Professional Documents
Culture Documents
1. SEENSA
1.1 SEENDUUBEE QORANNICHAA
Afoolli dameewwan fookloorii keessaa tokko ta’ee haala jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti
aadaa, seenaa hawaasa tokko kan qu’atuu dha. Afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti kan darbu
ta’ee amantii fi kabajni hawaasni tokko waan waliif qabu kan ibsuudha.Gammachuuni fi kannen
biroo(1999:3) irratti yoo ibsan ; sabni oromoo afoola isaatti gargaaramuun gaddaa, gammachuu,
jibba,jaalala, gidiraa,haaloota, siyaasaa fi abbootii aangoo sirnoota darbanitiin irra gahe ittiin
yaadachuu fi aarii garaa isaa ittiin ibsachuu fi kan dhimma itti bahaniidha.”jedha.
Hawaasni oromo baroota dheeraa dura; seenaa, aadaa, duudhaa, eenyummaa, gadda,
gammachuu, ergaa, feedhi, abdii, falaasama qabu og-afaaniin waliif dabarsa ture fi ibsachas jira
jechuudha. Haaluma walfakkaatun Soofiyaan (1991:1) yoo ibsuu Afoola jechuun akkuma maqaa
isaa irraa hubatamu barreeffaman osoo hin ta’in afaaniin dhaloota dhalootaatti darba kan dhufee
fi darba kan jiru,fulduraatis kan darbuu dame ogbarruu saba tokkootti jechuun ibsiteeti.
Dameewwan afoola keessa weedduun shobdoo isa tokko ta’ee kan afaaniin bifa walalootin
dhalootaa dhalootatti darbu fi ammaas darbaa jirudha. Ummata Harargee birattis beekamaa fi
jaallatama kan ta’eedha. Shoobdoon sirba aadaa oromoo Harargee ta’e kan yeroo midhaan
dhahan itti fayyadamaniidha. Yaaduma kana ilaalchisee Misgaanuun( 2011:6) Afoola yoo
ibsu”Afoolli ibsitu aadaa fi calaqqisiistuu eenyummaati.”jedha. Yaada kanarraa kan hubannu
afoolli sabni tokko aadaa akkamii akka qabu , mallattoo eenyumma saba fi sabni saba akkamii
akka ta’e ibsuuf ni gargaara jechuudha. Akkasumas afooli kun Harargee irratti qofaa waan
argaamuuf beekkamti cimaas akkasumas faayida garagara qaba jechuudha. Sirbii kun ummanni
yeroo Daboo(guuza) kan itti fayyadamuun taphatamuu fi ittiin waljajjabeessanidha. Weedduu
shoobdoo ilaalchisee wirtuu jildii 8ffaa irraatti Diras(1999:77) Galmee jechoota oxford
wabeeffachuun yoo ibsu” thresh means to separate the grain corn, wheat, rice etc, for forn the
rest of the piant using amachine especially in the past by hitting it with especial tool” jechun
ibseera. Kana jechuun akkaata midhaan irraa galabaa ittin baafatan meesha fi uleedhan midhaan
akkamitti akka argatan kan ibsudha. Kanaaf, Aanaa Ciroo keessattis hawaasni yeroo midhaan
dhahaan Jirma fudhachun midhaan rukutuu weedduu kanaan of bohaarsu. Kanaaf, Qorataan
1
kunis weedduu shoobdoo Godina Harargee Lixaa Aanaa Ciroo gadii fageenyaan funaanee
xiinxalee qorannoo isaa keessatti qaaccessee jira.
2
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun ergaa adeemsifamee rawwatee booda faayidawwaan armaan gadiif oola
jedhamee abdatama.
Namoota gara fuula duraatti qorannoo bal’aa shoobdoo irratti adeemsisuu
barbaadanif akka madda qorannootti ni gargaara.
Dhaloota boruu hamileessuu fi kakaasuu ni danda’a.
Wajjiiraa Aadaa fi Turizimii Aanichaaf kophii gochuun akka madda
qorannotti ni gargaara.
Og-afaan oromoo caalmatti gabbisuuf ni tajaajila.
Afoolicha badi irraa hambisuuf.
1.5 Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirotti kan gaggeeffame yoommuu ta’u.
Fuulleffannoon isaa weedduu Shoobdoo funaanun kan qaacceffameedha. Sababni qorannoon kun
Aanaa kana qofa irratti daangeffamefis: Tokkoffaan Aanaa kana qorataan waan sirritti beekuuf
bakka biraa caalaa hanga tokko odeeffannoo barbaachisaa ta’ee funaannachuuf qorataa kanaaf
mijaatadha. Lammaffaan yeroo, humnaa fi baajata qusaachuuf waan qorataa kanaaf mijaatuu
fidha.
1.6 Hanqina qorannichaa
Hojii tokko hojjachuuf hanqinnoonni adda addaa gufuu namatti ta’u danda’u. Qorataan kun
qorannoo kana yemmuu gaggeessu akka hanqinatti kan qorataa kana mudate. Kanneen akka;
hanqina yeroo, hanqina maallaqaa,hanqina geejjibati. Itti aansuun akka hangafatti waltajjii
shoobdoon qophaa’ee dhabu fi mata duree qorannoo kanaan walqabate maddaa raga kallattiin
ibsu dhabuudha. Haata’uu malee, Qorataan kun rakkoolee isa mudatan kana karaalee adda
addaatiin furmaata itti kennuun qorannoo isaa galmaan ga’eera. Kuniis hanqina yeroo waliin
walqabatee barumsa barachaa qorannoo kana waan gaggeesseef boqonnaa isaatti
fayyadamudhaan odeeffannoo fi ragaa qorannichaaf barbaachisu hawaasa keessa funaannatee
jira.
Hanqinoota gama maallaqaan isa mudatees gama adda addaa irraa deeggarsa akka argatu
gochuun, hanqina gama geejjibaan isa mudateef fala barbaadun rakkoo kana furuun, hanqinoota
jiran kana fooyyessuun qorannoo isaa kana galmaan gahu danda’ee jira.
3
BOQONNAA LAMA
2 SAKATTA, A OGBARRUU
2.1 Maalummaa Afoolaa (og-afaanii)
Afoolli beekkumsa hawaasaa kan hawaasa keessaa maddee eenyumma hawaasa sanaa
calaqqisisuudha. Yaada kanarraa kan hubannu hawaasni tokko eenyummaa isaa karaa afoolaatin
kan ibsatuudha. Kuniis, afoolli eenyummaa saba tokko kan mul’isuu jechuudha. Akkasumas, kan
afaaniin dhalootaa dhalootatti kan lufu fi kan dhalli namaa seenaa, aaadaa, duudaa, jaalala,
jibbaa, fi kabaja ofi ittiin ibsachaa turee fi ibsachaa jiruudha.
Haaluma kana fakkaatuun Abarraan(1998:93) Afoola yoo ibsu "Afoolli sadarkaa ummataa kan
agarsiisu fedhii, hawwii, gammachuu, gaddaa fi bu’aa bayii ilmoo nama ifa kan godhu
daawwitii jireenyaa kan ta’e damee fookloorii keessa isa tokkoodha. "jedha.
Yaadni kuniis kan ibsuu afoolli akka damee fookloorii ta’ee fi haala jiruuf jireenyaa
hawaasummaa kan ibsuu fi miirawwaan garaa garaa kan ittiin ibsataan ibsituu eenyuummaa saba
tokko ta’uu isaati. Weedduun shoobdoos og-afaan oromoo ta’ee hawasnii Aanaa Ciroo haala
jiruu fi jireenya isaa keessatti yeroo hojii hawwii, gammachuu, nuffi, quuqa garaa isaa ittiin
ibsaatuu fi ittiin waljajjabeessuudha.
Kana malees, Dastaan (2002:59) irratti waa’ee Afoolaa yoo ibsu "Afoolli kan hawaasni durii
jalqabee hanga har’aatti seenaa, aadaa, duudhaa, barmaatilee, mudannoowwan adda addaa
afaaniin dhalootaa dhalootaatti waliif dabarsaa kan dhufeedha"
Yaada kana irraa kan hubannu afoolli kan durii kasee hanga har’aatti muuxannoo fi mudanno
hawaasni tokko ittiin seenaa, duudhaa, barmaatilee midhaa qabani ittiin barsiisa fi hin qabnee
ittiin ibsatan ta’uu isaati. Akkasumaas, Gumiin qormaata Afaan oromoo (1993:84) Afoola yoo
ibsan "Afoolli hambaa ummataa kan hawaasa keessaa burqu damee og-barruu hin barreeffamiini
ta’ee aadaa, seenaa fi falaasama dhalootaa dhalootaatti kan dabarsuudha" jedha.
Yaada kana irra kan hubanu afoolli karaa barreeffamaatin osoo hin taane hawaasni
afaanummaan dhalootarra dhalootatti kan dabarsuu fi ammas kan dabaarsa jiruu fi borus kan
walif dabrsu ta’u isaa kan hubatamuudha.
Haaluma walfakkaatuun Malakneen (1999:8) Afoola yoo ibsu,"oral literature is refers to a verbal
heritage of mankind transmitted from generation to generation by words of mouth”jedha.
4
Yaadni kun kan nuhubachisuu Afoolli afaaniin dhallootaa dhalootaatti kan lufu jecha afaaniin
ta’uu isaati. Haaluma kana fakkaatun weedduun shoobdoonis hawaasni durii kaassee afaaniin
bifa midhaginaa qabuun dhaloota dhalootaatti kan dabarsaa jiruudha. Dabalataanis Finnegan
(1970:16) irratti afoola yoo ibsitu “it is unwritten or some time pupular or traditional literature”
jechuun ibsiti.
Yaada ishee kana irraa kan hubannus afoolli og-barruu barreeffamaan alaa ta’ee kan afaaniin
darbu ta’uu isaati. Weedduun kuniis duri irraa eegalee osoo barreeffamni hin dhufini eegalee
afaaniin hawaasni kan dhaloota dhalootatti kan dabarsaa dhufeedh.
Yaaduma kana deeggaruu Misgaanuun (2011:12) afoola yoo ibsuu”Afoolli dhaloota darbee fi
ammaaf riqicha ta’ee walqunnamsiisa” jedha.
Yaada hayyuu kanaa irraa akka hubannutti afoolli hambaalee bara duri keessa turani fi jiran ta’ee
ummatichii afaaniin dhaloota dhalootaati walif dabarsaa kan dhufee ta’uu isaati.
Walumaa galaatti afoolli bifa barreeffamaa osoo hin taane afaaniin duri irraa qabee bareedee
labata irraa labata itti aanuuf bifa midhaginaa qabuun kan darbu ta’ee sadarkaa hawaasni tokko
irra ture fi irraa jiruu kan agarsiisuudha
2.2 Amaloota Afoolaa
Amaloota og-afaanii ilaalchisee Dirribaa (1999:49) yeroo dubbatu .Og-afaan keessa waannti
biraa hafuu hin qabnee walin ka’uu qabu keessaa inni tokko amalaa afoolatti jechuun ibsa. Akka
hayyoonnni fi qorattoonni afoola irratti waligaluuf yaalanitti amaloonni afoolaa hammana
jedhamee wantii beekkame hin jiruu jechun ibsan. Akka qoodinsaa isaanitti amalooni afoola
kanneen arman gadiiti.
2.2.1 Hurruubummaa (Gocha)
Hurrubummaan og-afaan tokko akka lubbuu horatu taasisa. Afoolli tokko yoo gochaa waliin
walqabatee midhagina qabaachuu baate hanquu ta’uu danda’a. Yaada kana ilaalchisee Finnegan
(1970:2) yoo ibsitu “oral literature is bt difinition degend or performer who formalates in words
specific action there is no other way in which it can be realized as a literary product” jetti.
Yaadni kuniis kan ibsu afoolli kan gochaa walin dhihaatu ta’ee hirmaattoni gochaa fi sochii
afaan isaani irraa ba’u irratti kan hundaa’u ta’uu isaati.
2.2.2 Lufummaa
Bifa og-afaanii dhalootaa dhalootatti kan daddarbudha. Yaada kana Misgaanuun (2011:30)”og-
afaan bara kalaqamee hanga har’aatti osoo daddarbuu har’a ga’eera.” Yaanni kun kan
5
nuhubachisu afoolli uummatummaan uumame, ummataan yeroo sana qofa tajaajilee kan hin
dhaabbbannee fi gara dhaloota itti aanutti kan daddarbu ta’uu isaati.
2.2.3 Ummatummaa
Afoolli qabeenya ummataa waan ta’eef akka kitaaba abbaan barreesse hin beekamne fi
dhuunfumma hin qabu. Yaada kana Wasaneen (2008:166) irratti yoo ibsu “ummatummaan amala
afoolaa kanneen gurguddoo keessa tokko yommuu ta’u amala garee fi hawaasumaa qaba” jedha.
Yaada kana irraa kan hubannu afoolli qabeenya ummataati maddiisaa sammuu ummataa waan
ta’eef dhunfummaa keessa hin jiraatu. Kanamalees,afoolli fi hawaasni kan addaan hin baane
ta’uu mul’isa.
2.2.4 Jijjiiramummaa
Afoolli yeroo baay’ee jijjiiramaaf saaxilamadha. Jijjiramni afoolaa jijjiirama fedhii hawaasaa
yeroodha yerootti taasifamu wajjiin walsimachuuf uumama. Yaada kana irratti Finnegan
(1970:7) yoo ibsitu.
“There are also the cases when the performer introduces variation on older pieces or even totally
new forms interms of the detaled word in structure,or the content” jetti. Yaada ishee kanarra kan
hubannu afoolli dhaloota tokkorra gara dhaloota birootti kan darbu afaaniin waan ta’eef fageenya
yerootin kan ka’e qabiyyee fi buusa isaarratti jijjiiramni uumamu akka danda’u ibsi hayyuu kana
oli nuuf mirkaneessa.
2.2.5 Midhagummaa
Midhagummaan afoolli sun akkaataa miira ofii harkisuu fi dadammaksuf kan dhiyaatu ta’uu isaa
nutti agarsiisa.(wasanee,2008:167) Yaanni kun kanibsu,haala afoolli sun miira nama harkisuu fi
dadammaksuu danda’uun kan dhiyaatee fi miira namaa keessatti jechoota midhagoo nama
kakaasu,nama gammachiisu, fi nama keessatti waa uumaa danda’un kan dhiyaatu jechuudha.
2.3 Faayidaa Afoolaa
Afoolli jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti faayidaa olaanaa qaba. Faayidaan afoola
gurguddoon kanneen arman gaditti.
2.3.1 Ibsuuf
Afoolli gaaffiwwan bu’uraa uumaa fi uumama walqabsiisaan miseeensonni hawaasaa keessattuu
ijoolleen olka’aniif tooftaa deebii itti kennanifidha. Yaadumaa kanan walfakkaatun Fiqaadeen
(1991:94) ibsutti faayidaa afoolaa keessa tokko ta’ee gaaffilee naannoo keenya irra ka’aniif
6
deebii kennan wantoota adda addaa naannoo irratti argaman hubannoo cimaa ta’e tokko dabarsa.
Eessa dhuftee yookan namoota, bineensota, biqiloota eenyutu uume jecha jedhuuf gaaffileewwan
gaafatamanif deebisuuf kan gargaarudha.jedha.
2.3.2 Barsiisuuf
Akka Fiqaden (1991:95) yoo ibsitu amaloota fudhatamummaa qaban agarsiisuuf, jireenya
keessatti jabaatanii hojjachuu, tokkumma qabaachuu, arjoomu fi abshalummaa ni barsiisa jedha.
Kanaaf afoolli aadaa, seenaa, duudhaa, akkaata uffanna fi kan kana fakkaatan ni barsiisa.
2.3.3 Cimsuufi Dabarsuu
Gochoonni ummataan dhalootaa dhalootaatti darban cimee akka darbuu fi akka hin bannee fi itti
fufaniif faayidaan isaanii afoolaan ibsama. (Wasanee, 2008:170) jechuun ibsa. Yaada kanarra
kan hubannu afoolaa keessatti aadaa, safuu, seenaa, duudhaa, ummatichaa dhaloota irraa
dhalootaatti cimee akka darbu kan taasisuudha.
2.3.4 Miliquu
Miliquun jireenyaa nuffisiisaa jalaa gara waan nama boqochisutti harkifachuuf yaalu jechuudha
ibsa(Wasanee,2008:171). itti daabaluun Misgaanun(2011:10) irratti yoo ibsu namni kamiyyu
daangaa aadaa hawaasa isaa miiliquuf afoolatti gargaaramuun yeroo keessa miliqutu jira jechuun
ibsa. Akka waliigalaatti faayidaan afoolaa kana qofa miti hedduuda. Kunis akka fakkeenyaatti
kan ka’eef afoolli kun jireenya hawaasaa waliin walitti hidhaminsaa fi horiroo cimaa akka qabu
kan irraa hubannu ta’uu isaatiif.
2.4 Gosoota Afoolaa
Faayidaa afoolaa fi uunkaa isaanii irratti hunda’uun hayyoonni afoola hawaasa haala adda
addaattin qooda. Yaada kana ilaalchisee Sofiyaan (1999:2) irratti yoo ibsitu “Afooli oromoo
gosoota hedduu, weedduu, geerarsaa, faaruwwaan adda addaa qabata jechuun” ibsiti.kana irraa
kan hubannu as keessatti weedduun gosaa garaagaraa waan qabuuf weedduun shoobdoos kana
keessatti argama jechuudha. Dabalataanis Jaarraa fi Wasanee (2008:159) akka ibsanitti”Afoola
gosa gosatti qooduun ni danda’ama. Gosa afoolaa tokko hojira olchuuf yeroo murtaa’aa
barbaada. Bakki itti dubbatamuu fi haalli itti dubbatamus murtaa’aadha. Kanneen keessa bu’uura
kan ta’an mammaaksa, hiibboo, jechaama, sheekkoo, oduu durii, geerarsa, sirboota adda addaa fi
cigoo ta,u” jechuun ibsa. Akkuma yaadota olirraa hubannu afoolli baay’ee ta’us
fuulleffannoonqorannoo kanaa gosoota afoolaa ka’amani jiran keessa weedduu bifa af-walaloo
7
jalatti ramadaman irratti kan xiyyeeffatu ta’ee isaan keessa weedduu shoobdoo irratti
xiyyeeffachuun kan dhihaatedha.
2.5 Maalummaa Shoobdoo
Shoobdoon weedduu daboo yeroo midhaan dhahan hawaasni Godina Harargee ittiin
waljajjabeessan, ittiin qeeqan jibbaa, jaalala, duudhaa, seenaa fi kan kana fakkaatan ittiin
ibsataniidha. Akka hayyuun Zaarihun (1996:46) jedhutti namoonniyeroo baay’ee dhuunfanis ta’e
gareedhaan hojii gosa tokko yeroo hojatan hojiin sun kakka’umsaa gaaridhaan akka hojamu
yookiin kakka’umsaan hojachuuf akka gargaaruu sirboota adda addaa sirbuudhaan walaleesuun
hojii sana gammaachuudhaan hojatu. Aanaa Ciroo keessattis hojiiwwan yeroo hojatan sirbi
sirbachaa hojjatu. Yeroo midhaan dhahanis gareedhaan namni midhaan dhahu sun sirboota
garagaraa sirbachaa walbashanaansiisa hojata. Sababni isaas sirbi sun miiraa isaani akka
kakka’umsa cimaa uumudhan osoo hin nufisisiin akka hojatan godha. Hawaasni kunis yeroo
midhaan tumanitti caalleessanitti mukni jirmaa isaan qabatan sagalee dhageessisaan ulaagaan
hundumtuu gosa shoobdoo isaa sirbaa addaan baasee midhagsuun nama hawwata.
Dabalatan, hayyuun Finnegan (1970) yoo ibsituti, sirboonni hoji dalagaa hojatamuu waliiin
walitti dhufeenyaa waan qabaniif sirboota aadaa biroo irra adda. Hariiroon cimaan keessattu
namoota gareedhan hojatan biratti sirbaman keessatti ni mul’ata.Sirbi sun hirmaatotaa hojii sana
akkaataa rawwii isaani kan ibsuu fi mul’isuu fedhii gurmaa’inaan hojachuu isaani kan dabaluu fi
kakka’umsaan akka hojatan taasisaa.
2.6 Yoomessa Shoobdoo
Jechii yoomessa jedhuu jecha yeroo fi bakka yookiin yoomiif eessatti wanti tokko akka
rawwwatame kan ibsuudha. Kana irraa ka’uun shoobdoon yeroo midhaan dhahan guuza
(daboon) kan jedhamuudha. Akkasumas, bakka misoomatti jedhama. Yaaduma kannan
walfakkkaatu Finnegan (1970:231) yoo ibsitu, “in rural area, agricultural with provides the
occasion for the work song for instance,in souther rhodesia maize threshing in or acular time for
songs” jetti.Kana jechuun hawaasni qotee jiraatu tokko yeroo oomishaa isa alaa galfaatutti
gamtaan hojjeta kanaaf sirboonni hojii kana jajjaabeessan ni sirbamu kanis hawaasichii gamtaan
hojii akka hojjeetu godha. Akka yaada kanatti fakkeenyaa fi yeroo boqolloo dhahaan sirbi hoji
kan sirbamu ta’u mul’isa. Aanaa Cirottis yeroo mishingaas haa ta’uu boqolloo dhahaan hawaasni
wedduu shoobdoo kanatti fayyadama. Kanaaf shoobdoon kan jedhamu yeroo fi iddoo
barbaachisaa ta’ee akka qabu nu hubachiisa.
8
BOQONNAA SADII (3)
MALLEEN QORANNICHAA
Malli qorannoo qorataan kun itti gargaarame gosoota mala qorannoo jiran keessaa mala
qorannoo akkamtaa (qulqullaawaa) fayyadamuun kan gaggefameedha .Sababni isaas, qorannoon
kun dhimmaa mata duree kanan walqabate dhugaa hawaasa kessaa jiru funaannachuu fi gadi
fageenyaan odeeffannoo hubachuuf kan gargaaruudha. Mala kana Addunyaan (2011:10) irratti
mala qorannoo qulquullaawaa yoo ibsuu “qorannoon kun gaaffiwwaan maali?,akkamitti,
jedhaniif deebii deebisuuf carraaqa. Akaakuun qorannoo kana dhimma qorannichaa keessatti
dhiyaatan hunda jechaan ibsa “jedhaa.
Yaada kana irraa akka hubannutti qorataan qorannoo yoo geggeessu gaafilee maaliif akka ta’e
akkamitti akka ta’e qaama biro biraa gahuuf haala jiruufi jireenya hawaasicha irratti qorannoo
geggessuu barbaadan odeefannoo kan funaannatan ta’u isaati. Qorataan kuniis kana hubatee mala
qulqullaawaa kana fayyadaamuun waa’ee weedduu shoobdoo hawaasa keessaa funaanuun
qorannoo isaa geggeesse jira.
Maddi odeeffannoo qorannoo kanaaf itti gargaarame madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaadha.
Maddi odeeffannoo sadarkaa tokkoffa kuniis manguddoota Aanaa Ciroo keessatti waa,ee
weedduu shoobdoo irraatti hubannoo qaban irra odeffannoo funannachun qorannoo isaa kan
geggessedha.
Madda ragaa odeeffannoo sadarkaa tokkooffaa: Nunan (1992:205) yoo ibsuu “primary sources
are the hand of information from person to person witnassed or participated in event”
Yaada armaan olii kana irraa kan hubannuu odeeffannoo madda odeeffannoo sadaarkaa
tokkoffaa qorataan bakka bu’aa ta’ee jiruttii nammota argamaan yookan hirmaanna a taasisaan
irra edeeffannoo funaanudha. Haaluma kanaan qorataan kunis hawaasa keessa namoota weedduu
kana sirritti beekan irraa odeeffannoo isaa funaanateera.
9
3.2 Tooftaa Iddaattoo
Yaaduma kana ilaalchisee Dastaan (2013:131) yoo ibsu, “Iddaattoon adeemsa odeef-keenitoota
Qorannoodhaaf filannee jamaa keessaa filataman sana akka bakka bu’an kan ittiin tasisnuudha”
jedha .yaada kana irraa kan hubannu iddaattoon odeemsa kaayyeffatamaa ta’ee namoota waa’ee
qorannoo sanaa hubannoo qaban irraa odeeffannoo funaannamu ta’uu isaati. Qoratan qorannoo
kanaatis manguddoota waa’ee weedduu shobdoo kana sirritti beekan jedhamanii eeraman
hawaasa Aanaa Ciroo Gandoota sadii(3) keessa namoota kudhan(10) filachuun gaaffileen
weedduu shoobdoo waliin walqabatu gaaffiin shan(5) af-gaaffii fi marii gareef qophaaheefi akka
isaan deebisan af-gaaffiin banaan dhihaateefi jira yeroo isaan deebisanitti yaadannoo
qabachuudhaan ragaa isaa funaannachuun itti fayyadameera.
Qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaa qorannichaa irratti dhimmi itti bahamee
3.3.1 Af-Gaaffii
Af-gaaffiin meeshalee odeeffannoon ittiin funaanaman keessaa tokko ta’ee kan qorataa fi odeeff-
kennaan fuulletti wal-arganii fi osoo wal hin argin bilbilaan odeeffannoo ittin walii kennaniidha
.schaerter(1998:45) af-gaaffii yoo ibsu “interview isa face to face or telephone questioninig to
obtain in adesired information an iterviwew can obtain ahigh responserate” jedha. Yaada kana
irraa kan hubannu qorataan af-gaaffii faayyadamuun odeeffannoo gahaa fi quubsaa ta’ee
argachuu kan danda’u ta’uu isaati. Kana hubachuun qorataan kuniis hawaasa keessa odeeffannoo
weedduu kana hammaa danda’etti funaannateraa.
Gosti af-gaaffii qorataan kun fayyadame af-gaaffii caaseffamaadha. Nunan (1992:149) irratti yoo
ibsu, “in the most formal type structured interview the agenda is totally predittermined by
resarcher who work thorough the list of set questions and preditermined order.” yaada kana irraa
10
kan hubannu bifa af-gaaffii hunda caalaa idilee kan ta’e af-gaaffii caaseffama keessatti gaaffileen
guutummaa guututti qorataan kan murtaa’udha.
Qorataanis akkaatuma duraa duuba gaaffilee dura murtaa’anitiin gaaffilee isaa kan gaafatudha.
Meeshaan kun irra caalaa sababni filatameef namoota hin baraannee jechuunis namoota
barreessu fi dubbbisuu hin dandeenye gaaffi afaanii dhiyeessuun odeeffannoo funaanuuf waan
gargaaruufidha. Qorataan qorannoo kanaas,kana hubate af-gaaffii fayyadamuun manguddoota
waa’ee weedduu shoobdoo beekan namoota afur(4) irraa odeeffannoo af-gaaffiin kan
funaannatedha.
Marii garee xiyyeeffannoo meeshaalee funaansa ragaa keessaa tokkoodha. Sababni meeshaan
kun filatameefis, namoonni muuxannoo qaban waljijjiruun kan tokko beeku tokko beekuu dhabu
waan danda’uuf walin marii’achuun odeeffannoo gahaa waan isaan irratti marii’atan yaadannoo
qabachuun qaacceffamaniru. Namoonni odeeffannoon kennan manguddota jahaa (6) gandaa
lama irraa walitti fiduun gaaffiin shaan (5) dhiyyaateeffi irratti marii’ataniru yaanniisaanis bifa
qorannoof tahuutti qophaahe qorannoo kana keessatti qaacceeffamera.
Yaada kana irratti Nunaan (2006:33) yoo ibsu “marin garee xiyyeeffannaan adeemsa
odeeffannoo funaanuu keessa qorataan garee namoota murtaa’ee waliin yoomessa murtaa’e
keesatti kan adeemsifamuudha” jechuun ibseera. Yaada kanarra kan hubannu mariingaree
xiyyeeffannoo qorataan yommuu odeeffannoo isaa funaanu namoota murasa odeeffannoo gahaa
irraa argadha jechuun bakka fi yeroo isaa murteeffatee kan gaafatudha. Kanaa hubatee qorataan
kunis namoota akka iddattootti filataman keessaa namoota weedduu shoobdoo irratti muuxannoo
fi beekumsa gahaa qaban jedhee yaadu fi itti amanu walitti qabuun akka mari’atan taasifameera.
Qorataan kun qorannoo isaa weedduu shoobdoo Goodina Harargee Lixaa Aanaa Ciroo
manguddoota irraa funaannatee qaaccessee jira. Qaaccessa isaa kanas af gaaffii fi marii garee
xiyyeeffannootti gargaaramee qorannoo isaa geggeesseera.
11
BOQONNAA AFUR
Boqonnaa kana keessatti odeeffannoowwan kaayyoo gooree qorannichaa galma gaa’uuf af-
gaaffii fi marii gareettiin funaannaman qindaa’uun haala walduraa duuba ta’een dhihaatanii kan
qaacceffamaniidha.
Shoobdoo jechuun akkumma boqonnaa lammaffaa irratti ibsuuf yaalameeti weedduu hawaasni
yeroo midhaan dhahaan fedhii, hawwii, jibba fi gammachuu isaa ittiin ibsatu fi itti
walhubachisuudha. Maalummaa shoobdoo ilaalchisee akka odeeffannoo waajira aadaa fi
Turuuzimii Aannichaa irra argame yoo ibsu, “Afoolawwan gochaa aadaa ummataa hojii
misooma ibsan keessa too shoobdoo jedhamun beekama. Shoobdoo afoola hojii omishaa
misooma irratti ummata guuza waliif bahaan hamilee fi kaka’umsaa hojii keessatti ummuuf
jajjabeessuu keessatti qooda olaana kan qabudha. Shobdoon hamilee hojii misoomaf bakka
namooni baay’een walitti qabamuun bishingaa tumuu irratti hirmaatanitti adeemsifamaa. ( odeeff
kennaa” F”n ) ibsan
Yaada kanarraa kan hubannu weedduun shoobdoo kun gosa afoola ta’ee gochaa aadaa hawaasa
kan ofkeessa qabu ummanni yeroo daboon mishingaa tuman jabaatanii akka hojii sana hojjatan
kan jajjabeessuu fi hirmatoota baay’ee akka qabu hirmaattooni kunis fedhii fi hamilee akka
qabataniif weedduu kanaan dhimma akka bahan ta’uu isaaniti.
Yaaduma kana cimsu odeef-kennaan “D”n yoo ibsu “shobdoo jechuun weedduu yeroo midhaan
dhahaani ta’ee bakka takkaa dabareen wanta tokko dhahuu jechuudha”jedha.
Yaada kanaa irraa kan hubannu ummanni yeroo daboon midhaan dhahaan warrii daboo sana
irratti hirmaatu bakka tokko osoo hin ta,iin adda wal fuudhani weedduu kanatti fayyadamani
miidhaan tumuu isaaniiti.Dabalataaniis maddi ragaa odeeffannoo marii garee irraa argamuu
maalummaa shoobdoo yoo ibsu “shoobdoo jechuun weedduu qotee bulaan tokko lafa qonnaa
irratti midhaan facaasee yeroo midhaan san gahee erga haamameen booda gara lafa
uudatti(midhaan sun itti dhahamuutti) fiduun daboo itti kadhachuun uleedhaan dhahanii galabaa
fi midhaaan callaa gargar baasuuf raawwii taasifamu “jechuun ibsa. Yaanni kun kan nu
12
hubachiisu shoobdoon weedduu qotee bultoonni yeroo lafa isaani irra midhaan walitti
sassaabuun daboo itti kadhatanii uleedhaan midhaan dhahaan weedduu hawaasni itti gargaaramu
shoobdoo tahuu isaati.Kana malees maalummaa shoobdoo odeef-kennaan “B”n yoo ibsu
“shoobdoon weedduu guuza(daboo) keessa dabaree dabareen namni tokko irra buusee kanneen
garee gareen dabareen waljalaa qabuun namoota dhiiraa ,dargaggoo fi ga’eesssootan kan
kaka’uumsa uumuuf iddoo misoomaa irratti geggeeffamuudha.
Yaada odeef-kennaa kanaa irraa kan hubannu weedduun kun hirmaattoota bakka sanatti argaman
hundi dabareen irratti kan hirmaatani fi hirmaattoota kana keessatti dubartoonni hirmaannaa akka
hin qabne dargaggootaa fi ga’eesssootaan akka weeddifamuu isaati.
Afoolli tokko akkaatuma akaakuu isaatiin itti fayyadamaan yeroo fi bakka ,akkasumaas,haala itti
raawwatamuu qaba.kuniis bakki,yeroo fi haalli keessatti dhihaatus murteessa dha.kun immoo
akkaatuma garaagarummaa isaanitiin yeroo fi bakki garaagaaraa kan
filatuudha.kanaaf,yoomeessa shoobdoo kana yoo ilaallu haalli dhiyaannaa shoobdoo yoom
,eessatti weeddifama kan jedhu yeroo murtaawaa fi bakka murtaawaa kan qabuu dha.Yaada
kanaa ilaalchisee akka odeef-kennaan”A”n madda ragaa af-gaafii irraa argame ibsutti “weedduu
shoobdoo kan weeddiffamu yommuu midhaan lafa qonnaa irra walitti funaanamee uuda irratti
walitti tuulamee yeroo muraasaaf erga taa’een booda daboo(guuza) itti kadhachuun gareen
jirmaan dhahaa weeddisanii dha.
Yaada kana irraa kan hubannu weedduun kun yeroo midhaan dhahan kan weeddifamu yeruma
midhaan dhahamuu sana qofa ji’a amajjii akka ta’e inni kuniis bakka qonnaa irratti uuda
toolchanii midhaan dhahuun kan jedhamuu dha.Yeroo hojjatan sanatti wal jajjabeessuuf kan
hawaasni Aanaa Ciroo dhimma itti bahuu dha.
Yaada kana cimsu odeeffannoon marii garee irraa argame yoo ibsu “weedduun shoobdoo yeroo
midhaan gahee ji’a amajjii keessa kan weeddifamu guyyaa yookaan halkan danda’a. bakki isaa
iddoo uuda miidhaan irratti tuulame sana”jechuun ibsan.Yaada kana irraa kan hubannu
weedduun kun iddoo midhaan itti tuulame uuda yoo ta’u yeroo weedduu kana weeddifataniis
gareen waljalaa qabaa kan weeddifatuu fi ji’a amajjii keessa hawaasa Aanaa Ciroo biratti yeroon
13
san yeroo bonaa yoo ta’u ummanni midhaan daboon dhahuun yeroo itti midhaan alaa galfatan
ta’uu isaati.
Aanaa Ciroo keessatti weedduun shoobdoo kun faayidaa hedduu qaba. Kuniis nama
weeddisuufis ta’ee namoota weeddifamuuf (sirbamuuf) faayidaa guddaaa qaba. Akka ragaan
odeef-kennaa af-gaaffiin manguddoo aanichaa irraa argame ibsutti. “Weedduun shoobdoo kun
faayidaa hedduu qaba. Isaanis hawaasni eenyumma isaa ittiin ibsachuuf, namoota waa’ee
shoobdoo hin beekne ittiin qeequuf, cunqursaa garaa keessa ittiin ibsachuuf, waljajjabeessuuf,
nama oomisha gudda argate ittiin jajuuf ni gargaara jechuun (odeef-kennitoonni “A,B, C, D”)n
ibsan.
Akka yaada kana irraa hubannutti weedduun shoobdoo yeroo daboon midhaan dhahaan
weeddifamu kun faayidaa armaan olitti ibsame of keessa akka qabudha. Inniis wantoota isaan
mudataan hawaasni weedduu kanaan akka ibsatan, wantaa garaa keessatti yaadanii fi hawwan
karaa ittiin ibsatan ta’uu isaati.
Dabalataanis maddi ragaa odeeffannoo marii garee irraa argamee faayidaa weedduu kana yoo
ibsu “shoobdoo faayidaalee hedduu hawaasaf qaba.Isaan keessaa hamileessuu, injifannoo
waraana ibsuuf, cunqursaa saba tokko irraa gahaa turee fi jiru ibsuuf, gootummaa agarsiisuuf,
ittiin gammaduuf, dadhabbii moo’achuuf ni gargaara. Akkasumaas, hawaasni quuqaa garaa isaa
keessa jiruu ittiin ibsachuu fi ittiin barsiisuuf ni gargaara “ jechuun ibsan.
Yaada kana irraa kan hubannu shoobdoon faayidaa garaagaraaf akka oluudha. Kanneen namoota
waa’ee shoobdoo hin beekne qeequuf, namoota hojii san irra jiran hamileessuu fi jajjabeessuu,
namoonni hojii sana dadhabbii tokko male galmaan akka gahan gochuu, ittiin walbarsiisuu fi
kanneen kana fakkaatan gochuuf miidhagee bifa walalootiin afaaniin dhaloota dhalootatti kan
lufaa dhufee fi lufaa jiru ta’uu isaati.
Walumaa galatti faayidaa weedduu yeroo miidhaan dhahanii Aanaa Ciroo keessatti argamu kun
aadaa, seenaa fi afaan saba tokkoo guddisuuf gahee olaanaa qaba. akka odeefannoon af gaaffii fi
marii gareetiin sassaabame ibsutti namoonni yeroo hojii garaagaraa daboon hojjatan sagalee
adda addaatiin yeroo weeddisan baay’ee kan nama bashannansiisu fi nama barsiisu ta’uu isaati.
14
kana malees, odeeff -kannitoonni garaagaraa waa’ee faayidaa weedduu kanaa qoqqoodanii
walaloon odeefannoo irraa argameera. Isaaniis walduraa duubaan akka armaan gadiitti qorataa
kanaan dhihaatanii qaacceffamaniiru.
Haalli jiruufi jireenya siyaasa tokko eesstti ummanni cuqursaa irra ture karaa afoolaan
fayyadame ibsachuu danda’a.hawaasni Aanaa Ciroos og-afaan weedduu shoobdoo kanati
fayyadamee cunqursaa mootummoonni duraanii irraan gahaa ture walaloon ibsataa turan.
15
(odeef kennaa “A” n Fulbaana 5-2009)
Walaloo shoobdoo armaan olii kanarraa kan hubannu ummanni aanichaa haala siyaasaa yeroo
dhoksaan yookin iccitiiin waliif ibsuu barbaadan shoobdoon ibsatu. kana jechuun dhiibbaa
mootummaan abbaa irree dargiin ummata oromoo irratti raawwate kan calaqqisiisuudha.
Walaloo tana keessatti “Rabbiin shuumee shuure “ kan jedhu dhiibbaa haala kamiin ofirraa
kaafna nuti humna hin qabnu rabbiin guddaan humna qabu isaatu aangoo tana isarra kaayee
innumti nurraa haa kaasu jechuun rabbiin itti kadhatu. kana malees, saraara saddeettaffaa irratti
“of irraa ittifna buutii “jechuun kun bofa afaa jalaati of irraa dhoorkina jechuun ibsatu. Rabbiin
humna qabu kan haqa dalagu cunqqursaa alagaa kana nurraa haakaasu,kan darbe nutti hin
deebisin,bara keessa jirru immoo kan milkii ,kan eebbaa nuuf haagodhu,midhaan keenya wal-
gubba walgubbatti wal eegee nuuf haa turu jechuu isaati
Ummanni oromoo Godina Harargee Lixaa Aanaa Ciroo dhunfaan hojjachuu caalaa gareen
hojjeechuu jaalata. Sababni isaas, gamtaan hojjeechuun nuffii fi hamilee dhabummaa hambisuuf
isaan gargaara waan ta’eefi. Yaada kana odeef-kennaan “B”n yoo ibsuu, “gamtaan hojjechuun
namoota qaamaan miidhamaa ta’an of jalatti gargaaruuf, muuxannoo walirra argachuuf,hojii
saffisaan hojjachuu fi milka’inaa hojii sanaaf bakka guddaa qaba” jedha.
Yaada kana irraa kan hubannuu ummatni aanichaa yeroo gamtaan hojjetanitti waeedduu
shoobdoo itti dhimmaa bahun wal-jajjaabeessu, dadhabbii dagachuun, rakkata ittin gargaaruuf,
wal-onnachiisuuf, hamilee walitti horuuf, wal barsiisuu fi tokkummaa cimsuu isaaniti.
Yaada armaan olii kana hubachuf fakkeenya armaan gadii kana haa ilaallu.
16
Weedduu armaan olii kana irraa kan hubannu, Tokkummaan jabeenyaa fi humna cima akka
qabuu fi gamtaan hojjechuun humna akka nama kannuudha. As keessatti “harreen tumaa” kan
jedhu yoo fudhanne harreen hojii cimaa namni hojjechuuf rakkatu akka hojjettu baay’ina
miidhaan abbaa ooyruu sana nama cimaa ta’u agarsiisa. Akkasumas, korreenttin humna nama
caalu qabaachuu isaati.
Fakkeenyaa 2
17
4.3.3 Nama jabaatee hojjate ittiin jajuuf
Hawaasa tokko keessaa akkuma namni jabaate hojjate jiru kan hojii hin jaalannees jira.
Ummanni Aanaa Ciroo nama hojii sirritti hojjetu kan hiyyummaa hin jaalanne goota hojiiti waan
ta’eef ni jaalatu, ni jajjabeessuu fi ni faarsu namni sun gara fuula durattiis kan dura caalaa cimee
akka argamuu itti himu. Namoonni ummatichaa biratti faarfamanis kan yeroo uuda(tuula)
miidhaan isaa callaa guddaa argamsiisuudha.
Fakkeenya lammaffaa.
18
Weedduun armaan olii kana irra kan hubannu shoobdoon yeroo daboo abbaa miidhaan sirritti
argate sanaaf uuda tumaanidha. Kanaaf akka boonbaa namni hundii bishaan irraa waraabatu fi
abbaa oomishaa sanan walbira qabee ittiin farsaniidha. Dabalataanis, namoonni abba oomisha
gudda argate kan irraa baratanii xiiqii horatanii jabataani akka hojjetan weedduun lamaan oli kun
nubarsifti kun immoo namoonni miira wal-dorgommii akka uumanni fi guddina hawaasa
tokkootiif tumsa ta’uu isaati.
Faaayidaa shoobdoo keessaa tokko eenyummaa hawaasa tokko ibsudha. Iddoo miiidhaan
tumaanitti dargaggoonni, ga, eessotni fi manguddoota walgahanii seenaa, aadaa, duudhaa,
amanta, falaasama fi eenyummaa isaani weedduu shoobdoon walitti himun lafti qubsuma isaani
eessa akka ta,e wal-hubachiisa kun immoo dhalootni amma jiruu fi labatni kun immoo labata itti
aanutti eenyummaa fi aadaa ofii daandii bu’uuraa itti akeeku fi afoolli akka hin dagatamne
gochuuf bakka guddaa qaba.Eenyummaa hawaasa oromoo aanaa ciroo shoobdoon armaan gadii
kun fakkeenya ta’a.
19
odaan ibsituu eenyummaa akka ta’ee fi bakka heeraa fi seera ittiin bulmaata ummanni oromoo
itti tumatu ta’u isaa nu hubachiisa.akkasumaas fkn itti aanu haa ilaalluu
4.3.5 Qeequuf
Hawaasa tokko keessatti namni erga nama ta’ee dhalatee wantoota jireenya hawaasummaa
keessatti hojjatamu hunda keessatti hirmaachuun dirqama isaati.kun immoo walitt dhufeenya
hawaasa tokkoo cimsa .
yaada kana odeef-kennaan “D”n yoo ibsu “ummatni oromoo Aanaa Ciroo yeroo daboon midhaan
dhahan namoota adeemsa fi weeddduu shoobdoo kana hin beeknee fi keesatti hin hirmaanne ni
qeequ.dhiirummaa isaa tuffachuun ni arrabsu”.
Yaada kanarraa kan hubannu namoonni amala akkanaa qaban akka of sirreesssaniif gargaara.
Ummatni weedduu shoobdoo armaan gaditti fayyadamuun nama shoobdoo baasuu hin beekne
qeequun arrabsu.
20
Fakkeenyaa 1
Akkasumaas ulee muradhaa sirreeffadhaa jechuun shoobdoo tumtanii hin beektan dhaggeeffadhu
ittiin jedhu.uleen jirma uudaan tuman sana dha.haalli ulee kana itti qabataniis seera mataa isaa
qaba akkuma arganitti qabatuun dhoorkaa dha.kanaaf sirreessitee yoo qabachuu wallaalte ati
dhiira miti jechuu isaanitti dhiirtii shoobdoo hin wallaaltu waan ta’eef.
Fakkeenyaa 2
21
(odeef-kennaa”A” fi “B”n fulb-5-2009)
Akka yaada weedduu armaan olii irraa hubannutti yeroo midhaan dhahan shoobdoo jedhan
sanitti namtichi ykn namoonni shoobdoo dhahanii hin beekne gaafa yeroo daboo sana irratti
argamuu dha. kuniis shoobdoon adeemsa ittiin dhahan qaba. adeemsa kana ala bahuun hin
danda’amu. Miidhaginaa fi wal unata sagalee fi jirma jiddu eeguun dirqama. namichii shoobdoo
sana dhahee hin beekne immoo osoo hin jaalatin daangaa kana darbee argama. Yeroo daangaa
darbu sanitti ati tumaa hin beektu firra midhaa dhahu dhiisaa numa tajajila jechuun ati
tuffatamadha ,nama humaa beekumsa hin qabne naa laallate jechuun ittiin arrabsu”hiyyuu tanaa
naa laallate “jechuun arrabsan.kana malaas, lafa qotuuf kan barbaachisu sangaa ta,uu saa itti
akeeku .bo,oo dhumaa irratti “shoobdoon taphumaa hin aarani” jechuun tapha waan ta,eef
barachuu qabda malee hin mufatiin.akka irraa barattuu fi kanneen akka aadaa fi afoola hawaasa
jechuun dhumarratti hubachiisa.namni shoobdoo hin beekne ka,umsa godhatee adeemsaa fi
dhahaa midhaani akka baruu fi aadaa,duudhaa hawaasa akka hin dagatamnee ittiin akeeku
isaaniiti.
Shoobdoon adeemsaa fi haala raawwii mataa isaa danda’e qaba. Akkasumaas, seera ittiin
eegalanii fi ittiin xumuran qaba. Akka odef kennaan “A” n ibsutti “yeroo shoobdoo eegalan
tuutni bakka lamatti bahuu wal jalaa qaabanii kan weeddisaniidha “
Yaada kan irraa kan hubannu shoobdoon yeroo weeddifamu namoonni garee gareetti bahanii
dabareen kan waliif weeddisani fi namni shoobdoo baasuu beeku yeroo jedhu tuutni kaan jalaa
qabuun kan weeddifamu ta’uu isaati.
Namni shoobdoo jedhu bakka ittijedhu qaba. Shoobdooniis adeemsa mataa isaa qaba. Namni
yeroo midhaan isaa dhahuu barbaade daboo (guuza) namoota hamma isa barbaachisu
kadhachuun guyyaa itti qabata. Yeroo guyyaan beellamma qabatan gahe namoonni inni kadhate
ganamaan jirma isaanii qabatanii dhufu abbaan daboo waan guuza isaattiif barbaachisu kanneen
akka, jimaa, sukkaraa, sijaaraa qopheessee isaan eega. Haati mana isaas waan ishee ilaallatu
kanneen akka, hoojjaa (quxxii), bunaa fi bishaan qaabattee ganamaan caayaa ooyiruu ishee jalatti
argamti. Guuzniis qama’ee marqaanee jirma isaanii qabatanii gara uudaa deeman. Namni
22
midhaan sana dhahuuf qophaa’e namoota saddeet (8) yoo ta’e bakka lamatti adda wal qooduun
afur -afuriin midhaan dhahuun weedduu kanaas waliif baasuun sagalee weedduu fi jirmaa isaan
dhahaniin haala wal simuun dhahu.
Yaada kana irraa kan hubannu adeemsi weedduu shoobdoo bu’aa bahii hedduu keessa akka
darbu namoonni itti hirmaatanis akka hin daangeeffamneedha. Kana malees, hawaasni aadaa fi
safuu mataa isaa akka qabu namoonnii harka qalleeyyiin keessatti argaman gargaaruun bu’aa
bahii tokko malee midhaan sana irraa dhahu. Kunimmoo ummatni oromoo aadaa walgargaaraa
cimaa akka qabuu fi safuu mataa isaa akka qabu nutti agrsiisa .akkaatuma kanaan odeef kennaan
“C”n yoo ibsu
“Daboon san sa’aatii tokko yoo dhahu haara galfannaa yookiin hawaasa godinichaa biratti
(kishifii ) jedhamuun daqiiqaa muraasaaf haara galfatu” jedha. akka ragaa odeef kannaa kana
irraa hubannutti namoonni daboon midhaan dhahan sun ganamaa kaasanii hanga galgalaattii
osoo addaan hin dhaabne hojjatan osoo hin ta’in boqonnaa irraa fudhachaa jimaa isaanii yeroo
takka lulluuqatanii fayyaa dahaa jechuun itti lafaa ka’u . fayyaa dahaa jechuun nama taa’aa jiruuf
akka hawaasa naannoo sanatti haara galfattanii kara hojii ka’aa jechuun itti fayyadaman.
Weedduun shoobdoo kun hawaasa Aanaa Ciroo keessatti afoola hin barreeffamiin keessa tokko
tahee umrii dheeraa kan qabuu fi baay’ee kan beekamuudha. Haata’uu malee, yeroo ammaa kana
sababa garaa garaa irraa kan ka’e harca’aa dhufeera. Harca’aa dhufuun weedduu kanaa immoo
aadaan, seenaan fi duudhaan hawaasa sanaa akka badu taasisa. Odeef kannitoonni akka
odeeffannoo kennanitti harca’aa dhufuun weeduu kanaa karaa hedduun ta’uu danda’a, kana
keessaa inni muraasni kanneen armaan gadiiti. Isaaniis: ammayyummaa, amantaa fi hanqina
lafaafii midhaan yeroo waliin deemu facaasuu.
Kana yoo jennu yeroo ammaa kana dhaloonni aadaa dagachuun teeknooloojii ammayyaatiin
guutmanii waan jiraaniif aadaa, seenaa, duudhaa, barsiifatni fi kanneen kana fakkaatan afoolli
umrii dheertu kun ammayyummaan liqimfameera. Akkasumaas, namonni weedduu shoobdoo
haala jiruu fi jireenyaa keessatti itti dhimmaa bahu dhiisun yeroo miidhaan dhahan meeshaalee
23
teeknooloojii ammaayyaatti sababa fayyadamaniif afoolli kun dagatamaa dhufuu
danda’eera.(odeef-kennitoota “A” “B”fi “D” n) ibsan.
yaada kanarraa kan hubatamu yeroo amma kana hawaasni teeknoolojiitti fayyadamuun isaa akka
aadaa, seenaa, fi safuun hawaasa akka dagatamaa dhufe nu hubachiisa. Kanaafuu hawaasni
yeroo kamuu sababa kanaaf aadaa ofii dagachuu akka hin qabne nu hubachiisa
Akka odeef-kennaan “A”n kana irraa hubannetti: “yeroo ammaa kana amantiinis babal’achaa
waan dhufteef namoonni gara amanti harkiifachuun afoola kanatti fayyadaamuun isaani
hir’achaa dhufuu danda eera”jedha.
Yaada kana yoo ilaalluu sababni amantiin babal’achuu kun hawaasa afoola irraa dhoorkun akka
isaan garaa amantii hiriiran taasisu isaati. Kanaaf amantiin afoola tokko tokko ni morma waan
ta’eef dirqama hawaasni sababa amantii kanaan waalitti hin buunu jechuun gara amanti waan
hiriiraaniif weedduun kun harca’aa dhufu danda’eera.
Akka odeeff kennitoota (“E”fi “F”n ) irraa hubannutti: sababni lafti dhiphachu irraa kan ka’ee
namoonni miidhaan yeroo waliin deemuu fi yeroo gabaaba keessatti gahee ala galu facaasuu
isaanitiin weedduun kun harca’aa dhufe jedha manguddoonni aanichaa. Itti aansuun lafti
mummuuramee jalliisiif ummanni itti fayyadamu. Dabaalataan hawaasni lafti isaan qabaan
qoqqoodamee oomishaa isaaniif galii guddaa yeroo gabaaba keessatti argamsisu kanneen akka
jimaa, shunkurtaa, sangoota furdiisuu fi kan kana fakkaatu jala hiriiruun weedduun kun akka
hir’aatu fi akka hawaasa keessatti fayyaadamni isaa hir’aatu taasiseera. Sababa kanaa fi kanneen
birootiif weedduun shoobdoo harca’aa dhufu dandaa’eera.
Yaada kanarraa kan hubatamu, hawaasni Aanaa Ciroo kun akka lafa bal’aa irratti midhaan
facaasanii daboo itti wal hin kadhanne, lafti cicciramee jallisiif ooluun isaa badaa deemuu
weedduu shoobdoo kanaaf sababa akka ta’e nu hubachiisa.
24
BOQONNAA SHAN
25
5.2. Argannoo
Argannoon qorannoo kanaa haala armaan gadii kanaan kan dhiyaateedha.
Shoobdoon kun Oromoota Godina Harargee Lixaa Aanaa Ciroo kana biratti yeroo
ammaa namoota baratanii fi hin baratiin birattiis hirmaannaan isaan weedduu shoobdoo
irratti qaban xiqqaachaa dhufuu isaa bira gahamee jira.
Ummanni Oromoo naannawa kanaa kun aadaa ofii dhiisuun amanti fi teeknooloojjii
ammayyaa sababa hordofaniif weedduu shoobdoo kana irratti yeroo ammaa dhiibbaa
akka fidaa jiru hubatamee jira.
Haalli babal'achuu ammayyummaa kun hawaasni akka aadaa ofittin dhimma hin baane
taasisuudhaan weedduu shoobdoo kana irratti dhiibbaa akka fidaa jiru bira gahamuun
hubatamee jira.
Shoobbdoon jechoota ergisaa, haala galuumsaa fi jechamoota garagaraa ergaa bal’aa
dabarsuu danda’an keessatti mul’ataniiru.
Weedduun shoobdoo yoomessa mataa isaa qabachuun yookiin bakka murtaa’atti kan
jedhamu ta’uun isaa hubatameera.
Dhaloonni ammaa kun barumsa ammayyaa kana hordofuu malee aadaa abbootiin
keenyaa fi hawaasni bal'aan ittiin dhimma bahaa turan kana xiyyeeffannoo kennuufii
dhabuun isaanii hubatamee jira.
5.3. Yaboo
Akkuma beekkamu weedduun shoobdoo sababa adda addaa irraa ka'uun yeroo ammaa kana itti
fayyadamni isaa irrachaa akka jiru odeeffannoon argame ni ibsu. Kanaaf, weedduun shoobdoo
kun akka hin dagatamneef hawaasa Oromoo keessatti sirritti akka beekkamuuf yaadota armaan
gadii kana qaamonni dhimmi ilaallatu osoo raawwatee gaarii ta'a.
Namoota barataniis ta'ee kan barachaa jiruus weedduu shoobdoo kanaaf, ilaalcha gaarii
horachuun hawaasni Oromoo kun aadaa ofiitti akka dhimma bahan faayidaa isaa namoota
hin beeknellee osoo hubachiisanii gaarii ta'a.
Hawaasni aanaa Ciroo tokko tokko ilaalcha gaarii hin taane kan shoobdoof qaban kan
namoonni waa’ee weedduu shoobdoo gadifageenyaan beekan hawaaasa hubannnoo hin
qabnee hubannoo osoo kennanii ilaalcha isaani jijjiranii filatamaadha.
Shoobdoon qabiyyeen isaa yaaada garagaraa ibsu hundi akka hin badne hawaasni
naannoo sana hubatani osoo itti fayyadamani namatti tola.
26
Waajjirri Aadaa fi Turiziimii Aanichaa xiyyeeffannoo bal'aa ta'e weedduu shoobdoo
kanaaf, kennee osoo bifa dokmantiitin ol-kaa'ee hawaasnis akka dagataa hin deemne
irratti osoo hojjatee barbaachisaa ta'a.
Dhaloonni ammaa kun weedduu shoobdoo kana xiyyeeffannoodhaan osoo manguddoota
beektota irraa baratanii aadaa weedduu shoobdootti fayyadamuu kun hawaasa keessatti
akka babal'atu taasisanii filatamaa ta'a.
27
Hikka jechoota
28
WABIILEE
Abarraa Nafaa (1999) wirtuu Jildi 8ffaa Finfinnee Biroo aadaa fi Turizimii oromiyaa
Dastaa Dassaaleny (2002) Bu’uura Qorannoo Yunivarsitti finfinnee, Dhaabbata maxxansaa Bole
Gumii qormaata afaan oromoo (1993) wirtuu jildii 6ffaa .Finfinnee, Oromiyaa.
Migaanuu Gulummaa (2011) Dilbii, Bu’ura Afoolaa, Ogafaanii fi Afwalaloo Oromoo: finfinnee
Oromiyaa.
Malaakneh Mangistuu (1999) Fundamental of litereture for collegeu: Addis Abeba Comercial Print.
Nunan (1992) Research method in language learning, Comridge Comridge university press.
Soofiyaa Siraaj (1999) Afoola Oromoo Wirtuu JIldii 8ffaa.Bu’ura Qormaata Waaltina Afaan Oromoo:
Finfinnee, Oromiyaa Biiroo Aadaa fi Beeksisa Oromiyaa.
29