You are on page 1of 1

Tapha ijoollee

Taphinni ijoollee gosoota afoolaa keessaa isa tokko. Ummaatni Oromoo ol-adeemaasaa/daa’imman isaa
taphoota adda addaatiin aadaa, seenaa , duudhaa, safuu fi jireenya hawwaasummallee barsiifata. Taphinni
ijollee yeroo baayyee galgalaa fi yeroo boqqonna yommuu maatiin walitti qabamu taphatama. Taphinni
ijoollee gosa baayyee qaba; naannoodhaa naannoottis garaagarummaa qabaachuu mala. Akkuma gosaan
garaagara ta’ees ergaa/barnoota garagara dabarsa.

Gosoota tapha ijoollee

Kan Golee maali?

Taphni Kan Golee maali? jedhamu naannoo Wallaggaa Dhihaatti tapha beekamudha. Namoota lamaan
taphatama. Tokko ni gaafata tokko deebii kenna. Gaaffii fi deebiin kuun saffisaan gaggeeffama. Gaafataan
gaaffii dogoggorsiisaa/dogoggoraa giddun gaafata. Gaafatamaan gaaffii kanaaf deebii sirrii yoo kennuu
baate ni mo’atame jechuudha.

Gaafataan “Kan golee maali?” jedhee irra deddebiidhaan gaafata. Gaafatamaanis “Meshalee mana
keessaa kan qophii nyaataf tajaajilan” saffisaan maqaa dha’uudhaan deebii keenna. Gaaffiin
doogoggorsiisaa giddun gaafatamus “Akkon kee maali?” kan jedhudha. Gaafatamaan deebii
“nama/abbalu” jedhu akkaa kennu eegama. Dogoggoran debii maqaa meshalee yoo deebise garuu ni
mo’aatame jechuudha. Taphicha irra deddeebiin dheerassanii tapachuun ni danda’aama.

Kan Golee Maali?

FKN.               Gaafataa                                Gaafatamaa

                       Kan golee maali?                             Eelee

                       Kan golee maali?                             Gemmii/Sumsuma

                       Kan golee maalii?                            Okkotee

                       Akkoon kee maalii?                        Nama   

                       Akkon kee maalii?                          Jabanaa   X

"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=Tapha_ijoollee&oldid=36934" irraa kan fudhatame

Fuulli kun dhumarratti kan gulaalame guyyaa 18 Waaxabajjii 2021, sa'aa 13:29 irratti.

Barreeffamichi kan argamu Eeyyama amala waliiqoodu wantootaa jalatti;


dabalataan haalli itti fayyadamiinsaa hojii
irra kan oolu taha.
Bal'inaa isaaf Haala itti fayyadamiinsaa ilaali.

You might also like