You are on page 1of 8

Yunivarsiitii Dillaa

Kollejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namummaa

Muummee Afaanii fi Ogbarruu Oromoo

Gaaffilee ofmadaallii koorsii Asoosama Dheeraa Afaan Oromoo


(AfOL3071)

Kan Asoosama Dhangala’aa dheeraa Oromoo Godaannisa irratti


hojjatame.

Miseensota Garee

1. Badhaasoo Tufaa L.W.E 009/15


2. Leenjisoo Zamaduu L.W.E 030/15
3. Muluu Tolosaa L.W.E 033/15
4. Shaggaa Boonaa L.W.E037/15

0
1. Yoomessa Asosamichaa gurguddoo qofaarratti hundaa’uun ragaa deeggarii agarsiisi

Gaafa beellama keenyaa peejoodhaan fandalaalaa ganamaa dirree geenye. Magalli dirree
Taliilee ishee yeroo jalqabaaf argitu yaahafuuti isa keessaa jiraatuuyyuu afaan bansiistee
hambisti. Ni bereeddui manni ishee fi karaan ishee nama gammachiisu Muuza, Burtykaana
hambaa, zayituunaa, maangoo, gishxaa, mandariina, loomii, kuruphee, kaarota, timaatima,
raafuu, shankoora , jimaa fi kkf dirree dhuunfaatiin ofitti nama waamuu dhaaba(1992;55)
Ibsi waraabbii armaan olii kun nutti mul’isa haala qabatamaa naannoo Magaalaa dirreeti.

1.2 Dhiirri naannoo isaanii dhaqaniis baay’een isaanii akkasum, isaan of irraafatanii galaana
summii jireenya daakaa jiraniidha. Farsoo fi qondiftuu waraabaa geerarsaa fi
dhaadannoo Afaan amaaraa lolaasuu, sirbi Goodnar kan goojjam, kan minjaar isaa hin
hafu, wal arrabsuu, wal rukutuu…ni iyyu…achitti dhuganii achitti fincaa’u… achumatti
hoqisuu… dhaabaa (1999:122)

Waraabbiin kun haala galuumsa hawaasaa naannoo Goojjam barandaaf naannoo Abdiisaan
mana itti kireeffate agarsiisa.

1.3 . Akka biyyaa (Local color)

Dhufee maaloo al tokko na eegi jettee nabira sokkite dhqiixa namoota waan tokko tokko
bitataa jiraniitti makamtee isheenis maangoo, Burtukaana, Muuzii… ijoollee harkaa fuutee
ilaalti…

Mal taatee jedheen gaafadhe… maaloo waan isaan jedhan naaf galuu didee ruubbiyaa, qarshii
habbaa takkaa … hiika isaan wallaalee jettee …Dhaabaa (1992:37)

Yaanni waraabbii kun akka biyyaa (Local Color) nutti agarsiisa sunis wantoota namoota
naannoo sana jiraniif akkaataa namoonni naannoo sanaa itti dubbatan sirritti muullisa waan
ta’eef.

2. Caaccuuwwan Asoosicha filattanii irratti hundaa’uun gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii


kenni.
4.1 Gulantaawwan jaargochaa Asoosamicha filattan sanaa akkamitti akka dhiyaatan ragaan
deeggaramii dhiyeessi

1
I/ Ibsa (Exposition)

Lafti dhaloota koo wallaggaa keessa, magaalaa biilaa jedhamtudha. Akkaataa ani itti guddadhe
keessaa waan nama gammachiisu hin jiru Abbaan koo waggaa saddeetiifi walakatti haadha
kootti na dhiisee du’e Yeroo sana obboleettiin koo kulanniin ijoollee waggaa jahaa turte. Akka
yeroon gadda isaa dhumaan haati koo hiriyyaa dhiira qabatte mannaalloo balaay…dhaaba
(1992:7-8)

Waraabbiin armaan olii kun haala Adbiisaatiif maatii isaaf nuuf ibsa.

II. Ka’uumsa Waldiddaa/ Intiative incidence)

Gaafa sanaa qabatee egaa kan isheen shakkii tokko malee na fudhatee, onnee ishee isa
qulqulluu keessa narafiste Akka fira tokkocha garaa guutuudhaan ishee gargaaree, dhiphuu
barnoota waggaa tokkoffaa keessa harka qabee ishee baasuuf dhaabateetti na abdattee,
Dhaabaa (!992:42)

Waraabbii armaan olii kana irraa kan hubannu Abdiisaa fi Taliileen jaalala isaanii yeroo itti
eegalan nutti agarsiisa.

III. Olka’iinsa Gochaa/ Complication/ Rising Action)

Qullaan qaama koo qaama ishee tuqe wajjiin walitti bu’ee fedhiin koo fi fedhiin ishee akka
qoonqoo dheebotaa fi akka bishaan burcuqqotti dhihaatee wal barbaadanii walitti hiiqanii
walfudhatan Afaan keenya dubbii dhiisee akka wal unataatti hafa…. Dhaabaa (1992:58)

Waraabbii armaan olii kana irraa kan hubatamu Jaalalli Abdiisaa fi Taliilee eddoo itti ol
kaa’aa deeme nutti agarsiisa.

IV. Guutmiira/ Climax/

Abdii!... Abdii uhuu! Uhuu! Uhuu! Uhuu! Uuhuu!...” Abdii! ” sagaleen akka jirmaa jigu natti
dhaga’amaan yeroon duddubakoo ilaalu Taliileen dhabe. Waan akka hurrii ija kootti maramee,
ijoolleen mooraa sana keessa raajii kana dhaga’uuf isaan dhaga’an immoo isaan arguuf wal
caccabsaa guuratu. Didimsuun al tokkotti lafa raba fakkaateera martinuu ni wacu kan wal
dhaggeeffatu hin jiru. Ijoolleen lama naf taliilee karaa asfaaltiirraa hamma aaranii olii fuudhan
fuulloo ishee doogaan uwwifameera… dhaabaa (1992:79-80) kun kan nu hubachiisu.

2
V. Bu’iinsaa fi Qabbanaa’uu gochaa (Falling Action and Denouement)

Amma bakkeen ramaddii koo beekkamtii fira ilaaluun gimbii deemee sadarkaa kana irra
gahee xinnaatees guddatees firoottan koo hamma humna isaanii na gargaaran galatefefachuuf
gahuu koo baay’een gammaddee. Hundumaa naanna’een dubbisee Dhaabaa (1992:117)

Kun kan nu hubachiisu Abdiisaa rakkoo cimaa duraan keessa ture keessaa hammaatee bahuu
isaati.

VI. Furmaataa fi Goolaba (Resolution and Conclusion)

Yaadannoo waggaa sadii fi ji’a shanii ture jette.

Ani waan tokkollee hin deebisin kan hoo? Jette mucaa xinnoo woyya ishee qabattee ittiin
maxxantee dhaabbatu, mataa ishee qabdee kunis jette utuu deebiin na irraa hin eegin kunis
yaadanoo waggaa 3f ji’a saddeetiif jalqaba uumame ishee godaanisa kana ji’a 3 dursa..
Dhaabaa (1992:156)

VII/ Asoosamni filattan akaakuu jaargochoota keessa kamiin dhiyaate? Fakkeenyaan


ibsuun fakkiin agarsiis.

Asoosamni filannee kun gosa jaargochaa Adaadaa( Progessive lot) niin dhihaate Guulomiira(
Dimax)

4.2 Gaaffiiwwan armaan gaditti dhiyaatan namfakkii fi tooftaawwan namfakkeessuu (


Character and techniques of characterization) asoosamicha irratti hunda’uun deebii
kenni.
4.2.1 Namfakkeessuu akkaataa Amala Namfakkootaatiin
1) Qoodataa/--ota kootama( Protoganist character)

Qooddatan kootama asoosamichaa Abdii isaadha. Sababiin isaatis Abdiissaan seenaa


asoosamichaa keessatti bu’aa ce’ii hedduu keessa darbuun jalqabaa kaasee hanga dhumaatti
namfakkii gahee olii aanaa taphachuun hirmaataa ture waan ta’eef

2) Qooddataa/--ta Masaanuu( Antagonistic Character)

3
3) Qooddataan masaanuu Taliileedha. Kunis Taliileen bakka barbaachisaa ta’etti Abdiisaa
waliin mul’achuun gahee taphataa waan turteef. kana malees waldiddaan
asoosamichaa bal’innaan kan mal’ach ture ishee fi Abdiisaa Jidduutti waan tureef.

2.2.2. Namfakkeessuu Akkaataa Hirmaannaa fi jijjiirama namfakkoottan

1) Namfakkiin marsaan asoosamichaa Abdiisaadha. sababiin isaatis Abdiisaan seenaa


asoosamichaa keessatti rakkina adda addaa keessa darbuun amala garagaraa mul’isaa waan
tureef .

2) Namfakkii diriiraa( Flat character)

Namfakkii diriiraan Taliilleedha kunis Taliileen amala qajeelaa fi dhaabbataa agarsiisuun


bakka barbaachisaa ta’etti Abdiisaan walitti bu’aa turuun gahee taphachaa waan turteef.

4.2.2 . Akkaataa namfakkeessuu gama eenyummaan namfakkootaa ittiin ibsameen(


dhiyaateen)

I/ Himuun( Telling)

Abdiisaa soolaan maqaa kootii kan ani ittiin waamamu…

Barataan ture barataa Yunivarsiitii ammaa garuu hojjataadha. Hojjataa mootummaa fuula koo
ilaaluun jalalaadha… ganama ganama ka’een daawwitii fuuldura dhaabbachuun baay’isaa”
maaliif” jechuun keessa kan oolu gaaf tokko waan tokko katabuun yaada. Dhaabaa
Woyyeessaa (1992:1)

Waraabbiin armaan olii kun kan nu hubachiisu Abdiisaan Kallattumaan Asoosichaan kan
ibsame (himame) ta’uu ibsaaf.

II/ Agarsiiftuu( Showing)

Intaltiinleen anuma gin amma maqaan koo waajee miti lawwaxadheera! Maqaa koo meeron!
Soorii…!... gin Abdiisaan hamma kana irristi nagoote?! Daandiin haa du’uu hamma kan moo
Dhaabaa Wayyeessaa (1992.1)waan isheen dubbattuufi akkaataa isheen duubbatu irraa kan
baramu ta’uu isaati.

4.3 Yoomessa ASosamichaa ragaa qabatamaa Asoosamicha keessa waraabuun gabaabsii


agarsiis

4
Ganama sa’aatii saddeetiif walakkatti mooraa Univarsiitii seenee waan guutuun ishetti jiru
hunda waliin olii fi gadi fiigeen fixeef akka dorrmitory’n kennameefitti mi’a ishee gargaaraa
balbala irraan gaheen deebi’ee. gaafa sana qabeet egaa kan isheen shakkii tokko malee na
fudhatte onnee ishee isa qulqulluu keessa narraffistee dhaaba wayyeessaa (1992:42) yaada
waraabbii kana irraa kan hubannu bakki seenaan Abdiisaa fi Taliilee itti adamsiifame
universiitii ta’uu isaati.

4.4 Gosa/-oota ija dubbii ( Points of View) asoosamichi itti dhiyaate maalfa akka ta’an ragaan
deeggaraa ibsi

Asoosamnni kun ija dubbii ramaddii 1ffaa of keessaa qaba fakkeenyaaf

Waa’ee bifa koo hanga ammatti kan ani hubadhee ammatti kan ani hubadhe ammana
fuulduratti yoon ilaalu koo itti fufe Dhaabaa (1992:3)

Ija dubbii ramaddii 3ffaa fakkeenya Amma lafa san hin jiraattu bar ogummaa san foolisinii
fi bulchiinsi Magaalaa waliin fuudhanii awwaalan Dhaabaa… (1992:100) Waraabbiin kun
kan nu hubachiisu Asoosichi seenaa asoosamichaa ija dubbii ramaddii 3ffaatiin ta’uu isaati.

4.5 Dhaamsa waliigalaa asoosamichaa gama eergamaawwan xixxqqoo yoomessa


asoosamichaa ijaarsa namfakkootaa fi tooftaa namfakkeessuutiin darbanirraa
dhaabbachuun gabaabsii ibsi.

Ilmi namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti bu’aa ce’ii heddu kessa kan darbuuf yoo obsa
qabaate bakka gahuu danda’u kan gahu danda’u ta’uusaaf ta’uu nu hubachiisa. Sababiin
isaatis Abdiisaan rakkoo heddu keessa obsaan darbuun bakka gahuu yaadee fi waan argachuu
barbaade argatee jira waan ta’eef

5. Tooftaawwan ogummaa (Literatry techniques) asoosichi ergaa asoosamichaa


dagaagsuuf itti gargaaramee maalfa akka ta’an ragaa asoosamichaatiin deeggaraa ibsi.

I/ Ofiindubbii (Monologue)

“ Kormeen gowwaa mitii ofiin jedha garaa kootti immoo kormeen daandii ishee torachatara.

Riqicha ishee diriirfatee jirti” . Dhaabaa Wayyeessaa (1992:32)

Gooftaa koo dubbiin dhumaa jira siree tokko qofa qabi balaan waaqaa irraa gadi bu’u hin jiru.
Carraa harkatti sinqame hin dhangalaalsin Dhaabaa Wayyeessaa (1992:41)

5
Waraabbii kana irraa ofiin dubbii Abdiisaa lafa Taliilee waliin yeroo jalqabaatiif buleet
agarsiisa.

II. Waliindubbii (Dialogue)

Ati woo woggaa meeqaffaadha? Jedhee gaafadhe.

Jalqabaaf deemuu kooti waggaan 1ffaa gaariidha homaa hin jedhu akka boonoo ta’een
dubbadha.

Ani maaliin beeka sammuun koo garuu baay’ee jeeqamaa jira jette

Yaanni waraabbii armaan olii kun waliin dubbii namoota lamaa jiddutti taasifamutti agarsiisa.
Dhaabaa Woyyeessaa ( Ful ( Ful. 1992:33)

III. Mildhuu (Flashback)

Kanuma kan waraqaa sana irratti barreeffamee jiru amqaan nama barbaadee hin jiru. Waan
isaa hin beekuu, Dhaginni koo xinnaa rifate. Taliileen yaadadhe. Dhaabaa (1992:88)

Kun kan nutti mul’isu Abdiisaan Taliilee yaadachuun yaadaan Taliilee yaadachuun yaadaan
gara duubaa deebi’uu isaati. Fuulduratti tarkaanfachaa asoosama gara fuulduraatti
tarkaanfachiisan keessaa tokko waan ta’es asoosamicha gara fuulduratti tarkaanfatee jira.

IV. Himageree (Foreshadowing)

Akkaataa koo kun booda maal irraan akka nagahe yaadee jennaan na sodaachisaa jalaalaan
dhukkubsataa barnoota isaayyuu barnoota Yunivarsiitii keessa bahuu akkaan hin dandeenye
ifee natti mul’ata Dhaabaa (1992:14)

Kun kan nu hubachiisu sodaa Abdiisaan gara fuulduratti na mudatu danda’a jedhee yaada
ta’uu isaati.

V. Addeessuu (Describing)

Dubartiin Magaala dheertuu rifeensa mataa ishee duraan dheeraa ta’uun ishee yoo
tilmaamameeyyuu amma gabaabate akka fashinii jabanaatti filameera. Akka daaddoo kaazaa
hin bayinaatiin malee halluu diimaa kanas bitaa fi mirgaan unachuun isaa caalatti rifeensa
jabanaa fakkeessee jira. Funyaan ishees gamaagamanaa uramee akka dubartii kaazaa qoraattii
dhaddee yookiin callee adda miti malee warqeen baarreedaaf hojjatamee itti suuqameera.

6
Dhaabaa Wayyeessaa (1992:63) waraabbiin kun bifaa fi dhaabata akkasumas fayyaa dubabrtiin
tun offattee jirtu akkaataa ittiin ibsame nu agarsiisa.

VI. Fayyadama Afaanii fi Dubii Qola Gosa fakkoomii (Symbolism)

Odaan gaaddisa isaa nurraa diriirsee! …Aduun birraa illee ifa ishee miiraa facaastee! biiftuun
qara sodamaa gidduu keenyatti baatee lafa ibsite!... urjiiwwan nutti naannawanii hiriiraan!...
kormi ni barooda ameessii ni marata jabbiin haadhatti yaatee!... kilooleen ni kiloolte!...
sinbirroonni marsani weeddisan!... tuluun ni ragada!... Dhaabaa Woyyeessaa … (1992:63)
Waraabbii kana irraa kan hubannu Asoosaan jechoota suuraa sammuu dubbisaa yookiin
dhageeffataa keessatti uumuu danda’anitti gargaaramuun seenicha hawwataa gochuu isaat
hubanna.

You might also like