You are on page 1of 66

 

Labsii Lakk. 157/2002


 
Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe
 
Sirna bittaa mootummaa iftomina fi si’aayina qabu
diriirsuun maallaqa ol’aanaa bittaaf oolu akkaataa
faayidaa dinagdummaa argamsiisuun hojiirra oolchuun
barbaachisaa ta’ee waan argameef,

Bittaa bakka tokkotti raawwachuun bu’aan dinagdee fi


si’aayinni hojii akka jiraatu gurmaa’ina dandeessisuu
uumuun
11/08/2021 barbaachisaa ta’eeBMMDO
waan argameef ; 1
Qabeenyi mootummaa faayidaa ol’aanaa haala argamsiisuu danda’uun
akka tajaajila kennuu fi bulchiinsi isaa hammayyaa’aa, kan waaltinaa’ee
fi sirna qabiinsa ragaaf kunuunsa qabeenyaa qindomina qabu diriirsuun
barbaachisaa ta’ee waan argameef ;
 
Mootummaan itti gaafatamummaa isaa gahumsaan bahuuf sochii
godhu keessatti qabeenya qusannaa fi karaa bu'aa qabeessa ta'een
faayidaa irra akka oolu taasisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Labsii Sirna Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii irra jiru


akkaataa qorannoo Jijjirama Bu’ura Adeemsa Hojii geggeeffameen
walsimsiisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
 
Akkaataa Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe Labsii
Lakk. 46 /1994 keewwata 49(3) (a) tiin kan kanatti aanu labsamee jira..
 
11/08/2021 BMMDO 2
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
 
Labsiin kun "Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Murteessuf Bahe Lakk ___2002” jedhamee waamamuu ni danda'a.
 
2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta'e malee, labsii kana
keessatti:
1.  " Mana Maree Bulchinsaa "jechuun Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
2. "Biiroo yookaan Hoogganaa Biiroo" jechuun akka walduraa duubaatti Biiroo
Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa yookkaan Hoogganaa Birichaati.
3. "Dorgomaa Kaadhimamaa " jechuun nama bittaa mootummaa keessatti
hirmaachuuf affeerame yookaan hirmaachuuf iyyate jechuu dha.
4. "Bittaa" jechuun meeshaalee, hojiiwwan damee ijaarsaa, tajaajila gorsaa fi
tajaajila biroo bittaadhaan, kiraadhaan yookaan waliigaltee biroo
kaminiyyuu argachuu dha.
11/08/2021 BMMDO 3
5. "Meeshaa" jechuun bifa jajjabootiin, dhangala'aan yookaan bifa gaaziitiin kan
argamu meeshaa dheedhii, omisha, shaqaxa, softiweerii gabaaf qophaa’e,
beyladaa fi akkasumas tajaajilonni meeshaa bitamuu wajjin wal-qunnamtii
qabanii fi gatiin isaa gatii meeshaa bitamuu hin-caalle kan akka tajaajila dhaabuu,
geejjiba, suphaa fi kan kana fakkaatu ni dabalata.
6. "Manneen Hojii Mootummaa" jechuun, guutummaa guutuutti yookaan
gartokkeedhaan baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan bulu jechudha
7. ”Qaama Bittaa Raawwatu” jechuun mana hojii mootummaa bittaa gaggeessuuf
aangoon kennameef jechuudha.
8. "Maallaqa Mootummaa" jechuun sanduuqa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
yookaan gargaarsaa fi liqii argame yookaan galii keessaa irraa maallaqa qaama
bittaa raawwatuuf baajataan ramadame jechuu dha.
9. "Bittaa Mootummaa" jechuun qaama bittaa raawwatuun maallaqa
mootummaatiin bittaa gaggeeffamuu jechuu dha.
10. "Tajaajila" jechuun bittaa meeshaa, hojii damee ijaarsaa fi tajaajila gorsaatiin ala
kan ta'e bittaa kamiyyuu kan akka tajaajila suphaa, eggumsaa, qulqulleessuu,
humna ibsaa, bilbilaa fi dhiyessa bishaanii kan fakkaatan ni dabalata.
11. "Dhiyeessaa"jechuun nama meeshaa yookaan tajaajila dhiyessuuf yookaan hojii
damee ijaarsaa raawwachuuf mana hojii mootummaa waliin waliigaltee seene
dha.
11/08/2021 BMMDO 4
12. "Sanada Caalbaasii" jechuun dorgomtoonni kaadhimamoon sanada
dorgommii qopheessuu akka danda'aniif qaama bittaa raawwatuun kan
qophaa'uu sanada tarreeffama fedhii bittaa ibsu jechuu dha.
13. ”Sanada Yaada Dorgommii” jechuun qaamni bittaa raawwatu sanada
caalbaasii qopheesse ka’umsa taasisuun dorgomaa kaadhimamaan
bitticharratti hirmaachuuf sanada dorgommiif guutee dhiyessuu jechuu dha.
14. "Hojii Damee Ijaarsaa" jechuun ijaarsa gamoo, manaa, daandii, yookaan hojii
bu'uura misoomaa wajjin haala wal-qabateen kan raawwatamu hojii ijaarsa
haaraa, irra-deebi’ani ijaaruu, sadarkaa ijaarsaa guddisuu, diiguu, suphuu,
haaromsuu, akkasumas tajaajila kana wajjiin kan wal-qabatu ta'ee, gatiin isaa
gatii hojii waliigaltee jalqabaa kan hin caalle yoo ta'u; waliigaltee, ijaaruu-
abbummaan, qabachuu yookaan ijaarsa sochoosuu-dabarsuu yookaan
ijaaruu-shochosuu-dabarsuu yookaan ijaaruu-abbumaadhaan qabu-sochosuu
ni-dabalata.
15. "Tajaajila Gorsaa" jechuun gorsitootni ogummaa qabanitti gargaaramuudhaan
tajaajila qorannoof qo’annoo, dizaayinii, to’annoo, projektoota adda addaa
gurmeessuu; maamiltootaaf gorsaaf leenjii kennuu fi beekumsa dabarsuu yoo
ta'u amala gorsaa kan qabu tajaajila sammuu jechuu dha.
16. "Dorgomaa" jechuun nama sanada yaada dorgommii dhiyeessee dha.
11/08/2021 BMMDO 5
17. ”Bittaa Addaa” jechuun sababa faayidaa naannichaaf argamsisaniin murtii
Biirichaatiin bittaawwan gurguddaa fi wal-fakkaataa bakka tokkotti raawwataman
yookaan manneen hojii mootummaa fedhii bittaa wal-fakkaatu qaban
akkasumas manni hojii mootummaa tokko yeroo murtaa’e keessatti fedhii bittaa
irra deeddeebiin qabaatu guutuuf bittaa bakka tokkotti raawwatamuu dha.
18. ”Waliigaltee Yeroo Dheeraa” jechuun waliigalteen addaa gara fuula duraatti
taasifamuun dhiyeessa raawwatamuuf bu’ura ta’ee kan tajaajilu gatii tokkoo fi
haal-dureewwan waliigaltee biroo irratti hundaa’uun waliigaltee bittaa waliigalaa
raawwatamuu dha.
19. ”Dhiyeessaa Waliigaltee Yeroo Dheeraa” jechuun waliigaltee bittaa yeroo
dheeraatiin meeshaa yookaan tajaajila biroo dhiyessuuf kan waliigalamee dha..
20. ”Qabeenya Moootummaa” jechuun maallaqa callaa mootummaa fi lafaan alatti
horataalee Mootummaa Naannoo kan ta’e qabeenya kamiyyuu jechuu dha.
21. ”Itti Gaafatamummaa Eegumsaa” jechuun itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojii
mootummaatiin yookaan bakka bu’aa isaatiin qabeenyi mootummaa hanga
maqfamutti yookaan galmeerraa haqamutti yookaan eegumsa mana hojii
yookaan hojjataa biroon jala akka bulu hanga darbutti qabeenya mootummaa
qabuu fi eeguuf hojjataa mootummaatiif itti gaafatamummaa kennamu dha.

11/08/2021 BMMDO 6
22. ”Qabeenya Dhaabbii” jechuun amala qaqqabamoo kan qabu, gatiin
tokkoo isaa qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’u ta’ee, waggaa
tokkoo ol faayidaa dinagdummaa kan qabuu fi qabeenya tajaajila kennuu
irratti argamu dha.
23. ”Sirna Bara Tajaajila Qabeenyaa” jechuun qaabeenya mootummaa waliin
hojiiwwan wal-qabataniif baasiiwwan karoorsuu, qabachuu, wal-harkaa
fuudhiinsa taasisuu, itti fayyadamuu, suphuu fi hojii irra olmaa yookaan
dhabamsiisuu yookaan gochaawwan galmee irraa haquu ilaalcha keessa
galchuun bulchiinsi qabeenya mootummaa fi to’annoon haala gahumsa
qabuun akka gaggeeffamu sirna dandeesisuu dha.
24. “Qabeenya Dhumataa” jechuun qabeenya dhaabbiin ala kan ta’e
qabeenya mootummaa kamiyyuu yoo ta’u, yeroo tajaajila kennu irraa
kaasee faayidaa dinagdummaa waggaa tokkoo gadi kan qabu dha.
25. “Dhabamsiisuu” jechuun qabeenya mootummaa gurgurtaan yookaan
kennaan qaama biroof dabarsuu yookaan gubuu yookaan awwaaluu dha.
26. “Michooma Mootummaa fi Dhunfaa” jechuun manneen hojii
mootummaa fi abbaa qabeenyaa dhunfaatiin invastimantii gaggeessuuf
waliigaltee taasifamu dha.
 
11/08/2021 BMMDO 7
3. Daangaa Raawwatiinsaa
1. Labsiin kun bittaa fi bulchiinsa qabeenya Mootummaa kamiyyuu irratti
raawwatiinsa ni qabaata.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatu iyyuu
a. Manni Maree Bulchiinsaa itti gaafatamtoota mana hojii mootummaa dhimmi
ilaaluu wajjin mari'achuudhaan dhimma nageenyaa, ittisa balaa fi wabii
midhaan nyaataaf jecha bittaan mala adda ta'een akka raawwatamu
murteessuu ni danda'a. Dhimma kana ilaalchisee Biirichi bittaawwanii fi
bulchiinsii qabeenyaa qusannaa fi karaa bu'a qabeessa ta'een akka
raawwataman mala dandeessisu ilaalchisee qajeelfama baasuu ni danda’a
b. Manneen hojii mootummaa bittaa meeshaalee, hojii damee ijaarsaa yookaan
tajaajila gorsaa fi biroo baasii uwwisuun manneen hojii mootummaa yookaan
dhaabbilee misooma mootummaa irraa argachuuf waliigaltee taasisan irratti
labsiin kun raawwatiinsa hin qabaatu.
4. Ibsa Saalaa
Labsii kana keessatti jechoonni saala dhiiraatiin ibsaman dubbartiis ni dabalata.
5. Qajeeltowwan Bittaa fi Bulchinsa Qabeenya Mootummaa
Raawwiin bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa qajeeltowwan armaan gadii
bu’ureeffachuu qaba;
1. Raawwii bittaa mootummaa keessatti maallaqni bu’aa argamsisuu danda’u argamsiisuu
11/08/2021 BMMDO 8
isaa dhugoomsuu;
2. Haala addaa labsii kanaan tumameen alatti lammummaan, saalaan,
amantaan yookaan ulaagaalee dorgommii waliin wal-hin qabanne biroon
dorgomtoota kaadhimamtoota gidduutti loogiin kan hin taasifamne ta’uu
isaa,
3. Adeemsa bittaa mootummaa tokko tokkoon irratti murteen darbu fi
ulaagaaleen murtiin ittin kennamu kamiyyuu qaama dhimmi ilaalu
hundaaf ifaa fi murtichiis haqa qabeessa ta’uu isaa;
4. Murtii fi tarkaanfiin fudhataman kamiyyuu itti gaafatamummaa kan
hordofsiisan ta’uu isaa;
5. Qabeenyi mootummaa kunuunsaan akka qabamuu fi kaayyoo hojii
mootummaa yaadameef akka oolu taasifamuu isaa,
6. Sirna galmeeffamaa fi qabiinsa ragaa qabeenyaa hammayaa’ee fi
waaltinaa’e akka jiraatu ta’uu isaa mirkanessuu.
6. Sanadoota Seeraa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa
Uummanni Akka Beeku Gochuu:-
Qajeelfamoota bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa labsii kana irratti
hunda'uudhaan Biiroodhaan bahan fi sanadota bittaa fi bulchiinsa qabeenya
biroo hojiin ittiin gaggeeffamu uummatni akka beeku gochuu fi itti
fayyadamuuf haalli mijaa'aa ta'e uumamuu qaba
11/08/2021 BMMDO 9
Kutaa Lama

Itti Gaafatamummaa fi Hojii Qaamolee Adda Addaa


 
7. Itti Gaafatamummaa Gaggeessaa Ol’aanaa Mana Hojii Mootummaa
Itti gaafatamtoonni ol’aanoon manneen hojii mootummaa dirqamoota armaan gadii
ni qabaatu.
1. Adeemsa hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa humna namaa
gahumsaa fi dandeettii qabuu fi hojii kana raawwachuuf barbaachisu ni
gurmeessa,
2. Bittaawwan gatii ol’aanaa qaban qoratee koree raggaasisuu ni hundeessa.
3. Bittaawwan walxaxaa ta’aniif koree yeroo, xinxalaa teeknikaa akka
barbaachisummaa isaatti hundessuu ni danda’a.
4. Hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa irratti ogeeyyiin ramadamanii fi miseensonni
koree raggaasistuu bittaa ol’aanaa labsii, qajeelfama fi sanadoota hojichaaf
barbaachisanitti fayyadamuuf kan dandeessisu leenjii argachuu isaanii fi hojicha
raawwachuuf ogummaa ga’aa qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu qaba.
5. Bittaan mootummaa karoorfame akkataa seeraatiin raawwatamuu isaa
mirkaneffachuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 10
6. Akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama sadaffaa hojii bittaa fi dhabamsisa
qabeenya mootummaa raawwachiisan ni qaxara.
7. Qabeenyi mootummaa karaa dinagdummaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra ooluu
isaa mirkaneeffachuu qaba.
8. Qabeenya mootummaa mana hojii jalatti argamu sirnaan kan galmaa’ee fi sirni
to’annoo kan diriireef, eggumsii fi kunuunsi barbaachisu kan taasifameef, tajaajila
kan hin kennine ta’ee yoo argamu yeroon akka dhabamsiifamu ta’uu isaa
mirkaneeffachuu qaba..
9. Iyyata bittaa fi dhabamsisa qabeenyaa irratti dorgomtootaan dhiyaataniif xiinxalee
murtii kennuu qaba.
10. Kooppii iyyataa, bu’a xiinxalaan argamee fi murtii kenname kan qabate gabaasa
keessummeessa komii Biirichaaf ni dhiyeessa, yoo gaafatamus ibsa kennuu qaba.

8. Itti Gaafatamummaa fi Hojiiwwan Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchiinsa


Qabeenya Mootummaa
Adeemsi bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa manneen hojii mootummaa keessatti
hundaa’u gahee hojii mana hojiichaan qophaa’ee kennamuuf akkuma eggametti ta’ee
itti gafatamummaa fi hojiiwwan armaan gadii ni qabaata;
1. Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa sirna hojimaata labsii kanaan tumame
kabajee beekkuumsa guutuun raawwachuu
11/08/2021 BMMDO qaba. 11
2. Seerotaa fi sanadoota bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti
hundaa’uudhaan hojii isaa raawwachuu qaba.
3. Labsii kana keewwata 13(2) jalatti akkataa tumameen sanadootaa fi ragaalee
bitta fi bulchiinsa qabeenya guutuu ta’e qabuu fi yeroo gaafatamus
dhiyessuu qaba.
4. Waliigalteen mallattaa’uun dura bittaa raawwachuuf kan dandeessisu baajatni
gahaan jiraachuusaa mirkaneefachuu qaba.
5. Waliigalteen mo’ataa caalbaasii wajjin taasifamu haalawwanii fi qabiyyee
ittin mo’ateen raawwatamuu isaa mirkaneeffachuu qaba.
 
9. Itti Gaafatamummaa fi Hojiiwwan Koree Raggaasistuu Bittaa Ol’aanaa
 
Koreen raggaasistuu bittaa ol’aanaa itti gaafatamummaa fi hojiiwwan armaan
gadii ni qabaata;
6. Bittaan ol’aanaan seerotaa fi sanadoota hojichaaf qophaa’an bu’ura
taasisuun raawwatamuu isaa mirkaneffachuu qaba.
7. Gabaasa bittaa fi xinxaala caalbaasii ol’aanaa qoratee raggaasisuu qaba.
8. Toftaalee bittaa mootummaa mana hojiichaa bu’aa qabeessa taasisan irratti
11/08/2021 BMMDO 12
itti gaafatamaa ol’aanaa ni gorsa.
10. Gahee Hojii Bahuu Dhabuun Itti Gaafatamummaa Hordofsiisu
Qaamoleen hojii bittaa fi bulchinsa qabeenyaa raawwatan, labsii kanaa fi qajeelfamoota
Biiroon baasuu kabajanii hojjachuu fi tarkaanfii fudhachuu dhabuu isaaniitiin kan itti
gaafataman ta'u.
 
11. Aangoo fi Hojii Biirichaa
  Biirichi aangoo fi hojiiwwan armaan gadii ni qabaata.
1. Imaammattoota, qajeeltoowwanii fi raawwii bittaa fi bulchiinsa qabeenya
Mootummaa irratti Mootummaa Naannoo ni gorsa.
2. Manneen hojii Mootummaa sadarkaa Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaatiif deeggersa teeknikaa ni kenna.
3. Raawwii bittaa fi bulchiinsa qabeenya Mootummaa ni hordofa, Mana Maree
Bulchiinsaaf gabaasa fi yaada furmaataa ni dhiyeessa.
4. Qaamolee dhimmi ilaaluu wajjiin wal-ta’uudhaan leenjii bittaa fi bulchiinsa
qabeenyaa, raawwii bittaa hoogganuuf sadarkaa dandeetti barbaachisuu, ogummaa
kanaan bobba’uuf gosa ragaa barbaachisuu fi guddina ogummichii adeemsa hordofuu
qabu murtaa’u isaa ni mirkaneessa.
5. Sanadoonni idilee bittaa hojii irra akka oolan heyyamaman, unkaalee hojiichi ittiin
qajeelfamuu fi sanadoota biroo raawwii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa
keessatti barbaachisan ni qopheessa, hojiirra akka oolan ni taasisa yeroo yeroodhaan
11/08/2021 BMMDO 13
ni fooyyeessa.
6. Malootaa fi sanadoota idilee bittaa, unkaalee hojiichi ittin qajeelfamuu fi sanadoota
biroo raawwii bittaaf hayyamamaniin alatti bittaa raawwachuuf yookaan sirnaa fi
toftaalee dhabamsiisa qabeenyaa hayyamamanin ala qabeenya maqsuuf gaaffiin
manneen hojii mootummaarra yoo dhiyaatuuf, gaaficha xinxaalee murtii ni kenna.
7. Bittaa mootummaa keessatti hirmaachuuf dhiyeessitootni fedhii qaban sirna ittiin
galmaa’an ni diriirsa.
8. Qaamolee dhimmi ilaaluuf galmee facaatii dhiyessitootaa ni raabsa.
9. Iyyannoo manneen hojii mootummaa dorgomtoota kaadhimamoo fi dhiyeessitoota
irratti dhiyeessan xiinxaaluun murtii ni kenna, garagalcha murtii qaamolee dhimmi
ilaaluuf ni dabarsa.
10. Bu’ura dirqama waliigaltee bittaa manneen hojii mootummaa waliin taasisaniin itti
gaafatamummaa isa irraa eggamu bahuu dhabudhaan, gahumsa isaani ilaalchisee
ragaa sobaa dhiyesuudhaan yookaan akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa
21 fi labsii kana kewwata 22 (2) keessatti gochoota tarreeffaman sababa
raawwataniif, bittaa mootummaa keessatti akka hin hirmaanne tarreeffama
dhiyeessitoota dhorkaman ni qabata ,qaama ilaaluuf ni raabsa.
11. Raawwiin bittaa fi hojiiwwaan bulchiinsa qabeenyaa labsii kanaa fi sanadota bittaa fi
bulchiinsi qabeenya mootummaa ittiin gaggeeffamu egee raawwatamuu isaa
mirkaneessuuf ni hordofa, ni xiinxala oditii ni gaggeessa .
12. Sirna qabiinsa fi tamsaasa ragaa raawwii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa
Mootummaa Naannicha keessatti ni diriirsa ni cimsa, ni eega yeroo yeroon ni
11/08/2021 BMMDO 14
hammayyeessa.
13.Dandeettii raawwachiisummaa manneen hojii fi humna namaa cimsuuf
imaammatnii fi karoorri ijaarsa dandeettii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa akka
jiraatu ni taasisa
14. Adeemsa qophii bittaa,halawwan waliigaltee fi hojii raawwatame ni xiinxala.
15.Bittaa gahuumsaa fi qulqullina qabu gaggeessuuf akka gargaaru tarreeffama fedhii
bittaa meeshaa fi tajaajilaa hojiirra ni oolcha, tarreeffamni kunis fedhii qaama bittaa
raawwatuu wajjin kan walsimee fi kan yeroo wajjin deemu akka ta’u ni taasisa .
16.Manneen hojii tokkoo ol ta’anii bittaa bakka tokkotti raawwachuu yoo barbaadan ,
Biirichi maqaa manneen hojiitiin waliigaltee waliigalaa bakka tokkotti akka
mallatteeffamu ajajuu ni danda’a.
17.Qaamolee hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa irratti ogummaan hojjetan waliin
walitti dhufeenya jaarmiyaa ni uuma, ni cimsa.
18. Raawwii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti qo’annoo ni gaggeessa,
wal-deggarsii ijaarsa dandeetti akka jiraattu ni taasisa.
19. Hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenya Mootummaa Naannichaa ilaalchisee gabaasa
kurmaana kurmaanaan Mootummaaf ni dhiyeessa,manneen hojii ilaalchisee
ragaan addaa yoo gaafatame ni kenna.
20.Akkaataa seerri ajajuun alatti gocha bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa
irratti raawwatameef, eeruun yookaan ragaan yoo dhiyaateef manneen hojii
ragaalee, sanadoota, galmee fi gabaasa
11/08/2021
akka dhiheessan ni ajaja.
BMMDO 15
21. Dorgomtoota kaadhimamoo yookaan dhiyessitoota gatii gabaa waliin wal-hin
simnee dhiyeessan yookaan labsii kanaa fi qajeelfama Biiroon baasu hin kabajnee
bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa irratti akka hin hirmaanne of-
eeggannoo ni kenna, yeroo murtaa’eef yookaan hin murtoofneef ni dhorka.
22. Akkaataa labsii kana keewwata 3(2) jalatti tumameen alatti gaaffii manneen hojii
mootummaa irraa dhiyaatu bu’ura godhachuun sababiin gahaan yoo jiraate
maloota bittaa labsii kanaa fi qajeelfama raawwii isaatiin tumamaniin alatti haala
addaatiin bittaan akka raawwatamu hayyamuu ni danda’a.

Kutaa Sadii
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Bittaa

12. Karoora Bittaa Mootummaa


23. Manneen hojii mootummaa hojiiwwan bara baajataa keessatti gaggeessan kan
agarsiisuu fi qajeelfama bittaa Biiroon baasuun dhimmoota tarreeffaman kan
qabate karoora bittaa kan waggaa qopheessuu qabu.
24. Bu’ura Keewwata kana keewwata (1)tiin karoorri bittaa waggaa qophaa’u itti
gaafatamaa ol’aanaa mana hojii mootummaatiin mirkanaa’ee Biirichaa fi
adeemsoota hojii mana hojiichaa dhimmii ilaallatu hundaaf waggaa waggaan
hanga Adoleessa 30 ti erguu fi raabsamuu
11/08/2021 BMMDO qaba. 16
13. Sanadoota Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Qabachuu
 

1. Qaamoleen bittaa raawwatan yookaan manneen hojii mootummaa galmeewwanii


fi sanadoota bittaa fi bulchiinsa qabeenya Mootummaa wajjiin wal-qabatan hanga
yeroo qajeelfama Biiroon baasuun murtaa’utti qabachuu qabu.
2. Ragaaleen haala kanaan qabaman kan kanatti aanan ni dabalatu;
 

a. Ibsa gabaabaa waa’ee meeshaalee, hojiiwwan damee ijaarsaa yookaan tajaajiloota


bitamanii,
b. Beeksisa caalbaasii,
c. Maqaa fi teessoo dhiyeessitootaa, sanada yaada dorgommi dhiyeessanii qaboo ya’ii
murtichaa akkasumas maqaa fi teessoo dorgomtoota caalbaasicha mo’atanii,
d. Ulaagaa gamaaggama caalbaasiif qophaa’ee fi haala itti raawwatame, xinxaala
caalbaasii fi raawwii dorgommichaa, sanada yaada dorgommii dorgomtootaan
dhiyaatee fi ibsa gabaabaa gatii dhiyaate agarsiisu,
e. Iyyaatni kan dhiyaatee yoo ta’e aga adeemsa keenninsa murtii agarsiisu.
f. Caalbaasii ifaatiin ala maloota bittaa biroo hordofuun sababa filatameef.
g. Moodelotaa fi ragaawwan qabeenyi mootummaa ittin galmaa’uu fi qabamu
a.  

3. Adeemsi bittaa raawwatamee, mo’ataa wajjiin waliigalteen erga mallatteeffamee


booda, yookaan sababa kamiiniyyuu waliigalteen erga addaan citee booda, haala
raawwii bittichaa dorgomtoota kaadhimamoon yammuu gaafatan akka ilaalan
taasifamu qaba.
11/08/2021 BMMDO 17
4. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti tumameMana Murtiitiin
yookaan qaama seeraan aangoo kennameefiin yoo ajajame malee
qaamni bittaa raawwate ragaalee armaan gadii kennuu hin qabu; jiraatu
iyyuu
a. Ifa ta’uun ragichaa seeraan kan hin hayyamamne, raawwii seeraa kan gufachiisu,
faayidaa uummataa kan faalleessu, faayidaa daldala seerummaa qaamolee
waliigaltee seenanii, akkasumas dorgommii bilisaa kan miidhu yoo ta’e.
b. Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) (d) jalatti akka ibsametti sanada
gabaabsuudhaan qophaa’e yoo ta’e malee, yaada dorgommii dorgomtoota irraa
dhiyaate xiinxaluu fi gamaaggamuu wajjin ragaalee walqabatanii fi ragaalee
dorgomtootni yaada dorgommiitiif dhiyeessanii fi sanadoota qabiyyee caalbaasii
ibsan.
 
14. Loogii Gochuu Dhiisuu
Labsii kana keewwata 15 irratti kan tumame akkuma eegametti ta’ee,
dorgomaa kaadhimamaan kamiyyuu lammummaadhaan, sanyiidhaan,
amantiidhaan yookaan dhimmoota madaallii dorgommii wajjiin wal-hin
qabanne birootiin adeemsa raawwii bittaa mootummaa keessatti loogii
gochuun hin danda’amu.
11/08/2021  
BMMDO 18
15. Ilaalcha Addaa:-
1. Akkaataa bu’ura qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’u yeroo xinxaala caalbaasii
meshaalee Itoophiiyaa keessatti omishamaniif, kubbaaniyyoota Itoophiyaan hojiiwwan
damee ijaarsaa raawwatamanii fi kubbaaniyyoota Itoophiyaatti tajaajila gorsaa
kennamaniif ilaalchi addaa ni taasifamaaf.
2. Kan keewwata kana keewwata xiqqa (1) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee bu’ura
seera Interpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaatiin interpiraayizoota ijaaramaniif qajeelfama
Biiroon baasu irratti hundaa’udhaan ilaalchi addaa dabalataan taasifamuufii ni danda’a.
3. Qulqullinnii fi gatiin meeshaalee, hojiiwwan aga ijaarsaa fi tajaajilootaan kan wal
fakkaatu ta’ee, dorgomtoonni kaadhimamoon qabxii walqixa yoo argatan omishaalee,
tajaajilawwanii yookaan kubbaaniyyoota biyya keessaatiif dursii ni kennamaaf.
4. Raawwii keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiif meeshaa kamiyyuu gatii isaa irratti
%35 ol Itoophiyaa keessatti yoo itti dabalame akka Itoophiyaa keessatti omishameetti
lakka’ama.
 16. Tooftaa Walitti Dhufeenyaa
5. Qaama bittaa raawwatuu fi dorgomtoota kaadhimamtoota gidduu walitti dhufeenyi
taasifaman barreeffamaan ta’uu qaba.
6. Biirichi wal-geeddaruu ragaa iccitiin eegamuu isaa mirkaneessuu fi gama teekinikaatiin
dhimmoonni barbaachisaa ta’an guutamuu isaanii yammuu mirkaneeffatu,
barreeffama irratti dabalataan yookaan barreefaama bakka bu’e mala qunnamtii
elektirooniksiitiin walitti dhufeenyi akka taasifamu qajeelfama heyyamu baasuu ni
11/08/2021 BMMDO 19
danda’a.
17. Afaan
1. Bittaa dhiyessitoonii fi dorgomtoonni addunyaa itti hirmaatan yoo ta’e malee,
caalbaasii biyyoleessaa dorgomtoonni fi dhiyessitoonnii biyya keessaa qofti itti
hirmaataniif sanadni caalbaasii kan qophaa’uu fi caalbaasiin kan adeemsifamu Afaan
Oromootiin ta’a.
2. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumame akuma eegametti ta’ee
adeemsa bittaatiif mijaa’aa ta’uun isaa yoo itti amaname, sanadni caalbaasii fi yaadni
dorgommii caalbaasii biyyoolessaa dorgomtoonni biyyaa keessaa itti hirmaatan Afaan
Amaariffaan yookaan Ingliffaatiin akka qophaa’u manni hojii mootummaa bittaa
raawwatu hayyamuu ni danda’a.
3. Sanadonni caalbaasii fi beeksisni caalbaasii bittaa addunyaa raawwachisuuf qophaa’an
Afaan Ingliffaattin ta’uu qabu.

 18. Gahumsa Dorgomtoota Kaadhimamtootaa


4. Dorgomtoonni kaadhimamtootni bittaa Mootummaa kamiyyuu keessatti qooda
fudhachuuf dhimmoota armaan gaditti tarreeffamanii fi qaamoleen bittaa raawwatan
amala addaa bittichaa irraa ka'uudhaan ulaagaalee baasan biroo guutuu qabu.
a. Akkaataa waliigaltee seenaniin raawwachuu kan dandeessisu gahumsa ogummaa fi
teekinikaa, humna namaa fi faayinaansii, meeshaa fi iddoo tajaajlaa kan biroo, fi hojiiwwan
bittaa raawwatamaa jiru irratti dandeetti hooggansaa, maqaa gaarii kan qaban,
11/08/2021 BMMDO 20
b. Waliigaltee raawwachuuf dandeettii seeraa kan qaban,
c. Idaadhaan kan hinqabamne yookaan kan hin kassaarre yookaan sochii hojii isaa kan hin
dhaabne, sochiin hojii daldala isaa kan hin dhorkamne yookaan sababoota kanaan
himatamee kan falmii irra hin jirre,
d. Qajeelfama Biiroon baasuun kan ibsamu akkuma eeggametti ta’ee, facaatii dhiyessitootaa
keessatti kan galmaa’e.
e. Bittaa mootummaa irratti akka hin hirmaanne dhorkamee kan ture yoo ta’e yeroo dhorkaa
isaa kan xumure,
f. Hayyama daldalaa haromfame kan qabuu fi akkaataa seerota gibiraa Federaalaa fi Naannoo
Oromiyaa keessatti tumameen dirqama gibiraa fi taaksii irraa eeggamu kan kaffale,
g. Lakkoofsa herrega Baankii kan qabu.
 

2. Qaamoleen bittaa raawwatan dorgomtoota kaadhimamoo keewwata kana keewwata


xiqqaa (1)jalatti haalawwan tarreeffaman guutuu isaanii mirkaneeffachuuf kan
barbaachisan ragaalee sanadaa yookaan ragaalee biroo akka dhiyeessan gaafachuu
qabu.
3. Akkaataa keewwata kanaa keewwata xiqqaa (1) fi (2) tiin dorgomtoonni kaadhimamoo
ulaagaaleen guutuun irraa eegamu sanada caalbaasii yookaan yaada dorgommii
dorgomtoota gaafachuuf qophaa'an keessatti ibsamuun kan irra jiru yoo ta'u
dorgomtoota hunda irratti walqixxummaadhaan raawwatamuu qabu.
4. Qaamni bittaa raawwatu akkaataa keewwata kanaa keewwata xiqqaa (3) ttin sanadoota
dhiyaatanii fi ulaagaalee madaallii bu'uureffachuudhaan gahumsa dorgomtoota
kaadhimamoo gamaaggamuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 21
5. Qaama bittaa raawwatuuf gahumsa qabaachuu isaanii ibsuudhaaf sanada ragaa
sobaa dorgomtoota kaadhimamoo dhiyeessan yookaan ragaan isaan
dhiyeessan dogoggora bu'uuraa kan qabu yookaan guutuu kan hin taane ta'uu
isaa yeroo kamiyyuu yoo mirkanaa'e, dorgommii ala akka ta'an murteessuu ni
danda'ama.
6. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) (c) dhaa hanga (g)tti kan tarreeffaman
dorgomtoonni kaadhimamoo guutuu isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan
raawwataman salphaa taasisuuf Biirichi ragaalee dorgomtoota kaadhimamtoota
irraa dhiyaatan ariitiidhaan xiinxaluudhaan waraqaa ragaa galmeeffama facaatii
dhiyessitootaa ni kenna. Ragaan kun waggaa waggaadhaan haromfamuu qaba.
7. Facaatii dhiyeessitootaa kan qabu ibsi gabaabaan qophaa'ee dhiyeessitootni
yookaan qaamoleen bittaa raawwatan yeroo gaafatan kennamuu qaba.
 
19. Ibsa Fedhii Teeknikaa Meeshaa fi Tajaajilaa
8. Waa'ee maalummaa bittichaa ibsi sirrii fi guutuu ta’e akka jiraatuuf akkasumas
dorgomtoonni kaadhimamoon haala haqa qabeessaa fi ifa ta'een dorgomuu
akka danda'an mijeessuuf qaamoleen bittaa raawwatan haala meeshaalee,
hojiiwwan damee ijaarsaa yookaan tajaajilaa bitanii kan agarsiisu ibsa fedhi
teeknikaa yookaan tarreeffama fedhii bittaa qopheessuu qabu.
11/08/2021 BMMDO 22
2. Ibsi teekinikichaa qophaa’u qaamni bittaa raawwatu meeshaa bitu qulqullina
isaa, faayidaa isaa, of-eggannoo barbaachisu, akkaataa barbaachisuummaa
isaatti safartuu isaa, dhimma ittin addaan bahu, maqaa isaa, akkaataa itti
saamsamu, mallattoo adda isaa taasisuu, yookaan adeemsaa fi mala oomisha
isaa akkasumas sirna amala barbaadamu kan guutu ta'uu isaa ittin mirkanaa’u
kan ibsu ta'uu qaba.
3. Ibsi teeknikaa qaama bittaa raawwatuun qophaa'u hanga danda’ametti:
a. Dizaayinii yookaan haala amaloota bittichaa tarreessuun osoo hin taane bu’aa isaa irratti
xiyyeeffachuu;
b. Sadarkaan biyyoleessaa kan baheef yoo ta'e, sadarkaa isaa yookaan sadarkaawwan addunyaa
irratti fudhatama qaban yookaan koodii ijaarsaa bu'uura kan godhate ta'uun irra jira.
c. Dorgommii bal’aa kan affeeruu fi ibsoonni dorgommii daangessan yookaan ittisan kan hin
qabne ta’uu qaba.
4. Fedhii qaama bittaa raawwatuu ibsuudhaaf kan rakkisuu yoo ta'e yookaan
malli biraa yoo dhabame malee, ibsi teekinikaa mallattoo daldala addaa
yookaan maqaa, paatentii, dizaayinii, yookaan oomishaa yookaan tajaajila
kennaa murtaa'e kan ibsu ta'uu hinqabu.
5. Haalli dirqisiisaan yammuu quunnamu jechi "yookaan kan walfakkaatu"
jedhu tarreeffama meeshaa fi tajaajilaa keessatti dabalamuu qaba.
 
11/08/2021 BMMDO 23
.
20. Caalbaasii, Yaada Dorgommii fi Dhiyeessa Gatii Kuffisuu:-
1. Qaamoleen bittaa raawwatan sababoota kanatti aananii jiraan keessaa
tokkoon yookaan tokkoo ol ta’aniin caalbaasii, yaada dorgommii fi dhiyeessa
gatii waliigalteen bittaa osoo hin raawwatamin dura yeroo kamiyyuu
guutummaan guutuutti yookaan gar-tokkeen kufaa gochuu ni danda'u.
a. Adeemsa bittaa irratti dogongorrii bu’aa caalbaasii faallessuu danda’u raawwatamuun
isaa yoo mirkanaa’e,
b. Sababii karoorri hojii jijjirameef yookaan fedhii mana hojichaa guutuuf filannoon
caalmaa qabu biroo waan ummameef bitticha gaggeessuun mana hojii
mootummaattif bu’aan teeknikaa yookaan dinagdee kan hin qabne ta’uun isaa yoo
mirkanaa’uu,
c. Dorgomtoonni kaadhimamoo dhiyaatan ulaagaalee gad-aanaa sanada caalbaasiin
ibsaman kan hin guunne yoo ta’an,
d. Gatii gad-aanaan caalbaasiidhaan dhiyaate gatii gabaatii ol yoo ta’uu fi manni hojii
mootummaa caalbaasii lammaffaa baasuun gatii fooyya’aan akka argamu yoo
tilmaamu,
e. Dorgomaan mo’ataa caalbaasii ta’ee filatame gatiin dhiyeesse mana hojii
mootummaatiin baajata bittichaaf qabameen ol yoo ta’uu fi manni hojii mootummaa
maallaqa dabalataa barbaachisu madda biroo irraa guutachuu kan hin dandeenye yoo
ta’e,
f. Dorgomtoonni kaadhimamoon adeemsa caalbaasii gufachiisuuf michoomuu isaaniitiin
dorgommii gahaan kan hin taasifamne ta’uun yoo mirkanaa’e,
11/08/2021 BMMDO 24
2. Qaammoleen bittaa raawwatan Caalbaasiin, yaadni dorgommii yookaan dhiyeessi
gatii yammuu kuffisan beeksisni caalbaasichi gutummaan guutuutti yookaan gar-
tokkeen kufuu isaa ibsuu fi battalumatti dorgomtoota kaadhimamoo qooda
fudhataniif akka dhaqqabu gochuu qabu.
3. Qaamoleen bittaa raawwatan caalbaasii, sanada yaada dorgommii yookaan
dhiyeessa gatii sababa kuffisaniif yeroo gaafataman dorgomtoota kaadhimamoof
ibsuu qabu. Haa ta'u malee, seera qabeessummaa sababichaa ibsuudhaaf hin
dirqisiifaman
4. Murtiin caalbaasii kuffisuu kan kenname guyyaa baniinsa caalbaasii dura yoo ta'e,
sanadoonni caalbaasii osoo hin banamiin dorgomtoota kaadhimamoof deebi'uu
qabu.
5. Haala kanaan yaadni dorgommii dhiyeessitootaa yoo kuffifame murtii kanaaf bu'ura
kan ta'e sababni isaa sanadoota raawwii bittaa irratti galmeeffamuu qabu.
 

21. Bittaa Elektrooniksii


6. Biiroon bittaan mootummaa, baasii kan qusate, hammayyaa’aa, ifaa fi si’aayina akka
qabaatu elektronikaan akka raawwatamu taasisuu ni danda’a.
7. Biiroon sadarkaan guddina biyyattii, dhiyeessitootaa, manneen hojii Mootummaa fi
qaama sirnicha to’atanii bittaa elektroniksii hojiirra oolchuuf humni dandessisu uumamuu isaa
duraan dursee ni mirkaneessa.
11/08/2021 BMMDO 25
22. Sirna Naamusa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa
1. Haalli raawwii isaa qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’u ta’ee,
hojjattoonni hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti
bobba’an qajeeltowwan sirna naamusaa armaan gadii kabajanii hojii isaani
gaggeessuu qabu.
a. Walitti bu’insa faayidaa uumame yookaan uumamuu danda’u beeksisuu fi
gocha akkasirraas of-qusachuu,
b. Dorgomtoota kaadhimamoo fi dhiyeessitootaaf carraa dorgommii fi raawwii
dirqamaa walqixa kennuu,
c. Iccitiiwwan mana hojii mootummaa fi dorgomtoota kaadhimamoo fi
dhiyeessitootaa carraa hojiitiin argate eeguu,
d. Kennaa yookaan wanta tilmaama gatii maallaqaa qabu yookaan tajaajila
fudhachuu dhiisuu.
e. Gochawwan malaammaltummaa umaman yookaan umamuuf yaadaman
carraa hojiitiin beeke qaamolee seera raawwachiistuuf beeksisuu fi qabsoo
farra malaammaltummaa fi hojimaata badaa hambisu deeggaruu.
f. Qabeenya fi horataalee ummataatiif quqama qabaachuu.
2. Dorgomaa kaadhimamaa yookaan dhiyeessaan kamiyyuu raawwii bittaa fi
dhabamsiisa qabeenya mootummaa gocha jal’isuu danda’u kammiyyuu
irraa of ittisuu qajeelfamawwan naamusaa armaan gadii hordofuu qabu.
11/08/2021 BMMDO 26
a. Dorgomaa kaadhimamaan kamiyyuu hojjataa qaama bittaa raawwatuuf
yookaan ittigaafatamaa mana hojii Mootummaaf yookaan murtii
jallisiisuuf yookaan raawwii bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa wajjin haala
walqabateen adeemsa hojii manni hojichaa hordofuu qabu jijjiirsisuuf
kallaattiinis ta'ee karaa biraatiin bifa moqsaatiin kennaa kamiyyuu
kennuu dhiisuu yookaan kennaa kennuuf waadaa galuu dhiisuu
yookaan carraa hojii yookaan wanta gatii maallaqaa qabu yookaan
tajaajila kennuu dhiisuu,
b. Raawwii bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa dabsuuf yaadudhaan ragaa
sobaa dhiyessuu dhiisuu yookaan ragaa ibsamuun irra jiru dhoksuu
dhiisuu.
c. Faayidaa hin malle argachuuf yaaduun dorgomaa kaadhimamaa biroo
waliin michooma umuun dorgomii sobaa gochuu dhiisuu.
d. Gochaawwan malaammaltummaa umaman yookaan umamuuf
yaadaman adeemsa hojiitiin beeke qaama seera raawwachiistuuf
beeksisuu fi malaammaltummaa fi hojimaata badaa dhabamsiisuuf
qabsoo taasifamu tumsuuf dirqama qaba.

11/08/2021 BMMDO 27
Kutaa Afur
Malawwan Bittaa fi Itti Fayyadamuuf Haalawwan Guuttamuu Qaban.
23. Malawwan Bittaa
1. Raawwii bittaa mootummaa keessatti maloonni bittaa armaan gadii hojiirra ni oolu.
a. Caalbaasii ifaa,
b. Bittaa gaaffii yaada dorgommiin raawwatamu,
c. Bittaa sadarkaa lamaan raawwatamu,
d. Bittaa caalbaasii murtaa'aan raawwatamu,
e. Bittaa dhiyeessaa gatiin raawwatamu,
f. Bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwatamu,
2. Labsii kanaan haala hayyamameetiin yoo ta'e malee qaamoleen bittaa raawwatan bittaa
kamiyyuu mala caalbaasii ifaatiin raawwachuu qabu.
3. Qaamoleen bittaa raawwatan mala caalbaasii ifaatiin ala malawwan birootiin bittaa
raawwachuu kan danda'an haal-dureewwan labsii kanaaf qajeelfama raawwii bahuun yoo
guutaman qofa ta'a.
4. Manneen hojii mootummaa labsii kanaan yookaan qajeelfama Biiroon baasuun sirnoota
bittaa diriiran dheessuuf yookaan baqachuuf bittaawwan meeshaa, hojii damee ijaarsaa
yookaan tajaajilaa bakka tokkotti raawwachuu qaban qoqqoodanii yookaan kukkutanii
raawwachuu hin qaban.
  11/08/2021 BMMDO 28
4. Manneen hojii mootummaa labsii kanaan yookaan qajeelfama
Biiroon baasuun sirnoota bittaa diriiran dheessuuf yookaan
baqachuuf bittaawwan meeshaa, hojii damee ijaarsaa yookaan
tajaajilaa bakka tokkotti raawwachuu qaban qoqqoodanii yookaan
kukkutanii raawwachuu hin qaban.
5. Biiroon sababiin faayidaa dinagdee gahaan jiraachuu isaa yammuu
hubatu labsii kana keewwata 39-47 maloota bittaa tarreeffamanii fi
bittaa caalbaasii ifaan ala malawwan birootiin akka raawwatamu
haala addaatiin hayyamuu ni danda'a.
 24. Michooma Mootummaa fi Abbaa Qabeenya Dhunfaa
Biirichi michoomni mootummaa fi abbaa qabeenyaa dhunfaa haala irratti
bu’uureffatuu fi tarreeffama raawwii michomaa qajeelfama murtessuu ni
baasa.

11/08/2021 BMMDO 29
kutaa Shan
Raawwii Bittaa Caalbaasii Ifaa
 
25. Beeksisa Caalbaasii
1. Beeksisni caalbaasii yoo xiqqaate gaazeexoota uuwwisa bal’aa qabu tokko irratti bahuu
qaba.
2. Manni hojii mootummaa barbaachisaa ta’ee yoo arge keewwata kana keewwata xiqqaa
(1) jalatti kan tumame akkuma eggametti ta’ee beeksisa caalbaasii dabalataa dhaabbata
Raadiyoo fi Televiziinii naannootiin yookaan biyyoleessatiin beeksisuu ni danda’a.
3. Dorgomtoota Kaadhimamoof yeroon yaada dorgommii dhiyeessuuf kennamu guyyaa
qajeelfama bittaatiin murtaa’een gadi ta’uu hin qabu.
 
26. Waamicha Caalbaasii
Waamichi caalbaasii dhimmota sanada caalbaasii idilee Biiroon baasuun ibsaman irratti
dabalataan kanneen armaan gadii qabatee qophaa’uu qaba.
4. Maqaa fi teessoo qaama bitticha raawwatuu.
5. Ibsa gabaabaa waa'ee meeshichaa, hojii ijaarsichaa fi tajaajilichaa.
6. Sanada caalbaasichaa argachuuf dhimmoota guutamuu qabanii fi iddoo sanadichi itti
argamu.
11/08/2021 BMMDO 30
4. Iddoo fi yeroo dhumaa yaadni dorgommi itti dhiyaatu.
5. Iddoo fi yeroo caalbaasichi itti banamu, akkasumas dorgomtoonni yookaan bakka
bu'oonni isaanii yeroo caalbaasiin banamu argamuu akka danda'an yaadachiisa ibsu.
 
27. Sanada Caalbaasii
1.Dorgommiin Caalbaasii dorgomtoota gidduutti taasifamu haala guutuu ta’een, logii
malee fi bu’ura qabatamaa haala qabuun akka adeemsifamu gochuuf Biirichi sanada
caalbaasii idilee qopheessu bu’ura godhachuun sanada caalbaasii ragaa guutuu haala
qabateen kan qophaa’u ta’uu qaba.
2. Sanadichi kanneen armaan gadii hammachuu qaba.
a. Sanada caalbaasii qopheessuu fi dhiyeessuuf wantoota barbaachisaa ta'an.
b. Guyyaa dhumaa sanadni yaada dorgommi itti debi’u, teessoo sanadni yaada dorgommii
itti ergamu, guyyaa caalbaasichi itti banamuu, sa'aatii fi iddoo itti banamu, akkasumas
bakka bu'oonni dorgomtootaa sirna baniinsa caalbaasii irratti argamuu akka danda'an
ragaa ibsu.
c. Unkaalee yaada dorgommii caalbaasii akkasumas seerummaa hanga qabutti unkaalee
kabachiisa caalbaasii.
d. Koppiiwwan dabalataan sanada caalbaasii orijinaalaa wajjin dhiyaachuu qaban.
e. Haala waliigalaa fi haala addaa waliigaltichaa.
f. f. Meeshichaa fi tajaajilicha dhiyeessuuf yookaan hojicha ijaarsaa xumuruuf yeroo fudhata
jedhamee tilmaamamu dabalatee tarreeffama meeshaa fi tajaajila barbaadamuu.
11/08/2021 BMMDO 31
g. Dorgomtichi dorgommii keessatti qooda fudhachuuf gahumsa qabaachuu isaa
mirkaneessuuf gosa ragaalee dhiyaatan akkasumas humna faayinaansii isaa fi
seera qabeessummaa isaa mirkaneessuuf ragaa dhiyeessuu qabu.
h. Yeroo caalbaasichi itti turu.
i. Caalbaasicha gamaaggamuu fi abbaa caalbaasicha mo'ate ibsuuf ulaagaalee
gargaaranii fi tokkoon tokkoo ulaagaaleetiif qabxii kenname.
j. Qaamni bitticha raawwatu mo'ataan caalbaasichaa osoo ifa hin taasifamin dura
yeroo kamiyyuu guutumaan gutuutti yookaan gar-tokkeen caalbaasicha haquuf
mirga kan qabu ta'uusaa.
k. Qajeelfama Biiroon baasuun haala addaatiin bittaa hayyamamaniif yeroo raawwii
waliigaltee sirreeffamni gatii taasifamuu kan danda’u ta’uu isaa fi haala
sirreeffamni gatii itt taasifamuu fi raawwii isaa.
l. Gibiraa fi taaksii mootummaa baraa irraa eeggamu kan kaffale ta’uu isaa
m. Hayyama daldalaa fi hojii yookaan ooggumaa bara sanaaf haaromfame
dhiyeessuun kan irra jiru ta'uu isaa;
28. Gurgurtaa Sanada Caalbaasii
1. Gatiin gurgurtaa sanada caalbaasii gatii qophii sanada caalbasichaatii fi sanadicha
dorgomtootaaf dhiyeessuuf bahee haala uwwisuun tilmaamamuu qaba.
2. Sanadni caalbaasii yeroo bahee kaassee hanga caalbaasiin cufamutti guyyaa hojii jiru
keessaiti fi haala beeksisa caalbaasiitiin ibsameen dorgomtoota kaadhimamoof akka
dhaqqabu taasifamuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 32
29. Fooyya'iinsa Sanada Caalbaasii Irratti Taasifamu
1. Qaamoleen bittaa raawwatan ka'umsa mataa isaaniitiin yookaan gaaffii dorgomtoota
kaadhimamoo sanada bitaniitiin daangaan yeroo dhiyeessa sanada caalbaasichaa osoo
hin darbin dura qabiyyee sanada caalbaasii fooyyeessuu ni danda'u.
2. Fooyya'insi taasifame barreeffamaan qophaa’ee dorgomtoota kaadhimamo sanadoota
caalbaasii bitan hundaaf yeroo wal fakkaatutti akka ergamuuf taasifamuu qaba.
3. Qamni bittaa raawwatu qabiyyee sanada caalbaasii fooyyessuun barbaachisaa ta'ee kan
argee fi sirreeffama kana gochuuf yeroon gahaan akka hin jirre yoo hubate
dorgomtoonni kaadhimamoo fooyya'insa taasifame bu'ureffachuudhaan qophii sanada
caalbaasiitiif yeroo gahaa akka argataniif, amala bittichaa irratti hundaa'uudhaan yeroo
dhiyeessa caalbaasii guyyoota murtaa'aniin dheeressuu ni danda'a.
 
30. Kabachiisa Caalbaasii
4. Labsii kanaan haala addaatiin yoo murtaa'e malee, qaamoleen bittaa raawwatan
sanada caalbaasii qopheessan keessatti dorgomtoonni sanadoota caalbaasii isaanii
wajjin, maallaqa callaan yookaan bifa wabii caalbaasiitiin kabachiisa caalbaasii
dhiyeessuuf dirqama akka qaban ibsuu qabu. Hammi kabaachisa caalbaasichaa
caalbaasirratti dorgomtoota haala guutuu ta’een qooda hin fudhanne hambisuu kan
dandeesisu ta'uu qaba.

11/08/2021 BMMDO 33
2. Gosota bittaa kabachisa caalbaasii qabisisuun barbaachisuu fi hangi kabachiisa
caalbaasii qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa'u ta'a.
3. Kabachiisni Caalbaasichaa yeroo ragga’ee turutti dorgomaan ofii isaatiin caalbaasii
keessaa yoo bahe yookaan abbaa caalbaasicha mo'ate ilaalchisee mo’achuun isaa
erga ibsameefii booda waliigaltee mallatteessuuf fedhii kan hin qabne ta’e yoo
argame, yookaan kabachiisa waliigaltee akka dhiyeessu gaafatamee yoo hin-
dhiyeessine, kabachiisi caalbasiichaa ni dhaalama.
 
31. Sanada Caalbaasii Dhiyeessuu fi Fuudhuu
4. Sanadni caalbaasii barreeffamaan qophaa'ee fi mallattaa'ee invelooppii
saamsameen yeroo dhumaa duraa fi iddoo beeksisa caalbaasii irratti
ibsametti galii taasifamuu qaba.
5. Poostaan Sanada yaada dorgommii caal-baasii guddaa waan ta'eef saanduqa
keessa galuu kan hin danda'amne yoo ta'e, kutaan bittaa qaama bittaa
raawwatuu sanada yaada dorgommii caal-baasii dhiyaate irraa fuudhee
guyyaa fi sa'a galii ta'ee nagahee agarsiisu dorgomaa kaadhimamaaf kennuu
qaba.
6. Sanadni yaada dorgommii dhiyeessitootaa yeroo murtaa’een booda dhiyaate
fudhatama hin-qabu akkasummaas osoo hin banamin dorgomaadhaaf
deebi'uu qaba.
11/08/2021 BMMDO 34
32. Caalbaasii Banuu
1. Qaamni bittaa raawwatu sanada yaada dorgommii caalbaasii dhiyeessuuf sanada
caalbaasichaa irratti yeroon murtaa'e akkuma xumurameen sanada yaada dorgommii
yeroo kennameen dura fuudhe banuu qaba.
2. Maqaan dorgomaa fi ida'amni gatii tokkoon tokkoon sanadaa irratti guutamee,
hir’ifama gatii kennamee, fi manni hojii mootummaa akaakuu bittaatiin dorgomtoonni
sadrkaa isaanii walbira qabiinsaan hubachuuf ragaawwan ni gargaaru jedhee itti
amane sagalee guddaadhaan dubbifamuu fi galmeeffamuu akkasumas, dorgomtoonni
yeroo gaafatan tarreeffama galmeeffame akka argatan taasifamuu qaba.
3. Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kan tumamee jiraatus, sanadni yaada
dorgoommii teeknikaa fi faayinaansii poostaa lamaan kophaa kophaa yoo dhiyaatu
gatiin dorgommii kan dubbifamu xiinxaalli yaada dorgommii teeknikaa erga taasifamee
baada ta’a.
4. Dorgomtoonni yookaan bakka bu'oonni isaanii sirna baniinsa caalbaasii irratti akka
argaman affeeramuu qabu.

33. Sanadoota Caalbaasii Xiinxaluu fi Gamaaggamuu


1. Caalbaasii xiinxaluu fi gamaaggama taasisuuf kan gargaaru ta'ee yammuu argamu,
qaamni bittaa raawwatu sanada caalbaasii dorgomtoonni dhiyeessan irratti ibsa akka
kennan gaafaachuu ni danda'a. Ta'us jijjiirama gatii dabalatee sanadicha caalbaasii
irratti yaada jijjiirama bu'uuraa dhiyeessuun yookaan hayyamuun hin-danda'amu.
11/08/2021 BMMDO 35
2. Keewwata kana keewwaata xiqqaan (1) jiraatus qaamni bittaa raawwatu dogngora
herregaa wayitii xiinxala caalbaasii argaman sirreessuu ni danda'a. Qaamni bittaa
raawwatu sirreeffama taasifame kana hatattamaan dorgomaa sanada caalbaasii
dhiyeesseef ibsuu qaba.
3. Keewwata kana keewwata xiqqaa (4) jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, qaamni
bittaa raawwatu caalbaasichi guutameera jedhee itti fufuu kan danda'u sanada caalbaasii
keessatti haalawwan ibsaman hundi guutummaa guutuutti kan guutu ta'ee yammuu
argamuu dha.
4. Amalawwan sanadicha caalbaasii keessatti tarreeffamaniin, jechootni waliigaltee fi
qabxiiwwan barbaachisaa ta'an biroo waliin sadarkaa murtaa'etti garaagarummaa yoo
qabaatanis jijjiiramaa fi garaagarummaa bu'uuraa hamma hin qabaannetti yookaan
jijjirrama bu'uuraa osoo hin fidin sirreeffamuu kan danda'u dogongora xixiqqoo yoo
qabaates, qaamni bittaa raawwatu caalbaasichi akka guutametti fudhachuu ni danda'a.
Hamma danda'ametti garaagarummaan kamiyyuu lakkoofsaan ibsamee wayitii
gamaaggama caalbaasii fi dorgommii tilmaama keessatti galuu qaba.
5. Qaamni bittaa raawwatu kamiyyuu, caalbaasii kanneen armaan gadii hin guutne
dorgommiif dhiyeessuu hin qabu.
a. Dorgomtichi ulaagaalee labsii kana keewwata 18 (1) jalatti ibsame kan hin guutne yoo ta’e,
b. Dorgomtichi sirreeffama herreegaa keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti taasifame
kan hin fudhanne ta'ee yoo argame,
c. Yaadni dorgommi caalbaasii dhiyaate waan barbaachisu kan hin guutne ta'ee yammuu
argamu.
11/08/2021 BMMDO 36
6. Qaamni bittaa raawwatu keewwata kana keewwata xiqqaa (8) jalatti akkaataa
tumametti haalawwan sanada caalbaasii keessatti kaa’amettii fi ulaagaalee
gamaaggamaa, sanadootni yaada dorgommii caalbaasii waan barbaadame hunda
guutuu isaanii gamaaggamuu fi dorgomsiisuu qaba. Uulaagaan dorgommii sanada
caalbaasii irratti hin mula'atin faayidaa irra ooluu hindanda'u.
7. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasichaa keessatti kan mul'ateen alatti,
caalbaasicha irratti mo'ataa ta'uudhaaf gatii dorgommii dhiyyesse akka jijjiiruuf
yookaan haala addaatiin yaada dorgommii dhiheesse fooyyessuuf yookaan kana
raawwachuuf dirqama akka galuuf hal- duree gaafatamuu yookaan dirqamuu hin
qabu.
8. Caalbaasiitti mo'ataa ta'ee kan filatamu:-
a. Dorgomaa gamaaggama caalbaasiitti ulaagaalee teeknikaa guutuun isaa mirkanaa'ee fi gatii xiqqaa
dhiyeesse,
b. Qaamni bittaa raawwatu sanada caalbaasii keessatti ulaagaa mo'ataan ittiin filatamu kan ibse yoo
ta'e, akka faayidaa dinagdummaa sanadni caalbaasii murteessutti gamaaggama adeemsifamuun
dorgomaa gatii gad-aanaa dhiyeessetu mo'ata. Ta'us, ulaagichi haala qabatamaa irratti kan hundaa'e,
madaalliidhaan, lakkoofsaan ibsamuu kan danda'u ta'ee yeroo gamaaggamaatti ulfinni kan
kennamuu fi hanga danda'ametti maallaqaan kan ibsamu ta'uu qaba.
c. Qajeelfama Biiroon baasuun haala murtaa’un akkaataa kewwata kana kewwata xiqqaa (8) (a) fi (b)
tiin dorgomaan filatame seera qabeessummaa, dandettiin faayinaansii fi teeknikaa qabu haala
sanada yaada dorgommii irratti dhiyesseen ta’uun isaa xiinxaala booda ilaalame yoo mirkanaa’e dha.
9. Qaamni bittaa raawwatu gabaasa gabaabaa bu'aa xiinxalaa fi gamaaggama
caalbaasii ibsu qopheessuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 37
34. Dhimoota Iccitiin Qabaman
Caalbaasichi erga banamee kaasee xiinxala caalbaasii, ibsa, gamaaggamaa fi yaada
murtii mo'ataa caalbaasii ilaaluu wajjin ragaaleen walqabatan iccitiin qabamuun
kan irra jiru yoo ta'u, hanga mo'ataan caalbaasii ibsamutti dorgomtootatti yookaan
namoota adeemsa hojichaa wajjin qunnamtii hin qabnetti ibsamuu hin qaban.
 

35. Mo’ataa Caalbasii Waliin Dhimmoota Mareen Itti Taasifamu


1. Manni hojii Mootummaa mo’ataa caalbaasii waliin dhimmoota raawwii
waliigaltee sanada caalbaasii keessatti hin ibsamne irratti maree gochuu ni
danda’a.
2. Bu’ura labsii kana keewwata 41 jalatti ibsameen bittaa dhiyessaa tokko irraa
kallattiidhaan raawwatamu yoo ta’een alatti mo’ataa caalbasii gatii dhiyessee fi
dhimmoota gatii waliin walqabatan biroo irratti marii gochuun hin danda’amu.
 

36. Mo'ataa Ibsuu fi Waliigaltee Mallatteessuu


3. Qaamni bittaa raawwatu yeroo yaadani dorgommi turuun irra jiru osoo hin darbin
dura dorgomaa caalbaasicha mo'ateef mo'achuu isaa ibsuu qaba. Beeksisni ibsa
kanaa guyyaa waliigalteen itti mallatteeffamu kan ibsu ta'a.
4. Dorgomtoota mo'atamaniifis sababa ittiin mo'atamanii kan ibsu beeksisni
xalayaan
11/08/2021
isaan gahuu qaba. BMMDO 38
3. Qaama bittaa raawwatuu fi dhiyeessaa gidduutti waliigalteen uumameera kan jedhamu
sanadni waliigaltee dhimmoota irratti waliigalame hunda qabate gaama lamaaniin
yammuu mallattaa'u ta'a.
4. Qaamni bittaa raawwatu dorgomtoota mo’atamaniif beeksisni mo’atamu isaanii ibsu
dhaqqabuu isaa fi qajeelfama Biiroon baasuu daangaa yeroo waliigaltee mallatteessuuf
kaa’amuun darbuu isaatiin dura waliigaltee bittaa mallatteessuu hin qabu.
5. Manni hojii mootummaa bulchiinsa waligaltee ilaalchisee adeemsi hordofuu qabu
qajeelfama Biiroon baasuun ni murtaa’a.
 
37. Kabachiisa Waliigaltee
Dhiyeessan bu'uura waliigalteen kan hin raawwanne yoo ta'e qaama bittaa raawwatu
irratti miidhaa gahuuf akka beenyaa kan oolu kabachiisa waliigaltee qaama bittaa
raawwatuuf kennuutu irra jira. Gosti bittaa kabachiisni caalbaasii itti gaafatamu, gosni
kabachiisa caalbaasii fi hammi isaa qajeelfama Biiroon baasuun ni murtaa'a.
 
38. Kaffaltii Dursaa
6. Raawwii bittaa mootummaa keessatti hammi maallaqaa fi raawwiin kaffaltiin dursaa
dhiyessitootaaf kennamu qajeelfama Biiroon baasuu irratti hundaa’ee kan raawwatamu
ta’a.
7. Kaffaltiin dursaa raawwatamuu kan danda’u dhiyeessaan maallaqa bifa kaffaltii
dursaatiin fudhatuun walqixa kan ta’e wabii yoo dhiyeesse qofa ta’a.
11/08/2021 BMMDO 39
Kutaa Jaha

 
Caalbaasii Murtaa’aa
39. Caalbaasii Murtaa'aatti Fayyadamuuf Haalawwan Guutamuu Qaban
Qaamoleen bittaa raawwatan akkaataa labsii kana keewwata 40 jalatti tumameen
caalbaasii murtaa'aadhaan bittaa raawwachuuf kan danda'an dhimmootni kanatti aanan
yoo guutaman qofaa dha.
a. Meeshichi, hojiin damee ijaarsichaa yookaan tajaajilichi dhiyessitoota murtaa’aa qofa biratti
kan argamu ta’uun isaa yoo mirkanaa’eedha.
b. Haallii raawwii isaa qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’u ta’ee irra deddeebiin
caalbaasiin bahee dorgomtoonnii kan hin argamne yoo ta’e.
c. Sanadoota caalbaasii xiinxaluu fi gamaaggamuuf baasii fi yeroon inni gaafatu ol'aanaa ta'uu
irraa kan ka'e meeshichi, hojin ijaarsichaa yookaan tajaajilichi gatii xiqqaa baasuu wajjin kan
wal-hinsimne ta'ee yammuu argamu.
d. Haal-dureewwan (b) fi (c) irratti ibsaman bittaan caalbaasii murtaa’aa yoo gaggeeffamu
hammii gatii bittaa qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’un ol kan hin caalle ta’uu qaba.

40. Raawwii Bittaa Caalbaasii Murtaa'aa


Sirni Caalbaasii murtaa'aa caalbaasii ifaa wajjin kan walfakkatu yoo ta'u, caalbaasii
murtaa'an hojimaata addaa armaan gadii ni hordofa.
11/08/2021 BMMDO 40
1. Akkaataa labsii kanaa keewwata 39 tumameen meeshichii, hojiin
damee ijaarsaa tajaajilli gorsaa yookaan tajaajila biroo barbaadame
dhiyeessitoota murtaa’aan qofa biratti kan argamu yoo ta’u
waamichii caalbaasii dhiyessitoota kanneen hundaaf ni ergama.
2. Caalbaasii murtaa’aan kan gaggeefamu sababaa labsii kana
keewwata 39 keewwata xiqqaa (b) yookaan (c) jalatti tumameen yoo
ta’e waamichii caalbaasii hanga danda’ametti dhiyessitoota
tarreeffama dhiyessitoota galmaa’an keessaa haalawwan armaan
gadii bu’ureffachuun ni raawwatama;
a. Karaa dhiyeessitoota galmeeffamaniif carraa haqaa qabeessa ta'e
argamsiisu danda’uun ta'uutu irra jira.
b. Baay’inni dorgomtooni kaadhimamoon waamichi taasifamuuf
dorgommiin bu’aa qabeessi akka jiraatuu kan dandessisu ta’uun isaa
mirkanaa’uu kan qabu yoo ta’u, hanga danda’ametti lakkoofsii
dorgomtoota kaadhimamoo affeeramanii shan hanqachuu hin qabu.
c. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (2) (a) fi (b) jalatti ibsame jiraatus,
dorgomtoonni kaadhimamoon yoo waamichi godhameef hirmaachuu
kan barbaadan ta'uu isaa ibsuuf akka danda'aniif manni hojiichaa bittaa
raawwatu akkaataa labsii kanaa keewwata 25 jalatti tumameen beeksisa
11/08/2021
baasuu ni danda'a. BMMDO 41
3. Yeroon qophii sanada yaada dorgommiitiif hayyamamu baayina guyyaa qajeelfamaa
bittaa keessatti murtaa’e isa xiqqaa gadi ta'uu hin danda'u. Ta’us dorgomtoonni
kaadhimamoon waamichii godhameef hundii sanada yaada dorgommii guyyaa
caalbaasiin cufamuun dura yoo deebisan yookaan galchan qaamni bittaa raawwatu
beeksiisa dursaa yeroo gahaa kennuudhaan caalbaasiicha guyyaa beeksisaan
ibsameen dursee banuu ni danda’a.
4. Qaamni bittaa raawwatu haala bittichaa irratti hundaa'uudhaan kabachiisa caalbaasii
dhiyeessuun kan barbaachisu ta'uu fi ta'uu dhiisuu isaa ni murteessa.
 
Kutaa Torba

Bittaa Dhiyessaa Tokko Irraa Raawwatamu


 
41. Dhiyeessaa Tokko Irraa Bittaa Raawwatamuuf Haalawwan Guutamuu Qaban
5. Qaamolee bittaa raawwatan dhiyeessaa tokko irraa bittaa kan raawwatan
dhiyeessitoota gidduu dorgommiin akka hin jiraanne yookaan dorgomtoota gidduutti
garaagarummaa uumuuf yaadamee ta'uu hinqabu. Haata’u malee manneen hojii
mootummaa haalawwan armaan gadii keessaa tokko yoo qunname dhiyeessaa tokko
irraa bittaa raawwachuu ni danda'u.
11/08/2021 BMMDO 42
a. Meeshichi, hojiin damee ijaarsichaa yookaan tajaajilichi sababa dhiyeessaa tokkicha irraa argamuuf wal-
dorgomsiisuun kan hindanda’amne ta'ee yammuu argamu.
b. Meeshaaleef, tajaajilootaaf yookaan kan walitti hidhamaniif meeshaalee jijjiirraa dabalataan dhiyeessaa
duraa irraa bituun yammuu barbaadamu yookaan dhiyeessaa biroo irraa bittaan yoo raawwatame
meeshaan yookaan tajaajilli bittamu qaama bittaa raawwatuuf meeshaa yookaan tajaajila itti fayyadamuu
wajjin kan wal hin simne ta'ee yoo argamee fi dhiyeessaa duraa irraa meeshaalee, tajaajila yookaan kan
walitti hidhaman dabalataan bituun barbaachisaa yammuu ta'u.
c. Haalawwan hin yaadamne sababa qunnamaniin waliigaltee duraa keessatti kan hin kaa'amin hojiiwwan
ijaarsaa dabalataa hojjechiisuun barbaachisaa ta'ee yoo argamee fi sababa teekinikaa yookaan dinagdeetiin
hojiiwwan ijaarsaa kana waliigaltee duraanii irraa adda baasanii hojjechiisuun kan hindanda'amne ta'ee
yammuu argamu.
d. Mo'ataan erga filatamee booda waliigaltee mallatteeffameen, bittaan duraa kan itti raawwate hojiiwwan
walfakkaatan dabalataan akka hojjetaman taasifamuu waan barbaachiseef hojii ijaarsaa haaraaf waliigaltee
raawwachuun barbaachisaa yammuu ta'u.
e. Waliigalteen gorsaa kan duraa haala quubsaa ta'een xumuramuun isaa fi waliigalteen akka dheeratu
gochuun qusannaa fi si'aayina kan argamsiisu ta'uunsaa waan mirkanaa'eef tajaajilicha ittifufuun
barbaachisaa ta'ee yammuu argamu.
f. Haalli raawwii isaa qajeelfama Biiroon baasuun kan murtaa’u ta’ee manneen hojii mootummaa fedhii bittaa
addaa qabaatan guutuuf gabaarraa funaanuun yookaan qinxaaboon bituuf haalawwan dirqisiisan yoo
umaman,
g. Yeroo gabaabaaf kan turuu fi qaama bittaa raawwatuuf bittaa meeshaa haala faayidaa addaa argamsiisu
raawwatamuuf yammuu ta'uu dha. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1(a) hanga (f) tumame dhabbilee
dhiyeessitoota idilee ta'anii hin bobbaane meeshaa isaan gurguraniif kan gargaaru yoo ta'u, dhiyeessitoota
idilee ta'anii bobba'an irraa bittaa yeroo hunda rawwatamu hin dabalatu.
h. Baay’ee ariifachiisaa ta'uu isaa irraa kan ka'e rakkoo guddaa kan uumuu fi raawwii hojii mana hojichaa irratti
sababa miidhaa geessisuuf hojii gaggeessaa ol'aanaa mana hojichaatiin bittaa hayyamame.
11/08/2021 BMMDO 43
2. Qaamoleen bittaa raawwatan qajeelfama bittaatiin hamma maallaqaa
murtaa'ee kan hin-caalle bittaa xixiqqaa dhiyeessaa tokko irraa
raawwatamutiin fayyadamuun kallattiidhaan gabaa irraa bituu ni danda'u.
3. Bu’ura kewwata kana keewwata xiqqaa (1)(f) fi (g) fi (2) tiin bittaa
kallattiidhaan dhiyeessaa tokkorraa bittaawwan raawwatamaniif waliigaltee
mallatteessuun hin barbaachisu.
 
42. Bittaa Dhiyeessaa Tokko Irraa Raawwatamu
4. Qaamni bittaa raawwatu labsii kana keewwata 41 (1) (a) hanga (h) jalatti akka
tumametti dhiyeessaa tokko irraa yammuu bittaa raawwachuu barbaadan
bitticha raawwachuuf sababa barbaachisee fi meeshaa yookaan tajaajila
bitamu qulqullina isaa, baayyina isaa, yeroo itti dhiyaatuu fi haalawwan biraa
kan ibsu ibsa qopheessuu fi dhiyeessaa wajjin ifatti mari'achuu qabu. Erga
mariin taasifameen booda akkaataa labsii kana keewwata 41(3) jalatti
tumameen ala bittaa raawwachuuf waliigalteen irra gahamu qaama lamaaniin
waliigaltee mallatteeffamuun mirkanaa'uu qaba.
5. Bittaa dhiyeessaa tokkorraa raawwatamuuf marii taasisuuf qabxileen
xiyyeeffannoo marii gaggeessaa ol’aanaa mana hojii mootummaatiin
mirkanaa’e mari’atootaaf kennamuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 44
Kutaa Saddeet

Gaaffii Bittaa Yaada Dorgommii fi Bittaa Dhiyeessa Gatiitiin Raawwatamuu


 
43. Gaaffii Yaada Dorgommiitiin Bittaa Raawwachuuf Haalawwan Guutamuu
Qaban
Qaamoleen bittaa raawwatan akkaataa labsii kana keewwata 44 jalatti tumameen
mala bittaa gaaffii yaada dorgommiitiin raawwachuu kan danda'an tajaajila gorsaatiif
yookaan gatii waliigalaa waliigaltichaa keessaa gatiin tajaajila gorsaa %50 ol yoo ta'e
dha.
 
44. Raawwii Bittaa Gaaffii Yaada Dorgommii
Baasiin tajaajilli gorsaa gaafatu hamma maallaqaa qajeelfamaa Biiroon baasuun
murtaa'ee ol yoo ta'e, dorgomtootni kaadhimamtootni kan filataman dorgommicha
irratti hirmaachuuf yaada isaanii akka ibsan beeksisaan erga afferamanii booda ta'a.
1. Yaadni gaaffii wal-dorgommii dorgomtoota kadhimamtoota sadii gadi kan hin
taanee fi torba kan hin caallef qaama bittaa raawwatuutiin dorgomtoota
filatamaniif ergamuutuu irra jira,
2. Gaaffiin yaada dorgommii yoo xiqqaate
11/08/2021 ragaalee kanatti aanan qabaachuu qaba.
BMMDO 45
a. Maqaa fi teessoo qaama bittaa raawwatuu
b. Barreeffama ka’umsaa tajaajila barbaadamu agarsiisu
c. Tajaajila gorsaa walitti bu'iinsa faayidaa fiduu danda'u yoo ta'e, dorgommii akkasii
keessatti dorgomtoonni kaadhimummaadhaan dhiyaatan tajaajila gorsaatti aansee
tajaajila gorsaatiin walqabatee dhiyeessaa meeshaa fi hojii ijaarsaa keessaa of-
daangessuu akka qaban yaadachiisa ibsu.
d. Ulaagaalee yaadni dorgommii ittiin gamaaggamamu, qabxii gatii fi ulaagaalee biroof
kennamu, ulaagaaleen kun yaadni dorgommii wayitii gamaaggamamu haala ittiin
faayidaarra oolan.
e. Iddoo fi guyyaa dhumaa yaadni dorgommii itti dhiyaatu,
3. Dhiyeessitootaaf yeroo gahaa yaada dorgommii itti dhiyeessan kennamuufii kan qabu yoo ta’u,
danagaan yeroo qajeelfama bittaa Biiroon baasuun murtaa’a.
4. Qaamni bittaa raawwatu dorgomaa kaadhimamaa 1ffaa ta'ee filatame waliin yaada dorgommii
dhiyeessitoota keessaatti kan mula’te amala, baay'inaa fi gurmaa'ina tajaajilichaa gama ilaaluun
marii gochuu yookaan fooyya'insi akka taasifamu hayyamuu ni danda'a.
5. Manni hojii bittaa raawwatu mo'ataa kan filachuu danda'u ulaagaalee sanada gaaffii yaada
dorgommii keessatti ibsaman irratti hundaa'uudhaan, gamaaggama adeemsifameen dorgomaa
yaada dorgommii irra caalaa faayidaa qabu dhiyeessee dha.
45. Bittaa Dhiyeessaa Gatiitiin Raawwatamuuf Haalawwan Guutamuu Qaban
  Qaamoleen bittaa raawwatan mala bittaa dhiyeessaa gatiitiin bittaa raawwachuu kan
danda'an gosa bittaa fi hamma gatii qajeelfama bittaa Biirrichi baasuun kan murtaa'un
ta’a.
11/08/2021 BMMDO 46
Kutaa Sagal
Bittaa Caalbaasii Sadarkaa Lamaa
 

46. Bittaa Caalbaasii Sadarkaa Lamaan Raawwatamuuf Haalawwan


Guutamuu Qaban
Qaamni bittaa raawwatu bittaa caalbaasii sadarkaa lamaa raawwachuu kan
danda'u haalawwan kanaa gaditti ibsaman guutamanii yoo argaman qofaa dha.
1. Meeshaawwanii fi tajaajiloota bitamaniif tarreeffama gahaa qopheessuuf sadarkaa mana
hojichaatti kan hin danda'amne ta'ee yoo argame yookaan tajaajiloota ilaalchisee amala isaanii
adda baasanii agarsiisuuf kan hin danda'amne yoo ta'ee fi qaamni bittaa raawwatu fedhii bittaa
isaa sadarkaa ol'aanaadhaan guuttachuuf furmaata dandeessisu barbaaduuf,
2. Bittichi kan raawwatamu meeshaalee gabaa irra oolu danda'an oomishuuf yookaan baasiiwwan
qorannoo fi misoomaa bakka buusuuf hanga hin ta’initti qaamni bittaa raawwatu hojii qorannoof,
yaaliif, qo'annoo fi hojiiwwan misoomaa adeemsisuuf kan dandeessisu waliigaltee raawwachuu
yoo barbaade.
3. Caalbaasiin akka bahu taasifamee meeshaalee bitaman, hojiiwwan damee ijaarsaa, tajaajila
gorsaa fi amala tajaajila biroo yookaan uumamni isaanii ifa ta’uu dhabuu isaatiin dorgomtootni
kaadhimamoo caalbaasiicha irratti kan hin dhiyaanne yoo ta'e yookaan dorgomtootni dhiyaatan
yoo kufanii fi kunis kan ta’e manni hojichaa tarreeffama fedhii bittaa guutuu qopheessuu
dadhabuu isaatiin ta’uun yoo itti amaname.
4. Sababa amala yookaan uumama meeshawwa bitamanii, hojiiwwan ijaarsaa fi tajaajiloota irraan
kan ka'e dorgomtoota kaadhimamoo waliin marii gochuu yoo barbaachise.
11/08/2021 BMMDO 47
47. Raawwii Caalbaasii Sadarkaa Lamaa
1. Caalbaasiin sadarkaa lamaa kan raawwatamu, marsa duraatiin dorgomtootni
kaadhimamoon yaada dorgommii gatii hin daballe akka dhiyyeessan ifaan waamichi ni
taasifamaaf. Sanadni Caalbaasii ibsawwan teeknikaa waliin qunnamtii qaban,
qulqullina yookaan amala meeshichaa yookaan tajaajilichaa akkasumas walii-galtee
dhiheessaa jechootaa, haalawwanii fi hanga sirrummaa qabutti ogummaa
dhiheesitootaa fi dandeettii teekinikaa akka ibsan gaafatamuun ni danda'ama.
2. Manni hojii mootummaa marsaa duraatiin yaada dorgommi dhiyaate akkaataa fedhii
bittichaatiin xiinxaaluun dhiyeessitoota yaada dorgommii fudhatama qabu dhiyeessan
addaan baasa. Yeroo kana akkataa barbaachisummaa isaatiin manni hojii mootummaa
yaada dorgommii dhiyeessan ilaalchisee dorgomtoota kaadhimamoo waliin
ragaawwan dorgommi isaanii fi mirga abbaa qabeenyummaa eegee marii gochuu ni
danda’a.
3. Mannii hojii mootummaa yaadota dorgommii marsaa tokkoffaa irratti dhiyaatan fedhii
bittaa irratti hundaa’uudhaan xiinxaalee fedhii isaa haala caalmaa qabuun guutuuf kan
danda’u tarreeffama waaltinaa’e ni qopheessa. Tarreeffamni qophaa’e dorgomtoota
marsaa duraatiin yaada dorgommii fudhatama qabu dhiyeessan beeksisuuf
dorgomtoonni gatii dabalatee tarreffama fooyya’e bu’ureffachuun yaada dorgommii
isa dhumaa fi kabachiisa caalbaasii akka dhiyeessan ni affeeramu.

11/08/2021 BMMDO 48
4. Keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti akaataa ibsameen manni hojii
tarreffama haaraa yoo qopheessu sanada caalbaasii jalqabaa keessatti kan
ibasaman tarreeffama teeknika meeshaa yookaan tajaajilaa kamiyyuu, fi
sanadoota xiinxaaluuf fi dorgomsiisuuf akkasumas mo’ataa filachuuf
ulaagaalee taa’an keessaa isa kamiyyuu haquuf yookaan fooyyeesuuf
yookaan labsii kan waliin kan wal-simu amalootaa fi ulaagaalee haaraa
kamiyyuu itti dabaluu ni danda’u. Haqinsii, fooyya’iinsii yookaan
dabalanni akka kanaa kamiyyuu sanada caalbaasii dhumaa akka dhiyaatu
waamicha darbuun dorgomtootaaf ibsamuu qaba.
5. Bu’ura tarreffama foyya’eetiin caalbaasii marsaa lammaffaatti hirmaachuu
dorgomtooni hin barbaadne dorgommiin ala of taasisuu ni danda’u. Haala
kanaan dorgomaan dorgommiin ala of taasise kabachiifni caalbaasii isaa
hin dhaalamu.
6. Manni hojii mootummaa sanada yaada dorgommii marsaa lammaffaatin
dhiyaatan bu’ura labsii kana keewwata 35tiin xiinxaaluun mo’ataa
caalbaasii adda ni baasa.
7. Manni hojii mootummaa caalbaasicha baase xiinxaala caalbaasiitiin
dorgomaa qabxii guuddaa argatee waliin gatii irraa kan hafee dhimmoota
biroo irratti marii taasisuu ni danda’a.
11/08/2021 BMMDO 49
Kutaa Kudhaan

•  
Mala Bittaa Addunyaa Irraa Ittiin Raawwatamu
48. Caalbaasii Bittaa Addunyaa
1. Malli bittaa caalbaasii ifaa addunyaa faayidaarra ooluu kan danda'u
kubbaniyyoonni biyya alaa caalbaasii irratti akka hirmaatan yoo taasifame malee
caalbaasii ifaatiin dorgommiin bu'aa qabeessa ta'e jiraachuu akka hin danda'amne
yoo amaname yookaan bittichi hamma maallaqa qajeelfama Biiroon baasuun
murtaa'ee ol yoo ta'ee dha.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti akka ibsametti bittichi qajeelfama
Biiroon baasuun hamma mallaqaa agarsiifamee ol ta’us omishichii yookaan
tajaajilichi biyya keessatti qofa kan argamu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e bitichii
caalbaasii ifaa biyya keessaatiin gaggeeffamuu ni danda’a.
3. Caalbaasii ifaa bittaa addunyaa kutaa 6 keessatti kan ibsamanii fi akkasumas
sirnoota armaan gaditti tarreeffaman hordofuu qaba.
a. Beeksisni caalbaasii fi sanadoonni caalbaasii afaan Ingliffaan qophaa'uu qabu.
b. Beeksisni caalbaasii gaazeexaa afaan beeksisni caalbaasii ittiin qophaa'een bahuu,
tamsa'ina gahaan qabuu, fi gaazexaa dorgommii addunyaawwaa affeeru irratti
maxxanfamuu fi qajeelfama Biirootiin web-saayitii ibsamu irratti bahuu qaba.
11/08/2021 BMMDO 50
c. Yeroon yaadni dorgommii itti dhiyaatu, beeksisni caalbaasii dorgomtoota
kaadhimamoof akka gahu gochuu fi dorgomtoonni kaadhimamooni yaada
dorgommii qopheessanii dhiyeessuuf kan dandeessisu yeroo gahaa kan
hayyamu yoo ta'u qajeelfama Biiroon baasuun yeroo xiqqaa kennamuu gadii
ta’uu hin qabu.
d. Tarreeffaman meeshaa fi tajaajilaa sadarkaa biyya keessaa wajjin kan walsimu
ta'ee, hanga danda’ametti sadarkaa addunyaatti yookaan daldala addunyaatti
sadarkaa bal'inaan ittiin hojjatamu kan bu'uureeffate ta'uu qaba.
e. Dorgomtoonni kaadhimamoon gatii ittiin dorgoman akkasumas sanada wabii
dhiyeessan kamiyyuu maallaqa Itoophiyaatiin yookaan sanada caalbaasichaa
keessatti kan ibsamee fi daldala addunyaatti maallaqa bal'inaan ittiin
hojjatamuun akka dhiyeessan hayyamamuu qaba.
f. Haalli fi jechootni waliigaltee waliigalaa fi waliigalteen addaa daldala
addunyaatti kan ittiin hojjatamanu ta'uu qabu.
4. Qajeelfama Biiroon baasuun dangaan taasifamu akkuma eggametti ta’e
malawwan bittaaf hal-dureewwan taa’an yoo guutamanii argamanii fi
kubbaaniyyoonni biyya alaa yoo qooda fudhatan malee dorgommiin bu’aa
qabeesa taasifamuu akka hin dandenyee yoo amaname manni hojii
mootummaa Caalbaasii ifaa ta'een ala mala bittaa caalbaasii murtaa'aati, gaaffii
yaada dorgommiitiin yookan mala bittaa dhiyeessaa tokkoorraa raawwatamuun
fayadamuun bitticha dorgommii addunyaawwatiin raawwachuu ni danda’u.
11/08/2021 BMMDO 51
 49. Dirqama Sadarkaa Adduunyaatti Seenamu:-
1. Labsiin kun mootummaan Naannoo jaarmiyaalee sadarkaa addunyaa tokko ykn
tokkoo ol ta'an wajjin waliigaltee taasiseen ykn taasisuun dirqama waliigaltee kana
irraa maddu waliin kan wal-hin simne yoo ta'e waliigalticha keessatti kan mul'atetu
ragga'a.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)’jalatti waliigalteen ibsame lammii
Itoophiyaatiif ykn dorgomtoota Itoophiyaa keessa jiraataniif ilaalchi addaa kan
eyyamamu yammuu ta'u qaamni bittaa raawwatu ilaalchaa addaa taasifamu sanada
dorgommii keessatti ifatti akka mul'atu gochuutu irra jira.
 
Kutaa Kudha Tokko

Bittaa Addaa fi Dhabamsisa Qabeenya Ol’aanaa


 
50. Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Ol’aanaa
Bittaawwan ol’aanaa faayidaa akka naannootti argamsiisan, dhiyessawwan bittaa
manneen hojii mootummaa tokkoo ol ta’aniin barbaadaman akkasumaas gurgurtaa
qabeenya ol’aanaa dhabamsifamani bakka tokkotti qaamni raawwatu Mana Maree
Bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan hundaa’u ta’a.
11/08/2021 BMMDO 52
51. Raawwii Bittaa Waligaltee Yeroo Dheeraa
1. Manneen hojii mootummaa fedhii bittaa wal-fakkaatu qabaniif yookaan manni
hojii tokko yeroo murtaa’e keessatti irra deddebiin fedhii bittaa qabaatuuf bittaa
waliigaltee yeroo dheeraaf turuun raawwachuun ni danda’ama.
2. Manneen hojii adda addaa bittaa walfakkaatu qaban yeroo murtaa’e keessatti
bittaa raawwataniif waligalteen yeroo dheeraa haala armaan gadiitti ni
taasifama;
a. Biiroon manneen hojii mootummaa fedhii bittaa qaban yeroo yeroon qorachuun
tarreeffama fedhii bittaa meeshaa fi tajaajilaa ni baasa yeroo yeroonis ni haaromsa.
b. Manneen hojii mootummaa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 (a) jalattii
tarreffamni isaanii meeshaalee fi tajaajila ibsamaniif tilmaama fedhii qaban
qopheessanii bitticha raawwachuuf qaama angoon keenameettif ni beeksisuu.
c. Qaamni hundaa’u labsii kanaan kan ibsamee fi qajeelfama Biiroon baasuun haala
raawwii isaanii bu’ureffachuun waliigaltee yeroo dheeraatti bittaa ni raawwata
waligaltees ni bulcha.
d. Manneen hojii mootummaa waliigaltee yeroo dheeraa mallattaa’e bu’ura taasisuun
meeshichii yookaan tajaajilicha yeroo barbaadametti ajaja bittaa kennuun bittaa
isaanii ni raawwatu.
e. Manneen hojii mootummaa dhiyeessaa waliigaltee yeroof ajaja kan dabarsan
waliigaltee yeroo dheeraa gatii ittin waligalamee, haala kaffaltii fi raawwii biroo
haala walsimeen ta’a.
11/08/2021 BMMDO 53
3. Ajaja bittaa irratti haala labsii kana keewwata 27(2) (k)tiin yoo ta’e malee
gatii baaqqee waliigaltee yeroo dheeraa yookaan dhimmoota bu’ura
waliigaltee biroo irratti jijjirama taasisuun hin hayyamamu. Ta’us waliigaltee
yeroo dheeraatti dhimmoonni hin hammatamnee fi dhimmooni jijjiirama
bu’ura waliigaltee yeroo dheeraa irratti hin hordofsiisne manni hojii
mootummaa fi dhiyeessaan waliigaltee yeroo dheeraa waligaltee
taasisaniin ni murtaa’a.
4. Waliigalteen yeroo dheeraa kan taasifamu mala bittaa caalbaasii ifaatti
bittaa gaggeeffameef ta’ee hanga waggaa sadii ragga’ee turuu ni danda’a.
5. Manni hojii mootummaa tokko fedhii bittaa irra deddeebin qabaatuuf
waliigaltee yeroo dheeraa mallattessuun bittaa raawwachuu kan danda’u
qajeelfama Biiroon baasuun haala gatiin meeshaalee yookaan tajaajilaa itti
murtaa’u ulaagaa ifa ta’ee bahuun bu’ureefachuun ta’a.
 

11/08/2021 BMMDO 54
Kutaa Kudha Lama
Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa
52. Waliigala
Bu’uura qajeelfama Biiroon baasuun tokkoon tokkoon Itti gaafatamaa ol’aanaa
mana hojii Mootummaa qabeenya Mootummaa sirnaan qabuu fi fayyadamuu
barbaachisaa ta’ee yoo argamuus gochii dhabamsiisuu raawwatamuu isaa
mirkaneessuuf dirqama qaba.
 
53. Waa’ee Qabeenya Mootummaa Qabachuu
1. Kaayyoon Qabeenyi Mootummaa abbummaan qabamuuf kamiyyuu karoorawwan
mana hojii mirkanaa’an raawwachiisuu fi tajaajila mana hojichaan kennamu saffisiisuun
bu’aa qabeessaa fi gahaa taasisuuf ta’uu qaba.
2. Biiroon qabeenyota Mootummaa harka manneen hojii Mootummaa jalatti hin argamne
kamiyyuu akka qabeenya mootummaatti ni qabaata, ni bulchaa, barbaachisaa ta’ee yoo
argamus akka dhabamsiifaman ni taasisa.

54. Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa


1. Itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii Mootumma qabeenya Mootummaa bulchuuf
sirna bara jireenya qabeenyaa ni hordofa.
11/08/2021 BMMDO 55
2. Itti gaafatamaan ol’aanaa mana hojii mootummaa qabeenyi Mootummaa yeroo
qabamee, hanga guyyaa tajaajilaan ala ta’utti qabeenyichi yeroo tajaajila itti dhaabee,
gosa qabeenyichaa, baay’ina isaa fi baasii hordofsiisaa ture tarreeffamni agarsiisu
yookaan seenaa qabeenyichaa guutuu ta’ee qabamuu isaa mirkaneesu qaba.
3. Itti gaafatamaan ol’aanaan mana hojii mootummaa qabeenya dhaabbii mana
hojichaa kamiyyuu eeguuf itti gaafatamummaan duraa hojjattoota yookaan itti
gaafatamtoota qabenyicha ergifatanii itti tajaajilaman yookaan raawwattota
bulchiinsa qabeenya dhaabbi irratti hojjataniif kan kenname ta’us galmee qabeenya
dhaabbi irratti maqaan eegdotaa barreeffamuu isaa fi iddoo qabeenyi eegumsa isaanii
jalatti argamanii jiran galmaa’uu isaa mirkaneeffachuu qaba.
4. Itti gaafatamaan ol’aanaa mana hojii mootummaa qaabeenyonni dhumataa
battalumatti hojiirra hin oolle mana hojiichaa keessatti kutaa qabeenyaa dhimmichii
ilaaluun galmee facaatii meeshaa keessatti kan hammataman ta’uu isaa fi eegumsa
isaaniitti qaamni itti gaafatamummaa fudhatu ramadamuu isaa mirkaneeffachuu
qaba.
5. Qabeenyi Mootummaa kamiyyuu yoo xiqqaate waggaatti al tokko lakkaawwamuu
qabu.
6. Qabeenya Mootummatiif gatii sirrii ta’e baasuun yoo dadhabamu akkaataa
qajeelfama Biiroon baasuutiin tilmaama gatii isaa shallaguun ni danda’ama.
7. Qajeelfama Biiroon baasu irratti hundaa’uudhaan qabeenya dhaabbii Mootummaatiif
shallaggiin hir’ifama gatii dullummaa ni taasifama.
11/08/2021 BMMDO 56
55. Itti Fayyadamaa fi Suphaa
1. Itti gaafatamaan ol’aanaan mana hojii Mootummaa qabeenya Mootummaa
kamiyyuu kaayyoo fi milkaa’ina galma mana hojii Mootummaatiif haala bu’aa
qabeessa ta’een qusatamee hojiirra oolu isaa mirkaneessuf dirqama qaba.
2. Itti gaafatamaan ol’aanaan mana hojii mootummaa haala qajeelfama Biiroon
baasu irratti hundaa’uun Qabeenya Mootummaa kallattii dinagdummaa fi
qusannoo qabuun fayyadamuuf sirna tajaajila suphaa fi kunuunsa qabeenya hojii
irra oolchu qaba.
 
56. Eegumsaa fi Kunuunsa Taasifamu
Itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii Mootummaa fi hojjataan mootummaa
kamiyyuu qabeenya Mootummaa eeguu fi kunuunsuuf itti gaafatamummaa qaba.
 
57. Qabeenya Mootummaa dhabamsiisuu
3. Itti gaafatamaan ol’aanaa mana hojii Mootummaa qabeenyoonni tajaajila hin
kennine yookaan faayidaa ala ta’an dhabamsiifamu isaanii mirkaneessuu qaba.
4. Maallaqni qabeenya Mootummaa dhabamsiifame irraa argamee fi ibsi
qabeenyichaa gabaasa herrega Mootummaa keessatti hammatamuu qaba.
5. Galiin qabeenya Mootummaa dhabamsiisuun argame sanduuqa Mootummaa
11/08/2021
Naannootti galii taasifamuu qaba. BMMDO 57
58. Qabeenya Haquu
1. Qabeenyi Mootummaa mana hojii mootummaa keessatti argamuuf
yookaan mana hojii mootummaa biroof tajaajila kan hin kennine ta’uu
isaatii fi gatii akka hin baasne yoo mirkanaa’u qajeelfama Biiroon
baasuu irratti hundaa’uun galmeerraa ni haqama.
2. Akkaataa qajeelfama Biiroon baasuun qabeenyi Mootummaa yoo
badu, tajaajilaan ala yoo ta’u, yoo hatamu yookaan haala biroo
walfakkaatuun yoo hir’atu yookaan dhabamu galmee qabeenya irraa
ni haqama.
3. Qabeenyi Mootummaa kamiyyuu yoo haqamu ibsii isaa fi gatiin
qabeenyichaa haala qajeelfama Biiroon baasuutiin gabaasa herrega
Mootummaa keessatti qabamee mul’achuu qaba.
 
59. Dabarsuu
Biirichi qabeenya mana hojii Mootummaa giddugaleessaa keessatti tajaajila
hin kenninee Bulchinsa Magaalotaaf, Aanaalee fi Godinaalee yookaan
dhaabbilee itti gaafatamummaa Mootummaa gargaaruuf tumsan biroof
kennaadhaan
11/08/2021
haala itti darban qajeelfaman
BMMDO
ni murteessa. 58
Kutaa Kudha Sadii
Iyyata Raawwii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya
Mootummaa Irratti Dhiyaatu
60. Waliigala
1. Tumaaleen kutaa kanaa akkuma eegametti ta'ee, manni hojii
bittaa raawwatu yookaan qabeenya dhabamsiisu hojiin raawwatu
yookaan osoo hinraawwatamin hafe labsii kanaa fi qajeelfama
Biiroon baasuu ni diiga jedhee dorgomaa kaadhimamaan amane
gaggeessaa ol’aanaa mana hojiitiif yookaan sadarkaa Biirichaatti
iyyata dhiyeeffachuu ni danda'a.
2. Kana keewata kana keewwata xiqqaa (1) jaltti tumame jiraatu
iyyuu dhimmoota armaan gadii irratti iyyannoo dhiheeffachuun
hin danda’amu
a. Labsii kanaan haala tumameen filannoo mala bittaa raawwatamuu.
b. Akkaataa labsii kana keewwata 20 jalatti tumameen murtii caalbaasii, yaada
dorgommii yookaan dhiyeessa gatii kuffisuuf kenname.
c. Manni hojii mootummaa qabeenya dhabamsiisuuf tooftaa filate.
d. Haala qabiinsaa fi itti fayyadama qabeenya mootummaa irratti.

11/08/2021 BMMDO 59
3. Qaamni bittaa raawwatu mo'ataa caalbaasii waliin waliigaltee bittaa erga
mallatteessee booda, dorgommiin sadarkaa kanaa hanga gahutti sababa hojii
raawwatameen yookaan osoo hin raawwatamin hafeetiin iyyata dhiyaatu qaama
bittaa raawwatuun yookaan Biirichaan ilaalamuu hin danda'u.
4. Keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti kan tumame hojiira ooluu kan danda’u
haal-dureewwan armaan gadii yoo gutaman ta’a;
a. Qajeelfama Biiroon baasuun daangaa yeroo taa’e keessatti mana hojii mootummaatiif iyyanni
osoo hin dhiyaatin hafee waliigalteen yoo mallattaa’e.
b. Iyyanni dhiyaate manni hojii mootummaa deebii kan kennee fi qajeelfama Biiroon baaseen
mo’aataan erga ibsameen booda waliigaltee raawwachuuf dangaan yeroo taa’e xumuramuu
isaatiin waliigalteen kan mallattaa’e yoo ta’e.
5. Bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa irratti iyyata dhiyaatu ilaalchisee haalli
raawwii isaa qajeelfama Biiroon baasuun murtaa’a.
 
61. Iyyata Ittigaafatamaa Ol'aanaa Qaama Bittaa Raawwatuutti Dhiyaatu
6. Iyyatni sababa hojiiwwan qaama bittaa raawwatuutiin hojjataman yookaan osoo
hin hojjetamin hafan irratti dhiyaatu,duraan dursee dhiyaachuu kan qabu
ittigaafatamaa ol'aanaa qaama bitticha raawwatuutti ta'a.
7. Dorgomaa kaadhimamaan iyyata dhiyeeffachuu kan danda'u murtii iyyatichaaf
bu'ura guyyaa beekerraa yookaan guyyaa beekuun irra jiruu jalqabee guyyaa hojii
5 keessatti ta'a.
11/08/2021 BMMDO 60
3. Iyyatichi qaamolee lamaan gidduutti waliigaltee godhamuun yoo furmaata argate
malee, ittigaafatamaan ol'aanaan qaama bittaa raawwatuu raawwii bittichaa
dhorkee, guyyaa iyyatni itti dhiyaatee jalqabee guyyaa hojii 10 keessatti, sababa
murtiin itti kennameef yookaan iyyatichi fudhatama kan argate yoo ta'e, tarkaanfii
sirreeffamaa fudhatu tuquudhaan barreeffamaan murtii kennuu qaba.
4. Itti gaafatamaa ol'aanaan qaama bittaa raawwatuu akkaataa keewwata kana
keewwata xiqqaa (3) jalatti tumameen yeroo murtaa'e keessatti yoo murtii kennuu
baate, yookaan dorgomaan murtii ittigaafatamaa ol'aanaa qaama bittaa
raawwatuutti yoo quufuu baate, guyyaa murtiin qaama bittaa raawwatuun ibsameef
irraa kaasee guyyaa hojii 5 keessatti Biirichaaf iyyata dhiyeeffachuu ni danda'a.

62. Iyyata Biirichaaf Dhiyaatu


5. Biirichi yammuu iyyatni itti dhiyaatu battalumatti qaama bittaa raawwatutti iyyatni akka
dhiyaate kan ibsu beeksisa ni erga.
6. Mannii hojii mootummaa beeksisni ergameef Biirrichi hanga murtii kennutti sochii itti aanu
kamiyyuu taasisu battalumatti dhaabuu qaba.
7. Biirichi iyyata dorgomaa kaadhimamaa yoo kuffise malee;
a. Qaamni bittaa raawwatu gocha seeraa alaa akka hin raawwannee fi murtii akka hin kennine dhorkuu,
b. Mo’ataa caalbaasii filachuu fi waliigaltee mallattessuu waliin murtiiwwan wal qabataniin alatti manni
hojii mootummaa hojii isaa akka raawwatu,
c. Manni hojii mootummaa seeraa ala gochii raawwate yookaan murtoon kenne gar-tokkeen yookaan
gutummaa guutuutti kufaa akka ta’u murtii kennuu ni danda’a.
11/08/2021 BMMDO 61
4. Biirichi iyyata irratti murtii kennuun dura qaamolee waa'ee iyyatichaa beekuun
irra jiru beeksisuu, qaamolee kanneen irraa yaadni falmii fi ragaan dhiyaate yoo
jiraate kanuma qorachuu qaba.
5. Biirichi guyyaa iyyatni dhiyaateef irraa kaasee guyyaa hojii 15 keessatti sababa
murtii sanaaf ka'umsa ta'ee fi tarkanfiilee furmaataa fudhataman tuquun murtii
kennuu qaba.
6. Biirichi iyyata dhiyaateef xiinxaaluu fi murtii keennuuf barbaachisaadha jedhee
yoo amanu qaamolee dhimmii ilaalu waamee hasofsiisuu yookaan ragaa
gaafachuu fi argachuu akkasumas qaama kamiyyuu irraa deeggarsa ogummaa
gaafachuu fi argachuu ni danda’a.
7. Keewwata kana keewwata xiqqaa (5) jalatti haala tumameen murtiin kennamu
kanneen armaan gadii keessaa tokko ta’uu ni danda’a;
a. Dorgomaa kaadhimamaa yookaan dhiyeessaa yookaan qaama qabeenya dhabamsiifamu
bitu balleessaa raawwatee argame bittaa mootummaa fi dhabamsiisa qabeenyaa kamiyyuu
irratti yeroo murtaa’eef yookaan hin dangeffamneef akka hin hirmaanne dhorkuu,
b. of-eeggannoo barreeffamaa kennuu,
c. iyyata dhiyaate kufaa gochuu.
d. Biiroon haala iyyata itti fuudhuu fi hojimaata xiinxaalee deebii itti kennu qajeelfama
baasuun hojiirra ni oolcha.
8. Biiroon haala iyyata itti fuudhuu fi hojimaata xiinxaalee deebii itti kennu
qajeelfama baasuun hojiirra ni oolcha.
11/08/2021 BMMDO 62
Kutaa Kudha Afur

Tumaalee Adda Addaa


  

63. Balleessaa fi Adabbii


1. Labsii kana raawwachuuf itti gaafatamaan manneen hojii mootummaa kamiyyuu
keessatti muudame yookaannamni ramadame;
a. Akkaataa seeraatiin kan kaffalamuufiin ala hojii irratti ramadame waan hojjateef kaffaltii
kamiyyuu yoo fudhate yookaan,
b. Adeemsa bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mana hojii Mootummaa kan waliin dhaye
yookaan namni biraa akka waliin dhahu haala mijeessuudhaan kan waliigale yookaan
kan yaale, yookaan,
c. Ta’ee jedhe karaa kaminiyyuu sanada kijibaa irratti kan mallatteesse yookaan galmeesse,
yookaan waraqaa ragaa kijibaa kan kenne, seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo
ta’e malee adabbii maallaqaa qarshii 25,000 gadi kan hin taane fi 35,000 hin caalleen fi
hidhaa cimaa waggaa 10 gadi hin taanee fi waggaa 15 hin caalleen adabama.
  

2. Ogeessi bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa kamiyyuu ragaa labsii kanaan akka ifa
ta’utumameen ala,
a. Sababa taayitaa fi itti gaafatamummaa qabuun ragaawwan mana hojii tokkoo
beekee nama biroo kamifiyyuu yookaan bakka bu'aa nama kanaa kan ta'eef
11/08/2021
dabarsee kan kenne yookaan BMMDO 63
b. Itti gaafatamummaa hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa kennameef
raawwachiisuuf akka danda'u mana hojii mootummaa biratti kan argamu ragaa
kamiyyuu ajaja mana murtii yookaan qaama aangoon kennameef malee nama
sadaffaaf kan dabarsee kenne, seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisuu yoo ta’e
malee adabbii maallaqaa qarshii 10,000 gad hintaanee fi hidhaa cimaa waggaa 2
gadi hin taaneenii fi waggaa 5 hincaalleen adabama.
 

3. Hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti geggeessaan yookaan


hojjetaan ramadame;
a. Kallattiidhaan yookaan karaa kallattii hin taaneen kennaan maallaqaa yookaan
kaffaltii biroon akka taasifamuuf kan gaafate yookaan kan fudhate, kaffalticha
yookaan kennichaaf abdii yookaan wabii kan gaafate ykn kan fudhate, yookaan
b. Hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa irratti kan waliin dhahe yookaan gocha
labsii kanaa wajjin yookaan ittigaafatamummaa kennameefiin hojii gaarii isaa
kan faallessu raawwachuuf waan gochuu qabu irraa of-qusachuuf, waan hin
taane hayyamuuf, waliindhaha bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa irratti
raawwatame dhoksuuf, yookaan iccitiidhaan raawwachuuf waliigaltee kan
seene yookaan waliigaltee seename keessatti gocha kana deggaruuf fedhii isaa
kenne seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii
maallaqaa qarshii 50,000 hin caalle fi hidhaa cimaa waggaa 10 gadi kan hin
taanee fi waggaa 20 hin caalleen adabama.

11/08/2021 BMMDO 64
4. Namni kamiyyuu nama bittaa mootummaa irratti muudame yookaan ramadame:
a.Dhimma dhiyaateef murtii eeggataa jiru yookaan dhimma sababa
ittigaafatamummaa hojii isaatiin dhiyaachuufii danda'u, murtii kennamuuf
yookaan tarkaanfii fudhatamu jal'isisuudhaaf yookaan
b.Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti gochi waliin dhahuu akka
godhamu yookaan taasifamu akka raawwatu kan gargaare, yookaan akka itti
waliigalu, yookaan raawwii gochichaatiif haalawwan akka mijaawan akka
waliigalu, akka harka keessa galchu, yookaan akka hayyamu gochuudhaf
yaaduun matta'aa kennuuf waadaa yoo galeef, yoo dhiyeesseef yookaan yoo
kenneef, seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii
maallaqaa Qarshii 50,000 gad kan hin taane fi hidhaa cimaa waggaa 10 gad kan
hin taanee fi waggaa 20 kan hin caalleen adabama.

5. Dorgommaa kaadhimamaan kamiyyuu faayidaa isaaf hin malle argachuuf


yaaduudhaan ragaa sobaa yoo dhiyesse yookaan ragaawwan ibsuu qabu yoo
dhokse yookaan dorgomtoota kaadhimamoo biroo waliin michoomuun dorgommii
sobaa taasisuun isaa yoo beekame balleessaa uumuun isaa yoo mirkanaa’u seera
yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii maallaqaa qarshii
20,000 hin caallee fi hidhaa cimaa waggaa 5 gad hin taanee fi waggaa 10 hin
caalleen adabama.
11/08/2021 BMMDO 65
64 . Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
1. Labsiii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 100/1997 Labsii kanaan
haqameera.
2. Seerri labsii kanaan wal faalleessu kamiyyuu dhimmoota Labsii kana keessatti
hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.
 
65. Aangoo Dambii fi Qajeelfama Baasuu
3. Manni Maree Bulchiinsaa labsii kana hojii irra oolchuudhaaf dambii baasuu ni-danda'a.
4. Biirichi labsii kana hojiirra oolchuuf qajeelfama baasuu ni danda’a
 
66. Yeroo Labsiin Kun Hojiirra Itti Oolu
Labsiin kun guyyaa Ebla 17 bara 2002 irraa eegalee kan hojiirra oolu ta’a .
 
Abbaaduulaa Gammadaa
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

 
11/08/2021 BMMDO 66

You might also like