You are on page 1of 50

Sanada Marii Qooda

Fudhatoota Seektara
Konstirakshini
QABIYYEE
QABIYYEE SANADICHAA
SANADICHAA

1. Seensa
2. Kaayyoo Konfiransichaa
3. Seektarri/Manni Hojii Mootummaa konistiraakshinii
kun maaliif of danda`ee Hundaa`ee?
4. Mul`ata Seektara / Mana Hojii Konistiraakshinii
5. Ergama Seektara / Mana Hojii Konistiraakshinii
6. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Konistiraakshinii
Oromiyaa
7. Rakkoolee/ Hanqinoota/Qaawwa Qooda Fudhatoota
Konistiraakshinii Bira jiru:
7.1.1 Rakkoo Qaama Hojjechiisu (Client) bira jiru
7.1.2 Rakkoo Gorsitoota (Consultant) bira jiru
7.1.3 Rakkoo Kontiraakataroota(Contractor) bira jiru
Itti fufa…
7.2 Kallattii Fuula duraa Maal?
7.3 Qabsoo Kiraa sasaabdummaa seektar ijaarsaan
walqabatee jiru gara kuteenyaan , Qindoominaa fi
karaa Uummata hirmaachiseen finiinsuu.
7.4 Piroojeektii Qulqullinaa Hojjechuu
7.5 Pirojeektii Karaa Baasii Qusateen Hojjechuu
7.6 Pirojeektii yeroo Barbadamutti xumuruu
7.7 Pirojeektii Dizaayinii/Pilaanii fi BOQ waligaltee
senameen xumuruu
7.8 Walgaltee Guddicha(Mainagreement) qaama
hojjechisuu fi kontiraaktara gidduu taasifame
keessaa %30 subcontract taasisuu.
Itti fufa…
7.9 Carraa Hojii Umuu
7.9.1 Dubartootaa fi Daragagootaaf xiyyefannaa Addaa
kennuu
8.8 Ijaarsi /Pirojeektiin yeroo Taasifamuu Dhiibbaa
Naannoorratti bifa hinfidneen Hojjechuu.
8.9. H0jiin Hordoffii, Gamagamaa fi Regulatoorii
Ciminaan Hojjechuu
8.9.1 Hojii Hordoffii fi Gamagamaa
8.9.2 Hojii Regulaatorii
9 .Qoodafudhatoota sektara konistiraakshinirraa
maaltu eegama?
9.1 Gahee Abbootii Baajataa(Client/Sector)
9.2 Gahee Gorsitootaa(Consultant)
9.3 Gahee Kontiraaktaroota(Contractors)
1. Seensa

Mootummaa misoomawaa fi dimokiraatawaa


keenya akeekoota gurguddoo milkeessuuf irratti
hojjetaa jira. Misooma, nageenya, bulchiinsa
gaarii fi ijaarsa sirna dimokraasiti utubaalee
sadeen biyya tokkoof bu’uura ta’an [misooma,
Dimokraasii fi nageenya] milkaa’aa, qabatamaa fi
amansiisaa gochuuf immoo imaammataa fi
tarsimoolee gurguddoo fi murteessoo ta’an:
1. Imaammataa fi tarsimoo misooma qonnaa fi baadiyyaa
2. Imaammataa fi tarsimoo misooma induustirii fi magaalaa
3. Imaamata fi tarsiimoo barnootaa fi ijaarsa dandeettii
4. Imaammata fi tarsiimoo nageenyaa fi imaammata biyya alaa
5.Imaamataa fi tarsimoo ijaarsa sirna dimokraasii
[democratization]
Itti fufa…
 Hammata tarsimoo misoomaa induustirii fi magaalaa
keessatti induustiriin konistiraakshinii baroota
darban keessatti dinagdeen biyyatti itti fufiinsaan
akka guddatu gumaacha guddaa taasiseera.
Qabatamaan ragaalee fi qorannoon adda addaa akka
mul’isutti induustiriin konistiraakshinii jalqaba KGT
1ffaa irratti gaheen dinagdee biyyaa keessatti %4 irra
kan turedha, Garuu immoo Xumura KGT1ffaa
irrataatti gaheen dinagdee waligalaa keessatti qabu
%7.6tti ol guddateera. Gaheen dinagdee waligalaa
kessatti sekatarri ijaarsaa qabu kan ibsame kana
ta`ee waggoota sadeen darban sektarri ijaarsaa
addatti % 30n kan agarsisee ta`uu isaati. Gama
biraatiin immoo Baajata Misoomaa(Capital Budget)
waligalaakeessaa% 86 ta`u baajata ijaarsaaf
ramadamaa kan ture ta`uu isaa raagan ni agarsiisa.
Itti fufa…
 Akkasumas carraa hojii umuu keessatti
shoora ol’aanaa qaba fkn akka biyattitti
sochoftoota IMX miliyoona 8.33 umame
keessaa gaheen ijaarsa induustirii
konistiraakshinii lammaffaarratti argama.
 Waligalatti guddina dinagdee akka biyyaatti

waggoota 13n darban dijitii lamaan guddataa


dhufan [%11.2] keessatti sektarrii induustirrii
konistirakshinii shoora guddaa kan qabu
ta`uu isaa namatti agarsiisa..
2. Kaayyoo Konfiransichaa
2,1 Kaayyoo Gooroo(General Objective)
Industiriin Konistraakshinii Godina keenyaa gahee
inni guddina dinagdee fi hawaasummaa godina
keenya keessatti qabu akka dabalu taasisuuf
galmoota karooraa KGT2ffaa milkeessuudha,.
2.1. 1. Kaayyoo Gooree(Specifi Objective)
i. Dandeettii raawwachiistummaa hoggansaa fi
raawwatoota industirichaa cimsuudhaan raawwii
fi qulqullinni ijaarsaa akka fooyya’uuf hojjechuu,
ii. .Qo’annoo fi qorannootti fayyadamuun
tekinooloojiiwwan ijaarsaa baasii qusatan akka
hojiirra oolan taasisuu
Itti fufa…

iii. Hojmaata, seeroota, istaandaardotaa fi


koodota hojii industrichaaf barbaachisan
qorachuun hojiirra akka oolan taasisuu,
iv. Sirna hordoffif fi to’annoo bu’aa qabeessa
ta’e diriirsuun hoggansa pirojektootaa
keessatti itti gaafatamummaan akka jiraatu
taasisuu dha.
v. Fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuuf
gurma’insa mootummaa fi Uummataatti
fayyadamuun karoora bara kanaa
milkeessuuf hojjechuu,
3. Seektarri / Manni Hojii Konistiraakshinii
Maaliif of danda`ee dhaabbatee?

Guddina seektara konistiraakshinii qabtamaan


mul`achaa jiru kana Sirna Reegulaatorii cimaa
ta`e diriirsuun:
◦ Dizaayinii/pilaanii ijaarsaa sirrii fi guutuu ta`e akka
hojirra oolu gochuuf
◦ Qulqullinni ijaarsaa caalmaatti akka eeggamu gochuuf
◦ Harkifannaa Raawwii ijaarsaa xiqqeessuu fi dhabamsisuuf
◦ Adeemsi ijaarsaa baasii hinmalleef akka hinsaaxilamne
gochuuf
◦ Kiraasasaabdummaa sekatra konistiraakshinii keessa
hidda gadifageeffatee jiru dadhabsuu , xiqqeessuu fi
dhabamsisuuf
4. Mul`ata Seektara/Mana Hojii Konistiraakshinii

Bara 2017tti Industirii Konistiraakshinii


qulqullina, gahumsa qabuu fi dorgomaa ta`e
Godina keenya keessatti uumaamee arguu dha.
5. Ergamaa

Industirii Konistiraakshinii Godina Shawaa


kaabaa keessatti sirna regulatoorii cimaa
diriirsuun hojiirra oolchu dha
6. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa

 Bu’uura labsii qaama raawwachiiftuu


Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin
gurmeessuufi aangoofi gahee hojii isaanii
murteessuuf baheen aangoo fi gaheen
hojiiwwan ijoo 26 (digdamii jaha) Biirichaaf
kennamaniiru.Ibsi tokko tokkoon aangoo fi
gaheen hojiiwwanii kunis akkaata armaan
gadiin dhiyaateera.
Itti fufa…
1. Gatii yeroo meeshaa ijaarsaa fi humna namaa
qindeessuudhaan seektarootni konistiraakshinii akka
beekan ni taasisa,
2. Damnee ijaarsaa keessatti Haalli hirmaannaan
hawaasaa itti babal’atu ni qorata; hojiirra ni oolcha .
3. Sadarkaa fi Koodota Ijaarsaa gamoo; bishaan jallisii
daandii naanichaa ni qopheessa ; dizaayinii ijaarsaa
naanichaa keessatti gaggeefaman sadarkaa fi koodii
eguu isaanii xinxaluudhaan ni mirkaneessa ;
ol`aantummaan ni too`ata,
4. Dizaayinii pirojeektoota ijaarsa dhuunfaa ykn
Inveestimentii gaggeeffaman sadarkaa fi koodii
eeguu isaanii ni xinxala; ni mirkaneessa; hayyama
hojii ijaarsaa ni kenna.
Itti fufa…
5. Pirojeektii Baajata mootummaan gageeffamaniif
walgalteewwan hojii fi dizaayinii ijaarsaa akka
qophaa`uu ni taasisa; barbaachisaa ta`ee yoo
argamee ni qopheessa raawwii isaa ni hordofa ; ni
too`ata.
6. Jijjirama ykn dabalta hojii ijaarsaa, gatii waldiddaa
pirojeektootaa ijaarsarratti umamu fi gaaffilee
kanneen irratti dhiyaatan xinxalee furmaata akka
argatan haala ni mijeessa.
7. Ijaarsa pirojeektoota gamoowwanii, daandii,
bishaan ,jallisii fi ijaarsawwan kanneen kana
fakkaatan kanneen mootummaan gaggeessu ni
hordofa kanfaltiin akka raawwatu ni taasisa. Raawwii
isaas ni madaala rakkoo muudatu qorachuun yaa
furmaataa mootummaaf ni dhiyeessa.
8. Fedhii hojiiwwanii fi dizaayinii konistiraakshinii
naanichaa ni qorata; hojirra akka oolu ni taasisa.
Itti fufa…
9. Aangoon qaama borootiifakkuma egametti ta`ee
sadarkaawwan hojii konistiraakshinii ni baasa;
akkaatuma seeraatiin hojirra ooluu isaa ni
mirkaneessa.
10. Sochii Damee Hojiiwwan konistiraakshinii
ol`aantummaan ni gaggeessa; raawwii ni hordofa
qaama dhimmi ilaalu wajjiin nihojjeta.
11. Sadarkaa caalbaasii,ijaarsaa fi walharkaafuudhiinsa
gamoo ,bishaan,jallisii,daandii fi KKF ilaalchisee
too`annoo nigageessa; tarkaaffii sirreefamaas ni
fudhata.
12. Ijaarsawwan naannicha keessatti gaggeefaman
meeshaalee ijaarsaa naannotti argamuun akka
ijaarramanii fi gatiin ijaarsa pirojektootaa
madaalawaa akka ta`u sadarkaa adda addaa
qopheessee hojirra akka oolu ni taasisa.
Itti fufa…
13. Hojii ijaarsaa irratti hirmaachuuf gaaffiin hayyama
kontiraaktarummaa fi gorsitootaa yemmuu dhiyaatu
xinxaluudhaan hayyama ogummaa ni kenna; ni
haaroomsa; sadrkaa ni guddisa;ni galmeessa
hayyamni kenname seeraa fi naamusaanhojirra ooluu
isaa yoo mirkaneesse ni haqa;haala raawwii irratti
hundaa`uun kontiraaktarootaa fi gorsitoota
gareedhaan adda baasee sektaronni akka beekan ni
taasisa.
14. Sadarkaa gorsitootaa ni murteessa ; Gabaasa Raawwii
Gorsitootaa ni qorata; kaffaltii tajaajilaa isaanii ni
mirkaneessa.
15. Dizaayinii Gorsitootaan ykn qaama biraatiin
hojjetaman ni qorata;ni mirkaneessa; hordoffii
too`annoo hojiiwwan ijaarsaa ni raawwata ;
kaffaltiwwan nimirkanneessa.
Itti fufa…
16. Hojiwwan misoomaa fi too`annoo induustirii
konistiraakshinii ni raawwata.
17. Bu`uura seera gamootiin hojiwwan qulqulleessa
pilaanii magaalootaa ni raawwata; dizaayinii ni
gamagama hayyama ijaarsaa fi itti fayyadamaa ni
kenna.
18. Waajjira Shuumii gamoo ni gurmeessa; ni hooggana;
ni too`ata; galteewwan ijaarsaa irratti qu`annoo fi
qorannoo ni gaggeessa; dhaabbilee barnoota
ola`aanoo hojii qu`annoo fi qorannoo irratti akka
hirmaatan ni qindeessa.
19. Naanicha keessatti waldaaleen maaykiroo fi xixiqqaa
hojii gorsaa fi konistiraakshinii irratti bobbaa`an
dandeettiin isaani cimee qulqullina qabaatanii
gabaarratti dorgomaa akka ta`aan ni jajjabeessa ;
deeggarsa barbaachisaa ni kenna
Itti fufa…
20. Hojii ijaarsaa keessatti carraan hojii humna namaatiin
raawwatamu akka babal`atu ni jajabeessa.
21. Sadarkaa dizaayinii bulchiinsa kontiraataa,ijaarsaa fi
gatii pirojeektoota ijaarsaa akka qopha`uu ni
taasisa;kan qophaa`ee dhiyaate ni mirkaneessa;
mootummaaf gorsa ni kenna.
22. Bu`uuraalee misooma magaalotaa keessatti
hojjetamaniif hojii dizaayinii fi sadrkaa ijaarsaa
eggatanii hojjetamuu isaanii ni xinxala; ni
mirkaneessa.
23. Laaboraatoriin meeshaalee konistiraakshinii
naannichaa ol`aantummaan ni bulcha; galteewwan
konistiraakshinii laaboraatoridhan qoratamanii
tajaajila ijaarsaaf ooluu isaanii ni mirkaneessa.
Itti fufa…

24. Hayyama maashinarii konistiraakshinii fi dhiyeessa


meeshaalee ijaarsaa ni kenna; ni haaroomsa hanqinni
yoo jiraate sirreefama barbaachisaa ta`e ni fudhata;
akka fudhatamus ni taasisa.
25. Bittaawwan konistiraakshinii ni too`ata; akka
too`atamus ni taasisa.
26. Madaallii Gahumsa Ogummaa ogeeyyii
konistiraakshinii qaama dhimmi ilaalu waliin akka
gaggeefamu ni taasisa.
7. Rakkoolee/ Hanqinoota/ Qaawwa Qooda
Fudhatoota Konnistiraakshinii bira jiru

7.1. Rakkoo Qaama Hojjechiisu (Client) bira jiru


Haala Abbootii Pirojektii( Qaama Hojjechiisu)
Haala abbootii pirojektii manneen hojii
mootummaa yoo ilaallu raawwiin pirojektoota
isaanii mana hojii irraa mana hojiitti
garagarummaa kan qabu dha. Manneen hojii
tokko tokko pirojektiin isaanii karaa fooyyee
qabaniin yoo rawwatan,sektarri tokko tokko
immoo, raawwiin ijaarsa isaanii qulquullini kan
hinqabnee ta’uu isaa hubatamee jira.
Itti fufa…

Sirni hordoffii fi deeggarsaa laafaa ta’uun,


sirni itti gafatumummaa dhabamuun, baayyee
isaanii kan wal isaan fakeessuu yoo ta’uu,
sababa kanaan waliigaltee addaan kutuufi
pirojektoonni yeroo dheeraaf dhaabbatanii
qisaasamaaf saaxilamuun tajaajila
barbaadamuuf ooluu dhabuun bal’inaan kan
baratame ta’ee mul’ata.
Itti fufa…
 Gama biroon immo, waliigaltee addaan kutuu bira
darbanii haala bu’uura seera jiruun itti gaafchisuuf
hanga xumuraatti deemuun kan biraa akka irraa
baratu gochuu dadhabuun kan jiru akka ta’e
hubatameera. Kunis koreen pirojektii fi koreen
teeknikaa sadarkaan jiran, maal na dhibee fi
ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa keessa
galuudhaan caalbaasii irraa kaasee projektichi
hanga xumuramutti walxaxaa adda addaatiin
xumuramuu dhabee uummataaf tajaajila kennuu
qabu dafee akka kennu taasisuu dhabuun sadarkaan
isaa wal haa caalu maalee bakka hundatti kan
mul’achaa jiruudha. Gama biroon rakkinichi
jirachuu isaa yoo beekanis abbaan rakkoo nuyi
jedhanii ofitti qabanii ilaaluun rakkinicha sirreessuuf
qopha’iini jiru rakko dha.
Itti fufa…
Waligala rakkoolee gurguddoon qaama hojjechisu (client) bira
jiru :
 Sanadni caalbaasii gurguramuu guutuu ta’uu dhabuu fi yeroo

tokko tokko iftoomina dhabu.


 Dizaayinii mirkanaa’uu guutuu ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa

siritti ilaaluu dhabuu/Qulqulleessuu dhabuu.


 Dizaayiniin dhiyaate "BOQ" , “SPC” fi Wajjiin wal simuu

dhabuu.
 Dizaayinii dhiyaaterratti "Quantity" fi "BOQ" wal simuu dhabuu

• Caaluu
•Hir’achuu
• Teechifamuu dhabuu
“Unit of measurnmet” hojii walfakkaatuf gargar ta’uu
-Fkn M2 fi M3
Itti fufa…
 Qophii sanada caalbaasiif yeroo gahaa kennuu
dhabuu
 Qajeelfama bittaa sirritti hubachuu dhabuu
"Engineering Estimation" yaada keessa odoo hingalle
isuma gatii xiqqaa dhiyessee qofa dabarsuuf yaaluu.
 Xinxala [Analysis/Arithmetic check] iftoomina hin
qabne raawwachuu
 Iddoo icitiin eggamu qabutti icitii eguu dhabuu
dorgomoota caalbaasii gahumsa hin qabne akka
moo’atamu taasisu.
 Sababoota adda addaa tarreessuun firii caalbaasii
dafani beeksisuurra akka lafarraa harkifatu gochu fi
tursisuu.
 Yeoo xinxala caalbaasii [Arithemetic check]
naamusaa fi qulqullinaan hojjechuun tutuquun jira.
Itti fufa…
 Naamusa cimaadhaan ijaarsicha hordofuu dhabuu
 Haala waligaltee kontiraataa hin hordofani
hojjechisuu dhabuu
 Performance bond fi bank guarantee hordofanii

akka haaroomsifamu gochuu dhabuu.


 Iddoo ijaarsa [Site] yeroodhaan kontiraaktarootatti

kennuu dhabuu.
 Kontiraaktaroonnii dhimmoota ibsa barbaadanii fi

akka sirreefamanu gaafatanu aritidhaan deebii


kennuu dhabuu
 Mahaandisonni gahumsa /dandeettii qabani fi

murtee kennuu danda’an iddoo ijaarsaratti


ramadamuu dhabuu.
Itti fufa…
 Hojjiileen tokko tokko osoo hin hojjetamin
akka waan hojjetametti kaffaltii qopheessu,
kaffaluun mootummaa baasiiin hinmalleef
saaxiluu
 Manneen hojii [sektarri] tokko tokko kaffaltii
kontiraaktarootaaf malu dafani kaffalurra
dedebisuun ijaarsi pirojektii akka harkifatu
gochuu.
 Walharkaa fuudhinsi yemmuu sirritti safarani
fudhachuu dhabuu.
 Osoo walharkaa fudhinsi yeroo hin raawwatiin
wanta hir’uu [defects] ta’an adda baasuun
akka sirratu gochuu dhabu.
7.2Rakkoo Gorsitoota (Consultant) bira jiru

Haala Konsaltaantotaa (Gorsitootaa)


 Milkaa’ina raawwii pirojektoota ijaarsaa keessatti
konsaltaantiin iddoo ol’aanaa akka gumaachu wal-nama
hin gaafachiisu.Haala konsaltaantii godina keenyaa yoo
ilaallu gahumsaa fi ilaalchaan isaan adda baasanii
bekamaa jira jechuun hinda`amu. Kana irraa kan ka’ee
pirojektoonni baay’een rakkoo keessa galanii jiru.
Abbootii pirojektii birattis ulagaan ittin konsaltaantiin
qaxaraman mataa isaatiin rakkoo qaba.Karaa biraan
immoo, konsaltaantiin ilaalchaa fi gocha
kirasasabdummaa keessaa galuudhaan halaa dizaayinii
taa’en ala yommuu hojjetamu, meeshaa qulqullina hin
qabneen yoo ijaaramu, ijaarsi lafa irra yommuu
harkifamu faayidaa Uummataa cinatti dhiisuudhaan
faayidaa ofii yoo hari’an ni mul’ata.waligala tarreefamni
rakkolee konsaltaantoota bira jiruu:
Itti fufa…
 Akka qaama gorsutti sirni too’annoo, hordoffii fi
deeggarsaa dadhabaa ta’uu.
 Irra caalaan yemmuu manni hojii [Client] gaafate
malee karaa idilaa’ee fi sagantefameen too’achuu
hordofuu fi deggaruu dhabuu
 Sirreefamni, jijjiramni gaaffilee dabalataa yeroo
gaafatamu dadafinaan deebii kennuurraa asi fi
achiin sababa tarreessuu
 Kontiraaktaroota raawwiin [performance] isaanii
sadarkaa gadi’aanaarra jiran irratti tarkaanfii
sirreefamaa fudhachuu dhabuu.
 Kontiraaktara muraasaaf qofa pirojeektoota
kennuu.
 Kontiraaktaroota sadarkaan raawwii isaanii foyyee
qabaniif adda baasuun beekamtii kennuu dhabuu.
7.3 Rakkoo Kontiraakataroota(Client) bira jiru
Haala Kontiraaktarootaa
 Humna misooma damee industirii
konistiraakshiinii keessa kontiraaktaroonni
qaamoota sadeen (3Cs) Waajjira
konistiraakshiniin hojiin isaani too’atamu
dha.Hojiiwwaan abbummaan akka
hogganuuf labasiidhaan kenname kun
karaa bittinaa’een qaamolee addaa addaan
kan hojjetamaa ture i ragaan kanaan
walqabatu bifa ammayyaan qindaa’ee kan
qabamaa ture miti.
Itti fufa…

Kana irraa kan ka’e haala godina keenyaatiin


kontiraaktara misoomawaa fi maxxanaa bifa
barbaadamuun addaan baasuun kan irratti
hinhojjetamne ta`us haala amma projektoonni
godina keenya irraa jiran irraa kaanee yoo madaallu,
kontiraaktaroonni jiran baayyeen isaanii
gahuumsaanis ta’ee ilaalchaan hanqina bal’aa kan
qaban ta`uu isaa teechisuun ni dandaa`ama Kun kan
ittiin mul’atu pirojektoota sababa adda addaa uumuun
lafarra harkisuu, meeshaa ijaarsaa qulqulina hin qabne
fayyadamuu fi ijaarsa diizaayinii isaa ala ijaaruun
qulquullina barbadamuun raawwachuu dhabuu fi
sababa quubsaa hin taaneen kaffaltii dabalataa
gaafachuun sadarkaan isaa wal haa caaluu malee
kontiraaktaroota hedduu biratti kan mul’atu dha.
Itti fufa…
 kontiraaktarootamisoomawaa fi maxxanaa
walittimakamni hojjitti bobba`uu.
 Haalli qajeelfamni ejansii bittaa mootummaa
naannoo oromiyaa ajajuun %80 bittaa
meeshaalee ijaarsaatiif oolchurra pirojeektii
iddoo biraa qaban itti iwisisuuf adeemuu.
 Caalbaasii moo’achuu jecha "Mechanical
Equipment" adda adda akka qaban dhiyeessanis
yemmuu ijaarsatti galamu rakkoon faaynaansii
nu qunnamee jechuun piroojektii lafarraa
harkisuu fi dhabuun "Site" irra dhabamuu
 "Site" irratti ogeessaa /mahaandisa/ hojjichaaf
barbaachisu ramaduu dhabuu.
Itti fufa…
 Maanajimantii pirojeektii ijaarsaa qaawwa
guddaa qabachu.
 Maateeriyaalii ijaarsaa yeroodhaan,
qulqullinaan fi hamma barbadamuun
dhiyeessuu dhabuu
 "Site" irratti warra naannootiif [local
community] carraa hojii umuu dhabuu warri
immoo carraa hojii umameefis kaffaltii isaaniif
maluu yeroodhaan raawwachuu dhabuu
 Yeroo caalbaasii sanadoota dhugaa hin qabne
[forged] dhiyeessuu .
 Hojilee walfakkaatuuf gatii adda addaa gutuun
faayidaa hinmallee argachuuf adeemuu.
8. Kallattii Fuula duraa Maal?

8.1 Qabsoo Kiraa sasaabdummaa seektar ijaarsaan


walqabatee jiru gara kuteenyaan , Qindoominaa fi
karaa Uummata hirmaachiseen finiinsuu.
 Balaa Sirna keenyaa Kan ta`e kan ta`e fi guddina
waligalaa biyya keenyaa kan qancarsu
kiraasasaabdummaarratti hubannoo gutuudhaani fi
araarama tokko malee irratti qabsaa`uun dhimma jala
muramee fudhatamuu qabudha.
 Hunda dura dhimmi jala sararamee fudhatamuun irra
jiraatu hojiin guddaan keenya hojii hubannoo umuu fi
ilaalcha jijjiruudha ; Hojiin ilaalcha jijjiruu akkuma jirutti
jirutti ta`ee garuu immoo bakka daangaa cabsee dhufetti
immoo araarama tokko malee tarkaaffii seeratti
deemuun kan itti demamu ta`a.
Itti fufa…

8.2 Piroojeektii Qulqullinaan


Hojjechuu
 Pirojeektiintokko qulqullinaan yaa
hojjetamu yemmu jedhamu bu`urama
dizyaayinii fi Ispeesifikeeshinitiin hojjechuu
fi hojjechuu dhiisudha.
◦ Pilaanii/Dizaayinii egeeraa?
◦ Ispeesifikeeshinii/BOQ duraan taa`ee hojirra
ooleeraa?
◦ Galteewwan ijaarsaa qulqullina qabuu
fayyadameeraa? fi KKF
Itti fufa…

8.3 Pirojeektii Karaa Baasii Qusateen


Hojjechuu
 Pirojeektiin tokko akka qajeeltootti dizaayinii
fi Ispeesifikeshinii yeroo Qophaa`uu umurii
dheeraa qabaachuu pirojektitti (project
durability & Life year) akka qabaachuu qabu
beekamaadha. Kun akkuma jirutti ta`ee
garuu immoo baasii qusachuu qaba.Baasii
akka qusatu gochuuf ammo:
◦ Pirojeektiin harkifachuu hinqabu
◦ Pirojeektiin yoo lafarra harkifate baasii dabalataattif
saaxilama( Vulnerabilty to price escalation)
◦ Bifa dinagdummaa qabuun raawwachuu
Itti fufa…
8.4. Pirojeektii yeroo Barbadamutti xumuruu
8.6. Pirojeektii haala Dizaayinii/Pilaanii fi
“BOQ” waligaltee senameen xumuruu
8.7. Walgaltee Guddicha(Mainagreement)
qaama hojjechisuu fi kontiraaktara gidduu
taasifame keessaa %30“subcontract” taasisuu.
 Kaayyoo Pirojeektii mootummaa misoomawaa

keenya namoota muraasa qofa fayyadamaa


taasiuu miti caalmatti namoota heddu
fayyadamaa taasisuudha.kanaafuu, waligaltee
guddicharraa “IMX”f %30 subcontract
gochuun wanta sirritti hojirra ooluu qabudha.
Itti fufa…

8.8 Carraa Hojii Umuu


8.8.1 Pirojektii tokko kontiraaktarri ulgaagaa
barbaadamu guutu dorgomee moo`achuu ni
danda`a. Garuu immoo kontiraaktarri:
 Skilled labour gabaarraa barbaadatee qaxaruu ni
danda`a.
 Garuu immoo Unskilled fi Semi skilled ijoolummaa
naannoo sanaa qaxruun dhimma jala muramee
hubatamuu qabudha.
8.8.2 Dubartootaa fi Daragagootaaf xiyyefannaa
Addaa kennuu
◦ Xiyyefannoon addaa dubartootaaf kennamu kun:
 Hirmaachisuurratti
 Fayyadamaa taasisuurratti
Itti fufa…
8.9 Ijaarsi /Pirojeektiin yeroo Taasifamuu Dhiibbaa
Naannudhatoorratti bifa hinfidneen hojjechuu.
 Akkuma bekamu pirojeektiin tokko yemmuu
hojjetamu :
◦ gaaffii uummataa deebisuuf
◦ Rakkoo Hawaasummaa fi dinagdee hikudhaaf
Kanaafuu, Rakkoo tokko hikuuf jedhamee
rakkoo biraa umuun sirrii miti. Waan
ta`eefis pirojeektiin hojjetamu
naannoorratti miidhaa qaqabsisuu hinqabu.
(it should be eco friendly project)
Itti fufa…
8.10 Hojiin Hordoffii, Gamagamaa fi
Regulatoorii Ciminaan Hojjechuu
8.10.1. Hojii Hordoffii fi Gamagamaa
 Akkaatuma barameen hojiin hordoffii fi

gamagamaa kan hokketamuu qabu:


 Abboottii Baajataatiin
 Gorsitootaan
 Koree pirojeektii/Koree Teeknikaatiin
8.10.2 Hojii Regulaatorii
 Hundeeffama Mana Hojii Konistiraakshinii
Wajjiin Walqabatee Haallii mijaa`aa fi Qaawwa
asiin dura ture kan hiiku Sirnii fi Hojii
Regulaatorii cimaa ta`ee hojirra kan oolu
ta`a.
Itti fufa…
 Hojirra ooluu sirna Reegulaatorii kanaan :
◦ Harkiffannaan pirojeektootaa asiin dura ture faaran
ni salphata.
◦ Waljaladhokachuu fi tokko tokkotti qabachuun
nifurama.
◦ Iftoominni ni jiraata/umama.
◦ Kontiraaktaronni fi Gorsitoonni Rakkoo al-
naamusummaa, osoo ulaagaa barbaadamu
hinguutiin akka waan guutanitti hojii keessa galan
garuu immoo qabatamaan hojii dadhabsaa jiran
ykn hinsirratu ykn immoo karaa qabatu.
9. Qoodafudhatoota sektara konistiraakshinirraa
maaltu eegama?

9.1 Gahee Abbootii Baajataa(Client/Sector)


 Karoora pirojeektiin ittiin hogganamu qabaachuu
 Sagantaa Raawwii Karooraa Qabaachuu(Action Plan)
 Kontiraaktaroota biraa “ACTION PLAN” dhiyaachuu isaa

mirkaeneefachu fi irratti hubannoo guutuu qabaachuu.


 Karaa idilaa`een warra teeknikaa/Mahaandisa kana

hordofauu ramaduu.
 Koree maanajimantii Seektarichaa pirojekticha
hubannoo waligalaa qabaatee adeemsa raawwii isaa
akka hordofu fi gamagamuu (M &E WORK).
Itti fufa…
 Koreen pirojeektii Pirojektiitiin karaa
idilaa`een raawwii isaa hordofuu fi
gamagamu yoo dheerate torban lama lamaan
walgahuun adeemsa jiru (progress) jiru
hubachuu, hordofuu, gamagamuu kallatti
raawwin saffisuu teechisuu fi deggaruu
 Mana Mare Bulchiinsaatiin /Waltajjii
Kaabineetiin ji`a ji`aan Gabaasa
seektarootarraa dhiyaatuun
Gamagamee/Qoratee , hubatee Hooggansa
waligalaa fi kallattii kennaa kan deemu ta`a.
Itti fufa…
9.2 Gahee Gorsitootaa(Consultant)
 Hunda dura Gorsitonnii bu`urraa wanti isaan

beekuu qaban kontiraaktarootan oggummaa


walfakkaatu haa qabaatanu malee ergamani
isaan qabaatan ergama seektarichaati
seekatarichi akka seekatara mootummaatti
imaanaa ummataa fudhatee hojjetaa jira.
Kanaaf karaa kallattii ta`een bakka bu`aa
sekatarichaa waan ta`aniif karaa alkallattii
ta``en adaraa ummataa ofirra kan qabu
ta`uu isaa beekuu qaba ; waan murtaa`uu
hunda ija kanaan ilaalamu qaba.
Itti fufa…
 Gorsitoonni ergama sektarichaa fudhatanii yemmu
socha`an gocha alnaamusumaarraa of qusatanii
naamuusa ogummaaatiin (PROFESSIONAL ETHICS)
bitamuun murtessaadhga.
 Gorsitoonni Ogummaa isaanitti(technical knowledge)
fayyadamani fedhi dhuunfaa guutachuuf jecha
kontiraaktaroota cinqaa ooluu osoo hinta`iin
naamusa ogummaaratti (Professional ethics) irratti
cichanii murtii madaalawa fi haqaqabeessa kennuutu
irra jiraata:
 Akka hooggansa konistirakshinitti (Construction
Management) Waan sadii walsimsisuun murtii sababa
qabeessa ta`ee fi haqa qabeessa (Rational & fair
Decision by considering and balancing Quality factor,
Time factor & Cost factor ) kennuun Gorsitootarraa
egama.
Itti fufa…
9.3 Gahee Kontiraaktaroota(Contractors)
 Karoora fi “Action plan” Qaamni Hojjechisuu

(client) fi Qaamni Gorsu (Consultant) bekumsa


irratti qabu qopheefachuu fi qabaachuu
 Mahaandisa (Resident Engineer/Site Engineer)
Qabaachuu
 “Site Book” qabaachuu

 “Advance Payment “ pirojeektichaaf kaffalame


waan jedhameef bakka jedhametti oolchuu fi KKF
raawwachuun barbaachisaadha.
 Pirojeetii Qulqullina barbaadamuun,Yeroo
barbaadamuu fi baasii hojii fizikaalaa
raawwatameen walsimuun xumuruu.
Itti fufa…
Dhumaratti Kontiraaktaroonni Yemmuu Hojjetanu
waan Waan 4 yaada keessa galchuun/
walsimsisauun hojjechuun barbaachisaadha.Isaaniis:
1. Akka Nama “ Profit oriented Business”f Hojjetuttu
bu`a haqaqabeessa (Fair profit) yaadanii
hojjechuun waan qajeelaa fi gaarummaa qabu Garuu
immoo maal nadhibeedhaan bu`aa hinmalle(unfair
profit) argachuuf waan sirrii fi waan sirrii hintaanee
waliinmakuun dhorkaadha ; Waan akkasii
hojjechuunis itti gaafatamummaa hordofsiisa.
2. Akka nama biyya qabuutti yaaduun
barbaachisaadha.
Itti fufa…
 Namni ani biyya kiyya jedhu waan har`a kisha

dhuunfatti galtu qofa duuk bu`uu oso


hinta`iin egaree biyyaatiif har`a ani waan
gaarii hojjedheen darba ; gaheen qaba;
dirqaman qaba jedhee yaaduu qaba. Biyya
keenya keessatti hiyyumma amma jiruuf kan
gumaachee keessaa waan qajeelaa hojjechu
dhabuu warroota nudura turanitu jennee
yemmu abaarru nutis warri har`a hojjechhu
carraa arragatn /carraa arganne dhaloonni
boru akka nunabaarree waan qajeelaa fi
gaarummaa qabu hojjechuun
barbaachisaadha.
Itti fufa…
3. Naamusa ogummaa (Professional Ethics)
eganii hojjechuu
4. Waan Sirrii /Waan Qajeelaa ta`e hojjechuun
boqonnaa sammuu namaa kenna ; nagaa
namaa kennaa ; amanamummaa Uummataa
nama gonfachiisa fi Jaarmiyaan Ofi maqaa
Gaarii akka qabaatu taasisa
GAL
ATO
M A!!

You might also like