You are on page 1of 103

ABBAA TAAYITAA MISOOMA

ALBUUDAA OROMIYAA

OGEESSOTA DHBA ATMAOf SEEROTA


ALBUUDAA FI HOJIMAATA IRRATTI
SAGANTAA HUBANNOO UUMUU

ONKOLOLEESSA, 2014
BAATUU
Baafata
• Seensa
• Kaayyoo
• Qabeenya Albuuda Oromiyaa
• Misooma Albuuda Oromiyaa
• Seerota Albuudaa
• Caaseffama ATMAO
• DHBA
– Garee Hayyama Albuudaa
Itti fufa….
– Garee Bulchiinsa Albuudaa
• Ragaalee Hojiiwwan Albuudaa
• Hanqinaalee fi Rakkoolee Jiran
• Kallattii Fuula Duraa
• Xumura
Seensa
• Albuudni
– Qabeenya uumamaan argamu;
– Misoomee faayidaa adda addaatiif kan
oolu,
– Adeemsa yeroo keessa kan dhumatuu fi
bakka bu’uu kan hin dandeenye (non-
renewable),
– Hoomishinni isaa uumama naannoo fi
hawwaasa naannoo sanaa irratti
dhiibbaa geessisuu kan danda’uu dha.
Itti fufa…
– Qabeenyi kun kan mootummaa fi kan
ummataa ti.
– Qabeenyi kun akaakuu adda addaa fi
facaatii adda addaa qaba.
– Qorannoo fi misoomni isaa ogummaa fi
maallaqa guddaa barbaada.
– Yoo seeraan hoogganame malee madda
jeequmsaa ta’uu danda’a.

Itti fufa…
Pirojeektotni Misooma Albuudaa Sadarkaa Adda Addaatti
Yeroo Isaan Fudhatan
Qorannoo fi Bu’a qabeessummaa albuudaa 5 – 15

Warshaa hoomisha albuudaa dhaabuu (Mine 1 – 2


construction/development period)
Hoomisha albuudaa 10 – 30

Hoomisha cufuu fi misoomsuu 1–2

Hordoffii gaggeessuu 5+
Itti fufa….
• Akka qabatamaa naannoo keenyaatti
albuudaaleen gosa adda addaa
facaatii adda addaatiin guutuu
naannichaa keessatti argamu.
• Qabeenya albuuda naannichaa kana
qixa barbaadamuun beekuu fi
misooma irra akka oolu gochuuf
yaaliin adda addaa taasifamaa jiru.
Itti fufa….
• Qabeenya albuudaa kana bulchuuf
seerotni adda addaa sadarkaa
Federaalaa fi Naannootti bahanii
hojiirra oolaniiru.
• Kana malees, qaamni mootummaa
seekitara kana hoogganu seeraan
hundaa’ee (ATMAO) jira.
• ATMAO caasaa isaa hanga sadarkaa
Aanaatti diriirfatee hojii kana
gaggeessaa jira.
Itti fufa….
• Haaluma kanaan qaamoleen hedduun
hayyama hojiiwwan albuudaa
baafachuudhaan misooma albuudaa
gaggeessaa jiru.
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa
sadarkaa adda addaatti kennama.
– Sadarkaa Federaalaa fi
– Sadarkaa Naannootti.
• Hayyamoonni hojiiwwan albuudaa kan
Itti fufa…
• …kennaman adeemsa seeraan taa’e
keessa darbaniiti (ulaagaa
barbaachisu guutaniiti).
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa
kennamu adeemsa akkamii keessa
darbuu qaba?
• Qaamoleen hayyama hojiiwwan
albuudaa fudhatan seeran hojii
isaanii gaggeessuu isaanii hordoffii fi
Itti fufa…
• …to’annoon ni gaggeeffama.
• Hordoffii fi to’annoon gaggeeffamus
Waajjira keessattii fi dirree irratti.
• Hojii kana kan raawwatu DHBA
sadarkaan jiruu dha.
• Haa ta’u malee, hojiin kun sadarkaa
adda addaattii fi godinaa godinatti
garaagarummaa qaba.
• Kanaafuu, hojii bifa wal-fakkaatuun
Itti fufa…
• …hojjechuu fi bu’aa barbaadamu
galmeessisuuf sagantaan
leenjii/hubannoo uumuu kun
ogeessota DHBA sadarkaan jiraniif
qophaa’eera.
Itti fufa….
Kaayyoo
• Kaayyoon leenjii kanaa
– Ogeessotni DHBA ATMAO sadarkaa
Naannoo fi Godinaa jiran seerota
albuudaa fi hojimaata kennaa fi
bulchiinsa albuudaa irratti hubannoo
gahaa argatanii hojiiwwan albuudaa
karaa wal-fakkaatuu fi seera qabeessa
ta’een akka hogganan taasisuu dha.
Barbaachisummaa
• Seerota albuudaa irratti hubannoon
wal-fakkaatu sadarkaa hundatti waan
hin jirreef hubannoo wal-fakkaat
uumuuf;
• Erga ATMAO hundaa’ee dursitootni
garee fi ogeessotni Daayireekitoreetii
kanaa qaamaan wal-arganii waan hin
beekinneef wal-baruuf;
• Karoora hojii bara kana qabame
galmaan gahuuf kallattii walii kennuuf;
Qabeenya Albuuda Oromiyaa
• Oromiyaan qabeenya albuudaatiin
kan badhaate ta’uu,
 Qorannoowwan muraasa hanga har’aa
gaggeeffamanii fi
 Uumama dhakoota naannichaa irraa
hubachuun ni danda’ama.
• Uumamni dhakoota naannoo keenyaa
maal fakkaata (What is the rock
formation of Oromia)?
Itti fufa…
• Haaluma kanaan,
 Albuudaaleen kabajamoo fi gar-tokkee
kabajamoo (Miidhaginaa);
 Albuudaaleen sibiilaa
 Albuudaaleen induustrii fi
 Albuudaaleen ijaarsaa akka argaman
mirkanaa’eera.
• Albuudaaleen kunneen guutuu
Oromiyaa keessatti facaatii
(distribution) adda addaatiin argamu.
Itti fufa….
• Albuudaalee gosa kamitu Godina
keessan keessatti argama? Maaliif??
Misooma Qabeenya Albuudaa
• Qabeenyi albuudaa uumamaan argamu
kun misoomee faayidaa adda addaa irra
ooludhaan dinagdee biyyaa keessatti
shoora guddaa taphachuu qaba.
• Faayidaan misooma kanarraa argamu
maali?
• Kanaafuu,
– Calqaba qabeenyi albuudaa qoratamee
kuufamni isaa beekamee dinagdummaan
isaa mirkanaa’uu qaba.
Itti fufa…
 Dokumantiin bu’aa qorannoo qindaa’ee
qophaa’uu qaba.
 Dhaadhessi isaa ni gaggeeffama.
 Qaama misoomsuu barbaaduu fi ulaagaa
barbaachisu guuttatee dhiyaateef
hayyamni hoomisha albuudaa ni
kennama.
• Haaluma kanaan hayyamni hojiiwwan
albuudaa hedduun caasaa ATMAO sadarkaa
adda addaa irra jiruun kennameera.
Seerota albuudaa
• Labsiin ykn seerotni albuudaa maaliif
barbaachisan?
 Albuudni naannoo keenya keessatti
argamu qabeenya uumamaa ummataa fi
mootummaa naannichaa waan ta’eef
faayidaa ummataatiif akka oolu eegumsaa
fi kunuunsa gochuun waan barbaachiseef;
 Albuudni lafa irraa fi lafa keessatti argamu
qabeenya uumamaa dhumataa deebi’ee
bakka hin bu’amne waan ta’eef
Itti fufa…
 …faayidaa ummataa, diinagdee
naannichaatii fi biyyaatiif ittifufiinsaan
ooluun isaa mootummaan mirkanaa’uu
waan qabuuf;
 Sirni hojii oomishaa fi geejjiba albuudaa
seera qabeessa ta’e akka jiraatu taasisuu fi
daldala seeraan alaa to’achuun naannichi
qabeenya kanarraa bu’aa barbaachisaa ta’e
akka argatuuf bulchiinsa hojiiwwan
albuudaa seeraan deeggaruun
barbaachisaa ta’ee waan argameefii dha.
Itti fufa…
• Misooma qabeenya albuudaa
hoogganuuf Mootummaan yeroo adda
addaa seerota hojiiwwan albuudaa
baasudhaan hojiirra oolcheera. Isaanis:
 Labsii misooma albuudaa itti fufiinsa qabu
fiduuf bahe, Lakk. 678/2002 (Labsii Lakk.
816/2006 fooyya’e),
 Labsii misooma qabeenya albuuda
Oromiyaa Lakk. 223/2 012 (Lakk.Labsii
237/2013 fooyya’e),
Itti fufa…
 Labsii bittaa fi gurgurtaa albuudaa Lakk.
1144/2011 (Transaction of minerals),
 Labsii galii gibiraa albuudaa fooyya’e,
Lakk.802/2013
 Labsii kiraa lafa albuuda Oromiyaa, Lakk.
131/1999
 Dambii hojiiwwan albuudaa, Lakk.
423/2010
 Qajeelfama hojiiwwan albuudaa, Lakk.
01/2011
Itti fufa….
 Qajeelfama hayyama hoomisha albuudaa
addaa sadarkaa xinnaa, Lakk.01/2007
dha.
• Seerotni kun karaa Federaalaa fi
Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan
bahanii dha.
• Seerotni kun barbaachisummaa
hayyamaa, akaakuu hayyamaa, turtii
hayyamaa, galii funaanamu kkf
ammata.
Barbaachisummaa Hayyamaa
• Namni kamiyyuu hayyama albuudaa
seera qabeessa ta’e osoo hin qabaatiin
hojii misooma albuudaa kanneen akka
albuuda qorachuu, oomishuu,
gurguruu, qabatanii argamuu fi
geejjibuu hojjechuu hin danda’u (Lab.
Lakk.223/12, Keewwata 8(1)).
• Hojii albuudaa kam-iyyuu hojjechuuf
hayyama qabaachuun dirqama.
Itti fufa….
• Haa ta’u malee,
 Namni seeraan abbaa qabiyyee lafaa ta’e
albuudaalee ijaarsaa lafa qabiyyee isaa
jala jiru irratti hayyama osoo hin
barbaachisin kaayyoo daldalaatiif kan hin
oolle oomishee dhuunfaan fayyadamuu ni
danda’a.
 Qaamni bu’uuraalee misoomaa hojjetu
yookiin pirojektii mootummaan
gaggeeffaman baajanni hin ramadamne
Itti fufa…
 …yookiin gatiin albuudaa waliigaltee ijaarsaa
keessatti hin hammatamne yoo ta’e, Abbaa
Taayitichaa dursanii hayyamsiisuun
albuudaalee ijaarsaa kaffaltii malee oomishee
ittifayyadamuu ni danda’u.
 Albuudni dhimma kanaaf oomishamee
hojiirraa hafe mootummaaf galii ta’uu qaba.
 Baay’inni albuudaa dhimma kanaaf hojiirra
oolee fi galiin mootummaan sababa kanaan
dhiise/dhabe shallagamee gabaafamuu qaba.
Itti fufa…
• Hafteen oomisha albuudaa hafuu qabu
hanga albuuda ijaarsichaaf Abbaa
Taayitichaatiin hayyamameef keessaa
%1 caaluu hin qabu.
• Albuudni ijaarsaa oomishamee lafatti
hafe %1 ol yoo ta’e, Abbaan
Taayitichaa haftee albuudaa kana
caalbaasiin gurguruun mootummaaf
galii akka ta’u ni taasisa.
Gosoota Hayyamaa
• Hayyamni hojiiwwan albuudaaf kennamu;
 Hayyama qorannoo albuudaa;
 Hayyama qabatanii turuu; fi
 Hayyama hoomisha hojii albuudaa ti.
• Hayyamni hoomisha albuudaa
 Hayyama hoomisha sadarkaa guddaa
 Hayyama hoomisha sadarkaa xiqqaa
 Hayyama hoomisha sadarkaa xiqqaa addaa
 Hayyama karaa aadaan albuuda hoomishuuti.
Iddoo Hayyamni Itti Kennamu
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa
sadarkaa Federaalaa fi Naannootti
kennama.
• Akka qabatamaa Naannoo keenyaatti
hayyamni hojiiwwan albuudaa;
– Sadarkaa Naannootti ATMAO tiinii fi
– Sadarkaa Godinaatti WMAGodinaatiin
kennama.
• Hayyamni sadarkaa Naannootti
kennamu,
Itti fufa…
– Hayyama qorannoo albuudaa;
– Hayyama hoomisha albuuda ijaarsaa
sadarkaa guddaa;
– Hayyama hoomisha albuuda induustrii
sadarkaa xiqqaa;
– Hayyama hoomisha albuuda kabajamoo
sadarkaa xiqqaa addaa;
– Sartafikeeta argannoo albuudaa;
– Sartafikeeta gahuumsa dandeettii
dhiyeessii albuudaa fi
Itti fufa…
– Sartafikeeta gahuumsa dandeettii buufata
boba’aa ti.
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa
sadarkaa Godinaatti kennamu;
– Hayyama hoomisha albuuda ijaarsaa
sadarkaa xiqqaa;
– Hayyama hoomisha albuudaa karaa
aadaan gaggeeffamuu fi
– Sartafikeeta gahuumsa dandeettii
dhiyeessii albuudaa ti.
Itti fufa…
– Hayyama oomisha albuuda ijaarsaa
waldaalee intarpiraayizii maayikiroo
xixiqqaadhaan gurmaa’aniif daangaa
magaalotaa caasaa albuudaa qaban
keessatti argamaniif hayyama kan
kennuu fi bulchu Deeskii albuudaa
magaalaa ta’ee, bakka Deeskiin Albuudaa
Magaalaa hin jiretti Waajjira Misooma
Albuudaa Godinaa ta’a.
Itti fufa…
• Hayyamni albuudaa naannoo keenya
keessatti kan kennamu, haaromfamu,
haqamu yookiin addaan kutamu Abbaa
Taayitichaatiin qofa.
• Abbaa Taayitichaatiin alatti qaamni
kamiyyuu hayyama albuudaa kennuu,
haaromsuu, haquu yookiin addaan
kutuun dhorkaadha. (Labsii albuudaa
lakk.223/12, keewwata 17(1fi2)).
Itti fufa…
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa hundi
turtii yeroo gara garaa qabu.
• Hayyamni hojiiwwan albuudaa yeroo
turtii hangamiif kennamu????
Itti fufa…
Lakk Akaakuu Hayyamaa Yeroo Yeroo Hangamiif Akka
Turtii Haaromfamu
1 Hayyama Qorannoo 3 Waggaa tokko tokkoof
yeroo sadi
2 Hayyama Qabatanii turuu 3 Waggaa tokko tokkoof
yeroo lama
3 Hayyama Hoomisha Aadaa 2 Hin haaromfamu

4 Hayyama Hoomishaa Addaa Sadarkaa 5 Turtii waggaa sadi hin


Xinnaa caalleef al tokko
5 Hayyama Hoomisha Sadarkaa Xinnaa 5 Waggaa shaniif bara
baraan

6 Hayyama Hoomisha Sadarkaa Guddaa 10 Waggaa kudhaniif


waggaa shan shaniin
Itti fufa…
• Hayyamni addaa sadarkaa xinnaa
eenyuuf kennama?
• Albuudota mala aadaatiin oomishaman
irratti hayyamni kan kennamu abbaa
qabiyyee lafaa maatii isaa waliin qabiyyee
isaa irratti gurmaa’eef yookiin waldaa
interpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaan
gurmaa’aniif ta’a. (What is the problem
you encountered here?)
Itti fufa….
• Hayyamni albuuda mala aadaan
oomishamu waliigalteen kan murtaa’u
ta’ee, waggaa 2 (lama) caaluu hin
danda’u.
• Hayyamni albuuda mala aadaan
oomishuu haaromfamuu hin danda’u.
• Waggaa lamaan booda lafti qabiyyee
dhuunfaa turee fi hayyamni hin
haaromfaminne kun qabiyyee eenyuu
ta’a?
Daangaa Hayyamaa
• Hayyamni hoomisha albuudaa kam-iyyuu
daangaa dhaabbii ifa ta’ee fi qaamni
kamuu arguu danda’u qabaachuu qaba.
• Abbaan hayyamaa oomisha albuudaa
iddoo hayyamaa kaartaadhaan
daangeffamee kennameef qaamni
kamiyyuu haala arguu danda’uun
daangaa lafa hayyamaa irratti mallattoo
dhaabbii ta’e dhaabuu qaba.
Itti fufa….
• Mallattoowwan dhaabaman dhakaa
soofamaa yookiin sibiilaa ta’anii
furdinni isaanii seentiimeetira 25 ta’ee
lafarraa meetira tokko ol ka’uu qaba.
• Mallattoowwan dhaabaman irratti
maqaan abbaa hayyamaa fi lakkoofsi
hayyamichaa haala mul’achuu
danda’uun barreeffamuu qaba.
Itti fufa….
• Yeroo jijjiiramni iddoo hayyamaa irratti
taasifamu mallattoowwan daangaas
waliin fooyya’aanii dhaabamuu qabu.
• Godina keessan keessatti daangaan
hayyama hoomisha albuudaa haala
seera irra jiru kanaan dhaabbataa
jiraa? Maaliif?????Faayidaan daangaa
dhaabbii ta’e kana daangaa hayyamaa
irra dhaabuu maal’inni?
Hayyama Dabarsuu
• Abbaan hayyamaa, hayyama
qabatanii turuu fi karaa aadaan
albuuda hoomishuun ala hayyama
hojii albuudaa qabu Abbaa
Taayitichaa dursa beeksisuun qaama
sadaffaatiif dabarsuu ni danda’a.
• Abbaan hayyamaa osoo hojiitti hin
galin hayyama isaa dabarsuu hin
danda’u. Maal jechuudha????
Itti fufa….
• Abbaan hayyamaa hayyama hoomisha
albuuda aadaa yookiin hayyama
hoomisha albuuda sadarkaa xiqqaa
addaa dhaaltummaan yoo ta’e malee
nama biraaf dabarsuu hin danda’u.
• Abbaan Taayitaa Hayyama kennu osoo
hin beekin hayyama hojiiwwan
albuudaa qaama biraaf dabarsuun
dhoorkaa dha.
Lafa Hayyama Babal’isuu
• Lafa hayyama hoomishaa babal’isuu
jechuun maal jechuudha?
• Babal’ifannaan maalii fi yoom
barbaachisu?
• Qaamni tokko hayyama hoomisha
albuudaa seeraan fudhatee hojii isaa
karaa seera qabeessa ta’een gaggeessaa
osoo jiruu lafa hayyamaa keessaa
albuudichi yoo dhumatee fi
Itti fufa….
• …daangaa lafa hayyama isaa biratti
lafti kuufama albuudaa gahaa qabu
jiraachuun yoo mirkanaa’ee hayyama
babal’ifannaa gaafachuu ni danda’a.
• Abbaan Taayitaa Hayyama Kennu
karaa seera qabeessa ta’een osoo hin
hayyamni lafa daangaa hayyama isaa
ala jiru irraa hoomisha albuudaa
gaggeessuu hin danda’u.
Wal-irra Bu’iinsa Hayyamaa
• Abbaan Taayitichaa bakka lafa
hayyama tokkotti hayyamoota gosa
albuudaalee adda addaa kennuu ni
danda’a.
• Abbaan Taayitichaa hayyamni
boodarra kennamu dhiibbaa hojii
hayyama duraa irratti qabaatu
gamaaggamuun abbaa hayyamaa
duraatiif beeksisuu qaba.
Itti fufa…
• Gaaffiin hayyamaa dhiyaate gosa
albuudaalee uumaman gara garaa
ta’aan yookiin hayyama qorannoo fi
oomisha albuudaa irratti ta’uun yoo
mirkanaa’e;
• Hoomishini gosa albuuda tokkoo
yookiin hojiin qorannoo gaggeeffamu
hoomisha irratti dhiibbaa kan hin
geessisine yoo ta’e; Abbaa hayyamaa
Itti fufa…
• …. jalqaba hayyama fudhate
dhimmicha irratti yoo mariisifamee fi
hayyamni boodarra kennamu hojii
isaarratti dhiibbaa kan hin geessisne
ta’uu yoo hubachiifame qaamni
bodarra gaaffii hayyamaa dhiyeesse
ulaagaa barbaachisu guutee hayyama
argachuu ni danda’a.
Itti fufa….
• Hayyamni hoomisha albuudaa
sadarkaa gara garaa iddoo tokkotti
yeroo tokko yoo gaafatame dursa
kamiif kennama?
• Hayyamni qorannoo albuudaa fi
hoomisha albuudaa iddoo tokkotti
yeroo tokko yoo gaafatame dursa
kamiif kennama?
Hayyama Haaromsuu
• Qaamni hayyama hojiiwwan albuudaa
fudhate kam-iyyuu yeroo turtiin
hayyamaa dhumatu hayyamni hojii
albuudaa akka haaromfamuuf
gaafachuu ni danda’a.
• Hayyamni haaromsaaf gaafatamu
hundi haaromfamuu ni danda’aa? Yoo
hin danda’amu ta’e maaliif????
Rikoordii fi Gabaasa
• Abbaan hayyamaa kamiyyuu
odeeffannoo fi ragaawwan
barbaachisoo ta’an qindeeffachuun
Abbaa Taayitaaf gabaasa dhiyeessuu
qaba.
– Gabaasa kurmaana kurmaanaan
– Ragaa kam-iyyuu Abbaa Taayitaa
Hayyama kennuun gaafatamu hunda
kennuuf dirqama qaba.
To’annoo fi Sakatta’iinsa
1. Abbaan Taayitaa yookiin caasaaleen
isaa sadarkaan jiran to’attoota
albuudaa ramaduun hojiiwwan
misooma albuudaa to’achuu fi
sakatta’uu ni danda’u.
2. To’ataan hojiiwwan misooma
albuudaa akka to’atuuf Abbaa
Taayitaadhaan ramadame kamiyyuu
sa’aatii hojiitti daangaa hayyama
Itti fufa…
• …albuudaa keessa seenuun tooftaalee
armaan gadiitiiin to’annoo fi
sakatta’iinsa taasisuu ni danda’a:
(a)Sochii hojii gaggeeffamu hunda to’achuu;
(b)Galmee kamiyyuu, riikoordii, ibsa yookiin
harshammeewwan qorachuu fi kutaa
waraabbii harshamichaa qorannoof
fudhachuu;
(c) Meeshaalee fi dhiyeessa bakka hojii jiran
qorachuu;
Itti fufa….
(d) Saamudoota albuudaa kamiyyuu
fudhachuu, sakatta’uu, qorachuu,
tarreessuu fi gosa gosaan adda baasuu; fi
(e) Deeggarsa hojiiwwan to’annoo
raawwachuuf barbaachisan argachuu ni
danda’a.
• To’ataan Abbaa Taayitichaatiin
ramadame kamiyyuu sa’aatii hojiitti
yookiin haala addaatiin sa’aatii
Itti fufa….
• …hojiitiin alatti daangaa
hayyamaatiin alatti to’annoo fi
sakatta’insa gaggeessuun ni danda’a.
• Bu’aa hojii sakatta’iinsaa Abbaa
Taayitaa Hayyama Kennuuf
dhiyeessudhaan tarkaaffiin
sirreeffamaa akka fudhatamu ni
taasisa.
Dirqama To’ataa
• To’ataan qorannoo akka gaggeessu yeroo
ajajamu xalayaa Abbaa Taayitichaatiin
kennameef qabatee hojjetaa abbaa
hayyamaa seera qabeessa ta’eef
agarsiisuu;
• Hojii isaa ittigaafatamummaa cimaa fi
loogii malee raawwachuu;
• Hojiirra oolmaa Labsii, Dambii fi
Qajeelfama hojii albuudaa fi dirqamoota
kanaan walqabatanii jiran hordofuu;
Itti fufa….
• Waraqaa eenyummaa fi mallattoo
to’annoo albuudaa Abbaa
Taayitaadhaan kennameef qabachuu fi
yeroo gaafataman qaama dhimmi
ilaaluuf agarsiisuu;
• Bakka hojii hoomisha albuudaa yookiin
kuufama albuudaa dhaabbata
kamiyyuu yeroo seenan abbaa
hayyamaa yookiin hojii gaggeessaa
Itti fufa…
• …dhaabbatichaa yookiin bakka bu’aa
isaa beeksisuu qabu.
• Yeroo ammaa Godina keessan keessatti
hojiin to’annoo hoomisha albuudaa
haala kanaan to’atamaa jiraa?
• Qaamni mootummaa biroo Aangoo
Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa
keessa galee to’achaa jiraa???
Waa’ee Beenyaa fi Eegumsa
Naannoo
• Abbaan Taayitichaa qabeenya hin
sochoone kamiyyuu abbaa qabeenyaa
seera qabeessa ta’eef beenyaa
madaalawaa ta’e seera rogummaa
qabuun murtaa’u dursee akka
kaffalamu taasisuun lafa albuudaa
fudhachuu ni danda’a.
• Abbaan hayyamaa kamiyyuu hojii
albuudaa gaggeessuuf lafti akka isaa
Itti fufa….
• …gadi lakkifamuuf kan gaafatu yoo
ta’e, kaffaltiin beenyaa seera
rogummaa qabuun murtaa’ee lafti
gaafate gadilakkifamaafi.
• Abbaan qabiyyee lafaa qabiyyeen isaa
misooma albuudaatiif abbaa
qabeenyaatiin kan irraa fudhatamu yoo
ta’e, misooma gaggeeffamu keessatti
sheerii qabaachuu ni danda’a.
Itti fufa…
• Sheerii qabaachuuf fedhii qabaatee
abbaan qabeenyichaa kana gochuudhaaf
haalli dandeessisu yoo jiraachuu baate,
abbaan qabeenyichaa furmaata diinagdee
biroo kaafamtoota pirojekticha irraa
fayyadamaa taasisu uumuu qaba.
• Abbaan qabiyyee lafaa humna oomishuu
yoo qabaate mirga dursa oomishuu ni
qabaata.
Eegumsa Naannoo
• Nama hayyama oomisha albuuda aadaa fi
qabatanii turuu gaafatuun alatti iyyataan
hayyamni albuudaa akka kennamuuf
gaafatu kamiyyuu ragaa qorannoo
sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo fi
hawaasaa qaama aangoon kennameefiin
mirkanaa’e dhiyeessuu qaba.
• Abbaan hayyama aadaa boolla qotame
deebisee duuchuu fi muka murame bakka
buusuu qaba.
Itti fufa…
• Nama hayyama hoomisha albuuda
aadaa fi qabatanii turuu qabuun alatti
abbaan hayyamaa kamiyyuu baasii
fandii dhiibbaa naannoo fi hawaasaa
irra gahu deebisanii misoomsuuf
barbaachisu hunda ramaduu qaba.
• Abbaan hayyamaa akkaataa Abbaan
Taayitichaa ajajuun maallaqa fandii
deebisanii misoomsuu murtaa’u
Itti fufa…
• … Lakkoofsa Herreega Baankii cufaa
saaqamutti waggaa waggaan ji’a
jalqaba waggaatti galchuu qaba.
• Abbaan hayyama oomisha albuudaa
kamiyyuu haala seera qabeessaan
daangaa hayyamaa fi walta’iinsaan kan
murtaa’un jiraattoota hawaasa
naannoo sana jiraataniif karoora
misooma hawaasummaa irratti
Itti fufa….
• … hirmaachuun misooma kanaaf baasii
maallaqa barbaachisu ramaduu qaba.
• Abbaan hayyamaa akkaataa gosa
albuudaa hayyama irratti fudhate,yeroo
qophii hoomishaa gochaa jiruu fi
hoomisha eegale kaffaltiin fandii
misooma hawwaasaa kaffalamu baajata
hojii raawwachiiftuu ykn bu’aa
qulqulluu keessaa dhibentaadhaani.
Itti fufa….
• Fandiin deebisanii misoomsuu akkaataa
dokumantii sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo
(EIA)dhiyaateen kan murtaa’u ta’a.
• Lafti albuudni keessaa hoomishamee
xumurame akkaataa faayidaa biraa kennuu
danda’uun deebi’ee misoomuu qaba.
• Godina keessan keessatti lafti albuudni
keessaa hoomishame haala kamiin
misoomaa jira?
Galii Misooma Albuudaa
• Rooyaalitii
– Gatii gurgurtaa waliigalaa keessaa
dhibentaadhaan shallagamee kan
kaffalamuu dha.
– Royaalitiin kaffalamu gosa albuudaatiin
dhibentaa gara garaa qaba.
– Kaffaltiin kun akka barbaachisummaa
isaatti ji’aan ykn kurmaanaan
kaffalamuu ni danda’a.
Itti fufa….
Lakk Gosa Albuudaa Royaalitii
(%)
1 Albuudaalee kabajamoo (Precious minerals) 7

2 Albuudaalee gar-tokkee kabajamoo (Semi- 6


precious minerals)
3 Albuudaalee Sibiilaa (Metallic minerals 5

4 Albuudaalee Induustrii (Industrial minerals) 4


5 Albuudaalee ijaarsaa (Construction 3
minerals/materials
Itti fufa…
• Galii Gibiraa
– Abbaan hayyama hoomisha albuudaa
sadarkaa guddaa, xiqqaa fi xiqqaa addaa
akkaataa Labsii Gibira Galii Mootummaa
Naannoo Oromiyaatiin galii hojii
albuudaa irraa argatu irraa gibira
mootummaa naannichaaf kaffaluu qaba.
– Galii gama kanaan funaanamu meeqa
keessanitu funaanee galii gabaafamu
keessatti ammachiisa?
Itti fufa…
• Kaffaltii Hayyamaa
– Qaamni hayyama hojiiwwan albuudaa
haaraa fudhatu, haaromsuu fi tajaajila
adda addaa Abbaa Taayitaa Misooma
Albuudaa ykn caasaa isaa sadarkaan
jiru irraa argatu kaffaltii ni kaffala.
– Abbaan Taayitaa Hayyama kennu galii
kan maddisiisu yoo ta’u, Abbaan
Taayitaa Galiiwwanii ni funaana.
Itti fufa…
• Kiraa Lafa albuudaa
– Abbaan hayyamaa kamiyyuu bakka hayyama
isaarratti waggaa waggaadhaan kiraa lafaa
dursee mootummaaf kaffaluu qaba.
– Kiraan lafa albuudaa akkaataa Labsii
lakk.131/1999 baheen kan raawwatamu
ta’a.
• Aksiyoona Mootummaan Qabamu
– Mootummaan hayyama hoomisha albuudaa
Itti fufa…
– …karaa aadaan gaggeeffamu osoo hin
dabalatin kaffaltii malee akisiyoona (share)
bilisaa ni qabaata.
– Akisiyoonni kunis bu’aa argamu keessaa
%5.
– Kaffaltiin isaa dhuma waggaa irratti kan
raawwatamu ta’a.
– Kaffaltiin kun hanga har’aa funaanamaa
hin turre.
– Bara kana irraa eegalee ni funaanama.
Itti fufa…
• Qaraxa Irraa Bilisa Ta’uu
– Abbaan hayyamaa hojiiwwan misooma
albuudaa raawwachuuf jalqaba hojichaa
irratti meeshaalee barbaachisoo ta’an hojii
hoomisha albuudaatiif meeshaalee
qorannoo bu’aa qabeessumma
pirojeektichaa (project feasibility study)
keessatti kaa’aman qofa qaraxa irraa
bilisaan akka galaniif yoo barbaade Abbaan
Taayitichaa xalayaa deeggarsaa kennuufii
ni danda’a.
Itti fufa…
– Abbaan Taayitichaa meeshaaleen haala
kanaan alaa gara biyya keessatti galan
tajaajila hojii albuudaatiif qofa ooluu
isaanii ni hordofa; hanqinaalee jiran
qaama ilaallatu ni beeksisa.
Addaan Citiinsa Hayyamaa
1. Hayyamni kan addaan citu:
(a) Abbaan hayyamaa bakka hayyama isaa
guutumatti yeroo gadi lakkisu;
(b) Hayyamichi Abbaa Taayitaan yeroo
haqamu;
(c) (c) Hayyamni osoo hin haaromfamiin yeroo
hafu; yookiin
(d) Mirgi dhaaltotaa akkuma eegametti ta’ee,
abbaan hayyamaa yoo du’e yookiin abbaan
hayyamaa dhaabbata daldalaa
Itti fufa….
– ... yoo ta’e yeroo diigamu yookiin abbaan
hayyamaa haala seera qabeessa ta’een
murtiin kasaaruu yeroo itti kennamu.
2) Mirgi hayyama albuudaa yoo addaan cite
abbaan hayyamaa qabiyyee lafaa misooma
albuudaatiif fudhate mootummaaf
deebisuu qaba.
•Namoonni tokko tokko yeroo hayyamni
haqamu lafichi kiyya jedhanii maaliif
gaafatu?
Itti fufa…
• Erga waliigaltichi addaan cite irraa
eegalee yeroo ji’a 3 (sadii) hin caalle
keessatti abbaan hayyamaa qabeenya
isaa kaasuun qabiyyicha gadidhiisuuf
dirqama qaba.
• Abbaan hayyamaa qabeenya isaa yeroo
kaawwame keessatti yoo kaasuu baate
qabeenyichi mootummaan kan
dhaalamu ta’a.
Cufamuu Hojii Albuudaa
Abbaan hayyamaa hojiin oomisha
albuudaa haala armaan gadiitiin yoo
cufame waraqaan ragaa akka
kennamuuf Abbaa Taayitichaa
gaafachuu ni danda’a:
(a) Hayyamni yoo haqame;
(b) Hojiin albuudaa yoo addaan cite;
(c) Bakka hayyama isaa guutumattii yookiin
gartokkeen yoo gadi lakkise;
(d) Mirga hayyama isaa yoo dhiise.
Itti fufa…
• Abbaan hayyamaa gaaffii isaa
guyyoota 90 ykn ji’oota sadi keessatti
Abbaa Taayitaa Hayyama kennutti
dhiyeessuu qaba.
• Abbaan hayyamaa gama hundaan
dirqama irraa eegamu bahuun osoo
hin mirkanaa’in waraqaan ragaa
cufamuu hojii albuudaa hin kennamu.
Waldhabdeewwan Hiikuu
• Hojiiwwan misooma albuudaa
gaggeeffaman keessatti waldhabbii
waliigaltee irraa madde, ulaagaalee
waliigaltichaa cabsuun yookiin sababa
addaan citiinsaan yookiin sababoota
dhimma kanaan walqabatee
waldhabiinsa Abbaa Taayitichaa fi abbaa
hayyamaa gidduutti uumaman yookiin
waldhabdeewwan abbootii hayyamaa
Itti fufa….
• …. gidduutti ka’u yookiin qaama
sadaffaa gidduutti uumamuu yoo
danda’e waltajjii mariitiin hiikamuu
qabu.
• Dhimmichi waltajjii mariitiin
hiikkachuu yoo hin dandeenye sirna
bu’uura waliigaltee keessatti taa’een
jaarsummaan ilaalamee murtaa’a.
Murtiin jaarsummaan kennamu
Itti fufa…
• …qaamolee waliigaltee seenan irratti
kan ragga’u ta’a.
• Murtii jaarsummaan kennamu irratti
qaamni komii qabu kamiyyuu komii
isaa Mana Murtii ilaallatutti
ol’iyyannoo isaa dhiyeeffachuu ni
danda’a.
Tarkaanfii Bulchiinsaa
• Abbaan Taayitichaa, haala ulfaatina
dhimmichaa fi miidhaa gahee irratti
bu’uureeffachuun nama kamiyyuu
irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu
ni danda’a.
– Akeekachiisa barreeffamaa kennuu;
– Hayyama dhorkuu (suspension);
– Hayyama haquu;
– Adabbii maallaqaa;
– Albuuda dhaaluu dha.
Itti fufa…
• Abbaan Taayitichaa adabbii
bulchiinsaa yeroo fudhatu, adabbii
fudhate kamiyyuu nama tarkaanfiin
irratti fudhatameef barreeffamaan
beeksisuu qaba.
• Hayyama Haquu:
– Hojii albuudaa dagannoo guddaadhaan
yookiin ta’e jedhee karaa seera qabeessa
hin taaneen yoo gaggeesse;
Itti fufa…
– Waliigalteewwan bu’uuraa hayyamaa
yookiin dirqamoota jiran yoo cabse;
– Bu’uura sagantaa hojiitiin hojiiwwan
albuudaa hayyama itti fudhatee kan hin
gaggeessine yoo ta’e;
– Tumaalee sakatta’iinsa dhiibbaa
naannoo, sadarkaalee nageenyaa fi
fayyaa mirkanaa’ee jiru cabsee yoo
argame;
Itti fufa….
– Hojiin oomisha albuudichaa fayyummaa
yookiin nageenya nama kamiyyuu yookiin
uumama naannoo irratti miidhaa kan
geessisu yoo ta’e yookiin kuufama
albuudichaa balaa irra kan buusu yoo ta’e;
– Nagahee to’annoo gurgurtaa albuudaa
yookiin ragaa seera qabeessa ta’e Abbaa
Taayitichaatiin kennamu malee albuuda yoo
gurgure yookiin gara biyya alaatti yoo erge
yookiin albuuda yoo fe’ee yookiin qabatee yoo
socho’e;
Itti fufa…
– Ragaa sirrii hin taane yookiin dogoggora
qabu ta’e jedhee dhiyeessee yoo argame;
– Galmeewwanii fi riikardoota barbaachisoo
guutuu fi sirrii ta’an, haala yeroo agarsiisan
kan hin qabne, harshammeewwan biraa
yeroon dhiyeessuu baate yookiin
beeksisaawwan barbaachisaa yeroon kennuu
yoo hin dandeenye;
– Abbaa Taayitichaa osoo hin beeksisiin lafa
kireeffatanii hojii oomisha albuudaa yoo
gaggeesse;
Itti fufa….
– To’attoota haala seera qabeessaan gara
iddoo hojiiwwan albuudaa itti
gaggeeffaman akka hin galle, dhaabbata,
galmeewwan, rikordoota,
harshammeewwan biroo yookiin
meeshaalee akka hin ilaalle yoo taasise;
– Ajaja seera qabeessa ta’e Abbaa
Taayitaatiin kennamu raawwachuu yoo
didee dha.
Itti fufa….
• Adabbii Yakkaa:
– Abbaa Taayitichaa irraa hayyama hojii
albuudaa osoo hin argatin yookiin
hayyamni kenname erga haqameen booda
hojii misooma albuudaa kamiyyuu hojjetee
yoo argame adabbii hidhaa waggaa 5 (shan)
hin caallee fi adabbii maallaqaa Qarshii
100,000.00 (kuma dhibba tokko) hin
caalleen ni adabama;
– Kaffaltii mootummaa irraa barbaadamu
xumuree hanga kaffalutti albuudni kam
Itti fufa…
– …akka hin sochoone ajaja kenname yoo
kabajuu dide yookiin ajaja albuuda harka
isaa gahee akka hin sochoofne yookiin hin
gurgurre Abbaa Taayitichaa kennameef
cabsee albuuda sochoosee yookiin gurguree
yoo argame adabbii hidhaa waggaa 3 (sadii)
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa
hanga Qarshii 20,000.00 (kuma digdama)
gahuun yookiin haalli dhimmichaa ulfaataa
yoo ta’e lamaaniin ni adabama;
Itti fufa…
– Hojii misooma albuudaa keessatti ragaa sirrii
hin taane yookiin dogoggorsiisuu danda’u
dhiyeessee yoo argame adabbii hidhaa hanga
wagga 5 (shan) gahuun yookiin adabbii
maallaqaa hanga Qarshii 200,000.00 (kuma
dhibba lama) gahuun yookiin haalli
dhimmichaa ulfaataa yoo ta’e lamaaniin ni
adabama;
– Albuuda iddoo daangaa hayyamame yookiin
daangaa yeroo turmaata hayyamaatiin ala
darbee oomishee yoo argame adabbii
Itti fufa…
– …hidhaa waggaa 3 (sadii) hin caallee fi
adabbii maallaqaa Qarshii 30,000.00
(kuma soddoma) hin caalleen ni adabama;
– Oomishni hojii albuudaa fayyummaa
yookiin nageenya namaa fi uumama
naannoo irratti miidhaa geessisee yoo
argame, miidhaa dhaqqabsiiseef
ittigaafatamummaan hariiroo hawaasaa
akkuma eegameetti ta’ee, adabbii hidhaa
waggaa 5 (shan) hin caallee fi adabbii
Itti fufa….
– …maallaqaa Qarshii 100,000.00 (kuma
dhiibba tokko) gahuun ni adabama.
– Konkolaachisaanii fi namni albuuda
seeraan ala qabatanii socho’uu, fe’uu fi
geejjibsiisuu keessatti hirmaate
kamiyyuu, albuudni fe’ame qabamee
dhaalamuun mootummaaf galii ta’ee,
seera biraatiin caalmaatti kan adabsiisu
yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa 1
(tokkoo) gadi hin taanee fi waggaa 5
Itti fufa…
– …(shan) hin caalleen fi adabbii maallaqaa
hanga Qarshii 50,000.00 (kuma shantama)
gahuun ni adabama.
– Konkolaataan albuuda seeraan ala fe’ee
qabame, haala meeshaa dhoksuu
dandeessisuun kan hojjatame yoo ta’e
yookiin konkolaaticha irratti qaamni
meeshaa dhoksuuf dandeessisu kan
tolfame yoo ta’e yookiin abbaan
konkolaataa konkolaaticha irratti albuudni
Itti fufa…
– ….. seeraan alaa fe’amuu isaa osoo
beekuu akka hin fe’amne ittisuuf yookiin
dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e
fudhachuu yoo dhabe konkolaataan
qabame albuudicha waliin ni dhaalama.
Sartafikeeta Gahuumsa Dandeettii

• Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa ykn


caasaan isaa sadarkaan jiru sartafikeeta
gahuumsa dandeettii lama kennu.
– Sartafikeeta gahuumsa dandeettii dhiyeessii
albuudaa, fi
– Sartafikeeta gahuumsa dandeettii buufata
raabsa boba’aa ti.
• Hojiiwwan kana gaggeessuuf karaa
hundaanuu gahuumsa qabaachuu
qaamolee mirkaneessuu jechuu dha.
Itti fufa…
• Sartafikeetni gahuumsa dandeettii
dhiyeessii albuudaa sadarkaa Naannoo
fi godinaatti kennama.
• Sartafikeetni gahuumsa dandeettii
buufata raabsa boba’aa sadarkaa
Naannootti kennama.
• Qaamni hayyama hoomisha albuudaa
qabu hoomisha isaa iddoo barbaadetti
geessee gurgurachuu waan danda’uuf
Itti fufa…
• …sartafikeeta gahuumsa dandeettii
dhiyeessii albuudaa baafachuu hin qabu.
• Sookoo fi meetii baankii biyyoolessaatti,
• Albuudaalee miidhaginaa qaama
hayyama albuudaalee kanneen soofuu
qabuuf ykn hayyama al-erguu (export)
qabutti gurguruu,
• Albuudaalee induustrii fi ijaarsaa
fayyadamtootaaf,
Itti fufa….
• Qaamni kam-iyyuu albuudaalee
kanneen kuusee teessisuu hin qabu.
– Dhakaa miidhaginaa 60 days
– Sookoo fi meetii 30 days
• Sartafikeetiin gahuumsa dandeettii
kennamu gosa albuudaa tokko qofaaf.
• Waggaa waggaadhaan haaromfamuu
qaba.
Xumura
• Seerota albuudaa kana haalaan
hubachuudhaan hojiirra oolchuun
barbaachisaa dha.
• Kanaafuu, hubannoo har’a argattan kana
bu’uura godhachuun hojiiwwan albuudaa
gaggeessuu qabdu.
• Hojiiwwan albuudaa faalla seera kanaa
raawwatan kam-iyyuu seeraan nama
gaafachiisu.
Itti fufa…
• Hubannoo kana caasaa sadarkaa
Aanaa jiruufis uumudhaan misoomni
qabeenya albuudaa bifa wal-
fakkaatuu fi karaa seera qabeessa
ta’een akka gaggeeffamu taasisuu
qabdu.
HORAA BULAA!!!

You might also like