You are on page 1of 2

Bismillaahi jedhaa jalqaba adeemsaa

Arrahmaanirrahiim ittisinii aansaa

Alhamdulillaahi Rabbi Faaruun kasaa

Kan irra nukaaye Daandii Qajeellumsaa

Osoo nujallisee hin qajeellu tasa

Galata galfachuun baayyee barbaachisaa

Mootii hunda caalu galanni kan isaa

Rabbi haqa Qabda tanaafin sifaarsaa

Rasuula aalamaa nagaa itti buusaa

Jaahiliyyaa irraa kan nubaase isaa

Akkasa hordofnu Rabbiitu nuuf ibsaa

S.A.W jechuu heddummeeysaa

Faaydaa guddajjiraa akkas jechuu keessaa

Rabbi ofiin jalqabee maleykaa itti aansaa

Yaa Warra amantan Nagaa itti buusaa


Qur'aana na barsiisee

Jecha Rabbi guddaa

Kan namaaf ibsu addunyaa fi aakhiraa

Namni isa qabate hin jallatu yoomu

Shafa'a siif taha guyyaa gaafa boruu

Kan na barsiise ustaaza koo qaalii

Obsa qaban haala hundarratti

Nu barsiisan akka haadha abbaatti

Namatti tolaa akhlaaqni isaanii

Akkaan nu barsiisaan kitaaba rabbiiti

Nama hundaahuu ofitti qabanii

Jaalala fi obsa nama barsiisani

Galatoomi ustaaza koo

Argadhu kheeyrii tan biyya lama

Si haa gammachiisu hoojii keetirraa

Isiniif haa iftu addunyaa aakhiraan

Rabbii koo guddaan

Isin haa badhaasu firdoowsil a'alan

You might also like