You are on page 1of 16

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Giimii Ukkaamame
Kaleessarra har'a wayya laataa jennaan, kan durii ammarra wayyoome. 'Jagni hin quufu jennaan, waraabessi nyaataa bule' jedha mammaakaan Oromoo. Guyyaansaa

onkoloolessa 4 bara 2013 ture kanan lafa seenaa Oromoon qabdu keessaa dirree shekahuseenaa daawwachuuf manaa ba'e. Lafti ka'umsakoos magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee lafa Dachee Golbaa jedhamurraati ture.

Yeroon manaa ba'eefi akkatti manaa ba'es ta'ee, maaliif akkan manaa ba'e yeroof wanti naa ife waan hinturreef, utuu waan geejjibaaf tajaajila kennan hedduun magaalicha keessa baay'atanii jiraniiti ani garuu miillan ittiin dhaladheen
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

imalakoo kanan itti fufuukoo arge ergan halkan keessaa sa'a 6 tti magaalaa Bushooftuu ga'eetani. Magaalattiinis Haroo uumamaa gama hedduun itti marfamteen kan badhaateefi kan keessaa miilla fuuchuunsaa namatti hintolle miidhagduu kaa'edha. uumaan Lafa dhoksee iddoo sana daawwatamuuf tuuristoota

hedduu ofitti harkistu ta'uushee qofa utuu hintaane, kan qilleensi haroo sanarraa ka'u nyaata malee akka buddeenaa teessuma nama quubsudha Bushooftuu. haalli magaalaa

Anis gaafan akka nama hirribaa dammaqee olii gadi ilaaluutti ka'u, kanan duratti horii warra keenyaa waliin tiksaa turre Caalaa Tarfaasaan iddoo sanatti arge. Dhaabannee ija keessa wal
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

ilaalleetu nu lamaanuu ijaan malee afaaniin walitti dubbachuu dadhabne. Erga adda baanee yoo xiqqaate waggaa 22 ta'eera. Akkatti aniif Caalaan gargar baane seenaa qaba. Nama isas ta'ee anaanis argee hinbeekne tokkotu waan akka giimii tokkoo itti qabee doorsisee ture. Caalaa Ergasiis nabiraa akka butatee bade. Caalaan yeroo sana nama kutaa torbaffaa baratu mana barumsaatti hindeebine gaafa anatti himuun akka raata'uu ta'een fajajee hafe.

Yaa Gurmeessaa naan jedhe Caalaan.

Anis

gaafan jalaa owwaadhu, hiddi fuulasaarraa waan foon keessaa funaanamee lafeen qofaan dhaabatu anatti fakkaateera. Namni isa dueef booha; duuni isa hafeef booha' jedhu mitiiree?
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Anis hafuura gara keessaatti malee, gara alaatti baafachuun dadhabe. Waan keessakoo Akkuman ukkaamamee jiru Giimii Ukkaamamee abiddi keessaa dhuka'uuf ka'e fakkaata. caalaa ija keessa ilaalettan yaadaan geejiba gatii maleen Oromiyaa keessa balali'ee as deebi'e. Yeroon imalakoo xumuree as deebi'u ammas ani kanan jiru magaalaa Bushooftuu keessadha.

Gabaasa isan naanna'aa oolee dhufe sanaa Caalaatti himuun narra ture sanaa itti gadi tarreessuuttan ka'e. barnootaa baratuufii keessaa. isa barate Waa'ee seenaa mana Namni maaliif akka kanammoo eessaafi

akkamitti hojiitti akka jijjiiru. Konkolaataa luka lamaa keenyaan imala keenya ittuma fufuun lafa
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Maqii jedhamu geenye. Utuma yaada kanaan walwaxalluu isheef jedhamti. barsiistuun Afaan Oromoofi tokko Ogbarruu tokko as nutti baatee gaaffii nuti deebisuu hindandeenye nugaafatte. Maqaanshees Hambisee Rabbirraa

Akka iddoo sanaatti Bunni Jabanaa beekamaa waan ta'eef, mana aadde Soolaneetti nuqabdee nu afeeruu akka barbaaddu gaafa nutti himtu, nutis dadhabneerra waan ta'eef tole jechuun gadi teenyee buna keenya harkatti qabannee haasaa keenyaa keenya amma eegalle. gaaffiikee Anis sana Hambisee itti fufuu

dandeessa jedheen.

Gaaffii tokko tokko

nugaafaatte. Gaaffii isheen nagaafattes, namni waan garaasaa keessaa hojjetamoo? waan
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

garaasaa keessa kaa'aniif hojjetaa? naan jette. Hiryaakoo Jaal. Caalaatiin ammoo, namatu Waaqa jibbemoo? jetteen. Waaqatu nama jibbee?

Gaaffii Hambiseen nugaafatte kanaaf deebii barbaaduuf akka isheen guyyaa muraasa nuu laattuuf Hambisee yoo gaafannus, matumaa deebii kana anis barattootakoo kutaa 12ffaa jiraniin waanan gaafatameef lakkii ammuma naaf deebisaa malee jettee morma nu huute Hambiseen. Isa barsiisaankoo Karoorsaan yeroon kutaa 10ffaa baradhu barumsa seenaa utuu nubarsiisaa jruu daree keessatti dubbaten yaadadhe. Namni lafarra yaa'aa jiru kun jedhe Barsiisaa Karoorsaan, Giimii Ukkaamame kan yookiin hin bobaane, yookaammoo hindhaamne
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

garaasaatti guuree yaa'aa nuun jedha ture. Abiddi garaa keessa jiru kun eenyuun akka nama keessa kaa'ame yeroon barachaa ture sanayyuu anaaf gaaffii cimaa ture erga nuun jedheen booda, ittuma fufuutiin giimiin abiddaa nama keessa ukkaamfamee jiru kun lafee namaa kan nyaatuufi dhaabiitti dhiiga namaa kan xuuxudha. Gogaa namarraa kan luqqisuufi akka solloqqee haadha mukaa gagadhiisuutti dhgna namaa kan gargar diigudha. Gaaffiin achi keessaa burqus akka seelii qaama namaa kan lakkoofsaan bira hinga'amnedha. 'Bishaan hin oofanii, ofiin bowwaa bu'aa' akkuma jedhan, giimiin ukkaamfamee nama keessa jiru kun utuu hinbeekiin gara waan ta'uu hinbarbaadiiniitti humnaan nama oofa nuun jedhe.

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Akka nama qalbiin butamee utuman waan kana wacabbaraa jiruu gidduutti Hambiseen deebiikoo irraanfattekaa naan jette. Anis lakkii hin irraanfanne; garuu 'giimii ukkaamfame' Ittuma keessa keessaan dubbisuu deemen jedheen. yoo hojjete gaariidha; kan garaa

fufuunis silaallee namni waan garaasaa keessaa humnaan namaa kaa'anii akkasitti hojjedhu, akka kanatti raawwattu malee, abaluun akkas gootu malee, sana dhiistee kana raawwattu malee namaan jedhan sanatu garaa keenyaa keesstti 'giimii ukkaamfame' nudhorken jedheen. uumee guddina Garaan keenya

qajeelummaa hawwinaan jallina nu barsiisan; guddannee guddisna jennaan, guddaa keenya caccabsani; sammuu barannee keenya barsiisna jennaan, hambisani; duwwaatti

kalaqnee agarsiifna jennaan, kalee keenya


Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

keessa nutumatani; fageessinee ilaalla jennaan, qaroo keenya dhabamsiisani; deebii argannaa laata? kadhannee Waaqa jennaan,

nuwallaalchisani; deemnee lafa yaadne geenya jennaan, danqaraa nujala kaa'anii...kanaafuu deebii quubsaa waan narraa argachuu hindandeenyeef amma Guyyaasaan gaaf tokko siideebisa jedheen yaadakoo gudunfe.

Jaal. Caalaanis gaaffii gaafatameef deebii akka kennuuf dabareen isa qaqqabde. Akka sa'a tokkoo gaaffii Hambiseen gaafatte irratti yaadaa kan ture Caalaan nama akkas jechuun namnis deebii Waaqa qopheeffate sana itti hime. Waaqni hinjibbine; Deebiinsaas,

hinjibbine; 'namatu nama jibbe' jedhe Caalaan. Ittuma fufee 'Leenci liqeeffatee nyaatu maal
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

fidee galchaa? jennaan, eenyutu isa gaafata?' jedhan mitiiree? Waaqni maal godhe jenneetu isa gaafachuu dandeenyaree? nutoo asumatti wal dadhabeeti. Dubbiinoo lagaaf gosaan walqoqqooduu taate. Abalu nama asii yookaan achii, isa goodaa yookaan gubbanaa, warra akkasii yookaan akkanaa, isa amantii akkasii hordofu yookaan isa sanaa, isa laga gamaa yookaan kan gamanaa...utuu jennuu barri lafa kanarratti uumaa biraa nuuf murtoofte sun xumuramaa jirti. Kanaafuu Waaqa nujibbe utuu hintaane, nutu waljibbe jedhee Caalaanis yaadasaa gudunfe. Barsiistuu Hambiseenis

deebiin keenya kan ishee quubse ta'uu baatus hanga tokko deebii argchuuf yaalushee hafuura baafannaasheerraa dandeenyeerra. adda baafachuu

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

10

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Boruunis diimatee laftis dimimmisarraa bariitti harka kennateera. Jan. gadi Nutis walfudhannee imala keenya gara lafa dhalootaa gooticha Oromoo Waaqoo Guutuu-tti taasifneerra. Giimii joorra. Mana itti dhukkubaaf garaatti nukuufame kanaaf fala barbaacha oliif waldhaanaman tokko cina geenyeerra. Gaafa ija olqabannu ammoo 'Mana Kilinikaa Fayyisaa Dafaa' jedhamu tokko argine. Anis Caalaanis Kilinkicha gadi kilinika kanatti gorree dawwaa giimii keessa keenyaatiif gaafachuu jalqabne. keessa kan hojjetanis Dr. jedhamu. Waa'ee dhibee Dandanaa Barii keenyaa

fagenyaan gaafa ibsinuuf 'qas qas' jedhanii kolfa nutti gaggaban. Aniif Caalaan ija keessa wal ilaalleetu, maal goonee? maal dogoggorre

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

11

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

laataa? hadoodne.

jennee

naasuudhaan

achumatti

Dr. Dandanaanis lakkii isin homaa tokkoyyuu hinballeessine; yeroon waraqaa garuu waa tokko nayaadachiistani nuun jedhe. dooktorummaakoo xumuruuf qorannoo keenyaa Walabummaarraa Ittuma fufuunis, Yunivarsiitii mata duree galfadhaa

jedhamnetti, ani mata duree dhimma isin waliin dhukkubsattan kanan qorachuuf galfadhee ture. Haata'u malee Piroofeeserri Yunivarsiitii sanaa bu'aa argannoo mata duree qorannoo sanaa fuulduratti dursee waan argeef, kun Yunivarsiitii keenya keessatti fudhatama hinqabu naan jedhe. Kanaafan mata duree yeroon itti darbe isa garaa namaa bobeessuuf ukkaamfame
12

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

onnee namaa nyaatu kana maaliif guurtanii yaatuu? keessa maqaa nuun jedhe. waan qofaan hin Haaluma kanaan mee darbaa jennee dawwaan dhukkuba keessanii kilinika keenya jirreef irra barbaaddadhaa nuun jedhe. Nutis kun Kilinka ba'edha guguungumaa iddoo sanaa baanee qajeelle.

Magaalaa 'Dirree Dawaa' keessa darbinee akka kiiloo Meetira 22 erga deemneen booda, Maanguddoo mataa isaanii wayyaa isa adii gaabii yookaan isaanii gaabii faana Maqaa hojjaa isaanii isa meetira afuritti siquun rifeensa walfakkaatu irraa kooffiyyaa ol qabatanii nagaa nugaafachuuf ariifatan tokkotti baane. nugaafatani jennaan itti himne; kan isaaniis gaafa gaafannu, 'Qaalluu Biyyaa' nuun jedhan.
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

13

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

Umuriin isaanii waggaa 98 dha. Yaa ijoolleekoo nuun jedhan, nuti OOO jenneen. 'Mana abbaan gube, dirmannaa hinqabu' nuun jedhan. Itti dabalaniis 'dhamaatuun dhama raaftee ro'oo komatti' nuun jedhan. Yeroof hiika mammaaksa isaanii dugduubatti dhiifneetu waa'ee dhukkuba keenyaa isaan mariisifne. Gaaffii keessan afaan keessanirraa dhaga'uun nanbarbaachisu; bifa keessanirraayyuu nuun jedhan. nidubbifama; kanaafan mammaaksa sanaan sin simadhe ijoolleekoo Yaa Akaakaa keenyaa fallisaa maaliree? jedhee gaafate Caalaan akka jarjaruu tokko ta'eetu. Ammas Obbo Qaalluun 'hamma farda bira geenyutti, harree yaabbanna' nuun jedhan. Itti dabalaniis gaaffii isin ijoollummaa kanatti waliin miixataa jirtan kana anis umurii guutuu wajjin gidiramaa ture. Kunoo ammammoo umuriinis sokkitee, humnis na
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

14

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

dhumteetan du'a simachaa jira nuun jedhan. Barbareen harkaan dhaaban ija nama gubdi yaa ijoolleeko! Finna lamatu jira nuun jedhan; kunis finna nuti ofiin ofitti finneefi kan jarri nutti fiddedha jedhan. Kanaafuu isa ofiin ofitti fidnerratti jabaattanii yoo walii wajjin hojjettan, isa qaamni biraa isinitti fidemmoo salphaatti qolachuu achumatti deebi'ani. dandeessuuti ijoolleekoo gara qe'ee nugatanii kanarra jedhanii isaaniitti nandudubbachiisinaa

Yaa

Caalaa keenyaa 'abidda rafe huubni jabaadhu

to'achuu kajeelti' jedhan mitiiree?

humni nubu'uu hinqabu jedheen jajjabeessuu jalqabe. Caalaan garuu walfaana mammaaksa lama sammuu keessa na buusee achitti nagatee
Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

15

GIIMII UKKAAMAME- ASOOSAMA GABAABAA

bade. Mammaaksichis: 'Dhibeen garaa keessaa, dhidhiibbaan irra keessaa' kan jedhuufii 'ulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba' jedhani naan jedhe.

Ani Gurmeessan ammoo 'giimi ukkaamame' garaatti baadheen qe'ee warra keenyaa utuu hingadhiisin guyyaa oofkaltiikoo eeggachaa beekaaf wallaallaa faana dhimma kanarratti mariisisaan jira!

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, beekanguluma@gmail.com, +251911074437 - Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

16

You might also like