You are on page 1of 29

QABIYYEE XIINSAGAA FI XIINDHAMSAGA AFAAN OROMOO

MAQAA: GEETAHUUN QABEESSAA DHAABAA

ABBALTII DHUUNFAA KOORSII (OLLT; 503)

YUUNIVERSITII JIMMAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA MUUMMEE AFAAN


OROMOO FI OGBARRUU

SAGANTAA IDILEE EEBBAAN BOODAA (MA)

KAN ITTI KENNAMU: TASHOOMAA BALAAYINAA (PHD)

MUDDEE, 2015 A.L.I

JIMMAA
BAAFATA

Qabyyee FUULA
BAAFATA..................................................................................................................................................i

Seensa........................................................................................................................................................ii

Maalummaa xiinsagaa fi xindhamsagaa....................................................................................................1

1. Maalummaa xiinsagaa........................................................................................................................1

1.1.1. Xiinsaga Uumamaa (Articulatory phonetics)...........................................................................1

1.1.2. Xiinsaga Darbiinsaa (Accoustic phonetics)..............................................................................1

1.1.3. Xiinsaga dhageettii (Auditory phonetics).................................................................................1

1.1.4.Qaamoleen dubbii......................................................................................................................2

1.1.5.Qilleensi.....................................................................................................................................2

1.1.6. Sochiin qaamolee dubbii qilleensaa uumama...........................................................................2

1.1.7. Sagaleelee Dubbifamoo............................................................................................................2

1.1.8.Akkaataa Uumamaa...................................................................................................................3

1.1.9. Haala Kokkee...........................................................................................................................5

1.1.10. Daandii Qilleensaa..................................................................................................................5

1.1.11.Gabatee Sagalee Dubbifamtoota Afaan Oromoo....................................................................6

1.1.12.Sagaloota Dubbachiiftuu.........................................................................................................7

1.2.Maalummaa Xiindhamsagaa...........................................................................................................8

2. Dhamsagoota Afaan Oromoo (Amaloota Bu’uuraa Isaaniitiin)............................................................9

3.Faayidaa fi Mallattoolee Bakka Buusa Dubbii(IPA Symbols andTranscription).................................13

3.1.Firsageessuu (Phonetic Transcrption)............................................................................................14

3.2.Dhamsageessuu(phonemic Transcription).....................................................................................15

4. Maalummaa Birsagaafi Caasaa Afaan Oromoo...................................................................................16

4.1 Maalummaa Barsagaa....................................................................................................................16

4.2. Seera Birsagaa...............................................................................................................................16

i
4.3. Qaamolee birsagaa........................................................................................................................18

4.4. Sanyii birsagaa..............................................................................................................................18

5. Akaakuu fi Adeemsa Jijjiirama Amaloota Dhamsagoota Afaan Oromoo (Firoommii fi Miti-


Firoommii)...............................................................................................................................................19

5.1. Firoommii(Assimilation)..............................................................................................................19

5.1.1.Firoommii Guutuu(Total Assimilation)...................................................................................20

5.1.2.Firoommii Gamisaa.................................................................................................................20

5.1.3.Firoommii Garduubee..............................................................................................................20

5.1.4.Firoommii Garduree................................................................................................................21

5.2 . Mit-firoommii ykn wal-baqannaa(Dissimilation)........................................................................22

5.2.1. Haquu......................................................................................................................................22

5.2.2.Saaguu.....................................................................................................................................23

5.2.3.Waljafuu..................................................................................................................................23

Wabiilee...................................................................................................................................................24

ii
Seensa
Xiinqooqni waa’ee saayinsii afaanii kan qo’atu ta’ee,of danda’ee akka gosa barnoota tokkootti kan
kennamaa jiruudha.

Haaluma kanaan hojii dhuunfaa ykn abbaltii dhuunfaan naa kenname waa’eexiinsagaa,
xiindhaamsagaa,dhamsagootaAfaanOromoomallattoolee bakka buusa dubbii (IPA), Maalummaa
birsagaa fi caasaa birsaga Afaan Oromoo fi akaakuu fi adeemsa jijjiirama amaloota dhamsagoota
Afaan Oromoo (Firoommii fi Mit Firoommii )kanneen jedhamaman sirriitti gadi fageenyaan akkan
hubadhuuf kallattii ittiin madda hojii dhuunfaa kana argadhu kan na agrsiisudha.

iii
Maalummaa xiinsagaa fi xindhamsagaa
1. Maalummaa xiinsagaa
Xiin=xiinxala

Saga=sagalee

Dham=dhaamsa

Xiinxala sagaleelee fi dhamsaga Afaan Oromoo yaada jedhu kan bakka bu’uudha.

Xiinsagni damee saayinsii xiinqooqaa isa xiqqaa ykn gooree (micro linguistics) ta’ee qo’annaa
sagaloota ilmi namaa itti dhimma ba’u kan qoratuudha.

Afaan kamiyyuu sagalee of danda’ee dhaabbatu (discrete) qaba. Sagaleeleen kunis sagaleelee
dubbatamanii fi dubbachisaniidha. Afaanota garaa garaa kana keessas sagaloonni dubbatamanii fi
dubbachiisan haa jiraatan malee hangi isaanii afaan tokkorraa isa biraatti garaa garummaa ni agarsiisa.

Akaakuun xinsagaa kun kan bu’uureffatu sagaleeleen uumamuu irraa eegalee hanga dhaga’amuu
isaaniitti adeemsi jiru maal fakkaata yaada jedhu kan bu’uureffateedha.

Tokkoo tokkoon isaanii akka armaan gadiitti dhiyaataniiru;

1.1.1. Xiinsaga Uumamaa (Articulatory phonetics)


Sagaleeleen dubbii kallattii uumama isaaniitii fi sochii qaamolee dubbii ilma namootaatiin
xiinxalamuu danda’u. kanaafuu akaakuun xinsaga haala kana qo’atu,xinsaga uumamaa jedhamuun
beekama. Xinsagni uumamaa kun kallattii,iddoo uumamaa fi haala uumamaa isaaniitiin sagaleelee
dubbii kan qo’atuudha.

1.1.2. Xiinsaga Darbiinsaa (Accoustic phonetics)


Sagaleeleen dubbii erga uumamanii booda akkamitti dambalii uumanii qilleensa keessa akka darbanii
gurra dhaggeeffataa bira akka ga’an kan qo’atuudha.Gosti xinsagaa kun gosa barnoota Fiiziksii
dabalataan waan barbaaduuf bakka kanatti gadi fageenyaan qo’achuun rakkisaadha.

1
1.1.3. Xiinsaga dhageettii (Auditory phonetics)
Gosti xiinsagaa kun immoo sagaleeleen erga uumamanii gama dubbataa bira ga’anii booda haala
kamiin dhaga’aman gaaffii jedhu deebisuuf qo’annaa geggeeffamuudha.Kunis,gosa barnota
Baayoloojii akka dabalataatti waan barbaaduuf bakka kanatti gadi fageenyaan ilaaluun rakkisaadha.

Xiinsaga keessatti uumama sagaleelee fi wantoonni barbaachisoo ta’an sadii(3)


1.1.4.Qaamoleen dubbii, ilma namaa kanneen uumama sagaleelee fi dhimma baasan kan socho’anii
fi kan hin sochoone jedhamanii bakka lamatti qoodamu.
Qaamolee dubbii socho’an:
Arraba,hidhii,arrab-xiqqee,amartee fi dibbee sagalee yoo ta’an
Qaamoleen dubbii hin sochoone ammo:
Ilkaan,irga,laagaa,harsassee,kokkee fa’i.
1.1.5.Qilleensi, uumama sagaleelee ilma namaaf barbaachisu bakka sadii irraa
madda.Isaanis;qilleensa alarraa dhufu,qilleensa sombarraa dhufuu fi qilleensa afaan keessa jiruudha.
1.1.6. Sochiin qaamolee dubbii qilleensaa uumama, sagaleeleef baay’ee murteessaadha.
Qaamoleen dubbii dhiibbaa qilleensa irraan ga’aaniin sagaleeleen dubbii uumaman bakka gurguddaa
lamatti qoodama.

1.1.7. Sagaleelee Dubbifamoo


Sagaleeleen dubbifamoo yemmuu yaa’insi qilleensaa daandii afaanii keessatti qaamolee dubbii irratti
qabamu ykn sugurguramu kan uumamuudha.
Xiinsagni sagaleelee dubbifamoo afaan tokkoo isa biraarraa adda baasee agarsiisuuf ulaagaalee afur(4)
gargaarama:
1. Bakka uumama sagalootaa(place of articulation)
2. Akkaataa uumama sagalootaa(manner of articulation)
3. Haala kokkee(glottal condition)
4. Madda qilleensaa(air stream)
1: Bakka uumama sagalootaa(place of articulation)
Sagaloonni dubbii afaan bakka itti uumaman kan mataa isaanii ni qabu. Haaluma kanaan sagaloota
Afaan Oromoo bakka uumama isaanii akkaataa armaan gadiin qoodna.
A.Hidhii lamaan(Bilabial):

2
Sagaloonni hidhii lamaan irratti uumaman hidh-lamee jedhamu. Sagaloonni hidh-lamee jedhaman
sagaloota yemmuu hidhii lamaan wal tuqanii ykn siqanii qilleensi bahee sagaleen uumamu
uumamaniidha.
Fkn:/b,m,p,ph,w,( Ɵβ ),( β)/
Kanneen hammattuu keessa jiran Afaan Oromoo keessatti mallattoo/qubeetti hin jirree fi akka
sagaleetti garuu afaanicha keessa jiraniidha.
Fkn:B.Hidhii fi ilkaan(labiodentals)
Sagaloonni hidhii fi ilkaan gidduutti uumaman hidh-ilkee jedhamu. Kan isaan uumamanis gaafa hidhiin
gajjallaa jiru ilkaan gararraa tuqee qilleensi bahuun sagaleen uumamuudha.Fkn: /f,v,( ɱ )/
C. Ilkaan(dentals)
Sagaloonni bakka kanatti uumaman ilkee jedhamu. Uumamni isaaniis gaafa fiixeen arrabaa ilkaan olii
fi ilkaan gadii gidduu galee qilleensi bahee sagaleen uumamuudha. Afaan Oromoo keessatti sagaloonni
bakka kanatti uumaman of danda’anii qubee kennameefii jiru hin qaban. Akka loqoda nama
dhuunfaatti garuu darbee darbee ni mul’ata.
Fkn : /,ƥ,ɗ,ĥ,ƙ,Ƃ,/
D. Irga(alveolar)
Sagaloonni bakka kanatti uumaman irgee jedhamu. Uumamni isaaniis yeroo fuuldurri arrabaa gara
irgaatti olka’ee cufu ykn itti siqee tuqu ykn rigu kan uumamaniidha.
Fkn: /d,t,x,n,s,l,z,r,dh,ts/
E: Laagaa(palatals)
Sagaloonni bakka kanatti uumaman laagee jedhamu .Uumamni isaaniis yeroo gidduun arrabaa gara
laagaa ol ka’ee laagaa tuqu ykn riguudha.
Fkn:/c,ch,j,ny,sh,y,zy/
F.Harsassee(velar)
Gaafa arrabni gara harsasseetti ol ka’ee qilleensi harsassee irratti cufamee sagaleen uumamuudha.
Fkn:/q,g,k,ŋ,x/
G.Kokkee(glottal)
Gaafa qilleensi sombaa ba’ee kokkee irratti sugugguramu sagaleelee uumamaniidha.
Fkn:/h, Ɂ/

3
1.1.8.Akkaataa Uumamaa
Akkaataan uumamaa haala kamiin qilleensi qaamolee dubbii irratti qabame yaada jedhu kan bakka
bu’uudha.Haaluma kanaan sagaloonni Afaan Oromoo yemmuu uumaman qilleensi akkaataa kamiin
qabame ka’umsa jedhuun xiinsagni bakka armaan gadiitti qooda.
A.Cufaa(stops)
Yeroo qaamoleen dubbii guutummaa guutuutti wal cufanii ariitiin wal gadhiisanii qilleensi utaalee ba’u
sagaloota uumamaniidha.
Fkn:/b,d,t,g,p,k,dh,Ɂ /
B.Lootuu(fricative)
Yeroo qaamoleen dubbii gutummaa guutuutti osoo wal hin cufin qilleensi lo’ee ba’uun sagaleelee
uumamaniidha.
Fkn:/s, h,sh,f,z,v,zy,x/
C. Funyee(nasals)
Gaafa arrab-xiqqeen gadi buutee daandii afaanii cuftee qilleensai sombaa dhufu daandii afaanii dhiisee
daandii funyaanii keessa darbu sagaleelee uumamaniidha.
Fkn:/m,n.ny, ŋ,ɱ/
D.Maddee(laterals)
Yeroo fiixeen arrabaa irga tuqee qillensi maddii lamaan arrabaan yaa’u sagaleelee uumamaniidha.
Fkn:/l/
E. Batee (flap)
Yeroo fiixeen arrabaa gara irgaatti olka’ee yeroo tokko qofa irga tuqee deebi’u sagalee uumamuudha.
Fkn: /r/
F: Dhootuu (ejective)
Sagaloonni dhootuu uumamuu keessatti qilleensi bakka lamatti qabama
1.Daandii kokkee keessatti
2.Daandii afaanii keessatti
Qilleensi sombaa ba’u kokkee keessatti jalqaba yommuu qabamu isa darbeemmoo daandii afaanii biraa
irratti qilleensi cufama.Daandii afaanii keessatti inni qabamee ture dhiibbaa qilleensaa isa kokkee
keessatti qabameen gaafa dhiibamu humnaan akka dhuka’u taasisa.
Fkn: /q,ph,c,x,ts/
G. Rigduu(affricative)

4
Yeroo qaamonni dubbii guutummaa guutuutti daandii qilleensaa cufanii suuta deeman sagaleelee
uumamaniidha.Rigduun amala cufaa lootuudhaan hordofamuu qaba.
Fkn: /ch,j/
H. Gamduubee(semi-vowels)
Sagaloonni gamduubee akka sagaloota dubbifamoo biroo uumama isaanii qilleensi kan hin qabamne
yoo ta’u akka sagaloota dubbachiiftuu qilleensi walaba ta’ee hin yaa’u.
Fkn: /y,w/
Akka walii galaatti uumama sagaleelee dubbifamaa keessatti qabamuun qilleensaa baay’ee
qabamuurraa gara baay’ee walaba ta’uutti tartiibaan yoo taa’u:
Cufaa,rigduu,lootuu,maddee,funyee,gamduubee,dubbachiiftuu ta’u.

1.1.9. Haala Kokkee


Uumama sagaleelee keessatti kokkee keessatti kan argamu amarteen dibbee sagalee haala lama
agarsiisuun uumama sagaleelee keessatti hirmaata.
Innis,kirkiruu fi kirkiruu dhiisuudha.Kirkiruu amartee dibbee sagalee sagaloonni uumaman sagaloota
qooqa qabeeyyii(voiced sounds) kan jedhaman yoo ta’u kirkiruu dhiisuu amartee dibbee sagaleen
sagaloonni uumaman immoo sagaloota qooqa dhabeeyyii jedhamu.
Sagaloonni Afaan Oromoo keessatti qooqa qaban :
/b,d,g,n,m,ny,j,r,l,v,y,w,z,dh,-----)
Sagaloonni qooqa dhabeeyyiin :/f,s,sh,c, ch,h,k,p,ph,q,t,x,----)

1.1.10. Daandii Qilleensaa


Uumama sagaleelee dubbii keessatti kan hirmaatu qilleensi bakka sadiirraa dhufa:
1.Qilleensa keessaa/olii(implosive air)
Sagaloonni qilleensa oliin uumaman sagaloota olee kan jedhaman yoo ta’u Afaan Oromoo keessatti
kan qubee mataa isaa qabu tokko qofa. /dh/
2.Qilleensa gadii (Explosive Air)
Sagaloonni qilleensa gadiin uumaman gadee kan jedhaman yoo ta’u Afaan Oromoo hunduu qilleensa
gosa kanaan uumamu.
3.Qilleensa Afaan Keessaa(Velaric Air)
Sagaloonni akkasii kun qilleensa alaa ykn keessaan kan uumaman utuu hin taane qilleensa afaan keessa
jiru qofaan kan uumamaniidha.
Fkn:(Θ,¡,!)

5
1.1.11.Gabatee Sagalee Dubbifamtoota Afaan Oromoo
Bakka Uumamaa
Hidhlamee Hidhilkee Irgee Laagee Harsassee Kokkee
Xiixaa b D g
Cufamaa Mitxiixaa (p) T k (?)
Dhootuu ph x q
Mitxiixaa
Xiixaa dh
Dhootuu,
fi olee
Lootuu Xiixaa (v) (z)
Mitxiixaa F s Sh
Dhootuu (ts)
Rigataa Xiixaa j
Mitxiixaa ch
Mitxiixaa c
Dhootuu
Funyee Xiixaa m n ny
Cinee Xiixaa l
Batee Xiixaa r

6
A Gamduube Xiixaa w Y
k e
k
a
a
t
a
a

U
u
m
a
m
a
a

Hub.

-Xiixaa-qooqa qabeessa

-Mitixiixaa-qooqa dhabeessa

-( )-sagalee ergisaa kan A/Oromoo hin ta’in

1.1.12. Sagaloota Dubbachiiftuu


Uumama sagaleelee dubbachiiftuu keessatti daandii afaanii keessatti qilleensi sombaa dhufu bakka
tokkottiyyuu utuu hin qabamin walaba ta’ee yommuu yaa’u sagaleelee uumamaniidha.
Xiinsagni sagaleelee dubbachiiftuu tokko isa biraa irraa adda baasee agarsiisuuf ulaagaalee haala sochii
arrabaa fi boca hidhii gargaarama. Haaluma kanaan sochiin arrabaa uumama sagaleelee keessatti
sochiilee gosa lama agarsiisa.
7
1.Sochii oliifi gadii(tongue height)
2.Sochii duraafi duubaa (tongue position)
1.Sochii oliifi gadii bu’uura taasifannee sagaloota dubbachiiftuu gosa sadii qabaanna.
A. Dubbachiiftuu olii(high vowel)
Yeroo arrabni gara laagaatti ol ka’u sagaleelee uumamaniidha. Fkn. /I,u/
B. Dubbachiiftuu gidduu (mid-vowel)
Arrabni baay’ee utuu ol hinbahin gadis utuu hinbu’iin sagaleelee uumamaniidha.
Fkn:/e,o/
C. Dubbachiiftuu gadii(low vowel)
Yeroo arrabni hanga gadi bu’uu danda’u gadi bu’ee sagaleen uumamuudha.
Fkn:/a/
2. Sochii arraba duraa fi duubatti taasifamuun sagaloota dubbachiiftuu gosa sadii qabaachuu
dandeenya.
A.Dubbachiiftuu duraa (front vowel): Arrabni gara fuulduraatti hanga dhufuu danda’u gadi dhufee
sagaleen yommuu uumamuudha. Fkn:/e,i/
B.Dubbachiiftuu walakkaa(central vowel)
Arrabni baay’ee utuu gadi hinbahin duubattis hin deebi’in walakkaa ta’ee sagaloonni yommuu
uumamaniidha. Fkn:/a/
C. Dubbachiiftuu duubaa (back vowel)
Yeroo arrabni gara duubaatti deebi’ee sagaleen uumamuudha.
Fkn:/o,u/
3.Haala boca hidhii (condition of lips)
Uumama sagaleelee dubbachiiftuu keessatti hidhiin bifa lama agarsiisuun hirmaata.
a.Amartaa’uu /o,u/
b.Diriiruu /a,e,i/
kanaaf akka walii galaatti sagalee dubbachiiftuu ibsuuf karaalee sadii agarsiifna.
1.sochii oliif gadii
2.sochii duraaf duubaa
3. boca hidhii
Fakkeenyaaf sagalee (i,o)jedhaman ibsuuf:
/i/olii,dura,miti amartii
/o/gidduu,duuba,amartii ta’a

8
Fuulduree walakkaa duubee

(i) (u)

Ol

(e) (o)

Gidduu

Gadi (a)

1.2.Maalummaa Xiindhamsagaa

Xiindhamsagni waa’ee dhamsaga Afaan tokkoo, waa’ee walfaanommii dhamsagoota afaan sanaafii
afaan sana keessa dhamsaga meeqatu akka jiru kan agarsiisuu fi dhamsagoonni afaan tokkoo akkamitti
qinda’anii caasaa birsagaa akka ijaaran kan xiyyeeffatuudha.

Xiindhamsagni akkuma xiinsagaa xiinxala dhamsagaa ykn qaama afaan keessatti dhaamsa kennu
(Phoneme)kan barsiisuudha.Xiinsagni damee xiinqooqaa gooree ta’ee sagaloota afaan maraa akka
qo’atu olitti ibsamee jira.xiimsagni immoo,xiinxala dhamsagootaa gaalee jedhurraa adeemsa suphuutiin
kan uumame ta’ee,caasaa fi tajaajila sagaloota afaan tokkoo (structure and function)kan qo’atu damee
xiinqooqaati.

Akka Lass(1984)jedhutti xiimsagni tajaajila /function/,amalaa fi(behavior) qindoomina (organization)


sagaleewwan akka qaama xiinqooqa afaan tokkootti kan qo’atuudha. Kanaafuu,xiimsagni sagaloota
afaan tokkoo qofa qo’achuun xiinsagarraa adda isa taasisa.Xiyyeeffannoon ximsagaa inni guddaan
dhamsaga.

2. Dhamsagoota Afaan Oromoo (Amaloota Bu’uuraa Isaaniitiin)


Dhamsagni qaama xiqqaa afaanii ta’ee hiika jecha tokkoo jijjiiruu kan danda’uudha.

Dhamsagni afaan tokkoo sammuu dubbataa keessa kan jiru malee kan dubbatamu ykn kan dubbifamu
miti.
9
Dhamsagni sammuu dubbataa keessa jiru kun yemmuu dubbatamu ykn dubbifamu garuu bifa garaa
garaa qabatee afaan dubbataa sana keessaa ba’a. Inni dubbatamu ykn dubbifamu kun immoo firsaga
jedhama.

Dhaamsagni qaama xiqqaa afaanii kan hiika hin qabne garuu hiikaaf gumaachuudha.(Lass 1984;
O’Grady 1996;Bauer 1988).

Qorataan xiinsammuu (psychology) Kess,(1976:12) dhamsaga yoo hiiku,”phoneme is actually an


abstruction in speakers mind to account for a largesimilar sounds that occur under highly restricted and
often predictable conditions,”jedha. Finch(2005:59) yaada kana deggeruun “phonemes are abstruct
units of speech” jechuun dhamsagaa hiika kennee jira.Hiikawwan kanarraa kan hubannu,dhamsagni
dhimma sammuu kan jijjiirraa hiikaa keessatti qooda fudhatu qaama xiqqaa afaanii ta’uu
isaati.Kanaafuu dhamsaga dubbisuus,dubbachuus hin dandeenyu jechuudha.

Dhamsagoonni Afaan Oromoo lakkoofsaan murtaa’aa ta’anillee,bifni isaan tajaajilarratti argatan


hagana jechuun rakkisaadha.Kunis,bakka galma sagalootaa fi akkaataa sagaleessuu (the way of
pronounciation) namootaa bu’uureffata. Dhamsagni tokko bakka adda addaa galuudhaan bifa adda
addaa argata.Itti aansinee bifa /t fi b/n bakka garaa garaatti qaban haa ilaallu.

a./tuufoo/ [thuufoo]

b./batoo/ [batoo]

c./saddeet/ [saddeet>]

d./bade/ [bade]

e./dub/ [dub>]

Dhamsagoonni /t/fi /b/n jechoota olii keessatti jalqaba ,gidduufi dhuma galanii jiru. Dhiibbaa
dhamsagoota ollaa isaaniirraan kan ka’e ,bifa adda addaa kanneen akka [th,t,t>] argatanii jiru. Akkaataa
sagaleessuu namootaa ilaalchisee Lyons(1979:77) akkana jedhu.”… one person’s pronounciation of a
sound may be phonetically different from others of the same sounds.” Kana malees,namni tokko
dhamsaga tokko irra deddeebi’ee yoo dubbise haalli adda addaa irratti mul’achuu danda’a”…it is
extremilly difficult for aspeaker to produce an utterance and then give an absolutely identical
representation of it.”

10
Egaa, olitti bifa garaagaraa dhamsagni tokko naannoo adda addaa galuun argatu ibsine. Bifni
garaagaraa kun ammoo, fira sagalee(firsaga) jedhama. Dhimmi sammuu dubbataa Afaan Oromoo
keessaa (dhamsagni) ba’ee barreeffamaafi dubbiirratti kan mul’atu karaa firsagaati jechuudha.

Firsagaan mul’achuu dhamsagaa Finch(2005:59) yoo ibsu “phonemes are released in speech by their
various allophones, the majority of which are predictable from the linguistics environments in which
they occur” jedha.
Haaluma kanaan dhamsagni Afaan Oromoo amaloota qabaniin iddoo lamatti (2)tti qoodamu.Isaanis:
a.Dhamsagoota dubbifamaa fi
b.Dhamsagoota dubbachiiftuudha.
2.1. Dhamsagoota Dubbifamoo:
Dhamsagoonni dubbifamoon jechoota Afaan Oromoo ittiin ijaaruuf tajaajila kan kennaa jiran kan
ergifafataman malee lakkoofsaan 24 yoo ta’an isaanis:
/b/,/c/,/ch/,/d/,/dh/,/f/,/g/,/h/,/j/,/k/,/l/,/m/,/n/,/ny/,/ph/,/q/,/r/,/s/,/sh/,/t/,/w/,/x/,/y/,/’/fa’aadha.
Dhamsagoonni ergifannaan Afaan Oromoo keessatti tajaajilan immoo /p/,/v/,/z/,/ts/,/zy/dha.
2.1.2.Dhaamsagoota Dubbachiiftota
Dhaamsagoonni dubbachiiftota Afaan Oromoo baay’inaan 5 yemmuu ta’aan tajaajilli isaaniis
dhamsagoota dubbifamoo sagaloomsuudha. Dhamsagoonni sagalee mataa ofii waan qabaniif of
sagaloomsuu danda’u. Isaanis: /a/,/e/,/i/,/o/,/u/ dha.

Haaluma kanaan dhamsagni afaan tokko ykn Afaan Oromoo keessatti argamu yoo ibsamu:Dhamsagni
sammuu dubbataa keessa jiru yemmuu dubbatamu ykn dubbifamu kun firsaga jedhama. Dhamsagni
afaan tokko keessa jiru eenyu akka ta’e adda baafnee agarsiisuuf karaalee lama gargaaramna.Isaanis:

1.Xunda xiqqaa(Minimal pair) gargaaramuu


2.Faca’insa bakka buusaa (complimentary distribution) dha.
2.1.3.Xunda Xiqqaa (Minimal Pair)
Cimdiin jechootaa sagalee hundaan wal fakkaatanii sagalee tokkoon yoo adda ba’an addummaan
sagalee tokkoo kun immoo bakka wal fakkaatu galee jijjiirama jechicha irratti kan fidu yoo ta’e xundaa
xiqqaan sun dhamsaga afaanichaa ta’uu nutti hima.

Fakkeenya armaan gaditti kenname mee haa ilaallu:


bara,cire,fira,gahuu,jabaa,kufuu,siree,nahe,karaa,lama,gara,hire,bira,dawuu,gabaa,dhufuu,saree,naqe,na
ma,kabaa.

11
Xunda xiqqaa jechoonni uumaniiru jechuun bakka wal fakkaatu galanii hiika garaa garaa akka qabaatu
taasisan sun immoo dhamsaga afaan sanaati jechuudha.

Kanaaf ,/bara,gara/,/cire,hire/,/jabaa,gabaa/,/lama,nama/,/kufuu,dhufuu/,/fira,bira/kanneen jadhaman


keessatti dhamsagoonni/b,g,c,h,j,l,n,k,dh,f/ kun dhamsagoota Afaan Oromoo ta’uu nutti hima.
2.1.4.Faca’iinsa Bakka Buusaa (complementary distribution)
Dhamsagoonni jecha tokko keessatti argaman bakka garaa garaa galanii unkaa garaa garaa kan
qabaatan yoo ta’e firsagoota dhamsaga sanaa ta’u malee dhamsaga garaa garaa ta’uu hin danda’ani.
Dhamsagni tokko firsaga tokkoo fi tokkoo ol qabaachuu ni danda’a.Dhamsagi firsaga dhabe jiraachuu
hin danda’u.Sagaloota dubbachiiftuu Afaan Oromoo dheeressuunis ta’e gabaabsuun jijjiirama hiikaa
waan fiduuf firsaga jecha tokkoo utuu hin taane dhamsa goota garaa garaati. Haala kanaan
dhamsagoonni Afaan Oromoo lakkoofsaan sagaloota afaan sanaa ni caalu. Dhamsagaan barreessuun
qubee sagaloonni qabaniin barreessuu yoo ta’u firsagaan barreessuun garuu akka jechichi dubbatamutti
barreessuudha. Firsagaan gaafa barreessinu mallattoo [] gargaaramna.

Fkn: 1 . qaƟsoo

Abβaabβoo

bib>jedhe

bare

[Θ] irra butame q dha.dura

/b/ β sagaloota dubbachiiftuu dura gala.

b>dhuma jechaarrat

b> bakka biroo gala

kanneen xiyyaan agarsiifaman firsagoota dhamsaga /b/ti

Kanaafuu, dhamsagoonni Afaan Oromoo murtaawaa ta’anillee firsagoonni isaanii hedduu ta’uu malu.
Akka hayyoonni Wardaugh(1977; Fromkin(1989, 2003); Bauer(1988) ibsanitti, dhamsagni tokko bifa

12
liixxaatiin murtaa’aa ta’ullee, bifa irranaatiin hedduu ta’uu danda’a.Mee dabalataan bifa irranaa /n/n
qabdu kanaan gaditti haa ilaallu.

[n]/_bakka biro

[l]__cinee duraa

n [m]_hidh-lamee duraa

/n/-

[y/w]/_gamduubee duraa

[ny]_laagee duraa

Fakkeenyi olii bifa garaa garaa dhamsagni /n/n naannoo garaa garaa galuun argatu irratti dhiyaate.
Dhamsagni tokko yoo xiqqaate fira mataa isaati kan jedhu dhugummaa qaba jechuudha.Haala
firsagoota kanaa salphaatti hubachuuf {n}n seera akkamii hordofuun [ŋ_fi ny] fa’iin akka mul’ate haa
ilaallu:

a.n→ŋ /__{k,q,g}

b.n→ny/__{ny,c,j}

Akkuma fakkeenya kanarraa hubachuun danda’amu/n/n [_finy]n mul’achuu kan danda’e dhamsagoota
harsassee fi laagee dura dhufteeti.Firsagoonni /n/ hunduu seera hordofanii naannoo itti argaman
sanarraa dhiibbaa gama lassagaatiin (phonologically) irra ga’urraa kan ka’e bifa isaanii jijjiirratu.
Seerichas,adeemsuma(a fi b) jalaa olii kanaan xiinxaluun ni danda’ama.

3.Faayidaa fi Mallattoolee Bakka Buusa Dubbii(IPA Symbols


andTranscription)
Qubeen ykn mallattooleen bakka buusa dubbii xiinsaga addunyaa (International Phonetic Alphabet)
IPA jechuun qubee waltawaa addunyaa afaanonni addunyaa kanarra jiran hundi ittiin barreeffamuu
danda,an kan of keessaa qabuudha.

13
Yeroo jalqabaatiif jalqabaatiif qubee waltin addunyaa (IPA) kana kan hundeessan hayyoota xiinqooqa
afaanii biyya Faransaay fi barsiisota biyya Ingilizii yoo ta’an kanas bara 1800 keessadha.Afaan
Ingliziin yoo ibsamu:

The IPA was first introduced in the late 1800s by a group of French and English language teachers and
linguistics ,led by Pasul Passy. It was led or based on previous efforts to come up with a better systems
of presenting spoken language in writing.

The concept of the IPA was first by Otto Jesperson in a letter to Paul Passy of the IPA Association and
was developed by, A,J Ellis, Henry Sweet, Daniel Jones and Passy in the late 19c.

Qubeen kun afaan hedduu ittiin barreessuuf kan gargaaruudha. Kunis qubeewwan 200 ol of keessaa
qabuudha. Qubee kana gargaaramnee afaan tokkoon yoo barreessinu hayyoonni xiinqooqaa ykn
namoonni xiinqooqa barataniifi barsiisan dubbisanii hubachuu danda’u.

Mallattoolee qubee Afaan Oromoo keessa jiranii fi qubee xiinsaga addunyaa keessa jiran baayyeen
isaanii yoo wal yoo wal fakkaataniyyuu hammi tokkoo haala afaanichaarratti hundaa’ee
garaagarummaa ni qabaatan. Mike Davenport and S.J,Hnnahs(2005).

Qubeessuun, adeemsa jechoota dubbii mallattoo barreeffamaatti jijjiiruuti. Dandeettii tartiiba


qubeewwanii jecha hafee ykn barreeffama keessatti burqisiisuuti (Beekan 2015:159). Akka yaada
kanarraa hubannutti, qubeessuun tooftaa tartiiba qubeewwan fudhatama qabanii jecha sirrii ta’e
barreessuuti. Tooftaan kun ammoo dandeettii adda baasanii hubachuu, yaadachuu,waraabuu fi
barreeffamaan tartiiba qubeewwan sirrii ta’anii jecha uumuu of keessatti hammata.

Qubeen waaltina addunyaa(QWA) barreeffama keessatti haasaa ykn dubbii hiika qabeessa qabu tokko
bakka bu’uun kitaabota adda addaafi barruulee adda addaa irratti barreessuun ergaa barbaadame
dabarsuuf kan fayyaduudha.

Qubee waltina addunyaa akkaataa hasa’amutti barreeffamaan kaa’uu nu dandeessia. Haasaa tokko
akkaataa dubbataa afaan sanaatti barreeffamaan agarsiisuuf tooftaa gurguddaa lamatti(2)tti dhimma
ba’uu dandeenya.

Liddcaot and Curnow(2004:26_27)dhimmicha yoo ibsan,<< In transcribing language we can use either
a narrow transcription [phonetic transcription] or a broad transcription[phonemic transcription]>>
jedhu

14
faayidaanisaabiyyootagaraagaraawaliinwaliigaluufidha.

Chaartiin isaas akka armaangadiiti.

3.1.Firsageessuu (Phonetic Transcrption)


Tooftaan haasaa barreeffamaan dhiyeessuun kun adeemsa haasaarraa qindaa’ina sagalootaa fi
mallattoolee adda addaa kan hordofuudha.Haasaa barreeffamaan keenye tokko mallattoo [ ] keessa
kaa’udhaan dhamsageessuurraa adda baafna.Kana malees, firsageessuun amala dhamsagoonni haasaa
irratti bakka garaa garaa galuun qaban mara kan of keessatti haammatu waan ta’eef ballina qaba. Kana
ilaalchisanii Liddcaot and Curnow(achuma) yoo dubbatan, <<Anarrow transcription contains as much
information as possible and records very miner differences between sounds,>> jedhu.

Fakkeenya kanaa gadii haa ilaallu:

Jecha Firsageessuu
funyoo [fŭnyoo]

ona [õnḁ]

mana [mãnḁ]

15
farda [fardḁ]

tuullaa [tʰuullaa]

saddeet [saddeet>]

Fakkeenya kanarraa dhamsagoonni bakka galmaatiin dubbiirratti mala dabalataa argachuu isaanii
hubanna. Fakkeenyaaf/a/n dhuma jechaarra dhufuun mixxiixa,uu (devoiced) sagaloota funyee dura
galuun ammo amala isaanii yoo dabalatu,/t/,n garuu jalqabarra dhufuun qabamaa (unreleased)ta’ee jira.

3.2.Dhamsageessuu(phonemic Transcription)
Akkuma haasaan sammuu dubbataa tokkoo keessatti wanti tokko bakka bu’ee jirutti barreessuudha.
Haasaa akkasii osoo bifa isaarraan jijjiirraa irraan hin ga,in mallattoo / / keessa keenya.

Haa ta’u malee, jechoonni Afaan Oromoo kan bifa has-barruu keessatti jijjiirama hin agarsiifne
jiraachuu malu.Yeroo kana ammoo garaa garummaan mallattoo itti fayyadamnu qofaarratti hafa.

FKN: /eelee/ _ [eelee]

/mudaa/_ [mudaa]

Akka fakkeenya kanaatti yoodhuma amalli firsageessuu fi dhamsageessuu bifa dubbii addaan baasuu
baateyyuu mallattoo[ ] fi / /n addaan baasuuf ni fayyada jechuudha.

Fakkeenya isaanii jechaan wal bira qabamee yeroo ilaalamu akka armaan gadiitti ibsama.

Jecha dhamsaga firsageessuu


Mana /mana/ [mana>]
Tuufoo /tuufoo/ thuufoo]
Akka fakkeenya kanarraa hubannutti jechi, firsageessuu fi dhamsageessuurraa adda. Kunis,mallattoolee
bifa dubbii fi bifa barreeffamaa qabaachuu jechoota sanaa mullisan keessa kaa’amee jira.

4. Maalummaa Birsagaafi Caasaa Afaan Oromoo


4.1 Maalummaa Barsagaa
Hiikni birsagaaf kenname hayyoota adda addaa biratti garaagarummaa qabaachuuf ni mala. Haala
kanaan armaan gaditti kennaman akka armaan gadiitti eeramu.

Jecha kana (Advanced Learners Dictionary of Current English) As Horn by(1999-1047) yoo hiiku:
16
Syllable- “Any of the units in to which a word may divided usually consisting of a vowel- sound with a
consonant before or after.” Jedha. Akkaataa hiika kanaan birsagni sagalee hoodee jechaarraa fottoqan
kan dubbachiisaa fi dubbifamaa of keessaa qabu jechuudha. Kuusaan jechootakan (Oxford Dictionary
of Current English(p.193) jedhu immoo jechicha kana yoo hiiku “syllable is unit of pronounciation
forming the whole or part of a word and usually having one vowel sound often with consonant (-s)
before or after” jechuun addeessa. Akkaataa kanaanis hiikni birsagaa sagalee walitti dhufanirraa akka
maddu nutti ibsa. Sagaleewwan kunis dubbachiisaa fi dubbifamaa akka qaban ni agarsiisa. Birsagoonni
jechootarraa cicciramanii hiika qabaachuu ykn dhabuus ni danda’u.

4.2. Seera Birsagaa


Afaan Oromoo keessatti birsagni dubbifamaa qofaan hin ijaaramu,akkuma jechaa jalqabni fi dhumni
birsagaa hin jabaatu irras hin butamu. Ka’umsi fi cufaan birsaga afaanichaa dubbifamaa yoo ta’u
utubaan immoo dubbchiiftuudha.

Seera kanarratti hundaa’uun qaamolee birsagaa: utubaa,ka’umsaa fi cuftuurratti, amala birsagoota


Afaan Oromoo addaan baasuun ni danda’ama.

Qaamolee kanas caatoo kanaa gadiitiin agarsiisuun ni danda’ama.

Birsaga

Ka,umsa giddugaleessa

Utubaa cufaa

Dhamsagoonni attamiin qaamolee kanarratti akka argaman hubachuuf ammoo seera birsaga
afaanichaatu murteessa.Kana malees,dubbifamaa fi dubbachiiftuutu bu’ura taasifachuun caasaa
birsagaa ni xiinxalama.Kunis,dheerachuu fi gabaabbachuu dubbachiiftuutiin birsagni jabaa fi birsagni
salphaan ykn laafaan kan ijaaraman yoo ta’u, dhuma birsagichaa irratti argamuu fi dhabamuu
dubbifamaatiin ammoo, birsaga cufamaa fibirsaga banamaa jechuun xiinxaluun ni danda’ama.

Fkn: a. humnaan=hum_naan

b. firfirse =fir_fir_se

17
Jechi (a)jalaa birsaga lama , kan (b) jalaa, birsaga sadii dha. Birsagoota kana,qaamolee birsagaa lamaan
jala kaa’uun caatoo kanaa gadiin kaa’uun ni danda’ama.

a. humnaan

hum naan

k G K G

h u c u c

u m n aa n

b. firfirse

fir fir se

K G K G K G

u c u c s u c

f i r f i r s e _

Caatoon birsagoota(a fi b) jalatti kennamanii, waan hedduu nutti himmuu danda’u. Inni tokko,
qooddiiwwan birsaga Afaan Oromooti.Jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu dubbifamaa ka’umsa godhachuun,
[sa,se, fi ]n birsagoota banamoo yoo ta’an, kanneen hafan hundi immoo birsagoota
cufamoodha.Akaakuu dhamsaga dubbachiisaa of keessaa qabaniin yoo ilaallus, [naan]n birsagoota
jabaa jalatti yoo ramadaman, [fir fi hum]n garuu,birsagoota sasalphaa jala gala. Birsagni
jabaan,dhamsaga dheeraa kan of keessaa qabu yoo ta’u, birsagni salphaan garuu,dhamsaga gabaabaa of
keessaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun,utubaan dhamsaga dubbachiisaa,ka’umsaa fi cufaan ammo
dhamsaga dubbifamaa ta’uu ibsa

18
Birsagni jechoota lama: birkiilee fi sagalee jedhurraa kan uumame yoo ta’u addaan ciccitiinsa sagalee
jecha tokko keessa jiruuti.
Walta’iinsa dubbifamaa fi dubbachiistuutiin ykn dubbachiistuu qofaan kan uumamu ta’ee,sagalee
afuura tokkoon dubbifamuudha.

4.3. Qaamolee birsagaa


Qaamoleen birsagaas sadii ta’uusaa :
1.Ka’umsa: dubbifamaa jalqaba birsagaarratti argamu.
2.Utubaa: dubbachiistuu birsaga keessatti argamtu kamiyyuu utubaa bakka bu’uushee fi qaamolee
sadan keessaa tasumaa hafuu kan hin dandeenyeedha.
3. Cufaa: dibbifamaa dhuma birsagaarratti argamuudha.
Hub. Ka’uumsaa fi cufaan birsaga keessaa hafuus dhufuus yommuu danda’an utubaan garuu,hafuu hin
dandeessu.

4.4. Sanyii birsagaa


Birsagni Afaan Oromoo sanyiiwwan gurguddoo (4) qaba.Haa ta’u malee, utubaan gabaabaa fi dheeraa
ta’uu gatii maluuf,afur irraa gara sanyiiwwan birsagaa saddeet(8)tti guddatu. Kanaafuu,sanyiiwwan
birsagaa Afaan Oromoo 8tu jira jechuudha.Isaanis kanneen armaan gadiiti:
1.v-utubaa gabaabaa
2. vv- utubaa dheeraa
3. vc- utubaa gabaabaa fi cufaa
4.vvc- utubaa dheeraa fi cufaa
5. cv- ka’umsaa fi utubaa gabaabaa
6. cvv- ka’umsaa fi utubaa dheeraa
7. cvc- ka’umsa,utubaa gabaabaa fi cufaa
8. cvvc- ka’umsa,utubaa dheeraa fi cufaadha.
Hub. V=vowel - dubbachiiftuu jechuudha.

19
5. Akaakuu fi Adeemsa Jijjiirama Amaloota Dhamsagoota Afaan Oromoo
(Firoommii fi Miti-Firoommii)
Adeemsa waliin hiriiruu keessatti sagaloonni dhiibbaa walirraan gahu. Amala walii kennuu fi
fudhachuun akka walitti bulu. Kanneen walii galuu dadhaban ykn akka ittiin bulmaataa hin mijanneef
ammo, iddoo gadhiisu. Kan jijjiiran, iddoo gadhiisan, warra human qabaniidha.

Adeemsi kunneen lassaga ykn adeemsa dhamsagaa jedhama. Adeemsa kana keessatti seerri iddoo
olaanaa qaba. Sagaloonni akka isaanitti toletti wal dhiibu,osoo hin taane, waan seerri ittiin bulmaata
isaanii ajaju hordofu. Adeemsa lassaga ykn akaakuuwwan garaa garaa qaba. Isaanis

1. Firoommii (Assimilation)
2. Miti-firoommii ykn wal-baqannaa(Dissimilation)dha.

5.1. Firoommii(Assimilation)
Firoommiin adeemsa ittiin dhamsagoonni walii galuun olla walii jiraataniidha. Sagaloonni daangaa
dhamjechaa ykn dhamsagaarratti walitti dhufan malee wal bira hin jiraatan. Walii galteen kunis seera
ittiin bulmaata isaanii bu’uura godhata.

Amalli isaanii yoo tokko ta’e ykn walitti dhiyaate firooman jedhamu. Kun ammoobifaan wal
fakkaachuu isaaniitiin mirkanaa’a. Fakkeenyi itti aanu dhamsagoota walitti firoomanii fi qabanni
firummaa isaanii maal akka ta’e argisiisa.

Fkn: qalne____qalle____l+n=ll . akkaataa uumamsaatiin

Hinrafne__hirrafne___n+r=rr –haala uumamsaatiin

Hinbitu___himbitu___n+b=mb—bakka uumamsaatiin

Qabte____qabde____b+t=bd= haala dibbee sagaleetiin

Fakkeenya kanarratti hundaa’uun hanga firoommii dhamsagoota kanaa dubbachuu dandeenya.


Kanaafuu, sadarkaa walii galuu isaaniirratti hundoofnee firoommii iddoo lamatti qoonna. Isaanis:

1. Firoommii Guutuu fi
2. Firoommii Gamisaa jedhamu.

20
5.1.1.Firoommii Guutuu(Total Assimilation)
Dhamsagoonni ollaa walii walii jiran amala isaanii walii ergisuun guutummaatti yoo bifaan wal-
fakkaatan, firoommiin isaanii guutuu ta’a. Fakkeenya:

Qot-+-ne= qonne

Booy-+-ne= booyne= boonynyee= boonye

/n/n amala funyee /y/f kennuun gara “ny”tti jijjiirti.

5.1.2.Firoommii Gamisaa
Gosni firoommii kanaa dhamsagoonni amaloota muraasaan wal-fakkaachuu isaanii agarsiisa.
Dhamsagoonni kanaan gadii amaloota muraasaan adda adda ta’anillee, kaaniin walitti firoomanii
jiru. Fkn:

Hin-+qalle= hinqalle

Hin-+beeku= himbeeku

Nq___nq= firoommii gamisaa

Nb___mb= firoommii gamisaa

Dhamsagoonni ollaa walii jiran firoommii guutuu fi gamisaa qabaachuu isaanii sadarkaa yoo
mul’isu, kallattii firoommii isaanii irratti hundaa’uun immoo, firoommii garduree fi
garduubee(progressive and regressive assimilation) jechuun qooduu dandeenya.

5.1.3.Firoommii Garduubee
Akaakuun firoommii kanaa sagaleen tokko amala isaa sagalee isa dura jiruuf kennuun yeroo itti
firoomu kan argamuudha. Odeeffannoon gama kanaan argamu kallattiin firoommii dhamsagootaa
mirgaa gara bitaatti akka ta’e nu hubachiisa.Kanaafis akka fakkeenyaatti kan armaan gadii haa ilaallu.

a. bule +-ne =bulne___bulle


b. muka + -ti= mukti___mukki
c. mure + -ne =murne___murre

21
Fakkeenyi armaan olitti kenname kun firoommiin garduubee seera kanaa gadii jiru nu huubachiisa.

X + Y = XX

5.1.4. Firoommii Garduree


Akaakuun firoommii kana immoo,sagaleen tokko amala sagalee isa booda jiruu fudhatee guutummaatti
ykn gamisaan itti firoomuu kan agarsiisuudha.
Fkn. Dhug- + te = dhugte = dhugde__ dhudde
Kut- + -ne = kutne____ kunne
Hin-+bit- +-ne =hinbitne ____himbinne
Fakkeenyi armaan olitti kenname adeemsa firoommii keessatti qindoominni garaa garaa geggeeffamuu
isaa agarsiisa.
Caasaa (a) jalatti dhiyaate,{dhug-} kan jedhu dhamjechoota duraa dubaan ramaddii fi raawwii darbe
mullisaniin daangaa dhamjechaa irratti walitti dhufee dhugte kan jedhu ta’e.Jecha kana keessatti
akkuma kanaan dura kaasne,/g/n tuuta amaloota garaa garaa kanneen akka
harsassee,cufaa,xiixaa,keessaa fi ulaa afaanii jedhaman yoo ta’u,/t/n ammo,walta’iinsa amalootaa
irgee,cufaa,mixxiixaa,keessaa fi ulaa afaanii jedhamaniiti.
Kanaafuu,bakka uumama isaa fi haala dibbee sagaleetiin adda adda akka ta’an agarra.

Dhamsagoonni kunneen firoommii isaanii cimsuuf amala isaanii wal fudhachiisuu qabu.

Haala kanaan,/t/n fira ishee ,/b/ itti dabarsuun ofii hiriiricha keessaa baati.Sadarkaa firoommii/t,g fi d/
yoo ilaalle,/t fi d/n /t fi g/ caalaa fira.Qabanni isaa,dhamsagoonni kun haala dibbee sagalee qofaan yoo
adda ta’an /t fi g/n garuu bakka uumamsaa fi haala dibbee sagaleetiin adda adda ta’u.Adeemsa/t/n,/d/n
qabata taasifachuun/g/firoomsatte kun haala firoommii namootaa bu’ureffata.

Haala firoommii dhamsagaa kanarraa wanti hubatamu inni ijoon akka kanaa gadiitti eerama.Isaanis, a.
firoommichi gara duraatti,
b.Afaan Oromoo keessatti jabinni haala firoommiitiin argamuusaa
c.Adeemsi lassagaa ykn dhamsagaa caasaa irranaa fi lixxaa qabaachuusaa nu hubachiisda
d.Firoommiin dhamsagootaa adeemsa firoommii hawwaasaa qabaachuu isaati.Dhimma kana
salphaatti hubachuuf seera kanaa gadii hurdofna.

22
Y + Z = ZZ

5.2 . Mit-firoommii ykn wal-baqannaa(Dissimilation)

Wal-baqannaan ykn mit-firoommiin faallaa firoommiiti.Sagaloonni ollaa walii taa’uu jibban ykn amala
walii dadhaqban,akkuma namootaa yemmuu isaan bakka walii dhiisan argina.Adeemsi kun wal-
baqannaa jedhama.

5.2.1. Haquu
Afaan Oromoo keessatti wal-baqannaan karaa garaa garaa argamuu danda’a.Isaan keessaa
haquu,saaguu fi wal-jafuu maqaa dha’uun ni danda’ama.Haalli qindoomina dhamsagootaa kun
baay’inaan daangaa dhamjechaa fi daangaa dhamsagaa irratti mul’ata.Fkn:

a. fira + -oota = firoota


b. diina +-ota =diinota
c. dhiita +-iita =dhiita
d. hantuuta =antuuta
e. deemee jira = deemeera

Akka sagaleen kun agarsiisutti seera afaanichaa eegsisuuf haquun akka adeemsifame agarra.Adeemsi
kunis,dhamsagootaa fi birsagoota haquun geggeeffame.Fakkeenyi (a-b) jalaa keessatti birsagni
salphaan fufii dhamsaga dheeraan eegalu yommuu fudhatu,birsagni jabaan garuu isa dhamsaga
gabaabaa qabu fudhachuun dubbachiisaa(a) hundee jechoota sanarraa haqe.Birsagni jabaan hundee
jechaa fi fufii irraa wal baqatan agarra: birsagni laafaanis akkasuma. Kana jechuun, dheerinaan wal-
baqannaan jira jechuudha.

Qindoominni sagalootaa (c,d) jalaa ammo, dubbifamaa haquudhaan taasifame. Fakkeenyicha


keessatti /h fi/ /dh/n jalqaba jechootaarraa haqamanii jiru. Caasaan (e) jalaa garuu birsaga /ji/ jedhu
haquun dubbiirratti salphaatti afaanichatti gargaaramuunf haala mijeessa. Kanaafuu, adeemsi akkanaa
wal-baqannaa jedhama.

23
5.2.2.Saaguu
jechuun adeemsa wal baqannaa dhamsagootaa keessatti haala sagalessuu fi seera afaanii sirreessuuf
dhamsagni hiriira keessa hin jirre yommuu hiriira keessa galu saaguu jedhama.
Fkn : argne =argine
dhoksne =dhoksine
5.2.3.Waljafuu jechuun jechoota wal jala jijjiiruudhaan kan argamudha.
Garuu hiika jechaa jijjiiruu hin danda’u.
Fkn Qamalee =Qalamee
Jaldeessa =Jaljeessa
Cuunfaa (Conclusion)

Xiinsagni saayinsii afaanii waa’ee sagaleelee dubbii kan akka akkaataa uumama sagalee, bakka
uumama sagalee fi haala dibbee sagalee kan qoratudha.

Xiindhamsagni haala caasaa fi tajaajila afaanii irratti kan hundaa’udha.

Dhamsagoonni Afaan Oromoo dubbifamaa fi dubbachiisaa ta’uu isaanii, faayidaa fi bakka buusa
dubbii (IPA) Akkasumas faayidaawwan isaanii biyyoota Addunyaa wajjin haala salphaan qubee afaan
dubbii sana ilaaluun hubachuu akka danda’an gargaara.Kana malees maalummaa birsagoota Afaan
Oromoo , caasaa birsagaa , sanyiiwwan birsagaa fi akaakuu fi adeemsa jijjiiramoota dhamsagoota
Afaan Oromoo(Firoommii fi mit- Firoommii ) walitti dhufeenya hiikaa kan qabanii fi hanga tokko
walitti dhiyyatanii garuu didanii walirraa kan siqan firoommii gamtokkee ta’uu isaa bal’inaan ibsamee
jira.

24
Wabiilee
Addunyaa Barkeessaa Amajjii (2018). Caas-luga Afaan Oromoo. Finfinnee: Oromiyaa.
A.J. Ellis 19 c. www.britannica.com,topic,Inter---
Bauer,L.1983.English Word-Formation.Cambridge:Cambridge University press.
Catford,J.C. 1988. A practical Introduction to Phonetics Oxford: Oxford University Press.
Daniel Jones 19c. www.britannica.com,topic,internet.
Jaarraa W.B fi W.B.Yaadatee 2000/2007/2008.Caas-lugaa fi Og-barruu. Finfinnee.
Lass,R.1984. Phonology. An Introduction to Basic Concepts. Cambridge: Cambridge Univerity Press.
Liddicaot, A.J. and Curnow T. J. 2004. “Language Descriptions” in Davies A. and Catherine, E. (edt,).
Blackwell Publishing Ltd
Lyons, J. 1968. Introduction to Theoretical Linguistics. Cambridge: Cambridge University Press.
Mitikkuu fi Tashoomee(2000). “Seerluga Afaan Oroomoo.” Hidhaa Tokkoffafi Lammaffaa Barnoota
Fagoo. Dhaabbata Mala Quunnamtii Giddugaleessa. Ministeera Barnootaa.
O’Grady, W. and Dobrovolsky, M. 1996. Contemporary Linguistics Analysis, an Introduction.3 rd(edt.),
Tronto: Copp Clark LTD.
Otto Jesperson 19c. www. Britannica.com,topic, internet.
Paul Passy 19c. www. Britannica.com,topic, internet.
Tashoomaa Balaayinaa, Waxabajjii 1997/2005. Muujula seensa Afaaniifi xiinqooqaa.Jimmaa.
Wakjira Debala Ch. May 13, 2021( from internet)

25

You might also like