You are on page 1of 4

Mala Bittaa Caal-baasii Naannawaa Murta'aa (Local Computitive Biding) LCB

haala addaan Dhaabbilee Imx hayyamame

Ilaalcha addaa Dhaabbilee IMXtiif taasifamuun Wal-qabatee Fooya'insa Qajeelfama Raawwii Bittaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.02/2004 bahe irratti taasifame,Bu'uura Dambii Deeggarsa
Misooma Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 139/2004 bahe
irra deebiidhaan Fooyya'ee Dambii Lak, 192 /2009 waan baheef ilaalcha addaa Carraa Bittaan Ijaarsaa
,Tajaajilaa fi Manufaakcherigii Manneen Hojii Mootummaa Keessatti Interpiraayizoota Maayikiroo fi
Xixiqqaaf akka kennamu Dambii kana keessatti ibsame waliin Qajeelfamni Bittaa Mootummaa Wal-
simuu waan qabuuf haala armaan gadiitti ibsameen Fooya' iinsi taasifamee jiara. Bu'uura Labsii Bittaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 bahe Keewwata 1 Stiin Qajeelfama Bittaa Mootummaa
Naannoo Oromiyaa lakk.02/2004 keewwata 18.20(4, 5,6,7,8 fi 9) jalatti Ilaalcha addaa Dhaabbilee IMX
taasifamuuf bahe haqamee Qajeelfama Ilaalcha addaa Dhaabbilee IMXtiif taasifamu Qajeelfama armaan
gaditti ibsaman kanaan bakka bu'eera.

I. Daanga Maallaqaa Dhaabbilee IMXtiif taasifamu.


1.1. Interpiraayizoota xixiqqaa konistiraakishinii irratti gurmaa’aniif qarshii 5,000,001.00 hanga qarshii
10,000,000.00;
1.2. Interpiraayizoota maayikiroo ijaarsa fi maanufaakchariingii irratti gurmaa’aniif hanga qarshii
5,000,000.00;
1.3. Interpiraayizoota xixiqqaa tajaajila irratti gurmaa’aniif qarshii 2,000,001.00 hanga 4,000,000.00;
1.4. Interpiraayizoota maayikiroo tajaajila irratti gurmaa’aniif hanga qarshii 2,000,000.00 gahutti Kan
kennamu ta’a

2. Mala Caal-baasii fi Yeroo Beeksisni Caal-baasii isaa Qilleessa irra turuu qabu
La Gosa IMX Hanga Qarshii Mala Yeroo turmaata Beeksisaa
k Bittaa
1 Interpiraayizoota xixiqqaa konistiraakishinii irratti gurmaa’aniif 5,000,001.00,hanga,qarshii LCB Guyyaa Hojii Mootummaa15
10,000,000.00; (kudha shan)
2 Interpiraayizoota maayikiroo ijaarsa fi maanufaakchariingii Hanga qarshii 5,000,000.00; LCB Guyyaa Hojii Mootummaa15
irratti gurmaa’aniif (kudha shan)
3  Interpiraayizoota xixiqqaa tajaajila irratti gurmaa’aniif 2,000,001.00,hanga,4,000,000.00 LCB Guyyaa Hojii Mootummaa 15
(kudha shan)
 4 Interpiraayizoota maayikiroo tajaajila irratti gurmaa’aniif Hanga,qarshii 2,000,000.00 LCB Guyyaa Hojii Mootummaa 15
(kudha shan)
2.1. Mala Bittaa Caal-baasii Naannawaa Murta'aa (Local Computitive Biding) LCB yoo ta'u Guyyaa Hojii
15 (kudha shaniif) Naannoo isaaniitti Iddoo Mullachuu danda'uu fi Gabatee beeksisaa irratti
Maxxanfamuu qaba.

3. Dorgommiin Interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa akkaataa armaan gadiitiin kan raawwatamu ta’a.

3.1. Interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa naannawa hojichi itti hojjatamu keessa jiran hojii fi sadarkaa
wal-fakkaataa ta’e irratti bobba’an jidduutti akkaataa beeksisa bahuutiin waldorgomsiisuun ni
raawwatama.
3.2. Beeksifni bahu Wal-dorgommichi kan Interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa qofa kan ilaallatu
ta’uu qaba. Akkaataa daangaa Maallaqa armaan Olitti keewwata (1) jalatti ibsame bu'uura godhatee
bahuu qaba.
3.3. keewwata(l,2) jalatti haaluma ibsameen interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa iddoo hojichi
hojjatamu keessatti argaman wal_|dorgomsiisuun kan raawwatamu ta’ee,Sadarkaa Godinaa. Aanaa fi
Bulchiinsa Magaalatti Bittaan Mootummaa Puulin waan geggeeffamuuf Waajjira Maallaqaa fi Wal
ta'iinsa Diinagdee sadarkaa sadarkaan jiruun beeksisaa iddoo ifa ta’etti kan maxxanfamuun ta'a. Kan
sadarkaa Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa naannawaa isaanii keessatti kan Maxxanfamu ta'ee, kan sadarkaa
Godinaa Anaalee fi Bulchiinsa Magaalootaa Godina isaanii keessatti argamuuf kan maxxanfamuu fi kan
Biiroowwan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Gudditii Oromiyaa Finfinnee Keessatti argaman
Carraa Hojii Interpiraayizootni maayikiroo fi xixiqqaa Uumuf akka tolu Godinaalee fi Bulchiinsa
Magaalootaa Keessatti Abbootiin Baajataa Beeksisa caal-baasii baasaniin Iddoo ifa ta'etti akka
Maxxanfamu taasifamuu qaba.
3.4. Interpiraayizootni hojiif affeeramanii fi kanneen dorgomuuf dhiyaatan dorgommii irratti hirmaachuu
kan danda’an herrega isaanii bara baraan oodiitii kan taasisanii fi hojii harkaa qaban xumuruun kan
ragaa raawwii hojii gaarii harkaa qaban ta’uu qabu.
3.5. Interpiraayizootni maayikiroo fi xixiqqaa dursa argatanii hojii irratti kan hirmaatan dorgommii walii
isaaniitiin sadarkaa guddina isaanii giddugaleessa kan godhatu ta’ee carraan dursa argachuun hanga
yeroo sadii qofaaf ta’a.
3.6. Interpiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqaa hojii harkaa qaban osoo hin xumurre hojii biroo irratti
dorgomuu hin danda’an.
3.7. Pirojektiin mootummaa ijaarsi isaa qarshii 10,000,000.00 caalu kontiraakitaraaf kennamu keessaa
hanga % 40 Interpiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqaaf kontiraata gar-tokkeen (sub-contract) kan
kennamu ta’ee Waliigaltee taasifamu keessatti ibsamuu qaba.
3.8. Ulaagaan dorgommii teekinikaa (100%) keessaa Durgomaan Qabxii Olaanaa argate kan filatamu
ta'ee.Madaallii Faayinaansii geggeessu Otoo hin barbaachisin Gatiin Murta'aa(Fixed rate) Mirkanaa'e
dhihaateen kan kennamu ta'ee, qabxiin dorgomtootaa wal-qixa yoo ta’e carraadhaan kan murtaa’u ta’a.
3.9. Gatiin Bittaan ijaarsaa fi Bittaa Gorsaatiif qophaa'u bu’uura Qorannoo Gabaa Biiroo Konistiraakshinii
Oromiyaa ykn Caaseffama Biiroo Konistiraakshinii sadarkaa sadarkaan jiranii fi Manneen Hojii Abbaa
pirijektiichaan qophaa'un ta' a.
3.10. Bittaa Ijaarsaa fi Bittaa Gorsaatiif Gatiin Murta'aa(Fixed Rate) Qophaa'e dhihaatu Gatii Gabaa ta'uu
isaa karaa Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Caaseffama Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa sadarkaa
sadarkaan jiraniin Mirkanaa'ee dhihaachuu qaba.
3.11. Bittaa Ijaarsaa fi Bittaa Gorsaan alatti Bittaawwan geggeeffamaniif qorannoon Gabaa Sadarkaa
Godinaa,Bulchinsa Magaalaa fi Aanaa Caaseffama Bittaa Waajjira Maallaqaa fi Wal-ta'iinsa Diinagdee
keessati hundaa'e jiruun kan geggeeffamu ta'a.
3.12. Qabxii Ulaagaa gamaaggamaaf kan oolu Qajeelfama Ejensii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii nyaataa
Magaalootaa Oromiyaa baase bu'uura godhatee kan geggeeffamu ta'a.
3.13. Gatiin dhaabbileen IMXtiif Gatii Murta'an (Fixed Rate) laatamu gatii gabayaa naannoo sanatiin ol
ta’u hin qabu.
3.14. Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa carraa bittaa mootummaa keessatti ilaalcha
addaa isaanii taasifame qajeeltowwan bittaa mootummaa eeganii fayyadamuu fi dirqama isaan irraa
egamu haala waligalteetiin raawwachuu qabu.
3.15. Dhaabbileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa dirqama waligalteen kennameef ga’umsaan yoo
hin dhiyeesine ta’ee fi qaamni bittaa raawwatu ragaa amansisaa yoo qabaatu tarkaanfii hanga bittaa
mootummaa dhorkuu fudhachuu ni danda’a.
4. Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii
4.1. Interpiraayizii maayikiroon dorgommii caalbaasiif hanga yeroo 3ttii fi interpiraayizii xixiqqaan yeroo
Iffaaf dhiyaatu kamiyyuu wabummaa kabachiisa caalbaasii qaama isaan gurmeesse irraa Xalayaa
Wabummaa dhiheeffachuu hin dirqaman jedha Dambii IMX Keewwata 27(1) jalatti haala ibsamee
jiruun ,haa ta'u malee Interpirayizoota maayikroo fi xixiqqaa dursa argachuu qaban.Hojii of-harkaa
qabanii fi hin qabne addaan baasuf kan gargaaru waan ta'eef Qaama isaan ijaare irraa xalayaa akka
dhiheeffatan taasifamuu qabu.
5. keewwata xiqqaa 4.1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, Interpiraayiziin xixiqqaan yeroo 2ffaa fi
3ffaa dorgommiif dhiyaatu kabachiisa caalbaasii dhiyeeffachuuf dirqama qabu.

6. Akkaataa Kaffajtiin Duraa Itti Raawwatamu


6.1. Interpirayizoota maayikroo fi xixiqqaa hojii irratti dorgomanii moo’ataniif kaffaltiin duraa akkaataa
waliigaltee Bittichaa gatii waliigalaa keessaa % 20 dursaan ni kaffalamaaf.
6.2. kaffaltiin duraa raawwatamu herreega baankii addaa maqaa pirojektichaatiin banamu keessa kan
taa’u ta’ee mallattoo waliinii abbaa pirojektichaa fi Interpiraayizii Maayikiroo yookiin Xixiqqaa hojicha
fudhateen kan socho’u ta’e,kaffaltiin raawwatamus herreega Baankii dhimma kanaaf banametti Xalayaa
dabarsa Baankitiin kan galu ta'a .
6.3. Wabummaa Kaffaltii Dursaa Qaama isaan gurmeesse irraa Xalayaa Wabummaa dhiheeffachuu osoo
hin barbaachisin kan kaffalamuuf ta'a.
7. Bittaan Addaa Dhaabbilee Imx jajjabeessuuf bahe Keewwata Guddaa (1-6) akka armaan olitti ibsaman
ta'ee .kanaan alatti kan jiru bu'uura Qajeelfa Bitaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk, 02/2004 bahe
bu'uura godhatee kan raawwatu ta'a.

You might also like