You are on page 1of 18

Biiroo Barnootaa Afaan Oromoo

Finfinneetti
Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa Sam.2ffaa
Kaayyoo Barannichaa

Dhuma barannoo kanaatti barattoonni;

☝Maalummaa qubguddeessaa ni himu.

☝ Warra qubguddeessaan barreefaman adda


baafatu.
Barannoo 11

Dhuma barannoo kanaatti barattoonni;

☝Maalummaa qubguddeessaa ni himu.

☝ Warra qubguddeessaan barreefaman adda


baafatu.
Maalummaa Qubguddeessaa

☝Qubee guddaafi xiqqaan barreeffama keessatti


walmakanii hin barreefaman.
Faayidaan Qubguddeessaa kanneen armaan
gadiiti.

1.Maqaan namaa qubguddeessaan jalqaba.


Fkn.Boonaa,Dabalaa,Ayyantuu,Lataa....
Maqaa Biyyaa

Maqaan biyyootaa qubee guddaan jalqabama.

Fkn. Sudaan
Itoophiyaa
Ameeriikaa
Chayinaa
Maqaa Magaalotaa

Fakkeenyaaf

Finfinnee
Adaamaa
Naqamtee
Asallaa
Maqaa Laggeenii

Maqaan laggeenii qubee guddaan barreeffama.

Fkn.
Laga Dhidheessaa
Laga Awaash
Hara Danbal
Hara Xaanaa
Maqaa Tulluuwwanii

Maqaan tulluuwwanii qubguddeessaan jalqaba.

Fkn. Gaara Gugee


Tulluu Diimtuu
Tulluu Cilaaloo
Tulluu Walal
Gaara Mullataa
Maqaa Ardiiwwanii

Maqaan ardiiwwanii qubguddeessaan jalqaba.

Fkn.
Afriikaa
Eeshiyaa
Awuurooppaa
Ameeriikaa
Maqaa Afaan Tokkoof
Kenname

Maqaan afaan tokkoof kennamequbguddeessaan jalqaba.

Fkn.
Afaan Oromoo
Afaan Ingilizii
Afaan Amaaraa
Kan Itti Fufe....

☝Qubeen jalqabaa hima haaraa qubee guddaa


ta'a.

☝Qulqullina dhuunfaa eeggachuun gaariidha.


Kan Itti Fufe...

Guyyootni torbanii,ji'onni waggaafi ayyaanonni


qubee guddaan jalqabu.
Fkn.
☝ Wixata,Kibxata,Roobii,Kamisa.....
☝ Fulbaana,Onkolooleessa,Mudde...
☝ Ayyaana Qilee,Iid Al Faxir...
Maqaa Dhaabbilee

Fkn.

Biiroo Barnoota Oromiyaa

Waldaa Qaxxaamura Diimaa


Gilgaala

Himoota armaan gadii qubguddeessa sirreessii


barreessi!

1.ijoolleen tulluu finfinnee jiraatu.


______________________________
2.daa'imman gargaaruun barbaachisaadha.
_______________________________
3. caalaan kolleejjii jimmaa barata.
_______________________________
Deebii

1.ijoolleen tulluu finfinnee jiraatu.


Ijoolleen Tulluu Finfinnee jiraatu.

2.daa'imman gargaaruun barbaachisaadha.


Daa'imman gargaaruun barbaachisaadha.

3. caalaan kolleejjii jimmaa barata.


Caalaan Kolleejjii Jimmaa barata.
Hojii Manaa

Himoota armaan gadii keessatti dogoggora


qubguddeessaa sirreessi!
1.looreeti gabbisaa ejjetaa seenaa gaarii qaba.

________________________________________,
2.caalaan kolleejjii qonnaa jimmaa seene.
________________________________________
Cuunfaa

Barnoota Keenya har'aa keessatti;


☝Maalummaa qubguddeessaa
☝ Maqaalee qubguddeessaan barreeffaman
Maqaa namootaa
Maqaa laggeenii
Maqaa biyyootaa
Maqaa magaalotaa
Maqaa dhaabbilee fi k.k.f.
Xumurameera

Koronaa Irraa Of Eegaa!!!!

Qoph.Alamuu Abrihaam

Adooleessa,2012

You might also like