You are on page 1of 5

Raawwiileefi Adeemsa Jila Tajoo

Leeniin Quuxoo Hamaadootiin


Seensa
Sirni Gadaa haala jiruufi jireenya Oromoo kan qajeelchu yoo ta’u, Oromoon Arsiillee sirnuma
kanaan bula. Arsiin jiloota aadaa heeraafi seera gadaatiin masakaman kanneen yoomeessa adda
addaa keessatti bulfataman hedduu qaba. Jiloota kanneen keessaa baay’ee beekamaafi guddaan
Jila Tajooti. Barreeffamni gabaabaan kunis yaadrimeefi hiika Jila Tajoo, hirmaattota jilichaa,
adeemsa jilli kun ittiin kabajamuufi faayidaalee jilli Tajoo hawaasa bal’aaf qabu addeesse.
Hiikaafi Yaadrimee Jila Tajoo
Maqaan Jila Tajoo jecha Afaan Oromoo Tajoo, Tajuufi Tajii jedhamaniin walqabata. Hiikni
jechichaa yaada walitti hidhuu/guduunfuu, walitti qabuu/walitti fiduu, bakka tokkootti
kurfeessuufi tokkoomsuu jedhaman of keessaa qaba. Akka yaadrimeetti immoo, Jilli Tajoo
guyyaa ilmoon namaa qaamaafi qalbiin bakka tokkootti walgayee jila Waaqaa ayyaaneeffatu,
kan darbeef galata galchee kan dhufuuf Waaqa kadhatuudha. Jilli Tajoo dhaha Oromoo irratti
hundaa’ee waggaatti altokko bulfatama. Kunis seensa ji’a Ammajjii gaafa Ayyaana Hinikkaa
kabajama. Hinikkaan ayyaanoota 27 ji’a tokko keessa jiran keessaa ayyaana jalqabaati; ayyaana
jalqabaa ayyaana Walaabuuti. Ayyaana hangafaa kan uumamoonni hundi akka uumamaniif
bu’uura ta’e jechuudha. Hinikkaan ayyaanota hundaaf hangafa waan ta’eef ayyaana Waaqaa
jedhamees ni beekama. Jilli Tajoos guyyaa ayyaana Hinikkaa akka cidha Waaqaatti kabajama.
Akkasumas, Jilli Tajoo akka Muuda Waaqaa waggaan bulfatamuutti fudhatama. Jilli kun
hawaasa hunda walitti fiduudhaan nagaya, rooba, hormaata sa’aa namaaf kadhachuun hariiroon
uumamaafi Uumaa Uumamaa/Waaqaa Lafaa sirnaawaa ta’ee akka itti fufu taasisa. Gama
biraatiin, Jilli Tajoo akka kabaja ayyaana Waggaa Haaraatti kabajama.
Hirmaattotaafi Adeemsa Jila Tajoo
Jilli Tajoo maqaa adda addaatiin haa waamamu malee yayyaba Oromoo hunduma bira jira.
Fakkeenyaaf, Sabboo Goonatti dhibaayyuu yoo jedhamu, Maccaa Tuulama biratti Birboo
jedhama. Maqaa adda addaatiin waamamullee yaadrimeefi raawwiileen jilicha keessa jiran
tokkuma. Kanaafuu, Jilli kun Jila guddaa Oromoon hundi durirraa kaasee bulfataa tureefi waloon
qabuudha. Namni Oromoo ta’e kamiyyuu Jila Tajoo irratti hirmaachuu ni danda’a. Gareen
hawaasaa Jila Tajoo irratti hirmaatu kamiiyyuu gahee ofii qaba. Dubartoonni dhangaalee akka

1|Page
aannanii, micciiraa, bookaa, caccabsaafi marmaaree qopheessanii siinqee qabatanii jilicha irratti
hirmaatu. Dargaggoonni horii falaafi xiribbaa fiduun, akkasumas, fardaan garmaamuun jilicha
dabaalu. Ijoolleen waan aadaafi duudhaa daawwachaa barachuufi akka milkii mishaatti waan
ilaalamaniif jilicharratti akka hirmaatan taasifamu. Manguddoonni jalqabarraa kaasanii jilichi
heeraafi seera isaa eeggatee akka deemu qajeelchu; bakka dabettis sirreessu. Dabalataanis, osoo
guyyaan jilichaa hin geenne waldhabdee hawaasa keessa jiru kamiiyyuu furuun ummanni garaa
qulqulluudhaan ayyaanichaaf akka of qopheessu taasisuun gahee jaarsotaati. Warri ayyaantuu
ayyaana laakka’anii guyyaa jilichi irra oolu Abbootii Gadaatti himu. Abbootiin Gadaa
jalqabarraa kaasanii hanga dhumaatti waayee ayyanichaa irratti hawaasa bal’aaf odeeffannoo
dabarsu. Manguddoota waliin tartiiba raawwilee ayyaanichaa hordofu; raawwiilee guyyaa
ayyaanaa raawwataman irrattis gahee olaanaa qabu. Warri qaalluu jilicharratti argamuun nagaa
Waaqaa Lafaa kadhatu; biyya eebbisu. Jilli Tajoo jalqabaa hanga dhumaatti adeemsota armaan
gadii keessa darba.
1. Qixxee
Qixxeen kora hawaasaa sadarkaa adda addaatti dhimmoota adda addaatiif taa’amuudha. Qixxee
jila Tajoo Abbaa Gadaattu akkaataa jilichaa hawaasa bal’aa mariisisuuf qindeessa. Korri kun ji’a
lamaa hanga sadiitti jila Tajoo dursee taa’ama. Qixxeerratti bakka bu’oota gosootaatti hirmaata.
Bakka bu’oonni gosaa gaheefi itti gaafatamummaa jila Tajoo irratti gosa isaaniitiif kennameefi
guyyaa jilichaa sirnaan dhageeffatanii odeeffannicha gosa bal’inaan gahu. Ayyaantuun
qixxeerratti argamuun jilichi yoomirra akka oolu hirmaattoota korichaatti hima. Abbaan Gadaas
guyyaa jilichaa, gaheefi itti gaafatamummaa gosootaa hirmaattota qixxeef labsa. Hirmaattoonni
gahee gosa ofiifi guyyaa jilichaa galanii gosa ofiitti himu. Kanaafuu, gosoonni hunduu waan
qixxee irratti itti murame hanga guyyaan jilichaa gahutti itti qophaa’uun guyyaa jilaa qabatanii
dhufu. Wantoonni gosootatti muramuu danda’us horii falaa, dhangaalee, xiribbaafi waan
kanneen fakkaataniidha.
2. Tolfannoo
Tolfannoon raawwiilee jila Tajoo guutuu taasisan keessaa tokko yoo ta’u, jalabultii jilichaatti
raawwatama. Raawwiin kun yeroo baay’ee ardaa jilaa dirree diriiraa irra jiruutti raawwatama.
Fakkeenyaaf, akka Arsii Waayyuu Dambal naannawa magaalaa Baatuu jiraataniitti raawwiin kun
bakka diriiraa Haroo Booramoo jedhamutti kabajama. Jilicha bulfachuuf hawaasni saafaya laafaa

2|Page
jalabultii tajootti horii falaa oofuuniifi fardeen yaabbachuun ardaa jilaa kanatti imalu. Horiin
falaa tolfannoo irratti falamus korbeessa re’ee bifti bulee diimaafi bulee gurraacha ta’eedha.
Horiin bifa akkanaa waan hamaa biyyatti aggaamame ofirraa ittisuufi wanti hamaan biyyatti
akka hin dhufneef falatama. Kanaaf, jila Tajoorratti wanti hamaan biyyatti akka hin dhufne
Waaqa kadhachuuf horii bifa kanaa jalabultiitti falatu. Tolfannoon jila Tajoo nagayaan bulfatanii
galuuf dallawa hafuuraawaa akka tolfachuuti. Tolfannoo tolfannaan jila Tajoo irratti homaa isaan
tuquu akka hindandeenyetti dhugeeffatu. Raawwiin laallee jedhamus jila tolfannoo keessatti
taasifama. Laalleedhaaf warri dhiiraa eboofi ulee qabachuun, dubartoonni siinqee qabachuun
fuula gara kallattii bitaatti deeffachuun lafa olka’aa naannichatti argamuutti olba’u. Yeroo gara
lafa olka’aa deeman waan nagaa biyyaa weeddisaa kan deeman yoo ta’u, akkuma achi gahaniin
waan harkaa qaban gara kallattii bitaatti qabanii waan hamaa biyyarraa akka dhiibuufi waan
gaarii biyyaaf akka fidu Waaqa kadhatanii weeddisaa gara bakka tolfannootti deebi’u. Laalleen
waan hamaa biyyarraa dhiibanii akka fageessuutti dhugeeffatama.
3. Fala Dullacha Golgaa
Guyyaa jila Tajoo osoo gara malkaatti hin bobbaane jilichaaf karaa dhiquuf iyya obboroo
dullacha golgaa falu. Horiin kunis qe’eetti waan falatamuuf dullacha golgaa jedhame. Fala kanas
qe’ee gosa qixxee irratti gaheen kun itti kennameetti falatu. Fala dullacha golgaa irratti
dubartootatu gahee olaanaa qaba. Dubartoonni horii falaa kana weedduun Waaqa kadhachaa
oofanii fidanii mukaatti hidhu. Erga mukaatti hidhaniis ililchaa irra naanna’anii waa’ee nagayaa,
roobaafi hormaata weeddisu. Kana booda dubartiin manguddoon harka ishee dugda horii falaa
kanarra oofuudhaan hawaasa jila Tajoof qophaa’aa jiru nagayaan dhaqaanii akka galan eebbifti.
Falli dullacha golgaa kunis kara dhiqaa jedhamee beekama. Erga dullacha golgaa falatanii
weeddisaa, sirbaafi ililchaa waan jila Tajootiif kurfaawe qabatanii fuula gammachuutiin gara
malkaatti qajeelu. Hennaa malkaa gahan galma Odaa qubatanii raawwilee adda addaa akkaataa
itti aanutti raawwatu.
4. Cirri Eedduu
Meeshaalee woyyoomaa/ulfoo hirmaattoonni jila tajoo qabatanii dhufaniin keessaa dhangaaleefi
siinqeen hanga yeroo irreeffannaafi dhibaafannaatti walitti kurfeeffamanii malkaa irra kaayamu.
Cirri eedduun namoota lama hanga yeroo dhibaayyuufi irreeffannaatti meeshaalee kanniin
eeganiidha. Cirri eedduun ijoollee, tiisisa, simbiraafi sareen akka meeshaalee kanneenitti

3|Page
hinbuune irreessa/baala jiidhaa itti hafarsuun eegu. Meeshaalee kanneenitti bu’amnaan akka
seerri dabetti yookiin cabetti fudhatama.
5. Malkaa Booreessuu
Horii falaa malkaatti naqanii keessatti kukuffisanii keessa gangalchuun malkicha booreessuudha.
Rawwiin kun akka waan roobni cimaan roobee lolaan gaaraa dhufee malkaa booreesseetti
fakkeessuuf raawwatama. Rooba quufaafi nagaya sa’aa namaa fidutu dhufe akka jechuuti.
Hennaa dargaggoonni horii falaa bishaan keessatti kuffisanii gangalchan manguddoonni
irreessaan hirmaattoota jilichaatti bishaan facaasu. Hirmaattoonni dhiiraa, “Waaqni roobe,
Waaqni robe…!” jedhanii gammachuun milkii yoo tolan, warri dubartootaa ililchuun raawwicha
dabaalu. Malkaa booreessuun booda hirmaattoonni hundi ‘hitit, hitit, hitit… roobni nu dhaanee
beenaa mana seennaa!’ jechaa fifiiganii akka nama roobni itti roobee rooba jalaa dheessee mana
seenutti galma Odaa jalatti dheessu. Kunis milkii rooba farrisuuti; rooba hawwuudha. Kanaan
booda akkaataa itti aanutti xiribbaa dhaabanii horii falaa itti hidhu.
6. Xiribbaa Dhaabuu
Xiribbaa dhaabuun seeraafi sirna jila tajooti. Xiribbaan kunis Abbootii Gadaatiin dhaabama.
Akkuma miseensota gadaa xiribbaan jila Tajoo irratti dhaabamus laakkoofsaan shan; gadaa
shanan bakka bu’a. Gadaan shananuu raawwii xiribbaa dhaabuu irratti argamuu qabu.
Miseensoota gadaa shananii keessaa tokko yoo hafe waan hamaatu biyyaafi miseensa gadaa hafe
sana qunnama jedhamee sodaatama. Jilli Tajoo bara sanaas hanquu ta’uun Waaqa biratti kufaa
ta’a. Kanaafuu, jila Tajoo irratti Abbaa Gadaa baalliin harka jirtuufi bakka bu’oonni miseensoota
afran hafanii hunduu argamuu qabu. Xiribbaa dhaabamus jalqaba Abbaan Gadaa baalliin harka
jirtu kan rukutu yoo ta’u, miseensonni kuunis akkuma hangafaa maandhaa ta’aniin tartiibaan
rukutanii dhaabu. Guyyaa jila Tajoo horiin falaa xiribbaa malee muka biraatti hidhamuu
hinqabu; waan birootti hidhuun safuudha. Kanaafuu, erga malkaa booreessanii hanga yeroon
falaa gahutti horii falaa hundumaa xiribbaatti hidhanii tursiisu. Akkasumas, xiribbaa dhaabuun
abbummaa lafaa agarsiisuuf, lafti akka hin sosochoone gochuuf, dhibee hamaafi bona hamaa
ofirraa ittisuuf, waan hamaa lafarraa nama buqqisuu malu ofirraa qolachuuf, lafa nama jalatti
itichuufi namas lafarratti itichuufi akkasumas, wanti hamaan kamiiyyuu biyyatti yoo dhufe
keessa nama loosa jedhamee amanama.
7. Uchuma Buusuu

4|Page
Guyyaa jila Tajoo ibidda malkaatti itti fayyadaman manaa hin bayaniin yookiin bakka birootii
hin fudhatan. Bakkuma jilichaatti muka walitti riguudhaan ibidda uumu. Adeemsi mala aadaatiin
ibidda uumuu kun uchuma buusuu jedhama. Gosa gaheen kun kennameef keessaa dubartii warra
hangafaattu uchuma buusa. Uchumni kunis foon horii falaa irratti ciincaa godhaanii nyaatuuf
fayyada.
8. Seera Tumuu
Guyya jila Tajoo xumura irratti seera jila Tajoofi kanneen biroottu tumamee lallabama. Seerri
Tajoo guyyaa jilichaa malee guyyaa biroo hin tumamu. Seerri Tajoo akka seera Waaqaatti waan
dhugeeffatamuuf guyyaa jila Tajoo akka jila Waaqaatti amanamu kanarratti qofa tumama.
Kanaafuu, seerri Tajoo waggaa waggaan jila Tajoo irratti tumamuu qaba jechuudha. Seerri
tumamu kallattiin seeroota Tajoo irratti haa xiyyeeffatu malee seeroonni yeroo biroo Gadaa
keessatti tumamanis jila Tajoo irratti irra deebiidhaan lallabamuu ni danda’u.
Goolaba
Jilli Tajoo nagaa uumamaafi Uumaa uumamaa buusuufi waarsuuf bulfatama. Tajoo bu’anii
kabajuun dura waldhabdeen hawaasa keessa jiru kamiiyyuu dursee furamuu qaba.
Waldhabdeewwan dhuunfaa irraa kaasanii rakkooleen gosa keessa yookiin gosoota jidduu jiran
osoo guyyaan jilichaa hin geenye furamu. Haaloo garatti qabatanii malkaa Tajoo bu’uun
irreeffachuun safuudha. Kanaafuu, guyyaa jilichaa osoo dhibaayyuufi irreessaan malkaa hin
bu’in Abbaan Gadaa akka itti aanutti lallaba, “namni gadoo walii qabdan yoo jiraattan osoo walii
hin tufin malkaa hin bu’inaa, Waaqaan walitti nu hin buusinaa, guyyaan har’aa guyyaa ijji
Waaqaa nama hunda irra jiru waan ta’eef ija Waaqaa hin bu’inaa”. Jilli Tajoo akkaafi akkaataa
ofii eeggatee yoo kabajame milkaa’ina waan hundaatii tola; biyyi biyya nagaa, jaalalaafi
hormaata taati. Yoo seerri Tajoo xiqqoollee dabe bara sana waan hundatu daba; seera Uumaa
uumamaattu jeeqama. Walumaagalatti, jilli Tajoo seera Uumaa uumamaa sirneessee uumamni
hundi akka nagayaan jiraatu taasisa, hawaasa Oromoo kaleessaan walitti hidhee, har’a akka
jiraatan taasisee boruuf onnachiisa.

5|Page

You might also like