Professional Documents
Culture Documents
YUUNIVERSITII JIMMAA
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU
JIMMAA
BAAFATA
QABIYYEE Fulaa
BAAFATA.......................................................................................................................................i
SEENSA.........................................................................................................................................iii
1. MAALUMMAA ASOOSAMA GABAABAA.......................................................................1
1.1. Amaloota Asoosama Gabaabaa...................................................................................................2
i
4.2.3. Gilgaala Dubbisa Boodaa.............................................................................................10
Guduunfaa (Conclusion)................................................................................................................11
Wabiilee (References)...................................................................................................................12
Dabalee 1. Karoora Barnoota Guyyaafi Gabatee Keessatti Dhiyaate...........................................13
Dabalee 2. Dubbisa Kutaa 2ffaa Walbaruu……………………………………………………... 15
ii
SEENSA
Asoosamni gabaabaan damee ogbarruu keessaa isa tokko yommuu ta’u, isa dura garuu
ogafaaniin jechuun bifa oduu duriitiin, mammaaksaatiin, baacootiin, tapha ijoolleefi kkftiin
dhiyaachaa ture. Asoosamni gabaabaan bifa ammayyaatiin jaarraa 20ffaa keessa barreeffamuu
akka eegalame ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu. Asoosamni gabaabaan kan sa’aatii walakkaa
keessatti dubbifamee xumuramuu danda’u, yaada jalqaba qabatee ka’een ala kallattiinis , miti
kallattiinis yaada biraa kan hin keessummeessineedha. Akka yaada Albert (1968), asoosamni
gabaabaan haala hololoo ta’een, qindoomina cimaatiin kan ijaarame yeroo baay’ee jechoota
kuma kudhan (10,000) kan hin caalleefi hojii amaloota kalaqaa of keessatti qabateedha.
Faayidaan asoosama gabaabaa daree barnootaa keessatti dandeettiiwwan (ogummaawwan) arfan
barattoonni dandeettii ittiin akka gabbifatan gargaara. Kunis, qabeenyawwan hawaasaa kan ta’an
aadaa, duudhaa, safuufi kkf qabiyyee asoosamicha keessatti dhiyaate irratti hundaa’uun
barsiisaan yeroo dubbisuuf dandeettii dhaggeeffachuu ni horatu, achumaanis haala naannoo
isaaniitiin walqabsiisanii akka hubatan taasisa jechuudha.
iii
1. MAALUMMAA ASOOSAMA GABAABAA
Gaaleen ‘asoosama gabaabaa’ jedhu kun gaalee Afaan Ingilizitiin ‘shorty story’ jedhurraa
fudhatamee Afaan Oromootti hiikame. Kallattiin hiikni jecha ‘asoosama’ jedhu jecha Afaan
Ingiliziitiin ‘Novel’ jedhuun yoo bakka bu’u,’gabaabaa’ kan jedhu ammoo ‘short’ isa jedhu ta’a.
Haa ta’u malee, gaalee Afaan Ingiliziitiin ‘short story’ jedhu kana gara Afaan Oromootti yoo
jijjiirru, ‘oduu (seeneffama) gabaabaa’ kan jedhu ta’a. Yaadni “oduu gabaabaa” jedhu kun
ammoo yaada ‘oduu durii’ jedhuun walitti dhufeenya waan qabu fakkaata. Oduu durii (oral-
telling) dhaloota asoosama gabaabaatiif bu’uura akka ta’e ni dubbatu. Gama biraatiin, asoosama
gabaabaa kan gosa og-barruu barreeffamaan dhiyaatu ta’ee kan dheerinaan Asoosam dheeraatii
(Novel) gadii fi “short story” tii olii akka ta’e ni ibsama. Kanas barreessitoonni “Novella”
jedhanii waamu. “Novella” jechuun “short story” jechuu akka ta’e barruuleen garaa garaa ni
ibsu.
Dheerina isaa fi gabaabina isaa irratti hayyoonni ejjannoofi yaada garaa garaa qabu. Haa ta’u
malee, hundinuu asoosamni gabaabaan “hojii kalaqaa ta’ee kan barreeffamaan bifa seenessuutiin
dhiyaatuudha” yaada jedhurratti walii galu. Asoosamni gabaabaan bifa ammayyaatiin jaarraa
20ffaa keessa barreeffamuu akka eegale ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu. Keessattuu biyyoota
Ameerikaatti dha.
Barreessaan asoosama gabaabaa jalqabaaf haala quubsaa ta’een ibseera jedhamee yaadamu
Idgaar Allan Poo, barreessaa biyya Ameerikaatti argamuudha. Akka Poon jedhutti, asoosamni
gabaabaan ergaa fi bu’aa (effect) tokkoofi adda ta’e tokko fiduuf kan crraaqu ta’uu qaba.
Warri kaan ammoo, baay’ina jechoota asoosamni ykn hojiin kalaqaa tokko qaburratti
hundaa’uun murteessu. Baay’inni jechoota asoosama gabaabaa tokkoo jechoota 7000 hanga
9000 kan ta’an ta’uusaa barreessu (http//en Wikipedia.org). Akkasuma David Maden gabaabina
asoosama gabaabaa yeroo ibsu akkas jedha “the short story ranges from “short shorts,” which
run in length from a sentence to four(4) pages, to novellas that can easily be 100 pages long and
exhibit both characteristics of short story and novel.” (Microsoft Encarta 2009)
Akka yaada Albert (1968), asoosamni gabaabaan haala holooloo ta’een qindoomina cimaatiin
kan ijaarame, yeroo baay’ee jechoota kuma kudhan (10,000) kan hin caalleefi hojii amaloota
kalaqaa of keessatti qabateedha.
1
Rakkoo rakkoorratti kan fuulleffatu, waa’ee rakkichaas kan murtoo kennuu qabu halleewwan
mudannoo keessa gale kallattii sababa qabeessa ta’een, gochaalee kan raawwatuufi namfakkii
tokkorratti haala adda ta’een kan xiyyeeffatuudha. Akkasumas bu’aa qeenxee agarsiisa. Yaada
kanas beektotaan yeroo yeroo ibsamu:
Short stories are works of prose fiction, which are shorter than the novel, more restricted in
characters and situations. The structure of a short story is usually corcerned with not more than a
few effects, problems or themes. (Kennedy and Gioia, 2007, p.13; Abrams, 1993, p.90.)
Walumaagalatti, muudannoowwan dhuunfaa gabaabaa, jaalala, muuxannoowwan darbaniifi
akkasumas taphoonni durii, sheekkoowwan garaa garaa jalqabbii/madda asoosama gabaabaatiif
bu’uuradha.
Asoosamni gabaabaan tokko amala mataa isaa ni qaba. Amaloonni kunis asoosama gabaabaa
tokko gosoota asoosama biroo irraa adda baasuuf ni tajaajila.
* Asoosamni gabaabaan tokko ergaa (theme) dabarsuu danda’uun asoosama dheeraa irraa adda
ta’a. Dhaamsi asoosaan (author) asoosama gabaabaa tokkoon darbuu danda’u tokkoo ol ta’uu hin
qabu. Bu’aan isaas akkasuma walxaxaa kan hintaane dhimma tokko karaa iccitii ta’een dabarsa.
Kana jechuun, karaa biraatiin asoosamni gabaabaan tokko baay’ee gabaabaa waan ta’eef yaada
walxaxaa fi jijjiiramaa of keessaa hin qabu. Kanaafuu, asoosamni gabaabaan tokko yeroo
tokkotti bakka tokko taa’anii dubbisanii kan xumuramuudha.
* Asoosamni gabaabaan qooddattoota (characters) muraasa of keessaa qaba. Yeroo baay’ee
qooddataa muummee (main character) fi qooddataa faallaa (antagonistic) kan qabu yoo ta’u
qooddattoonni xixiqqoon yeroo baay’ee hin mul’atan jechuudha.
* Yoomessi asoosama gabaabaa dhaabbataadha. Yeroo hedduu hin jijjiiramu. Seenaan asoosama
gabaabaa yeroo gabaabaa keessatti kan raawwatamu ta’a. Sa’aatii walakkaa keessatti kan
raawwatamu ta’a. Jaargochi asoosama gabaabaas, akkuma yoomessaa hin jijjiiramu. Yeroo
hedduu unkaan barreeffamni asoosama gabaabaan tokko ittiin dhiyaatu seenessuudhaani. Kunis
tartiiba gochaa fi yeroo eeguudhaan bifa odeessuutiin (narration) kan dhiyaatuudha.
Dimshaashumatti, amaloonni asoosama gabaabaa tokko gosoota og-barruu biroorraa adda baasan
qabxiileen armaan gadii akka ta’an hayyoonni og-barruu hedduun irratti walii galu. Isaanis:
A.Dhaamsa/bu’aa baaqqee B. Ariifanna gochaa C. Qusannaa D.Tokkummaa
2
1.1.1. Bu’aa baaqqee
Asoosamni gabaabaan akka asoosama dheeraa seenaawwan hedduu akka baatee deemu hin
eyyamu. Seenaan asoosama gabaabaa baaqqeedha. Kaayyoon isaas miseensota asoosama
gabaabaa walsimsiisee tokko taasisuun galma tokko qofaaf hojjeta. Xiyyeeffannoon asoosama
gabaabaa qaama jireenyaa fi mudannoo tokko qofaarrattiidha.
Seenaan asoosama gabaabaa keesstti dhiyaatu asiifi achi jedhee dhimmoota garaagaraa keessa
kan galu miti. Miseensonni asoosama gabaabaa dhangala’insa yaadaa sirrii ta’erratti hundaa’uun
ariitiin fuulduratti deemu. Balballoomsa hin barbaachifne keessa hingalan. Kunis asoosama
tokko ariitiidhaan akka nama farda leexaa gulufuu dafee kaayyoo barbaadame sanaan bira gaha
jechuudha.
1.1.3. Qusannaa
Dhimmoonni asoosama gabaabaa keessaa barbaachisoo waan ta’aniif sirriitti itti yaadamee
dhiyaachuu akka qaban ta’uusaa agarsiisa. Qusannaan dhimmoota garaa garaatiin asoosama
gabaabaa keessatti mul’achuu danda’a. Fakkeenyaaf, akkaataa miseensonni asoosama gabaabaa
tokko itti dhiyaataniin ibsamuu danda’a. Seenaa baaqqee, qooddattoota muraasa (lama ykn sadi
ykn isaa ol akka barbaachisaa ta’etti), murtaa’ina yoomeessaa, kallatti tokkoon dhiyaachuu,
ergaa tokko qofa dabarsuu, filannoo jechootaafi ibsa barbaachisaa hin taanerraa of qusachuu of
keessatti hammata.
1.1.4. Tokkummaa
Tokkummaan asoosama gabaabaa walqabatiinsa unkaa fi qabiyyee, miseensotaafi akkaataa
asoosamni tokko itti dhiyaatu ilaallata. Kana qofaa osoo hintaane, tokko tokkoon isaanii
waldeeggaranii dhiyaachuu isaanii illee ni agarsiisa.
3
2. Caacculee Asoosama Gabaabaa
Xumurri seeneffama tokkoo gammachiisaa, gaddisiisaaykn kan hin murtaa’iin ta’uu danda’a.
Xumurri seeneffama tokkoo gammachiisaa kan ta’u, yoo namfakkii muummee milkaa’ina ykn
olaantummaa argateedha. Xumurri gaddisiisaan immoo, yoo namfakkiin muummee mo’atame
ykn milkaa’ina dhabeedha. Xumurri seeneffama tokkoo gammachiisaa, gaddisiisaa yoo hin taane
kan hin murtaa’in jedhama.
4
jedhee nama fakkeessee uumuudhaan itti dhimma bahuudha. Namoonni kunis, argaa yaadaan
malee dhugaadhaan hin mul’atan.
dhugaa (real setting) fi yoomessa asoosamaa (nam-uumee) (fictional setting) jedhamee bakka
lamatti qoodama. Yoomessi dhugaa, bakka qabatamaa fi sirrii ta’e gargaaramuun yoo
barreeffameedha.
Asoosamni gabaabaan gosoota og-barruu keessaa isa tokko yommuu ta’u, beekumsa, dhugaa,
abshaalummaa, dandeettii, kkf ibsa. Akka Sage (!987) ibsutti, asoosamni, gabaabaan barumsa
affaanii qofa osoo hin taane jiruufi jireenya dhala namaatiifqabeenya isa guddaadha. Asoosamni
gabaabaan calaqqee jiruufi jireenya dhala namaati.
5
Asoosamni gabaabaan jireenya namaa kan haala qabatamaa ta’een namatti agarsiisuufi
calaqqisiisuudha (Sage, 1987). Asoosama gabaabaa kutaa barnootaa keessatti tajaajilaaf
oolchuun faayidaalee kanaa gaditti argaman qaba (Ariogul, 2001).
* Asoosamni gabaabaan gooroowwan kanneen kaanirra gabaabaafi salphaa ta’uu irraa kan ka’e
gochaalee dubbisuu barattootaaf haala mijeessa.
* Beekumsaafi ilaalcha barattoonni aadaa garaa garaa irratti qaban ni tumsa.
* Addunyaa waa dinqisiifachuufi waan dhoksaa hubachuu barattootaaf ni mijeessa.
* Dandeettii gadi fageessanii yaaduu barattootaa ni gabbisa.
*Barattoonni muddama tokko malee akka bilisa ta’anii baratan isaan taasisa.
Dandeettii dhaggeeffachuu barsiisuuf ogbarruu filachuufi mijeessuun akkuma jirutti ta’ee, isa
filatameefi mijate keessaa immoo gilgaalonni dandeettii kana shaakalsiisuu danda’an gulantaalee
adda addaatti qophaa’uu qabu.
* Barattoonni yaada isaanii guutuudhaan ykn yaad-qalbii guutuudhaan akka hordofan qajeelfama
kennuufii qaba/qabdi;
- Gaaffileen shaakala dhaggeeffachuun dura dhihaatan isaan armaan gadiiti.
*Gaaffilee waliigalaa kan barattoota kakaasaniifi gammachiisan gaafachuu;
*Gaafilee beekumsa jalqabaa akka fayyadaman kakaasan gaafachuu;
6
*Barattoota dhiphinarraa bilisa taasisuu;
*Dhaggeeffachuurratti gufuu ta’an keessaa jechoota haaraa hiikuudhaan itti himuu;
*Meeshaalee qabatamaadhaan deeggaranii dhiheessuu;
*Qajeelfama ifa taasisuudhaan dhiheessuu qaba/qabdi.
Gulantaa kana keessatti shaakalli barattootaaf dhihaachuu qabu waan dhaggeeffatan sanarratti
akka miira kakaasan gochuuf gargaara. Kunis, odeeffannoo madda dhaggeeffatmuurraa osoo
darbuu hin jalqabin kan raawwatuudha. Kunis barattoonni akka qophaa’aniif gargaara;
muuxannoo duraan qabaniifi isa barachuuf deeman akka walqabsiisaniif fayyada; kaayyoo
qabatanii akka dhaggeeffachuutti seenaniif ni kakaasa.
Gulantaa kana jalatti barattoonni wanta dhaggeeffachuuf deeman utuu hin dhaggeeffatiin dura
barsiisaan kan inni gochuu qabu: Mataduree sanaa wajjin kan walqabatu gaaffilee muuxannoo
barattoonni duraan qaban sana kakaasuu danda’an dhiyeessuun gaafachuun akka deebisan
taasisa.
Shaakala kana keessatti barattoonni dhuunfaadhaan, gareedhaan ykn lama lama ta’anii gaaffilee
dhihaatanirratti mari’achuu ni danda’u. Gareedhaan yookaan lama lamaan osoo irratti
mari’atanii muuxannoo akka wal jijjiiraniif irra caalaa isaan gargaaruu danda’a.
7
*Naannoo itti dhaggeeffatan sanatti sagaleen biroon kan hin dhaga’amne ykn wacni hin jirre
mirkaneeffachuu;
*Gaaffilee yommuu dhaggeeffachuu dalagan qopheessanii dhiheessuu;
*Waan dhaggeeffatamu sana barattoonni hunduu akka dhagahuu danda’anitti sagalee gahaa
fayyadamuu;
*Irra deebi’amee kan dhihaatuufi yeroo tokko qofa kan dhihaatuuf tahuu isaa addaan baasanii
barattoota hubachiisuu kan jedhan ta’uu danda’u.
Gulantaa kana keessatti shaakala yeroo dhaggeeffachuu dalagan irratti xiyyeeffata. Gaaffilee
dursanii kan kennamaniif yommuu ta’u, deebii argachuu kan danda’an qabiyyee dhaggeeffatan
sanarrattidha.
Yeroo kanatti, barattootaaf jalqaba qajeelfamni ifaa ta’e erga kennameefiin booda utuu
dhaggeeffachuun hin jalqabin dura gaaffileen yeroo dhaggeeffachuu barattoonni deebisan ni
kennamaaf.
Kanaafuu, barattoonni qajeelfama kennameefiirratti hundaa’uudhaan gaaffilee dhihaateef erga
dubbisanii booda dammaqinaan dhaggeeffatanii deebii kennuu danda’u.
Barattoonnis gaaffilee kana utuu dhaggeeffatanii waan ta’eef, gaaffileen yeroo qophaa’an kan
odeeffannoo murtaa’aa fi deebii gabaabaa barbaadan ta’uu qabu. Barsiisaanis si’a 2ffaaf waan
dhaggeeffatamu sana irra deebi’ee barattoota dhageessisuu qaba. Kana keessatti barsiisaan yeroo
meeqa akka dubbisuuf ifa gochuu qaba.
Barattoonni yaada gara isaaniitti dhufu takkaadha dhaga’u, yaada walii galaaf dhaggeeffachuu,
akkasumas tarii haalli barattoonni odeeffannoo murtaawaa ta’eef ykn gadifageenyaan
dhaggeeffachuu barbaadan jiraachuu ni mala. Deebii isaanii cimdiin ykn gareen ni
mirkaneeffatu. Kunis, barattootaaf ofitti amanamummaa kennuufi shakkii bakka qabanirraa
akka qulqullaa’aniif. Itti dabaluunis yeroo lammaffaa ni dhaggeeffatu, kunis deebii isaanii
mirkaneeffachuu ykn gaaffilee gadifageenyaan deebisuuf.
8
4.1.4. Gulantaa Dhaggeeffachuu Booda
Qajeelfamni ifaa ta’e erga kennameefii booda barattoonni meeshaa barnootaa qophaa’e sana si’a
tokko irra deebi’anii dhaggeeffatu. Isaan booda gaaffileen gulantaa kanaaf qophaa’an
barattootaaf ni kennamu. Gaaffileen qophaa’anii kennaman kunis kan isaan haala qabatamaa
naannoo isaanii jiru waliin bira qabanii akka ilaalan taasisu, kan barattoonni yaadaa fi ilaalcha
mataa isaanii itti calaqqisiisan, kan dandeettiilee Gulantaan inni sadaffaan kun erga
dhaggeeffatanii booda kan barattoonni shaakalan ilaallata.
qaba. Gulantaa kana jalatti kanneen biroo: dubbisuu fi barreessuudhaan walqabsiisuun akka
shaakalan kan jajjabeessu ta’uu dandeettiiwwan birootis akka shaakalan haalli mijataadha.
Barreessanii akka gabaasan taasisuun ni danda’ama. Barattoota fuulduratti ba’anii akka
dubbiidhaan ibsa taasisan gochuudhaan dandeettii dubbachuu isaaniis shaakalsiisuun ni
danda’ama.
Gulantaa dhaggeeffachuun booda gaaffileen qophaa’uu danda’an, gaaffilee dhugaa fi sobaa,
gaaffilee deebii gaggabaaboo barbaaboo ta’an, gaaffilee bakka duwwaa guutiifi kkf ta’a.
“Akkam Doorii har’a mana barumsaa hin deemtu?” jedhee gaafaate hiriyaan isaa
Jamaal.
“Eyyeen har’a hin deemu”
“Maaliif hafta?”
“Akkanumaan”
“Bar torbee dhufuu qorumsa qabnaa” “Yoo qabaanne yoo!”
“Barsiisonni irra deebii kennuu hin danda’an…. hin miidhamtuu?”
“Dhimma isaaniiti! Sagal irra deebii yaa kennan ani garuu, boqonnaan barbaada.”
10
Guduunfaa (Conclusion)
Asoosamni dur, yeroo jalqabaa ogafaaniin ture. Asoosamni ogafaan sheekkoo, mammaaksa,
baacoo, dur durii, tapha ijoollee, seenaa, muuxannoofi mudannoo guyyuu hunda dabalata.
Asoosamni afaan, seenaa, jiruufi jireenya dhugaa hawaasicha keessa jiruufi jiraachuu danda’uufi
jiraatee darbe kalaqaan kan agarsiisuudha. Jechoota hamma kana jedhanii murteessuun hin
danda’amne. Asoosamni gabaabaan jaarraa 20ffaa keessa akka eegalameefi isa dura garuu bifa
oduu duriin dhiyaataa ture. Asoosamni gabaabaan kan sa’aatii walakkaa keessatti dubbifamee
xumuramuu danda’u, yoomessa murtaawaa, namfakkiiwwan muraasa yaadaafi qaamaan walitti
bu’iinsa uumaniin qindeeffamuu isaafi asoosamni gabaabaan ijoo dubbii dhiphaa tokko qofa
irratti kan xiyyeeffatuudha. * Asoosamni gabaabaan hojii kalaqaa sammuufi ogummaa waan
ta’eef barnoota afaanii keessatti barattoota kakaasuun fedhii barnootaa keessatti uuma.
Barumsichi haala naannoo isaanii waliin walqabsiisanii akka xiinxalan taasisa. Dandeettiiwwan
afaanii gurguddoo ta’an arfan gabbisuuf gargaara. Akkaataa yookaan seera ogbarruu sun itti
baarreeffame akka hubatan godha. Karaa alkallattii ta’een ogummaa, tooftaa fi bu’aa bayii
asoosamicha keessa jiran Ni hubatu, aadaa, duudhaa fi safuu hawaasichi qabus ni cimsatu.
Waliigalatti, asoosama gabaabaa daree barnootaa keessatti fayyadamuun akka barattoonni sirriitti
dubbisanii akka hojjetaniifi barsiisaan salphaatti wayitii barnootaa kenname keessatti barsiisee
akka xumuru ni gargaara. Asoosamni gabaabaan akkuma ogbarruu adda addaa guddina
dandeettii xiinxaluu sammuuf shoora waan kennuuf, iddoo fi haalaan xiinxalee dhiyeessa.
11
Wabiilee (References)
Abrams, M. H. (1993). A glossary of Literary Terms. Harcourt Brace College.
Albert, K. (1968). Ridout and Jesse Stuart Short Stories for Discussion. New York: Charles
Schribner’s Sons.
Ariogul, S. (2001). The Teaching of Reading through Short STORIES IN Advanced Classes
( Unpublished M.A Thesis). Hacetteppe University, Ankara.
12
Dabalee 1. Karoora Barnoota Guyyaafi Gabatee Keessatti Dhiyaate
Maqaa Mana Barumsaa: Jireen sad. 2ffaa
13
Qabiyyee Yeroo Gocha barsiisaa Gocha barataa Madaallii Yaada
Meeshaa
Seensa: Barnoota darbe Barnoota darbe Deggersa Barnoota
5 yaadachiisa. yaadatu. Barnootaa yeroo
14
Dabalee 2. Dubbisa Kutaa 2ffaa Walbaruu
Dooriin hirriba gaarii erga rafee kinoo amma baatileen sadii darban. Halkan garba yaada keessa
seeneet daakaa bula, guyaa ni dadhaba. Mataan ni naannawa sammuun ni burjaajawa, qalbiin
isaa ni dhama’a. Jiruuf jireenyi itti hin miidhagu wanti inni yaaduuf wanti inni argu wal hin
simatu yemmuu tokko tokko eessa akka jiru beekuu hin dandeenye. Maal akka hojjetaa jirus
hubachuu hin beekne.
Mana barumsaa deemuuf fedhii hin qabu, yoo deemus, barumsa sirnaan hin hordofu… wanta
pilaazmaan haasawu Dooriin hin dhaggeeffatu, wanta barsiisaan ibsuus hin hubatu.
“Doorii”
“Eyyeen barsiisaa”
“Dhuguma Barsiisaa” “Mee waanan ibsaa ture cuunfii irra deebi’ii naaf himi.” Cal jedhe
Dooriin.
“ Amma yoo hubatte Doorii?” jedhe barsiisaan herregaa sagalee hifaatuu of keessaa qabuun
“Eyyeen barsiisaa” jedheen Dooriin sagalee qaanii ibsuun mataa cabsee lafa ilaalaa.
(Madda: Wasanee Bashaa. Jabala Jaalalaa, Walbaruu. 2015/2013, Oromiyaa, Finfinnee: Fuula
11-18)
15