You are on page 1of 10

YUNIVARSIITII DILLAA

Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Muummee Afaan oromoo Ogbarruu

Gaaffilee Ofmadaallii Koorsii


Asoosama Dheeraa Oromoo (Afol 315)
Maqaa miseensota L.W.K

1. Gammachu Bulloo------------------------------------0/9/05
2. Baatii Goobanaa--------------------------------------008/15
3. Abdurroo Shunaa-------------------------------------003/15
4. Amiinaa Naqeessoo-----------------------------------006/15
5. Abdii Bushuraa------------------------------------------001/15
6. Bukuraa Bullii------------------------------------------011/15
YUNIVARSIITII DILLAA

Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

Muummee Afaan oromoo Ogbarruu

Gaaffilee Ofmadaallii Koorsii Asoosama Dheeraa Oromoo (Afol 315)

Ajaja:Asoosamoota Dheeraa Oromoo GODAANNISA, SUURAA, ABDII ,KUUSAA


GADOO< KUDHAAMA JAALALAAFI kkkf jedhamu dubbisuudhaan gaaffile armaan
gadiitiif deebii kenni Qabatamummaa deebii keetii ragaa asoosamicha keessaa fuula wajjiin
waraabaa mirkaneessi !

1. Yoomessa asoosamichaa gurguddoo qofarratti hundaa’uun ragaa deeggarii agarsiisi!


I. Haalgalumsa Qabatamaa (physical Context)

Haalli qalumsa qabatamaa ibsa afaanii yoo ta’u asoosam godaannisaa keessatti. Gaafa beellama
keenyqaa peejxx dhan fandalalaa ganamaan dirree geennye magaalli dirree taliilee ishii yeroo
jalqabaas argifu haa hafuutii isaa keessa jiraatuu yoo afaan bansiistee hanbisti, Nibareeddi Manni
ishiifi karaan ishii nama gammachiisu muuza ,Burtukaana, hambaa, zaytoona, mango, qishexaa,
Mandariina , loomii ,kurumbaa, kaarota ,Timaatima ,raafuu, shankoora ,jimaa, tikkf dirree
dhuunfatanii ofitti nama waammu huccuu fi miini alaa gurguraaf naqamaniiru nimaalasiisu
shamarran diriyaa uffatanii mataa isaaniitis aguugatanii oliifi gadi basha’an qalbii hatanii nama
fa Dhaabaa 1992(54-55)

II. Haalgalumsa Hawaasaa (Social Context)

Haala galumsa hawaasaa keesstti haala hawaasni tokko itti jiraatu Isaan kaan immoo manneen
dubartoonni halkan karaairra dhaabata teessa jiraatanii dha. kutaa dhiphoo tokkotti afur shan
ta’anii galu. kutatti sana yoo danddame waan akka galgaa wahiitiitiin gargar qoodu yeroo dhira
waliin ciisaniis saalfu maal jedhu kan yaadatu hin jiru. maritt walcinaa qangalate akka namaman
fiincaanii dabareeeeqeeseenuu yoo tokko ka’u isa kantu itti darba. waalee jaallaa dubbachuun hin
jiru. yeroo dheeraa turuun hin danda’amu. waan isaa yeroo faan fiiganii of daldaluu dha. akka
jalala hin dhan dhandhamanneef jireenyaan qoroomaa jiru -----(Dhaabee 1992:121)

III. Akka Biyyaa (Local Color)


Akka biyyaa kanjedhu haala naannoon sun waliigalati keessa jiraatu kana yoo jennu akkaataa
uffannaa dubbannaafi kkf Ishiinsi maangoo, Buetukaanaa, Muuza, ijoollee gurguran harkaa
fuutee ilaalti. kan ishin jetuu garuu natty hindha ga’amu ta’ullee waan tokko birbaaddu naaf
gale-----Maal taate jedheen gaafadhe maaloo waan isaan jedhan naaf galuu dide ruubiyaa qarshii
habbaa tokkko shilingii tokkaafi Niira afur jedhu. hiika isaan wallaale jette. Ija saalfiitiin ana
ilaalte. (Dhaabaa 1992:37)

2. Gulantaawwan jaargocha asoosamaa GODAANNSA keessatti eessatti akka argamani ragaan


deggaramii dhiyeessi!Xiyyeeffannoon!
I. Ibsa (Exposition)

Ibsi seensa seenichaa yoo ta’u barreessaan seenduubee ykn odeeffanno qooddattota muraasatif
ibsa keenna lafti dhaloota koo wallaga keessa magaalaa billaa jedhamtuu dha. akkaataa ani itti
guddadhe keessa waan nama gammachiisaa hin jiru abbaan koo wagggaa saddeettifi walakkatti
haadha kootti na dhiise du’e. yeroo sana Obboleettiin koo kuulaniin ijoollee waggaa jahaa turte.
akka yeroon gadda isaa dhumeen haati koo hiriyyaa dhiiraa qabatte

Dhaabaa)(1992:7)

II. Ka’umsa Waldiddaa (Initative Incidence)

Ka’umsi waldiddaa humnoota lama jiddutti madda-----Booda keessa Mannaasoon yoo horin
harkatti baay’tu dhugee machaa’es jalqabe, Haadha koo wajjiin walgaaluunis ni eegale. Anaafi
Obboleettiin koo waggaa kudhaniif mana wasiila keenya wajjiin jiraanne Booda isiin haadha
manaa wasiila keeyaa wajiin walii galuu dadhabde. haadha keenya bira najjo deemte. yeroo
xinnoo turee Mannaasoon yoo machaa’ee dhufu ishiis haadha koo wajjiin wallitti rukutuu walitti
dhiituu jalqabe-------Dhaabaa (1992:8)

III. Olka’iinsa Gochaa (Compication/Rising Action)

Hirmaattonni seenaa ka’umsaa keessatti walbaraa dhufanii fedhii amalaafi kkf hawaasa keestti
beekkamoo ta’an. ---Hamma hafuurri ishii cifutti afaan kaa’uu dhaan ukkaamse. saalfattee
hanga irbaanni ka’utti obsife Irbaata fuutee yoo bishaan harkaa hanga irbanni ka’utti obsife
Irbaata fuuteee yoo bishaan harkaa fiddee dhuftu harka isaa dhiqatee harka ishii qabate waan isaa
bitaa iti galee jennaan yoo isiin yoo isiin gadi dhiifachuuf harkifattu takka butee of cinaa doph
godhe---kuulaniin osoo taltuu harkaa futtaaffttee yoo ishin gara fuula duraatti utaaltu miila ishii
qabee jennaan takaalamlee fuula ishiin lafatti rukkutame. yoo achii kaatee tuftu ilkaan ishii fuula
duraa tokko dhiigaan maramee lafa bu’e. mannaaloon osoo kanallee arge hinjedhin olbaatee
siree irra ishii buuse kana booda fedhii isaa dhugaatiin hawwe qabbaneesse (Dhaabaa 1992:9-10)

IV. Guutmiira (Climax)

Iddoon kun iddoo olaanaa ta’ee yeroo sabseenichi sadarkaa olaanaa ga’ee waldiddaan jirus
guddate. Adii uhuu!uhuu!uhuu!----abdii sagaleen akka jima jiquu natty dha qa’amnaan yoo
dudduuba kooti ilaalu taliieen dhabe. waan akka hurrii ijakootti marameee ijoolleen mooraasana
keessaa raajii kana dhga’uuf isaan dhaga’an immoo ijaan arguuf walcaccabsaa gagatu. diidnisan
altokkotti lafa qabaa fakkaateera. martiniwacu kan w/dhaggeeffatu hin jiru Ijoolleen lama nafa
taliliee karaa asfaltiiraa hammaaranii ol fuudhaan. fuulli ishii dhiigaan uwwifameera. sila laffi
baqaqee godinama hin liqimstutii. ija koo qabadheen daddafee deemee mooraa sana keessaa
ba’e. sagalee dubarta guyyaan itti dukkanaa’ee lafa lixxu dhaddee sardamtu tu sammuu kootti
dhaga’ama (Dhaabaa 1992=80

V. Bu’iinsaa Gochaa/Qabbanaa’uu (Falling Action (Denouement)

Waldiddaan uumame dhiphinna keessa galee hirachaa deemuun ta’umsaa tajiran ibsaa gara
furmaataa tideemuu dha. Taliileen jaalala na argisiftee, jaalala koo ajjeesitee eenyummaa koo
qullaa dhaabdee-eenyummaa koo eeboo natty qootee deemte Eeboo yeroo hundaa onnetti
dhaabbatee onnee dhiigu-----onnee dhiiqee dhiiga cobsee hin dhaabne natty dhiistee deemte.
jaalala isaas miyaa isaas gidiraa isaas hundumaa natty baachiftee hirriba hin damaqne rafte.
qofaa koo taa’uu barbaade, yeroon deebi’ee faaras magaalaa ga’u mucaa natty agarsiiseef qarshii
shan keenneen of irraa gaggeess (Dhaabaa 1992:100-101)

VI. Furmaata (Resolution)

Waldiddaan jiru farmaata argatee yeroo dhuma seenichaatti deemu tuujubaa waliin mi’a isii
qabnee manattii kootti galle dubartiin seenuun isaan jalqabaati Eergaan itti galee how’uun ishiis
isa jalqabati. tuujubaan oliifi qadi fiigee waan hundumaa qixxeesse. akka dubartii kaametti asii
achi jedhee nyaataas dhugaatiis waliin ga’e akka haasofnetti lafitti bari’e ganamaas mana hojii
hin deemne. Bakka mi’i manaa bitamu nageessi jette kuulaniin Manattiin koo duwwaa dha utuu
ani hin yaadatin ishiin yaadhatte----waaree boode waan barbaachisu hunda guunnee manattiin
duri bookeen itti hursaa oolttu aduu sanaa jalqabee dhihee bari’u kuulanii waliin hoosofnee hin
quufnu. (Dhaabaa 1992=148-149)

VII. Goolaba (Conclusion)


Waldiddaan jiru yeroo furmaata itti argatu. Add Nahin beektuu moo jette imimmaaniin
hudhamaa ojedheen ilaale ---Dubartii diimtuu---rifeensa dheeraa----ija gurgudaa babbareedduu
kana woo hin yaadattuu’’jette quba ishii dheeraadhaan adda ishii tuqxee madaa hodhame fayye
godaannisa madaa yaadannoo waggaa sadiifi ji’a shan ture jette .dhaabbattu mataaishii qabdee
kuniis jette osoo deebii na irraa hin argatin kuniis yaadanoo waggaa sadiiti ji’a saddeetiiti.
jalqabmuiuumama ishii godaannise kana ji’a sadiidursa’’-------otoo yeroo xinnoof qofa kophaa
koona dhiifftee’n jedhe harka koo lammaaniin sammuu koo qabadhee tole boodan siit
bilbilaa’Mucaa ishii harka qabattee yerro balbata irra geessu of duuba garaagaltee abdii---elaa
qubeelaan keess jira’’jette quba ishii natty agasiifte .akkan ilaalettan fajajee hate. (Dhaabaa
1992:156-157)

3, Tooftaawwan Ogbarruu (Literary Techniques)ijaarsa jaargochaa asoosichi ergaa


asoosamichaa dagaagsuuf itti gargaarame maalfaa akka ta’an ragaan deeggarii ibsi!

I. Addeessuu (Describing)

Addeessuun asoosama keessatti haala sammuu dubbis tootaa keessatti maalummaa wantoota
addeessamuusirritti kaa’uu dha asoosame Godaannisaa keessatti haala Abdiisaan wayinsheetin
addeesse ---Dhaqni ishii guutuu-dhiigni ishii guutuu dha magaala iisa gurguddaa kan bisiin
nyaara ishii walwal irra ciise inni gamaati gamanaa waltuquu qa’u funyaan ishiidhuma ishiitti
qabaabbtee qaawwiisaa lamaan babalaa dha hidhiinishii inni fufurdaan timaa timaatima bilchaate
takkaafu yoo garar banamu ilkaan dhaabbiin isaanii nama gammachiisufu gad ba’a kan tumaan
isaanii baddeessaa fakkaatu-yeroo deemtu annee namaa teessa deebitu fakkaatti------
(Dhaabaa(1992-12-13)

II. Mildhuu (Flashback)

Duubatti deebi’uun seenaawwan darban dubbistoota yaadachiisuun kan seeneffamaa jiruu


walqabsiisuudha.-------Ishiin warra isheef mucaa angafaa ta’uu ishii----Obbolaan dubaraa lama
qofa akka qabdu---Haati ishii sababa dhukkubsattuu taateef yeroo baay’ee akka siree irraa hin
buune---abbaan isaanii ba’aa baatee gatii dafqa argatuun akka isaan guddise------halkanii fi
guyyaa dhukkuba haadhaa isaanii yaad’ee akka iribadhabu ofii isaa boqonnaa dhabee:utuu
hiriyyoota isaanii tiin gadi hin ta’in akka isaa barsiise ----ishiin sababa angafa taateef yeroo
araqee basuudhan ykn waaan tokko tokko hojjachuudhan isa gurguruuf kaatullee akka inni hin
ta’u jedhu. (Dhaabaa 1992:44)

III. Himageree (Foreshadowing)


Hamagereen gara fuulduraatti maaltu itti aanee akka dhufa tilmaamuu dha. Akkaataan koo kun
booda maal irraan akka naga’u yaadee jennaan sodaachise jaalalaan dhukkbsataa,barnoota
isaayyuu barnoota yunivarsitii keessaa ba’uu akka hin dandeenye ifee natty mul’ate barnoota
yuniverstii xumuree hojii hin qabadhu taanaan immoo beelaa fi dheebuun rakkoo fi gidiraan-----

Isaan isoollummaa dha jalqabanii qeensa miila kootti hamma rifeensa mataa kootti natty
xaxamanii natty rama’anii nafaana deeman.moo’umsa argatanii gudina dhidhimsu na injatufu
qormaata jireenya isa cimattan seena ``kanaaf,tarkaanfii tokko fudhachuun qaba’’n jedhe.
(Dhaabaa 1992:14)

IV. Dubbii Qoolaa gosa Fakkoomii(Symbolism)

Dubbiin qoola Assoosamni Gaadnsaa ittiin fayyadame hedduu yoo ta’u isa keessaa gosa dubbii
qolaa Nameessuu ----Odaan gaaddisa isaa nu irra diriisee---aadaan birraa ilillii ishii nu irraa
facaasee----biiffuun gara soddomaa gidduu keenyatti baatee lafa ibsite------Urjiiwwanntti
naanna’anii hiriiran:-----kormii ni baroode-ameessi ni marate jabbiin haadhti yaate---kiiloolleen
ni kiiloolte simbirroon nutti marsanii weeddisan-----lagniifi tulluun ni ragada (Dhaabaa 1992:59)

4. Gosa ija dubbii asoosamichi ittiin dhiyaate maal akka ta’e ragaan deeggarii agarsiisi!

Gosti isa dubbii asoosamichi Godaannisaa ittiin dhiyaate gosa isa dubii ramaddii tokkoffaati
Dhuma woxabajjii yeroo Biilaatti deebi’u hanga hin milkoofnes Iyyeessii fi gabaan wal hin
argattu akka jedhan, isaan garaan koo fedhe fuula achi ana irraa qabatan. Tarii iyyuma kootiif
natuffatanii ta’a Isaan ana barbaadan immoo sammuu koottu fudhachuu dede Harka caalu kan an
yeroo dabarse asii achii jedhee maallaqa waliitti qabachuudhani Firootni abbaa kootiis ana
gatagaaranii akkuma ta’etti qarshii guduunfadheera. (Dhaabaa 1992:30)

2.2 Gaaffwwan armaan gaditti dhiyaatan namfakkiifi Tooftaawwan Namfakkeessuu


(Character and Techniques of Characterztion asoosamicha irratti hundaa’uun deebii
kenni!
2.2.1 . Namfakkeessuu Akkaataa Amala Namfakkootaatiin
1) Qooddataa/-oota Kootamaa (protagonist charater)

Qooddatoota muummichaa seenaan irratti xiyyeeffate Asoosama godaannisaa keessatti


qoddattronni kootamaa 1. Abdiisaa soolan 2. Waynisheetii taliiele yoo ta’an waan kunniin
asoosama kana keessatti qoddattoota seenaan kun irratti xiyyeeffatee yeroo tokko tokko
dhokkachuun mul’ataa turanii dha.

2) Qooddataa/-oota Masaanuu (Antagonistic Character)


Gocha qooddataa kootamaa mormuun hiruu

Asoosama Godaannisaa kana keessatti qooddattonni masaanuun Abdiisafi Wajunsheeti yoo


ta’an yeroo inni jaalalaa fi ishii barbaadu ishiin diduun waldidaa yoo furan yeroo lammaffaa
irratti immoo yeroo ishiin barbaadduu innis diduun Waldhabaa turan yeroo Meeroon Abdisaa
barbaaddu Abdisaan gocha isii kana morumuun akkasumas nama akka isii akka hin barbaanne
itti himuun of irraa ariaate.

VIII. Asoosamn filattan akaakuu jaargochoota keessaa kamiin dhiyaate?Fakkeenyaan


ibsuun fakkiin agarsiisi!

Asoosamichi Godaannisa akkaakuu asoosama dheeraa seenaatiin kan dhiyaatee dha. Lafti
dhaloota koo wallagga keessa magaalaa Biilaa jedhamtuu dha. Akkaataan ani itti guddadhe
keessa waan nama gammachiisu hin jiru Abbaan koo waggaa saddeetiifi walakkatti haadha
koottina dhiisee du’e yeroo sana obboleettiin koo kuulaniin ijoollee waggaa ja’aa ture. akka
yeroon gadda isa dhumeen haati koo hiriyyaa dhiiraa qabatte-----(Dhaabaa 1992:8)

2.2.2. Namfakkeessuu Akkaataa Hirmaannaafi jijkrama Namfakkootaan

1) Namfakkii Marsaa (Round Character)

Namfakkan marsaan qoodattoota hirmaannaa hanga dhumaa keessatti jijjirama qaama qalbii
hawaasuummaa dinagdeeti haalaafi amala kenneen agarsiisanii dha. haaluma kanaan asoosama
Godaannisaa keessatti nam fakkiin marsaan Abdisaa soolan yoo ta’u Abdiisaan asosama kana
keessatti amalaafi qaamaa qalbii akkasumas haala isaa jijjiiruun hanga dhumaatti kan hirmaatee
dha.

2,/ Namfakkii Diriiraa (Flata Character)

Akkuma mulataniin salphatti amalaafi fedhiin isaanii maal akka ta’e adda baasamu haaluma
kanaan asoosama Godaannisa keessatti namfakkoon diriiraan -1- mannaaloo Balaay 2. Kaahel 3.
Almaazifi 4. Tuujubaa dha. Hirmaattonni kunnin asoosamicha keessatti akka salphatti of mudhi
suudhan amalaafi fidiin isaanii akka salphatti maal akka ta’e adda baasuun kan hirmaatanii dha.

2.2.3. Akkaataa Namfakkeessuu gama eenyummaan namfakkootaa ittiin ibsameen


(dhiyaateen)

I. Himuun (Telling)
Abdisaa soolan maqaa kookti kan ani ittiin waamamu maqaa kana abba koottu naaf baase Inni
dhihe ni bar’a inni dukkanaa’e ni ifa jedheeti Bokkaan arfaasaa ni rooba Margisaa ni lalisa-
Aduun birraas ni baati aadaanis ni dardar ti jedheeti------Ibsaan adii koo hin dhaamne Ibsaan
addii koo si;I gaafa tokko nama taatee bakka koo magarsita -----(Dhaabaa 1992:1)

II Agarsiisuu (Showinng)

Rakkoo ykn wanta ta’aa jiru toko dubbiin agarsiisuu dha. wayinsheeti akkanatti dhiyaattee na
dubbifti jedhee yaadee hin beeku ishiinis akkuma koo qawaanii uffatteetti baga kanaaf geese
baga gammadde naan jette fuula ishii ibsitee sagaale ishii isan waqqaa sadiin dura dhagahe
wajjiin walfakkaachuu dide Inni yeroo sanaa sagalee gogaa Inni ammaa sagalee fedhiin kuulama
ture. Baga waliin gammadne! ----Atiis baga kanaaf geese naasuu keessa kootii dhaksuuf yaaleen
fuula koo humnaan ibsee dubbadhe---(Dhaabaa 1992:107)

2.3 Yoomessa asoosamicha raga qabatamaa asoosamicha keessaa waraabuun


gabaabsii agarsiisi!

Yoomessa Asoosama Godaannisa ---lafti dhiheera yuunvarsiitin haramaayaa magaalattii irraa


kiloomeetira shan fagaatee konkolaatonni name tokkotti shilingii fudhatanii sana jidduu
deddeebisaa jiru garu intala kana akkaniin godha? Osoo dhiira waliin deemee ta’ee salphaa dha .
dhaqnee doormii ijoollee buluu ni dandeenyaa yeroo sanatti dubartii qeessee eesssan bullcha
akkan geessee dubartoota mooraa sanaatti hin kennine naman beeku hin qabu.-----(Dhaabaa
1992:39-40)

2.4 Dhaamsa Waliigala asoosamichaa gama ergaawwan xixiqqoo yoomeessaa


asoosamichaa ijaarsa namfakkootaafi tooftaa namfakkeessuutiin darbaniirra
dhaabbachuun gabaabsii ibsii!

Asoosamichi gama ergaawwan xixiqqootiin akkaataan Abdiisaan soolan itti guddateefi haalli
yeroo gare yunverstiitty deemee jaalalaan qabamuun wayiniseetiin yoo jaalachuuf qaafatu ishiin
immoo kaayyoo baateef osoo hin daganne yeroo barnoota ofiitiif kennuuf isa digde. Haluma
kanaan Abdiisaan manneen dhugaatii deemuun rakkoon hamtuun isa muudachuu kana irratti
jaalachuun kana irraa osoo hin baratin ammas taliilee karaa irratti jaalachuun erga waliigalanii
boode ishiin immo kaayyoo baateef haala itti guddatteefi haala maatii ishii daagachuun
guwwmmtee jalalaan qabammuun Olfoottee barnoota ishii addaan kutuudhen rakoon hamaaniifi
dararaan guddaan irra gahee jira haaluma kanaan sababa ishiin baddeef abdisaaniis yaadaafi
rakoon irra ga’uun erga Obboleettii isaa bakka kishiin jirtuu argatee booda xiqqoo rakkoo san
dagatee dhufee jira. haaluma kanaan gaafa guyyaa taliileen garatti nahafe jette itti himun osoo
inni jalaaaqatee osoo isa faana fiigdu kuftee adda ishii irra madoottee madaan soni Godaanisa
godhate irraa kaasuun maqaan asoosama kanaa godaannisa jedhamee itti moggaafame.

3. Tooftaawwan Ogumaa (Literary Techinques)asoosichi ergaa asoosamichaa dagaagsuuf


itti gargaarame maalfaa akka ta’an raga asoosamichaatiin deeggaraa ibsi!
I. Ofiindubbi (Minologue)

Maaliif akka kana hojjatte beektaa atii jedhee gaafiin nasaiduu jalqabe. Ofififii----amma cal
jedhi Amma waan akkasii nah in gaafatin hin beeku cal jechuu hin danda’u maaliifan callisa sila
maaliitan siwaliin uumame?yaaduuf-xiinxalluuf-gadifageessee xiinxalluuf hamaa fi gaarii
gingilche addaan baasuuf ani callisiinaan ati loon taata Maalaf----Maaliif akkas jeete? Hinbeeku
Maaloo na dhiisi waan darbee dha Bishaan dhangala’e hin hammaaramu faayidaa hin qabu atis
ishiinis hundumtuu nidabartu Inni kaleessa hojjatame inni kaleessa ture har’a dabreera jedhama -
---(Dhaabaa 1992:60)

II. Waliindubbii (Dialogue)

``Har’as nan dhufe kaa jedheen harka koo itti hixxadhee fuulaishii irraa waa tokkoo dubbisuu hin
dandeennye

``Akkamree?” jedhe

``Fayyee”

``Barrnoonni akkam?”

``Gaarii”

``Qormaanni dhiyaatee mitii? Akkam qophooflee?”

``Ehee-qophaa’aan jira --------

``Maaliit nabarbaadde? Natti himkka naanjette------

``A-ani illee------“Arrabnii koo


naa ajajamuu dide.

``Ihii?”---------anillee sin jaaladhe-------

You might also like