You are on page 1of 7

1

Qabsoo Bilisummaa Oromoo Haala Gaanfa Aafrikaa Ammaa Keessatti: Akkamitti Rakkoolee
Nu Muudatan Jalaa Bauu Dandeenya?
Qeerransoo Biyya

Ummata Oromoo balaa, HD ABO Jaal Daawud Ibsaa, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo,
Jaallan dirree lolaa jirtan, Qeerroo bilisummaa akkasumas firoottaniif deeggaroonni ummata
Oromoo, dursee baga guyyaa Gootota Oromoo kan 2015tiin sin gahen jedha. Guyyoota
Oromoon ayyaaneeffatu/yaadatu keessa guuyyaan GGOn guyyaa guyyaawwan caaluuufi guyyaa
kabaja olaaana qabu. Ummanni of kabajuufi mirga ofii barbaadu kamuu gootota isaas kabajee
kaayyoo isaan eegalan galmaan gauun dirqama Oromummaati. Guuyyaa kana guyyaa olaanaafi
kabajamaa kan godhe wareegama isa dhumaa, wareegama lubbuu kaffaluu gootota Oromooti.
Lubbuu ofii caalaa keenaan olaanaafi kabjamaan namini nuufi ummata keenyaaf kennuu dandau
addunyaa kanarra hinjiru. Kanaaf gootota keenya niyaadanna; nimararfanna.
Otoon baayee hinturin matadureen irratti dubbadhu keessa galuun barbaada. Obsaan na
dhaggeeffadhaa. Akkuma matadureen koo eeru, waaee Qabsoo Bilisummaa Oromoo
Ammaantanaa Haala Gaanfa Afrikaa Ammaantanaa wajjin wal qabsiiseen irratti dubbadha.
Haasaan kiyya gaaffilee armaan gadii tarraaaniif deebilee amma dandaamu laachuu yaala.

Oromoon yeroo amma maal keessa jira?


Rakkoolee naannoo, idil-addunyaafi rakkoolee keessa isaa jiran keessaa umna jabaa
taee bauuf Oromoon maalfaa gochuu qabaata?
Goonni Oromoo jaarraa 19ffaa gara duraa Madaqoon waaee ijaaramuufi kutannoon
falmmachuu maal nu barsiisa?
Haqa/dhugaa otoo qabinuu maaliif himachuu dhadhabine?
Sababii gargaraan, walqooduu baalleessuun tokkummaa akkamitti cimsanna?

Yeroo amma kana ummanni Oromoo rakkoo guddaan inni keessa jiru rakkoo gabrummaa
jireenya isaa gaaffii keessa galchee jiru keessa. Lafinni qotee bulaa Oromoo heekitaara
miliyoonotaan umna qaweetiin irra fudhatame maqaaa invatmentiitiin abbootii qabeenyaa
Habashaafi kan biyya alaatiif kennama jira. Qoteebulaan Oromoo, miliyoonotaan lakkaaamu
Oromiyaa mararratti qeeee isaarraa maatiif waatii isaa wajjin buqqaaa jira; barattoonni karaa
nagaa seeran ala umnaan babalacuu Finfinneetiin bara 2014 waggaa haraa mormaa turan
kumaatamaan harayuu hiidhaa keessa jiru, dhibbatamaan ajjeefamni, dhibbatamaan dararamaa
jiru. Umnoonni loltuufi tikaa Agazii kan tarkaanfii suukaneessaa barattoota, qoteebulaa,
hojjettoota fayyaa, daldaltootafi hojjettoota biroorratti fudhate ammas seeratti otoo hindhiyaatiin
dhiigini nama keenya bilaashumatti dhangalaa jira. Caalmatti, mirga sabaa keenyaaf kan
dubbataaa jiru numa. Biloogaroonni fi gaazexeessitoonni Habashaa Zone9 warra jedhamaniif
State Department dabalatee jarmiyaa addunyaa baayetu falmaafi jira.

Garuu, dhibbatamaan ajjeefamnii kumaatamaan barattoota Oromoo hidhamaniif namoonni


dhuunfaaf jaarmiyaaleen alaa dubbachaa jira yartuudha. Kuni kan nutti agarsiisu, tarii hojiin
diplomaasiifi ijaarsi/gurmuun Oromoo laafaa tauusarra darbee waldhabbileen, walwaraansifi
cichitummaan shorkessitoota gaanfa Afrikaatti waan baayachaa jiruuf , mootummoonni
Amerikaafi Awuroppaa waayyanee akka umna jeequmsaatti otoo hintaane akka umna nagaa
eegidotaatti haal doggoraadhaan laalaa jiraachuudha. Yeroo amma jeequmsi gaanfa Afrikkaa
biyyoota akka Summaaliyaa, Suudaan Kibbaafi Itoophiyummallee dabalatee deemaa jira. Jiddugala baaaa keessas leelistummaan baayachuun, biyyoonni baayeen biyya (state) diigamaa jiran
taaa jiru. Tarsiimoon biyya alaa Ameerikaas tae kan, Awuroppaa, nagaa, dimokiraasfi
kabajamuu mirga dhala namaa dura kan dhimmaniif tasggabbiin naannoo akka jiraatu.
Biyyoonni lixaa haala kana keessatti, mootummaa Itoophiyaa akka qabsoo karaa nagaas tae
hindhannoo akka hinkufine barbaadu.
Nuyi amma umna jabaa Lixaan filatamuu dandau taanee hinargaminetti, Lixini warra umna
qaban wajjin akkuma barame itti fufu. Haala jeeqama gurguddaa jiddugalessa baaa kan akka
Siiriyaa, Yeeman, Ayiisis faana walbira qabamee yoo laalamu rakkoo Oromoo akk rakkoo
xiqqaa xiyyafannoon hinbarbaachisneetti namoonni yaadan alarra nijuru. Rakkoon keenya
guddaa tauu isaa umna taanee isaan kan amansiifachuu qabu nuyi. Abbaan iyyatu ollaan namaa
birmata. Hatiyyuu ilma dhadhabaa hinjaallattu. Gaaffii guddaan warri biyya Lixaa qaban:
Oromoon umna yoo taee as bahe, fedhii keenya nuu guutaa? kan jedhu. Kaanf, deebii qubsaa
kennuun afaaniin qofa otoo hintaane umnaanis gurmaauuni. Umna gudda jiru yoo moote
yookiin dhadhabsiiste, sun fedhii siin firoomuu biyyoota Lixaa olkaasa.

Jaarmiyaalee addunyaafi naannoo (regional and international) kan akka Gamataa Aafrikaa
(AU), Igaad, Mootumoota Waltaan (UN), mootumaa DC irree dabalatee Tigroonni malaan
lixanii, seenanii fehdii ofii eegisuun gaaffiifi rakkoon Oromoo akka ukkamsamu taasisa jiru.
Waaee Oromoo soba addunyaatti himuun Oromoon umna gadhee akka tae hololu. Kuni,
immoo tarsiimoo adda addaafi akka itti alagaan waaee keenya yaadu garadabarsa. Kaayoon
isaanii Oromoo addunyaarraa kutuun waaeen isaa akka hindhagamine gochuudha.
Mootummaa ABT loobii ykn fedhii isaaf warra dubbatan doolaara miliyoona heedduu itti
herreegee (baajaa baasee) kennee akka mootummaa dimokiraatawaa, misoomaafi mootummaa
mirga dhala namaa eegutti bulchitoota Ameerikaa hanga Kongiresiitti sobee sobsifachaa jira.
Fakkeenyaaf, dhiyoo kana Weendii Sheermaan, Isteet Dipartmentiitti Barreessituu Jalaa
Dhimmoota Politikaa kan taate, Itoophiyaa deemuun filannoo Itoophiyaa bara kana tauuf deemu
deeggarte, faarsitee dubbattee jirti. Odeeffannoon isheen argatte hundumtuu Mummucha
Minsteera Aajaa Alaa Tweedroos Adnaahoomirraa dhufe. Weediin akkas jette:

Kaayyoowwan misoomaa hudumtuu galma gaanii jiru.


Diingideen Itoophiyaa kan biyya Aafrikaa kamuu caalaa shaffisaan guddachaa jira.

Itoophiyaan biyya sirna dimokiraasii hordoftuufi filannoo geggeessuuf fuulduratti


deemaa jirtu.

Mootummaa Abbaairree mirgadhala namaa baayeee dhiitaa jiru kana Weendii Sheermaan
akkasitti faarsuun ishee doggora tauu isaa Jarmiyaaleen mirga dhala namaa muraasini Freedom
House waliin waltauun mormanii ibsa baasanii ture.
Gama biraan, dhabbileen Oromoo akka ijaaramanii akka barbaadan mirga Oromoof
hinsochoone biyya keessatti uggurri seeraa: Labsii Farra Shorkeessummaa , Seera Dhabbilee
Miti-Mootummaa, seera odeeffanno 2005 boodde baaniin sakkallamaa jiru. Ummanni Oromoo
qabeenya akka hinhoranneefi diinagideen dhadhabaa akka tau, ABT halkanii guyyaa irratti
hojjechaa as gae waggaa 24 darabaniif. Kanaaf, rakkoon diinagidee nuti qabinu rakkoo cimaa
dabalataati.
Rakkoo ibsuurra baayee hinturu. Hundumti keenyayyuu rakkoo keenya nibeekina. Rakkoo
furuurra rakkoo nutti himuu hojii godhatanii kana jiran jaarmiyaaleefi namtokkeeleen Oromoos
heedduudha. Kuni dhabbachuu qaba. Oromoon furmaata barbaadu qaba. Rakkooleen jiran nan
hinillaalatu jedhanii haaluun qabsoorraa baqachuun saba gudda miihda: haadhaafi obboleetti kee
miidha, obbolessa keefi abbaa kee midha; firootafi matii kee midha; biyya miidha; Oromoiyaa
miidha.

UMMANNI OROMOO AKKAMITTI UMANA TAUU DANDAA? Furmaatota 6.


I.

Diinagideen ijaaramuu: Galii buusii buusisuurraa argachuu qofti gahaa miti. Ijaarsi
daldalaa dhaabaafi qabsoof horii uumuu dandaau tooannaa dhabaa jalatti bakka
baayeetti ijaaramuun daldalarratti hojjechuu
a. Oromoon biyya ambaa jiru taaksii ykn qaraxa lammummaa kaffaluuf dirqama
ofirra kaauu qaba akkuma ummanni bilisummaaf lolan kuun baayeen godhan.
b. Horii walitti buusuun investametii gara garaa keessa seenuun hojjechuu.
c. Jaarmiyaalee diinagidee kan akka Oromo Chamber of Commerce MNtti
dhaabbatee sana akka fakkeenyatti fudhatanii aadaa diingideen of dandauu
babalisuu.
d. Amma achi geenyutti gummachi akkuma duriitti itti fufuu qaba.
e. Namini iddoo qabatee jiru, Oromoo hojidhabeeyyii hojii barabaade
harkisuu/arguufi qaba.

II.

Jaarmiyaalee Hawaasaa (CSOs): akka haawaasa, akka dhabbilee mirgadhala namatti,


akka falmitoota mirga Oromootti ijaaramuu. Wanti nama jajjabeessu karaa kana nijira:
Hawaasa Oromoo USA, Haawaasa Oromoo Aawustraaliyaa. Gandummaa, naanummaa,

III.

IV.

V.

VI.

amantummaafi ayyaanllallatummaan wantoota nu balleessan waan taaniif Oromummaa


qofaan walitti haafiroominu/haaijaarminu. Murni tokko asii waaee Oromoo yoo
mariachuuf walgau murni biraa immoo ykn foon waadduu (BBQ) ykn alatti nyaata
bilchiissuun waldhadhabsiisuun aadaa gadheedha. Oromoon wantoota xixiqqoo darbaniif
badan kan akka guyyaa dhaloota kabajuufaa akka kaayyoo jireenya isaanii godhanii
jiraatan jiru. Kanarra ol goddachuu qabina.
Dippilomaasii/Hojiin Sabaahimaalee Afaan Oromoo, Ingilizii fii kaniin jaabatee itti fufu
qaba.
Horii loobii (lobby fund) baasuun mirga Oromoof falmuu.
Waaee siran cunqursaa ABT warra odeeffannoo doggoraa dabarsanirraati yaada
sirreessu katabuun ibsa baasuu, oduu hojjechuu, saaxiluufi xalayaa barreessuu.
Beekitonni Oromoo kan barreessuufi dubbachuu dandaan, barreessuu isaanii
kitaabafi waraqaarratti daangauu hinqabu. Teekinoolojiin jijjiramee jira; marsaa
ykn sararratti katabuu; Sabaahimalee biyya keessa jiraniirraatti ilaalcha
barreessuuf gumaachuu. Waan Oromoo caalmaatti akka hubatamaa deemu
godha. Lolli karaa odeeffannoo nuyi goonus lola karaa umnaa bilisummaaf
godhamu cimisee deeggara.
Kaayyoo Tokko Oromiyaa Takka: Moouu yoo barbaade ummanni Oromoo kaayyoo
murnaa miliyoonota qabatee kaee waldiigurra, kaayyoo Oromiyaa bilisoomisuu jedhu
tokko jala taee hiriiree loluun, Oromoo umna lamuu hinmooatamine godha.
Walitti buiinis dhuunfaa hoggantoota muraasa jidduutti gaafa uumamu
furuxanii (mufatanii) bauun waldiigurra keessuma taaanii aadaa rakkoo furuu
qabaachuu/horachuu. Namoonni lama dhuunfaan yoo waliigaluu dadhaban, wallola isaanii gandaafii amantiitti babalisuun deeggartoota (tiifoozoo) barbaaduun
qaaneessaadha; Oromummaa miidha. Hoggantoonnis yeroodhaa gara yerootti
haala dhaaba xinxalanii, gilgaalanii, qaaccessanii rakkoon otoo hindhooyin dura
rakkoo hambisuuf haala ragaan (data) deeggarameen hojii hojjechuu.
Odeeffannoon Umna: Odeeffannoo ummataa (banaa), odeeffannoo iccitii tae kkf
namoota guuranii xiinxalan addatti dirqama itti kennuun hojjechiisuun murtee
odeeffannoorratti hundaae akka dabarsinu nu taasisa. Yeroo hundumaa Oromoon
odeeffannoon dursee argamuu qaba.
Araara Sobaa: Mootummoonnifi hayyoonni Habashaa Oromoo waliin araara dhugaa
hinbarbaadani; araarri yeroo kau, gooyyomisanii nama keenya umna dhabee hidhannoo
akka hiikatu taasisuufi. Duuba deebinee galmee seenaa yoo laalle fakkeenyi akkasii
baayeedha. Otoo omaa ofharkaa hinqabaatin, kolnooffetaan karaa nagaa aangoo, horiifi
maqaa gaarii namaa kennu lafa kanarratti argamee hinbeeku. Warri balleessaa kaleerraa
baruu dadhaban ammas ibbidda jaraatin deebianii of gubuufi ummata Oromoo gubuuf
gugguufaa jiru; Mammaakisa, Kana abiddatu na gube, kana oo? Abiddumatu na gube.
Isa duraa agartee lammaffaa maaf of gubide jedhu ergaa isaa hinhubatani.

Daawwannaan koo kanan armaan olitti tarreesse Oromoo umna gochuurratti gahee
guddaa qabu jedheen amana.

Habashaan gootummaadha moo beekumsaan Oromoo caalteet nu koloneeffattee nu fixaa


jirti?
Habashaan jaarraa 16ffaarraa hanga jaarraa 19ffaatti Minilikiin koloneeffatamuu Oromootti,
Oromoon umna gaanfa Aafrikaa guddaa ture. Naannoo sana tooatee bulchaa akka ture seenaan
nihima. Garuu, Oromoon kan cabe deeggarsa qawweefi raasasaa baayee mootonni Habashaa
biyyoota Awurooppaarraa argataniin ture. Oromoon farda, gaachanaafi eeboon lolu, umna akka
isaa otoo hintaane umna meesha waraan gurguddaa akka maaskeet, reemingtan, maachilaak
jedhamiin walitti dhufe. Meeshaalee fagootti ajjeesuu dandeessisan. Lola aadaa Oromoo akka
cabsuu hindadeenye waan beekaniif erga waraana Amhmed Giraanyirraa jalqabee, mootummaan
Poorchuugaal irraa maaqaa kiristaanummaatiin mootota Habashaaf qawwee kenna turan. Amma
immoo maqaa shororkeessummaan qawwee, taankii, ilaaltuu halkanii, saataliytii, drioonii,
xiyyaara waraana, konkolaattota waraana, leenjii loltummaa kkf biyya akka Amerikaarraa
fudhachaa jiru. Meeshaa nu caalaafi nudursanii argachuun isaa umni akka walgatu taasisee
mootummoota Habashaa nurraatti rorrisiise jaarraa heedduuf. Furmaanni umana tauu inni
guddaan meeshaaleee lolaa ammayyaa walitti qabachuurratti jara caluun hojjechuu qabina.
Soodattonni Habashaa kumatti lakkaaaman walitti idaamee gootummaan isaanii kan walakkaa
goota Oromoo tokkoo hintau. Sodaattonni kuni qaawee duuba taauun/dhokachuun gootota
keenya meeshalee aadaa gadaanoon lolan baayee nu jalaa ajjeesani.
GOOTUMMAA MADAQOOFI WARAANA ISAARRAA MAAL BARANNA?
Sin keessa eenyutu waaee goota Oromoo Madaqoo beeka?
Madqaoon Goota Oromoo gootummaa addaa qabu tauu barreessaan Ingilizii Wiiliyaam
Kornaweelis Haariis (1846) boqonaalee kitaabaa torba irratti barreessee nutti hima. Madaqoon
bara 1840s keessa jiddugaleessa Oromiyaa keessa goota jiraate. Madaqoon 1840s keessaa
ummata isaa akka sirna lolaa Sirna Gadaatti gurmeessuun hooggansa laacuufiin, waraana
Abisiniyaa kan akaakayyuu Minilik Sahila Sillaseen hogganamu marroo baayee injifannoo
cululuqaa galmeessuun goota Sahila Silasee qofti sodaatu otoo hintaane goota biyya Amaara
marti sodaatu ture. Maqaan isaa yoo dhahamu qileetti dammaqanii badu ture, nidhokatu ykn
qawwee fudhatan. Madaqoon iddoo lolaa Aangoololaa jedhamurratti loltoota mootii Sahila
Sillasee wajjin falmaa walqabee (waraana banee) injifannoo gootummaa dangaa hinqabineen
diina barbadeessaa akka ture Haariis balisee kataba. Madaqoon fincilaa ture (Madako the
Rebel); madaqoon hogganaa cimaa ture; Madaqoon ummata isaatiin jaallatamaafi kabajamaa
ture. Dubartoota gootota taanillee waraana keessatti hirmaachisee ture. Goota yeroo saa dura

dhalatee yeroo saa dura darbe. Ilma isaa Carraa wajjin jaala waraana/qabsoo turan; waliin
lolani; waliin duani.
Madoko and his gallant sons were everywhere in the thickest of the fight. His shout, rising high
over the storm, animated the faint-hearted, and his presence roused to new life and exertion the
successful partisan.Madoko performed the most incredible act of valor (Harris p. 162).
Waraanni Sahila Silaasee gootumma jagna Oromoo kanaan shorokaaee dhokachaafi
baqachaa ture kan dandamate gargaarsa qawwee maachlookifi maaskeet Inglizii Giiftii
Viktooriyaarra argaachaa tureeni. Habashoonni, maadaafafi qaawwee kennameefillee akkatti
dhokaasan hinbeekani Oromoo marsee isaan fixaa ture, garuu shaklaa dheeraa booddee qawwee
dhukaasuu barani. Madaqoon akkmitti kufe?: shira aararaa buusantiin gooyyomisame, meeshaa
ammayyaan lola baayee erga mooatee booda kufuu dandae. Gootummaa qofti hingau;
meeshaa lolaa ammayyaa qabachuunifi irratti leenjiuun gootonni ittuu/caalatti akka
milkaaan taasia. Erga Madaqoon wareegamee booda, soodattonni mootii Sahila Silaasee duula
haaloo bauu 86 ol tau Oromorratti wagga soddomaaf deemisani qaawweetti dhimmi bauuni
ture. Duguuggaa sanyii qoomolee Oromoo Finfinnii, Ekkaa, Sirxee urfua Garmaama Tulluu
Cuqqaalaa, Furiifi Inxoxxoo(Tuulluu Dalatti) gidduu jiran hunduma lafarraa fixani, ijoollee
mukarra dhokatte in jjeesani, dubartootafi ijoollee garbrummatti qabatanii deemani, beeyladoota
Oromoo kumatama hooffatani hatan, qeeeefi manneen, midhaan facaee ture nigubani. Eegaa
motumoonni Habashaa hundumtuu Oromorratti tarsiimoon/sagantaan qaban kan Saahila
Silaseefi kan Minilik wajjin walfakkaat, tokkuma. Mallas Zeeanwwinis isaan caala Oromoo yoo
ficcisiise malee isanii gadii miti.
YAADOTA GOOLABAA
Maaltu nu baasa? Habashaan qaawweefi meeshaa ammayyaa duuba dhokachuun
(fayyadamuun) ummata keenya fixaa as geese. Umna akksitti hidhatee jiruun meeshalee
aadaatiin lollee moonaan gowwummaa dangaa hinqabine. Kanaafuu, teekinoljii waraanaa haaraa
ummanni keenya akka itti argatee diinota isaa gootummaan gurmaaee itti ofirraa ittisurratti
hojjechuun dirqama Adda Bilisummaa Oromoo qofa otoo hintaane dirqama lammii Oromiyaa
kan dhiitamuun Oromoo na quuqa jedhee yaadu maraati. Itti dabaluunis ummanni keenya
meeshaa waraana isaa kan akka qawwee fi rasaasaa ofiif naannoosarratti akka oomishu barsiisufi
gurmessuudha.
Qabsoon Bilisummaa Oromoon geeggeessu bifa hundumaanuu jabaachuu qaba: waraana,
dipolomaasii, diinagidee, odeeffannoofi sabaahimaleen. Oromoon biiyya ambaa jiran kan
gandummaa, amantummaafi ayyaanlaalattummaan ummata addaan qooduun yeroo isaanii waan
gadi-aanaa yaaduun balleessan gara qaroomina ammayyatti koottaa wanti sin gochaa jirtan buaa
hinqabu jenna. Suumaaliyaa guddittii kan caccabise gandummaadha. Daaysporaan waldura
dhaabbatee jiru fageessee yaadu qaba ummata keenya biyya jiru dhumaatiirraa akka of baraaru
jajjabeessuuf.

Wanta hundmaa dura umna tauutu dursa. Mootumoota alaan dhagauuf, ABTn
sodaattamuuf, mirga abbaabiyyummaa deeffachuuf umni murteessadha. Fallaa kaanaa warri sitti
himan inkijibu ykn siyaasini addunyaa kanaa hingalleefi. Otoo omaa ofi harkaa hinqabine warri
Itoophiyummaa fudhannee araara buusina jedhan kaayyoo Oromoon biliummaaf qabu dantaa
dhunfaaf warra guguruuf dhaabbatani. Umni yoo jiraate Oromon waan barbaadu ofii isaarra
iyyuu darabee ummatoota koloneeffatamanii impaayeratti keessa jiranfi, olloota keenya kan
Ganfa Aafrikaafis nitaa. Firas umna yoo qabaatan qofa horatu malee yeroo dadhabaafi diigamaa
taate eennutu sitti siqa?

Na dhaggeeffachuu keessaniif galatoomaa.


Injifannoon Ummata Oromoof!
Oromiyaan ni bilisoomiti!
Odeeffannoon umna!

Haasaan armaan olitti dubbistan haasa Qeerransoo Biyyaa Guuyyaa Gootota Oromoo Konyaa
ABO Washington DC tiin qophaae kan Caamsaa 16, 2015 Silver Spring, Maryland, Hooteela
Double Tree by Hiltonitti tae. Saaaatiin sagantichaa 6:00 w.b.-11:00 wb. Dubattoonni sagantaa
kanarratti himaatan gurguddoon: Jaal Daawuud Ibsaa, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo, Jaal Abbaa
Caalaa Lataa fi Jaal Qeerransoo Biyyaati.

You might also like