You are on page 1of 5

Boollichis Leencichis tokkuma isa itti darbatamutu murteessaadha

Mata duree kana jalatti Waay’ee Daani’eel, Boolla inni keessatti darbatamee,
Leecota inni bira bulee fi warra isa itti darbatanii haala amma keessa jirru wajjin wal
qabsiiseen ibsuu yaala.
Daani’eel dargaggoota ulaagaa armaan gadiin warra biyya Isiraa’elii booji’aman
keessaa filameedha.
Ulaagaa filannoo Dargaggoota kanaa:
✓ Mudaa hin qaban
✓ Miidhagina, ija namaatti toluu
✓ Qalbii fi ogummaa
✓ Beekumsa
✓ Barumsaa fi sammuu cimaa
✓ Warra mana mootii keessaa hojjechuu danda’an
Sababa maaliif filataman?
✓ Waggaa sadiif Afaan kaaldotaa barsiifamanii , hojii barbaachisuuf erga leenjii
fudhatanii booda hojii Mootummaa hojjechuuf yookaan mootii isa isaan
barbaade duratti geeffamanii hojii barbaadamuuf muudamu.
Dargaggotni kun Nyaata akkamii nyaachuu qabu?
✓ Nyaataa fi dhugaatii isa mootidhaaf dhiyaatu
Ijoollota Biyya Isiraa’elii dhufan kana gidduudhaa Warri qomoo Yihuudaa ta’an
:
Utuu Maqaan Hin jijjiiramin Maqaa isa jijjiirame
✓ Daani’eel Beelxishaazaar
✓ Hanaaniyaa Shaadiraak
✓ Mishaa’elii fi Meeshaak
✓ Azaariyaa turan Abed-Neegoo

Nyaatni fi dhugaatiin mootiin isaaniif dhiyeessu kun akka isaan xureessu Daani’eel
dursee arge. Kana jalaa ooluuf immoo erga of amansiisee booda geggeessaa
dargaggoota kanaa akka nyaataa fi dhugaatii kana akka hin nyaanne ni gaafatate.
➢ Yemmuu ati yeroo filanoon hin jirretti Wanta si xureessu irraa fagaattee isa
sirriif qofa jirattu Waaqayyo haala hin danda’amne akka ati dandessu
godha. Aameen jedhama.

➢ Mootii irratti mootiin akka jiru beeknaan jireenyi kee milkoomaadha, inni ati
beektu garuu isa gararraa garraa hundaa ta’e ta’uu qaba.
Walumaa gala Raajii Daani’eel 1: 1-11 Ilaaluu dandeessu.
Nyaata fi dhugaatii isa mootiin sooratuun akka xureeffamu waan beekuuf isa nama
hin xureessine nyaatee biqiltuu gara garaaf bishaan qofa dhuganii akka warra kaan
caalan amantii isaa Waaqayyo qofa irra kaa’e. kana gochuufis mamii malee
kutannoo qabaate.
Waaqayyo immoo ijoollee isaa caalchisuu waan beekuuf gara caalu akka isaan
beekamtii guddaa argataniif
➢ Beekumsa caaffatootaa
➢ Ogummaa fi hubannaa hundumaa kenneef,
addumaan immoo Daani’eel kennaa mul’ataa fi abjuu hiikuu argate 1:17
Haaluma Kanaan turtii isaanii wagga sadii fixanii Fuula mootii duratti dhiyeeffaman
. Dubbii hubannaa fi ogummaatiin yemmuu mootiin isaan madaalu warri waan
isaan xureessu irraa of qusatan kun:
➢ warra isaanii wajjin jiru warra nyaataa fi dhugaatii isaan xureessu nyaataa
turan sana hundumaa
➢ Guutummaa Biyyichaa keessa warra Jirra ofiin jedha
➢ Warra Ayyaana Hedan
➢ Beekaa Warra Ofiin jedhan harka kudhaniin caalanii hojiidhaaf filataman.
1:20
Ejjennoo fi murannoo guddaadhaan yemmuu waan si xureessu, waan Waaqayyoon
arrabsiisu irraa fagaattu beekaa taatee warra garaan isaan ajjeeseen akka
wal’aalaatti ilaalamta, si nama olkaafamuu qabutu, nama dura deemuu qabutu
harka warra si gajjallaa jiraniin gadi qabamta. Eeyyeen ati yemmus guddina
ariifachiisaa irra jirta tole jedhii fudhu. Hin falmiin dhugaatu siif falmaa, jira hin
jedhin kan naaf jirutu jira an isaafan jiraadha jedhi malee. Aameen jedhama.
1. Qorumsa Daani’ileen ol kaasee fi Boolatti isa darbachiise.
➢ Obboleessakoo, obboleettii koo qorumsi ati keessa jirtu akka ol si kaasaa jiru
beektaa? Maaliif beekta ati nama Jireenya kee hunduamaa Waaqayyo irratti
gatee/ttee jirtuudhakaa. Calalamuu qabda, cuunfamuu qabda,
dhimbiibamuu qabdaaf akkas sitti cimaa jira. jabaadha garuu atis amantii kee
qori Kutannoo guddaadhaan jireenya kee Waaqayyorratti gatii dhiisi.
➢ Yeroo tokko tokko mul’ata keetiif namni si jibba, eeyyeen jibbami boodan
jaalatamta, jibbamuu booda jaallatmuutu jira.
1.1. Abjuu Mootiitti dhufe. 2:1
➢ Beektota osoo hin beekin beekaman
➢ Jiroo du’oo warra ta’an
➢ Rarra ayyaana hedan tu Daanii fuuldura nam’ee jira.
Bara inni Waaqayyo irratti of gatee mul’achuuf deemu haala kanan dura ta’ee hin
beeknetu ta’a, sobni iddoodhaa baqachuu eegala.
Mootichi akkas jedhe
✓ “abjuu koo fi hiikasaa yoo natti himuu dadhabdan harkaa fi miilla keesantu
isinirraa cirama, manni keessan tuullaa kosii ta’a” jedhe.
✓ Yoo natti himtan immoo “ kennaa gonfaa, ulfinas na biraa ni argattu" ittiin
jedhe 2:6-7
Kun abdeemsa olkaafamuu daani’elii fi iddoo gadi dhiisuoo warra akka
maleeti.

Ulfinni fi gonfoon, hiriyoota isaa warra sadan gara hojii mootummaatti fiduuf
fi ofii isaas bulchiinsa biyyaa ta’uun sun Daani’eeliif → Badhaasa
xuraa’ummaa waaqayyoon Xureessu irraa fagaachuuti isaati. 2:24-49 argattu
Jireenya keessatti tokko qoramta yoo darbite badhaasa qorumsa keen wal gitu ni
argatta.
a. Nyaata isaan xureessutu dhiyaateef ni didan
• Bifaanis warra nyaata nama xureessuu nyaatan caalan.
• Beekumsa macaafaa, hubannaa fi ogummaatti guddatan, kennaa
addaa argatan
• Beektotaa, ayyana hedoota mara harka kudhaniin caalan
• Rakkoo mootii raasee, sobdoota balleessuu, Ulfina Waaqayyoo
mul’isuuf sabab ta’an
b. Waaqa Tolfamaaf akka sagadan afferaman ni didan.
• Ijoolleen sadan Abiddatti darbatamii oolfaman…. Ulfina Waaqayyootu
Mul’ate Dan 3
• Daani’eel Boolla leencaatti Darbatame ni oole…. Ulfina Waaqayyootu
Mul’ate Dan 6:16
Amma dubbiin jiru Boollichi inni Daaniin Itti darbatames, Leencotni sunis, Warri
darbatan sunis tokkuma murteessaan isa darbatameedha.
✓ Daani’eel Guutummaa jireenya isaa xuraa’ummaa Waaqayyoon xureessuu
irraa of eegee Waaqayyoof qofa jiraate sababa jiraachuusaa sirriitti hubate
jechuudha. Inni si jiraachisaa jiru Waaqayyo isa oolchuuu danda’u ta’uu isaa
beektee jennaan balaan ati jaalaa hin oolle tokkoyyuu hin jiraatu.
✓ Daani’eel inni isaa wajjin jiru oolchaa ta’uusaa waan hubateef isaaf waan
jiraatuuf yeroo itti garaa isaaf jiraatu hin qabu. Garaan dhugaa nama
dagachiisti, Waaqayyoof osoo hin taane akka ofii isheef jiraattu si gooti.
✓ Hammiinyi warra garaaf jiraatanii, sababa Daani’eel Waaqayyoon amanatee
isaan caaleef Boolla Leencotni keessa jiraatanitti isaan darbachiiste, Ta’us
Waaqayyo isa oolche. Inni si oolchu yoomiyyuu si wajjin jira atis akka inni si
oolchuu danda’utti isaaf jiraadhu malee.
✓ Boollichuma Daani’eel keessa buletti, Leecotuma sanatu deebisee warra
darabate nyaate.
Kanaaf har’a jireenya keetiin akkamitti Waaqayyoof jiraachaa jirta? Yoo jiraachise
si haa jiraachisu yoo dhiises dhimma isaatii ati Waaqayyoof jiraadhu
Jireenya keetiin Waaqayyo Ulfina Argachuu qaba
Hojii keetiin Waaqayyo Ulfina Argachuu qaba.
Amma lafa ati jirtutti isaaf jiraadhu
Dhukkubni, raafamni jabaan yoo addunyaatti dhufe sittis ni dhufa ni raafamta
garuu hin kuftu, ni qoramta garuu badduu hin baatu, ni lolamta garuu ni moota.
Aamen jedhama.
Guduunfaa
Qormaatni Qoraasuma . Si urgeessa --- qorumsa amma nu mudate kana keessatti
Warra Waaqayyoon hin beekne biratti urgaa’aa jirraa? Gaaffii of gaafaachuu
qabnuudha.
Galatoomaa Waaqayyo isin haa eebbisu
Gaaffii kamiif Qophaa’aadha
Wandimmuu Mul’aa Dhinsaa
WWW Addunyaalessa Burqaa Rihooboot

You might also like