You are on page 1of 24

ISTAANDAARDII DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII

MANNEEN MURTII OROMIYAA

MANA MURTII WALIIGALAA OROMIYAA

Guraandhala/2011

Finfinne

1
SEENSA WALIIGALAA
Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef eegumsii barbaachisaan taasifamufi qaba. Eegumsi
maatiif taasifamu namoota dhuunfaaf qofa kan taasifamu osoo hin taane hawaasa bal’aaf akka
ta’e hubachuun ni danda’ama. Maatii waliin walqabatee keessattu Dubartoonnii fi Daa’imman
qaama hawaasaa keessaa miidhaa adda addaatiif saaxilamtoota ta’uun isaani ni hubatama.
Qaamoliin hawaasa addunyaa keessaa tokko tokkoo kallattii adda addaatiin mirga daa’immanii
irra miidhaa yoo geessisu ni mul’ata. Daa’imman sababa xiqqeenya umurii yookiin bilchina
dhabiinsa qaamaa fi sammuu, hiikaan gaa’ilaa maatii isaanii irraa kan ka’e miidhaa yookiin
rakkoof saaxilamu.
Dhimmi maatiin walqabatu dantaa Daa’immanii fi dubartoota kan of keessa qabu akka ta’e
hubachuun ni danda’ama. Manneen Murtii Naannoo keenyaas dhimmoota Daa’immanii fi
Dubartoota haala xiyyeeffannoo addaan keessummeessuuf karoora waggaa waggaan qabachaa
kan turan ta’uun fi bu’uuruma kanaan haala walfakkataan ta’uu baatuus hojjechaa kan turan
ta’uu ni beekama. Haata’u malee dhimmoota maatii fi Daa’immanii dhaddacha tokkoon akka
gurmaa’an taasisuuf seeraan wanti tumamee hin turre waan ta’eef sadarkaa manneen murtii
hundatti sirnaan hojjechuu irratti rakkoo guddaa ta’aa tureera.
Rakkoo kana furuuf Labsii manneen murtii Naannoo Oromiyaa lakk. 216/2011keewwata 32(2)
jalatti Sadarkaa manneen murtii Olaanaa fi Aanaati dhaddachoota hariiroo hawaasa fi yakkaatin
alatti dhaddacha saddaaffaa ta’uun dhaddachi maatii fi daa’immanii akka gurmaa’uu qabu
tumamee jira. Kun immoo dhimmoota maatii fi Daa’immanii xiyyeeffannoo addaa
keessummeessuuf kan dandeessisu ta’uun ni hubatama.
Dhaddachi maatii fi daa’immanii labsii kanaan gurmaa’e haala walfakkataa ta’een dhimmoota
maatii fi Daa’immanii sirnaan keessummeessuun haqa barbaachisu argamasiisuf Istaandaardii
kun qopha’ee jira.

2
KUTAA TOKKO

TUMAALEE WALIIGALAA FI QAJEELTOOWWAN BU’UURAA

Kutaa Xiqqaa Tokkoo

Tumaalee Waliigalaa

1. Mata Duree Gabaabaa Istaandaardii Dhaddacha Maatii Fi Daa’immanii Manneen


Murtii Oromiyaa jedhamee waamama.
2. Hiika Jechootaa; Akkaataan fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e
malee, Istaandaardii kana keessatti:
1) “Daa’ima” jechuun Nama Saalaan osoo adda hin bahiin umuriin isaa waggaa kudha
saddeet (18) nama hin guunneedha. Yeroo umuriin nama tokko waggaa 18 guutuuf
dhabuu isaa irratti waliigalamuu dadhabame (falmii kan kaasu yoo ta’e) namni kun akka
Daa’imaatti fudhatama.
2) “Daa’imman Seeratti Bu’an” jechuun Daa’immaan umuriin isaani waggaa sagalii (9)
hanga kudha shanii (15) ta’anii gochoota yakkaa raawwatan jechuudha.
3) “Dhaddacha Maatii fi Daa’immanii” jechuun dhaddacha dhimmooni maatii fi
Daa’immanii sadarkaa duraa fi Ol’iyyannoon itti ilaalamu ta’ee sadarkaa mana murtii
Aanaa fi Mana murtii Olaanaatti addatti kan gurmaa’anu jechuudha.
4) “Ogeessa” jechuu akka itti fayyadama jechichaatti ykn barbaachisummaa isaati Abbaa
Seeraa, Ogeessa Hawaasummaa, Ogeessa Xiinsammuu, Abba Alangaa, Poolisii, Ogeessa
Fayyaa fi kkf jechudha.
3. Ibsa Koornayaa; Istaandaardii kana keessatti koornayaa dhiiraatiin kan ibsame
dubartiifis raawwatiinsa ni qabaata.

Kutaa Xiqqaa Lama

Qajeeltoowwan Bu’uuraa

4. Barbaachisummaa
1. Manni murtiis ta’e qaamoleen rogummaa qaban biroo ykn ogeessonni dhimmi ilaalu
dhimma dantaa daa’immanii fi maatii yommuu ilaalan qajeeltoowwan bu’uuraa kanaa
gadiitiin gaggeeffamuu qabu.

3
2. Qajeeltoowwan bu’uuraa kunneenis dantaa fi mirga daa’immanii fi koornayaa hunda
of keessatti akka hammachuu danda’aniitti hiikamu.
5. Mirga lubbuun jiraachuu
1. Namni kamiyyuu mirgi lubbuun jiraachuu isaa kan heeraan beekamtii argate ni
kabajamaaf.
2. Daa’imman hundumtuu mirga lubbuun jiraachuu ni qabaatu.
3. Haala kamiiniyyuu mirgi lubbuun jiraachuu daa’immanii hin daangeffamu.
6. Mirga loogii irraa bilisa ta’uu fi walqixxummaa
1. Daa’imman loogii bifa kamiiniyuu isaan irrattis ta’e maatii isaanii irratti raawwatamu
irraa bilisa ta’uuf mirgi isaanii ni kabajamaaf.
2. Qajeeltoon kun gaa’ela keessatti haadha warraa fi abbaa warraafis raawwatamummaa
ni qabaata.
3. Jireenya gaa’elaa keessatti gaa’ela dura, boodaa fi yeroo turtii gaa’elaa mirgi
walqixxummaa haadhawarraa fi abbaawarraa ni kabajamaaaf.
4. Addumatti immoo falmii qabeenyaa wajjin wal qabatee mirgi kun haala bu’a
qabeessa ta’een akka hojiirra oolu manni murtiis ta’e qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu
deeggarsa gochuu qaba.
5. Dhimmi kun keessumattuu yeroo abbaanwarraa tokko haadhawarraa tokkoo ol
qabaatutti xiyyeeffannoodhaan ilaalamuu qaba.
7. Dantaa Addaa Daa’immanii
1. Adeemsi seeraa mana murtii keessattis ta’e alatti daa’imman irratti raawwatamu
kamiyyuu dantaa addaa daa’ima sanaa giddu galeessa kan godhate ta’uu qaba.
2. Bakka ykn haala hiikoo seeraa barbaachisu keessattis manni murtii qajeeltoo kanaaf
dursa kennuu qaba.
3. Qajeeltoon dantaa addaa daa’immanii kallattii garaagaraatiin ilaalamuu qaba. Kunis
guddina qaamaa, yaadaa, sammuu, diinadgee, hawaasummaa, hamilee, xiinsammuu,
fayyummaa, kkf yaada keessa galchuu qaba.
8. Mirga Hirmaachisummaa
1. Daa’imman dhimma isaan ilaallatu kamiyyuu irratti hirmaachuuf mirgi isaanii ni
kabajamaaf.
2. Daa’imman yaada isaanii bilisaan akka ibsataniif qaamni ykn ogeessi dhimmi ilaalu
kabajuu fi kabachiisuuf dirqama qaba.
3. Keessumaayyuu, manni murtii dhimmoota qallabaa, guddisaa, yakkaa, kkf irratti
daa’iman dhagahuun dirqama ta’a.
4. Daa’imman yaada isaanii yommuu ibsatan manni murtiis ta’e qaamni dhimmi ilaalu
ykn ogeessi sadarkaa bilchiinsa sammuu fi qaamaa, beekumsaa fi hubannaa isaanii
giddu galeessa godhachuu qaba.
9. Maatiin Bu’uura Hawaasaa Ta’uu
1. Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef eegumsi addaa taasifamuufii qaba.
2. Manni murtiis ta’e qaamni ykn ogeesssi kamiyyuu dhimma maatiif xiyyeeffannoo fi
of eeggannoodhaan hojjechuu qaba.
4
3. Kanaafis manni murtii dantaa fi mirga daa’immaniif, dubartootaaf, akkasumas
jireenya borii waliigalaa walfuutotaa yaada keessa galchuun dhimma maatii ilaaluu
fi falmisiisuu qaba.
4. Waliin jiraachuu, dirqamaa fi mirga gaa’ela irraa maddan waliin bahachuu fi
daa’imman guddisuu fi kunuunsuu irratti haatiwarraa fi abbaanwarraa jireenya
gaa’elaa keessa akka turan/jiraatan manni murtii ykn abbaan seeraa tattaaffii
ol’aanaa fi walirraa hin cinne taasisuu qaba.

KUTAA LAMA

ISTAANDAARDII (GURMAA’INSA) DHADDACHA MAATII FI DAA’IMMANII FI


NAAMUSA OGEESSOOTA

Kutaa Xiqqaa Tokko

Gurmaa’insa Dhaddachaa

10. Barbaachisummaa Dhaddacha Maatii Fi Daa’immanii


1. Dhimmi maatii fi daa’immanii waan hedduun waan walitti hidhatuuf dhaddacha
tokkoon hoogganama.
2. Dhaddachi maatii fi daa’immanii ogeessota dhimma kana irratti leenjii addaa
fudhataniin hoogganamuu fi/ykn hojjetamuu qaba.
11. Meeshaalee, Ulaagaa fi Mijaa’ina Naannoo Hojii
1. Dhaddachi maatii fi daa’immanii meeshaalee fi ulaagaa hojichaaf barbaachisu
dursee guuttachuu qaba. Kunis haala qabatama dinagdee fi/ykn baajata mana
murtichaa irratti hundaa’a.
2. Dhaddachi maatii fi daa’immanii bakka ykn naannoo hojii mijaawaa, kan ofitti
nama harkisuu fi ogeessotaafis ta’e daa’immaniif, akkasumas maatiif mijataa ta’uu
qaba.
3. Daddachi kunis Kutaa guddaa dhaddachaa tokkoo dabalataan kutaa Daa’imman
miidhamanii fi/ykn ragaa ta’anii dhufaniif mijaawa ta’e tokko fi kutaa Daa’imman
seeran walitti bu’anii jecha isaani itti kennuu danda’an (kutaan kun kutaa
dhaddachaa isa guddaatin haala isaa mijjeessuun itti fayyadamuun ni danda’ama)
hundeeffamuu qaba.

5
4. Kutaan daa’imman miidhamanii fi/ykn ragaa ta’anii jecha itti kennuu danda’an
qofaa tahee kutaa Abbaan seeraa, Himatamaa, Abbaa Alangaa fi namoonni biroo
jiran kan wal argan kaameeraadhaan (Closed Circuit Camera/ CCTV/ kan wal
quunnamu ta’a. Kutaan kun haala daa’immaan hin sodaachisneen kan gurmaa’u fi
haala qabatamaa naannoo sanaatin meeshaaleen daa’immaan ittiin taphachuu
danda’aniin guutamuu qaba.
5. Meeshaaleen dhaddacha kanaaf barbaachisaniis haaluma qabatamaa naannoon kan
guutamu ta’ee, meeshaaleen ammayyaa barbaachisoo ta’aan gabatee Istaandaardii
kanaan walqabateen tarreeffamee jira.
6. Kutaan daa’imman seeran walitti bu’ani itti dhaga’aman, kutaa tokko keessatti kan
gurmaa’u ta’ee teessoo ol ka’aa irraa gadi bu’uun bifa daa’ima hiriiyomseen teessoo
naanneessuun (teessoo kutaa walga’ii fakkeessuun) Abbootiin seeraa,
maatii/Guddistootni, Abukaattoon, Ogeessonni biroo haala walcina ta’aniin
mijaawu qaba.
7. Akkasumas manni murtii haadholii daa’immanii qabatanii dhufanis tahee
daa’imman miidhamanii dhufan bakka aaragalfii fi uffata daa’imman isaanii
jijjiiraniif qofaatti mijeessuu qabu. Dabalataan Kutaan ogeessootaa (hojjataa
hawaasummaa) qofaatti gurmaa’uu fi haala ifa ta’een mula’chuu akka qabutti
gurmaa’uu qaba.
8. Dhaddachi maatii fi daa’immanii bakka ykn naannoo hojii mijaawaa, kan ofitti
nama harkisuu fi ogeessotaafis ta’e daa’immaniif, akkasumas maatiif mijataa ta’uu
qaba.
12. Akkaataa Hojimaata Dhaddachaa Fi Itti Dhiyeenya (Approach) Ogeessotaa
1. Abbaa seeraas ta’e ogeessi kamiyyuu dhimma maatii fi daa’immanii keessatti
hirmaatu akkaataa maatii fi daa’immaniif mijatutti itti dhiyaachuu qaba.
2. Abbaan seeraa dhaddacha maatii fi daa’immanii yommuu gaggeessu, uffata
‘gaawonii’ uffachuu hin qabu.
3. Falmii (gaaffii) hiikkaa gaa’elaa yoo ta’e haadhawarraa fi abbaa warraa wajjin
taa’ee mariisisuun akka araaraman gochuu, ykn gara jaarsummaatti qajeelchuu
qaba.

6
4. Kanas kan raawwatu akka baratame abbaan seeraa akka sodaatamutti otoo hin
taane haatiwarraa fi abbaanwarraa sodaa fi saalfii irraa bilisa ta’anii icciitii jirus
baasanii akka dubbataniif abbaan seeraa karaa banuufii qaba.
5. Abbaan seeraa ogeessota garaagaraa wajjin yommuu hojjetu ol’aantummaan
hoogganuu qaba.
6. Ogeessonni, keessumattuu abbaan seeraa dhimma maatii fi daa’immanii yommuu
ilaalu tasgabbaa’ee, of eeggannoodhaan, yeroo fudhatee ilaaluu qaba.
7. Dhaddachi maatii fi daa’immanii adeemsa seeraa baratameen otoo hin taane karaa
jijijjiirameen (flexible) ta’een ilaaluu barbaachisa.
8. Abbaan Seeraa dhimma maatii fi daa’immanii yommuu ilaalu sirna beellamaa
kaayyoo kana waliin deemuun socho’uu qaba.
9. Yeroo gahaa argatee abbaawarraa fi haadhawarraa haasofsiisee akka araaraman
gochuuf, daa’imman amala, fedhii fi jireenya isaanii borii adda baasuuf galmee
baay’isee beellamuu hin qabu.
10. Abbootiin seeraa dhaddacha maatii fi daa’immaniitti ramadaman leenjii addaa
dhimmoota maatii fi daa’immanii irratti kan fudhatan ta’uu qabu, Muuxannoo fi
daandeettii hojii olaanaa kan qabanuu fi naamusa isaaniitiin fakkeenyummaa kan
qabanu keessattu obsa qabaachu fi tasgabbiin dhimmoota ilaalu irratti.
13. Gosa Dhimmoota Dhaddacha Maatii fi Daa’immaniitti Ilaalaman.
1. Dhimmooni bifa iyyannoo fi himannaan seera maatii irratti hundaa’uun dhiyaatan
kamiyyuu fi dhimmoota yakkaa Daa’immaan irratti yeroo raawwatamu, Daa’immaan
umuriin isaani waggaa sagalii (9) hanga kudha shanii(15) ta’an yeroo gocha yakkaa
raawwatanitti dhimmi isaani dhaddacha maatii fi daa’immaniitti kan ilaalamu ta’a.
2. Ol’iyyannoon dhimmoota kanaa sadarkaa mana murtii Olaanaatti ilaalamus
dhaddacha maatii fi daa’immaniitti kan ilaalamu ta’a.
3. Ol’iyyannoo sadarkaa mana murtii waliigalaa Oromiyaa dhaddacha Idileetti ilaalamu
fedhii Daa’imaa fi yaada isaanii kennuun barbaachisaa yoo ta’e haala daa’imman
hiriyoomsen kutaa mijeessuun fayyadamuun ilaalamu qaba.
4. Iyyannoon dhaddacha Ijibbaataati ilaalamu sirnuma idileen kan ilaalamu ta’a.

7
14. Dirqamoota Ofiseera Seeraa fi Hojjattoota Biroo Mana Murtii Irraa Barbaadamu
1. Ofiseeroonni seeraa iyyannoon/himannoon dhimmoota Maatii fi daa’immanii waliin
walqabatu yeroo dhiyaatutti dursa kennuun keessummeessuu fi daataa beezii irratti
addatti galchuun ragaa isaa sirnaan qabachuu qabu.
2. Hojjattootni mana murtii kamiyyuu, daa’imman seeraan walitti bu’an yeroo mana
murtiiti dhufan kallattii agarsiisuun, Hojjataa hawaasummaan qunamsiisun deeggersa
barbaachisaa taasisuu qabu.

Kutaa Xiqqaa Lama


Naamusa Ogeessoota
15. Iccitii Eeguu:
1. Hojjatan hawaasaa iccitii dhuunfaa maamiltoota isaa eeguu fi kabajuu qaba.
2. Hojjatan hawaasaa ragaa dhuunfaa maamiltoota iccitiin qabachuu qaba. Haa ta’u
malee ragaa argame irraa hubachuun maamilichaaf ykn nama biraaf balaaf kan
saaxilu yoo tahee ragaan argamee iccitiin isaa hin eegamu.
3. Ragaa kana iccitiin isaa akka hin eegamne maamiltoota isaa/ishee beeksisuu
qaba/qabdi.
4. Abbaan seeraa dhimma daa’immanii isaaniitti dhiyaatu dantaa daa’immaniif
jecha iccitii isaa eeguu qaba. Akkasumaas falmii dhimmaa hiikkaa gaa’ilaan
walqabatuu keessattiis iccitii eeguu qaba.
5. Hojjattootni mana murtii fi ogeessooni biroos ragaa, odeeffannoo, galmee
iccitummaa isaa haala eegeen qabachuu qabu.
16. Odeeffannoo kennuu: Ogeessooni odeeffannoo barbaachisuu kan maamila isaani
gargaaruu danda’an qaama birarraa argachuu danda’u kallatti agarsiisun akka
odeeffannoo argatan taasisuu fi ofiifis kennuu qabu.
17. Walitti dhufeenya saalquunnamtii
Hojjatan hawaasaa haaluma kamiinuu maamila isaa/ishee ykn firoota maamila isaa/ishee
waliin hariiroo saalqunnamtii qabachuu hin qabu/qabdu. Hojjetan hawaasaa maamila
duraan hariiroo saalqunnamtii waliin qabaniif tajaajila kennuu hin danda’u
18. Uffanna Seera Qabeessaa

8
1. Abbootiin Seeraas ta’an ogeessooni biroo yeroo hojii idileesaanii uffannaa seera
qabeessa tahe uffachuun maamila tajaajiluu qabu. Akkasumas haalli riffeensa fi
areeda isaani ittiin sirreeffatan daa’imman soda keessaa kan galchuu danda’u ta’uu
hin qabu.
2. Hojjatan hawaasaa yeroo sakatta’insa gaaggeessuu/tu uffannan uffateen/tteen yaada
maamila kan jeequ tahuu hin qabu.
19. Kaffaltii tajaajila:
1. Maamiltootni tajaajila ogeessaa bilisa argachuuf mirga qabu.
2. kanaaf Ogeessi keessumaa yeroo qorannoo gaggeessuuf mana jireenya abbootii
dhimmaa deemuu/tu kaffaltii ykn kennaa maamila irraa fudhachuu hin
qabu/qabdu
20. Jechoota eenyummaa maamilaa tuqan fayyadamuu hin qabu
1. Ogeessii afaan maamilli hubachuu danda’uun tajaajilu qaba.
2. Keessumaa daa’imman miidhamanii dhufan jechoota miidhaa isaanirra gahe itti
yaadachisu danda’an fayyadamuu hin qabu/du.
21. Dhimma Maatii fi daa’imaa dhiyaatu Obsa fi Tasgabbiin ilaalu
Abbaan seeraa gaaffii daa’ima gaafatu jechoota daa’mni hubachuu danda’uu fi umurii
isaanii waliin wal gitu ta’uu qaba.Abbaan seera daa’imti guyyaa sana yaada ishee kennuu
yoo didde guyyaa mijatu beellama biraa kennuu ni danda’a (qaba).

KUTAA LAMA

FALMII DHIMMA MAATII

22. Yaada Bu’uuraa:


1. Gaa’illi dhiiraa fi dubartii giddutti hayyama bilisaa fi guutuu irratti hundaa’uun
kan raawwatamu yoo ta’u, Raawwannaa, yeroo fuudhaa fi heerumni ragga’ee
jiruttii fi yeroo hiikkaatti walfuutootni mirga walqixa ta’e qabu.
2. Maatiin bu’uura hawaasaa waan ta’eef mootummaa fi hawaasni eegumsa
taasisuuf dirqama qabu.
3. Daa’immaan fuudhaaf heeruma keessatti fi alatti argaman mirga walqixa ta’e
qabu.

9
23. Haala Qabiinsa Dhimmoota (Iyyaannoowwaan adda addaa fi gaaffii Hiikkaa
Gaa’ilaa
1. Iyyannoowwaan adda addaa kan akka gaa’illi akka hin raawwatamneef dhiyaatu,
gaa’ila raawwachuuf akka hayyamamuuf dhiyaatu, jijjiiraa maqaa,
Dhalattummaa mirkaneeffachuuf fi kkf waliin walqabatee dhiyaatu haala yeroo
gabaaba keessatti furmaata argachuu danda’uun keessummeeffamuu qaba. (sirna
falmii ariitiin kan ilaalaman ta’ee dangaa yeroo kaa’amee keessatti xumuramuu
qabu.)
2. Manni murtii dhugummaa gaaffii dhiyaate qulqullessuuf ragaa barbaachisaa fi
rogummaa qabu fayyadamuu qaba. Akka barbaachisummaa isaatti gareen
mormii dhiyeessuu yoo jiraate akka dhiyaatuuf beeksisni akka maxxanfamuuf
ajaja kennuu qaba.
3. Iyyannoon yookiin himannii hiikkaa gaa’ilaa yeroo dhiyaatutti manni murtii
gaaffiin dhiyaate diggaa gaa’ilaa ta’uu isaa sirnaan qulqulleessuu qaba.Manni
murtii gaa’illi akka hin diigamneef yaalii guddaa taasisuu qaba.
4. Gaaffii dhiyaate irratti gareen biraa deebii osoo itti hin kenniin dura yoo
danda’ama ta’ee ogeessi nama iyyatee yookiin himannaa dhiyeesse fi garee isa
deebii kennuu/waamamaa/Himatamaa walitti fiduun gorsa barbaachisaa akka
kennuuf taasifamuu qaba.
5. Ajaja yeroo waa’ee qallabaa fi bakka jireenya walfuutootaa fi Ijoollee
akkasumas bulchiinsa qabeenyaa kennamuu qaba.
6. Haala qoodinsa qabeenya fi guddisa daa’immanii ilaalchisee osoo gaa’illi hin
diigamin dura qaamni kamiyyuu akka xiinxala yookiin sakatta’iinsa taasisu ta’uu
hin qabu.
7. Falmiin sirna idileetiin gaggeeffamuu hin qabu.Falmii ajaja yeroo waa’ee
bulchiinsa qabeenya fi gaa’illi erga diigame booda qoodinsa qabeenyaa irratti
yoo ta’e malee dhimmaa gaa’ilaa irratti walfuutootni yookiin isaan keessaa
namni tokkoo Abukaattoodhaan yookiin bakka bu’aadhaan akka falman
hayyamamuu hin qabu. Haala addaatiin dandeetti dhabuu walfuutoota fi rakkoo
humna olii irraan kan ka’e yoo ta’e qofa hayyamamuu qaba.

10
8. Dhaddachi falmiin hiikkaan gaa’ilaa itti gaggeeffamu namoota hayyamameefin
alatti cufaa ta’uu qaba.
24. Ajaja Yeroo: Yeroo iyyannoon yookiin gaaffiin hiikkaa gaa’ilaa mana murtiif
dhiyaatutti:
1. Battalumattii dantaa fi faayidaa olaanaa Ijoollee tilmaama keessa galchuun
akkaataa bulmaataa fi jireenya Abbaa warraa fi Haadha warraa, Iddoo fi
akkaataa jireenya Ijoollee fi akkaataa bulchiinsa qabeenya isaanii ilaalchisee
akkasumas Walfuutoota keessaa namni tokko mana keessaa gadhiisuu qaba
taanaan eenyuu irra caala miidhaamu akka danda’u tilmaama keessa galchuun
ajaja kennuu qaba.
2. Manni murtiichaa ofumaaf yookiin Ogeessaan, Abbootii amantiin yookiin
jaarsoleen walfuutotni yaada hiikkaa gaa’ilaaf qaban akka geeddaraniif
qajeelchuun yaalii taasisuu qaba.
25.Yeroo Waa’ee Gaa’ilaa Irradeddeebi’anii Yaaduu kennamu:
1. Manni murtii bu’uura seera maatiittin yeroo gahaa kennuu qaba.
2. Gorsi barbaachisaan mana murtiin fi /yookiin/ ogeessaan akka kennamuuf
taasifamu qaba.
3. Yeroo kenname keessatti walfuutootni maal irra akka gahan haalli itti hordofamu
jiraachu qaba. Yeroo kenname kana keessatti manni murtii ajaja biroo waa’ee
qoodinsa qabeenyaas ta’e guddisa Daa’immanii ilaalchisee akka qulqulla’uuf
kennuu hin qabu.
26. Gorsa Walfuutootaf Kennamu:
Gorsi Abbaa Seeraan, Ogeessan, Jaarsolee fi Abbootii amantaan abbaa warraaf haadha
warraaf kennamu dhimmoota dhiibbaa hiikkaan gaa’ilaa jireenya dhuunfaa fi maatii
isaani irratti qabu, jireenya hawaasummaa walfuutoota irratti qabu fi xiin-sammuu isaani
fi Ijoollee irratti qabu kan of keessatti hammate ta’uu qaba.
27. Waa’ee Araaraa:
1. Iyyannoo hiikkaa gaa’ilaa garee tokkoon, yookiin lamaan isaanitiin dhiyaatu
irratti hundaa’uun manni murtii jaarsolee araaraan walfuutootni akka araaraman
yaalii guddaa taasisuu qaba.

11
2. Jaarsoleen Araaraa namoota sadii hanga shanii ta’anu tarreeffamaan walfuutootni
akka dhiyeessaniif manni murtii yeroo gahaa kennuun filachisuu qaba.
3. Jaarsoleen Araaraa ulaagaa; Hawaasa keessatti namoota nama araarsuun
beekamoo ta’ani fi Namoota maatii isaani sirnaan bulchuun fakkeenyummaa
gaarii qaban irratti hundaa’uun ta’a.
4. Manni murtii jaarsoleen araaraa erga filatamaani booda yoo danda’ame jaarsolee
araara hunda isaani yookiin immoo walitti qabaaf barreessaa keessaa nama
tokkoo beellamaan akka dhiyaatan taasisuun adeemsa araarri itti gaggeeffamuu
qabu, kaayyoon guddaa jaarsolee araara walfuutoota araarsu akka ta’ee fi haala
gabaasni itti dhiyaatu irratti qajeelfama kennuu qaba.
5. Hojiin jaarsolee araaraa inni guddaan walfuutootni yaada isaani hiikkaaf qaban
jijjiirachuun araaramanii akka waliin jiraatan taasisudha.
6. Hojii kana yeroo raawwatanitti walitti qabaan jaarsolee yookiin Barreessaan
adeemsa araarri irra jiru yeroo yeroon akkasumas xumura irratti gabaasa bu’aa
araara yookiin yaalii isaan taasisan agarsiisu mana murtiif barreeffamaan ni
dhiyeessa.
28. Hiikkaa Gaa’ilaa Murtessuu
1. Yeroo hiikkaan gaa’ilaa Waliigaltee walfuutootatiin dhiyaatu waliigaltee
walhiikuu isaanii manni murticha ilaalun waliigaltichi hamilee hawaasa kan hin
falleessine ta’uu isaa yoo amane ni raggaasisa. Dabalataan bu’aa walhiikichi
hordofsiisurratti Abbaan warraa fi Haati warraa waliigalan nageenya fi dantaa
Ijoollee isaani kan eegsiise fi faayidaa garee lachuu kan eegsise ta’uu isaa yoo
mirkana’e qofa kan raggaasifamu ta’a. waliigalteen kuniis haala guddina Ijoollee
isaani, eenyu biratti akka guddatan, hanga qallaba gareen tokko kaffaluu yookiin
kennuu qabuu, haala fi yeroo walfuutota keessaa gareen ijoolleen isa bira hin
jiraane ijoollee isaa itti ilaalu danda’uu fi kkf kan hamate ta’uu qaba. waliigalteen
bu’uura kanaan hin dhiyaanne manni murtiicha hin raggaasisu.
2. Yeroo gaaffiin hiikkaa gaa’ilaa walfuutota keessaa nama tokkoon yookiin lamaan
isaanitiin dhiyaatu fi Yaalii araaraa taasifameen walfuutootni yoo araaramu
baatani fi Yeroo deddeebisaani yaadu kennamee keessatti walfuutootni yaada
isaani hiikaaf qaban kan hin jijjiirane yoo ta’e manni murtiicha bu’uura Seeraa

12
Maatiitin gaa’ila isaani diiguun bu’aa diiggaan gaa’ilaa qabeenya fi guddisa
daa’immanii irratti hordofasiisu yeroo seeraan ka’ame keessatti murtii kennuu
qaba.
29. Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Guddisa Daa’immanii irratti qabu murtessuu
1. Manni murtii Bu’aa hiikkaa gaa’ilaa guddisa daa’immanii irratti hordofsisuu
walfuutotni waliigalteen akka xumurachuu danda’aniif carraa kennuufi qaba.
kun yoo milka’uu baate bu’uura seeraatiin haala dantaa fi faayidaa Ijoollee
giddugaleessaa godhateen, Ijoolleen eenyu wajjiin akka jiraachu qaban, waa’ee
barumsaa fi eegumsa fayyaa isaanii,waa’ee qallaba yookiin nyaata isaanii,
haala warra isaanii waliin walgaafachuu dandeessisu waliin murtessuu qaba.
2. Daa’imman umuriin isaani waggaa shanii (5) gadi ta’an haala addaatiin wanti
haadha isaanii waliin jiraachu dhorku yoo jiraate malee akka haadha isaanii
waliin jiraatan ta’uu qaba.
3. Manni murtii haala guddisa Daa’immanii murteessuuf ragaa barbaachisaa ta’e
qaama rogummaa qabu irraa gaafachuu ni danda’a. haala kanaan faayidaa fi
dantaa daa’immanii adda baasuuf wanti rakkisu yoo jiraate xiinxalli
barbaachisaa ta’e hojjataa hawaasummaatiin akka gaggeeffamuu taasisuu qaba.
30. Gahee Hojjataa Hawaasummaa;
1. Hojjataan hawaasaa xiinxala Guddisa daa’imaa waliin walqabatee yeroo
gaggeessu kaayyoon isaa Faayidaa daa’immanii isa olaanaa eegsisuuf ta’uu
qaba.
2. Hojjataan hawaasaa dhimma daa’immanii diiggaa gaa’ilaa keessaatti qorataa
jiru sababa diiggaa gaa’ilaatin kan ka’e maatiini fi Ijoolleen dhiphuu guddaa
keessa galuu waan danda’aniif of eeggannoon qorachuu qaba. Dabalataan
daa’imman akka hin dhiphannee fi hin jeeqamneef hubachiisuu qaba.
3. Hojjataan hawaasaa sakatta’iinsa yookiin xiinxala Daa’imti eenyu biratti
guddachuu qabdi jedhu gaggeessuuf: Ragaa dhuunfaa daa’imaa fi maatiii ykn
guddistootaa, Naamusa, dandeettii fi cimina xiinsammuu tokko tokkoo maatii
ykn guddistootaa, Haala jireenya daa’imti yeroo sana irra jiru,
Maatiin/Guddistootni yeroo sanatti dandeettii, fedhii fi kunuunsa daa’ima
guddisuuf qaban, Maatiin ykn guddistootni daa’ima sana deeggaruu fi

13
kunuunsuuf yeroo waliin turanitti fi erga wal hiikanii jiru wal cinaa madaluun,
Yaadaa fi ilaalcha daa’imti kan dura turee fi ammaa jiru haala jireenyaa
ilaachisee qabdu, Hariiroo daa’imti maatii/guddistoota waliin qabdu, Haala
barnoota daa’imaa mana barumsatti hariiroo hiriyootaa fi hawaasa mana
barnoota waliin qabu/du akkasumas hirmannaa barnoota irratti qabdu, Hariiroo
daa’imti naannoo jireenyaatti daa’ima biraa waliin qabdu fi hawaasaa nannoo
waliin qabdu, Guddina Xiinsammuu fi fedhii guddinaa, Filannoo fi fedhii,
Karooraa fi fedhii maatiin/guddistootni nageenya fi faayidaa ol’aanaa eeganii
Daa’ima guddisuuf qaban, Fedhii fi mirga maatiin daa’imti biratti hin
guddannee daa’ima isaa argee ilaaluu fi deeggaruuf qaban fi Karoora gara
fuulduraatti gaa’ila biraa hundeessuuf qaban fi kkf.
4. Hojjataan hawaasaa dhimma iddoo guddina daa’ima yaada murteef gargaaru
argachuuf ragaa; Mana Barnootaa /barsiisaa, barataa dhiyoo daa’ima sanaa,
bulchitoota barnootaa/, olla Naannoo mana jireenya maatii fi firoota daa’imaa
irraa, Mana yaalaa, Waajjiraa poolisii fi naannoo biraa daa’ima sana waliin
walitti dhufeenya qaban irraa ni funaana.
5. Hojjataan hawaasaa Yaada ogummaadhaan ragaa xiinxale argatee fi waan
hubaterraa kan madde Dhimmoota daa’immaan waliin wal qabatan, Dhimmoota
maatii daa’imaa waliin walqabatan, Haalota maatii lamaan giddduu jiruu fi
Haalota daa’ima irratti dhiibbaa fidan irratti kan xiyyeeffate gabaasa mana
murtiif dhiyeessuu qaba.
31. Bu’aa Hiikkaan Gaa’ilaa Qabeenya Irratti qabu Murteessuu
1. Manni murtii gaa’ila erga diigee booda bu’uura seeraatiin daangaa yeroo ka’ame
keessatti qabeenyaa fi qabiyyee haala mijaawaa ta’een ogeessaan, Jaarsoleen
yookiin ragaa bitaaf mirgaatiin qulqulleessuun murteessuu qaba.
2. Haalli ijoon qabeenya dhuunfaa walfuutootaa ragaan adda baasuuf itti qabamuu
fi dabareen ragaan ittiin dhaga’amu tilmaama seeraa fi yaadarimee ragaa irratti
hundaa’uun ta’uu qaba.
3. Murtii qoodinsa qabeenyaa fi qabiyyee irratti kenname haala salphaa fi raawwiif
mijaawaa ta’uun bifa, hangaa fi haala itti qooddiin gaggeeffamu ibsuun
kennamuu qaba.

14
4. Manni murtii abbaa warraa fi haadha warraa keessaa gocha tokkoo isaanitiin
raawwatamee fi hiikkaadhaaf sababa ta’e isa biraarratti miidhaa hordofsiisee yoo
argame manni murtii beenyaa garee miidhameef bu’uura seeraatin murteessuu
qaba.
KUTAA SADII
DHIMMOOTA DAA’IMMANII (YAKKAA FI H/HAWAASAA)
Kutaa Xiqqaa Tokko
Qallaba Daa’immanii
32. Mirgoota Bu’uuraa
1. Daa’imman kamiyyuu mirga warrasaanii yookiin namoota isaan guddisuuf seeraan
mirga qaban beekuu fi kunuunsa isaanii argachuu qabu.
2. Daa’immaan fuudhaa fi heerumaan alatti dhalatan fi fuudhaa fi heeruma keessatti
dhalatan mirga wal qixa ta’e kan qaban waan ta’eef kunuunsaafi eegumsa isaan
barbaachisu haala wal qixa ta’een argachuu qabu.
33. Haala Qallabni Daa’immanii Itti Murtaa’u
1. Qallabni daa’immanii yeroo hanga hiikkaa gaa’ilaatti jiruu fi hanga qabeenyi
abbaa warraaf haadhaa warraa qoodamutti ajaja kennamu, qallabni murtaa’ee
ture akka fooyya’uu fi gaaffii qallaba Daa’immaan gaa’ilaan alatti dhalatanii fi
guddifaman waliin walqabatee dhiyaatu irratti hunda’uun kan murtaa’u ta’a.
2. Qallabni daa’immanii kan murtaa’u baasiiwwaan nyaataa, mana jireenyaa,
uffata, yaalumsaa fi barnoota haguuguuf ta’uu qaba.
3. Qallabni daa’immanii dantaa fi faayidaa olaanaa daa’imaa eegsisuuf gahee
guddaa waan qabuuf, haala daa’imichi keessa jiru yookiin fedhii isaa, dandeettii,
haala gareen qallaba kennuu fi daa’ima of biratti guddisaa jiru giddu galeessa
taasisuun ta’uu qaba.
4. Manni murtii qallaba Daa’immanii yeroo murtessu fedhii daa’imaa adda
baasuuf, dandeettii nama qallaba kennuu adda baasuuf akkasumas falmiin
dhalattummaa yoo kan ka’u ta’es adda baasuuf hojjataa Hawaasummaatiin
xiinxalli barbaachisaa akka godhamu taasisuu qaba.

15
5. Manni murtii qallaba daa’immanii yeroo murtessuu maanuwaalii murteessa
qallabaa irratti hunda’uu qaba, akkasumaas yeroo gabaabaa keessatti murteessuu
qaba.
6. Murtii qallaba daa’imaa kennamu irratti ajajni haala raawwii isaa eessatti?
yoom? fi eenyutti? akka raawwatamuu qabu haala ibsuu danda’uun kennamu
qaba.
34. Deeggarsa Taasisuu
1. Daa’imman gaaffii qallabaaf karaa namoota isaan guddisaniin mana murtiitti
dhiyaatan deeggarsa garaagaraa barbaachisa. Isaan keessaa inni guddaan Tajaajila
abukaattummaa fi gorsa seeraati.
2. Gosoota tajaajilaa ykn deeggarsaa armaan olitti tarreeffaman kanneen qaamni
dhimmi ilaalu dafee akka qaqqabuuf manni murtii qaama dhimmi ilaalu waliin
hojjachu ykn ajaja kennuu qaba.
3. Akkasumas qaamni murtii qallabaa raawwachisuuf ajajamu kamiyyuu faayidaa fi
dantaa olaanaa daa’immanii kabajuu fi kabachisuuf jecha yeroo gabaaba keessatti
bu’uura murtiitiin raawwachiisuu qaba.
35. Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan
Daa’imman qaaman miidhamtoota ta’anii fi guddifaman gaaffii qallabaa yeroo
dhiyeessanitti xiyyeeffannoon addaa kennamee ilaalamu qaba.
Kutaa Xiqqaa Lama
Guddifachaa
36. Mirgoota Daa’immanii fi Dirqama Mootummaa Heeraan jiru.
1. Daa’imman mirga kunuunsaa argachuu qabu. Akkasumas Yeroo waliigalteen
guddifachaa mirkanaa’utti yaadaa fi fedhii isaanii bilisaan ibsachuuf mirga qabu.
2. Mootummaan Daa’imman abbaa yookiin haati yookiin lamaanuu irraa du’aniif
eegumsa addaa godhuufi qaba, kunis dhaabbattoota daa’imman haala guddifachaan
Ittiin guddatan mijeessanii fi babal’isan, akkasumas nageenyaa fi barnootasaanii
adeemsisan akka hundeeffamaniif hojjachuu qaba.
37. Guddifachaa Sirna Aadaan fi Waliigalteen Raawwatame Raggaasisuu:

16
Daa’imman faayidaa fi dantaan isaani akka kabajamuuf sirni guddifachaa akka Aadaati fi
waliigalteen raawwatame mana murtiitti dhiyaatee ragga’uu qaba. Manni murtiis yeroo
raggaasisu dhimmoota armaan gadii irratti hundaa’uun ta’uu qaba;
1. Daa’imni/ti guddifamu/tu yoo yaada isaa/ishee ibsachuu dandessi ta’e ilaalcha fi
yaada qabu/qabdu ibsachuu,
2. Yaadaa fi ilaalcha bulchaan daa’imaa qabu/qabdu,
3. Dandeetti guddifataan mucicha ykn mucatti guddisuu fi kunuunsuudhaaf
qabu/qabdu/qaban, Haala xiin-sammuu, hamilee fi hawaasummaa isaa/ishee/isaani
akkasumas Ijoollee biroo qaba/qabdi/qabu taanaan haala isaan itti guddisaa jiran,
4. Guddifataan akka ilma/Intala isaatti/Isheetti/isaanitti ilaaluun kan guddisu/tu/san fi
gar-malee akka itti hin fayyadamne ta’uu isaa/ishee/isaani.
38. Daa’immaan Dhaabbattoota Keessatti argaman.
1. Dhimmoonni qabxii 36 jalatti jiran akkuma jiranitti ta’ee dhaabbattootni
Mootummaa yookiin kan dhuunfaa Daa’imman maatii hin qabne, sababa adda
addaan gatamanii of biraa qaban waliigaltee guddifachaan nama biroof kennuuf
waliigalteen isaanii mana murtiitti kan ragga’u namni guddifatu ragaa qaama
aangoo qabu irraa haala dhuunfummaa, hawaasummaa fi dinagdummaa
isaa/Ishee/Isaanii yoo dhiyeessan qofa ta’uu qaba.
2. Dabalataan manni murtii akka barbaachisummaa isaatti ogeessaan xiinxalli akka
gaggeeffamu taasisuu danda’a.
39. Guddifachaa Lammii Biyya Alaaf .
1. Daa’imni guddifamu haala biyya keessatti itti guddachuu danda’uu kan hin jirre
yoo ta’e,
2. Akka filannoo xumuraatti kan ilaalamu waan ta’eef manni murtii xiyyeeffannoo
addaa kennuun ragaa guddifataan dhiyeesse sakatta’uu fi akka barbaachisummaa
isaatti qaama aangoo qabuun akka ragaan biraa dhiyaatu taasisuu qaba.
40. Guddifachaan Ragga’e Haala Ittiin Haqamu
kaayyoon guddifachaa inni guddaan dantaa fi faayidaa olaanaa daa’imman guddifamanii
akka eegamuuf hanga ta’ee jirutti dhimmoonni fallaa kanaan gama guddifataatiin yeroo
jiraatanitti qaamni na ilaallata jedhu mana murtiitti iyyannoo guddifachaan mana
murtiitiin ragga’e akka haqamu kan dhiyeessu:

17
1.Guddifataan mucaa guddisuuf fudhate/tte/dhatan akka ilma
isaatti/isheetti/isaanitti guddisuurra akka gabrummaatti yookiin Haala gabrummaan
walfakkaataa ta’een kan guddisaa jiru/tu/ran yoo ta’e,
2. Gochoota Naamusaan alaa fi yakka ta’an irratti bobba’ee/tee akka isa/ishee/isaan
fayyadu yoo taasise/te/san,
3. Manni murtii dhimma kana ragaa rogummaa qabuun qulqulleessuun murtii kan
kennu yoo ta’u xiinxalli barbaachisaan ogeessaan akka dhiyaatu taasisuu danda’a.
41. Gahee Hojjataa Hawaasummaa
Ogeessi hawaasummaas ajaja mana murtiin kenname irratti hundaa’uun xiinxala yeroo
gaggeessuu dhimmoota armaan gadii haala giddu galeessa godhateen ta’uu qaba.
1. Seenaa fi ragaa dhuunfaa Daa’ima guddifamuu/tuu,
2. Haala jireenya maatii/Guddisaa Daa’imaa fi sababa isaan guddisuu hin
dandeenyeef,
3. Haala jireenyaa fi diinagdee nama guddifatuu/ttuu/tani,
4. Haala xiinsammuu, haamilee, hawaasummaa, amalaa fi fudhatamummaa
hawaasa keessatti namni guddifatu/ttu/tan qaban irratti giddugaleessa haala
godhateen ta’uu qaba.
42. Xiyyeeffaannoo
Daa’imman haadhaaf abbaa hin qabne fi dhaabbattoota adda addaa keessa jiraatan,
miidhaa qaama qaban, lamiilee biyya alaatiif guddifachaan kennaman dhimmi isaanii
haala addaan xiyyeeffannoon kennamee ilaalamuu qaba.

Kutaa Xiqqaa Sadii

Daa’imman Miidhamtoota Gocha Yakkaa Fi Ragaa

43. Mirgoota Heeraa


1. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’an mirgoota namoomaa
heeraan beekamtii argatan guutummaatti kan kabajamuuf ta’a.
2. Addumatti immoo mirgi isaan yaada isaanii bilisaan ibsachuu, gocha yakkaa isaan
irratti raawwatame ilaalchisee komii, eeruu ykn iyyannoo dhiyeeffachuu fi jecha

18
ragummaa isaanii kennuuf qaban ni kabajamaaf. Qaamni dhimmi ilaaluu fi
ogeessonni hunduu kanaaf tumsa barbaachisaa fi yeroo isaa eeggate taasisuu qabu.
44. Qabiinsa
1. Haalli addaa yoo jiraate malee, qabiinsi daa’imman miidhamtoota gochaa yakkaa fi
ragaa ta’anii mana murtiitti ykn dhaddachatti dhiyaatan ogeessota dhimma kana
irratti leenjii fudhataniin ta’uu qaba.
2. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaa ta’an gara-laafinaa fi kabajaan
ilaalamuu fi keessummeeffamuu qabu.
3. Daa’imman dubartoota miidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’an addatti qabiinsa
kabajaa fi gara-laafinaa barbaachisa. Yeroo akkasii kanas tajaajilli kennamu
koornayaa giddu galeessa kan godhate yoo ta’e ni filatama.
4. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa fi ragaa ta’anii mana murtiitti dhiyaatan
ogeessonni dhimmicha ilaalan kamiyyuu daa’ima sana irraa odeeffannoo barbaadan
akka argachuu danda’anitti maloota, tooftaa fi karaalee daa’imni sun bilisa
ta’ee/taatee yaada isaa/ishee ibsachuu danda’utti/dandeessutti itti dhiyaachuu ykn
gaafachuu qaba/qabdi. Kunis dhaddacha cufaatti kan ilaalamuu fi dhimmichi
dhaddachaa alatti kan raawwatamu yoo ta’e bakka, yeroo fi haala daa’ima sanaaf
mijatutti ta’uu qaba.
5. Daa’imman miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaa ta’anii mana murtiitti
dhiyaatan afaan beekaniin ykn isaanii galuun tajaajila argachuu qabu. Afaan
Oromoo kan hin beekne ykn hin dandeenye ta’e tajaajilli turjumaanaa kennamuufii
qaba.
6. Ogeessonni qaama dhimmi ilaalu waliin atoomuun hatattamaan daa’imman gocha
yakkaan miidhamanii dhufan ykn/fi ragaa ta’aniif kallattii danda’ame hundumaan
kunuunsa, eegumsaa fi deeggarsaa taasisuu qabu.
7. Gaaffii ogeessonni daa’ima miidhamtoota gocha yakkaa ykn/fi ragaaf dhiyeessan,
qorannoo gaggeessan, falmii gaggeessan, kkf bakka shakkamaan/himatamaan hin
jirretti ta’uu qaba. Daa’imni haala kanaan jecha isaanii kennanis sodaa, doorsisa,
ifannaa ykn mallattoo dhaadannoo haaloo bahuu shakkamaa/himatamaa kamiyyuu
irraa bilisa ta’ee yaada isaa/ishee kennuu qaba/qabdi.
45. Beenyaa

19
1. Daa’imman gocha yakkaan miidhaman, miidhaa sababa kanaan isaan irratti
raawwatameef bu’uura seerota rogummaa qabaniin beenyaa argachuuf mirga ni
qabaatu.
2. Falmiin gama kanaan gaggeeffamus xiyyeeffannoodhaan ilaalamee yeroo
gabaabaa fi baasii xiqqaan kan raawwatamu ta’a.
3. Daa’imni miidhaan akkasii irratti raawwatame ykn maatiin isaa hiyyeessa yoo
ta’an ykn sababa kamiiniyyuu falmachuu kan hin dandeenye yoo ta’e bu’uura
seera rogummaa qabuun qaamni dhimmi ilaalu deeggarsa taasisuu qaba. Kanas
ogeessonni hatattamaan adda baasanii mana murtiif yaada erga dhiyeessanii booda,
manni murtiis qaama dhimmi ilaalutti ni qajeelcha/ni ajaja.
46. Deeggarsa Taasisuu
1. Daa’imman miidhamtoota gochaa yakkaa fi ragaa ta’anii ogeessota fuuludratti
ykn mana murtiitti dhiyaatan kamiyyuu deeggarsa garaagaraa isaan barbaachisa.
2. Addumatti immoo tajaajila abukaatummaa, eegumsaa ykn kunuunsaa, dinagdee,
gorsaa, hawaasummaa, fayyummaa, xiinsammuu fi qaamaa isaan barbaachisa.
3. Gosoota tajaajilaa ykn deeggarsaa armaan olitti tarreeffaman kanneen qaamni
dhimmi ilaalu dafee akka qaqqabuuf ogeessi yaada dhiyeessuu qaba. Kanas
kaka’umsa mataa isaatiin ykn mana murtii/dhaddacha maatii fi daa’immanii
waliin atoomuun qaamni dhimmi ilaalu dafee deeggarsa akka taasisuuf
ajajuu/gaafachuu qaba.
47. Gochoota Dhorkaman
1. Daa’imman miidhamtoota yakkaa ykn/fi ragaa fi shakkamaan/himatamaan wal
arguun ykn wal quunnamuun dhorkaa dha.
2. Qorannoo, falmii ykn adeemsa kamiyyuu mirga dhuunfaa daa’imman
miidhamtoota yakkaa miidhuu danda’u miidiyaatti baasuun dhorkaa dha.
3. Daa’imman sababa miidhaa yakkaa isaan irra gahe ibsatanii fi ragaa ta’aniif
gocha doorsisuu, sodaachisuu fi haaloo bahuu isaan irratti raawwachuun ykn
raawwachuuf yaaluun dhorkaa dha. Bakka yaalamee ykn raawwatamee argametti
immoo seerota rogummaa qabaniin kan adabsiisu ta’a.
48. Dhimmoota Addatti Xiyyeeffannoo Barbaadan

20
1. Daa’imman miidhamtoota yakkaa fi ragaa ta’an kan qaamaan miidhamtoota
ta’an, abbaa fi haadha hin qabne, buqqaatota ykn baqattoota, kkf xiyyeeffannoon
addaa gama ogeessotaan kennamuu qaba.
2. Daa’imman dubartoota miidhamtoota yakkaa fi/ragaa ta’an sadarkaa adeemsa
haqaa kamittiyyuu xiyyeeffannoo fi of eeggannoon tajaajiluu barbaachisa.

Kutaa Xiqqaa Afur

Daa’imman Seeratti Bu’an

49. Yaadota bu’uuraa


1. Mirgoonni heeraan beekamtii argatan daa’imman seeratti bu’aniif haal duree
tokko malee ni kabajamu. Addumatti immoo mirga tajaajila abukaatummaa fi
turjumaanaa argachuu.
2. Daa’imman seeratti bu’an bu’uura seerota rogumma qabaniin adeemsa addaatiin
kan ilaalamu ta’a.
3. Ogeessonni dhimmi ilaalus adeemsa kana sirriitti eeguun dirqama ta’a.
50. Sirna deemsaa
1. Dhimmi daa’imman seeratti bu’anii bu’uura SDFS kwt.171-180 (boqonnaa 3 ffaa)
kan ilaalamu ta’a.
2. Ogeessonnis, addumatti immoo manni murtii ykn abbootiin seeraa sirna deemsaa
kana sirriitti kabajuu, kabachiisuu fi ittiinis hojjechuu qabu.
3. Daa’imni seeratti bu’e jalqaba mana murtii aanaa dhiyoo jiruutti yoo dhiyaatu
manni murtichaa galmee saaqee adeemsa jiru itti fufuu qaba.
4. Yakki daa’imni sun raawwate aangoo mana murtichaa yoo ta’e falmiin itti aanu
bu’uura seerichaatiin manuma murtichatti itti fufee gaggeeffama.
5. Eeruun, iyyannoon ykn chaarjiin abbaan alangaa dhiyeessu ka’umsa falmii
dhimma yakkaa daa’imman seeratti bu’anii ta’a.
6. Dhimmi daa’ima seeratti bu’ee hundumtuu dhaddacha cufaa fi karaa al-
idileedhaan hojjetama.
7. Eeruun, iyyannoon ykn himanni Abba Alangaa Daa’immani irratti dhiyaate haala
addaattiin dantaa fi faayidaa Daa’immaniif jecha yoo ta’e malee bakka maatiin
ykn Guddisaa/tuun Daa’imaa hin jirrettii hin dhaga’amu.

21
51. Gahee fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa
1. Qaamoleen ykn ogeessonni biroo daa’imman seeratti bu’anii argaman gara mana
murtiitti fiduuf dirqama qabu.
2. Manni murtii otoo hin ajajiin/qajeelchiin abbaan alangaa daa’ima seeratti bu’e
irratti himata dhiyeessuu hin qabu.
3. Maatiin, guddiftuun ykn akka warraatti daa’ima kan tajaajilan hatattamaaan akka
dhiyaataniif manni murtii ajajuu qaba.
4. Namni kamiyyuu seeraan aangoon kennameef daa’ima seeratti bu’e qabee mana
murtiitti yommuu dhiyeessu nageenya daa’ima sanaaf eeggannoo ol’aanaa
gochuutu irra jira. Daa’imichas sirriitti kunuunsuu qaba.
5. Beekamtii mana murtii malee poolisiin dhimma/yakka daa’imman seeratti bu’anii
qorachuu hin qabu.
6. Daa’imni seeratti bu’e sababa adda addaaf hamma murtiin kennamutti kan turu
yoo ta’e, manni murtii bu’uura seerichaan maatii, guddiftuu, ykn nama/qaama
nageenya daa’imichaa eeguu fi kunuunsee tursuu danda’utti kennuu qaba. Warra
tarreeffaman kanneen keessaa yommuu filatu manni murtii nageenyi daa’ima
sanaa bakka kam yoo ture sirriitti eegamuu akka danda’u yaada keessa galchuu
qaba.
7. Haalli addaa isa dirqisiisu yoo jiraate malee daa’ima seeratti bu’e buufata poolisii
ykn bakka daa’imman tarkaanfiin irratti fudhatamee/”adabamanii” tursuu hin qabu.

52.Tarkaanfilee Fudhataman

1. Daa’imman seeratti bu’an yakkicha raawwachuun isaanii erga mirkanaa’ee badiin isaanii
labsamee booda manni murtii tarkaanfii Seera Yakkaa (kwt.157-165) keessatti
tarreeffaman keessaa isa barsiisuu ykn deebisuu danda’u ni murteessa.
2. Tarkaanfiin haala kanaan fudhatamu akka adabbiitti hin lakkaa’amu.
3. Manni murtii tarkaanfii akkasii yommuu fudhatu deeggarsa ogeessotaan daa’ima sanaaf
tarkaanfii kamtu barsiisaa akka ta’e dursee qulqulleessuu qaba.
4. Manni murtii tarkaanfiiwwan kanneen keessaa daa’ima sana fooyyessuu, jijjiiruu ykn
deebisuu kan danda’u wal jala jijjiiree murteessuu ni danda’a.
5. Tarkaanfiiwwan haala kanaan fudhataman/murtaa’an yeroo turmaataa qabaachuu qabu.

22
6. Tarkaanfiwwan kunneen jijjiiramuu ni danda’u. Kunis haala dantaa daa’ima sanaa giddu
galeessa godhateen ta’uu qaba.

53.Xiinxala Hojjetan Hawaasan Gaaggeeffamu.

Hojjetaan hawaasaa yeroo duubee daa’imman seeran walitti bu’ee qoratu qabxiiwwan
armaan gadii irratti xiyyeffatee qorachu qaba/di:
1. Daa’imti yeroo yakkicha raawwate haala jireenyaa maatii fi jireenya daa’imaa,
2. Hubannoo guddina xiinsammu, qaamaa fi hawasummaa daa’imaa,
3. Oolmaa fi hiriyyaa daa’miti sun waliin dabarsu,
4. Haaalota daa’imti sun araadaa adda addaaf saaxilamummaasa,
5. Hordoffii maatii/guddistoota irraa daa’imaf taassifamu,
6. Gosa yakkaa raawwatee fi deddeebi’ee raawwachuusaa,
7. Dandeetti hubannoo dhimma yakkaa sanaa,
8. Yakka sana raawwachuuf maaltu akka kakaase,
9. Akkaataa ykn haala guddisa daa’imaa maatii,
10. Daa’mti erga yakka raawwate ilaalcha inni yakka sanaaf qabu,
11. Naannoo jireenya daa’imaatti dhiibahumma qabiinsa irratti jiruu fi naannoo sana
saaxilamummaa yakkaa jiru,
12. Hariiroo daa’imti maatii waliin qabu,
13. Karoora daa’imaa gara fuulduraa qabu/du.
54. Adabbii
1. Adabbiin daa’imman seeratti bu’an irratti kan kennamu/murtaa’u tarkaanfiiwwan
seera yakkaa keessatti tarreeffaman bu’a qabeessa yoo ta’uu dhaban qofa .
2. Tarkaanfiiwwan fudhataman bu’a qabeessa ta’uu dhabuu isaani manni murtii
gabaasa akka dhiyaatuf taasisuun dabalataan ogeessaan yaanni murtii akka
dhiyaatu taasisuu qaba.
55. Falmii Umurii Wajjin Wal Qabatu
1. Daa’imman seeratti bu’an yakkaan yommuu shakkaman umrii isaanii adda
baasuun akka qaama qorannoo yakkaatti ilaalamuu qaba.
2. Kanaafis umurii daa’imichaa adda baasuuf ragaalee garaagaraa walitti qabuu fi
olkaa’uun barbaachisaa dha.

23
3. Qorannoo fi sassaabbiin ragaa dhimma umurii daa’ima seeratti bu’ee akkaatuma
idileen ykn baratameen kan raawwatamu/gaggeeffamu ta’a.
4. Haala addaan yaada ogeessaa kan barbaadu yoo ta’e garuu gara mana yaalaatti
ykn hospitaalaatti erguun barbaachisaa dha.
5. Qajeeltoowwanii fi yaadrimeen seera ragaa dhimma umurii daa’imaa adda baasuu
irrattis akka barbaachisummaa isaatti raawwatiinsa ni qabaata.

24

You might also like