You are on page 1of 12

1 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

Mana Maree Sektaraa: Waldaalee Aanaa m/Bal’oo

Seensa
Manni Maree Sektaraa Waldaalee Aanaa m/Bal’oo bu’uura labsii ijaarsaa Mana
Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektaraa lak.341/95 kutaa 5 ffaakeewwata 23,24/1
25,26 irratti akka tumameen daldaltootni heyyama daldalaa seera qabeesa ta’e
qabanii fi hojii omishaa irratti bobba’an Mana Maree tiin akka gurma’an kan
heyyamame waan ta’eef:

Nuti maqaan keenyaa fi mallattoon keenya dhuma sanada kanaa irratti kan
argamu Mana Maree Sektaraa Waldaalee Aanaa m/Bal’oo hundeesuuf
waliigallee bu’uura labsii ijaarsaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektaraa
lak.341/95armaan olitti ibsameen dambii ittiin bulmaata keessaa kana
baafanneerra.

Keewwata 1
Waa’ee hundeefamaa
Manni maree Sektaraa- Waldaalee Aanaa m/Bal’oo (kanaan booda waldaa )
jedhamee waamamu bu’uura labsii ijaarsaa Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee
Sektaraa lak.341/95keewwata 26/1fi 2 tiin yeroo hin murtoofneef
hundeefameera.

Keewwata 2
Teessoo
Teessoon waldichaa Naannoo Oromiyaa Godina – Harargee Bahaa Aanaa
m/Bal’oo Ganda 01 lak.manaa Haarraa keessatti kan argamu yamuu ta’u akka
barbaachisummaa isaa tti ganda biroo keessatti dame isaa banachuu ni danda’a.

Keewwata 3
Kaayyoo waldichaa
1. Akkaataa labsii mana maree daldalaa fi waldaalee sektaraa lak.341/95
keewwata 3 tiin waldichi kaayyoowwan armaan gadii ni qabaata
I. Tajaajila adda addaa hawaasa daldalaa tiif kennuu.
2 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

II.Mirgaa fi faayidaa miseensotaa eegsisuu


III.Oomishaalee fi Tajaajilootni biyyatti akka beekamanii fi gabaa akka
argatan gochuu.
IV. Daldallii fi Investmeentiin biyyatti akka guddatu gochuu.
V. Mootummaa fi hawaasa daldalaa gidduutti akka walquunnamsiisaa fi
riqichaa ta’ee tajaajiluu.
2. Waldichi bu’aa dhaaf kan dhaabbate miti.

Keewwata 4
Miseensota waldaa
Miseensummaan waldaa bu’uura labsii Mana maree Daldalaa fi Waldaalee
Sektaraa lak.341/95 keewwata 20/1-7 jiruun ta’a

Keewwata 5
Ulaagaa miseensummaa
1) Waldichi miseensota hundeesitootaa fi bu’uura dambii kanaan gaafii
miseensummaa murtii yaa’ii waliigalaat iin murtaa’e miseensota ni qabaata.
2) Maldichi miseensota ulaagaa miseensummaa guutan ni fudhata.
3) Namni dhuunfaan kam iyyuu umuriin isaa 18 ol ta’e:
a) Kaayyoo waldichaa yoo fudhate
b) Buusii kafaluuf fedha yoo qabaate
c) Waldichaaf tajaajila ogummaa ykn humnaa kennuuf fedha yoo
qabaate
4) Miseensa ta’uuf iyyannoo waldichaaf kan dhiyeesuu yoo ta’ee fi yaa’iin
waliigalaa kan fudhate yoo ta’e miseensa ta’uu ni danda’a.
Keewwata 6
Mirgaa fi Dirqama Miseensotaa
1. Miseensotni hundi mirga wal qixa qabu
2. Miseensi waldichaa kam iyyuu;
a. Mirga filuu,filamuu fi sochii waldichaa ilaalchisee odeefannoo kam
iyyuu argachuu
3 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

b. Mirga miseensi waldichaa kam iyyuu buusii waldichaan murtaa’e


kafaluuf dirqama qaba
c. Miseensi tokko waldicha keessaa kan bahu idaa baadamu yoo
kafalee dha.
d. Miseensi waldichaa kam iyyuu kaayyoo waldichaa kabajuu fi waan
isa irraa eegamu bahuu dirqama qaba.
e. Miseensummaan dhaaba biroof ykn waldaaf ykn nama biroof hin
dabarfamu
f. Miseensi tokko buusii irraa barbaadamu yoo hin kafalle ykn
tajaajila irra barbaadamu yoo hin kennine mirga isaatti
fayyadamuu hin danda’u

Keewwata 7
Sababoota miseensummaan itti hafuu danda’au
1. Miseensi tokko bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (2) tiin ykn
sababootni biroo quubsaan yoo jirtan yaa’iin waliigalaa waldaa keesaa
akka bahu murteesuu ni danda’a.
2. Miseensi tokko miseensummaan isaa kan addaan citu :
a. Kabajaa waldichaa kan xuquu,gochaalee waldicha diigu irratti
hirmaatee yoo argame
b. Kaayyoo waldichaa galmaan gahuuf sochiilee godhamu keessatti
waan isa irraa eegamu bahuu yoo dhabe
c. Buusii isaa waggaa lamaaf osoo hin kafalin kan hafe yoo ta’ee fi
yaa’ii waliigalaan miseensummaan isaa yoo haqame
d. Fedha isaa tiin miseensa keessaa bahuuf iyyata yoo dhiyeefate

Keewwata 8
Caaseffama waldichaa
1. Yaa’ii waliigalaa
2. Kana booddee “koree” jedhamee kan waamamu koree hojii
geggeesituu
3. Hojii geggeesaa fi I/Aanaa hojii geggeesaa
4 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

4. Barreessaa fi akka barbaachisummaa isaatti hojjettoota biroo ni


qabaata

Keewwata 9
Hundeefama, yaa’ii waliigalaa fi miseensota
1. Yaa’iin waliigalaa miseensota waldichaa tiin hundefama.
2. Baayyinni bakka bu’oota tokkoo tokkoo miseensota waldichaa tiif yaa’ii
waliigalaa tiin murtaa’u bu’uura lakkoofsa miseensotaa irratti hundaa’ee
kan herregamu ta’a.
3. Miseensotni yaa’ii waliigalaa sagalee wal-qixa qabu.

Keewwata 10
Aangoo fi hojii yaa’ii waliigalaa
Yaa’iin waliigalaa qaama olaanaa waldichaa ta’ee aangoo fi hojiilee armaan gadii
ni qabaata.

1. Miseensota koree ,hojii geggeesaa fi I/aanaa hojii geggeesaa


waldichaa, fi barreesaa ni fila.
2. Kallattii imaammata mana marichaa irratti murtii ni kenna.
3. Sagantaalee hojii waggaa gamaaggamuun karooraa fi bajata
mirkaneessa.
4. Galmeewwan herregaa fi dhimmoota maallaqa waliin walqabatan kan
sakatta’u odiitara ni ramada.
5. Gabaasa odiitii waggaa gamaaggamee ni mirkaneessa.
6. Gaaffii miseensummaa dhiyaatu irratti murtii ni kenna
7. Dambii ittiin bulmaataa kana keessatti dirqama ka’ame miseensa hin
baane dhimmicha gamaaggamee miseensummaa keessaa akka bahu ni
murteessa
8. Gabaasa raawwii hojii koree tiin dhiyaatu dhaggeefatee kaayyoo
waldichi dhaabbatee fi sagantaaleen bahan hojii irra ooluu fi hin oollee
isaanii ni mirkaneessa.
9. Dambii keessaa ni fooyyeesa.
5 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

10.Teessoo olaanaan waldichaa jijjiiramuu,wajjirri damee banamuu ni


murteessa.
11.Yaada boordii irraa dhiyaatu iratti hunda’uu dhaan kaffaltii
miseensummaa ykn buusii ni murteesa,balaa uumamaas ta’e sababoota
rakkoo biroo gahan ykn haalli fooyy’aan yoo jiraate baayina kaffaltii ni
hir’isa ykn ni dabala.
12.Yaa’iin waliigalaa akka barbaachisummaa isaatti aangoo fi hojii isaa
koreef,dura ta’aaf,I/Aanaa dura ta’aaf ykn barreesaaf bakka bu’iinsa
kennuu ni danda’a.

Keewwata 11
Hojii geggeesaa,I/Aanaa hojii geggeesaa fi barreesaa waldichaa
1. Hojiin geggeesaan waldichaa:
a. Walgahii yaa’ii waliigalaa fi koree dura ta’aummaan geggeesa.
b. Walgahiiwwan idilee fi ariifachiisaa yaa’ii waliigalaa ni waama.
c. Dambiilee fi muroowwan yaa’ii waliigalaatiin bahan sirriitti hojii irra
ooluu isaanii ni hordofa.
d. Gabaasaaleen hojii odiitii yaa’ii waliigalaa tiin mirkana’an qaamolee
dhimmi ilaallatu akka gahan ni taasisa.
e. Dhimmoota yaa’ii waliigalaa tiif dhiyaatan tartiiba qabsiisuun karaa
barreessaa ajandaa ni qabsiisa.
2. I/Aanaa hojii geggeesaa
a. Hojii geggeesaan yeroo hin jirree bakka bu’ee ni hojeta
b. Hojiilee hojii geggeesaan itti kennu ni hojeta
3. Barreessaa
a. Dura ta’aa waliin ta’uu dhaan ajandaa yaa’ii waliigalaa ni qopheesa.
b. Qaboo yaa’ii waliigalaa ni qopheessa.
c. Sanadoota yaa’ii waliigalaa of-eeggannoon ni qaba.
d. Qajeelfama dura ta’a irratti hunda’uu dhaan murtoo yaa’ii waliigalaa
qaamolee dhimmi ilaallatuuf ni dabarsa.
4. Barri tajaajila dura ta’a fi I/Aanaa dura ta’a waggaa 2(lama) ta’a.
6 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

Keewwata 12
Walgahii,filannoo fi sirna murtii
1) Walgahiin idilee waggaa yaa’ii waliigalaa barri bajataa xumuramee ji’oota
sadi keessatti geggeefama.
2) Haala adda ta’een yoo murtaa’e malee yaa’iin waliigalaa geggeefamu
wajjira olaanaa waldichaa keessatti ta’a.
3) Gaaffii miseensota waldichaa 1/3 tiin yaa’iin waliigalaa ariifachiisaan
waamamuu ni danda’a.
4) Yaa’iin waliigalaa yamuu geggeefamu kooramiin(miseensi harki caalu)
guutamuu isaa koreen filachiiftuu nama sadi filamanii filannoon akka
geggeefamu godhama.
5) Koreen filachiiftuu dursee ulaagaaleen filannoo yaa’ii waliigalaa tiin akka
murtaa’u godhee filannoo ni raawwata.
6) Miseensota waldichaa keessaa walakkaa ol yoo argaman kooramiin kan
guutame ta’a.Haala kanaan yeroo jalqabaa guutamuu dhabee waamicha
lammaffaan barbaachisaa ta’ee yamuu argamuu fi sirriitti miseensota bira
gahuun yamuu mirkana’u ajandaa waamichi godhame qofa irratti
miseensota argamaniin murtii kennuun ni danda’ama.
7) Murtiin kan darbu sagalee caalmaa miseensota walgahii irratti argamniin
yamuu ta’u sagaleen yoo wal-qixxaate murtii dura ta’an deggere murtii
yaa’ii waliigalaa ta’a.

Keewwata 13
Aangoo fi hojii koree hojii geggeesituu
Koreen hojii geggeesituu:

1) Barreesaa waldichaa ni qaxara,hojii irraa ni geggeesa.


2) Murtiin yaa’ii waliigalaa hojii irra ooluu isaa ni mirkaneessa.
3) Qaxarrii fi hojii irraa geggeefamuu ittigaafatamtoota qajeelchaa fi
tajaajiloota waldichaa karaa barreesaa dhiyaatu irratti murtii ni kenna.
7 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

4) Barbaachisaa ta’ee yamuu argamu ykn miseensotni waldichaa harki 1/3


yamuu gaafatan walgahiin ariifachiisaa karaa dura ta’aa akka waamamu ni
godhama.
5) Bajata waggaa fi sagantaa waldichaa yaa’ii waliigalaaf ni dhiyeesa.
6) Dhimmoota barreesaan dhiyaatan irratti murtii kenna.
7) Akkaawuntii baankii waldichaa fi dhimmoota biroo walfakkaatan irratti
qajeelfama baasa.
8) Koreewwan garaa garaa waldaa fayyadan ni hundeesa.
9) Maallaqni ykn qabeenyi hojii irra oolmaa sagantaalee waldichaa tiif
gargaaran jiraachuu ni mirkaneesa,gargaarsi karaa itti argamuu danda’u
karoorsa.
10) Kaayyoo waldichaa galmaan gahuuf hojiilee barbaachisaa ta’an biroo ni
hojeta.
11) Barri hojii osoo hin xumuramin ji’a tokko dursee koree haala mijjeesituu
filannoo boordiin ni hundeesa.
12) Koreen haala mijjeesituu kan filamu miseensa boordii keesaa osoo hin
taane hawasa daldalaa keesaa ta’a.
13) Waldichi wajjiraalee mootummaa fi mit-mootummaa adda addaa waliin
quunnamtii hojii jiru sakatta’ee quunnamtii gaariin uumamuu haala
dandeesisu ni mijjeesa.
14) Wajjiraaleen damee naannoolee barbaachisaa ta’anitti akka banaman
yaa’ii waliigalaa tiif yaada dhiyeesee mirkaneesa.
15) Koreen haala mijjeesituu filannoo kaadhimamtoota dhiyeese irratti
hundaa’ee walgahii waldichi hundeesuun murta’a.

Keewwata 14
Miseensota koree

1) Yaa’iin waliigalaa miseensa waldichaa keesaa dura ta’aa fi I/Aanaa dura


ta’aa dabalatee miseensota koree 7 hin caalle ni filata.
2) Dura ta’an walitti qabaa koree ta’a.
8 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

3) Barri hojii koree waggaa lama ta’a,miseensotni yeroo lamaffaa dhaaf


filamuu ni danda’u.
4) Koreen sirna walgahii fi dambii mataa isaa baafachuu ni danda’a.
5) Barreesaan waldichaa mirga sagalee kennuu osoo hin qabaatin
barreesaa koree ta’ee hojeta.
6) Obboo Ahamed umaree Walitti qabaan:
a. Walgahii koree dura taa’ummaan geggeesa.
b. Murtii walgahii koreetiin darbe yaa’ii waliigalaaf beeksisa.
c. Tarsiimoowwanii fi qajeelfamoota waldichaa koreen bahan yaa’iif
dhiyeesee mirkaneesa.
d. Murtiiwwan yaa’ii fi koreen dabarfaman hojii irra akka oolan
barreesaa tti beeksisa.
e. Raawwii hojii bulchiinsa waldichaa itti dhiyeenyaan ni hordofa.
f. Gabaasa raawwii hojii odiitii yaa’ii dhaan mirkanaa’e qaama dhimmi
ilaaluuf akka ergamu barreesaa ni ajaja.
g. Gabaasa waggaa odiitiin ala jiran biroo walgahii idilee tiif ni dhiyeesa.
h. Itti waamamni isaa yaa’ii waliigalaa fi koree tiif ta’a.
7) Obboo Abdii Aadame I/Aanaa walitti qabaa
a) Iddoo walitti qabaan hin jirretti bakka bu’ee hojeta.
b) Hojii dabalataa walitti qabaan kennaman ni raawwata.
8) Obboo Ashaaanafi shimaalis Barreesaa
a. Ajandaawwan walgahii koree walitti qabaa waliin qindoomuun ni
qopheesa.
b. Qaboo yaa’ii walgahii koree ni qaba.
c. Barreefamootaa fi sanadoota waldichaa kam iyyuu ni eega.
d. Itti waamani isaa koree tiif ta’a.
9) Miseensotni koree mindaa malee tajaajila kennu
9 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

Keewwata 15
Sirna walgahii fi kenna sagalee koree hojii geggeesituu

a. Walgahiin idilee koree ---------------------kan geggeefamu ta’ee babni


sawalgahii ariifachiisaa barbaachisu yamuu jiraatu walgahii addaa
geggeesuun ni danda’ama.
b. Walgahii ariifachiisaan walitti qabaa koree ykn barreesaa dhaan
waamamuu ni danda’a.

Keewwata 16
Aangoo fi hojii barreesaa
Labsii keewwata 13 irratti haala tumameen
1) Itti waamamni barreesaa koree tiif ta’a.Bu’uura qajeelfama koree tiin
kennamun waldicha ni bulcha,ni geggeesa,ni to’ata
2) keewwata kana eewwata xiqqaa (1) irratti waliigalaan haala
ibsameen osoo hin daangefamin barreesaan:
a. bu’uuraqajeelfama koreen kennamuu fi labsii keewwata 5 irratti haala
tarreefameen aangoo fi hojii waldichaa hojii irra ni oolcha.
b. Wajjira waldichaa ni qindeesa,qajeelfamakoreen kennamu irratti
hundaa’ee hojetaa ni qaxara,ni bulcha,hojii irraa ni geggeesa, mindaa
fi durgoo isaanii ni murteesa.
c. Ittigaafatamtoota qajeelchotaa fi kaadhimamtoota filataman koreef ni
dhiyeesa.
d. Gaafii miseensummaa waldichaaf dhiyaatu qajeelfama koreen
kennamu irratti hundaa’uun sakatta’ee murtii ni kenna.
e. Galiin waldichaa sassaabamuu isaa ni mirkaneessa.
f. Hojiiwwan Koree adda addaa hundeefamanii ni hubata,hojii isaanii ni
qindeesa.
g. Qajeelfama koreen baasu irratti hundaa’ee akkaawuntii waldichaa ni
sochoosa.
10 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

h. Barri bajata waldichaa osoo hin jalqabamin ji’a sadi dura sagantaa
raawwii bajata waggaa qopheessee koreef dhiyeesa,yamuu
heyyamamu hojii irra akka oolu ni taasisa.
i. Haala maallaqa waldichaa fi raawwii hojii qopheesee barri bajata
waldichaa xumuramee ji’a sadi keessatti koree tiif ni dhiyeesa.
j. Kayyoo waldichaa galmaan gahuuf hojiilee barbaachisaa ta’an biroo ni
raawwata.
k.
Keewwata 17
Bulchiinsa qabeenyaa fi maallaqa waldichaa
1) Barreesaan dhuma tokkoo tokkoo bajata waggaa tti :
a. Ibsa tilmaama qabeenyaa fi idaa waldichaa tartiibaan qopheesee ni
dhiyeesa.
b. Waa’ee madaallii herrega waldichaa fi bara darbe keessa haalaa fi hoji-
maata dhabatichaa ture gabaasa qopheesa.
c. Harshameen/galmeen herrega waldichaa wajjira olaanaa waldichaa
keessaa osoo hin bahin of-eeggannoo dhaan eegamee akka taa’u ni
taasisa.
2) Galiiwwan waldichi argate hundi kayyoo waldichaa qofaaf ni oola.
3) Waldichi tarreefama baasii fi galii siiriitti agarsiisu galmee herregaa ni qabaata.
4) Keewwata kanaan keewwata xiqqaa 1-3 irratti kan ibsaman akka eegametti
ta’ee maallaqni waldichaa koree dhaan qoratamee yaa’ii waliigalaa tiin
mirkanaa’ee bu’uura dambii faaynaansii tiin kan bulu ta’uu danda’a.

Keewwata 18
Ittigaafatamummaa fi hojii odiitaraa
Odiitarri itti waamamni isaa yaa’ii waliigalaaf ta’ee:
1) Sirrummaa bulchiinsa maallaqaa fi qabeenyaa ni to’ata.
2) Sochii hojii waldichaa bu’uura labsii fi dambii kanaan geggeefamuu isaa ni
mirkaneessa.
3) Gabaasa odiitii waggaa yaa’ii waliigalaa tiif ni dhiyeessa.
Keewwata 19
11 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

Madda galii waldichaa

Maddi galii waldichaa kanneen armaan gadiitti:


1) Buusii miseensotaa
2) Kaffaltii tajaajilaa
3) Maallaqa kennaan qaama adda addaa irraa argamu
Keewwata 20
Bara bajata waldichaa

Barri bajata waldichaa Adoolessa 1 hanga Waxabajjii 30 ta’a.

Keewwata 21
Dambii ittiin bulmaataa kana fooyyeesuu

Dambii ittiin bulmaataa kun miseensotni waldichaa harki ¾ yoo itti amanan fooyya’uu ni
danda’a.

Keewwata 22
Yeroo dambichi seeraqabeessa ta’ee hojii irra oolu

Dambiin kun guyyaaBiiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa tiin galmaa’ee


jalqabeeseeraqabeessa ta’ee hojii irra kan oolu ta’a.

Keewwata 23
Miseensota Hundeesitoota Waldichaa
Lakk Maqaa guutuu Gosa Lakk.galm. Lakk.heyy Mallattoo guyyaa
. daldalaa daldalaa a.daldalaa
1 Abdii Aadamee
2 Adinow Bazzuu
3 Abraahim Aadam
4 Ziyaad Abdii
5 Bishrii Aadam
6 Abdii Aadamee
7 Adinow Bazzuu

8 Nawaay Abbabaa

9 Abdii Mahammad
12 Dambii ittiin Bulmaata Mana Maree Sektaraa

10 Addisuu Katamaa

11 Nawaay Abbabaa

12 Ahammad umaree

13 Jamaal Ahamad Mahamudaa

14 Abduulahaafiz Keyiradiin

15 Kadiir Jamaal

16 Badriyaa Bakkrii Ibroo

17 Abdalla Mumee Adaam

18 Mubaarak Rashiid Mahammad

19 Abduusalaam shiimaaliis

20 Ashanafii Shimaliis

21 Ragaasa Dabboo

22 Iminaat Shimaliis

23 Jamaal ahemad muummee

24 Ammee abdallaa

25 Wandoosaan Haylee

26 Mahammede jundaa

27 Habtaa waliid

28 Masfiin teshoomaa

29 Anawar mohammud saala

You might also like