You are on page 1of 10

WALDAA AKSIYOONA DALDALAA WALIIGALAA

MAAYAA GUDDOO (MAYA GUDO GENERAL TRADING


SHARE COMPANY)
BARREEFFAMA HUNDEEFFAMA
Nuti maqaa lammummaa fi teessoon keenyaa barreeffamaa hundeeffamaa
kanarratti mul’atuu fi mallatto keenya gara dhumaa irratti argamu,
WALDAA AKSIYOONA MAAYAA GUDDOO Daldala Maraa waldaa
aksiyoonaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e hundeessuun waan nu
barbaachiseef, barreeffama kanaan wal qabate mirkanneessuuf, qaama
haqaa fi seeraa daldalaa itoophiyaa ka’uumsa godhannee socho’uuf
hayyamameen walii galleerra.
KEWWATA TOKKOO
MAQAA MISEENSOTAA, LAMMUUMMAA FI TEESSOO

L Maqaa Guutuu Lammumma Teessoo


a a Godina Aanaa Ganda/ Lakkoofsa
k Araddaa Manaa
k
1. Itoophiyaa H/Bahaa H/maayaa Ugaaz Leencaa

KEEWWATA LAMA
MAQAA WALDAA
Maqaa waldaa kana WALDAA AKSIYOONA DALDALA MAAYAA
GUDDOO jedhamee moggaaffameera.

KEEWWATA SADII
TEESSOO WALDICHAA
Waajjirri ol’aanaa waldichaa Naannoo oromiyaa Godina Harargee Bahaa
Aanaa Haramaayaa Magaalaa Haramaayaa Ganda 01 keessa yommuu ta’u
akka barbaachisaa ta’etti waldichi biyyaa keessaa fi alaatti dameelee adda
addaa banachuu ni danda’a.
KEEWWATA AFUR
KAAYYOO WALDICHAA
1) Hojii Oomisha Bunaa erguu irratti boobba’uu
2) Oomisha jimaa gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif daldala jimlaadhaan
dhiyeessu fi raabsuu
3) Meeshalee dhumoo, dhaabbii fi meeshalee bu’uraa nyaataa fichisiisuu fi
raabsuu
4) Daldala Jimlaa fi qinxaaboo Meeshalee bu’uraa nyaataa fichisiisu fi
raabsuu
5) Daldala Jimlaa fi qinxaaboo Hojii shaqaxa erguu, fichisiiuu fi raabsuu.
6) Horii horsiisuu fi furdisuun gabaa biyya keessaa fi alaatiif
dhiheessuu/erguu
7) Meeshaalee fi dhiheessa Nyaataa fi Dhugaatii adda addaa erguu,
fichisiisuu fi raabsuu
8) Oomishaa fi Dhiheessa Nyaataa fi Dhugaatii adda addaaa erguu,
fichisiisuu fi raabsuu
9) Mana Barnootaa Bu'ura Boruu/KG/ Hanga Sadarkaa 2ffaa fi Koollejjii
10) Daldala albuudaa biyya alaa fi biyya keessaa fichisissuu, erguu fi
hojjachuu
11) Uffataa fi Uffata Seeraa fi kkf fichisiisu fi raabsuu
12) Konkolaata fe’insaa fi tajaajiila adda addaatiif oolan biyya alaatii
fiduu fi raabsuu
13) Maashinoota Adda addaa fichisiisuu fi raabsuu
14) Midhaan erguu fi fichisiisuu
15) Baaltinnaa (Hawaajaalee) mi’eessituulee fi urgeessituulee adda addaa
Fichisiisuu, erguu fi raabsuu.
16) Meeshaalee Qonnaa, calla guddistuu fi sanyii filatamaa fichisiisuu,
erguu, raabsuu.
17) Boba’aa fichisiisuu fi raabsuu,
18) Meeshaalee industrii fichisiisuu fi raabsuu fi dhaabuu,
19) Baankii Dhaabuu

KEEWWATA SHAN
KAAPPITAALAA WALDICHAA
Waldichaa kaappitaalaa waliigalaa qarshii 1,080,000.00 (miliyoona tokkoo
fi kuma saddeetam qoofa) ta’ee, gatiin aksiyoona tokkoo qarshii 1,000
(kuma tokko) yammuu ta’u aksiyoonota 1080 ’n (Kuma tokkoo fi
saddeettama) qoodameera kaappitaalli waliigalaa kun qarshii 1,080,000.00
(miliyoona tokkoo fi kuma saddeetama qofa) ta’e mallaqaa dheedhiitiin
galii ta’eera.
Keewwata 6
Hirmaannaa Aksiyoonaa
Hirmaannaan Aksiyoona Waldichaa akkaataa armaan gadiitiin
kan ibsamee dha.
lak Maqaa Abbootii Baay'ina Gatii Waliigala
k Aksiyoonaa Aksiyoonaa Tokkoo
1.

Keewwata 7
Miseensota Waldaa Aksiyoonichaa
1. Miseensonni waldaa aksiyoonichaa lakkoofsaan kan beekaman
ta’u.
2. Miseensota waldaa aksiyoonichaa gidduutti walitti dabarsuun
gahee yookiin sheerii daangaa hin qabu. Sheerii nama
miseensa hin taaneef dabarsuuf Boordii daayirektarootaatiin
murtaa’u qaba.
3. Miseensi yookiin bakka bu’aan seeraa isaa yaa’ii (walgahii)
waldaan aksiyoonichaa irratti kan argamu yoo ta’u mirgaa fi
dirqama waldaa aksiyoonichaatiin irraa barbaadamu hunda ni
raawwata.
Keewwata 8
Mirga Abbootiin Aksiyoonaa Aksiyoonota gara Fuulduraatti
Bahan irratti Qabaatan
1. Abbootiin aksiyoonaa miseensota waldichaa keessattuu
hundeessitoota ta’an aksiyoonota gara fuulduraatti bahan
kaffaltii gatii tajaajilaatiin ala gatii qeenxee aksoyoonaa irratti
hundaa’uun mirga dursanii bitachuu ni qabaatu.
2. Namootni miseensa waldichaa hin turree fi aksiyoonota haaraa
bitanu bu’uura Boordii daarektarootaatiin murtaa’uun gatii
tokkoon tokkoon aksiyoonaa irratti kaffaltii tajaajilaa yookiin
kaffalttii piriimiyeemii galii waldichaatiif oolu kaffaluutu irraa
eegama.
Keewwata 9
Itti gaafatamummaa Abbootii Aksiyoonotaa
Itti gaafatamummaan Abbootiin aksiyoonotaa hamma gahee
aksiyoonaa waldaa aksiyoonochaa keessaa qabaniin ta’a.

Keewwata 10
Hirmaannaa Bu’aa fi Kisaaraa
1) Yeroo mara dhuma waggaa irratti madaalli herregaa (balance
sheet) qabeenya, bu’aa fi idaa agarsiisu qophaa’ee Boordii
Daayirakterotaatiif ni dhiyaata.
2) Boordiin Daayiraktarootaa fi Oditarootni gabaasa waggaa
haala sanadootni herregaa waldaa aksiyoonichaa irra jiru, ibsa
bu’aa fi kisaaraa fi lakkoofsa qabeenyaa agarsiisan walgahii
Yaa’ii guutuu idilee guyyoota 15 dursee abbootii aksiyoonaatiif
dhiyaachuu qaba.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa (4) (a fi b) jalatti kan ibsame
akkuma jirutti ta’ee, ibsa herregaa waldaa aksiyoonichaa
keessatti bu’aa waggaa ibsame irraa baasiin gatii waliigalaa,
baasii maallaqa mi’oota dhumaaf (Amortaization) oolu, buusii
fi durgoo biroo, taaksii fi dirqamoota bara darbee erga hir’atee
booda kan hafu bu’aa qulqulluu dha.
4) Bu’aa qulqulluu waggaa irraa:
a) Kaappitaalli waliigalaa %20 hanga gahutti bu’aa qulqulluu
waggaa irraa %5 of-eeggannoof ni qabama.
b) Herregootni biroo of-eeggannoo fi baasiiwwan murtii yaa’ii
waliigalaatiin raggaasifaman yoo jiraatan hir’ifamee kan hafe
abbootii aksiyoonaatiif akka gahee aksiyoona isaaniitiin ni
hirama.
Keewwata 11
Qaamota Bulchiinsaa Waldaa Aksiyoonichaa
Qaamotni bulchiinsaa waldaa aksiyoonichaa:
a) Yaa’ii Waliigalaa abbootii aksiyoonaa
b) Boordii Daarektarootaa
c) Hojii Gaggeessaa
d) Oditaroota dha fi
e) Dameewwan hojii adda addaa (Secretariat) faa ta’u.

Keewwata 12
Yaa’ii waliigalaa
12.1. Qaamni ol’aanaan waldaa aksiyoonichaa yaa’ii waliigalaa abbootii
aksiyoonaa ti.
12.2. Miseensota Boordii daarektarootaa of keessaa ni fila, ni
muuda,ni haqa.
12.3. Oditaroota ol’aanaa ni muuda, ni shaara, durgoo isaanii ni
murteessa.
12.4. Kaffaltii tajaajilaa miseensota Boordii ni murteessa.
12.5. Bu’uura Seeraa daldaalaa lakk. 388 tiin miseensota yaa’ii
waliigalaa walgahii irratti hin argamin, kanneen yaadaan adda
bahan, kanneen dandeettii hin qabne yookiin kanneen sagalee
kennuuf dandeettii hin qabne yookiin sagalee kennuuf kanneen
mirga hin qabne bakka bu’uudhaan hojiiwwan waldichaa ni
raawwachiisa.
12.6. Yaa’iin Waliigalaa abbootii aksiyoonaa bu’uuara danbii ittiin
bulmaataa waldichaatiifi bu’uura seera daldaalaa itoophiyaa bara
1952 baheetiin itti gaafatamummaa isaa ni baha.
12.7. Gabaasaa raawwii hojii Boordii Darktarootaa fi gabaasa
herrega odiitarootaan dhiyaatuu fi karoora waldaa aksiyoonichaa
dhageeffatee ni mirkaneessa.
Keewwata 13
Boordii Daarektarootaa
1. Bu’uura Seera Daldaalaa Itoophiyaa Lakk. 347 tiin Boordiin
Daarektarootaa waldichaa itti waamamni isaanii Yaa’ii
Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaatiif ta’a.
2. Waldaan aksiyoonichaa kan hogganamu miseensota Boordii
Daarektarootaa miseensota 7(torba) qabuun ta’a. Barri tajaajilaa
isaanii waggaa 5 (shan) ta’a.
3. Bu’uuruma kanaan Miseensotni Boordii Daarektarootaa isaan
jalqabaa kanneen maqaan isaanii armaan gaditti ibsamanii dha.

a) ------------ Dura taa’aa Boordii


b) -------- I/A/Dura taa’aa Boordii
c) ------------------------ Barreessaa
d) ----------------- Miseensa
e) ------------------------ Miseensa
f) ------------------------------- Miseensa
g) ------------------------- Miseensa
h) --------------------------------- Miseensa
i) ----------------------------- Miseensa
4. Miseensi Boordii Daarektaraa yeroon filatameef yoo dhume
akkuma barbaachisummaa isaatti irra deebi’ee yeroo tokkoof
filatamuu ni danda’a.
5. Dura taa’aan, itti aanaan dura taa’aan, hojii gaggeessaanii fi
kanneen biroo Boordii Daarektarootatiin aangoon kennameef
maqaa waldaa aksiyoonichaatiin ni mallatteessu.
6. Barbaachisaa ta’ee yoo argame Boordiin Daarektarootaa
aangoo isaa dabarsee pireezidaantii Boordichaatiif kennuu ni
danda’a.
7. Walgahiin Boordii Daarektarootaa dura taa’aa yookiin itti
aanaa dura taa’aa Boordichaatiin ni waamama.
8. Murtiiwwan Boordii Daarektarootaa barreessaan yookiin nama
bakka bu’een galmee qaboo yaa’ii keessatti galmaa’anii ni taa’u.
9. Daarektaroonni itti gaafatamummaa dhuunfaa fi waliinii ni
qabaatu.
10. Miseensa Boordii Daarektaraa jijjiiruun yoo barbaachise seerri
daldaala Itoophiyaa lakk. 351 kan raawwatu ta’a. Daarektarri
tokko hojii isaa irraa yoo hafe bu’uura seera daldaala Itoophiyaa
lakk. 358 tiin kan raawwatu ta’a.
Keewwata 14
Aaangoo fi Itti Gaafatamummaa Boordii Daarektarootaa
Seeraan, barreeffama hundeeffamaa kanaaf fi dambii ittiin
bulaataatiin aangoon yaa’ii waliigalaa abbootii aksiyoonaatiif
kenname akkuma eegametti ta’ee Boordiin Daarektarootaa
aangoo fi gaheen hojii armaan gadii ni qabaata:-
14.1. Boordiin Daarektarootaa hojii waldaa aksiyoonichaa ni
qajeelcha, ni too’ata.
14.2. Imaammata waldichaa, karoora waggaa fi tarree sagantaa
hojii waldichaa murtii yaa’ii waliigalaa abbootii aksiyoonaatiif ni
dhiheessa. Yaa’ii waligalaatiin yeroo mirkanaa’e rawwii isaa ni
hordofa; ni too’ata.
14.3. Hojii gaggeessaa waldaa aksiyoonichaa fi hojjatoota biroo
qacaruu, dhoorkuu, gaggeessuu, akkasumas mindaa fi faayidaa
isaanii murteessuu.
14.4. Qabeenyaa waldichaa socho’uu fi hin sochoone to’achuu,
gurguruu, qabsiisanii baankii irraa liqeeffachuu, waliigaltee irratti
raawwachuu, mallatteessuu, yaada hojii barbaachisaa ta’e
maddisiisee abbootii aksiyoonaatiif dhiheessuu, waajjira dame
banuu faa.
14.5. Bulchiinsa waldaa aksiyoonichaa ol’aantummaan ni
qajeelcha; maqaa waldichaatiin ni himata; ni himatama. Waldicha
bakka bu’uun waajjiraalee mootummaattis ta’e dhaabbilee
dhuunfaatti dhiyaatee walgahiiwwan irratti ni hirmaata, ni
raawwata; ni raawwachiisa.
14.6. Maqaa Waldichaatiin lakkoofsi herrega baankii akka
banamu ni taasisa.
14.7. Dura taa’aa Boordii, I/A/D/Taa’aa Boordii fi Barreessaan
Boordii daarektaroota waliin ta’anii mallatteessuun lakkoofsa
herregga waldichaa ni sochoosu; cheekii irrattis waliin ta’anii
mallatteessun kaffaltiiwwan ni ajaju.
14.8. Boordiin Daarektaroota sochii maallaqaa waldichaa
ol’aantummaan ni too’ata; kallattii investimantii qorachuudhaan
sochii maallaqa waldichaa waliin yaa’ii waliigalaa abbootii
aksiyoonaatiif ni dhiheessa.
14.9. Murtiiwwan walgahii abbootii aksiyoonaatiin yeroo adda
addaa murtaa’an murtaa’an osoo yeroon isaanii hin darbin
tarkaaniffiiwwan hojii waaldaa aksiyoonichaa aadeemsisuuf
barbaachisan ni fudhaata.
14.10. Akka waliigalaatti Boordiin Daarektarootaa Barreeffama
Hundeeffama kana, danbii ittiin bulmaataa, akkasumas
murtiiwwan yaa’ii waliigalaa abbootii aksiyoonaatiin darbanii fi
tumaalee Seera daldaalaa bu’uura godhachuudhaan hojiiwwan
waldaa aksiyoonichaa raawwachuudhaaf aangoo fi itti
gaafatamummaa ni qaba.
Keewwata 15
Hojii Gaggeessaa
1. Bulchiinsi Waldaa aksiyoonichaa gaggeessaa hojii Boordii
Daarektarootaatiin filatameen kan gaggeeffamu ta’a. Bu’uuruma
kanaan Hojii Gaggeessaan Waldaa Aksiyoonichaa inni jalqabaa
ta’anni akka hojjatan filatamaniiru.
2. Gaggeessaan hojii hojiiwwan bu’uura barreeffama
hundeeffamaa kana danbii ittiin bulmaataa fi qajeelfamootaa
Boordii Daarektarootaatiin kennamaniif ni hojjata; akkasumas
hojiiwwan waldaa aksiyoonichaa barbaachisaa ta’an kamiiyyuu
ni raawwata.
Keewwata 16
Ooditaroota/Too’atoota
1. Waldaan aksiyoonichaa ooditara waggoota 3 tajaajilu ni
muuda; ooditarri muudamu nama yookiin dhaabbata hojii
qorannoo herregaa hojjachuuf hayyama argate ta’uu ni danda’a.
Hojiin Ooditarootaa bu’uura seera daldaalaa Itoophiyaatiin
qajeelfama.
2. Kaffaltiin tajaajila Ooditarootaa Yaa’ii waliigalaa waldaa
aksiyoonichaatiin ni murtaa’a.

Keewwata 17
Gabaasa Hojii Waldaa Aksiyoonichaa
1. Gabaasni hojii waldaa aksiyoonichaa barri baajataa waldichaa
xumuramee ji’a lama keessatti Boordii Daarektarootaatiin yaa’ii
waliigalaatiif ni dhihaata; yeroo kana keessatti daarektaroonni
galmee qabeenyaa, madaala herrega waggaa fi ibsa bu’aa fi
kisaaraa ni qindeessu.
2. Gabaasotni armaan olitti ibsaman kun waamicha yaa’ii
waliigalaa osoo hin dabarsin guyyoota 30 dura qophaa’anii
Ooditarootaaf kennamuu qabu.
Keewwata 18
Bara Baajataa Waldichaa
Barri baajataa waldaa aksiyoonichaa Adoolessa 1 jalqabamee
Waxabajjii 30tti kan xumuramu ta’ee, barri baajataa bara
jalqabaas guyyaa waldaan aksiyoonichaa galmaa’e irraa kaasee
hanga Waxabajjii 30tti ta’a.
Keewwata 19
Diigamuu Waldichaa fi Haala Herregni itti Qulqullaa’u
Haala waldichi itti diigamuu danda’us ta’ee adeemsi herregni
ittiin qulqullaa’u bu’uura seera daldaalaa Itoophiyaa bara 1952
bahee fi bu’uura seerota biyyattii dhimma kanaaf rogummaa
qabaniin kan raawwatamu ta’a.
Keewwata 20
Yeroo Turmaata Waldaa Aksiyoonichaa
Waldaan aksiyoonichaa yeroo hin murtaa’iniif kan dhaabbate
ta’ee, haalli dirqisiisaan yoo uumame bu’uura Seera daldaala
Itoophiyaa Lakk.495 tiin kan diigamu ta’a.
Keewwata 21
Waliigala
Dhimmoonni barreeffama hundeeffamaa kana keessatti hin
ibsamne yoo qunnaman akkuma barbaachisummaa isaatti
tumaaleen seera daldaalaa Itoophiyaa raawwatiinsa ni qabaatu.
Barreeffamni hundeeffamaa kun guyyaa har’aa
_________________ bara 2015 miseensota hundeesitootaan
dubbifamee mallatteeffameera.
Maqaa fi Mallattoo Abbootii Aksiyoonaa Hundeesitootaa
Lakk Maqaa Abbootii Aksiyoonaa Mallattoo Guyyaa

You might also like