You are on page 1of 10

Qajeelfama Kenniinsa Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Gorsitoota

Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo


Adoolessa, 2009
Finfinnee
Qajeelfama Kenniinsa Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Ogeessotaa fi Gorsitoota
Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo irratti
bobba’aniif bahe.

Seensa

Indaastiriin Konistiraakshinii guddina biyyaa keessatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf


Ogeeyyiin Konistiraakshinii gumaacha irra eeggamu akka Kennan taasisuuf, carraa hojii
uumanii hojiitti galchuun waan barbaachiseef;

Waldaalee Intarpirayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa sektara Indaastrii Konistiraakshinii irratti


bobba’an jajjabeessuun, dandeettii isaanii yeroo dha gara yerootti cimsuun, muuxannoo fi
dandeettii horataniin hojiiwwan Qorannoo’ Dizaayinii fi Too’annoo konistiraakshinii irratti
akka bobba’uu danda’an taasisuun waan barbaachiseef;

Jiraattonni magaalotaa tajaajila qophii pilaanii gamoo qulqullina qabu, gatii madaalawaan
dhiyeenyatti argatanii akka hojjachiifachuu danda’an gochuun waan barbaachiseef;

Qophii Pilaanii Gamoo waliin walqabatee hudhaalee kiraa sassaabdummaa fi


malaanmaltummaa hambisuuf jecha qaamota pilaanii gamoo qopheessan daangessuun
dhiyeenyaan too’achuun akka danda’amu taasisuun waan barbaachiseef; Qajeelfamni Kun
bu’uura Dambii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 192/2009 Keww. 25(7) fi (8) tiin bahee
jira.

KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA

1. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni Kun “Qajeelfama Addaa Kenniinsa Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Ogeessotaa fi
Gorsitoota Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo lakk.
01/2009” jedhamee waamamuu ni danda’a

2. Hiika
Akkaataan itti-fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, Qajeelfama
kana keessatti:
1) “Biiroo” jechuun Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa ti.
2) “Eejansii” jechuun Eejansii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa Magaalota Oromiyaa ti.
3) “Gamoo Ramaddii ‘A’” jechuun fageenya yookiin bal’ina utubaawwan sibiilaa yookiin kan
biroo lama gidduu jiru meetira 7 yookiin gamoo abbaa darbii lamaa gadii kamiyyuu kan ta’e
mana jireenyaa dhuunfaa ti.
4) “Gamoo Ramaddii ‘B’” jechuun fageenya yookiin bal’ina utubaawwan sibiilaa yookiin kan
biroo lama gidduu jiru meetira 7 ol kan ta’e yookiin gamoo abbaa darbii lamaa ol kan ta’ee fi
gamoo ramaddii ‘C’ jalatti kan hin hammatamne yookiin ramaddii ‘A’ jalatti kan ramadame
misooma manneenii kanneen akka Riil Isteetii ti.
5) “Gamoo Ramaddii ‘C’ ” jechuun gamoo tajaajila ummataatiif oolu yookiin gamoo
dhaabbataa ta’ee warshaa, workishooppii yookiin lafa irraa hanga dhumaatti kan dheerinni isaa
meetira 12 ol ta’e gamoo kamiyyuu ni hammata.
6) “Pilaanii” jechuun ragaa hanga gamoo tokkoo, akaakuu fi bal’ina, akkasumas meeshaa fi
dizzaayinii tooftaa ijaarsa gamoo agarsiisu yookiin moodeela yoo ta’u arkiteekicharii,
istiraakicharii, saanitarii, elektiriika ta’ee ittisa balaa ibiddaa fi hojiilee dizzaayinii biroo ni
dabalata.
7) “Waldaa” jechuun Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii qophii dizaayinii gamoo
irratti bobba’uuf bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Gorsaa Pilaanii
Gamoo fudhatee dha.
8) “Waraqaa Ragaa Ogummaa” jechuun waraqaa ragaa muxannoo fi gosa barnootaa irratti
hundaa’ee ogeessotaaf sadarkaa Biiroo ykn Minsteera konstraakshiiniiti kennamuu dha.
9) “Waraqaa Ragaa Ga’umsaa” jechuun ragaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqqaan
ulaagaalee baayina ogeeyyii konistiraakshinii fi meeshaalee barbaachisan qabaachuu isaanii
kan mirkaneessuu dha. Akkasumas hojii kana akka hojjataniif hayyamni kan kennameef ta’uu
ragaa agarsiisuu dha.

3. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Naannoo Oromiyaa keessatti, Ogeessotaa fi Gorsitoota Intarpiraayizii
Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba’aniif raawwatiinsa ni qabaata.

KUTAA LAMA
AANGOO FI HOJII DAAYREKTOREETII GALMEE FI MIRKANEESSA
GA’UMSAA
4. Aangoo fi Gahee Hojii
1) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa fudhachuuf, haaromsuuf, yookin foyyeessuuf iyyata dhiyaatu ni
fuudha, ni keessumeesa.
2) Iyyata bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa tokkoon dhiyaate ulaagalee qajeelfama
kanaan tumame guutuu isaa fi ragaalee dhiyaachuu qaban waliin dhiyaachuu isaa
qulqulleeffachuun iyyataaf ragaa kennuu, haaromsuu, foyyeessuu yookin kufaa taasisuu ni
danda’a.
3) Raawwii Waldaa keessatti dandeettii fi ga’umsa irraa eeggamu kan hin qabne ta’uu yoo
mirkaneesse yookin balleessaa naamusaa raawwachuu isaa yoo mirkaneesse bu’uura seeraatiin
Waraqaa Ragaa Ga’umsaa ittisuu yookin haquu ni danda’a. Balleessaa raawwataniifis, seera
Yakkaatiin yookin seera Hariiroo Hawaasummaatiin akka gaafataman taasisuu ni danda’a.
4) Waldaalee bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argatanii galmaa’an
yeroo yeroon ogeeyyii fi meeshaaleen hojiif barbaachisaa ta’an waajjira keessa jiraachuu
isaanii mirkaneeffachuu qaba.

KUTAA SADI
KENNIINSA WARAQAA RAGAA A GA’UMSAA
5. Iyyata
1) Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqqaan Hojii kenniinsa tajaajila qophii Pilaanii Gamoo
irratti bobba’uuf karaa Eejansii tiin gurmaa’an ulaagaalee dandeettii qajeelfama kana keessatti
caqasaman guuttachuu isaanii ragaa mul’isu dhiyeessuun Waraqaan Ragaa Ga’umsaa akka
kennamuuf uunkaa lakkoofsa 02 n gaafachuu danda’u.
2) Waldaaleen bu’ura keewwata 5(1) tiin gurmaa’an hojii Ijaarsa Pirojektootaa irrtti
hirmaachuuf iyyachuu hin danda’an.

6. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argachuuf Ragaalee dhiyaachuu qabani.


1) Barreeffama Hundeefamaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa Waldichaa qaama aangoo qabuun kan
mirkanaa’e (miseensota keessaa parsantiin torbaatamii shan ogeessa ta’uu qaba);
2) Xalayaa Deeggarsaa fi Waraqaa Ragaa Eejansii irraa Waldaan karaa seera qabeessa ta’een
gurmaa’uu isaa ibsu;
3) Iyyataan Bakka Bu’aa Waldichaa yoo ta’e Ragaa Bakka Bu’ummaa mirkanaa’ee fi koppii
isaa;
4) Waraqaa Ragaa Galmee Daldalaa;
5) Lakkoofsa Addaa Kaffalaa Gibiraa Waldichaa (TIN No.);
6) Waraqaa ragaa qabiyyee meeshaalee yookin iddoo hojii qajeelfama kanaan waldaan
guuttachuu qaba jedhamee caqasame qabaachuu isaanii mul’isu;
7) Waraqaa Ragaa Ogummaa miseensota Waldichaa.
8) Ragaa Barnootaa Ogeeyyii waldicha keessatti miseensa ta’an;
9) Suuraa abbaa (3 x 4) Miseensota waldichaa tokko tokko;
10) Waraqaa Eenyummaa Gandaa miseensota waldichaa;

7. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Haaromsuu


1) Waldaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa haaromsuuf qabxiilee armaan gadii guuttachuu qaba:
a) Dura taa’aan Waldichaa yookin Bakka Bu’aan seeraa waldichaa iyyata haaromsaa uunkaa
lakk. 02 irratti guutee dhiyeessuu;
b) Waraqaa Ragaa Ogummaa Ogeeyyii waldicha keessatti miseensa ta’an, bu’uura seeraatiin
kan haaromuu qabu yoo jiraate, haaromee dhiyaachuu;
c) Waldaan Gibira kaffaluu isaa ragaa agarsiisu;
d) Waliigaltee kiraa Waajjiraa akkaataa barbaachisummaa isaatti dhiyeessuu;
e) Hayyama daldalaa;
2) Waldaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Waggaa Waggaan ji’a Adoolessa 01, hanga Hagayya 30
keessatti haaromsuu qaba.

8. Kaffaltii Tajaajilaa
1) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa bilisaan kan kennamu ta’a.
2) Haaromsaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa qarshii 500.00 (Dhibba Shaniin) kan raawwatamu
ta’a.
3) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa yeroo keessatti haaromuu qabu osoo hin haromin kan ture yoo
ta’e adabbii maallaqaa, qarshii 100 (dhibba tokko), kaffaluun kan haaromfatu ta’a.

9. Qabiyyee Waraqaa Ragaa Ga’umsaa


Waraqaan Ragaa Ga’umsaa qabxiilee armaan gadii qabaachuu qaba:
1) Waraqaa Ragaan Ga’umsaa IMX kenname ta’uu isaa kan ibsuu;
2) Maqaa Waldaa guutuu fi sadarkaa itti gaafatamummaa isaa
3) Suuraa Dura Taa’aa waldichaa fi maqaa isaa;
4) Teessoo waldaa fi lakkoofsa bilbilaa
5) Waldaan bu’uura qajeelfama kanaatiin ragaan kan kennameefi jechuun lakkoofsa.
Qajeelfama kanaa caqasuu;
6) Guyyaa Ragichi itti kennaame fi lakkoofsa addaa;
7) Kaappitaala Waldaa;
8) Gosa, Ramadii, fi sadarkaa hayyamaa;
9) Gosa hojii Waldichi hojjachuu danda’uu fi gatii ol’aanaa pirojektii hojjachuu danda’uu;
10) Ragaan kenname waggaa tokkoof kan tajaajilu ta’uu isaa fi waggaa waggaan kan
haaromfamuu qabu ta’uu isaa ibsa jedhu;
11) Maqaa fi mallattoo Gaggeessaa ragaa kennee fi chaappaa Biirichaa fi
12) Qabiyyee guutamuu qaban kan biroo;

10. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Manca’e bakka buusuu


1) Waldaan Waraqaan Ragaa Ga’umsaa jalaa bade yookin manca’e haalota armaan gadii yoo
guute Waraqaan Ragaa ga’umsaa bakka ni buufamaaf
a) Waraqaan Ragaa ga’umsaa jalaa baduu isaa waajjira poolisii irraa ragaa dhiyeefachuun
uunkaa Lakk.02 irratti yoo iyyate;
b) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa kan manca’e yoo ta’e ragicha manca’e dhiyeessuun uunkaa
kanaaf qophaa’e uunka Lakk. 02 irratti iyyate;
c) Kaffaltii Tajaajilaa qarshii 100 (dhibba tokko) yoo kaffale;
11. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Dhoorkuu
1) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa sababoota armaan gadiitiif dhoorkamee turuu danda’a:
a) Waldaan ragaalee, gabaasota fi odeeffannoo Biirichaan gaafatame osoo hin dhiyeessin kan
hafe yoo ta’e;
b) Waldaan yookin miseensi waldichaa hojii isaa karaa sirrii hin taaneen raawwachuu isaatiif
maamila irraa komiin irratti yoo dhiyaate;
2) Waldaan Waraqaan Ragaa Ga’umsaa irraa dhorkame guyyaa shan keessati ragicha Biiroof
deebisuu qaba.
3) Ragaan bu’uura keewwata kanaatiin dhoorkamu yeroo ji’a lamaa tiif ittifamee tura.
Balleessaan
keewwata kana keewwata xiqqaa tokko jalatti raawwataman yeroo ji’a lama keessatti yoo
sirreeffaman dhoorkaan ni ka’a. Yoo hin sirreeffamin ta’e immoo ni haqama.
12. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Haquu
Waraqaan Ragaa Ga’umsaa sababoota armaan gadiitiin haqamuu ni danda’a.
1) Waldaan yoo diigame yookin fedhii isaatiin hojii dhaabee Ragicha yoo deebise;
2) Waraqaa Ragaa Ga’umsaatiin yakki kan raawwatame yoo ta’e yookin qaamni biroo seeraan
ala
akka itti fayyadamu yoo taasifame;
3) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argachuuf ragaan yookin odeeffannoon sobaa kan kenname
ta’uun
isaa yoo mirkanaa’e;
4) Ulaagaaleen ragichaaf barbaachisan kan hin guutane ta’ee yoo argame.
5) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa yeroo haaromfamuu qabu keessatti osoo hin haaromfamin ji’a
sadi
oli yoo ture.
6) Haala keewwata 11(3) tiin haqamuu ni danda’a.
13. Sirna Dhiyeessa Komii
1) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa baafachuuf, haaromsuuf, bakka buusuuf yookin ol guddifachuuf
iyyanni dhiyeesse seeraan ala kufaa na harkaa taasifame qaamni jedhu, yookin Waraqaan
6
Ragaa Ga’umsaa seeraan ala haqame yookin dhoorkame qaamni jedhu iyyata isaa Guyyaa 30
keessatti hoogganaa Biirichaatiif dhiyeessuu qaba.
2) Hogganaan komii dhiyaateef, ofii isaatiin ilaaluudhaan yookin koree komii kana ilaalu
hundeessuun yaada murtii akka dhiyeessaniif gochuun guyyoota 15 (Kudha shan) keessatti
murtii isaa barreeffamaan iyyataaf ni beeksisa. Ijoo dubbichaa irratti murtiin Biirichaan
kennamu, murtii dhumaa ta’a.
3) Murtii Hoogganaa Biirichaatiin kenname irratti qaamni komii qabu guyyaa murtichi
barreeffamaan isa ga’e irraa kaasee guyyoota jiran 30 keessatti dhimma seeraa qofa irratti mana
murtii aangoo qabutti oliyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’a.
4) Iyyannoon daangaa yeroo keewwata kanaan caqasame keessatti hin dhiyaatin fudhatama hin
qabu. Komii Sababa humnaa oliitiin daangaa yeroo tumame keessatti osoo hin dhiyaatin hafe,
Biirichi ofitti fuudhee ilaaluu ni danda’a.
KUTAA AFUR
ULAAGAALEE WARAQAA RAGAA GA’UMSAA GORSAA PILAANII
GAMOO
FI HOJII ISAA
14. Ulaagaalee Ogeeyyii Waldaa
1) Miseensi Waldaa hojii mootummaa ykn kan dhuunfaa tti kan qaxaramee hojjachaa jiru ta’uu
hin qabu.
2) Tarree gosa ogeeyyii miiltoo qajeelfama kanaa gabatee Lakk.1 irratti ibsame waldaan
guuttachuu dirqama qaba.
15. Tarree Meeshaalee Waldaan qabaachuu qabu
Waldaan bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argachuuf meeshaalee fi
iddoo
hojii Gabatee lakk.2 irratti caqasame qabaachuu qaba.
16. Hojiilee Waldaan hojjachuu danda’u
1) Waldaaleen bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa Ga’umsaa fudhatan hojii qophii
Pilaanii Gabatee lakk. 02 irratti caqasame hojjachuu danda’u.
2) Naannoo Oromiyaa keessatti hojiin qophii Pilaanii Gamoo keewwata kana keewwata xiqqaa
tokko jalatti caqasame Intarpiraayizoota Maykiroo fi Xixiqqaa bu’uura qajeelfama kanaatiin
galmaa’an qofaan hojjatamuu qaba.
7
17. Dirqama Waldaa fi Miseensota isaa
1) Waldaaleen hojii qophii pilaanii yeroo raawwatan Labsii Gamoo Naannichaa fi Dambii fi
Qajeelfama Labsii Gamoo raawwachiisuuf ba’aniin hoogganamuu qabu.
2) Waldaan hojii isaa yeroo raawwatu seerota, istaandardota, koodota, fi naamusa ogummaa
konistiraakshinii kabajuun hojjachuu qaba.
3) Waldaan hojii isaa qulqullinaan raawwachuu qaba.
4) Miseensi woldaa hojii mootummaatiin ta’ee dhuunfaan qaxaramee kan hojjachaa jiru
yoota’ee
argame woldaan seeraan kan itti gaafatamu ta’a.
5) Miseensi woldaa hojii biroo kan argate yoo ta’e haala seeraatiin miseensa biroo kan hojii hin
qabneen bakka bu’uu qaba.
6) Waldaan hojii qophii Pilaanii Gamoo gatii madaalawaa ta’een hojjachuu qaba. Gatiin
tajaajila
qophii Pilaanii Gamoo yoo akkam guddate, gatii waliigalaa ijaarsa gamoo irra parsantii 0.65
caaluu hin qabu.
7) Waldaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa erga fudhate booda adeemsa keessatti miseensi yoo
hir’ate
yookin jijjiirraan kamiyyuu taasifame guyyaa 15 keessatti Biiricha beeksisuu dirqama qaba.
KUTAA SHANI
TUMAALEE ADDA ADDAA
18. Aangoo fi Dirqama Biiroo fi Waajjiroota Konistiraakshinii
1) Wajirri Konistiraakshinii hojiin qophii pilaanii gamoo gatii madaalawaan akka hojjatamu ni
taasisaa, kanfaltiin tajaajila tilmaama gatii waliigalaa ijaarsa gamoo irra parsantii 0.65 kan hin
caalle ta’uu ni hordofa. Gatii tajaajilaa waliin wal qabatee komii fi dhiibbaa jiru adda baasuun
yaada furmaataa waliin Biirichaaf ni gabaasa.
2) Waajjirri Konistiraakshinii waldaaleen hojii isaanii qulqullinaan akka hojjatan taasisuuf
hordoffii fi deegarsa barbaachisu ni kenna.
3) Waajjirri Konistiraakshinii Eejansii waliin ta’uun Waldaaleen qophii Pilaanii Gamoo irratti
bobba’an baay’ina barbaadamuun akka jiraatan ni taasisa.
4) Waajjira Konistiraakshinii, Pilaanii Gamoo Ramaddii ‘A’ Riil Isteetii osoo hin dabalatin fi
Gamoo Ramaddii ‘B’ hanga Darbii Lamaa, Riil Isteetii osoo hin dabalatin, Intarpiraayizoota
Maaykiroo fi Xixiqqaa qajeelfama kanaan hayyama qabaniin kan qophaa’e qofa mirkaneesee
hayyama ijaarsaa kennuu qaba.
5) Waajjirri Konistiraakshinii Qaama Pilaanii qopheesse Waraqaa Ragaa Ga’umsaa fi Hayyama
Daldalaa seera qabeessa ta’e qabaachuu isaa mirkaneessuun Koppii isaanii Pilaanii waliin akka
walqabatu ni taasisa.
8
6) Waajjirri Konistiraakshinii Pilaanii dhiyaateef bu’uura seerota Gamootiin istaandardii fi
qulqullina irraa eeggamuun qophaa’uu isaa mirkaneessuu qaba.
7) Waraqaan ragaa ga’uumsaa haala qajeelfama kanaatiin kannamu fi Waraqaan raga Gaumsaa
Gorsaaf kennamu kan biros sadarkaa Biiroo qofatti kan raawwatu ta’a.
8) Waajjiri Konistiraakshiinii Miseensi woldaa hojii mootummaasi ta’ee kan dhuunfaatti
qaxaramee kan hojjachaa hin jire fi hojii mataa isaa kan biroo kan hin qabbine ta’uu isaa yeroo
dha yerootti qulquleefachuuf diqama qaba.
9) Waajjiri Konistiraakshiinii Gosa Gamoo,Waldaa Pilaanii qopheese,Lakoofsa iddoo
lafaa,lakoofsa xalayaa hayyama ijaarsa ilaalchisee ragaa hojii hojjatamee ji’a ji’aan Biiroof
gabaasa dhiyeesuuf dirqama qaba.
19. Dirqama Deeggarsa Kennuu
Qaamni dhimmi ilaallatu kamiyyuu, Qajeelfama kana hojiirra oolchuudhaaf odeeffannoo,
ragaalee fi
deeggarsa barbaachisaa Biirichi gaafatu hunda kennuu qaba.
20. Yeroo Qajeelfamni Hojirra oolu
Qajeelfamni kun Hagayya 25, bara 2009 irraa kaasee raawwatiinsa ni qabaata.
Inj. Birhaanuu Baqqalaa
Hoogganaa Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa
Finfinnee,
Hagayya 25, Bara 2009
9
Gab. 1 Ulaagaa Waldaalee Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Gorsaa Pilaanii Gamoo
(ARCHITECTURAL & ENGINEERING CONSULTANTS)
Oogummaa Barumsaa fi gosa Leenjii SBaadruarmksaaaa BMaisaeyeyn’isnaa
Engineer /Mahaandisa/ ACirvcihl iEtencgtuinreael rEinngg,i neering, CUornbastnr uEcntigoinn
eEenrignign,e e ring, Structural Engineering,
Bsc and above 2
SEanngiitnaereyr /Plumber SWaantietra rsyu pEpnlgyi anneedr Sinegw, a rage EWnagtienre
seurpinpgly, Engineering SCaivniilt Earnyg Iinnesetarilnlagt,i on
LBesvc ealn IdII a abnodv e above
1
EElnegcitnreicearl/ Electrician BElueicldtriincga lE Elencgtirniceaelr iInngs tallation LBesvc ealn-IdI Ia
abnodve above
1
Gab.2 Meeshaalee barbaachisaani fi hanga hojii
Hubachiisa
 Muuxannoo hojii ogeessotaa zeeroo (o) fi isaa ol ta’uu ni danda’a.
 Baayy’ini Ogeessota olitti ibsame isa xiqqaa waan ta’eef waldaan miseensota kanaan ol of
keessatti
qabaachuu ni danda’a.
T.L Gosa Meeshaa Baay’ina Gosa Hojii
1 Kompitara 1 Pilaanii Gamoo Ramaddii ‘A’, Riil Isteetii osoo hin
ddaarbbailia ltainm faia G (aGm+o1o) Ramaddii ‘B’ kan hanga abbaa
23 PTiereisinsotao ra 15 45 wMaiianjjjiarlaa 12 2 M2 fi isaa ol
10
Unkaa 02
ቅጽ ቁጥር 02
Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa
የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ቢሮ
Unka waldaalee IMX gorsiitoota hojii qophii Pilaanii gamoo irratti boba’aniin kan guutamu.
በጥቃቅን እና አነሰተኛ አማካሪዎች ማኃበር የሚሞላ የአገልግሎት መጠየቂያ ቅጽ
1. Gosa heeyyama gaafatanii (የጠየቁት የፊቃድ ዓይነት)
Heeyyama haaraa (አዲስ ማመልከቻ ነው)?
Heeyyama haaromsuu (ዕድሳት ማመልከቻ ነው)?
Heeyyama manca’ee (የጠፋ ማመልከቻ ነው)?
2. Maqaa waldaa (የማኃበር ስም)
____________________________________________________________
3. Maqaa hojii geggeessaa waldaa (የማኃበሩ ስራ አስኪያጅ ስም) ___________________________________
4. Guyyaa Waldichi itti gurmaa’e (ማኃበሩ የተ gg መበት ቀን) ______________________________________
5. Teessoo Waldichaa (የማኃበሩ አድራሻ):-
5.1Naannoo (ክልል) ________________Godina (ዞን) ______________Aanaa (ወረዳ) _______________
Magaalaa (ከተማ)_________________Ganda (ቀበሌ) __________ Lakk. Manaa (የቤት ቁጥር) ______
Bilbila biiroo (የቢሮ ስልክ ቁጥር) _______________Moobaayilii (ሞባይል) _____________________
6. Gosa Tajaajila waldichi kennu (አማካሪው ማኃበር የሚሰጠዉ አገልግሎት ዓይነት) __________________
Sadarkaan (ደረጃ) ________________
7. Bara sadarkaa amma irra jiru argate (አሁን ያለዉን ደረጃ ያገኘበት ዘመን) _______________________
8. Baay’ina miseensota Waldaa fi maqaa isaani (የማህበሩ የአባሎች ብዛት እና ሰም):-
8.1 ______________________________________________________________
8.2 ______________________________________________________________
8.3 ______________________________________________________________
8.4 ______________________________________________________________
8.5 ______________________________________________________________
8.6 ______________________________________________________________
9. Teessoon olitti guute sirrii ta’uu isaa fi jijjiirama teessoo yoon raawwadhe yeroodhuma sana biiroo
konistiraakshinii oromiyaa beeksisuuf dirqama kan qabu ta’uu isaa waadaa galuu koo nan mirkaneessa
(ከላይ
የሞለሁት አድራሻ ትክክለኛ መሆኑን እና የአድራሻ ለውጥ ባደረግ ወዲያውኑ ለኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ቢሮ
ለማሳወቅ ግዴታ የገባሁ መሆኑን አረጋግጣለሁ) ፡፡
11
10. Ragaa sirrii hin taane yoon kenne galmeen kun kan hin raawwannee fi tarkaanfiin seeraa akka
narratti fudhatamu ni beekaa (ትክክለኛ ያለሆነ መረጃ ብሰጥ ምዝገባው የማይፈጸምና ተገቢው ሕጋዊ
እርምጃ ሊወሰድ እንደ ሚችል አውቃለሁ) ፡፡
11. Yeroon gaafatamutti ragaa barbaachisaa ta’e kennuuf teessoo koo yoon jijjjiirradhe teessoo koo
beeksisuudhaaf dirqama ni fudha. (በተጠየቅሁ ጊዜ አስፈላጊውን መረጃ ለመስጠት እና የአድራሻ ለውጥ
ባደረኩኝ ጊዜ አድራሻዬን ለማሳወቅ ግዴታ እገባለሁ.
12.Gosa gorsaa(የአማካሪ ዓይነት) ________________________ sadakaa (ደረጃ)_________________ iyyata
koo kana yeroon dhiyeeffadhu ragaan dhiyeesse kun qulqulluu fi rakkoo kan hin qabne ta’uu fi hanqina
qabaatee yoo argame seeraan kanan gaafatamu ta’uu koo mallattoo kootiin nan mirkaneessa.(ይህን
ማመልከቻ ሳቀርብ ያቀረብኳቸው ማስረጃዎች በሙሉ ትክክለኛ ስለመሆኑ እያሳወቅኩ ትክክለኛ ካልሆነ ግን
በህግ አግባብ የሚጠየቅ መሆኑን በፊርማዬ አረጋግጣለሁ፡፡)
Guyyaa (ቀን) __________________mallattoo (ፊርማ) ______________________________
Iyyatichisi ilaalamee kan mirkanaa’e gaafa guyyaa ________________fi Sa’aa______yeroo ta’u yaanni
itti
kennamesi.___________________________________________________________________________
___
____________________________________________________________________________________
___
Ogeessa Mirkaneesse:-
Maqaa_______________________________
Mallattoo_____________________________
Guyyaa______________________________
Hubachiisa (ማሳሰቢያ) ፣
 Ragaalee dhiyaataniif footoo koppii isaa walqabsiisaa (በዝርዝሩ ለቀረቡት አስፈላጊ ማስረጃ ኮፒዎች
ማያያዝ).
12
Hojii Gaggeessaa Waldicha
Lakk.Galmee/የምዝገባ ቁጥር____________________
Guyyaa Kennameef/የተሰጠበት ቀን________________
MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI BIIROO KONISTIRAAKSHIINII OROMIYAA
በኦሮሚያ ብሄራዊ ክልላዊ መንግስት የኦሮሚያ ኮንስትራክሽን ቢሮ
Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Ga’umsaa Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii
Gorsaa irraatti Gurmaa’aniif Kennamu
በአማካሪ ሥራ ላይ ለተደራጁ ጥቃቅና አነስተኛ ኢንተርፕራይዝ የሚሰጥ የብቃት ማረጋገጫ
ምስክር ወረቀት
Dambii Paakeejii Deeggarsa Carraa Hojii Uumuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf
Bahe lak. 192/2009 fi Qajeelfama Kenniinsa Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Ogeessotaa fi
Gorsitoota
Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo lakk. 01/2009 Biiroon
Konistiraakshinii Oromiyaa baase bu’uura godhachuun Waraqaan Ragaa Gahumsaa kun
kennameera.
Maqaa Waldaa/የማኀበሩ ስም/___________________________________________________________________
Maqaa Hojii Geggessaa/የሥራ አሰኪጅ ሰም/____________________________Lammumma/ዜግነት/___________
Teessoo Waldaa/የማኀበሩ አድራሻ/:
Naannoo/ክልል/ ___________ Godina/ዞን/ ___________ Aanaa/ወረዳ/ ________Magaala/ከተማ/ ____________
Ganda/ቀበሌ/ _______Lakk. Manaa/የቤት ቁጥር/ ___________Lakk. Bilbilaa/ስልክ ቁጥር/ __________________
Kaappitaala Waldaa (Qar.) /ካፒታል(ብር)/____________________________
Hojii irratti Bobba’uuf ga’umsa qabani/የተመዘገቡበት ሰራ/ Qophii Pilaanii Gamoo Ramaddii “A” Riil
Isteetii osoo hin dabalatin fi Pilaanii Gamoo Ramaddii “B” hanga Darbii lamaa qofa.
Ramaddi/ምድብ/____________________________Sadarkaa/ደረጃ/_________
Bara/ለ/_______________ qofaaf kan tajaajilu/ብቻ የሚያገለግል/
Mallattoo abbaa taayitaa/ የባለሥልጣን ፊርማ/_____________________________
Suuraa
13
Haaromsa/እድሳት/
1. Bara baajataa_____________tiif kan tajaajilu 2. Bara baajataa_____________tiif kan
tajaajilu
/ለበጀት ዓመት የሚያገለግል/ /ለበጀት ዓመት የሚያገለግል/
Mallattoo/ፊርማ/________________________ Mallattoo/ፊርማ/_____________________
Maqaa/ስም/ ___________________________ Maqaa/ስም/ _______________________
Gahee hojii/የሥራ ድርሻ/________________ Gahee hojii/የሥራ ድርሻ/_______________
3. Bara baajataa_____________tiif kan tajaajilu 4. Bara baajataa_________tiif kan tajaajilu
/ለበጀት ዓመት የሚያገለግል/ /ለበጀት ዓመት የሚያገለግል/
Mallattoo/ፊርማ/________________________ Mallattoo/ፊርማ/_______________
Maqaa/ስም/ ____________________________ Maqaa/ስም/ ________________________
Gahee hojii/የሥራ ድርሻ/__________________ Gahee hojii/የሥራ ድርሻ/_______________

You might also like