You are on page 1of 30

MIRKANEESSITOOTA MISEENSOTA QORMAATAA

_______________________________ ___________ _____________


Gorsaa Mallattoo Guyyaa
______________________________ ___________ _____________
Qoraa Mallattoo Guyyaa

i
AXEERERAA

Qorannoon kun Qaacceessa adeemsa raawwii guddifachaa aadaa Oromoo Godina Shawaa
Kaabaa Aanaa Kuyyuu qaacceessuu irratti xiyyeeffateedha. Guddifachaan aadaafi duudhaa
uummata Oromoo ganamaa ta’uun ummanni oromoo bal’inaan itti gargaaramaa kan tureedha.
Haaluma kanaan, duudhaa kanarratti hawaasni hubannoo gahaa argatee akka kunuunfatuuf
qorannoo kana adeemsisuun barbaachisaa ta'a. Kana malees, maddi ragaa qorannoo kanaa
ammoo madda ragaa tokkooffaadha. Akka iddattootti namootni kudha ja’a (16) dhiirri 8 fi
dubartootni 8 gareewwan hawaasaa addaddaa keessaa kan hirmaatan yoo ta’u, iddaattoo miti
carraatti dhimma bahameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka af-gaaffii fi marii
gareetti gargaaramuun ragaaleen kan funaanameedha. Tooftaan xiinxala ragaalee kanas mala
qulqulleeffataa yookin akkamtaan kan xiinxalameedha. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo
kanaan argannoowwan bira gaa’aman: Sirni guddifachaa hawaasa Oromoo biratti adeemsa
ittiin raawwatamu kan mataa isaa kan qabuufi adeemsa raawwii guddifachaa keessatti
meeshaaleen ulfoo gahee guddaa kan qabu ta’uufi Guddifachaan jiruufi jireenya hawaasaa
bocuu keessatti qoodni inni qabu olaanaa ta’uun qorannoo kanaan bira gahameera. Kanaafuu,
adeemsi raawwii guddifachaa kun dhaloota itti aanuf akka darbuuf qoratamee bifa
barreeffamaan akka taa’uuf namoonni dhimmichi ilaallatu hundinuu gahee isaanii bahuu qabu.

ii
GALATA

Hunduma dursuudhaan bu'aa bahii hedduu keessatti na gargaaree waraqaa qorannoo kana akka
qopheessuuf obsa guddaa naaf kennee na xumursiise Waaqayyoon guddaan galateeffadha. Itti
aansuun waraqaa qorannoo kana haala gaariin akkan qopheessuuf beekumsa, yaadaa fi gorsaan
yeroo isaanii aarsaa godhanii nuffii fi dadhabbii tokko malee na cinaa dhaabbachuun na gargaaraa
turan, gorsaa koo Barsiisaa Toleeraa T.(MA) tiif galanni an qabu guddaadha. Dhumarratti,
ogummaa adda addaa fi yaada garagaraa naa kennuudhaan, qorannoon kun qulqullinaan akka
qophaa'uuf, tumsa kan naaf taasisaa turan Barsiisaa Tasfaayee Taayyeetiif galanni ani qabu
daangaa hin qabu.

iii
BAAFATA

QABIYYEEWWAN FUULA

AXEERERAA .................................................................................................................................ii

GALATA ........................................................................................................................................iii

BAAFATA ...................................................................................................................................... iv

BOQONNAA TOKKO: SEENSA ................................................................................................. 1


1.1. Seenduubee Qorannichaa……………………………………………………………………... 1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa………………………………………………………………………… 1
1.3. Kaayyoo Qorannichaa………………………………………………………………………… 2
1.3.1. Kaayyoo Gooroo ............................................................................................................. 2
1.3.2. Kaayyoo Gooree ............................................................................................................. 2
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa……………………………………………………………… 3
1.5. Daangaa Qorannichaa………………………………………………………………………… 3
1.6. Ibsa Bakka Qorannoo………………………………………………………………………… 3

BOQONNAA LAMA: SAKATTA'A BARRUU .......................................................................... 5


2.1. Maalummaa Aadaa…………………………………………………………………………….5
2.2. Aadaa Guddifachaa Oromoo…………………………………………………………………. 5
2.3. Adeemsa Guddifachaa Oromoo………………………………………………………………. 6
2.4. Meeshaalee Aadaa Guddifachaa Keessatti Barbaachisan……………………………………. 7
2.5. Maalummaa Moggaasaa…………………………………………………………………….. 7
2.4.1. Garaagarummaa Guddifachaafi Moggaasaa Aadaa Oromoo Keessatti .......................... 7

BOQONNAA SADI. MALA DHAHII QORANNICHAA .......................................................... 9


3.1. Saxaxa Qorannichaa………………………………………………………………………… 9
3.2. Iddattoofi Mala Iddatteessuu………………………………………………………………… 9
3.2.1. Iddattoo Qorannichaa ...................................................................................................... 9
3.2.2. Mala Iddatteessuu Qorannichaa .................................................................................... 10
3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa………………………………………………………………..10
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee……………………………………………………………... 10
3.4.1. Afgaaffii ........................................................................................................................ 10
iv
3.4.2. Marii Garee xiyyeeffannoo ........................................................................................... 11
3.5. Tooftaa Qaacceessa Ragaalee……………………………………………………………….. 11

BOQONNAA AFUR: QAACCEESSA RAGAALEE................................................................ 12


4.1. Qaaccessa Ragaalee Afgaaffiifi Marii Gareen Funaaname…………………………………..12
4.1.1. Guddifachaa jechuun maal jechuudhaa? ....................................................................... 12
4.1.2. Guddifachaan Akka Hawaasa Oromoo Aanaa Kuyyuutti Adeemsa Akkamii Keessa . 13
Darbaa? ................................................................................................................................... 13
4.1.3. Guddifachaan Jireenya Hawaasummaa Keessatti Gahee Maalii Qabaa? ..................... 17

BOQONNAA SHAN: GUDUUNFAA, ARGANNOOFI YAADA FURMAATAA ................ 19


5.1. Guduunfaa…………………………………………………………………………………… 19
5.2. Argannoo…………………………………………………………………………………….. 19
5.3. Yaada Furmaataa…………………………………………………………………………….. 20

WABIILEE .................................................................................................................................... 21

DABALEEWWAN ....................................................................................................................... 22
Dabalee, A: Afgaaffii…………………………………………………………………………….. 22
Dabalee, B: Marii Garee…………………………………………………………………………. 23
Dabalee, C: Maqaa Namoota Afgaaffiif Ragaa Kennanii……………………………………….. 24
Dabalee, D: Maqaa Namoota Marii Gareetiin Ragaa Kennanii…………………………………. 25

v
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Ilmi namaa erga addunyaa kanarra jiraachuu eegalee wantoota uumamaan dinqisiifataman
hedduu kalaquun itti fayyadamaa har’a gahe. Akkaataan kalaqqii isaa kun safuu uumaa osoo hin
jeeqin dhalootaa dhalootatti darbaa jira. Bu’uuruma kanaan, aadaafi duudhaalee kalaqachuun
dagaagfachaa, dhimmoota adda addaaf itti fayyadamaa dhalootaf dabarsaa kan tureefi ammas
dabarsaa kan jiru.

Aadaan immoo yaad-rimee bal’aa kan of keessatti hammatu yommuu ta’u, haala jiruufi jireenya
hawaasaafi gochaalee hawaasni guyyaa guyyaatti raawwatu kan calaqqisiisuudha. Akkasumas,
Eenyummaan saba tokkoo saba biroo irraa kan ittiin adda bahu aadaa isaatin. Aadaan kunis haala
jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan ibsuudha. Aadaan namni miseensa hawaasaa ta’e haala
jiruufi jireenya isaa keessatti kan akka amantii, beekumsa, seera, raawwiifi muuxannoo kan
hammatu. Kanaafuu, uummanni kamiyyuu duudhaa mataa isaa danda’e qaba jechuudha. Aadaafi
duudhaa hawaasni kalaqatee itti fayyadamaa tureefi jiru keessaa tokko guddifachaadha.

Haaluma kanaan, guddifachaan adeemsa yookaan sirna namni dhala hinqabne karaa aadaatin
nama ilmoo qaburraa akka dhala isaatti fudhatee ittiin guddifatuudha. Kana ilaalchisee akka
Ayalew (2002:54) ibsutti guddifachaan daa’immanii mala namni dhala hinqabne karaa aadaatin
rakkoo dhala dhabuu isaa ittiin hiikatu yookiin ilmoo godhachuuf kan dhimma itti bahudha.
Bu’uuruma kanaan, guddifachaan hawaasa Oromoo biratti duudhaa hawaasaa namni dhala hin
qabne akka tooftaa ilmoo godhachuutti fudhatamee hojiirra oola. Yaada kana kan cimsu yoo
ilaalle Ayalew, (2002), Taka, (1983) wabeeffachuun yoo ibsu seera aadaa Oromoo keessatti
guddifachaan mala daa’imni maatii irraa dhalatte keessaa gara maatii hawaasaa birootti bifa
kabajaafi duudhaa hawaasichaa eegeen qophiin barbaachisaan godhamuun dhaabbata
guddifachaan (guddifachaa institiution) kan raawwatamuudha.

Haaluma kanaan, duudhaa kanarratti hawaasni hubannoo gahaa argatee akka kunuunfatuuf
qorannoo kana adeemsisuun barbaachisaa ta'a. Akkasumas, dhaloonni fuulduraa akka jabeeffate
itti gargaaramuuf karaa banuu danda’a. Kanaaf, qorataan qorannoo kanaa adeemsi raawwii
guddifachaa hawaasa oromoo kuyyuu biratti akkamitti hojiirra akka oolu kan xiinxaleedha.
1.2. Ka’umsa Qorannichaa
Guddifachaan duudhaa hawaasa Oromoo keessaa isa guddaadha. Kunis, duudhaa Guddifachaa
kanaan Oromoon muuxannoo yeroo dheeraa kan qabuufi Sirna Gadaa keessatti aadaafi duudhaa

1
beekamaa godhatee kan itti fayyadamaa tureedha. Aadaa kanaanis, hawaasni safuufi naamusa
isaa dhaloota barsiisaa aadaa isaa calaqqisiisaa kan tureedha. Haa ta’u malee, haala
qabatamaa yeroo ammaa mul’atuun guddifachaan kun bal’inaan hojiirra oolaa hin jiru. Kunis,
muuxannoo hawaasichaa irraa akka hubatamutti akkaataa guddifachaan dur tureefi yeroo ammaa
keessa jiru yoo ibsan garaa garummaa hedduu qabaachuufi yeroo ammaa sadarkaa dagatamuutti
deemaa jiraachuu himu.

Kanaaf, qorannoo kana akkaan gaggeessuuf kan na kakaase inni guddaan aadaan
guddifachaa duraan haala gaariin babal’atee hawaasni itti gargaaramaa ture dhaloota ammaatiin
irraanfatamaa dhufuu isaati. Haaluma kanaan, sirni kun akka hin irraanfatamne
kunuunfamuu waan qabuuf qorannoo irratti gaggeessuun dhaloota haaraa barsiisuufi
kuusanii olkaayuun barbaachisaadha. Kanarraa ka’uun qorataan qorannoo kanaa Godina Shawaa
Kaabaa Aanaa Kuyyuu keessaa tokko kan ta’e guddifachaan adeemsa ittiin raawwatamuu fi
bu’aan inni hawaasichaaf qabu xiinxaluun bifa barreefamaatiin dhaloota itti aanu dhaalchisuuf
qorannoo kana gaggeesseera.

Qorannoon tokko yeroo gaggeeffamu gaaffilee bu’uuraa kan xumura qorannoo irratti deebii
argachuu qaban qabaatee qophaa’uu qaba. Kanaaf, qorannoon kun gaaffilee bu’uura qorannoo
kanneen armaan gadii deebisa jedhamee eegama.
1. Guddifachaa jechuun maal jechuudhaa?
2. Guddifachaan akka hawaasa Oromoo aanaa kuyyuutti adeemsa akkamii keessa darbaa?
3. Guddifachaan jireenya hawaasummaa bocuu keessatti gahee maali qabaa?
1.3. Kaayyoo Qorannichaa
Qorannoon kun kaayyoowwan gooroofi kaayyoowwan gooree armaan gadii kan qabuudha.
1.3.1. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa adeemsa raawwii guddifachaa aadaa Oromoo Godina Shawaa
Kaabaa Aanaa Kuyyuu qaacceessuu irratti xiyyeeffateedha.
1.3.2. Kaayyoo Gooree
Kaayyoo gooreen qorannichaas:
1. Guddifachaan maal akka ta’e addeessuu.
2. Adeemsa raawwii Guddifachaa akka hawaasa Oromoo Aanaa kuyyuutti maal
akka fakkaatu ibsuu.
3. Faayidaa adeemsi raawwii guddifachaa jireenya hawaasummaa keessatti qabu
ibsuu.

2
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun qaacceessa adeemsa raawwii Guddifachaa hawaasa Oromoo Aanaa kuyyuu
irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, barbaachisummaan isaa:
 Hawaasa Aanaa kanaa biratti akkamitti akka raawwatamee hojirra oolu
dhimmamtoota biraan gahuudha.
 Namoota dhimma kana irratti gadi fageenyaan qorannoo gaggeessuu barbaadaniif akka
ka'umsaatti gargaaruu danda'a.
 Akkasumaas bifa barreeffamaatiin yoo taa'e hawaasni dubbisuun waa'ee aadaa kanaa
gadi fageenyaan hubachuu danda'a.
 Waajjirri aadaafi tiruuziimii aanaa Kuyyuu akka bu'uraatti itti gargaaramuun aadaa
hawaasaa kana irratti qorannoo gara garaa akka geggeeffamu gochuuf bu'aan isaa guddaa
waan ta'eef qorataan qorannoo kana geggeesseera.
1.5. Daangaa Qorannichaa
Mata dureen qorannoo kanaa Qaacceessa adeemsa raawwii Guddifachaa hawaasa aanaa kuyyuu
irratti kan xiyyeeffateedha. Qorannoo kana godinaaleefi aanaalee naannoo Oromiyaa keessa jiran
mara keessatti geggeessuun humna, yeroofi baasii cimaa waan gaafatuuf; Godina shawaa kaabaa
keessaa aanaa kuyyuu qofarratti kan gaggeeffameedha. Akkasumas, Aanaan Kuyyuu Gandoota
Baadiyyaa 25 kan qabu yoo ta’u, kanneen keessaa ganda Darroo Cangii, Darroo Birbirsaa fi
Amoomaa wuucaalee kan jedhaman irratti qorannoo gaggeessun qorannichii kan
dangeeffameedha. Sababni isaas, gandoota aanicha keessa jiran hunda isaanii irraa odeeffannoo
funaanuun ulfaataa waan ta'eefi sadarkaa qorannoo kanaatiin kan wal hin madaallee waan ta’eef
gandoota sadeen irratti kan daangeeffameedha.

Akkasumas, duudhaalee hawaasa Oromoo hunda isaa bakka tokkotti qorannoo irratti
gaggeessuun rakkisaa waan ta’eef, Adeemsa raawwii guddifachaa qofarratti kan
daangeffameedha. Sababni isaa, sadarkaa kanatti duudhaalee hawaasichaa hundarratti qorannoo
gaggeessuun waan ulfaatuuf guddifachaa qofarratti kan daangeeffameedha. Kanaafuu, qorannoon
kun Mata-dureefi bakka armaan olitti tuqame kana irratti fuulleffatee kan gaggeeffameedha.
1.6. Ibsa Bakka Qorannoo
Qorannoon kun Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu keessatti kan gaggeeffamedha. Akka
odeeffannoon Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Kuyyuu (1/07/2014) irraa argametti, Aanaan
Kuyyuu aanoolee godinichaa keessaa takka yemmuu taatu Finfinneerraa gara Kaabaatti fageenya
kiiloomeetira 156 akkasumas, magaalaa godinaa Fiicherraa kilomeetira 46 fagaattee argamti.
Akkasumas, Aanaan kun haala argama birqabaan Kaabaafi Kaaba dhihaan Aanaa warra Jaarsoo,

3
karaa kaaba Bahaatiin Hidhabuu Abootee, Karaa Bahaafii Kibbaa Dhiyaatiin Aanaa Dagam,
Karaa Dhihaan Aanaa Gindabarat, Karaa Kibbaan Aanaa Aada Bargaafii Meettaa Roobitiin
daangeffatmee argamti. Aanaan Kuyyuu uummattoota jiran keessaa 99% Saba Oromoo yoo ta’an
afaan dhalootaas ta’ee Afaan hojii, Afaan barnootaa Afaan Oromooti. Aanaa kana keessatti
Amantiiwwan sadi gurguddoon ni adeemsifamu. Isaanis: Amantii Kiristaanaa, Waaqeffannaa fi
Amantii Islaamati. Amantiin Waaqeffannaa amantii ganamaa aanaa kanaa yoo ta’u amantiileen
biroon sababa dhiibbaa mootummoota darbaniitiin humnaan kan itti fe’ameedha.

Gama hawaasummaafi duudhaa aadaatiin walqabatee, duudhaaleen garaagaraa hawaasa naannoo


kanaatiin kunuunfamaa turaniiru. Aadaafi duudhaan Aanichatti beekamaa turan keessaa: Sirna
muudaa, Guddifachaa, Sirna Fuudhaafi Heerumaa, Sirna Irreechaa, Sirna Tumaa, Ateetee,
Moggaasa, Sirna Amantii Waaqeffannaa, Sirna Gadaa, Sirna Facaasaa, Sirna Gumaa Baasuu,
Daboo, Sirna Qaalluu, Sirna Eebbaafi Sirna Dhaalaa fa'an bal’inaan kan argamaniidha.

Dabalatanis, Qomoon Oromoo Aanaa Kuyyuu jiraachaa jiran Oromoo Tuulamaa keessaa
Oromoo Tuulama Bachooti. Gosa Oromoo Bachoo Aanaa Kuyyuutti argaman keessaa Uruu isa
guddaafi hangafa biyyaati. Uruu ijoollee sagal hore. Isaanis: Baantuu, Ariiroo, Waajju,
Abbaadhoo, Nya’a, Darroo, Amuumaa, Dhaayeefi Kuyyuudha. Uruun Diiramuufi Hidhaburraa
ijoollee kana argate. Diiramu ijoollee afur yoo qabaatu isaanis: Amuumaa, Darroo, Dhaayefi
Kuyyuudha. Isaan kanatu afran Diiramuuti. Hidhabu ijoollee Shan yoo qabaatu isaanis: Baantuu,
Ariiroo, Waajju, Abbaadhoofi, Nya’a. Isaan kun shanan Hidhabuu jedhamu. Afran Diiramuufi
shanan Hidhabuu saglan Uruuti. Ijoolleen Uruu Aadaaf safuu duudhaa durii eeggatanii warra
jiraachaa jiran yommuu ta’an duudhaafi Aadaan isaanii hundi sirna Guddifachaa waliin walitti
hidhata cimaa kan qabaniidha. Kanaaaf, qorannoon kunis, gosa oromoo kuyyuu kanneen keessaa
afran diiraamuu irratti kan xiyyeeffatedha. Sababni isaas, haala teessuma lafaatiin naannoo
baadiyyaa irra qubatanii kan jiran ta’uun aadaafi duudhaa isaanii kunuunfachuun har’an kan
gahan waan taa’eef, qorataan waa’ee Adeemsa Raawwii Guddifachaa irratti odeeffannoo gahaa
argateera.

4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA'A BARRUU

2.1. Maalummaa Aadaa


Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummatni tokko aadaa isaa keessaa
saboota birootti, namoota birootti ykn naannoo birootti mul’ata; ibsama, darbees beekama.
Dhugaa ifa galeessa ta’e kanaan, aadaa uummatni Oromoo gama hundaan qabu yoo ilaalle,
Uummatni Oromoo aadaa hedduu maalummaa isaa ballinaan beeksisuu danda’an qaba. Haalli
uumama dachee Oromoo mataan isaa itti fayyadama Aadaa Uummata Oromoo waliin haala
walitti hidhata godhachuu malaniin waan uumaman fakkaatu. Aadaan uummata Oromoo hamilee
hawaasichaa waliin kan wal qabate dha. Dinagdeeniifi amantaan Uummatichaallee Aadaa dhuma
sana keessaan calaqqisu. Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa
nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti
kennaniifi dabarsan Aadaa guddifachaa k.k.f eeruun ni danda’ama.

Kana malees, Dirribiin (2009: 98) akka ibsetti, aadaan sirna sabni wal wajjin jiraatu qabudha.
Uummata Oromoo biratti aadaa, amantii, siyaasa, dinagdeefi jireenya hawaasummaan
walqabatanii jiraatu jedha. Dabalataanis, akka Warqinaa (2008:4) ibsutti, uummata bara dheeraa
kaasanii aadaa mataa isaanii qabaachuun bulaa turan keessaa uummanni Oromoo isa tokkodha
jedha. Yaaduma kana kan cimsu Misgaanuun (2011:11) uummanni Oromoo uummata amantaa,
aadaa, afaan, eenyummaafi duudhaa mataa isaa qabudha. Asaffaan (2007:21) aadaa yeroo ibsu
uummanni tokkoo akkaataa nyaataa, dalagaa, uffataa, walumaagalatti haala jireenya uummata
tokkoo kan ibsudha. Aadaan uummata tokko akka qabeenyatti ilaalamuun kunuunsa kan
barbaadudha. Uummanni Oromoo aadaa hiika bal’aa qabu kanaan boonaa kunuunfachaas jira
jechuun ibseera.

Kana jechuun, hawaasni sirnoota raawwataman kamuu kan waliin qooddatan akka ta’e, sirnoota
waliin qooddatan kanneen keessattis akkaataafi yoomessi sirnichaa adda addummaa kan qabu
akka ta’e. Uummanni Oromoos, sirnoota garaagaraa kan jireenya isaa kallattii kamiin iyyuu ittiin
ibsatuufi eenyummaa isaa calaqqisiisu durii jalqabee kan itti dhimma bahaa tureefi ammallee itti
gargaaramaa jiru ta’uu agarsiisa.
2.2. Aadaa Guddifachaa Oromoo
Guddifachaan aadaa Oromoo keessatti kan beekkamuu fi kan addunyaan fudhatee dhimma itti
bahaa jiraanidha. Akka Gumii Waaqeffannaa Addunyaa (2018:175), jechi Guddifachaa, jedhu
jechaa afaan Oromoo kan ta’efi dur dur irraa kaasee sirna gadaa keessatti seerafi sirni

5
Guddifachaa tumamee hawwaasni Oromoofi ollaan isaa kan ittiin jiraatu ta’uun beekkama.Yaada
waraabbii barruu armaan olii kana irraa wanti hubatmu: Guddifachaan har’a addunyaan itti
dhimmaa bahaa jirtu kan uummani Oroomoo rakkoo gama hawaasummaan muudatu furuuf sirna
gadaatiin tumee lafa kaawwatedha. Guddifachaan seera qaba; Seera Gadaa kan ittiin tifkamu;
Sirna qaba kan ittiin addemsifamu. Kunis falaasama Oromoo keessaa isa cimaafi bilchaataa
xinxaalamuu qabudha.

Akka aadaa Oromootti Guddifachaan kan namni ilmoo hinqabne tokko karaa seera-qabeessafi
aadaa hawaasichaa eegeen nama ilmoo qaburraa ittiin guddifatuudha. Haaluma kanaan BBO
(2005: 102) irratti akka ibsametti, Oromoon yoo ilma dhabe kan nama biraa fudhatee akka kan
isaatti guddisa. Adeemsi kun guddifachaa akka ta’e ibsa. Akka aadaa Oromootti guddifachaan
kan raawwatamu yoo ilmoo ofii godhatan (gudeedaa) hinqabaanne ta’uu isaati. Itti dabaluun
Misgaanuun (2015:6) Guddifannaan kan namni finna hinqabne tokko karaa seera qabeessa ta’een
nama finna qaburraa ittiin guddifatu ta’uu ibsa. Kanarraa ka’uun aadaa Oromoo keessatti
guddifachaan seeraafi adeemsa ittiin raawwatamu qabaachuu isaa hubachuun nama hinrakkisu.
2.3. Adeemsa Guddifachaa Oromoo
Guddifachaan yeroo raawwatamu adeemsa mataa isaa danda’e qaba. Adeemsi kun akkaataa
aadaa hawaasichaa kan bu’uura godhatee raawwatamuudha. Akka Beekan Gulummaa (2015: 6)
adeemsa guddifachaa ilaalchisee ibsutti, Dura namichi finna guddifachuu barbaadu kan jaarsa
iccitii eeguu barbaadee warra finna irraa guddifachuu barbaade sanatti erga. Jaarsi ergame kunis
warra finna kana akka isaan namicha finna hinqabne kanaaf kennan dalgaan gaafata. Yoo kan
sarman ta’e dubbii kana fuudhee gara namicha finna guddifatuutti geessa. Warri finna guddifatu
kunis dura Abbaa Bokkuu dubbifatanii margaafi kallacha qabatanii, elellaa, caaccuufi gumee
fudhatanii, elemtuu aannan itti guutanii, raadaafi jibicha oofanii yoo harka qalleeyyii ta’an
huccuu qabatanii dubbii gara warra daa’ima irraa guddifataniitti deemu.

Itti dabaluun, BBO (2005: 2-3) kitaaba barnootaa irratti akka ibsametti: Guddifachaan adeemsa
mataa isaa qaba.Kunis warri ijoollee dhaban warra ijoollee qaban haalli ittin ijoollee isaanii
guddifachuuf gaafatan seera mataa isaa qaba. Adeemsa isaas warri mucaa dhaban warra ijoollee
lama, sadii yookiin afur qaban biratti nama iccitii eegu tokko erganii warra ijoollee kanaa
ilaalchisu. Kanaan booda abbaan abaluuf haati abaluu ijoollee keessan keessaa abalun
guddifachuu waan barbaadaniif warra mucaa dhaban kanaaf yoo laattan maal ta’a? Jedhee jaarsi
dhaqee gaafata. Deebi’aniis, yaada warra mucaa warra guddisuu barbaadutti himu. Deebii jaarsi
warra mucaa qabanii irraa argatanitti aanuun wantoonni raawwataman nijiru. Isaanis, yeroo

6
deebii gaarii argatan, warri guddifachuu barbaadan waan mucaan uffatu qopheessu. Haati warraa
warra mucaa guddisanii elellaaf caaccuu keewwattee jaarsa dubbii beekuuf ijoollee ol adeemaa
ta’e kadhatee baayyatanii gara mana warra mucaa dhaqu. Achi gahanii warri mucaa barbaadan
akka isaan guddisan yoo eeyyama kennan abbaaf haadhaaf uffata uwwisanii namoota wajjin
mucaa fudhatanii gara mana isaaniitti galu.

Akka yaada armaan oliitti, adeemsa guddifachaa keessatti maanguddoonni dubbii fixuu keessatti
iddoo guddaa qabu. Kunis, maanguddoonni nama daa’ima guddifatuufi guddisuuf gidduu
deemuun dubbii akka aadaa hawaasichaatti fixuufi walii akka galan gochuu keessatti gahee
olaanaa qabu. Akkasumas, mucaa yeroo guddifatan haati mucaa guddifattu elellaafi caaccuu
uffattee dhaquun guddifatti. Dabalataan daa’imni guddifamte erga guddifamtee booda maqaan
duraan ittiin waamamaa turte hafuun maqaan haaraan moggaafamaaf. Mucaan guddifatan kunis
akka mucaa godhatanitti lakkaa’ama. Mucaan guddifatan kunis akkuma ilmoo ofii dhalaniitti
ilaalama waan ta’eef kunuunsi ilmoo ofiif godhamu hundi ni taasifamaaf jechuudha.
2.4. Meeshaalee Aadaa Guddifachaa Keessatti Barbaachisan
Oromoon dhimmoota aadaa keessatti meeshaalee kabajaa itti fayyadamukan mataa isaa qaba.
Meeshaaleen kunniin meeshaalee aadaa ykn ulfaa jedhamuun beekamu. Akka Woodward (2007:
17) ibsutti meeshaaleen aadaa kan qaqqabatamuu danda’anfi yaada sammuutin iddoo qaban
ta’anii raawwii aadaa hawaasaa keessatti dhimma itti bahuun hawaasan hojiirra kan oolaniidha.
Akkasumas, mallattoo aadaa hawaasa tokkoo ta’ee kan fudhatamuudha. Akka Saba Oromootti
Meeshaaleen aadaa Oromoo keessaa guddifachaa keessatti hawaasichi dhimma itti bahu
gurguddoon Caaccuu, Callee, Kallachaafi Bokkuudha.
2.5. Maalummaa Moggaasaa
Seera Gadaan tume keessaa tokko seera Moggaasaati.Yeroo raawwatamu adeemsa mataa isaa
qaba. Dirribii (2016:278-279) irratti maanguddota Ada’aa Liiban wabeeffachuun yoo ibsu,
moggaasni nama Oromoo ta’ee haala addaatin gosa isaa keessaa bahe yookiin nama Oromoo
hintaane gosa ormaa keessa jiraatu moggaafamuuf mirga akka qabu ibsa. Namni waraana irratti
booji’ames haalli isaa ilaalamee moggaafamuu akka danda’u kitaaba isaa keessatti kaa’ee jira.
2.4.1. Garaagarummaa Guddifachaafi Moggaasaa Aadaa Oromoo Keessatti
Barreessitoonni adda addaa Moggaasafi Guddifachaa ija tokkoon ilaaluun barreessu. Haa ta’uu
malee, aadaa Oromoo keessatti Moggaasnifi Guddifachaan garaagarummaafi adeemsa mataa
isaanii danda’e qabu. Bu’uuruma kanaan,akka Dirribiin (2012: 287) adeemsa Moggaasaa
hayyoonni Ada’aa Liiban raawwatan hordofuun ibsetti, Namni sababa adda addaatin gosa ofii
keessaa bahee gosa ormaa keessa jiraatu moggaafamuuf mirga qaba. Namni waraana irratti

7
booji’ames hoo gosti isaa hin wajatin hafe haalli namichaa ilaalameetu moggaafama. Namni
moggaafamee gosa kanatti dabalamuun fedha yoo jedhe, amalli isaa/isaanii ilaalameetu
moggaafama/mu. Namoonni moggaafamuu fedhan kun yoo xiqqaate bara saddeetif gosa iitti
moggaafaman san waliin turuu malu. Hoo booji’amtoota waraanaa tahanis bara saddeet kana
keessatti gosti isaanii dhufee; wajata baasee isaan fudhachuu mala. Namoonni booji’amoon kun
illee bara saddeettan kana keessa afaan, aadaa, seerafi amantaa uummata isaan booji’e san
baranii, uummaticha jaallachuu malu. Yoo uummata san hinfeenu jedhan dirqamaan moggaasun
akka hin jirre ibsa.

Walumaagalatti, yaadota Guddifachaafi Moggaasa ilaalchisanii mata dureewwan armaan olii


jalatti ka’an irraa kan hubatamu garaagarummaa qabaachuu isaaniti. Kanuma kan cimsu Dirribiin
(2012: 290) yoo ibsu Oromoon, Oromoo ni guddifata malee akka hinmoggaafanne, lammiin
lammii hinmoggaafatu; maqaa hinjijjiiru yaada jedhu ni mirkaneessa.

8
BOQONNAA SADI. MALA DHAHII QORANNICHAA

3.1. Saxaxa Qorannichaa


Qorannoon kun mata duree Qaacceessa adeemsa raawwii guddifachaa Aadaa Oromoo Aanaa
Kuyyuu jedhurratti kan xiyyeeffate yommuu ta’u, gosa qorannoo akkaamtaa bu’uura godhata.
Gosa qorannoo Akkamtaa Addunyaan (2011:11) akka ibsetti “Qorannoon akkamtaa, gaaffiiwwan
maaliif? Akkamitti? Jedhan deebisuuf carraaqa. Akaakuun qorannoo kanaa dhimmoota
qorannicha keessatti dhiyaatan jechaan ibsa” jechuun kaa’a. Kanaafuu qorataan qorannoo isaa
keessatti ragaa walitti qabate jechaan waan ibseef mala kanatti gargaarameera.

Kana malee, Qorannoo aadaa hawaasaa waliin walqabatu tokko gaggeessuuf gosa qorannoo
qulqulleeffataa ykn akkamtaatti gargaaramuun barbaachisaadha. Yaada kanas kan tumsu
Dastaan, (2009). ”Qorannoo aadaa uummataatiin walqabatu gaggeessuuf qorannoo
qulqulleeffataatti gargaaramuutuu gaarii ta’a.” jechuun ibsa. Sababni isaa, qorataan kallattiin
hawaasa bira deemee daawwata. Kun immoo hanqinoota qorannicha keessatti muul’achuu
danda’an hir’isuu keessatti tooftaa gaarii ta’a. Haaluma Kanaan, Saxaxni qorannichaa mala
akkamtaa fayyadamuun kan gaggeeffameedha. Sababni isaas, ragaaleen odeefffannoo kennittoota
irraa argame gaaffilee maaliif, akkamitti kanneen jedhaman haala deebisuu danda’aniin ibsaafi
hiikni ga’aan itti kennamuun waan xiinxalameefi. Kanaaf, Malli kun mala fooyya'aa waan ta'eef,
qorataan qorannoo kanaas mala kanatti gargaaramuun qorannoo kana adeemsiiseera.
3.2. Iddattoofi Mala Iddatteessuu
Qorannoo tokko keessatti iddattoofi malli iddatteessuu qabxiilee ijoo yoo ta’an; Isaanis, akkaataa
itti aanu kanaan dhiyaatanii jiru.
3.2.1. Iddattoo Qorannichaa
Qorannoon kun hawaasa Oromoo Godina Shawaa kaabaa Aanaa Kuyyuu irratti kan
adeemsifameedha. Milkaa’ina qorannoo kanaatiif ammoo qaamni qorannichi irratti adeemsifamu
ifatti jiraachuun barbaachisaadha. Kunis, iddattoo qorannichaati. Bu’uuruma kanaan, namoota
gandoota aanicha keessa jiran hunda isaanii irraa odeeffannoo funaananii qaacceessuun ulfaataa
waan ta'eef, Gandoota sadi irratti kan xiyyeeffateedha. Kunis, ganda Darroo Cangii, Darroo
Birbirsaa fi Amoomaa wuucaalee irratti kan gaggeeffameedha. Kanamalees, Iddattoon uummata
jiran keessaa isaan barbaadaman filachuudhaan qorannoo keessatti kan dhimma itti baanudha.
Qorannoo kanaafis gareewwan hawaasaa keessaa namoonni madda ragaa ta’uun hirmaatan
namoota waa’ee guddifachaa irratti hubannoo gaha qaban: baay’inni isaanii dhiira 8 fi dubara 8
waliigala kudha ja’a (16) ta’an filatamuun qorannoon kan irratti adeemsifameedha.

9
3.2.2. Mala Iddatteessuu Qorannichaa
Malli iddatteessuu adeemsa namoota qorannoon irratti adeemsifamu itti filataniidha. Haaluma
kanaan, qorannoo kana keessattis, namoota adeemsa raawwii Guddifachaa irratti odeeffannoofi
hubannoo gahaa qaban mala iddatteessuu miti-carraan (non-probability sampling) kan
filatameedha. Kunis, kan barbaachiseef, ragaan iddattoo kanarraa argame akka gaariitti hawaasa
naannichaa bakka bu’uu waan danda’eefi. Akkasumas, mala kana kan qorataan ofiisaatii filate
kanneen filataman kun ammoo, odeeffannoo barbaachisaa kan kennanifi amala warra kaanii
bakka bu’uu kan danda’an waan ta’eefi. Kana malees, Qorannoo kana keessatti qorataan kaayyoo
qorannoo isaa galmaan ga’uuf kan itti fayyadame mala iddatteessuu miti carraa keessaa
iddatteessuu kayyeeffataa (purposive sampling)fi mala iddatteessuu Darbaa dabarsaatti kan
gargarameedha. Sababni isaas, namoonni filataman kunniin namootaa waa’ee mataduree kanaa
irratti beekumsa qaban waan ta’aniif qorataan itti qophaahee yookan itti kayyeeffatee bira
deemuun odeeffannoo kan walitti qabateedha. Dabalataanis, bakka barbaachisaa ta’etti qorataan
mala iyyaafannaa ykn darbaa dabarsaa /snow ball/ fayyadamee namoota beekumsa addaa waa’ee
guddifachaa irratti qabu jedhaman irraa ragaa funaanee jira.
3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa
Qorannoo geggeessuu keessatti maddi odeeffannoo karaa gurguddoo lamaan argama. Isaanis
madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Kanumarraa ka’uun, maddi ragaa qorannoo
kanaa madda ragaa tokkooffaadha. Sababni isaas, Qorataan namoota waa’ee adeemsa raawwii
Guddifachaa irratti beekumsaafi hubannoo gahaa qaban: maanguddoo biyya, Abbootii kallachaa,
dubartootaa,fi kan biroo irraa kallattiin odeeffannoo funaanuun kan xiinxale waan ta’eefi. Kunis,
meeshaalee odeeffannoo ittiin walitti qabatan: Afgaaffii fi marii gareetti gargaaramee
odeeffannoo walitti qabachuun qorannichi kan gaggeeffameedha.
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee
Qorataan meeshaalee funaansa ragaalee jiran keessaa kan qorannoo kanaaf ta’u; afgaaffii fi marii
garee xiyyeeffannoo fayyadamee qorannoo kana kan gaggeesseedha.
3.4.1. Afgaaffii
Qoratichi qorannoo isaa keessatti ka’umsa, gaaffilee bu’uuraafi kaayyoo qorannichaa irratti
hundaa’uun karaa afgaaffiin ragaaleen qorannoof barbaachisan walitti qabamaniiru. Kunis,
qorataan gaaffii afaanii baay’ina 8, namoota odeeffannoo keennan 6f dhiyeessuun
gaafatamtootnis deebii isaan irraa barbaadamu afaaniffaan akka deebisaan haala mijeessuun
ragaalee kan sassaabbatedha. Haaluma kanaan, qorataan sagalee waraabbiifi yaadannoo
qabachuudhan ragaalee kan funaannateedha. Malli kun qorataa fi namoota odeeffannoo kennan
fuulaa fuulatti walarganii odeeffannoo kan waliif kennan waan ta’eef mataduree qorannoo
10
kanatiif mijaatadha. Haaluma kanaan, qorataan meeshaalee fuunansa ragaa afgaaffiitti kan
gargarame yoo ta’u; gosa afgaaffii keessaa afgaaffii banaan ragaa kan walitti qabateedha.
Sababni isaas, gosni gaaffii kanaa odeeffannoo kennitootni yaada isaanii bali’naan akka ibsaniif
malli kun filatamaa waan ta’eefi. Yaaduma kana deggaruun, Fileen (2019:72) akka ibsetti,
Gaaffileen banaan odeef-keennitootni soda malee yaada isaanii bal’inaan akka ibsaniif gahee
olaanaa qaba. Akkasumas, qorataan gaaffii isaa bifa raga kennaaf ifa ta'een gaafatee ragaa
quubsaafi amansiisaa ta'e argachuun kan danda'amedha.
3.4.2. Marii Garee xiyyeeffannoo
Mariin garee meeshaa funaansa ragaa keessaa isa tokko yoo ta’u, qorataan garee adda addaa
uummachuun akka mari’atan taasisuun wantoota isaan mari’atan yaadannoo qabachuufi sagalee
waraabuudhaan ragaa isaa kan sassaabbatedha. Sababni isaas, ragaaleen marii gareen walitti
qabaman milkaa’ina qorannichaaf qooda olaanaa waan qabaniif. Kanaafuu, qorataan
odeeffaannoo gahaa qorannoo kanaaf ta’an namoota iddattoof filataman baay’ina namoota shan
shaniin garee lamatti qooduun marii waliin taasisuun odeeffannoo kan walitti qabatedha.
Yaaduma kana deeggaruun Numnan (1992), akka ibsutti: ‘’Focus group discussion is special
qualitative research technique in wich people are informally interviewed in a group discussion
setting,‖ jedha. Akka yaada haayyuu kanaatti marii garee xiyyeeffannoon kun bifa alidilee ta‘een
namoonni taa‘anii yaada tokko irratti kan mariyataan waan ta‘eef tooftaa qorannoo akkamtaatiif
filatamaadha. Namoonni odeeffannoo kennaan yaadotaa wal falmiisisaa ta‘aan irrattifi kan hin
taaneerratti marii bal‘aafi ibsa gahaa kennuun qorataan yaada waliigalaa tokkorra akka gahuuf
oola.
3.5. Tooftaa Qaacceessa Ragaalee
Qorannoon tokko odeeffannoo funaanuufi ibsuurratti hundaa’ee gosa gara garaa qaba. Akkaataa
kanaan qorannoo kana keessatti, Odeeffannoon walitti qabame mala qorannoo akkamtaa yookaan
qulqulleeffataan kan xiinxalamedha. Sababni isaas, odeeffannoon qorannoo akkamtaa
gaaffiiwwan maaliif? Akkamitti? Jedhuuf deebii laachuuf kan carraaquufi dhimmoota qorannicha
keessatti dhiyaatan hunda jechaafi himaan kan ibseedha. Sababni isaas, qorataan ragaalee
afgaaffii, marii garee xiyyeeffannootiin walitti qabate akkaataa duraa duuba isaatin tartibeessuun,
erga tartiiba’ee booda qoqqooduun qabxiilee ijoon hiikaa itti kennee ergaa isaa gadi fageenyaan
kan xiinxale waan ta’eefi. Kana malees, qorataan ragaalee qorannoo kanaa kan suur-sagaleen
waraabaman irra deddeebi’ee dhaggeeffachuufi yaadannoo qabate irra deddeebi’ee dubbisuudhan
akkasumas, odeeffannoo yeroo afgaaffiifi marii garee irraa argaman qindeeffamanii haala
dubbisanii hubachuun danda’amuun gara barreeffamaatti jijjiiramanii jiru.

11
BOQONNAA AFUR: QAACCEESSA RAGAALEE

Boqonnaa kana jalatti ragaaleen kallattii garagaraan funaanaman mata duree garagaraatti
qoqqoodamuun qaacceeffamanii jiru. Odeeffannoon funaanamees manguddoota biyyaa fi
abbootii gadaa irraa bifa afgaaffiifi xiyyeeffannoo marii gareetiin walitti qabaman mala
akkamtaatiin xiinxalamaniiru. Gaaffileen manguddootaa dhiyaatanii fi mariin garee akkaataa
walitti dhiyeenya qabaniin walqabsiisuun ibsi fi qaaccessi deebiiwwan argamanii akka armaan
gadiitti dhihaatanii jiru.
4.1. Qaaccessa Ragaalee Afgaaffiifi Marii Gareen Funaaname
Kutaa kana jalatti odeeffanno karaa afgaaffii fi marii garee funaanametu ibsame. Haaluma
kanaan deebiin gaaffilee afgaaffii dhiyaatanii kenname kan marii garee waliin akka itti aanutti
qaacceffame.
4.1.1. Guddifachaa jechuun maal jechuudhaa?
Uummanni Oromoo aadaafi duudhaa hedduu waraabamee hin dhumne qabu keessa tokko
Guddifachaadha. Kunis, sirna gadaa Oromoo waliin kan wal qabatu ta’uu beektoonni ni ibsu.
Kanumarraa ka’uun, Akka ragaa keennitootni marii gareen (29/7/2014) ibsanitti: Aadaa uummata
Oromoo keessatti haalli waliin jireenya Ummataa, walgargaaruun, inni qabu isa hin qabneef
keennuun kan jiraachaa jiruufii tureedha. Anumatu kophaa nyaadhee kophaa horee bula ilaalcha
jedhu hin qabu Oromoon. Inni sanyii qabu isa hin qabneef inni dhala qabu isa hin qabneef
kenneet gama hawaas diinagdeen wal ijaaruun jiraachaa kan tureef ammas jiruudha.Yeroo mucaa
dhabe kan nama biraa fudhatee akka kan isaatti guddifata.

Kanaaf, Guddifachaa jechuun, namni ilmoo hinqabne tokko dhala namaa ofitti fudhatanii akka
dhala ofiitti ilaalanii, mirga dhalli ofii qabaachuu qabu gonfuudhaan kunuunsudhaan
guddisuudha. Kaayyoon isaas rakkoo diinagdee (gargaarsaf dhaaltummaa) yookaan rakkoo
hawaasummaa (firoomfachuu) yookaan qofaa jiraachuu irraa ofbaraaruuf ta’uu danda’a. Akka
aadaa Oromootti dhiiras ta’ee dubartiin guddifachuufis ta’ee guddifamuuf mirga walqixa qabu.
Haa ta’u malee, akka ragaan maanguddoota irraa argame ibsutti: Yeroo baay’ee ilma dhiiratu
guddifama.Yaada armaan olii kana irraa wanti hubatamu Guddifachaan waan raawwatuuf qaba.
Guddifachaan nama dhala hinqabnetu isa dhala baay’ee qabu irraa guddifata. Kunis qe’een,
qabeenyi nama dhala hinqabnee akka hinbanneef itti guddifata. Kanaafis, ilma dhiiratu dubartii
caalaa qe’ee abbaa akka hin cufamne eega. Namni dubartii guddifatu fedhii dhuunfaa isaaf malee
qabeenya koo na haadhaaltu jedhee kan guddifatu hin jiru. Sababiin isaas, dubartiin takka

12
waggaa 14-18 qofa qe’ee warra teessi. Sana booda ni heerumti. Kanaaf ilma dhiiratu
guddifachaaf barbaaddama.

Akka Obbo Badhaasaa Dabalaa (1/08/2014) fi Aadde Ijoo Daadhii (2/08/2014) irraa
odeeffannoon argame ibsutti: Akka seera Gadaa Orommootti guddifachaa keessatti ilmi hangafaa
fi quxisuu yookin kan dhumaa maatii sanaa ta’e Guddifachaaf hin kennamu. Dhorkaadha; ilma
lammataa, sadaffaa fi kan itti aanan keessaa guuddifama. Sababiin isaas, ayyaanni haadhaaf
abbaa ilma quxusuufi hangafatti hafa waan ta’eefidha. Ilmoon guddifaachaa ilma Kallachaa
jedhama. Kana malees, maqaa biraas qaba. Innis ilma Barcumaa jedhama. Ilmi ofii dhalan yoo
ta’e ammoo, ilma Gudeedaa jedhama. Ilmi guddifame tokko egaa guddifachaan raawwatee booda
yoo milkiin isaa tolee warri sun ilmoo argatan, ilma guddifame sanaaf mirgi hangafummaa ni
eeggama. Angafummaaf Barcuma isaa hoomtuu irraa hinfudhatu. warri isa guddifate ayyaantuu
taanaan ilma gudeedatu ayyaantummaa argata. Jarri lachuu hoofkaltii walii keennu.

Yaada armaan olii kanarraa wanti hubatamu: ayyaanni dhalootan kan darbu yoo ta’u
hangafummaan garuu kan ilma dura guddifameeti. Ilmi Kallachaa kabaja qaba. Sababni isaas,
waan Kallachaan guddifameef safuuf seera Kallachaa eeguuf ilmoo kanaaf safuu kennu.Yeroo
baay’ee guddifachaan wal beekkumsaan yookaan fira dhiyoo irraa ta’a. Kana jechuun alagaa
firooma hinqabne irraa guddifachuunis danda’ama. Guddifachaan alagaa yeroo baay’ee ilmoo
gatanii lafaa argame akka ilmoo ofiitti guddisuun jira.
4.1.2. Guddifachaan Akka Hawaasa Oromoo Aanaa Kuyyuutti Adeemsa Akkamii Keessa
Darbaa?
Guddifachaan aadaa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u adeemsa ittiin raawwatamu qaba. Akka
Ijaaraa Damee (1/08/2014) jedhetti, Guddifachaan adeemsa mataa isaa danda’e qaba. Kunis, gara
guddifachaatti seenuun dura kan raawwatamu mariidha. Mariin raawwatamu kun jalqaba maatii
ilmoo guddifachuu barbaadu gidduutti ta’a. Kunis maatiin lamaan dhala dhabuu isaanii
mairkaneeffachuun erga irratti waliigalanii booda dubbicha fira dhiyoofi gosaan gahu. Daa’ima
eenyuu akka guddifachuu qabanis dursanii itti yaadu. Firoonnifi gosti irratti waliigaluu isaanii
hubatanii, booda ilmoon isaan guddifachuu barbaadan kan warra eenyuu akka taate iccitiin
gaafatu. Ilmoo guddifachuuf barbaadan eeruu kennuun akka jaarsoliin iccitiifi of eeggannoo
cimaadhaan warra ilmoo qaban sana akka gaafataman taasifama.

Haaluma kanaan, akka obbo Taayyee Raggaasaa (4/08/2014) jedhanitti, maatiin daa’ima
guddifachuu barbaadan erga irratti walii galanii booda guyyaa dhalootaa qabatu. Guyyaa kana

13
abbaan kallachaa kallacha yommuu manaa baasu dhadhaa addaanuun ni muuda. Sababni isaa,
kallachi jiidhaan malee manaa hin ba’u. Guyyaa kana ilmoon kallachaa waan dhalachuu deemuuf
ofkaltiif jecha ni muudama.

Haaluma kanaan, maanguddota waliin abbaan kallachaa Kallacha qabatee, beerran calleefi
saddeeta hidhatanii, aannan qabatanii eeboofi alangee seeraa qabatanii galgala qe’ee warra ilmoo
irraa guddifatan sana dhaqu. Achi erga gahanii booda abbaan kallachaa dafee mana seenuun
diinqa taa’a. Yeroo kanatti, manguddoon karrarra dhaabbachuun, akka hangafaafi quxusuutti wal
harkaa fuudhanii eebbifatanii osoo mana hin seenne achuma bulu. Halkanuma kana maanguddoo
dabalataa ollaa sana namoota jiranitti ergatu. Ganama barii lafaa ka’anii afaan hagabuutin marga
jiidhaa kan mataan hincinne qabatanii eebbifatu.

Akka aadaa Oromootti sirna kamuu raawwachuuf dursa maanguddoon eebbaan jalqabu. Kunis,
Oromoon osoo Waaqa isaa hin kadhatin dubbiitti kan hin seenne ta’uu agarsiisa. Akka jaarsoliin
odeeffannoo kennan ibsanitti adeemsa guddifachaan raawwatamu keessatti eebbi iddoo guddaa
qaba. Akkasumas, tartiibaafi duraa duuba mataa isaa danda’e qaba. Kunis, eebba guddifachuun
dura raawwatamuufi eebba yeroo guddifachuu raawwatamu. Eebbi yeroo guddifachuun dura
eebbifatamu kadhaa ilmoo kan agarsiisu. Kan eebbisu maanguddoo fulla’a, beekaa ta’ee, seeraafi
uumaa guddifachaa qajeelchuu kandanda’u. Haaluma Kanaan jaarsi beekaan yoo eebba jalqabu
“Nu oofkalchaa, Nu oofkalchaa, Nu oofkalcha,” Jechuun yeroo sadi irra deebi’ee jalqaba. Warri
waliin dhaqan “Oofkalaa, Oofkalaa, Oofkalaa,” jechuun jalaa qabu.
Yoommuu eebbifatanis:
Nu oofkalchaa …………………………………………oofkalaa
Nagaan bullee nagaan nu haa oolchu …………………. haa oolchu
Hamaa hammaataa nurraa haa qabu………………….. haa qabu
Biyyi keenya nagaa haa ta’u. …………………………. haa ta’u
Waaqni hangafaa nutti haa dhiyaatu………………….. haa dhiyaatu
Waaqni quxusuu nutti haa dhiyaatu………………….. haa dhiyaatu
Waaqni diiramuu nutti haa dhiyaatu ………………….. haa dhiyaatu
Maseenni haa deessu ………………………………….haa deessu
Deessun haa oofkaltu ………………………………… haa oofkaltu
Wallaalan nuuf haa beeku ……………………………. haa beeku
Beekaan nuuf haa bulu ………………………………..haa bulu
Uumaaf deemnaa, uumaan nuuf haa qajeelu………….. haa qajeelu

14
Eeyyee Kunoo Kallacha qabannee sikadhannee nudhaga’i!.......Dhaga’i waaq
Gadaan quufaf gabbina …………………………………….. Gabbisi waaq
Itti fufuun maanguddoonni irra deddeebiin si’a sadi sadi erga eebbifatanii booda daa’ima
guddifachuu barbaadan sana kadhatu. Yommuu kadhataniis: ‘’ Yaa gooftaa koo; waaqa jaartii
cifiree jedhii, waaqa Jaarsa Cireessaati jedhii, waaqa kallachaati jedhii, waaqa caaccuuti jedhii
mirmaduu nu deechisi. Isiniif waaqatu kennee; ana waaqatu na dhoowwatee; Qe’ee kiyyatu
abbaa dhabee; abbaa itti naa godhi! Karra koo ma dhaabi! Kallachi Uumaaf malee hin bahuu;
uumaa na qajeelchi! Jechuun kadhatu. Sana booda beellamatu qabama.

Akka ragaa keennittootni marii gareen (29/7/2014) ibsanitti: beellamni qabame yoo gahu haati
dhadhaa, dammaafi daadhii qabattee, abbaan waan maatii irraa guddifataniif godhamu kan akka
uwwisaa haadhafi abbaa, Jibicha bifa bareedaa oofee Kallacha baasanii, waraana
qabatanii,alangee seeraa baasanii guddifatu. Yeroo guddifatan seerri ni tumama. Kunis,
waraannifi alangeen seeraa ni ciisa.Alangeen ciisu alangee Roobii ta’uu qaba. Uleen harooressaa
sorooroon alangeefi waraana waliin ciisa. Jilbi ni jilbeeffata. Jilbi jilbeeffatu lama. Obboleessa
abbaa guddifatuufi kan haadha guddifattuu- tu jilbeeffata. Namni jilbeeffatu jilba mirgaatin qofa
jilbeeffata. Qaamni nama jilbeeffatuu ilkaan ijji, gurri, qubni isaa fayyaa ta’uu qaba. Nama fafa
hinqabne ta’uu qaba. Jilbeeffatanii tumaan seeraa ni tumama. Jilbi jilbeeffatee akkuma jirutti
eebbi yeroo lammaffaaf eebbifama. Tumaan dhimma guddifachaa irratti tumamu seera mataa
isaa qaba.Yemmuu tumamu akkuma yeroo eebba kadhaa gosti gara lamaanii qalbiidhaan tumaa
seeraa kanaan irratti walii galu.Yoo tumamu haala armaan gadiitin qajeelfama.
Guddifachaan seeraa seera ……………………………….eeyyeen seera
Seera tumaa Oromooti seera………………………………eeyyeen seera
Seera madda Walaabuuti……………………………........eeyyeen seera
Namni kun ilma gosaati seera …………………………….eeyyeen seera
Namni ilmoo kiyyaa miti jedhe ni daaba’aa seera ………..eeyyeen seera
Namni guddifame kan nama guddifateeti seera…………..eeyyeen seera
Gosti nama kanaan keenyaa miti jedhe ni daaba’a……….eeyyeen ni daaba’a
Bakka guddifametti abbaa kallachaa, abbaa burqaa ta’a ...eeyyee kan isaati
Gosa guddifate waliin dhaabbachuun seera …………….. eeyyeen seera
Yoo du’an waliin gumaa nyaachuun seera ……………… eeyyee seera
Yoo ajjeesan waliin gumaa kennuun seera……………eeyyee seera jechuun tumaan
seerri tumama.Tumaan tumamee erga raawwatee booda tamboo gumaa tokko gidduu warra
jilbeeffatee kaawamee ol ka’anii akkuma dhaabbataniin tamboo sana bakka lama wal qixatti

15
addaan cabsanii walakkaa walakkaa qabatu. Seerri tumaa raawwatee daa’ima guddifatamtu
fudhachuuf haati siiqqee haadha ilmoo guddistutti uffata warri guddifatan qopheessanii dhufan
sana uwwistee daa’ima guddifamtu akkuma gaafa dhalattuuttii dhoksaadhaan uwwisaa jalaan
gudeeda ishee irraa fuutee gudeeda haadha guddifattuu irra keessi. Soogidda amoolee fayyaa ta’e
immoo haadha guddifattu irraa dhoksaan fuutee gudeeda haadha guddistuurra keessi.
Dhugeeffannoon isaas, akka aadaatti guddifatanii ilmoo godhachuun ilmoo dahuudhaan
garaagarummaa hinqabu waan ta’eef, akkuma waan ciniinsuudhaan deessetti ilaalama.

Adeemsi kun erga raawwatee booda muudatu kennama. Muuda kan muudu haadha ilmoo
kennite. Mucaanis ni eebbifama. Namoonni sirna kanarratti hirmaatan hundinuu akkaataa
safuutiin ni muudamu. Dhugeeffannoon isaas, mallattoo araarati. Warri mucaa guddisanii gaabbii
tokko malee gammachuun kennuu isaanii araaran mirkaneessuufi. Muuda muudatanii erga
raawwatanii booda haati siiqqee ilmoo guddifatamte sana gudeeda haadha guddifattee irraa
fudhattee baatti. Warri jilbeeffatee waadaa gale tamboo bakka lamatti cabsan keessaa kan harka
mirgaa fudhatanii, kan harka bitaa achuma kaa’anii, erga tokko gara manaa qajeelu. Yoo galuuf
ka’an warri guddifachaa dhaqan hundi garagalanii gara mana warra irraa guddifatan sanaa
hinmillatan. Warri guddisa kennes karaa warri guddifate sun deeman garagalanii hinilaalan.

Warri guddifatan erga tokko mataa wal qixxeeffatanii faaruu faarfachaa mucaa ofii qabatanii
galu. Faaruun kunis Maanguddootan kan baafamu yoo ta’u osoo wal hinharcaasin erga tokko
jalaa qabanii faarfataa deemu.Faaruun kunis mallattoo milkaa’inaa, oofkalanii galuu, ilmoo
argatanii galuufi dahuu agarsiisa. Faaruun yeroo kana faarfatamu kan armaan gadiiti.
Kawoo Yaa Mareewoo……………….. Mareewoo
Mareewoo
Oofkallee gallerra yaa Mareewoo……. Mareewoo
Mareewoo
Ilmoo arganneerraa yaa Mareewoo…... Mareewoo
Mareewoo
Ilmoo nuuf moosisi yaa mareewoo….. Mareewoo
Mareewoo… Mareewoo… jechaa galu.

Akka Obbo Katamaa Gammadaa (03/08/2011) odeeffannoo kennanitti warri mucaa guddifatanii
galan yeroo qe’ee warra guddifatuu gahan hoolaa bifti bareedaa ta’e qopheessanii karra warra
guddifatuu gubbaatti morma buusanii mucaa guddifatan sana dhiigaan tuqu. Aannanis ni obaasu
damma jiidhaa nyaachisanii, bookaa itti biifuun aannaniin raagi; dammaan raagi; daadhii ta’i;
mi’aawi; jedhanii maqaa baasanii yookiin moggaasaniifi eebbisuun gara manaatti ol seenu.

16
Manatti ol seenanii haadha ilmoo guddifatteef akkuma haadha deesseetti dahoon /uffanni/
hidhamee diinqa ciisti. Akkuma waan deesseestti mutaa hidhattee ciisti. Yeroo kana damma
qopheessanii damma sana harma gogaa haadha guddifattee dibanii sana booda mucaa hoosisuu
eegalti. Marqaan maaramii marqamee “baga si hiike; kan dhalate siif haa guddatu,” jedhanii
ollaafi firri itti yaa’ee gaafata. Haati ilmoo tun daftee gadi hinbaatu. Akkuma dubartii deesseetti
gaafa guyyaan gahe guyyaa shanaffaatti nafa dhiqattee shananii baati. Dubartoonni ollaa
ililchanii wassabee jedhani gammadanii sirbu; nyaatanii eebbisu.

Guyyaa guddifame sanarraa eegalee warri guddisan sun daa’ima sana keenya jedhanii hin
yaadan. Dhaqaniis hin ilaalan. Dura firummaa yoo qabaatan firummaa isaanitiin wal gaafachuu
danda’u. Mucaan guddifame kun guyyaa sanarraa eegalee ilmoo warra guddifatee ta’ee waan
ilmoorraa eegamu mara raawwata. Warri guddifates akkuma ilmoo dhalchaniitti waan ilmoo
dhalatuuf guutamu hunda guutanii guddisun adeemsa raawwiin guddifachaa hawaasa oromoo
Aanaa kuyyuu keessa darbudha.
4.1.3. Guddifachaan Jireenya Hawaasummaa Keessatti Gahee Maalii Qabaa?
Akka ragaa keennittootni marii gareen (30/7/2014) ibsanitti: guddifachaan aadaafi duudhaa
Oromoo kan ganamaati. Oromoon immoo durii kaasee seera ittiin bulmaataa kan hincabne, yoo
cabe kan ittiin wal sirreessuufi adabu tumatee kaa’e. Kanneen keessaa inni ijoon aadaafi duudhaa
guddifachaati. Guddifachaan aadaafi duudhaa hawaasaa waan ta’eef namni guddifame warra
guddifate biratti miidhaan akka irra hin geenyef wabiidha. Wabii ilmoo ta’uu isaa mirkaneessa.
Qabeenyaafi sanyii warra guddifatee akka dhaaluuf iddoo olaanaa qaba. Bu’uurumarraa kaasee
Oromoon kan ilmoo nama biraa guddifatu yoo ilmoo gudeedaa dhabe qofa. Adeemsa kanaan yoo
guddifatu immoo itti amanee waadaa seenee seerri ciisee fudhata. Kanaafuu, Adeemsi kun
gaheen isaa inni olaanaan ilmoo ta’uu mirkaneessuudha.

Gama Hawaasummaatin gaheen adeemsi raawwii guddifachaa qabu guddaadha. Haalumaa


Kanaan, akka Obbo Ijaaraa Damee (1/08/2014) odeeffannoo kennaniin yoo ibsan, hawaasni
naannoo sanaa nama aadaa guddifachaa ganamaatin guddifatame sana “ati gosa yookiin nama
biroo irraa dhufte; ati gosa abaluuti;” jedhani hinqoodan. Akkuma ilmoo dhalateetti hirmaannaa
hawaasummaa hunda hawaasa naannoo waliin raawwata. Iddoo itti guddifame sanatti gosa itti
guddifame waliin mirgaaf dirqama guutuu qabaata. Sadarkaa gumaa baasuufi fudhachuu irraa
eegalee hanga waan hunda murteessuu danda’uutti gahee hawaasummaa qaba. Hawaasni
Yookiin gosti sun ati nama biraa irraa waan guddifamteef waan akkanaa gochuufi hirmaachuu
hindandeessu jedhani qooduu, dhoorkuu hindanda’an. Yoo akkas godhan iyyuu seera tumaa

17
guddifachaa ittiin guddifame sanaan gaafatamu.Sababni isaa, waraannifi alangeen seeraa bahee,
seerri ciisee, Kallachiifi Siiqqeen bahee guddifamee ilmoo ta’uun itti amanamee jira. Akkasumas,
gosafi hawaasa itti guddifame sana keessatti mirga jaarsummaa taa’ee araarsuu, safuufi seera
abbaan guddifate qabu hunda isaa niqabaata.

Kana malees, akka Obbo Taayyee Raggaasaa (4/08/2014) “Manni baay’een guddifachaan
dhaabbate,” jedhu. Gaheen adeemsi raawwii guddifachaa kun nama guddifame sanaaf qabu akka
aadaa Oromootti namni ilmoo hinqabne seera kanaan yoo hinguddifanne qe’een sun dhaaltuu
malee hafa. Guddifachuun sanyii ofii itti fufsiisuufi qe’ee ofiitti abbaa gochuuf waan ta’eef
namni seera ciibsee ilmoo hinguddifanne sanyiin isaas ni bada; qe’een isaas ni bada. Kanaafuu,
namni adeemsa raawwii guddifachaa kanaan guddifame ilmoo nama guddifatee sana ta’uu isaaf
wabiidha.

Gama biraatin, namni guddifame kun gosa keessatti sanyii ta’ee waan lakkaawwamuuf gosa
keessatti gumaacha olaanaa godha. Gama hawaasummaatin, namni guddifame kabajaafi iddoo
olaanaa qabaata. Namni dhuunfaa illee yoo tasa guddifachaadhaan arrabse namichi arrabse
gosaan adabbiin murteessaan itti kennama. Akkaataan adabbii kun sangaa Kiisuu irraa eegalee
sadarkaa adda addaa qaba. Kanaafuu, kabajniifi iddoon namni guddifame hawaasa guddifame
sana keessatti qabu akkuma nama dhalateetti malee hiikni biroo tasumaa itti hinkennamu.

Dabalataan, Akka ragaa keennittootni marii gareen (30/7/2014) ibsanitti: adeemsi raawwii
guddifachaa aadaa Oromoo kun nama guddifamuufis ta’ee kan guddifatuuf jireenya
hawaasummaa keessatti gahee guddaa qaba. Gaheen jireenya hawaasummaa keessatti qabu kunis
kan armaan gadiiti.
 Namni lafa kanarratti kan jiraatu bakka of buusee darbuudha. Jireenya keessatti waan
ofiif horate dhaalchisee darbuudha. Kanaafuu, namni adeemsa jireenyaa kana keessa
darbu ilmoo yoo hinqabaanne sanyiin nama sanaa akka hinbanne gochuu keessatti gahee
olaanaa qaba.
 Al tokko tokko namni maatii baay’ee horatee waan ittiin jiraachisu dhabuu danda’a.
Namni qabeenya hedduu horatee ilmoo hinqabnes nijiraata. Kanaafuu, adeemsa
guddifachaa keessatti namoonni akkasii yoo ilmoo wal irraa guddifatan wal deegarsatu
mul’ata.
 Baay’achuu Saba Oromootif iddoo olaanaa qaba.
 Aadaa Hawaasaa illee dhaaluun waliin jiraachuu keessatti gahee olaanaa qaba.

18
BOQONNAA SHAN: GUDUUNFAA, ARGANNOOFI YAADA
FURMAATAA

Boqonnaa kana keessatti qabxiileen hammataman boqonnaa tokkoo hanga boqonnaa afuriitti
kanneen jiranidha. Qabxiileen boqonnaalee kanneen keessatti ibsaman ammoo karaa guduunfaa,
argannoofi yaada furmaataan mata duree kana jalatti akkaataa itti aanun dhiyaataniiru.
5.1. Guduunfaa
Mata dureen qorannoo kanaa: Qaaccessa Adeemsa Raawwii Guddifachaa Godina Shawaa
Kaabaa Aanaa Kuyyuu irratti kan xiyyeeffatedha.Guddifachaan aadaafi duudhaa uummata
Oromoo ganamaa kan abaabileefi akaakileen keenya nutti kennanii darban waan ta'eef
kunuunsinee dhalootaf dabarsuun barbaachisaadha. Guddifachaafi uummanni Oromoo hariiroo
cimaa kan waliin qaban yoo ta'u, uummanni Oromoo Aanaa Kuyyuu dhiibbaa garaagaraatin
ciccitaa deemus aadaa kana asiin gahee jira.

Haaluma kanaan, kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa raawwii guddifachaa aadaa Oromoo
ibsuudha. Qorannoon kanaanis, Waa’een Guddifachaa bal’inaan kan ibsamee jiru fi
Guddifachaan adeemsa akkamii keessa akka darbu gadi fageenyaan qaacceeffameera.
Kanamalees, Namootni ilmoo guddifatan namoota dhala hinqabne ta’uu fi guddifachaan
dhimmoota hawaasummaa keessatti gaheen inni qabu olaanaa ta’uun ibsameera. Guddifachaan
aadaa Oromoo isa ganamaafi kan adeemsa raawwii mataa isaa danda’e kan qabu ta’uun qorannoo
kanaan mirkana’eera.
5.2. Argannoo
Argannoon bu'aa qorannoo tokkorraa argamu ta'ee kanneen gaaffilee bu'uuraafi kaayyoolee
qoarannichaan deebii argatan yoo ta’u, akkaataa itti aanu kanaan dhiyaataniiru.
 Guddifachaan aadaa oromoo ganamaa ta’uun uummani Oroomoo rakkoo gama
hawaasummaan muudatu furuuf sirna gadaatiin tumee kan itti gargaramu ta’uun qorannoo
kanaan bira gahameera.
 Ilmoon guddifaachaa ilma Kallachaa yookan ilma Barcumaa jedhamuun; Ilmi ofii dhalan
yoo ta’e ammoo, ilma Gudeedaa jedhamuun kan beekamu ta’uun adda baheera.
 Sirni guddifachaa hawaasa Oromoo biratti adeemsa ittiin raawwatamu kan mataa isaa kan
qabuufi adeemsa raawwii guddifachaa keessatti meeshaaleen ulfoo gahee guddaa kan
qabu ta’uun qorannoo kanaan mirkana’eera.
 Guddifachaan jiruufi jireenya hawaasaa bocuu keessatti qoodni inni qabu olaanaa ta’uun
qorannoo kanaan bira gahameera.

19
5.3. Yaada Furmaataa
Qorannoo kana keessatti, Adeemsi Raawwii Guddifachaa Aadaa Oromoo akkamitti akka
raawwatamaa tureefi yeroo ammaa sadarkaa akkamiirra akka jiru ilaaluun dandaa’amee jira.
Haaluma kanaan, argannoowwan qorannichaan bira gaa’aman irratti hundaa’uun haala waliigala
adeemsa raawwii guddifachaa aadaa Oromoo irratti qoratichaan yaadni furmaataa kennamee jira.
 Jaarsoliin Oromoo duudhaa guddifachaa ganamaa kana sirriitti hojiirra oolchaa deemuun
akka hawaasni duuba jiru baratuuf gahee isaanii bahachuu qabu.
 Dargaggoon Oromoo nuti baranne ofiin jedhani ammayyummaa keessa jiran dhimmi
aadaa ofii murteessaa ta’uu beekanii maanguddootafi hayyoota dhimmaa aadaa gadi
fageenyan beekan irraa barachuun cimsani qabachuun barbaachisaadha.
 Adeemsi Raawwii Guddifachaa Aadaa Oromoo kan ganamaa hanga ammaatti bal’inaan
qoratamee barreeffamaan hinkaa’amne. Kanaafuu, adeemsi raawwii guddifachaa kun
dhaloota itti aanuf akka darbuuf qoratamee bifa barreeffamaan osoo taa’ee gaariidha.
 Uummanni Oromoo Guddifachaan aadaa Oromoo kan duudhaa ganamaa ta’uu hubatee
sirriitti kunuunfachuu qaba.
 Hayyoonni Oromoofi qorattoonni aadaa sirna guddifachaa kana irratti hojjechuun
beeksisuufi guddisuun dhaloota haaraa osoo barsiisani.
 Biiroon aadaafi Turiziimii Aanaa kuyyuufi Godina shawaa kaabaa aadaa guddifachaa
Oromoo kana gadi fageenyaan qorachuun, beeksisuufi kunuunsurratti xiyyeeffachuun
hojjechuun barbaachisaadha.

20
WABIILEE

Asafa Jalata (2007).Oromummaa: Oromoo culture, Identity and Nationalism. Oromia


Publishing Company: Atlanta Georgia.
Ayalew Duressa, (2002) Guddifachaa: Adoption Practice in Oromo Society with particular
reference to the Borana Oromo.MA Thesis in Social Anthropology.Unpublished.Addis
Ababa University.
Beekan Gulummaa, (2015) DIMDIMOO: Cooma Aadaafi Afoola Uummata Oromoo.
Finfinnee.Oromiyaa.
Creswell, J. (2012). Research Design: Quantitative, Qualitative and Mixed Method
Dastaa dassaaleny (2009). Bu’uura qorannoo. Addis Ababa: mana maxxansaa Boolee.
Dirribii Damusee. (2014) Seenaa Eenyummaa Orommoo: Finfinnee.
Dirribii Damissee. (2009) Ilaalcha Oromoo: Barroo Aadaa, Seenaafi Amantaa Oromoo. Mana
Maxxansaa Finfinnee.
Filee Jaallataa. (2019) Malleen Qorannoo. Finfinnee: Oromiyaa
Ministeera Barnootaa. (2005). Kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa
.Kampaalaa: MK Publishers LTD.
Misgaanuu Gulummaa (2011) Dilbii: bu‘uura afoola Oromoo: Finfinnee printing press.
Neuman, L.W. (2007) Basic Social Research: Qualitative and Quantitative Approaches
(2nded.). Bost peason Edu. Cailiral IC.
Warqinaa Abbaasoorii. (2008). Sirna Gadaa. Finfinnee:
Woodward, (2007), Understanding Material Culture.SAGE Publications Ltd. London.

21
DABALEEWWAN

Dabalee, A: Afgaaffii
Gaaffiileen afaanii kunneen Maanguddoota biyyaa,Abbootii Kallachaa, ogeessota aadaafi
Dudhaalee Oromoo, haadholiifi kanneen biro raawwii Guddifachaa irratti muuxannoofi
beekumsa gahaa qabaniin gaaffileen kunneen kan deebii argatan ta'a.
1. Waa’ee guddifachaa aadaa Oromoo Aanaa Kuyyuu maal beektu?
2. Namoonni adeemsa raawwii guddifachaa keessatti qooda fudhatan namoota akkamiiti?
gaheen isaanii maali?
3. Akka aadaa Oromootti namni daa’ima guddifatu nama akkamiiti?
4. Guddifachaa hawaasa Oromoo kuyyuu biratti akkamitti ilaalamaa?
5. Adeemsi raawwii guddifachaa aadaa Oromoo inni ganamaa akkam ture?
6. Gaheen adeemsi raawwii guddifachaa kun daa’imaafi jireenya hawaasummaaf qabu maali?
7. Guddifachaan aadaa Oromoo yeroo ammaa sadarkaa akkamii irra jira?
8. Sirni guddifachaa osoo hin raawwatiin dura gochootni raawwataman maal maalii?

22
Dabalee, B: Marii Garee
Gaaffiileen afaanii marii gareef dhiyaate kunneen Maanguddoota biyyaa, Abbootii Kallachaa,
ogeessota aadaafi Duudhaalee Oromoo, haadholiifi kanneen biro raawwii Guddifachaa irratti
muuxannoofi beekumsa gahaa qabaniin bifa mariitiin kan deebii argatan ta'a.

Kabajamtoota marii kanarratti argamtan hundaaf Mata duree‘’ ’Qaacceessa Adeemsa Raawwii
Guddifchaa: Godina Shawaa Kaabaa Aanaa jedhurratti qorannoo waanan gaggeessuuf
ragaan isin biraa argamu qorannoo kanaaf murteessaa waan ta'eef yaadicha xiyyeeffannoo keessa
galchuudhaan gaaffilee isinii dhiyaatan irratti marii taasistanii ragaa qabatamaafi qulqulluu ta'e
akka naaf kennitan kabajaan isin gaafadha.

1. Waa’ee guddifachaa aadaa Oromoo Aanaa Kuyyuu maal beektu?


2. Adeemsa raawwii guddifachaa keessatti namoota akkamiitu qooda fudhata? Qoodni
namoota kanneenii maali?
3. Akka aadaa Oromootti namni daa’ima guddifatu nama akkamiiti?
4. Aadaa guddifachaa keessatti mirgiifi dirqamni daa’ima guddifamtee maali?
5. Adeemsi raawwii guddifachaa aadaa Oromoo inni durii akkamiin raawwatamaa ture?
6. Gaheen adeemsi raawwii guddifachaa kun daa’imaafi jireenya hawaasummaaf qabu maali?
7. Haala qabatamaa amma jiruun guddifachaan sadarkaa akkamii irra jiraa?
8. Guddifachaan hawaasa Oromoo Kuyyuu biratti akkamitti ilaalamaa?

23
Dabalee, C: Maqaa Namoota Afgaaffiif Ragaa Kennanii

T/L Maqaa Koorniyaa Umrii Gahee Hojii


1 Obbo Badhaasaa Dabalaa Dhi 60 Abbaa Kallachaa
2 Obbbo Taayyee Rggaasaa Dhi 65 Jaarsa Biyyaa
3 Obbo Ijaaraa Damee Dhi 58 Abbaa Kallachaa
4 Aadde Ijoo Daadhii Dub. 71 Dubartii Saddeetaa
5 Aadde Jiituu Gaarii Dub 57 Haadha Siiqqee
6 Obbo Katamaa Gammadaa Dhi 68 Jaarsa Biyyaa

24
Dabalee, D: Maqaa Namoota Marii Gareetiin Ragaa Kennanii

T/L Maqaa Koorniyaa Umrii Gahee Hojii


1 Obbo Adaree Jimaa Dhi. 68 Abbaa Kallachaa
2 Aadde Baayisee Jiilchaa Du. 65 Dubartii Saddeetaa
3 Obbo Boggaalaa Damee Dhi. 45 Qotee Bulaa
3 Obbo Boonsaa Gooftee Dhi. 71 Jaarsa Biyyaa
5 Obbo Galaan Mitikkuu Dhi. 65 Qotee Bulaa
6 Obbo Goofee Fidaa Dhi. 83 Jaarsa Biyyaa
7 Aadde Giiftii Turaa Du. 65 Dubartii Saddeetaa
8 Aadde Qananii Adaree Du. 54 Dubartii Saddeetaa
9 Aaddee Abarruu Dhufeeraa Du. 60 Haadhaa Siiqqee
10 Aadde Jiituu Gaarii Dub. 58 Haadhaa Siiqqee

25

You might also like