftaan
keenya Iyyesuus kiristoos erga foon uffate akka isa duraanitti
humna hin qabu jechuu keedhaka. Utuuma hin beekin uumaa
kee arrabsaa akka jirtus bari
Fakkeenya kan biraa yoon sii fudhe, ammas Waaqayyo
gooftaan jalqaba nama yemmuu uumuu biyyoo lafaa irraa
harka isaan hojjaa murta'aa, bifa murta'aa, bifa murta'aa, ...
(Uma.1:26) qabuun tottolchee babbareechee uumeera.
Waaqayyo uumama akkasitti uumee kanan "Nama ykn
Addaam" jedhee waamee maqaa itti moggaase. Kanaafuu
akka jecha kee isa "Taabotni bara Musee dheerinaa fi bal'inaa
hammanaa qabu, Inni kan waaqayyooti" jette kan mana
kiristiyaanaa keenyaan immoo "kan waaqayyoo miti" gaafa
jettu, Akkuma kana Addaam jalqaba harka waaqayyoon
qaqqabamee uumame. Nuti immoo bifaan, amalaan, hojjaan,
... fi kkfn isarraa kana hundaan garaa gara taanee harka
waaqayyoonis qaqqabamnee uumamne osoo hin taane, warri
abbaaf haadha keenyarraa dhallannee amma biyya lafaa
(addunyaa) kana irra jirru kun nama miti jechuu keedhaka.
Nama kan jedhamu hin jiruka amma lafarra. kkk... Nunis nu
arrabsitee ofii kee arrabsaa akka jirtus bari Jaldeessa irra
dhufne isa jedhu mirkaneessuuf waan deemu fakkaata yaadni
ke. Safuu
"Taabotni bara Musee keessa ture bal'inaa hammanaa waan
qabuuf akkasumas warqeen waan haguugamee jiruuf kan
waaqayyoodha" jetta. "Inni amma Manni kiristiyaanaa keessan
jiru garuu kana hin fakkaatuu waan ta'eef kan waaqayyoo miti"
jetta. Ilaamee akkas jechuun kee "Gooftaan keenya Iyyesuus
kiristoos utuu hin dhalatin duraa akkasumas utuu foon namaa
hin uffatin dura waaqa ture" jechuu keedha. "Garuu kana
boodammoo erga dhufee hojjaa namaatiin murteeffamee,
daangeffamee dhalatee akkasumas foonii keenya
Tewaahidoon uffatee inni waaqa miti" jechuu keedha bar.
"Humnas hin qabu" jechuu keedha. Kanaan sirriitti waaqa
arrabsaa jiraachuu kee naaf hubadhu
Kan samiirratti galataan uumaa ture, biyya lafarrattis yoo
uumee tasa microsecond tokkoof humnummaan isaa irraa hin
hir'anne. Kanaafuu Taabotni duraa luba afuriin baatamus
tasumaa luba tokkoon baatameef humni isaa irraa hin hir'anne
Namatu hubachuu dadhabe malee ati alkallattiin osoo hin
taanee kallattiidhaan "Iyyesuus Kiristoos waaqa miti,
araarsaadha, nuuf kadhata'' kan jettu afuura bineensichaatiin
Iyyesuus Kiristoosiin arrabsaa jirta. Kan ati waaqummaa
isaatiin mormiituufis "waaqadha" kan ittiin jechuuf jirtu
bineensichi gara fuulduraatti waan dhufuufi dha. Kan ati
# bultoo waaqayyoo kabajuu dhiiftee arrabsituufis gara
boodatti kan bineensichi bultoo isaa godhatee isa irra jiraatu
kabajuuf jettee isa kan Waaqayyo akkasitti arrabsita. Kanaafuu
"Namni gooftaa lamaaf bitamuu hin danda'u, isa tokko
jaallatee isa biraammoo ni arrabsa" akkuma jedhamu kanadha
dubbiin ke (Maat.6:24).
Afuurri jawwichaa si too'ate waan si dirqisiisuufidha malee
waaqummaan Iyyesuus Kiristoosis ta'e Taabotni amma jiru kan
waaqayyoo ta'uun wal nama hin gaafachiisu ture. Ifumatti
wangeela Yohaannis (Yoh.1:1, 1:14) irratti waaqummaan
gooftaa keenyaa caqafamnee jira. "Jalqaba sagaleetu ture.
Sagaleen kunis Waaqayyo bira ture. Sagaleen kun Waaqayyo
ture ... Sagaleen kunis foon uffate (nama ta'e)" jedhee Kitaabni
Qulqulluun utuu dhugaa ba'uu akka nama ija hin qabnee
Kitaaba Qulqulluu bobaa jalatti baattee "Iyyesuus kiristoos
waaqa miti" kan jettu ergamaa bineensichaa ti. Yeroon kee
hamma ga'utti bineensichaaf ergamtee boodas bineensicha
wajjin qabamta. Gara abiddaattis gatamuuf jirta (Mul.19:20).
Nuun kanarraa nu haa baraaru.
Ammas egaa akka jecha keetii kanatti erga Taabonni luba
afuriin baatamuu Taabota isa kan waaqaa ta'ee, Kan har'a
Manni kiristiyaanaa keenya keessa jiru luba tokkoon kan
baatamu kan waaqaa hin taanee, kakuu moofaa keessaatti
raajonni sagalee Waaqayyoo kan irratti barreessan gogaan
loonii Macaafa qulqulluu akkuma kana kan Waaqayyoo
yemmuu ta'u, Kitaabni qulqulluu har'a gabaabbatee
sirreeffamee wal duraa duubaan qophaa'ee boca amma agarru
kana qabatee kan qophaa'ee namoonni hundinuu dhuunfaan
bitatanii baatanii deeman kun kan Waaqayyoo miti jechuu
keedha. Safuudha Waaqayyo siif haa dhiisuun. "Utuu hin
beekin hin beekin qubaa hin gubatin "
Egaan walumaa galatti Waaqayyo Museedhaan "Muka
laaftoorraa Taabota dheerinni isaa dhumdhuma lamaaf
walakkaa, bal'innii fi irraan-oleen isaa dhumdhuma tokkoof
walakkaa ta'u hojjedhu" jedhe. Kun akka abbootiin beektootni
mana kiristiyaanaa keenyaa hiikaanii ibsanitti : -
Dheerinnisaa dhundhumaa lamaaf walakkaa (1.5m)
jechuun Waggoota kuma lamaa fi dhiibbaa lama, Addaamii
kaasee hanga Nooh jiraan kan agarsiisuu yemmuu ta'u,
baroonni kun erga xumuramaanii eegalee doonii Nooh
argamuusaa kan agarsiisudha.
Bal'innisaa dhundhuma tokkoof walakkaa (0.75m) jechuun
ammoo waggoota kuma tokkoo fi dhibbaa ja'a erga
xumuramee booda fakkeenya durbee Maariyaam kan ta'e
Taabotni Musee argamuu (kennamuu) isaati.
Irraan-gadeen (irraan-oleen) isaa dhundhuma tokkoof
walakkaa (0.75m) jechuun ammoo waggoota kuma tokkoo fi
dhibba ja'a bara Musee kaasee hanga dhaloota raawwii
Taabota kan taate qulqulleettii durbee Maariyaamii kan
agarsiisu yemmuu ta'u, bara kana dooniin Noohii fi Taabota
Musee kan fakkeenyaan dubbatamaafi turte durbeen
Maariyaamiin argamteetti.
Durbee Maariyaamii immoo maaltu Taabotaa wajjin wal
fakkeessa jechuu dandeessa ta'a.
1. Akkuma Taabonni Waaqayyoo mandara Yihuudaa turte,
giiftii keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiinis gara
mandara Yihuudaa dhufteetti (Luq.1:39).
2. Akkuma mootichi Daawwit yeroo Taabota Waaqayyoo mana
Amiinaadaabii gara Iyyerusaalem fidee "Taabotni Waaqayyoo
akkamitti gara koo dhufaa?" jedhe; qulqulleettiin
Elsaabeexiinis yeroo giiftii Maariyaamiin gara ishee dhaqxe
"Haati gooftaa koo gara koo dhufuun akkamitti naaf ta'a?
jetteetti (Luq.1:43).
3. Akkuma mootichi Daawwit fuuldura Taabotaatti gammadee
burraaqee faarfate (2Moot.6:16), Qulqulluun Yohaannis
cuuphaanis fuuldura giiftii keenya qulqulleettii durboo
Maariyaamiitti sagalee ishee dhaga'ee gammadee burraaqeera
(Luq.1:41).
4. Akkuma Taabotni Waaqayyoo Museetiin saboota
Waaqayyoo warra amananiif kennamte (Bau.31:18), giiftiin
keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiinis karaa jaalallee
Waaqayyo qulqulluu Yohaannisiin warra amananiif
kennamteetti (Yoh.19:27).
5.
... kana yeroo biraa itti deebinaa ammaaf hin ga'aa
Egaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos (Maat.18:6) irrati
"Saba (hoolota) koo kan dogoggorsiisaan bor si'ooliitti
darbatamuu mannaa har'a maaliif dhagaan miidhaan daakuu
(baaburaa) morma isaatti hidhamee bishaan keessa bu'uun
isaaf hin wayyuuree?" jechuun dubbateera.
Daandiin sobaan ummata dogoggorsiisan kun dhugumaa
boruu jireenya isaaniif kenna? (Erm.6:16) "isaan garuu irra hin
deemnu'' akkuma jedhee daandiin irraa deeman kun har'aaf
daandii jireenya itti fakkaatti. Boruuf garuu boolla du'aati.
(Fakk.14:12) "Ilma namatti kan daandii dhugaa itti fakkaattu
jirti, garuu daandiin kun gara du'aatti kan geessituudha"
jedheera.
Egaa Qulqulluu Phaawuloos ergaasaa gara biyya Ibrootatti
ergeen "Barumsa keessumma addaa ta'e hin fudhatamiinaa!"
(Ibr.13:9) jechuun nu gorseera.
Qulqulluun Pheexroosis "Dogoggora namootaan harkifamtaanii
jabina keessan irraa akka hin kufneef of eegaa!" jechuun nu
akeekkachiiseera. (1Pheex.3:17).
Taabotni hin barbaachisu jechuun seerrii fi Abboommiin
waaqayyoo hin barbaachisu jechuudha! "Taabotni bara Musee
ture kan Waaqayyooti" akkuma jedhan "inni amma kan
waaqayyoo miti" jechuun Taabota bultoo waaqayyoo arrabsuun
cubbuudha. Nu haa baraaru!
Caamsaa 5, 2012

-------------------------
# 38
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Waa'ee kadhannaa ilaalchisee kan gooftaan keenya Iyyesuus


kiristoos barsiise kadhata "Yaa abbaa keenya ... " kan
jedhudha.
"Yeroo kadhattan akka warra oftuultootaatti hin kadhatiina!
Isaan akka namni isaan arguuf jecha daandii fi iddoo wal-
ga'iitti dhaabbatanii kadhatu. Dhugumaan isiniin jedha isaan
gatii isaanii argataniiru. Isin garuu yemmuu kadhattan balbala
mana keessanii cufadhaatii gara abbaa keessanii isa dhoksatti
jiruu isa hin argamnetti kadhadhaa isin akka warra ormootaa
jecha waa'ee hin baasne keessaa deddeebitanii hin
dubbatinaa! Abbaan keessan osoo isin itti hin himiin wanta isin
kadhachuu barbaaddan beeka waan ta'eef 'Yaa abbaa keenyaa
samii irra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa'uu ykn haa
galateeffamu ...' " jedha. (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4).
# Hiikoo_isaa
1. "Yaa Abbaa keenya samii irra kan jiraattu" jedhaa
Jechi kun waan lama of keessaa qaba. Jecha "Yaa abbaa
keenyaa" kan jedhuu fi "Samii irra kan jiraattu" kan jedhudha.
"Yaa abbaa keenyaa" jedhaa jechuun maaliif barbaachisee?
''Yaa barsiisaa koo, yaa gooftaa koo" jedhaa maaliif hin
jennee? "Samii irra isa jiraattuu" maaliif jedhaa jedhee?
Waaqayyo samii qofaarra kan jiraatu miti. Iddoo hundumaa
guutee akka jiru kitaabni qulqulluun dhugaa ba'a. (Faar.139:1,
Erm.23:23). Garuu kan inni ibsuu barbaade samiin torba kan
ibsu ta'ee, samii torban jiran keessaa Isa gara olii Tsara
Aariyaam irra waaqummaa isaan akka inni jraatu nuti joolleen
isaa dhaqnee mootummaa isaa akka dhaallu warra waaqa irra
jiraannu ta'uu keenya nu barsiisuuf jecha, guddina isaa akka
dubbannuuf, kadhannaan keenya yaada kenyaan gara samiitti
ol baanee akka kadhannu nu barsisuuf jedheeti. (Qol.3:1).
"Yaa abbaa keenyaa" kan inni jedheef immoo abbaa
jedhamanii kan waamaman biyya lafaa irratti akka jiran ibsa.
Akkasumas abbaa keenya abbaa afuuraa ibsuudhaaf jedheeti.
Abbootni duraan darbanii fi raajotni "yaa barsiisaa koo, gooftaa
koo" ittiin jedhamaa ture. Haa ta'u malee bittaa diyaabiloos
jalaa baasuu hin dandeenye. Mootummaa Waaqayyoos
dhaalchisuu hin dandeenye.
Barsiisaan barataa isaaf beekumsa laataaf, iccitii jirus ni ibsaaf
malee Qabeenyaa mana isaatii hin laatuuf. Mootonni biyya
lafaas garboota isaanii ni nyaachisa, ni obaasu garuu
mootummaa (aangoo) isaanii hin dhaalchisan.
"Abbaan" garuu dhala isaaf garaa laafa. (Faar.103:13). Abbaan
dhala isaatiif qabeenyaa isaa, mana isaa, mootummaa isaa,
waan qabu hundaa dhála isaaf kenna. Egaa nutis dogoggora
diyaabiloos irraa kan ka'e mucummaa dhabnee kan turre
Waaqayyo karaa tokkicha ilma isaatiin cuuphamee mucummaa
nuuf kenne. Mootummaa isaa nu dhaalchisuudhaaf akka dhufe
nu barsiisuudhaaf jedhee "Yaa abbaa keenyaa" jedhaa nuun
jedheera.
Waa'ee isa kanaa qulqulluun Phaawuloos (Gal.4:6-7) irratti
"Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo
afuura ilma isaa isa, 'Abbaa, abbaa' jedhee waammatu garaa
keenya keessatti erge. Egaa ati si'achi karaa Waaqayyoo
garbicha miti, ilma malee; erga ilma taatees qabeenya abbaa
keetti darbitee argachuuf jirta."
2. "Maqaan kee haa qulqullaa'uu (galateeffamuu)"

Akkas jechuun isaa immoo "ይቀደስ" jechuu jecha Gi'izii yemmuu

ta'u hiikni isaa "haa qulqullaa'uu" ykn "haa galateeffamu"


jechuu dha. As irratti maqaan waaqayyoo galateeffamuudhaa
baannaan namni qulqulleessuu danda'a jechuu miti. Maqaan
Waaqayyo durumaan iyyuu qulqulluu dha. Haati waaqayyoo
giiftiin keenya qulqulleettii durboo Maariyaamiin "maqaan isaa
qulqulluudha" (Luq.1:49) akka jettedha.
Hiikkaan isaa garuu "ergamoonni samii irraa qulqulluu (3)
jedhanii maqaa kee galateeffatanii ykn qulqulleessanii
qulqullummaa kee irraa hirmaatanii akka hiraatan nutis akka
isaanii qulqulluu jennee si galateeffannee qulqullina kee irraa
akka hirmaannu nu taasisi" jedhaa jechuu isaati.
Kitaaba qulqulluu keessatti "Ani qulqulluu akkan ta'e isinis
qulqulluu ta'aa!" jedheera waan ta'eef. (Lew.19:2, 11:44,
Isa.6:1-3, Maat.5:48, 1Pheex.1:15-16, Mul.4:8).
"Tokkummaa fi sadummaa kan barsiise" jedhaa jechuu isaati.
Maqaan isaa qulqulloota keessa waan ta'eef. (Bau.23:20-23)
qulqulloota ergamoota koo fi qulqulloota ijoollee koo kabajaa
jechuu isaatis.
Namni kam iyyuu qulqullummaa małee Waaqayyoon arguu hin
danda'u waan ta'eef. "Qulqullummaan akka jiraannu nu
dandeessis maqaan kee karaa keenya akka hin xuroofnetti ati
nu eegi" (Ibr.12:1-2) jedhaa jechuu isaati.
3. "Mootummaan kee kaa dhufu"
Mootummaan Waaqayyoo gara sanatti kan deemu achi ykn asi
jirti kan jedhamtu taatee miti. Gooftaan keenya Iyyesuus
kiristoos "isin gidduu jirti" jedheera (Luq.17:20-22).
Hiikkaan isaa "mootummaa Waaqayyoo" kan jedhamte
wangeela qulqulluu dha. Wangeelli qulqulluun gooftaa keenyaa
mootummaa Waaqayyootti kan nama galchitu waan taateef
"wangeelli kun nuuf haa lallabamu, iccitiin isaa nuuf haa ifu,
dubbiin wangéelaa laphee keenya keessa haa jiraatu" jedhaa
jechuu isaati.
Mucummaa isaatti inni mootummaan Waaqayyoo dhaaluuf
haa laatamu jedhaa jechuu isaati, yoo ijoollee isaa taanee
mootummaa isaa dhaalla waan ta'eef.
4. "Eeyyamni kee Samii irratti akkuma ta'e, akkasuma lafa
irrattis haa ta'u"
Kana jechuun isaa ''ergamootni qulqulluun samii irraa yeroo
hundaa akka siin galateeffatan eeyyama kee akka ta'ee nutis
akka isaanii taanee yeroo hundaa akka si galateeffannu
eeyyama kee nuuf haa ta'u" jedhaa jechuu isaati.
Namni kam iyyuu yoo Waaqayyo eeyyameef malee arjummaa
isaas yoo ta'e malee homaa tokko hojjechuu hin danda'u.
Wanti namaaf hin danda'amne isaaf immoo ni danda'ama
waan ta'eef. "Kan Waaqayyo hin dhaabne ni buqqa'a" jechi
jedhu fakkeenya gaarii dha (Maat.15:13, Maat.19:26).
"Narraa baradhaa" akkuma jedhe (Maat.11:28-29) biyya lafaa
irra yemmuu inni ture fakkeenya nuuf ta'uuf jedhee yeroo
kadhatu "Yaa abbaa koo yoo eeyyama kee ta'e xoofoon
dhiphinaa kun narra haa darbu" akkuma jedhe (Luq.22:42),
"Isinis rakkoon yemmuu isin mudatu akkas jedhaa kadhadhaa"
jechuu isaati.
"Booda du'a keessaa kaanee akka si galateeffannuuf eeyyama
kee akka ta'e, har'as utuu lubbuun jirruu akka si galateeffannú
eeyyama kee haa ta'u" jedhaa jechuu isaati.
"Ergamootni samii irraa si galateeffatanii galatni isaanii immoo
nyaata ta'eefi akka jiraataaniif, akka eeyyamteef nutis har'a si
galateeffanna, galatni keenya nyaataaf dhugaatii foonii fi
lubbuu keenyaa nuuf haa ta'uuf eeyyama kee haa ta'u" jedhaa
nuun jechuu isaati.
5. "Kan nu ga'u buddeena keenya har'aa nuuf kenninee!"
Akkas jechuun isaa "Abbootni keenya warra ga'eessa ta'aaniif
nyaatuma har'a qofa" jechuu dha. Isaan isa kan biroof hin
yaadda'aan waan ta'eef, miilla isaaniin dachee lafaa dhiitanii
bishaan burqeefi dhugu, dhagaan lafaa daabboo ta'eef, amma
facaasanii bilchaateefi nyaatu waan ta'eefi. Kana malees qonni
isaanii hojii Waaqayyoo waan ta'eef waaqni isaanii yeroo sana
isaan soora. (1Moot.19:4).
"Nuti biyya lafaa keessa warri jiraannuu fi guyyaan kun kumaaf
(1000) kan nu ga'u naaf kenni" jechuu dha. Akka lakkoofsa
Waaqayyootti guyyaan tokko akka lakkoofsa namaatti kuma
tokko waan ta'eef. (Faar.90:4). Känaaf "nuyi kan waggaa kan
nu ga'u nyaatas sanyii hambisi, eebbisi nuuf laadhu" jedhaa
jechuu isaati. Dhugumaan waan guyyaa tokko hojjetame eebba
Waaqayyoo ta'ee waggaa dheeraa ni nyaatama.
Nyaata guyyaadhaan dhabuun godaansaaf nama saaxila waan
ta'eef (Uma.26:1, Rut.1:1) Nyaata guyyaa dhabuun dhala ofii
nama nyaachisa waan ta'eef. (2Moot.6:26).
"Kan nu ga'u buddeena keenya har'aa nuuf kenninee!" jedhaa
jechuun : -
1. Nyaata foonii
2. Sagalee Waaqayyoo fi
3. Foon isaa fi dhiiga isaan qalbii keenya jijjiirrannee foonii fi
dhiiga isaa nyaatnee si galateeffachuun akka jiraannu nu
dandeessisi jedhaa jechuu isaati.
6. "Kan nutti balleessaniif akkuma dhiifnu, atis balleessaa
keenya nuuf dhisi!"
Akkas jedhaa jechuun isaa immoo kitaaba qulqulluu keessatti
barreeffamee akka jiru Waaqayyo aarsaa isaaf dhiyeessinu irra
"dhiifama waliif godhaa!" jedhe.
(Hos.6:6) "Ani aarsaa dhiyaatu irra jaalalan fedha."
(Maat.5:23) "Aarsaa naaf fiddee lafa kaa'iiti nama wal loltee
wajjin walitti araarami!"
(Seera Keessa Deebii 28:3) "Nama sitti balleessuuf kan
dhiifama hin goone akkamittiin Waaqayyóon immoo naaf dhiisi
jettee kadhattaa?"
(Maat.18:21) "Hiriyyaan kee tokko yoo sitti balleesse ati
immoo 70 si'a 70 dhiisiif" jedha.
Itti aansuudhaan fakkeenya waa'ee gatiinsaa baay'een
dhiifamee fi inni immoo hiriyyaa isaaf dhiisuu didee itti
murtaa'ee jira. (Maar.11:25) kadhata sammuun dhaabbataan
abbaan keessan biraa dhiifama akka argattaniif nama isinitti
balleesseef isin immoo dhiisaafii jedha. (Qol.3:13) "Dhiifama
waliif godhaa!"
Walumaa gala gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos "narraa
baradhaa!" kan jedhe warra isa dhiphisan, ol baasanii warra isa
fannisan, warra hadhooftuu isa obaasan, "waan hin beekne
gochuu isaaniitiif dhiisiif!" jedhe malee itti hin murteessine.
Isa irraas kan baratan barattootni isaas akkasuma jedhan
(H.D.B.7:58-69).
Nutis kan baranne kan nutti balleessaniif dhiifama goonee
cubbuun keenya akka nuuf dhiifamu kan caafamee dha. Kan
jecha kanatti amane hin goone mucaa seexanaa jedhama.
7. "Qorumsatti nu hin galchin hamaa irraa nu oolchi malee"
(Yai.1:13) "Waaqayyoo hamaan nama hin qoru. Garraamoota
kansaa kan ta'an gaarummaaf jecha qoree madaalee eebbaaf,
ulfinaaf, jireenya bara baraa laachuuf jecha ni qora."
Akkuma baratan tokko qorumsa booddee hojii gurguddaaf
mindeeffamu waaqayyo kan isa kan ta'an hundaaf kan inni
dhiyeessu gaarummaaf (Rom.8:28). Waaqayyo eebbaa fi ulfina
isaa namaaf kennuuf yemmuu jedhu dursa qormaata namaa
kenna.
Walumaa gala waa'ee qorumsaa ilaalchisee (Fakk.17:3,
Rom.5:3-5, 1Saam.1:2, 1:12...)
Egaa qorumsa akkasittiin dhufu gaarummaa isaaf akka ta'e
beeknee obsuun akka keessa dabarruuf nu gargaari, nu
jabeessi jedhaa jechuu isaati.
Qorumsi karaa gurguddaa lama dhufa waan ta'eef sana jalaa
nu oolchi jedhaa jechuu isaati. Karaan kunis:
1. Karaa hadheessa seexanaati. (Iya.1:6, Zak.3:1, Iyo.1:1-2).
2. Karaa fedhii foon keenya isa hamaati. (Isa.1:13-15). Fedhii
foonii isa hamaa kanaan namootni baay'een du'aniiru.
(Lakk.11:1-35, 32:1-5). Dubartoota warra Mo'aab
hawwuudhaan warra dhuman (Lakk.25:1, Maar.7:20-23,
1Saam.6:7, Iya.4:1, 1:24-15).
walumaa galatti "kajeellaa foon isa hamaa, isa akkasii kanaan
akka hin kufneef, ati nu oolchi! hubannaa fi ogummaa nuuf
kenni" jedhaa jechuu isaati.
Gosa cubbuutti nun galchin, gantuu nu hin taasisin gosa
dhiphinaatti nu hin galchin jechuu isaati. Hamaa inni jedhames
immoo gantummaa fi abidda si'ool waan ta'eef.
8. "Mootummaan kan keeti"
1. "Wangeelli mootummaa Waaqayyootti nama galchu kan
keeti" jedhaa jechuu isaati. (Maat.3:1-2, 4:17(23)).
2. "Mootummaan Waaqayyoo inni waaqa irraa kan keeti"
jedhaa jechuu isaati.
3. "Mootummaan biyya lafaa kan bitu, kan geggeessu si'idha.
Ati mootii moototaati, gooftaa gooftotaati" jedhaa natti
amanaa jechuu isaati. (Yoh.19:10-11, 1Saam.6:15).
9. "Humnis galannis bara baraan kan keeti. Ameen!"
Akkas jedhaa jechuun isaa "humna isaatiin hundumaa kan bitu
ani humna nan qaba jedhee kan kooru, kan of jaju amma
libsuu ijaatti gab gochuu kan dandeessu si'i" jedhaa na amanaa
jechuu isaati. Fakkeenyaaf Akka Fari'oon (Bau.14:1), akka
Nabukadanatsoor (Daan.4:33), akka Sanaakireem
(2Moot.19:35).
Waa'ee Mootii kanaafis ulfinni galanni bara baraan Waaqayyoof
ta'a Waaqayyo baraa baraan waaqayyo waan ta'eef jedhaa
jechuu isaati. "Ameen" jedhaa jechuun isaa immoo "jechi sun
naaf ta'eera, fudhadheera" jechuu isaati.
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos kadhata gabaabaa kana
wanta inni barsiiseef maaliifidha?
1. Yeroo gabaabduu keessatti namni kadhachuu kan
danda'uudha.
Kadhannaan kun faayidaa foonii fi lubbuu kan kennu waan
ta'eef, waan hundumaa mucaa namaaf barbaachisu walitti
qabatee kadhannaa kana keessa kan jiru waan ta'eef.
Kadhannaa gabaabaan kun dhimma ijoo gurguddoo ja'a (6) of
keessaa qaba.

➔ Dhimmi ijoon sadii waa'ee ulfina waaqayyoo kan

mul'isaniidha. Isaaniis :
1. Maqaa isaa qulqulleessuu (galatteeffachuu),
2. Mootummaa isaa argachuuf hawwuu fi
3. Fedha isaa gaafachuu dha.

➔ Dhimmi ijoon hafan sadan immoo waa'ee faayidaa mucaa

namaa kan mul'isuudha. Isaanis :


1. Soorata guyyaa gaafachuu,
2. Dhiifama argachuuf kadhachuu fi
3. Hamaa hundumaa irraa ooluuf kadhachuu dha.
Dabalataan karaa kan biraa immoo kadhatni gabaabaan kun
faayidaa mucaa nama barbaachisan shan (5) kan of keessatti
haammatee qabudha. Isaanis : -
1. Amantii : - Amantii waan jedhameef kan hin argamne
Waaqayyoon "abbaa" jedhanii waamudha.
2. Abdii : - Mootummaa Waaqayyoo kan hin jijjiiramne kan
bara baraa, du'uu fi dulloomuun keessa kan hin jiraanne
hawwuun abdii jedhama.
3. Jaalala : - "Yaa abbaa keenyaa samii irra isa jiraattuu kan nu
ga'u buddeen keenya nuuf kenni, badii keenyas nuuf dhiisiin"
jechi jedhu kun inni tokko isa kan biraaf jaalalaan akka inni
kadhatu kan ibsu waan ta'eef.
4 Gadi of deebisuuf : - Namootni qulqulluun ta'aan warri
waaqayyoof addaan ba'aanii jiraatan akka cubbamaatti gadi of
deebisanii jiraatan kan nama barsiisu "balleessaa keenya nuuf
dhiisi" jechi jedhu sun fakkeenya abbaan keenya Abrahaam
mana isaatti Sillaasee kan keessummeessee "ani biyyoodha,
an awwaara" ofiin jedheeti Uma.18:27. Waaqayyoo "nama akka
garaa koo" kan jedhe mootichi Daawwit (Faar.13:22) "ani
raammoodha" akka ofiin jedhe. (Faar.22:1)
Qulqulluun Phaawuloos barsiisaan mana kiristiyaanaa kan
jedhame gadi of deebisuun "ani gatata (hanquu) nama iddoo
hin ga'in dhalateedha" ofiin jedhee jira. (1Qorn.15:8). Kun
hundumtuu gadi of deebisuuf.
"Kan gadi of deebisu ayyaana waaqayyoo ni baay'ataaf" waan
ta'eef. (1Phex.5:8).
5. Kadhannaa : - Walumaa gala barsiisa gooftaan keenya
barsiise kun waan barbaachisaa ta'e hundumaa waaqayyo
biraa kadhannee akka argannu kan nu hubachiisuu dha.
Maaliif Gooftaan kadhata Gabaabaa kana Barsiise?
Yeroo kadhannaaf ka'aaman torbanuu utuu hin dagatin
yaadachuun yeroosaa eegnee akka kadhannuuf kadhata
gabaabaa kana nu barsiise, Kadhannaa torbanuu kan
jedhaman kunis mootichi Daawwit (Faar.119:64) "yaa gooftaa
guyyaatti si'a torban si galateeffadha" jechuun kan inni
dubbateedha. Guyyaa tokko kan jedhamu sa'aatii 24 yoo ta'u
akka armaan gadiitti ilaalla.
1. Ganama barii sa'aatii kudha lama (12:00 a.m)

☞ Yeroon kun yeroo itti abbaan keenya Addaa Gannata

keessaa ari'atamee dha. Haa ta'u iyyuu malee Iyyesuus


kiristoos achitti isa deebisuuf jedhee sa'aatii inni itti fuula
philaaxoos dhaabbatee ganama keessaa sa'aatii 12 waan
ta'eef, yeroo kanatti kadhachuun ni barbaachisa. (Maar.15:1).

☞ Mootichi Daawwit (Faar.5:3) irratti "Yaa Waaqayyo ati

ganama barii sagalee koo dhageessa, anis ganama barii si


kadhadhee deebii sirraan eeggadha" akka jedhe yeroo kanattis
kadhachuun ni barbaachisa.
2. Ganama keessaa sa'a sadii (3:00 a.m)

☞ Yeroon kun yeroo raajichi Daani'eel itti kadhachaa turee

dha. (Daan.6:10).

☞ Qulqulluu Garbi'eeliin yeroo inni itti missiraachoo giiftii

keenya Maariyaamiiti himee dha. (Luq.2:26-38).

☞ Yeroo itti Afuura qulqulluun barattootaaf bu'ee dha.

(H.D.B.2:1).
3. Guyyaa keessaa sa'aatii ja'a (6:00 a.m)

☞ Yeroo kana mootichi Daawwit akka kadhannu barreesseera.

(Faar.35:10).

☞ Yeroo itti gooftaan keenya fannifameedha. (Luq.23:44).

4. Guyyaa keessaa sa'a sagalee (9:00 a.m)

☞ Yeroo itti gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos lubbuu isaa

dabarsee nuuf kenne dha. (Maar.15:34, Maat.27:46).

☞ Yeroo Qerneeliwoos itti kadhachaa ture ergamaan

Waaqayyoos gara isaatti dhufee hir'uu isaa guutamee fi dha.


(H.D.B.10:11).
5. Guyyaa keessaa sa'a kudha tokko (11:00 a.m)
☞ Yeroo kadhannaan Raajicha Eeliyaas Waaqayyoo fuulduratti

dhaga'aamee yeroo inni itti deebii argate dha. (1Moot.19:36).

☞ Mootiin Daawwit (Faar.141:2) irratti "Yaa waaqayyo

kadhannaa koo akka Ixaana urgaa'uutti harka koo gara keetti


ol qabuu koos immoo akka aársaa galgataatti naaf fudhadhu"
jedhe. Kadhanna galgalaa inni jedhamu kun "Sarkii Tseloot" isa
jedhamuu dha.

☞ Yeroo itti Niqoodimoosii fī Yooseef Gooftaa keenya

Iyyesuus Kiristoosiin seeraan kafananii awwaala haaraa


keessatti itti awwaalanidha.
6. Galgala keessaa sa'a sadii (3:00 p.m)

☞ Yeroo itti gooftaan barattoota isaatiin jabaadhaa kadhadhaa

akka qorumsatti hin galleef jedhee dha. Foon dadhabaa dha


afuurri immoo dhimmaa dha yeroo inni itti jedheedha.
(Maat.26:36-46).
7. Halkan keessaa sa'aatii ja'a (6:00 p.m)

☞ "Waa'ee murtoo kee Isa dhugaaf halkan walakkaa ka'ee sin

galateeffadha. (Faar.119:62).

☞ Yeroo itti gooftaan dhalateedha. (Luq.2:8).

☞ Yeroo itti Gooftaan du'aa ka'ee dha. (Maat.28:5).

☞ Guyyaan deebii isaatii halkan walakkaa akka ta'e

fakkeenyaan kan dubbateedha (Maat.25:6).


Walumaa galati guyyaatti si'a torban si galateeffadha jedhe
mootichi kan dubbatee amantiidhaan kadhata gabaabaa kan
akka kadhatuuf barsiise.
Kadhata gabaabaa kana kan inni barsiiseef inni biraan
wangeela isa qulqulluu keessatti waan barbaaddan kadhadhaa
isiniif nan kennaa akkuma jedhe (Maat.7:7) kan biraas jennee
akka kadhannu ibsees jira. Haa ta'u malee kadhannaa
gabaabduun ammaa kanaan akka guduunfamtuu fi hafuu akka
hin qabne nu barsiisa. Warri gooftaa keenyatti amanan kitaaba
kadhannaa hedduu barreessaniiru. Afuurri qulqulluun isaaniif
ibsee haa barressan iyyuu malee garuu kadhannaa gabaaba
kanan jalqabnee xumuruu kadhata gabaabaa yaa abbaa
keenyaa jedhu kanaanidha.
Caamsaa 10, 2012

-------------------------
# 37
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Gaffii shakkitootaa
Manni kiristiyaanaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo kadhannaa
isa "Yaa abbaa keenyaa ..." jedhutti dabaluudhaan kan isheen
kadhattu "Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin ..." isa
jedhuudha.
Waanan irra deebi'ee maxxanse (post) godheef nan qabaati
isinis irruma deebi'aa dubbisaa
Shakkitoonni kadhannaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos
barsiise (Maat.6:5-15, Luq.11:2-4) kadhata isa "Yaa abbaa
keenya" kan jedhu gara gaditti hin argamu waan ta'eef isin
"Yaa abbaa keenya" kadhata jedhutti inni dabaltanii kadhattan
kun eessumaa dhufe, eessaa fiddan jedhanii nu gaafatu.
Waan si dhibu Kitaabuma qulqulluu abbaa 66 keessaa kan
madde dha sumatu hin agarreef malee. Namoonni
(shakkitoonni) tokko tokko iccitiin kitaaba qulqulluu kan
isaaniif hin gallee akka waan kitaaba qulqulluurra hin jirreetti
yemmuu isaan dubbatan ni mul'ata. Isaanumatu bakkasaa
yemmuu argan callisanii waan bira darbaniif waan achirraa hin
jirre isaanitti fakkaata. Garuu kadhannaa kana yeroo jalqabaaf
qindeessuudhaan kan dubbatan:-
1. Ergamaa waaqayyoo, qulqulluu ergamaa Gabri'eel,
2. Harmee qulqulluu Yohaannis cuupha qulqulleettii
Eelsaabeex,
3. Raajoota keessaa raajicha Isaayaasii fi Hisqeelidha.
Isaan kun waa'ee kabaja haadha waaqayyoo kan isaan
dubbatan qulqulloonni raajonni kunii fi Luqaasis wangeela
isaanii keessatti barreessanii jiru. Nuti lafaa hin fuuneem,
achumarraa argannee akka kanatti itti fayyadamne bar.
Mee isa nuti kadhannaa isa "Yaa abbaa keenyaa ..." jedhutti
aansinee jennee kadhannuu fi isa isaan jedhanii barreessan
haa ilaallu.
1. "Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya
durboo Maariyaam nagaa siin jenna ..."
Jecha kana akkuma kadhata isa "Yaa abbaa keenyaa ..." jedhu
xumurree "Ameen!" erga jennee booda jalqaba irratti jecha
("Nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin, yaa giiftii keenya
durboo Maariyaam nagaa siin jenna") jedhu kanaan kadhannaa
kana immoo jalqabna.

☞ Egaan "Ergamaa Gabri'eel qulqulluu" : - yemmuu akkas

jennu ergamaa Gabri'eeliif ulfina kennuu keenya dha. Innis


ergamaa waaqayyo qulqulluu, amanamaa, ergamaa nageenyaa,
abbaa missiraachoo fi kkf ta'uusaa ibsuudhaafi.
Sababni isaa immoo missiraachoo akka garbummaa seexanaa
jalaa kan ittiin baanu dhalachuu gooftaa keenya kan durbee
Maariyaamiitti himee, waa'ee nageenya argachuu keenya waan
nutti lallabeefidha.

☞ "Yaa giiftii keenya durboo Maariyaam" : - Akkas jechuun

keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamii haati gooftaa


keenyaa karaa qulqullicha Yohaannis abbaa wangeelaa harka
gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos ilma isheetiin akka haadha
bara baraatti dabarfamtee nuuf kennamteetti (Yoh.19:26-27).
Akkuma Taabonni Waaqayyoo Museetiin saboota Waaqayyoo
warra amananiif kennamte (Bau.31:18), giiftiin keenya
qulqulleettiin durbee Maariyaamiinis karaa jaalallee Waaqayyo
qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaan warra amananiif
kennamteetti (Yoh.19:27). Giiftiin keenya durboo Maariyaamiin
nu hunda keenyaaf giiftii akka isheen taate kan ittiin ragaa
baanu jechuudha.
Namni gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gooftaa gooftotaa,
mootii moototaa ta'uusaa amanuu hunduu haatisaa immoo
moottitti, giiftii (Faar.44(45):9) ta'uushee amanuun dirqama
kiristiyaana amanee tokkotti.

☞ "Nagaa siin jenna" : - Jecha kana kan nuti jennuuf

Gabri'eeliitu waaqayyo irraa ergamee Maariyaamiidhaan


''nagaan siif haa ta'u'' isheen jedhe.
(Luq.1:28) "Waaqayyoo gooftaan sii wajjin jira; nagaan siif
haa ta'u!"
Ergamaan waaqayyoo Gabri'eel akkas kan isheedhaan jedhe
nutis akkuma ergamaa kana "nagaa si gaafanna" jechuu
keenyaan "nagaa ergamaa Gabri'eel qulqulluutiin nagaa siin
jenna" kan jennuufi. Kanaafuu isa ergamaan waaqayyoo
qulqullichi ergamaa Gabri'eel dubbate kana qulqullichi Luqaas
afuura qulqulluun guutamee kitaaba isaa keessatti
barreessinaan achirraa agarree, dubbifnee, qulqulleettii durbee
Maariyaamiin akkas jenna.
2. "... Yaada keetiinis durboodha, foon keetiinis durboodha ..."

☞ "... Yaada keetiinis durboodha ..." : - Jecha kana yemmuu

jennuu isa qulqulleettiin durbee Maariyaamiin jettee, ergamaa


qulqulluu Gabri'eeliif deebii deebifte irraa kaanee kan akkas
jennedha.
"Anoo dhiira hin beeku, ammallee durba dha" (Luq.1:34) jette.
Himni isheen "Anoo dhiira hin beeku" jette, yaada isheetiin
durba ta'uushee mul'isa. Ergamaan qulqulluu Gabri'eelis gara
fuulduratti dhiira barta (beekta) ittiin jedhe osoo hin taane
"Afuura qulqulluutu sirra buluudhaanidha mucichi kan sirraa
dhalatu" itti jedhe. Gara fuulduraattis yaada dhiira beekuus
akka hin barbaanne jechi ishee kun kan mul'isuu dha.
Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee Maariyaamiin
yaadanillee isheen durbadhaaf akkas ittiin jennee waamne.
Kitaaba qulqulluutu akkas jedhee barreeffamee jira waan
ta'eefi.

☞ "Foon keetiinis durboodha ..." : - Utuu gooftaa hin dee'in,

erga deesseen boodas isheen durbadha. Qulqulleettiin durbee


Maariyaamii, qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef
osoo hin taane, waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan
taateefidha.
"Ani Waaqayyo gooftaa keessan; qulqulluu waanan ta'eef,
isinis of qulqulleessaa, qulqullootas ta'aa! ... namummaa
keessan hin xureessinaa!" (Leew.11:44, 1Pheex.1:16).
Egaan caqasa armaan olii kanarraa waaqayyo qulqulluun,
"qulqulluu ta'aa!" kan nuun jedhe akka nuti qulqullummaan
jiraanne mootummaa isaa dhaallufidha. Malee inni dhufee
foonii, dhiigaa fi lubbuu keenya irraa fudhatee nurraa
dhalachuudhaaf akkas nuun hin jenne. Garuu qulqulleettii
durbee Maariyaamiin bultoo isaa godhatee, dhufee
dhiigaashee, foonshee fi lubbuushee irraa kan fudhatee
dhalate haati keenya qulqulleettiin durboo Maariyaamiin
qulqulleettii akkamitii Gama hundumaan qulqullinni ishee
qoramtee qulqulluu waan taateef waaqayyoo inni qulqulluun
kun dhufee irraa dhalate. Qulqulleettiin durbee Maariyaamii,
qulqulleettii kan taatee waaqa waan deesseef osoo hin taane,
waaqayyoon kan deesse qulqulleettii waan taateefidha.
Qulqullummmaa durbummaashee kanas kan dubbatan raajotaa
keessaa raajaa Isaayaasiidhaa fi Hisqeeliidha.
Raajichi Isaayaas (Isa.7:14) "Durbi durbummaadhaan
ulfooftee ilma ni deessi" jedhee waa'ee durbummaa isheetii
dubbateera.
Raajichi Hisqeelis (Hisq.44:1-2) "Balbala dinqii kan ta'e,
cufaa jabaadhaan kan cufame kallattii bahaa nan arge.
Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan ba'e hin jiru"
jedhee innis raajiin waa'ee durbummaa ishee dubbateera.
Innis raajichi Hisqeel waa'ee durbummaa ishee
fakkeenyaanidha kan dubbate. Gooftaa malee tokkollee namni
biraa irra akka hin dhalannes kan raajedha. Nutis sagalee
barreeffame jiru kana agarree "Yaada keetiinis durboodha,
foon keetiinis durboodha" ittiin jenna.
3. "... Yaa haadha waaqayyoo isa mo'aa, nagaan siif haa ta'u
..."

☞ "Yaa haadha waaqayyo isa mo'aa" : - Jecha kana kan

dubbate qulqulluu ergamaa Gabri'eeliidha hubattee ilaalteette


yoo ta'eefi.
"Ilma ni deessa, maqaa isaas "Iyyesuus" jettee ni moggaafta.
Innis guddaa ilma waaqayyo jabaadha. Waaqayyo gooftaanis
teessoo abbaasaa Daawwit ni kennaaf, innis gosa Yaa'iqoob
irratti bara baraaf ni mo'a, mootummaan isaas dhuma hin
qabu" (Luq.1:32-33).
Kanaafuu ergamaan kun isa waa'eesaa "mo'aadha" jedhee
isheetti lallabaa jiru kana qulqulleettii durbee Maariyaamiitu
waaqa isa mo'aa kanaaf haadha taata jedhee itti himnaan,
isheenis isa deessee, maqaa kana itti moggaaftee, nuti immoo
haadha waaqayyoo isa mo'aa isheedhaan jenneem, maal nuun
kitaaba qulqulluutti amannaka yoon shakkinee beeknaree
"... Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni
mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa,
dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa"
jedhama. Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii
dhuma hin qabu; inni teessoo Daawwitii fi mootummaa isaa
irratti mo'aa dha ..." (Isa.9:6-7).
Mucaan nuuf dhalate kun, ilmi nuuf kenname kun waan
hundumaa irratti mootii kan ta'e waaqayyoo fi mo'aa ... kan
ta'e kun gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyesuus
kiristoosidha. Mucaa nuuf kenname kana, waaqayyoo isa ta'ee
fi mo'aa (mootii) isa ta'e kana immoo kan nuuf deesse haadha
keenya qulqulleettii durbee Maariyaamidha. Kanaafuu isheen
haadha mucaa kana, waaqa kanaa fi haadha mootii (mo'aa)
kana waan taa'eef, "haadha waaqayyoo isa mo'aa" ittiin jenne.
Hin sobneeree kunoo raajicha Isaayaastu akkas jedhewoo
Kanaaf namni "Waaqayyo mootii miti" jedhuu fi mo'aa ta'uusaa
hin amanne hin jiru. Haati isaa immoo kanaaf "haadha mo'aa"
jedhamte, isa deesse waan ta'eefi.

☞ "Nagaan siif haa ta'u" : - Jecha kanallee gubbaatti

ilaalleerra, isa ergamaan waaqayyoo qulqullichi ergamaa


Gabri'eel akkas siin jedhe nutis isa faanaa buunee akkuma isaa
nagaa si gaafanna jennee "nagaan siif haa ta'u" jenna jechuu
keenyadha.
4. "... Ati dubartoota keessaas adda taatee kan eebbifamtedha
..."
Jechi kun dursa kakuu moofaa keessattis raajii fi mootii kan
ta'e solomoon ilma Daawwitiin dubbatameera.
"Dubartoota baay'eetu wanta ba'eessa (gaarii) hojjeta, ati
garuu hunduma isaanii caalta ... " (Fakk.31:29).
Sagalee raajii caqasa kanarratti barreeffamee jiru immoo
kakuu haaraa keessatti akka duuka bu'oota harka ishee irra
kaa'uun afuura qulqulluu irra bulchuun osoo hin taane, sagalee
ishee qofaa dubbatteen afuura qulqulluu kan irra bulchite,
isheenis afuura qulqulluun guutamtee haati qulqullichi
Yohaannis cuuphaa Eelsaabeex adaadaan ishee "'ATI
DUBARTOOTA KEESSAA KAN EEBBIFAMTEDHA' mucaan ati
gadameessa keetti baattus kun eebbifamadha" (Luq.1:39-42)
jettee raajiin kunis akka isheef dubbatamee nuuf
mirkaneessitee jirti. Jecha kana kan dubbattes afuura
qulqulluudhaan guutamteeti.

☞Qulqulleettiin Eelsaabeex kun tarii gaafa akkas qulqulleettii

durbee Maariyaamiin jette kun Ortodoksiidha laata akkuma


ijoollee Ortoo koo ammaa kana isheetiin jettee leellistiwoo
(faarfattewoo) Kan akkas isheetiin jedhus isa afuurri
qulqulluu irra jirudha. Kan isheerra bulee ragaa bahees afuura
qulqulluudha.
Dhugumayyuu haadha keenya qulqulleettii durbee
Maariyaamiin akkas jechuuf afuura qulqulluun guutamuu fi
afuurri qulqulluu yoo irra jiraate malee kan akkas isheen jedhu
hin jiru. Fakkeenyaaf haadha qulqullicha Yohaannis cuuphaa
Eelsaabeex fudhachuu dandeenya. Afuurri qulqulluun kan hin
guutamnee fi irra kan hin jirre ishee arrabsa malee akkas
isheen jedhee galateeffachuu hin danda'u. Sababni isaas
afuura qulqulluun hin guutamne waan ta'eefi.
Qulqulleettii Eelsaabeet afuura qulqulluutu ishee guunnaan
qulqulleettii durbee Maariyaamiidhaan sagaleeshee ol
fudhattee akkas ittiin jette. Nutis sagalee keenya ol kaafnee
haadha gooftaa keenyaan "Ati dubartoota keessaa kan
eebbifamtedha" ittiin jenna. Isa afuurri qulqulluu guuterraa
dhageenye waan ta'eef, maal rakkina qaba Homaayyuu,
afuura qulqulluun guutamuu keenya agarsiisa. Akkuma
Eelsaabeex jechuudha.
Mee gaaffii tokko shakkitootaaf, Warri Maariyaamii arrabsitan
afuura maaliitu isin guute? Inni afuurri qulqulluun guutewoo
qulqulleettii durbee Maariyaamii akkasitti galateeffataa, Kan
keessan har'a kun maalidha mee nutti himakaa, Maalinni?
_________________.
"Mataa bineensichaa irra maqaa arrabsootu jira (Mul.13:1).
Waan hamaa fi arrabsoo akka ittiin dubbatuuf afaannii
kennameefi jira. Maqaa Waaqayyoo, # bultoo_isaa arrabsuuf
afaan saaqqate. (Mul.13:5-6) jedha.
Tariiti afuura bineensa kana hin ta'iin hin hafne, kan isin keessa
bulee akka isin ishee arrabsitan isin godhuuf ...
5. "... Firiin garaa (gadameessa) keetiis kan eebbifamedha ..."

☞ Firii garaa (gadameessa) qulqulleettii durboo Maariyaamii

kan ta'e gooftaa keenya fayyisaa Iyyesuus kiristoosidha.


Kanaafuu firiin gadameessa qulqulleettii durboo Maariyaamii
eebbifamadha, isa eebbifamaa fi qulqulluu ta'e waaqa itti
baatte waan ta'eef (Luq.1:42).

☞ "Mucaan ati gadameessa keetti baattus kun

eebbifamadha" (Luq.1:42).

☞ Dubartiin dubbii gooftaa keenyaatti gammade tokko


uummata keessaa ol kaatee "Gadameessi si baatee fi harmi ati
hootee guddatte attam kan eebbifamedha" (Luq.11:27) jette.
Caqasa kana gaditti kan argamu shakkitoonni gaafa argan
gooftaan gara gadii isaatti inni garuu deebiseefii,
"# Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga'anii kan
raawwatan haa gammadan, isaan eebbifamoodha!"
(Luq.11:28) jedhe. As irratti hubatamu kan qabu akka addaa
saba Israa'elitti "eebbifamaa, arjaa, ..." namaan jennaan namni
akkas ittiin jedhame sunis deebisee, akkasuma nama akkas
ittiin jedhe sanaan jedha ture. Akkuma amma biyya keenyatti
yeroo ayyaanaa "baga geesse" yemmuu jennu inni ittiin
jedhame ''atillee baga geesse" nuun jedhu, yeroo bakka biraa
turre wal arginee walitti dhufnu immoo "baga nagaan dhufte"
yemmuu namni biraan nuun jedhu "baga nagaan nu eegdan .."
akkuma waliin jennee yemmuu namni nu gaafatu nutis akkas
jennee waliif deebisaa jirru kanadha jechuudha dubbiin kun.
Kanaafuu dubartii kun kabaja ofii isheef jettee akka gooftaan
galateeffatuuf yaaddee jecha kana itti dubbatte. Gooftaan
keenyas akka isheen yaadde osoo hin taanee deebii biraa ittiin
jedhe. Garuu gadameessi haadha isaa eebbifamaa akka ta'ee
kan ibsu immoo caqasuma kana keessaa jecha "...
# keessumattu ..." jedhu kanan gooftaan keenya
mirkaneesseera. Kunis "Eeyyee eebbifamadha, itti dabalees
warri sagalee (dubbii) koo dhaga'ee raawwatu eebbifamadha"
jechadha malee akka ati hiiktu sana mitiin bar. Nutis egaa
kanaaf, achirra arginee dubbifne "Firiin gadameessa (garaa)
keetii kan eebbifamedha" jennee ishee jajanna wangeelarraa
agarre waan ta'eefi.
6. "... Kennaadhaan kan guutamte yaa giiftii gammaddu
gammadi! waaqayyo sii wajjin jiraati ..."
☞ Jecha kana kan dubbate waaqarraa gara qulqulleettii

durbee Maariyaamitti kan ergame qulqulluu ergamaa


Gabri'eelidha.
"Kennaadhaan kan guutamte gammadi, waaqayyoo
gooftaan sii wajjin jira" (Luq.1:30).
"Waaqayyo sii wajjin jira" kan jedhu immoo iccitii Sillaasee
ifatti kan ibsudha. Innis waaqayyo qulqulleettii durbee
Maariyaamii akkamitti wajjin ta'e yoo jenne, "... Afuurri
qulqulluun si irra bula, humni waaqayyo abbaas si golbooba,
kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma
Waaqayyoo 'Iyyesuus' jedhamee waamama" (Luq.1:35).
Egaan Waaqayyo abbaan irra golboobuun, afuurri qulqulluu irra
buluun, Ilmi immoo foon isheerraa foon, dhiiga isheerraa
dhiiga, lubbuu isheerraas lubbuu fudhachuun irraa dhalatee,
akka kanatti Sillaaseen qulqulleettii durbee Maariyaamii irratti
mul'ataniiru. Nutillee waaqni itti amannu sadiis tokkos akka
jedhamu kanaan ragaa bahaa jirraa jechuudha. "Isinis dhuga-
baatuu koodha." (Luq.24:48).
Kan biraan jechi kun qulqulleettiin durbee Maariyaamiin akka
isheen # araarsitu kan ibsudha.
"Kennaan afuuraa gosa # garaa_garaatu jira, afuurichi garuu
tokkichuma. Afuurri tokkichi kun hojii hundumaa hojjeta. Inni
akka fedha isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa adda addaa
hiraaf (kennaaf)" (1Qorn.12:4-11) jedha.
Ergamaan Waaqayyo immoo haadha keenya qulqulleetti
durbee Maariyaamiin waaqa biraa ergamee
"# Kennaan_kan_guutamte " isheetiin jedhee isheetti
dubbateera. Kanaafuu haati keenya qulqulleettiin durbee
Maariyaam afuurri qulqulluu kennaa garaa garaa kan kennu
kanan isheen immoo kennaa gosa garaa garaa kanan
guutuudha. Kennaa garaa garaa kan jedhame kana keessas
kan isheef hin kennamne tokkollee hin jiru. Ragaan keenya isa
ergamaan waaqayyoo qulqulluu Gabri'eel dubbatee qulqullichi
Luqaas "# Kennaan_kan_guutamte " jedhee barreessedha.
Kalaas kanuma. Kennaa garaa garaa jiran keessaa tokko
immoo kennaa # araarsummaati . 101%.
Caqasa armaan olii (1Qorn.12:4-11) irratti kennaawwan
eeramanii (maqaa dha'amanii waamanii) jiran keessaa
# araarsummaan hin jiru jechuu dandeessa ta'a. Isa kanammoo
qulqullichumti Phaawuloos ni irraanfata seetaaree ergaa
isaa gara warra Qorontoos/Qoronxoos lammaffaa keessatti
kennaawwan jiran keessa # araarsuun kennaa isa tokko ta'ee
akka jiru barreesseera. "Waaqayyo cubbuu namootatti
lakkaa'uu dhiisee, karaa Kiristoos biyya lafaa ofitti araarse;
# Araarsuu isaa kana immoo # kennaa godhee hadaraan nutti
kenneera." (2Qorn.5:19-20).
Kanaafuu maarree haati keenya kennaan waan guutuu taateef
nu araarasti jechuudha. Kennaa araarsummaa qabdikaa kanaaf
nu araarsiti. Haati keenya kennaa hundaan kan guutamte,
waaqayyoo fuulduratti surraa fi dhaga'amummaa kan argatte,
mirga ilma ishee dhaabbattee (Faar.44(45):9) nu araarsiti. Kan
dhaabbatuus waa'ee ofii isheef osoo hin taanee nuuf
ijoolleeshee warra taaneefidha.
Kanaaf nutis egaa akkuma ergamaan Gabri'eel ishee
galateeffate ishee galateeffachuu qabna jenneeti. Ergamaa
Gabri'eelirraa dhageenyee, isa qulqullichi Luqaas barreesse
achirra dubbifne hojiirra oolcha jirraam nuti hin shakkine
fudhanneerra. Kan shakkitee shakkituudha malee.
7. "Jaallatamaa ilma kee gooftaa keenya fayyisaa keenya
Iyyesuus Kiristoos biraa araaraaf dhiifama nuuf kadhadhuu,
cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf ameen."

☞ Gargaarsi haadhaa fi kadhannaan haadhaa waan guddaa

hojjeta. Akka harmee Yaa'iqoob ilma Yisihaaq ilmashee


Yaa'iqoobiin eebbisiifte (Uma.28).
Nutis haati keenya ilmashee kadhattee dhiifamaa fi araaraa
nuuf kenniisiifti. Kadhannaan ishee bishaan daadhii waayiniitti
jijjiiruu danda'a waan ta'eefidha (Yoh.2:1-10).
Ilmishee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos immoo cubbuu
keenya nuuf dhiisa (Luq.1:50, Maat.11:28-29).
Walumaa galatti Kitaaba qulqulluu keessatti akka armaan olii
kanatti barreeffameera. Waan nama gargaaruu fi nu jajjabeessu
kitaaba qulqulluu keessaa fudhatanii itti fayyadamuun hamaa
hin qabu, cubbuus hin qabu gaarii dha malee. Nutis har'a
kanaaf leeyyoo tokko malee fudhannee itti fayyadamna.
"... Ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin
leeyya'u." (2Xim.1:12).
"Ani wangeelatti hin leeyya'u ..." (Room.1:16).
Qulqulleettiin durbee Maariyaam haadha Waaqayyoo isa
jiraataa waan taateef, waaqa irraa kan ergame qulqulluu
ergamaa Gabri'eeliin akka galateeffatamte afuurri waaqayyoos
irra kan bule Eelsaabeetiin akka galateeffatamte, raajonni kan
isheef raajan afuurri waaqayyoos kan dhugoomseef dhaloonni
fayyina barbaadan ishee ni galateeffatu, ni kabaju, ni jaallatus,
kan ishee kabaje waaqayyo jiraatadha waan ta'eef.
(Luq.1:48-50, Rom.8:30-33).
"Dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti, maqaan kee
galataan akka yaadatamu nan godha; kanaafis namoonni lafa
irraa yeroo hundumaa bara baraan si jajatu" (Faar.44(45):17).
"... Ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana qabeettii
anaan jedhanii na galateeffatu" (Luq.1:48).
Warri ishee jibbanii ari'ataniis ilmaan jawwichaati
(Mul.12:12-18).
Ortoon keenya bara baraan nuuf haa jiraattu. Isheen waan
hundumaa kitaaba qulqulluu irratti hundoofte deebii qabdi.
Waan leeyyoftus gonkumaa hin qabdu.
Amantaa keenyaan haa jabaannu
By Dn M.M
Caamsaa 12, 2012

-------------------------
# 36
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

"Waaqayyo faaruu fi ililleen ol ba'e" (Faar.46:5).


Dursa baga ayyaana yaadannoo ol ba'iinsa Gooftaa fi fayyisaa
keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin gahee!
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos samii samii irraa gadi
bu'ee, qulqulleettii durbee Maariyaamii irraa dhalatee,
fakkeenya fakkeeffamee fi raajii raajamee waadaa
Addaamiidhaaf seene hundumaa gara biyya lafaa dhufee
barsiisee fannoo irratti fannifamee, du'ee awwaalamee, du'a
isaatiin du'a keenya balleessee, du'aa ka'ee du'aa ka'umsa
nuuf labse.
Erga du'aa ka'es hanga guyyaa afurtamaatti barattoota isaatti
mul'atee iccitii gara mootummaa Waaqayyotti isaan ittiin
galanii fi isaanis akka deemanii baraniif isaan barsiisaa
tureera.(H.D.B.1:3) Guyyaa guyyaatti yeroo hundumaa tokkoo
tokkoo isaaniitti mul'achaa kan ture yoo ta'ellee guyyaa sadiif
garuu gubaa'ee guddaa hojjetee isaan barsiisaa tureera. Yeroo
ol ba'uudhaaf jedhu immoo qajeelfama ''Iyyerusaalem keessaa
hin deeminaa! mana qulqullummaa keessa jiraadhaa!
jajjabeessa kan ta'e afuura qulqulluu Abbaa koo biraa hangan
isiniif ergutti" kan jedhu laateeraaf. (Luq.24:44-50).
Yeroo gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos ol ba'ees ajaa'iba
adda ta'een ol ba'e. Yeroo ol ba'ees bartoota isaa eebbisee
Ergamoonni samii irraa wayyaa adii uffachuudhaan hiriira samii
irraa hanga lafaatti hiriiranii faaruudhaan isa simatan. Yeroo
barattoonni isaa fajajanii gara samii ilaalan Qulqulluu
ergamaan Mikaa'elii fi Gabri'eeliin barattoota isaatti
mul'achuudhaan maaliif fajajjanii gara samii ilaaltu utuu isin
ilaaltanii inni ol ba'e kun utuu isin ilaaltanii ni dhufa
jechuudhaan isaan jajjabeessan (H.D.B.1:9-11).
Waa'ee ol ba'uu gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos raajiiwwan
raajotan raajaman
(Faar.17:9-10) "Samiiwwan gadi qabee gadi bu'e, dukkanni
miilla isaa jala jira ture. Duugda Kiruubel irra taa'ee balali'ee
koochoo qilleensaanis ni balali'e" jechuudhaan Daawit raajii
raajeera.
(Faar.24:7) "Mootichi inni guddaan akka ol seenuuf isin
qondaaltoni karra isaa dur durii banaafi, mootichi guddichi kun
eenyu? Waaqayyo isa cimaa fi isa humna qabeessa isa
ta'eedha. Waaqayyo lolatti ba'ee isa injifateedha" kan jedhu
raajameera.
(Faar.67:18) "Waaqayyo akka inni boojuu Diyaabiloos
harkaa booji'ee akka ol ba'e kan ibsu (boojuu boojitee ol baate
kennaas ilma namootaaf ni laatte)" kan jedhu ture.
(Faar.46(47):5) "Waaqayyo ililleedhaan kabajaan ol ba'e
Waaqayyoon faarfannaadhaan galateeffadha."
Yohaannis abbaan wangeelaa immoo "Samii irraa kan gadi
bu'e malee gara samiitti kan deebi'ee ol ba'e hin jiru"
jechuudhaa waa'ee ol ba'uu isaati barreesseera. (Yoh.3:13).
Egaa walumaa gala raajii dubbatame kana raawwateera.
Maaliif guyyaa afurtamaaf lafarra ture?
Sababni isaa guyyaan afurtama iccitii guddaa ta'e baay'ee
qaba. Keessaa garuu Addaam dargaggeessa waggaa 30 ta'ee
uumamee gaafa guyyaa 40 mucummaa fi ayyaana Waaqayyoo
uffatee gennata seenee dogoggora seexanaan goyyomee
dhabee ture, haa ta'u malee gooftaan keenya immoo
mucummaa kana deebisuuf akka dhufe ibsuuf jedheeti.
(Kitaaba kufaalee 4:8).
Humna hanga argattaniitti Iyyerusaalem keessaa hin deeminaa!
Mana qulqullummaa keessa turaa! Maaliif ittiin jedhe?
Sababni isaa daarii (handaraa) biyya lafaa deemaa barsiisaa
jechuudhaan dursa ajaja laateefii ture (Maat.28:19). Gara daarii
(handaraa) biyya lafaa deemuudhaaf immoo humni Afuura
Qulqulluu isaan barbaachisa. Mootota dura dhaabatanii dhugaa
Afuura Qulqulluu soda tokko malee dhaabbachuudhaan akka
dubbataniif.
Kan biraas Iccitii dhoksaa dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan
hubatanii akka barsiisaniif akkuma jedhame barattoonní duraan
sodaattoota turan erga humna Afuura qulqulluu hidhatanii
booda hanga du'aatti dhaabatanii dhuga baatuu kiristoos
ta'aniiru. (H.D.B.5, 6, 12) kkf.
Kanaafuu erga afuurri qulqulluu bu'eefi booda : -
* Mana cufamaa humna ittiin ol seenan
* Iddoo ol ka'aa irra dhaabatanii humna ittiin dhugaa ba'an.
* Humna qabeessa akka Leencaa ittiin cabsan akka Soomson.
(Abo.14-16).
* Seexana baasuudhaan humna ittiin dhukkubsataas fayyisan
* Humna ittiin du'oota du'a keessaa kaasan. (H.D.B.9)
* Humna kanaaf kana fakkaatan mana qulqullummaa keessa
turuudhaan hanga argattanitti mana qulqullummaa keessa
turaa jedhee isaan abboome. Akkuma jedhes turanii
argataniiru (H.D.B.2) kaase.
Ajaa'iba gaafa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos ol ba'e
hojjetaman : -
Yaabbannoon ifaa Aariyaamii irraa hanga lafaatti diriireeree
ergamoonni yemmuu yaabanii faarfatan argameera.
Akkuma Daawwit raajee ture faaruun ergamootaa wayyaa adii
uffachuudhaan dhaga'ameera. (Faar.46:5).
Karri cufamee ture banameera. (Faar.24:7-10).
Ijoolleen Addaam harka Diyaabiloos jalaa boojuudhaan kan
turan bahaniiru. (Faar.67:18).
Harka isaa Addaamii fi Hewaanin uumee diriirsuudhaan
barattoota isaa, maatiwwan isaa eebbiseera (Uma.1:26).
Harka isaa Abrahaamiin eebbiseen (Uma.12:1), Galaana
Yaabooq cinatti harka isaa Yaa'iqoobiin eebbiseera
(Uma.32:26-30).
Akkasumas qurxummii lamaa fi buddeena garbuu shan
eebbisee namoota 5000 kan ittiin quubseen (Maat.14:20) ol
kaasee isaan eebbisaa Beeteniyaa iddoo jedhamutti ol ba'e.
Guyyaama kana Yihuudaan inni gooftaa keenya qarshii
soddomaan gurguree ture. Gaafa Jimaataa muka irratti of
rarraasee of ajjeesuu yoo barbaade illee mukattiin afaan
namaan haasoftee "qalbii kee jijjiirradhu akka Pheexiroos" ittiin
jettee funyicha of irraa kunnaan dugdi isaa cite garaan isaa
bokokee guyyaa afurtamaaf ciisaa erga turee booda guyyaa
gooftaan ol ba'u ykn gaafa guyyaa afurtamaffaa kana
marrummaan isaa tarsa'ee jigee du'eera. (H.D.B.1:18).
Ol Ba'iinsi Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ol Ba'iinsa
qulqulloota biroo irraa maaliin adda?
Heenook irraa jalqabee qulqulloonni hedduun biyya
jiraattotaatti (Beeyera Iyyewaan) iddoo jedhamutti ol ba'aniiru.
Hanga har'aattis ol ba'aa jiru.
Fakkkeenyaaf Heenook, Eeliyaas, Iziraa Suutu'eel, qulqulloota
salgan keessaa immoo Abbaa Haregaawwii, Abbaa Garimaa,
Melke Tseediq, Yaared abbaa qooqa biyya Itiyoophiyaa,
Yohaannis abbaa wangeelaa keessumatti immoo bara 1972
keessa Abbaa Balaay namni jedhamu gadaamii Asaboot
keessaa ol fudhatameera.

➝ Isaan kun hundi isaanii iddoo isaan itti ol ba'an samii kanaa

gadi cina gennataatti kan argamu magaalaa biyya jiraattotaatti


ol ba'an, gooftaan keenya garuu Tsiraariyaamitti ol ba'e.

➝ Iddoo isaan itti ol ba'an guyyaa deebii gooftaa keenyaa kan

darbuudha, iddoo gooftáan itti ol ba'e garuu bara baraan kan


jiraatuudha.

➝ Isaan kun hundi isaanii deebi'anii dhufanii ni du'u, gooftaan

keenya Iyyesuus kiristoos garuu murtoo isa dhumaa


kennuudhaaf ni dhufa.

➝ Isaan kun gaafa ol ba'an gargaarsa ergamootaan ol ba'an,

gooftaan keenya garuu humna Waaqummaa isaatiin ol ba'e.

➝ Qulqulloonni gaafa isaan ol ba'an sanyiin kabaja gooftaa

keenyaa hin godhamneef.

➝ Akka gooftaa keenyaa raajiin hin raajamneef sababa kanaaf

kana fakkaataniif ol ba'iinsi qulqullootaaf kan gooftaa keenyaa


garaa garummaa guddaa qaba jechaadha.
Caamsaa 20, 2012

-------------------------
# 35
-------------------------
Date: 2020-08-14
Subject:

Hiikkaa kitaaba qulqulluu keessaa shakkitoonni akka isaaniif


ta'utti jallisanii kan isaan hiiktan keessaa muraasa : -
''Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf
yeroo barreessuu akkuma kana dubbata, Ergaa isaa keessaa
illee wanti hubachuun isaa nama dhibu (rakkisu) tokko tokko
jira; isa kanas warri # wallaalonni , warri waanuma argan
qabanii gad dhiisan, akkuma barreeffama qulqullaa'aa isa
kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa
micciiru. Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii
beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo
hin eegneetiin fudhatamtanii duuka hin sokkinaa! Isa
jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of
eeggadhaa!'' (2Pheex.3:16-17).
Jarri raajii dubbatamee kana of irratti raawwachiisaaf hiika
kitaaba qulqulluu bakka hedduutti micciiranii hiikaa jiru.
Micciiraniis hiikaniiru. Mee caqasa isaan micciiranii hiikan
kana keessaa kitaabuma isa isaan baatanii deeman irraa
muraasa isaa haa ilaallu.
1.(Maat.10:32) '' ... Namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa
kan anaaf ba'u, animmoo abbaa koo isa samii fi # Ergamoota
abbaa koo fuulduratti dhugaa nan ba'aaf" isa jedhu sababa
ergamoota hin jaallanneef ''# Ergamoota '' kan jedhu keessaa
balleessanii,

➔ "Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa

ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti
dhugaa nan ba'aaf" jedhaniiru. (Maat.10:32).
2.(Faar.108(109):24) ''Jilbi koo tsoomuu irraa kan ka’e na
dadhabe. Namummaan koos # fooniif # dadhaa dhabuu koo
irraa kan ka'e na huqqatte'' kan jedhu jarri garaaf jiraatu waan
ta'eef garaa isaanis hin danda'aniif ''foonii fi dadhaa'' kan jettu
keessaa balleessanii,

➔ " soomuu irraa kan ka'e jilbi koo in hollate, foon ana

irraa dhumee nan huqqadhe" jedhaniiru. (Faar109:24).


3.(Daan.10:3) '' # Foonis ta'e # dadhaa hin nyaanne'' kan jedhu
keessaa ''dadhaa'' balleessanii,

➔ "Torban sadii hamma guututti, ani nyaata fo'amaa hin

nyaanne; foon, daadhiin wayniis afaan koo bira hin geenye,


dibatas hin dibanne" jedhaniiru. (Daan.10:3).
4.(Faar.137(138):1) '' # Ergamoota kee fuulduratti sin faarfadha''
kan jedhu keessa balleessanii Waaqolii fuulduratti jedhanii
jijjiiranii,

➔ "Ani garaa koo guutuudhaan, galata siif nan galcha, yaa

Waaqayyo! # Waaqayyolii durattis jajuu kee nan faarfadha"


jedhaniiru. (Faar.138:1).
5.(Faar.116:15) ''Duuti nama tolaa fuula Waaqayyo fuulduratti
ulfina qabeessaa'' duuti isaanii kabaja akka qabu kan dubbatu
kana akka waan Waaqayyotti cimee dirqamaan isaan du'anitti
jijjiiranii,
➔ "Warri isaaf qulqullaa'an du'uun, ija Waaqayyoo duratti

ulfaataa dha" jedhaniiru. (Faar.116:15).


6.(Faar.68:35) ''Waaqayyoo karaa qulqullootasaatii
ajaa'ibsiisaadha'' kan jedhu cirumasaa keessaa mana
qulqullummaatti jijjiiranii balleessanii,

➔ "Waaqayyo, sodaatamaa fi dinqisiisaa ta'uun isaa, mana

qulqullummaa isaa irraa in argama; inni Waaqayyo isa kan


Israa'el, inni humnaa fi jabina saba isaatiif in kenna; maqaan
Waaqayyoo haa eebbifamu!" jedhaniiru. (Faar.68:35).
7.(Maat.5:6) ''Tolummaaf jedhanii warri # tsooman , warri
dheebotan, warri beela'an haa gammadan quufuudhaaf jiru'' isa
jedhu ''tolummaa warri beela'anii dheebotan'' jedhuutti jijjiiranii,

➔ "Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii, akka

bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru''


jedhaniiru. (Maat.5:6).
8.(Maat.24:19) ''Warra Hoosisaanii fi warra ulfaa'aniif ...'' isaa
jedhu akka bifa saayinsawaatiin ilaaluudhaan ''dubartoota
ulfaa'anii fi hoosisaniif ...'' jedhanii jijjiiranii,

➔ " # dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun

attam sodaachisoo dha!" jedhaniiru. (Maat.24:19).


9.(H.D.B.20:28) ''Isin afuura qulqulluun kan isin muude
# phaaphasoonni mana Waaqayyoo dhiigaasatiin haaressee fi
hoolotasaa akka eegdaniif muudamtaniitu'' isa jedhu
''phaaphaasii'' kan jedhu haqanii,

➔ "Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra afuurri

qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa


kiristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan
isaa godhate eegaa! " jedhaniiru. (Hojii Ergamootaa 20:28).
10.(1Xim.3:1) ''Dura bu'aa mana kiristiyaanaa # Ephiqophoosii ''
kan jedhu, Ephisqophoosii waan hin qabneef keessaa haquun
jechaa biraatiin balleessanii,

➔ "Namni # ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta'uu fedhu,

hojii ba'eessa hawwa" inni jedhu dubbii amanamaa dha."


jedhaniiru. (1Xim.3:1).
11.(Tit.1:5) ''... Dura bu'aa mana kiristaanaa # lubni tokko kan
maqaa gaarii qabuu fi kan haadha manaa tokko qabu ta'uu
qaba'' kan jedhu ''Jaarsolii Waldaa'' isa jedhutti jijjiiranii,

➔ "... mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti

# jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture."


jedhaniiru. (Tit.1: 5).
12.(Tit.1:7) ''# Ephisqophoosiin hojiin Waaqayyoo Imaanaa kan
itti kenname waan ta'eef kan hin koorre, kan hin bambannee
ta'uu qaba'' kan jedhu isas jijjiiranii,

➔ " # Ilaaltuun hojii waldaa tokko, hojii Waaqayyoo

adeemsisa erga ta'ee, waan ittiin jedhan kan hin qabne ta'uun
isa irra jira; ofii isaa malee warra kaan kan hin gammachiifne
yookiis nama dafee aaru yookiis machaa'aa yookiis nama lola
jaallatu, nama bu'aa karaa dalgaa argachuuf sassatu ta'uun isa
irra hin jiru." (Tit.1:7).
13.(Yoh.2:4) ''Anaaf ati maal walitti qabnaa?'' kan jedhu
"haadhoo hojii koo keessa maaltu si galche?'' jedhani jijjiiranii,

➔ "Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixxa ree? ... "

jedhaniiru. (Yoh.2:4).
14.(Room.8:34) ''Iyyesuus kiristoos waa'ee keenyaaf du'ee
du'aa keessas ka'ee mirgaa abbaasaa taa'ee waa'ee keenyaaf
# murteessa'' kan jedhu hiikoo jalqabaa irratti ''garaa laafa''
jedhutti jijjiiran. Hiikoo lammaffaa irratti immoo ''dhiifama
laachisiisa'' kan jedhutti jijjiiran. Hiikoo sadaaffaa irratti immoo
''nuuf kadhata'' jedhanii jijjiiranii,

➔ "Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Iyyesuus du'ee

kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee


Waaqayyoon nuuf # kadhatee , kan itti faradu hin jiru."
jedhaniiru. (Room8:34).
15.(2Qorn.6:16) ''Kiristoosiif diyaabiloos walii galtee maalii
qaburee? Inni amanee fi inni hin amannees attamittiin walii
galuu danda'uree? # Taabota_Waaqayyoo fi # waaqni_tolfamaa
n tokkummaa maalii qaburee?'' kan jedhu keessaa ''Taabota''
kan jedhu keessaa balleessanii,

➔ "... # Manni_qulqullummaa_Waaqayyoo immoo

waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? ... "


jedhaniiru. (2Qorn.6:16).
16.(Ibr.9:5) Qulqulluu phaawuloos waa'ee tajaajila afuuraa isa
samiirrraa fi isa lafaarraa waliin madaalchisee keessumatti
immoo waa'ee sirna mana Qulqullummaa keessatti godhamuu
tokko tokkoon ibsuu jalqabee '' ... # hundumaasaa himee
xumuruudhaaf ykn isinii barreessuudhaaf amma yeroo hin
qabu'' kan jedhu jijjiiranii ''amma hin barbaachisuu yeroo isaa
miti'' jedhaniiru.

➔ " .... Kiruubel ulfinaa lamaan isa irraan teessoo araaraa

golboobanii jiru turan; waa'ee wanta kana hundumaa tokko


tokkoon dubbachuuf garuu amma yeroo isaa miti." jedhan.
(Ibr.9:5).
17.(Yai.5:14) ''Isin keessaa namni dhukkubsatu yoo jiraate
# luboota waldaa kiristaana mana isaatti haa waamsifatuu.
Isaan immoo maqaa Gooftaatiin dibata dibaniif haa
kadhataniif'' kan jedhu ''Jaarsolii Waldaa Kiristaanaa haa
waamsifatu'' jedhuutti jijjiiranii,
➔ "Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni # jaarsolii

waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa


gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. " (Yai.5:14).
.
.
.
Egaa walumaa galatti kitaabni inni dhugaa fi inni sirriin isa
jalqaba barreeffame akka ta'e nama hin mamsisu waan ta'eef
kitaabolee haaraa ba'aa jiran kanatti yemmuu fayyadamnu wal
maddii kaa'uudhaan madaalchisuun barbaachisaadha.
Egaa ilmi badiisaa inni phaawuloos ergaasa warra
(2Tas.2:1-12) barreesse akkasumas (Mul.13:1-13) irratti kan
isaan barreessan sun dhufuun dirqama yemmuu dhufuu
dhugaan morma jedhameera.

-------------------------
# 34
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

Amantii ++++ HOJII == Fayyina!!


Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!!
Ijoollee waaqayyo Ijoollee haadha keenya Durbee Maariyaam
akkam naa jirtu?
mee ergaa kana dubbisaa waliif qoodaa!! share gochuun
dirqama!!
namoonni tokko tokko fayyinni amantii qofaan malee hojii
gaarii hojjechuun ykn abboommi waaqayyoo eeguun miti nuun
jedhu!! jecha isaanii kanaafis xiqsiiwwan kanaa gadii nuu
dhiyeessu!

"namni qajeelaan amantiidhaan jireenya argata." Rom.1፥17

"nama kan ta'e tokkoollee wanta seerri namarraa barbaadu


gochuudhaan waaqayyo fuulduratti qajeelaa hin ta'u."Rome

3፥20

dabalataan Galatiyaa 2፥16 fi 2፥21

xiqsiiwwan kana sirriitti hubannee yoo ilaalle amantiin hojii


gaarii akka nuti hin hojjenne nu daangessa jechuuosoo hin
taane hojii gaarii qofti yoo amantii hin qabaanne faayida kan
hin qabne ta'uusaa nutti agarsiisa.kanaafidha "amantiin hojii
malee hojiin amantii malee du'aadha." jedhamee kan

barreeffameef. Yaaqob 2፥14-26

mee xiqsiiwwan armaan olii kun ergaawwan isaan of keessatti


qabatan maal akka ta'e ykn maaliif akka barreeffaman haa
ilaallu!!
1ffaa
Amantii jechuun gooftaa keenya Iyyesuu Kiristoositti amanuu
jechuudha.kana jechuunis inni waaqa ta'uusaa , fon namaa
uffachuusaa , bakka keenya bu'uudhaan dhukkubbii hunda nuu
baachuusaa ,nuuf du'ee du'aas ka'uusaa achii boodas gara
samiitti ol bahuusaafi xumura irrattis murtiidhaaf deebi'ee kan
dhufu tauusaaf inni duras kan ture barabaraanis kan jiraatu
ta'uusaa amanuu jechuudha!!!!!! kanaafuu Iyyesuus kiristoosin
osoo hin amanin hojii gaarii qofti kan nama hin fayyisne ta'uu
isaa barsiisuuf amantii qofa jedhamee barreeffame. Kana
jechuun garuu amantii qofatu fayyada malee hojii gaariin
faayidaa hin qabu jechuu miti.sababni isaa seexannillee
Iyyesuus kiristoosiin nii amana waan ta'eef.osoo amantii

qofaan taee seexana dura kan fayyu hin jiru ture. Yaqo.2፥19

gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos akkas jechuun nu


barsiiseera!

"gara jireenyaatti galuuf abboommota(ትእዛዛትን) eegi."mat

19፥17

"yoo na jaallattan abboommota koo eegaa."yoh 14፥15

jechuun gooftaan keenyaa Waa'ee abboommota isaa eeguu nu


barsiiseera.akkasumas isatti amanuun akka barbaachisu yoh

16፥29 fi 20፥31 irratti nu barsiiseera.

kanaafuu gooftaan keenya Iyyesuu kiristoosis ta'e duuka


bu'oonni isaa isatti akka amannuufi abboommota isaa akka
raawwannu nu barsiisan malee amantii qofti ni gahaa nuun hin
jenne.duuka bu'oonni gooftaa keenya I yyesuus kiristoos
waa'ee amantii irra deddeebiin kan dubbataniif hojii gaariin
waan hin barbaachisneef osoo hin taane "Amantaa" keenya
kan bu'uuresseefi kan raawwate Iyyesuus kiristoos Waan

ta'eefidha.Ibro 12፥2 raajonni baayinaan kan dubbatan(raajan)

waa'ee Kiristoosiin ture.raajiin isaanii kun kan raawwate yeroo


Iyyesuus kiristoos gara biyya lafaa dhufedha.raajichi nii
raawwatama jennee amanuun immoo dirqama amantaa
keenyaadha.raawwatameeras waan ta'eef.kanaafidha
barattoonni gooftaa kiristoositti osoo hin amanin fayyuun hin
jiru jedhanii kan nuu barressaniif.
gooftaan keenyaa amantiin qofaa isaatti gahaa akka hin taane
waa'ee amantii erga barsiiseen booda "anaan kan na jaallatu
abboommiikoo kan fudhatuufi hojiirra kan oolchudha"

jechuunYoh 14፥21 irratti dubbateera.kanumaan walqabatee

kan beekamuu qabu namni hojii gaarii hojjette tokko Iyyesuus


kiristoositti Hin amanne taanaan fayyina hin qabu.
fakkeenyaaf..... Namni Qorneelewoos jedhamu tokko hojii
gaarii sirriitti nii hojjeta ture. Garuu Iyyesuus kiristoosiin waan
hin beekneef hin amanuun ture.kanaaf hojii isaa kana waliin
kiristoositti akka amanuuf Pheexiroos gara nama kanaatti
ergamee akka isa barsiisuufi cuuphu taasifameera.

Hoj.du.buo.10፥1....... Kanaafi amantiif hojiin adda bahuu hin

danda'anii kan jedhameef.


kan biraa bara duuka bu'oonni gooftaa turanitti Ahiyuudonni
seera ooriitii eeguusaanii qofaan fayyineerra jedhanii amanaa
waan turaniif Qulqulluu PHaawuloos irra deddeebiin yoo
Iyyesuus kiristoositti amantan malee seera ooriitii qofaan
fayyuun hin danda'amu jechuun isaan barsiisuuf "amantii qofa
" jedhee barreessaa ture.
2ffaa
Amantii jechuun rakkoo kamirraayyu waaqayyo kan nama
oolchu ta'uu ,waada gales kan raawwatu ta'uu ,kadhaa
namootaafis deebii kan kennu ta'uusaa amanuu
jechuudha.fkn...Abrihaam dulluma keessa haadha manaa isaa
dulloomte irraa ilma akka argatu yeroo itti himametti shakki
tokko malee amantiidhaan fudhachuun waadaa waaqayyo
galeef hunda amantiin waan eeggateef qulqullummaatti

lakkaa'ameef.ROME 4፥3 Kana jechuun Abrihaam amantii

qofaan fayyee jechuu miti.amantii isaa hojiin akka agarsiisuuf


jecha mucaa isaa Yishaaqiin aarsaa akka taasisuuf gaafatamee
tur.innis hojiin agarsiiseera. Kanarraa kan hubannu amannus
amantii keenya hojiin agarsiisuun dirqama ta'uusaati malee
amantii qofaan fayyina jechuu miti.
3ffaa
amantii malee seera raawwachuun fayyinni hin jiru jechuun kan
barreeffameef seeraawwan jiran hunda guutummaa guutuutti
raawwachuu kan danda'u hin jiru jechuufidha malee amantii
qofaaf miti.seera jiran guutummaa guutuutti raawwachuu yoo
dadhabnes waaqayyo dadhabbii keenya ilaalee dhiifama nuuf
godha jennee yoo amanne amantiifi dadhabbiin keenya waaqa
fuulduratti fudhatama ni argata jechuudha malee amantii
qofatu nu fayyisaa jechuu miti.osoo akkas hin taane ta'e
namtichi makliitii 5 fudhatee 10 godhe sun eebbifamee kan 1
fudhatee achumaan hanbise sun ceepha'amuunsaa hiika

dhaba ture!! Luq 19፥12-24

egaan xiqsiiwwan jalqabarratti amantii qofa jedhamanii


barreeffaman sun maaliif akka barreeffaman akka armaan olitti
bal'inaan erga ilaallee kanati aansuun immoo jecha
shakkitoonni jedhan sun ykn kan isaan amantii qofaan fayyita
jechuun nama dogoggorsanii namni cubbuu isaaf dhiifama
waaqayyoon akka hin gaafanne taasisaa jiran sun
dogoggoraafi balaa hamaa akka of keessaa qabu kutaa itti
aanutti ilaalla!!
waaqayyoof galanni haa ta'u
haadhasaaf fannoosaaf galanni haa ta'u
eegumsi Ergamootaa eebbi Qulqullootaa nurra haa bulu!!
namni kutaa 1ffaa kana dubbise hunkdi kutaa 2ffaas dubisuu
qaba.dafee akka isin gahuuf share godhaa!!!

ተዋሕዶ ለዘላለም ትኑር!!!!!!!

-------------------------
# 33
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

Amantii +Hojii=Fayyina!!!
kutaa-2ffaa(Xumuraa)
maaloo barreeffamni dheerate jettanii hin nuffinaati dubbisaa
share gochuun namoota dogoggoraa jiran baraaraa!!!
Maatiiwwan Waaqayyoo akkam jirtu? nagaan isiniif haa Ta'u!!
yeroo darbee waa'ee amantii fi fayyinaa ilaallee turre!
har'ammoo "dogoggora "amantii qofaanin fayya" jechuun qabu
waliin ilaalla! waaqayyo nu haa gargaaru!

dogoggora amantii qofaan fayyinni argama jechuun qabu፥

1ffaa
namni kan fayyu amantii qofaanidha jedhanii yaaduun
abboommii fi seera Waaqayyo nuuf kenne gatii dhabsiisuu ykn
tuffachuu dha.dabalataanis abboommii kan eegeefi hin eegne
wal qixa akka ilaalamu taasisa kunimmoo dogoggora
guddadha! gooftaan akkas jedhe!
waanan isinitti himu utuu hin godhin, yaa gooftaa, yaa gooftaa
naan jettu? Gara koo kan dhufu, dubbii koos kan dhaggeeffatu,
kan isa raawwatus, waan inni fakkaatu isinittan mul'isa.
Inni nama boolla gad fageessee qotee, hundee mana isaa
dhagaa irra dhaabee ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee manii
isaa irra danbali'ee, manichattis bu'e; garuu isa sochoosuu hin
dandeenye, hundeen isaa jabaatee ijaarameera. Namni dubbii
koo dhaggeeffatee hin raawwanne garuu, nama hundee mana
isaa gad fageessee utuu hin dhaabin, biyyoo irratti ijaarrate
fakkaata. Bishaanis guutee yommuu itti bu'etti, manichi
tokkichumaan jige, jiguun isaas badduu baasa ta'e"

jedhe.....luqas 6፥46-49
erga Iyyesuus kiristoos akkas jedhee warri amantii qofa
jechuun lafa nutti dhiitan eenyurraa barataniree???
@ "jaalala abbaako isa waaqarraa nama hojjetu malee yaa
gooftaa yaa gooftaa kan jedhu hundi mootummaa waaqarraa

galuu hin danda'u" mat 7፥21

@"gara jireenyaatti seenuu yoo barbaadde abboommota

eegi!"mat 19፥17

@......"seerichi ofiisaatii qulqulluudha,abboommichis qulqulluu

,qajeelaa,gaariidhas!" rom 7፥12

@"namni wanta seerichi barbaadu hojjetu ittiin ni jiraata!"

Galatiya 3፥12

@"namni akka ta'utti yoo ittiin hojjete seerichi wanta gaarii

ta'uusaa nii beekna!"1ximo1፥8

egaan kitaabni qulqulluun waa'ee seeraa fi abboommii erga


akkasitti ragaa bahee "ani amantii qofaanin fayya" jechuun of
goyyoomsuun maaliif barbaachise??
2ffaa
fayyinni kan argamu amantii qofaani jedhanii yaaduun hojii

gaarii waaqayyo hojjete ganuu (መካድ)dha.amantii qofa jedhanii

dhaadachuun isa gooftaan " akkuman qulqulluu ta'e isinis


qulqulluu ta'aa"nuun jedhe mormuu ta'a!!! amantii keenya
qofaan nu fayyisa yoo ta'e qulqullummaafi gaarummaan isaa
maaliin beekamaree?? kitaabni qulqulluun akkas jedha....
@"ani waaqayyo gooftaa keessan;ani qulqulluu waanan ta'eef

isinis of qulqulleessaa qulqulluus ta'aa" ser.lewo..11፥44

kanaafuu nuti qulqulluu kan taanu maaliniree????


@"inni kattaa jabaadha wanta inni godhus mudaa hin qabu
karaan isaa hundinuu qajeelaadha....jal'inni isa keessa hin

jiru...."ser.keessa de.32፥4
@"egaan abbaan keessan inni waaqarraa mudaa malee

akkuma ta'e isinis warra mudaa hin qabne ta'aa!" mat 5፥48

@"inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e isinis jireenya

keessaniin qulqulluu ta'aa!! 1Phex 1፥15-16

egaan xiqsiiwwan kana hundarraa kan barannu hojii gaarii


hojennee jireenya keenyaan waaqayyoon akka fakkaannu ykn
akka qulqulloofnudha malee cubbuudhaan laaqamaa hojii
badaa hojjechaa amantii qofaan fayyina jennee of goyyoomsuu
miti.
3ffaa
amantii qofaan fayyina jedhanii yaaduun ulaagaa ittiin
waaqayyo murtii kennu mormuu jechuudha.sababni isaa
waaqayyo kan inni nutti murteessu hojii nuti hojjenne
madaaleeti malee amantii qofaan miti!
@"ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin ni
dhufa yommus adduma addaan akka hojii isaatti gatii isaa ni

kenna!" mat 16፥27

@" waaqayyo nama hundumaaf adduma addaan ለእያንዳንዱ

akkuma hojii isaatti gatii nii kennaaf!"rom 2፥5-6

@" hundumti keenya barcuma firdii waaqayyoo duratti

dhiyaachuuf jirra!" rom 14፥10

@..." namni adduma addaan dhaqna isaa kanatti osoo jiruu


gaaris ta'e hamaas ta'e ,akkuma hojjetetti waan isaaf malu
akka argatuuf nuyi hundumti keenya barcuma firdii kiristoos

duratti dhiyaachuuf jirra."2qor 5፥10

@..namni waanuma facaase haammata....Galat.6፥7-8

@"... Eenyullee garbichas ta'u birmaduus ta'u hojii gaarii isa


hojjeteef gooftaa biraa gatii isaa akka fudhatu beekaa!" Efeso

6፥8
@.."kunoo ani dafee nan dhufa....akka hojii isaatti gatiin

namaaf kennus fidee nan dhufa! "mul.yoh 22፥12

xiqsiiwwan kana hundarraa kan hubannu gooftaan yeroo


dhufutti dhala namaatti kan inni murteessu hojii namni hojjete
madaaleeti jechuudha.fayyine jechuun immoo murtii du'aa
barabaraa oolle jechuudha.kanaaf abiddi baraa baraa akka
nutti hin murtoofnneef hojii gaarii hojjechuu qabna malee
waan amanneef qofa fayyine jechuu miti.
4ffaa
amantii qofaan fayyina jechuun waaqayyo dadhabbii keenyaaf
gatii nu hin kaffalu ykn dadhabbii keenya hin yaadatu
jechuudha.
@"dhuguman isinitti hima eenyullee isaan xixinnaayoo kana
keessa isa tokkoof ....bishaaan qabbanaa'aa illee .....yoo kenne

gatii isaa hin dhabu!" mat 10፥40

@"mat 25፥40"

@ "Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan isa isin


warra isaaf qulqullaa'an gargaartanii, ammas gargaaruutti
jiraachuu keessaniin argisiiftan hin irraanfatu, hin jal'isus." Ibro

6፥10

kana hundarraa an hubannu waaqayyo hojii gaarii nuti hojjennu


hundaaf gatii kan nuu kennu ta'uusaati malee akka jarri jedhan
amantii qofaatu fayyadaa miti!
5ffaa
amantii qofaan fayyina jechuun kitaaba qulqulluu ykn sagalee
waaqayyoo mormuu ykn balaaleffachuu dha.
@....." Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba"
jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu
immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree?
Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ?
Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in
uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga'u hin argatan
ta'a;
isin keessaa tokko immoo,waan namummaa isaaniif
barbaachisu utuu hin kenniniif, "Nagaadhaan dhaqaa isinitti
haa ho'u, quufaas!" yoo ittiin jedhe, bu'aa maalii qabaaf ree?
Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo
ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.
Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan
immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?" in jedha; ani
immoo, "Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee
na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa
gaariidhaan sin argisiisa. Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in
amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuronni hamoonni
iyyuu in amanu, in roqomus.
Namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo argisiisuu
dhaabaatte, waa'ee kan hin baafne1 akka ta'e beekuu in
barbaaddaa?" nan jedha. Abrahaam abbaan keenya ilma isaa
Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin
qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree?
Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal
gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka
baafame in argita. Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa,
"Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in
lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo
jedhamee in waamame.
Egaa namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta'in, hojii
gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa'amu in argitu. Akkasuma
Rahaab ejjituunis yeroo warra ergamanii dhufan sana simtee,
karaa biraa akka ba'an goote, hojii gaariidhaan qajeeltuutti
lakkaa'amtee turte mitii ree? Akkuma dhagni hafuurri keessaa
ba'e, du'aa ta'e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne

du'aa dha."jedha.Ya'iqob 2፥14-26

amantiin hojii malee faayidaa kan hin qabne ta'uusaa sagalee


kana caalaa wanti nama amansiisu hin jiru!
dabalataan amantiin hojii malee gatii kan hin qabne ta'uusaa
dubbistanii akka bartaniif kana isin affeereera maqaa

waaqayyootin(Rom 2፥13 1qor 13፥1-2)

walumaa galatti amantiin hojii malee du'aadha! osoo amantii


qofaan ta'ee seexanatu dura fayya ture !!!!!!!!!!
eleleleleleleleleleleleleleleleleele
yaa waaqayyo galanni siif haa ta'u!!
amantaa dhugaa akkan qabaadhu waan na taasifteef
Galatoomi!!
bagan Oortodoksii ta'e!!
%
galanni waaqayyoof haa ta'u!!
haadha isaaf
fannoo isaaf haa ta'u!!
ameeen!!
share godhaa nama tokko barsiisaa!!!
yaadannoon isaa ijoollee Maaramii hundaaf naaf haa ta'u

ተዋሕዶ ለዘላለም ትኑር !!!

-------------------------
# 32
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

MALLATTOO NAGAA!!!
kan haadha keenya durbee Maaramii jaallatu hundi share
gochuu qaba!!
share share share.......
haadha gooftaa keenyaa haadha fayyisaa keenyaa haadha
keenya durbee Maaramii qabaachuu keenyaaf hundi keenya
haa gammannu!
ilma namaa(Iyyesuus Kiristoosiin) deesseetti waan ta'eef
dhaloonni hundi haadha keenya "Tsiyoon" jedhaan!! far

86(87)፥4-7! uummanni ITOOPHIYAAS haadha keenya TSIYOON

jedhaan! shakkitoonni xiqsiin kun biyya Israa'eliif dubbatamee


nuun jedhu! isaan shakkitoota waan ta'aniif jechi isaanii kun
yoomiyyuu sobadha.sababni isaa uuummanni Itoophiyaa
Israa'el keessatti hin dhalanne waan ta'eef!! kan nuti haadha
keenya jennuuf Yohaannistu nus ta'e dhaloota hunda bakka
bu'ee haadha gooftaa akka haadha keenyaatti nuuf fudhate
waan ta'eefidha!!!
@@@ hojii inni guddaan anarratti hojjetameera! dhaloonni

hundi qulqulleettii naan jedhaa!!! luq 1፥48 jedhamee

barreeffamus jawwichiifi ijoolleen isaa ishee balaaleffachuufi

ishee arrabsuu dhiisuu hin dandeenye!! mul.12፥13-17

*** dhaloonni abaaramaan kan haadha isaa hin galateeffanne


kan mataa isaas akka waan qulqulluu ta'eetti of ilaalu ni jira.

Fakkenya 30፥11-12

@@ ati dhaloota keessaa kan eebbifamtedhaa. Luq 1፥28

jedhamee barreeffamuus dhaloonni abaaramaan har'aa garuu


aniif Maaramiin tokkodha jechuun maqaa haadha fayyisaa
addunyaa kanaa deessee xureessaa jira!
DHALOONNI HUNDI MAQAA ISHEE HAA FAARSU! ana miti
kan jedhe kitaaba qulqulluudha!

@ namni hundi haadha keenya Tsiyoon jedha! far 86(87)፥4-7

@har'aa jalqabee dhaloonni hundi qulqulleettii naan jedhu!!

luq1፥48

hubadhaa! dhaloota hunda kan jedhame Addaam irraa


jalqabee hamma har'aatti kan jiran hundadha malee namoota
muraasa qofa miti! "dhaloota hunda jedhamee barreeffamee
jira!" kan kana hin fudhadhu jedhu kan sagalee kana mormu
isa Iyyesuus kirstoos hin beekneefi kitaaba qulqulluutti hin
amannedha!!durbee Maaramiin Hewaan 2ffaa taate dhufte
Iyyesuus kiristoos Immoo Addaam 2ffaa ta'ee dhufee du'a
baraa baraa dhala namaatti murteeffamee ture haqe!!
@ dhaloonni hundi haadha gooftaa,mallattoo fayyinaa kan
taate durbee maaramii hin faarsine,maqaashee hin waamne

taanaan luq1፥48 irratti dhaloonni hundi qulqulleettii naan jedhu

kan jedhu sun akkamitti dhugaa ta'a? akkamittis hoiirra oola??


egaan kan kana mormu nama keessas dhaloota keessas isa
hin jirredha jechuudha!!
waa'ee haadha gooftaa deessee mitii waa'een Musee hamma

har'aatti lallabamaa jira!! hoj.du.buo..15፥21---mul.ata yoh 15፥3

kana qofa miti dubartiin isheen gooftaa keenya Iyyesuus


Kiristoosiin shittoo(urgooftuu) dibde sababa hojii gaarii ishee
kanaaf bakka wangeelli lallabamu hundatti maqaanshee akka
dhahamuufi yaadannoonshee akka taasifamuf gooftaan

dubbateera.mat 27፥6-13 maarree waa'een dubartii kanaa erga

lallabamee fayyisaa addunyaa kan deesse haati keenya durbee


Maaramiin waa'eenshee yoo lallabame rakkoo maalii qaba?
jawwichiifi ijoolleen isaa maaliif haadha kana balaaleffatu
maaliif mormuun???
@@@ samiirrattis ta'e lafarratti mallattoo fayyinaa tokkollee
hin barbaadina mallattoon fayyinaa nuuf kennamte haadha
keenya durbee Maaramiidha!ana miti kitaaba qulqulluutu
jedhe!
"kunoo gooftaan mallattoo isiniif ni keennaa durbeen ni

ulfoofti mucaas nii deessii!!" Isa.7፥14

"innis uummata isaa cubbuu irraa waan fayyisuuf maqaa isaas

Iyyesuus jettaan!" mat 1፥21

nutis kanaaf mallattoo fayyinaa keenya jenneen!!!


egaan jawwichi har'allee ishee arrabsuuf afaan isaa banus

(mul.12፥1) isheen garuu "mallattoo" gooftaan keenyaa ishee

isheerraa dhalatee nu fayyisuuf nuuf kennedha!


kan durbee Maaramii irraa dhalate AMAANU'EEL jedhama!
Amaanu'eel jechuun waaqayyo nu waliin ta'e jechuudha! mat

1፥22-23****waaqayyo kan nu waliin ta'e kan nu fayyise durbee

Maaramii irraa dhalachuudhaanidha!kanaafidha Maaramii nii


faarsina isheedhaan fayyina argannee kan jennuuf!!
@ sagaleen durbee Maaramii isa dhalatee lafa jiru miti isa
gadameessa haadhasaa keessa jiruyyuu gammachuudhaan

akka inni burraaqu taasiseera.luq 1፥44-45 kanaafidha yeroo

hunda Maaramiitti gammadaa kan jennuufi!!


@durbee Maaramiidhaaf sagada kabajaa nii sagadna! sababni

isaa fars. 131(132)፥7 irratti "bakka miillonni isaa dhaabbatanitti

nii sagadna" jedhee jira.gooftaan keenya immoo gadameessa


durbee Maaramii keessa ji'a 9 fi bultii 5 dhaabbateera! kanaaf
sagada kabajaa kenninaaf. "kan kabajni ta'uuf kabaja kennaa!!"
13፥7

XUMURA IRRATTI
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos barattoota isaa keessaa
Yohaannisiin, uumama hunda keessaa immoo haadhasaa
durbee Maaramii jaallata!waan isaan jaalatuuf isaaniin
imaanaa walitti kenneera! Yohaannisiin "kunoo haadhakee"
jedheen! Maaramiidhaan ammoo "kunoo mucaakee " jedheen!

YOH 19፥27

Shakkitootni garuu kennaa kana akka Yohaannisiin hin


fudhatan.ni shakku waan ta'eef.danda'anii hin amanan.an
hamman isaan argetti isaanii xiqsii kana dubbatu tasumaa
argee hin beeku.yoo an itti himeyyuu na mormu! nu warra
amaneef garuu sagaleen kun fayyina.nuuf gammachuudha!!
Iyyesuus kiristoos warra yaa gooftaa yaa gooftaa qofa jedhan
hin jaallatu.isaaniin ofirraa ifataan!! inni kan inni jaalatu waarra

ajaja isaa eeganiifi hojiirra oolchanidha!!mat 7፥21-23!!!

kanaaf ijoolleen durbee Maariyaam jabaadhaa amantii


keessaniin dhaabbadhaaaaaaaaaan dhaamsa kooti!!
Ani akka YOHAANIS Haadha gooftaakoo tt nan gammada!!!!

luq 1፥44-45

share share share........


Galanni waaqayyoof haa ta'u!
haadhasaaf!
fannoosaaf haa ta'u!!

ተዋሕዶ ለዘላለም ትኑር !!

-------------------------
# 31
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

# Fayyinni # Iyyesuusiin # malee !

Hojii duuka bu'ootaa 4፥12

kutaa 2ffaa
Oortoodooksiin kamiyyuu dubbisuu qaba.sagalee waaqayyoo
kanaan shakkitoonni saba waaqayyoo baay'ee dogoggorsan
waan ta'eef hundumtuu dubbisaati irraa baradhaa! waliifis
qoodaa!!
..................

kutaa 1ffaa keessatti sagaleen hdb 4፥12 irratti barreeffame

sun eenyuuf akka dubbatame maaliif akka dubbatame yoom


akka dubbatameefi fayyinni Iyyesuusiin malee jechuun maal
akka ta'e bal'inaan ilaallee turre! wari hin dubbisne dubbisaa!
har''ammoo fayyina Ergamootaan qulqullootaan
wareegamtootaan argamu ilaalla! waaqayyo nu haa gargaaru!

፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤፤

# Fayyina # Ergamootaan # Argamu!


Fayyina Ergamootaan argamu ilaalchisee Daawwit akkas
jedheera...."Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon

sodaatanii in buufata, inni isaan Nii fayyisas" far 33፥7

kunoo akkuma argitan hdb 4፥12 irratti fayyinni Iyyesuusiin qofa

jedhee haa barreeffamuyyuu malee far 33፥7 irratti immoo

ergamoonni ni fayyisu jedhee jira! sagaleen waaqayyoo hundi


isaayyuu hiika qaba.
Ergamoonni ni fayyisu jechuun maal jechuudha yoo jenne
fayyisummaan isaanii "fayyisummaa kennaati" jechuu keenya!
karaalee ittiin ergamoonni nu fayyisan bakka 3tti qoodnee
ilaaluu dandeenya.
1- # Eegumsa isaaniin!
Ergamoonni nu eeguudhaan nu fayyisu.kunis kitaaba qulqulluu
irratti barreeffamee jira shakkitootatu shakkaaf malee!
-->> "Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif

ergamoota isaa siif ni erga" far 90(91)፥11

-->> "Waaqayyo inni karaa ergamaa isaa hamaa hundumaa na

oolche, ijoollee kana haa eebbisu!" seera Uum. 48፥16

Ergamoonni nuti diina keenya kan ta'e daabiloosiin akka hin


miidhamneef akka hamaan nurra hin geenyeef akka nuti hin

kufneef nu eeguudhaan nu fayyisu! seer.uum 19፥20-25 Dani

3፥23-30 galanni waaqayyoof haa ta'u!

2- # Kadhannaa # isaaniitiin
Ergamoonni kadhannaa isaaniitiin dhalli namaa kufaatii inni
cubbuu keessatti kufe keessaa ka'ee gara waaqayyootti akka
dhiyaatu gochuun ni fayyisu.

zakk 1፥12 irratti "Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee,

"Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti mandara


Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama
itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu ree?" jechuun
ergamaan waaqayyoo saba Israa'eliif kadhateera.waaqayyos
kadhannaa isaa kana dhagahuun "gara Iyyerusaalemitti
dhiifamaan deebi'eera Iyyeruusaalem irratti mannikoos ni
ijaarama" jechuun dubbateera.
Egaan ergamoonni kadhannaa isaaniin eegumsa isaaiin nu
fayyisuu jechuudha!

Gabri'eel Balali'aa dhufe" Dan 4፥21


Mikaa'el na gargaaruu dhufe" Dan 10፥13

Fayyina kana fakkeenya salphaa ta'een yoo ibsinu ......fknf


namni tokko dhukkubsatee yoo gara mana yaalaa deemee fi
ogeessi fayyaa mana yaalichaa jirus namicha dhukkubsate
kanaaf qorannoo dhiigaa taasiseee gorsaa fi qoricha garaa
garaa kennuufiidhaan namichi kun akka fayyu yoo taasise
"ogeessi fayyichaa" namicha dhukkabsate kanaaf # ofiisaatiin
qoricha ta'ee fayyise hin jedhamu.namicha kana kan fayyise
qorannoo inni taasise gorsaa fi qoricha inni kennetu bakka
tokkotti walitti dhufee namicha kana fayyise.
akkuma kana Ergamoonni kennaa waaqayyo irraa isaaniif
kennameen yoo nu fayyisan isaan waaqayyoon ta'an jechuu
miti! kadhannaa isaaniin araarsummaa isaaniin kennaa isaaniif
kennameen nu gargaaruun nu fayyisu akka nuti fayyina argannu

nu taasisu! Ibro 1፥14

3- # Daandii # Agarsiisuudhaan !
Ergamoonni warra waaqayyoon sodaatanitti daandii qajeelaa
agarsiisuudhaan ni fayyisu. Israa'elonni gabrummaa Gibtsii
jalaa erga bilisa bahanii booda Ergamaan waaqayyoo Qulqulluu
Mikaa'el, Daandii isaanitti agarsiisuudhaan isaan dursaa

tureera. Seera ba'uu 23፥20 daandii agarsiisuun isaa kun egaan

"Fayyisuu" (fayyina) jedhama.sababni isaa sabni Israa'el kun


daandii badiisaa irra akka hin deemneef kallattii hin taaneen
deemanii akka hin dogoggrreef daandii isa sirri ergamaan
waaqayyoo kun isaanitti agarsiisaa ture waan ta'eef.otuu inni
isaa dursuudhaa baatee maal akka uumamu tilmaamuun nama
hin dhibu. Kanaafidha Daawwit " Ergamaan Waaqayyoo
naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan

Nii fayyisas" far 33፥7 jedhee kan dubbateef.


kanaafuu nuti ijoolleen Tewaahidoo warri wangeelatti amannu
ragaa keenya wangeela godhannee ergamoonni nu fayyisuu
jenna.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
# Fayyina # Qulqulloota , # wareegamtootaan # Argamu!
qulqulloonnis akkuma ergamootaa kadhannaa isaaniin
araarsummaa isaaniin kennaa isaaniif kennameen nu fayyisu,
nu gargaaru.maaliif jennaan waaqayyo waadaa isaaniif galeera
waan ta'eef.

"warran filadhe waliin kakuu galeera!"far 88፥3

jedhee Daawwit akkuma dubbate gooftaan keenya Iyyesuus


kiristoos warra waadaan galameef warra filatamaniif jecha
guyyaan dhiphinaa sun akka hir'atu akkas jechuun
barsiiseera...."Guyyoonni sun utuu gabaabbachuudhaa baatanii,
namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif

jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru." mat 24፥22

warra kakuu galame kanatti amanan hundaa waaqayyo abidda


baraa baraa nii oolchaan !
Ameen nuuf haa ta'u!
qulqulloonni lubbuu isaaniitiin kakatanii illee akka nuti hin
badne nuuf kadhachuun nu fayyisu.anagafa Raajotaa kan ta'e
Museen yeroo waaqayyo saba sraa'eliin balleessuuf ka'etti
"saba kana hin balleessin anaan galmee jireenyaa irraa na
balleessi" jechuun saba Israa'eliif kadhateera.seera ba'uu

32፥1-15 keessa deebii 9፥12-20 far 105(106) ፥23

# Fayyisummaan waaqayyoo fi fayyisummaan qulqullootaa


tokko miti garaa garadha.qulqulloonni kan isaan nu fayyisan
kennaa waaqa irraa isaaniif kennameefiinidha.waaqayyo
ammoo waaqummaa isaatiin nu fayyisa!
# hubadhaa qulqulloonni kennaa fayyisuu akuma qaban
kanneen kennaa waaqummaa qaban illee ni jiru! seera ba'uu

7፥1

egaan kennaa qulqullootaaf kenname kanati fayyadamuudhaaf


dirqama fayyisummaa isa jalqabaa ykn isa waaqayyo dhala
namaa fayyise sana amanuu qabna.Iyyesuus kiristoos samii
irraa gad bu'ee durbee Maariyaam irraa dhalatee Gadaamii
Qoronxoositti tsoomee kadhatee daabiloosiin qoramee
waggaa 30ffaa isaatti galaana Yoordaanositti cuuphamee
guyyaa Jimaataa fannoo irra oolee foon isaa kukkutuun dhiiga
isaa dhangalaasuun nu fayyisuu isaa amanuu qabna! kun isa
jalqabaati.qulqulloonni kan isaan kadhataniif warreen amananii
fi daandii qajeeelaa irra jiraniifidha.

Phaawuloos waa'ee kanaa ibseera.ibro 1፥14 "isaan kun

hundinuu hafuurota hojii warra fayyina dhaaluuf (argachuuf))


jiraniif gargaaruudhaaf ergaman mitiiree?)jedheera.kana
jechuun isaa waaqummaa kiristoositti warra amananii fooniif
diiga isaa fudhatanii cuuphamanii gara waaqayyootti osoo
deebi'aa jiranii warra dadaban warra qormaata diinaan laafan
warra gufatanii boodatti hafan isaan kana qulqulloonni
kadhannaa isaaniin ni jajjabeessu ni gargaaru ni fayyisuu
jechuu isaaati
~~~<<<<~~~~~~
qulqulloonni Ergamoonni wareegamtoonni yoom nu
gargaaru ??? kan jedhuuf ....."yeroo namni tokko qalbii
jijjiirrachuun ,foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuu osoo
barbaaduu garuu sababa garaa garaatiin yoo dadhabe
,akkasumas seexanni nama tokkotti rakkoo hawaasummaa
rakkoo maatii rakkoo barumsaa rakkoo daldalaa rakkoo
gaa'elaa rakkoo fayyaa.....itti fiduudhaan nama sana yoo
gufachiise yeroo kanatti ergamoonni wareegamtoonni
qulqulloonni kadhannaa isaaniin kennaa isaaniin waadaa
isaaniif galameen nama sanaaf kadhatanii gargaaruudhaan
kiyyoo kana keessaa isaan baasu! kun # fayyisuu jedhama.
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Nuti yeroo hojjennu yeroo qabsoofnu qormaatni nutti baay'atee
nii dadhabna.yeroo kanatti qulqulloonni wareegamtoonni
kadhannaa isaaniin nu jabeessu nu fayyisu.fayyisummaan
isaanii kanadha jechuudha.qulqulluun PHaawuloos Tajaajilli
inni adeemsisaa ture akka isaaf milkaa'uuf akkasumas
waaqayyo warreen hamoo ta'an irraa akka isa fayyisuuf "nuuf

kadhadhaa!" 2tes 3፥1 jedhee ture. Qulqulluu Phaawuloos ofii

isaa kadhachuu wallaalee miti .garuu namni fooni dadhabaa


waan ta'eef gargaarsi waan isa barbaachisuuf "Nuuf
kadhadhaa" jedheera.
kiristaanummaa keessatti inni tokko isa biraa gargaaruun

dirqama.Kanas Yaa'iqoob 5፥16 irrratti "Yoos dhukkubattii akka

fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis


kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee
hojjechuu in danda'a. "jechuun ibseera.
jireenyi kiristaanummaa dadhabbii guddaa of keessaa
qaba.namni tokko kadhannaa godhachuu dadhabuu danda'a
tsoomuu dadhabuu danda'a, sababa garaa garaan sagaduu
dadhabuu danda'a.qulqulloonni warreen akkasii kana
kadhannaa isaaniitiin ni gargaaru.kadhannaa godhachuu
dadhabuunii fi kadhannaa godhachuu jibbuun tokko miti.
qulqulloonni kan isaan gargaaran warra osoo dadhabanii osoo
barbaadanii dhaban! warra waan hundi humna isaanii ol ta'ee

rakkoo keessatti kufan kanadha.ibro 1፥14 Yoh 4፥36-38

***********************
Namni tokko nama kan biraa fayyisuu danda'a.
faakkeenyaaf walii walii keenyaan wangeela yoo wal barsiisne
yoo wal gorsinee badiisa irraa wal deebisne akkasumas
cubbuu irraa dogoggra irraa yoo wal deebisne wal fayyisnee
jedhama.garuu fayyisummaa inni kun fayyina isa waaqayyoo fi
qulqullootaan argamu irraa addadha.tokko miti.kan nuti wal
fayyisne jennu daandii fayyinaa walitti agarsiisuu
keenyaanidha.badiisarra kufaatii irraa dogoggora irraa wal
deebisuun wal fayyisuudha.Abelu na fayyise abelu rakkinaa na
baase abelu dogoggora irraa na oolchee!!---- jennee
dubbachaa oolla mitiiree????
Yaa'iqoob waa'ee kanaa ibsee jira.

yaa'iqoob 5፥19-20 "Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo

jal'ate, namni biraan deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.


Inni nama cubbamaa karaa jal'inaa irraa deebisuu kun, lubbuu
du'a oolchuu isaa, baay'ini cubbuu deebi'ee akka hin argamne
gochuu isaa haa beeku!
egaan fayyina ykn fayyisummaa yeroo jennu akka shakkitootaa
sana hundumaa bakka tokkotti qabnee ilaallee miti.kitaaba
qulqulluu irratti fayyisummaan Waaqayyoo fayisummaan
ergamoota qulqulloota wareegamtoota bifa garaagaraan
icciitiidhaan barreeffamee jira.nuti isa kana ragaa godhanneet
kan dubannu.
Fayyinni hundumti kan argame waaqayyo irraati.Iyyesuus
kiristoos fayyisaa waan ta'eef qulqullootaaf wareegamtootaaf
ergamtootaaf kennaa fayyisuu kenneeraaf.barabaraan jiraataa
waan ta'eef hundumti keenyayyuu barabaraan akka jiraannuuf
kennaa nuuf kenneera.
.........................

egaan hdb 4፥12 irratti kan barreeffameefi hiikkaan Fayyinaa

kutaa 1ffaa fi 2ffaan ilaalaa turre kana fakkaata.dhugaa jiru


amannee akka itti bulluuf waaqayyo nu haa gargaaru!
Yaa obbolootakoo # Saroota irraa of eegaa! isa qulqullaa'e

sarootaaf hin kenninaa! Mat 7፥6

# xumura # irratti ........


gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos "-- Ani jirma wayiniiti isin

immoo damee isaati----"Yoh 15፥1-5

jechuuun dubbateera kanaafuu yeroo waa'ee muka tokkoo


dubbannu waa'ee jirma mukichaa fi damee mukichaas
dubbanne jechuudha.dameen muka sanaa goge yoo jennu
mukichis goge jechuu keenya.dameen mukichaa lalise yoo
jennu mukichis lalise jechuu keenya.akkuma kana waa'ee Tekle
Haayimaanot Waa'ee Aarseemaa Waa'ee Abuye Gebre Menfes
qiddus yoo dubbannu waa'ee kiristoosiin dubbanne jechuudha.
karaa gara biraatiin Inni qaama yoo ta'u nuti immoo kutaa
qaama isaati.fakkeenyaaf kutaalee qaamaa keessaa harki yoo
dhukkubsate mana yaalaa kan deemu harka qofa miti.kutaa
qaama hundatu gara mana yaala deema.sababni isaa harkatu
dhukkubsate jechuuf afaan itti dubbatamu gurri ittiin dhagahee
gaaffii deebisu ijji ittiin argu miilli ittiin gara mana yaalaa
deemamu jiraachuu qaba malee harki qofti gara mana
yaalaatti hin ergamu.walumaa galatti kutaaee qaamaa keessaa
tokkovyoo dhukkubsate qaama sanatu guutummaa guutuun

gara mana yaalaa deema! kanaafidha Luq 15፥10 irratti

"Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa


geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deei'u, ergamoonni
Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima" jechuun kan
barreeffameef.
kan hubate haa hubatu!
nuyiif ergamoota gidduu walitti dhufeenyi jiru qaama
tokkodha.Mikaa'el nu fayyise jechuun Waaqayo Nu fayise
jechuudha sabbni isaa kennaa fayyisuu kana kan kenneef
waaqayyodha waan ta'eef.Tekle Haaymaanot nu fayyisee
Gebre Menfes qiddus nu fayyise Aarseemaan nu Fayyiste
jechuun waaqayyo nu fayyisee jechuudha.sababni isaa
isaanirra bulee kan nu fayyisu waaqayyodh a waan ta'eef
.Durbee Maariyaam nu fayyiste yeroo jennu kennaa waaqayyo
isheef kenneen waadaa isheef galameen nu fayyisti kunis
eeyyama waaqayyooti jechuu keenya!
Galanni waaqayyoof haadha isaaf fannoo isaaf haa ta'u!
Ameen!
T.G
19/5/2011

-------------------------
# 30
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

# Halkan # Yaa 'iqoob # Isiniif # Haa # ta'u!


ijoolleen Ortoodoksii Tewaahidoo erga wal eebbisanii booda
ykn nagaan buli erga waliin jedhanii booda halkan "halkan
Yaa'iqoob isiniif haa ta'u!" waliin jedhu!
jechi kun eessaa dhufe? maal jechuudha?
deebii isaa gabaabsinee waliin ilaallaa!
waan na ajaa'ibu inni guddaan amantii nuti amannu qofa osoo
hin taane wanti nuti dubbannu illee hundi isaatu kitaaba
qulqulluu irratti kan hundaa'edha.ani kanaafidha yeroo hunda
Ortoodooksiidhaan kanin boonuuf!
gara mata duree keenyaatti haa deebinu! jechi kun kitaaba
qulqulluu irratti kan hundaa'edha! mudannoo gugguddaa
abbaan keenya Yaa'iqoob halkan isa mudate lamaan irratti
hundoofneeti jecha kana kan fayyadamnu!
Halkan Yaa'iqoob 1ffaa

seera uumamaa 28፥10-16

"Yommus Yaaqoob Bersheebaadhaa ba'ee gara Kaaraanitti


adeeme. Inni iddoo tokko ga'ee # Aduun # Lixnaan achi bule;
dhagoota iddoo sana jiran keessaa tokko fuudhee, mataa isaa
jala kaa'atee iddoodhuma sana ciise. Inni achitti abjuu
abju'atee, yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa
bantii waaqaa bira ga'u tokko in arge; kunoo, ergamoonni
Waaqayyoo isa irra ol in ba'u, gadis in bu'u turan. Waaqayyo
immoo isa gararraa dhaabatee, "Ani Waaqayyo gooftaa isa kan
Abrahaam abbaa kee tii, Waaqayyo isa kan Yisihaq; lafa ati irra
ciiftu kanas siif, sanyii keetiifis nan kenna;
sanyiin kees akka biyyoo lafaa in ta'a; gara lixa-biiftuutti, ba'a-
biiftuutti, harka bitaatti, harka mirgaattis in bal'ifata; qomoon
biyya lafaa irraas hundinuu sababii keetiif, sababii sanyii
keetiifis in eebbifamu. Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati
dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan
ani sitti dubbadhe siifan raawwadha malee, si hin gatu!" jedhe.
Achumaanis Yaaqoob hirribaa dammaqee, "Waaqayyo
dhuguma iddoo kana jira! Ani garuu kana hin beekne" jedhe.
egaa akkuma amma dubbistan Yaa'iqoob halkan isaa kana
keessatti yaabbannoo warqee samii ka'ee lafa gahu kan
ergamoonni waaqayyoo irra deddeebi'aa turan arge! arguu
qofa osoo hin taane Nii # Eebbifame ofii isaa qofa osoo hin
taane halkan kanatti sanyiin isaa illee nii eebbifame!
Halkan yaa'iqoob 2ffaa!

seera uumamaa 32፥22-30

Yaaqoobis halkanuma sana ka'ee dubartoota isaa lamaan,


xomboree warra fuudhe sana lamaan, ijoollee isaa kudha
tokkonuus fuudhee malkaa Yaaboq in ce'e; saan kana erga
gamaan ga'ee immoo, deebi'ee waan qabu hundumaa in
ceesise.
Inni lafa turetti deebi'ee achitti kophaa isaa hafe; namni tokkos
hamma # boruun baqaqutti Yaaqoobin # wal'aansoo qabe.
Namichis Yaaqoobin akka hin dandeenye yommuu arge,
walga'ii luka isaa jabeessee in qabe; Yaaqoobis amma iyyuu
namicha wal'aansoo qabuutti utuu jiruu cuuphiin isaa
iddoodhaa kaate. Namichis, Yaaqoobiin "Boruun baqaqeera,
gad na dhiisi!" jedhe; Yaaqoob immoo deebisee, "Yoo ana
eebbifte malee, ani gad si hin dhiisu" jedhe. Namichis,
"Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate; innis deebisee,
"Maqaan koo Yaaqoob" jedhe.
Yommus namichi, "Ati Waaqayyotti, namattis marmitee gad
dhiisuu diddee dhaabachuu dandeesseetta; kanaafis si'achi
maqaan kee Israa'el haa jedhamu malee, Yaaqoob hin
jedhamin!" jedhe; ["Israa'el" jechuun "Waaqayyo wajjin
wal'aansoo kan qabu" jechuu dha].
Yaaqoobis namichaan, "Hadaraa maqaa kee anatti himi!"
jedhe; namichis, "Maqaa koo maaliif gaafatta?" jedhee,
yommusuma achitti isa eebbise; yommus Yaaqoob, "Ani
Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera"
jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa "Pheeni'el" jedhee
moggaase; ["Pheeni'el" jechuun, "Fuula Waaqayyoo" jechuu
dha].
kutaa kitaaba qulqulluu kana qalbiin dubbiftaniittu jedheen
yaada!
akkuma amma argitan Yaa'iqoob halkan isaa isa 2ffaa kana
keessatti waaqayyoo ijaan arge! waaqayyoon arguu qofa osoo
hin taane hamma lafti bari'utti waaqayyoo waliin wal'aansoo
wal qabe! wal'aansoo qabee dhiise seetanii? "hamma na
eebbistutti gad si hin lakkisu" jedheenii hamma lafti bari'utti
wal'aanso qabeen! sana booda ni # injifate !!!! jaalalaan waan
injifateefis nii eebbifame! maqaan isaas nii jijjiirame! Yaa'iqoob
kan jedhamu sunis hafee # Israa 'el jedhame!
egaa nutis jaalalaan gad of qabummaadhaan gara
waaqayyootti dhiyaanne waaqayyoon yoo kadhanne maqaan
keenya inni xuraa'aan seenaan keenya inni badaan sun nii
jijjiirama! jireenyi keenyas nii eebbifama! waaqayyo nu haa
gargaaru!
nuti ijoolleen Tewaahidoo halkan eebbifamaa Yaa'iqoob kana
argachuuf jecha akkasumas yaada gaarii waaqayyo akkuma
Yaa'iqoobiin eebbise nuunis haa eebbisu jennee wal
eebbisuudhaan hawwii gaarii qabnu waliif ibsina!
jecha kana egaan seenaawwan lamaan armaan olii kan irratti
hundoofnee fayyadamnaa jechuudha!
Waaqni Yaa'iqoobiin eebbise hundumaan keenya haa eebbisu!
Halkan "Halkan Yaa'iqoob isiniif haa ta'u"
Ayyaana gaarii!
Tariku Gemeda
12/12/2011

-------------------------
# 29
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

Iyyesuus Kiristoos Waaqa dhiifama nuuf Godhudha malee


waaqa dhiifama nuuf kadhatu Miti!
Waaqni Nii kadhatama malee Hin Kadhatu!
------------
Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan
caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf
dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa
dha. 1Yoh 2:1
Caqasni kun akka shakkitoonni jedhan sana Iyyesuustu nuuf
kadhata jechuu miti.
hima kana sirriitti hubadhu."yoo cubbuu hojjenne kan nuuf
dhaabbatu abbaa biraa qabna jedha."
mee akka shakkitoonni hiikanitti haa hiiknu.yoo cubbuu
hojjenne abbaa bira nama nuuf dhaabbatu qabna kanaaf
cubbuu yoo hojjenne rakkoo hin qabu Iyyesuus nuuf kadhata
jechuu isaati.kkkk kun akka shakkitoonni hiikkatanittidha!
dhugaan isaa garuu akkas miti.nuti Cubbuu hojjechuuf hin
uumamne.qulqullummaan jiraannee waaqa akka
galateeffannuuf uumamne.kanaaf Caqasni kun Iyyesuus nuuf
kadhata kan jedhu hin ibsu.akkana taanaan abbaaf ilmi wal
caalu jechuudha.kunimmoo Yoh 10:30 waliin wal
faallessa."aniif abbaan tokko jedheera waan ta'eef.
caqasa kana akka shakkitoonni hiikkatanitti amanuun
dogoggora hamaadha.
akka kitaabni qulqulluun nu barsiisetti yoo ilaalle waan
# abbaan hojjetu hundi # ilmis nii hojjeta!
"isa # abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma # abbaan
# hojjetu # ilmis immoo akkuma kanatti in # hojjeta ." yoh 5:19
abbaan uumaa dha yoo ta'e ilmis uumaadhaa jechuudha.
shakkitoonni ilmi nii kadhata jedhanii hiikkatanii amanu
jecha isaanii kana Yoh 5:19 waliin wal bira qabnee yoo ilaallu
abbaan hojiin isaa kadhachuudha yoo ta'e ilmis nii kadhata
jechuudha.ilmi kan kadhatu yoo ta'e abbaanis nii kadhata
jechuudha.kunimmoo waaqni eenyudharee?" gaaffii jedhu nutti
uuma! kana irraa ka'uudhaan barumsi shakkitootaa durumayyuu
shakkiin kan guutame waan ta'eef dogoggora ta'uu isaa
hubanna jechuudha.
~Waan abbaan qabu hundinuu kan kooti; kanaafan inni dubbii
koo keessaa fuudhee isinitti in mul'isa, yoh 16:15
kan abbaa hundi kan ilmaati! kanaaf abbaafi ilmi wal hin
caalan wal hin faallessan waaqa tokkodha malee!
kanaafiyyu ilmi nuuf kadhata jedhanii amanuun ammas
dogoggora guddaadha. Waan abbaan hojjetu hunda ilmis nii
hojjeta.waan ilmi hojjetu hunda abbaanis nii hojjeta waan
ta'eef jechuudha.
......
erga akkas ta'ee abbaa bira kan nuuf dhaabbatu qabna jechuun
maal jechuudha? maaliif barreeffame? kan jedhuuf deebiin....
dursa caqasa isaa tokko tokkoon haa dubbisnu!
"Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan
caafa!"
jechi kun ifadha.yaa ijoollee ko cubbuu hin hojjetinaa! cubbuu
hojjechuun seexanaaf tole jedhanii waaqayyoon immo
diduudha waan ta'eef jechuusaati.kun egaa akka cubbuu in
hojjenneef nu akeekkachiisaa jira.
itti fufee immo akkas jedha......"namni tokko illee yoo cubbuu
hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis
Yesus Kristos isa qajeelaa dha. 1Yoh 2:1
kun immoo yoo Cubbuu hojjenne nama nuuf dhaabbatu qabna
jedha.kana wangeela isa duraa irra yoo ilaalle "PHeraaqilixoos
iin qabna!" jedha.isa ammaa kana(kan shakkitoonni akka
yaada mataa isaaniitti hiikanii maxxanfatan) yoo ilaallee immo
"abbaa bira kan nuuf dhaabbatu qabna jedha.isuma kana
macaafa isaanii isa 66 sana kan afaan amaaraan maxxanfame

irra yoo ilaalle ከአብ ዘንድ ጠበቃ አለን jedha.

kana jechuun Abbaa biraa Abukaattoo qabnaa jechuu isaati.


Abukaattoo jechuun immoo nama nuf falmu jechuudha!
Abukaatoon nama himatame tokkoof dhaabbatee falma!
egaa as irratti wanti hubachu qabnu eenyutu nu himata?
eenyutu himata nurratti bana? kan jedhudha.
kan nu himatu diina keenya diyaabiloos(seexana) dha. akka
shakkitoonni jedhanitti garuu Iyyesuus abbaa nuuf falma
jedhanii amanu kkkk.abbaaf ilmi tokko waan ta'aniif wal hin
dhaban walis hin falman "hojii tokko hojjetu waan ta'eef"
egaa kan nu himatu seexana yommuu ta'u kan nuuf falmu
immoo gooftaa krenya Iyyesuus kiristoosidha! kana jechuun
ammas Iyyesuus nuuf kadhata jechuu miti@
", "Amma fayyinni, aangoon, mootummaan kan Waaqayyo
keenyaa, aboonis kan Masiihii isaatii ta'eera; # hadheessituun
obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya
duratti isaan hadheessaa ture immoo gad darbatameera."
mul'ata 12:10
caqasni kun kan nu himatu kan waaqa fuulduratti nu
haadheessu # seexana ta'uu isaa nu hubachiisa.
caqasni ittaane jiru kunis kan nu kasasu ykn nu himatu
seexana ta'uu isaa agarsiisa.
***Yeroo kan biraa immoo Iyaasuun angafni lubaa ergamaa
Waaqayyoo dura utuu dhaabatuu, Seexanni immoo isa
hammeessuudhaaf gara mirgaa isaa dhaabachaa utuu jiruu
inni anatti in argisiise; yommus ergamichi [Waaqayyoo]
Seexanaan, "Waaqayyo si haa ifatu Seexana nana! Waaqayyo
inni Yerusaalemin fo'ate si haa ifatu! Namichi kun akka
mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee ti mitii ree?"
jedhe. Zakk 3:1-3
zakk 3:1-3 kan irraa ammas waan guddaa baranna.
seexanni dhala namaa himachuudhaaf ykn hadheessuudhaaf
waaqa fuuldura dhaabbate. Waaqayyo immoo seexanichi akka
inni nu hin hadheessineef nuuf falmuusaafi nuuf ifachuu isaa
argina.
isuma kanadha inni 1yoh 2:1 irratti abbaa bira kan nuuf
dhaabbatu jedhamee barreeffame sun
caqasa tokkon siif dabala! seenaa wangeela kana sirriitti
dubbisi
Yoh 8:3-11
Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte
tokko ol galchanii, namoota gidduu dhaabachiisan. Iyyesusiin
immoo, "Barsiisaa, dubartiin kun utuu ejjituu qabamte.
Museen seera keessatti, dubartoota akkasii dhagaadhaan
rukunnee akka ajjeefnu nu abboomeera; egaa ati immoo maal
jetta?" jedhan. Isaan kanaan qabanii isa hadheessuudhaaf
akkas jedhanii isa qoran; Iyyesus garuu gad-jedhee quba
isaatiin lafatti caafe.
isaan garuu ittuma dabalanii waan isa gaafataniif,Iyyesus ol
jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne, duraan dursee
dubartii kanatti dhagaa haa darbatu" isaaniin jedhe. Kana
booddee ammas gad jedhee lafatti caafe.
.........Yommus Iyyesus ol jedhee, "Dubartii nana, meerree
isaan? Namni tokko illee firdii si irratti hin raawwannee?"
isheedhaan jedhe.
Isheen immoo, "Tokko illee, gooftaa ko" jettee deebifteef; kana
irratti Iyyesus, "Egaa anis sitti hin # faradu, dhaqi ammaa
jalqabdee cubbuu hin hojjetin!" isheedhaan jedhe.
caqasa kana sirriitti dubbisteetta jedheen yaada!
seexanni fariisota keessa bulee dubartiin ejjituun sun akka
duutuuf waaqa fuulfuratti ishee himate(hadheesse). Yeroo
kanatti Iyyesuus kiristoos "namni isin keessaa cubbuu hin
hojjenne yoo jiraate dursee ishee haa ajjeesu " jedhee isheef
falme.jechi isaa kun egaa kadhachuu akka hin taane
beekamaadha.dubartii kanaaf abukaattoo ta'uu isaati malee
qaama biraa kadhachuu saa miti.
jecha Iyyesuus kana yeroo dhagahan fariisonni qaana'anii
ofirra deebi'an.sana booda Iyyesuus murteessaa ta'uu isaa
yeroo afaanuma isaan dubbatu" ani sababa balleessaa keef
sitti hin faradu.lammata cubbuu hin hojjetin jedhee" dubartittii
akeekkachiise.
kun egaa isa 1ffa Yoh 2:1 irratti barreeffame sana sirriitti ibsaa
jechuudha.
Cubbuu hin hojjetinaa.yoo hojjetan garuu nama isiniif
dhaabbatu qabdu jechuun isaa kanaafidha.
Iyyesuus kiristoos dubartii kanaaf waan gurguddaa 3
raawwateera.
1) dubartii kanaaf bakka ishee bu'ee falme
2) bakka ishee bu'ee falmuu isaatiinis dubartiin kun cubbuu
ishee irraa bilisa akka baatu ishee taasiseera
3) dubartiin kun cubbuu ishee irraa erga qulqullooftee boodaa
irra deebitee akka cubbuu akkasii hin hojjenneef "Cubbuu
akkasiitti hin deebi'in" jedhee ishee akeekkachiiseera.
egaa cubbuu ishee kanaan akka hin duuneef kan inni isheef
dubbate, cubbuu ishee kana irraa akka isheen qulqullooftu kan
taaasise, cubbuu akkanaattis akka isheen hin deebineef kan
ishee akeekkachiise # WAAQUMMAA isaatiinidha malee
qaama biraa isheedhaaf kadhatee miti.ofuma isaan waan
hunda isheef raawwate! kadhatee ishee fayyise osoo hin taane
waaqummaa isaatiin aangoo isaatiin du'a fariisonni isheef
qopheessan jalaa akka baatu taasiseera!
1ffaa Yoh 2:1 irratti kan barrreeffame sun hojiin yommuu
agarsiifamu kana fakkaata.hiikti isaas kanadha jechuudha.
deebiin kana fakkaata!
30/9/2012

-------------------------
# 28
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

"Amantii keenya nuuf guddisi!" Luq 17:5


Barreeffamni kun....
1) namoota ani amaneera ani fayyeera jedhanii dhaadataniif
2) namoota wallaalummaa irraan kan ka'e salphaadhumatti
gowwomfamanii amantaa isaanii gananii daandii badiisaa
qabatanii jiraniif yaadannoo naaf haa ta'u!!!
_____
Yaa Gooftaa Amantii keenya nuuf guddisi!
_____
jecha kana kan dubbate duuka bu'oota gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoosidha.
jecha isaanii kana irraa waan guddaa baranna.
bara amma nuti keessa jirru kanatti warri nama gooftaatti
amane fakkaachuudhaaf afaan qofaan yaa gooftaa yaa gooftaa
jedhan "nuti amanneerra, kan amane nu qofadha, amantiin
keenya guddaadha, nuti fayyineerra, bilisoomneerra,ifatti
baanerraa...." jechuudhaan dhaloota raatessaa jiru.
jechoonni isaanii kun jecha amanti ofiitti nama kakaasu osoo
hin taane jecha nama raffisu, kan nama dagachiisu, kan akka
nuti jireenya kiristaanummaa keenya irraanfannu godhuufi akka
namni galaana cubbuutiin laaqamee umurii isaa dabarsu kan
godhudha.
kaayyoon barreeffama kanaas dhugaa jiru adda baafattanii
amantii keessaniin akka dammaqxaniifi jechoota dogoggoraa
akka kanaa irraa akka of eegdaniifidha!
duuka bu'oonni gooftaa kan gooftaa ijaan arganii wajjin
jiraatanii isa waliin nyaatanii dhugan akka shakkitoota har'aa
kana of hin tuulle!
nuti amanneerra amantiin keenya gahaadha nuti fayyineerra
jedhaniis hin dhaadanne!
kiristaanummaa dhugaan gad of qabuudha waan ta'eef "Yaa
gooftaa # amantii keenya nuuf # guddisii" jedhanii isa kadhatan!
Luq 17:5
amantiin keenya nu gaheera hin jenne.si argineerra si
amanneerra jedhaniis hin dhaadanne.amantiin isaanii caalaatti
akka isaaniif dabalamuuf "amantii keenya nuuf guddisii"
jedhanii kadhatan.
warri har'a nuti amanneerra nuti fayyineerra jedhanii dhaadatan
garuu amantii isaanii yeroo qorree ilaallu "amantii hamma ija
sinaaficaa" illee of keessaa hin qaban.
kara alaatiin yoo ilaalaman bifa amantii qabu garuu humna
isaa gananiiru! (2ximo 3:5)
bilisoomneerra jedhu.garuu garba badiisaati! ammayyuu
garbumaa cubbuu jala jiru! (2phex 2:19)
jarri kun yeroo hunda daandii qajeelaa dhiisanii daandii jal'aa
irra warra adeemanidha.(2phex 2:15)
daandii jal'aa isaanii kana irrattis miseensa baay'ifachuuf jecha
namoota jabaatanii hin dhaabbatin dogoggorsuuf tooftaalee
garaagaraa kan ittiin kiyyoo isaanii keessa galfatan barbaaduun
fayyadamu.(2phex 2:14)
Kan isaan nama dogoggorsan immoo maqaa waaqayyootiini
dha.kan isaan kana godhaniif sobni isaanii akka isaan irratti
hin baramneefidha.(mat 24:5)
namootni kun namoota seera mormanidha.sababa namoota
kanaafis seera malee ykn gadhiisiitti jiraachuun waan
baay'atuuf jaalalli namoota gad bu'a. (mat 24:13)
egaa kana hubachuun baay'ee ulfaata! sababni isaa namootni
kun namoota nama dogoggorsuuf akkasumas amantii irra
nama kaachisuuf adeeman waan ta'eef akkuma seexanni
hamma ergamoota warra qulqullaa'oo of fakkeessuudhaaf of
jijjiiru sanatti jarri kunis amantoota dhugaa fakkaachuudhaaf
waan hundaan of jijjiiranii dhufu waan ta'eef sobduu ta'uu
isaanii hubachuun baay'ee ulfaata.
kan isaan qabatanii dhufan maqaa "MASIHICHAA" waan ta'eef
dhugaaf sobummaa isaanii adda baasuun hin danda'amu. Mat
24:12
garuu kana hunduma keessa darbee hanga dhumaatti kan
dhaabbate nii # fayya !! mat 24:13
Namootni sobdoota maqaa gooftaatiin dhufan kun garboota
badiisaa waan ta'aniif nuti isaan duukaa akka hin badneef
jecha gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos "Of Eeggadhaa!"
jedhee nu akeekkachiiseera! (mat 24:4)
Eenyumti illee akka isin hin dogoggorsine Of eeggadhaa!!!
________
Gara mata duree keenyaatti haa deebinu!
_______
"Yaa Gooftaa Amantii keenya nuuf Guddisi! "
mee sagalee kanaafi shakkitoota wal bira qabaa ilaalaa! an
homaayyuu isiniin hin jedhu!
jarri fayyineerra amanneerra kan isaan isiniin jedhaniif akka isin
of tuultanii amantii irraa of kaachistaniifidha.
shakkitoota yoo ilaaltan ani amanee fayyeera jedhu.amantii
isaanii garuu hojiin agarsiisuu hin danda'an.afaan qofaan
immoo amantiin hin jiru.warri afaan qofaan amananiifi yaa
gooftaa yaa gooftaa warri jedhan dhumni isaanii abidda baraa
baraa isa diyaabiloosiif ijoollee isaaf qophaa'edha.galmi isaanii
achi! (Mat 7:21-23)
kanaaf egaa nuti warri daandii ishee dhugaa qabannee jirru
akka shakkitootaa amanneerra fayyineerra cubbuu yoo
hojjennes rakkoo hin qabu jennee dhaadanna osoo hin taane
akka duuka bu'oota gooftaa, "yaa gooftaa amantii keenya nuuf
dabali nuuf guddisi!" jennee kadhanna!
inni shakkitoonni nuti fayyineerra kana booda cubbuu yoo
hojjennes rakkoo hin qabu jedhanis kitaaba qulqulluun yoo wal
bira qabnee ilaallu dogoggoradha!
---> ""Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis
nu keessa hin jiru..... Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne
immoo isa # sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin
jiru.""" 1Yoh 1:8-10
.....
Bartoota Gooftaa "amantii keenya nuuf guddisi!" jedhanii
kadhatan keessaa tokko kan ta'e PHeexiroos akkana jedhe......
""Namni qajeelaan # fayyuun rakkinaan erga ta'ee, namni
Waaqayyo malee jiraatuu fi namni cubbamaan attam ta'uuf jira
ree?" 1phex 4:18
"jecha isaa kana irraa maal hubannaa?" yoo jettan qulqulloonni
iyyuu rakkinaan fayyu erga ta'ee cubbamoonni immoo
akkamitti fayyu laata kan jedhudha.kanaaf egaa ani amaneera
ani fayyeera jedhanii dhaadachuun sun kitaaba qulqulluu waliin
wal mormuu akka ta'e barra jechuudha.qulqulloonni gooftaatti
amananii qulqulluu jedhaman iyyuu cinqiidhaan fayyu waan
ta'eef!!!
PHaawuloos immo akkas jedhe......""Hojii # fayyina keessanii
wajjin waliif galu sodaadhaafii rom'aan itti fufaa # hojjedha!"
felph 2:12"""
kunoo egaa PHaawuloosi hojii fayyinaa keessan
sodaachuudhaan rom'uudhaan itti fufaa hojjedhaa nuun jedhe
malee "ani amaneera ani fayyeera!"jedhaatii qucci jedhaa
taa'aa, lafa duwwaatti fokkoraa hin jenne!
hojii fayyinaa keessan itti fufaa hojjedhaa!!! jedhe! hojiin
fayyinaa kan dhaabbatu miti.hanga xumuraatti qabsoo afuuraa
qabsaa'uu barbaada.(hamma dhumaatti kan dhaabbate nii
fayya!) kanaaf altokko qofa amanuun ani fayyeera jedhanii
fokkoruu osoo hin taane hamma dhumaatti amantiin
dhaabbachuun hojii fayyinaa hojjechuutu nama fayyisa jechuu
isaati!
Abbaa Fayyinaa kan ta'e gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos
immoo waa'ee fayyinaa yeroo dubbatu akkas jedhe ...
~"hamma dhumaatti jabaate kan dhaabbate inni ni # fayya !"
mat 24
~"Jireenyatti galuu(fayyuu) yoo barbaadde abboommota koo
eegi! Mat 19:17
~"Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos, kan dhugu
jireenya bara baraa qaba" Yoh 6:53
~"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi
hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa
Waaqayyootti galuu(fayyuu) hin danda'u!!" Yoh 3:5
~"anatti kan amane jireenya baraa baraa qaba"Yoh 6:47
egaa jechoota gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos kana irraas
fayyuudhaaf maal gochuu akka qabnu hubanna!(dubbichi
ifadha waan ta'eef irra deebi'uun hin barbaachisu!)
kanuma irraa ka'uun egaa inni shakkitoonni ani amaneera ani
fayyeera ani cubbuu hin qabu ani qulqulluudha jedhanii
dhaadatan sun ragaa kan hin qabneefi jecha of tuulummaa
akka ta'e salphaadhumatti hubannaa jechuudha.
of tuulummaa fi barumsi sobaa kan argamu seexana irraati!
Yoh 8:44
egaa nuti dubbii sobaafi ergamoota sobaa kanaaf yoomiyyuu
gurra ergisuu hin qabnu!!!
Keesummattuu of tuuluun amala kiristaanaa miti.kiristaanni of
hin tuulu.of tuuluun amala seexanaati!
duuka bu'oonni gooftaas ta'e raajonni akkasumas abboonni
keenya hundumtuu gad of qabummaa nu barsiisan malee
oftuuluu nu hin barsiisne!
fakkeenyaaf
Daawwit nama "akka # laphee waaqayyoo" jedhamedha!
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis "ilma Daawwit" jedhamee
waamameera!
Daawwit kennaa kana hundumaa otuu qabu garuu guyyaa
tokko illee of hin tuulle!
waan isin ajaa'ibu Daawwit "Ani # Raammoo dha" ofiin jedhee
gad of qabummaa isaa nu agarsiise!
mee jecha Daawwit jedhe kana dubbisaa!
"Ani garuu # raammoo dha, namas miti" Far 21(22):1-7

PHaawuloos immoo "ani nama otuu hin gahin dhalateedha( እኔ

ጭንጋፍ ነኝ ) ani nama ergamaa (ሐዋርያ) jedhamuuf malu miti"

jechuudhan gad of qabummaa isaa nu barsiiseera! 1qor 15:8-9


egaan walumaa galatti gooftaan keenyas ta'e bartoonni isaa
hundi kan nu barsiisan gad of qabummaa dha malee lafa
duwwaatti ani amaneera ani fayyeera ani qulqulluudha ani
raajii dha ani wangeelaawwiidha ani mucaa kakuuti
jechuudhaan of tuulu ykn ol utaaluu miti.
......
kanaaf nutis dhugaa wangeela irra jiru kana hubannee dhugaa
jiru kanatti jiraachuudhaan shakkitoota nama dogoggorsan
kana irraa of eeguu qabna
akka duuka bu'oota gooftaa "Amantii Keenya nuuf Guddisi"
jennee Amantii keenyaan guddachaa hamma dhumaatti
jabaannee dhaabbannee jireenya baraa baraa argachuu qabna
malee "ani fayyeera ani qulqulluudha amaneera" jennee of
tuuluudhaan galaana cubbuu keessa gangalachuu hin qabnu!!!
dhaamsi koo kana!
Yaa Gooftaa Amantii Keenya Nuuf Guddisi!!!!
Ameen!

-------------------------
# 27
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

Foon ishee qulqulleessee, ishee qulqulleesse (ulfeessee) ,


Ishee irra bule!

« አንፂሖ ሥጋሃ ቀዲሶ ኪያሃ ኀደረ ላዕሌሃ»

*********
Baga Sooma Filsataan isin Gahe!
*********
Dubbisaa waliif Qoodaa!
******
Kanaan dura kutaa 1ffaa keessatti warreen Qulqullootaa fi
haadha gooftaa keenyaa balaaleffatan dubbii sobaa isaan
Durbee Maariyaam irratti kaasan sana bal'inaan ilaallee
turre.amma immoo kutaa 2ffaa isaa itti fufna.warri kutaa 1ffaa
hin dubbisne duuba deebi'aatii dubbisaa!
akkuma kanaan dura ilaalle shakkitoonni Maariyaamiin
Cubbamtuudha jedhanii nu amansiisuuf dhagaa isaan hin
galagalchine sobni isaan dhugaa hin fakkeessine hin jiru.
Jechoota isaan Maariyaamiin cubbamtuu turte jedhanii akka
ragaatti dhiyeessan keessa tokko isa Qulqulluu Yaared
jedhedha.....

አንፂሖ ሥጋሃ ቀዲሶ ኪያሃ ኀደረ ላዕሌሃ

jecha kana kan dubbate Qululluu Yaareedidha.hiikni isaa


gabaabinaan yoo ilaalle "Foon ishee Qulqulleessee ishees
qulqulleesse ishee irra bule" jechuudha
egaa jarri nama dogoggorsuuf waan deemaniif hiika dubbii
Yaared kaa hubachuu hin barbaadan icciitii isaas baruu hin
barbaadan! Yaared maaliif akkana jedhe kan jedhus beekuu hin
barbaadan.kan isaan barbaadan Maariyaamii xureessuuf jecha
gara yaada jal'ina isaaniitti micciiruu qofa barbaadu.
kanaafidha Yaared "foon ishee qulqulleessee isheerra bule"
waan jedheef Maaramiin cubbamtuu turte jedhanii hiika
dogoggora ta'e dubbii Yaared kanaaf kennanii kan isaan akka
ragaatti dhiyeessaniif.
dhugaan jiru garuu akka isaan jedhan miti.
Qulqulluun Yaared haati gooftaa eenyu akka taate kennaa
akkamii akka qabdu sirriitti nii beeka kanaafiha kan inni maqaa
ishee leellisaa tureef.

አንፂሖ ሥጋሃ ቀዲሶ ኪያሃ ኀደረ ላዕሌሃ" jedhee kan inni

dubbateefis "dhalli namaa hundi sababa Cubbuu dhaalaan


isaan qaqqabe irraa kan ka'e Cubbamaa ta'us Waaqayyo garuu
Bultoo isaa Qulqulluu godhee uumeet ishee irra bulee ishee
irraas dhalate" jechuu isaati.Durbeen Maariyaam
Kakuudhaanidha kan dhalatte!! Yerooma dhalatte Bultoo
waaqayyo waan taateef Qulqulluu taatee dhalatte! isa kana
ibsuu saati!!!!
Daawwitis Faarsaa isaa irratti waa'ee kanaa yeroo ibsu "Bakka

Bulmaata isaa Qulqulleesse! (ልዑል ማደሪያውን ቀደሰ) Far (45)46:4

jedheera.
kana jechuun egaa waaqayyo dhala namaa cubbamtootaa
ta'an hunda keessaa Bultoo isaa garuu Qulqulluu taasifate
jechuu isaati.ishee durbaan filate waan ta'eef Qulqulleettii
godhee ishee uume.
Luqas 1:35 irratti ibsame Durbeen Maariyaam, "Abbaan ishee
golboobuudhaan afuurri Qulqulluun ishee irra buluudhaan ilmi
immoo foon ishee uffatee ishee irraa dhalachuudhaan
# Bultoo_Waaqayyoo taateetti! sababni isaa Abbaa ilmi afuurri
qulqulluun sadanuu waaqa tokkodha waan ta'aniif. Bultoon
waaqayyoo immoo duras ammas barabaanis yoomiyyuu
qulqulluudha jechuudha! [Far 45(46):4.]
Qulqulluun Yaaredis kanuma ibse malee Maariyaamiin
Cubbamtuudha Hin jenne.jecha isaa kana kan jal'ise
jal'ootadha! kana dursinee beekuu qabna!
Qulqulluun Yaared jecha kana maal irratti hundaa'ee dubbate
isa jedhu beekuuf immoo "waaqayyo samiiwwan 7'n jiran
keessaa Bultoo isaa kan godhate "TSarihaa Aariyaam"
dha.TSarihaa Aariyaam immoo jalqabuma yeroo uumamte
Qulqulluu taatee uumamte Bultoo waaqayyooti waan taateef!
Lafa irratti immoo namoota jiran keessaa Bultoo isaa
ta'uudhaaf kennaa kan argatte, kan filatamte Haadha keenya
Durbee Maariyaamidha.Durbeen Maariyaam egaa TSarihaa
Aariyaam(Bultoo waaqayyoo) ishee lafa irraa waan taateef
akkuma TSarihaa Aariyaam yeroo uumamte sana qulqulluu
taatee uumamte Durbeen Maariyaamis Qulqulluu taatee
dhalatte jechuudha.Yaaredis kana irratti hundaa'eet jechicha
dubbate.
DHuma irratti wanti beekamu qabu Durbeen Maariyaam kan
filatamte erga dhalattee booda osoo hin taane otuu hin
dhalatin duradha.waaqayyo akka namaa miti! waan hojjetu
dursee nii beeka!!! kanaafuu akka tasaa ammuma ka'ee amma
Maariyaam irraa dhalate miti.akka ishee irraa dhalatu dursee
nii beeka ture. Bultoo isaa waan taateef isheen dhaloota jiran
irraa addaa taatee qulqulluu taatee kennaan guutamtee akka
dhalattu taasise.
*****
Qulqulluun Gabri'eel illee yeroo gara Durbee Maariyaamitti
adeeme sana Qulqulluu ta'uu ishee waan beekuuf akkuma gara
ishee dhaquun ulfinaan nagaa ishee gaafatee "kennaan kan
guutamtee, nagaan siif haa ta'u gammadi" isheen jedhe.Luq
1:28-48
otuu Maariyaam akkuma namoota kanneen biroo cubbamtuu
taatee silaa ulfina hamma kana gahu isheef hin kennu
ture.akkasumas "kennaan kan guutamte" jedhaan osoo hin
taane "ammaa kaase qulqlluuftee kennaan nii guutamta!"
jedhaan ture
sababni isaa namni mudaa(cubbuu) qabu guutummaa
guutuutti kennaan guutamuu hin danda'u.cubbuun isaa sun
kennaa inni argachuu qabu nii hir'isa ykn akka innii tasuma
kennaa(ayyaana) waaqayyo irraa hin arganne isa taasisa waan
ta'eef jechuudha.
********
Raajichi Isaayyas immoo akkana jedhee ture."Kanaafis
Waaqayyo ofii isaatii # milikkita isiniif ni kenna; kunoo, durbi nii
ulfoofti, ilmas nii deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jettee in
moggaafti" Isay 7:14
Milikkita kan jedhu sana jala muraa! egaa Milikkinni nuuf
kennamte kun Durbee Maariyaamidha.Milikkita nuuf ta'uu

ishee kan nuti ittiin beeknu፥----Qulqulleettii Durbummaadhaan

ulfooftee durbummaadhaan waaqayyoon deessu ta'uu


isheetiinidha.
otuu akkuma nama kanneen biroo cubbamtuu taatee akkamitti
# milikkita(mallattoo) nuuf taatiree? Isaayyasis silaa raajii kana
hin raaju ture!
*******
Abbaan Hiriyaaqos Galata Maariyaamiif dhiyeesse keessatti
"Waaqayyo abbaan samii irra taa'ee handaara lafaa, kaaba,
kibba, dhiha baha hunda nii ilaale....Kan akkakee garuu hin
argine....ilma isaa isa jaallatus gara keetti nii erge" jedheera!
Abbaan Hiriyaaqos Maariyaamiidhaan, "kan akka kee garuu hin
argine!" jechuun isaa namoonni hundi cubbumoota turan hunda
keessaa garuu ati adda(qulqulluudha) kan akka kee qulqulluu
ta'e hin jiru sirraa kan hafe hunduu Cubbuu dhaala Addaam
irraa argameen faalamanii jiru jechuu isaati!
Nutis egaa akka shakkitootaa dogoggoraan Maqaa Maaramii
xureessuu qabna osoo hin taane akka qulqulluu Yaared, akka
Abbaa Hiriyaaqositti galata isheef malu dhiyeessuufi qabna!
kitaabni qulqulluun:--->
warra qajeelota ta'aniif galanni nii malaaf!

(ለቅኖች ምስጋና ይገባል) Far 33:1

kan kabajni ta'uuf kabaja kennaa!! rome 13:7


jedha waan ta'eef!
Ameen!
share waliif godhaa!
Tariku@G
4/12/2012

-------------------------
# 26
-------------------------
Date: 2020-08-12
Subject:

Mul'ata Yoh 12:1-5


Nagaan Waaqayyoo Hunduma keessaniif haa ta'u!
Barreeffama kana Obsaa fi Qalbiin dubbisaa! yoo ofii dubbisuu
dadhabdan illee namoota dubbisaniif SHare godhaa!
******
Jawwichi amma illee Dubartittii ari'achuu hin dhiisne! Mul'anni
Yohaannisis ifatti raawwatamaa jira.
warri Haadha gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin
balaaleffatan har'as jibba isheef qaban karaa garaa garaatin
ibsachaa jiru.
wanta baay'ee nama dinqudha! Hojiin isaanii dhugaa fi kitaaba
qulqulluu Mormuudha waan ta'eef Mul'anni Yohaannis 12:1-6
kan jiru waa'ee Maariyaamii hin ibsu jedhu.
garuu kutaan kun ifaaf ifatti waa'ee Durbee Maariyaamii fi ilma
ishee kan ta'e Iyyesuus Kiristoos akka inni ibsu namni hundi
dubbisee waan hubachuu danda'udha!
kan isaan kutaan kun Maariyaamii hin ibsu jedhaniif karaa
kamiiniyyuu taanaan Maqaan Maariyaam akka waamamu
waa'een ishee akka dubbatamu gonkuma waan hin
barbaanneefidha!
"Mul' Yoh 12:1-6 kun waa'ee Maariyaamii fi Mucaa ishee hin
ibsu erga jettanii waa'ee eenyu ibsaree?" jennee yeroo nuti
gaafannu muraasni isaanii kutaan kun waa'ee "waldaa
Kiristiyaanaa" ibsa jedhu.kkkkk
isaanumtiyyuu Bakka kuma 33 olitti qoqqoodamanii jiru waan
ta'eef ejjennoo dhaabbata ta'e ykn immo barumsa qabatamaa
ta'e hin qaban kanaaf deebisanii wal mormu.garuu Harki
Caalaa isaaniitiin kun maal ibsa jennee yeroo gaafannu immoo
kun"saba Israa'eliin" ibsa nuun jedhu.
isaanumtu ejjennoo dhaabbataa hin qaban kanaaf deebisanii
barumsa adda adda ta'e qabatanii caqasa tokko irratti wal
mormu jechuudha.
isaaniin walitti gadhiisneet Mul' Yoh 12:1-5 waa'ee eenyuu ibsa
kan jedhu dhugaa jiru waliin ilaalla! obsaan dubbisaa!
*******
Duraan dursine kaayyoon caqasa kanaa maali? kan jedhu
gabaabsinee haa ilaallu!
Mul' Yoh 12:1-5 kaayyoon isaa ykn ergaan inni dabarsuuf
barreeffame kakuu moofaa keessatti Addaamiif Hewaan gorsa
Diyaabiloos Bofa irra bulee isaan gorse fudhachuun ajaja
waaqayyo isaaniif kenne waan cabsaniif Bofichaa fi sanyii
dubartitti(Hewaan) irraa dhalatu gidduutti diinummaan akka
uumamuufi akkasumas Bofichi koomee ijoollee dubartitti akka
hiddu waaqayyo abaareenii ture. Seera uum. 3:1-15
Kakuu Haaraa keessatti garuu Gooftaan Keenyaa Iyyesuus
Kiristoos Samii irraa gad bu'uudhaan Hewaan 2ffaa kan taate
Haadha keenya durbee Maariyaam irraa dhalatee Mataa
Bofichaa(seexanicha) DHala namaa hunda hiddaa ture sana
bubburuqsuudhaan seexanicha injifatee dhala namaas bilisa
baasee gara samiitti ol bahe!
Caqasa kana 2'n dubbisaa! [Galat 4:4 Mul' 12:9]
Mul'anni Yohaannis akkuma maqaa isaa irraa hubannu caaffata
Raajii(mul'ata) ta'edha!caaffatni yookin kitaabileen akkanaa
immo kallattiin osoo hin taane fakkeenya garaa garaatiin
barreeffamu.kanaafidha qulqulluun Yohaannisis Mul'ata isaa
Yeroo barreessu Boq 12 jalatti *Heroodsi Iyyesuus Kiristoosiin
ajjeesuuf kaka'uu isaa Jawwee Daa'imicha liqimsuuf kaka'een
fakkeessee, Maariyaam Heroodsi mucaakoo na jalaa ajjeesa
jettee dhiphachaa turuu isheefi daa'imman heerodsi ajjeesu
sana hundaaf dhiphachaa turuu ishee # Ciniinsuudhaan
fakkeessee kan inni barreesseef! Mul' Yoh 12:1-5
Egaa Yohaannis Fakkeenyaan ibsuu isaati malee Maariyaamiitu
Ciniinsuudhaan Iyyesuus Kiristoosiin dahe ykn immoo
bineensa Jawwee jedhamutu lafa irra lo'aa dhufee Iyyesuus
kiristoosiin liqimsa jechuu miti.
Jawween Heeroodsiin ibsa
Ciniinsuu kan jedhame immoo dhiphina Maariyaamiin yeroo
sana arga turte kan ibsudha! Durbeen Maariyaam Dubartoota
hunda irraa kennaa adda ta'e qabdi waan ta'eef yeroo gooftaa
keenya Deesse Ciniinsuun ishee hin qabne ture!
kutaan kun egaa kanuma ibsuuf kan caafamedha jechuudha.
mee tokko tokkoon haa ilaallu!
1) "Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee
gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis
koomee isaa nii hiddita" seera uum. 3:15
caqasa kana irraa akkuma hubannu Dubartittiifi boficha
gidduutti diinummaan bu'eera.bara dheeraadhaaf bofichi
koome ijoollee Dubartittii hiddaa ture.kana jechuun Seexanni
bara dheeradhaaf dhala namaa hunda garboomfatee bitaa ture
jechuudha!
Garuu Abdiin tokko nii jira! Abdichis maali yoo jettani
Daa'imni hunda irratti aboo qabu tokko dubartii irraa dhalatee
seexana bara dheeraadhaaf dhala namaa garboofamtee
gidirsaa ture kana mataa isaa kan buruqsu ykn seexanicha kan
injifatu tokko akka dhufu Abdiitu jira!
Addaam Abdiin kun jiraachuu isaa waan beekuuf maqaa
Haadha manaa isaa *Hewaan* jedhee moggaase.Hewaan
jechuun haadha warra jiraatanii jechuudha.maqaan kun egaa
maqaa Raajii gara fuulduratti ta'u ibsudha.sababni isaa
Hewaan ofii isheetiyyuu Cubbuu waan hojjetteef duutii isheef
ilmaan isheetti Murtaa'ee ture! garuu du'a kana dhala, dhala
ishee irraa dhalatee kan injifatu tokko akka dhufu abdiin waan
jiruuf haadha warra jiraatanii jedhamtee waamamte! Seera Um.
3:20
otuu abdiin kun hin jiru ta'ee silaa maqaan Hewaan haadha
warra jiraatanii osoo hin taane haadha warra du'anii kan jedhu
ta'a ture.
Barichi raawwatamee abdiin eegamaa ture sun yeroon isaa
yeroo gahetti garuu eenyummaanii fi kaayyoon bofichaa nii
barame!
[Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa
erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee" Galatiya 4:4]
Abrihaamiifi ijoollee isaatiif abdii tokkotu kenname ture!
Abdichis Hiddi ykn Sanyiin Abrahaam inni Abrahaamiif abdii
ta'e kun Qulqulleettii durbee Maariyaam irraa kan dhalate
# Kiristoosidha !
Egaa Waaqayyo Abrahaamii fi hidda isaatiif abdii kenneera;
caaffanni qulqullaa' aan, akka nama baay'eedhaaf
dubbatamutti "Hiddoota" hin jedhu, akka nama tokkoof
dubbatamutti "Hidda" jedha, innis Kiristos. Galat. 3:16
Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni "Obboloota
koo" jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a
isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama
ta'e. Ibro 2:14-16
egaa akkuma uum 3:15 irratti ibsame sana mataa bofaan kan
fakkeeffame du'a kan balleessuu Gooftaa keenya Iyyesuus
Kiristoos yommuu ta'u haadha warra jiraatanii kan taatee
immo haadha keenya Durbee Maariyaamiidha! sababni isaa
Durbee Maariyaam irraa kan dhalate sun isa jireenya nuuf
kennedha waan ta'eef.yeroo sanaaf haadha jiraatanii kan
jedhamte Hewaan ta'uyyuu Haadha warra jiraatanii akka hin
taane hojiin agarsiisteetti.ijoolleen ishee irraa dhalatan hunduu
bara dheeraadhaaf du'a jalatti garboomfamanii bitamaa turan.
seenaan kun kan jijjiirame garuu haati keenya durbeen
Maariyaam dhalattee mucaa jireenya nuuf kennu dahuu
isheetiinidha! isa ishee irraa dhalatetu du'a keenya gara
jireenyaatti nuuf jijjiire! isa kana raajonnillee abdiin eegaa
turaniiru.isay 7:14 (9:6)
egaa Mul'anni Yohaannis 12:15 kun dubbiin seera uumamaa
3:15 irratti dubbatamee nuti ilaalaa turre sun akkamitti akka
raawwatame fakkeenyaan ibsee jechuudha!
akkamitti kan jedhuuf immoo lakk. 2 jalatti ilaalla!
2) Diyaabiloos akkuma bofa irra buluudhaan Addaamiin
gowwoomsee sanyii Addaamitti diina ta'ee ari'achaa ture sana
kakuu haaraa keessattis Seexanumti kun Feri'oonirra
buluudhaan Maariyaamiifi ilma ishee ari'ateera! Mat 2:13-14
Yeroo Feri'oon ilma Maariyaamii ajjeesuudhaaf jedhutti haati
keenya Durbee Maariyaamiin mucicha fudhattee Gara biyya
Gibtsitti godaante! Maariyaamiin biyya Gibtsitti hammamiif
mucaa ishee qabattee godaante yoo jettan "waggaa 3 fi
wallakkaafi ykn ji'oota 42 fidha.
raawwii kanatu mul'ata Yoh 12:1-6 tti ibsame.Yohaannis yeroo
waa'ee kanaa ibsu Godaansi Maariyaamii guyyoota 1260
jechuun fakkeenyaan ibseera. Guyyaa 1260 yeroo gara ji'aatti
jijjiiramu ji'a 42 ta'a! hirtanii ilaaluu dandeessu!
Egaa gabaabumatti Yohaannis Mul'ata isaa yeroo barreessu
Heroodsii Iyyesuus kiristoosiin ajjeesuudhaaf kak'uu isaa
Jawwichi daa'ima dubartittiin deesse liqimsuudhaaf kaka'uu
isaatiin fakkeesse barreesse.
Durbeen Maariyaam immoo mucaan ishee ajjeefamuuf
barbaadamuu isaa beektee baay'ee dhiphachuu ishee immoo
Ciniinsuu dhaan fakkeessee ibse.
Ciniinsuun akka kitaabni qulqulluun jedhutti dhiphina
ibsa.malee isa dubartiin yeroo dahuuf jettu sana isheetti dhufu
qofa miti.Durbeen Maariyaam Ciniinsuu maleedha kan Gooftaa
keenya deesse.sababni isaa akkuma duraan jenne Durbeen
Maariyaam abaarsa dubartoota irra gahe irraa bilisa waan
taateef Ciniinsuu malee deesse.
kanaafuu Mul'a Yoh 12:2 irratti "Isheen ulfa turte; ciniinsuu
da'umsaatiinis dhiphattee in iyyite" jechuun kan barreeffame
sun Durbeen Maariyaam mucaan koo na jalaa ajjeefama jettee
sodaafi dhiphuu guddaa keessa kan turte ta'uu ishee ibsa.
Ciniinsuun dhiphina kan ibsu ta'uu isaaf ragaan koo wangeela
dha.innis kunooti.....
Yaa ijoollee ko, hamma Kristos isin keessatti mul'atutti,
hamma isin deebitanii ijoollee koo taatanitti, ani akka dubartii
deessuutti nan ciniinsifadha. Galatiya 4:19
PHaawuloos dubbi isaa kana keessatti "nan Ciniinsifadha"
jedheera.kana jechuun isaa akkuma dubartiittiin Ciniinsifadhee
dahaa jechuu isaa miti.nan ciniinsifadha jechuun isaa "isiniif
jedheen dhiphadha" jechuu isaati.
"Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka
# ciniinsifatu in beekna." rome 8:22
kana jechuun egaa uummata hundatu daa'ima da'uuf
ciniisifata jechuu osoo hin taane uummata hundatu rakkoo isa
irra gaheef dhiphata jechuu isaati.
Dabalataan Isay21:3 fi Hose'i 13:13 dubbisaa!
Durbeen Maariyaam kennaa isheef kennameen, Iyyesuus yeroo
dhalatutti Heeroodsi akka inni rifatee isa ajjeesuuf isa
barbaadu, sana booda immoo isa dhabee daa'imman
Iyyerusaalem akka inni cafaccafee ajjeesu dursitee ni beekti
ture. Kanaaf dhiphina guddaa keessa turte!
Simi'oon illee kana waan beekuuf Durbee Maariyaamidhaan
sayifiin dhiphinaa akka ishee argatu isheetti himee ture! Luq
2:34-35
egaa Yohaannisis isuma kana Jawwicha Heroodsiin
fakkeessee Dhiphina maariyaam dhiphattu immoo Ciniinsuun
fakkeessee barreesse.
maaliif fakkeenyaan barreesse yoo jettan kitaabichi kitaaba
mul'ataati! mul'anni immoo caffata kanneen biroo irraa
addadha.hiika guddaa qaba.kallattiin hin barreeffamu!
Kanaafuu inni shakkitoonni sobdee afuuftuu sun ragaa kitaaba
qulqulluun yeroo ilaallutti fudhatama dhabaa jechuudha.
........
kkkkk mee innumti shakkitoonni jedhan suniyyuu dhugaadha
jennee fudhanna yoo jenne waldaa kiristiyaanaa isa kamtu
ciniinsifatee Iyyesuusiin dahe? Waldaa Kiristiyaanaatu
Iyyesuusiin dahe moo Iyyesuustu Waldaa kiristaanaa
hundeesse? mee akkam akkmittidha kan mul'anni yoh 12
waa'ee waldaa kiristiyaanaa ibsu?
ani kanumatu na ajaa'ibe na kolfisiisa! jibbi isaan Maariyaamiif
qaban wangeela illee akka isaan jallisan isaan godhe.nu haa
baraaru!
Xumura irratti immoo Mul'ata Yohaannis keessaa ifaaf ifatti
waa'ee Maariyaamiifi Ilma ishee kan ibsu tokko ilaalla!
"Isheen ilma saba hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf
jedhu in deesse;" Mul' 12:5
mee namni waa dubbisuu danda'uu dubbisee haa faradu!
Caqasni kun durbee Maariyaamii fi ilma ishee hin ibsine
taanaan eenyuun ibsa?
hoo raajiidhaam.mee caqasichan ammas al tokko irraa
deebi'a. Naaf dubbisaamee maal jedha?
"Isheen ilma saba hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf
jedhu in deesse;" Mul' 12:5
Dubbistanii mitii? mee kun waldaa Kiristiyaanaa moo Durbee
Maaramiif ilma ishee Iyyesuus Kiristoosiin ibsa????
isheen ilma saba hundamaa kan Siiqqee Sibiilaatiin # Tiksu
deesse!
isheen deesse kun eenyu? Durbee Maariyaamidha!
inni saba hundumaa Tiksuuf dhalate hoo eenyu? Iyyesuus
kiristoosidha! kanaan ala jira kan jettan yoo ta'e ragaa naaf
fidaa!
Iyyesuus Kiristoos "Tiksee gaariin ana" jedhee Tiksee keenya
tiksee saba hundaa ta'uu isaa ofumsaan dubbateera. Yoh 10:11
Saba hunda Tiksuu kan danda'u Waaqayyo malee hin jiru.inni
durbee Maariyaam irra dhalate kun immoo waaqa jabaa abbaa
saba hundaa Fayyisaa addunyaa ta'uu isaa raajonni dursanii
raajanii turan.Isay 7:14 isay 9:6 Luq 2
Yohaannisis isuma kana mul'ata isaatiin barreesse!
egaa dhugaan kun otuu akkanatti ifa ta'ee osoo barreeffamee
jiru Maariyaamii jibbuuf jecha sagalee waaqayyoo kana
jall'isuun kun maaliif? bu'aa maal argachuufi? maal yoo
dhugaatti amanne?
egaa gabaabumatti Mul'anni Yoh kun gonkumaa waa'ee
waldaa Kiristiyaanaa kan hin ibsine yoo ta'u akkuma ilaalaa
turre kan inni ibsu Durbee Maariyaamii fi ilma ishee kan ta'e
Iyyesuus kiristoosidha.
Waldaa kiristaanaatu Iyyesuus Kiristoosiin dahe osoo
hin taane Iyyesuus Kiristoos Durbee Maariyaam irraa dhalatee
harka Yihuudotaatti rukutamee kabalamee dhiiga isaa
dhangalaasee fannoo irra oolee du'ee du'aa ka'uudhaan
"waldaa kiristiyaanaa" Hundeessee gara samiitti ol bahee!!!
Hojii Ergamootaa 20:28
inni kun jala Muramee beekamuu qaba!
Xumureera!
DHaamsi ani Ijoollee Oortodooksiif qabu Amantaa keessanitti
jabaadhaa dhaabbadhaa.jall'oonni isin dogoggorsuudhaaf
kutatanii ka'aniiru.kanaaf dammaqaa Yaadaan Cimaatii
Amantaa keessaniin dhaabbadhaa! Barumsa jal'ootaa irraas
fagaadhaa!!!
Galanni waaqayyoof, Deessuu isaaf Fannoo isaaf Haa ta'u
Ameen!
warri dubbistanii fixxan comment jalatti Galatiyaa 4:19
barreessa.akka isin dubbistanii xumurtaniin mirkaneeffadhaa!
share gochuus hin dagatinaa!
6/12/2012
Tariku@G

-------------------------
# 25
-------------------------
Date: 2020-08-09
Subject:

Fars 17:33 waaqayyion hamanadhu wants gaariis hohhedhu

-------------------------
# 24
-------------------------
Date: 2020-08-05
Subject: HIN RAAFAMNU SODANNE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Hin raafamnu sodaanne


akka nama abdi hin qabne
Duunus jiraannus keeti
nuti beenyaa dhiiga keetii

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

Beekaan wallaala tahee


furmaatatu harkaa harca'e
Ajaja kee cabsinee
qormaataf of kennine

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

Dhiiphuun keenyaa guddatus👇

rakkoo keenyaa olii iyeesus👇

Fedhiin kee qofti haa tahu 👇

nurratti aangoon kee haa mo'u👇

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

Ulfaatus guyyaan harra


komii hin qabnuu nu sirraa
Bu'aa badii keenyaati
malee sibiraa miti

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

Abdii hin qabnu lafarra


biyyi keenyaa samii irraa
Nutis ni galla gaabbii
barana nurra darbii

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉
Akkati hamaaf nu Hin laanne
Hin jiru kan Hin beekne
Kanaaf iyyaa siwaamna
asaasnee sitti himanna

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

Yaaddoo Hin qabun nuti


addunyaa darbuu irraati
Dhugaa tokko ni beekna
jireenya itti aanuu yaadna

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉

-------------------------
# 23
-------------------------
Date: 2020-08-05
Subject: Here problem

1.homaa maal akkan tahe illee na hin gaafattu jijjirama sagalee ko illee ilaaltee ani garuu meeqa ishee
gaafadha
2.akkan barbaadeen taha jetti ana malees jechuu baayyisti
3 fedha isheef malee kan namaaf bakka hin qabdu
4.dhiira wajjiin hariiroo bayyisti .
5 ergaa boodaaniti immo bilbilaa hin kaastuu ,baayyees hin bilbiltuu
6.dubbii garaatti qabannaa baayyisti
7.ofiin gidduu galeessa godhatte malee hin hasoftuu
8.bilbilaa maa hin kaastuu jennaan hin agarree,hojii irraan turee baayyisti
9.background fokkisaa qabdii
10.hagas mara kabaja namaaf hin qabdu .
11.ofittummaa cimaa qabdii

-------------------------
# 22
-------------------------
Date: 2020-08-03
Subject:

Yene tesfa ayer lay aydelem hije laynew inji

-------------------------
# 21
-------------------------
Date: 2020-08-02
Subject: Barumsaa wangeela

Mat 13:1-9 fakkeenya nama sanyii facaasuu

-------------------------
# 20
-------------------------
Date: 2020-07-29
Subject: QULQULLEETI ARSEEMAA
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Dhuguma mi'ayina addunyaa tuffatteetta


Dhiiga kee mootummaa waaqayyoof dhangalasteetta
Kadhaan kee nu faana haa tahu yeroo hundumaa
Nu araarsii ati wareegamtuu qulqulleetti arseemaa

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Kiristoos iyyesuus kaayyoo kee godhattee


Jireenya addunyaarraa hundumaa tuffattee
Mootichi dirxadis yoo dhufee amminaani
Cimteetuu dhabbattee abbaa waaqayyooni

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Harmi kee muramee dhiigni kee lola'ee


Seefiin morma keerraa qaramee dhabbatuus
Dammaafi aannantuu sikeessaati bahee
Diinni ni qaana'ee gooftaan si kabajee

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Diinni koo baayyeedha kan gaadu lubbukoo


Akka ani hin sochooneef gufun jireenya koo
An garuu hin sodaadhuu si'in qabadheera
Maqaa kee waamuuniis diina qanesseera

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Kawaala kee dhufee kadhannaa godhadhee


Uumaa koottin bo'ee maqaa keen mo'adhe
Kakuu ati qabduu cimaadha gooftaarraa
Araarsummaa keetiin kunoo dhabbadheera

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
-------------------------
# 19
-------------------------
Date: 2020-07-28
Subject: Ambo unvi online code

C205a9
In case you may have conversations to delete, here is the code.
##002# lakkoofsaa fi mallattoolee kana fayyadamuun sagalee fi haasawaa hanga ammaatti goote delete
godhi! Ijoollee keenya namoota beektuuf forward godhi!

-------------------------
# 18
-------------------------
Date: 2020-07-23
Subject:

1mot 3:27 haatii dhugaa isheedha

-------------------------
# 17
-------------------------
Date: 2020-07-21
Subject: 100002326446
-------------------------
# 16
-------------------------
Date: 2020-07-16
Subject: 100002289339

Lukkuun iyyaa didus laftii bariu hn didduu


Mudannoon kaleessa muxannoof bayeessaa

-------------------------
# 15
-------------------------
Date: 2020-07-11
Subject: Electirical

Black ground
Red phase

-------------------------
# 14
-------------------------
Date: 2020-06-30

Subject: Haceekoo😭😭😭😭😭
Sane (Waxabajjii)22/10/2012
galgala 3:30 naannoo kondeminiyeemii galaan jedhamutti
Manni hidhaa qoraasumaa dhiiraati abbaa hacaaluu

😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

"Kan garaa malee mataa qabu keessaa hin jiru"


Biranemeskel

-------------------------
# 13
-------------------------
Date: 2020-06-29
Subject: Falakech bill

100002408794
Dear customer,you have made 383.70Br. payment for Ethiopian Electric Utility on 07/07/20 21:15,Txn ID
7G7630XIOS. Your CBE Birr account balance is 0.30Br.. Bill reference number is 100002408794. Thank
you!

Dear customer,you have made 18.46Br. payment for Ethiopian Electric Utility on 22/07/20 17:01,Txn ID
7GM535Z6X3. Your CBE Birr account balance is 0.20Br.. Bill reference number is 100002408794. Thank
you!

Dear customer,you have made 305.46Br. payment for Ethiopian Electric Utility on 12/08/20 10:01,Txn ID
7GN635Z63. Your CBE Birr account balance is 59.20Br.. Bill reference number is 100002408794. Thank
you!

-------------------------
# 12
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

+++ Mukeen sadan+++


Tullu ol ka’aa tokko irratti kan dhaabbaman Mukeen saditu jiru
ture. Mukeen kunneen hawwii isaanii gara fuulduraatti waan
ta’uu barbaadan mari’achuu jalqaban.
mukni inni jalqabaa << siree mootiin guddaan irra rafu ta’uun
hawwa. Naannawaa koo boca bareedadhaan tolfamee namni
hundi akka na kabaju wa’ee koos akka dubbatamu nan
barbaada>> jedhe.
mukni inni lammaffaan kana yemmuu caqasetti hawwi isaa
kan addaa ta’e dubbate << ani immoo ta’udhaaf kanan fedhu
markaba guddaa ta’ee tolfamuu dha. Mootonni adunyaa irratti
beekamoo ta’an ana irratti akka yaabanii fi jabina koo irraa kan
ka’e ana irra yaabuu isaanitiin soda tokko malee akka
deemanan barbaada.>> jedhee ija hawwiitin yemmuu markaba
ta’ee galaana irra adeemu itti mul’ate.
Mukni inni sadaffaan garuu << muka koo yoo dhiisee
baargamatti na haa calaasu” jedhe. << ani kanan barbaadu asii
osoon hin buqa’in baargamoo dheera ta’e ol guddachuu dha.
Ol-dheeradhee gudadhee mootii baargamoowwan hunda ta’ee
samiitti baay’ee dhihaadhee namoonni riqichummaa kootin
gara jannataa akka galanii fi yeroo ana argan hundatti Uumaa
isaanii akka yaadatan nan barbaada>> jedhee hawwii isa
dubbate.
Kana walin dubbatanii akkuma xumuraniin hojjattoonni mukaa
gara baargamoowwn kanaatti dhufan hojjataan mukaa inni
tokko baargamoo isa siree mootii ta’udhaaf hawwu sanatti
siqee erga ilaalee booda << baargamoon kun jabaa fakkaata
mureen namoota meeshaa mana keessaa hojjatanitti nan
gurgura>> jedhe. Kana kan dhagahe baargamichi << hawwiin
isaa siree mootii ta’ee tolfamuu akka galma gahu amanatee
gammade!>> hojjattoonni mukaa geessee itti gurgure garuu
hawwii baargamichaa osoo hin hubatin siree mootii ta’ee
hojjatamuu osoo hin ta’in gongaa/girboo/ loon marga itti
nyaatan taasisanii tolchanii gola loonitti gatame.
Hojjataan mukaa inni lammaffaan baargamoo isa markaba
mootii ta’ee tolfamuu barbaadutti siqee erga ilaalee <<
baargamoon kuni jabaa fakkaata namoota markaba hojjatanitti
osoon geessee gatii gaarii naaf baasa>> jedhe baargamichis <
wareegni koo naaf guute > jedhee gammade!. Ta’ullee
hojjatoonni markabaa hawwii isaa osoo hin beekin kukkutanii
dooniwwan baay’ee xixiqqoo ta’an kan qurxummii ittiin qaban
taasisanii isa hojjatan. Markaba ta’uudhaaf hawwaa kan ture
baargamoon kuni namoota qurxummi qaban fe’ee markabni
mootii yemmuu darbu ilaaluu ta’e jiruun isaa. Baargamoon inni
sadaffaanis hawwiin isaa mootii baargamootaa ta’u yemmuu
qottoodhaan isa muran walumaan muramee hafe.
Waggoota dheeraa booda durbi garaatti baatte maanguddoo
tokko waliin biyya Beetaliheem gara magaalaa Yihuudaatti
dhufte. Yeroo sanatti bakki bulmaataa waan hin turreef gola
loonii keessa buluuf seenan mucaa ishee garaatti baattee turte
sanasgola loonii keessatti deesse. Bakki ciisichaa waan hin
jirreef daa’ima dhalate sana girboo/gongaa/ loonii marga itti
nyaatan keessa ciibsite. Daa’ima gaafas dhalate sanaaf
mootoni fagoo irraa dhufan illee kennaa fidaniifi. Baargamoon
inni siree mootii ta’uu hawwu sun girboo/gongaa/ ta’ee yoo
tolfameyyuu siree mootii moototaa ta’e.
Kuni ta’ee waggoota soddoma booda baargamoo dooni
qurxummii ittin qaban ta’e tolfame sana irratti yeroo biraatiin
haala adda ta’een namoonni kudha sadi yaaban. Markaba
mootii ta’u hawwaa kan ture doonin kun doonummaa isaatiin
namoota kudha sadi fe’ee osoo of jibbaa deemsa gudduutti
tasa dambaliin guddaan ka’ee doonittii raasuu eegale.
Namoonni fe’aman doonittii to’achuuf yaalan. Isaan
gidduudhaa garuu namni tokko rafee ture. Dambalichi
jabaachaa yemmuu dhufutti nama rafee ture sanaan <<
yemmuu badnu dhimma kee mitii?>> jedhanii dammaqsan.
Innis ka’ee dambalicha ni ifate. Doonichi akkuma dursee
hawwe kan fe’e mootii moototaa ta’uu hubate.
Kuni raawwatee waggoota lama booda immoo baargamoo
mootii baargamootaa ta’uu fi ol-dheeratee riqicha gara samiitti
ittiin bahan ta’uuf hawwe sana fidanii nama badii hin qabne
Qulqulluu tokko baachisan yemmuu fiixee tulluu irra gahanis
muka baachisan kana irratti isa fannisan. Akkuma fannifameen
adunyaan sa’aa sadiif ni dukkanoofte……….. dinqiiwwan addaa
addaa ni raawwatan. Baargamoon kun akkuma hawwe mootii
baargamoowwan hundaa ta’e namoonni riqichummaa isaatin
gara jannataatti galan kan isa argan hundi Uumaa isaanii
yaadatu. Yaada hunda keenyaa keessatti hawwiin
baargamoota kana kan fashalaa’e yemmuu muramanii gara
isaan hin barbaadnetti darbataman ture. Dubbichi dhumate
yeroo jennetti garu hawwiin isaan hunda ni raawwatameef.
Seenaan durii kun fakkeenya malee dhugaa akka hin taane
hundaaf ifa.seenaa kana keessa garuu dhugaa tokkotu jira.
Jireenya keenya keessatti yemmuu nuti nuuf dhumate jennetti
WAAQAYYO hojii Isaa ni jalqaba. << WAAQAYYO Gooftaan
maccaa waanta dhume waanta dur-murame adunyaa
hundumaa irratti ni fida>> Isa 10:23
(barruun kun kan argame “Archangel Michael Coptic orthodox
church News letter ( St. Marry Coptic orthodox church, East
Brunswick. N.J./ Volume 3 Feb. 2002) irrattii yaada isaa qofa
fudhachuuni

-------------------------
# 11
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

+++ ABBOONNI WAA'EE GIIFTII KEENYAA AKKAS JEDHANI


+++
"Waaqni mucaa dubartii Mootii Heeroods irraa utuu dhalate
ta'eetii Barcuma abbaasaa kan dhaaluuf kan hin ari'atamne
ta'a ture. Inni garuu, durba mucaa hiyyeesotaa taate filate"
Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa.
"Yaa Tulluu guddaa, Mucayyoon xinnoo kan sibaatte ofiikee
haga isheedhaaf danda'aamutti gooteeti, Yaa Ibidda guddaa
mucaa xinnoon siin baattee kan hin gubanne humnakee
akkasheen dandeessuuf dandeessisteetu"
Qulqulluu Efireem Isa Sooriyaa.
Addunyaan kun ilma Waaqayyoo kallattiidhaan harka
Waaqayyo Abbaa harkaa fudhachuuf kan ta'uu malu ta'ee
waan hin argamneef, Addunyaan ishee harkaa akka fudhatuuf
ilmas!a tokkicha Durbee Maariyaamiif akkasheen haadha
taatuufiif kenne"
Qulqulluu Awugisxiinoos.
"Heeroodsis Kan hin qabamne qabuuf ka'e, Bubbees manas!
atti galchee itti cufuuf dhama'e"
Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa.
"Yaa Gooftaa Haadhakee maal jennee waamnu? haadha qofaa
akka hin jenneef Durbee taatee argine, Durbee akka hin jenneef
mucaa ammattee argineen. Yaa Gooftaa Haadhakee waamuuf
akkas kan nama rakkisu ergaa ta'e siinoo tasumaa maal
jennee si waamna?"
Qulqulluu Efireem

-------------------------
# 10
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

“Miilota Yihuuda”
Bareessaan D/n Heenook Hayilee
Yihuudaan Gooftaa keenya dabarsee kennuf kan walii galtee
raawwaate guyyaa gaafa roobii ture. Walii galtee kana erga
raawwatee booda gara gooftaa fi waldaa duuka bu’ootaatti
deebi’e. Roobii kaasee hanga kamisa galgalaattis humaayyuu
akka hin uumamne fakkeessee dabrse. Kunis sirriitti Yihuudaan
nama fakkeessaa fi hamaa akkamii akka ture nutti agarsiisa.
Qulqulluun Pheexiroos haalli isa sodaachisnaan Gooftaa isaa
si’a sadaffaa “hin beekuun”jedhee erga ganee booda Gooftaan
keenya si’a tokko mil’ate yoo ilaaluun qofa fuula gooftaa isaa
jabina ittiin ilaalu dhabee boo’icha hadhaawaan mooraa
keessa ba’e. yihuudaan garuu yeroo dabarsee laachuuf walii
galtee uumee kaasee sagalee isaa balleessun akkuma durii
isaa gooftaa wajjin taa’uu si’a tokkollee hin qaanofne.
Hubadhaa! Yaada mataa isaa burqisiisee, ofii isaa gara
shangoo deemuun qarshii fudhachuuf abdii godhatee
deebi’ees ija gooftaa keenyaa ilaaluun “Dabarsee kan si kennu
ana ta’aa laata?” jedhee gaafachuufis ija jabina qaba ture.
Yeroo sanatti akka daattaaniifa abeeroon lafti baqaqxee waan
isa hin liqimsineef , arrabi isaa laagaa isaatti waan hin
maxxanee hin hafneef, Ija jabinaaf tuffiidhaan gooftaatti kan
dubbatan afaan isaa hidhamuu dhiisuu isaatiin obsa gooftaa
dinqisiifanna. Yihuudaan gowwoomsuu yoo barbaadeenis
Gooftaan hundumaa beeku garuu “fakkeessituu nana” jedhee
hin ifanneef obsa uumaa ni ajja’ibsiifanna.
Raajaan waaqayyoo Eelsaan ashkarri isaa Giyaazqarshii
fudhachuu hin qabne nama sooriyaa lamxiin rukutame
Ni’imaan harkaa fudhachuun gara mana isaa deemee erga
dhoksee booda homtuu waan hin uumamne fakkeessee fuula
isaa dhaabbatetti ‘’Yaa Giyaaz isaa dhuftaa?” jedhee
gaafateenii ture. Giyaazis “An garbichi kee eessayyuu hin
deemne” jedhe. Eelsaanis “Lapheen koo sifaana waan hin
deemne sitti fakkaataa?” jedhee irratti baruu isaa erga itti
himee booda lamxiin Ni’imaan sirratti qabata jedhee abaare

akka cabbiis lamxiin rukutamee ba’e. 2Moot.5፥20-27

Duuka bu’aa Pheexroosis abbaa manaa haati warra


Hanaaniyaa fi Saphiiraa jedhaman qarshii isaanii mana
dhoksanii afuura qulqulluu gowwoomsuufi fakkeessun fuula
isaa dhaabbachuu yoo yaalanitti “waaqayyoon malee nam hin
gowoomsine” jedhee afaan lubummaa isaatiin dubbatee

balaan iit bu’ee akka du’an taasiseera. Duuk.5፥1-10

Waaqni raajotaafi duuka bu’ootaa Iyyesuus Kiristoos Eelsaa fi


Pheexroosiin caalaa laphee namaa kan sakatta’u fi adabuu kan
danda’u dha.
Haa ta’u malee yihuudaan Gooftaa gurguruuf ayihuudotaa
wajjin walii galee dhufuun saalfii tokko malee “dabaresee kan
si kennu ana ta’a laata?’’ jedhee yoo itti fakkeessu obsa
guddaa dhaan callisee dabarse. Raajotaaf Duuka bu’oota
waarri gowoomsuu yaalan yoo akkas adabaman waaqa
raajotaa gowwoosuu kan yaale ‘adabbii caalaa akkamii kan

maluuf isinitti fakkaata?’ Ibr.10፥29

Hunda caalaa laphee kan cabsu taatee kamisa galgalaati.


Gooftaan keenya “Irbaata irraa ka’e uffata isaas kaa’ee huccuu
haxooftuu hidhatee bishaan buufachuun miila duuka bu’ootaa
miiccuu huccuchaanis qoorsuu jalqabe” bara miilatti kopheen
hin kaawwatamne milla dhukkeen xuraa’e guyyaa guutuu ittiin

deemaa oolan miiccuuf ka’e. Yoh 13፥4 Aadaa Israa’elootaa

keessatti miilla miiccuun hojii gabrummaa ta’us mootiin samiif

lafaa garuu gad of qabuun akka garbaa ta’e. 1Saam. 25፥41

Gooftaan keenya gad jedhee miilla duuka bu’oota isaa


yommuu dhiqu Yihuudaanis miiccachuuf darabee eeggataa
ture. Borumtaa gooftaa gurguruuf waliigaltee raawwatetti

gooftaan miila isaa dhiqeef. ‹‹ወኀፀበ እግረ ይሁዳ አስቆሮታዊ

ዘያገብኦ›› “ Miila yihudaa kan isa qabsiisuun sana dhiqe” (Gibre

Himamaatii Kan kamisaa)


Guyyaa tokko dura hamaa xaxuuf gara mooraa luboota
ayihuudotaatti miilota fiigan gad jedhee dhiqe. Daqiiqaa
muraasa booda isa qabsiisuuf gara ayihuudotaatti miilota
fiigan, loltoota ayihudotaa isa qabuuf dhufan dursuun gara
isaatti miilota deebi’an gad jedhe miicceef. jaallataa ilama
namaa kan ta’e Kiristoos garuu Borumtaa isaa miilli isaa
fannoorratti akka waraanamu utuu beekuu yeroo dhumaaf
miilla isaa miiccee geggeesse.
Akka raajicha Daawit “Maaloo arraarri kee akkam
baay’atee!”jechuun ala arraba maaliin dubbachuu

dandeenyaree? Faar 36፥7 “Laphee keenya haaloon madaa’uuf

Diina keessan jaalladhaa gooftaa nuun jedhe dabarsee kan


laatuun miila yihuuda isaa dhiqu ilaaluurra qoricha kamtu
argama laata?
Yaa yihuudaa mee altokko nutti himi, yoo gooftaan gugguufee
miila kee dhiqu akkamitti dandeesse? “bakka miilli isaa
dhaabbatutti” kan sagadamuuf waaqni yoo miilla kee miiccu
akkamitti xiqqoo sitti dhagahamuu hafee? ati miila isaa
dhiquun kan siif hin taane yoo milla kee dhiquutuu argituu
lapheen kee akkamiin jabaatee? Yohaannis cuupphaan “hiituu
kophee isaa hiikuun kan naaf hin taane” gooftaa jedheen yoo
gad jedhee miilla kee dhiqu lapheen kee akkamitti gaabbiin hin
cabne? Roobii dabarsitee laachuuf waliigaltee dhuftee kamisa
yoo miilla kee dhiqu akkamitti dhiphachuu hafte? Ayihudotaa
wajjin walii galtee uumte “Natti haa hafu” jechuuf gad jedhee
yeroo sii dhiqu ol yeroo itti yaaddu kan caalu eessa argama?
Jaalala isaa keessatti hammeenyi kee gad of qabuu isaa
keessatti of tuulummaan kee akkamitti sitti mul’achuu
dhabee? Akkamittis yaada malee miila kee kennitee
dhiqattee?
Qulqulluun Pheexroos “yaa gooftaa ati akkamitti miila koo
miccitaa?” jedhee dhiphatee gaafatee ture. “miila koo
barabaraan hin dhiqxu” jedhee dhowwatees ture. Lapheen isaa
kan jabaate yihuudaan garuu miila isaa kennate. Gooftaa
ganeen gad ilaalaa si’a tokkollee lapheensaa hin deebine.
Duuka buutotni miila isaanii gooftaan dhiqeen sodaatanii yoo
fiiganillee boodarra garuu gaabbanii itti deebi’an. Miila gooftaa
isaaniitiin miiccameen nuffii malee addunyaa naanna’anii
barsiisuun hanga du’aatti amanaman. Miila isaaniitii akka
maqaa isaaniiduuka bu’oota /deemtota/ ta’an. Yihuudaan
garuu miila gooftaa isaatiin dhiqameen gara ayihudotaatti
gulufee waraana gooftaa rakkisu karaa ittiin dursaa itti
deebi’e.

‹‹ኦ እግዚኦ ዘኢትደፈር ይሁዳ ደፈረከ››

‹‹maaloo kan ija itti hin jabaatamne yihuudaan ija itti jabaate!››
sirna qulqulleessa Yaa’iqoob isa biyya Siruug 1:21)
Kitaaba “Himaamaat” jedhamu D/n Heenook Hayileen kan
barreeffame boqonnaa jalqabaa irraa dubbisa fudhatame.
Kitaabni Himaamaat kitaaba fuula 528 qabuu dha.

-------------------------
#9
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

+ IN DUUTAATII MANAKEE SIRREESSI +


Mootiin Hisqiyaas dhukkubi itti cimee ciisaa jira. Raajichi
Isaayyaas gaafachuudhaaf dhufe. ta'uus akka kanaan duraa
Waaqayyo si haa fayyisu hin jenneen. jecha gurratti ulfaatu irra
buusee ba'e. " in duutaatii mana kee sirreessi !" Raajichi erga
kana itti himee ba'een booda Hisqiyaas gara keenyan/
girgiddaa isaatti naanna'ee hirqinfatee boo'e.
Waaqnisaa Waaqa baay'ina haasaatiin dhaga'u waan hin
taaneef fuulasaa gara kallattii mana qulqullummaatti
naannessee boo'e. daqiiqaa muraasa booda Raajichi Isaayyaas
ergaa biraa fidee dhufe. Waaqayyo akkas jedhe:- kadhannaa
kee dhaga'eeraatii iminmaankees argeera umurii kee irrattis
waggaa kudha shan nan dabala"(Isa.38:4)
Hisqiyaas erga mana kee sirreessi jedhameen booda fuulasaa
naanneessee boo'uu irraan kan hafe waayyuu hin goone. Yaa
Hiisqiyaas mana ati utuu sireerraa hin bu'iin sirreessite mana
akkamiidha? garboota keefis qajeelfama,ajaja utuu hin laatin
mana ati tottolchitus mana akkamiidha? erga daqiiqawwan
muraasa booda duuta jedhamteetii booda waggaa kudha shan
kan siif dabalsiise sirreeffama akkamii gooteeti? nuttis himiitii
umurii dabalchiifannaa.
Hisqiyaas utuu sireerraa hin ka'iin manni inni sirreesse
lapheesaa ture. yoo lapheekee sirreessite mannikee in sirrata.
Waaqayyo yoo ta'es in duuta jedhus du'aakee hin barbaadu.
dubbii innii qabu cubbuukee wajjinidha malee siwajjin miti. "
Namni cubbamaan karaa isaa irraa deebi'ee akka jiraatu
malee, ani dhugumaan du'a isaatti nan gammadaa ree? jedha
Waaqayyo gooftaan." abbaan araaraa
(His 18: 23) inni in duuta kan inni siin jedhu jiraachuukee
barbaadeeti. takkaa dubbadheera jedhee garaansaa sitti hin
hammaatu.
Gaabbiin(Nissahaan) deebi'i malee, araara siif kenneera
jechuuf jarjara. amma in duuta jedheenii amma ni fayyita yoon
ittiin jedhe natuffata utuu hin jedhin deebi'ee araara siif godha.
cubbuu kees iddoo gad-fagootti darbata. gaarii akkati
hojjettuufis umurii siif dabala. atumti qofaan deebi'iitii gaabbii
gali.
siree irra daddarba irra qorumsi si ciibses yemmuu ati injifatu
yeroonsaa ammadha. Hisqiyaas iminmaan daqiiqaa
muraasaan araara argatee erga umurii dabalchiisee kan sooma
Faasikaan /Abiyyi tsoomiin guutummaatti boo'u umurii
hammamii argata laata? michuu koo atis ka'iitii ji'oota kanatti
manakee sirreeffadhu.akka Hisqiyaasiin Waaqayyo si eega. kan
itti mufatteef dhiifama godhi kan itti balleessiteef dudda baasi
kan haloo sitti ba'aatu diinakee hin rafne seexana haloo
ba'aadhu.
Dubbisa Wangeelaa sooma Faasikaa ykn soomii Gooftaa
waa'ee qorumsa daabiloosiin Wangeelonni sadan kan isaan
barreessan yemmuu qalbeeffannu xiqsiiwwan akaakuu sadii
arganna.
Guyyaa afurtama daabiloosiin qorame. (4:2)
Gammoojjiitti seexanaan qoramaa guyyaa afurtama ture
(mar.1:13) jechoonni jedhan Gooftaan keenya guyyaa
afurtamaan qoramuusaa kan agarsiisuudha.
halkan afurtamaaf guyyaa afurtama erga soomeen booda
beela'e. qoraan sunis dhiyaatee akkas jedhe (mat.4:2) kan
jedhu immoo erga soomeen booda qorumsa isaaf dhiyaate
sadan kan agarsiisudha. xiqsiin sadaffaan immoo erganni
qorameen booda yoo ta'u Daabiloosis erga qormaaticha
xumureen booda yeroodhaaf isarraa adda ba'e. (Luq.4:13)
jedha.daabiloos qoruusaa fixus kan inni dhiisu yeroofidha
malee qoruusaa hin dhaabu.
qorumsi seexanaa bifa jijijjiirrata malee itti fufa. soomni
Faasikaan oori'uu waraanni seexanaa itti injifatamedha. ji'oota
soomii kanatti qorumsa hin injifanne yeroo biraa hin injifannu.
qote bulaan dhiba'aan waxabajjiin du'a akkuma jedhamu
kiristaanni sooma kana keessa rafe yoomiyyuu hin dammaqu.
akkuma maqaasaa sooma hudaadee(qonnaa koo isa bal'aa)
kan jennu soomni kun lubbuu keenyaaf kan sanyii baay'ee irra
facaafannu Agaanintiin (hafuurri xura'aa) kan itti lafa lixu
dhabudha.
afaanni sooma Gooftaa kanarratti adaba hin godhanne
yoomillee hin adabamu. haloon sooma Gooftaa kanarratti hin
fayyine yoomillee hin fayyu. Gooftaan keenya Wangeelarratti
mucaa Agaanintiin irra bulee takka bishaanitti takka immoo
abiddatti darbatu yemmuu fayyisetti "hafuurri xura'aa akkasii
soomaaf kadhannaa malee hin ba'u" jedhee ture. Biyya
keenyas hafuurri Agaanintii jibbiinsaa takka bishaanitti takka
immoo abiddatti darbatu soomiif sagada malee hin ba'u.
michuuko ji'i ati itti fayyitu akka dhiyaate beeki. atillee
amaleeffannaa gadhee irraa gargar ba'uu barbaaddu garuu
dadhabde hin jiruu? akka qulqulluu phaawuloos "waan gaariin
barbaadu hin godhu waan gadhee hin barbaanne garuu nan
godha. ammam amman nama gadadamaadha namummaa
du'aaf kenname kana jalaa eenyutu na oolcha?" jettee cubbuun
sitti hadhaa'e hin jiruu? egaa'oo bari. wanti akkasii soomaaf
kadhannaan alatti hin ba'u.
soomni kun sooma madaan ittiin haqamudha. akka
Hiisqiyaasiin ji'oota kana keessa manakee sirreeffadhu.

-------------------------
#8
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

መሐረነ አብ (የምህላ ጸሎት)

Mahaaranna Aabi (Mihillaa)


_______________________

በግዕዝ እና በኦሮሚፋ (Afaan Oromo) የተዘጋጀ። የጎደለውን ሞልታችሁ

የተጣመመ ቢኖር አቃንታችሁ ተጠቀሙበት። ለብዙዎች እንዲደርስ በቅንነት

Share አድርጉት።

_______________________

+++ መሐረነ አብ ሃሌ ሉያ

Yaa abbaa nutti araarami Halleeluyaa

+++ ተሣሃለነ ወልድ ሃሌ ሉያ

Yaa ilma nutti araarami Halleeluyaa

+++ መንፈስ ቅዱስ መሐሪ ተዘከረነ በሣህልከ

Yaa abbaa araaraa Aafuura Qulqulluu dhiifamaan nu yaadadhu


(al 3)

+++ ለከ ንፌኑ ስብሐተ ወለከ ነዓርግ አኮቴተ

Galata siif ni ergina, galata siif ol baafna

+++ መሐረነ መሐሪ ኃጢአተነ አስተሥሪ

Abbaa dhiifamaa dhiifama nuuf godhu. Cubbuu keenyas nuuf


haqi

+++ ወአድኅነነ

Nu fayyisis

+++ ወተማህፀን ነፍሰነ ወሥጋነ

Foon keenya fi lubbuu keenya eegi

+++ ክርስቶስ ወልደ እግዚአብሔር

Ilma Waaqaa yaa Kiristoos


+++ አምላክነ ወመድኃኒነ ኢየሱስ ክርስቶስ ተሣሃለነ

Yaa Waaqa keenya Faayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos


dhiifama nuuf godhi

+++ በብዝኃ ምህረትከ

Baay'ina dhiifama keetin

+++ ደምስስ አበሳነ

Cubbu keenya nuuf haqi

+++ ወፈኑ ሣህለከ ዲቤነ

Dhiifama kee gara keenyatti nuuf ergi

+++ እስመ እምኀቤከ

Si biradhaatii hoo

+++ ውእቱ ሣህል

Dhiifamni

+++ ሃሌ ሉያ መሐረነ አብ መሐሪ

Haalleeluyaa yaa abbaa dhiifamaa nutti araarami

+++ ወተሣሃለነ

Dhiifamas nuuf godhi

+++ ሀብ ሣህለከ መሐሪ

Yaa abbaa dhiifamaa dhiifama kee ergi

+++ ኢታጥፍአነ ተዘኪረከ ዘትካት

Yakka keenya darbe yaadattee nuu hin balleessin

+++ በምህረትከ

Dhiifama keetin

+++ እስመ መሐሪ አንተ

Ati abbaa dhiifamaatitii

+++ ወብዙህ ሣህልከ ለኩሎሙ እለ ይጼውዑከ

Kan si waamaniif dhiifamni kee baay'edha

+++ ይጼውዑከ በጽድቅ


Dhugaadhan kan si waamani

+++ ሰማዒ ወትረ

Yeroo hunda nii dhageessa

+++ ከሃሊ ዘውስተ አድኅኖ

Yeroo fayyisuu kee atti danda'aadha

+++ ከሃሊ

Danda'aa

+++ ዘውስተ አድህኖ

በማዳን ጊዜ

+++ yeroo fayyisuu kee

+++ ለአምላክነ እስመ ጽድቅ ቃሉ

Waaqa keenyaf jechisaa dhugaadha

+++ ንስአሎ ለአብ ይፈኑ ለነ ሣህሎ

Abbaa haa kadhannu araara nuuf haa ergu

+++ እስመ አብ የአክል ለዘሰአሎ

Abbaa kan kadhateef hunduu ni gahaatii

+++ ሃሌ ሉያ

Halleeluyaa

+++ ስብሐት ሎቱ ይደሉ

Isaaf galanni ni ta'aaf

+++ ሃሌ ሉያ አኮቴት ሎቱ ይደሉ

Halleeluyaa isaaf galanni ni ta'a

+++ ሃሌ ሉያ

Halleeluyaa

+++ ለክርስቶስ ለእግዚአ ኩሉ

Gooftaa hundaa Kiristoosiif

+++ ሃሌ ሉያ ሃሌ ሃሌ ሉያ

Haalleluyaa haalle haalleluya


+++ ወይእዜኒ

Ammaho

+++ መኑ ተስፋየ

Abdiin koo eenyu

+++ አኮኑ እግዚአብሔር

Waaqa mitii

+++ ውስተ እዴከ እግዚኦ አመኀጽን ነፍስየ

Kinoo lubbuu koo harka keetti adaraa nan kenna

+++ ኀበ አምላከ ምህረት

Gara Waaqa araaratti

+++ አመኀፅን ነፍስየ

Lubbuu koo adaraa nan kenna

+++ ኀበ ንጉሠ ስብሐት

Gara mootii galataatti

+++ አመኀጽን ነፍስየ

Lubbuu koo adaraa nan kenna

+++ በእግዚእየ ወአምላኪየ

Gooftaa kootin Waaqa kootin

+++ አመኀጽን ነፍስየ

Lubbuu koo nan eegsisa

+++ እምኩሉ ምግባረ እኩይ አድኅና ለኀፍስየ

Lubbuu koo hojii hammeenyaa hundarraa fayyisi

+++ ሀቡ

Kennaa

+++ ንስአሎ

Haa kadhannu

+++ ናስተምህሮ

Garaa nuuf laafi haa jennuun


+++ ለአምላክነ ጻድቅ እስመ ጽድቅ ቃሉ

Abbaa dhugaa kan ta'e waaqni keenya jechisaa dhugaadhatii

+++ ዘይክል ኩሎ ወአልቦ ዘይሰአኖ

Hundaa kan danda'u wanti inni dadhabu kan hin jirre

+++ አምላከ ነዳያን ረዳኤ ምንዱባን

Waaqa hiyyeessotaa kan rakkatan kan gargaartu

+++ ነህነ ኀቤከ ተማኅፀነ

Nuti siin kadhanneerra

+++ ዘይክል ኩሎ ወአልቦ ዘይሰአኖ

Hundaa kan danda'u wanti dadhabu kan hin jirre

+++ አምላከ ነዳያን ናዛዜ ኅዙናን

Hiyyeessotaa fi warra abdii kutaniif waaqa isaanii

+++ ንህነ ኀቤከ ተማኅፀነ

Nuti siin kadhanneerra

+++ ወበከመ ዐቀብከነ እምነግህ እስከ ሠርክ ዕቀበነ እግዚኦ እምሠርክ እስከ

ነግህ

Ganamaa jalqabdee hanga galgalaa akkuma nu eegde galgalaa


hanga
ganamaa nu eegi (yaroo 3)

+++ተሣሃልከ እግዚኦ ምድረከ ሃሌ ሉያ ስማዕ ጸሎተነ ወስዕለተነ ወስረይ ኩሎ

ኃጢአተነ ስማዕ ጸሎተነ ወስዕለተነ ዘሰማዕኮ ጸሎቶ ወስዕለቶ ለዕዝራ ተወከፍ

ምህላነ ሰላመከ ኀበነ ወእማዕከሌነ ኢትርሐቅ

Maaloo qabeenya keef dhiifama godhi haalleluya, kadhannaa


keenyaa fi watwaata keenya dhagahi. Cubbuu keenya hundaa
nuuf haqi. Kadhannaa fi iyyata Izraa akkuma dhageesse,
mihillaa keenya fudhu nageenya kee nuuf kenni gidduu
keenyayis hin fagaatin.

+++ ወሚጥ መዓተከ እምኔነ ሃሌ ሉያ፤ ንዒ ኀቤየ እንቲአየ ሠናይት ርግብየ


መዓዛ አፉሃ ከመ ኮል ወኩሉ ነገራ በሰላም

Maaloo dheekkamsa kee nurraa deebisi haalleluyaa kan


bareedde yaa gugee koo akka inkooyi fooliin afaan ishee
bareedee dubbiin ishees nagaa kan ta'e gugee tiyya gara koo
koottu

+++ አርእየነ እግዚኦ ሣህለከ ሃሌ ሉያ፤ ማህደረ ሰላምነ ቅድስት ደብተራ

እሞሙ ለሰማዕት ወእኅቶሙ ለመላእክት ንዑ ንስግድ ኩልነ ኀበ ማርያም እምነ

Maaloo dhiifama kee nutti agarsiisi haalleeluyaa


Dunkaana oorit bultoo nageenya keenyaa haadha
wareegamtootaa obboleettii ergamootaa koottaa nuti hunduu
gara Durboo Maadiyamitti haa sagadnu

+++ መልአከ ሰላምነ ሊቀ መላእክት ሚካኤል፣ ሰአል ወጸሊ በእንቲአነ አዕርግ

ጸሎተነ ቅድመ መንበሩ ለንጉሥ አቢይ

Ergamaa nageenya keenya hangafa ergamootaa yaa qulqulluu


Mikaa'el waayee keenyaf kadhadhu. Kadhannaa keenyas
teessoo mootii guddichaa duratti ol nuuf baasi

+++ ገብርኤል አብሠራ ለማርያም ወይቤላ ትወልዲ ወልደ ወይነግሥ ለቤተ

ያዕቆብ ለዓለም ወአልቦ ማኅለቅት ለሰላሙ

Qulqulluu Gabriel durboo Maariyaamiiti misraachoo himee ,


akkana jedheni ilma ni deessa bara baraaf gosa Yaa'iqoob
irratti ni moo'a mootummaan isaas dhuma hin qabu.

+++ ሰዓል ለነ ጊዮርጊስ ኀበ እግዚአብሔር ወጸሊ በእንቲአነ ሀረድዎ ወገመድዎ

ወዘረዉ ሥጋሁ ከመ ሐመድ ወወሰድዎ ኀበ ሰብዓ ነገሥት ረገጸ ምድረ አንስአ

ሙታነ አባ ጊዮርጊስ በሰላም አደወ መንግሥተ ክብር ወረሰ

Yaa qulqulluu Giyoorgis gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu


waayee keenyaf kadhu.ni qalani ni murani foon isaa daakanii
akka biyyootti bittinsani. Gara mootota torbaatamaatti isa
fudhatani lafarra dhaabbate du'aas kaase. abbaan keenya
Giyoorgis nagaadhan du'arraa gara jireenyatti ce'e. Dhaala
mootummaa samiis dhaale.

+++ ብፁዐ አባ አቡነ ተክለ ሃይማኖት ዘኤለ ገዳማተ በኀበ እግዚኡ ይንሳእ

እሴተ ቦአ ገዳመ ደብረ ሊባኖስ በፍስሐ ወበሰላም

Eebbifamoo abbaan keenya Taklahayimanot Gooftaa isaarraa


gatii argachuuf gara gadaamii kan qajeele. Gara kawaala dabra
libaanos seene. Gammachuu guddaa fi nagaadhan seene.

+++ ባርከኒ አባ እንሣእ በረከተከ በእንተ ሰላማ ለቅድስት ቤተ ክርስቲያን

ሳሙኤል አባ ባርከኒ እንሣእ በረከተከ

Yaa abbaa Saamu'eel eebba kee akkan fudhadhu na eebbisi,


nageenya mana kiristaanaf jedhii na eebbisi eebba kee nan
fudhadha

+++ ለዓለም ወለዓለመ ዓለም ሃሌ ሉያ

Addunyaa fi bara baraaf haalleeluyaa

+++ ሰላመ አብ ወሰላመ ወልድ ወሰላመ መንፈስ ቅዱስ የሃሉ ማዕከሌክሙ

አኀው

Nagaan abbaa nagaan ilmaan nagaan hafuura qulqulluu isin


obboloota keenya fi obboleettiwwan keenya gidduu haa jiraatu.

+++ እግዚኦ መሐረነ ክርስቶስ

Yaa Kiristoos nutti araarami

-------------------------
#7
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

“Kan siif kenname lakka’i”


***********************************
Hewaan dubbii bofa wajjin haasawaa ture. Badiin ishee
jalqabaa yoo jiraatee sadarkaa irra jirtuurra gad buutee bofa
wajjin hiriyummaa eegaluu ishee ta’uu hin oolu. Bofti immoo
afaan Seexana ture.
Seexannis akkana jedhe:- Waaqayyo amma mukkeen ganat
keessa jiran hunda akka nyaattan sin ajaajeera? Jedhen.
Hubadhaa! Waaqayyo “Mukkeen Ganat keessa jiran hunda akka
hin nyaane” hin jenneen. Kan Waaqayyo dhorke muka tokko
qofadha. Seexanni garuu hundumaa dhorkamtanii jirtuu?
Jedhee akka hin beeknetti gaafate. Seexanni dubbii macaafa
qulqulluu kan eegaleen soban ture.
Kayyoon isa (Seexanaa) Hewaan irra ragaa argachuudhaaf hin
turre. Hewaan hanga har’aatti kan hin yaadne akka yaaduf ture.
Mukeen kumaatama Waaqayyoo kenneef keessa muka
dhorkamtee adeemte itti agarsiste. Yeroo kana irra eegalee
wanta isheedhaaf hin kennamne yaaduudhaan gammachuu
dhabde. Wanta dhorkamtee nyaatee, wanta kennameef hedduu
isaa isa kenneef wajjin dhabde.
Yaa Firaa koo! Bofti inni duraa sun har’aas summii isaa ni
faacasa. Jireenya keenya keessatti wanta nuuf kenname
hedduu keessa wanta nuuf hin kennamne wanta xiqqoo
yaadna.
Mallaqaa akka hin qabdu osoo yaaduu, fayyaa qabachuu kee
dagata. Kophee dhabuu kee osoo yaaduu miila qabachuu kee
dagata. Siree dhabuu osoo yaaduu hiribaa gaarii qabachuu kee
dagata.
Kanaafuu sagalee bofa keessa kee jiru osoo hin dhaga’iin,
kanneen biroo caalaa kan qabdu ni caalaati kan siif kenname
lakka’i.
-------------------------
#6
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

+ አቤቱ ቅጣኝ ነገር ግን እንዳታዋርደኝ! +

እግዚአብሔር ፍቅር ነው ፣ መሐሪ ነው ፣ ይቅር ባይ ነው፡፡ ፍቅር ይቆጣል ወይ?

ይቅር ባይስ ይቀጣል ወይ? ብዙዎቻችን ስለ ክርስቶስ ሲነገረን መሐሪነቱና ፍቅሩ

ብቻ ቢነገረን አንጠላም፡፡ ጨርሶ የማንፈራው እግዚአብሔር እንፈልጋለን፡፡

እንዲህ አታድርግ! የሚለን ሲመጣ ‘አትፍረድ’ እንላለን ፤ ቆይተን ግን የሰማዩን

ዳኝም አትፍረድ ማለት ይቃጣናል፡፡ ቅጣት የሌለበት ክርስትና እንሻለን፡፡

ይህ ዓይነቱን ክርስትና ‘ጣፋጭ ክርስትና’ {የስኳር ክርስትና ይሉታል} ምንም

ምሬት የሌለበት ሁሌም ማር ማር የሚል ሕይወት አድርገው ክርስትናን

የሚሰብኩም ብዙ ናቸው፡፡ ‘አይዞህ ብትታመም ትፈወሳለህ ፣ ቤትህ ይሞላል ፣

ቀዳዳህ ይደፈናል ፣ ብትበድልም አትቀጣም’ ብቻ የሚሉ ስብከቶች የስኳር

ክርስትና ስብከቶች ናቸው፡፡ ይህንን ብቻ የሚያጮሁ ሰዎች ክርስቶስ ‘የምድር

ጨው ናችሁ’ ያለውን ትተው የምድር ስኳር ለመሆንና ዓለምን ለማስደሰት

የሚፈልጉ ናቸው፡፡

በእርግጥ እግዚአብሔር ይቆጣል ወይ? አዎን ይቆጣል! እንዲህ ይላል መጽሐፉ

‘እግዚአብሔር ቀናተኛና ተበቃይ አምላክ ነው እግዚአብሔር ተበቃይና መዓትን

የተሞላ ነው እግዚአብሔር ተቃዋሚዎቹን ይበቀላል፥ ለጠላቶቹም ቍጣውን

ይጠብቃል። በቍጣው ፊት የሚቆም ማን ነው? የቍጣውንም ትኵሳት ማን

ይታገሣል? መዓቱ እንደ እሳት ይፈስሳል፥ ከእርሱም የተነሣ ዓለቶች ተሰነጠቁ’

ናሆ 1፡1፣6
‘‘ከቍጣው የተነሣ ምድር ትንቀጠቀጣለች አሕዛብም መዓቱን አይችሉም’’ ኤር

10፡10

‘‘እኛ በቍጣህ አልቀናልና፥ በመዓትህም ደንግጠናልና’’ መዝ. 90፡7

እግዚአብሔር በተቆጣ ጊዜ የሚመልሰው የለም፡፡ ቅዱሳን የቁጣውን መጠን

ስለሚያውቁ በትሕትና ይለምኑታል፡፡

ይሁንና መጽሐፍ ቅዱስ ስለ እግዚአብሔር ቁጣ ደጋግሞ ቢነግረንም አንድ ሌላ

ደስ የሚያሰኝ ነገርም ነግሮናል፡፡ የእግዚአብሔር ቁጣው ለዘላለም አይደለም፡፡

"ምሕረቱ ለዘላለም ነውና" ይላል እንጂ "ቁጣው ለዘላለም ነውና" አይልም::

የእግዚአብሔር ቁጣ ጊዜያዊ ነው፡፡

‘መሐሪ ነኝና ለዘላለም አልቆጣም’ ኤር 3፡12

‘ቁጣው ለጥቂት ጊዜ ሞገሱ ግን ለሕይወት ዘመን ነው’ መዝ 29፡5

‘ጌታ ለዘላለም አይጥልም ቢያሳዝንም እንደ ምሕረቱ ብዛት ይራራል ፤ የሰው

ልጆችን ከልቡ አያስጨንቅም አያሳዝንምም’ ሰ.ኤር 3፡31

የፈጣሪን የነነደ የቁጣ እሳት ማጥፋት የሚቻለን በዕንባ ነው፡፡ በደላችንን አምነን

ቅጣት ይገባናል ነገር ግን መሐሪ ነህና ማረን ማለት ይገባል፡፡ ንጉሥ ዳዊት

‘አቤቱ በቁጣህ አትቅሠፈኝ በመዓትህም አትገሥፀኝ’ ብሎ የፈጣሪን ቁጣ

አበረደ፡፡ /መዝ 38፡1/ ነቢዩ ኤርያስም ‘አቤቱ ቅጣኝ ነገር ግን እንዳታዋርደኝ

በመጠን ይሁን እንጂ በቁጣ አይሁን’ ብሎ ተለማመጠ፡፡ ኤር 10፡24

አንድ ሠዓሊ በጣም ብዙ ደክሞ የተጠበበትን ሥዕሉን የፈለገ ቢበሳጭ ለረዥም

ጊዜ ያንን ሥዕል ለመሳል የተጠበበትን ጥበብ አስቦ ሥዕሉን ወደ እሳት

አይጨምረውም፡፡ አባ ጊዮርጊስ እንዲህ ሲል ይለምናል ‘ሠዓሊ ሥዕሉን

ያጠፋል ወይ? [ጌታ ሆይ እኔን ስትፈጥር የተጠበብክበትን] የቀደመ ጥበብህን

አስብ እንጂ! አስበህም ማረኝ! [ያጠፋዖኑ ለሥዕሉ ሠዓሊ ፤ ኪነተከ ዘትካት ኀሊ]

ይቅርታውን በንስሓ ለሚለምኑ ሁሉ ምሕረቱ ቅርብ ነው፡፡ በቀኝና በግራው

ወንበዴዎች በተሰቀሉበት በዕለተ አርብ የግራው ወንበዴ ሲሰድበው ጌታ መልስ

አልሠጠም፡፡ የቀኙ ወንበዴ ማረኝ ሲለው ግን ከአፉ ተቀብሎ በገነት ትሆናለህ

አለው፡፡ ቁጣው የራቀ ምሕረቱ የበዛ እርሱ የራበው ሰው ለምግብ የሚቸኩለውን


ያህል ይቅር ለማለት ይቸኩላል፡፡ ‘ምሕረትን ይወድዳልና ቁጣውንም ለዘላለም

አይጠብቅም ተመልሶ ይምረናል ፤ ክፋታችንንም ይጠቀጥቃል ፤

ኃጢአታችንንንም በባሕሩ ጥልቅ ይጥለዋል’ ሚክ 7፡18

ልጆች ሳለን ጥፋት ስናጠፋ ከወላጆቻችን እንደበቃለን፡፡በተደበቅንበት ሰዓት

ውስጣችን በፍርሃት ይርዳል፡፡ ‘ዛሬ ገደለኝ’ ‘ዛሬ መሞቴ ነው’ ብለን

እንጨነቃለን፡፡ የሚደርስብንን ቅጣት እጅግ አጋንነን ከመፍራታችን የተነሣ መሬት

ተሰንጥቃ ብትውጠን አንጠላም፡፡ በዚያ ሁሉ ጭንቀት ውስጥ ግን ወላጆቻችንም

እስኪያገኙን ይጨንነቃሉ፡፡ እግዚአብሔርም እንዲህ ነው፡፡ አጥፍቶ በገነት ዛፎች

መካከል የተሸሸገ አዳምን ወዴት ነህ ብሎ የፈለገ እርሱ እኛንም ይፈልገናል፡፡

አዳም ከገነት ሳይባረር ገነት ውስጥ እንደጠፋ ፈጣሪ ሳያባርረን ራሳችንን

በኃጢአት ተሸማቅቀን ያባረርን እኛን ይፈልገናል፡፡ እርሱ ስለመጥፋትህ

ይጨነቃል አንተ ‘ዛሬስ አይምረኝም’ ትላለህ፡፡

የሚገርመው በጥፋታችን ከተደበቅንበት ወላጆቻችን ካገኙን በኋላ ሁለተኛው ዙር

ጭንቀታችን ‘ምን አጥፍተህ ነው የተደበቅከው’ መባል ነው፡፡ ጥፋታችንን

ሲያውጣጡን እንንቀጠቀጣለን፡፡ ያጠፋነውን ስለምናውቀው ስንት

እንደሚያስገርፈንም እናውቀዋለን፡፡ ‘ብትናገር ይሻላል? ግዴለህም!’ ብለው

አግባብተውም አስፈራርተውም ወላጆቻችን ጥፋታችንን ያውጣጡናል፡፡ እየፈራን

ያጠፋነውን ጥፋት ስንናዘዝ ግን ወላጆቻችን በጥፋታችን ቅጥል ብለው

‘አልመታህም ተናገር’ ያሉንን ረስተው የዱላ ዝናም ያዘንቡብናል፡፡ እግዚአብሔር

ግን ጥፋትህን ስትነግረው ቁጣው የሚገነፍል አባት አይደለም፡፡

’’ኃጢአታችንን ብንናዘዝ ኃጢአታችንን ይቅር ሊለን ከዓመፃም ሁሉ ሊያነፃን

የታመነና ጻድቅ ነው’ 1ዮሐ 1፡9

-------------------------
#5
-------------------------
Date: 2020-06-26
Subject:

Dhiifama godhiif
******************
Gooftan keenya fannoo irratti fannifamee du’uu isaa,
seefiidhaan fi abiddaan battalatti du’uu dhiisuu isaa sababa
adda addaa kaasnee boqonnaawwan darban keessatti sirriitti
ilaalee ture. Sababawwan kanneen alatti kan biroo Gooftan
keenya sa’aatii sadiif fannoorra turuun isaa ergaawwan
gurguddoo torba kan of keessaa qabu akka dubbatuuf yeroo
kennameedha.
Gooftan keenya fannoo irratti fannifamee kan ture sa’aatii sadii
ta’uus jechoonni inni dubbate garuu jechoota daqiiqaa tokko
hin guunne ture. Akkuma hoolaa warreen isa qalan duratti
callisu waan tokko illee afaan isaa hin baane (dubbanne) kan
jedhamee ragaan bahameef Gooftan keenya sa’aatii kudha
shan guutuu dhiphina isa irra gahe, rukuttaa, fannoo baachuu
irraa kan ka’e qaamni isaa dadhabee ture waan ta’eef jechoota
baay’ee hin dubbanne. Jechoota hafuu hin qabnee fi baay’ee
barbaachisoo ta’an xummura irratti fannoorratti aaragalfii
fudhatee dubbatee jira.
Dursee himoota sadan dubbate ofii isaarra kan biroo yaaduu
yommuu ta’an jechoota jaalala ibsaniidha. Inni guddaan
immoo jaalala diina ofii jaalachuu ture, ‘Yaa Abbaa koo waan
raawwatan hin beekanitii dhiifama godhiif” (Luq 23:34)
‘Maaloo yaa Abbaa koo’ jedhee dubbachuun isaa ‘Ilma
Waaqayyoo yoo taate’ arrabsoo jedhuuf deebii kan ta’uudha.
Fannifameetis Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa warreen shakkan
hundaaf ‘Yaa Abbaa koo’ jechuun amalummaan Ilma
Waaqayyoo ta’uusaa dubbate. ‘Dhiifama godhiif’ jechuun isaas
ragaa lammaffaa Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa kan mul’isuudha.
Diina isaaf dhiifama gochuun amala Waaqayyootidha.
Ulaagaan Ilmummaa amala dhiisii ilmummaa kennaa illee
‘diina kee jaaladhu’ kan jedhuudha. Luqiisiin ykn caqasni itti
aanu kana ibsa.
Fayyisaan addunyaa Iyyasuus Kiristoos dachee kana irra
deddeebi’ee waggoota barsiisaa turetti namoota hundatti kan
dhiphuu taate ajaja tokko akka raawwatan dubbatee ture. Innis:
- ‘Ani isiniin nan jedha samiirratti ijoollee Abbaa keessanii akka
taataniif diina keessan jaaladhaa, kan isiin abaaran eebbisaa,
kan isin jibban immoo wanta gaarii raawwadhaafii; warreen
isin godaansisaniif kadhadhaa, innoo warreen gaarii
raawwatanii fi yaraa irratti aduu isaa ni baasa; warreen
qajeelotaa fi cubbamtootafis rooba isaa ni roobsisa” kan
jedhudha. (Maat 5:44). Haala kanaan kan nu jibban akka
jaalannuuf innoo diina isaa jaalatee fakkeenya nuuf ta’e. Innis
roobaa fi aduu warreen gaaridhaafis, yaraadhaafis, qajeeloo
ykn qulqullootaa fi cubbamtoota adda osoo hin baasin akkuma
kenneef isinis ijoollee isaa akka taataniif nama kamiyyuu wal
qixa jaaladhaa jedhe.
Kun qofti gahaadha osoo hin jedhin “nutis warreen nu yakkine
akka dhiifama goonuf, cubbuu keenyaf dhiifama nuuf godhi”
jedhaatii kadhadhaa nuun jedhe. Kun karaa biroon yommuu
ibsamu nuti warreen nu yakkaniif yoo dhiifama hin goone atis
dhiifama nuuf hin godhiin jechuudha. Kadhannaan kun
qulqulloota illee ni dhiphise. Macaafa monoksootaa irratti
monokseen tokko ‘Yaa Abbaa keenya jedhu irratti jecha tokko
akkan irratti dabalu naaf eyyami, dhiifama akkuma goonuf kan
jedhu dhiifama akka hin jenne nu taasisi kan jedhu naaf wayya
ture’ hanga jedhuutti gahee ture. Haa ta’u malee Gooftan
keenya kadhannaadhaa gaditti ‘‘Ilma namaatif yakka isaanii
yoo dhiifama gootaniif Abbaan keessan samii immoo dhiifama
isiniif taasisa; ilma namaaf yakka isaanii dhiifama yoo hin
jenneef abbaan keessanis dhiifama isiniif hin godhu” jedhee
murtii hin diigamneen hubachiisee jira (Maat 6:12-15). Kophee
sirreessa malee miilli sirreessuu hin danda’u; kanatti fufuu kan
qabu laphee keenya gidiraan xuraa’e malee kadhannaa akka
hin taane ifatti barreeffamee taa’ee jira.
Baay’een keenya amantaan kiristaanaa kan jaalalaa fi
dhiifamaa ta’uu isaa ni amanna; walii keenyaafis akka dhiifama
walii goonu ni amannas. Haa ta’u malee jireenya baay’ee
keenyaa keessatti sababa kamiyyuu gidiraa laphee keenya
keessaa baasuu hin barbaadne kan qaban namoota
hedduudha. Dhiifama taasisuu jechuun immoo osoo daandii
adeemnu nama nutti bu’ee darbe ‘dhiifama’ yeroo nuun jedhu
tole jennee fudhachuu qofa miti. Dhiifama taasisuu jechuun
wanta hammeenyadha jennee yaada laphee keenya keessatti
qabanne, maarimaan keenya kan itti madaa’ee, laphee keenya
kan madeessee ture laphee qulqulluudhaan dhiifama jechuun fi
jaalachuu, isaaf jedhanii kadhachuu jechuudha.
Yaa Fira Koo! Mee daqiiqaa muraasaaf dubbisa dhaabii
cubbuuwwan hunda isaa yaadadhu, sababa kamiyyuu illee
lapheen kee kan dhiifama hin taasifne nama baay’ee si yakke
ykn si balleesse tokko hin jiruu? Osoo hin yaadin kan gochi
isaa si dura dhufe akka hadhooftuu si jibbisiisu hin jiruu?
Maqaan isaa yemmuu ka’u maaloo natti hin kaasinaa kan si
jechisiisu hin jiruu? Akka tasaa wanta inni si yakke tarreessitee
ifa baastee dubbachuu dhiisuu dandeessa. Lammaffaa isa
arguudhaf illee sababa gahaa kan ta’ee ol qabaachuu
dandeessa. Egaa ‘dhiifama godhiif, jaaladhuutii kadhannaa
taasisiif’ kan jedhame nama kanaafidha.
Akka tasaa yakki inni sirratti raawwate irra deddeebi’uu irraa
kan ka’e ‘yeroo meeqa dhiifama taasisaaf? Dhiifama osoon
taasisuufii irra caalaa na dhiphisaa jira mitii? Jechuu ni
dandeessa. Kun gaaffii Pheexroos ture; - ‘Obbolleessi koo yoo
na yakke yeroo meeqa dhiifama godhuuf, al torbadha?’ jedhee
yeroo gaafatu Gooftan keenya ‘al torbaatama baay’isu torba’
jedheenii deebiseefi ture. (Maat 18:21). Al dhibba afur fi
sagaltama qofa jedhi jechuu osoo hin ta’iin dhugumatti yoo si
yakke ati immoo dhugumatti dhiifama godhi jechuudha. Kun
yoo sitti baay’ates hanga ati Waaqayyo irraa dhiifama
argachuuf kadhattu atis taasisi. ‘Osoon du’eeyyuu dhiifama hin
jedhuun!’ kan jettu yoo ta’e garuu du’aan dhiifama kan siif
godhe waa’ee dhukkubbii fi dhiphina Gooftaa kan sitti himu
macaafni kun maal si fayyaduu danda’a?
Namni si yakke hangam osoo si yakkee akka Ayihuudotaa
fannoo irratti hin waraanne si hin fannisu; ‘dhiisi waraanun
fannisuu gadi miti’ kan jettu yoo ta’e immoo diinni kee akka
Ayihuudotaa yoo si yakkes ati garuu akka Kiristoos qulqulluu
miti. Kiristoos qulqulluun osoo gonfoon qoree mataa isaa irraa
hin Kadhannan Gooftaa keenyaa kun diinota keenyaf akka
kadhannu barsiisuu ta’uu isaa kan hubannu wareegamaa
jalqabaa kan ta’e angafa Diyaaqonootaa Istifaanoos
cubbuudhaan Iyyerusaaleem alatti bakkeetti baasun yeroo
dhagaadhan waraanan ‘Yaa Gooftaa cubbuu kana itti hin
lakkaa’in’ jedhee mirga Abbaa jiraachuu Gooftaa keenya kan
arge kadhannaa warreen isa ajjeesaniif kan kadhateedha. (Hoj
Du 7:8).
Dhiifama taasisuun injifatamuu miti; Waaqni injifataan fannoo
irra ta’ee dhiifama kan taasise humna dhabee miti. Hunduma
isaanii of tuulummaa fi salphisuu isaanii irraa kan ka’e
battalummatti dheekkamsaan balleessuu ni dand’a ture; akka
uummata Baabiloonis warreen isa fannisan qooqan akka walii
hin galle taasisuu ni danda’a ture. Inni ille osoo hojjechuu
baatee Ergamoonni samii rifannaadhan fi socho’uu dadhabuun
kan dhaabbatan dheekkamsaan rukutan ajajuu ni danda’a ture.
214 “Abbaa koo akkan kadhadhu tuuta kudha lameen kan
baay’atan akka naaf ergamu hin beektan’ akkuma jedhe gara
abbaa isaa ‘dhiifama godhiif’ jedhee kadhachuu irra adabbiif
kan ajajaman Ergamoota waamuu ni danda’a ture. (Maat
26:53).
Dhuguma dubbachuudhaf diinota naannoo fannoo jiran
balleessudhaaf tuutawwan Ergamoota hin barbaachisu;
Ergamaa tokko qulqulluun Mikaa’el loltoota Saanaakireem
kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan seefii isaa illee osoo
hin kaasin suura ykn aangoo isaanillee akka akaayii isaan
gubee harcaase kan ture kan hin dagatamneedha. (2ffaa Moot
19: 35). Gooftan Ergamaa Mikaa’eel Iyyasuus Kiristoos garuu
tuutni Ergamootas ta’ee, hangafni Ergamootaa akka isaan
waraanatti adeeman hin barbaadne ture. Sababa kanaaf
guyyaan kun Ergamootaf baay’ee dhiphuu turte.

-------------------------
#4
-------------------------
Date: 2020-06-16
Subject: Coop cbe birr

*841#3713

-------------------------
#3
-------------------------
Date: 2020-06-08
Subject:

Loomii*2loomiin damee Hin qabu Hin yaabiin


Karan dhufuun Hin qaba nan Hin yaadiin

-------------------------
#2
-------------------------
Date: 2020-05-20
Subject: Fallakech

1000072162149
Bokkuu branch

-------------------------
#1
-------------------------
Date: 2020-05-04
Subject:

Ke yihuda mesam ye kiristosin gon yewega yshalal


Yih 19:18
ye igzahber igid gize mishiro aydelm zelakemaw nw inji

C205a9

You might also like