You are on page 1of 95

Of eeggannoo kitaaba kanaaf taasifamuu qabu.

Kitaaba kana haala gaariin qabachuun itti gargaarami. Kitaabni kun qabeenya mana
barumsaa keetiidha. Kan keetis. Kanaafuu akka miidhaan irra hin geenye sirriitti eegi.
■ Kitaaba kana haala gaariin fayyadamuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:
■ Kitaabicha gaazexaa, pilaastikii yookaan waraqaadhaan uffisi.
■ Kitaabicha yeroo hunda bakka jiidhinsa hin qabneefi qulqulluu ta’e kaa’i.
■ Kitaabicha yeroo hunda harka qulqulluu ta’een qabadhu.
■ Qola isaa irratti yookaan keessa isaatti homaayyuu hin barreessin.
■ Bakka booda banachuu barbaaddu waraqaa gabaabaa keessa kaa’uun mallattoo
taasifadhu.
■ Fuula yookaan fakkii tokko illee tarsaasuuf hin yaaliin.
■ Fuulli tarsa’e yoo jiraate haphee yookaan pilaasteriin deebisii wal qabsiisi.
■ Yeroo baattee deemtu haala kitaabichi hin miidhamneen qabadu.
■ Kitaabicha yommuu namaaf ergistu akka kunuunsuuf akeekkachiisi.
■ Kitaaba haaraatti yeroo duraatiif yommuu gargaaramtu kitaabicha dugdaan ciibsii
si’a tokko fuulota muraasa garagalchi.
Suuta jedhii gidduu kitaabichaa gadi qabi. Haalli kunis qolli kitaabichaa akka hin mi-
idhamneef gargaara.
BARNOOTA
SAAYINSII NAANNOO
KITAABA BARATAA
KUTAA 6

Qopheessitoota:- Asaffaa Abdii Yaadatee


Fireew Nagaash Mashashaa
Masarat Kabbadaa Amantee
Mootummaa Lalisaa Qinaaxxii

Gulaaltota fi Madaaltota:- Gammachiis Fiqaadu Garbi


Kabbadaa Dhuunfaa Baacculle
Addisuu Mokonnin Mootummaa

Qindeessaa: Roobii Waamii

Saxaaxa: Koolleejjii Pooliteeknikaa Inxooxxoo


© Mirgi maxxansaa guutumaan guutuutti seeraan eegamaadha. Guutuu ykn
qaama maxxansa kanaa haalaafi bifa kamiiniyyuu, jechuun elektirooniksiin,
footokoppiidhaaniifi waraabbiidhaan heyyama Biiroo Barnootaa Bulchiinsa
magaalaa Finfinnee malee maxxansiise haala birootiin maxxansuufi
raabsuun seeraan nama gaafachiisa.

Bara 2014

Finfinnee Itoophiyaa
Galata
Qophii Kitaaba Barnoota kana jalqaba irra kaasee bifa adda ta’een fi fakkeenyummaa
qabuun akka hojjatamu muuxxanoo fi gahumsaa geggessummaa olaanaa qabaniin yaada
marii burqisiisuu, yaada fooyyaa’a qophii kana milkeessu dhiyeessuun yeeroo jalqabaatiif
akka Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti kitaabni barnoota barsiisotaan
akka qophaa’u murteessuu, baajeta eeyyamsiisuu fi naamusa gaariidhan hogganamee
akka xummuraaf gahu kan taasisan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiisa Magaalaa
Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu galata guddatu isaaniif mala.

Hojiin keenya akka milkaa’uuf Yeeroo hundumaa hoggansa kennuu, rakkoowwan


numudatan battalatti furuu, raawwii qophii kitaabaa hordofuu fi gamaaggamuun nu
jajjabeessaa kan turan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Barnootaa fi geggeessan Sirna
Barnootaa Obbo Adimaasuu Dachaasaa, Hogganaa I/A Biiroo Obbo Saamson Mallasee,
Hogganaa I/A Biiroo Obbo Daanyoo Gabruu I/G/Waajjira Biiroo Obbo Sisaay Indaalee,
Goristuu waliigalaa Hogganaa Biiroo Addee Abbabach Nagaash fi Gorsaa Teekinikaa
Obboo Dasitaa Marishaa gahee ijoo ta’ee ba’achuun xiyyeefanno hojichaaf kennanii
nu bira dhabbachuun nu jajjabeessa fi rakkoof furmaataa kenna waan turaniif galatatu
isaaniif mala.

Dhuma irratti qophii kitaaba barataa fi qajeelcha barsisaa jalqabaa hamma dhumaatti
deeggarsa barbaachisuu gochuun hojiin kana caalu hin jiru jechuun milkaa’ina argame
kan tumsan Hooggantoota mana barumsaa galata qabdu.
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

BAAFATA
Qabiyyee Fuula
BOQONNAA 1
ARGAMA AFRIKAA BAHAA...................................................1
1.1. Argama Bir-Qabaafi Sirrii Afrikaa Bahaa.........................................................3
1.2. Argama Afrikaa Bahaa Kaartaarratti Daangaa Biyyoota Afrikaafi
Qaamman Bishaana’oon Wal-Bira Qabuun Ibsuu...........................................11
1.3. Kallattii Argama Biyyoota Afrikaa Bahaa......................................................14
1.4. Kaartaa Kaasuu...............................................................................................15
1.5. Gps, Googilii Kaartaafi Googilii Lafaatti Fayyadamuu..................................19
BOQONNAA 2
MAALUMMAA SAAYINSII....................................................24
2.1. Sirna Marsaa Dhiigaa.....................................................................................26
2.2. Jijjiirama Yeroo Dargagummaa......................................................................33
2.3. Qabiyyee Qilleensa ......................................................................................36
2.4. Sirna Hargansuu Namaa.................................................................................37
2.5. Makaa.............................................................................................................40
2.6. Anniisaafi Faayidaa Isaa ...........................................................................46
2.7. Maashinoota Sasalphoo..................................................................................48
BOQONNAA 3
QABEENYA UUMAMAA AFRIKAA BAHAA.......................58
3.1. Naannoolee Qilleensa Baramaa Afrikaa Bahaa..............................................60
3.2. Gosoota Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa.................................................65
3.3. Gosoota Gurguddoo Biyyee Afrikaa Bahaa....................................................66
3.4. Qabeenya Bishaanii Afrikaa Bahaa.................................................................68
3.5. Qabeenya Albuudaa Afrikaa Bahaa................................................................76
3.6. Gosoota Bineensota Bosonaa Afrikaa Bahaa..................................................79
3.7. Uwwisa Gurguddoo Biqiloota Afrikaa Bahaa................................................81
3.8. Sirnaan Itti Fayyadamuufi Eegumsa Qabeenya Uumamaa Afrikaa
Bahaa..............................................................................................................81

BOQONNAA 4
HAWAASA NAANNOO AFRIKAA BAHAATTI
ARGAMU....................................................................................89
4.1. Biyyoota Afrikaa Bahaatti Argaman...............................................................92
4.2. Baay’ina Ummata Biyyoota Afrikaa Bahaa....................................................93
4.3. Bakkeewwa Hambaalee Afrikaa Bahaa..........................................................95

I
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

4.4. Barbaachisummaa Dinagdee Hambaalee Afrikaa Bahaa................................99


4.5. Taateewwan Hambaalee Biyyoota Afrikaa Bahaa Hir’isan.......................102
4.6. Bakkeewwan Beekamoo Turiizimii Afrikaa Bahaa......................................107
4.7. Barbaachisummaa Turiizimii Afrikaa Bahaa................................................108

BOQONNAA 5
DHIMMOOTA HAWAASA KEESSATTI DURSIIFI
XIYYEEFFANNOON ITTI KEN NAAN..............................114
5.1. HIV/AIDS Biyyoota Afrikaa Bahaa Keessatti.............................................116
5.2. Magaalaa Keenyaa Keessatti Itti Fayyadama Qoricha Keemikaalaa...........119
5.3. Magaalaa Keenya Keessatti Barmaatilee Miidhaa Geessisan......................122
5.4. Hongeefi Beela.............................................................................................125

II
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Akkuma mata duree isaa irraa hubannu kitaabni kun kitaaba saayinsii naannoo
barumsa saayinsii hawaasaafi saayinsii uumamaa gidduu galeessa godhachuun
qophaa’edha. Barattoonni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keesatti barnoota saayinsii
naannoo yemmuu baratan: Haala itti gaaffilee naannoo isaaniitiif deebii kennuu
danda’an, faayidaa barnoonni saayinsii jiruufi jireenya isaanii guyyaa guyyaan
raawwatan keessatti qabuufi ilaalcha saayinsaawaa qabaachuun akka guddataniif
gumaacha akka qabu gadi fageenyaan waan barataniif kitaabni kun xiyyeeffannoon
yaada kana giddu galeeffatee kan qophaa’edha. Kitaabni kun boqonnaa shan kan qabu
yoo ta’u, wal duraa duubaan: Argama Afrikaa bahaa, maalummaa saayinsii, qabeenya
uumamaa Afrikaa bahaa, hawaasa naannoo Afrikaa bahaafi dhimmoota hawaasa
keessatti dursiifi xiyyeeffannoon kennameef of keessaa kan qabudha.

III
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

BOQONNAA 1
ARGAMA AFRIKAA BAHAA
Xumura barnoota boqonnaa kanaatti:
• Kaartaa Afrikaarratti argama bir-qabaafi sirrii Afrikaa bahaa ni hubatta.
• Kofa sarara dagaleefi gadeetti fayyadamuun kaartaa Afrikaarratti argama biyyoota
Afrikaa bahaa ni qalbeeffatta.
• Biyyoota ollaa Afrikaa bahaa ni beekta.
• Kaartaa dubbisuun dandeettii odeeffannoo wal jijjiiruu ni horatta.
• Dandeettii kallattii adda baasuu ni guddifatta.
• GPS, Googilii kaartaafi lafaa fayyadamuun dandeettii argama bakka tokkoo
galmeessuufi safaruu ni horatta.

1
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Barnoota saayinsii naannoo kutaa 5ffaa keessatti maalummaa argamaa, argama


bir-qabaafi sirrii Itoophiyaa barattee jirta. Boqonnaa kana keessatti immoo waa’ee
argama bir-qabaafi sirrii Afrikaa bahaa, argama Afrikaa bahaa kaartaa irratti daangaa
biyyoota Afrikaafi qaaama bishaana’oo waliin wal bira qabuu, kallattii biyyoota
Afrikaa bahaafi GPS, googilii kaartaafi googilii lafaa maal akka ta’an ni baratta.

2
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

1.1. Argama Bir-Qabaafi Sirrii Afrikaa Bahaa

Xumura barnoota mata duree kanaatti:


• Hiikkaa argamaa ni himta.
• Argama Afrikaa bahaa bir-qabaafi sirrii ni ibsita.
• Kofa sarara dagaleefi gadee fayyadamuun argama Afrikaa bahaa ni agarsiista.

Argama jechuun maali? Argama jechuun bakka wanti tokko, naannoon tokko yookiin
biyyi tokko itti argamu jechuudha. Argamni maloota gurguddoo lamaan ibsama. Isaanis:
Argama bir-qabaafi argama sirrii jedhamu. Maloota lamaan kanneenitti fayyadamuun
argama Afrikaa bahaa himuu ni dandeessa.

1.1.1 Argama Bir-qabaa Afrikaa Bahaa


Argama bir-qabaa jechuun maal akka ta’e himi. Argama Afrikaa bahaa mala argama bir-
qabaatiin barsiisaa/tuu keetiif ibsi.
Argama bir-qabaa jechuun argama bakka, naannoo, biyyaafi wanti tokko itti argamu
wantoota beekamoofi biyyoota naannootti argamanitti fayyadamuun argama isaanii wal
bira qabuun argama isa tokkoo ibsuudha. Mee argama mana barumsaa kee wantoota
beekamoo naannoo mana barumsaatti argaman waliin wal bira qabuun ibsuu yaali.
Fkn, wantoota beekamoo ta’an waliin wal bira qabuun argama Afrikaa bahaa ibsuun ni
danda’ama. Mala argama bir-qabaatiin Afrikaan bahaa akkamitti ibsama? Afrikaa bahaa
qaamman dacheefi qaamman bishaana’oo naannoo sanatti argamaniin wal bira qabuun
yeroo ibsinu haala armaan gadiin ta’a. Afrikaan bahaa qaama bishaana’oo kan
Garba guddaa Hindii, Galoo Galaana Edeniifi Galaana diimaa akkasumas biyyoota
akka Masir(Egypt), Liibiyaa, Afrikaa jidduu galeessaa, Chaad, Rippaabilikii Afrikaa
jidduu galeessaa, Dimokiraatikii Rippaabilikii Koongoo, Zaambiiyaa, Maalaawiifi
Mozaambikiin dangeffamtee argamti.
Argamni bir-qabaa – Wantoota beekamoon wal bira qabuun argama bakka tokkoo
ibsuu jechuudha.

3
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gocha: 1.1 hojii garee


1. Argama Afrikaa bahaa argama bir-qabaatiin ibsaa.

1.1.2. Argama Sirrii Afrikaa Bahaa


Argamni sirrii argama waan tokkoo yookiin biyya tokkoo sarara dagaleefi gadeetti
fayyadamuun bakka inni itti argamu ibsuu jechuudha. Argamni sirrii digirii, daqiiqaafi
seekoondiin safarama.

Argama sirriin Afrikaan bahaa:- sarara dagalee 18OKaabaa hanga 27O


Kibbaafi sarara Gadee 22O Bahaa hanga 51O28’Baha gidduutti argama

A. Sarara Dagalee
Sarara dagalee jechuun kofa 0 mudhii lafaarraa kaasee hanga 90O bantii Kaabaa
O

yookiin Kibbaatti jiru agarsiisuudha. Sarara dagalee keessaa beekamoon sarara Mudhii
lafaa (0O), sarara Kaansarii 23 1/2° Kaabaafi sarara Kaappiriikoornii 23 ½O Kibbaa fa’a.

Sararri kaansarii- sarara yaadaa, Kaaba mudhii lafaatti argamudha.


Sararri kaapirikoornii- sarara yaadaa, kibba mudhii lafaatti argamudha.

4
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Sararri Mudhii lafaa


• Dagalee 0oirratti argama
• Kaartaa yookiin giloobiirratti qaama lafaa heemisfeera Kaabaafi Kibbaatti qoodudha.
• Fageenya gara bantiileetti Kaabaafi Kibba argamu safaruuf akka ka’uumsaatti
tajaajila.
• Fageenyi Mudhii lafaa irraa hanga Bantii Kaabaattis ta’ee hanga Bantii Kibbaatti jiru
90° ta’a.
• Sarara dagalee keessaa isa dheeraa yookiin korboo guddaadha.

Heemisfeera Kaabaa- Qaama lafaa mudhii lafaarraa gara Kaabaatti argamudha.


Heemisfeera Kibbaa- Qaama lafaa mudhii lafaarraa gara Kibbaatti argamudha.

Amaloota sarara dagalee


• Giloobii ykn yookiin kaartaarratti fageenyi isaan gidduu jiru wal-qixa.
• Sarara wal tarree ykn sarara wal hin tuqnee dha.
• Bahaa gara dhihaatti wal tarree sararamanii argamu.
• Giloobiirratti mudhii lafaatii hanga bantiileetti dheerinni isaanii gabaabbachaa
deema.
• Dheerinni sarara dagalee kaartaa irratti wal qixadha.

Fakkii 1.1 Sarara Dagalee

5
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

B. Sarara Gadee
Sararri gadee bantii Kaabaa irraa gara bantii Kibbaatti kan sararamu yoo ta’u qabxiilee
fageenya wal fakkaataa qaban hunda wal qunnamsiisuun kan sararamuudha. Sarara
gadee keessaa kan akka ka’umsaatti tajaajilu meeriidiyaanii guddicha (0O) jedhama.

Sararri meeriidiyaanii guddichi (Giriinwich Meeridiyaanii)


• Fageenyi sarara kanarraa gara Bahaafi Dhihaatti jiru wal qixa(180O)
• Fageenyi walii galaa Bahaa hanga Dhihaa 360O addaan fagaata.
• Biyya Gaanaa (Akraa) keessaafi biyya Ingiliizii (London) keessa qaxxaamura.
• Qaama lafaa Bahaa-dhihatti bakka gurguddoo wal qixa ta’an Lamatti qooda.
• Dadee 0oirratti argama.

Amaloota sarara gadee


• Kaartaa ykn giloobiirratti Kaabaa gara Kibbaatti ykn faallaa kanaa sararamu.
• Giloobiirratti bantiileerratti wal tuqu.
• Kaartaa irratti wal tarree ykn wal hin tuqan.
• Dheerinni isaanii wal qixadha.
• Meeriidiyaanii guddicharraa kallattii lamaanittiyyuu hanga 180O fagaatu

Fakkii 1.2. Sarara Gadee Giloobiirratti

6
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Walumaa galatti sararri dagaleefi gadee walitti qindeeffamuun argama bakka, naannoo,
magaalaafi biyya tokkoo ibsuuf gargaaru. Dabalataan sararri gadee yeroo shallaguuf nu
gargaaru.

Heemisfeera bahaa- Qaama lafaa meeridiyaanii guddicharraa gara Bahaatti


argamudha.
Heemisfeera dhihaa-Qaama lafaa meeridiyaanii guddicharraa gara Dhihaatti
argamudha

Koordineetii Addunyaa- Qindoomina dagaleefi gadeetti fayyadamuun argama bakka


tokkoo kan ibsudha.

Fakkii 1.3 koordineetii Addunyaa

7
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkeenya:
Argama qubee ‘R’ ykn Biyya ‘R’ kaartaa armaan oliirraa barbaadi
Deebii:- Qubeen ‘R’ ykn Biyyi ‘R’ 20O kibbaa fi 45O dhihatti
argama.

Gocha 1.2
Argama qubee ‘O’ ykn Biyya ‘O’ Fakkii 1.3 irratti hundaa’uudhaan barbaadi

Shallaggii yeroo
Akkuma beekamu danaan lafaa luffee koorbootti dhiyaatu dha. Waan kana ta’eef
lafti yeroo tokko ofirra naanna’uuf yookiin 360º naannooftee xumuruuf sa’aatii 24:00
itti fudhata. Kanaafuu, sa’aatii 1:00 keessatti 15° ofirra nannoofti jechuudha. Tokkoo
tokkoon sarara gadee 15ºyookiin dheerina sa’aatii 1:00 walirraa fagaatanii argamu.
Yeroon karaa lamaan himama:
i. waaree duraafi waaree booda
ii. yeroo giddu galeessa Giriinwichii

i. Waaree Duraafi Waaree Booda


Waaree dura(WD) kan jedhamu dheerina yeroo walakkaa halkanii irraa kaasee hanga
walakkaa guyyaatti sa’aatii 12:00 jiru agarsiisa.
Waaree booda(WB) jechuun immoo dheerina yeroo walakkaa guyyaa irraa kaasee
hanga walakkaa halkaniitti sa’aatii 12:00 jiru agarsiisa
ii. Yeroo Jiddu Galeessaa Giriinwichii
Yeroo jiddu galeessaa Giriinwhichii jechuun dheerina yeroo walakkaa halkaniirraa
kaasee hanga walakkaa halkan guyyaa lammaffaatti walitti fufiinsaan sa’aatii 24:00 jiru
argisiisa.
Biyyoonni addunyaa Meeridiyaanii guddaarraa fageenya jiru
digirii adda addaa irratti argaman sa’aatii adda addaa lakkaa’atu. Sarara gadeetti
fayyadamnee garagarummaa sa’aatii gidduusaanii jiru beekuuf qabxiilee armaan gadii
hubachuun barbaachisaadha. Isaanis:

8
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

• Digrii sarara gadee lamaanii beekuu


• Heemisfeera keessatti argaman adda baasuu
• Heemisfeera tokko keessa jiru yoo ta’e, digirii gadee isa guddaarraa isa xiqqaa
hir’isuu
• Heemisfeeroota adda addaa keessatti argamu yoo ta’e immoo walitti ida’uu
• Isa argame sana 15Of qooduu.
Kana hubachuuf fakkeenya armaan gadii shaakali.
Fakkeenya:
Biyyi ‘A’ gadee 30O Baharratti sa’aatiin 3:00WD yoo ta’e, biyya ‘B’ 75O Baharratti
sa’aatiin meeqa ta’a?
Haaluma : Sa’aatii shallagdee argatte sirriitti kaa’uuf tartiiba armaan gadii hordofi:
1. Bakki sa’aatiin gaafatame isa ka’umsaa irraa gara Bahaatti kan argamu yoo ta’e,
sa’aatii bakka ka’uumsaatiif kenname irratti sa’aatii shallagdee argatte ida’i.
2. Bakki sa’aatiin gaafatame isa ka’umsaa irraa gara Dhihaatti kan argamu yoo ta’e,
sa’aatii bakka ka’umsaatiif kenname irraa sa’aatii shallagde hir’isi.
Haaluma kanaan biyyi ‘A’fi biyyi ‘B’ kallattii tokko keessatti argamu waan ta’eef
haaluma qajeelcha armaan oliitti ibsameen garaagarummaa sa’aatii gidduusaanii jiru
shallagi.
75O-30O = 45O, 45O/15O =3:00.
Kana jechuun biyya ‘A’ fi biyya ‘B’ jidduu garagarummaa sa’aatii sadiitu jira
jechuudha. Biyyi ‘B’ biyya ‘A’ irraa kallatti bahaatti waan argamuuf, sa’aatii argame
sana isa duraan jirurratti idaana, innis 3:00+3:00 =6:00WD ta’a. Kanaafuu, biyya
‘A’fi Biyya ‘B’ jidduu garaagarummaa sa’aatii sadiitu jira jechuudha.

Gocha 1.3
Burtukaana wal qixa ta’e lama fudhachuun tokkoo isaa dalga wal qixatti muruun
sararran Dagalee ilaaluuf yaali. Kan lammataa immoo irraa gadee bakka wal qixa
ta’anitti muruun sararran Gadee ilaali. Gocha kana irraa maal hubatte?

9
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

I. Gaaffilee armaan gadii sirrii yoo ta’an ‘Dhugaa’, Sirrii kan hin taane
immoo ‘Soba’ jechuun deebisi.
1. Argamni bir-qabaa argama bakka tokkoo digiriidhaan ibsamudha.
2. Argama bir-qabaatiin argamni Itoophiyaafi Afrikaa bahaa tokkodha.
3. Argamni sirrii argama qaama beekamoon wal-bira qabuun ibsamudha.
II. Gaaffilee armaan gaditti kennaman keessaa deebii sirrii ta’e
filadhu.
1. Sararri yaadaa gadee kan magaalaa Akraa keessa qaxxaamuru maal jedhama?
A. Giriinwichii Guddicha
B. mudhii lafaa
C. Sarara kaappirikoornii
D. sarara kaansarii
2. Gammachuun kallattii Bahaatiin 50O 15’ irra jira yoo ta’e, Caaltuun immoo kallattii
Dhihaan 50O 15’ irra dhaabbattee kan jirtu yoo ta’e, Caaltuu fi Gammachuu keessaa
kamtu Giriinwichii Guddichatti dhihaatee argama?
A. Caaltuu
B. Gammachuu
C. Lachuuu fageenya wal qixarra jiru
D. Deebiin hin kennamne.
3. Kan armaan gadii keessaa kamtu amala sarara dagaleeti?
A. Kaartaarratti dheerina garaagaraa qabu.
B. Sarara waltarree yookiin sarara wal hin tuqne dha.
C. Kaabaa gara kibbaatti wal tarree sararamu.
D. Giloobii irratti dheerina wal qixa qabu
4. Safartuu argamaa yoo barreessinu kan armaan gadii keessaa kamtu tartiiba sirriin
barreeffame?
A. Seekoondii, Daqiiqaafi Digirii
B. Seekoondii, Digiriifi Daqiiqaa
C. Digirii, Daqiiqaafi seekoondii
D. Daqiiqaa, seekoondiifi digirii
III. Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Argama Afrikaa bahaa bir-qabaan ibsi.
2. Faayidaan sarara dagalee maali? Kan sarara gadee hoo?
3. Argamni Afrikaa bahaa mala argama sirriin akkamitti ibsama?
4. Karaalee yeroon ittiin ibsaman lamaan barreessi

10
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

1.2.Argama Afrikaa Bahaa Kaartaarratti Daangaa Biyyoota Afrikaafi


Qaamman Bishaana’oon Wal-Bira Qabuun Ibsuu
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
► Argama Afrikaa bahaa daangaa biyyoota Afrikaafi qaamman
bishaana’oon wal bira qabuun ni ibsita.
► Kaartaarraa biyyoota Afrikaa bahaa keessatti argaman ni tarreesita.
Biyyoonni Afrikaa bahaa lakkoofsaan 11 isaanis yoo ta’an, biyyoota Afrikaa bahaa
biroofi biyyoota gaanfa Afrikaatti argaman kan walitti qabatedha. Afrikaan bahaa
kallattii bahaafi Kaaba bahaan qaama bishaana’oon daangeeffamtee jirti. Biyyoonni
Afrikaa bahaa akkuma armaan gaditti kaartaarratti (fakkii 1.4) mul’atu biyyoota Afrikaa
biroo ollaa isaaniitti argamaniifi qaamman bishaana’oo waliin daangaan qaban haala
armaan gadiin ibsameera.
► Keeniyaafi Somaaliyaa - Garba guddaa Hindii
► Ertiraa- Galaana diimaa
► Jibuutii- Galaana dimaafi Galoo Galaana Eden
► Sudaan – Masir (Egypt), Liibiyaa, Chaad, Rippaabilikii Afrikaa jiddu-galeessaafi
Galaana diimaa
► Sudaan Kibbaa- Rippaabilikii Afrikaa jiddu-galeessaafi dimookiraatikii Rippaabilikii
Koongoo
► Taanzaaniyaa - Zaambiiyaa, Maalaawiifi Garba guddaa Hindii
► Ugaandaa, Ruwaandaafi Buruundii- Dimookiraatikii Rippaabilikii Koongoo waliin
daangaa kan qaban yommuu ta’u biyyi Itoophiyaa biyyoota ollaa Afrikaa bahaa
ta’an kamiyyuu waliin daangaa hin qabdu.

11
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkii 1.4 Argama Afrikaa bahaa kaartaa irratti

Gocha 1.4
Gaaffiilee armaan gadii gareen mari’achuun ibsi.
1. Waa’ee daangaa biyyoota Afrikaa bahaa(fakkii 1.4) kanaa olii irraa
ilaaluun ibsi
2. Biyyoota Afrikaa bahaa 11 kaartaa armaan olii iraa tarreessi.

Hojii Piroojektii 1.1


Mana dubbisa kitaabaa deemuun/kitaabileefi maddoota adda addaa fayyadamuun gareen
hojjadhaa.

Faayidaafi Miidhaa Argama Afrikaa Bahaa Ibsuu


Gochaan kun kanneen armaan gadii irratti hundaa’a
1. Biyyoonni Afrikaa bahaa keessaa balbala doonii qaban eenyu fa’i?
2. Faayidaan balbala doonii qabaachuu maali?
3. Miidhaa warra balbala doonii hin qabnee akkamiin ibsita?

12
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

4. Biyyootni argama tarsiimoo Afrikaa bahaa waliin qaban biyyoota kami?


5. Faayidaan argama tarsiimoo qabaachuu maali?
6. Miidhaan argama tarsiimoo dhabuu maali?
7. Gaarreen akka Kilimanjaaroo, Keeniyaa fi kkf Afrikaa bahaa keessaatti
argamu.-Faayidaan argama gaarreen kanaa maali?
8. Faayidaan Afrikaan bahaa Sulula qiinxamaarraa argattu jiraa? Yoo jiraate maal fa’i?

I. Gaaffilee armaan gadii sirrii yoo ta’an ‘Dhugaa’, Sirrii kan hin taane
immoo ‘Soba’ jechuun deebisi.
1. Magaalaan Moqaadishoo, magaalaa buufata doonii qabdudha.
2. UgaandaafiItoophiyaan biyyoota daangaa waliin qabanidha.
3. Biyyi Sudaan karaa Dhihaa garba guddaa Hindiin daangeeffama.
II. Gaaffilee armaan gaditti kennamaniif keessaa(haa badu) deebii
sirrii ta’e filadhu.
1. Biyyoonni Afrikaa bahaa qaama bishaana’oon hin daangeeffamne kami?
A. Ugaandaa, Itoophiyaa, Ruwaandaafi Buruundii
B. Itoophiyaa, Ugaandaa, Keeniyaafi Buruundii
C. Somaaliyaa, Ruwaandaa, Itoophiyaafi Buruundii.
D. Itoophiyaa, Ugaandaa, Ruwaandaafi Ertiraa.
2. Biyyoonni Afrikaa bahaa Galaana diimaan wal daangeessan isaan kami?
A. Ruwaandaafi Taanzaaniyaa
B. Jibuutiifi Somaaliyaa
C. Ugaandaafi Ruwaandaa
D. Jibuutiifi Ertiraa
3. Kan armaan gadii keessaa biyyi Itoophiyaa daangessu kami?
A. Ugaandaa B. Taanzaaniyaa C. Chaad D. Sudaan kibbaa
III. Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Qaamman bishaana’oo Afrikaa bahaa daangeessan tarreessi
2. Biyyoota Afrikaa bahaa daangessan tarreessi

13
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

1.3 Kallattii Argama Biyyoota Arrikaa Bahaa


Xumura barnoota mata duree kanaatti:
■ Kallattii argama biyyoota Afrikaa bahaa ni ibsita.
■ Kallattiiwwan 16n argama ibsan ni tarreessita
Kutaa darban keessatti kallattiitti fayyadamuun argama Itoophiyaa barachuun kee ni
yaadatama. Kutaa kana keessatti immoo kallattiitti gargaaramuun akkamitti akka
biyyoota Afrikaa bahaa ibsan baratta. Mee gareen mari’achuun deebii gaaffilee armaan
gadii barsiisaa/tuu keessanitti himaa! Kallattii jechuun maal jechuudha? Faayidaan
kallattii maal fa’i? Kallattiitti fayyadamuun argama Afrikaa bahaa agarsiisuu yaali?
Kallattii jechuun agarsiistuu argama magaalaan yookiin biyyi tokko kallattii kamitti
akka argamu kan nutti agarsiisudha. Kallattiiwwan hangafoota arfan Kaaba, Baha,
Kibbaafi Dhihatti fayyadamuun argama Afrikaa bahaa ibsuu ni dandeenya.
Kallattiiwwan hangafoonni walumaagalatti tuqaalee kallattiiwwan agarsiisanidha.
Akkasumaas qoqqooddiiwwan kallattii hangafootaa ni jiru. Fakkeenyaaf, Kaaba-bahaa,
Kibba bahaa, Kibba dhihaa, Kaaba dhihaa jechuun hanga 16 tarreessuu ni dandeenya.
Afrikaa bahaa kallattiin yeroo ibsinu:- karaa kaabaan- Masir(Egypt)fi Liibiyaa, karaa
Kaaba bahaan- Galaana diimaa, karaa Bahaan- Garba guddaa Hindii, Galoo Galaana
Edeniifi Galaana diimaa, karaa Kibba bahaan- Garba guddaa Hindii, karaa
Kibbaa- Zaambiyaa, Maalaawiifi Mozaambikii, karaa Dhihaa- Afrikaa jidduu galeessaa,
Chaadiifi Dimokiratikii Rippaabilikii Koongoon daangeffamtee argamti.

Kallattiiwwan hangafoota: Kaaba, Baha, Kibbaafi Dhiha.

Kaaba

Kaaba dhihaa Kaaba bahaa


.

Dhiha Baha

Kibba dhihaa Kibba bahaa

Kibba

Fakkii 1.5 Kallattiiwwan hangafootaafi qoodama isaanii.

14
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala 1.3

I. Gaaffilee armaan gadii sirrii yoo ta’an ‘Dhugaa’, Sirrii kan hin taane
immoo ‘Soba’ jechuun deebisi.
1. Biyyi Itoophiyaa Sudaan kibbaa irraa gara lixaatti argamti.
2. Biyyi Somaaliyaa karaa kallattii bahaan Garba guddaa Hindiin daangeeffamti.
II. Gaaffilee armaan gaditti kennamaniif deebii sirrii ta’e filadhu.
1. Biyyi Itoophiyaa kallattii Dhihaatiin daangeessitu eenyu jedhamti?
A. Sudaan kibbaa B. Sudaan C. Keeniyaa D. A fi B deebiidha
2. Biyyi Keeniyaa biyya Ertiraa irraa kallattii kamitti argamti?
A. Kibbaa B. Kaabaa C. Bahaa D. Dhihaa.
III. Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Kallattiiwwan kudha jahan tarreessi?
1.4. Kaartaa Kaasuu
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
■ Maalummaa kaartaa ni ibsita
■ Wixinee kaartaa Afrikaa bahaa kaasuun odeeffannoowwan handaara kaartaa
kaa’uu ni dandeessa.
■ Maalummaa iskeelii kaartaafi maloota iskeeliin itti ibsamu ni tarreessita.
■ Iskeelii kaartaa tokko irraa gara isa biraatti ni jijjiirta.
■ Fageenya daangaa biyyoota Afrikaa bahaa kaartaatti fayyadamuun ni ibsita
Wantoota kaartaan tokko akka kaafamu barbaachiseef ogeessi kaartaa kaasu tokko
duraan dursee filachuu qaba. Erga wantoota barbaadaman filateen booda wantoota
filatamaniif mallattoowwan adda addaa filachuun kaa’uu qaba.
Kaartaan maali? Mee maalummaa kaartaa waan beektu hiriyyoota keetiin walitti
himuun irrattis mari’adhaa. Kaartaan meeshaa qaama guutuu yookiin gar-tokkee lafaa
bakka bu’uun akka haala salphaan hubatamuun danda’amutti gad xiqqeeffamee akka
waan samii (waaqa) irraa gad ilaalamuutti waraqaa diriiraa irratti kan kaafamudha.
Kaartaa kaasuun odeeffannoo handaara kaartaa gargaaramuun kaartaa dubbisuufi
fageenya shallaguun ni danda’ama.
Odeeffannoon Handaara Kaartaa
Kaartaan haala gaariin qophaa’e tokko odeeffannoowwan guguddoo waa’ee
kaartichaa ibsan ofirraa qabaachuu qaba. Kaartaa sirriitti dubbisanii qayyabachuuf
odeeffannoowwan handaara kaartaarratti argaman beekuun baay’ee barbaachisaadha.
Odeeffannoowwan handaaraa kaartaarratti argaman keessaa isaan armaan gadii haa
ilaallu.

15
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

1. Mata duree kaartichaa: Akkuma namni yookiin biyyi tokkoo maqaa adda ta’e
qabu, kaartaan kamiyyuu kaayyoo kaafameef irratti hundaa’uun maqaa ofii qaba. Fkf,
kaartaa faca’iinsa qilleensa baramaa Afrikaa bahaa.
2. Baraafi bakka kaartichi itti maxxanfame: kaartaa ammayyaafi kan durii
ta’uu isaa adda baasee ni agarsiisa.
3. Mallattooleefi fakkiiwwan kaartaa irratti argaman: Kaartaan kamuu
luga (afaan) ofii qaba. Isaanis mallattoowwaniifi fakkiiwwan kaartaarratti kan
argaman ta’ee, handaara kaartaarratti hiika mataa isaaniitiin furtuu jalatti
barreeffamu. Hamma danda’ametti wantoota bakka buufaman akka muldhisuu
danda’anitti sadarkaa addunyaatti walii galteen kan taa’an ni jiru. Haa ta’u malee,
namoonni kaartaa hojjatan kaayyoo kaartaa naannoo tokkoof kaasan irratti
hundaa’uun mallattooleefi fakkiiwwan wantoota naannoo sana ibsan agarsiisuun
itti fayyadamuu ni danda’u.
4. Iskeelii Kaartaa- Iskeeliin kaartaa akkuma fakkiileefi mallattoowwanii
odeeffannoo handaara kaartaas ta’ee, hariiroo qaamni lafaa bal’aan waraqaa xiqqaarratti
ittiin kaafamudha. Fkf: fageenyi lafarratti 20km ta’u waraqaa 5cm dheeraturratti
kaafama yoo ta’e, iskeeliin kaartichaa 1cm: 4km ta’a. Kana shallaguuf foormulaa
armaan gadii kanatti fayyadami.

(fageenyaa lafarraa jedhamee haa sirratu)


Iskeeliin kaartaa 1: 400,000 Yookiin 1/400,000

Iskeelii kaartaa-Reeshoo fageenya kaartaa irraafi fageenya lafarraati


Iskeeliin Kaartaa Karaa sadiin ibsama:
i. Iskeelii Himaa (I.H)
• Iskeelii jechaan ibsamu ta’ee kan safartoo ofirraa qabudha.
• Fkf: iskeeliin armaan olitti 1cm: 4km jedhu iskeelii himaati.
• Kana jechuun sararri waraqaa yookiin kaartaa irratti seentiimeetira 1 dheeratu
lafarratti fageenya kiiloomeetira 4 bakka bu’a jechuudha.
ii. Iskeelii Firaakishinaa (I.F):
• Iskeelii firaakishinaanfi reeshoon ibsamudha.

• Fkf: Iskeelii firaakishinaa yookiin Iskelii reeshoo 1:400,000

16
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

iii. Iskeelii Giraafii:


Iskeelii sararaan ykn giraafiin ibsamudha.

Fakkii 1.6 Iskeelii giraafii agarsiisu

Fageenya lafaa kaartaa irraa Shallaguu


Wixinee kaartaa armaan gadiirraa akkaataa fageenyi lafarraa itti shallagamu fakkeenya
kenname ilaaluun hubadhu.

Fakkii 1.7 Wixinee kaartaa

Fageenya lafaa kaartaa irraa shallaguuf iskeelii kaartaafi fageenyi kaartaa hamma
dheeratu beekuu barbaachisa. Fkf: fageenya “A” fi “B” jidduu jiru shallaguuf, dheerina
kaartaarraa(A hanga B) sarartuun safaruun galmeeffachuu, kunis 3cm ta’a haa jennu.
Kunis = 1:300,000. Iskeeliin kun iskeelii himaatiin 1cm: 3kmdha.
1km = 100,000cm 1cm = 3km yoo ta’e,
3cm=?km = 9km
Kanaaf fageenyi A fi B gidduu lafarratti =9km ta’a.

17
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gocha 1.5
Wixinee kaartaa hojjachuuf isaan armaan gadii raawwadhu
♦ Dheerina kutaa keessatti barattuu safarii galmeessi.
♦ Dheerina deeskii kutaa keessatti argamanii hunda safarii galmeessi.
♦ Dheerina dareefi dheerina waraqaarratti kaaftuu safariitii iskeelii
♦ kaartichaa murteessi.
♦ Iskeelii kaartaa shallagdee argatte bifoota iskeelii sadanitti jijjiiri.
♦ Iskeelii argatte kanaan yoo fayyadamte fageenyi lafaa (daree) hammam ta’a?
Xumura gocha kanaa irratti mallattoolee (odeffannoo handaara kaartaa) kaartaa
irratti fayyadamte furtuu jalatti hiika isaanii kaa’i.

I.Gaaffiilee armaan gadiif deebii kenni


1. Fakkii rektaangiliiarmaan gadii ilaaliitii gaaffii qubeewwan “M” fi “O” irratti dhi
yaatan hojjedhu.

Fakkii 1.8

a) Dheerinni kaartaa irratti “M” fi “O” jidduu jiru 4 cm yoo ta’e fageenyi lafa irraa,
sarara kanaan bakka bu’e hammam ta’a?
b) Reektaangiliin kaartaa armaan gadii irratti muldhatu dheer ina 6 cmfi dalga 7cm ta’e
qaba. Baldhinni lafaa kaartaa kana irratti kaafame hammam ta’a?
2. Kaartaa qilleensa baramaa Afrikaa bahaa agarsiisu kaasuun akkaataa mallattoolee
fayyadamteen odeeffannoo handaara kaartaa isaa kaa’i.(Abbaltii)

18
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

1.5. Gps, Googilii Kaartaafi Googilii Lafaatti Fayyadamuu


Xumura barnoota mata duree kanaatti:
• GPS fayyadamuun argamaafi kallattii bakka tokkoo ni keessa.
• Googilii kaartaafi googilii lafaa fayyadamuun argama bakka tokkoo adda baasuun
ni ibsita.
A. GPS(Geographical Position System)
Ogeeyyiin kaartaa lafa mana keessanii yoo kaasan meeshaan itti fayyadaman maal
jedhama? Meeshaan GPS’n jedhamu maaliif fayyada?
Saatalaayitoota nam-tolchee naannoo lafaatti argaman fayyadamuun odeeffannoo adda
addaa kanneen akka fageenyaa, bal’inaa, kallattiifi argama biyyaa yookiin magaalaa
tokkoo agarsiisuuf fayyada.
GPS gosa hedduu jiran keessaa kan irra caalaatti naannoo keenyatti beekamu GPS
harkaadha. GPS’n harkaa meeshaa elektirooniksii ta’ee koordineetii, dagaleefi
gadeerratti hundaa’uun ragaa lafarratti argamu dogongora tokko malee kan
galmeessuudha. Fakkeenyaaf GPStti fayyadamuun bal’ina, kallattiifi argama dallaa
mana barumsa keetii baruu ni dandeessa.
B. Googilii kaartaa
Waa’ee googilii kaartaa dhageessanii beektuu? Magaalaa keessan keessatti
konkolaataan (fkn. Ride) iddoo namoonni barbaadan geessuuf maalitti fayyadamu?
Googiliin lafaa hoo maali? Maal akka ta’an mee barsiisaa/tuu keessanitti himaa.
Bilbila sochoo’aa yookiin kompiitaratti fayyadamuun googilii seenuun yookiin
appilikeeshinii isaa buufachuun googilii kaartaadhaan magaalaan yookiin biyyi t
okko eessatti akka argamu ilaaluu ni dandeenya. Fakkeenyaaf googilii kaartaatti
fayyadamuun biiroon barnoota magaalaa Finfinnee eessatti akka argamu adda
baasuun ni danda’ama.

Fakkii 1.9 Googilii kaartaa argama bakka tokkoo agarsiisu

19
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

C. Googilii Lafaa
Googiliin lafaa saatalaayitoota naannoo lafaafi hawaa keessa jiranitti fayyadamuun
fakkii lafaa sirrii ta’e kan nu agarsiisudha. Googiliin lafaa argama magaalaa yookiin
biyya tokkoo fagoo jiru adda basuuf akkasumas qorannoo naannoo tokkoo gaggeessuufi
qabeenya uumamaa bakka garaagaraa jiru adda baasuuf kan fayyadudha.
Fkf: googilii lafaatti fayyadamuun naannoo Afrikaa bahaa ilaaluu ni dandeessa.

Fakki 1.10 Googlii lafaa agarsiisu

Gocha 1.6
Gareen ta’uun GPS, googilii kaartaa fi lafaa fayadamuun bakka tuqaa beekamaa
ji’oogiraafii ta’e agarsiisaa. Fakkeenyaaf kan mana barumsa keessanii agarsiisuu ni
dandeessu.
• GPS fayyadamuun bal’inaa fi tuqaalee dagalee fi gadee argama dallaa ykn daree
keessanii adda baasuun agarsiisuuf yaalaa
• Googilii kaartaa fayyadamuun fageenyaa fi kallattii argama Biiroo barnootaa
magaalaa Finfinnee fi mana barumsa keessanii agarsiisuuf yaalaa.
• Xumura irratti hubannoo argattan irratti hundaa’uun GPS fi googilii kaartaa
fayyadamuun akkamitti akka argama Afrikaa bahaa ibsitan irratti mari’dhaa.

20
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Cuunfaa Boqonnaa 1

• Argama bir-qabaa jechuun argama bakka tokkoo dacheefi qaama bishaana’oon wal
bira qabanii ibsuudha.
• Haaluma kanaan argamni Afrikaa bahaa kallattiilee gurguddoo sadiin qaama
dacheetiin yoo daangeeffamaan, kallattii tokkoon immoo qaama bishaana’oon
daangeeffamu.
• Kallattiileen gurguddoon, kallattii Kaabaa, Bahaa, Kibbaafi Dhihaafa’adha.
• Biyyoonni Afrikaa bahaa baay’inaan 11 yoo ta’an, isaan keessaa biyyoonni kan akka
Sudaan, Ertiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Keeniyaafi Taanzaaniyaa buufata doonii qabu.
• Argama sirriin Afrikaa bahaa: - Sarara dagalee 18OKaabaa - 27O Kibbaafi sarara
gadee 22OBahaa - 51O28’Baha gidduutti argama.
• Sararri dagalee, sararaan yaadaa kaartaarrattis ta’e giloobiirratti Bahaa gara Dhihaatti
yookiin Dhihaa gara Bahaatti sararamu.
• Sararri dagalee mudhii lafaa kaasee gara bantiilee Kaabaafi Kibbaatti 90O
safaranidha.
• Sararri mudhii lafaa sarara dagalee keessaa isa dheeraafi korboo guddaa uumuufi
addunyaa kana heemisfeera Kaabaafi Kibbaatti qoodudha.
• Sararraan gadee, sarara yaadaa kaartaafi giloobiirratti Kaabaa gara Kibbaatti
sararamaniifi Meeriidiyaanii guddichaarraa gara kallattii Bahaafi Dhihaatti 180O
safaranidha.
• Sarara gadee keessaa inni guddaafi akka ka’umsaatti tajaajilu, Meeriidiyaanii
guddichadha.
• Meeriidiyaaniin guddichi addunyaa kana heemisfeera Bahaafi Heemisfeera Dhihaatti
qooda.
• Sararri dagaleefi gadee walitti qindaa’uun argama bakka tokkoo yoo kennan, sararri
gadee immoo dabalataan yeroo shallaguuf gargaara.
• Yeroon karaa lama shallagama. Isaanis: Waaree duraafi waaree boodaafi yeroo
jidduugaleessaa Giriiniwichiiti.
• Biyyoonni Afrikaa bahaa kallattii Bahaan, Kaaba bahaafi Kibba bahaan buufata
doonii kan qabaniifi biyyoota ollaa fagoo waliinis walitti dhufeenya dinagdeefi
hawaasummaa qabu.
• Kaartaan bakka bu’ee lafaa ta’e gar-tokkee yookiin guutummaa lafaa haala salphaan,
gadi xiqqeessee, akkaataa asii gadi ilaalamuun kan kaafamudha.
• Iskeeliin haala sadiin ibsama, Iskeelii himaa, Iskeelii firaakshinaafi Iskeelii
giraafiifaadha.
• Meeshaalee teekinooloojii kan ta’an GPS, Googilii kaartaafi lafaa faayyadamuun
argama bakka tokkoo beekuunis ni danda’ama.

21
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala Xumuraa Boqonnaa 1



I. Gaaffilee armaan gadii sirrii yoo ta’an ‘Dhugaa’, Sirrii kan hin taane
immoo ‘Soba’ jechuun deebisi.
1. Naannoo Afrikaa bahaa keessatti biyyoota kudhan qofaatu ar gama.
2. Sarara gadeen kallattii bahaa gara dhihaatti kan sararamanidha.
3. Sarara dagaleen kallattii bahaa fi dhihatti hanga 180º qofaa safaru.
4. Waaree dura jechuun dheerina yeroo walakkaa guyyaa irraa kaa see hanga
walakkaa halkaniitti agarsiisa
II. Gaaffilee armaan gaditti kennaman keessaa deebii sirrii ta’e filadhu
1. Naaannoolee Afrikaa keessaa kan naannoo Afrikaa bahaa waliin daangaa hin qabne
kami?
A. Naannoo Afrikaa dhihaa C. Naannoo Afrikaa kaabaa
B. Naannoo Afrikaa kibbaa D. Naannoo Afrikaa jiddu-galeessaa
2. Naannoo Afrikaa bahaa keessatti magaalonni handhuura buufata doonii fi magaalaa
guddaa biyyaa ta’anii tajaajilaa jiran:
A. Jibuutii, Moqaadishoo C. Finfinnee, Asmaraa
B. Kaartuum Kampaalaa D. Kigaalii, Naayiroobii
3. Sararri yaadaa dagalee 0º tiin kaartaa irratti mul’atu maal
jedhama?
A. Sarara kaansarii C. Giriinwichii Guddicha
B. Sarara kaappirikoornii D. Mudhii lafaa
4. Mudhii lafaa irraa gara Kaabaatti 90 bakki fagaatee argamu maal jedhama?
O

A.bantii kibbaa C. mudhii lafaa


B. Bantii kaabaa D. Bantii bahaa
5. Biyyi naannoo Afrikaa bahaa Garba guddaa Hindii wajjiin daangaa dheeraa qabdu
kami?
A. Somaaliyaa C. Taanzaaniyaa
B. Keeniyaa D. Jibuutii
6. Meeshaan qaama lafaa bal’aa bakka bu’ee waraqaa irratti agarsiisu maal jedhama?
A. Kaartaa C. Fakkii
B. Pilaanii D. Suura
7. Karaa iskeeliin kaartaa ittiin barreeffamu keessaa kan mara laalummaa qabu:
A. Iskeelii himaa C. Iskeelii firaakshinaa
B. Iskeelii giraafii D. Hunduu deebiidha
8. Reeshoon dheerina kaartaa irraa fi fageenya lafa irraa jidduu jiru maal jedhama?
A. Iskeelii kaartaa C. Ibsa handaara kaartaa
B. Mallattoo kaartaa D. Mata duree kaartaa.

22
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

III: Deebii gaggabaabaa kenni.


1. Maloota argamni ittiin ibsamu lameen barreessi
2. Sarara kaartaa 20cm ta’u yoo iskeeliin isaa 1:200,000 ta’e fageenyi lafarraa
hammam ta’a?
3. Akka iskeelii lakkofsa 2 irra jirutti; Reektaangiliin kaartaa irratti dheerina rogaa 10cm
ta’ee fi dalga 5cm qabu lafa irratti baldhinni isaa hagam ta’a?
4. Magaala London irratti sa’atiin 4:00 WD yoo ta’e, Magaalaan Finfinnee immoo 45º
Baha irratti argamti. Garaagarummaan sa’atii magaalaa Londonii fi Finfinnee gidduu
jiru meeqa ta’a?

23
Saayinsii Naannoo Kutaa 6


BOQONNAA 2
MAALUMMAA SAAYINSII

Xumura barnoota boqonnaa kanaatti: -


• Maalummaa sirna marsaa dhiigaa ni hubatta.
• Fakkii kaasuun akkaataa sirna marsaa dhiigaa namaa ni xiinxalta.
• Faayidaa dhiigaa ni beekta.
• Kutaalee onnee adda addaafi dalagaa onnee adda baafatta.
• Jijjiiramoota saal-lammeessoo dhiiraafi shamarranii irratti mul’atanii fi
• akkasuma dhiibbaa isaa ni mari’atta.
• Qabiyyee qilleensaa adda ni baasta.
• Caasaalee gurguddoo sirna hargansuufi faayidaasaanii ni beekta.
• Maalummaa makaafi maloota makaa ittiin gargar dhilaman ni hubatta.
• Maalummaa, maddeeniifi faayidaa anniisaa akkasumas miidhaa garaagaraa
madda anniisaa wal-bira qabuun ni ilaalta.
• Barbaachisummaa maashinoota sasalphoo ni beekta.

24
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Saayinsii Naannoo kutaa 5ffaa keessatti sirna bullaa’insa nyaataa, barbaachisummaa


bishaanii, safara hangaa, dheerina, qabee, yeroo, tempireechara, maddeen Anniisaa,
wa’ee Sagalee barrattee jirta. Boqonnaa 1ffaa kitaaba kanaa keessatti waa’ee argama
Afrikaa bahaa barattee jirta. Boqonnaa kana keessatti immoo waa’ee sirna marsaa
dhiigaa, jijjiirama yeroo dargaggummaa, sirna hargansuu, makaa fi anniisaa baratta.

25
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

2. MAALUMMAA SAAYINSII
Saayinsiin: - Dhugaa qofaa osoo hin taane dhugaa jiru irratti
hundaa’uun toftaalee barachuu, dandeettii maloota saayinsaawaa fayyadamanii ilaalcha
saayinsaawaa horachuufi kkf dha.
Amaloota addaa Saayinsii:
• Saayinsiin dhugaatti kan amanamudha.
• Saayinsiin taatewwan mul’ataniif sababa kenna.
• Saayinsiin shakki yaadota gara dhugaattii nama geessan fudhatama akka argatan ykn
dhugummaa akka hin qabne beekuuf ni gargaara.
2.1. Sirna Marsaa Dhiigaa

Xumura barnoota mata-duree kanaatti:


♣ Maalummaa sirna marsaa dhiigaa ni ibsita.
♣ Fakkii sirna marsaa dhiigaa kaastee ni agarsiifta.
♣ Maalummaafi barbaachisummaa dhiigaa ni ibsita.
♣ Gosoota ujummoolee dhiigaa ni tarreessita.
♣ Kutaalee onneefi dalagaa onnee fakkii kaasuun agarsiifta.

Sirna Marsaa Dhiigaa jechuun maal jechuudha?


Sirna marsaa dhiigaa: Sirna qaamolee keessaa tokko ta’ee kan
dhiigni akka marsu taasisuufi wantoota akka dhangaaleefi Oksijinii kutaa
qaamolee keenya hundaaf raabsudha. Akkasumas, wantoota xuraawaafi
Kaarboondaayooksaayidii seelotarraa sassaabuun qaama xuraawaa dhabamsiisutti
dabarsudha. Sirni kuni dabalataan dalagaalee akka ho’a qaama keessa tamsaasuu,
qoricha, farra qaama alagaa, hormonoota naannoo qaamaa hundatti raabsuuf kan
gargaarudha.
Marsaan dhiigaa gosa lamatu jiru. Isaanis:
i. Marsaa dhiigaa dachaa- Dhiigni marsaa tokko keessatti si’a lama onnee keessa
darba.
ii. Marsaa dhiigaa qeenxee- Dhiigni marsaa tokko keessatti al tokko qofa onnee
keessa darba.
Dhiiga qaamarraa onnee seenaa jiru irraa yoo kaane marsaa dhiigaa tartiiba armaan
gadiin agarsiisuu ni dandeenya. OM→VM→AP→Somba→VP→OB→VB→
Aawortaa→ Qaama

26
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Hiikkaa: OM- Orikilii mirgaa VM-Ventirikilii mirgaa


AP- Aarterii palmonarii VP-Veeyinii palmonarii
OB- Orikilii bitaafi VB-Ventirikilii bitaa

Fakkii 2.1 Sirna marsaa dhiiga namaa


Sochiin dhiigaa onnee keessaafi qaamolee kaan keessa taasifamu kan raawwatu sababa
dhahannaa onneetiin dhiiga ujummoota dhiigaa keessa akka raabsu taasiisuuf. Kanaafuu
dhiiga, onnee fi ujummooleen dhiigaa walitti sirna marsaa dhiigaa uumu.

Dhiiga

Halluun dhiigaa maal fakkaata?


Dhiiga bineeldotaa argitee beektaa?
Dhiigni Dhangala’oo qaama keenya keessatti argaman keessaa isa tokkoodha.

27
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Faayidaa Dhiigaa

• Oksijiniifi dhangaaleen garaagaraa gara qaama keenya keessatti akka faca’u godha.
• Kana malees wantoota xuraawaafi kaarbondayooksayidii qaama keenyarraa gara
qaama alatti baasutti dabarsa.
• Qaamni keenya meeshaa qara qabaniin yoo murame, dhiigni dafee itituun akka
dhaabbatu godha.
• Ho’a bakka tokkoo gara biraatti dabarsuun teempireechara qaama keenyaa to’ata.
• Qaama keenya irraa dhukkuba adda addaa ittisa.

Gosoota dhiigaa.

Haala Gosoota dhiigaa


Seelii dhiigaa pilaazimaa
Dhiiga diimaa Dhiiga adii Pilatileetii dhiigaa
Oksijiniifi Dhukkuba irraa dhiiga Xuraawaa
Faayidaa kaarbondaayioksaay- nu eegu kantarsuu dhabamsiisu
idii muraasa geejjibuu (Itichuu)
Gabatee 2.1 Gosoota dhiiga namaa

Gosoota dhiigaa gurguddoon-seeloota dhiigaafi pilaazimaa dhiigaa Seelota


dhiigaa- Dhiiga diimaa, dhiiga adiifi pilatileetii.

Fakkii 2.2 Gosoota dhiiga sadanii ibsu

28
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gartuulee dhiiga namaa


Seelonni dhiiga diimaa dirra isaaniirratti pirootinii addaa qaama alagaa (antigens)
jedhamu qaban gargaaramuun walii isaaniifi seelii alagaa adda baafatu. Haalli kun
namoonni garee dhiigaa garaagaraa akka qabaatan taasisee jira. Seelii dhiiga diimaa
keessa qaama alagaa gosa lamatu jiru. Isaanis: qaama alagaa Afi qaama alagaa B
jedhamu. Akkasumas pilaazimaa dhiigaa keessa farra qaama alagaa (antibody) gosa
lamatu jiru: Isaanis farra qaama alagaa ‘a’ (kan garee ‘A’ tiin oomishamu) fi farra qaama
alagaa ‘b’ (kan garee ‘B’ tiin oomishamu) jedhamu. Haaluma kanaan akka sirna kanaatti
garee dhiigaa afurtu jiru. Isaanis: garee A, B, AB fi O ta’u.
Hojii piroojeektii 2.1
Sababa, miidhaafi mala ittisa dhukkuboota dhiiga waliin wal qabatan gareen ta’uun
kitaaba wabii dubbisuunfi Ogeessa fayyaa gaaffachuun daree keessatti gabaasa isaa
dhiyeessaa.
Hubadhu: Aneemiyaafi Dhiibbaa dhiigaa irratti xiyyeeffanoo godhaa.
Ujummoolee Dhiigaa
Dhiigni onnee irraa qaama keenya keessa kan yaa’u karaa ujummoolee dhiigaatiini.
Ujummooleen dhiigaa akka daandiitti dhiiga geejjibuuf waan fayyadaniif hunda caalaa
barbaachisoodha. Ujummooleeen dhiigaa akkaataa dalagaa isaaniitiin bakka sadiitti
qoodamu. Isaanis:
i. Ujummooleen dhiiga raabsan (aarterii)
• Dhiiga qulqulluu onneerraa gara qaamotaatti geejjibu
• Baqqaana furdaafi dhiibbaa dhiigaa olaanaa qabu
• Saffisni yaa’uu dhiiga baatanii ariifataadha
• Qabiyyee dhiigaa muraasaafi oksijiniin badhaadhaadha
• Bakki ka’umsa isaanii Onneedha
ii. Ujummoolee dhiiga deebisan (veeyinii)
• Dhiiga xuraawaa qaamoleerraa gara onneetti deebisu
• Baqqaana haphiifi dhiibbaan dhiigaa xiqqaa qabu
• Yaa’uun dhiigaa suutadha
• Qabiyyee dhiiga baay’ee olaanaa fi kaarbondaayooksaayidiin badhaadhaadha
• Bakki ka’umsa isaanii dhuma fiixee kaappiilaariiti.
iii. Kaappiilaarota
• Dhiiga raabsituu fi dhiiga deebistuu walqabsiisu.
• Ujummoo qaqalloo ta’anii tishuu qaama keenya marsanii argamu
• Dhiiga aarteriirraa gara veeyiniitti geejjibu
• Dhiibbaan dhiigaa isaanii baay’ee gadi bu’aadha
• Yaa’uun dhiiga isaanii baay’ee suuta kan ta’edha.
• Qabiyyeen dhiigaa olaanaa, oksijiniifi kaarbondaayooksaayidiin walmadaalaadha.
• Bakki ka’umsa isaanii dhuma fiixee aarteriiti.

29
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Ujummoolee dhiigaa: dhiiga raabsituu, dhiiga deebistuufi kaappiilaarii

Onnee

Fakkii 2.3 Ujummoolee dhiigaa sadan

Hojii garee: gareen ta’uun gaaffilee armaan gadii ibsi


Onneen maali? Dalagaan isaa hoo?
Onneen namaa kutaa meeqa qaba?

Onneen maashaa qaamaa keessaa tokko ta’ee kottoonfachuufi diriiruun dhiiga


ujummoolee dhiigaatti raabsuufi akkasumas ujummoolee dhiigaarraa sassaabuuf qaama
gargaarudha. Onneen namaa aboottee kan hin caalle yommuu ta’u, somba lamaan
gidduutti gara bitaatti argama.
Kutaalee yookiin Caasaa Onnee
Onneen kutaalee gurguddoo lama qaba. Isaanis
i. Oriikiloota/atiriyaa
• Kutaa onnee isa gara olitti argamudha.
• Kutaan kun gola lama qaba. Isaanis: Oriikilii bitaafi oriikilii mirgadha.
ii. Ventirikiloota
• Kutaa gara gadiitti argamudha.
• Kutaan kun golalama qaba. Isaanis: Ventirikilii bitaafi ventirikilii mirgaa jedhamu.
• Dhaabni isaa kan atiriyootaarra furdata.
• Furdinni dhaaba ventirikilii bitaa kan ventirikilii mirgaa ni caala.

30
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Kutaan gara mirgaa dhiiga dii’oksijineetidii (O2 muraasa, CO2 baay’ee)


yommuu qabatu inni bitaa immoo dhiiga Oksijineetidii (CO2 muraasa, O2
baay’ee) qabata.

Fakkii 2.2 Caasaa onnee namaa

Kana beektu laata?


Isfigimomanoomeetirii -Meeshaa dhiibbaa dhiigaa safarudha.
Dhiibbaan dhiigaa nama fayyaafi ga’eessaa 120mmHg/80mmHg ta’a.

Dalagaa onnee
Marsaa dhiigaa keessatti ga’een onnee maali?
Dalagaan onnee gurguddaan kanneen armaan gadiiti
♣ Dhiiga oksijiiniin badhaadhe qaamaaf raabsuu
♣ Dhiiga dii-oksijiineetidii garaagaraa qaama irraa fuudhuun gara
sombaatti dabarsuu.

Gocha 2.1
Barattootni gareen ta’un meeshaalee naannootti argaman irraa moodeela
onnee hojjechuun dareetti dhiyeessa.

31
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala 2.1

I.Himoota armaan gadii sirrii yoo ta’an “Dhugaa” yoo sirrii


hintaane “Soba” jechuun deebisi
1. Dhiigni adiin jarmii qaama keenya seene kan mancaasudha.
2. Oksijiinii qaama keenya keessa kan geejjiban dhiiga diimaadha.
3. Ujummoon dhiiga deebistuun dhiiga oksijiinii qabu baata.
4. Gosoonni dhiigaa Pilaazmaa fi seelota dhiigaatti qoodamu.
II. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta’e filadhu
1. Faayidaa dhiigaa kan hin taane kami?
A. Qaama keenya irraa dhukkuba adda addaa eega.
B. Oksijinii qaama keenya keessa raabsa.
C. Dhangaalee qaama keenyaaf geejjiba.
D. Deebiin hin kennamne.
2. Seelonni dhiigaa dhukkuba adda addaa nama irraa
dhorkan kami?
A. dhiiga adii. C. Pilaatileetota.
B. dhiiga diimaa. D. B fi C deebii dha.
3. Sirni marsaa dhiigaa maal fa’a of keessatti qabata?
A. Kalee, garaachafi ujummoolee dhiigaa.
B. Kalee, mar’immaan furdaafi ujummoolee dhiigaa.
C. Dhiiga, onnee fi ujummoolee dhiigaa.
D. Dhiiga, ujummoo soorataa fi dhiiga raabsituu dha.
4. Onneen namaa kutaalee gurguddoo meeqa qaba?
A. lama C. Shan
B. Sadii D. tokko

III. Gaaffiwwan armaan gaditiif deebii quubsaa kenni


1. Faayidaa dhiigaa tarreessi.
2. Qaama keenya keessatti dalagaan onnee maal akka ta’e ibsi.
3. Seelonni dhiigaa bakka meeqatti qoodamu? Eenyu fa’i?

32
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

2.2. Jijiirama Yeroo Dargagummaa


Xumura barnoota mata-duree kanaatti: -
• Jijjiirama yeroo dargaggummaa qaama dhiiraafi dubaraa irratti dhufu ni
tarreessita.
• Dhiibbaa jijjiiramni yeroo dargaggummaa qabu ni ibsita.

Barnoota kana eegaluun dura gaaffilee kana gareen mari’adhaa. Amaloota saala duraa
kan jedhaman maal fa’i? Amaloota saala lammeessoo ykn jijjiirama baayoloojikaalawaa
dhiiraafi dubartootaa yeroo dargaggummaa dhufan barsiisaa keessanitti himaa.
Amaloota Saala Duraa Yookiin Yeroo Dargaggummaan Duraa
Dhalli namaa yommuu dhalatu saala murtaa’aa qabatee dhalata. Dhiirri tuffee
(qunxurroo), cidhaan, qola cidhaanii qabatee dhalata. Dubartiin immoo buqushaa,
oovaariifi gadameessa qabattee dhalatti. Saalli lamaanuu yommuu dhalatan amala saala
duraa qabatanii dhalatu jechuudha. Erga dhalatanii kaasee amala saala duraa ykn yeroo
dargaggummaan duraa irratti hundaa’uun dhiiraafi dubartoota jedhamanii addaan ba’u.
Jijjiramni yeroo dargaggummaa sababa maaliin dhufa?
Wal-hormaata gaggeessuun kan danda’amu amaloonni saala lammeessoon yoo
qophaa’an qofa dha. Amaloonni saala lammeessoo dhiira irratti kan mul’atan umrii
waggaa 10−15 gidduuttidha. Dubara irratti immoo waggaa 10−13 gidduutti mul’atu.
Yommuu amaloonni saala lammeessoon mul’achuu eegalan dhiiraafi dhalaa irratti
sababa hormoonota saalaatiin jijjiiramni ni mul’ata.
Jijjiirama baayoloojikaalawaa dhiiraa yeroo
dargaggummaa dhufu
Jijjiiramoonni yeroo kanatti dhiira irratti mul’atan:
♦ Qomaafi gateettiin bal’achuu
♦ Areeda biqilchuu
♦ Rifeensa naannoo qaama saalaafi bobaa jalatti biqilchuu
♦ Guddachuu qaama wal qunnamtii saalaa
♦ Oomishamuu sanyii kormaa
♦ Fedhii qunnamtii saalaa horachuufi furdachuu sagaleeti.
Jijjiirama baayoloojikaalawaa dubaraa yeroo
dargaggummaa dhufu
Jijjiiramoonni yeroo kanatti dubara irratti mul’atan:
♦ Mo’oofi luqqeettuun bal’achuu
♦ Rifeensa naannoo qaama saalaafi bobaa jalatti biqilchuu
♦ Guddachuu qaama wal qunnamtii saalaa
♦ Oomishamuu hanqaaquu
♦ Fedhii qunnamtii saalaa horachuu

33
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

♦ Harma baasuu, qal`achuu sagaleefi


♦ Eegaluu marsaa laguuti.

Amaloota saala duraa- Amaloota yeroo dhalootaa irraa kaasanii dhiiraafi dubartoota
irratti mul’atanidha.
Amaloota saala lammeessoo- Amaloota yeroo dargaggummaa irraa kaasanii
dhiiiraafi dubartoota irraatti mul’atanidha.
Qaamolee saalaa- Wal hormaata gaggeessuuf kan gargaaranidha.

Gocha 2.2
Gocha armaan gadii irratti waliin mari’achuun hojiitti hiikaa.
1. Barattoonni dhiiraafi dubaraa sadarkaa saal-lammeessootti
(saalfannootti) rakkoolee isaan quunnamuu danda’an ibsi.

Qulqullina Marsaa Laguu


Marsaan laguu maali? Gumiin qulqullina marsaa laguu mana barumsaa keessan jiraa?
Kutaan addatti tajaajila kanaaf oolu hoo? Gumiin kun maal fa’a hojjata? Qulqullina
marsaa laguu eeggachuuf meeshaaleen barbaachisan maal fa’adha?
Marsaan laguu- Xurii ji’aan qaama hormaata dubartii keessaa yaa’udha
Yeroo laguu ijaarsi dhaaba gadameessaa diigamee fi hanqaaquun osoo hin gabbatin
hafte karaa qaawwa dhiphaa morma gadameessaa keessa darbuun buqushaan alatti baha.
Haalli kunis guyyoota 3-7 turuu danda’a. Marsaan laguu kun dubartiin tokko sadarkaa
umrii itti ulfaa’uu dandeessuu jalqabee hanga umrii ulfaa’uun itti dhaabbatuutti kan
mul’atudha.
Laguun mallattoo fayyummaafi adeemsa uumamaa ta’uu beekuun dubartoonni osoo
hin dhiphatiin of qopheessuu qabu. Sababa kanaan mana barumsaa irraa hafuu ykn
addaan kutuufi iddoo hojii biroo irraas hafuun irra hin jiraatu. Kanaaf immoo
meeshaalee qulqullina laguu ji’aa ittiin eeggatan kan akka Fooxaa, moodeesii,
saamunaa, qoloo geeddaraa, uffata jalaa/paantiifi kkf dha. Meeshaaleen kunneen akka
mana barumsaatti kutaa of danda’e keessatti yoo argaman haala salphaan shamarran
qulqullummaa marsaa laguu isaanii eeggachuu danda’u. Kun immoo harcaatii
shamarranii hambisuufi dhiibbaan sababa marsaa laguun mana barumsaa keessatti
isaan irra ga’u hir’isuuf fayyada.

34
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Dirqisiisanii Gudeeduu
Dirqisiisanii gudeeduu jechuun maal jechuu dha?
Dirqisiisanii gudeeduun fedhii dubartii malee wal qunnamtii saalaa irratti
raawwatamudha. Dhiirri humna gargaaramuun dubartoota hedduu fedhii malee
yeroo adda addaa akka gudeedu ragaan ni mirkaneessa. Haalli kun biyya keenya
keessattis bal’inaan kan raawwatamudha. Fedhii dubartootaa malee dirqisiisanii
gudeeduun rakkoowwan fayyaafi hawaasummaaf saaxila. Biyya kana keessattis daa’
imman hedduun umriin isaanii qunnamtii saalaaf osoo hin gahin dirqisiifamanii
gudeedamu.
Miidhaa dirqisiisanii gudeeduu
Qaamaafi xiin sammuu shamarranii irratt rakkoo fida.
Rakkoowwan qaama: -
• Qaama saalaa madeessuun dhiigni baay’een dhangala’uu ni danda’a.
• Dhukkuboota saal-qunnamtiin dadarbaniif saaxiluu danda’a
Rakkoowwan xiinsammuu: -
• Yeroo baay’ee birra’achuu, nahuu (ofitti amanamuummaa dhabuu)
• Baay’ee sodaachuu qaaneeffachuu(gadi aantummaa itti dhagahamuu)
• Gaddaafi aariin guutamuu.
• Carraa heerumaa dhabuu

Gocha 2.3
Hojii Garee
Biyya keenya keessatti dirqisiisanii gudeeduu akkamitti ittisuun akka
danda’amu irratti mari’achuun gabaasa dhiyeessaa.

Gilgaala 2.2

I. Himoota armaan gadii sirrii kan ta’e Dhugaa sirrii kan hin taane
Soba jechuun deebisi.
1. Laguun xurii/dhiiga ji’aan qaama hormaata dubartii keessaa yaa’udha.
2. Dirqisiisanii gudeeduun rakkoo fayyaafi hawaasummaaf dubartii saaxila.
3. Moodesiin meeshaa qulqullina marsaa laguu eeguuf tajaajiludha.

35
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

II. Gaaffiwwan armaan gadiitiif deebii quubsaa kenni


1. Jijjiiramoota baayoloojikaalawaa dhiiraafi dubara irratti yeroo dargaggummaa dhufu
tarreessi.
2. Saal- lammeessoo (Saalfannoo) jechuun maal jechuu dha?
3. Qaamni namaa erga dhalatee kaasee sadarkaalee guddina adda addaa inni keessa
darbu tarreessuun ibsi.
2.3. Qabiyyee Qilleensa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti: -
► Qabiyyee qilleensaa ni tarreessita.
Saayinsii Naannoo kutaa 5ffaa keessatti qilleensi maal akka ta’eefi faayidaa
qilleensi lubbu qabeeyyootaaf qabu barattee jirta. Boqonnaa kana keessatti immoo,
qilleensi makaa ta’uufi qabiyyee isaa ni baratta.

Qilleensi: makaa gaasota garaagaraati

Qilleensi gaasota kanneen akka naayitiroojiinii, oksijinii, gaasota luujii,


kaarboondaayooksaayidii fi gaasota biroo hammaan baay’ee xiqqaa ta’an of keessaa
qaba. Qilleensi suudoowwan dhukkee, hurka bishaaniifi baakteeriyootaas of keessaa
ni qaba. Gaasota kanneen keessaa baay’inaan qilleensa keessatti kan argaman
Naayitiroojiinii fi Oksijinii dha. Hammi gaasotni qilleensa keessatti ittiin argaman
dhibbeentaan yoo ibsamu Naayitiroojiniin (78%), Oksijiniin (21%),
Kaarboondaayooksaayidiin 0.04%, Argooniin 0.9%fi Gaasonni hafan biroon
immoo 0.06% ta’u.

Fakkii 2.3 Paayichaartii hamma gaasotaa ruqoolee qilleensaa


keessatti ittiin argaman agarsiisu.

36
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala 2.3

Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e kenni.


1. Qilleensii maal maal of keessaa qaba?
2. Hamma qabiyyee gaasotaa qilleensa keessatti argamanii dhibbeentaadhaan tarreessi.
2.4. Sirna Hargansuu Namaa

Xumura barnoota mata-duree kanaatti:-


• Hiikkaa hargansuu ni kennita.
• Qaamolee sirna hargansuu namaa ni tarreessita.
• Faayidaa qaamolee sirna hargansuu namaa ni ibsita.

Gareen ta’uun gaaffilee kanaa gadii yaalaa.


1. Hiikkaa hargansuu kenni?
2. Faayidaan hargansuu maali?
Jechi hargansuu jedhu yeroo baay’ee jecha respaayireeshinii jedhu waliin wal
jijjiiruun yeroo fayyadamnu yoo jiraate illee hiikkaan isaanii tokko miti. Adeemsi
qaamni keenya qilleensa oksijiniin badhaadhe gara keessaatti olfudhatuufi qilleensa
kaarboondaayooksaayidii badhaadhe gara alaatti baasuu hargansuu jedhama.

Hargansuun- Oksijinii gara keessaatti olfudhachuufi


kaarboondaayooksaayidii gara alaatti baasuudha.

Caasaalee Sirna Hargansuu Namaa


Akkuma saayinsii naannoo kutaa 5ffaa keessatti qaamolee sirna bullaa’insa nyaataa
garaagaraa walta’anii hojjatan barattan, sirni hargansuu namaas caasaalee adda addaa
of keessaa qaba. Caasaaleen sirna hargansuu kutaalee qaamaa qilleensa gara
keessatti fudhachuufi gara alaatti gadi baasuuf tajaajilanidha. Qaamni ijoon sirna
hargansuu somba yommuu ta’u, caasaaleen isa tumsuun sirna kana ijaaran kanneen
armaan gadiitti ibsamanidha.

37
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Lakk caasaalee sirna Faayidaa isaanii


hargansuu
1 Funyaan/Afaan ♦ Karaa qilleensa olfudhachuufi gara alaatti gadi
baasuuf gargaaru.

2 Rifeensa ♦ Dhukkeefi jarmoota qilleensa wajjin gara keessaatti


funyaanii fudhatamuu danda’an hir’isa.
♦ Qilleensa qabbanaa’aa gara keessaatti fudhatamu ni
ho’isa.

3 laagaa ♦ Bakka ujummoon afaaniifi funyaanii wal ga’udha.

4 Sanduqa sagalee ♦ Laagaafi ujummoo qilleensaa kan wal


qunnamsiisudha.

5 Ujummoo ♦ Qilleensa laagaafi damee ujummoo qilleensaa guddaa


qilleensaa gidduu wal jijjiiruu.

6 Damee ujummoo ♦ Qilleensi akka sombatti seenuufi bahu gargaara


qilleensaa guddaa

7 Damee ujummoo ♦ Qilleensi akka afuuffee qilleensaattiseenuufi bahuf


qilleensaa xiqqaa gargaara

8 Afuuffee ♦ Kutaa wal jijjiirraa qilleensaaf mijataa ta’edha.


qilleensaa

Gabatee 2.2. Caasaalee Sirna Hargansuufi Barbaachisummaa isaanii

Caasaaleefi tartiiba sirna hargansuu


Funyaan/afaan →laagaa →saanduqa sagalee → ujummoo qilleensaa→ damee
ujummoo qilleensaa guddaa →damee ujummoo qilleensaa xiqqaa→ afuuffee
qilleensaa.

38
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkii 2.4 Caasaalee sirna hargansuu namaa

Hojii Piroojektii 2.2


Moodela sirna hargansuu agarsiisan meeshaalee naannoo keessanitti argamu irraa
hojjechuun daree keessatti ibsa taasisaa
Ruqoolee qilleensa gara Keessaafi gara alaatti harganamuu
Qilleensi gara keessatti fudhatamu makaa gaasota adda addaati. Gaasota gara
keessaatti fudhataman keessaa soorata gubuun anniisaa seelotaatiif barbaachisan kan
oomishu oksijinii qofa. Yeroo kana qabiyyeen oksijiniin 21% gara keessaatti yoo
fudhatamu gara alaatti kan bahu 16% qofadha. Kaarboondaayooksaayidiin immoo
xuraawaa waan ta’eef qilleensa gara alaatti harganamu keessatti harka dhibbaan
dabalee mul’ata. Haala wal-jijjiirraa qilleensaa kana gabatee armaan gadii irraa ilaalaa.

Lakk Gaasota Qilleensa gara keessaatti Qilleensa gara


fudhatamu alaatti bahu
1. Oksijinii 21% 16%
2. Kaarbondaayooksaayidii 0.04% 4%
3. Naayitiroojiinii 78.0% 78.0%
4. Argoonii 0.9% 0.9%
5. Gaasota biroo 0.06% 1.1%
6. Hurka bishaanii Muraasa Hedduu

Gabatee 2.3. Hamma qilleensaa gara keessaa fi alaatti harganamu

39
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Hojii piroojektii 2.3


Kutaa keessaa garee lamatti qoodamuun:
Garee 1: Dhukkuboota sirna hargansuu aara tamboon dhufan (Bironkaayitisii,
Emfaayisemaafi Kaanserii sombaati).
Garee 2: Dhukkuboonni sirna hargansuu karaa biroon dhufan (Nimooniyaa (kulkuluu
sombaa)), Daranyoo sombaa (TB), Asmiifi Covid-19).
Miidhaa dhukkuboota kanaafi mala ittisa isaanii irratti gabaasa qopheessuun karaa
bakka bu’aa keessanii dareef dhiyeessaa.

Gilgaala 2.4

I. Himoota armaan gadii sirrii kan ta’e Dhugaa sirrii kan hin taane soba
jechuun deebisi.
1. Gaasota qilleensa keessatti argaman keessaa harki guddaan oksijiiniidha.
2. Jireenya ilma namaatiif hargansuun faayidaa hin qabu.
3. Gaasota gara keessaatti fudhataman keessaa soorata gubuun anniisaa kan oomishu
oksijiniidha.
II. Deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.
1. Caasaa sirna hargansuu namaa kan hin taane kami?
A. Funyaan B. Afaan C. Arraba D. Somba
2. Caasaalee sirna hargansuu namaa keessaa qilleensa somba irraa fuudhuufi sombatti
dabarsuuf kan fayyadu kami?
A. Laagaa B. Afuuffee qilleensaa C. Funyaan D. Deebii hin qabu

2.5. Makaa

Xumura barnoota mata-duree kanaatti:


• Makaan maal akka ta’e ni ibsita.
• Hiikkaa makoota gos-addeefi makoota gos-tokkee ni kennita.
• Maloota makootni ittiin gargar dhilaman ni tarreessita.
• Makaa gos-addeefi makaa gos-tokkee addaan baasta.

Makaan maali?
Hiikkaa Makaa, makaa gos-addeefi makaa gos-tokkeerratti gareedhaan mari’achuun
barsiisaa/tuu keessanitti himaa.

40
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Makaan: Wantoota akaakuu lama yookiin lamaa ol


ta’an adeemsa fiizikaalaatiin walitti dabalamanidha

Naannoo keenya keessatti wantootni hedduun walitti makamanii argamu.


Fkf: Biyyeen makaa suudoowwan hamma garaagaraa qabanii fi bosbosa biqilootaati,
aannan makaa pirootiinii, faatii, bishaanii fi kaarboohaayidireetiiti.
Makaa keessatti wantootni walitti makaman hammi (reeshoon) isaanii murtaawaa
miti. Wantootni makaa keessatti argaman amaloota isaanii qabatanii turu. Kuni immoo
makoota ruqoolee isaaniiti addaan baasuuf fayyada.Makootni faalkaa jajjaboo,
dhangala’oo yookiin gaasii qabatanii argamuu ni danda’u. Fkf: faalkaan bulbula
ashaboo dhangala’oodha. Qilleensi makaa gaasotaati. Faalkaan qilleensaa gaasiidha.
Makaan cirrachaafi biyyee jajjaboodha.

Gocha 2.4
Wantoota naannoo fi mana keessan keessatti argaman keessaa
fakkeenyawwan wantoota makaa ta’anii tarreessaa

Gosoota Makaa
Makootni bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaaniis:
1.Makaa Gos-addee
Makaa ruqooleen isaa salphatti ijaan ykn gargaarsa leensii guddisee mul’isuutiin
addaan bahanii mul’achuu danda’aniidha. Fkf: biyyee, aannan, dhiiga, makaa cirrachaa
fi ashaboo, makaa xaafii, qamadiifikkf.
2. Makaa Gos-tokkee
Makaa ruqooleen isaa ijaan yookiin gargaarsa leensii guddisee mul’isuutiin mul’achuu
hin dandeenyeedha. Ruqooleen makaa gos-tokkee erga walitti makamanii booda waan
bifa tokko qabataniif addaan baasanii beekuun hin danda’amu. Fkf: Qilleensa, bulbula
sukkaraa, bulbula ashaboofa’i

41
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Yaalii.2:1
Garaagarummaa makaa gos-addee fi makaa gos-tokkee hubachuu
Meeshaalee yaalichaaf barbaachisan: Biikarii, biyyee, bishaan, ashaboo
1. Biikarii lamatti bishaan hamma walakkaa isaanii ga’utti naqi.
2. Biikarii isa tokkotti ashaboo muraasa isa lammaffaatti immoo biyyee muraasa
naqiitii sochoosi.
Gaaffii
a. Garaagarummaa makoota lamaan jidduu jiru ibsi.
b. Biikarii isa kamtu makaa gos-addee qabatee jira? Makaa gos tokkee hoo?

Makoota Gargar Dhiluu (Baasuu)


Malootni ruqooleen makootaa ittiin gargar bahan maal fa’i? Faayidaa isaan jireenya
namaa keessatti qaban ibsaa.
Ruqooleen makootaa garaagarummaa amaloota fiiziikaalaa kanneen akka rukkinaa,
qabxii danfinaa, qabxii baqinaa, bulbulamummaafi hamma isaanii irratti hundaa’uun
maloota fiiziikaalaatiin gargar bahuu ni danda’u. Wantoota makoota keessa jiran
calaluun, dhimbiibuun, hurkisiisuun, distileeshiniifi kkfn gargar baasuun ni danda’ama.

1. Calaluu
Calaluun mala makaa dhangala’oofi jajjaboo dhangala’oo jalatti kuufamu adda
baasuuf gargaarudha. Fkf: Makaa cirrachaafi bishaanii, makaa bunaafi siicoo bunaa,
makaa daakuu boronqiifi bishaanii

Yaalii.2:2
Makaa daakuu boronqiifi bishaanii gargar baasuu
Meeshaalee yaalichaaf barbaachisan: daakuu boronqii, biikarii, kokorsituu, bishaan
1. Daakuu boronqii bishaan biikarii keessa jirutti naqii sochoosi.
2. Yeroo muraasaaf osoo hin socho’iin akka turu taasisi.
3. Boronqii jalatti kuufamee jiru osoo hin jeeqiin suuta jechuun bishaan biikarii isa
biraatti irraa dhangalaasi.
Biikarii isa duraa keessatti maaltu hafe? Yaalii kana irraa maal hubatte? Malli kun
mana keessatti faayidaa akkamii qaba?

42
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Malli kun dhangala’oowwan wal keessatti bulbulamuu hin dandeenye lama


gargar baasuufiis ni gargaara. Fkf: makaa zayitii fi bishaanii makaa beenzinaa
fi bishaanii

Fakkii 2.5 Makaa daakuu boronqiifi bishaanii calaluun adda baasuu

Makaa zayitiifi bishaanii akkamitti mala kanaan gargar baasuun danda’amaa?


Makaan zayitiifi bishaanii baqqaana lama uuma. Zayitiin gubbaa irra waan ooluuf suuta
jechuun gara meeshaa biraatti irraa dhangalaasuun zayitii bishaan irraa adda baasuun ni
danda’ama.
2. Dhimbiibuu
Dhimbiibuun mala makaa dhangala’oofi jajjaboo dhangala’oo keessatti bulbulamuu
hin dandeenye dhangala’icha irraa adda baasuuf gargaarudha. Fkf: Makaa biyyeefi
bishaanii waraqaa dhimbiibbaafi dhulleetti fayyadamuun garagar baasuun ni danda’ama.
Waraqaan dhimbiibbaa, waraqaa lallaafaafi baay’ee cimaa ta’ee, dhangala’oo
suudoowwan jajjaboo keessaa dhimbiibuun gargar baasuuf fayyaduu dha.

Gocha 2.5
Gocha kana lama lama ta’uun irratti mari’adhaatii ibsaa
1. Taliila bishaanii laaqii biyyee irraa akkamiin gargar baasuun
danda’amaa?
2. Dammi gagaa isaa irraa akkamitti adda baha?

43
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Yaalii.2:3
Makaa biyyee fi bishaanii gargar baasuuf
Meeshaalee barbaachisan: biikarii, biyyee, waraqaa dhimbiibbaa, dhullee
1. Bishaan biikariitti fudhadhuutii biyyee muraasa itti naqi. Makaa bishaaniifi biyyee
kana sochoostuudhaan sochoosi. Biyyichi bishaan keessatti bulbulamee?
2. Makaa kana dhullee waraqaa dhimbiibbaa of keessaa qabutti suuta suutaan
dhangalaasi.

Gaaffiilee
a) Wanti waraqaa dhimbiibbaa irratti hafe maal jedhama? Wanti waraqaa dhimbiibbaa
keessa darbe hoo maal jedhama?
b) Mala kanaan bishaan qulqulluu argachuun ni danda’amaa? Yaalii kana irraa maal
hubatte?

Fakkii 2.6 Makaa bishaaniifi biyyee dhimbiibuun gargar baasuu


3. Hurkisiisuu
Adeemsi wanta faalkaa dhangala’ootiin argamu tokko gargaarsa hoo’
aatiin gara faalkaa gaasiitti jijjiiruu hurkisiisuu jedhama. Malli kun
jajjaboo dhangala’aa keessatti bulbulame dhangala’icha irraa gargar
baasuuf gargaara. Fkf makaa sukkaaraafi bishaanii, makaa ashaboo
fi bishaanii

44
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Yaalii.2:4
Makaa ashaboo fi bishaanii gargar baasuuf
Meeshaalee yaalichaaf barbaachisan: saanii hurkisiisoo, ashaboo nyaataa, kurraazii,
kokorsituu, miil-sadee, shiboo baxxee, alkoolii
Ashaboo bishaan keessatti bulbulame bishaan keessaa baasuuf bulbulicha saanii
hurkisiisootti fudhadhuutii abidda waadduu bansanii yookiin kurraazii alkoolii irra
godhuun hoo’isi.
1. Yoo bulbulli ashaboo kun ho’ifamu bishaanichi maal ta’e?
2. Dhuma irratti maaltu saanicha irratti hafe? Faayidaan malli kun qabu maali?

Fakkii 2.7 Makaa ashaboofi bishaanii gargar baasuu


Hojii Pirojektii 2.5
Daakuun gurraachi dhagaa baatirii keessatti argamu makaa daakuu cilee, mangaaniz
oksaayidii bishaan keessatti bulbulamuu hin dandeenyeefi amooniyeem kilooraayidii
bishaan keessatti bulbulamuu danda’u of keessaa qaba. Makaa kana keessaa iddattoo
amooniyeem kiloraayidii qulqulluu akkamitti argachuun danda’amaa? Maloota
adeemsa kanaaf barbaachisan hunda tarreessuun yaalidhaan agarsiisuuf yaali. Iddattoo
makaa kanaa dhagaa baatirii keessaa argachuu ni dandeessa.

45
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

4. Distileeshinii
Distileeshiniin mala dhangala’oowwan wal keessatti bulbulamoo ta’aniifi qabxii
danfinaa adda addaa qaban ittiin gargar dhilamaniidha.Fkf: makaa bishaaniifi
alkooholi (haraqee)

Fakkii 2.8 Distileeshinii salphaa

Gilgaala 2.5

Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni


1. Makaan maal akka ta’e ibsi?
2. Maloota makoota gara ruqoolee isaaniitti gargar baasuuf (dhiluuf) fayyadan tarreessi.
3. Makoota armaan gadii makaa gos-addee fi gos-tokkee jechuun adda baasi:

a. Makaa cirrachaafi ashaboo f. Biyyee


b. Bishaan galaanaa g. Qilleensa
c. Dhiiga h. Makaa zayitaafi bishaanii
d. Laaqaa sibiilotaa i. Shaayii
e. Aannan j. Makaa ashaboofi sukkaaraa

2.6. Anniisaafi Faayidaa Isaa


Xumura barnoota mata-duree kanaatti:-
• Maddeen anniisaa ni tarreessita
• Faayidaa maddeen anniisaa ni ibsita.
Anniisaa jechuun dandeettii dalagaa dalaguu wanta tokkooti.
Sochii guyyaa guyyaan rawwaannu keessatti anniisaa nu barbaachisa.

46
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fkf namni tokko dalagaa dalaguuf anniisaa barbaachisa. Anniisaan qaamni namaa itti
fayyadamu nyaatarraa argama. Kana malees wantoonni kan akka konkolaataa,
xiyyaaraafi dooniin tokko sochoo’uuf boba’aa isaan barbaachisa. Hammi dalagaa
wanti tokko hojjechuu danda’u hamma anniisaa inni qabu irratti hundaa’a.

Maddoota Anniisaa
Maddoota anniisaa garaagaraatu jiru. Isaanis:
• Peetirooliyeemii (beenziniifi naafxaa)
• Gaasii uumamaafi dhagaa cilee
• Bubbee
• Aduu
• Bishaan(elektirikii) irraa argamufi
• Cilee (muka qoraanii)
Faayidaa anniisaa
Anniisaan jiruufi jireenya ilma namaa keessatti baay’ee barbaachisaadha. Anniisaan
mana keenya keessatti faayidaalee garaagaraatiif oola. Fkkf nyaata ittiin bilcheessuuf,
bishaan ittiin hoo’isuuf, ifaafi huccuu miicame goggogsuuf nu gargaaru. Kana malees
maashinoota mana keessatti itti fayyadamnu kan akka firiijii, televizyinii, kompiitaraa,
Istooviifi kkf itti fayyadamuuf
anniisaa elektirikii barbaachisa. Fkf:-
• Ifa aduu irraa anniisaa ifaa arganna
• Anniisaan nyaata bilcheessuuf (wantoota garagaraa ho’isuuf) nu fayyadan qoraan,
muka cileefi elektirikii irraa arganna.
• Anniisaan industirii ykn warshaalee garagaraa keessatti dhimmoota garagaraaf oola.
• Anniisaan geejjiba adda addaa keessatti gahee olaanaa qaba.
Fkkf: Konkolaataa, Doonii, Xiyyaaraafi Baaburri anniisaa boba’aatiifi elektirikaan
socho’u.

47
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkii 2:11 Fakkii geejjiba adda addaa anniisaadhaan socho’anii

Gilgaala 2.6

Gaaffiilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e kenni.


1. Magaalaa ati keessa jiraattutti anniisaan maal irraa argama?
2. Magaalaa ati keessa jiraattu keessatti namoonni anniisaa dhimma maaliif itti
fayyadamu?
3. Anniisaan induustiriifi geejjiba keessatti gahee inni qabu tarreessi.

2.7. Maashinoota Sasalphoo


Xumura barnoota mata-duree kanaatti: -
♣ Gosoota maashinoota sasalphoo ni tarreessita.
♣ Faayidaa maashinoota sasalphoo ni ibsita.
Hiikkaa Maashinoota sasalphoofi Faayidaa Isaanii
Maashinoota sasalphoo: -jechuun karaalee ykn tooftalee dalagaa dalagnu tokko sal-
phisuuf nu gargaaranidha. Kanaafuu maashinootni sasalphoon jireenya ilma namaatiif
baay’ee murteessoodha. Kana jechuun immoo dalagaa dalagnu tokko karaa (haala)
salphaa ta’een dalaguuf kan itti fayyaadamnu maashinoota sasalphoo jedhamu.
Faayidaa Maashinoota Sasalphoo
Maashinoonni sasalphoon faayidaa adda addaa qabu. Isaanis: -
1. Humna baay’isuu:- Maashinoota keessatti humna sochooftuu xiqqaan ba’aa guddaa
sochoosuuf itti fayyadamna. Fkf:- bal’iinsa habalakaa
2. Saffisa baay’isuu:- maashinoonni humna sochooftuu fageenya gabaabaa

48
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

fayyadamuun ba’aa, fageenya dheeraa deemsisuuf nu fayyadu. Fkf: Biskileetii


3. Anniisa jijjiiruu:- maashinoota keessatti annisaan akaakuu tokko irraa gara isa biraatti
jijjiirama.
4. Kallattii humnaa jijjiiruu: - maashinoota keessatti humni sochooftuufi ba’aan sochii
kallattii adda addaa ta’e qabu. Fkf puulii qeenxee dhaabbataa Maashinoonni
sasalphoon humna xiqqaadhaan ba’aa guddaa olkaasuuf, hojii ariitiin hojjechuuf
ykn kallattii humna dalagaa’uu jijjiiruuf gargaaru.

Maashinoonni anniisaa hin baay’isani. Kana jechuun maas hinoonni


annisaa akaakuu tokko irraa gara anniisaa birootti jijjiiru. kanaafuu
maashinoonni anniisaa hin uuman

Gosoota Maashinoota Sasalphoo


Maashinootni sasalphoon akaakuuwwaan jahatti qoodamu.
Isaanis:-
1. Fonqolcha
2. Puulii
3. Wiiliifi ulee isaa
4. Iskiriwuu
5. Bal’insa habalakaafi
6. Qottoodha

1. Bal’insa Habalakaa: - Dirra saanqaa ykn sibiila habalakeeffame ba’aa


guddaa humna sochooftuu xiqqaan ol kaasuuf nu fayyadudha. Fkf: Namootni ba’aa
ulfaataa, barmeelii bishaaniin guutame konkolaataa irratti fe’uuf ykn buusuuf
baachuu irra muka/bilookiitti hirkifatanii dhiibuun konkolaataa irratti fe’u ykn
buusu.

Fakkii 2:9 Bal’insaa habalakaa

49
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

2. Fonqolcha:-
• Maashinii humna xiqqaa dalageessuun dalagaan salphaatti ittiin dalagamudha.
• Meeshaa kamuu kan utubduu isaa irratti walabaan naanna’uu danda’udha.
• Qaamoole baay’ee barbaachisoo ta’an of keessaa qaba. Isaanis: - Humna
sochooftuu, ba’aafi utubduu fa’i.

Fakkii. 2.13 Qaamolee fonqolchaa


Fonqolchi bakka utubduun, ba’aanii fi humni sochooftuu itti argaman irratti hundaa’uun
akaakuu sadiitti qodamu. Isaanis: -

Fonqolcha sadarkaa tokkoffaa:-


• utubduun jidduu humnaa fi ba’aa oola
• Fkf. Qoorbii (mashii), maqasii, burruusa (madooshaa) ittin mismaara
buqqisaniifi shukkaa.

sadarkaa 1ffaa
Fakkii 2.14 Fonqolcha

50
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fonqolcha sadarkaa lammaffaa:-


• Ba’aan utubduufi humna sochooftuu gidduutti argama
• Fkf:- Kaaroollaafi bantuu qaruuraa

sadarkaa 2ffaa

Fakkii 2.12 Fonqolcha

Fonqolcha sadarkaa sadaffaa:


Humni sochooftuu ba’aafi utubduu gidduutti argama

sadarkaa 3ffa
Fakkii 2. 16 Fonqolcha

51
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

3. Qottoo:-
• Meeshaa qaamni isaa gama lamaaniinuu bal’insa habalakaa piriizimii
• rektaangulaawaa ta’ee, gama lamaanuu kofa xiqqaa qabudha.
• Fkf: Maashiniin kun wanta tokko akka salphaatti muruuf ykn gargar
• baasuuf gargaara.

Fakkii 2.17 Qottoo

4. Iskiriiwuu:-
• Bal’insa habalakaa wanta boca siliindarii qabu irratti maramedha.
• Maashiniin kun wanta tokko salphaatti uruuf ykn walitti qabsiisuuf kan
tajaajiludha.

Fakkii 2.18 Iskiriiwuu

52
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

5. Wiiliifi ulee isaa:-


• Geengoo puulii lama kan raadiyasiin isaanii wal caalu walitti
maxxanfamanii siiqqee tokko irratti naanna’uudha.
• Maashiniin kun haala salphaa ta’en wanta ulfaatina guddaa qabu tokko
ol-baasuf ykn gadi buusuuf kan nu gargaarudha

Fakkii 2.19 Wiilii fi Ulee Isaa

6. Puulii:
Puuliin gosa lamatu jira. Isaanis:
a. puulii dhaabbataa qeenxeefi
b. Puulii sochootuu qeenxee

a. Puulii Dhaabbataa Qeenxee


• Ba’aafi humni sochooftuu wal-qixadha.
• Fageenyi ba’aafi humna sochooftuun adeemamu wal-qixadha.
• Faayidaan puulii dhaabbataa qeenxee kallattii humnaa jijjiruu
qofaadha.

Fakkii 2.20 Puulii dhaabbataa qeenxee

53
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

b. Puulii Sochootuu Qeenxee


• Humni funyoo walakkaa ba’aa ta’a.
• Faayidaan isaanii humna baay’isuudha.
• Saffisni reeshoofi baay’inni fo’aa utubduu wa-qixadha.

Fakkii 2.21 Puulii sochootuu qeenxee

Gocha 2.6
Gaaffilee armaan gadii gareen irratti mari’achuun barsiisaa/stuu keessaniif
ibsaa.
• Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dalagaa dalagnu karaan itti salphisuu
dandeenyu maal jedhama?

Gilgaala 2.7

Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.


1. Faayidaa maashinoota sasalphoo keessaa lama barreessi.
2. Fonqolchi bakka utubduun, ba’aaniifi humni sochooftuu itti agaman irratti
hundaa’uun akaakuu meeqatti qodamu? Isaanis barreessii, ibsi.
3. Ba’aa ulfaataa konkolaataa irratti ol-baasuuf ykn buusuuf akaakuu maashinoota
sasalphoo keessaa isa kamitti fayyadamna?

54
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Cuunfaa Boqonnaa 2
• Dhiiga, onneefi ujummooleen dhiigaa walitti sirna marsaa dhiigaa uumu.
• Sirni marsaa dhiigaa qaama keessatti dalagaalee ijoo kanneen akka soorata bullaa’e,
qoricha, farra qaama alagaa, hormonootaafi Oksijinii naannoo qaamaa hundatti
raabsuu, xurii qaama keessa baasuufi ho’a qaama keessa tamsaasu.
• Dhiigni dhangala’oo qaama keenya keessatti argaman keessaa isa tokkodha.
• Dhiigni bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis: Seelota dhiigaafi pilaazmaa
dhiigaati.
• Ujummooleen dhiigaa akkaataa dalagaa isaaniitiin ujummoolee dhiiga raabsan,
ujummoolee dhiiga deebisanfi kaappiilaarota jedhamuun qoodamu.
• Onneen kutaa qaama namaa keessaa isa tokko ta’ee dalagaan isaas dhiiga qaama
keenya keessa facaasudha.
• Jijjiiramni yeroo amaloota saala lammeessoo dhiiraafi dubartii jijjiirama guddinaa
namni keessa darbudha.
• Moodesiin meeshaa qulqullina laguu eeggachuuf fayyadudha.
• Fedhii dubartootaa malee dirqisiisanii gudeeduun rakkoowwan fayyaafi
hawaasummaaf saaxila.
• Qilleensi makaa gaasota kanneen akka Naayitiroojiinii, oksijiinii, gaasota luujii,
Kaarboondaayooksaayidiifi gaasota biroo hammaan baay’ee xiqqaa ta’an of keessaa
qaba.
• Hargansuun adeemsa qaamni keenya qilleensa Oksijiniin badhaadhe gara keessaatti
ol-fudhatuufi qilleensa Kaarboondaayooksaayidii baay’ee of keessaa qabu gara
alaatti baasuuti.
• Caasaaleen sirna hargansuu namaa somba, funyaan, ujummoo funyaanii, laagaa,
saanduqa sagalee, ujummoo qilleensaa, damee ujummoo qilleensaa guddaa, damee
ujummoo qilleensaa xiqqaafi afuuffee qilleensaa of keessatti hammata.
• Makaan wantoota akaakuu lamaa yookiin lamaa ol ta’an adeemsa fiiziikaalaatiin
walitti dabalamanidha.
• Makootni makaa gos-tokkee fi gos-addeetti qoodamu.
• Ruqooleen makootaa walnyaatiinsa keemikaalaatiin waan wal hin fudhanneef
maloota fiiziikaalaatiin gargar bahuu ni danda’u.
• Anniisaan dandeettii dalagaa dalaguu wanta tokkooti.
• Maddootni anniisaa peetirooliyeemii, gaasii uumamaa, dhagaa cilee, anniisaa
bubbee, anniisaa aduu, anniisaa bishaan irraa argamu, anniisaa ho’aafi kkf dha.
• Maashinoonni sasalphoon karaalee ykn tooftalee dalagaa dalagnu tokko salphisuuf
nu gargaaranidha. Isaanis: fonqolcha, puulii, wiiliifi ulee isaa, iskiriiwuu, bal’iinsa
habalakaafi qottoo fa’adha.

55
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala Xumuraa Boqonnaa 2

I. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta’e Dhugaa yoo sirrii hin taane Soba
jechuun deebisi.
1. Dhiiga raabsituun onnee irraa gara nafa keenyatti dhiiga raabsa
2. Dhiigni teempireechara qaamaa to’achuuf ni gargaara.
3. Kutaan onnee gara bitaa dhiiga xuraawaa qabata.
4. Dalagaan onnee dhiiga oksijiniin badhaadhe somba irraa fuudhuun gara qaamaatti
raabsuudha.
5. Qilleensi makaa gos-addeedha.
6. Amalootni wantoota makaa keessatti argamanii ni jijjiiramu.
7. Maashiniin ba’aa guddaa sochoosuuf gargaaru bal’insa habalakaati.
II. Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii filachuun deebisi
1. Ujummoon dhiiga xuraawaafi CO2 baatu isa kami?
A. Dhiiga raabsituu B. Dhiiga deebistuu C. Garaacha
2. Bantuun qaruuraa lallaafaa fonqolcha sadarkaa meeqaffaa dha?
A.1ffaa C. 3ffaa
B. 2ffaa
D. hunduu deebiidha
3. Caasaan qaama sirna hargansuu qilleensa qabbanaa’aa gara keessaatti fudhatamu
ho’isu kami?
A. Funyaan C. Somba
B. Afaan D. Afuuffee qilleensaa
4. Caasaan qaama sirna hargansuu qilleensa qabbanaa’aa gara keessaatti fudhatamu
hoo’isu kami?
A. Funyaan C. Somba
B. Afaan D. Alvoolaayii
5. Malli makaa ashaboofi bishaanii gargar baasuuf fayyadu kami?
A. Distileeshinii C. Dhimbiibuu
B. Hurkisiisuu D. Calaluu
6. Qaamoolee sirna hargansuu keessaa qilleensa gara sombaatti ol fudhachuufi gara
alaatti gadi baasuuf kan nu gargaaru kami?
A. Ujummoo qilleensaa C. Afaan
B. Funyaan D. B fi C’n deebiidha
7. Kanneen armaan gadi keessa kamtu amaloota saala lammeessoo dhiiraati?
A. Qomaa fi gateettiin bal’achuu C. Oomishamuu hanqaaquu
B. Mo’oo fi luqqeettuun bal’achuu D. Qallachuu sagalee

56
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

8. Kan armaan gadii keessaa tokko faayidaa anniisaati?


A. Nyaata bilcheessuuf C. Huccuu goggogsuuf
B. Mana ho’isuuf D. Hunduu deebiidha
9. Kan armaan gadii keessaa faayidaa maashinoota sasalphoo kan ta’e kami?
A. Kallatti humnaa jijjiiruu C. Saffisa baay’isuu
B. Humna baay’isuu D. Hunduu deebiidha
10. Kanneen armaan gadii keessaa makaa gos-addee kan ta’e kami?
A. Qilleensa, Bulbula ashaboo C. Biyyee, Aannan, Dhiiga
B. Qilleensa, Bulbula sukkaraa D. Qilleensa, Bulbula sukkaraa, laaqa sibiilaa
11. Faayidaan seelii dhiiga diimaa:
A. Oksijinii geejjibuu C.Dhiiga kantarsuu
B. Dhibee ittisuu D. Xuraawaa dhabamsiisuu
III. Gaaffiiwwan armaan gadii bakka duwwaa guutuun deebii kenni
1. Seelonni dhiigaa __________,_________fi ___________of keessatti hammata.
2.____________ n dhiiga kantarsuuf (itichuuf) gargaara.
3. Irra caalaan qabiyyee pilaazmaa dhiigaa ______________dha.
4. Ujummooleen dhiigaa sadan__________,__________fi kaappilarootadha.
5. ___________ wantoota akaakuu lama ykn lamaa ol ta’an adeemsa fiizikaalaatiin
walitti dabalamanidha.
IV. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii kenni.
1. Dalagaa onnee tarreessi.
2. Makaan alkooliifi bishaanii mala kamiin gargar baha?
3. Akkaataa makaa zayitii, cirrachaafi ashaboo ittiin garagara baasuun danda’amu
diyaagiraamiidhaan agarsiisi.
4. Sirni marsaa dhiigaa maal of keessatti hammata?
5. Dhiiga qaamarraa onnee seenaa jiru irraa ka’uun tartiiba marsaa dhiigaa barreessi

57
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

BOQONNAA 3
QABEENYA UUMAMAA AFRIKAA BAHAA

Xumura barnoota boqonnaa kanaatti:


• Garaagarummaa haala qilleensaafi qilleensa baramaa adda baaftee ni hubatta.
• Naannoolee qilleensa baramaa Afrikaa bahaa adda ni baasta.
• Amaloota haala qilleensaafi qilleensa baramaa ni qalbeeffatta.
• Qabiyyee haala qilleensaafi qilleensa baramaa addaan baastee ni beekta.
• Wantoota qilleensa baramaa too’atan ni hubatta.
• Gosootaafi faayidaa qabeenya uumamaa gurguddoo Afrikaa bahaa ni hubatta.
• Uwwisa biqilootaafi hamma mancaatii bosona Afrikaa bahaa adda baasta.
• Sababoota gurguddoo faca’iinsaafi garaagarummaa bineensota bosonaa Afrikaa
bahaa addaan baasta.
• Sirnaan itti fayyadamuufi eegumsa qabeenya uumamaa Afrikaa bahaa adda baastee
ni hubatta.

58
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Barnoota saayinsii kutaa 5ffaa keessatti waa’ee haala qilleensaa fi qilleensa baramaa,
elementoota qilleensa baramaafi qabeenya uumamaa Itoophiyaa barattee jirta. Boqonnaa
kana keessatti immoo waa’ee qilleensa baramaafi qabeenya uumamaa Afrikaa bahaa
baratta.

59
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

3.1. Naannoolee Qilleensa Baramaa Afrikaa Bahaa


Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Haalli qilleensaafi qilleensa baramaa maal akka ta’e ni ibsita.
• Naannoolee qilleensa baramaa Afrikaa bahaa ni tarreessita
• Amaloota haala qilleensaafi qilleensa baramaa Afrikaa bahaa ni tarreessita
• Qabiyyee haala qilleensaafi qilleensa baramaa ni ibsita.
• Wantoota qilleensa baramaa too’atan ni himta.

Garaagarummaa Qilleensa Baramaa Afrikaa Bahaa


Waa’ee qilleensa baramaa Itoophiyaa kutaa 5ffaa keessatti baratte yaadachuun, mee
gaaffiilee armaan gadii deebisi.
Haala qilleensaa jechuun maal jechuudhaa?
Qilleensa baramaa jechuun hoo?
Haala qilleensaa jechuun sa’aatiidhaa jalqabee yeroo gabaabaafi naannoo murtaa’aa
ta’e tokko keessatti jijjiirama qilleensaa mul’atudha. Fkf. Waaree dura ni ho’a, waaree
booda roobuu danda’a. Qilleensa baramaa jechuun immoo haala qilleensaa bakka
tokko jiddu galeessaan elementoonni qilleensaa osoo hin jijjiiramiin haala wal fakkaataa
ta’een yeroo dheeraaf turudha. Haalli qilleensaafi qilleensi baramaa elementoota wal
fakkaatan qabaatanis dheerina yerootiin garaagarummaa qabu. Garaagarummaan kunis
Afrikaan bahaa naannoolee qilleensa baramaa adda addaa akka qabaatu taasiseera.
Isaan keessaa gurguddooni:

A. Naannoo Qilleensa Baramaa Jiidhaa Ho’aa Mudhii Lafaa


Afrikaa bahaatti 5º Kaabaafi Kibba mudhii lafaa naannoo Haroo Viktooriyaatti argama.
Haroon Viktooriyaa garuu, guutummaatti amala haala qilleensa baramaa naannoo kanaa
hin mul’isu. Sababni isaas hangi rooba isaa waggaa guutuu 1500mm yoo ta’u, hangi
teempireechara isaa immoo waggaatti jiddu-galeessaan 23ºC dha.
Naannoon qilleensa baramaa kun amaloota armaan gadii qaba. Isaanis:
Rooba waggaa guutuu 2000mm argata.
Hangi faca’insa roobaa waggaa guutuu wal qixadha.
Hanga teempireecharaa guddaa qaba, innis waggatti jiddu-galeessaan 27OC ta’a.
Dhiibbaan qilleensaa xiqqaadha.
Garaagarummaan teempireecharaa ji’oota waggaa jidduu jiru xiqqaadha.
Gosti roobaa naannoo kanatti argamu rooba hurkaa jedhama.
B. Naannoo Qilleensa Baramaa Jiidhaa Gogaa
Naannoo teempireecharaa ho’aatti yoo argame iyyuu sababa olka’iinsa lafaa irraa kan
ka’e, hangi ho’a naannoo kanaa jiddu-galeessa akka ta’u godheera.
Amalootni qilleensa baramaa naannoo kanaa:
• Waggaa guutuu hanga roobaa wal qixa qaba.
• Jiddu-galeessaan rooba waggaatti 1000-1500mm argata.

60
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

• Ho’a jiddu-galeessaan waggaatti 25ºC -27ºC qaba.


• Garaagarummaan hanga ho’aa ji’oota waggaa jidduu jiru 5ºC -10ºC ta’a.
• Naannoo qilleensa baramaa jiidhaa irraa waan fagaatuuf waqtii roobaafi gogaa qaba.
C. Naannoo Qilleensa Baramaa Gogaa Ho’aa
Naannoo qilleensa baramaa jiidhaa irraa fagaachaa waan deemuuf hangi roobaa
waggaatti argatu xiqqaachaa yoo deemu hangi ho’aa isaa immoo dabalaa adeema.
Amalootni qilleensa baramaa naannoo kanaa:
• Rooba waggaatti jiddu-galeessaan 760-1000mm argata.
• Rooba waggaa guutuu hin qabu; jechuun yeroo goginsaa dheeraa qaba.
Ho’a jiddu-galeessaan waggaatti 30ºC ol qaba.
Garaagarummaan hanga ho’aa ji’oota waggaa jidduu jiru 10ºC-15ºC ta’a.
Dhiibbaa qilleensaa xiqqaa qaba.
D. Naannoo Qilleensa Baramaa Gammoojjiifi Gammoojjii Ho’aa
Naannoo lafa dakee biyyoota Afrikaa bahaatti argama. Keessumaayyuu naannoo lafa
gammoojjii qorraa kaaba Keeniyaa, kibba Keeniyaa, Ugaandaa, jiddu-galeessa
Taanzaaniyaafi Dhiha sulula qiinxamaa guddichaa bakka haroowwan Joorjiifi
Idiwaarditti argama.
Amalootni qilleensa baramaa naannoo kanaa:
• Rooba xiqqaa waggaatti 250-760mm qaba.
• Hanga ho’aa guddaa jiddu-galeessaan 35ºC -38ºC qaba.
• Garaagarummaan hanga ho’aa guyyaa 20ºC ta’a.
• Roobni naannoo kanaa amansiisaa miti.

61
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

20⁰Ka
200
15⁰Ka
100
10⁰Ka
50
5⁰Ka
30

0⁰
10

5⁰Ki
1

10⁰Ki

25⁰Ba 30⁰Ba 35⁰Ba 40⁰Ba 45⁰Ba 50⁰Ba

Fakkii 3.1 Kaartaa hamma roobaa Afrikaa bahaa


E. Naannoo Qilleensa Baramaa Baddaa (Qorraa)
Naannoo gaarreen gurguddoo Afrikaa bahaatti kan argamudha. Gaarreen naannoo
qilleensa baramaa kana keessatti argaman kan akka gaarreen Kilimanjaaroo, Keeniyaa,
Elgoon, Ruwoomzooriifi kkf. fa’i
Amalootni qilleensa baramaa naannoo kanaa:
• Cabbiin fiixee gaarreen ol ka’iinsa 4800m ta’an oliirratti mul’ata.
• Hanga ho’aa xiqqaa qaba.
• Gosa roobaa garaagaraatu bakka kanatti beekama.
• Hangi roobaa fiixee gaarreen gurguddaarratti xiqqaachaa adeema.
• Hangi dhiibbaa qilleensaa xiqqaadha.

62
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

F. Naannoo Qilleensa Baramaa Ho’aa Qarqara Galaanaa


Naannoo biyyoota qarqara Galaanaa jiran irratti mul’ata.
Bubbeen naannoo kanaa bubbee moonsoon jedhamuun beekama.
Bubbeen moonsoon hanga roobaafi ho’aa naannoo kanaa ni murteessa.
Amalootni qilleensa baramaa naannoo kanaa:
• Bubbee qaama bishaaniirraa ka’etu naannoo kanaaf rooba kenna.
• Hangi ho’aa guddaa ta’ullee, bubbeen jiidhinsa qabu gara iddoo kanaatti bubbisu
hanga ho’aa madaalamaa akka ta’u godheera.
• Rooba waggaatti 1000-1800mm argatu.
• Hanga ho’aa guddaa qabu.

12⁰Ka

Ka
6⁰Ka

0⁰

6⁰Ki

21⁰Ba 28⁰Ba 35⁰Ba 42⁰Ba 49⁰Ba

Fakkii 3.2 Kaartaa hamma teempireecharaa Afrikaa bahaa

63
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Amaloota Haala Qilleensaafi Qilleensa Baramaa Afrikaa Bahaa


Amaloonni haala qilleensaafi qilleensa baramaa Afrikaa bahaa garaagarummaa
jijjiiramni qabiyyee qilleensaa isaanii yeroo hagam akka turuu danda’uufi bali’na
bakkaa isaan haguuganiin adda addummaa qabu.
Kana jechuun amalli haala qilleensaa jijjiirama qabiyyee qilleensaa sa’aatiidhaa hanga
guyyaa muraasaattifi bakka murtaa’aa ta’etti taasifamudha. Akka fakkeenyaatti ho’a,
rooba, qorra, ifa aduufi kkf, yeroo murtaa’eefi bakka murtaa’etti mul’atu fudhachuun ni
danda’ama.
Amalli qilleensa baramaa immoo jijjiirama qabiyyee qilleensaa hanga waggaa 30tti
turuu danda’uufi bakka bal’aa haguuguun uumamudha. Fkf: Waqtii aqtii gogaa, waqtii
qorraa, waqtii ho’aafi kkf akka ibsitoota amala qilleensa baramaatti fudhachuun ni
danda’ama.
Qabiyyee (Elementoota) Haala Qilleensaafi Qilleensa Baramaa
aa
Qabiyyeen haala qilleensaafi qilleensa baramaa gurguddoon: Teempireechara, rooba,
ifa aduu, bubbee, dhiibbaa qilleensaafi jiidhinsa qilleensaa fa’a.
Tempireechara: Safara hamma ho’aa ykn qorraa qaama ykn naannoo tokkoo
jechuudha.
Rooba: Hurka bishaanii atimoosferii keessaa walitti qabamee duumessa uume irraa
bishaan humna guddaan gara dacheetti bu’u jechuudha.
Jiidhinsa qilleensaa: Bishaan bifa hurkaatiin (gaasiin) qilleensa keessa jirudha. Hurki
kunis gara dhangala’aatti yeroo jijjiiramu bishaan bifa roobaan, cabbiin, rooba cabbii
makateefi kkf gara lafaatti roobudha. Karaa biroon bishaan bifa kamiinuu atimoosfera
keessaa gara dacheetti bu’u jechuudha.
Bubbee: Sochii qilleensaa dhiibbaa garaagaraa qilleensa keessatti argamuun ariitii
garaagaraan kallattii dhiibbaa guddaa irraa gara dhiibbaa xiqqaatti qilleensa’u
jechuudha.
Dhiibbaa qilleensaa: Dhiibbaa qilleensa keessatti taasifamu jechuudha.
Wantoota Qabiyyee Qilleensa Baramaa Too’atan
Wantoota qabiyyee qilleensa baramaa too’atan jechuun wantoota akka qabiyyeen
qilleensa baramaa dabalu, xiqqaatu yookiin dhabamu taasisanidha. Too’attoota
qabiyyee qilleensa baramaa kan jedhaman: dagalee lafaa, ol ka’iinsa lafaafi
fageenya bakki tokko qaama bishaana’oorraa qabudha.

64
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Too’attoota qabiyyee qilleensa baramaa: dagalee lafaa, ol ka’iinsa lafaafi


fageenya qaama bishaana’oorraa bakki tokko qabu.

Gilgaala 3.1

I. Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu.


1. Kanneen armaan gadii keessaa tokko qabiyyee qilleensa baramaa miti?
A. Teempireechara
B. Jiidhiinsa
C. Naannoo qilleensa jiidhaa hoo’aa
D. Duumeessa
2. Kanneen armaan gadii keessaa wantoota qabiyyee qilleensa baramaa too’atan kan
ta’e kami?
A. Naannoo qilleensa jiidhaa mudhii lafaa B. Ol ka’iinsa lafaa
C.Naannoo qilleensa gammoojjii ho’aa D. Afi C’n deebiidha
3. Waa’ee Naannoo qilleensa baramaa jiidhaa ho’aa mudhii lafaa kamtu sirriidha?
A. Rooba waggaa guutuu 2000mm argata.
B. Hanga teempireecharaa xiqqaa qaba.
C. Dhiibbaa qilleensaa guddaa qaba
D. Hangi faca’iinsa roobaa waggaa guutuu garaagara.
4. Naannoon qilleensa baramaa gammoojjiifi gammoojjii ho’aa eessatti argama?
A. Kibba Keeniyaa B. Ugaandaa
C. Taanzaaniyaa D.Hunduu deebiidha
3.2. Gosoota Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Qabeenyi uumamaa maal akka ta’e ni himta.
• Gosootaafi faayidaa qabeenya uumaamaa gurguddoo Afrikaa bahaa ni tarreessita.
Qabeenya uumamaa jechuun maal jechuudha?
Qabeenya uumamaa jechuun qabeenya lubbu-qabeeyyiifi lubbu-dhabeeyyii hojiin
namaa osoo itti hin dabalamin uumamaan lafarratti argaman jechuudha. Afrikaa bahaa
keessatti gosoota qabeenya uumamaa kanneen akka biyyee, bishaan, albuudotaa,
bineensota bosonaa, biqilootaa, gaarreen, madda anniisaafi kkf fa’atu argama.

65
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gocha 3.1
I. Gaaffiilee armaan gadii gareen mari’achuun deebii kennaa.
1. Qabeenya uumamaa jechuun maal jechuudha?
2. Qabeenyi uumamaa gurguddoon Afrikaan bahaa qabdu maal
fa’i?

3.3. Gosoota Gurguddoo Biyyee Afrikaa Bahaa


Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Gosoota gurguddoo biyyee Afrikaa bahaa ni tarreessita.
• Amala tokkoon tokkoo gosoota biyyee ni himta.
• Sababoota dhiqama biyyee Afrikaa bahaa ni tarreessita.

Gosoota biyyee jechuun qoqqoodama biyyee jechuu yommuu ta’u, akka Afrikaa
bahaatti gosoonni biyyee gurguddoon argaman kanneen armaan gadiiti:

1. Niitoosolsii:
• Biyyee bal’inaan qonnaaf fayyadudha.
• Biyyeen kun biyyee gosoota midhaanadda addaa oomishuuf gargaarudha.
2. Akriisolsii: Sababa dhiqama biyyeen, biyyee asiidaawaa ta’edha.
3. Veertiisolsii: Biyyeen kun biyyee gabbataa yoo ta’e illee amala biyyee suphee
waan qabuuf lafa dheedichaa qofa ta’ee tajaajila.
4. Zeroosolsii, soloneetizii, solonchakiifi yermoosolsii:
• Biyyee qonnaaf hin oolledha.
• Baay’inaan dheedichaaf kan oolaniidha.
• Biyyeen soloneetizii akkaataa bishaan osoo hin kuufamin keessa itti yaa’u yoo
mijaa’eef waqtii roobaatti ruuzii oomishuuf
tajaajiluu danda’a.
Sababa Dhiqama Biyyee Afrikaa Bahaa
Afrikaa bahaa keessatti wantoonni dhiqama biyyeef sababa ta’an bakka gurguddaa
lamatti qoodamu. Isaanis: Kan uumamaafi gocha namaati.
A. Gocha Namaa
Gochaawwan namaa dhiqama biyyeef sababa ta’an:
1. Baay’achuu Ummataafi Ciramuu Bosonaa
Dabalaa deemuu baay’ina ummataatiin lafti duraan ummanni qonnaaf itti tajaajilamu
xiqqaachaa waan deemuuf bosona ciruunis ta’ee gubuun lafa qonnaa babal’ifata.
Haala kanaan lafti qullaa yeroo hafu dhiqama biyyeef saaxilama. Bosonni lafa qonnaa
babal’isuun alatti ijaarsaaf, meeshaalee manaafi waajjiraalee adda addaa ittiin
hojjechuufi karaa baasuuf ni cirama. Haalota kana keessatti dhiqamni biyyees
dabalaa adeema.

66
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkii. 3.3. Ciramuu bosonaa

2. Bakka Tokko Deddeebisanii Qotuu


Irra deddeebisanii qotuun gabbinni biyyee akka dhumaa deemu
taasisuun lafa dhiqama biyyeef saaxila.
3. Lafa Tokko Deddeebisanii Dheechisuu
Lafti dheedichaa dhiqama biyyeetiif kan inni saaxilamu hanga lafti danda’uutiin ol horii
yoo irratti bobbaasaniifi yeroo dheeraadhaaf osoo hin boqochiisin yoo dheechisan marga
ykn baala achi irra jiru fixanii biyyeetti waan baasaniif dhiqamaaf saaxila baha.

Fakkii 3.4 Lafa deddeebisanii dheechisuufi dhiqama biyyee


4. Irraan Gadee Qotuufi Bo’oo Maasii Keessa Jiru Irraan Gadee Baasuu
Gochi akkasii kun haala salphaatiin biyyeen lolaaf akka saaxilamu godha.

67
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

B. Uumama
Gochaan uumamaa dhiqama biyyeef sababa ta’an:
1. Teessuma Lafaa
Lolaan yookiin bishaan yaa’u humna irra lafaa naannoo lafa olka’aarratti argamudha.
Naannoo lafa olka’aatti waqtiilee Gannaafi Arfaasaatti hanga roobaa guddaa waan
argataniif hangi lolaa
sadarkaa xixiqqaarraa kaasee hanga lolaa lafa bubuqqisee deemuutti ni raawwata. Kunis
dhiqama biyyee daran ni dabala.
2. Bubbee
Bubbeen humna irra lafaa gammoojjiitti beekamudha. Humni kun gamoojjiitti biyyee
bakka tokkoo haree fuudhuun bakka biraatti
kuusa.
3. Cabbii Sigigaatu
Naannoo gaarreen cabbiitiin uffifamanitti beekama.

Gilgaala 3.2

I. Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.


1. Kanneen armaan gadii keessaa qabeenya uumamaa kan hin taane kami?
A. Bishaan B. Ifa Aduu C. Biyyee D. Elektirikii
2. Gosoota biyyee armaan gadii keessaa kan bal’inaan oomisha midhaaniif mijataa
ta’e isa kami?
A. Liitooslosii B. Akriisolsii C. Niitoosolsii D. Vertiisolsii
3. Dhiqama biyyeef sababa kan ta’e kami?
A. Ciramuu bosonaa
B. Baay’achuu ummataa
C. Irraan gadee qotuu
D. hunduu deebiidha
4. Kanneen armaan gadii keessaa biyyeen amala suphee qabu isa kami?
A. Niitoosolsii B. Vertiisolsii C. Akriisolsii D. Liitoosolsii
II. Gaaffiilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Gosoota biyyee gurguddoo Afrikaa bahaatti argaman tarreessi.
2. Gochaa namaa dhiqama biyyeef sababa ta’an tarreessi.
3.4. Qabeenya Bishaanii Afrikaa Bahaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Haala itti fayyadama qabeenya bishaanii Afrikaa bahaa ni himta.
• Barbaachisummaa bishaan diinagdee keessatti qabu ni tarreesita.
• Dhiibbaa itti fayyadama bishaanii Afrikaa bahaa ni ibsita.
• Qabeenya bishaanii kanneen akka haroowwanii fi laggeen
Afrikaa bahaa wal bira qabuun ni ibsita.

68
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Itti Fayyadamaafi Bu’a Qabeessummaa Qabeenya Bishaan Afrikaa


Bahaa
Qabeenya bishaanii fayyadamuun madda misoomaa yookiin faayidaa garaagaraaf
mijeessuu keessatti bu’aa inni hawaasaaf guddina diinagdee keessatti gumaachu
xiyyeeffannoon itti yaadamuu qaba. Akkasumas sababa hundeeffamuu madda
misoomaa kanaan qabeenyi uumamaa bakka yookiin biyya sanatti argamu akka
hin miidhamneef haal-duree mijeessuun barbaachisaadha.
Haal-dureen kunneen armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
• Qabeenyi bishaanii bakka ykn biyyichaa faayidaa adda addaatiif akkaataa madaala
isaa eeggateen hojiirra ooluu qaba.
• Qorannoo gaggeessuun itti fayyadamni isaa qabeenya bioorratti miidhaa akka hin
qaqqabsiifnetti hojiirra ooluu qaba.
• Faayidaan qabeenya bishaaniirraa ummataaf hojjetamu hanga danda’ame ummata
bakka sana jiraatu hunda kan hammate ta’uu qaba.
• Bishaan dhugaatiifi tajaajila biroof oolu qulqulluu ta’uu qaba.
• Laggeen, haroowwan, burqaawwaniifi bishaan boollaa kan tajaajila malee jiran akka
tajaajila ga’aa kennu gochuu.
• Dhangala’aan magaalaa keessaa, warshaaleefi bakka garaagaraatii gadhiifaman akka
bishaaniifi qabeenya uumamaa biraa hin faalletti too’atamuu qabu.
• Bu’uuraalee misoomaa bishaan irraa hojjetaman yeroo yeroon hordofuufi suphuun
faayidaa walitti fufaa akka kennu gochuun itti fayyadama qabeenya bishaanii bu’aa
qabeessa taasisuu.
Akka Afrikaa bahaatti qabeenyi bishaanii hedduun yoo jiraatellee, karaa bu’aa qabeessa
ta’een faayidaa kennaa hin jiru. Kana jechuun qabeenyi bishaan Afrikaan bahaa
qabuufi faayidaan irraa argamu kan wal-sime miti. Fkf. hara Magaadii Keeniyaa
keessatti argamuufi hara Asaal Jibuutii keessatti argaman soogidda kuufamaa of
keessaa waan qabaniif tajaajilaaf hin oolan. Kun immoo gara bu’aa qabeessummaatti
jijjiiruuf haala adda addaa mijeessuu gaafata. Gabaabumatti qabeenyi bishaanii
Afrikaan bahaa qabdu kaan biyyoota birootti yaa’uun warri hafan immoo haala
mijeessinee itti fayyadamuu dhabuun qabeenyiifi faayidaan isaa wal gitee hin jiru.
Kanaaf haala armaan olitti ibsame bu’uura godhachuun qabeenya bishaanii Afrikaan
bahaa qabdu karaa bu’aa qabeessa ta’een faayidaatti jijjiiruun guddina diinagdee
biyyoota Afrikaa bahaa qofa osoo hin taane kan addunyaaf gumaacha gochuun
barbaachisaadha.
Barbaachisummaa Qabeenya Bishaanii Afrikaa Bahaa
Bishaan jireenya dhala namaa keessatti hedduu barbaachisaadha. Bishaan bakka
jireenya lubbu-qabeeyyii, bakka bashannanaa, too’ataa madaallii uumamaafi madda
guddina diinagdee biyyaa ta’uun waan tajaajiluuf baay’ee barbaachisaadha. Faayidaan
bishaan guddina diinagdee Afrikaa bahaa keessatti qabu gurguddoon geejjiba, qotiisa
jallisii, horsiisa qurxummiifi madda humna elektirikiiti.

69
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Rakkoolee Haala Fayyadama Bishaanii


Afrikaan bahaa biyyoota madda bishaanii jedhamanii haa beekaman malee, itti
fayyadamuurratti rakkoolee hedduu qabu. Rakkooleen kunneenis sababa armaan
gadiif ta’a:
• Faca’insi roobaa bakka hundatti wal qixxee ta’uu dhabuu
• Ciramuu bosonaafi dhiqamuu biyyee
• Bishaan bakka argamurraa teknooloojiifi qabeenya ittiin warra hin qabneef geessisan
dhabuu
• Laggeen baay’een lafa olka’oorraa waan yaa’aniif tajaajila geejjibaaf ooluu dhabuu.
• Bishaan lafa olka’aarraa maddu gara lafa diriiraatti fiduun jal’isiif oolchuu dhabuu
• Harama biyyeefi balfa gogaafi xuraawaa warshaalee keessaa
bahuun faalamuu
• Hurka guddaadhaan hangi bishaanii hir’achaa deemuu
• Bishaan dachee jalaa itti fayyadamuu dhabuu
• Biyyoota ollaa waliin walii galtee dhabuu fa’i.

Gosoota Qaama Bishaana’oo Afrikaa Bahaa Keessatti Argaman


Afrikaan bahaa qabeenya bishaanii hedduu qabaachuu irraa kan ka’e naannoo madda
bishaanii jedhamti. Gosoonni qabeenya bishaan Afrikaa bahaa gurguddoon: Laggeen,
Haroowwan, burqaa, bishaan boollaafi kkf fa’i.
Gosoota Haroowwaan Afrikaa Bahaa
Haroo jechuun maal jechuudha? Afrikaa bahaatti haroowwan
argaman eenyu fa’adha?
Haroon qaama bishaanii bal’ina murtaa’e qabu kallattii hundaan dacheen marfamee
argamuufi gara galaanaatti ykn garbaatti hin yaaneedha. Haroowwan biyyoota Afrikaa
bahaa keessatti argaman gurguddoon gabatee armaan gadii keessatti ibsamaniiru.

lakk Gosa haroo Biyya itti argamu Bal’ina Olka’iinsa Gadi fa-
(km) lafaa (m) geenya (m)
1 Viiktooriyaa Ugaandaa, 69,490 1130 82
Taanzaaniyaafi
Keeniyaa
2 Taangaanikaa Taanzaaniyaafi D/R 32 900 773 1470
Koongoo
3 Turkaanaa Keeniyaa 6,405 360 109
4 Xaanaa Itoophiyaa 2156 1830 15
Gabatee 3.1 Gosoota haroowwaniifi amaloota isaanii

70
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Faayidaa Haroowwan Dinagdee Keessatti Qaban


Haroowwaan madda turiizimii, qurxummii horsiisuufi tajaajila biroof bakka falatamaa
ta’uun waan fayyadaniif guddina dinagdee biyyaa keessatti iddoo guddaa qabu.
Horsiisa qurxummiif: Ummanni Afrikaa bahaa qarqara Galaanaafi Garba guddaa
jiraatan qurxummii horsiisuun nyaataafi foon isaa saamsanii gurguruun akka madda
galiitti itti fayyadamu. Qurxummii horsiisuun wanti barbaachiseef, kanneen uumamaan
jiran qofa baasnee itti fayyadamna yoo ta’e yeroo gabaabaa keessatti nyaatamanii
dhumanii sanyiin isaanii lafa irraa baduu danda’a. Kanaafuu, qurxummii haala
ammayyaawaa ta’een haroowwan uumamaafi nam-tolchee keessatti baay’inaan
horsiisuun nyaataafis ta’e gurgurtaaf oolchuudha. Biyyoonni Afrikaa bahaa qaamman
bishaanii naannoo isaanii keessatti qurxummii horsiisuuf carraa olaanaa qabu.

Faayidaa Haroowwan Aadaa Keessatti Qaban


Haroowwaan bakka kabaja aadaa, bashannanaafi turiizimiif mijataa ta’aniidha.
Hoteelli naannoo kanatti tajaajilaaf bu’uureffamu illee meeshaalee aadaa ibsaniin
waan faayameef akka handhuura gabbina aadaatti gargaara. Akkasumas, bakka
namoonni uffata aadaa uffachuun aadaa isaanii agarsiifatan ta’ee tajaajila.
Fkf: Ummanni Oromoo waggaa waggaan uffata aadaan miidhaganii ayyaana
Irreechaa Hora Finfinneefi Hora bishooftuutti kabaju.

Fakkii 3.5 ayyaana kabaja irreechaa Hora Finfinneefi Bishooftuu

71
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Wantoota Itti Fayyadama Harowwan Afrikaa Bahaa


Daangeessan.
Faayidaan haroowwan Afrikaa bahaa wantoota hedduun kan daangeffamedha. Isaan
keessaa:
• Qulqullina dhabuu qaama bishaanichaa- Biyyee, kosii, wantoota xuraawaafi
keemikaala warshaa keessaa bahaniin yoo faalamudha.
• Bakka ho’aa ta’etti humnaa ol ho’uun hurkee hir’achuu.
• Gadi fageenya qaama bishaanichaa- Fkf: Harri Viiktooriyaa
fageenya 35m gaditti oksijinii waan hin qabneef lubbu-qabeeyyiin
keessa jiraachuu hin danda’ani.
• Qabiyyee soogiddaa- Haroowwaan tokko tokko soogidda waan of keessaa qabaniif
faayidaan isaanii ni daangeffama.
Fkf: Hara Asallee(Affaar), Hara Abbee(Jibuutii)
Gosoota Laggeen Afrikaa bahaa
Afrikaan bahaa laggeen gurguddoofi beekamoo kan faayidaalee hedduuf oolan of
keessaa qabdi. Laggeen kun Afrikaa bahaa qofa keessatti kan hafan osoo hin taane
biyya ollaa keessa darbuun Galaanaafi Garbatti makamu. Laggeen maddaafi yaa’a
mataasaanii kan qabanidha. Laggeen naannoo lafa olka’aafi haroowwan keessaa
maddu. Teessuma lafaa isaan irra yaa’an irratti hundaa’uun kallattiin yaa’aa laggeenii
adda adda akka ta’u taasiseera. Gosoota Laggeen Afrika bahaa gabatee armaan gadii
keessatti tarreeffamaniiru.

Lakk Gosoota lag- Madda isaa Bakka itti seenu Dheerina (Km)
geenii
1. Naayil Adii Ugaandaa, Taan- Galaana Meeditiri- 5584
zaaniyaafi Keeni- yaanii
yaa
2. Abbayya Itoophiyaa
3. Takazee Itoophiyaa 608
4. Baaroo-Akoo- Itoophiyaa 306
boo
5. Hawaas Itoophiyaa Haroo Abbee 1200
6. Gibee Itoophiyaa Haroo Turkaanaa 644
7. Waabishaballee Itoophiyaa Gammoojjii bee- 2490
naadir Somaaliyaa
8. Gannaalee Itoophiyaa Garba guddaa 1660
Hindii
9. Xaanaa Keeniyaa Garba guddaa
Hindii

72
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

10. Ruufujii Taanzaaniyaa Garba guddaa 600


Hindii
11. Ruuvmaa Taanzaaniyaafi Garba guddaa 800
Moozaambikii Hindii
Gabate 3.2 Gosoota laggeen Afikaa bahaafi amaloota isaanii

Laga Naayil = laga Abbayyaafi laga Naayil adiin Kaartuum keessatti erga walitti
makamanii booda laga Naayil jedhamu.
Lagni Naayil fageenya dheeraa deemuun laggeen addunyaa hunda ni caala.
Lagni Gannaalee- laga Daawaatti dabalamuun maqaa Juubaa jedhamuun Garba Gud-
daa Hindii seena.
Faayidaa Laggeen Afrikaa Bahaa
Bishaan guddina diinagdee biyya tokkoo keessatti gahee olaanaa qaba. Faayidaan
bishaan guddina diinagdee Afrikaa bahaa keessatti qabu kanneen armaan gadiiti.
Geejjibaaf: Akkuma gabatee3.2 armaan olitti ilaalle laggeen Afrikaa bahaa gara
Galaanaafi Garbaatti seenuun faayidaa geejjibaaf(buufata dooniif) oolu. Dooniin gosa
geejjibaa kamiyyuu caalaa meeshaalee ulfaatoofi baay’ee al tokkoon gatii salphaan fe’ee
kan geejjibsiisu waan ta’eef biyyoonni Afrikaa bahaa meeshaalee biyya alaatti gurguraaf
erguufiis ta’ee alaa bitanii galchuuf buufataalee dooniitti baldhinaan
fayyadamu.
Biyyoota Afrikaa bahaa buufata doonii qabaniifi itti fayyadaman:

Lakk Maqaa biyyootaa Buufata doonii

1 Ertiraan Masawwaafi Asab

2 Jibuutiif Galoo Galaana Eden

3 Keeniyaa Mombaasaa

4 Somaaleelaandiin Barbaraa

5 Somaaliyaan Moqaadishoo

6 Taanzaaniyaa Daareselaam

Gabatee3:3 Biyyoota Afrikaa bahaa buufata doonii qabaniifi itti fayyadaman

73
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Qotiisa Jallisiif: Afrikaa bahaa keessaa biyyi Sudaan qotiisa jallisiitiin baay’ee
fayyadamtuudha. Keessattuu, naannoo Gaaziraa
jedhamu kan gidduu laggeen Naayil Adiifi Abbayyaatti argamu i
rratti midhaan gosa hedduu oomishuun nyaataan of dandeessee
gurgurtaa biyyoota alaatiif oolchiti. Biyyeen bakka sanatti kuufamu irra caalaatti
laggeen Itoophiyaa gara sanatti yaa’aniin haramee kan dhaqedha. Itoophiyaa keessatti
Laggeen hedduu irratti
piroojektoonni jallisii gaggeeffamaa jiru. Fakkeenyaaf,
piroojektiiwwan laggeen akka Hawaas, Finca’aafi Dhidheessaarratti gaggeeffamaa jiran
fudhachuun ni danda’ama. Lagni Hawaas,
laggeen kamiyyuu Itoophiyaa keessaatti argaman keessaa yaa’a isaa hunda keessatti kan
tajaajila kennudha. Tajaajilli isaa kunis yaa’i isaa inni olii shonkoora (aalaa) warshaa
sukkaraa Wanjiif ta’u
oomishuu, yaa’a giddu-galeessaarratti kuduraafi muduraafi aalaa warshaa shukkaraa
Matahaaraaf, yaa’a isaa isa dhumaarratti immoo Affaar keessatti oomisha jirbiif oola.
Lagni Finca’aa aalaa
warshaa shukkaraa Fincaa’aaf oolu oomishuuf fayyadaa jira.
Sagantaa midhaan nyaataan of danda’uu keessatti oomisha ol
guddisuuf qotiisa jallisii babal’isuun murteessaadha.
Madda Humna Elektirikiif: Laggeen Afrikaa bahaa, keessattuu, kanneen
gaarreen irraa ka’an humna guddaan irraa gadi yaa’an humna elektirikii maddisiisuuf
haala mijaa’aa uumu. Hidhoonni baay’een yeroo ammaa laggeen irratti ijaaramaa jiran
irra caalaatti humna elektirikii maddisiisuuf akka tajaajilaniifidha. Fakkeenyaaf
hidhoota armaan gadii Itoophiyaa keessatti ijaaramaniifi ijaaramaa jiran fudhachuun
ni danda’ama.
1. Laga Hawaas- hidha Qooqaa
2. Laga Abbayyaa- hidha Xiis-Abbaay, Xaanaa Balasiifi hidha
haaromsaa
3. Laga Fincaa’aa- hidha Fincaa’aa
4. Laga Amartii- hidha Amartiifi
5. Laga Nashee- hidha Nashee
6. Laga Waabii Shaballee- hidha Malkaa Waakkannaa
7. Laga Gibee- hidha Gibee lffaa, 2ffaa fi 3ffaa
8. Laga Takazee- hidha Takazee fa’a.
Hidhoota madda humna elektirikii maddisiisan haala kanaan Itoophiyaa keessatti
babal’isuun humna elektirikii biyya keessatti barbaachisu guuttachuufi gabaa biyyoota
ollaatiif dhiyeessuuf ni fayyada.

74
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gocha 3.2
I. Gaaffiilee armaan gadii gareen mari’achuun barsiisaa/stuu keessaniif ibsaa.
1. Faayidaan biyyoonni Afrikaa bahaa qaama bishaana’oo irraa argatan maal fa’i?
2. Bishaan guddina diinagdeefi hawaasummaa keessatti faayidaa akkamii qaba?

Gilgaala 3.3

I. Gaaffiilee armaan gadii sirrii yoo ta’an dhugaa sirrii yoo hin taane
immoo soba jechuun deebisi.
1. Lagni Naayil Adiin laga gaarreen Taanzaaniyaa keessaa
maddudha.
2. Laggeen Afrikaa bahaa baay’een isaanii tajaajila geejjibaaf oolu.
3. Haroon Taangaanikaa sulula Qiinxamaa guddaa Afrikaa bahaa keessatti argama.
II. Buufataalee doonii toora’A’ jala jiran iddoo argama isaanii ‘B’ jala jiran
waliin walitti firoomsi.
‘A’ ‘B’
1. Asab A. Taanzaaniyaa
2. Daareesalaam B. Somaaliyaa
3. Barbaraa C. Somaaliilaandii
4. Moqaadishoo D. Ertiraa
5. Mombaasaa E. Keeniyaa
F. Itoophiyaa
III. Gaaffiilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.
1. Laggeen kamiyyuu caalaa lagni fageenya dheeraa adeemu isa kami?
A. Laga Gannaalee B. Laga Baaroo C. Laga Naayil D. Laga Takazee
2. Hidhi laga Haawaas irratti hidhamee humna elektiriikii maddisiisu maal jedhama?
A. Finca’aa B. Malkaa waakkannaa C. Qooqaa D. Gilgel gibee
3. Qaamonni bishaanii kan akka Garbaawwaniifi Galaanotaa:
A. Bishaan qulqulluu tajaajila jallisiif ooludha.
B. Bishaan soogidda of keessaa qabudha.
C. Bishaan geejjibaaf ooludha.
D. ‘B’ fi ‘C’n deebiidha.

75
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

3.5. Qabeenya Albuudaa Afrikaa Bahaa


Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Gosoota albuudaa Afrikaa bahaa keessatti argaman ni tarreessita.
• Qabeenya albuudaa biyyoota Afrikaa bahaa wal bira qabuun ni ibsita.
• Sababoota albuudni Afrikaa bahaa keessaa akka hir’atan taasisan ni tarreessita.
Gosoota Qabeenya Albuudaa Biyyoota Afrikaa Bahaa
Naannoon Afrikaa bahaa akka addunyaatti gosoota albuudaan
badhaatuudha. Albuudota heddumminaan argaman keessaa
albuudonni beekamoon biyyoota Afrikaa bahaa irra caalaa keessatti baay’inaan
argaman kanneen armaan gadiiti. Isaanis: Warqii, gaasii uumamaa,
dhagaa booralee, dhagaa cirrachaa, jipsamiifi biyyee supheedha

a. Warqii c. Dhagaa Booralee e. Jipsamic

b. Gaasii Uumamaa d. Dhagaa Cirrachaa f. Biyyee Suphee

Fakki 3.6 Gosoota albuudaa

76
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

2
7
6
3
5
4

Lageen

Fakkii 3.5. kaartaa laggeen Afrikaa bahaa

77
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Fakkii 3.7 Kaartaa qabeenya albuudaa Afrikaa bahaa

Qabeenya Albuudaa Karaa Sirriin Itti Fayyadamuu Dhiisuu


Qabeenyi albuudaa guddina dinagdeefi aadaa keessatti faayidaa
qabeessa waan ta’eef qusannaan itti fayyadamuun barbaachisaadha. Haata’uu malee
sababa rakkoolee armaan gadiin qabeenyi albuudaa qisaasa’aa jira.
► Namoonni albuuda baasan dandeettii gahaa dhabuu
► Meeshaaleen ittiin albuuda baasan ammayyaawaa ta’uu dhabuu
► Mootummaanis ta’e, dhaabbanni miti mootummaa albuuda
baasuurratti bobba’an hawaasa naannoo madda albuudaatti
argamu hirmaachisuufi beenyaa kaffaluu dhabuu. Kunis ummani
naannoo sanaa qabeenya hafeef akka eegumsa hin taasifne godha.
► Bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka karaa, ijaarsa dhaabbataafi wajjira adda addaa
yeroo taasifnu qabeenya albuudaaf xiyyeeffannoo gochuu dhiisuufi kkfdha
► Albuuda irra deddeebiin baasuun maddi albuudaa akka haphatuufi dhumu taasisuu
► Bakka albuunni bahutti miidhaa adda addaaf saaxilamuu.
Fkf.. Bakka albuudni qotamu jiguun hojjetoota miidhuu.

78
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala 3.4

I. Gaaffiilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.


1. Gosoota albuudaa gurguddoo Afrikaa bahaatti argaman barreessi.
2. Rakkoowwan Albuuda baasuufi itti fayyadamuu waliin wal
qabatu barreessi.

3.6. Gosoota Bineensota Bosonaa Afrikaa Bahaa

Xumura barnoota mata-duree kanaatti:


• Gosoota gurguddoo bineensota bosona Afrikaa bahaa ni
tarreessita
• Sababoota gurguddoo faca’iinsaafi garaagarummaa bineensota
bosona Afrikaa bahaa ni ibsita.

Gosniifi baay’inni bineensota bosonaa naannoo Afrikaa bahaa haala teessuma


lafaa, qilleensa baramaafi facaatii biqiloota uumamaa irratti hundaa’a. Bineensonni
naannaannoo bosonaa keessa jiraachuu danda’an bineensota haala salphaan mukarra
gara mukaatti utaalan, keessa deemuu danda’an, lafarra kan loo’aniifi qaama bishaanii
keessa kan jiraatanidha. Fakkeenya: Jaldeessa, qamalee, weennii, qurxummii, naacha,
roobii, bofa, jawweefi kkf fa’i.
Bineensonni bosonaa qaamaan baay’ee gurguddoo ykn hoosiftoonni marga dheedan
naannoo lafa margaa keessa jiraatu. Fakkeenya:
Taanzaaniyaa keessatti lafti diriiraan Serengeetii, naannoon kibba Ugandaa,
lafti jiddugaleessa Itoophiyafi lafti biyyee suphee biyya Sudaan gosa lafa margaan
uwwifamanii waan argamaniif bineensota akka arbaa, gafarsaa, hardiidoo,
waraabessaafi sattawwaa fa’atu jiraata.

Gocha 3.3
Gaaffii amaan gadii gareen irratti mari’achuun deebisi.
1. Lafa bosonaa, lafa margaafi miciree akka walduraa duuba isaaniitti
bineensota naannoo Afrikaa bahaa adda baasi.

79
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Sababoota Gurguddoo Faca’insaafi Garaagarummaa


Bineensota Bosonaa Biyyoota Afrikaa Bahaa
Sababoonni gurguddoo faca’insa bineensota bosonaa irratti dhiibbaa uuman maal fa’a?
Wantoonni faca’iinsafi garaagarummaa bineensota bosonaa irratti murteessoo ta’an
bakka gurguddaa 2tti qoodamu. Isaanis: Haallan uumamaafi sochii namaati.
1. Haallan Uumamaa
Haallan uumamaa naannoo Afrikaa bahaa keessatti faca’insa bineensota bosonaa
irratti dhiibbaa guddaa uuman; qilleensa baramaa, garaagarummaa olka’iinsa lafaa
jidduu jirudha. Jijjiirama qilleensa baramaa yeroo yeroon mul’achaa jiruun jireenya
bineensota bosonaa irratti rakkoon adda addaa mul’achaa jira. Fakkeenya: Paarkii
Maasaayi Maraa keessatti waqtii caamaa roobni dhabamee margi gogu bineensonni
kallattii jiidhinsi argamutti socho’u. Bineensota bosonaa keessaa arbi nyaata baay’ee
barbaada. Yeroo caamni bakka tokkotti mul’ate saffisaan socho’ee fagaatee deemuun
nyaata isaa barbaada.
2. Gocha Namaa
Qabeenya bosonaa mancaasuun gara lafa qotiisaatti yookiin lafa dheedichaatti jijjiiruun
bineensonni bosonaa bakka jireenyaafi nyaata dhabanii akka dhuman yookiin baqatanii
badan taasisa.
Sababoonni gurguddoon faca’insaafi garaagarummaa bineensota Afrikaa bahaa ta’an:
Teessuma lafaa, qilleensa baramaafi biqilootadha.

Gilgaala 3.5

I. Gaaffiilee armaan gadii deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.


1. Bineensota bosonaa keessaa waqtii caamaa baay’ee miidhamoo kan ta’e kami?
A. kan foon nyaatan B. kan marga nyaatan
C. kan margaafi foon nyaatan D. deebiin hin kennamne
2. Nyaata ofii barbaaduuf bineensi bosonaa waggaatti kiiloomeetira baay’ee deemu
kami?
A. Arba B. Gafarsa C. Waraabeessa D. Leenca
3. Bineensota Paarkota Serengeetii fi Maasaayi Maraa keessatti baay’inaan walfaana
yaa’an keessaa kan lakkoofsa guddaan socho’u:
A. Waraabessa B. Arba C. Sattawwaa D. Hardiidoo
II. Gaaffii armaan gadiif deebii gabaabaa kenni
1. Sababoota gurguddoo faca’insa bineensota bosonaa irratti
murteessoo ta’an tarreessi.

80
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

3.7. Uwwisa Gurguddoo Biqiloota Afrikaa Bahaa

Xumura barnoota mata-duree kanaatti:


• Haala uwwisa biqiloota Afrikaa bahaa ni himta.
• Hamma manca’iinsa biqiloota Afrikaa bahaafi mala ittiin hir’isan ni ibsita

Haalli teessuma lafaafi qilleensa baramaa yeroo ilaalamu,gosti biqilootaa biyyoota


Afrikaa bahaa keessatti argaman bakka 3tti qoodamu. Isaanis: Bosona, lafa
margaafi lafa miciree fa’i.
1. Bosona
Akkaata faca’insa qilleensa baramaa biyyoota Afrikaa bahaatti naannoo qilleensa
baramaa jiidhaa mudhii lafaatti argama. Bosonni naannoo kanaa akka bosona mudhii
lafaa ykn bosona roobaa yabbuufi walxaxaa ta’uu baatus, lafa pilaatoo rooba fooyya’aa
qabu kan akka naannoo hara Viktooriyaa, lafa olka’aa jiddu- galeessa Itoophiyaafi lafa
pilaatoo Sudaan kibbaa bosona rukkina hin qabneefi baala harcaafatoo ta’an qabu.
2. Lafa Margaa
Biyyoota Afrikaa bahaa keessatti naannoo qilleensa baramaa jiidhaa ho’aatti argama.
Naannoo kanatti akkuma naannoo qilleensa jiidhaa mudhii lafaarraa fagaachaa
deemameen hangi roobaa waan xiqqaatuuf biqiltoonni naannoo kanatti argaman
mukkeen gurguddoo marga dhedheeraatin walmakanidha. Lafa marga dhugaafi
miciree jedhamuun beekama. Lafti marga kun marga muka baay’ee of keessaa hin
qabneedha. Garuu, naannoo lafti bishaan qabu jirutti mukkeen ni margu. Keessattuu,
qarqara lagaa waggaa guutuu bishaan qabu hordofuun mukkeen gurguddoon ni argamu.
3. Lafa Miciree
Lafa miciree qoraatta’oo ta’aniin uwwiffamee argamuudha.
Naannoo kana keessatti hammi roobaa waggaan dhufu baay’ee gadi aanaa kan 100mm
hin caalledha. Karaa biraatiin immoo hammi ho’aa waggaan argatu olaanaadha.

Fakkenya: Jiddu-galeessi hamma ho’aa ji’a Adoolessaa naannoo kana keessatti 35°c ol
ta’a. Biqiltuun gosa kanaa naannoo Kaaba Sudaan, qarqara Galaana diimaafi Galoo
Galaana Eden uwwisee argama. Akka dhaabbanni walii galtee ‘East African
Community’ (EAC)’ ibsutti haala uwwisa biqilootaa dhibbantaan yommuu ibsinu
kan armaan gadii ta’a.
Burundiin lafa eegumsaa bakka13,walitti hektaara 100,000 ta’e yoo qabaattu, bal’ina
lafa ishee keessaa 6.7% ykn hektaarri 172,000 bosonaan kan uwwifamedha.
Lafti bosonaa kunis sanyii biqilootaa adda addaa 2500 of keessaa qaba. Ruwaandaan,
sanyii biqilootaa gurguddoo 5,793 ta’an yoo qabaattu, Taanzaaniyaafi Ugaandaan
biqiloota gara sanyii 11,000fi 5000 ta’an walduraa duubaan kan qabanidha.
Itoophiyaan tilmaamaan sanyii biqilootaa 6500 hanga 6700 ta’an qabdi.

81
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gocha 3.4
I. Gaaffii armaan gadii gareen mari’achuun deebisi.
1. Googilii lafaa fayyadamuun uwwisa bosonaa Afrikaa bahaa ilaaluu biyyoota irra
caalatti uwwisa biqilootaa qaban shan barreessuun adda baasi.

Hamma Manca’insa Bosonaa Afrikaa Bahaa


Naannoo Afrikaa bahaa keessatti baay’inni ummataa saffisa guddaan yeroo dabalaa
adeemu, fedhiiwwan isaa guuttachuuf qabeenya
uumamaa saffisa guddaan mancaasa. Fakkeenya: nyaata, mana
jireenyaafi uffata argachuuf. Fedhiiwwan isaa kanneen guuttachuuf manni jireenyaa,
midhaan nyaataafi huccuun uffatamu lakkoofsa namaa yeroo yeroon dabalamu wajjin
dabalaa deemuu qaba.Mana ijaaruuf lafti mana itti ijaaraniifi mukti ittiin ijaaran
dabalataan
barbaachisu.
Fedhii nyaataa dabalataan barbaachisuuf lafti dabalataan qotamee oomisha dabalataa
argamsiisuu qaba. Fedhii namoota haaraa guyyaa guyyaan hawaasa jirutti dabalaman
kanneen guutuuf yeroodhaa gara yerootti qabeenyi biqiltoota uumamaa saffisa guddaan
manca’aa jira. Saffisni mancaatii bosonaa kun irra caalaatti kan mul’atan biyyoota
guddina dinagdeetiin sadarkaa gadaanaa irratti argaman keessatti.
Naannoon Afrikaa bahaa biyyoota guddina dinagdeetiin sadarkaa gadaanaa irratti
argaman keessatti ramadama. Haalli hawaasni horii itti horsiisuufi qotiisa itti gaggeessu
mala aadaa irratti hundaa’a. Qotiisni mala aadaatiin gaggeeffamu lafa qotamaa jiru
irratti oomisha dabaluuf kan tattaafatu miti. Oomisha dabaluuf lafa haaraa argachuu
irratti xiyyeeffata. Adeemsi kun bosona dur naannoo Afrikaa bahaa uwwisee ture akka
manca’u taasiseera.

Qabeenya bosonaa mancaasuun gara lafa qotiisaatti yookiin lafa dheedichaatti jijjiiruun
bineensonni bosonaa bakka jireenyaafi nyaata dhabanii akka dhuman yookiin baqatanii
badan taasisa.

Gilgaala 3.6

I. Himoota armaan gadii sirrii yoo ta’an Dhugaa yoo dogoggora ta’an
immoo Soba jechuun barreessi.
1. Saffisaan dabaluun lakkoofsa ummataa qabeenya bosonaa irratti
miidhaa guddaa geessisa.

82
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

2. Biqiloonni uumamaa madaalliin naannoo uumamaa akka hin


jeeqamne taasisu.
3. Ciramni bosonaa gammoojjummaa babaldhisuu keessatti gahee olaanaa
II. Gaaffii armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.
1. Haala teessuma lafaafi haala qilleensa baramaa irratti hundaa’uun gosoota biqiloota
Afrikaa bahaa 3 barreessi.

3.8. Sirnaan Itti Fayyadamuufi Eegumsa Qabeenya


Uumamaa Afrikaa Bahaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
• Haala itti fayyadama qabeenya uumamaa Afrikaa bahaa karaa
• bu’aa qabeessa ta’e ni ibsita.
• Afrikaa bahaa karaa bu’aa qabeessa ta’e ni ibsita.
• Kunuunsa qabeenya uumamaa biyyoota Afrikaa bahaa walbira qabuun ni
tarreessita.
• Eegumsa qabeenya uumamaa beekumsa xabboo ta’an ni
tarreessita

A. Sirnaan Itti Faayyadamuu Qabeenya Uumamaa


Afrikaa Bahaa
Sirnaan itti fayyadamuu qabeenya uumamaa Afrikaa bahaa irratti dhaabbanni ‘United
States Agency for International Development’ (USAID) biyya Keeniyaa keessatti
hojjetuufi dhaabbanni ‘East African Community’ (EAC) waliigaltee kaa’aniiru. Isaanis:
• Murtoo eegumsa qabeenyaa, beekumsa,dandeettiifi ragaarratti hundaa’e kennuu.
• Ijaarsa dandeettii waa’ee qabeenya uumamaa kennuu.
• Adamoo seeraan alaafi daldala bineensotaa dhorkuu.
• Imaammataafi tarsiimoo waa’ee qabeenya uumamaaf ba’e irratti walii galteen
hojjechuu.

• Faayidaa bineensonni bosonaa karaa daawwannaan diinagdee irratti qaban barsiisuu.


• Eegumsaafi to’annaan qabeenya uumamaa itti fufiinsa akka qabaatuuf to’annaa
albuudaa ilaalchisee, 2012tti kan baasan:
• Itti fayyadamni isaanii bu’aa qabeessaafi itti fufiinsa akka
qabaatu.
• Albuuda baasuurratti imaammata wal fakkaataa qabaachuufi too’achuu.
• Albuudichi guddina hawaasa Afrikaa bahaaf akka ooluufi hojii dhabdummaa
naannoo sanaa akka hir’isu gochuu.
• Bu’aan irraa argamu guddaa akka ta’u gochuufi waliin itti fayyadamuu.
• Sadarkaa qulqullina albuudotaa dabaluun gatii guddaa akka baasu taasisuu

83
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

B. Eegumsa Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa


Eegumsa qabeenyaa jechuun maal jechuudha? Garaagarummaan kunuunsuufi eeguu
maali?
Qabeenya uumamaa kan jedhaman kan uumamaan argaman kan akka biqilootaa,
bineensotaa, biyyee, bishaan, albuudaa, ifa aduufi kkf. fa’i.
Kuunuunsa qabeenya uumamaa jechuun qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuu
qusannaadhaan har’aas fayyadamnee dhaloota boruuf qusachuu jechuudha.
Eguumsa qabeenya uumamaa jechuun qabeenya uumamaafi nam-tolchee jiran osoo itti
hin fayyadamiiniifi hin miidhiin kunuunsuun dhaloota dhufuuf tursiisuudha.
Kunuunsuu Dhabuu Qabeenya Uumamaa
• Bosona ciruufi gubuu (qonna babal’isuuf, qubannaaf, ijaarsaaf, meeshaalee adda
adda hojjechuuf, qoraaniif, cileef, daandii baasuufi kkf)
• Humnaa ol dheechisuun horii hedduu kan lafti sun danda’uutii ol itti bobbaasuu
yookiin bakka tokko yeroo dheeraaf dheechisuudha.
• Isaan kun biyyeen lolaafi bubbeen haramee akka badu taasisa.
Kunuunsa Qabeenya Uumamaa
• Biqiloota haaraa dhaabuu.
• Isa cirameefi gubame bakka buusuu.
• Baay’ina ummataa to’achuun lafa qonnaafi qubsumaaf bosonni akka hin ciramne/hin
gubamne gochuu.
• Madda anniisaa gara biraa fayyadamuun qoraaniifi cileef akka hin ciramne gochuu.
• Bishaan akka hin faalamne gochuufi, qusannaan itti fayyadamuu.
• Yeroo rafnuufi manaa deemnu ifaa dhaamsuu, kutaa manaa hunda keessaatti ibsuu
dhiisuu.
• Ujummoo bishaanii bananii dhangalaasuu dhiisuu.
• Anniisaa deebi’ee hin haaroomfamne fayyadamuu dhiisuu.
• Madda anniisaa haaroomfamuu danda’an fayyadamuu (humna aduu, qilleensaafi kkf).
• Irra deddebi’anii fayyadamuu.
• Mukkeen naannoo laggeeniitti dhaabuu.
• Xurii ykn balfa warshaa keessaa bahee bishaan akka hin seenne gochuu,
• Bishaan roobaa kuusuun itti fayyadamuu.
• Sanyii biqilootaa qofaatti adda bahanii jiran miidhaan akka irra hin geenyeef warra
kaaniin wal makanii dhaabuu.
• Imaammata qabeenya uumamaa baasuu.
• Geejjiba gatii xiqqaan deemuu.
• Boba’aa konkolaataa qusachuu.
• Adamoo seeraan alaa dhorkuu.
• Albuuda seeraan ala baasuu dhiisuu.
Kana malees hawaasni naannoo jirutti beekumsa xabboo fayyadamuun qabeenya
uumamaa eeguu keessatti iddoo guddaa qaba. Aadaa ummata Afrikaa bahaa
keessatti biqiloonniifi bineensonni faayidaa olaanaa qabu. Fkf: Aadaa sabaafi

84
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

sablammootaa baay’ee biratti waaqeffachuuf biqiltuu jiidhaa uumamaan marge


harkatti qabatu. Kan wal lole araarsuuf, dhimmoota hawaasummaa, diinagdeefi
siyaasaa irratti mari’atanii murtee kennuuf mukkeen gaaddisa bal’aa qaban jalatti
walgahu.
Fakkeenyaaf: ummata Oromoo biratti Odaan bakka olaanaa qaba. Kana jechuun
ummanni Oromoo Odaa waan hedduuf itti fayyadama. Isaan keessaa: Odaan jala
taa’anii kan gumaa araarsan, kan
hiddi dhaloota ummata Oromoo tokko ta’uu ittiin ibsan, baay’ina damee isaan
baay’ina ummata Oromootti fakkeessuufikkf waan ta’eef Odaan hin muramu.
Aadaa akkasiin biqiloota eeguun qabeenya uumamaa tursiisuu keessatti bakka
guddaa qaba.
Bineensonni bosonaas akkuma biqiloota uumamaa aadaa ummataa keessatti bakka
olaanaa qabu. Bineensota akka yeeyyii, leencaa, qeerransaafi gafarsa akka mootii
bineensotaatti fudhachuun hawaasni itti sagadu darbee darbee ni mul’ata ture.
Karaa biraatiin namni bineensota kanneen keessaa tokko ajjeesse akka goota
cimaatti fudhatamuun hawaasa keessatti kabaja olaanaa argata ture. Haala kanaan
aadaa ummataa keessatti faayidaa olaanaa qabu irraa kan ka’een gogaa yookiin
gaafa bineensotaa uffachuun yookiin harkatti qabachuun ummanni Afrikaa bahaa
baay’een bakkeewwan aadaa isaa mul’isutti baha. Kana irraa kan ka’e biqiloonni
uumamaafi bineensonni bosonaa wantoota dhalli namaa akka dabareetti qabatu
keessaa tokko ta’uu danda’aniiru.
Aadaan hawaasaa biqiloota uumamaafi bineensota bosonaa wajjin wal qabatee ture
akka namoonni haala uumamaa naannoo isaanii mancaasuu irraa of qusatan gumaacha.
Biqiloonniifi bineensonni miidhagina naannooti. Akkaataa jireenyaafi miidhagina
isaanii daawwachuun gammachuu guddaa namaa kenna. Kana irraa kan ka’e
namoonni karaa dheeraa deemanii, biyyoota adda addaa irraa ka’uun bakkeewwan
biqiloonni uumamaafi bineensonni bosonaa baay’inaan itti argaman deemanii
daawwatu. Daawwattoonni akkanaa turiistoota jedhamuun beekamu. Afrikaa bahaa
keessatti biyyoonni akka Keeniyaafi Taanzaaniyaa turiistoota waggaa waggaan
biqiltoota uumamaafi bineensota bosonaa daawwachuuf gara biyyoota isaaniitti
dhufan irraa galii olaanaa argatu. Galii kanatti fayyadamanii paarkota bineensonni
keessatti wal horaniifi bakkeewwan namoonni seeraan ala seenanii bineensota
ajjeessuu hin dandeenye hedduu hundeessaniiru. Kunis eegumsa qabeenya uumamaaf
gumaacha waan qabuuf biyyoonnifi hawaasni hunduu waliin ta’uun qabeenya uumamaa
eeguu qabna.

85
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala 3.7

I. Gaaffiilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.


1. Garaagarummaa eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa barreessi.
2. Sochii hawaasaafi hojiilee oomishaa qabeenya uumamaa miidhan tarreessi.
3. Biyyoota Afrikaa bahaa qabeenya bineensota bosonaa irraa galii guddaa argatan
tarreessi.

Cuunfaa Boqonnaa 3

♦ Qabeenyi uumamaa, qabeenya hojiin dhala namaa osoo itti hin dabalamiin
uumamaan lafarra jirudha.
♦ Afrikaan bahaa naannoo qilleensa baramaa jaha qabdi, kana keessattis haalli
faca’iinsa hanga roobaafi ho’aa garaagara ta’ee mul’ata.
♦ Kanarraa kan ka’e faca’insi biqilootaafi bineensotaa iddoo gara iddootti adda
addadha.
♦ Afrikaan bahaa qabeenya uumamaa gurguddaa kan akka biyyee, qaama bishaana’oo,
biqilootaa, bineensotaafi albuudaa qabdi.
♦ Qabeenyi biyyee gurguddoon Afrikaa bahaatti argaman:
Niitoosolsii, Vertiisolsii, Regoosolsiifi kkf fa’i.
♦ Qaamman bishaana’oon gurguddoon Haroofi
Laggeenidha.
♦ Lagni bakka madda isaarraa ka’ee kan yaa’uufi yaa’a sadii kan qabudha.
♦ Qaamman bishaana’oo biyyoota Afrikaa bahaa faayidaa
dinagdeefi hawaasummaa qabu. Isaanis: geejjibaaf, jallisiif, horsi isa
qurxummiifi kkf fa’i.
♦ Uwwisni biqilootaa Afrikaa bahaa bifa sadiin ibsama. Isaanis:
bosona, lafa margaafi lafa micireeti.
♦ Sababni gurguddoon faca’insaafi garaagarummaa bineensota bosonaa murteessoo
ta’an qilleensa baramaafi teessuma lafaati.
♦ Qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuu keessatti kunuunsaafi eegumsi bakka
guddaa qabu.

86
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

Gilgaala Xumuraa Boqonnaa 3

I. Himoonni armaan gadii sirrii yoo ta’an ‘Dhugaa’ dogoggora yoo ta’an
immoo ‘Soba’ jedhii deebisi.
1. Qabeenyi uumamaa qabeenya harka namaatiin hojjetamedha.
2. Galaanniifi Garbi qabeenya bishaan qulqulluu tajaajila dhugaatiif oolanidha
3. Bishaan haroo keessaa kuufama yeroo dheeraarraa kan ka’e ni soogiddaa’a.
4. Biyyeen suphee gosa biyyee haala qilleensa baramaa kamiyyuu keessatti qonnaaf
tajaajiludha.
5. Qilleensi baramaa haala qilleensaa yeroo dheeraadhaaf naannoo tokkotti mul’atudha.
II. Gaaffilee armaan gadii deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.
1. Amala qilleensa baramaa naannoo gammoojjiifi gammoojjii ho’aa kan hin taane
kami?
A. Hangi rooba waggaa xiqqaa ta’uu
B. Hanga ho’aa guddaa qabaachuu
C. Gosti biqilootaa baala harcaafatoo ta’an keessattibiqiluu
D. Gosti biqilootaa baala qaqalloo qaban keessatti biqiluu
2. Gosa biyyee armaan gadii keessaa bal’inaan qotamuufi midhaan oomishuuf kan
gargaaru:
A. Niitoosolsii B. Vertiisolsii
C. Solonchakii D. Regoosolsii
3. Qaama bishaana’oo armaan gadii keessaa biyyoota Afrikaa bahaa kan hin
daangessine isa kami?
A. Garba guddaa Hindii B. Garba guddaa Atilaantikii
C. Galaana Diimaa D. Galoo Galaana Eden
4. Lagni Afrikaa bahaa Yaa’a isaa hunda keessatti tajaajila guddaa kennu kami?
A. Laga Waabii shabalee B. Laga Gannaalee
C. Laga Hawaas D. Laga Baaroo
5. Haroon Afrikaa bahaa addunyaa keessatti dheerinaan tokkoffaa, bal’inaan immoo
Afrikaa keessaa lammaffaa ta’e kami?
A. Viktooriyaa B. Xaanaa
C. Taanganikaa D. Turkaanaa
6. Bineensota armaan gadii keessaa bineensi naannoo bosona roobaatti argamu isa
kamii?
A. Qamalee, Weennii, Jaldeessa B. Waraabessa, Gafarsa, Sattawwaa
C. Arba, Qamalee, Weennii D. Sattawwaa, Jeedala diimtuu

87
Saayinsii Naannoo Kutaa 6

7. Kan armaan gadii keessaa amala qilleensaa naannoo qarqara Galaanaa kan ta’e?
A. Naannoo qarqara Galaanaatti goginsa uumuu.
B. Naannoon qarqara Galaanaarraa fagaatan hanga ho’aa guddaa qabaachuu
C. Handhuura ardichaa caalaa nannoon qarqara Galaanaa hanga ho’aa guddaa
qabaachuu
D. Lafti naannoo qarqara Galaanaa, sababa bubbee qarqara Galaanaatiin yeroo
hunda rooba kan argatan ta’uu
8. Itti fayyadamuu qabeenya uumamaa keessatti kanneen armaan gadii keessaa kamtu
sirriidha.
A. Itti fayyadama qabeenya uumamaarratti imaammata baafachuu
B. Waa’ee itti fayyadama qabeenya uumamaarratti barumsa gahaa laachuu
C. Qabeenya uumamaa kunuunsa tokko malee itti fayyadamuu
D. A fi B’n deebiidha.
9. Kan armaan gadii keessa qabiyyee qilleensa baramaa kan ta’e kami?
A. Teempireechara B. Olka’insa lafaa
C. Dagalee lafaa D. Dambalii Garbaa

III. Gaaffilee armaan gadiif deebii gabaabaa kenni.


1. Maloota sirnaan itti fayyadamuu qabeenya uumamaa sadii barreessi.
2. Faayidaalee qaamman bishaanaa’oo Afrikaa bahaa tarreessi.
3. To’attoota qilleensa baramaa tarreessi.
4. Garaagarrummaa qilleensa baramaafi haala qilleensaa adda baasii ibsi.

88

You might also like