You are on page 1of 30

KOORSII:- SAKKATTA’A OGBARRUU OROMOO

Dhiibbaa jaarraa tokkoo ol saba Oromoorra tureen Afaan Oromoo barachuufi qorannoo ittiin
gaggeessuun waan yaadamu hin turre. Sabni oromoo jaarraalee darban keessa afaan isaatti
gargaaramee akka seenaa isaa, falaasama isaa, aadaa isaafi ogbarruu isaa hinguddanneef
akkasumas, akka eenyummaan saba kanaa dagatamuuf mootummoonni darban dhiibbaa irraan
gahaafi saba kanaaf maqaa hin taane kennaa turan. Afaan meeshaa aadaan ittiin gabbatu,
dhalootaa dhalootatti ittiin darbu. Kanaaf, hawaasni tokko afaan isaan dubbachuu, dubbisuu,
barreessaa, qorachuu, walumaagalatti ittiin hojjachuu yoo hin dandeenye aadaallee hin qabaatu.

Afaanichi akkuma armaan olitti ibsame dhiibbaa mootummoota biyyattii sirnoota darban keessa
turanirraa kan ka’e yoo xiqqate gara jaarraa tokkoof haala barbaadameen guddachuuf carraa osoo
hin argatiniifi afaanichaan gargaaramuunis (ittiin barreessuufi dubbachuun) akka cubbuutti
ilaalamaa tureera.

Afaan tokko afaan sabaafi sablammii hedduun dubbatamu akkasumas, afaan biyyoota garaagaraa
keessatti dubbatamu ta’ee afaan saayinsiifi teeknoolojii akkasumas afaan qorannoofi qo’annoo
ta’uu hin dandeenye taanaan qorannoo ogbarruu saba sanaarratti dhiibbaa guddaa uuma.
Ogbarruun daawwitii jiruufi jireenya hawaasaati. Ogbarruun oromoos haala hin mijoofne kana
keessatti kan qoramuu eegale namoota biyya alaan jaarraa 14ffaa keessa jedhama. Haa ta’u
malee jalqabbii qorannoo ogbarruu ilaalchisuun ragaan kallattiin barreeffamaan kan argamuu
jalqabe jaarraa 19ffaa keessa. Kunis, daldala garbaa yeroo sana ture waliin kan wal qabatuudha.

Jaarraa 19ffaa keessa lammiileen oromoo dirqamaan gara biyya alaatti gurgurtaan geeffaman
qorannoo ogbarruu oromoo keessatti gaheen isaan taphatan guddina ogbarruu oromoof bu’aa
guddaa buuseera. Haaluma kanaan seenaan ogbarruu oromoo barootaafi biyyata garaagaraa
keessatti maal fakkaachaa akka ture iaaluun barbaachisaadha. Akkasumas, ogbarruun oromoo
eessaa garamitti, haala kamiin, yoomiifi eenyuun akka jalqabeefi guddate, har’a maal akka
fakkatu ilaaluu.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1830 – 1935 )


1|Page
Afaan Oromoo sadarkaa har’a irra jirurra gahee :- Kana jechuun afaan barumsaa, afaan hojii,
afaan barreeffamaa ta’ee haala kanaan jajaajiluu isaaf bu’uurri tattaaffi / bu’aa ba’ii/ baroota
hedduu keessa beektonni ykn dhimmitoonni afaanichaa taasisaa turaniiru. Haa ta’u malee
dhiibbaafi ilaalcha afaanicharra turerraa kan ka’e Afaan Oromoo ogbarruu mataasaa qabaatee
akkuma afaanota biroo daran dagaaguuf carraa hin argatin tureera. Haa ta’u malee haalliifi
yeroon bakka hinmijannetti ogbarruun oromoo baroota adda addaa keessa, biyyoota adda
addaatti lammiilee garaagaraan qoratamaa akka ture ta’uusaa maddi garaagaraa ni agarsiisa.

Seenaa jalqabbii barreeffama oromoo ilaalchisuun ragaaleen mul’atan irra caalli isaanii bara
1830 ilaallatu. Haa ta’u malee, yaaliin guddina ogbarruu oromoo irratti taasifamaa turee jiru kana
jechuun ulfaataadha. Sababni isaas ragaan kana dursan jiraachuu danda’u.

SEENAA OGBARRUU OROMOO BIYYOTA AWURROOPPAA KEESSATTI

Guddina ogbarruu oromoo ilaalchisee baroota garaagaraa keessa tattaaffii gaggaaffamaa ture
namoota lammii Itoophiyaafi biyya Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane lammiilee alaa
biyyoota alaattis yaaliin adda addaa taasifamaa tureera. Biyyoonni kunis, Awurooppaa keessaa
baay’inaan biyya Faransaayifi Jarmanitti yommuu ta’u, beektonni biyya alaa gahee guddaa
guddina ogbarruu orommoof buusaa turan keessaa kanneen akka Joomaard, Karl Tusheek, Kraaf,
Looreenziifi kanneen biroodha. Kunimmoo biyyoota garaagaraa keessatti tattaaffiin guddina
ogbarruu oromoo ilaalchisuun namoota adda addaan gaggeeffamaa akka ture nu hubachiisa.
Tokkoo tokkoo biyyota kanaa keessatti tattaaffiin ture maal akka fakkaatu haala kanaa gadiitiin
ilaaluun ni danda’ama.

SEENAA OGBARRUU OROMOO FARANSAAY KEESSATTI

Seenaan ogbarruu oromoo sirna garbummaa jaarraa 19ffaa keessa Itoophiyaa keessatti
babal’ateen hidhatiinsa qaba. Jaarraa kana keessa sababii daldala garbaan kutaalee bayyattii
garaagaraa keessaa dargaggoonni hedduun ukkaamsamuudhaan fudhatamaa turan. Keessumattuu
Oromiyaa keessaa dargaggoonni baay’een qabamanii gurguraman kunniin akkuma meeshaa gara
biyyoota adda addaatti geeffamu turan. Keessattuu gara biyyoota Awurooppaafi Arabaatti
bal’inaan geeffamaa turan.

2|Page
Akka ‘ pankhurt’ madda garaagaraa wabeeffachuun ibsutti bara 1830 keessa yeroo tokko qofatti
dargaggootafi shamarran Oromoo 30 ta’an ukkaamsamuudhaan gara Gondaritti fudhataman.
Isaan keessaa 20 rakkoo adda addaatiin du’uun isaanii ni ibseera. Kanneen hafan 10 ammoo
Garba Diimaa irraan gara Kaartumitti ceesifaman. Achiis gara biyya Arabaatti ( Gibxiitti )
fudhataman. Achiirraayis, biyyoota Awurooppaatti kan geessifaman jiraachuu isaanii ragaaleen
tokko tokko ni ibsu.

Kanneen keessaas, dargaggoonni Waareefi Gaboo jedhaman gabrummaadhaan Limmuudhaa


fudhatamanii gara ardii Awurooppaatti bara 1830 geeffamaan. Dargaggoonni kun jalqaba biyya
Arabaa erga deemaniin booda, Paarisitti fudhataman. Paarisitti hayyuu Geography kan ture
qorannoo isaa Gaafa Afrikaarratti kan gaggeessu nama Edme Francios Jomard jedhutti
kennaman. Innis qorannoo gaggeessuuf jara lamaanitti fayyadameera. Joomaard odeeffannoo
isaanirraa argateen bara 1839tti mata duree “Noticesurles’ [Oromo] de Limu” jedhuun barruulee
“Bulletin de la societe de Geographie” jedhu keessatti maxxansiiseera. Qabiyyee mata durichaa
keessattis waa’ee Gaanfa Afrikaa, teessuma lafa Oromoofi waa’ee laga Abbayaa barreesseera.

Joomaard waa’ee saba Oromoofi jechoota 1000 ta’an Waareerraa akka argate barreesseera.
Odeeffannoon kunis afoola Oromoo yeroo jalqabaaf akka barreessu isa dandeessiseera. Afoolli
Oromoo garaagaraa barruulee inni barreeffames, kadhaa waaqaa, sirba jaalalaa sadiifi geerarsa
sadiidha. Kunis, afoola Oromoo yeroo jalqabaaf galmaa’ee taa’e jedhama. Afoolli kun qubee
Laatiiniitiin kan barreeffame yoo ta’u ergaan isaa Afaan Faransaayitti jijjiiramee ture.

Joomaard waa’ee Waareefi Gaboo ilaalchisee yaanni inni kenne amalli isaanii baay’ee
gammachiisaa akka tureedha. Akkasumas, raga namoonni kiristaanummaa barsiisuuf Itoophiyaa
dhufan waa’ee Oromoo ilaalchisuun barreessan waliin akka tasuma walhinfakkaanne ibseera.
Kunimmoo ilaalchi badaan saba Oromoorra ture akka hir’atuufi gara fuula duraattis hayyoonni
Awurooppaa kanneen biroo waa’ee saba kanaarratti qorannoo akka gaggeessaniif karaa bane
jira.

Walumaagalatti lammiileen Oromoo gabrummaan gara biyya alaatti geeffamuun isaanii guddina
ogbarruu Oromoof sababa ta’eera. Akkasumas, walitti dhufeenyi isaan lammii biyya alaa
Joomaard jedhamu waliin agarsiisan ilaalcha badaa hawaasa Oromoorratti lammileen biyya alaa
warra maqaa Oromoo balleessan dhagahuun qaban dhugaan jiru maal akka fakkaatu arganii akka

3|Page
waa’ee hawaasichaa qajeelummaa isaa dhugaa bahaniif gargaareera. Kunis lammiileen biyya
alaa akka waa’ee sabichaarratti qo’annoo gaggeessaniif daandii saaqeera.

SEENAA OGBARRUU OROMOO JARMAN KEESSATTI

Akkuma biyya Faransaay keessatti lammiileen Oromoo biyya alaan ogbarruun Oromoo akka
guddatuuf tattaaffiin taasifamaa ture biyya Jarmanittis guddina ogbarruu oromoo ilaalchisee
sochiin tureera. Biyya Jarmanitti kanneen guddina ogbarruu oromoof carraaqqii taasisaa turan
keessaa inni tokko dargaggeessa oromoo Akkafeetee Daallee kan jedhamuudha. Akkafeeteen
yeroo horii tiksu saamtotaan qabamee gara Gondaritti geeffamee gurgurame. Achiimmoo gara
Missiritti ( Egypt ) fudhatame. Bara 1838 Jarmanitti mootii naannoo Baavaariyaa Pirinsi
Maaksimiilaaniin bitame. Mootiin kunis Akkafeetee kan bite akka inni raga himtuu ta’ee
tajaajiluufi. Namichi kun Akkafeetee kan bites kophaa isaa osoo hin taane ijoolee Sudaan
Kibbaatii dhufan sadii waliin ture. Maaksimiilaan dargaggoota arfanuu erga bilisoomsee booda
hayyuu seeraa umriin isaa waggaa 23 ture kan maqaan isaa Karl Tuusheek jedhamu akka isaan
barsiisu ramadeef. Wayita sana Akkafeeteen dargaggoo waggaa 18 ture.

Obboleessi Karl Tusheek Looreenzii Tusheek akka ibsetti Karl Tusheek jalqaba yommuu
namoota Afrikaa kana argatu waa’ee Itoophiyaafi Sudaan dargaggoota kanneenirraa
qo’achuudhaan waa’ee Afrikaarratti qo’annoon akka babal’atuuf ragaalee qopheessuuf fedhii
guddaa horatee ture. Kanummarraa ka’uun Onkoloolessa 18, 1838 dargaggoota kanneen 4n
barsiisuu eegale. Dargaggoonni kunis kaayyoon Karl Tusheek isaanitti maxxaneefi odeeffannoo
isaan irraa guurrachuu barbaade waan ifa isaaniif hin taaneef odeeffannoo kennuurraa baay’ee of
qusachaa turan. Akka Richard Pankirast barreessetti dargaggoonni kunniin waan isaanitti
yaadamaa ture waan hin beekneefi durumaanuu biyyatti namoonni adiin bulgoota ( nama
nyaatu ) jedhamee waan itti himameef abdii kutuudhaan akka ta’e ibseera. Gara ji’a 4f garaan
isaanii Karl Tusheekitti maxxanuu didee ture. Erga ji’a 4 waliin tuanii isaan keessaa tokko
baay’ee dhukkubsate. Karl Tusheek isa dhukkubsate waliin dadhabee daba osoo hin taane akka
gaarummaa isaanii yaadaa jiru mirkaneessuufiif carraa argate. Kana booda amanuun itti siquu
eegalan. Karl Tusheekis kana booda kan inni odeeffannoo isaanirraa argachuun hojii isaa
hojjachuu jalqabe.

4|Page
Karl Tusheek yeroo sana dargaggeessa waggaa 23 ture. Barnoota afaaniif fedhii guddaa kan qabu
yoo ta’u afaanota Hibruu, Hindii, Israa’eel, Saanskiritfi Arabaa nama barateefi qorannoo irratti
gaggeessedha. Dabalataanis Akkafeeteefi Sudaanota kanneen argannaan Karl Tusheek afaanota
isaanii qo’achuuf murteesse. Haa ta’u malee akka piroofeeser Richard Paankirast barreessetti
Karl Tusheek afaanota kaan dhiisuun sababii garaagaraaf Afaan Oromoo qo’achuurratti
xiyyeeffateera. Sababiiwwan kunis: yeroo sana biyyoonni Awurooppaa waa’ee Itoophiyaa
beekuuf fedhii guddaa qabaachuu isaaniifi Karl Tusheek ofuma isaatiin afaanota kaan
qo’achuurra Afaan Oromoo qo’achuun salphaa ta’uu waan hubateef.

Karl Tusheek Akkafeetee waliin turtii godheen waggaa tokkoofi walakkaa booda Afaan Oromoo
qo’achuufi qo’annoo garaagaraa irratti adeemsisuu itti fufe. Namni biyya Jarman kan Horaaz
Zireesh ( Hofrath Thiersch ) jedhamu barreeffama Joomaard Afaan Oromoorratti bara 1839 mata
duree “ Notice surles [ Oromos ] de Limmu” jedhuun barreessullee ‘Bulletin de la societe de
Geogrphie’ keessatti barreessee maxxansiisee jiru erga fideefii Karl Tusheek onnatee ture.
Keessumaa faarfannaa Joomaard Waareerraa fudhatee barreesse kan Akkafeeteen isatti himaa
jiruun kan wal fakkatu yommuu ta’uuf Karl Tusheek baay’ee gammade.

Karl Tusheek dabalataanis, nama odeeffannoo kennuuf kan biraa nama Oshuu Aagaa jedhamu
argate. Oshuun ijoollummaatti qabamee Sibuurraa bakka maqaan isaa Urgeessaa jedhamuu
fuudhamee Kaayirootti geeffamee gurgurame. Kaayirroorraas lammii Ingilizii kan ta’e nama
Toomaas Piilat jedhamuun bitame. Namichi kunis dhuma bara 1839tti daawwannaadhaaf gara
Jarman yommuu deemu Oshuu fudhatee deeme.

Piilatfi Oshuun Jarmanitti karaarra deemaa osoo jiranii akka carraa Karl Tusheekiin walitti
dhufan. Karl Tusheek Oshuun Oromoo ta’uu waan shakkeef Oromoo ta’uufi dhiisuu isaa gaafate.
Kan gaafates Afaan Oromoon yoo ta’u “Ati Oromoodhaa? “ gaaffii jedhu dhiheessaaf. Innis
Oromoo ta’uu isaa erga ibseefii booda Karl Tusheekfi Piilaat Jarman keessa ji’a lamaaf turuuf
dhaqanii ture. Karl Tusheekfi Piilaat waliin mari’achuudhaan ji’a lamaan Piilaat Jarman keessa
turu keessatti Akkafeeteefi Oshuun yeroo tokko tokko akka wal arganiif eeyyamsiiseef. Karl
Tusheek carraa kanatti gargaaramuudhaan ragaalee Akkafeeteen himuufi hin dandeenye tokko
tokko Oshuurraa funaannachaa ture. Karl Tusheek faaruufi sirboota Akkafeeteen hin beekne
baay’ee Oshuurraa argateera. Kana malees, Karl Tusheek wantoonni Akkafeeteen itti himaa ture

5|Page
sirrii ta’uufi sirrii ta’uu dhiisuu isaa Oshuurraa mirkaneeffachaa tureera. Yeroo Piilaatifi Oshuun
Jarman keessa turan keessatti Oshuufi Akkafeeteen kan yeroo tokko tokko qaamaan wal argaa
xalayaanis wal quunnamaa turaniiru.Xalayaaleen kunis, Afaan Oromootiin kan
barreeffamaniidha.

Oshuufi Akkafeeteen xalayaa waliif ergan ofiif barreeffatanii osoo hin taane Tusheekitu waan
isaan Afaan Oromoon itti himan akkuma jirutti qubee Laatiiniin barreessaaf. Tusheek yommuu
Oshuu bira dhaqe waan Oshuun jedhe qubee Laatiiniin galmeessee yommuu Akkafeetee bira
gahummoo Akkafeeteef dubbisa. Deebi’ee Akkafeeteefis akkasumatti galmeessee yommuu
Oshuu bira dhaqu fuudheefii dhaqee dubbisaaf. Akkafeeteefi Oshuun haala kanaan xalayaalee
waliif deddeebisaa turan. Haaluma kanaan ji’a lamaan Oshuun Jarman ture sana keessa
( Onkoloolessa 19, 1840 hanga Mudde 8, 1840tti ) xalayaalee 14 waliif erganii turan.

Akka pirofeeser Richard Pankirast barreessetti xalayaaleen Oshuufi Akkafeeteen waliif


barreessaa turan kunniin ogbarruu daa’imman Itoophiyaa kan jalqabaa jedhamuu danda’u;
ogbarruu barreeffama Oromoo isa jalqabaarratti iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Qabiyyeen
xalayaalee Akkafeeteefi Oshuun waliif barreessan kanneenii waa’ee jireenya ummata Oromoo
bara sanii wantoota namatti agarsiisan hedduu qabu. Innis, xalayaalee Oshuufi Akkafeeteen haala
ittiin qabamanii biyyaa bahan ibsaatii waliif barreessanirraa yeroo san Oromoonni haala akkamii
keessa akka turan hamma tokko hubachuun ni danda’ama.

Xalayaa Oshuun Onkoloolessa 19, 1840 Akkafeeteef barreesse Oshuun akkamitti


gabroomsitootaan manaa qabamee akka fudhatame, yeroo san sodaan akkamii akka ture,
Oromoota hedduu waliin qabamee gara Kaayirootti ce’uu isaafi achittis akkamitti gara
Awurooppaatti ce’uu akka danda’e ni ibsa.

Akkafeeteenis xalayaa deebii Onkoloolessa 21, 1840 Oshuuf barreesseen Oromoonni hedduun
haadhaafi abbaa isaanii harkaa fuudhamuun akka meeshaa bakka adda addaatti gurguramaa turuu
isaaniifi haadhaafi abbaa isaanii deebi’anii osoo hin argin hafuu isaanii ni mul’isa. Akkasumas,
Akkafeeteenfi Oshuunis abdii deebi’anii warra isaanii arguu akka kutan ni agarsiisa. Xalayaaleen
kanneen irraa yeroo san Oromoonni haala akkamii keessa akka turan hubachuun nama hin
rakkisu.

6|Page
Walumaagalatti xalayaalee kanneen lamaaniifi kanneen hafan biroorraa, abdiifi amantiin
Oromoonni waaqa tokkicharratti qaban hojiiwwan adda addaa ijoolleen yeroo san ittiin
taphataniifi kanneen kana fakkatan hubachuun ni danda’ama. Xalayaalee Akkafeeteefi Oshuun
Afaan Oromoon walii barreessan yeroo ammaa biyya Jarman keessatti Muuziyeemii Isteetii
Baavaariyaa keessatti argamu. Kanneen keessaas namni Adii Hukaa jedhamu afaan Ingiliziitti
kan jijjiirerraa gara Afaan Oromootti kanneen deebi’anii jijjiiramanis jiru.

Oshuun Mudde 8, 1840 Jarman gadi dhiisee Pilat waliin gara biyya isaa Faransaay deeme. Isaan
booda eessa akka inni gahe wanti beekame hin jiru. Karl Tusheek Oshuudhaan walitti dhufuun
isaa bu’aa gara biraas akka argatu isa taasiseera. Oshuun Tusheek intala Oromoo Bilillee
jedhamtu kan biyya Arabaatti Maabuubaa jedhamtee waamamtu waliin wal barsiisee ture.
Maabuubaa afaan Arabaan Mahbuuba jechuun jaalalamtuu jechuudha. Maabuubaanis yeroo
ijoollummaa ishee obboleetti ishee waliin booji’amtee daldaltoota garbootaa harka bu’uudhaan
gara Kaayirootti kan ceesifamte ta’uu ishee pirofeser Paankiraast barreesseera. Bililleen Jimma
bakka Gummaa jedhamuu fuudhatamtee Kaayirootti lammii Jarman kan ta’e namni Prince
Hermann Von Puckler – Muskau jedhamu tokko ishee argatee bara 1837 keessa ishee bitee
bilisoomse.

Muskaaw Bilillee jaalatee waan tureef baakka deemu hunda fudhatee deemaa ture. Bara 1840
keessa yommuu inni Jarmanitti deebi’us Bililleen isuma wajjin turte. Erga Jarman geessee
Oshuudhaan walquunnamaa turan. Yeroo walquunnaman keessa sirboota Oshuufi Akkafeeteen
hin beekne baay’ee itti himtee turte. Tuusheekis ragaalee tokko tokko Bililleerraa fudhateera
jedhamee amanama. Bililleenis Tusheekin erga wal baranii booda osoo baay’ee hin turin qorra
Awurooppaa waliin tasa walbaruu waan hindandeenyeef dhukkubsattee Onkoloolessa 27, 1840
boqotte. Duuti Bilillee hiriyootaafi jaalallee isheetti gadda guddaa ture. Keessumaayyuu
Hermann Von Puckler yeroodhuma sana Karl Tusheek raga himtuu lammii Oromoo Amaan
Goondaa jedhamu argatee ture.

Amaan kan bitame lammii Jarman kan ta’e Duke Poul Wilhelm nama jedhamuuni. Amaan kan
fudhatame bakka maqaan isaa Hibii jedhamu ( Aggaroo ) irrayi. Umriidhaan Oromoota
gabrummaan isa dura bitamanirraa isa xiqqaa yoo ta’u abbaan isaa nama guddaa waan tureef
waan baay’ee beeka ture. Karl Tusheek, Wiilheelmiin eeyyamsiisuudhaan Amaan waliin wal

7|Page
quunnamaa ture. Obboleessi Karl Tusheek Looreenzii Tusheek akka barreessetti maatiin Amaan
fooyya’oo ( nama guddaa ) waan turaniif Amaan waa’ee naannoo isaafi waa’ee biyya isaa
akkasumas waa’ee haala naannoo isaa barsiisanii turan. Abbaan Amaan nama cimaa maqaa
kabajaa qabu ture. Maqaan kabajaa isaas abbaa Funyooti. Amaan maatii isaa waliin yommuu ture
waan adda addaa arguuf carraa waan argatee jiruuf Aaan Oromootis raga himtoota kanneen kaan
caalaa keessa gadi galee beeka jedhama. Keessattuu waa’ee biyya isaa, aadaaisaafi afaan isaa
ilaalchisee Amaan beekumsa hedduu akka qabu obboleessi Karl Tusheek Looreenziin
barreesseera.

Karl Tusheek Mudde 2, 1841 dhaabbata ‘ Royal Academy of Munich’ jedhammuuf gabaasa
dhiyeessee ture. Gabaasa kan keessattis, kan dubbate galmee jechoota Afaan Oromoo
qopheessuu eegaluu isaa, waa’ee xalayaa kanneen akka sirboota Oromoofi kadhaa waaqaa
Oromoo akka walitti qabe akkasumas walaloo garaagaraa akka walitti qabe ibsee ture. Gabaasa
kana booddee madda odeeffannoo isaa kan ture Akkafeetee Daallee Ebla 17, 1841 tti dhukkuba
qorraatiin boqote.

Karl Tusheek haalli fayyummaa isaa gaarii ta’uu baatullee akkasumas du’a Akkafeeteerraan kan
ka’e burqaan raga jalaa dhiphatullee waggaa lamaan booda ( 1843 ) kuusaa galmee jechootaa isa
kuusawwan galmee jechootaa yeroo san qophaa’an mara caalu kan Afaan Oromoo, Afaan
Ingilizii kana malees, Afaan Jarmanitti hiiku ( Oromo – English – German Dictionary )
qopheessee ture. Ta’us, hin maxxansiisne. Karl Tusheek qorannoo biraatis Afaan Oromoorratti
adeemsisuuf ragaa himtuu biroo gaafannaan mootiin Maksimiilaan, Karl Tusheek waggaa lamaaf
gara Kaayiroo ( iddoo Oromoonni baay’een itti argaman ) deemee hojii isaa yoo itti fufe, baasii
isa barbaachisu kan kanfaluuf ta’uu isaa ibseef. Karl Tusheek Kaayiroo deemee baay’ee osoo
hin turin dhukkubni isaa itti hamate. Karl Tusheek dadhanbaan biyya isaatti deebi’ee Fulbaana 6,
1843, waggaa 28ffaa isaatti du’e.

Looreenzii Tusheek obboleessi Karl Tusheek hojii obboleessi isaa osoo hinmaxxansiisin du’e
bittinsee lafatti hin dhiisne. Galmee jechootaa afaan sadiin barreeffame ( Oromo – English –
German ) bara 1844 Galmee Jechootaa Tusheek maxxansiise.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ITOOPHIYAA KEESSATTI

8|Page
Kaarli Tusheek Jarmanitti qo’annoo yeroo gaggeessaa ture namoonni tokko tokko immoo gara
Itoophiyaa dhufuudhaan Afaan Oromoo qo’achuurratti xiyyeeffataa turan. Ergamaan Faransaay
Rochet D. Hericourt jedhamu jalqaba Onkoloolessa bara 1839 Shawaa seenuudhaan aadaa
Oromoo qo’achuurraatti xiyyeeffate. Barreeffama isaa kan bara 1841 Paariis keessatti
maxxansiise keessatti oromoon akkamitti odaa jalatti akka waaqeffatufi sirba oromoo barreessaa
ture. Akkasumas gosa oromoo shawaa keessa turan barreeffamicha keessatti tarreessee ture.
Jechoota Afaan Oromoos walitti qabuu isaa kitaaba bara 1845 maxxansiise keessatti barreessee
jira.

Lallabaa wangeelaa amantii pirootestaantii lammii Jarman kan maqaan isaa John Ludush Kraf
jedhamu “ waldaa mana sagadaa Biriteen keessatti qacaramee hojjatu tokkos hiriyaa isaa K.W.
Isenbergi waliin bara 1839 ji’a caamsaa keessa shawaa seenuun sabni oromoo waaqa tokkicha
kadhataa jiraachuu erga baree booda wangeela itti lallabuuf murteesse. Kaayyoo isaa kana
galmaan ga’uuf Afaan Oromoo beekuun murteessaa akka ta’e waan hubateef oromoota walitti
qabuun Afaan Oromoo irraa baruu eegale. Afaan Oromoo akka baruufis nama Barkii jedhamu
qacaratee ture.

Kraaf yeroo sana mootii shawaa kan ture Saahile Sillaaseerraa Fulbaana 25, 1840tti eeyyama
wangeela lallabuu argate. Xalayaa mudde 1, 1840 waldaa mana sagadaa isa qacareef barreesseef
akka ibsetti wangeela Yohaannis oromoota tokko tokko waliin qubee laatiiniin gargaaramee
Afaan Oromootti jijjiiruu isaa ibsee jira. Kiraaf macaafa qulqulluu gara Afaan Oromootti
yommuu jijjiiru qubee saabaatiin gargaaramee akka barreessu dhiibbaan irratti taasifamullee ,
Afaan Oromoo qubee saabaan barreessuun waan nama rakkisuuf qubee laatiiniin barreessuun
filatamaa ta’uu isaa waan hubateef qubee laatiiniin filatee barreessuu itti fufee ture.

Saahile Sillaaseen ammo qubeen saabaa akka babal’atu waan barbaadeef Kiraaf qubee laatiiniin
barreessuu isaa hin fudhanne. Kanaaf, Kiraaf Saahile Sillaasee gammachiisuuf Ebla 6, 1840
boqonnaa isa jalqabaa wangeela Yohaannis Afaan Oromootti qubee saabaan jijjiiree itti agarsiise.
Innis barreeffamicha yommuu argu baay’ee gammaduun Kiraaf jajee galateeffatee gaggeesse.
Kiraaf garuu qubee laatiiniin jijjiiruu isaa hindhaabne ture. Kiraaf jijjiirraa wangeelaa alas bara
1840 kitaaba “ An Impact Outline Of The [ Oromo ] Language” jedhu maxxansiise. Bara 1840
keessa wangeela Yohaannis jijjiiree xumuree Londonitti erge. Bara 1841 – 1842 wangeelota

9|Page
Maatiyoos, Maarqoos, Luuqaasfi Yohaannis jijjiiree xumuruu isaa gabaase. Bara 1842 – 1843
macaafa uumamaa jijjiiree ture.

Bara 1843 Kiraaf Isenbergi waliin gara Missiraa deemee gara Itoophiyaatti as deebi’uuf yommuu
jedhu Itoophiyaatti deebi’uu kan hin dandeenye ta’uu itti himame. Sababiin isaa akka piroofeesor
Paankiraasti barreessetti Luboonni Abisiiniyaa ( Orthodox priests) shawaa kibbaatti argaman
wangeelli Kiraaf lallabuaa ture sirrii miti jechuun Saahile Sillaaserratti waan isa himataniifi.
Kiraaf Itoophiyaatti deebi’ee hojii isaa akka hojjatuuf Saahile Sillaasetti kallattii adda addaan
jaarsummaa ergullee Saahile Sillaaseen yaadasaa jijjiiruu hin dandeenye. Waldaan mana sagadaa
Kiraaf erges Saahile Sillaasee amansiisuu dadhabuudhaan abdii kutee ture.

Kiraaf xalayaa mudde, 7, 1844 hiriyoota isaaf barreesserratti akkana jedha: Ani waa’ee
oromootaa sirritti keessa galee hubadheera. Sababa tokko tokkorraa kan ka’e uummata kanaaf
wangeela lallabuun rakkisaa ta’ullee, oromoota gara pirooteestaantitti jijjiiruun biyyoota Baha
Afrikaa hamma tokko jijjiiruu jechuudha. Waaqayyoo waa malee uummata kana as hin keenye.
Uummanni kun “Jarmanoota Afrikaati” jedha.

Bara 1843 Kiraaf Itoophiyaadhaa erga bahee bofoda hojiileen ogbarruu oromoo waggoota 10f
oliif qabbanaa’ee ture. Haa ta’u malee bara 1859 ji’a Fulbaanaa keessa Kiraaf hojii isaa akka itti
fufu gaaffiin dhiyaatefii ture. Innis gaaffii dhiyaateef ebla 3, 1860 deebii yommuu deebisu
macaafa qulqulluu akkuma dura jalqabetti jijjiitee xumuruuf fedhii akka qabu ibsee garuu erga
waggaa 20 as carraa Afaan Oromootti fayyadamuu waan hin arganneef afaanicha irraanfachaa
waan jiruuf namni afaanicha sirritti beeku, muuxannoo hojii jijjiirraa kan qabu, akka isa
barbaachisu ibse. Waldaan mana sagadaa Londonis Kiraaf nama barbaade kana argatee jennaan
baasii mataa isaatiin akka fiduuf mirkaneesseef.

Kiraaf hiriyoota isaa Itoophiyaafi Missira jiraniif nama akka barbaadaniif itti dhaammate. Yeroo
sana Itoophiyaa keessatti hojiin macaafa qulqulluu hiikuu lammii oromoo Halaqaa Zannab
jedhamuun gaggeeffamaa ture. Alaqaa Zannab gama isaatiin pirootestaantii Jarman kan ta’e J.M .
Filaad waliin mari’achuun hojii jijjiirraa itti fufee ture. Filaad bara 1865 xalayaa Kiraafiif
barreesseen Alaqaa Zannab qubee saabaatiin wangeela afranuu waan jijjiireef hojii gulaaluutiif
gara isaatti akka ergu barreessee ture. Kiraaf kana beekus hojii jalqabe sana mataa isaatiin
xumuruuf nama Afaan Oromoo sirritti beeku barbaachisuu hin dhiifne. Jalqaba bara 1866

10 | P a g e
pirootestaantii naannoo Matammaa jiraatu nama Ruufoo jedhamu akka argan itti dhaaman.
Kiraaf Ruufoo gabrummaa jalaa baasuuf maariyaatereezaa doolaarii sagaltama kanfale.

Bara 1867 Kiraaf Ruufoo waliin ta’uun kakuu haaraa jijjiiranii akka xumuran gabaase. Bara
1868 immoo hojiin isaanii kun akka maxxanfamuuf Kirishoonaatti ergan. Haa ta’u malee hojiin
maxxansiisuu kun boqonnaan sadi qofa erga xumuramee booda jidduutti dhaabate. Sababiin
isaas mootichi Tewoodiroos wangeelli Afaan Oromootti jijjiiramee qubee laatiiniin barreeffamee
biyya keessa akka seenu waan hin barbaadnef bara 1868tti Jarmanoota biyya keessaa ari’e.

Bara 1868 booda, Filaad wangeelota afran Afaan Oromootti jijjiiraman Alaqaa harka jiru
fuudhee gulaaluutiif gara Jarmanitti erge. Kiraaf barreeffamicha erga gulaalee booda akka
maxxanfamu fedhii qabaatullee qubee saabaatiin ta’uun isaa garaa waan isa hanqateef yaada
irratti kennee ture. Alaqaa Zannab imaammata wangeela lallabdoota yeroo sanaa Adowaa keessa
jiraatanii hordofa ture. Jarree kun ( Bender fi Mayer ) caamsaa 3, 1869 Kiraafiif yeroo barreessan
Oromoonni tokko tokko qubee saabaa danda’u, Habashoonni hedduun immoo Afaan Oromoo
beeku. Kanaaf, wangeelli qubee saabaan akka barreeffamu deeggaru turan.

Alaqaa Zannab bara 1870 kakuu haaraa Oromoota Gabiremikaa’eliifi Waarii jedhaman waliin
jijjiiree fixe. Isa jijjiiree xumures karaa Filaad Kiraafitti erge. Innis, bara 1870 – 1875 tti
jildiiwwan ja’atti qoqqoodee kakuu haaraa maxxansiise. Waggaa tokko booda jildiiwwan
kanneen jildii tokkorratti maxxansiise. Bara 1877 Minilik Zannabiin hojii isaa akka itti fufu waan
gaafateef macaafa Musee ( uumamaa ) jijjiiruudhaan gara Kirishoonaatti ergee maxxansiisera.
Kanaan booda walquunnamtiin Kiraafifi Alaqaa Zannab jidduu ture addaan cite. Bara 1881
ammoo Kiraaf waan du’eef hojiin isaan waliin hojjatan itti fufuu hin dandeenye.

Gama biraatiin barreessaa Oromoo jaarraa 19ffaa kan ture Hiikaa Awaajii / Oneesimos Nasiib /
Abbaa Gammachiis guddina ogbarruu oromoof shoora ol aanaa taphateera. Hiikaan bara 1850
keessa dhalate jadhama. Naannoon itti dhalates Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu ( Oggee )
jedhamutti. Uummanni naannoo sanaa tikfattee waan tureef nyaannifi dhugaatiin fooniifi aannan
ture. Hiikaan dhalatee waggaa 4ffaa isaatti abbaan isaa jalaa du’e. Namoonni naannoo sana
jiraatan gosaan wal hiruudhaan wallolaa turan. Haaluma kanaan bakka Hiikaan jiraachaa turetti
lolli ka’e. Sana booda haati isaa ijoollee ishee fudhattee deemte. Erga lolli qabbanaa’ee booda
gara qe’ee isheetti deebite. Garuu osoo hin yaadin gaafa tokko diinni isaanirra bahe. Haati Hiikaa

11 | P a g e
Hiikaa baay’ee jaalatti turte. Mucaa isheen baay’ee jaalattu kana diinni sodaachisee harkaa
baafatee fudhatee deeme.

Erga qabamee booda gatii loon 4’n gurgurame. Erga gurguramee nama isa bitate bira waggaa 2
taa’e. Namichiisa bitate sunis rifeensa irraa haadee boca adda addaa itti baasee gabaa baase.
Namoonni isarraa bitatan lamaan irratti wal lolanii inni tokko isa tokko ajjeese. Inni ajjeese
oolfate sunis amoolee 200tti gurgurate. Inni amma bite kun ammo gatii guddaatti gurguruuf gara
Mitsawaatti geese. Onkoloolessa 1870 gurguruudhaaf fuula faranjii bulguu jedhee sodaatuutti
dhiyaate. Yeroo sana Hiikaatti lafti dukkanoofte. Namichi bitate kunis nama Suwiidin Warner
Muzenger jedhamu harka erga galee booda dubbiin akka inni yaade hin taane. “ Hin yaadda’in
kana booda nama gara biraatti dabarsee sin kennu” yeroo inni jedhuun dhugaa itti hin fakkaanne.

Bara 1871 Muzenger akka inni baratuuf Hiikaa mana barumsaa miishinii kan warra Siwidinii
achi jirutti kenne. Yeroo sana itti gaafatamaan mana barumsichaa luba Beengit Piiter Lundahl
ture. Hiikaan barumsa isaa waggaa tokkoof erga hordofee booda bara 1872 guyyaa Faasikaa
cuuphamee maqaa Oneesimoos Nasiib jedhamu argate. Hiikni isaas faayidaa qabeessa
jechuudha. Lubicha birattis baay’ee jaalatame. Yeroo sana yaada Oneesimoos keessa kan ture
gara lammii isaa deemeebarumsa ofii argate barsiisuudha. Yaadni kun baay’ee boqonnaa isa
dhorkata ture. “ yaa waaqayyo yoom gara biyya abbaa kootti na deebifta laata . . . deemee
lammii koo barsiisuuf hangam na tursiifta laata? “ jechuun kadhataa ture.

Hawwiin Oneesimoos dafee fiixaan kan ba’e hin turre. Waxabajjii 25, 1876 gara Istokholm
deemee dhaabbata “ Theological Institiute of Jhonelund” jedhamurraa barumsa isaa akka
baratuuf murtaa’e. Waggaa 5f barumsa isaa erga hordofee booda bara 1881 ji’a Onkoloolessaa
keessa gara Mitsawaatti deebi’e. Dippiloomaa isaa akka barsiisaa wangeelaatti fudhate. Erga achi
deebi’ee boodas dubartii Mihirat Hayiluu jedhamtu fuudhe. Bara 1882 ji’a Amajjii keessa haadha
manaa isaa, luba Saamu’eel, Hayiluufi Filiphoos namoota jedhaman waliin biyya Oromootti
adeemsa eegale. Karaan isaa dadhabsiisafi qilleensa baay’ee qaba ture.Rakkoo hedduu booda
Bitootessa 2, 1882 Fanakaa laga Naayil qarqara ga’ani. Fanakaa irraa deemsa ji’a tokkoo booda
Kaartuum ga’an. Kaartumirraa gara biyya Oromootti qajeelanii booda magaalaa daandarratti
argamtu tokko ga’anii oduu gaddisiisaa tokko dhaga’an. Innis warra Mahaadistii daangaa irratti
lola waan kaasaniif nageenyi akka hinjirre ture. Kanaaf gara duubatti deebi’uuf dirqaman. Yeroo

12 | P a g e
kana adeemsi isaanii gammoojjii Nuubiyaa keessa darba waan ta’eef hobomboleettii, dhabiinsa
bishaaniifi busaadhaan baay’ee dararaman. Miiltoo isaanii keessaas Filiphoos ni du’e.
Oneesimoos hedduu waan dhukkubsateef lubichi Saamu’eel baay’ee nahe. Haa ta’u malee,
Oneesimoos erga fayyee booda lubichi dhukkubsatee fayyuu waan hin dandeenye. Achuma
gammoojjii Nuubiyaa keessatti hafe. Rakkoo kana hunda keessa darbanii Adoolessa 1882
Oneesimoofi haati manaa isaa akkasumas Hayiluun Immikuluu ga’an.

Bara 1884 shawaa keessa darbuudhaan jara Jimmaa akka deemaniif eeyyama Minilikirraa argate.
Daldaltoota shawaasi Mitsawaa jidduu adeeman waliin adeemsa eegalan. Naannoo Affar erga
ga’anii booda saamtonni dhukaasa itti banuudhaan namoota 12 ajjeesuudhaan namoota 8 immoo
madeessanii adeemsa ji’a tokkoon booda shawaa ga’an. Haa ta’u malee Minilik Shawaa keessa
akk hin darbineef isaan dhorke. Sababiin isaas mootii Tigiree kan ture Yohaannis namoota kana
gara Jimmaatti akka hin darbineef akka dhorku waan itti himeefi. Haaluma kanaan Aliyyuun
Ambaa lafa jedhamu akka turan godhe. Sanaan booda Oneesimoos gara Eertiraatti deebi’e. Erga
achi deebi’ee boodas barsiisuufi macaafa qulqulluu hiikuu itti fufe.

Haalli kun hundi walitti ida’amee Oneesimoosin gadda guddaarra buuse. Gadda kana
irraanfachuuf jecha hojii isaa jabeessee itti fufe. Jechoota Afaan Oromoo 6000 walitti qabee
maxxansiisee jira. Walumaa galatti Oneesimos Asteer Gannoo waliin ta’uun kitaabolee torba
barreesseera. Kitaaboleen kunniinis:

1. Galata waaqayyo gooftaa maccaa bara 1887 ‘ prais be to God, the lord of multitude’.
Qabiyyeen kitaabichaas ‘ evangelical songs & psalms’ kan jedhu ture.

2. Macaafa qulqulluu haaraa bara 1893

3. Jalqaba barsiisaa – Kitaabni kun bara 1894 kan maxxanfame yoo ta’u fuula 174 qaba.
Qabiyyeen isaa afoola hedduu kan qabu yoo ta’u innis seenaa barreeffamuu afoolaatiin
Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati. Afoolli kun jechoota 3600 kan qabu yoo ta’u faaruu
loonii, mammaaksa, hiibboo, tapha ijoolleefi geerarsa of keessaa qaba. Oneesimosifi
Asteer Gannoos afoola kana fayyadamanii ijoollota barsiisu ture.

13 | P a g e
4. Macaafa qulqulluu kakuu haaraafi moofaa – Bara 1897 macaafa qulqulluu kakuu
haaraafi moofaa jijjiiree akka xumure gabaasera. Hojiin kun jijjiiree xumuruuf waggoota
13 itti fudhatee ture.

5. Bara 1899 kitaabota lama jijjiiranii jiru.

6. Garaa namaa Ingiliffarraa gara Afaan Oromootti bara 1899 jijjiiranii jiru

7. Barth Babile History bara 1899 jijjiiraanii jiru

Walumaagalatti Oneesimos Afaan Oromoo gargaaramee saba isaa wangeela barsiisuuf


carraaqqii guddaa taasisaa ture.

Dabalataan Oneesimoos Afaan Oromoo gargaaramee wangeela barsiisuuf carraaqqii taasisaa


ture. Haa ta’u malee yeroo garaagaraatti wangeela akka hin barsiifneef dhorkamaa ture.
Garuu bara 1987 xalayaan obbo Iwostaatiyos Ze Yohannisfi Obbo Daani’eel Dabalaan
barreeffame 1903 karaa Habte Yimariin isa qaqqabe. Kunis Fiwuteraarii Dibaabaafi
Dajjazmach G/ Igzaabbeheer / Kumsaa Morodaa / wangeela lallabuu akka danda’u ibsaniifii
jiru. Oneesimos bara 1903 gargaargota isaa, haadha manaa isaafi ijoollee isaafi Asteer waliin
ta’uun gara Finfinneetti deemsa eegalan. Finfinnee gahanii Minikil irraa eeyyama gaafatan.
Minilikis nama isaan gargaaru Naggaadras H/ Giyoorgis ramadeefi. Xalayaa eeyyamaas
barreessef.

Oneesimoosif namoota 10, qawwee 3 waliin gara biyya Kumsaa Morodaatti erge. Akka
eenyullee isaan hin rakkifnes eeyyama kennefii jira. Bara 1904 wallagga ga’anii mootii
Kumsaa Morodaa haala ho’aan isaan simate. Gara Najjootti fudhachuudhanis manaafi bakka
bal’aa kennef. Fulbaana 1904 ijoollee 20 kutaa 3tti hiruun barsiisuu eegale. Barnoonni Afaan
Oromoon kennamu qeesota tokko tokko aarsaa waan tureef Daj. Kumsaatti himatan.
Oneesimos dhimma himatamerratti macaafa qulqulluu Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa itti
agarsiisuun sana akka barsiisufi yakka tokko akka hin raawwanne itti hime. Isaanis akka inni
yakka hin raawwanne amanan. Haa ta’u malee himata garaa garaa qeessoonni dhiyeessaa
turaniin yeroo barnootaa akka hin barsiifne taasisan. Bara 1915 immoo Iyyaasuun barnoota
addaan kute akka innni itti fufee barsiisuuf eeyyameef .

14 | P a g e
Oneesimos mana barumsaa shamarranii Naqamtetti banee Asteerifi Liidiyaan akka barsiisan
taasise. Ofii isaa immoo ijoollee dhiiraa walitti qabee barsiisuu eegale. Boodarra Oneesimos
umriin isaa waan deemaa tureefi dadhabeef hojii inni jalqabe akka itti fufsiisaniif Dr.
Sadestram ( 1923 ) Misiyoonota Finfinneerraa ergeefi. Wangeellis barnoota ammayyaa
waliin itti fufuu eegale. Oneesimos Waxabajjii 23, 1931 boqotee sirni awwaalcha isaa
raawwate. Awwalcha isaa irratti “ yaa biyyaa yaa biyyaa jecha waaqayyoo dhaga’i “ kan
jedhu barreeffame

Walumaagalatti Oneesimos cimina bu’uura ogbarruu oromoo keessatti akka hangafaatti kan
ilaalamuufi seenaa ogbarruu oromoof bu’aa guddaa kan buuse keessaa kan jalqabaati. Kana
malees, Asteer Gannoos hojii guddaa waliin waan raawwataniif isattaa adda baafnee ilaaluu
hin dandeenye. Tattaaffi Oneesimosifihiriyoonni isaan taasisaa turaniin hojiileen muraasni
Afaan Oromoon qophaa’aa turan.

1. Ragaa mootummaa waaqayyoo – Kiristoos lafarraa mootummaa ofii akka dhabe.


Bara 1900 – Abuna Yakob

2. The Oromo Great African Nation . Bara 1901 – Aadaa, seenaa, amantaa, ( Father Martial
De Salviac )

3. Oromo – English – Dictionary. Bara 1913 J. Foot . Afaan Oromoo

4. The folk Literature of the Oromo of S. Ethiopia . Bara 1922 E. Cerulli . Afoolarratti

5. A Grammar of the Oromo. Bara 1922 A. Arnold. Seerlugarratti

6. An Elementary and practical Grammar of the Oromo Language. Bara 1922 A. W Hodson
and C. H. Walker. Seerlugarratti

7. Vocabulaire Francaise, Oromo Abyssnia ( Namni barreesse hin beekamu ) – Amantiirratti

8. Oduu Qulqulluu akka yoonaa Qulqulluun xaafe . Bara 1934 ( Namni barreesse hin
beekamu ) – Amantaarratti

9. Favole e Rime ( oromo ). Bara 1935 Moreno. Walaloofo Geerarsarratti

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1936 – Ammaa )


15 | P a g e
Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo ( Bara Xaaliyaanii (1936 – 1941) )

Sochiin bara xaaliyaanii ilaalchisee Makuriyaa Bulchaan barreeffama mata duree “the Language
policies of Ethiopian Regimes and The History of written Afan Oromo: 1844-1994” jedhu jalatti
haala asiin gadiin kaa’eera. Immediately alter conquest the Italian divided Ethiopia into regions
using language and Ethnicity as criteria. Egaa akka yaada hayyuu kanarraa hubachuu
dandeenyu akka biyya weerarteen xaaliyaaniin murteen isheen fudhattee biyyittii afaaniifi
qomoo yookiin sanyii irratti hundaa’uun qoqqooduu ture. Kuni immoo kallattiin kaayyoo isaanii
galmaan gahuuf gargaarus gama biraan biyyattii keessatti seenaa addaa uumee darbeera.
Haaluma kanaan afaanootni isaan dura cunqursamaa turan kan akka afaan oromoo, somaalii,
kafichoo, Adaree fikkf carraa afaan barumsaa tahuu argataniiru.

Kaayyoon xaaliyaanii kallattiin afaanoota biyyattii keessa jiran guddisuuf ta’uu baatus ogbarruu
afaanoota adda addaa gabbisuuf karaa baneera. Carraa kanatti gargaaramuun Afaan Oromoo
afaan barumsaa ta’uurra darbee galmeen jechootaafi kitaabileen seerlugaa hedduun lammiilee
xaliyaanii kanneen akka Borello, Caressaa, Arenzano, ducati Morenofi kkf akka maxxanfaman
taheera. Hojiiwwan yeroo sanaa haalaan xiinxaluuf barreeffamootni qophaa’aa turan
hedduminaan argamuu baatanis seenaa ogbarruu Oromoo keessatti bakka guddaa akka qaban
amanama. Haalli qabatamaan saniin dura ture mijataa ta’uu baatus jalqaba jarraa 20ffaa kaasee
wanti hojjetame gaarii akka ture beektootni ni ibsu.

Bara kana keessa yeroo xiqqoofillee ta’u Afaan Oromoo afaan barumsaa ta’eera. Kana malees,
jalqabbii qo’annoo Oromoo jaarraa tokkoon booddee haalli inni irra ture fooyya’aa ta’uu isaati.

Barreeffamoota Bara Kana keessa Barreeffamanis Akka Fakkeenyatti Yoo Ilaallu;

Lakk Barreeffama Barreessaa Bara Xiyyeeffannoo

1 Grammar Teorico practica Della lingua [ Oromo] M.M. Moreno 1939 Seerluga

2 Grammar Di Lingua [ Oromo] M.Boreno 1939 Seerluga

3 Disionslis Della Lingua [Oromo] A.Jarussou 1939 Jechoota


A/Oromoo

16 | P a g e
4 [ Oromo]- Italiano – [Oromo] P.Gaetano 1939 Jechoota
A/Oromoo

Haa ta’u malee haalli mijaawaan kun bifa kanaan itti fufuu hin dandeenye. Xaaliyaaniin
waggoota 5 ol biyya keessa turuu hin dandeenye. Yeroo Xaaliyaaniin biyyaa ari’amtee baatu
hojiileen Afaan Oromoofi uummaticha giddu galeessa godhatan kan akka kitaabolee seelugaafi
barreeffamoota amantaa baay’inaan mul’achaa turan. Mootichi H/ sillaasee erga biyyatti deebi’ee
booddee garuu dhiibbaafi dararamni kan bara 1936 dura ture caalaa cimee itti fufe.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1941 – 1974 )

Hayila sillaaseen aangootti erga deebi’anniin booddee hojiin isaanii jalqabaa imaammata afaanii
xaaliyaaniin hordofaa turte hundeen buqqisaaaaanii gatuu ture.Sababiin isaas yaada tokkummaa
biyya tokkootiif afaan tokkoofi amantaan tokko barbaachisaadha jedhu hojiirra
oolchuufi.Haaluma kanaan bara 1942 irraa kaasee afaan amaaraan alati afaanoonnii biyyatti
kamiyyuu barumsaafis ta’ee hojiif akka hin tajaajille taasifame ‘[Mekuria Bulcha,1994].

Hojiin kun irra caalaa kan ifa bahe labsii bara 1994 lakkoofsa 3 irraa baheen [achuma. F,99].
Labsiin kun lammiileen alaa biyya kamiiyyuu hojii barsiisuu biyya keessatti garggeeffamuuf
kan gargaaramuu qaban afaan Amaaraa qofa akka ta,e eera.Kanamalees, labsiin kun namootas
ta’ee dhaabbilee seera kana cabsan to’achuuf aangoo addaa ministeera barumsaafi Ministeera
biyya keessaaf sirna barnoota isaanii sakatta’uun yoo seerichi cabefi saganticha dhaabsisuun yoo
barbaachisaa ta’e mana barumsichaa gubuun aangoo ministeerrra barnootaati. Namoota seera
kana cabsan ammo biyyaa ari,uuf aangoo kan qabu ministeera biyyaa keessaati.[Mekuriya
Bulcha,1994]. Hojiin kun ammo oromoonni afaan isaanii akka hin gargaaramne dhorkuu qofa
osoo hin taane akka of irraanfatan ykn oromummaa isaaniitti akka qaana’an [De – Oromization]
godheera. Hunda caalaa lammiilee biyya alaa kan ajaa’ibsiisaa ture namoonni wangeela labsan
[Amantaa kiristaanaa babal’isan] socho’uun kan heyyamamuuf kaaba Itoophiyaan ala qofaa
ta’uusaati.

Hojiin kuncimee itti fufuun bara 1955 tti afaan Amaaraa guutummaa tuututti Afaan hojii
( Biyyoolessaa ) akka ta’u murtaa’e. Kana malees, kallattii sabquunnamtiitiin ( Raadiyoo )

17 | P a g e
afaanotii dubbataa muraasa qaban kan akka afaan Tigree, Tigriffa, somaaliifi Affaar tamsaasaa
turan. Dhiibbaan imaammata kanaa ilmaan Oromoo Afaan , aadaafi eenyummaa isaanitiin
qaana’uun iddoo saba biraan akka mul’atan taasiseera. Haa ta’u imaammaanni kun haala
mootummaan yeroo sanaa yaadeen itti fufuu hin dandeenye. Hanguma waanjoon garbummaa
ulfaachaa deemu qabsoon namoota muraasaan bakkaa bakkatti jalqabame. Qabsoo kana bifoota
gurguddoo 2’n ilaaluun ni danda’ama.

Tokkoffaan qabsoo namoota dhuunfaan taasifamaa ture. Lammaffaan qabsoo Gamtaaleefi


dhaabbilee garaagaraatiin taasifaman giddu galeessa godhata. Namoota garee tokkoffaa jalatti
ramadaman keessaa Sheek Bakir Saaphaloo bakka addaa qabu. Hojiin isaanii carraa bahee
mul’achuu argachuu baatus Mohammed Hassen ( 2003 ) mata duree Shayk Bakrii Saphaloo
(1895 – 1980 ): Aprolific Scholar & a great Oromo nationalist jedhu jalatti waa’ee seenaafi
hojiilee addatti ittiin beekamanii ibseera.

Sheek Bakrii Saaphaloo (Abubakar Usmaan Odaa)

Sheek Bakrii Saaphaloo Harargee bakka saphaloo jedhamutti dhalate. Maqaan isaa ijoollummaa
Abubakar Usmaan Odaa jedhama ture. Beekamummaa argachaa yeroo dhufu maqaa dhaloota
isaa caalaa bakka dhaloota isaaniin beekamuu jalqaban. Haaluma kanaan hanga ammaatti kan
ittiin beekaman iddoo itti dhalataniini. Sheek Bakriin barumsa amantaa bu’uuraa ta’e kan
jalqaban achuma Saaphalotti. Itti aansuudhaan barumsa isaanii sadarkaa garaagaraatiin
hordofaniiru. Fakkeenyaf, Wayber, Caffee gurraattii, Yakkaa, Carcarfi kkf keessatti barataniiru.
Walumaagalatti Skeek Bakir bara 1900 – 1927 tti sheekota adda addaa jalatti barumsa amantaa
seeraan hordofaniiru. Waggootii kana gidduutti seenaa uummata Oromoo keessattuu kan
Harargee sirriitti hubatanii turan.

Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle weerara Misiraan[Egypt] dura [1875] uummanni oromoo naannoo
sanaa seera gadaan akka bulaa tureefi isaan booddee aadaa boonsaa ta’e gadi lakkisuuf
dirqamuusaa hubataniiru. Kana malees, erga Missirii ( Egypt) Harargee gadi lakkistee baatee
waggaa lamaan booda garbummaa Minilik jalatti kufuu ishee daa’imman abbaa isaaniirraas erga
guddatanii booddee immoo sheekota garaagaraa ( keessattuu Sheek Abdallaa – Wayibaritti ) irraa
sirritti barataniiru. Sheek Bakriin barumsa fagoon Yuunivarsiitii ALAZHAR yuunvarsiitii
( Egypt) quunnamtii uumuun carraa warraqsaa biyyoota Afrikaa, Eshiyaafi Jiddugala bahaa

18 | P a g e
beekuu argataniiru. Gabaabumatti Sheek Bakrii Saaphaloo barumsa amantii qofaan osoo hin
taane kan akka Herreegaafi Falaasamaan illee hubannoo gaarii qabu turan. Muuxannoo bifa
adda addaan kuufatan kana uummataan gahuuf bakka garaagaraatti barsiisaa turaniiru.

Giddu gala ( wiirtuwwan ) Itti Barsiisaa Turan

a. Jiddu gala ( Wiirtuu Saaphaloo ) ( 1927)

Sheek Bakriin wiirtuu jalqabaa kan dhaaban achuma bakka dhaloota isaanii saaphalootti ture.
Giddu gala kanatti:

 Barumsa Amantaa barsiisaa turani

 Daa’imman haadhaafi abbaa hin qabne gargaaraa turani.

b. Wiirtuu Addeellee ( 1940 )

Wiirtuun kun bakka haadha manaa isaanii lammaffaa itti fuudhaniifi akkasumas, walaloo adda
addaa itti qopheessaa turani. Wiirtuu kanatti:

 Barumsa amantaa barsiisaa turan.

 Wal qixxummaa dhiiraafi dubaraa irratti hojjachaa turaniiru.

Giddu galli kun bakka itti tasgabbaa’anii hojii gara fuulduraa baay’inaan itti yaaduu
jalqaban ture.

c. Wiirtuu Ligboo ( 1948 )

Jiddugalli kun bakka qubeen saaphaloo itti dhalateefi hojiirra ooledha. Ofiin itti gargaaramuu
qofa osoo hin taane barattoonni isaanis akka ittiin barreessan jajjabeessaa turan.

d. Wiirtuu Kortuu ( 1953 )

Wiirtuun kun akkuma kanneen biro bakka itti barsiisaa turaniidha. Wiirtuu kan kan adda isa
taasisu ergamtoonni mootummaa yeroo sanaa haalaan Sheek Bakrii adamsuu yeroo jaqabaniidha.
Kunimmoo sabboonummaan isaanii akka dabalu taasiseera. Sababni isaas, hanguma dhiibbaan
gabrummaa cimaa deemu qabsoon humna gudhachaa waan tureefi.

19 | P a g e
Wiirtuwwan kanneeniin alatti bakkeewwan garaagaraa akka jiddugala xixiqqootti itti
gargaaramaa turaniiru. Isaan keessaa Dirree Dawaa, Gootaa, Qabbanaawaafi Bobbaasaa isaan
muraasa.

Hojiilee Gurguddoo Sheek Bakrii Saaphaloo

Sheek Bakriin uummata oromootiif gumaacha taasisan kallatti lamaan ilaaluun ni dan da,ama.
Tokkoffaan hawwiifi fedhii uummata oromoo kan ture qubee Afaan oromoof ta’u bocuu
isaaniiti. Lammaffaan ammo oromoon gabrummaa jalaa akka bahuuf walaloowwan
garagaraa dadammaqinaaf oolan barreessuu isaaniiti; qabsaa’aa oromooti Hojiin kun
ammoo waloo oromoo kan jalqabaa [tari] isaan jechisiisuu danda’a. Hojiilee gurguddoo isaan
barreessan kanas bifa armaan gadiin qoqqoodnee yoo ilaalle :-

1. Walaloowwan sheek bakrii

Sheek Bakriin uummata Harargee darebees uummata oromoo biratti kan ittiin beekaman keessaa
walaloo barreessuudhaani. Namni kun gama walalootiin kennaa addaa akka qaban amanama.
Walaloo isaaniittiin barattoota isaaniifi hawaasa waa’ee amantaa akkasumas waa;ee biyya lafaa
[secular] barsiisaa turaniiru. Dhugaa kana fakkeenyota garagaraatiin ilaaluu ni danda’ama

A.Barbaachisuummaa seenaa ofii [oromoo] beekuu ilaalchisee

B.Batumsi akka ija namaa banuufii addunyaa walii tarkaanfachuu akka nama
dandeessisu.

C.Rakkina hawaasumma adda addaa ilaalchisee.

Hojiileen kun mana barumsaatti ykn gandoota muraasa keessatti kan hafan osoo hintaane
oromoonni [keessattuu Harargeetti] oromommaa isaaniin akka boonan akkasumas, kallattii
garaagaraan akka gabrummaa jalaa bahuuf qabsaa’an karaa baneera. Fkf, Gamtaa Arfan Qalloo
Dirre Dawaa keessatti bara 1960 akka dhaabbatuuf Sheek Bakir gahee guddaa qabu turan. Kana
malees, Baandiiwwan gurguddoo kan akka Biiftuu Ganamaafi Urjii Bakkalchaa akka dhaabbatan
karaa kan bane nama kanadha. Bara 1960 keessa akkasumas, yeroo ammaa uummata Oromoo
biratti bakka guddaa kan qaban weellistoota kan akka Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Alii
Shabboofi kkf kan bahan hojii Sheek Bakiir wajjin walqabateeni.

20 | P a g e
Waldaa beekamaan Maccaafi Tuulamaa yaadaan deeggaruu qofaa osoo hin taane hoggantoota
waldichaa kan akka Taaddasaa Birruu waliin Galamsotti akka wal argaa turan Mohammed
Hassen ( 2003 ) barreesseera. Sabboonummaafi qabsoo tokkummaa Oromoof taasisan kana
qofaan kan dhaabbate hin turre. Sagantaa Raadiyoo Moqqadishuu ( Somaaliyaa ) Afaan
Oromoon darbu mijeessuun ergaa barbaachisu iccitiin dhiyeessaa turaniiru.

2. Qubee Saaphaloo Uumuu ( The Saphalo Script )

Hojiin cimaan inni biraa Sheek Bakriin ittiin beekaman qubee Afaan Oromoo barreessuuf ta’u
bocuu isaaniiti. Hojiin kun wiirtuu Ligboo ( 1948 – 1953 ) wajjin akka walqabatu
barreeffamoonni garaagaraa ni eeru. Haa ta’u malee hojiin kun itti yaadamuufi qabatamaan
karoora keessa kan gale erga mooticha H/ Sillaasee aangootti deebi’aniiti. Yaada kanaaf
sababoonni garaagaraa ni ka’u.

1. Hojiin kun waggaa 10 – 12 fudhateera jedhamee waan amanamuuf , yeroo wiirtuu


Ligboorraa duubatti deebinee herreeguun bara 1941/ 42 ta’a. Barrikun ammoo yeroo
mootichi aangotti deebi’aniidha.

2. Murteen mooticha Afaan Oromoo afaan barreeffamaa, hojiifi amantaa akka hin taane
dabarsan Sheek Bakiir waan qabaniin akka qabsaa’an taasiseera.

3. Akkuma afaanota biro Raadiyoon darbaa turanii Afaan Oromoos sadarkaa sanatti akka
guddatuuf hawwii waan qabaniif.

4. Uummanni Oromoo seenaa, aadaafi duudhaa boonsaa osoo qabuu mallattoo kennaa kana
ittiin ibsatu dhabuun isaa qaanidha jedhanii waan yaadaniifi.

5. Sirna bulchiinsaa akkasumas, imaammata Afaan tokkoofi Amantaa tokko jedhu


mormuufi.

6. Rakkoolee qubee afaan biraan ( Arabaafi Saabaa ) Afaan Oromoo barsiisuuf jiran
hambisuun uummata isaanii barsiisuuf.

Kana malees, kitaabolee adda addaa amantaa, seenaafi jireenya hawaasumma irratti
xiyyeeffatan gara 8 barreessaniiru. Dalataan barreeffama gabaabduu Shalda ( sharph knife )
jettuun hawaasa haalan akka dadammaqsaa turan seenaan ni hima. Hojiileen Sheek Bakiir
21 | P a g e
ittiin beekaman hedduu ta’anis carraa maxxanfamuu waan hin arganneef seenaan isaanii
haalaan bahee hin mul’anne. Kana fiixaan baasuuf tattaaffii gochaa turanis sheek Bakriin
dhiibbaa irra gahee tureen bara 1978 koolugaltummaa Somaaliyaatti galuuf dirqamani.
Muqaadishuu qaqqabanii barreeffamoota isaanii maxxansiisuuf yaalanis haalli qabatamaan
yeroo sanaa Hiran ( Somalia )tti akka boqotan taasise. Kaayyoon yaadan guutummaan
tuututti galmaan gahuu baatanis seenaa Oromoo keessatti qoodni qaban baay’ee ol aanaadha.

Waldaa Maccaafi Tuulamaa

Bara 1941 – 1947 tti haali qabatamaan biyya keessa ture afaaniifi uummata oromoof
majaawaa waan hin turreef sochii Sheek Bakrii wajjin wal qabatee bara 1960’s keessa waldaa
Maccaafi Tuulamaa akka dhaabbatu taasifame. Waldaan kun uummata oromoo baadiyyaafi
magaalaa jiru walitti gurmeessuun rakkoo jiru hiikuuf kan tattaafataa tureedha. Yeroo eerame
keessatti uummanni oromoo akka dammaqu gochuun namoonni hedduun akka barreessan,
barsiisaniifi beeksisan karaa baneera. Kanaaf, haala qabatamaa har’a mul’atuuf waldaan kun
gahee guddaa akka taphate seenaan ni ibsa. Gabaabumatti seenaa ogbarruu oromoo bara
1960fi 70 keessaa yeroo kaafnu waldaan kunis maqaa dhahamuun waan hin oolle. Waldaan
Maccaafi Tuulamaa yeroo kana keessa dhaabbate seenaa guddina ogbarruu oromoo bu’aa
guddaa buuseera.

Afaan Tajaajila Sabquunnamtii Keessatti

Bara 1940 – 1960tti afaan Amaaraa qofaa isaa tajaajila kennaa tureera. Bara 1970 eegalee
afaan Tigriffaa, Tigree, Somaaliifi Afaar meeshaa sabquunnamtii mootummaan tajaajilaa
turan. Afaan Oromoo %50 dubbatamu tajaajilaa ala ta’uun ; uummanni oromoo bulchiinsa
biyyattii irratti dhiibbaa hin fidu jedhamee waan yaadameef jedhama. Dacheen isheellee
maqaa akka jijjiirrattu taasifamaa tureera.

Kunis:- sabaafi sablammoonni daangaa irra jiraatan waliin walitti makuun maqaa saba biraan
akka waamamu gochuun

- Magaalichumatti maqaa haaraa moggaasuun

SEENAA OGBARRUU OROMOO BARA DARGIITII – KUFAATII ISAATTI ( 1974 - 1991 )

22 | P a g e
Imaammata Afaanii Yeroo Kanaa

Bara 1970 kaasee namoonni kallattii garaagaraan bulchiinsa yeroo sanaarratti gaaffii kaasaa
turan. Yeroo sochiin warraaqsaa galma ga’u, ( 1974 ) Dargiin aangoo qabate.

Kanumaan lammiin hundi biyyattii keessa jiran mirga mootummaa darbe keessatti dhaban akka
argachuu danda’an waadaa gale. Haaluma kanaan lammiin biyyattii (keessattuu Oromoon )
abdiifi amantaa guddaa qabu ture.

- Sochii afaaniifi aadaa oromoo guddisuuf ta’us jalqaban.

- Kataabolee adda addaas gara afaan oromootti jijjiiraniiru.

Haa ta’u malee Dargiin waadaa gale hojiirra oolchuu hin dandeenye. Afaan Amaaraa afaan hojii,
afaan barumsaafi bulchiinsaa ta’ee itti fufe.

Meeshaalee Sabquunnamtiifi Tajaajila Isaanii

Bara 1980 barreeffamoonni bifa barruuleefi galaalchaan maxxanfamaa turan gara 14 ta’u turan.

Isaan keessaa 12 - Afaan Amaariffaan

1 – Afaan Oromoon

1 – immoo Afaan Tigriffaan maxxanfamaa turaniiru.

Afaan Oromoo Duula Wallalummaa Balleesuu

Afaanota Dargiin duula wallaalummaa balleessuuf itti gargaaramaa ture keessaa tokko Afaan
Oromooti. Garuu dhimma siyaasaaf itti gargaaramuurraa kan hafe afaaniifi uummata oromoof
bu’aan buuse tokkollee hin jiru.

Barreeffamoota Garaagaraa Bara Kana Keessa Qophaa’an

1. Barnoota fidalaafi dubbisa

2. Jireenya Gamtaa Sabaa

23 | P a g e
3. Hursaa

4. Galata Waaqayyo Gooftaa Maccaa

5. Seenaa dafqaan bulaa oromiyaa

6. Biiftuu diraamaa

7. Kuusaa jechootaa

Barreeffamoota Bara Kana Keessa Qophaa’an Kanneen Biroo Sakatta’i

SEENAA OGBARRUU OROMOO KUFAATII DARGIITII – AMMAA ( 1991 – AMMAA )

HOJIILEE GURGUDDOO YEROO KANAA

Yeroon kun yeroo itti ogbarruun oromoo qubee mataa isaatiif ta’u filatee ittiin barreeffamuun
eegalameedha. Akkuma seenaa ogbarruu oromoo ilaalaa dhufnerraa hubachuun danda’amutti
barreeffamoonni adda addaa gosaanis ta’ee, baay’inaan dabalaa dhufaniiru. Yeroon amma keessa
jirru ammoo yoomiyyuu caalaa barreeffamoonni baay’een kan itti maxxanfamaa jiraniidha.
Barreeffamoota barreeffamaa jiran kanneenis garee adda addaatti haala walfakkaataniin
qoqqooduun kanneen ijoo ta’an kaasuun ni danda’ama.

1. GALMEE JECHOOTAA

Galmeen jechootaa guddina ogbarruu afaan tokkoof bu’aa guddaa qaba. Sababni isaa
sadarkaa barreeffamaatti qaama murteessaafi isaan biroof ( gaalee, ciroo, hima, keeyyata,
barreeffamoota dhedheeroo ) dhaaf ni barbaachisa. Kana malees, bu’aa afaan tokko irraa
argachuuf ykn barachuuf galmeen jechootaa tooftaa ( mala ) isa gabaabaafi filatamaadha.
Waa’ee afaan tokkoos gadi fageenyaan osoo hin qoratin galmee jechootaa irratti
xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Afaan Oromoos, akkuma afaanota addunyaa kamiyyuu
galmee jechootaa sadarkaa isaanii eeggatan yoo qabaate guddina ogbarruu oromootiif bu’aa
guddaa busuu danda’a jechuudha.

24 | P a g e
Galmee jechootaa hedduun baroota darban keessa lammiilee biyya alaafi keessattiin
qophaa’aa turaniiru. Galmeewwan jechoota guddina ogbarruu oromoof gargaaruuf
barreeffaman kanneen ijoo ta’an:-

T. Lakk. Galmee Jechootaa Barreessaa Bara

1 English – Oromo Dictionary Ton Leusfi kanneen biroo 1992

2 English – Oromo Dictionary Mahadi Hamid Mudde 1995

3 Oromo Medical Dictionary Eliyas Abara 1995

4 Dictionary of Technical Terms Tamana Birima 2000

5 Ilillii Hinseenee Makuriyaa 2007

6 Dictionary of Borana Culture Ton Leus 2006

7 Galmee Jechoota Afaan Oromoo Wiirtuu Qo’annoofi Qorannoo 1996


Afaanota Itoophiyaa

8 Jechoota saayinsaawaafi Biiroo Barnoota Oromiyaa 1992


Teeknikaawaa

9 A Concise Vocabulary of Oromo H. Stroomer 1995

10 Galmee Jechoota Afaan Oromoo, Biiroo Aadaafi Oromiyaa 1997


Araamaafi Ingilizii

Kanneen Hafan Barreessi

2. BARRUULEE

Barruuleen gosa barreeffamaa ta’ee dhimma garaagaraa irratti xiyyeeffachuun ji’atti, ji’a saditti, ji’a ja’atti
ykn waggaatti altokko qophaa’uu danda’a. Innis mata dureewwaan adda addaa irratti xiyyeeffachuun
barsiisuu, beeksisuufi bashannansiisuuf barreeffamuu danda’a. Barruulee yeroo kana keessa qophaa’aa
jiranii jijiirra oolaa jiraniifi hojiin ala ta’an yoo ilaallu:-

T. Lakk. Barruulee Qaama Qopheesse Bara

25 | P a g e
1 Innika Baqqalaa Nadhii fi Gannat Gurmeessaa 1992

2 Ichima Dhaabaa Wayyeessaa 1993

3 Wiirtuu Biiroo Aadaafi Beeksisa Oromiyaa 1995

4 Barnoota Qubeefi Biiroo Barnoota Oromiyaa 1994


Dubbisa Afaan
Oromoo

5 Oromiyaa Haa Biiroo Daldalaa Industiriifi Turizimii 1997


Barannu Oromiyaa

6 Kallattii BiirOO Karooraafi Misooma Diinagdee 1996


Misoomaa Oromiyaa

7 Calanqoo Biiroo Misooma Qonnaa Oromiyaa 1996

8 Sanduuqa Biiroo Faayinaansii Oromiyaa 1996


Oromiyaa

9 Gadaa Bokkuu Gadaa Dhaabbata Maxx.fi 1993


Beeksisaa

10 Sinbirtuu Gumii Dagaagina Afaan Oromoo 1993

11 Odaa Intarpiraayizii Odaa 1993

12 Beekaa Mushurraa Tagany 1995

Kanneen Hafan Barreessi

3. GALAALCHA /GAAZEXAA/

Galaalchi barreeffamaan guyyaatti, torbanitti ykn torbee lamaan yeroo tokko kan qophaa’u ta’ee,
barsiisuuf, beeksisuuf akkasumas bashannansiisuuf kan gargaarudha. Hojiileen galaalchotaan
ka’an kunniinis seenaa ogbarruu oromoo keessatti guddina ogbarruu oromoof gumacha guddaa
qaba. Haaluma kanaan galaalchanni bara kana keessa hojiirra oolaniifi sababoota garaagaraan
yeroo ammaa hojiirra hin jirre yoo kaafnu:-

T. Lakk. Galaalcha Qaama Qopheessee Bara

1 Bariisaa Dhaabbata Maxxansaa Itoophiyaa ( jalqaba 1975

26 | P a g e
Qubee Saabaan )

2 Oromiyaa DHDUO 1992

3 Kallacha Oromiyaa DHDUO 1993

4 Sagalee Adda Bilisummaa Oromoo 1993

5 Magalata Oromiyaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa 1996

Kanneen Hafan Barreessi

4. KITAABOLEE

Barreeffamoonni bifa kitaabaan bahan dhimmoota garaagaraa irratti xiyyeeffachuun


barraa’anii carraa yeroo dheeraaf turuu kan qabaniidha. Akka gaazexaafi barruulee yeroo
muraasa eeganii kan bahaniifi badan osoo hin taane itti yaadamee bifa idilee ta’een kan
qophaa’udha. Kana malees, kitaabni qabeenya dhalootaa dhalootatti darbuudha.
Barreeffamoonni bifa kitaabaan barraa’anii bahan kanneen akka

4.1. Kitaabolee Seerlugaa

Kitaabileen seerlugaa akka waliigalaatti seera afaanii giddugaleessa godhachuun kan barreeffamaniidha.
Seerlugni kallattii guddinni afaan tokkoo ittiin madaalamu waan ta’eef afaan oromoo irratti kitaabolee
barreeffaman keessaa kanneen ijoo ta’an yoo ilaale:-

T. Lakk. Kitaaba Barreessitoota Bara

1 Sketch of written Oromo structure Catherine Greifnow 2002


Mewis

2 Barnoota Oromiffaa:- seera Qajeelcha Afaanii Toleeraa Tasammaafi 1993


Hundee Toleeraa

3 A short Guide to the oromo language Qajeelaa Mardaasaa 1993

4 Qorlugaafi Seerluga Afaan Oromoo Wasanee Bashaa 1996

5 Seerluga Afaan Oromoo Tilahuun Gamtaa 1995

6 Seerluga Afaan Oromoo Beellamaa Likkiisaa 2004

7 Caasluga Afaan Oromoo Biiroo aadaafi Turizimii 1995

27 | P a g e
Oromiyaa

8 A Grammar of Borana Oromo H.Stroomer 1995

9 A Grammar Harar Oromo Jonathan Owens 1985

10 Seerluga Afaan Oromoo Taklee Qinaaxxii 2002

11 Qaraa Wasanee Bashaa 2003

Kanneen Hafan Barreessi

4.2. ASOOSAMOOTA

Asoosamni kallattii guddinni afaan tokkoo ittiin madaalamuufi dhugaa hawaasa keessa jiru
namfakkootaan, yoomessa, jaargocha, ija, akkaataa, waldiddaafi kkf bakka buusuun kan
agarsiisudha. Afaan Oromootiin barreeffamoonni asoosamaa mul’achuu kan jalqaban kufaatii
mootummaa Dargii boodadha. Asoosamoota bara kanaa as barreeffaman muraasa yoo ilaalle:-

T. Lakk. Asoosamoota Barreessaa Bara

1 Booree Booranaa Abarraa Hambisaa 1993

2 Danaa Asaffaa Tafarraa 2000

3 Dhaamsa Abbaa Gaaddisaa Birruu 2002

4 Dirmammuu Taklee Qinaaxxii 1995

5 Godaannisa Dhaabaa Wayyeessaa 1996

6 Hawwii Isaayaas Hordofaa 1995

7 Imimmaan Haadhaa Toleeraa Fiqruu 2008

8 Kuusaa Gadoo Gaaddisaa Birruu 1990

9 Seenaafi Seexaa Tafarii Nugusee 2008

10 Suuraa Abdii Kumsaa Burraayyuu

11 Yeroon Siif Haadhiiftu Isaayaas Hordofaa 2000

Kanneen Hafan Barreessi

4.3. WALALOO

28 | P a g e
Walaloon kan ilmi namaa gaddaafi gammachuu, hawwiifi fedhii, haala jireenya isaafi kkf ittiin
ibsachuuf gargaaru keessaa isa tokkoodha. Guddina ogbarruu afaan tokkoo ibsuufis baay’ee
barbaachisaadha. Walaloowwan Afaan Oromootiin bara kana keessa barreeffaman akka gosa
barreeffamoota biroo hin baay’atan. Walaloowwan bara kana keessa barreeffaman muraasa yoo
ilaalle:-

T. Lakk. Walaloo Barreessaa Bara

1 Anaaniyaa Asaffaa Tafarraa 1998

2 Decorus Decorum Asaffaa Tafarraa 2006

3 Edas Edanas Asaffaa Tafarraa 1996

4 Eenyuun Amanta Dastaa Dassaalany 2008

5 Mukukkula Miliyoon Tigist 2008

6 Oromo Oral Poetry Catherine Griefnow Mewis 2004

Kanneen hafan barreessi.

4.4. AFOOLA

Afoolli kanneen akka weedduu, himtee, dudhaa, mammaaksa,oduu durii, seeneffamoota, sirba,
geerarsa, tapha ijoollee, faaruu, eebba, abaarsa, jechamoota, waa’ee uumaafi kkf kan qabatu kan
namoota bakka hunda jiraniiti. Afoolli akkaataa ittiin jireenya hawaasaati. Barreeffamoonni afoola
irratti xiyyeeffataniifi Afaan Oromoon barreeffamanii bahan baay’eedha. Kanarratti qooda kan fedhate
lammiilee oromoo qofa osoo hin taane namoonni biyya alaas jiru. Barreefamoonni afoolaa bifa
barreeffamaan dhiyaatanis guddina ogbarruu oromoof gahee guddaa qabu. Kanneen keessaa muraasni:-

T. Lakk Walaloowwan Barreessaa Bara

1 An Anthology of Oromo Literature Claude Summer 1996

2 Daawitii W/Yohaannis Warqinaa 1996

3 Koobaa Dubbii Mohaammad Ahimad 1992

4 Mammaksa Keenya Asiraat Damissee 1992

5 Qorsa Sammuu Wabayyaa Galaan 1995

6 Oromo Wisdom Literature ( V-1) Proverb Claude Summer 1995


29 | P a g e
7 Oromo Wisdom Literature ( V-2) Foltales Claude Summer 1996

8 Oromo Wisdom Literature ( V-3) Song Claude Summer 1998

9 Theorizing the Present Asaffaa Tafarraa 2004

10 Faandhoofticha Gadoofi Asoosamoota Hinseenee Makuriyaa 2008


Gaggabaaboo

11 Oromo Sprichworte und-rede Catherine Griefnow 1994


Mewis& Tamene Bitima

12 Borana Folktales Sahilu Kidane 2002

13 Simbirroo Muluu Salamoon 2008

14 Baasaa Boortee Kiyya Aadam Kadiir Galatoo 2009

15 Mammaaksafi Weelluu Obsaa Tagany 1993

16 Kitaaba Fakkii Afaan Oromoo Claude Summer 1999

17 (Eela ) Asaffaa Tafarraa 2009

Kanneen Hafan Tarreessi

4.5. SEENAA

Barreeffamoonni seenaa uummata oromoos ta’ee namootaa guddina ogbarruu oromoo keessatti gahee
ol aanaa qabu. Kanneen bifa seenaan guddina ogbarruuf bu’aa buusan muraasni:-

T.Lakk Kitaabolee Seenaa Qopheessaa Bara

1 Seenaa Oromoo – Jaarraa 16ffaa Biiroo Aadaafi Turizimii 2005


Oromiyaa

2 Abbaa Gammachiis Tasgaraa Hirphoo 1999

3 Introduction to the Oromo People Gadaa Meelbaa 1998

4 Seenaafi Qabsoo Oromootaa Mohaammad Sayid 2004

Kanneen Hafan Barreessi

30 | P a g e

You might also like