You are on page 1of 52

Boqonnaa Tokko : Xiinloogaafi Afaan Waaltessuu

1.1 Maalummaa Xiinlooga

1. Xiinlooga jechuun maali jechuu sitti fakkaata? Mee beekumsa duraan qabdurrattii hundaahii
hiika mataa kee itti kennuuf yaali.

Xiinloogni damee xinqooqa hawaasummaa keessaa tokko tahee, garaagarummaa afaan tokko
keessatti sadarkaa sagaleerraa eegalee hanga caasaatti mul’atu qo’atudha. Xiinqooqni
hawaasummaa damee qu’annoo qooqaa bal’aafi caaccuulee/qaamota walqunnamtii gutummaa
hawaasaa yookiin garee hawaasaa xiqqaa boca qabsiisan madaaludha.Qu’atoonni xiinloogaa
haalota adda addarraa ka’uun irra jireessaan akkamitti qooqni tokko akka garaagarummaa
agarsiisu adda baasuurratti xiyyeeffatu. Garaagarummaan qooqaa sadarkaa sagaleessuutti qofa
kan mul’atu miti.Garaagarummaan loogaa sadarkaa jechaa, sadarkaa himaa yookiin seerlugaattis
nimul’ata. Qooqni tokko loogawwan hedduu qabaachuu danda’a. Dubbattoonni loogawwan
qooqa tokkoo yoo itti fayyadamuu baataniyyuu loogawwan walii isaanii hubachuu nidanda’u.
Dubbattoonni loogawwan qooqa tokkoo walii walii isaanii jechuun inni tokko looga inni biroon
dubbatu hubachuu danda’uun isaanii kuni loogni tokko looga qooqa tokkoo ta’uu yookiin ta’uu
dhiisuu isaa mirkaneessuuf akka ulaagaatti tajaajila. Dabalataanis, ulaagaaleen kanneen akka
ilaalcha dubbattootaafi sadarkaa siyaasaan qooqichi qabus garaagarummaa loogaafi qooqaa
ibsuuf fayyadu.Qabxiilee kun sadan boqonnaa itti aanu keessatti bal’inaan ibsamaniiru.

Kana malees, gareen hawaasaa loogawwan qooqa tokkoo garaagaraa dubbatan akkaataa
taa’umsa lafaa isaaniitiin yookiin hiixummaarratti hundaahuun sadarkaan walhubachuu isaanii
dabalaa yookiin hir’isaa adeema. Fakkeenyaaf, gareen hawaasaa wal-cinaa jiraatan kanneen
walirraa hiixuu jiraatan caalaa loogawwan walii isaanii hubachuu danda’u. Faallaa kanaan,
kanneen walirraa fagaatanii jiraatan yookiin carraan dhimmoota adda addaaf walqunnamuu
isaanii xiqqaa ta’e yookiin hinjirre sadarkaan looga walii isaanii hubachuu isaaniis baay’ee
xiqqaadha. Kunimmoo ergaa waliif dabarsan hubachuu dadhabuu waan fiduuf, loogawwan
isaanii gara qooqa garaa garattillee akka guddataniif sababa ta’uu danda’a.
Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiraniif Afaan
Oromoo keessaa fakkeenya kennuun ibsi.
1. Afaan Oromoo loogawwan garaagaraa qabaachuu isaa akkamitti baruu dandeessa?
2. Yaadrimee hiixummaa loogaa (dialect continuum) yookiin walcina jiraachuufi walirra
addaan fagaatanii jiraachuuratti hundaahiiti garaa garummaa walhubachuu hawaasota
loogawwan Afaan Oromoo adda addaa dubbatan gidduutti mul’atu ibsi.
3. Xiinloogniifi xiinqooqni hawaasummaa walfakkeenyaafi garaagarummaa akkamii qabu?

1.2 Seenaa Xiinloogaa

Qu’annoon xiinloogaa yoom kan eegale sitti fakkaata? Eenyu fa’iin ? Eessa faatti jettee yaada ?

Qorannoon garaagarummaa qooqaa bifa adda addatiin biyyoota garaagaraa keessatti


gaggeeffamaa turuyyuu, xiinloogni hammayyaan kan eegale jaarraa 19 ffaa keessa. Xiinloogni
looga naannoo ammayyaa inni jalqabaa naannoo 1970-taa eegalame. Kunis kan gaggeeffame
naannoowwan Afaan Jarmanii dubbatamurratti ture.Qu’anichis xiinsagaafi jechootarratti kan
fuulleffatu ture. Qu’anicha kan gaggeesse hayyuu Georg Wenker (1976) yemmuu ta’u gaaffiilee
afaanii himoota gaggabaaboo 38 qaban barsiisota 1266 poostaadhaan erguun gara loogawwan
isaaniitti akka jijjiiran gochuun odeeffannoo funaanaterratti hundaaheeti. Gama biraatiin, biyya
Faransaayitti Jules Gillieron(1897) odeeffannoo hojjetaa dirree Edmond Edmont jedhamu
funaansifatetti fayyadamuun loogawwan naannoo Afaan Faransaayi qoratee adda baasuun
kaartaa loogawwan Afaan Faransaayi qopheessee ture.

Haaluma walfakkaatuun, biyya Ingiliizittis hayyuun Alexander Ellis jedhamu (1898) yeroo
jalqabaaf loogawwan Afaan Ingilizii sakatta’ee 10 adda baase. Joseph Wright (1905) Galmeen
Jechootaa Loogawwan Afaan Ingilizii qophaahe. Dabalataanis, Hans Kurath (1929) pirojeektii
qu’annoo loogawwan Afaan Ingilizii gaggeesseen kaartaa loogawwan Afaan Ingilizii isa
jalqabaa qopheesse. Haluma walfakkaatuun, biyyoota kanneen akka Iskootlaandi,
Deenmaarkiifi Amerikaa keessattis qu’annoon loogawwanii ammayyaa jaarraa 19 ffaatii kaasee
gaggeeffamuu akka eegale seenaan qorannoo afaanii ni’agarsiisa.
Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.
1. Xiinloogni hammayyaan kan eegale yoomi ? Isa dura qu’annoo gaggeeffamaa turemmoo kan
maal fakkaatu ture ?
2. Xiinloogni hammayyaan biyyoota awuroopaa adda addaa keessatti yoom yoom akka eegaleefi
namoota yeroo san gumaata guddaa gumaachanis ibsi.

1.3. Gosoota Xiinloogaa

Gosoonni qu’annoo loogaa/xiinloogni damee lamattii qoodqma.Isaanis xiinlooga naannoofi


xiinlooga hawaasummaati. Xiinloogni naannoo taa’umsa lafaarratti hundaahuun loogawwan
qooqa tokkoo qoqqooda.Xiinloogni hawaasummaa garuu umurii, koorniyaafi kkf irratti
hundaahuun garaagarummaa qooqaa qu’ata.Dhimmoonni kun boqonnaa itti aanu keessatti
bal’inaan kaafamaniiru. Kanaaf, bal’inasaaf boqonaa 2 ilaali.

1.3.1. Xiinlooga barsiifataa (Traditional dialectology)


Akkuma armaan olitti ibsame qu’annoon loogawwanii sirnaawaan hedda eegalee jaarraa tokkoo
ol tureera. Qorannoowwan xiinlooga barsiifataa jalqabaa kaartaalee (linguistic atlas) faca’insa
loogawwan adda adda agarsiisuu qopheessuu kan galma godhatan turan.Malli qu’attoonni
xiinlooga barsiifataa ittiin odeeffannoo funaannataa turan bar-gaaffii dheeratti fayyadamuun ture.
Kan odeeffannoo guuran hojjettoota dirree yemmuu ta’an, odeeffannoon kan guuramummoo
manguddoota baadiyyaa jiraatan-kan bakka jireenya isaanii gadi dhiisanii hindeemnerraati.
Isaanis gaaffii hojjettoonni dirree isaan gaafataniif deebii jecha tokkoo kennuun odeeffannoo
laatu. Gaaffiin isaan gaafatamanis, fakkeenyaaf, kanneen akka isaan armaan gadiiti.
1. ‘Yeroo’ Lafti barihee biftuun osoo hinmul’atiin dura jiru maal jedhama ?
2. Wanta ta’e tokko itti agarsiisuun, ‘Kun maal jedhama ?’ jedhanii
gaafachuu.Yeroodhuma sana deebiin manguddoonni sun gaaffilee kanneeniif laatanis
hojjettoota dirreen nigalmeeffama.
Malli kun yeroo baayyee hir’inoota akka qabu qeeqama. Qeeqni irratti dhiyaates : xiinloogni
namoota baadiyyaa /dhiirota dullooman muraasa qofaarratti kan fuulleffatu ta’uu hinqabu ;
xiinloogni namoota alfii/dargaggootas, warra dhalaas, warra magaalota xixiqqaafi magaalota
gugguddoo keessa jiraatanis hammachuu qaba kan jedhu ture.Dabalataanis, odeeffannoon
gaaffiiwwan deebii jecha tokkoo barbaadaniin funaanamus itti fayyadamaa qooqaa guyyuu
sirritti bakka hinbu’u jedhameetu qeeqama. Walumaagalatti, dhiyaannaan kun gama
iddattoo/odeeffannoo kennitoota filachuufi gama meeshaalee ittiin odeeffannoon funaanamuutiin
hir’ina qaba jedhamee qeeqama.

1.3.2. Xiinlooga xiinqooqa hawaasummaa


Xiinloogni barsiifataa tekinooloojii gahaatti fayyadamuu dhabuudhaan qeeqama. Bara
1960moota keessa teeprikoorderiin uumamuunsaa qu’attoonni xiinloogaa haasaa dubbattoota
loogawwanii waraabanii kuusuun akka ragaa itti fayyadama qooqaatti akka qaaccessuu
danda’aniif isaan gargaareera. Qu’attoonni xiinlooga barsiifataa garuu kana gochuu
hindandeenye ture. Gaheen taasiftooni qooqaa rakkoolee hawaasummaa muraasa keessatti
qaban, uumamuun teeprikoorderiifi jalqabamuun xiinqooqa hawaasummaa walirra dhufuunsaa
qu’attoonni xiinloogaa xiinlooga barsiifataa dhiisanii bakka qorannoo isaanii naannoo
magaalotaa akka godhatan taasise.
Odeeffannoon xiinlooga xiinqooqa hawaasummaa kan funaanamu akka kan xiinlooga barsiifataa
garee hawaasaa muraasarraa osoo hintaanee hawaasa hundarraati.Odeeffannoon teeprikoorderiin
waraabamee kuufamu qu’attoonni xiin loogaa haasaa dheeraa akka qaaccessan dandeessisuu
cinatti haala itti dubbattoonni unkoota looga adda adda dhaabbataadhaan haasaa isaanii keessatti
itti fayyadaman xiinxaluufi nigargaara. Akkasiin, qaaccessa lakkoofsaan, garaagarummaa
loogawwan namni (dhuunfaafi gareen) umurii, koorniyaa, sanyii/gosa, kkf garaagaraa itti
fayyadaman xiinxaluun danda’amera.

Gilgaala
Mee yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran
deebisi.
1. Gosoota xiinloogaa eeriitii tokkumaafi garaagarummaa isaanii ibsi.
2. Qorannoowwan xiinlooga barsiifataa calqabaa maal kan galma godhatan turan ?
3. Maloonni qu’attoonni xiinlooga barsiifataa ittiin odeeffannoo funaannataa turan maalfaa
turan ?
4. Maloonni qu’attoonni xiinlooga barsiifataa ittiin odeeffannoo funaannataa turan hanqinoota
akkamii qabu turan ?
5. Qeeqawwan maloota xiinlooga barsiifataarratti dhiyaatan akkamitti akkamitti madaalta ?
Yaadakee bal’inaan ibsi.
6. Xiinloogni xiinqooqa hawaasummaa xiinlooga barsiifataarraa maaliin adda baha ?
7. Uumamuun teeprikoorderii qu’annoo xiinloogaaf gumaatni inni qabu maali ?

Xumurarratti, qu’attoonni xiinlooga barsiifataas ta’e kanneen xiinlooga xiinqooqa hawaasummaa


odeeffannoo gaarii sasabuuf iddoo guddaa kennu.Xiinloogni hundi odeeffannoo kallattiin
dubbattoota loogawwan sanaarraa argamerratti hundaaha/hirkata.Kanaaf hojiin dirree (fieldwork)
kan yeroo dheeraa fudhatuufi rakkisaa ta’uyyuu qaama qu’annichaa isa barbaachisaadha.
BOQONNAA LAMA : LOOGA

2.1. Maalummaa Looga

1. Looga jechuun maali ? Mee muuxannoofi beekumsa duraan qabdurrattii hundaahii hiika mataa
kee itti kennuuf yaali.

Mee ammamoo ibsa armaan gaditti dhiyaate dubbisiitii hiika ofii kee kennite waliin
walbira qabii ilaali.

Beektonni kanneen akka Akmaajan, Deemersi fi Faarmer (2003 : 259) akka ibsanitti, « Afaan
kamiyyuu ni jijjiirama ; tokko mitis, wal hinfakkaatani ; afaan hundinuu garaagarummaa of
keessaa qabu » jedhu. «No language is fixed, uniform ; all languages show internal variation. »
kana jechuunis, afaan namarraa namatti, gareerraa gareetti addaddummaa sagaleessuu
(pronunciation), jechootaa (words), caasaa (structure), seerlugaa (grammer)

fi kkf agarsiisuu danda’a. Haaluma knaan yemmuu ilaaluu, garaagarummaan afaan tokko
keessattiyyuu nimul’ata jechuudha. Addaddaummaan mul’atu kunis looga jedhama.

Gilgaala

Gaaffiilee armaan gadiirratti hiriyyoota kee waliin mirihachuun deebisi:

1. Loogni maal akka ta’e sirriitti hubachuuf, atiifi hiriyaankee yemmuu dubbattan sagaleen
keessan walfakkaata? Yoo wal- hinfakkaatu ta’e maaliif adda ta’e jettee yaadda?
Garaagarummaa keessan bakka siif kennamerratti barreessi:

2. Gaaffii kanarraa ka’uun maalummaa loogaa himuu nidandeessa? Mee yaada kee sarara itti
fufurratti barreessi:

Akkuma armaan olitti gaafatametti, namoonni lama afaanuma tokko yoo dubbatan iyyuu, haalli
isaan ittiin dubbatan guutumaan guutuutti wal-fakkaachuu dhiisuu danda’a. Namoota lamaan
keessaa inni tokko sagalee furdaa qabaachuu danda’a. Akkasumas kan isa biroo ammoo sagalee
qal’aa ta’uu mala. Karaa biraatiinis, inni tokko sagalee ol-kaasee dubbachuum inni kaan immoo
sagalee gad qabee dubbachuu nidanda’a. Gabaabumatti, yoo jechoota dubbatan sanaan wal-
fakkaatan malee akkaataan sagaleessuu isaanii adda jechuudha. Kanaafuu, adeemsi
garaagarummaa haala dubbii afaanuma tokko dubbachuu keessatti namoota lama giddutti
mul’atu idiyoolektii (idiolect) yookiin looga dhuunfaa jedhama. Haaluma kanaan,
garaagarummaan namoota lama giddutti mul’atu kun sadarkaa hawaasaatti yemmuu babal’atu
looga (dialect) jedhama.

Walumaagalatti, loogni garaagrummaa sagaleessuu, jechaafi caas-luga afaan tokkoo keessatti


mul’atu ta’ee, kan waliigaltee hawaasaarratti gufuu ta’uu hindandeenyedha. Fakkeenyaaf,
Afaan Oromoos akkuma afaan kamiiyyuu loogawwan garagaraa qabaatullee
uummatichi fageenya hammamiirraas ta’e kallattii kamirraa yoo walqunname
waliigaluu irratti rakkoon tokko akka isa hinmudanne Hodson-iifi Walker (1992) ni
ibsu.

Gilgaala

Gaaffiilee armaan gadiirratti hiriyyoota kee waliin mirihachuun deebisi:

1. Looga maali?
2. Namoonni lama afaanuma tokko yoo dubbatan iyyuu, haalli isaan ittiin
dubbatan guutumaan guutuutti wal-fakkaachuu dhiisuu danda’a.Sababasaa ibsi.
3. Garaagarummaa afaanii kan nama dhuunfaafi kan hawaasaa adda baasii ibsi.

2.2. Addaddummaa looga

Addaddummaa afaaniirratti dubbachuun akkaataa afaan hawaasaa keessatti bu'aa kennurratti


duddubbachuudha. Afaan tokkuummaadhaaan yoon qoratame bifa tokkoo qabaachuusaatiifi
miseessonni hawaasa haala tokkoon baratanii itti fayyadamu gara yaada jedhutti nu geessuu mala.
Haata'umalee, hawaasi qaama garaagaraa ofkeessaa qabu akkuma hawaasaa keessa sabootiin
sablammoon, gareewwaniifi dhaabbileen garaagaraa jiran, afaansaaniis garaagarummaa
niqabaata. Garaagarummaa afaanii kanatu qaamolee hawaasaa addaddaa kanaaf tokkummaafi
quunnamtii kennaafi. Tokkoon tokkoon namaa afaan garee keessa jiruutiin sirreeffama. Looga
yeroo jennus kanaan kan walqabatedha. Jechi looga jedhus afaan naannoo murtaawaatti
dubbatamu ilaallata. Afaan naannoo bal'aa keessatti dubbatamus garaagarummaa haasaa, seera
afaaniifi jechoota niqabaata. Loognimmoo, afaanota mara keessa nijiraata.

Addunyaa guutuurratti gandootiin hundi looga mataasaanii niqabu. Jireenyi bawaasa


naannoo murtaawaa, dhiphaafi walitti dhihoo haasaan isaa kan isuma qofaaf
murtaawedha. Afaan naannoo bal'aa keessatti looga malee dubbatamuun isaa
shakkisisaadha. Loogawwan dulloomoon sirraa'anii walquunnamtii hawaasaatiin looga
isa jalqabaa aadaa keessatti bakka guddaa qaban dhaalamanii isa haarawaa yeroo waliin
deemuun bakka bu’u. (Sapir, 1921)
Naannoon jireenyaa uumama loogaaf sababa isa tokkoffaadha. Sababni lammaffaan namoota
afaan biroo dubbataniin weeraramuudha. Fakkeenyaaf Ingilizoonni kan jalqaba weeraran
Angiloota, ittaanseemmoo, Daanota. Kibba kan qabatan ammoo, Saaksoonota. Kanaafuu,
Amarikaa keessatti loogni hammi tokko haasaa Inglizootaa yeroo addaddaa biyyattii seenanii
Calaqqisiisa.(Pei,1956:54) .

Afaanota biroon weeraramuun Afaan Oromoo keessatti uumamuu Loogawwan adda addaaf
hangam sababa ta’eera jettee yaada? Yaada kee fakkeenyaan deegaruun ibsi.

______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________

Godinaaleen akka Alaaskaafi Looreenii Faransaayotaafi Jaarmanootaan weeraramanii turan.


Kanaafuu, naannoleen addaddaa kun looga namootii qabatanii ykn biyyootii weeraranii ofkeessa
qabu. Sababawwan biroon godaansa, walmakuu uummataa, carraalee barnootaa, caasaa
hawaasaafi bakka hawaasa keessatti namni qabudha.

Garaagarummaan loogawwan muraasa giddu jiru bal'aa yoo ta’u kanneen biroommoo, dhiphoo
ta'uu mala. Loogni tokko looga ta'uusaa dhiisee yoom afaan ta'a?

______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________

Gaaffii kanaaf deebiin ifa ta'e tokko waan argame hinfakkaatu-walfakkeenya haasaa, seera
afaaniifi jechoota yoo akka ulaagaatti fudhanne, afaanota Jaarmaniitiif achiitiin garaagara
jedhuuf sababa hinqabnu. Afaanonni Suwiidishii, Noorweyaaniifi Daanishiis akkasuma. Karaa
biraatiin ammoo, Afaan Chaayinaa looga garaagaraa qaba jedhama. Haata'u malee, namootiin
looga garaagaraa qaban walii galuu hindanda'nu. Ingliffa Amariikaaniitiifi Ingilaandiitiinis
immoo hawaasisaanii waliigaluu danda'aniyyuu, looga garaagaraa qabu jedhama.

Afaan hawaasaan walbira qabnee yoo ilaallee akkaataa inni hawaasa tokko keessatti fayyadu
hubachuuf yaalle keessumaa, namootiin afaanirratti ilaacha akkami qabu Jennee yoo xiinxalle,
loogni hiika biraa qabaata. Sammuu namootii hedduu keessatti looga jechuun gadaantummaa
afaan keessa jirudha. Haaluma kanaan, afaan idileetiin walbira qabuudhaan gadaantummaa logaa
ibsuuf yaalu. Afaan idilee isa namootii barataniin dubbatamuufi waliigalteedhaaf filatamedha
jedhanii amanu. Caasaadhaan waan ibsameefi guuboo jechootaa keessatti waan barreeffameef,
akkasumas qulqullinnisaa akadaamii afaaniitiin waan eegameef kabaja qaba jedhanii
yaadu.Yeroo hunda kan manneetii barnootaa keessatti barsiifamus isuma qofa. Mallattoo afaanii
ta'uudhaan bakka guddaa qabaachuurra taree, miseensa warra aangoo qabanii ta'uufis akka
ulaagaatti fudhatama.

Yeruma dhiyoo kanatti Afaan Faransaayifi Paarshaa, Afaan Ingilizii Loondoniifi Afaan
Ispaanish Kaastiiliyaa Awuroophaa keessatti qofaa osoo hintaane, Amariikaafi biyyoota biroo
keessatti akka afaan idileetti fudhatamaa turaniiru. Afaanonni naannolee kanaa qofti akka sirri
ta'anitti waan fudhatamaniif, namootin baratan marti- itti fayyadamuu yaalaa turani. Yoo
dubbachuu dhiisanis, gadaantummaan itti dhagahamaa tureera. Yeroo muraasa darban keessatti
haalli kun jijjiiramaa adeemuun, ummattoota addunyaa maratti sabummaan itti dhagahamaa
dhufeera. Kun immoo, afaan meeshaa aadaafi eenyummaa hawaasaa ibsu ta'uusaa hubachuurraa
madde. Qaaqa namootii hawasa sanaan ala ta'aniirratti dhiyaaturrattis mormii cimaa kaasuu
eegalan- gaaffiin offiin ofbulchuu Faransaayiifi Kanaadaarraa gara Aayeerlaandiifi Weelsiitti,
akkasumas, Ispeen(Baasektiitti) faca'uurra darbee addunyaa mara walga'e. Haala kanaan kannecn
loogni isaanii tuffatamaa ture, akka afaan idilee beekamaafi fudhatamaatti akka hubatamuuf
qabsaa'uu eegalan.
Biyyoota tokko tokko keessatti afaan yookiin loogawwan makaa ta'uudhaan uumamanii boodas
gara afaan idiileetti jijjiiraman mulataniiru. Kanneen kun afaanota makaa (pidgins) jedhamanii
beekamu. Afaanota walitti ida'aman lamaan yoo uumaman amaloota ibsamaa seerluga salphaa
,jechoota murtaavvaa 500-600 yoo baay'ate hanga 1000 qabatee ,jechoota isaa keessaa %65
maqaalee kan ta'an ofkeessaa qaba .

Afaanota makaan (pidgins) kibba (chaayinaatti kan eegalame yommuu ta'u, yaalii daldaltootni
dhihaa, Chaayinoota Ingiliffa barsiisuudhaan ittiin waliigaluuf godhan irraa madde .Yaaliin kun
kan godhame, Chaayinoota Ingiliffaa barsiisuutiin ta'us tal'tiiba yaadaafi haasaa Chaayinootaa
kabajuu dhaan ture. 'Pidgin' jechi jedhamuiyyuu Chaayiniffarraa kan madde yemmuu ta'u hiikaan
isaas "daldala "business jechuudha.Kanaafuu, pigin English jechuun Ingiliffa daldalaa
jechuudha.

Chaayinaarraa gara Iyilaandii Paasifikitti, itti aansec Awustiraaliyaatti, Giinii haarawaatti,


Samoo’aattifi Hawaayitti, faca'e. Addaa addummaan Dhihaa Afirikaa afaanota makaa ta'us
dhiisuus nimala .Bifti afaan waliin makaa bakka biraattis mul'ateera. Fakkeenyaaf, afaan makaan
Ispaanishii, Faransaayi, Poortuugaaliifi Dachi dhihaa Afirikaa keessatti, Dhiha Indiisii
Filiippinsiifi Hindii muraasni afaan makaa afaan biyyoota tokkoo tokkoos ta'aniiru .Fakkeenyaaf
Indoonejiyaan (Maaleeyii irraa), Afirikaans (Dachi irraa )diqaalomanii afaan biyya sanaa ta'an.

Afaan makaan yoo qofaa lsaa afaan hawaasaa sanaa ta'e yookaan immoo hawaasa sana
walquunnamsiisuuf isa bu'uraa ta'e kirii'olii croole jcdhama.

Afaan makaan yoo qofaa isaa afaan hawaasa sanaa ta'e yookiin immoo yoo hawaasa
wal'quunnamsilsuuf isa bu'uuraa ta'e afaan makaa kichuu(Creole) jedbama. Fakkcenyi gaariin
afaan makaa kichuun Faransaayiffa biyya Haayitiitti dubbatamudba.

Gareewwan Aadaa tokko keessa jiraatanu, Gosa afaan dubbataniitiin tokkummaa. Isaanii
ibgsu.saamtonniif hattoonni, Akkasumas shiftoonni jechoota mataa isaanii Qabu, ogeessotni
garaagaraaa fayyaas akka haasaa garee hawaasa keessaa tokkodubbatu hiika dhabeessa miti .Bifa
haasaa gosa tokko qabaachuun isaanii waan biraas wajjiniin qabachuun isaanii mul'isa
.Namootiin biyooi baay'ee keessa jiraatan hawaasa keessaan bakka tokkotti of ramaduufjechoota
tokko tokko haala ittiin dubbatanu niqabu.Jecoota haalatti fayyadamllun hawaasa bal'aa keessatti
nama ramada. HatLooLiin yoo poolisiii argan iccitii isaanii ecguuf jechootaitti fayyadaman kan
mataa isaanii qabu. Jechi namni tokko iUi fayyadal11u keessatti akka isa kaa'uu niqaba.

Naannoo jireenyaa kamiyyuu keessattiyyuu, magaalaa guddaa, magaalaa xiqqaa yookaan ganda
a'us, namootiin walitti dhufanii bakka hawaasa kessatti qaban irratti hundaa'uudhaan garee uumu
bakka gareewwan hawaasa keessatti qabanirratti dhabanuu walqixxummaa gosa sadii irraa
madda Dhabinsi walqixxummaakun garaagarummaa hawaasaakeessatti qaban dhabamuu
walqixxummaa kun garaagarummaa qabeenyaa, garaagarummaa qabeenyaa, garaagarummaa
aangoofi kabajaa, ta’uu mala-

Dhabamuun wal qixxummaa inni jalqabaa.qabeenyaafi galii argamu ilaala .Garaagarummaan


qabeenyaafi galii immoo garaagarummaa garee hawaasaa tokkoo gidduuutti uumamu biyyoota
hundaa keessatti bifa tokko hinqabu. Haata’u malee, biyyoota hundaa keessa nijira yoo xiqqaate
hojjetee bulaa fi uummata biraa gidduu garaagarummaan nijira.Kanneen qabeenyaan galii gudaa
qaban ijoollee isaanii manneetii barnootaafi yunivarsiitii gaariitti ergatu akkasumas ofii
isaaniitiif beekumsa ga'aa waan qabaniif, ijoolleen isaanii osoo mana barumsaa hingaliin iyyuu
kan warra hiyyeessaa caalaa dandeettii qabu. Biyyoota baay'ee keessumattuu, biyyoota afaan
hedduun dubbataman keessatti rakkinni afaanii humna Oomishuu nimiidha. Namni
baadiyyaadha hojjechuuf magaalaa guddaa seene, afaan magaalicha keessatti dubbatamu
yookaan afaan daldalaa bojjetoota isaa fakkaataniin ittiin walii galuu barachuu qaba.

Afaan garaagarumma bakka hawaasa keessatti qabu mulisu afaan ogummaa Gargon) kan
ilaaludha.Afaan ogummaa jechuun, afaan daldalaa yookaan ogummaa addaa addaa kessatti
tajaajilu jechuudha. Jechoota addaatti fayyadamuu isaaniirraa kan hafe, afaan idileerraa
garaagarummaa hinqaban. Namni jechoota ogummaa wal-qabatan dubbatu namoota murasan
walii gala. Kun garuu bu'aa saynsiin fidudha.Yeroo baay'ees dogoggorsaa, of tuulaa,
rakkisaadha.Seeraan ala waan hojiirra ooluuf, jechootni ogeessotaa barataadhaan
dubbatamankun walxaxoofi oftuulummaa kan agarsiisan ta'uun isaanii hinoolle. Oftuulummaan
isaanii balaalleffatamus jechootni saayinsii muraasni hawaasa maraan beekamoo ta'anii haasaa
keessatti tajaajila kennaa jiru.Haata'u malee yeroo bundaa yeroo hunda nama maraan hubatamuu
hin dandeenye.
Namootiin bakka olaanaa qabanuufi ijolleen isaanii manneettii barnootaa keessatti bakka
ergamuun afaan ogummaa Gargon) mataa isaanii kan barattoota manneetii barumsaa biro
keessatti barataniif hingalle uumuu malu.Jechoota ijoollee isaaniin wajjiniin baratan qofaaf gafa
kan uumamu osoo hinta'iin ijoolleefi maatii isaanii, matii isaanii manneetii barumsaa sadarkaa
lammaffaafi kolleejjji tokkoofi lamaa olii gidduuttis uumamuu mala. Barreessitoonni tokko
tokko looga hawaasummaa bakka sadiitti qodanii ilaalu. Haasaa barataa (caltivated speech)-kan
namootiin hawaasa keessaa hedd uu baratan, barataan, barsiisaan, ogeeyyiin ogummaa
addaaddaa kan hojii mootummaa kessatti bakka addaddaa qabaniin, kanneen ogummaa afaanii
addaddaa fayyadamuu barbaadaniin dubbatamudha-haasaa gidd- ugaleessotaa -kan namootii
haala jireenyasaaniitiin gidd- ugaleessatti argamaniin dubba tamudha. Hojjettoota leenjii qaban,
teekinishaanota, hojjettoota mootummaa sadarkaa gadaanaatti argamaniifi daldaltoota. Loogni
warra hinbaratiniimmoo, kan hojjettoota lenjii binqabneen, qonnaan bultootafi namoota barumsa
tasaa hinqabne kan itti fayyadamanidha.

Garaagammaan beektotaafi warra tasa hinbaranne gidduu jiru biyyootii hawaasa isaanii keessaa
garaagarummaan jireenyaa guddaan jiru keessatti niguddata. Biyyootii namni barateefi kan
hinbaranne garaagarummaa guddaa hinqabneefi waldanda'uufi waliigaluun bay’inaan keessatti
mul'atu keessatti hedduu hinmul'tu.Biyyoota mdustiriidhaan guddatanii galiin uummataa hanga
tokko guddaa ta'e, barnoonni uummata walga'ee meeshaaleen quunnamtii hunda ga'e,
garaagarummaan dhabamuuf canaa guddaatu jira. Namoonni muraassi warra sadarkaa olaanaatti
makamuu nifedhu. Fcdhiisaanii bakkaan ga'atu, gosa haasaa itti fayyadamuu qabanis nifilatu.
Dogoggora uumamu sirreeffachuuf fedhii guddaa waan qabaniif haasaasaanii keessatti beekaa
fakkaachuuf yaaluudhaan maddasaanii irraanfachaa deemu.

Dhabiinsi walqixxummaa inni lammaffaan kabaja ilaala. Haala jireenya hawaasaa keessatti
mul'atuun walhhfakkaatu ma]ee tokko miti. Fakkeenyyaaf, hojjetaan waajjira tokkoo hojjeetaa
hojjii humnaa sooessa ta'e caalaa kabaja ni'argata. Barsiistonni barreessitoonni waajjiraalee,
dookteroonni, galiinsaanii hagam ta'uyyuu, hojjettoota mootummaa kannecn biroo caalaa kabaja
niqabu.Ogeeyyotuma gosa tokkoo keessattiyyuu sababa hawaasa irraa maddaniittiif, manneetii
barumsaa ykn Yuunvarsiitiirraa eebbifamaniif kabaji isaan qaban garaagara ta'uu mala.

Dhumarratti, dhabiinsi walqixxummaa sababa aangootiin dhufu bakkaafi kabaja hawaasa


keessatti qaban calaqqisiisuu ykn dhiisuus nidanda'a. Kana jechuun, aangoon bakka jireenya
hawaasaa keessatti ykn kabaja gareewwan hawaasa keessatti qabaniin walitti dhufeenya qaba
jechuun rakkisaadha. Namoonni garuu akka kanatti hubachaa turaaniiru, hubachaas jiru. Gareen
bulchitootaa ykn abbootiin aangoo looga hawaasummaa kan mataasaanii qabu-afaanis
aangoosaanii mujeessuuf nitajaajila. Yoo namootiin hawaasa keessati sadarkaa gadaanaarratti
argama aangoo qabatan, imaammata afaanii baasuudhaan haala haasaa offisaaniitiif itti
fayyadamaa fudhatama akka argatu nidirqisiisu. Barnoonniifi meeshaaleen quunnamttii dhiibbaa
fidanus, walitti dhufeenyi gareewwan hawaasa keessaa bahanii akkuma d uriitti itti fufa.

Haasaa ogummaa garee hawaasaatiin walqabsiisnee akka afaan idileettis ilaalleerra. Loogni
hawaasummaa inni biraammoo, murna afaan idileen kan walqabatedha. Fakii, bifa ykn ibsa
guyyaa guyyaatti dargaggootaan, barattootaan, loltootaafi gareewwan addaddaa (sirbitootaan,
barreessitoota kalaqaatiifi namootii karaarraatiin kan uumamanidha. Jalqabarratti akka jechoota
darbuuf fayyadanitti tajaajilanii booda garuu hawaasaan fudhatama argatu. Kunammoo,
mallattoo jechoota haarawaa uumuu ta'a. Hundisaanii yoo jiraachuu dadhabanis, hangi tokko
afaan idilee ta'anii guuboo jechootaa keessa seenu; kaan immoo nidhabamu. Fakkeenyi silaangii
jechoota hattotaan, saamtotaafi kashalabbootaan akka namootii biroof hingalletti qindaa'anidha.

2.3. Gosoota Loogaa

Loogota afaan tokkoo bakka lamatti qoduun ilaaluun nidanda’ama. Isaanis:-

A. Loogota hawaasummaa
Looga hawaasummaa jechuun garaagarummaa sagalee, sagaleessuufi kkf, ta’ee jiruufi jireenya
hawaasichaarraa kan madduudha. Kunis, adda addummaa, umuriim sadarkaa barnootaa,
koornayaa (gender)fi wantoota jireenya hawaasummaa kessatti mul’atanirraa kan madduudha.
Loogni akkanaa kan uumamu hawwaasa keessatti qooda, sadarkaafi gita hojii
namoonni qabanirraa ka'eeti. Fakkenyaaf, umuriin hawaasa bakka adda addaatti hirama:
Ijoollee, dargaggootafi maanguddootadha. Kanarraa ka’uun, ijoolleen umuriisaanii kanatti haala
itti dubbatan kan mataasaanii qabu. Akkasumas
dargaggoonni akkaataa itti dubbatan kan mataasaanii qabaachuu malu. Maanguddoonnis,
haaluma kanaan akkaataa itti dubbatan yookiin jechoota mataasaanii qabu. Kanaafuu,
addaddummaan haala dubbiifi uumama jechootaa kanaan mul’atu looga hawaasummaa jedhama.

Gilgaala

Yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.

1. Garaagarummaa loogaa (sagalee, jechoota, seerlugafi xiinhimaa) dubbattoonni Afaan


Oromoo umrii adda addaa keessa jiran
(ijoollee, dargaggootafi maanguddoota) agarsiisan fakkeeya kennuun addeessi.
2. Garaagarummaa loogaa (sagalee,jechoota, seerlugafi xiinhimaa) dubbattoonni Afaan
Oromoo koorniyaa adda addaa qaban (dubartoota,dhiirota) agarsiisan fakkeenya kennuun
addeessi.
3. Garaagarummaa loogaa(sagalee, jechoota, seerlugafixiinhimaa) dubbattoonni Afaan
Oromoo sadarkaa barnootaa adda addaa keessa jiran agarsiisan fakkeeya kennuun
addeessi.

Deebiin gaaffiiwwan armaan oliif kennite sirrii ta’usaa mirkaneeffachuufi hubannoo


mataduree Loogota hawaasummaa jedhurratti argate bal’ifachuuf barreeffama itti fufee jiru
qalbii guutuudhaan dubbisi.

2.4 Afaaniifi Qoodama Hawaasaa

Hawaasa tokkoo keessa qooddiiwwan hawaasaa addadaatu jira. Dhiira ykn dhalaatti
addaan qoodamuun hawaasaa ifa. Saayinsiin waa'ee dhala namaa qoratu akka ibsuttimmoo
qoodammi, amala, bifa, hojiifi kkf bu'uureffate namjettuu ykn of jettuu, adii ykn
gurraacha, hoji-qabeessa ykn maleessa jedhu akka jiru mul'isa. Martuummoo, naannoofi
amala hawaasummaa isaaniirraa ka'anii akkaataa afaanitti fayyadaman qabu.
Fishman(1968)garuu, qooddiiwwan kunneen haajiraatan malee, daangaa dhaabbataa
tokkoo hawaasa keessatti akka hinqabne dubbata. Sababbisaas, hawaasi yeroo hunda haala
jijijjiiramaa keessa waan jiraatuuf jedha .

Hayyoonni xiinqooqaammoo, qoodammi hawaasaa akkaataa itti fayyadama afaanii ta'uu


akka qabu dubbatu. Kanarraan kan ka'e, hawaasa kam keessattiyyuu, akkuma murni addaa
gurguddaan jiru, murni hawaasaa xixiqqaan waan jiruuf, ilaalchaafi bakka hawaasa
keessatti qaban sana kan bu'uureffate akkaataa itti fayyadama afaanii kan mataasaanii
qabu. Ittifayyadama afaanii garee tokkoorraa maalummaa, akeekaafi gaheesaan hawaasa
keessatti qaban, akkaataa isaan nannoosaanii itti ilaalan mara hubachuun nidanda'ama.

Hawaasa guddates ta'ee guddachaa jiru keessatti caasaaleen hawaasaa kan bu'uura
addaddaa qabu diriiree jira.Akka Boonviilaa’in (1993) jedhutti, jaarmiyaaleen hawaasaa
adda addaa kan gararraadhaa hanga gajjallaatti diriire kun garaagarummaa guddaa
agarsiisa. Heddumminaan bu'uurri addaddummaa kanaas qabeenyaa, gita hojii, sadarkaa
barumsaa yeroo ta'u, kanneeniin kan walqabates aangoo siyaasaa, bakka nammi ykn
gareen tokko hawaasa keessatti qabuufi baayyinni gartuu sanaallee shoora mataasaa qaba.

Beekaas ta'ee osoo hinbeekin, qoodammi hawaasaa haala kanaan jiru caasaalee afaanii
(sagalee, jecha, himaafi hiika) bifa sadarkaa irra jiran saniin walsimuun mijeessee itti
fayyadama. Gartuun siyaasaa anniisaa falaasama jaarmiyaan sun hordofurraa burqe
afaanirratti fe'uudhaan haala itti fayyadama afaanii kan mataasaanii uummatu.Dhaabbanni
amantiimmoo sababa uumama dhala namaa yaadachiisuudhaan, jireenya waldha'aa
keessaa gara gara isa tasgabbaa'aatti ,daangaa haalaa ce'ee ,afuuraan akka nammi godaanu
kan godhanu akkaataa haasaa kan dhuunfaasaanii qabu.

Gamabiraatiin, hojjettonni fayyaa, barsiisonniifi dhaabbilee addaddaa jechoota ogummaa


kan gartuulee san qofaaf tajaajiluufi haala ogummichaarraa kan maddetti fayyadamu.
Afaan akkaataa adda ta'eefi haalarrattii hundaa'een gareewwan hawaasaa warm
walquunnamsiisuuf, qaama guddaa amalaafi karaa dursaa walquunnamtiiti. Haasaan
namtokkoo haala keessatti dubbatameefi dhimma walquunnamtii mul'isuurra darbee
caasaalee afaaniifi sona aadaalee waan mul'isuuf dalagaalee garee hawaasaa nihutuba;
niqindeessa; akkasumas to'atee sirreessa.

Haata'umalee, qoodammi hawaasaa kamiyyuu hiika afaan hawaasaaf qabu hubachuun

barbaachisaadha.Booniiviilaa'in yaada kan yon ibsu,

"Alaan hawaasa tokkoo fayidaa kennurraa kan maddee hiika gosa sadii
qabaata.Isaanis,hiika haalarratti hundaa’e caasaa afaanii isa baranwR gidduga
Jeessa godhachuudhaan kan dhihaatu, hiika hawaasa bu'uureffate"akkaataa qodammii
hawaasaa kannen saadaan, umuriidhaan,sanyiidhaan , hojiiwwan, amantiifi kkfn
afaanitti fayyadaman kan giddugaJeessa godhateefi hiika aadaa faana bu'eejechoonni
gaaleewwan hawaasichi itti fayyadamu kan dhimma mallattummaatiif ooludha ... hiika
kanneen sadaan hawaasa tokkoo keessatti walsimsiisuudhaan fayyadamuu dand’uun
darbiinsa odeeffannoo qabatamaa gartuu hawaasaatiif fayyadu tokkootiif tumsa
godha." (Booniiviili'aan, 1993)

Hawaasaa qaroome keessatti qoodammi hawaasaa kan eenyummaa sanyiifi bu'uureffate


bal'inaan waan calaqqisuuf aadaafi afaan tasgabbii hinqabaatu. Akkuma qaroominni baballataa
deemeen waan haaraa uumuun akka hawaasni faana bu'u gochuun waan hinoolle. Kun ammoo,
akkuma waanti haaraan ba'een tokko moofessuun yeruma hunda jijjiirama keessa jiraachuuf
haala mijeessa; tasgabbii dhabsiisa jechuudha. Seera afaaniis ta'ee haalli afaan keessatti dhimma
baasu mimmijaa'uufi jijjiiramuurraan kan ka'e boora'aa deema. Hawaasa aadaafi afaan
tasgabbaa'aa qabu tokko keessatti garuu, sona hawaasaa dhaabbataan tokko dhaalootaaf waan
darbuuf beekumsi, aadaan, duudhaan, muuxannoofi caasaan afaanii ofiiffeefi kan hinboorofne
(uneorrupted) tokkotu mul'ata. Kanas ta'ee sana, walitti dhufeenyi afaaniifi haala qabatamaa
hawaasaa garaagarmmaa afanii bu'uureffata. Garaagarummaan kun ammo, addaddummaa
haallan afaan keessatti fayyadameefi qooddiwwan hawaasaa (social class) irratti hundaa'a.

Deebiin gaaffiiwwan armaan oliif kennite sirrii ta’usaa mirkaneeffachuufi hubannoo mataduree
Loogota hawaasummaa jedhurratti argate bal’ifachuuf barreeffama itti fufee jiru qalbii
guutuudhaan dubbisi.

B. Looga Naannoo
Karaa birootiin immoo loogni haala taa’umsa lafaa/naannoon kan ka’e uumamuu ni danda’a.
Akkuma beekamu hawaasni sababoota garaagaraarraan kan ka’e walitti dhihaachuu dhiisuu ni
danda’a. Fakkeenyaaf, faageenyi karaafi haalli qilleensaa rakkoo kanaaf sababa ta’uu malu.
Sababoota ka’an kanaaf, hawaasni kunniin akka barbaadetti walitti dhihaachuun yaada wal-
jijjiiruu, meeshaa wal-irraa bituu akkasumas gaddaafi gammachuu walirratii hirmaachuu dhiisuu
danda’u. Kanarraa ka’uun hawaasa naannoo tokko jiru osoo hin beekin haala dubbiifi jechoota
mataasaa uumaa deemuun isaa kan oolu miti. Kanaarraa ka’uun loogni uumamu immoo looga
naannoo jedhama.

Gilgaala

Yaada/ibsa armaan olitti dubbifte bu’uura godhachuun gaaffiilee itti fufanii jiran deebisi.

1. loogni naannoo maalini? Akkamittis uumama?


2. Akka Afaan Oromootti taa’umsoonni lafaa uumamuu loogawwan naannoof sababa ta’an
maal faati?
3. Akka Afaan Oromootti loogawwan naannooti jettee kanneen yaaddu tarreessii ibsa
gaggabaabaa itti kenni.

2.6 Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo

Afaan tokko Uumamumaan loogwwan garagaara qaba. Kunis kan ta'u sababa adda
adaatiin akka ta'e hayyoonni xiinqooqaa ni’eeru. Holmes (1992) akka lafa kaa'etti garaa
garummaan loogaa Afaan tokko keessatti bifa lamaan uumama. Isaanis, looga
naannoofi looga hawaasuuaati. Loogni naannoo, fakkeenyaaf, kan dhalatu namoonni
afaan tokko dubbattan haala taa'umsa lafaafi sababa addaa addaatiin walirraa fagaatanii
jiraatan giddutti. Sabani Oromoos biyyaa Itiyoophiyaa keessa kallatti arfanuun
fageenya adda addaarra waan jiruuf loogawwaan akkanaan uumaman ballinaan
nimul'atu.

Fkn. Wallaggaa Harargee


Damma Dayimma
Nagaa Nagaya
Koo Kiyya
Taphadhu haasa’i
Garaa garummaan loogawwanii Afaanotaaf tahii uumamaa haata'uyyuu malee
garaagarummaa loogawwanii kara waaltinaa dhiphisuun akka danda'amu hayyoonni
xiinqooqaa nihubachiisu. Kanaaf, garaagarummaa loogawwan Afaan Oromoo gidduutti
mul'atu caalaatti xiqqeessuuf irratti hojjetamuu qaba.

Afaan tokko keessatti garaagarummaan loogaa sababa addaa addaatiin akka mul'atu
armaan olitti eeramera. Haaluma kanaan, Afaan Oromoos Itiyoophiyaa keessatti
baayinaan kan dubbatumu akka ta’eefi dubbattoonni Afaanichaas bal'inaan biyyattii
keessa faca'anii akka jiraatan Gragg (1976) ni'eera. Hayyuun 'crystal' (1987) jedhamus
Afaanichi afaanota 169 murteesso ta'an addunyaa keessa tokko akka ta'e ibsa.

Haata'u malee, loogni Afaan Oromoo waalta'u akka qabuus hayyoonni ni’ibsu.
Baayyeen (1994) akka jedhutti Afaan hojii mootummaa naannoofi kan barnootaa
haata'u iyyuu malee waaltinni akka isa barbaachisudha.

Haala loogawwan Afaan Oromoo beektonni tokko tokko akka armaan gadiitti ibsu.
Isaan keessaa Bender (1976) bakka shanitti qoodee kaa'a. Isanisi Macca (western).
Tuulama (centera1), Walloo, Raayyaa (northern), Hararge (Eastern), Arsii, Gujiifi
Borana (southern) akka ta'an mul'isa.

Kara biraatiin Dabalaa Goshuu (2003) Lorel (1994) wabefachuun Loogawwan Afaan
Oromoo bakka kudhanitti qoodee kaa'a. Isanis: 1 ffa. Oromiyaa dhihaa- -Raayyaa,
Walloo, waallaggaa, shawwaa, 2ffaa. Oromiyaa bahaa _ Harargee. Arsii 3 ffaa. Oromiyaa
kibbaa - Borna, Garba, Orma, Waata. Loogawwan kana keessa ja'a Itoophiyaa keessa
warra jiran yoo ta'u warri hafan "afran Itiyoophiyaan ala keeniyaafi Somaaliyaa
keessatti warra dubbatamanidha.

Gabaabumatti garagarummaan loogawwan Afaan tokkoo sadarkaa garaa garaatti


nimul'atu. Kanaaf kan Afaan Oromoos sadarkaalee garaagaraatti ilaaluun nidanda'ama.

Gilgaala

1. Looga Afaan Oromoo naannoo keetti dubbatamuufi looga Afaan Oromoo naanoo
birootti dubbatamu tokko walbira qabiiti garaagarummaa isaanii addeessi.
2. Garaagarummaa looga Afaan Oromoo naannoo keetti dubbatamuufi looga Afaan
Oromoo naanoo birootti dubbatamuurratti ilaalchi kee maal akka ta’e ibsi.

2.6.1 Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa


sagalee

Akkuma qooqilee garagaraa keessatti argamu garaagarummaan loogaa kan Afaan


Oromoos sadarkaa sagaleetti ni mul'ata. Fakkeenyaaf, jecha dhadhaa jedhamu yoo
ilaale loogawwan Afaan Oromoo hedduu keessatti kan mul'atu yoo ta‘e iyyuu bakka
tokko tokko keessatti dubbachiiftuu /a/ dhaan sagalee (dha) bakka buusu.

Fakkenyaaf, Dhufe-Ufe
Dhabe- Abe
Nyaadhu Nyaa’u
Kana malees jechoota ‘kun’ kana eenya jedhu yoo ilaalle loogawwaan addaa addaa
keessatti bifa gara garaan waamamu.

Gujii Arsii/Baale Hararge Walloo Raayyaa Tuullama Macca

Kuntun Kun/kana Kun/kana Kun/ Kun Kun/tun/ Kun/


kana kana tana/kana kana
eennu eenyu eenyu eenyu eenyu eenyu eenyu

Madd. Wiirtuu jildii 7ffaa

2.6.2 Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa


Latii/dhamjechaa

Akkuma sadarkaa sagaleettti jiru garaagarumman loogawwan afaan Oromoo sadarkaa


latiittis ni mul’ata. Keessumaayyuu latii heeddummeessa irratti caalmaatti ni calaqqisa.
Fakkeenyaaf, loogawwan tokko tokko keessatti heduumina agarsiisuuf gaaffilee,
kitaabolee yoo jehdan warra biro keessatti ammo gaaffiiwwan, kitaabawwan jechuun
heddummeessudha.

2.6.3GaraagarummaaLoogawwan Afaan Oromoo sadarkaa Jechaatti


Mul'atan.

Sadarkaa jechaattis gaaraa garummaan loogawwanii Afaan Oromoo keessatti ni


mul'ata. Heddummina isaas yoo ilaalle, isa sadarkaa kaan irratti mul'atu baayyee kan
caaluudha. Afaan oromoo keessatti hiika waan tokkoof jechootni hedduun loogawwan
adda addaa keessa akka' jiran beekamaadha.

Fakeenyaaf

Nadheen- na’een, beera, dhalaa, niitii, dubartii, niitee

Hedduu-baay’ee, guddaa, baayyee, daanuu. Sa’a-loon

Hoolaa, bushaahee Hojii, jiruu, dalaga. maayii, dhimma, kkf. Sababa addaa addummaa
loogawwanii irraa kan madde, jechi tokko loogawwan garaa garaa keessatti darbee
darbee hiikaa addaa addaafi suukaneessaa ta’e osoo qabaatuu ni argama, Fakkeenyaaf-
jechi xeerii jedhu loogawwan addaa addaa keessatti hiika mi'a garaa yoo qabaatu looga -
gara Arsiitti garuu jecha hiika saalfii/safuu (laboo) qabuu ykn qaama wal hormaata
dubartiif akk ta'eedha. Walittiqabaatti sadarkaalee garaagaraatti addaa addummaan
loogaa Afaan Oromoo keessatti akka mul'atu eeramee jira. Garummoo garaagaarumma
loogaa mul'atu kana dhiphisuuf hojiin hojjetamaa yoo jiraatellee hagas mara jajjabeessa
kan fakkaatu miti. Haata'uutii garuu akka hayyuuleen xinqooqaa tokko tokko ibsanitti
loogawwan Afaan tokko keessa jiran osoo hinwaalta’iin yeroo dheeraadhaaf yoo turan
folloqanii gara afaan biratti jijjiiramaa deemuullee akka dand'aniidha. kanaaf guddinaaf
dagaagina Afaan Oromootiif akkasumaa tokkummaa sabichaa jabeessuuf jecha
Afaanicha waaltessuun lammii mararraa iyyuu gumaacha guddaa eegamuudha.
2.6.4. Garaagarummaa loogawwan afaan oromoo sadarkaa
himaatti mul'atan.

Garaagarummaa garee himoota armaan gadii ibsi:

Garee I

a) Akkam jirtan? b)Akkam jirtu?

Garee II

a)Jaarsoliin jarreen waldhabde sana araarsite.

b) Jaarsoliin jarreen waldhaban sana araarsani.

Garee III

a) Jireenya keenya akka fooyyeffannuuf mootummaan deegarsa


barbaachisaa nuuf godheera.

b)Jireenya keenya akka fooyyeffannuuf mootumman deegarsa


barbaachisaa nuuf gootee jirti.

BOQONNAA SADII: AFAAN WAALTESSUU


3.1. Maalummaa waaltina Afaanii

Afaan kamiyyuu loogota adda addaa qabaachuun kan oolu miti. Garuu loogonni afaan tokko
keesatti argaman babal’achuun waliigaltee dhorkanii afaanota adda addaatti akka hinfoxxoqne
eeguun qabxii dagatamuu hinqabneedha. Sababni kun barbaachiseefis, tokkummaafi jaalalli
hawaasichi waliisaaf akkasumas afaanichaaf qabu akka hinlaafneefi. Kanaafuu afaan
walteessuun barbaachisaadha. (Yule, G. 1996)

Afaan waaltessuu jechuun afaan looga garaa garaa qabaatee garuu saba tokkoon dubbatamu
haala garaagarummaa hinfinneen akka sabni sun itti fayyadamuuf haala mijeessuudha. (Fasol,
1984). "Standardization is the process of one variety of a language becoming widely accepted
through out the speech community as asupera- dialetial norm the 'best' form of the language
rated above regional and social dialects" Fasol (1984: 19) Akkaataa hayyuun kun mul'isutti
afaan waaltessuun loogawwan afaanichaa mara keessaa isa caalaatti uumanni itti waliigalu
filachuun hojiirra oolchuudha.

Asher (1994) akka ibsuttis afaan waaltessuun loogawwan afaan sun qabu keessaa tokko
filachuun haala walfakkaataa ta'eefi uummaticha biratti fudhatama qabuun akka
tajaajiluuf hojjechuudha. Haala kanaan, loogni hojiirra yoo oole afaan waalta'e akka
jedhamu hayyuun kun ni ibsa.

Hayyuu biroon Wardhough (1992) immoo waaltina akka armaan gadiitti hiika; Afaan tokko
waalta’e kan jedhamu yoo afaanichatti seeraan itti fayyadamuun danda’ameedha. Akka yaada
hayyuu kanaatti, waaltinni yeroo kan fudhatuufi guddina caaslugaa, qubeesaafi kkf waliin kan
walqabatuudha.

3.2. Barbaachisummaa Afaan Waaltessuu

Afaan waaltessuun fayidaa hedduu qaba. Tokkummaa uummata afaanichaan waliigaaluu


cimsuuf, eenyummaa isaanii calqqisiisuuf, amantaafi aadaa isaanii gabbisuufi guddisuuf,
waliigaltee salphisuuf, barsiisuu salphisuuf, saba tokko guddisuuf, kkf afaan waaltessuun
dhimma ijoodha. Yaada kanaan kan walqbatuu Wardhough (1992) akkaanaan ibsa: "The
standardization, process forms a variety of functions, It unifies individuals and groups within a
large community, Therefore, it can be employed to reflect and symbolize some kind of identify:
regional, social, ethnic or religious.” Wardouogh (1992:31)

Karaa biroon ammoo Milory (1999) tuqee Mokonnin (2002'15) irratti akka ibsutti
waaltinni adeemsadha. Afaanota warra du'an irrraa kan hafe afaanni martuu kan
jijjiiramu waan ta'eef, hojiin waaltessuu itti fufiinsa qabaachuu qaba. Afaan waaltessuuf
ammoo wantoota barbaachisan Wardhough (1992) akka armaan gadiitti kaa'eera.
Isaanis:

1. Barbaachisummaa (vitality) - Afaan kun barbaachisummaa qabaatu yoo warri


afaanichaan waliigalan jiraatan qofa. Kanaaf, dhimmi waaltessuu kan ilaallatu
afaanota warra jiran qofa haata'u iyyuu malee kanneen jiranis akka guddataniif
qooda qaba.
2. Seena qabeessummaa (Historicity)- dubbattoonni afaan tokkoo afaan isaanii
eenyummaa isaanii, seenaasaani, amantaafi aadaasaani ibsuu akka danda'u amananii
fudhachuufi itti fayyadamuu ilaala.
3. Addummaa (Autonomy) - amalli afaani kan walfakkaatu you ta’ellee afaan tokko
warri dubbatani Afaanni isaanii afaanota kan biroo irraa adda kan ta'eefi saba sana
qofa kan ibsu- ta'uu qaba.Kun ammoo garaa ofdanda’uu jedhama.
4. Hir’isuu- Kun ammoo kan ibsu loogni tokko qophaadhuma isaa guutuu kan ta'u osoo
hintaane, loogawwan afaan sana keessa jiran waliin akka dhaabaafi dagalee ta'ee kan
fayidaa laatu ta'uu isaati.
5. Makinsa (mixture) - ilaalchi dubbattoonni afaan tokkoo gama qulqulina looga
isaaniin qaban ammoo makiinsa jedhama.Uummata afaan tokkoon waliigalan
keessaa garri tokko akka gaariitti kan dubbatan yoo ta'an kunis sadarkaa gaariitti itti
fayyadama afaanichaa kan agarsiisu ta'a. Kaan ammoo haala sirrii hintaaneen
dhimma itti ba'u. Warri sirritti hindubbanne 'poor speakers' immoo sadarkaa
xiqqaarra jiraachuu isaanii mul'isa.

3.3. Akkaataa afaan waaltessuu

Afaan tokko haala lamaan waalta’uu danda’a. Inni duraa, addeessuudhaan (discriptive)
waaltessuu yoo ta'u, inni biroon ajajaan waaltessuudha,(prescriptive).Addeessuudhaan
waaltessuu jechuun, haala itti fayyadama afaanichaa warra dhimma itti ba'an
barsiisuudha. Ajajuun ammoo hojiirra oolmaa waaltinaaf jecha seerri isaa kana jechuun
kaa'uudha. Seerri kunis kan irratti rawwatamu warra afaanicha fayyadaman irratti. Kana
ilaalchisee, akka Mokonnin (2002) Crystal (1987) waabeffachuun ibsutti, afaan
waaltessuuf karaa filatamaan, fayyadamtoota afaanichaaf gorsaafi odeeffannoo ga'aa
kennudha. Garuu hojiin waaltinaa akka galma ga'uuf ajajuunis barbaachisaadha.
Karaa biraan ammoo, hayyuun Stewart, (1976) adeemsi afaan waaltessuu karaa idileefi
miti idilee ta'een akka raawwatu ibsa. Akka ibsa hayyuu kanaatti idileedhaan
waaltessuun qorannoo saayinsawwaa geggeessuun itti yaadameefi karoorfameeti; miti-
idileedhaan waaltessuun garuu osoo itti hinyaadamiin hawaasi afaanichaan waliigalu
jiruufi jireenyasaa guyya guyyaa keessatti itti fayyadamuun kan ta'udha.

3.4 Afaan tokko waaltessuuf adeemsawwan barbaachisan

Afaan waalteessuuf sadarkaaleen keessa darbamuu qaban kanneen armaan gaditti duraa duubaan
argamanidha.

3.4.1 Filannoo looga bu’uuraa

Afaan waaltessuu keessatti hojii ijoon looga ykn loogawwan bu'uuraa filachuudha.
Loogawwan kunneen waaltina afaanichaaf ga'ee guddaa waan qabaniif jalqabarratti
ofeegannoodhaan isaan filachuun murteessaadha. Mokonnin (2002) Anser (1974)
eeruun akka ibsutti, afaan tokko waaltessuuf haala armaan gadiin loogawwan filachuun
barbaachisaadha. Yaada kanarratti yaad-iddamoota lamatu jira. Isaanis:-

Haa tahu malee, Inni lammaffaan garuu loogota hunda haala walqixa ta’een waan ilaaluuf
mormii hawaasa gidduutti ka’urraa walaba tahee argama.

 Loogawwan afaanichaa keessaa tokko filachuufi guddisuu- yaad-iddamni kun


fudhatama baay’ee hinqabu. Sabani isaas, hawaasni loogawwan garaagaraa dubbatan
looga mataasaanii guddisuu waan barbaadaniif hawaasa gidduutti mormii kaasuu
dandda’u.
 Loogawwan jiran keessaa walitti babaasuun kan hunda walitti fiduu danda'u looga
haaraa uumuu yaaluu- yaadiddamni kun garuu, loogota hunda haala walqixa ta’een
waan ilaaluuf mormii hawaasa gidduutti ka’urraa walaba tahee argama.

Tooflaa armaan olii fayyadamuun looga bu'uuraa filachuun rakkoo inni qabu Mokonnin
(2002) Anser (1977) wabeeffachuun akkanaan ibsa: loogni afaan tokkoo akka
bu'uuraattii filachuuf ulaagaalee kanaan gaditti tarreeffaman guutuu qaba. Ulaagaleen
kunneenis:
 ragawwan barreeffamaa qabaachuu
 tajaajila sabquunnamtii laachuu
 uummatichi akka bu’uuraatti kan ilaaluufi ilaalcha gaarii kan qabuuf ta’uu

3.4.2 Moggaasuu/koodii bakka bu’insaa kennuufii

Dhaabbileen barnootaa guuboowwan jechaa, kitaabilee seerlugaafi barnootaa kkf


qopheessuun adeemsa waaltinaa keessaa hojii ijoodha. Sababnisaas, lammiileen mana
barumsaa jiraniif barnoota barbaadan haala waalta'aa ta’een yoo shaakalan carraan
babal’inni waltina afaanichaa niguddata.

Moggaasa qubee - Afaan tokko walta’uuf qubee looga hundaaf ta’u qabaachuun og-barruu
barreeffamaa qabaachuun isaa dhimma murteessaadha. Qubeen afaan tokko bakka bu’uuf
filatamus ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:

 Barattootaaf kaka’umsa kan kennu ta’uu


 Afaan dubbatamu sana barreeffamaan bakka bu’uu danda’uu
 Ittiin barachuuf sirriitti kan mijatu ta’uu
 Sagaleewwan dubbii jiran mara ofkeessatti qabachuu fa’i.
Gabbisuu/moggaasa jechootaa - Jechoota afaan tokkoo karaa adda addaatiin gabbisuun
nidanda’ama. Isaanis: ijaarsaan (fkn xiinxala+sagalee=Xiinsaga, saba+lammii=sablammii),
uumhortee (qorannoo, qorattoota, qorataa, qorattuu, qorachuu, qoratan, qorattan), hiika bal’isuu
(hiika duraan qaburratti hiika haaraa dabalachuu/hiika duraanii gadhiisuun hiika biroo argachuu),
gabaajee (BBO=Biiroo Barnoota Oromiyaa), jechoota haaraa uumuu, ergifachuu(Yaadotaafi
meeshaalee biyyoota guddatan irraa dhufaniif jechoota yemmuu dhaban akka afaan isaanii waliin
deemutti jijjiirama xiqqoorratti fiduun ergifatu yookiin maqaa moggaasuf). Jechoonni maqaan
kennameef kunneenis, bakka giddu-galeessa ta’e tokkorraa gara loogawwan hundaatti tamsa’uu
qabu. Fakkeenyaaf, terminooloojii afaanii, Herregaa, Keemistirii, Baayooloojiifi kkf
qopheessuufi galmee jechootaa mataasaanii akka qabaatan taasisuun baay’ee murteessaadha.

3.4.3 Hojjirra Oolchuu/Ibsa Fayidaa


Afaan tokko waalta’ee kan jedhamu loogni bu’uuraa filatame manneen hojii
mootummaa, Paarlamaa, manneen murtii, waajjiraalee barnootaa mara keessatti yoo
hojiirra ooledha. Kun immoo looga filatamerratti karaa qorattoota xiinqooqaatiin
jechonni teeknikaafi saayinsiin walqabate qoratamee akka dabalamuuf nidirqisiisa.
Kanaaf, ibsa fayidaa jechoota akkanaas warra dhiimma itti ba’aniif kennuun nifayyada.
Haalawwan armaan olitti duraa duubaan ibsamaniin afaan walteessuun erga yaalamee booda,
hayyuullee xinqooqaa, hayyuulee barnootaa, barreessitoota ogbarruufi abbootii taayitaatiin
hojiiraa ooluu qaba jechuudha.

3.4.4 Fudhatama Horachiisuu/Kunuunsa

Loogni bu'uuraa akka waalta’uuf filatame tokko hawaasa afaanichaan waliigalu biratti
fidhatama kan qabu ta’uu qaba. Kun yoo ta’e ammoo afaan waalta’e sun hawaasichaaf
akka mallattoo eenyummaafi hundee tokkummaatti; akkasumaas akka mallaltoo
walabummaa ta’ee nigargaara. Akkuma beekamu namni tokko midhaan facaasee hamma inni
firii barbaachisu argamsiisutti tajaajilarraa eegamu nikennaafi. Haaluma kanaan, yemmuu
ilaalamu, afaanis waltaa’eera jennee biraa deebi’uu osoo hintaane, qaamoleen dhimmi kun ilaalu
kanneen akka sab-quunnamtiifi Akkaadamii Afanii kallattii adda addaan keessatti hirmaachuun
kunuunsuun irraa eegama.

3.5 Loogni tokko akka looga bu'uuratti akka filatamuuf/hinfilatamneef


wantoota dhiibbaa geessisan.

Galmeewwan barreeffamaa, meeshaa sub-quunnamtiifi fedhii namoonni Afaan sanaan


walii galaniirra dhaabachuun loogi ykn loogawwan afaan tokko akka bu’uuraatti filamuu
malu. Haata'u malee, filannoo loogawwaniirratti wantoonni dhiibbaa fidan isaan kanaa
gaditti argamanidha.

3.5.1 Galmeewwan Bareeffaman


Afaan keessumaayyuu dubbiin uumamuma isaatiin akka jijijjiiramu qorattoonni ni’ibsu.
Kanaafuu, afaan waaltessuu keessatti loogawwan barreeffama qaban carraan filatamuu
isaanii kan warra barreeffama hinqabnee caalaa olaanaadha. Kanarratti 'Ansre' (1974)
akkanaan yaada isaa ibsa: Yeroo baayyee waaltinni kan irratti hundaa'u loogawwan
haasa’aman caalaa kanneen barreeffama qaban irrattidha. Kanaaf, loogawwan
barreeffama qaban waaltina afaanii keessatti qooda guddaa qabu.

3.5.2 Meeshaa Sub-qunnamtii

Meeshaaleen subquunnamtii kan akka Raadiyoo, Televisionii, Gaazeexaa, Barruulee


gaggabaaboon addaa adaa Afaan waaltessuu keessatti ga'een isaan qabaatan baay’ee
ijoofi murteessaadha. Yaada kanaan kan walqabate Mokonnin (2002) hayyuu 'Karman'
(1974) wabeeffachuun akkanaan ibsa “… exert a decisive influence not only on the
spread of the national language, but also on the form in which it is ultimately accepted
by public". Kanarraa kan hubachuun danda'amu meeshaaleen sub-qunnamtii guddinaafi
waaltina afaanii keessatti ga'een isaanii akka laayyootti kan hinilaalamneedha. Haaluma
kanaan, yoo ilaalle meeshaaleen sub-qunnamtii biyya keenyaas waaltina Afaan
Oromoof ga'e olaanaa ba'uun akka irraa eegamu hubanna.

3.5.3. Ilaalcha namoota afaanicha dubbatanii

Afaan tokko akka waalta'uuf warri afaanicha dubbatan qooda guddaa gumaachuturraa
eegama. Sababiin isaas, afaanicha waaltessuuf loogni giddu-galeessa ta'e tokko yoo
filatamu, gareen loogni kansaanii ta'e hinfilatamin hafe ilaalcha masaanummaa kan
garee filatameerratti akka hinqabaannedha. Yaada kana irratti wardhough (1992) akkas
jedha: Selection of the norm may prove difficult because choosing one vernacular as a
norm means favoring those who speak Owt vwlety. that also diminished all the other
varieties and possible competing norms and those who use those varieties.'

Kanaaf looga bu'uuraa filachuurratti uummaanni akka hirmaatuufi yaada itti kennu
gochuun barbaachisaadha. Kana malees, loogni filalamu tajaajilamtoonni maraa kan
walii galaniifi giddu galeessa ta'uuturraeegama.

3.6. Afaan 'Oromoo waaltessuuf 'sochii yeroo ammaa ta'aa jiru


Afaan Oromoo yeroo ammaa kana sadarkaan waaltinsaa isa duraan turerraa kan
foyyaa'aa jiru ta'uun wal nama hin mormisiisu. Meeshaalee sab-qunnamtiifi
barreeffamoota garaa garaarraa akka hubachaa jirrutti kallattii inni qabatee jirufi
waaltina kanaafis qaamonni mootummaas ta'e dhuunfaa akka gumaachaa jiraniidha.
Fakeenyaaf, karaa gama mootummaatiin biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa karaa
koree waaltina isaan ogganamuun bu'aa gaarii buusaa jiraachuusaa eeruun nidanda'ama.
Keessumaayyuu, koreen karaa biiroo kanaa sochii godheen maqaa biiroolee, maqaa
guyyoota torbanii, ji'oota waggaa, akkasumas kan biroo haala waaltina qabuun
moggaasee haala walfakkaatuun hojiirra akka oolu taasisuuf akka yaale ibsi ogeeyyii
biiroo kanaarraa argame nimirkaneessa.

Itti dabalees, koree waaltinaa kun hojiiiwwan hayyoonni Oromoo hojjetan addaa addaa
gulaaluun maxxansee hojiirra akka oolaniif qooda isaa gumaacheera, Kunneen keessas
kan akka Afoola Oromoo jildii 1-5), Wiirtuu (jildii. I-7), Mammaaksa Oromoo, wkf
akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda'ama.

Kara biraan, kitaabileen barnootaa kutaa 1 ffaa-12ffaa tti Afaanichaan barraa'anii hojiiraa
jiranis waaltina afaanichaaf qooda gaarii gumaachaa akka jiran ifaadha. Kollejjota
mootummaafi dhuunfaa keessattis moojuloonni adda addaa afaan kanaan barraa'anii
hojiirra oolaa jiru. Isaan kanaan alas, galmeeleen jechootaa garaagaraa, kitabileen
seerlugaa Afaan oromoo, Asoosamoonni addaa addaa, Walaloowwanii fi Afoolotni
hayyootaafi lammii guddina afaanichaatii quqquqamaniin burraa'anii dhiyatan waltinni
Afanichaa sadarkaa ammarra jiru ga'uusaatiif Oolmaan isaan oolan akka laayyootti kan
ilaalamu miti.

3.7. Waaltina Afaan Oromoo sadarkaa amansiisaa irraan ga'uuf wantota


hojjetamuu qaba

Afaan Oromoo waaltessuuf hanga ammaatti wanti hojetame akkuma jiruttti ta'ee, gara
fuula duraatti sadarkaan waaltina afaanicha akka fooyya'uuf hawwaasi,
Mootummaanifi hayyoonni oromoo ammallee shoora olaanaa taphachuu qabu.

Karaa gama mootummaatiin Biroon Aadaafii Tuurizimii oromiyaa sochiwwan jalqabe


haalaan cimsee itti fufuutu irraa eegama. Akkasumaas Biiroon Barnoota Oromiyaa
Qophii sirna barnootaa keessatti loogawwan Afaan Oromoo waalta’an tajaajilarra akka
oolan gochuun daran barbaachisa.

Hayyoonni Oromoos gama isaaniitiin qo'annoofi qorannoo addaa addaa


Afaanicharratti geggeessuufi barreeffama addaa addaa waaltina Afaanichaa gargaaran
gumaachuutu isanirraa eegama. Karaa gama biraatiin ammoo dhaabbileen
sabquunnamtii waaltina afaanichaaf kan ta’u hojiilee bu'a qabeeyyii akka hojjetanirraa
eegama.

Yaada kana irraa kan hubannu hojiirra oolmaa waaltina afaaniif tooftaan garaagaraa
yoo jiratellee, kara manneen barnoota hojiira hayyuuleen meesahaalee barnootaa
qopheessuu irratti boba'an afaan kana waaltessuuf dirqama lammummaa akka irra jiru
beekaanii adda durummaan ykn fakkeenya ta'uudhaan (model for others haala
waalta’aa ta'een afaanicha barsiisuufi guddisu keessatti qooda fudhachuun akka
akka irraa eegamu guddina afaanichaaf kan hinaafutti himuun hinbarbaachisu.

A/ Muummee barnoota ga’eessotaa


Kitaabolee barnootaa qopheessuu fi kilaabolee kanneen gara afaanota sabaa fi sablammoolaa 14 tti
fooyyessuu /jijjiiruu. Afaan Amaaraa irraa
Daree keessillii barsiisola barsiisan leenjisuu fi ramaduu
Afaan barnootaaf mijataa ta’e filuu
Afaan filaatame saniif kitaaba maxxansuu fi gulaaluun raabsuu
B. Muummee sirna Barnootaa (The cuniculem department)
kitaabilee barnootaa keessa deebi'uun haala siyaasaa, ilaalchaafi akka qajeelfama barnoota mootummaa yeroo
saniitti fooyyessllu.
Kitaabota afaan Ingilizii irraa gara Amaaraatti jijjiiraniiru.
C. Muummee Tamsaasa Raadiyoo Barnoota
Afaan Amaaraa guutuu biyyaattii akka babal'atu taasiseera
• Afaanonni akka afaan Oromoo, "afaan walaayitaa fi afaan Tigiree tamsaasa raadiyootiin barnoonni akka
tamsaasamu taasiseera.
D. Dhabbata Meeshaalee Barnootaa Maxxansuu fi raabsu
Kitaabilee Manneen barnootaa hunda maxansuun raabsa.
Kitaabilee barnoota ga’eessotaa maxxansiisuun raabsa.
BOQONNAA AFUR: IMAAMMATAAFI KAROORSA AFAANII
4.1. Maalummaa Imaammata Afaanii

Imaammanni afaanii, afaan mootummaa biyyoolessaafi naannoo keessatti kan qaamni mootummaa kamille itti
gaafatamummaa bulchinsa isaaf seera baasuun murtee ittin kennuu danda’u; akkasumas, afaan dhaabbileen
dhuunfaa tajaajila hawaasummaa gama barnootaan, fayyaaf kennaniifi tajaajila biroo keessatti hojiirra ooluuf
bahuudha. Karoorsi afaanii imaammata afaanii kan kaayyoo, gooroo hawaasa biyyattiif qophaa’erratti
xiyyeeffata. Kanaaf, karoorsi afaanii raawwii imaammata afaanii irratti ga’ee guddaa taphata jechuudha.

Yeroo ammaa addunyaa kanarralti saaynitistoota, artistoota, barreessitoota, namoota siyaasaafi hooggantoota
hawaasaa kan dhiphisaa jiru aadaafi afaanota dhabamaa jiran baraan+ph~. Afaanota addunyaa gara kuma ja'aatti
lakkaa'aman keessaa walakkaqn isaanii jaarraa 21 ffaa keessatti balaan baduu isaan quunnamee jira. Sababoota
hedduun badiinsa kanaaf sababa ta'an keessa: baay'ina saba afaanicha dubbatu, tajaajila afaanichi waliigaltee
idilee keessatti qabu, haala teessuma lafaa hawaasichi irraatti faca’eefi sadarkaa qabeenya hawaasicha eeruun
nidanda’ama. Biyyoonni hedduun hawaasa afaanota hedduu dubbatu qabu. Kana jechuun immoo afaanota
hedduutu biyya sana keessa jira jechuudha, Afaanota kanniin tajaajila isaan biyyattii keessatti qaban
murteessuun barbaachisaadha. Mootummaan tajaajila afaan biyyatti imaammataan ifa gochuu qaba.

4.1.1 Akakuuwwan Imaammata Afaanii


Akaakuuwwan imaammata afaanii ilaalchisee hayyoonni yaada garaa garaa kaa'u,
a/ Insaaykilooppidiyaan Wiikipeediyaa jedhamu imaammata afaanii bakka gurguddaa sagalitti qooduun
kutalee xixiqqaa sagal jala kaa'eera,
bl Hayyuun Richaard Ruiz (1995) jedhamu imaammata afaanii bakka gurguddaa sadi itti qoodcc kaa 'e,
Hayyuun kun qoodama kana nama 'cobarrubias' (1983) jedhamurraa akka fudhate ibsa. lsaanis:

A) Imammata biyya keessaa (Endoglossic policy)


B) Imaammata biyya alaa (Exoglossic policy)
C) Imaammata wal-makaa (Mixed policy)

A) Imaammata biyya keessaa (Endoglossic language policy)


Imammanni afaanii kun afaanota biyya keessaaf iddoo kan kenuudha. Afaan mootummaa kan filatamu
afaanuma biyyicha keessatti dhalattoonni biyyichaa dubbatan keessaa ta'ee afaan sababa adda addaatiin alaa
gara keessaa seenaniif xiyyeeffannaa hinkennu. Biyyoonni afaan hedduu qaban immoo afaanuma biyya
isaanii keessaa tokko ykn lama filachuun afaan mootummaa akka ta'uuf gargaaru. Kunimmoo haala guddina
dinagdeefi hawaasummaa biyyattii safiisiisa. Afaan hojii mootummaa filachuuf baay'inni dubbattoota
afaanichaa murteessaa yoo ta'eyyuu yeroo baay'ee ulaagaan kun akka ijootti hinilaalamu, Ulaagaa kana
hordofaniin imaammanni afaanii qophaa'u immoo imaammata afaan dhalootaa bu’uureffate jedhama.
Fakkeenyaaf, biyyoonni akka Itoophiyaa, Isiraa'el, Somaaliyaafi Taayilaand imaammata biyya keessaa
kanatti fayyadamaa jiru.
Kaayyoo guddaan imaammata afaan biyya keessaa bu'uureffatee:
 Dhalataan biyyatti aadaa, afaan akkasumas eenyummaa isaatiin boonuu akka danda’aniif gargaara.
 Tokkummaa hawaasaafi siyaasaa tasgabbeessuuf gargaara.
 Afaan biyya tokkoo aadaafi naannoo hawaasa abbaa afaanicha dubbatu ibsurratti afaan alaa caalaa
humna qaba.
 Barnoonni biyya tokkoos haala jireenya hawaasichaatiin walqabate bu'aa qabeessa akka ta'uufi.

B) Imaammata biyya alaa (Exoglossic poljcy)


Imaammanni kun akka afaan mootummaatti afaanota biyya alaatiif carraa kenna. Kanas afaan waajjiraalee
adda addaa, barnootaafi akka tajaajila adda addaatti afaan tajaajilu jechuudha. Haalli kun Afriikaa keessatti
kan baay'atu yoo ta'u, isaanis: afaan biyyoota koloneeffaneeffataa turanii kanneen fayyadamanidha. biyyonni
tokko tokko afaanota biyyaa keessa jiran keessaa kan hawaasni waliigaltee bal'aaf itti fayyadamu yoo
jiraachuu baate garaa afaan biyya alaatti fuula isaanii deebifatu. Biyyoonni kunniin afaan biyyoota duraan
isaa bitaa ture akka afaan mootummaatti, barnootaafi tajaajila adda addaatti fayyadamu. Akka fakkeenyaatti,
afaan biyyoota Ingilizii, Faransaayiifi porchugaal akka afaan mootummaatti fayyadamu. Biyyoonni imaamata
kana hordofan Gaanaa, Ugaandaa, Naayijeeriyaafi kan kana fakkaatanidha.

C) Imaammata Walmakaa (Mixed policy)


Biyyoonni imaammata afaanii walmakaa qaban biyyoota qooq-lameedha. Imaammanni biyya alaa afaan
wal-jijjiiruuf iddoo quddaa qaba. Namoonni ilaalcha yookiin xiyyeeffannoo afaan biyya keessaaf
kennan gara afaan biyyaa alaatti deebisa. Kaayyoon imaammata kanaa hir'ina afaan keessaafi alaa
filachuurratti jiru guutuufi afaan giddu galeessatti fayyadamuufi namoonni ittiin hojjetan haala wal-fakkaatu
tokko akka qabaatuufidha. Biyyoonni imaammata kanatti fayyadaman Peeruu, Paaraaguwaay, Oostiriyaafi
Indiyaa fa'i.

4.1.2 Imaammata wal-qixxummaafi daanga’aa

Gama mirga afaanitti fayyadamuu daangessuufi daangessuu dhiisuutiin afaan kallattii lamaan ilaaluun
nidandaa’ama. Isaanis:- imaammata wal-qixxummaafi imaammata daangeffamaa jedhamu. Imaammata wal-
qixxummaa keessatti afaanonni kamiyyuu, guutumaan guutuutti wal-qixa jedhamanii waan amanamaniif,
dubbattoonni afaan kamiyyuu afaan dhalootaa isaaniin tajaajila akka argataniif imaammata hordofamuudha.
Fakkeenyaaf, biyya Afirikaa Kibbaa keessatti afaanonni kudhatokko tahan haala wal-qixa taheen waajjiraalee
mootummaafi tajaajila uummataa kam keessattuu akka tajaajila kennan karoorfamanii hojiirra oolaniiru.
Faallaa kanaan immoo, imaammanni afaanii daangaa’an, afaanota tokko tokko hanga isaan itti guddifamanis
tahe wal-danda’uun tajaajila kennuu dandaa’an daangeffamaadha. Kana malees, bakkisaan itti fayyaduu
dandaa’an raawwatee daangeffamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo ammaa kana biyya Itoophiyaa keessatti
wantoota mul’atan yoo ilaalle, waajjiraalee mootummoota naannoo keessatti afaan hojii tahee tajaajila
kennuu kan danda’u, tokko tokko naannicha keessatti murtaahee jira. Kanaafuu, afaan mootummaa naanoo
tokko keessatti tajaajila kennu isaa biraatti ce’ee dhimma baasuu hindanda’u. Garuu bakki adda tahe tokko
tokko jiraachuu nidandaa’a.

4.1.3 Qajeelfamoota imaammata afaanii qopheessuu


Mataduree darbe keessatti waa’ee imaammata wal-qixxummaafi daangaa’aa ilaaltee jirta. Kanatti aansuun immoo
imaammata afaanii qopheessuf qabxiilee xiyyeeffatamuu qaban ilaalta.

Biyyota rakkinni imaammata afaanii qopheessuu jiru keessummaa biyya Afirikaa keessatti walga’ii biyya Zimbaabuyee
keessatti bara 1997 geggeeffameen qajeelfamni bahe kan asitti aanee jirudha.

 Imaammanni afaanii hundinuu mul’ata biyyi tokko qabdu haala amansiisaa taheen gara fuula duraatti kan
tarkaanfachiisu tahuu qaba.
 Biyyi kamiyyuu imaammata afaanii mul’ataa tahe qabaachuun afaanota biyyattii keessa jiran keessaa kamtu
eessatti tajaajila kennuu akka danda’u beekamuu qaba.
 Qajeelfamoonni imaammata afaanii qopheessuufi hojiirra oolchuuf bahan marti labsii qaama mootummaan
mirkanaa’uu qaba.
 Imaammanni biyya kamiiyyuu jijjiirraadhaaf kan ofqopheesse tahuu qaba.
 Qaamni imaammata afaanii qopheessuufi hojiirra ooluusaa ta’atu sadarkaa biyyaatti jiraachuu qaba.

Walumaagalatti, biyyoota guddataa jiran keessatti qajeelfamni afaanii kan barbaachiseef, rakkinaawwan kallattii
imaammata afaaniin mul’atu furuufidha.

4.1.4 Imaammata afaanii itoophiyaa keessatti

Kutaa kana keessatti imaammata afaan barnootaa biyya Itoophiyaa keessatti maal akka tureefi maal akka
fakkaaturratti xiyyeeffanna. Kana jechuun imaammata afaanii warraaqa duraafi booda ture ilaaluuf yaalla
jechuuf yaadameeti. Imaammata afaanii Itoophiyaa keessa warraaqsa 1974'n dura ture bakka lamatti qooduun
ilaallu nidandeenya. Isaanis; imaammatni afaanii bara kolonii xaaliyaaniifi bara mootummaa abbaa Gonfoo
keessa ture.

A) Imaammata afaanii bara kolonii Xaaliyaanii keessa ture

Imaammanni mootummaa Hayilasillaaseen dura ture heeraafi seera mootummaatiin beekamee labsiidhaan
waan hinbaaneef, imaammata dhokataa jedhama. Itoophiyaa keessatti jalqaba afaan hojii kan ture Afaan
Gii’iiziiti. Booda garuu Tiwoodiroos afaan hojii mootummaa biyyattii Afaan Amaaraa taasise. Yeroo kolonii
xaaliyaanii keessa (1935-1941 G.C) manneen barnoota mootummaa akka koloneefaattootaaf mijaawaa ta'utti
imaammata afaanii baasanii turani. Akkasumas imaammata afaanii guutumaan guutuuttiyoo tahuu baates,
akka sabaafi sab-lammoota biyyattiitiif mijatutti qopheessuuf yaalaniiru. Haalli kun immoo imaammata
afaaniirratti jijjiirama bu'uuraa fidee ture. Imaammanni afaanii bara 1938 Xaaliyaanotaan ba'e bulchiinsa
biyya Itoophiyaa bakka ja'atti qoodee ture. Isaanis:

1. Afaan Arabaafi Tigiree …………………… Eertiraa keessaatti


2. Afaan Amaaraa..………………………........Amaaraa keessaatti
3. Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa………. …Finfinnee keessaatti
4. Afaan Harariifi Afaan Oromoo…………….Harar keessaatti
5. Afaan Oromoofi Afaan Kafaa……………...Oromoo-Sidaamaa keessatti
6. Afaan Sumaalee …………………………..Hawaasa Sumaalee keessatti

Imaammanni afaanii kun Sabaafi sab-lammiin kamiyyuu afaan dhalootaa isaaniitiin barnoota sadarkaa 1 ffaa
akka barataniif ba'e. Imaammatni kun bara 1936 Gaazexaadhaan biyyaaf labsamee ture.

B) Imaammmata afaanii Bara Mootummaa Abbaa Gonfoo

Imaammanni afaanii bara mootummaa abbaa gonfoo keessa qophaa'e, faallaa imaammata afaanii bara
xaaliyaanii ture. Kana jechuun, afaan sabaafi sab-lammootaa hacuucamuun, afaan murtoofte qofaan
barnoonniifi hojiin akka adeemsifamuuf ture. Innis mamneen barnootaa bakka lamatti qooduun afaan ittiin
barsiifamus daangaa godhate. Mana barnoota aadaa keessatti afaan Gi'iiziifi afaan Arabaa yoo ta'an; mana barnoota
ammayyaa keessatti immoo Afaan Faransaay akka afaan barnootaattii (medium of instraction) akkasumas, Afaan
Amaaraafi Afaan Ingilizii immoo akka gosa barnoota tokkotti akka kennamuuf imaammanni ba’e. Mootummaan abbaa
Gonfoo imaammata afaanii keessati afaanota Awurooppaa akka fayyadamuuf kan isa kakaase:

 Walitti dhufeenya koloneeffattoota Awurooppaa wajjin uumuufi


 Qaroomina warra dhiyaa gara biyyattii fiduuf ture.

Haaluma kanaan, warraaqa bilisummaa Itoophiyaa kolonii xaaliyaaniin booda imaammanni afaanii bara 1941
eegalee Afaan Amaaraa kutaa lamaa jalqabee akka gosa barnoota tokkootti akka barsiifamuuf yoo murtaa'u
Afaan Ingilizii immoo akka afaan barnootaatti akka tajajila kennu taasifame. Itti fufunis, bara 1947 irraa
eegalee Afaan Amaaraa kutaa tokkoo eegalee akka gosa barnoota tokkootti barsiifamuu jalqabe, Haaluma
kana fakkatuun, haaromfamuun heera Itoophiyaa bara 1955 imaammata afaanii ilaalchisee Afaan Amaara
qube mataa isaa wajjin akka afaan barnootaatti tajaajiluuf labsiin bahe. Labsiin kun qabatamaan kan hojiirra
oole naannoo bara 1962tti afaan Amaaraa akka afaan barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-6tti tajaajiluufi Afaan
Ingilizii immoo kutaa 3 jalqabee barsiifamuuf murtaahe. to introduce English at grade 3 on the ground that
introducing/WO languages, namely Amheric and English, simultaneously at grade I would
demanding for non-Amharic "speaking Children. It is also stated in the document that Amheric
would serve as medium of Instruction at 14 the primary level grade 1-6 Alamu H. (2004:9)

C) Imaammata Afaanii Bara Mootummaa Abbaa Irree

Mootummaan abbaa irree haala siyaasa isaaf jecha, jalqabarratti immaammata afaaniii fooyya'aa ta'e qabatee
hojii eegale. Ergamni imaammatasaas, siyaasa mootummaa haarawaa bifa ariifataafi cimina qabuun
tarsiimoo isaa uummata biraan ga’uuf akeekeeti. Haata’u malee, gara qubee laatiniitti erga jijjjiiratanin booda
dafanii guddachuu jalqabani. Jijjiiramni barreeffamaa kun immoo siyaasa kan ofkeessaa qabuufi uummanni
Itoophiyaa harki caalaan Afaan Amaaraa akka afaan bittaatti waan ilaalaniif jijjiirama kana booda laaf'iisaa
adeemani.
Imaammata afaanii bara mootummaa cee’umsaa booda jiru Dr. Alamuun akka armaan gadiiti kaa'aniiru. The
transitional government Ethiopia passed the resolution that every nation and nationalities had the right to use
their languages as media of instruction at the primary level depending on their own deseiol1 "Alamu H.
(2004: 16). Yaada armmaan oliirraa kan hubatamu imaammanni afaanii mootummaa cee'umsaa seeraafi heera
biyyattirratti erga ibsameen booda sabaafi sab-lammoonni afaan isaaniitiin barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-
6tti murtee isaaniitiin akka barataniif ba'e. Kun immoo jijjiirama guddaadha. Keessumaa afaanota sirnoota
darban keessa hacuucamaa turaniiif mootummaan cee'umsaa yerootti ibsaa ibseefidha.

Walaumaa galatti, imaammata afaanii Itoophiyaa keessatti bara waarraaqa Xaaliyaanii qabee hanga har'aatti jiru
keessatti rakkooleen adda addaa akka turaniifi bara mootummaa cee'umsaa keessa jijjiiramni guddaan akka
dhufe ilaallee jirra. Kanaaf, imaammanni afaanii rakkoo dinagdee biyya tokkoof furmaata ta'a jedhamee
yaadama.

Duula Barnootaa- imaammanni afaanii fooyya'aan bara mootummaa abbaa iree keessa ba'e, akka ba’eetti
hojiirra hinoolle. Akkasumas, haala qabatamaa raakkoo biyyattii hiikuu hindandaeenye. Haalli kun yaada warra
Raashiyaa (Markist-leninist) imaammata sab-lammii jedhu fakkeessuuf ture. Duulli barnoota biyyoota baay'ee
keessatti waraana addunyaa lammaffaa' booda jalqabe. Xiyyeeffannoon isaas barnoota bu'uuraa ga'eessotaaf
kennu ture Kaayyoo guddaa duula barumsa kanaa rakkina siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa furuu kan
ofkeessatti qabatedha. Rakkinoota sana keessaa tokko duula barnootaaf afaan inni kami filatamuu akka qabu
xiyyeeffannoon hinlaatamneefi. Akka karoora isaaniitti Afaan Oromoofi Tigiree dabalatee afaanota kudha shan
(15) imaammata afaaniitif baasanii turani.

Qabxii lammaffaan, afaan filatamuuf qubee kamtu mijataadha kan jedhuudha. Afaannoonni muraasni barnoota
al-idilee (bu'uuraatiif) filatamanii qubee saabaatiin akka barsiifaman taa’aniru. Kun immoo afaanota akka Afaan
Oromootiif qubeen saabaa mijaata miti. Fakkeenyaaf, laafaa- jabaa, dheeraa-gabaabaafi kan kana fakkataniifi.
Gabaabumatti, imaammanni afaanii bara mootummaa abbaa irree keessa tures kan bara mootummaa abbaa
gonfoo keessa turerraa baay'ee hinfagaatu. Sababnisaas, imaammanni afaanii mootummaa abbaa irrees afaan
saba muraasaa giddu galeessa godhachun afaan saboota biroorraan dhibbaa geessisaa ture.

D) Imaammata Afaanii bara 1991'n boodaa (Mootummaa Ce'umsaa)

Baroota darban keessa imaammanni afaanii kan baay'ee rakkisaafi rakkinoota aadda addaaf kan saaxilame ture.
Bara mootummaa cee'umsaa (Transitional Government of Ethiopia) keessa imaammanni afaanii kan sirnoota
darbaniirra fooyya'aa dhufe. Kunis kan ta'e: seraafi heera biyyattii keeyyata 5: 1, 5:3 keessatti afaanonni
Itoophiyaa hunduu walqixa beekamtumma akka argatan ibsameera. Boodarra afaanonni Kushiitikiifi Oomootik
baay’ee qubee isaanii qubee laatiniitti jijjiirrataniiru. Keessumaa afaanonni akka Afaan Oromoofi Afaan
Sumaalee kallattumaan.

Inni lammaffaan dhaabbachuu muummee qooqilee Itoophiyaafi Og-barruu yoo ta’u; kunis
afaanota sabaafi sab-lammii akka hinbannnef jedhame kan dhabbaatedha. Inni sadaffaan immoo birkiilce
Minsiteera barnootati. Dhaabachuun birkiilee kanaa afaan karoorsuu galmaan gahlluf dhaabbilee beekamoo
sadii ofjalatti qabatee ture. lsaanisi:- muummee tamsaasa Raadiyoo barnootaa, dhaabbata meeshaalee
barnoota maxxansuuli raabsudha. Imaammanni afaanii kan barbaachiseef afaanonni addunyaa akka
guddataniifi afaanonni akka hinbanne eeguuf jedhameeti.
Imammanni afaaiin akaakuu garaa garaa qaba. Isaanis; Imammata biyyaa keessa, imaammata
biyyaa alaafi imaamata walmakaa kan jedhamanidha.

Imaammata bara koloonii xaaliyaanii keessa ture yoo fudhanne akka bulchinsa xaaliyaaniitti imaammanni
ishee bulchinsa jahatti qooduun haala faca'insaa afaan biyyattiin barnoota kennuuf bastee turte. Kan biroo
immoo Imaammanni afaanii bara mootummaa Haayilesillaassee bifa lama kan qabuudha. Innis kan koloonii
duraafi kan koloonii boodaati. Bara kolooniin dura afaan Faransaay afaan barnoota yoo ta'u Afaan Ingiliziifi
Amaaraa immoo akka gosa barnoota tokkootti kennamaa turan. Kolooniin booda garuu afaan Ingilizii akka
afaan banoolaatti yoo fudhatamu hanga naannoo 1962 Afaan Amaaraa akka gosa barnoota tokkokotti
kennamaa ture. Bara 1962 eegale garuumana barnoota sadarkaa 1ffaa tti afaan barnoota ta'ee eegalame.

Imaammanni afaanii inni 3ffaa immoo imaammata bara mootummaa abbaa irree keessa turedha. Bara kana
keessa imaammanni isaa hanga tokko fooyya'aa waan tureef ummataan fudhatama argachllu danda'ee ture,
kun immoo haala siyaasa isaa tasgabbeesuuf kan godhame malee hanga dhumaatti deemuu hindandeenye.
Akkuma bara mootummaa abbaaa gonfoo afaan tokkoofi biyyaa tokko jedhu waan qabatee tureef afaanota
sabaafi sablammii hacuuccaa guddaan irraatti godhamu itti fuufe ture. Haata'u malee, barnoota bu'uuraa
yookiin duula barnootaatiif afaanota sabaafi sab-lammii kudha afur (14) imaammatni irratti bahu danda'ee
ture. Kun immoo ilaalcha warra Markistleninist) fakkeessuuf malee duulli barnootaa harki caalaan afaan
Amaaraan kennamaa ture.

Walumaagalatti, imaammanni afaaniifi karoorsi afaanii wal-qabatanii kan deeman yoo ta'u; rakkoo guddaan
sabaafi sablammoota afaan adda addaa dubbataa turanirra tureera. Haalluma kanaan imaammanniifi karoorsi
afaanii bara mootummaa cee'umsaa keessa xiyyeeffannoo argateera.

4.2 Afaan Karoorsuu

4.2.1. Maalummaa Afaan Karoorsuu

Afaan karoorsuun filannoowwan jiran keessaa akka filannoo ifaatti ilaalama. Kana keessatti afaanota jiran
waliin madaalsisuun kan gaarii ta'e keessa fudhachuudha. Kun immoo hawaasni haala ifaa taheen dhimma adda
addaatiif itti fayyadamuf filannoo qabaachuu isaa agarsisa. Filannoon hawaasaa kun immoo karoora afaaniitiif
haala mijeessa. Karoorri afaanii afaaniif hiika kennuuf jedhamee jalqabame. Rakkoo afaanii hordofuun akka
fala kennuufis gargaareera. (Jernudd 1973:17, Haugen 1966b:S2). Yaad-rimeen afaan karoorsuu kan alqabame
Impaayera Roomaa keessatti ture. Babal’achuun Impaayera Roomaa biyyoota Awurooppaa keessaatti dhalachuu afaan
Roomaanotaa fide. (Baroota 750Dh.K.D_200 Dh.K.B,) Roomaanonni afaan karoorsuuf osoo hintaane, afaan isaanii
babal’ifachuuf yaadaniitu.

Karoorsa afaanii keessatti afaanonni filatamuun isaanii dirqama yoo ta'aniyyuu hawaasa guutuu biratti fudhatamummaan
isaa mikaana'uu qaba. Kana jechun, afaan karoorfamuuf kun baruuf yeroo hangamii fudhata/salphaatti baratamuusaa,
barreeffamaaf kan salphatu ta'uusaa, sadarkaa uummataattis fudhatamuummaa inni qabuufi ga'umsa tuuta jechootaa inni
qabu ilaalcha keessa galuu gaba. Karoorsi afaanii yeroo baay'ee mootummaan kan keesaatti qooda olaanaa fudhatudha.
Haata'u malee, jijjiirama afaanii keessatti dhaabbanni amantaa, sabaafi sablammootaa, abbootiin qabeenyaafi
dhuunfaanillee qooda keessatti fudhachuu danda'u. Haaluma kanaan maalummaa karoorsa afaani i1aalchisee 'yaada,
hayyuuleen xiinqooqa adda addaa karaa garagaraan kaa'an gabaabinaan you ilaallu;

 Karoorsi afaanii qindoominaafi guddina afaaniitii qophaa'uufi saganteeffamudha. (Dos Guptal, 1973)
 Afaan karoorsuun yaalii hayyuuleetiin guddina afaan tokkoo kessatti, ofii fedhaniraa qajeelchuuf muuxannoofi beekumsa
duraaniirrattii hundaa’uu raaguufi dhiibbaa geessisuun godhamudha. Fishman, 1968:674)
 Karoorsi afaanii jijjiirama afaanii kan itti yaadamee ta’uudha. Kunis sirni moggaasa qubeefi jechaa kan afaansaa
keessatti tajaajilanii dhabbata mirgaafi aangoosaa qabuun karoorfame rakkoo afaan sana keessatti mul’atuuf
furmaata kan ta’u murteessuu jechuudha. (Rubin and jenudd, 1971)

Language planning is deliberate language change; that is changes in the System of


language code 01' speakll1g or both that are planned by organizations that are
established for such purposes or given a mandate to fulfill such purposes. As such
language planning is characterized by the formulation and evaluation of alternatives for
solving language problems to find the best (or optimal) most efficient decisions. (Rubin
and Jurnudd. 1971 .xvi)

 Afaan karoorsuun yaalii rakkoo afaan tokko keessa jiru furuuf godhamu yoo ta'u, yeroo baay'ee sadarkaa
biyyoolessaatti unka, tajaajila yookiin lamaanirratti xiyyeeffachuun kan geggeeffamudha. (Karam, 1974)

 Tarkaanfii afaan tokko waaltessuuf fudhatamu kan filannoo loogaa, moggaasaafi haala tokko tokko
keessattimmoo amala addaa afaan tokkoo ifa baasuufi fayyadamtootaaf tamsaasun kan walqabatedha.
(Gorman 1973)
Walumaagalatti, hikkaawwan afaan karoorsuu hayyoota adda addaatiin kenname kanneen irraa kan hubatamu afaan
kan karoorfamu rakkoo afaanii hawaasa keessatti mul’aturraa ka'ee, hawaasni garaagaraa afaan tokkotti bifa
walfakkaatuun akka itti fayyadamuuf karoorsi afaanii akka barbaachisaa ta'e salphaatti hubatama.

4.2.2 Gosoota Karoora Afaanii

Akka beektonni adda addaa qoodanitti, gosoonni karoora afaanii baay’ee yoo tahanillee, isaan gurguddoo
tahan armaan gadii yaa ilaallu. Isaanis: karoora sadarkaa afaaniifi karoorri korpasii jedhamu.
A) Karoora sadarkaa afaanii (Status planning)- gosti karoora kanaa yeroo tokko tokko karoora
hawaasummaa yookiin karoora alaa jedhamuun waamama. Karoorri sadarkaa faayidaa yookiin bifa
afaanichaa akkasumas mirga namoota afaanicha dubbatanii ni eega. Kaayyoon gosa karoora kanaas,
afaanota biyya tokko keessatti argaman faayidaa adda addaa bakka garaagaraatti akka qabaatan
taasisuudha. Fakkeenyaaf, yeroo hawaasni tokko afaan isaaniin daa’imman isaanii akka hinbarsiifneef
daangeffaman, sadarkaa afaanichaa gadi –bu’a. Faallaa kanaan ammoo wayita mootummaa afaan duraan
hojiif hinoolle, afaan hojii waajjiraa, afaan barnootaa akkasumas afaan qu’annoofi qorannoo taasisuun
beekamtii kennuuf afaanichi sadarkaadhaan oli kaa’aa yookiin fooy’aa adeema. Haalli kun kan nu
hubachiisu, sadarkaan afaanii dhimma adda addaarraan kan kahe ol ka’uu yookiin gadi bu’uu danda’uu
isaati.
Akka qaama siyaasaa biyya tokkootti, karoorri sadarkaa qu’annoofi qorannoo ogeessotaan akkasumas qooda
fudhannaafi gorsa ogeessota xinqooqa hawaasummaafi barsiisotaan kan qophaahudha. Akka beekaan afaanii
Bomgbose (1971:25) ibsuttis, karoorrii sadarkaa afaanii gosoota sadiitu jiru. Isaanis:- afaan hojii, afaan
barnootaafi afaan waliigalaa jedhamu. Karoora afaan hojii adda baasuu keessatti afaan isa yookiin warra
kamiitu hojii waajjiraalee mootummaa keessatti faayyadu qaba jechuun kan karoorsu yemmuu tahu, karoora
sadarkaa barnootaa keessatti immoo afaan isa yookiin warra kamiitu sadarkaa barnootaa kan mootummaa
giddu-galeessaa yookiin kan naannoo keessatti tajaajiluu akka qabu kan wixinudha. Karoorri sadarkaa
waliigalaa kan wixinu immoo karoora afaan yookiin afaanota kamtu hojiiwwan daldaalaa biyya tokkoof,
tajaajila sab-quunnamtii keessaafi alaa akka oolu/oolan kan murteessudha. Karoora sadarkaa afaanii
keessattis, baay’inni qaama hawaasa afaan akka keessatti tajaajila kennuuf filatamuu, caalee argamuu
sadarkaa afaanichaatiif sababa isaa jalqabaati. Qaamoleen hawaasaa filataman kunneenis, mootummaa,
Paarlaamaa, mana murtii,caasaa bulchiinsa mootummaa, barnoota, daldaalafi sab-quunnamtii fa’i.
Walumaagalatti, afaan karoorsuu keessatti, sadarkaa afaanotaa murteessuuf yookiin ulaagaaleen
barbaachisoo tahan kanneen asitti aananii jiraniidha. Isaanis: afaanichi sadarkaa barreeffamaaf ooluu
danda’uu; caas-luga wabeeffatamuu danda’u qabaachuu; afaanichaan barreeffamee kan dubbifamuuf oole
gahaa tahuu; seera barreessuu waalta’e qabaachuu; galmee afaanichaan qophaahe qabaachuufi k.k.f dha.

B) Karoora korpasii (Corpus planning)- Akka Bomgbose (1971:110) jedhutti, gosti karoora kanaa yeroo
tokko tokko karoora xinqooqaa yookiin karoora keessaa jedhamee waamama. Sababni akkas
jedhameefis, sadarkaa afaanichaa gama faayidaarra ooluu qabuun kan xiinxalu osoo hintaane, dandeettii
ijaarsa keessaa afaanichaa gabbisuurratti kan xiyyeeffatu waan taheefi. Qabxiilee karoora korpasii
keessatti raawwatamuu qaban keessaa baay’een kanneen asitti aananii tarreeffamaniidha. Isaanis: qubee
afaanichi osoo ittiin barreeffamee filatamaa tahu qopheessanii dhiheessuu; seera qubeessuu kan
waliigalaa afaanichaa qopheessanii hojiirra oolchuu; seera caasaa afaanichaa erga qorachuun adda
baasanii booda murteessuu; jechoota afaanichaa gabbisuufi ammayyeessuu; galmee jechoota afaanichaa
qofaatti yookiin afaan biraan wal-bira qabanii qopheessuu; qubeewwaniifi jechoota wal-simsiisuu
yookiin waaltessuu; jechoota afaanii babal’isuufi hojiiwwan adda addaa gara afaanichaatti jijjiiramanii
barreessuudha.

Dimshaashumatti, qabxiilee armaan oliirraa kan hubannu, afaan tokko karoora sadarkaa keessatti bakka ol-
aanaa akka qabaatuuf, karoorri korpasii kanaan dura hojjetamee taahe dhihaachuudha. Kanaafuu, walitti
dhufeenyi karoora sadarkaafi karoora korpasii afaan tokko haala kanaan mul’achuu akka danda’uudha.

4.2.3. Barbaachisummaa Afaan Karaoorsuu

Afaan karoorsuun sababoota hedduuf geggeeffama, sababni inni guddaan fedhii hawaasummaafi siyaasaati. Biyyoota
afaanonni hedduun keessa jiran keessatti imaammanni afaaniifi afaan karoorsuun dirqama ta'a.

Yoo afaan karoorsuun hinbarbaachifne sabaafi sab-lammiin biyya tokko keessatti aadaafi amantaa mataa issanii qaban
akka biyyaatti wal hin hubatani jechuudha. Afaan loqodoota hedduu qabu keessatti immoo hojiin afaan karoorsuu
hedduu nama gaafata. Loqodoota jiran keessaa tokko filanii looga waaltawaa kan barnootaa, kan mootummaafi kan
waliigaltee bal'aa gochuun hojii karoorsuu guddaa nama gaafata.

Afaan karoorsuun garaagarummaa loqodoota gidduu jiru salphisuun qaamni hawaasaa martuu akka walqixxee
fayyadaman gochuudha. Afaan karoorsuun sadarkaa mootummaa malee sadarkaa gad-aanuttillee raawwachuu
nidanda'a. Fakkeenyaaf, afaan sabaa, afaan amantaa yoo kan karoorsinu ta'e sadarkaa mootummaatti ta'uu dhiisuu
danda'a.
Barbachisummaa afaan karoorsuu gabaabsinee yeroo keenyu;

 Murtii deebii siyaasa hawaasummaa deebisuuf


 Mirga afaan sabaa fi sab-lammootaa eeguuf
 Jechoota hammayyoomsuuf
 Afaan guutuu biyyaa akka tokkoffaafi lammaffatti filachuuf
 Jechoota wal-fakkeessuuf
 Afaan hojii naannoofi mootummaa giddu-galeessaa gochuuf
 Afaan qorannoofi qo'annoo gochuuf
 Afaan haaromsuuf
 Afaan waaltessuuf
 Afaan eeganii tursuuf
 Qulqullina afaanii eeguuf
Qabxiilee armaan olii irratti dabaluun afaan karoorsuun mootummaafis ta'ee gartuun hawaasaa fedhii fi hawwii
uummanni tokko qabu haala Walqixxummaadhaan yoo ilaale garaagarummaan afaanii sabicha keessa yoo jiraateyyuu,
carraa dhimmoota hojii mootummnaarratti hirmaachuu fi mootummaaf tajaajila kennuu qaba.

…Both governmental and social institutions must effectively and equitably meet the need
of the population so that groups varied in linguistic rep1rloire have an equal 0f
Opportunity to participate in their government an to receive service from their
government. (Fosold, 1984:272)

Walumaagalatti, afaan karoorsuun hojiilee qo'annoo afaaniifi adeemsa isaatti hiika kennuu danda'a yaada jedhu of
keessaa qaba.

4.2.4 Yaadolee Afaan Karoorsuu

Barataa/ttuu, kutaan kun ammoo afaan karoorsuu lamaan si barsiisa. Kanaaf, mata dureen kun kaayyoolee asitti aananii
jiran waliin siif dhihaateera.

Biyyoota afaan hedduu qaban keessatti afaan siyaasa mootummaafi akka meeshaa giddugaleessaatti (medium of
instruction) barnootaaf fa'u filachuun yeroo hunda rakkina addunyaa bal'aati. Hayyoonni hedduun biyyoota af-hedduu
ta'an keessatti af-hedduun barnoonni akka hinmilkoofneef sababa hintahu waan jedhaniif of-eeggannoo guddaadhaan
hojiin karoorsa afaanii akka itti adeemamuu qabu lafa kaahu. Haaluma kanarraa ka'uun, beektonni karoorsa afaanii
tooftaa lamaan jiru keessaa tokkoon karoorsuun akka danda'amu ibsu.

Fuuleeffannaa Meeshummaa Afaanii (The Instrumental Approach)


Dhiyaatinni meeshunmaa kun kan baay'ee deeggaramudha. (Tauli, 1968) afaan bu'uurumaan akka meeshaatti ilaalama.
(Ray, 1963 and 1968) afaan you waalta'e dubbiin nisalphatti jedha. Xiyyeeffannaan tooftaa kanaa afaan walquunnamtii
keessatti akka meeshaatti tajaajiluun afaaniifi qulqullinni haasaallee shoora guddaa akka qabu irrattidha. Afaanonni
tokko tokko maalaallii bareedinaa, iftoominaa (clarity)fi qabeenyaan nifilamu. Yoo kun hindanda'amne afaan
karoorsuun afaanuma jiru sana qalqullina isaa eeguuf gargaara.

Fuuleeffannaa Xiinqooqa Hawaasummaa

Tooftaan kun rakkoo beekamtummaa hawaasaa araan isaa wajjiniirratti xiyyeeffata. Kana jechuun, wal-quunnamtiif
haalli keessatti dubbatamu caasaa dubbichaafi walquunnamtii godhamu sana xiyyeeffachuun karoorsuun akka
danda'amu beektonni ni ibsu.

4.2.5 Afaan Eenyutu karoorsa akkamitti?

Barataa/ttuu, hanga ammaatti maalummaa afaan karoorsuu, barbaachisummaa isaafi dhihaannaawwan afaan karoorsuuf
barbaachisan baratteetta. Amma immoo namoota afaan karoorsaniifi haala ittiin afaan karoorfamu ilaalta. Kanaaf, mata
dureen kun kaayyoolee asitti aananii jiran waliin siif dhihaateera.

Gaaffii afaan eenyutu karoorssa jechuuf beektonnii namni kamillee karoorsuu danda’a jedhu. (haugen, 1966: Ray 1968
Jernudd, 1973 and Rubin, 1973). ',

Karoorsitoonni afaanii hayyuu xiinqooqaa, beekaa (educator), nama seera tumu ykn bulchaa faayidaa imaammata afaan
biyyoolessaaf hojjetudha Language planners “the linguist, educator, legislator, or administrator who must work with
official policies regarding language use (J.Holmes 1993:113). Kana malees, namni dhuunfaafi dhaabbileen adda addaa
afaan karoorsuu keessatti gahee ol-aanaa qabu. Fakkeenyaaf, dhaabbileen amantaa karooraafi itti fayyadama
afaaniirratti dhiibbaa mataa isaanii niqabaatu. Dabalataanis, akkaadaamii afaanii bakka itti beektonni haala itti
fayyadama afaaniirratti murtoo kennan niqabaatu. Akkasumas, namoonni dhuunfaa galmee jechoota afaanichaa
qopheessanis itti fayyadama afaan sanaarratti dhiibbaa geessisuu nidanda’u. Garuu, mootummaan afaan karoorsuuf haala
mijitaa haa qabaatuyyuu malee yeroo hunda hinmilkaa’uuf. Afaan biyya tokko akkamitti karoorfama kan jedhuuf
immoo Rubin, 1971:218-20) duraa duuba 4 lafa kaa’eera.

a) Ragaalee qabatamoo argachuun (fact-finding)- Afaan tokko karoorsuuf osoo hinfilatin odeeffannoo seenduubee
argachuun (background information) barbaachisaadha.
b) Karoorsuu (planning) - Asitti filannoon erga godhameen booda karoorsitoonni kaayyoo, tooftaa karoorsuu
filachuufi bu'aa isaa raajuu The planners will establish goals, select the means (strategies), and Predict the
out come(Rubin 1971:219).
c) Hojiirra oolchuu (implementation)
d) Yaad-deebii kennuu– Sadarkaa kanatti karoorsitoonni akkaataa karoorsi sun itti hojjetu barbaadu.

Meeshaa cimaan mootummaan afaan karoorfame hojiirraa oolchuuf itti gargaaramu sirna barnnootaa
keessaa galchuudha. Afaan karoorfame kan afaan biyyoolessaaf akka ta’u yoo barbaade afaanichi afaan
barnoota gosa hundaafi afaan gidduu-galeessaa barnoota biroof akka ta’uuf labsii baasuudha.

4.2.6 Afaan karoorsuu Itiyoophiyaa keessatti

Wantoota karoorsi afaan Itoophiyaa ofkeessatti hamammatu.Yeroo kana mootummaan afaan karoorsuufi
fedhii xiqqoo agarsiisee ture.

1. Haaluma kanaan dhabbileen sadii hunda’anii jiru Akkadaamii afaan biyyoolessaa jalqabaa
2. Yuunivarsiitii Finfinneeti Muummee Qooqilee Itiyoophiyaafi Ogbaruu
3. Birkiilee ministeeraa barnoota garaa garaafi ogummaa aadaa hafuuraa
Xiyyeefannoon dhaabbile kanneen sadan Itoophiyaa keessatti waldaa afaan karoorsuuf dhabatanidha.
Haromsaa caasaafi hojii isaanii bali’suuf mootumaafi waraqa keessatti ga’ee olaanaa taphateera. Haaluma
kanaan, mootummaanis imaamata afaanoota fooyyessuuf akkadaamii afaanoota ithiyoophiyaa akka irra
deebi’amee bocamu godheera. Muummeen afaaniis yuunivarsiitii keessatti hubannoo argatee akka
qorannoo afaanotaatti ofdanda’ee dhabateera ministeeerri barnootaafi muumeen sirna barnootaa
kitaaboota manneen barnnootaaf afaan amaaraa dhabuun afaan amaaraa malee afaanoota sabaafi sab-
lammootaa 14’n barnootaaf akka karoorfamanii ba’an godheera.

A) Akkaadaamiin Afaanoota Itiyoophiyaa

Karoora waggaa 10’f (1984-94) qabate keessatti kaayyoolee gurguddaa armaan gadii hamateera.
- guddina afaanootaaf qajeelfama dhimma imaamata afaanootaa garaa garaa
- looga afaanoota adda addaa
- galmee jechootaa tokko tokko afaanootaaf maxanfaman
- looga dubbiif gochimarratti qorannoo adeemsisuuf xiyyeefannoo itti kennaniiru.
Dhimmi kun akka karooratti haqabamuyyuu malee sababa oggeeyyoota dhimmichaaf barbaachisani
hinqabneef yeroodhaf lafarra harkifamuun isaa waan nama gaafachiisu miti .akkuma qabeenyiif
humninama baratee dabalaa adeemeen hojiin kun suuta suuta hojiirra oolaa dhufe.
Akkaadaamiin afaanoota Itiyoophiyaa piroojektii yeroo gabaabaafi dheerraa baafachuun afaanoota
Itoophiyaa jiran keesatti Afaan Oromoo dabalatee afaanoota 14 irratti hahojjetuyyuu maleerra jabeessaan
kan Afaan Amaarraarratti xiyyeefatedha.

Itti dabaluun, qabee jechootaa giddugaleessa Afaan Oromoo,Tigireefi walayittaan qopheessuuf kan
karoora keessa galeefi gara fuula duraattis qabee jechootaa af-lamee jechuun Afaan Amaaraafi Afaan
Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Tigree akkasumas, Afaan Amaarafi Afaan Walayitaa qopheessuf
saganteeffameeree ture.

B) Dhaabbata qorannoo afaanotaa - qorannoo afaanoota afaaniifi guddina xinqooqa biyyattii


keessatti akka barsiisuf dhaabbata qofa-galeessa dhaabbatedha. Kaayyoon dhaabbatichaas barsiisota
afaanii leenjisuufi xinqooqa barsiisuudha.

C) Ministeera barnootaa (The Ministry of Education)

Ga’ee ministeera barnoota afaanoota karoorsuun mumeewwan afaanotaatiif rabsuudha. “In an


explanation of the term’’implimentation ‘’in the language planning process, notes that ‘’the spreed of
schooling to inter populations in modern times has made the implementation of norms a major
educational issue’’ Kanaaf, ministeerri barnoottaa hojii karoora afaanii hojiirra oolchuufbaay’ee
barbaachisaa ta’ee argamee.Muummeewwan ministeera barnootaa adeemsa afaan karoorsuu keessatti
hirmaatan kanneen armaan gadiiti.

Cuufaa
Afaan karoorsuu jechuun afaanoota hawaasicha keessa jiran keessaa isa mijaataa ta'e filachuu jechuudha.
Wantootni afaan karoorsuu keessatti hammatamuu qaban keessa qindoomina afaanii, ogummaa dura jiru,
sirna moggaasa gubeefi jechootaa, waalitinessuu, unkaafi filannoo logoota afaanichaaf jedhame yaadamedha
Afaan karoorsuun sababa heduuf barbaachisa. Isaan keessa rakkoo siyaasa-hawaasumma hikuf, loqodoota
jiran filachuuf, afaan biyyaattiif ta'u filachuuf, afaan qoronnoo gochuuf, afaan waaltesuufi afaan naannoo ykn
guutuu biyyaa gochuuf jedhame kan yaadamedha.

Afaan karoorsuu keessatti tooftaalee lama qabna. Isaanis; afaan meeshaalee waliigaltee waan ta'ef tooftaa
meeshummaa afaaniifi inni lammaaffaan immoo rakkoo afaan hawaasaa hiikuu keessatti waan itti
fayyadamnuuf tooftaa xiinqooqa hawaasummaati. Afaan koroorsuu keessatt; qabxileen irratti xiyyeeffatamuu
qaban, addaa hawaasichaa amantaa hawaasichaa, baay'ina dubbaataa, haala ilaalcha siyaasa mootummaa
ilaaluun dirqama ta’a kana yoo xiiyyeeffannoo keessaa hingalichine ta'ee afaan koroorsuun hin danda’amu.
Afaan eenyuutu karoorsaa kan jedhuudhaf hoyyoota xiinqooqaa, beektota afaanii, bulchiinsaa mootummaafi
kkf dha. Yeroo mara namoonni yookiin hayyoonni kunneen afaan karoorsuuf wantoota afur beekuu qabu.
Isaans: dhugaa barbaaduu, karoorsuu, hojiitti hiikuu, yaadarraatti kennuun isaan barbaachisaanidha. .

Afaan karoorsuun biyyaa Itoophiyaa keessatti bara warraaqa Xaaliyaanii kan jalqabe yoo ta’u; bara
mootummaa abbaa irree keessa dhaabbiileen sadii karoorsa afaaniitiif dhagbatanii turan. Isaanis; akkaadamii
afaan biyyoolessa isaa jalqaba, muummee qooqilee Itoophiyaa yuuniwarsiitii Finfinnee keessattiifi
Ogbarruufi Birkiilee Miinisteera barnoota adda addaati. Akkaadamiin biyyoolessaa isa jalqabaa kun
kaayyoolee beekamoo garaagaraa ofkeessa qaba. Guddina afaaniif qajeelfama garaagaraa baafachuu, looga
afaanota adda addaa walitti funaanuu, Galmee jechoota tokko tokko afaanala garaagaraan maxxansuu, looga
dubbiifi gochmaarraatti qorannoo geggeesuufaadha.

Gaaffilee Ofmadaallii

I) Gaaffilee armaan gadii kan sirrii taheen “Dhugaa” kan sirrii


hintaaneen ammoo “Soba” jechuun deebisi.

___________ 1. Afaan karoorsuun bifoota filannoo afaanii kan ofkeessaa hinqabneedha.


__________ 2. Afaan karoorsuu keessatti kan qooda fudhatu Ministeera Barnoota qofaadha.
__________ 3. Karoorri sadarkaa karoora keessaa jedhamuun beekama.
__________ 4. Afaan karoorsuun tajaajila afaanii jijjiiruu nidandaa’a.
__________ 5. Imaammanni bara Hayilasillaasee kan Dargiirra fooyya’aadha.
__________ 6. Karoorri afaanii jijjiirama afaanii to’achuuf gahee qaba.
__________ 7. Karoorri korpasii karoora sadarkaa booda dhufa.
__________ 8. Afaan karoorsuun guddina afaaniif bu’a-qabeessa.
__________ 9. Afaan karoorsuun rakkoolee hawaasaa hiikuuf oola.
_________ 10. Ka’umsi imaammata afaanii bara Dargii wal-qixxummaa afaaniitti kan amanu
ture.
II) Bakka duwwaa siif kennametti jechoota sirrii tahe guuti.

1. Gosoonni karoora afaanii _____________________________fi


______________________________________ jedhamu.
2. Imaammanni afaanii gama afaan daangessuufi daangessuu dhiisuutiin
___________________________fi ____________________________ jedhama.
3. Afaan karoorsuu keessatti wantoonni murteeffaman hojiirra ooluun
______________________________ jedhama.
4. Akkaataa afaan karoorsuu keessaa odeeffannoo seenduubee gahaa qabaachuun
________________________________________________ ilaallata.
5. Afaan tokko afaan amantiin ittiin geggeeffamu, afaan barnootaafi afaan hojii waajjiraa
gochuuf yaaduun karoora ___________________________ jedhama.

III) Gaaffilee armaan gadii haala siif dhihaateen deebisi.

1. Afaan karoorsuu keessatti gaheen mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa maal akka tahe ibsi.
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
______________________________________________________________

2. Qajeelfamoota imaammata afaanii qopheessuu keessaa lama barreessi ibsi.

_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
___________________________________________________________

3. Sadarkaa afaanotaa murteessuuf ulaagaalee jiran tarreessuun ibsi.

_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________________

Kitaabilee Wabii
Asher. R, (1994) The Encyclopedia of Language and Linguistics. VoL8. .
Oxford: New York, Seoul, Tokyo.

Bender, M. (1976) Language in Ethiopia .London:Oxford University Press.

Biiroo Aadaafi Tuurzimii Oromiyaa (1990-1999) Wiirtuu Qormaata


Waaltina Afaan Oromoo

Crystal, D. (1987) The Cambridge Encyclopedia of Language.

Cambridge. Cambridge University press.

Debela Goshu (2003) Promotional Empty Categories in Oromo. AAU:

Unpublished MA Thesis.

Fasold, R, (1984) The Sociolinguistics of Society. Oxford. Basil Balackwell

Gragg, G. (1976) Oromo of Wellega" in Bender (ed) The Non Semetic


Language of Ethiopia.. Micigan state University

Hodson Walkcr (1992) An Elementary and Practical Grammar of The Galla


or Oromo Language. London Society for programming Christan Know ledge.
'

Holmes J, (1992) An Introduction to Sociolinguistics. London and New York


Longman.
Mekonnin Hunde (2000) Lexical standardization in Oromo. AAU:

Unpublished MA Thesis

Stewart. W.A. (1968)• A sociolinguistic Typology for Describing National


Multilingualism" in Fishman (ed) Reading in the Sociology of Language.
The Hague: Mouton.

Wardhough, R (1992) An Introduction to Sociolinguistic 2nd ed.

Oxford Uk and Canbridge: USA Black Well

Crystal, D. (1970). The Cambridge Encyclopedia of Language. (2nd ed.)


Cambridge: Cambridge University press.

Fasold, R. (1984). The Sociolinguistics of Society. Oxford: Basil Blackwell.

Fishman, Sh. (1968). Sociolinguistics & the Language Problems of Developing


Countries. The Hague Mounton.

Geoffrey M. (2004). Communication Secrets. Chennai Microprint private Limited.


Hudson, R.A. (1980). Sociolinguistics. Cambridge: Cambridge University press.

Obsaa Tagany (1993). Mammaakaafi Weelluu. Ethiopia, Addis Ababa. Commercial


Printing Press.
Rogers T. (1978). Socio Linguistics: goals Approaches & Problem. B.T. Bats ford
LTD London.

Rubin, Joan and Jernudd, Bjorn H. (eds.) (1971). Can Language be Planned.
Honolulu: University Press.

ወለጋ ዩኒቨርሲቲ
Faculity of Language studies & journalim የቋንቋዎች ጥናትና ጋዜጠኝነት ፋኩልቲ
SAGANTAA BARNOOTA AFAAN OROMOOFI OGBARRUU

MOJUULA

XIINLOOGAAFI AFAAN WAALTESSUU


(AFOL 433)

QOPHEESSITOONNI:

DAANI’EEL LAMMEESSAA

NUGUSAA ABARRAA

Caamsaa 2011
Naqamtee

Baafata
Qabiyyee
Fuula
Xiinloogaafi Waaltina Qooqaa………………………………………..…………………….1
Boqonnaa Tokko: Xiinlooga …………………………………………………….………..4
1.1 Maalummaa XiinLooga………………………………………………….……………4
1.2 Seenaa XiinLoogaa…………………………………………………………………….8
1.3 Gosoota Xiinloogaa ………………………………………………………..………..11
1.3.1. Xiinlooga barsiifataa…………………………………………………………...11
1.3.2. Xiinlooga xiinqooqa hawaasummaa………………………….…….………12
1.4. Dhiyaannaa/Maloota Xiinloogaa…………………………………………………13
Boqonnaa Lama: Looga…………………………………………………………………18
2.1. Maalummaa Looga………………………………………………………………..19
2.2. Addaddummaa looga...................................................................................................24
2.3. Gosoota Loogaa…………………………….……………………………………….34
2.4 Afaaniifi Qoodama Hawaasaa……………………………..37
2.5 Maalummaa Afaaniifi koorniyaa.........................................................................................40
2.5.1 Koorniyaafi Afaan Biyyoota Adda Addaa Keessatti...................................................41
2.5.2 Garaagarummaa koorniyaa..........................................................................................44
2.5.3. Garagarummaa dubbii dhiiraafi dubaraa.....................................................................45
2.5.4 Walitti dhufeenya Afaaniifi Koornayaa Jidduu Jiru....................................................47
2.5.5 Ilaalcha hawaasni koorniyaaf qabu..............................................................................50
2.5.6 Koorniyaa Gita hojiin wal-qabsiisuun.........................................................................52
2.5.7 Yaadxina Koorniyaa Xiinqooqa Keessatti...................................................................53
2.6 Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo……………………………..……57
2.6.1Garaagarummaa loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa
sagalee ……………………………………………………………………………………………60
2.6.2Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa
Latii/dhamjechaa…………………………………………….………...61

2.6.3Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa


Jechaatti Mul'atan………………….……………………….61
2.6.4.Garaagarummaa Loogawwan Afaan Oromoo sadarkaa
Himaatti Mul'atan…………………………….…………….62
Boqonnaa Sadi: Afaan Waaltessuu………………………...63
3.1. Maalummaa waaltina Afaanii………………………………………………..…..65
3.2. Barbaachisummaa Afaan Waaltessuu…………………………………….……66
3.3. Akkaataa Waaltessuu Afaanii………………………………………………..…..69
3.4 Afaan tokko waaltessuuf Adeemsawwan Barbaachisan………..….72
3.4.1 Filannoo looga bu’uuraa……………………………..………………72
3.4.2 Moggaasuu/koodii bakka bu’insaa kennuufii………………………….74
3.4.3 Hojjirra Oolchuu/Ibsa Fayidaa………………………………..………75
3.4.4 Fudhatama Horachiisuu/Kunuunsa…………………………….…… 76
3.5 Afaan Waaltessuu keessatti Loogni Tokko Akka Looga Bu'uuratti
Akka Hinfilatamneef Wantoota Dhiibbaa Geessisan………….
………………………………………………….77
3.5.1 Galmeewwan Bareeffaman………………………………………….. 77
3.5.2 Meeshaa Sub-qunnamtii………………………………………..…….78
3.5.3. Ilaalcha Namoota Afaanicha Dubbatanii………………………..78
3.6. Afaan 'Oromoo Waaltessuuf 'sochii yeroo Ammaa ta'aa
jiru…………………………………………………………………..80
3.7. Waaltina Afaan Oromoo sadarkaa Amansiisaa irraan Ga'uuf
Wantota Hojjetamuu qaba……………………………...81
3.8. Haala Waalta’een Afaan Oromoo Barsiisuu………………………...82
Boqonnaa Afur: Imaammataafi Karoorsa Afaanii……………………..………………..……87
4.1. Maalummaa Imaammata Afaanii…………………………………………………..…….88
4.1.1 Akakuuwwan Imaammata Afaanii……………………………………………………....91

4.1.2 Imaammata Wal-qixxummaafi Daanga’aa……………………………………………..96

4.1.3 Qajeelfamoota Imaammata Afaanii Qopheessuu………………………………..……98

4.1.4 Imaammata Afaanii Itoophiyaa Keessatti……………………………..……………..101

4.2 Afaan Karoorsuu……………………………………….....…112

4.2.1. Maalummaa Afaan Karoorsuu………………………….……………………………..….112


4.2.2 Gosoota Karoora Afaanii……………………………………………………..……………….117

4.2.3. Barbaachisummaa Afaan Karaoorsuu…………………………………………………122

4.2.4 Yaadolee Afaan Karoorsuu……………………………………………………126

4.2.5 Afaan Eenyutu karoorsa akkamitti?.................................................128

4.2.6 Afaan karoorsuu Itiyoophiyaa keessatti…………………………………...132

You might also like