You are on page 1of 20

Qajeelfama Kaffaltii Maallaqa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Lakk. FA.6/2004 Bahe


Kutaa Tokko
Waliigala
1. Abbaa Qajeelfama Baase
Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa bu’uura Labsii Bulchiinsa
Faaynaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 156/2002 keewwata 71.2 aangoo
kennameefiin qajeelfama kana baasee jira.

2. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni kun “Qajeelfama Kaffaltii Maallaqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Lakk. FA.6 /2004 “ jedhamee waamamuu ni danda'a.
3. Kaayyoo Qajeelfamichaa
Kaayyoon qajeelfama kanaa manneen hojii mootummaa eegumsaa fi qabiinsa maallaqa
mootummaaf jiraachuu qabu, akkasumas, bu’uura waliigaltee seenameen ykn dirqama
kaffaltii qabaniin baajata hayyamame irraa baasii gochuudhaaf kan dandeesisu
tarreeffama raawwii ifa gochuudhaaf kan qophaa'eedhaa.

4. Hiika
Jechi hiikichaa hiikaa biraa yoo kennisiiseef malee jechoonnii fi himoonni qajeelfama
kana keessatti hojii irra oolan labsii bulchiisa faaynaansii lakk.156/2002 fi dambii
bulchiinsa faaynaansii mootummaa naannoo oromiyaa lakk. 138/2004n hiika kennameef
ni qabaatu.
Qajeelfama kana keessatti dabalataan:
1. “Fedhii Baasii Maallaqa callaa” jechuun tokkoon tokkoo mana hojii mootummaa
baajata baasii hojii waggaa raawwachuudhaaf hayyamameef keessaa hanga
maallaqa kaffaltiif barbaachisuu gosa kaffaltii fi gita herreega baasiin sirna
hojimaata yeroodhaan adda baasuun itti dhiyeessuudhaa.

2. “Mala Kaffaltii” Jechuun maallaqni mootummaa qaama kaffalamuuf ykn mana


hojii kaffalamuuf maallaqa callaa ykn cheekiidhaan ykn letter of kireditiin ykn
1
ajaja dabarsa maallaqaatti fayyadamuun kaffaltii raawwatamuudha.
3. “Ajaja Kaffaltii” jechuun karoora maallaqa callaa irratti hundaa’udhaan gaaffiin
kaffaltii fi unkaan kaffaltii guutamee yoo dhiyaatu kaffaltiin baankiidhaan akka
raawwatamu ajaja darbuudha.
4. “Mala Kaffaltii Madaallii Zeeroo”jechuun manneen hojii mootummaa sadarkaa
naannoo qofa irratti kan raawwatu ta’ee, maallaqa dabarsuu qofaaf herreega
baankii baname keessa maallaqni osoo hin jiraatin tokko tokkoon abbaa baajataa
bu'uura baaxii kennameefiin guyyaa guyyaadhaan kaffaltii baasiiwwanii akka
raawwatu gochuudhaan kaffaltichi dhuma guyyaa irratti man-kuusaa keessaa
herreega baankitti bakka buusuun hojimaata herregichaa zeeroo gochuudha.
5. “Kaffaltii Meeshaa fi Tajaajilaa” jechuun manneen hojii mootummaa meeshaa,
hojii damee ijaarsaa fi tajaajila bitanii fi meeshaatti fayyadaamuudhaaf baasii
raawwataniidha.
6.“Uwwisa Baasiiwwan xixiqqaa “jechuun akka barbaachisummaa isaatti hojii
ariitii ta'aniif baasii altokkoon hanga qr. 2,000.00 kan hin caalle hojii
adeemsistuu baasiiwwan xixiqqaa mootummaa kaffaluuf baankii irraa baasii
gochuudhaan maallaqa callaa sanduuqa keessatti qabamuudha.

5. Raawwatiinsa Qajeelfamichaa
Qajeelfamni kun labsii bulchiinsa faaynaansii lakk. 156/2002 irratti manneen hojii
mootummaa jedhamanii ibsaman hundaa irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa lama
Kaffaltii Maallaqa Mootummaa
6. Qajeeltoowwan Kaffaltii
1. Manneen hojii mootummaa kaffaltii ykn baasii kan raawwatan baajatni
hayyamame yoo jiraate qofaadha.
2. Jijjiirraa ykn dabalata baajataa yoo hayyamame malee mana hojii mootummaa
tokkoof gita herreegan adda bahee baajata hayyamamee ol baasii
raawwachuun hin danda'amu.
3. Kaffaltiin maallaqa mootummaa kan raawwatu maallaqa callaan, cheekiidhaan,
2
leetter oof kirediitiidhaan, dabarsaa baankiidhaan ajaja kaffaltii barreessuu fi
gara herreega baankii abbaa mirgaatti dabarsuudhaan.
4. Manneen hojii mootummaa hanga qr. 2,000.00 baasiiwwan hin caalle cheekii
muruun osoo hin barbaachisin karaa qaba maallaqaan maallaqa callaan
kaffaluu ni danda'u.
5. Bu’uura labsii bulchiinsa faaynaansii lakka.156/2002 keewwata.32 keewwata
xiqqaa (5) tiin kaffaltiiwwan qr. 50,000.00 ol ta’e kan raawwataman gara
herreega baankii abbaa mirgaatti maallaqa dabarsuudha an ta'a.

7. Gaaffii Kaffaltii
1. Manneen hojii mootummaa labsii bulchiinsa faaynaansii lakk. 156/2002
keewwata 30 irratti haala ibsamen kaffaltii baasii baajataa gaafachuuf karoora
galii fi baasii waggaa ,akkasumas, karoora galii fi fedhii baasii ji’a 3 Biiroof
dhiyeessuu qabu.
2. Manneen hojii mootummaa bu’uura baajata hayyamamee fi karoora fedhii
maallaqa callaa qophaa'een unkaalee gaaffii kaffaltii fi hayyamamaa
sirna oddeeffannoo elekiitroonikisii Biiroon qophaa'etti fayyadamuudhaan ykn
foormii mataa duree baasiin guutuudhaan itti gaafatamaa ol'aanaa mana
hojiichaan ykn barreeffamaan nama bakka buusuun mallatteefamee kaffaltiin
baasii baajataa akka hayyamamu Biiroof dhiyaachuu qaba.
3. Manneen hojii mootummaa karoora isaanii keessatti osoo hin qabamin ykn
baaxiin kaffaltii Biiroon kan hin gaafatamin baasiin taasaa yoo isaan
qunnamu herreega dabarsa kaffaltii isaanii keessatti baaxiin ga'aan akka hin
jirre mirkaaneessuun baaxiin kaffaltii dabaalata akka kennamuuf itti
gaafatamaa ol'aanaa mana hojiichaan ykn hojjetaa inni bakka buusu
mallatteesisuun gaaffii isaanii Biiroof dhiyeessuu ni danda'u.

8. Gosoota Raawwii Kaffaltii


1. Raawwii Kaffaltii Baasii Madaallii Zeeroo
a.Manni hojii mootummaa hojii waggaa raawwachuuf baajata baasii hayyamamee

3
fi sagantaa hojii irratti hundaa'uun karoora fedhii maallaqa callaa bu’uura
gabatee yeroo qajeelfama bulchiinsa maallaqa callaa mootummaa keessatti
taa’een yoo dhiyeesse baaxiin kaffaltii ni hayyamama.
b. Tokko tokkoon mana hojii mootummaa baaxii kaffaltii hayyamameef osoo hin
darbin herreega baankii dabarsa maaallaqaa banameef irraa cheekiidhaan ykn
ajaja dabarsa maallaqaa ykn letter of kiireediitiin kaffaltii ni raawwata.
c. Bu'uura baaxii hayyamameen herregni baasii ta’ee kaffalame guyyaa
guyyaadhaan waaree booda herreega baankii man-kusaa naannoo irraa bakka
buusuudhaan herreegni madaallii zeeroo akka ta’u ni taasifama.
d. Manneen hojii mootummaa kaffaltii maallaqaa kamiyyuu raawwachuuf ajajni
kaffaltii sirrii ta’e jiraachuu qaba.
e. Galiin mootummaa ykn maallaqni deebi'u kamiyyuu gara herreega baankii
dabarsa maallaqaatti ykn madaala zeerootti galii ta’uu hin qabu.
f. Manneen hojii mootummaa tajajaila herreega baankii madaala zeerootti
fayyadaman baaxiin hayyamame kaffaltii gaafatame uwwisuu kan danda’u ta'uu
isaa mirkaneefachuu qabu.

2. Baasiiwwan Kallattiin Raawwatamu

Baasiiwwan armaan gaditti ibsaman akkkumaa barbaachisummasaatti


kallaattiidhaan herrega man kuusaa irraa ykn herrega baankii mana hojii irraa
baasii ta’ee herrega baankii abbaa mirgaatti darbuu ykn kallaattiidhaan
raawwatamuu ni danda'u.
a. Baasiiwwan mootummaa idaa ,buusii fi kkf mootummaan waadaa kan itti
seene,
b.Manni hojii mootummaa tajaajila argateef ykn meeshaawwan bitateef,

9. Kaffaltiin Raawwatamuun Dura EeggannooTaasifamuu Qabu.


Kaffaltiin kamiyyuu raawwatamuun dura,
1 Meeshaan akka bitamu ykn tajaajilli akka kennamu ajajni kan itti kenname ragaan

4
jiraachuu isaa,
2. Meeshaan ykn tajaajilli bu’uura tarreeffama fedhii ajajni kennameen dhiyaachuu
isaa ykn tajaajilii kennamuu isaa,
3. Meeshichi kuusaa meeshaa mana hojiichaatti galusaaf nagaheen galii meeshaa
dhiyaachuu.
4. Barbaachisaa yoo ta'e meeshaan ykn tajaajilichi sirriitti dhiyaachuusaa ykn
kennamuusaa oggeessota dhimmi ilaalu irraa barreeffaman mirkanaa'ee
dhiyaachuusaa,
5. Bu'uura waliigalteen kaffaltiin dursaa Kan raawwatamu yoo ta’e, haala waliigaltee
irratti ibsameen ta'uu isaa,
6. Haala addaan mirkaneesi baasii osoo hin dhiyaatin dura kaffaltiin kan
raawwatamu yoo ta'e, gaaffiin kaffaltii dhiyaate seera qabeessa ta’uu isaa,
7. Meeshaa bitameef ykn tajaajila kennameef herrega buusuuf ragaan dhiyaachuu
qabu nagahee oriijinaala ta’uu isaa.
8. Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 kan ibsame jiraatus sababa amala addaan
meeshaan gara man-kuusaatii galchuu kan hin danda'amne yoo ta'u meeshichi
galuu isaa hojjataa dhimmi ilaaluun mirkanaa'ee kaffaltiin raawwatamuu ni
danda'a.

10. Kaffaltii Mindaa Hojjettoota Mootummaa


Kaffaltiin mindaa hojjettoota mootummaa osoo hin raawwatin ykn baasii osoo hin
ta'in dura eeggannoo itti aanan fudhatamuu qabu,
1 Gitnii hojii Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa irraa kan
hayyamamee fi lakkoofsa eenyummaa gitaa kan qabu ta'usaa,
2. Lakkoofsa gita hojiichaaf baajatni hayyamame jiraachuusaa,
3. Mindaa hojjettootaa haaraa murteesuuf, jijjiirraa fi guddinni sadarkaa fi
faaydaaleen adda addaa labsii hojjettootaa fi labsiicha raawwachisuuf
qajeelfamootni Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa bahan
eeggamuu isaanii,
4. Manni hojii mootummaa boordiidhaan kan bulu yoo ta'e olitti keewwata kana

5
keewwata xiqqaa 3 irratti kan ibsaman ilaalchisee haala seeraa hundeeffama
isaaniitiin aangoo kennameefiin ta'uu isaa,
5. Hojjettootnii sooramaan, du’aa fi sababa adda addaan hojii irraa dhaabbatan
tarreeffama kaffaltii mindaa keessaa haqamuusaanii,
6. Hojjettoota mootummaan muudamanii fi jijjiirraan ramadaman ilaalchisee
ajajni kenname jiraachuu isaa,
7. Faaydaale gibira irraa bilisaa akka ta’an hayyamamaan malee kan biroo irraa
gibirii hira’achuu isaa,
8. Hojjettootni hojii irra jiraachuu isaanii adeemsa hojii dhimmi ilaaluun
mirkanaa'uuisaa,
9. Hirdhifamni mindaa hojjettootaa irraa hirifamuu qaban sirriitti hiri'famuu isaanii
ykn duraan kan hira'achaa turanii fi dhaabbachuu qaban dhaabbachuu isaanii,
10. Hayyamama boqonnaa waggaa mindaa waliin fudhatanii hojjettoota boqonnaa
bahan ilaalchisee peeroolii mindaa ji'aa irratti galmaa’uu isaanii.

11. Mala Kaffaltii Mindaa Hojjettoota Mootummaa


Mindaan hojjettoota mootummaa maallaqa callaan karaa qabaa maallaqaa mana
hojichaan ykn waliigaltee baankii waliin taasifamuun karaa baankiin kaffalamuu ni
danda'a.

12. Raawwii kaffaltii Mindaa Hojjettoota Mootummaa


1. Qophii Mindaaf Odeeffannoon Armaan Gadii Guutamuu Qabu
a. Adeemsoni hojii mana hojiichaa hojjettooni adeemsichaa hojii irra jiraachuu
isaanii ni mirkaneessu. Odeeffannoo kana ji'ii galee guyyaa 20ffaa irratti adeemsa
hojii faaynaansii raawwatuuf ni beeksisu.Garagalchaan adeemsa hojii bulchiinsa
hojjattootaaf ni beeksisu.
b.Adeemsii hojii bulchiinsaa raawwatus dirqamoota hojjattootaa irraa barbaada'amu
biroo ykn hirifamoota adeemsa hojii faafyaansii raawwatuuf ni beeksisa,
c. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1(a)n kan ibsame jiraatus hojjetaan guyyaa 20
hanga 30 keessatti hojii irratti yoo hin argamnee fi bulchiinsaan mirkanaa'e
mindaa akka deebi'su yoo murtaa'e ji'aa itti aanutti ibsa qophaa'u irratti
6
ibsamee mindaa ji'aa irraa ni hirifama.

2. Mindaa Hojjettoota Mootummaa Maallaqa Callaan Qaba Maallaqaan


Kaffaluun Kan Danda'amu:
a.Mindaan hojjetichaa sababa beekkamaan hojjettoota mana hojiichaa waliin
karaa baankiin haalli itti kaffaluu hin dandeenyee yoo jiraate ykn
b. Bakka manni hojiichaa jiru mijaa’aa ta'uu dhabuu isaatiin mindaa hojjettootaa
karaa baankiin kaffaluu yoo hin dandeenye ykn
c. Hojjetaan qaxarama haaraa yoo ta'e, hanga herregni baankii banamuufitti ykn
d. Hojjetaan qaxaramaa kontraataa yoo ta'ee fi kontiraatni isaa waggaa tokkoo
gadi yoo ta'ee dha
3. Mindaa Hojjetoota Mootummaa karaa Baankii Kaffaluuf Adeemsi Hojii
Karoora, Bittaa, Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Manneen Hojii
Mootummaa Hojiiwwan Armaan Gadii ni Raawwata

a. Adeemsota hojii irraa ragaa ga'uu fi hiridhifamoota biroo bu'uura


gochuudhaan peyroolii kaffaltii mindaa hojjettootaa ni qopheessa.
b. Mindaa qulqulluu tokko tokkoo hojjetaaf herreega baankii maqaa isaatiin
banameetti galii ta’u sirriitti qophaa'uu isaa ni mirkaneessa.
c. Peyroolii kaffaltii mindaa qophaa'ee fi mirkanaa'e bu'uureeffachuun maqaa
tokko tokkoo hojjetaan qophaa’ee kan kennamu beeksisa mindaa isliipii
peyroolii ni qopheessa.
d.Mindaa hojjettoota mana hojiichaa qulqulluu waliigala ji'aa xalayaa
barreessee maqaa hojjettootaa , lakkaafsa herreega baankii fi hanga mindaa
qulqulluu ji'aa tarreeffama qabate kooppii lamaan qopheessuudhaan baankii
kaffaltii raawwatuuf ni erga.
e. Mindaa hojjettootaa lakkoofsa herreega baankii qusaanatti galii gochuun
erga xumaramee booda baankichii qophii ta'usaa yoo mirkaaneessu beeksisa
mindaa qophaa'ee hojjetaaf karaa adeemsa hojiin akka ga'u ni taasisa.
f. Hojjetaan beeksisni mindaa gahee ibsa yoo gaafate deebii sirrii ta'e ni kenna.

7
g.Kaffaltii mindaan walqabatee gaaffii hojjetaan dhiyeessu, kaffaltiin mindaa
sirraa’u yoo jiraate baankicha waliin dubbaachuun akka sirraa’u ni
taasisa.
h. Baankichi bu'uura tarreeffama darbeefiin mindaa hojjettootaa qulqulluu
gara herrega baankii qusaanna hojjettootaatti erga dabarsee booda manni
hojiichaa kooppiidhaan qopheesee kan ergeef maqaa
hojjettootaa ,lakkoofsa herrega baankii fi hanga maallaqa darbuu sanada
qabate irratti itti gaafatamaan baankii adeemsa hojii dhimmi ilaaluu
maallatteessee chaappaa irratti gochuudhaan kooppii tokkoo deebisee mana
hojiichaaf akka ergu ni godha.
i. Keewwata kana keewwata xiqqaa (h) irratti ragaa ibsamee fi Baankiicha
irraa ibsa deebitii fi kireediitii ga’uun baasiichaaf galmeeffama herreega
barbaachisaa ta'e ni raawwata.
j. Ragaa deebitii fi kireediitii baankii irraa dhiyaatanii fi ragaa keewwata
kana keewwata xiqqaa (h) irratti ibsame peyrooliin walqabsiisuun
walsimisiisuudhaan herreega ni galmeessa, ni qorachiisa.
k. Mala kaffaltii kanaan hojjettootni mindaansanii baankiidhaan kaffalamuuf
peyroolii irratti hin mallatteessan.
l. Lakkoofsaa herreega baankii hojjatootti maallaqni dogoggoraan gale yoo
jiraate hojjeticha waliin mar'achuun akka deebisu taasisuu ykn ji’a itti
aanuutti mindaa hojjetichaa irraa hira'atee herreegni akka siraa’u ykn
maallaqichi akka deebi’u adeemsa hojii dhimmi ilaalu akka beeku ni taasisa.
m. Kaffaltii tajaajilaa baankiif barbaachisu baajata mana hojiichaaf
hayyamame irraa ji'a ji'aan ni kaffala.
n. Kaffaltiin mindaa Mashiina ATM n kan kaffalamu yoo ta’e haala itti
fayyadama mashiinichaa fi ofeeggannoo barbaachisu hojjatootni hubannoo
akka argatan ni taasisa.

4. Manneen Hojii Mootummaa Mindaa Hojjettootaa Karaa Baankii


Kaffaluuf Ittigaafatamummaa armaan Gadii Ni Qabaatu.
8
a. Waliigaltee baankii waliin taasisuun hojjetaatti iddoo dhiyoo ta'e ykn dabarsi
baankii jiruu bu'uura gochuun tokkoo tokkoo hojjetaaf herreegni quusannoo
akka banamuuf ni taasisra.
b.Bu'uura waliigaltee baankicha waliin taasifamuun hojjetaan mashiinii
maallaqaa kaffaluutti akka faayadamu ni taasisa.
C.Mindaan hojjettootaa dogoggoraan ykn sababa biraan gara baankiitti erga
darbee booda deebi'uu kan qabu ta'uun yoo barame tarkaanfiin sirreeffamaa
akka fudhatamu ni godha.
5. Ittigaafatamaa fi Dirqama Hojjetaa Mindaan Baankiin Kaffalamuuf
a. Hojjetaan maqaa isaan lakkoofsi herreega baankii banameef heeree mindaan
isaa lakkoofsa herreega baankii ibsametti galii akka ta’uuf adeemsa hojii
faaynaansiif formii adeemsichi qopheesse irratti yeroo tokko qofaaf iyyaata
dhiyeessuu qaba.
b. Hojjetaan mindaa isaa fudhaachuuf gara baankii kan deemuu isliipiin
beeksisa mindaa erga ga’ee boodadhaa.
c. Mana hojiichaatti hojjeetaan haaraan qaxarame yeroo yaaliisaa akka
xumureen mindaa isaa baankiin akk kaffalamuuf iyyataan gafachuuf dirqama
qaba.

13. Hojjettoota Du'aan Boqotaniif Mindaa Ji'a Sadii Kaffalamu


Hojjettoota du'aan boqotaniif mindaa ji'a 3 kaffalamu kan itti aanu guutamuu
qabu,
1. Hojjetaan mana hojiichaa du'aan boqote osoo lubbuun jiruu mindaan ji'a sadii
akka kaffalamuuf namni galmeesse jiraachuusaa mirkaneessuu,
2. Hojjetaan du'aan boqote lubbuun osoo jiruu mindaa ji'a sadii akka kaffalamuuf
namni galmeesse yoo hin jirre mana murtii irraa dhaalaa ta'usaa ragaa seera
qabeessa akka dhiyeessu gochuu,

14. Baasii Hojii Adeemsistuu Idilee fi Kaapitaalaa


Baasii hojii adeemsistuu idilee fi kaapitaalaa yoo raawwataman:-
9
1. Hojii baasiin itti taasifamuu fi baajatni waggaa qabameef ykn baasii
uwwisuuf hafteen baajataa jiraachuu,
2. Baasiichi karooraa fedhii maallaqa callaa mana hojii mootummaa keessatti kan
qabame ta'uu isaa,
3. Bu'uura karoora fedhii maallaqa callaa qophaa'een gaafatamee Biiroo irraa
baaxiin kaffaltii kennamuu isaa,
4. Baasiiwwan kaffaltiin itti raawwatamuuf ragaan seera qabeessa ta'e
dhiyaachuu isaa.
5. Baasiichi haaroomsa manaan kan walqabate yoo ta'ee, qajeelfamaa fi
sarkuularii Biiroo Industrii fi misooma magaalaa irraa darbee hordofuu
isaa,
6. Herregni sanduqaa fi baankii kamiyyuu baasii osoo hin ta'in dura baajatni
jiraachuu dursee mirkanaa’uu isaa,
7. Baasiin osoo hin raawwatin dura waa'ee baasichaa ragaan guutuun
dhiyaachuu fi qaama aangoo qabuun hayyamamuu isaa,
8. Baasiiwwan ijaarsaaf waraqaa ragaa kaffaltii dhiyaachuusaa fi sirriitti
herregamuusaa,
9. Kaffaltii meeshaa ykn tajaajilaa yoo ta'e bu'uura labsii fi qajeelfama bittaa
mootummaan raawwachuusaa,
10. Bittaa uffata seeraa Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaan kan
hayyamamee, qulqullinaa fi hangisaa haala ibsameen ta'uusaa,
11. Bittaa konkolaataa yoo ta’e qaama bitticha hayyamuuf aangoo qabuun
hayyamamuu isaa ykn bituu qabuun raawwatamuu isaa,
12. Bu'uura waliigalteen kaffaltii raawwatamu yoo ta'e hojiichi xumuramuu
isaa, meeshicha wal harkaa fuudhinsi raawwatamuu isaa ykn tajaajilii
kennamuu isaa,
13. Baasii ykn kaffaltii raawwatame irraa gibirii galii (with holding)
hiri'dhifamuu isaa,
14. kaffaltii raawwatamu irraa taaksiin dabaalata qabeenyaa bu’uura qajeelfama
jiruun hirdhifamuu ykn kaffalamuu isaa,
10
15. Raawwiin kaffaltiiwwan dursaa fi kaffaltiiwwan qabamanii hafan (retention)
baajata kaapitaalaa bu’uura seeraa fi waliigalteen ta’uu isaa,

15. Maallaqa imaanaa ykn Maallaqaa Baankiitti Galii Ta'e Deebisuu


Maallaqa imaanaa ykn qabamee taa’u ykn dogoggoraan gara herreega baankiitti
galii ta’e deebi’suuf haalawwan armaan gadii guutuu qabu.
1. Manni hojii mootummaa imaanaan ykn qabudhaaf kan fuudhe ykn dogoggoraan
herreega baankiitti maallaqni galii taasifame yoo jiraate qulqulleessuun abbaa
mirgaatiif deebisuu ni danda'a.
2. Maallaqa deebii ta'u kaffaluudhaaf adeemsi hojii karoora, bittaa, bulchiinsa
faaynaansii fi qabeenyaa maallaqichii akka deebi’u murtee seera qabeessaa
kennuu qaba.
3. Herregni deebi'u nagahee imaanaan ittiin fuudhamuun galii yoo ta'e , abbaan
mirgaa waraqaa eenyummaa isaa fi nagahee imaanaa duraan kennameef
oriijinalii waliin akka dhiyeessu gochuun kooppii waraqaa eenyuummaa
duraan qabsiise wajjin ilaalamee mirkanaa'uu qaba.
4. Herreegni deebi'u herreega imaanaa yoo ta’ee fi nagahen galii kan qophaa'eef yoo
ta'e, herreega imaanaan galmaa'uun isaa qulqullaa'uu qaba.
5. Herregni deebi'u dogoggoraan herrega baankii mana hojiichaatti kan gale yoo ta'e,
gara herrega baankii mana hojiichaatti galii ta'usaa, nagaheen galii sirrii ta'e
jiraachuusaa fi deebi'uu kan qabu ta’uun mirkanaa’uu qaba.
6. Meeshaan gatii guddaa qabu imaanaadhaan ykn qabuudhaaf galii ta'e ykn
maallaqa biyyaa alaan yoo ta'e, kan deebi'u qabeenya imaanaadhaan fuudhame
ykn gatii maallaqaa yeroo fuudhame ittiin galmaa'een ta'a,
7. Dhumma bara baajataa irratti herreega baankii mana hojiichaa keessaa
herreegni imaanaa gara man-kuusaatti deebi'e yoo jiraate herreega imaanaa
ta'usaa odiitii keessaa mana hojiichaan mirkaanaa'ee uunkaa Biiroon qopheesse
irratti guutamee Biiroodhaaf dhiyaachuu qaba,

16. Kaffaltii dursaa Raawwachuu fi Herrega Buusuu,

11
1. Hangi maallaqaa callaa kaffaltii dursaan hojjettoota bittaa raawwataniif kaffalamu
kan murtaa'u itti gaafatamaa ol'aanaa mana hojii mootummaa ykn hojjetaa inni
barreeffamaan bakka buusuun ta'a,
2. Bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa 1n hanga maallaqa callaa kaffaltii
dursaa olaanaa murteessuuf,
a Baasii meeshaa fi tajaajiilaa kaffaltiin dursaa barbaachisu dursanii baruu ykn
murteessuu,
b Baasiiwwan meeshaa fi tajaajiilaa adda bahan jiddugaleessaan hanga baasii
gaafatanii tilmaamuu,

3. Kaffaltii Dursaa Durgoo Oolmaa fi Geejjiibaa Raawwatamuu Kan Danda'u


3.1. Haala gaaffiin kaffaltii durgoo hojii dirree itti dhiyaatu,

1. Gaaffiin Kaffaltii durgoo oolmaa hojjataa Mootummaa dirree bobba’uun


uunkaa durgoo oolmaa guutamee abbaa adeemsaan ykn itti gaafatamaa
dhimmi ilaalu karoora irratti hundaa’uun guyyoota hojiin fudhatuuf durgoo
mirkaneessuun Adeemsa hojii Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii ni gaafata.
2. Gaafiin Kaffaltii durgoo oolmaa sadarkaa puulii Maallaqaa fi Misooma
Dinagdee tti ittigaafatamaa mana hojii hojjataan irraa dirree bobba’u guyyoota
hojiin fudhatuuf durgoo mirkaneessuun Adeemsa hojii Bittaa fi Bulchiinsa
Faayinaansii ni gaafata,
3. Adeemsi hojii Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii hanga mindaa xalayaa
barreefamee ykn uunkaa irratti hunadaa’uun nagahee baasii qopheessuun
kaffaltii xumuraatiin akka raawwatamu ni taasisa.
4. Hojiin hojjataan bobba’eef kan dheeratu ta’ee, sababni quubsaan yoo jiraate
gaggeessaa adeemsa hojiitiin ykn ittigaafatamaa mana hojii abbaa bajataatiin
mirkanaa’ee gaafatame, guyyaa hojiin dheerate sanaatiin dabalataan ni
kaffalamaaf.
5. Kaffaltiin durgoo oolmaa akkuma kaffalameen baasiitti ni galmaa’a. Haata’u
malee hojiin bobba’ameef haala koroora kaffaltiin raawwatameen kan hin
hojjatamin yoo ta’e, gaggeessaa adeemsa hojiitiin ykn ittigaafatamaa mana

12
hojii abbaa bajataatiin mirkanaa’ee, maallaqni kaffalame akka deebii’u
adeemsa hojii Bittaa fi Bulchiinsa Faaynaansiitti ni beeksisa.
6. Adeemsi hojii Bittaa fi Bulchiinsa Faaynaansii maallaqa deebi’u mata duree
baasii ittiin galmeessen hojjataa irraa galii ni taasisa.

3.2. Haala kaffaltii geejjibaa hojii dirree

1. Kaffaltiin geejjibaa taarifa mootummaan federaalaa ykn naannoo baase


irratti hundaa’uun hojjataan yeroo hojiif deemu dursee gatiin geejjibaa
dhaqaa fi galaa kaffaltii xumuraatiin ni kaffalama.
2. Bakka taariifni geejjiba hin jirretti nagahee seeraa dhiheeffachuun kan
raawwatamu ta’a.
3.3. Konkolaataa hojii dirree bahuu

1. Hojjaattan konkolaataan kennameefii hojii dirree bahu boba’aan


kuppooniin ykn maallaqaan shallagamee ni kaffalamaaf,

2. Haallii itti shallagamu konkolaatichi litira tokkon kiilometira meeqa


akka deemuu istaandardii bahuun baayyina kiilometira hojjichi fudhatu
litira tokkoon kiiloometira deemuuf hiruudhaan ta’a .

3. Boba’aan hojii dirreetiif maallaqaan kennamee hojii irra oole moodela 19n
galii gochuun osoo hin barbaachisini nagahee dhiyeessuun herreegni akka
bu’u ni taasifama.

3.4.Ittigaafatamummaa hojjetaa ykn abbaa adeemsa hojii ykn


oogganaa mana hojii
1. Hojjetaan durgoo fudhatee dirree bobbaa’ee yeroo deebi’u gabaasa hojii
hojjatamee gababinnaan torban tokko keessatti qaama dhimmi ilaaluuf
dhiyeessuu qaba. .

2. Hojjetaan hojii bobba’eef xumuree yeroo deebi’u durgoon deebi’u ykn


dabalaatan kaffalamuuf yoo jiraate itti gaafatamaan mirkaneesee
dhiyeessuu qaba.
13
3. Hojjataan dirree bobba’e haala karoora baheen hojii raawwachuu fi gabaasa
dhiyeessuu ykn hojiin hin hojatamne yoo ta’e, durgoo fudhate deebisuuf itti
gaafatamummaa ni qabaata.

4. Itti gaafatammaan mana hojii kamiyyuu hojjetaa dirree bobbaase tokko irraa
gabaasnii hojii fi durgoo dhiyeesse sirrii ta’uun isaa osoo hin mirkanaa’in
baasii durgoo itti aanuu ajajuu hin qabu,

5. Itti gaafatamaan kamiyyuu guyyaa hojiin dirree fudhatu kan hojiichaaf


barbaachisuu olitti yoo tilmaame ykn gabaasa hojii ykn itti fayyadama
durgoo sirrii ta’uu osoo hin mirkaneessin baasii itti aanuu ajajuun isaa
oditeraan yoo mirkanaa’e maallaqa caalmaan bahee kaffaluuf itti
gaafatamummaa ni qabaata. .

6. Gaggeessaan adeemsa hojichaa ykn ittigaafatamaan mana hojii kaffaltii


durgoo raawwatameef hojiin hojjatamuu isaatiif gabaasa haala oditiif
mijaa’uun barabaraan adda baasee kaa’uun yeroo gaafatamaan
dhiyeessuun oditii akka ta’u gochuuf dirqama qabu.

7. Adeemsi hojii Bittaa fi Bulchiinsa Faaynaansii mana hojii ykn puulii


Maallaqaa fi Misooma Dinagdee ykn oditarii aangoo qabu kamiyyuu
gabaasawwan hojii dirree fi itti fayyadama durgoo oolmaa dhiyeessisanii
ilaaluu ni danda’u.

17. Kaffaltii abbaa Seerummaa manneen hojii mootummaa ilaalchisee

Bu’uura Labsii bulchiinsa faaynaansii mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk.


156/2002 keewwata 3n manneen hojii mootummaa jedhamanii baajata mootummaan
ramadeefiin bulan dhimma falmii mana murtiitti dhiyeessaniif kaffaltii abbaa
seerummaa irraa bilisa ta’u.

Kutaa sadii
Kaffaltii Yeroo Eeggannoo
18. Raawwii Kaffaltii Yeroo Eeggannoo
14
1.Manneen hojii mootummaa piroojektoota kappitaalaan walqaabatee
hojiiwwan bara baajataa darbe keessa raawwatamaniif yeroo eeggannoo
keessatti kaffaltii raawwatamuuf mankusaa naannoo keessaa maallaqa
kaayyoo kanaaf oolu gaafatanii fudhachuudhaan yeroo eegannoo keessatti
baasii gochuu ni danda'u.
2. Manneen hojii mootummaa gaaffii kaffaltii yeroo eeggannoo isaanii bu’uura
uunka Biiroon qopheesseen guutamee odiitii keessaan mirkaneessuun hanga
Adooleessa 15 tti Biiroof dhiyeessuu qabu.
3. Manneen hojii mootummaa maallaqa kaffaltii yeroo eeggannoof oolu
Adooleessa 30 dura baasii gochuu qabu. Adooleessa 30 booda baasii gochuun
hin danda'amu.
4. Maallaqni kaffaltii yeroo eeggannoo keessatti baasii taasifamu kamiyyuu gara
herreega baankii abbaa mirgaatti dabarsuun qofa ta'a.

19. Baasiiwwan Yeroo Eeggannoo Keessatti Kaffaltiin Itti Raawwatamu


Yeroo eeggannoo keessatti baasii kan taasifamu dhiyeessaan meeshaa ykn tajaajila
kennaan barri baajata osoo hin xumuramin dura gaaffiin kaffaltii kan itti dhiyaate
baasiwwan armaan gadii pirojeektii kaappitaalaan walqabataniidha.
1. Barri baajataa osoo hin xumuramin dura meeshaawwan ajajamanii fi manni
hojiichaa fudhachuusaaf herreega nagaheen galii qabeenyaa dhiyaateef,
2. Barri baajataa osoo hin xumuramin dura tajaajila ajajamanii fi manni hojiichaa
tajaajila argachuusaaf herreega ragaan itti dhiyaate,

20. Haalawwan Yeroo Eeggaanoo Keessatti Baasii Gochuu Daangessan


1. Ajajni bittaa kennamuusaan qofa waliigalteen seenamee gaaffii kaffaltii
dhiyaatu,
2. Leetter oof kireediitii banuudhaaf waliigaltee seename irratti hunda'uudhaan
gaaffii kaffaltii dhiyaatu,
3. Meeshaan ykn tajaajilii barri baajataa osoo hin xumuramin dura dhiyaachuu
isaa ykn kennamuu isaa kan mirkaneessu herreega ragaan hin dhiyaatiniif,
4. Barri baajataa ergaa xumurameen booda ji’a Adooleessa keessa nagahe galii

15
qabeenyaa ykn ragaa kaffaltii qophaa’ee dhiyaatu,
5. Bara baajataa keessatti karoorrii qabamee fi dirqama waliigalteen itti seenamee
baasiin osoo hin raawwatamin barri baajaticha kan darbe,
6. Kaffaltiiwwan qajeelfama kana keewwata 18 tiin baasii ta'an kamiyyuu,
21. Galmeeffama Herreegaa fi Dhiyeessa Gabaasaa
Manni hojii mootummaa kamiyyuu yeroo eeggannoo keessatti baasii
raawwatame herreega bara baajataa xumuramee keessatti galmeessee qabachuun
haala raawwiisaa Haggayyaa 15 dura Biiroof gabaasa gochuu qaba.

22. Haftee Maallaqa Kaffaltii Yeroo Eeggannoo


Kaffaltii yeroo eeggannoof akka oolu gaafatamee maallaqa fudhatame irraa
sababa adda addaan kan hin kaffalamin ykn maallaqni hafe yoo jiraate daangaan
baasii yeroo eeggannoo akka xumurameen herreega baankii mana kuusa
mootummaa naannootti deebi’uu qaba.

23. Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Mootummaa


Manni hojii mootummaa kamiyyuu kaffaltii yeroo eeggannoo hordofee
raawwachuuf dirqama qaba.
24. Leeter oof kirediitii Mootummaa Banuuf Gaaffii Dhiyaatu
Manneen hojii mootummaa yeroo leeter oof kirediitii banaan kan itti aanu
guutuu qabu.
1.Manni hojii mootummaa Leeter oof kirediitiin akka banamuuf osoo hin
gaafatin dura baajatni hayyamameef gahaan jiraachuusaa mirkaneessuu
qaba.
2. Tilmamaa sharafa biyyaa alaa barreeffaaman akka ergamuuf baankii
tajaajila kennuufitti gaaffii isaanii ni dhiyeessu.
3. Meeshaa biyyaa alaa irraa fiduufis ta'ee, kaffaltiiwwan biroof leeter oof
kirediitii banuuf kan isaan dandeesisu ragaa guutatanii gaaffii isaanii
Waldaa Aksiyoona Baankii Daldalaa Itoophiyaa ykn Baankii
Konistirakishiinii fi biiziinesiif dhiyeessuu qabu.

16
25. Sirna Baniinsa Leeter oof kirediitii Mootummaa
1.Manneen hojii mootummaa uunkaa gaaffii fi hayyamama leeter oof kirediitii
guutuun sirrummasaa mirkaneessuun bu'uura tilmamaa sharafa biyyaa alaa
guyyaa jiruun sharaficha birriidhaan shallaguun maqaa mana hojichaan
leeter oof kirediitii akka banamuuf Waldaa Akisiyoonaa Baankii Daldala
Itoophiyaa ykn Baankii Konistirakishiinii fi biziinesiif gaaffii ni dhiyeessu.
Kanas Baankiin Biyyooleessa Itoophiyaa akka beeku ni taasisu.
2.Waldaan Akisiyoonaa Baankii Daldala Itoophiyaa ykn Baankii
Konistirakishiinii fi biziinesii leeter oof kirediitii osoo hin baniin dura ajaja kan
kenne mallattoo itti gaafatamaa ol'aanaa mana hojii mootummaa dhimmi
ilaaluu sirrii ta'uusaa mirkaneessuu akka danda'aniif ooggantootnii ol'aanoo
manneen hojii motummaa ykn ooggantootnii ol'aanoon isaan barreeffamaan
bakka buusan samuda mallattoo isaanii baankoota bira akka taa'u taasifamuu
qaba.
3.Waldaan Akisiyoonaa Baankii Daldala Itoophiyaa ykn Baankii Konistirakishiinii
fi biziinesii itti gaafatamamaa ol'aanaan mana hojii mootummaa dhimmi ilaalu
ykn bu'uura uunkaa mallattoo itti gaatatammaa ol’aanaan bakka buuseen
raggaa'ee ga'uun leeter oof kirediitii banudhaan odeeffannoo barbaachisaa
ta'an mana hojii mootummaa maqaa isaan leeter oof kirediitii banameefii ni
ergu.
4.Manneen hojii mootummaa Waldaa Akisiyyoonaa Baankii Daldala Itoophiyaatti
ykn Baankii Konistirakishiinii fi biziinesiitti leeter oof kirediitii bananiif
maallaqni qabiinsa dursaaf kaffalan hin jiraatu.
5.Manneen hojii mootummaa baniinsa leeter oof kirediitiif, komiishiinii
mirkaneessaa fi tajaajilaaf leeter oof kirediitiin yeroo banamu maallaqa ni
kaffalu.

26. Raawwii Kaffaltii Herreega leetter oof kirediitii Mootummaa


1. Biiroon maqaa manneen hojii mootummaan sochii leeter oof kirediitii

17
banamuuf kan oolu herreega baankii waliinii (L/C pool account ) leeter oof
kirediitii tokko Baankii Daldalaa Itoophiyaatti ni bana.
2. Tokkoo tokkoon mana hojii mootummaa leeter oof kirediitii akka banamuuf
Waldaa Akisiyoonaa Baankii Daldala Itoophiyaa ykn Baankii Konistirakishiinii
fi biziinesiif gaaffii yemmuu dhiyeessu, gatii leeter oof kirediitii ,komishiinii
baniinsaa , gatii tajaajiilaa fi komiishiini mirkaneessaaf maallaqni kaffalamu
maqaa tokkoo tokkoo mana hojiitiin herreega baankii dabarsa maallaqa
madaala duwwaa irraa baasii ta'ee leeter oof kirediitii kananaaf banametti
herreega baankii dipoozittiitti galii akka ta'u ajaja kaffaltii Waldaa
Akisiyoonaa Baankii Daldala Itoophiyaaf ni dabarsa. Kanuma akka
barbaachiisumaa isaatti Waldaa Akisiyoona Baankii daldalaa Itoophiyaaf ykn
Baankii Konistirakishiinii fi Biziinesiif garagalchaan akka beekan ni godha.
3. Baankiin Daldalaa Itoophiyaas bu'uura manneen hojii mootummaa dhimmi
ilaalu irraa ajajni kaffaltii gahuun keewwata kana keewwata xiqqaa 2
irratti ibsameef kaffaltii hamma maallaqa sochii herreega leeter oof
kirediitiif oolu herreega baankii waliinii banameetti galii ni taasisa.
4. Manni hojii mootummaa leeter oof kirediitii banu keewwata kana keewwata
xiqqaa 3n kan ibsame irratti dabalataan rakkoo sababa jijjiirraama gatii alaa
leeter oof kirediitii fi sharafa yeroo herregni bu'uu qunnamuu danda’u
hambisuuf kan gargaaru ittiin eeggannoof gatii leeter oof kirediitii % 1.5
herreega baankii dippozittitti galii gochuu qabu.
5. Gatii leeter oof kirediitii fi baasii raafama sharafa alaaf barbaachisu herreega
baankii dipoozitii leeter oof kirediitii irraa baasii ta'ee kaffaltiin kan
raawwatamu sanadoonii fe'uumsaa Waldaa Akisiyoonaa Baankii Daldalaa
Itoophiyaa ykn Baankii Konistirakishiinii fi Biziinesii yeroo gahu ta'a.
6.Waldaan Akisiyoonaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa ykn Baankii
Konistirakishiinii fi Biziinesii leeter oof kirediitii kan banaan bu'uura gatii
sharafa alaa guyyaa baniinsaa jiruun yoo ta'u ,herregichi yeroo bu'uu sababa
raafama sharafa alaan jijjiirama gatii uumamuuf sirreeffamni ni hojjetama.
7.Waldaan Akisiyoonaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa ykn Baankiin
18
Konistirakishiinii fi Biziinesii maqaa mana hojii mootummaan leeter oof
kirediitii bananiif kaffaltii komishiinii fi tajaajiila baankiif , akkasumaas , gatii
leeter oof kirediitiif gaaffii kaffaltii raawwatame Baankii Daldaala
Itoophiyaaf yoo dhiyeessan herreega baankii diippoziitii leeter oof kirediitii
irraa baasii gochuudhaan maqaa baankootaan herreega baankiittii (reserve
account ) galii gochuun odeeffannoo barbaachisan mana hojii dhimmi ilaaluuf
ni erga.

27. Gabaasa Gochuu


1. Manni hojii mootummaa maqaasaan leeter oof kirediitii banameef sochiisaa ji’a
ji’aan bu’uura uunkaa Biiroon qopheessuun Biiroodhaaf gabaasa dhiyeessuu qaba.
2. Baankiin Daldaala Itoophiyaas kaffaltti baniinsa leeter oof kirediitii , tajaajilaa
fi komiishiinii herreega baankii dippoozitii irraa taasifame tarreeffaama baasii
raawwatamee kan argarsiisu gabaasa dhumaa ji'aa irratti Biiroof ni erga.
3. Manni hojii mootummaa maqaasaan leeter oof kirediitiin banameef baankii
tajaajiila kennuuf irraa gabaasa gahu ka'uumsa gochuun herrega isaa
mirkaneessuun leeter oof kirediitii cufaman ykn waliigateen isaa haqame
gatiin isaa gara mankusaa mootummaa naannootti akka deebi'u Biiroof
barreeffaman beeksisuu qaba.
4. Gara herreega baankii waliinitti maallaqa galii ta’e deebisanii itti fayyadamuuf Biiroo
heeyyamsiisuun ta’a.

28. Komishiinii Tajaajilaa


1. Manni hojii leeter oof kirediitiin maqaa isaatiin baname Waldaa Akisiyoona
Baankii Daldalaa Itoophiyaa fi Baankii Konistirakishiinii fi Biziinasiif,
a. Komishiinii baniinsaa altokkoof--------------%0.25
b. Kaffaltii tajaajiila periodii tokkotti (tokko tokkoo guyyaa 90 tiif) ------
%0.50

c. Komishinii mirkaneessaaf periodii tokkootti (tokko tokkoo guyyaa 90 tiif) --


%0.50 Waliigalatti %1.25n ni kaffalama. Herreegichi kan shallagamu
bu'uura tilmaama sharafa alaa guyyaa baniinsaa jiruun ta'a.
19
2. Leeter oof kirediitiin manneen hojii mootummaa banan kan haaqame yoo ta'e,
kaffaltiin tajaajila haqiinsaa maallaqa herreega baankii dippooziitii keessa
taa'e irraa baasii ta’ee kaffalama.
3. Waldaa Aksiyoonaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa fi Baankii konistirakishiinii fi
Biziinesiitiin leeter oof kirediitii mootummaa banaman komishiinii sharafa
alaa %1.5 yeroo herregnisaa bu'u Baankii Daldalaa Itoophiyaaf ni
kaffalama.

29. Qajeelfamoota Haqaman


Qajeelfama kaffaltii yeroo eeggannoo lakk 13/97, murteessuuf bahe haqamee
qajelfama kanaan bakka b'uuera.
30. Yeroo qajeelfamni kun itti ragga'u
Qajeelfamni kun Amajjii 18, bara 2004 irraa eegalee kan ragga'e ta'a.

Siraaj Kadir
Oogganaa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

20

You might also like