You are on page 1of 18

YUNIVARSIITII DILLAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI


NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO
QAACCEESSA ASOOSAMA DHANGALA’AA
GODAANNISA IRRATTI HOJJATAME

Miseensota Garee
- Ilkiyyoo W/Mikaa’eel … 017/15
- Emmabeet Dagafaa …. 018/15
- Ibraahim Hamiid … 026/15
- Nabiyaat Guddataa …034/15
- Tolaa Kadiroo …..044/15
Gaaffilee ofmadaalii koorsii Asoosama Dheeraa Oromoo (Afol 3071)
Ajaja: Asoosamoota Dhangala’aa Gabaabaa Oromoo Galmee Saglffaa, Qorsa,
Abdii Dukkanoofteefi dungoo halkan sanaa keessaa tokko filachuudhaan dubbisaatiii
gaafiile armaan gadiitiiif deebii kennaa!
Qabatamummaa deebii keessaniitiif ragaa asoosamicha keessaa fuula
Wajjiin waraabaa mirkaneessi!
1. Yoomessaa asoosamichaa gurguddoo qofarratti hundaa’uun raga deeggarii agarsiisi!
1.1. Haalgalumsa Qabatamaa (Physical Context)
Lafti dhaloota koo wallagga keessa magaalaa Biilaa jedhamtuudha. (Bakka dhaboota
Abdiisaa soolan Dhaabaa (1992:7) Maannaaloo Balaay. Dargagaggummaa isaatti hojii
barbaacha marraa beetee dhaa Gimbii dhufe. Dhaabaa (1992:8) Yunivazristi Qotisaa
Haramaayaatti ramadamuu ko ti kan ganda sanaa na baase. Dhaabaa (1992:1)
Har’a dhiya keessaa sa’aatii sagalittaa deeme Mooraasana keessa, namni olii fi gadi
naanna’u baayee hin mul’atu Dhaabaa (1992:25)
Guyyaan isaa kamisa. Ji’a Fulbaanaa. A’uutoobusiin ganamaan finfinnee gadhiisee ba’e.
Dhaabaa (1992:30 “ Maqaan isaallee Bishooftuu ture?, amma garuu Dabrezeit” , jedhu.
Dhaabaa (1992.31). Ciroo… Ihi…. Kan “ Asbe Tafarii’, jechan kana dha, ‘mucaa
harargeeti’ Dhaabaa (1992:36) mana hojii Hariiroo Oomisha Alaatti ramadamuun kees
irratti himana dhaabaa, (1992:119) markaatoo naannoo’ Goojjam Barandaa’jedhamu.
Dhaabaa, (1992:121)
1.2 Haalgalumsa Hawaasaa (Social Context)
Obboleettiin koo, Kuulaniin ijoollee waggaa ji’aa turte. Maannaaloo Balaay kan hinni
haadha koo mallaqaan gowwoomsaa itti hiiqe. Jaareen fira abbaa koo hunda rifachiise.
(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:8)Waynisheet- Maqaan ishee. wayin jedhu Shamarran
hiriyyoonni ishee. Kan dardarri ishee waamullee dhaga’ee hin beeku. (Dhaabaa
Wyyeessaa, 1992:15)Dhaqxee namoota waan tokko tokko bitataa jiranitti
makamte.(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:37) Taliileen garuu na biraa hin hafne. (Dhaabaa
Woyyeessaa,1992:41) Isheen warraa isheef mucaa angafaa ta’uu ishee… Obbolaa
dubaraa lama qofa akka qabdu… haatishee sababa dhukkubsattuu taateef, akka sireerraa
hin buune… abbaan isaanii ba’aa baatee gatii dafqaa argatuun akka isaan guddise..
(Dhaabaa Woyyeessaa, 1992:44) Alamaaz dubartii mana banaa ani dhaquu baayisuu.
(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:48). Henook ijoollee mana tokko waliin jiraannu keessaa
kan hedduu mitti hiiqu. (Dhabaa Woyyeessaa, 1992:84) Tujubaa Hundee nama
Henookiin gadii naaf ta’ee hin argamne (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:120)

1.3 Akka Biyyaa (Local Color)


Dubartoonni ciroo Shiita haalluu adda addaa uffatu. Dhiironni marxoo (Shirrixii) maratu.
Dhubartoonni mataa isaanii iraatti fudeeraalee adda addaa baachuu dhaan gurguratu.
Mandazriinii, Paappayyee, muuziifi burtukaana fa’a (Dhaabaa woyyeessaa, 1992:38)

Haala dubbannaa ilaalchisee FKN. Habbaa takka, Ruubiyyaa, Neeraa… (Looga Harar
dubbatu. (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:37) .Dargaggeessi mataa dha hanga miilaatti kutaa
isaanii itti gad jigsanii hanga funyaanii fi ijjii isaanii mul’attuutti fuula isaaniitti
aguuggatanii, eboo isanii gurraan qixxeeffatanii naanna’anii dhaabbatu. (Dhabaa
Woyyeessaa, 1992:18) .Asheeta bilchaatte!
Asheeta nama gomjaasistu! …(Dhaabaa Woyyeessaa, 1992:13) .Lafa magariisa irraa…
Gaaddisa muka dameen isaa dagaagge jala…Bishaan qulqulluu sagalee dhoksatee
dambali’u qarara… (Dhaabaa woyyeessaa, 1992:29)
2. Caaccuuwwan Asoosamicha filaattanii irratti hundaa’uun gaaffiiwwaan armaan
gaditiif deebii kenni!
2.1 Gulantaawwan Jaargochaa Asoosamicha filattan sanaa akkamitti akka
dhiyaatan raga deeggaramii dhiyeessi!
I. Ibsa (Exposition)
Abdiisaa Soolan maqaa koti. Kan an ittiin waamamu. Maqaa kana abbaa kootu naaf
baase. Barataan ture. Barataa Yuunivaristii. Amma garuu hojjataa dha. Hojjataa
mootummaa. (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:1). Lafti dhalootaa koo wallagga keessa.
Magaalaa Biilaa, jedhamtu .Abbaan koo woggaa Saddeetiif walakkatti haadha kootti
nadhiiseedu’e.( Dhaabaa Woyyeessaa ,1992:7) .Akka yeroon gadda isaa dhumeen haati
koo hiriyyaa dhiiraa qabatte. (Dhaabaa Woyyeessaa ,1992:8). Gorgaarsa firoota kootiin
barnota sad. 2ffaa Xumuree Yunivaristii Qotiinsa Hara maayaatti ramadammudhaan
ganda sanaa baye.” Ani yeroo sani qaamni koo fi sammuun koo akkamitti akka jaalalaa
dheebochuufi beela’uu jalqabe amma afaan quutee dhubbachuun na dhiba” Dhaabaa
(1992:11) Deemsiyeroos guyyaan hin si’in guyyaa eebbaan na ga’e. Hariiroo OOmishaa
Alaatti ramada muun koos natti himame dhaabaa (Wayyessaa 1992:106,119)
II. Ka’umsa Waldiddaa (Initiative Incidence)
Booda Isheen haadha mana wasiilaa keenyaa wajjiin walii galuu dhabdee Najjoo deemte.
Harka isaa dhiqatee harka ishee qabate takkaa butee of cinaa doph godhe. (Dhaabaa
Wayyessaa 1992:8,9) otoo natti hin beekkamin onneen kees kufee ka’aa faanaa ishee
furguggaate. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:13) kan ani ta’e barcuma nama lama kaa’u irra,
in tala tokko cinaature. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:3) Tujubaa Waliin mi’a ishee qabnee,
manattii kootti galle. Dubartiin seenuun isa jalqabaati. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:148)
maaltiif intala sanaan taphatta? …. Xuriin dubartii gaarii miti. (Dhaabaa Wayyessaa
1992:46) Achi booda, Waanan duraan laphee jabaadhee namatti dubbadhee hin beekneen
dubbadhe. Waa’ee ishee kan keessaa kootti dhaga’amu maraa gadi baaseen itti hima.
(Dhaabaa Wayyessaa 1992:151) Maannaaloon erga mallaqa argateen booda mallaqaan
gowwoomsee haadha kootti hiiqe (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:8) Maanaaloon osoo
kanallee arge hin jedhin olbatee siree irraa ishee busee. Kana booda fedhiisaa dhugaatiin
hoo’e qabbaneesse. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:10). Utuu natti hin beekkamin onneen
koos kufee ka’aa faana ishee furguggaate. Ergasii dubartoota kaan ilaaluun najibbisiise.
(Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:13) “Abbaan koo haa du’u. Ati namaa miti. Maaf siif hin
galuu? Jedhaan barruu harka ishee susukkuumuu jalqabe.(Dhaabaa Wayyeessaa,
1992:56) Nan jeeqama. Guyyaan isaas, halakn isaas harka sadii natti dheerata. (Dhaabaa
Wayyeessaa, 1992:103). Yaaduuf yeroo hin arganne. “Abdiisaa dhaa mitii ati? Wal-hin
beeknuu?” Jettee sagalee akka nama weeddisuu, kufaa ka’uun.
IV Guutmiira (Climax)
Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti iddoon akka guutmiiraatti
fudhatame:-
- Abbaan koo woggaa saddeetiifi walakkatti narraa du’e. (Dhaabaa Wayueessaa,
1992:7)
- Akkaa yeroon gaddasaa dhumeen haati koo hiriyyaa dhiraa qabatte. Maannaaloo
Balaayii. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:8)
- Isa dhugaa sitti himuuf yaanni koo isa duraa miti. Amma yeroon isaa dabreera.
Amma qabameera. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:116)
- Anii fi obboleettiin koo woggaa kudhaniif mana wasiilaa keenyaatti wajjiin
jiraanne. (Dhaabaa Wayyeessaa ,1992:8)
- Maannaaloo ajjeesuuf yoo isaan halakan gaadanii dhaqan inni immoo, isaan
dursee horii hamma argate sessaabatee ishee hafe immoo, gatee biyyaa gadidhisee
bade. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:10) –“Maal jettaree?“ jedhee dabalee gaafadhe.
“Yeroo hin qabu” jettee. “Jaalachuuf moo, jaalatamuuf? “Lamaan isaaf iyyuu
yeroo hin qabu” naan jette. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:27)
VI. Furmaataa fi Goolaba (Resolution and Conclusion)
Laphee kootti hirkatteeti, “Dhugaa sitti hin dallanne.” Maaloo Abdii Laawunjii
deemnee Shaashee dhugna, jette. ‘Abdii jettee kan isheen na masartu gaafa sana.
(Dhaabaa wayyeessaa, 1992:51), Deemsi yeroos guyyaan hin se’in guyyaa
Eebbaan na ga’e. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:106), “ Ka’i maaloo ani dhugaadha
hin se’u! kuulaniitu dhufe.” (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992,147).
- Kana eegaa jette Taliileen yeroon kan inni hin goone hin jiruu .. Ihi… Lubbuun
jiraannaan hundii wal arga… (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:155, 157).
VII. Asoosamni filattan akaakuu jaargochootaa keessaa kamiin dhiyaate?
Fakkenyaan ibsuun fakkiin agarsiisi!
- Asoosamni dheeraan, dhaagala’aan ‘Godaannisa’ jedhamu kun akaakuu
jaaragochaa ‘Jaargocha ada adaan jijjiiramaa (progressive plot)’ tiin dhiyaate.
Fkn Abdiisaan abbaan irraa duunaan gargaarsa firaatiin baratee xumure. Umrii
barnootasaa keessatti jaalalaanis bu’aa bayii hedduu keessa darbeera. Haati
Abdiisaa Mannaaloo wajjiin jiraachu jalqabnaan achirraa ka’ee rakkoon adda
addaas argame.

Waldiddaa Guutmiira

Bu’iinsa
Olka’iinsa

Ka’umsa gochaa Furmaata

2.2 Gaaffiwwan armaan gaditti dhiyaatan namfakkiifi tooftaawwan Namfakkeessuu


(Character and Techniques of Characterization).
2.2.1 Namfakkeessuu Akkaataa Amala namfakkootaatiin
1. Qooddataa/-oota Kootamaa (protagonist Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessaa qooddattoota kootamaa kennan ta’an kan
akka:
- Abdiisaa soolan
- Taliilee Qajeelaa fi
- Kuulanii Soolan fa’a.
- Qooddattoonni armaan olii seenaa asoosamaa dhiyaate keessatti yeroo gara
garaatti dhiyaataa turan.
- Keessumaayyuu qooddataan ‘Abdiisaa Soolan’ jedhamu qooddataa cimaadha.
Gama amala isaaniitiinis Abdiisaaniifi Taliileen akkasumas kuulaniin ciccimoo fi
kaayyoo sanii fiixaan baasuuf kutannoon socho’aa turan.
2. Qooddataa/-oota Masaanuu (Antagonistic Character)
- Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti qooddattoota
masaanuu kanneen ta’an kanneen akka:-
- Maannaaloo Balaay,
- Meeroon/Weejee/
- fa’a turan. Isaan kunniin bakka murtaa’aa qofatti argaman malee itti fufiinsaan hin
dhiyaanne. Kanaafuu qooddattoota masaanuu dha. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:1-
158).
1.2.2. Namfakkeessuu Akkaataa Hirmaannaa fi jijjirama
Namfakkootaan
1) Namfakkii Marsaa (Round Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti namfakkoota /Namfakkii marsaa kan
ta’an Abdiisaa Soolanii fi Taliilee Qajeelaa yoommuu ta’an, irra caala tti akka
namfakkii marsaatti (qofaasatti) ilaallamuu kan danda’u namfakkii Abdiisaa Soolan
kan jedhamuudha. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:1-158).
2) Namfakkii Diriiraa (flat Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti akka nanfakkii diriiraatti kan
fudhataman hedduu dha.
Isaanis:-
- Haadha Abdiisaa
- Wayineesheet
- Meeroon
- Henook
- Almaaz
- Raaheli
- Tujubaa fi
- Siifan Abdiisaa fa’a
(Dhaabaa Wayyeessaa 1992: 1-158)
1.2.3. Akkaataa Namfakkeessuu gama eenyummaan namfakkootaa ittiin
ibsameen (dhiyaateen)
1) Himuun (Telling)
Asoosama ‘Godaannis’ jedhamu kana keessatti namfakeessuun gama eenyummaan
namfakkoota ittiin ibsameen yoo qaaccessifaman gama himuutiin kan akka
- Abbaa Abdiisaa kan ijoollee saarraa du’e.
- Wasiila Abdiisaa kan biratti guddate.
- Abbaa Taliilee Qajeelaa, kan dafqaan ilmaan isaa guddaisu.
- Haadha Taliilee tan dhibeedhaan sireerratti deebitee guyyaa du’aa eechaa turtee,
booda du’aan boqatte fa’a turen.
Nanfakkoni armaan olitti eeraman ennaa seeneffaman qofa gama hiwaamsatiin turan
malee gochootaa adda addaa keessa seenanii hin mul’anne.
II. Agarsiisuu (Showing)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kan keessatti namfakkoota akka Abdiisa Soolan,
- Toliilee Qajeelaa, Kuulanii Soolan,
- Maannaaloo Balaay, Tujubaa, Wayinesheet fi Weejee fa’a gochoota adda
addaatiin sirritti beekkamuun haalliifi amalli isaaniis agarsiifama turee jira. Kanaaf
jecha namfakkoonni eeraman kunniin gama agarsiisuu tiin eenyummaan isaanii
seneffameera. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:1-158)
2.3. Yoomessa asoosamichaa raga qabatamaa asoosamicha keesan waraabuun
gabaabsii agarsiisi!
Gaafii bakka dhalaata koo itti aansite. “Magaalaa Biilaa ….. Gimbii keessan” jedhe “Kan
koo Beddelleedha” jettee nati himate (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:35) Marraabbeetee
bakka dhaloota Maannaaloo Balaay. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:8)
Anaafi obboleettiin koo woggaa kudhaniif mana wasiila keenyaa wajjiin jiraata turree.
(Dhaabaa wayyeessaa, 1992:8) yuunivaristii Qotiinsa Haramaayaatti ramadamuu koottu
ganda sanaa na baase. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:11) Guyyaan isaa Kamisa. Ji’a
fulbaanaa Auutoobisiin ganamaan Finfinnee gadhiisee bayee.. (Dhaabaa wayyeessaa
1992:30) Ciroo.. kan “Asbe Tafarii” jedhan kanaadha. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:36)
2.4. Gosa/-oota ija dubbii (points of view) asoosamichi ittiin dhiyaatee maalfaa
akka ta’an ragaan deeggaraa ibsi!
Addiisaa Soolan maqaa kooti. Kan ani ittiin waamamu. Maannaaloon yoo macha’ee
dhufu ishees haadha koo wajjiin walitti arrabsa. (Dhaaba Wayyeessaa, 1992 1,8) Ati
nama jabaadha, Bar intalli qaanfatteerti ija kee arguu iyyuu ni sodaatte. (Dhaabaa
wayyeessaa, 1992.153) Akkuma armaan olitti fakkeenyi ragaadhaan fuulaan wajji
kaayame kana ijji dubbii ramaddii tokkoffaa (ani), ishee (ramaddii sadaffaa), ati
(ramaddii 2ffaa) ta’a. Asoosama Godaaniis jedhamu kan keessatti bakka addaa addaatti
dhiyaataniiru.
2.5. DHAAMSA WALIIGALAA asoosamichaa gama ergaawwan xixiqqoo,
yoomessaa asoosamichaa, ijaarsa namfakkootaafi tooftaa namfakkeessuutiin
darbanirra dhaabbachuun gabaabsii ibsi!
Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti dhaamsi walii gala akka
armaan gadii kana ta’a. kunis
- Namoonni akka namfakkii Maannaaloo Balaay, kan dhala namaarratti gocha suu
kaneessaa raawwatan akka argamanii fi isaan akkasii gocha hamaa kanaan
ummata biratti akka sirritti jibbaman nama barsiisa.
- Namfakkii akka “Wayneeshet” fa’a akka fakkeenyaatti yoo fudhanne
kaayyoosaanii hanga galmaan gayanitti fedhii nama birootiin akka hin sobamneefi
kutannoo cimaa qabaachuun akka barbaachisurraa baraanna.
- Gama biraatiin namfakkiin akka haadha Abdiisaa fa’a kan fedhii nama birootiin
sobamanii ofii fi maati ofiirraanis miidhaa hamaa geessisuu danda’anis akka jiran
nama barsiisa.
- Akkasumas namfakkoonni akka Abdiisaa Soolan, Kuulanii Soolanii fi Taliilee
Qajeelaa fa’a rakkoolee addaa addaatiin qoramaata ciccimaa keessa yoo bu’anis
osoo abdii hin kutatin keessaa ba’uu akka danda’an nama barsiisu.Walumaa
galatti asoosamichi gara laafumma, garajabina, abshaalummaa fi
gowwummaa… irraas akka beekkumsa cimaa argataniif baay’ee nama kakaasa.
- (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992: 1-158)
3. TOOFTAAWWAN OGUMAA (LITERARY TECHNIQUES) asoosichi ergaa
asoosamichaa dagaagsuuf itti gargaarame maalfaa akka ta’an raga
asoosamichaatiin deeggaraa ibsi!
1. OFIINDUBBII (monologue)
“Isheen waan fedhe haa deebistuuyyuu, ani afaan kootii baasee itti himutu narraa
jirra.”
“ Nan deema”
“ Hin deemtu “
“ Maaf hin deemu? “
Hin beeku? “ “Hin deemtu”
(Dhabaa Wayyeessaa, 1992:15-16)
…… “Ani si hin waamne jedhu laata? … gatee deebi’uu..
Fiiguu? …. Baqadhuu?”... jedhee yaade. (Dhaabaa wayyeessaa , 1992:21) “
“Taliileen ni duuteemii?
Gara kee kuttadhu, kan ajjeese immoo, si’i …. Si’ii….
Abbaa yakkaa … yakkama harka dhiigaa” …. Jedhee waan dubbatu fakkaata
(dhaabaa wayyeessaa, 1992:101).
II. Waliindubbii (Dialogue)
- Ihii…. Siinan jedhaam, Obboleessa”
Ihii?” “ Fenyuun barbaaddee ture?”
Si…. Siin” “ maaliif ture?”
Ihii ….. Ofumaati “ “ Akkam ofumaati?
“ kan na waamteef natti hin himatuu? “ “ Hin danda’u” “ Maaliif hin
dandeessu?” “Amma Sitti himuu hin danda’u.” (Dhaabaa Wayyeessaa 1992:22)
- “Ati woggaa meeqaffaadha?” jedhee gaafadhe. “jelqabaaf deemuu kooti, woggaa
tokkoffaa”
“Gaarii dha, womaa hin jedhu” (Dhaabaa Wayeessaa,1992:33)
III. Mildhuu (Fiashback)
Kan hanga ammaatti waliin haasa’eeru waynesheet qofaadha.
Qaaniif woo inni bara darbee iyyuu si ga’a. Takkaa adoodee dhaabbaa dheen ofduuba
deebi’e. “Maal deebiin akkanaa?…. Hin danda’u?.... yeroo hin qabu!.... jaalachuuf yeroo
hin qabu! Jaalatamuuf yeroo hin qabu! Ihim! …… maal jechuudha?…. Maalii intalli
akkanaa! Hibboo!... (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:28) .
Meeroon …. Meeroon … Meeroon…. Namni meeroon jedhamu kan an duraan beeku
sammuu kootti dhufuu dide. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:124)
IV. Himageree (Foreshadowing)
Dhaqnee doormii buluu ni dandeenyaa.Yeroo sanatti dubartii geessee eessan bulcha?....
akkan geessee dubartoota mooraa sanaatti hin kenninee namaa beeku hin qabu. Ishetti
immoo hin dubbadhu… waa!... maal haa jettuuf!… maal jettiree- hinaaffaa dhaan
waxalamti malee!... (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:40) Biilatti deebi’ee jennaan yoo toleef
beela jaalala kootii gab gochuun danda’a. yoo kun naaf qajeeluu dhabes bra itti aanuuf
dadhabbii koo tokko tokko fooyyesseen deebi’a. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:29)
“Amma booda du’a malee waan biraan hin jiru”. “Du’a sodattee hin booyin mee ol ilaali”
jedheeti ulee isaa ol kaasee jara qarqara halleyyaa sanatti aarsiise. Deebi’een yoo fuula
koo olqabadhu, Taliileen biiftutti jijjiiramtee biiftuu obboroo Bahaan olbaatu taateetti.
(Dhaabbaa wayyeesaa, 1992: 13,114 fi 115)
V. Addeessuu (Describing)
- Ijaawwan gurguddoo akka bakkalcha barii ifan!... naannoon isaanii akka isa
kuulamee uumamaan gurraacha’eera.Funyaan qal’oo qimixee… Hidhiiwwan
haphii afaan dhiphaa walitti qabaniiru… Tuullaa rifeensa daddabaa gadibu’ee
yeroo qolee ishee irraa jaf jedhu, bifa ishee goraa diimate fakkaatu waliin
walgargaaranii simboo bareedaa uumu!...(Dhaabaa wayyeessaa, 1992..32)
- Ofii ishee woo soofamtee ekeraa taateettii!....(Dhaabaa wayyeessaa 1992:94) –
Dubartii magaalaa dheertuu. Dubartii rifeensa mataa ishee akka faashinii
jabaanaatti filattee halluu diimaa cuubde… Dubartii gurraafi funyan ishee warqeen
bareechite…. (Dhaabaa wayyeessaa 1992:88)
VI. FAYYADAMA AFAANIIFI DUBBII QOOLAA GOSA FAKKOOMII
(symbolism).
- Ganama mataan ko akka sibiilaa natti ulfaate. Yeroon dhaabbadhu fooqiin sun na
baatee sirba (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992 :75)
- Sagaleen akka jirama jiguu natti dhaga’amnaan yeroon duuba koo ilaalu,
Taliileen dhabe (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:79)
- Manneetiin dhugaatii gamaa gamanaa afaan bananii na ilaalu, ni hamuummatu.
Hmummatanii na liqimsuufi (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:80)
- Akkauma armaan olitti ragadhaaf fuula kitaabichaa wajjiin waraabbamanii
dhiyaatan dubbii qolaa gara garaatti fayyadamuun yaada dhiyaate sirritti
barreessichi ibseera. Dubbiin qolaa inni fayyadames kanneen akka akkaasaa,
nameessaafi bakka buusa … habalaka fa’a.
YUNIVARSIITII DILLAA
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO
Gaaffilee Ofmadaallii koorsii Asoosama Dheeraa Oromoo (Af Ol 3071)
Ajaja:- Asoosamoota dhangala’aa Gabaabaa Oromoo Galmee Sagalaffaa,
Qorsa, Abdii Dukkanoofteefi Dungoo Halakan sanaa Keessaa tokko filachuudhan
dubbisaatii gaaffile armaan gadiitiif deebii kennaa!
Qabatamummaa deebii keessaniitiif raga asoosamicha keessaa fuula wajjiin
waraabaa mirkaneessi!
1. Yoomessa asoosamichaa gurguddoo qofarratti hundaa’uun raga
deeggarii agarsiisi!
1.1. Haalgalumsa Qabatamaa (Physical Context)
- Eekkaa sadeen kessa maatii jaalatamoo akka warra Olbaanaa Garbii
Dooyyaa. Godamisa jibaa,(Gamtaa Zawudee, 2016:18)
- Boochiftuun gamaa gamanaa gaara daakaa, waa gurguddaa salaalee,
gurguddaa jiddaa….. Godamisa jibaa, (Gamta Zawudee, 2016:12)
- Laga daadhii bu’ee faan nyaatee daadhii dhugee…. Godannisa jilbaa,
(Gamtaa Zawudee, 2016:15)
- Gaaf tokko bosona Daddee oolee, beellii isaa qabannaan bosona keessatti
bakka hirriba isaatti aabjuu dhaan waa’ee haadha isaa waan argeef.
Godannisa jibaa, (Gamtaa Zawudee, 2016:26)
- Diiskoo akaakayyuun isaa kanneef sana harka isaa bitaa irratti hidhatee jiru
addeessa goobanatti yoo ilaalu ammas saa’aa kudhan. Godannisa jilbaa,
(Gamtaa Zawudee, 2016:30), Ganama baatee Galgala lixxi. Godannisa
jilbaa, (Gamtaa Zawudee, 2016:46) Galma Hiyyeessaa Bosona keessa.
Godannisa jilbaa, (Gamtaa Zawudee,2016:79)
1.2. Haalgalumsa Hawaasaa (Social Context)
- … Sanyii worraa Garbii Doyyoo. Godannisa jilbaa, (Gamtaa Zawudee,
2016:7) … Intala worra guddaa kan safuu beekku Godannisa jilbaa,
(Gamataa Zawudee,2016:9)
- Gara dabballoota Darguu deemte. Godannisa jilbaa,(Gamtaa Zawudee,
2016:67) Hiriyyoonni isaa ammayyuu hin galle. Godannisa jilbaa, (Gamtaa
Zawudee, 2016: 79)
- Galgalaa ganama abbaa manaa ishee waliin dhimmi tokkicha isaanii ajandaa
isaaniiti. Godannisa jilbaa, (Gamtaa Zawudee, 2016:60).Abbaa Kumaa fi
haadha Kumaa. Godannisa jilbaa,(Gamtaa Zawudee, 2016:60)
- Sanyii worra guddaa, kan namni dura malkaa hin ceene. Godannisa jilbaa,
(Gamtaa Zawudee, 2016:7)
…… Abaabilee fi akaakilee isaa ….. Godannisa jilbaa,(Gomtaa Zawudee
2016:7)
……. Keessummoonni, Firrii fi ollaan yaa’anii jiru.
Maatii jaalalaa, araddaa eebbaa. Godannisa jilbaa,(Gamtaa Zawudee, 2016:18)
1.3. Akka Biyyaa (Local Color)
- Warra yoo dubbatan dhageessisan. Worraa fardeen daddaamaa.Worra
qotiyyoon hiddii fakkaatu. Worra gumbiin Callaan boonu. Godannisa jilbaa,
(Gamtaa Zawudee, 2016:7)
- Dallaan baalaan kaabamee bareedee jira. Dukkanaanis dhaabbatee jira.
Uffanni misirroo ni bitame. Olbaanaanis misirroo waan ta’eef, ulaagaa
misirroo guutee jira. Godannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:9)
- Kana rasaasni xaaliyaanii sidadhabde, biyyoon Eekkaa sitti malatte.
Godannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:13).
- Boorrii fi Bochooraan iyya walharkaa fuudhanii wareeran. Godannisa jilbaa
(Gamtaa Zawudee, 2016:27), Wayaa adii Uffattee jirtu bitaa darbattee,
baalaawwan akka qoraaniis harkatti baattee dhaabbattee haasofti.Godannisa
jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:63).
2. Caaccuuwwan Asoosamicha FILATTANII IRRATTI HUNDAA’UUN
GAAFFIIWWAN ARMAAN GADITIIF DEEBI KENNI!
2.1. Gulntaawwan jaargochaa asoosamicha filattan sanaa akkamitti akka
dhiyaatan ragaan deeggaramii dhiyeessi!
1. Ibsa (Exposition)
- Ol baanaa Garbii dhiira rasaasni isaalafa hin buune, kandabbatee hin seesne,
dhiira hamma maqaa, tokkicha dhibbaa galchu, Leenca Eekkaa Sadeenii,
Sanyii Warra Garbii Dooyyoo. Godaannisa Jilbaa(Gamtaa Zawudee,
2016:7). Ana Gorbii Dooyyoo ilma abbaa fakkaatu. Godannisa jilbaa
(Gamtaa Zawudee, 2016:67)
- Gaafa du’a Garbii Dooyyoo namoonni lafa fudhatanii iddoon dhaabbii ni
dhabame. Godannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:12)
- Mucaa ishee harkatti baattee, afaanii wal fudhatanii nyaachaa waljaalachaa
jiruu fi jireenyaa qananii, bareedaa akka dammaa waliin dhandamchaa
jireenyaa itti fuufan. Godannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:17)
- Dargaggoota dirree lolaa deemuuf qophaa’an faana walbaruufis yeroo itti
hin fudhanne. Godaannisa jilbaa,(Gamtaa Zawudee, 2016:45)

II. Ka’umsa Waliddaa (Initiative Incidence)


- Kumaanis lagatti yemmuu gadi bu’u ijji dabballoota lamaanii fi ijji isaa
walirra bu’an. Fiiguuf yaale, duuka fiigan… Godaannisa jilbaa (Gamtaa
Zawudee, 2016:42).
- Sammuun isaa biqila ayyaanaaf manatti naqatanuu dadhabee jira.
Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:53).
- Darguun holola isaa fe’atee asba’e, barri isaa bara haati hiyyeesaa
imimmaan itti lolaaftu ta’e. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:21).
- Miniliki harma muraafi harka muraa dhaan godaannisa nuura kaa’e,
Hayilesillaaseen immoo, keenya nurraa fudhee, fira isaaf hire, kun immoo
dhaloota ija egeree biyattii ta’an guuree dirree lolaatti geessuu ta’ee?
Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:25)
- “ qaxxil antee shiftaa” “Eessan deemee?” Maloo haadha koon ijaan argeen
deemaa” “gara Sandaafaa deemta.” “Ati Lamin wattaaddarii deemtee hin
loltu jagnaa kana taatee,” jidhaan. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee,
2016:43).
- III. Olka’iinsa Gochaa (Complication /Rising Action)
- Garbii Dooyyoos guyyaan beellama isaa geese. (Gamtaa Zawudee,
2016:11).
- Soorattii Qubabii Roobii “har’a moo boru dhufaniiqabu laata maalan godha
yaa garaa dhalaa jechaa waliin rora’aa jiraatti. (Gamtaa Zawudee, 2016:25).
- Dhamsa kumaa kan fide namni tokkollee hin jiru. (Gamtaa Zawudee,
2016:71).Amaa yaaddoon biraa isaanitti hammate. (Gamtaa Zawudee,
2016:72).Olbaanaanis icciitii isaa garatti gadi nyaachaa jirachuu filate.
(Gamtaa Zawudee, 2016:74).
- Du’aa fi jireenyaa gidduu dhaadhazbatee waa’ee maatii isaa yaada. (Gamtaa
Zawudee, 2016:75).Sagaleen rasaasaa walnyachuu eeggale. Bitaa fi mirgaan
marfamaan. Fooniifi hafuurri soorattii nagaadhuma walitti dhaamuuf jiru.
(Gamtaa Zawudee, 2016:78,80).
IV. Guutmiira (Climax)
- Lafaafi samiin waliitti dhiyaatanii itti mul’atan . Godaannisa jilbaa (Gamtaa
Zawudee, 2016:67 ).

- Waraanni isaanii harka kennate. Ni mo’aman. Godaannisa jilbaa (Gamtaa


Zawudee, 2016:78 ).
- Harki lamaan wal hammachuuf walitti gaggabee gargar hafe. Naasuu,
gammachuu fi gaddi walgayan. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee,
2016:80 ).
V. Bu’iinsa fi Qabbanaa’uu Gochaa (falling Action 0 % Denouement)
- Dabballoonni darguu Obbo Taklagoorsisii fi obbo Shawaangizaaw reefuu
mana isaaniti kumaa dhabanii deebi’uuf jirru. Godaannisa jilbaa (Gamtaa
Zawudee, 2016:41).
- Haalli qabbanoofnaan Olka’e. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee,
2016:79).
- Haalli jijjiiramuuyyuu ammas nu hafa jedhanii bosona isaaniitii galuu didan.
Godaannisa Jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:79).
- Jabaatee jajjabeessuu eeggale. Mataan ishees itti wayyaa’e. (Gamtaa
Zawudee, 2016:70).
VI. Furmaataafi Goolaba (Resolution and Conclusion)
- Bosona baddaa fi badda daree kukkutee guyyaa bosona oolaa halkan deemaa
Shireedhaa ka’ee torbaan lamaan booda mana ga’e. Godaannisa jilbaa
(Gamtaa Zawudee, 2016:79).
- Soorattiin harka ishee lamaan bal’iftee duubatti bakka duraan ciiftee jirtutti
lafa dhaafte. Afuurri dhumaa fooniin gargar ba’e. Ililchuun buu’uu taate.
- Godaannisa Jilba, (Gamtaa Zawudee, 2016:80).
VII. Asoosamni filattan akaakuu jaargochootaa keessaa kamiin
dhiyaate? Fakkeenyaan ibsuun fakkiin agarsiisi!
Asoosamni gabaabaa ‘Godaannisa Jilbaa’ jedhamu kun akaakuun jaargochaa
‘Jaargacha ada daan jijjiiramaa (progressive plot)’ tiin dhiyaatee jira, Fkn. Garbii
Dooyyoo ilma isaa Olbaanaa Garbiittii niitii fuudhee du’e. Niitiin Olbaanaa tis
ilma Kumaa jedhamu deettee yoo inni dargaggummaa guutu Dargiin dirree
waraanaa erge. Gaddasaarraan yoo haati isaa du’aaf ruhiin keessaa baatu innis gara
qi’eesaatti gale.
Waldiddaa Guutmiira

Bu’iinsa
Olka’iinsa

Ka’umsa gochaa Furmaata

2.2. Gaaffiwwan armaan gaditti dhiyaatan namfakkiifi Tooftaawwan


namfakkeessuu (Character and Techniques of Characterization) asoosamicha iratti
hudaa’uun deebii kenni!
2.2.1Namfakkeessuu Akkaataa Amala Namfakkootaatiin
1) Qooddataa/Oota Kootamaa (Protagonist Character)

Asoosama gabaabaa ‘Godaannisa Jilbaa’ Jedhamu kana keessa qooddattoota


kootamaa kanneen ta’an:-
- Olbaanaa Garbii, Abbaa kumaa
- Soorettii Qumbii, haadha kumaa fi
- Kumaa Olbaanaa, ilma isaa tokkicha kan tureedha.
 Qooddattoonni (Nafakkoonni) armaan olii irra deddeebii dhaan jalqabaa
hanga dhumaatti gochoota adda addaatti hirmaataa turan. Godaannisa
Jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:7-80).
2). Qooddataa/-oota Masaanuu (Antagonistic Character)
Asoosama Gabaabaa” Godaannisa Jilbaa’ jedhamu kana keessa qooddattoota
masaanuu kanneen taa’an immoo:
- Garbii Dooyyoo
- Obbo Tolchaa
- Obbo Sanyii
- Aaddee Fayyisee
- Galaanee
- Taklegoorgis
- Shawaangizaawu
- Biqilaa Guddataa fi
- Galataa Hundee fa’a turan.
 Isaan armaan olitti maqaan eerame kunniin yeroo gabaabduuf dhiyaatanii
dhabaman. Godaannisa Jilbaa, (Gamtaa Zawudee, 2016:7--80).
2.2.2. Namfakkeessuu Akkaataa Hirmaannaafi jijjirama Namfakkootaan
1) Namfakkii Marsaa (Round Character)
Asoosama gabaabaa’ Godaannisa Jilbaa’ jedhamu keessatti namfakkii marsaa
kan ta’an:
- Olbaaanaa Garbii
- Soorettii Qumbii fi
- Kumaa Olbaanaa turan.
 Nam fakkoonni kunniin bu’aa bayii hedduu keessa darbanii gochoota
adda addaa keessatti qoramaa turaniiru.
Godaanisa Jilbaa. (Gamtaa Zawudee, 2016:7-80).

2) Namfakkii Diriiraa (Flat Character)


Asoosama gabaabaa ‘Godaannasa jilbaa’ jedhamu keessatti namfazkkoota diriiraa
kan ta’an bay’ee dha. Isaanisi
- Garbii Daayyoo
- Obbo Tolchaa
- Obbo Sanyii
- Adde Fayyisaa
- Takle Gaargis
- Shawaangizaawu
- Biqilaa Guddataa fi
- Galatoo Hundee fa’a turan. Godannisa Jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:7-80).
2.2. Yoomessa asoosamichaa ragaa qabatamaa asoosamicha kessaa
waraabuun gabaabsii agarsiisi!
- Salaalee (Shawaa kaabaa), Eekkaa Sadeen. Godaannisa Jilbaa ((Gamtaa
Zawudee, 2016:66).
- Barii kaatee malkaa Bal’aa ceete. (Gamtaa Zawudee, 2016:66).
- Ganama baatee Galgala Lixxii. Borus akkasuma itti fufti. (Gamtaa Zawudee,
2016:7-46).
- Galgallii fi Ganamni, Halkanii fi Guyyaan tokko miti. (Gamtaa Zawudee,
2016:48).
- Naakennitee maaf narraa fudhatta jedhaa dallaa keessa nanna’aa. (Gamtaa
Zawudee, 2016:69).
- Gannaafi bonnis dabaree isaanii gadi dhiisanii hin beekan. (Gamtaa
Zawudee, 2016:71).
- Galma hiyyeessaa bosona keessa. (Gamtaa Zawudee, 2016:79).
2.3. GOSA/-OOTA ija dubbii (points of view) ASOOSAMICHI ITTIIN
DHIYAATEE MAALFAA AKKA TA’AN RAGAAN DEEGGARAA IBSI!
- Isa biratti namni kamiiyyuu walqixa. Madaallii isaa wal nama hin caalchisu.
(Gamtaa Zawudee, 2016:20).
- Ollaannis waa’ee isaanii asaasuu eeggalan. (Gamtaa Zawudee, 2016:20).
- Inni garuu hanga madaala isaa qofa dhuge. (Gamtaa Zawudee, 2016:15).
- Sidhabnee maal nuu wayyaa! (Gamtaa Zawudee, 2016:15).
- Innis Shurrubbaa ishee susukkamaa itti haasa’a. (Gamtaa Zawudee,
2016:61).

- Akkuma kanaa oltti ragaaf fula kitaabichaa waliin dhiyaate ija dubbii
ramaddii adda addaattu dhiyaate fkn.
- Isa ramaddii 3ffaa tokkoo saala dhira.
- Inni, ramaddii 3ffaa tokkee
- Si, ramaddii 2ffaa tokkee faa tu dhiyaate.
2.4. Dhaamsa waliigalaa ASOOSAMICHAA GAMA ERGAAWWAN XIXIQQOO,
YOOMESSAA ASOOSAMICHAA, IJAARSA NAMFAKKOOTAAFI TOOFTAA
NAMFAKKEESSUUTIIN DARBANIRRA DHAABBACHUUN GABAABSII
IBSI!
Asoosama gabaabaa ‘Godaannisa jilbaa’ jedhamu keessatti dhaamsi waliigalaa,
- Namni tokkoo sanyii gaarii irraa dhalatee akka sanyiisaatti yoo cime kan
jaalatamu ta’uu.
- Jaalalti ilmaa hanga lubbuu ofii dabarsanii kennuutti kan nama geessu ta’uu.
- Obsuun barbaachisaa fi dirqamas ta’uu.
- Galtee (Mudannoo) tokkorratti abdii kutuun gaarii akka hin taane.
- Dargiin akkaa ummata keenyarraatti gochaa duguuggaa dargaggootaa
raawwataa akka ture fa’a asoosamichi sirritti nu hubachisee jira.
Godaanaisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:7-80).
3. Tooftaawwan ogumaa (literary Techniques) asoosichi ergaa
asoosamichaa dagaagsuuf itti gargaarame maalfaa akka ta’an raga
asoosamichaatiin deeggaraa ibsi!
1. Ofiindubbii (monologue)
- Ani takkicha kiyyaa kanaafan malee ammayyuu qeerransa tuqaa hin
jaalanneedha. Maltu na harka baha! Jedhaa yoo dhaadatu Dooyyoo Guddaan
(Gamtaa Zawudee, 2016:7).
- “Mucaa koo yaadeera gidduu kana immoo maaliif bade laata? “jetti barii
hirribaa soo smbirri hin wacin lafaa kaatee. (Gamtaa Zawudee, 2016:43).
- “Ani dallaa isheetaa ijaara, kiyya dallaa kan naaf ijaaru na harkaa fudhan,
hin ta’u! hin hojjadhu! Hin ijaaru!” qofaasaa haasa’aa adeema. (Gamtaa
Zawudee, 2016:57).
- “Maalittan beeka jiraateefi du’ee, nan bade tokkicha koo edaa ani hirmiin
nyaachaa turee anaa nyaattu biyyoon!” jettee teessee haasofti. Godannisa
jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:67).
II Waliindubbii (Dialogue)
- “Kumaan kiyya gara funyaanii kana keessaa darbee akaakayyuu fakkaata.
Gara rifeensaa immoo, anumarraa albeedhaan murame.” “Essaa si fakkaata
soorii koo?” jedhaan. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:17).
- “Ehe lij kaalaamaxxaachuu ato Olbaanaa iraasuu hedoo lehagar iwwaggal”
jedhaniin. Sooraettiinis afaan ishee kanittiin dhalattee guddatteen,” Haa
ta’uu tole, dhimma biyyaa waan ta’eef lamaan isaaniyyuu yaadhafan,” jetti.
odoma garaan ishee gubatuu “Iye qaldish now massalanyi” jedhaan
Godaannisa Jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:30)
- “Kumaan yoom dhufa abbuu koo?” “Galuukoo ni dhufa, ammadhufa ga’e,”
jedhaan. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:62).
III Mildhuu (Flashback)
- Olbaanaa Garbii seenaa sanyiisaanii abaabileefi akaakileesaanii dabarsan
yammuu yaaditu, anniisaan isaa dhiita’ee dhoo’uuf isa raasa. Godaanisa
jibaa (Gamtaa Zawudee, 2016:7).
- “Yaa ilma koo utuun ani dirree lolaa Sanatti hafee jilbi koo maseenee ture.”
(Gamtaa Zawudee, 2016:11).
- Inni adeemsa isaa keessatti sammuu isaatiin wa’ee abjuu isaa haasa’aa
deema. “Hiikkaan abjuu kotii maal ta’itti laata? Harman koo nagaa ta’itti
moo?” (Gamtaa Zawudee, 2016:41).
- Yaa ana har’a mitii dur akkanaan turee?” jiruu isaa ishee durii sana yaadata.
(Gamtaa Zawudee, 2016:52).
- Allaattiin anaa nyaattu tokkicha koo fuudhanii deemuun oolan” Tokkichi
ishee bosona jira jetteeti beekti. (Gamtaa Zawudee, 2016:66).
IV Himageree (Fore shadowing)
“Yeroo xiqqoon booda abbaa Bilisummaa, abbaa waaqooa ykn abbaa
Ayyaantu… naan jechuun hin olu”
- “Ani qofakoon dhaladhe Kumaan koo immoo, obbolewwaan heddun horata.
Abbaa Carraa naaf ta’a.” (Gamtaa Zawudee, 2016:16).
- Dhala lammaffaa godhachuu dhaaf hawwii fi fedha guddaan eeggachaa
turan. (Gamtaa Zawudee, 2016:19).”Nuti biyyaa keenyaaf maal buufnee
dabarra?” Nutis dirqama keenya baanee dorbuu qabana. (Gamtaa Zawudee,
2016:34).
- Guyyaa gammachuu, guyyaa gaa’ilaa abjuun argaa bule.
- Yeroo hamoommonni hunduu misirrootarraan kan hofe sulula Qarsaa keessa
fardeen gulufsiisan hunda ilaala abjuudhaan. (Gamtaa Zawudee, 2016:39).

- Tiyya jiruun kana booda oljettii laata?” jedha Olbaanaa Garbii. (Gamtaa
Zawudee, 2016:53). Qabeenyi isaanii akka waan badhetti baduu isaanitti
fakaate. (Gamtaa Zawudee, 2016:72).
V. Addeessuu (Describing)

Intala warraa guddaa, kan safuubeektu, kan oljettee ija keessa nama hin ilaalle,intala
duudhaa baktu filatan. Godaannisa jilbaa (Gamtaa Zawudee, 2016:9)

Intala bareeddu, uffata aadaatiin fayyamte, intala oromoo, lookoo mudhii sonsaa,
bareedduu miila gogorrii kan taate. (Gamtaa Zawudee, 2016:61). Hidhii ishee
Ciniinnattee, harka ishee dugdarra godhattee hafte. (Gamtaa Zawudee, 2016:73).
VI. FAYYADAMA AFAANIIFI DUBBII QOOLAA GOSA Fakkoomii
(symbolism)

“ Yaa waaqayyo gurraacha garaa garbaa na dagattee laata?’ Godaannisa jilbaa (Gamtaa
Zawudee, 2016:46).

Samiis ol ilaallaan homtuu dhufuu dide…. Simbira Samiittis harka baafnaan


dhaamsa tokkicha isaanii fiduu didde… “yaa abdaarii daddee tokkicha koo
imaanaa adaraa… “dubbadhu yaa urjii Samii, hin callisinaa yaa addeessa, yaa
cirracha galaanaa… Jiinis dhaamsa hin finne, cirrachi lafaa itti hin asasne. Hunduu
jalaa callisan. (Gamtaa Zawudee, 2016:48).
Saroonnis dubartummaa ishee waan argan fakkaataa irraa deebi’an. (Gamtaa
Zawudee, 2016:66). Woyyoo mataa koo naafalxame. (Gamtaa Zawudee, 2016:67).
 Akkuma armaan olitti ragaan fuula kitaabichaa wajjiin dhiyaate, dhubbii qolaa
gosa fakkoomii akka: nameessaa, bakkabuusaa fi ateessaa fa’atti
fayyadamuun ergaa gaarii dabarseera.

You might also like